Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 41

Maqaa Abbaa Ilmaa Afuura Qulqulluu Sadan Waaqayyo Tokkoo Ameen!!!

2009A.L.I

የክርስቲያናዊ ሥነ ምግባር ትምህርት

BARUMSA NAAMUSA KIRISTAANUMMAA

SEENSA

AMANTAA FI KIRISTAANUMMAA

Hiikkoo Amantaa(ሃይማኖት ትርጉም)

Amantaa jechuun:-

 Ijaan kan hin argamne harkaan kan hin qaqaqqabamne qorannoo beekumsa fi yaadaa
sammuu namaa ol kan ta’e miira qaamaan ibsuun kan hin danda’amne fudhachuu fi
amanuudha.
 Fudhachuu jechuun kan hin uumamne garuu, uumama hundaa kan uume kan
hin mul’anne garuu, hundumaa sirnaan kan geggeessu jechuunis aduu
guyyaarratti addeessa fi urjii halkan irratti akka angoman kan godhe; bonaafi
ganna waqtiisaatti akka bahaan kan godhu Waaqayyoo tokkichi jiraachuu
fudhachuu jechuudha.

Ibr. 11÷ 1 “Amantii jechuun waan abdii godhanne tokko kan nuuf mirkaneessu waan ijaan
hin argamne kan ibsudha.” Jedha qulqullichi Paawuloos.

1Xim.6÷16 “Inni ifa eenyumtuu itti dhiyaachuu hin dandeenyeen jiraata,namni tokkollee hin
agarreen arguus hin danda’u.” Jedha.
 Seera uumaaf bitamuu ajajamuun amanamuu jechuudha.
 Amanuu fi amanamuu jechuudha.
 jiraachuu Waaqayyoo fudhachuu fi seerotasaaf amanamuudha. Kunis jiraachuu uumaa
fudhachuu seerota Waaqayyoo fudhataniis amanamuu jechuudha.
 hundumaa kan argamisiise ofiisaa kan isa argmsiise hin qabne, uumama dura kan
uume ofi isaa durummaa kan hin qabne uumamasaaf daangaa xumuraa kan kaa’e ofi
isaaf Waaqaa xumura hin qabne jiraachuu isaa fudhachuufi Waaqni kunis daandii irra
jiraadha jedherra jiraachuuf murteessuufi jiraachuudha.

Amantan yoom eegale?

Uumama 22 keessaa jiraachuu Waaqayyoo beekanii akka amananiifi waaqessan


beekumsaa fi kan beekaniis akka raawwatan seera kan hojjeteef Eergamootaafi dhala
namaa qofadha.
Uumama kana lamaan keessaa kan jalqaba uumame ergamoota. Ergamootni uumama
guyyaa Dilbataadha. Ergamoota biratti amantiin kan eegale guyyaa uumamanidha.
Waaqayyoo uumee jalaa dhokkate. Kunis:-

1. Argamuu kan hin danda’amnee ol tahuu isaa ibsuuf.

1
2. Beekumsa isaanii kennameen akka qoratanii beekanii jechadha.

1. Ergamootni Waaqa isaan uume wal-gaafachuun waaqa /uumaan jiraachuu, amanuufi


fudhachuu agarsiisa. Kunis Saaxinaa’eliif hin liqimsamne. Qulqulluu Gari’eel “uumaa keenya
hanga barrutti jabaatnee haa dhaabbannu.” Jechuun isaa amanuufi amanamuu ykn amantii
jedhama.

2. Dhalli namaa uumama guyyaa xumuraa jimaatadha. Namnis uumaasaa kan bare guyyuma
uumamesanadha.kunis Waaqayyoo nama uumee waan hojjechuu qabuufi hin qabne
barsiiseera. Ajaja kana eeguun Addaam waggoota 7 guutuu Jannata keessa jiraateera Kufaalee
4÷14. Ajaja yeroo diigetti muka Balasaa jala sodaatee dhokachuun isaa Waaqni itti amane
jiraachuu agarsiisa S.Uma 3÷1-8 “...qullaa tahuukee maaltu sitti hime? Muka hin nyaatin siin
jedhe irra nyaattee?” jechuun Waaqaa fi Addaam gidduu hariiroon jiraachuu isaa agarsiisa.

KIRISTAANUMMAA

Kiristiyaana jechuun gartuu fi duuka bu’aa Kiristoos jechuudha.

 Maalummaa kiristiyaanummaa baruuf dursa eenyummaa Kiristoosiin beekuun


dirqamadha.

Kiristiyaanummaa jechuun:-

o Waaqummaa Kiristoositti amanuu jechuudha.


o duraan dursee Museedhaan “ani Waaqadha ana malee Waaqa biraa hin jiru” kan
ittiin jedhe, kan jiruuf samiifi lafa keessa isaanii kan jiran Waaqa uume ofiisaa nuuf
jedhee gadameessa durbee Maariyaamiitti kan murtaa’ee, ulfina mucummaa
Waaqayyoo dhabne nuyi ijoollee Addaamiin gara ulfina keenya isaa duraatti nu
deebisuuf dhalachuu keenya kan nuuf dhalate, xalayaa du’aa Kenya nurraa
barbadeessuun mucummaa lammaffaa nuuf labsuuf waa’ee keenyaaf cuuphamuu,
gidiraa keessa kan turaan bilisa baasuuf gidiraan irra gahuu isaa, warra du’aniif du’aa
ka’umsa labsuuf du’uu isaa, inni Waaqa yeroo ta’u gorora isaan biyyee laaffisee
funyaan isaan afuura kennee dhala namaa uumeen hancufni hanga itti tufamuutti
gidiraan kan irra gahe jaalala namaaf jedhee malee Waaqa hundaa danda’u ta’uusaa
amanuu jechuudha.

Walumaagalatti, kiristaana jechuun:-

Foon namaa kan uffate kan kaasee gara samiittti ol baase du’a foon isaatiin kan mo’ate
bara 5500 mo’ee kan ture Diyaabiloosiin kan balleesse innis Iyesuus kiristoos ta’uu
amanuu jechuudha.
Karaa biraa, kiristoos ilma Waaqayyoo Waaqa, ilma ta’uu isaa amanuu jechuudha.
Yoh.1÷1-4, Mat.16÷16
Tokkos:- Iyyesuus kiristoos Waaqa gonkumaa, nama gonkumaa jedhanii amanuu
jechuudha. Yoh.1÷14
Tokkos:- Iyesuus kiristoos osoo hin jijjiramiin nama kan ta’e Waaqa ta’uu isaa
amanuu jechuudha. Rom.9÷5

2
BOQONNAA TOKKO

NAAMUSA KIRISTAANUMMAA

Naanusa gaarii jechuun hojii gaarii hojiin barachuu jechuudha.

Mat.5÷16 “Hojii keessan isaa gaarii arganii Abbaa keessan isaa Samiirraa jiru akka
galateeffataniif ifnii keessan akkuma kana nama duratti haa ifu.” jedha.

Barumsa afuuraaf gudunfaan isaa iccitiin inni jalqabaa naamusaa gaariin mataa ofiifi kanneen
biros bocanii argamuudha. Amantiin keenyaa fi hojiin keenya hojii gaariin ifuu qaba. Ya’iq.
2÷14.

Naamusni gaariin waan lamaan ilaalama.

1. Naamusa gaarii Alaan mul’atu.


2. Naamusa gaarii keessaan mul’taniidha.

Lubbuu fi foon akkuma waliin jiraatan amantiinii fi hojii gaariin addaan hin bahan.
Ya’iq.2÷14.

Kiristiyaana kan taane hunduu duuka buutota Kiristoos akkuma taane hunda bittaa seexanaa
jalaa bilisa kan baanedha. Seexanni kan Waaqayyoo hin hojjetinaa jedhe hojjedhu seera
jedhuu waan qabuuf hojii seexanaarraa fagaachuun seera Waaqayyoo eeguu akka dandeenyuuf
hojii afuuraa hojii fooniirraa adda baasuun dirqama keenyadha S.uma.3÷1-4,1phex. 5÷8.
“Barmeellii duwwaan iyya baayyisti.” Akkuma jedhu namni amala beekumsa afuuraa fi hojii
gaarii hin qabne akka barmeela duwwaati. Yoh.15÷13-14.

Cubbuurraa fagaachuu jechuun Waaqayyoo wajjin jaalala qabnu ibsuudha. Naamusa gaariin
bareedee miidhagee argamuun aadaa kiristiyaati.

SEEROTA NAAMUSA GAARII

Seera jechuun raawwachuu kan ajaju raawwachuurraa kan dhorku murtoo fi sirnadha.
Kiristiyaanni kamuu Waaqayyoo biratti qulqullina argatee akka jiraatuuf seerota naamusa
gaarii isaan kan akka ta’an hojii isaaniifi tooftaa isaanii addaa baasee beekuu qaba.

3
Seera Afuuraa/Waaqummaa nama hundumaaf waaqa biraa uumamaanii fi barreeffamaan kan
kennamedha.1Xim 3÷6.

Seera hin barreeffamin

 Seera dhalli namaa uumamaan Waaqayyoo biraa argatudha.


 Bakka lamatti qoodama.

1. Seera Laphee /ሕገ ሊቦና/

 Seerri kun laphee namaa keessatti al tokko kan barreeffame dhalootaa gara dhalootaatti
kan daddarbuu seera uumamaadha Rome1÷14. seerri laphee nama kan jedhame
hundumaa laphee namaatti barreeffamee kan jiraatu osoo hin baratin tokkoo tokkoon
namaa tolaa fi hamaa adda baasuun osoo itti hin himin akka beeku kan godhudha.
 Namni tokko kan galateeffamu seera uumamaan isaaf kenname kana qulqullinaan
qabachuufi dagaagfachuu isaatiinidha. Seera kana akka seeraatti hubachuuf ija fooniin
osoo hin ta’iin ijji laphee barbaachisaadha Hoj.Erg16÷14-15. Kakuu Moofaa keessatti
seerri laphee keenya cubbuun yoo xuraa’e iyyuu gabatee laphee keenyaa erga beenyaa
Kiristoosii ifa ta’eera jechuun humni ilaaluu, hubachuu, qalbeeffachuu, guddachaa
akka deemuf bultoo afuuraa taasiseera.

2. Seera Sammuu /ህገ ሕሊና/

 Kitaaboleen osoo hin barreeffaminii jechaan osoo itti hin dubbatamin sammuu
kennameefin hojii hamaa fi gaarii adda kan ittiin baasan qaba.
 Sammuui saan yaadee baasee buusee kan inni raawwatudha.
 seerri kun hojiin tokko akka raawwatamu ykn hin raawwatamneef dursee of-
eeggannoo fi carraa filannoo kan taasisu yeroo ta’u yoo raawwates gaabbii ykn
gammachuu kan fidudha.

4
Kana keessatti hojiin kiristiyaanaa dogongara akka hin taaneef

1. Hojii keenya hundaaf “eeyyama kee haa ta’u” jechuun Waaqayyoon kadhannan
gaafachuu.
2. Ulfina Waaqayyoof jecha hojjetamuu qaba.
3. Jaalala namootaaf jecha hojjetamuu qaba.
4. Kaayyoon isaa waan hunduu jaalala Waaqayyoorraa kan ka’e waaqeffannaa fi jaalala
isaa itti ibsamu ta’uu qaba.

1. Safartuwwan naamusa gaarii kiristiyaanaa


1.1. Seera Waaqayyoo (ሕገ እግዚአብሔር)

Seera jechuun kan daangeffame, sirna, daangaa, mooraa, murtoo dhugaa, raawwachuu
kan dhorku, kan godhi hin jedhamne jechuudha.

Seera Waaqayyoo jechuun Waaqayyoo dhala namaan kana raawwadhaa, kana immoo
hin raawwatinaa jedhee ajaja ajaje qajeelfama jechuudha.

Isaanis:-

A. Naanusa gaarii Seera Oriitii keessatti

 Addaamii hanga Museetti kitaaboleen osoo hin barreeffamiin Seera Lapheen


(ሕገ ሊቦና) geggeeffamaa turan.
 Bara Muuseetti kitaaboleen barreeffamanii seerotni tumamaniiru. Kunis
Isiraa’eelotni gargaarsa Waaqayyootiin biyya Gibxii jireenya garbummaa jalaa
yeroo bahaniitti kan barreeffame Seera Oriitii (ሕገ ኦሪት) dha.

Seerri Oriitii kun Tulluu Siinaarratti Waaqayyoo Museetti dhagaa Tsillaati irratti
tumee itti kennedha.

S.Bahu 24÷12 “Waaqayyoos Museedhaan gara koo gara Tulluu Siinaatti ol-bahi achiis
turi, isaaninis akka barsiiftuuf seeraa fi ajaja ani barreesse Tsillaatii dhagaa siifan
kenna.” Jedheen.

Museenis iccitii Waaqayyoo ibsuuf kutaa 4tti qoodee barreesseera.

Kitaaboleen kunis Oriitii jedhamu.

Isaanis:-

1. Seera Uumamaa
2. Seera Bahuu
3. Seera Lewwoota
4. Seera Lakkoofsaa

Seera Keessa deebii seera 5ffaa taasisee, ijoolleef barreesseera. Kunis ijoollee
ijoollee isaaniif.

5
-Kitaabolee Oriitii shanan kan jedhamaniif seera keessa deebii
dabalataniitidha.

Oriitii:- jechuun seera jechuudha.

Sababni isaa Oriitiin seera hojjetee seera isinniif haa ta’u, sirna yka naamusa
hojjetee sirna isiiniif haa ta’u jettee waan barsiiftudha.

Walumaagalatti, Oriitii jechuun:-

1. Seera, sirna /naamusa, qajeelina, ajaja jechuudha.


2. Oriitii jechuun kitaabolee jechuudha.
3. kitaabni daawwitii ta’ee xurii ijaa, ilkaanii akkuma agarsiisu hundaa
Oriitiinis cubbuu tolummaarraa, amantaa gonkumaarraa adda baastee
barsiifti.
4. Oriitiin oduu, ifa, raga, Tulluu /dabir/ jechuudha.
5. Oriitii keessatti Waaqayyoo Museetti sagalee seerota itti dubbatee “godhaa
hin godhinaa...” kan jedhaman keessatti hammatamaniiru.

Kitaaba Oriitii keessatti bakka gudaa kan qabatu seerota abboommii kunaniidha.S.Bahu
20÷3-13.

Abboommii kurnnaan

Waaqayyoo biraa kallattiin karaa Musee Isiraa’eeliif seera kennamedha. Kan kennamees
Isiraa’elootni biyya Gibxii bahanii ji’a 3ffaa tti Faasikaa kabajanii guyyaa 3ffaa Tulluu Siinaa jala
yeroo buufatanii turanitti. S.Bahu 19÷1-4, S.Kes.Deb. 34 ÷28 fi S.Kes.Deb 4 ÷13 irratti
ajajonni 10 ta’uu ibsa.Isaanis tokko tokkoon barreeffamanii kan argaman S.Bahu 20÷3,17 fi
S.Kes.Deb 5 ÷5-21tti. Jechootni 10 fi ajajootni Wangeelaa jahan Isiraa’el warra foonii fi
Isiraa’el warra lubbuu kan qophaahe waan ta’eef hundumaa keenya ni ilaallata.

Abboommii kurnaan kan jedhaman:-

1. Ana malee Waaqa biroo hin waaqessin. S.Bahu 20÷2


2. Maqaa Waaqayyoo gar-malee hin waamin. S.Bahu 20÷ 7
3. Sanbata (Guyyaa Sanbataa) kabaji. S.Bahu 20÷8-11
4. Abbaafi Haadha kee kabaji. S.Bahu 20÷12
5. Hin ajjeesin. S.Bahu 20÷13
6. Hin sagaagalin. S.Bahu 20÷14
7. Hin hatin. S.Bahu 20÷15
8. Namarratti Sobaan ragaa hin bahin. S.Bahu 20÷16
9. Mana, haadha warraa, hojjetaa, qabeenyaa, maallaqa namaa Hin hawwin. S.Bahu
20÷17
10. Nama akka mataa keetti jaalladhu. S.Bahu 20÷18

6
Abboommiiwwan kun Kakuu Moofaaf bu’uuradha. Waaqayyoo seera koo yoo eegdan yoo
raawwatan saba koo ni taatu jechuun waadaa galeera. Saboonnis afaan tokkoon sagalee isaanii
ol kaasanii “Waan Waaqayyoo jedhe hundaa ni raawwatna ni bitamnas jechuun waadaa
galaniiru. S.Bahu 19÷8, fi S.Bahu 24÷1-8.

Ibr.12÷22 irratti Museen waadicha mirkaneessuuf sirna dhiiga facaasuutiin raawwate.

Kakuu haaraa keessattis Gooftaan keenya kana cimsuun akka eeguu qabnu mirkaneesseera.

-Mat.5÷17 “Ani seera Musee fi Raajotaa diiguu hin dhufne jabeessuuf malee.”

-Mat.19÷16-22 “... ajaja koo eegi ... isaanis Abbaafi Haadha kee kabaji, Hin ajjeesin, Hin
ejjin, Hin hatin, Sobaan dhugaa hin bahin, Nama akka mataa keetti jaalladhu... kan
jedhamanidha.”

-Yoh. 14÷15 Gooftaan keenya“yoo na jaallattu ta’e ajaja koo eega.” Kanaafuu, Kiristinnaa
yeroo jalqabnu hojii inni jalqabaa seera isaa eeguudha.

Kaayyoo abboommii kurnanii


Bu’uurri abboommii kunanii kaayyoo inni kennameef kanneen armaan gadiiti.
Isaanis:-
1. Olmaa Waaqayyoo isa gammoojjii Gibxii keessaa isaan baase akka yaadataniifi hin
hirraanfaneef,
2. Gara fuulduraatti warra hin amanne keessa yeroo deddeebi’an /imalan cubbuurraa
akka of eeganiif,
3. Adeemsi afaaraa isaanii kallattii kam akka hordofuu qaban agarsiisuufidha.
4. Kallattii Afuurummaa maal akka fakkaachuu qabu barsiisuuf,
5. Seericha eeguun lubbuu isaaniitiinis foon isaaniitiinis seerichaan akka
eegamaniifidha.

Har’as yoo ta’e Waaqayyoo cubbuu Addunyaai rraa bilisa nu baaseera. Kunis dhiiga hoolaan
osoo hin taane dhiiga mucaa isaatiin kan raawwate waan taheef oolmaa isaa laphee keenyatti
yaadachuutu nurra jira.

Qoodiinsa Abboommii Kurnanii


- Seerri kiristiyaanaa seera jaalalaadha.

Rome 13÷ 8-10 “... nama biroo kan jaallatu seera eegeera... jaalalli xumura seera
hundumaati...”

Akka gooftaan keenya barsiisetti jaalalli bakka lamatti qoodama. Mat.22÷34-44.

1. Jaalala Waaqayyoo
2. Jaalala namaadha.

Dabalataanis, seerotni /ajajoonni qoodama jaalalaa bu’uureffatanii bakka lamatti qoodamu.

7
1. Jaalala Waaqayyoo. Isaanis:- Ajaja 1ffaa-3ffaa tti kan jiran yeroo ta’uu Waaqayyoon
agarsiisu.
2. Jaalala namaa. Isaanis:- Ajaja 4ffaa – 10ffaa ti yammuu ta’an nama agarsiisu.

Karaa biraa immoo, Abboommiin godhii fi hin godhiinii bakka lamatti qoodama.

Isaanis:-

1. Godhi /raawwadhu/ kan jedhaman


2. Hin godhiin / hin raawwatin/ kan jedhamanidha.

Kana malees, raawwadhu jedhamanii kan ilaalaman bakka sadiitti qoodamu

1. Yaadaan /በሐልዮ/ kan raawwataman. Ajaja 1, 2, 4 fi 9 dha.


2. Dubbiidhan /በነብብ/ kan raawwataman. Ajaja 2 fi 8 dha.
3. Hojiidhaan /በገቢር/ kan raawwataman. Ajaja. 5, 6, 7 fi 10 dha.

Ajaja 1ffaa

Ana malee Waaqa biraa hin waaqessin


 Waaqayyoo tokko qofaadha.
 Hunda dura addunyaa kana kan uume, kan jiraachisu, kan dabarsu, kan
nyaachisu Waaqayyoo akka ta’e amanudha.
o Waaqayyoo Uumaa akka ta’e. Far.99÷3, S.uma 1÷1, Yoh.1÷3,
Yoh.14÷15.
o Waaqayyoo nyaachisaa akka ta’e. S.uma.1÷29, Faar.135÷25,
Faar.146÷7-11, Mat.6÷25-33.
 Isa malee Waaqni biroo hin jiru.Isa.43÷10-13, 44÷6-8, Hose 13÷4.
 Namni Waaqa biroo kan inni hawwu jiraachuu waaqa dhugaa yeroo ganudha.
Knaafuu, ajajni jalqabaa waaqa biro waaqessuu dhiisuu qofa osoo hin ta’iin
jiraachuu waaqa dhugaa ganuu, waaqessuu dagachuu akka nu hin barbaachifne nu
barsiisa. Isa 46÷9
 Namni musuluufni laphee isaatti Waaqayyoo hin jiruu jedha.Faar.13÷1-2.
 Namaaf kan hin danda’amne Waaqayyoof ni danda’ama, Isaaf kan hin
danda’amne hin jiru.Luq18÷27, S.uma 18÷14, Luq.1÷37.
 Waan barbaade hojjechuurraa kan isa dhorkuu hin jiru. Dan.4÷35,
Isa.43÷13.
 Waaqayyoo hin jijjiiramu. Milk.3÷6. Samiifi lafti ni darbu, barootni ni
jijjiramu; Inii garuu Waaqumadha. Mat.24÷35
 Waaqayyoo kaleesssas har’as gara fulduraattis ni jiraata. Ibr.13÷8.

8
 Waaqayyo afuuradha hin daangeffamu. Yoh.1÷18, 1Yoh. 4÷12.
 Garuu, namootni waaqa argamu, mullatu fi qabamu barbaachaaf jecha
Waaqarraa yeroo addaan bahantu mul’ata. Hoj. Duk.5, Yoh.20. Ajajni
jalqabaa kana akka hin raawwanneef nu dhorka.
Seera kana kan diigan cubbuu baayyeen yakku. Kunis:-
1. Ajaja kan Waaqayyoo Waaqayyoof jedhu ni jijjiiru.
2. Tokkummaa mana amantaan ala ta’u.
3. Abdii dhabeessa waan hunduu kan itti dukkana’e ta’anii argamu.

-Ergamoota fi Qulqulloota hundaaf kabajaa fi sagada ulfinaa raawwachuun ni


barbaachisa. Maqaa qulqullootaan kennaa kennuu waan gaarii hojjechuu
qabna.Kadhannaan maqaa isaanii waamuu waadaa araarsummaa isaanii akka nuuf
kadhataniif kadhachuu ni dandeenya.Mat.10÷41-42

Waaqota Kennaa

Kitaabni Qulqulluun “Qulqullootni Waaqotaadha” jedha. Faar. 81÷34, Yoh.10÷34

Fkn.-“Museedhaan Fari’oonirratti waaqa si godheera.” Jedheen. S.Bahu. 7÷1


kanaa wajjin hundumti keenya ijoollee Waaqayyoo ta’uu keenya aangoon nuuf
kenneera.Yoh.1÷12, Mul.3÷21. Qulqulloota kabajuun Waaqayyoon kabajuudha.
2Qor.9÷13.

Waaqota biro kan jedhaman

Wantootni namni akka Waaqayyootti ilaalu fi amalummaa Waaqayyoo kennuuf


hunduu Waaqa ta’uu ni danda’u. Isaans:-

1. Maallaqa Mat.6÷24. 19÷22 fi Hoj. Du.5÷1


2. Humna namaa Erm.17÷ 5
3. Beekumsaa fi ogummaa namaa Erm. 9 ÷23
4. Of-jaallataa Filph. 3 ÷19
5. Namaan baannachuu Faar145÷3, Hoj.du. 5 ÷29
6. Abbaafi Haadha Mat.10 ÷37
7. Meeshaalee bareedinaa Uma. 35 ÷2-4
8. Quufaa gammachuu 2Xim.3÷ 4
9. Fakkii Bocame S.Bahu.20÷ 4,Hoj.du.10÷ 1-16
10. Xibaara, tolcha, qaalluu, ekeraa waamtuu 1Sam.28÷3-19, Erm.29÷8,
Hoj.du.13÷ 6-12fi 16÷ 16-18

Hin Waaqessin /Siif hin ta’iin/አታምልክ/

Waaqessuu jechuun amantii, abdii fi jaalala Waaqayyoorratti gatuu jechuudha.


Waaqa biroo waaqesse yeroo jedhamu, amantiisaa, abdiisaa fi jaalalasaa Waaqa
biroof taasise jechuudha. Waaqessuun hojiirra kan oolu karaa hedduudha.

1. Sagadaan 2. Aarsaan 3. Kadhannaan 4. Galataan 5. Bitamuu 6. Sodaan fi kkf.

9
Waaqayyoon waaqessaa karaa biro waaqa biroo waaqessuun / hordofuun baayyee
cubbuu cimaadha.1Mot.18÷16-24, Erm. 11÷9-14. Mat.6 ÷ 24

Kanaafuu, waaqota ormaa /biroo gidduu keenyaa dhabamsiisuu qabna. Uma.35÷2

Fakkeenya kamiinuu fakkii bocamee ofii keef hin taasisin.

-Warroonni kaan kan ajaja 2ffaa taasisnii kan fudhatan jiru. Nuti garuu, isa 1 ffaa
jalatti goolabna.

Fakkii Tolfamaa /Bocamaa (የተቀረጸ ምስል)

Fakkii Tolfamaa jechuun boca tokko bocanii kun waaqa fakkata ykn Waaqa
jedhanii fakkii waaqeffamudha. kun immoo Xaa’otii jedhama.Akka bu’uura ajaja
kanaatti fakkiin bocamaan kamiyyuu bakka sadiitti qoodama.

1. Samiirra kan jiraniin fakkii became. Fkn:-Aduu, Addeessa, Urjii, Allattiwwan


balali’aniin fi kkf.
2. Lafarra kan jiraniin fakkii became.Fkn:-fakkii dhiiraa, fakkii dubaraa, bifa
bineensotaa fi kkf.

Lafaa gadi galaana keessa wantoota kan jiraniin fakkii became.Fkn:-Qurxummiin,


roobiin, naachaan fi kkf. S.k.deebii 4÷10-19 yeroo ilaallu xaa’otiin wantoota
armaan gadiirraa hojjetamuu danda’a.

1. Albuudaan. Fkn:- Sookoo (Warqii), nahaasa, meetiirraa bocuu. S.bahuu


34÷17, Isa 30÷22
2. Muka soofuun bocuu. Isa 40÷20 fi
3. Dhagaarraa bocuun waaqessuun barsiifata warra waaqayyoon hin
beekinneedha.Garuu, Isiraa’eeliinis yoo ta’e biyya Gibxii isaan baase
dagachuun yeroo baayyee xaa’otii waaqessaa akka turan ifaadha.Fakk.2÷11,
2Mot. 17÷7-18,21÷11-12, 1Mot.12÷25-32

Abboommii tokkooffaa keessatti “ani Waaqa hinaafaadha” akkuma jedhee ibse


namni fakki harka isaatiin boceef yeroo isaan jilbeeffatanitti dheekkamaa ture.
har’as dheekkamsi Waaqayyoo akka nutti hin dhufneef waaqa tolfaamaa ofirraa
fageessuun barbaachisaadha.

Ofiif hin taasisin (ለአንተ አታድርግ)

Hin taasisin jechuun itti hin sagadin, hin waaqessin jechuudha. S.bahuu 20÷5

Warri Waaqa hin beekkinne xaa’ootii kan waaqessan Tulluurratti aarsaa


dhiheessuun, ixaana aarsuun, gara isaaniitti kadhachuun, sagaduun qofa osoo hin
ta’iin qaama isaaniillee gidirsuun ture. Ajajni kun akka nuti kana hin dalagne nu
ajaja.

10
Karaa biraa garuu, Bultoo Tsillaati seerrii isaa irratti barreeffame kan ta’e mukarraa
tolfame Taabota Kakuu akka bocamuu qaban ajajuusaa dagachuu hin qabnu.
S.bahuu 38÷18, 34÷1-25, 40÷20. Boca Kirubeeliin warqee tumamerraa akka
hojjete golgaarratti akka hojjetamu ajajeera. S.bahuu 25÷12-22 kana jechuun
Tsillaatii fi Taabotni bocni Kirubeel Waaqa ta’e ykn Waaqayyoon fakkeeff- amanii
kan waaqeffataman osoo hin ta’iin yeroo Waaqayyoon waaqeffamutti tajaajila
qulqulluuf kan oolu meeshaalee qulqullinaa- dha. Taabotni ulfinni Waaqayyoo
kan ittii ifuudha. Har’a mana kiristiyaanaa keessa Tsillaatii fi Fakkiin jiran kanaa
wajjin sababa wal waqabataniifidha. Tabotna Tsiyooniin kan mul’ate Waaqayyoo
akka ta’e biyya saba Waaqa hin beekineettis mul’ateera. Kunis Tabotna Tsiyooniin
xaa’ootii Daagoon jedhamuu akka caccaabse beekamaadha. 1Samu. 5÷1-5.
Museen bofa naasiidhaan akka hojjetuuf kan ajajeef sabotni akka waaqessaniif
osoo hin ta’iin akka ilaalanii /sagaleesaa dhagahanii fayyaniif ture. garuu, sabootni
Isira’eel hanga bara mootichi Isqiyaas mo’utti ixaanaa itti aarsuun waaqessaa turan.
Isqiyaasis yeroo fakkii garaagaraa isaan waaqessan caccabsu fakkii naahasii isaan
waaqessan sana caccabsee balleessuu isaatti Waaqayyoo birratti itti galateeffat-
ameera. 2Samu.18÷4-5. Kanaafuu, Taabota Waaqayyoo kan ta’e qaamni keenya
xaa’ootii caccabsuu daakuu /gubuu qabna. Qaamni keenya mana
qulqullummaadha. Mana qulqullummaa Waaqayyoo ykn Taabota xaa’ootii wajjin
gamtaa /tokkummaa waan hin qabne 2Qor.6÷16,2Samu.6÷14 Xaa’ootiirra addaa
bahuun barbaach- isaadha. Xaa’ootii kan waaqessan xaa’otiif aarsaa kan
dhiyeessuun Agaanintiif /jinniif dhiheessu. Egaa qulqulluu foon isaa fi ulfaata
dhiiga isaa qaamni fudhate aarsaa aganintootaa irratti hirmaachuun jinni wajjin
maabaroo ta’uun barbaachisaa miti. 2Qor.10÷16-22 fakkii became /xaa’otii
waaqessuun xaa’ootiin humna kan hin qabne dadhabaa hojii harka namaa waan
tokkollee hojjechuu kan hin dandeenye hubachuun ni barbaachisa. Isa 44÷18
xaa’ootiin ija otuu qabanii kan hin ilaalle, gurra otuu qabanii kan hin dhageenye,
miilla otuu qabanii kan hin adeemne waan ta’aniif kanarra fayyuuf xaa’ootiirraa
baqachuun of-eeggadhaa nuun jedha. 1Qor.10÷14, 1Yoh.5÷2

Ajakja 2ffaa
Maqaa Waaqayyoo kee akkaa malee hin waamin
Maqaa Waaqayyoo
 Maqaa- yeroo jedhamu waan tokko kan biraa irraa adda bahee kan ittii
beekamu /waamamudha.
 Maqaan amala, hojii fi haala ibsuu ni danda’a. Waaqayyoos
amalummaa isaa jireenya isaa fi hojii isaa kan ibsan maqaa baayyee
qaba. S.bahuu.15÷3, Amots. 4÷13.
 Maqoota Waaqayyoo hedduu keessaa sadii akka armaan gadiitti ni
ilaalla.
1. Eel (ኤል) jabaa jechuudha. S.Uma 17÷1
2. Eelohee (ኤሎሄ) Waaqa jechuudha. Mat.27÷46
3. Yaahiwwee (ያሕዌ) kan jiruu fi kan jiraatu jechuudha. S.Uma 22÷4,
S.bahuu 3÷13-15, S.bahuu 17÷15.

11
Kiristoos inni Waaqayyoo dha. Kakuu haaraa keessatti Ilma kan jidhamee
Waaqayyoo fooniin mullachuusaa maqoota armaan gaditiin waamameera.

1. Amaanu’eel. Isa. 7÷ 14, Mat. 1÷23


2. Iyyesuus. Mat. 1÷25, Luq.1÷31
3. Kiristoos.

Maqaan Waaqayyoo sagalee qofaan / duwwaan miti. Humna isaa, surraa isaa
qabatee argama Mat.18÷20. Waaqni hin mullatne ofiisaa kan mullise maqaa
isaatiin. Irra caalaa Kiristoos yeroo fooniin mullate maqaa isaa addunyaatti
mullise Yoh.17÷26.

Maqaan isaa hundaa olidha. Filph.2÷9-11 “Ilma, Waaqa jedhamuun kenneef.”


Sabni hunduu tokkoon tokkoon isaa maqaa Waaqa isaan deema nutis maqaa
Waaqa keenyaan baraa hanga baraatti ni jiraanna.Mik.4÷5 kanaafuu, maqaa
Waaqayyoo kabajuu qulqulleessuutu nuuf ta’a malee callisnee waamamuun
nuuf hin ta’u. Maqaan isaa Qulqulluudhati. Luq.1÷50 Isiraa’eelonni sobaan
kakachuu baayyisu turan. Waaqayyoo Waaqa dhugaa waan ta’eef dhugaarraatti
malee sobaan kakaan waamamuu hin qabu. maqaa Waaqayyoo garmalee kan
waamu yakka isaarraa qulqullaa’uu hin danda’u. Kakuu haaraa keessatti
Gooftaan keenya maqaa Waaqayyoo akka malee akka hin waamne hin kakanne
siirriitti barsiiseera. Mat.5÷34-39

Ergamoonni Qulqulluu Qulqulluu Qulqulluu jedhanii Waaqa galateeffatan


maqaaa isaa gar malee waamuun hojii isaa xureessuudha. Kan biroo
Waaqayyoon afaaniin galateeffachaa laphee isaaniitin soba kuusanii maqaa isaa
kan waaman xureessuudha.Amantiin afaaniinis lapheenis ta’uu qaba. Rom.
10÷9-10

Jireenya hawaasummaa keessatti himataa fi himatamaan waan jiruuf xumurri


falmii fi kan dhugaan ittiin mirkana’u kakuu/kakaan waan ta’eef abbaan seeraa
akka kakatan dirqisiifnaan kakachuun ni eeyyamama. S.Bahu.22÷11, Ibr.
6÷13 kana malees waadaa seenuun waan tokko hojjechuuf kakachuun sagalee
kennuun maqaa Waaqayyoo waamuun yeroo itti barbaachisu ni jira.
Akkasumas Waaqayyoon tajaajiluuf jecha waadaa kan galan ni jiru. kunis seera
mana kiristaanaa keessatti eeyyamamaadha.Fkn. Durbummaan /qeerrummaan
jiraachuuf (ምንኩስና).

Akka malee hin waamin (በከንቱ አትጥራ)

Kantuu jechuun Waaqayyoo biratti kan tuffatame, waan hin taane jechuudha.
Maqaa Waaqayyoo akka malee waamuun kantuu akka ta’e kitaaba qulqulluu
keessatti.

1. Fedha foon dhala namaaf. Iyyob 7÷3, Faar. 38÷ 5-6, Rom.8÷20,
Efe.4÷ 17.
2. Xaa’ootii waaqeessuu. 2Mot.17÷15, Isa. 44÷9

12
3. Raajii sobaa. Hiz.13÷1-23, Zek.10÷1, 2Phex.2÷18 waantoota hin taane
akkasiin kanaan maqaa Waaqayyoo fayyadamanii maqaa isaa kantuun
waamuudha. Kunis:-
a. Maqaa Waaqayyoon sobaan kakachuu. Mat.5÷4, 5÷33-37
b. Maqaa Waaqayyoon nama abaaruu. Mat.5÷44, Rom. 12÷14
c. Maqaa Waaqayyoon xibaaruu/Tolfachuu. Isa. 19÷3
d. Maqaa Waaqayyoo salphisuu fi ulfina kennuu dhiisuu. Fkn.
Wantoota maqaa Waaqayyoon qulqullaa’aniif ulfina kennuu
dhiisuu.Dan.5÷23-26
e. Maqaa Waaqayyootiin wantoota /sagalee dubbanne raawwachuu
dhiisuu. S.Bahu.23÷21-23 maqaa isaatiin ykn maqaa isaaf waan
barsiifnu hojiirra oolchuu dadhabuu. Rom.2÷24, Tito.1÷16

Maqaa Waaqayyoo yoom waamna?

1. Yeroo Kadhannaa. Iyyob. 2÷32, Yoh. 14÷14


2. Yeroo nagaa wal gaafannu. Phex. 1÷1-2, Rom.1÷7
3. Yeroo Waaqeeffaannaa. Faar.134÷3, Milk.1÷11, Filp.2÷10
4. Yeroo Eebbaa /eebbifamuu. S.Lak.6÷23,2Qor.13÷13

Ajaja 3ffaa

Guyyaa Sanbataa akka qulqulleessituuf yaadadhu.


Hiikkoon jecha isaa ni dadhaabe ni boqotee jechuudha.kana jechuun dhalli
namaa Waaqayyoo wajjin daandii ittiin wal argu /dhiyaatu jechuudha. Hojii
foonii kamiyyuurraa kan itti boqonnuudha. Kana jechuun hiikkoon isaa guyyaa
hojii Waaqayyoo itti yaadannu jechuudha.Sanbatni fakkeenya mootummaa
Waaqaayyooti. Sababni isaa dhalli namaa biyya lafaa irratti hojii gaarii
hojjeteef bakka itti boqotudha. Guyyaan Sanbataa kan umaameef dhala namaaf
boqonnaan waan isa barbaachisuuf. S.Kees. 5÷14, Mar. 2÷28. Guyyaan
sanbataa sirna uumamaatii eegalee beekamaadha. Guyyaan Sanbataa guyyaa
boqonnaa waan ta’eef waan lamaa ni yaadachiisa.

1. Boqannaa quunnamtii namni cubbuun osoo hin kufin dura Waaqa isaa
wajjin qabu ture.
2. Boqonnaa lubbuu bara baraa fayyisummaa Gooftaa keenya Iyyeesus
Kiristoosiin argamedha.Ibr. 4÷1-10

Kakuu haaraa keessatti Sanbata lamatu jira.

1. Sanbataa duraa:- Qol.2÷1


2. Sanbata guddaa /Dilbata:- guyyaan kun guyyaa Waaqayyoo saba
Isiraa’eeliin Gibxii garbummaatii gara boqonnaatti baasuu isaa
agarsiisa.S.Kees. 5÷2-16. Waaqaa fi nama biratti mallattoo ture.S.Bahu.

13
31÷17, Hiz. 20÷12 Isiraa’elootni sanbataa of eeggannoon kabajaa turan,
kabajuu dhiisuunis adabbii cimaa adabsiisa ture S.Lak. 15÷32-36. Warri
sanbata hin kabajnes raajotaan komatamaa turan bara booji’amuu Baabiloon
dagatamee kan ture raajicha Nahimiyaan akka kabajamuu ta’eera. Gooftaan
keenyaa fi duuka bu’ootni guyyaa kana kabajaniiru Luq.4÷16. Fariisonni
guyyaa gaafa sanbataa miilla isaanii yoo dirirsan hin dachaafatan yoo
dachaafatanis hin dirirfatan hojii gaarii yoo ta’es hin hojjetan turan
Mat.12÷1-14.

Guyyaa Sanbataa isaa jalqabaa /ከሳምንቱ በፊተኛ ቀን/

Guyyaan kun har’a Dilbata kan jennudha. Guyyaan kun sirni uumamaa kan itti
eegale Gooftaan kan itti du’aa ka’e, Afuurri qulqulluun itti buhe akkasumas
guyyaa Gooftaan keenya itti dhufudha. Kunis:-

a. Guyyaa Gooftaan itti du’aa ka’e Yoh. 20÷1-24.


b. Guyyaa Afuurri qulqulluun itti buhe Hoj. Duk.bu.2÷1-4.
c. Guyyaa amantootni itti walitti qabamanidha. Hoj. Duk. bu. 20÷7
d. Guyyaa amantootni maallaqa itti walitti qabanidha 1Qor.16÷2

Seenaa mana kiristiyaanaatti mootichi Qosxinxinoos guyyaan dilbataa guyyaa


kiristiyaanota waan taateef hojiin kamiyyuu akka hin hojjenne akka murteeffame
ni ibsa.Kakuu moofaa keessatti Faasikaa dura jilbultii sanbataa jedhamuun guyyaa
beekamtudha Mul.1÷10. Kiristoos guyyaa kanatti du’aa ka’ee nageenyaa fi
boqonnaa nuuf kenneera. kanaafis ni kabajamti.

Sanbata Kabajuu

Guyyaan sanbataa guyyaa boqonnaa waan taateef dhalli namaa boqonnaa akka
argatuuf qaamni guyyaa jaha hojiin dadhabe akka haaromuuf ajaja Waaqayyoo
nuuf hojjetedha. kanaafuu, hojii foon keenyaa dhiisnee sanbata kabajuu qabna
Isa.58÷13. Guyyaa kanatti ofii keenyaa dhiisnee hojjettoota /horii keenyaa
hojjechiisuun eeyyamamaa miti S.Bah. 5÷14. Guyyaan sanbataa guyyaa laphee
keenya guutuun Waaqayyoon itti waaqeffannudha. Guyyaan guyyaa hojiirraa
boqotamuu waan jedhameef hojii hiikne ooluu hin qabnu. mana qulqullummaatti
argamuun waaqessuu, sagalee isaa barachuu boqonnaafi nageenya Waaqayyoorraa
argamu fudhachuutu nurraa eegama S.Lew.23÷3. Gooftaan keenya guyyaa
saanbataa waan gaarrii hojjechuun eeyyamamaadha akkuma jedhe kan
dhukkubsatan gaafachuu Mat.12÷12, gara mana qulqullummaa deemuun
boqonnaa lubbuu argachuu Mat.11÷28, warra hiyyeessaaf kennuu, foon isaa fi
dhiiga isaa fudhachuun isaa wajjin jiraachuu Yoh.6÷56, Ibr.4÷11. Kana malees
ji’aa ji’aan guyyoonni kabajamaan 12 Qulqulluu Mikaa’elii 21 Qulqulleetti
Durbee Maariyaamii 29 ayyaana Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosidha.

Ajaja 4ffaa

14
Abbaa fi Haadha kee kabaji

Ajaja jaalalaa isa jalqabaati. Warra /hangafoota keenya akka kabajuu qabnu ajaja
S.Bahu.20÷12, Mat.15÷4, Mat.19÷18, Efe.6÷1-4. Abbaa fi haadha yeroo
jedhamu kan dhalan qofa osoo hin ta’iin namoota hundumaa kabajuu jechuudha.
Isaanis bakka lamatti qoodamu.

1. Abbaa foonii
a. Warra keenya Ibr. 12÷9, S.uma.2÷24
b. Abbaa gartuu jireenyaan gosa tokkoo Yoh.4÷12
c. Abbaa nama guddise S.uma.4÷20
d. Namoota umurii warra keenyaan jiran 1Qor.4÷15
e. Barsiisaa barnootaa
f. Bulchitoota biyya Rom.13÷7, 1Phex.2÷17
g. Jaarsolii S.Lew.19÷32, 1Phex.1÷2
h. Abbaa buddeenaa
2. Abbaa afuuraa
a. Abbaa lubbuu
b. Lubboota
c. Barsiisota wangeelaa 1Qor.4÷15, 1Xim.5÷17, 1Tes. 5÷12
d. Abbootii fi haadhotii qulqulloota Dan.7÷27
e. Abbaa kiristinnaa fi haadha kiristinnaa

Kabaji (አክብር)
Abbaa fi Haadha kabajuu jechuun jaallachuu, ajajamuufii, gargaaruu,
salphisuu /qaanessuu dhiisuu jechuudha S.Lew.19÷3, S.kees.deb. 27÷16, Qol.
3÷20 . Kunis:-

a. Gorsa isaanii dhagahuu Fak.1÷8, 1Sam.2÷25


b. Yeroo isaan rakkatan waan isaan barbaachisu kennuufii S.uma.4÷12
c. Yeroo isaan dhabanitti karaa isaan itti gargaaraman mijeessuufii Yoh.19÷26-
27
d. Oolmaa isaanii deedisuufii 1Xim.5÷4

Maatii keenyas ta’e warra kaan kabajuu qabna. Mat.15÷1, Fak.22÷23, Sir. 3÷11.
Haa ta’u malee ajajni kun warrootiis ta’e namoota biro Waaqayyoo wajjin kan
walitti buusu fi wal lolsiisudha.yoo nu ajajanis Waaqayyoo caalaa isaaniin qofa
jaallachuu fi kabajuun hin barbaachisu 1Sam.20÷31,Mat. 10÷35-37,Mat.19÷22

Karaa barbaachisaa ta’een abbaa fi haadha ofii kabajuun umurii akka dheeressu
ajajni 4ffaan kun nu barsiisa.S.Bah.20÷22, Efe6÷1-3 Waaqayyoonis ni gammachiisa
Fak.23÷25, Qol.3÷20. abbaa fi haadha ofii kabajuu diduun kakuu durii keessatti
nama adabsiisa ture S.bah.21÷15,S.Kees.21÷18-21. Har’as abbaa fi haadha ofii
kabajuu dhiisuuWaaqayyoo ni dheekkama. Abbaa fi haati ijoollee isaanii gorsuun
itti dheekkamuun guddiisuu akka qaban malee akka hin taanetti gidirsuun

15
barbaachisaa miti Efe 6÷4, Qol.3÷21. Ijoolleen sagalee Waaqayyoo dhagahan
haadha isaa ni boqochiisa Siraak.3÷9-10.“Eebbi abbaa hortee ijoollee ni fayyisa
abaarsi haadhaa garuu, hundee buqqisa” jedhu mitii abbootiin.

Ajaja 5ffaa

Hin Ajjeesin (አትግደል)


Jireenyi / lubbuun akka tasaa, barsiifataa fi callisee kan argamtu miti. Jireenyi
waan guddaa jireenya qabu tokkorraa kan argamtedha. Jireenya /lubbuu
eenyumtuu kan itti ajaju akka barbaade gochuu hin danda’u. Kanaaf hin ajjeesin
kan jedhameef; bu’uururraa du’a kan jaallatee ofitti fide namadha malee
Waaqayyoon akka hin taane beekamaadha. Kanaafuu, namni kamuu lubbuu
balleessuu hin qabu. S.uma.9÷6, Waa’ee du’a Naabutee 1Mot.20÷19.

Ajjeesuu:- jechuun karaa garagaraa fayyadamanii lubbuun namaa akka badu /


du’u gochuu jechuudha. Ajjeechaan keesoo nama keessaa kan bahu namaas kan
xureessan jechuun Gooftaan keenya kan tarreesse hojii hamaa keessaa tokkodha
Mat.15÷17, Mar.7÷22. Q/Phaawulos kan tarreesse hojii foonii 16n keessa tokko
ajjeechaadha Gal.5÷21. lubbuu namaarratti aangoo kan qabu Waaqayyoo
qofaadha S.bah.32÷32-39 akka jedhutti fayyisuus ta’e ajjeesuun kan
Waaqayyooti. Ajjeechaa jechuun namatti bahanii lubbuu namaa balleessuu qofa
osoo hin ta’iin nama du’aaf waan geessisan hundaadha. Kunis:-

 Waan garagaraatiin (jechaa fi eeruun) balleessituu gargaaruu.


 Lubbuu namaa oolchuu raga dandeessisu dhorkachuun.
 Dhukkubaa fi dadhabbii rakkoo namichaa otuu beekanii hojii du’aaf
geessisu hojjechiisuu.
 Du’aaf kan geessisan beela, dheebuu, dhukkuba arganii osoo hin gargaarin
hafuu.
 Nama foon isaan qofaan otuu hin ta’iin lubbuu isaatiin gidiraa karaa itti
fidu uumuun ajjeechaadha.
 Warra afuuraan duwwaa ta’anii badan gara mana qulqullummaatti fiduu
dhiisuun lubbuu ajjeesuudha.

Wantoota ajjeechaaf geessisan


- Hinaaffaa, jallina, arrabsoo, jibba, dheekkamsa fi kkf keessaa muraasadha.
Fkn. Dheekkamsa yoo ilaalle kan ta’uu fi kan hin malle ni jira Faar.4÷4,
Efe.4÷25.Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos gara ajjeechaatti kan geessisu
dheekkamsa ofiirraa fageessuun akka barbaachisu yeroo ibsu “...obbleessaa
isaatti kan dheekkamu hunduu murtootu isaaf mala” Mat.5÷21-22
Hin ajjeesin jechuun maal agarsiisa?

Mat.19 ÷18, Rom. 3÷9, Ya’iq. 2÷11 ilaala. Ajjeechaan hojii foonii waan ta’eef
lubbu baastoonni mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan S.kees.24÷16, Mat.5÷21.

16
dhiigni namootaa dhangala’ee hin hafu S.uma. 4÷9-15. “Haloon kan kooti” waan
jedhuuf haloo bahuuf deemuun hin eeyyamamne Rom.12÷19.

Ajajni hin ajjeesin jedhu hiikkoo afuuraan yeroo ilaalamu hamilee namaa xuquun
/jecha hin barbaachifne dubbachuun hin ajjeesin jechuudha.Namni Waaqayyoorraa
akka adda bahee fagaatu jireenyi afuuraa isaa akka du’u gochuun
cubbuudha.Kanaafuu, barumsa sobaatiin lallabbii biyya lafaatiin namoonni akka
Waaqayyoorraa fagaatan gochuun lubbuu buusuu jechuudha.“Diyaabiloosiin
jalqabarraayyuu lubbuu baasaa ture” kan jedhameefkanaafi Yoh.8÷44. Sagaleen
Waaqayyoo “natti kan amanan isaan xixiqqoo keessa tokkooyyuu kan gufaachiise
hunduu dhagaan baaburaa morma isaatti hidhamee qilee galaanaatti dhidhimuutu
isaaf wayyaa ture” Mat.18÷6 jechuun nu barsiisa.

Mataa / ofii keenya akkuma jaallannu hundaa namoota biros jaallachuu qabna.
Du’uu akkuma hin barbaadne karaa namoonni itti du’an qopheessuun hin
barbaachisu “obboleessa isaa kan jibbu inni lubbu baasaadha” jedha 1Yoh.3÷15.
Kiristinnaan ofii keenya dabarsinee laachuun namaaf du’uu malee namaa jibbuun
akka ajjeesnu nu hin barsiisu Yoh.15÷12. Namoota goyyomsuun jaalalaan ofitti
dhiyeessuun jibbiinsa ibsuun ajjeechaadha. Kun amala bofaati. Yohaannis
cuuphaan nuti ijoollee Abirahaam jechuun kan boonaa tutraniin “Isin ijoollee
mar’ataa /bofaa” jechuun isaan komateetra Mat. 3÷7. Ofis ajjesuun dhorkaadha
S.uma.5÷9. kunis of raraasuun, bishaan of buusuun, suummii dhuguun, rasaasaan
of rukutuun, dabalataanis machiin, araadaan, jimaan /caatiin, sijaaraan, ejjaan, ulfa
baasuun ajjeechaadha.

Ajaja 6ffaa

Hin ejjin (አታመንዝር)


Ajajni kun ulfina fi jireenya qulqullina namaaf jecha kan qophaa’edha. Akkasumas
jireenya koorniyaa kan ilaallatu seera bahedha. Jireenyi koorniyaa gaa’ela
qulqulluun eegamee yoo qabame jireenya namatti tolu ta’a Mat.22÷30, Isa.3÷16.

Gaa’eelli gamtaa tokkummaa abbaa manaa fi haadha manaati. kan hundeesses


Waaqayyodha S.uma.2÷18-24. Kanaafuu, gaa’elli jireenya eebbifamaadha. Kan
Waaqayyoo tokko taasise jireenya gaa’elaa namni gargar basuu hin qabu
Mat.19÷3-5.

Kaayyoo Waaqayyoo abbaa manaa fi haadha tokko kan taasiseef:-

1. Sanyii isaanii akka bakka buusanii fi dachee akka guutaniif S.uma 1÷27-28
2. Walii isaanii akka gargaaraniif S.uma.2÷18
3. Ejjarraa akka fagaataniif 2Qor. 7÷8-9

Gaa’ellii beekamtii maatii isaanitiin ta’uu qaba/ sirni gaa’elaa ifatti beekamuu
qaba Mat.19÷5. Gooftaan keenya mana cidhaatti argamee akkuma eebbise sirni
gaa’elaa mana kiristiyaatti dhiyaatee beekamee eebbifamuu qaba Yoh.2÷1-2.

17
Seexanni akka isaan hin qorrees waliin ta’uu qabu 1Qor.7÷2-6. Wal kabajuu wal
jaallachuu akka qaban Efe.5÷331Phex.3÷1-7.

Barumsa kiristiyanaa keessatti gaa’elli tokkoo fi tokko qofadha S.uma.2÷24.


Sababa ejjaa malee haadha manaa ofii hiikuun kan hiiktes fuudhuun hin
danda’aamu. Tokko keessaa yoo du’e fuudhuun ykn heerumuun ni danda’ama.

Jireenyi ejjaa bakka sadiitti qoodama

1. Ejja/Sagaagala (ዝሙት) 2. Sagaagaltummaa (ሰሴኝነት)


3.Ejjitummaa/Sagaagalummaa (አመንእራነት)
1. Ejja:- jechuun namni jireenya dukkanaaf bitamuun foon isaa kan ittiin bulu
godhee hunduu ejjituu jedhama 1Qor.6÷12-20.
2. Sagaagaltummaa:- jechuun akka Waaqayyo ajajetti bultoo /gaa’ela uumee
maatii godhatee jiraachuu kan hin barbaadne of jaallataa sassataa kan argee
wajjin kan jiraatu jechuudha.
3. Ejjitummaa:- abbaan manaa haati manaa dhiisee/ haati manaa abbaan manaa
dhiistee mana ishee/isaa dhiistee, gaa’ela ishee/isaa dagattee/dagatee dhiira
biraa/dubaraa biraa wajjin deemuun ejjitummaadha.

Ka’umsa/ sababa sagaagalaa (የአመንዝራነት መንስኤ)

Ka’umsa jechuun madda, bu’uura, jalqaba waan tokkoo jechuu yeroo ta’u madda
ka’umsa sagagalummaa beekuun barbaachisaadha. Isaanis:- dhugaatii, fiilmii,
meeshaalee sagaagalaa, baala sammuu namaa hadoochan, kitaabolee sagaagalaa,
sirba bultii halkanii fi kkf.

Kana malees yaada, quufanii nyaachuu, hawwii, haala uffannaa, waliin dudubbii,
waitti dhiyaacuu, wali ilaaluu, wallaansoo walqabuu, wali hammachuu fi kkf
hunduu qaama qulqulluu ta’e ni xureessu.

Namni tokko tokkoo ol yoo fuudhe ykn heerumte ni sagaagale/te jedhama. Kan
abbaa manaa hiiktes kan fuudhe ni sagaagale Mar.10÷2. “Tokkoon tokkoon
dhiiraa haadha warraa mataasaa haa qabaatu; dubarris abbaa warraa mataashee haa
qabaattu” 1Qor.7÷2

Xumurri sagaagalummaa sadiitti qodama

1. Du’a sammuu /haamilee, laphee dhabuu,hojiif socchi dhabuu.


2. Du’a afuuraa, ka’umsa onnee dhabuu,keessoon duwwaa ta’uu.
3. Du’a naamusa gaarii, namaan jibbamaa, kan yeroo hundaa qubni itti qabamu
ta’uu. Sagagalummaan du’a namatti fida 1Qor.6÷6-9. Seerri ooriitii namni
sagaagale dhagaan reebamee haa du’u jedha.

Sagaagalummaa gama afuuraan

18
Amantii jijijjiiruun sagaagaluudha Mat.12÷18. yeroo yerootti hiriyaa jijjiiruun,
sinsinnaa’uun tokkotti murtaa’uu dadhabuun, waan hin arganne hawwuun,
Waaqayyoon dhiisanii gara waaqa tolfamaa deemuun sagaagaluudha.

Hojii warra Soodomiin hojjechuu

Kun sagaagala yeroo ta’u quunnamtii saala /kooriyaa walfakkaatuu wajjin


taasifamu jechuudha. Sagaagalummaa akkasii bineenso- nniillee kan hin
rawwaanne kan dhala namaatiin dalagamu jechuudha. Bara durii hojii Soodoom
jechuun quunnamtii dhiirri dhiira wajjin raawwatu ture. Bara keenya kana garuu,
dubarrii dubaraa wajjin quunnamtii raawwatu.Kunis Liizibiyaanizimii jedhama
Rom.1÷24-27. Dhiirri dubara isaaf taatu fuudhuu;dubarris dhiira isheef ta’u
fillattee itti heerumuun kakuu durii fi haaraa keessatti kan eeyyamame quunnamtii
qulqulluudha.kanaanis sanyiin namaa ni baayyata,fayyaan namaa ni
eegama,jireenyi namaa tasgabbii ni argata, gaa’ellis ni kabajama 1Qor.6÷9.

Ajaja 7ffaa

Hin Hatin (አትስረቅ)


Namni hunduu qabeenya itti hin dadhabne akka hin barbaadne kan isaa qofatti
akka fayyadamu, tokko isaa biro irratti akka aangoo /humna hin godhanne, humna
dadhabaanis akka hin miidhamneef hunduu walii galee akka jiraatuuf seera
kennamedha. S.Lew.19÷11

Tokkoon tokkoon namaa qabeenyaa mataasaa eeguu kunuunsuu qanba. Jireenya


/lubbuu namaa kan ittiin kunuunfaman seeraan kan kennaman waa sadiitu jiru.

1. Jireenya /lubbuu 2. Gaa’ela 3. Qaabeenyaadha.

Namni gahee dhuunfaa isaa hin qabu taanaan jireenyi isaa hannaaf saaxilama
/afeerama. Gaheen dhuunfaa otuu hin eegamu ta’ee addunyaan kun waliin ishee
hin beekatu jireenya fokkisaa taati turte. Namani qabeenyaa mataai saa qabaachuu
qaba.

Sababoonni hannaa maalfaadha?

19
1. Amanuu dhabuu
2. Waaqa sodaachuu dhabuu
3. Hawwii
4. Gocha seexanaatiin kaka’uun hatuudha. Mat.19÷18

Hanna jechuun eeyyamaa abbaa qabeenyaa ala fudhachuu itti fayyadamuu


jechuudha. Cubbuu nama xureessan keessaa tokko hannadha Mat.15÷19

Namni kan hatuuf:-

 Rakkinaaf, hiyyummaaf, waa dhabuun.


 Hinaaffaa fi jallinaaf
 Barsiifataaf ni hata.

Haa ta’u malee, hanni hannumadha. Hanni karaa adda addaa


raawwatamuu danda’a.
 Nama harkaa butuun
 Otuu abbichi hin beekin fudhachuun
 Goyyomsuu fi fakaassuun

Hanna Waaqayyoo waan hin jaallanneef kan hatu mootummaa


Waaqayyoo hin dhaalu. Hatuun ajjeesuurraa adda hin bahu tokkoodha. sababni
isaa namni jala hatame naasuun, rakkachuun, aariin dhukkubsatee du’uu danda’a.
Kana malees, madaala daldalaa jallisuun, qodaa hin barbaadamne fakkeessanii
gurguruun, sa’aatii hojii kabajuu dhiisuun, sa’aatii hojii itti hin hojjennetti
maallaqa fudhachuun, gatii human hojjetaa hirrisanii kanfaluu, matta’aa
fudhachuu, yaadaan nama miliquun hannadha.
Maqaa Waaqayyoo fi Sagalee isaa lallabaa maallaqa ykn qabeenyaa
amantootaa /mana kiristaanaa faayidaa dhuunfaaf oolchuun hannadha. Fkn.
Seenaa caaftotaafi Farisootaa Mat.23÷14, Luq.20÷47, seenaa yihuudaa
Yoh.12÷3-6 har’as hin hatinaa jedhanii barsiisaa mana kiristiyaanaa kan hatanu
taanaan Yihuudaa wajjin tokko ta’uudha. “Hin hatin jettee kan barsiiftu ofiikee ni
hattaayii?” jedha Rom.2÷21. yeroo Waaqayyoo hatuun hannadha. Kudhan keessaa
tokko ykn kurnoo Waaqayyoo dhorkachuun hannaadha. “Namni Waaqayyoon
hataa isin na hattanii?” Mik.3÷8. dabalees, wareega wareegnee osoo hin galchin
hafuun hannadha S.kes.deb.23÷21-23.
Kanaafis, hannarraa bilisata’uun:-
 Jabaatanii hojjechuudha. Hoj.duk.bu.20÷35, “kan hin hojjetin hin
nyaatini” kitaabni qulqulluun.1Tas.4÷12, 2Tas.3÷10.
 Kanaan qabu nagaha jechuu qabna Filph.4÷12, “Sagaleen Waaqayyoo kan
isin qabdan isin gahaa” jedha.Ibr.13÷5.
 Kan hate lamuu hin hatu jechuu qaba Efe.4÷28

Ajaja 8ffaa
Namarratti Sobaan ragaa hin bahin
20
Waaqayyoo ajaja kana kan kenneef namootni maqaan isaanii, ulfinni isaanii,
jireenyi isaanii eegamee akka jiraatuufidha. Ajajichi abbootii seera,
himatamtootas, ragoolees ni ilaallata. sababni isaa ulfinaa maqaa gaarii namaa
kan xuqu waan ta’eef ulfina keenya eeggachuuf ragaa ta’anii dhiyaachuun
qormaata guddaadha. Ragaan sobaa arrabaan, barreeffamaan, mallattoon, beekaa
callisuun, ragaa sobaa kennuun raawwatama. Waaqayyo nama hundumaa
kabajaa jedha 1Phex.2÷17

Sobaan ragaa hin bahin (በሐሰት አትመስክር)

Sobaan ragaa bahuu jechuun kan ijaan hin agarre fi gurraan hin dhageenye
kan hin beeknee fi waan hin qulqulleessine akka nama sirriitti beekuutti
dubbachuu raaguu jechuudha.karaa biro immoo waan iccitii ta’e irraan kan hafe
dhugaa jiru dubbachuu ifaatti baahuu dhiisuun akka sobaan ragaa bahuutti
ilaalama.

Namoonni sobaan kan ragaa bahaniif maaliif:-

- Galata
barbaachaaf
-Barsiifataaf /waan shaakalanii fi kkf ta’uu danda’a.
Namni sobu al tokkichatti waan sadii balleessa
1. Mataa isaa of ni miidha. S.kes.deb. 19÷16-20
2. Nama itti raga bahe ni miidha.Fak.25÷18
3. Nama raga bahuuf sana ni miidha 1Mot.20÷22-25

Sobaan raga bahuun abboommiwwan hundaa kan diigu cubbuu guddaadha.


Sababni isaa:-

a. Soba kakaadhaan mirkaneessuuf yeroo yaalu maqaa Waaqaa akka malee waan
waamuufidha.
b. Nama itti raga bahe ajjeechaan itti murtaa’uu danda’a ykn beenyaa guddaan itti
muraahee maallaqnii fi qabeenyaan isaa bojambojamuu danda’a.
c. Naasuun fi aariidhaan du’uu danda’a. Yeroo kana maqaa Waaqayyoo akka
malee hin waamin, hin ajjeesin, hin hatin kan jedhu hunduu ni diigama.
Kanaafuu, sobdummaan yakka guddaadha Fak.26÷12.

21
Kiristiyaanni dhugaa dubbachuu /raaguu qaba malee garbicha sobaa ta’uu hin
qabu. Sobaan maqaa hiriyaa, ollaa, mana hojii fi kkf qilleensarratti bubbachuun
cubbuudha. Jaalalan kiristiyaan- ummaa dhugaaibsuun dubbachuu malee
hammachuun, komatamuun hin barbaachisu.

Abboommii kanatti fayyadamuuf:-

1. Haasaa keenyaan dhugaa qabeessa ta’anii argamuu

-Dhugaan Waaqa biraati, sobni Diyaabiloos biraati. Soba dubbataan hojiin ilma
seexanaa tahuu isaa beekuu qabna Yoh.8÷44. Kiristoos barumsa isaa irratti
dhugaadhaan dhugaa, sobaan soba /kijiba jedhee barsiiseera Mat. 5÷37. Arrabni
sobaan Waaqa fuulduratti jibbamaadha Fak.12÷19. Carraan nama sobduu du’a
du’umsaa ramacii ibiddaan guutamedha Mul. 21÷8. Q/Pheexiroos “Bara gaarii
arguu barbaadu arraba hamaarraa of haa dhorku 1Phex. 3÷10, Far.33÷2-16.

Raajota sobduu

Kaayyoo sobaa waan garaagaraatiin kaka’uun abjuu fi mul’ata dharaatiin, ykn raajii
sobaatiin akkasumas lallabbiin namoota goyyomsuun ajaja kana diiguudha.
Gooftaan keenya raajotni sobduun akka maqaa isaatiin ka’an /dhufan barsiseera
Mat.24÷14-26. Waaqayyoo kakuu moofaa keessatti raajota sobduu fi dhuga baatota
sobduu mormaa tureera S.kes.deb.18÷20, 2kit.seena 18÷22, Erm.14÷14.
Waaqayyoo sobaa fi arraba sobaa baayyisee ni jibba; dhugaa waarra hojjetan garuu
isa biratti jaallatamoodha Fak.21÷22. Hojii sobaa kan hojjetan Waaqayyo isaan
dhabamsiisa Far.5÷6, Fak. 21÷23. Soba ofirraa fageessuun namootaa wajjin
dhugaa waliin haa dubbannu Efe.4÷25.

Ajaja9ffaa

Mana namaa hin hawwin (የባልንጀራህን ቤት አትመኝ)


Qulqullinni namaa ala qofaan otuu hin ta’iin keessoonis ta’uu qaba.

Hin hawwin jechuun barbaaduu qofa osoo hin ta’iin hin yaadin hin fedhiin
jechuudha. Dabalataanis ajajni kun namni seera akka sodaatuuf qofa otuu hin ta’iin
sammuu isaatti akka madaaluu fi qalbeeffatuufidha. Hawwiin ulfooftee cubbuu
dhalti cubbuunis erga guddattee booda du’an dhalti Ya’iq.1÷14. Hawwiin cubbuu
salphaa miti. Erga hawwamee yeroo fi bakkatuu hin eeyyamne malee hamma
dalagametti lakkaa’ama. Namootni sagaagalummaatti kan kufan ajaja hin hawwin
jedhu dursanii yeroo cabsanidha. Gooftaan keenyas “gara dubaraa kan ilaale hunduu
kan hawween yeruma sana laphee isaatiin ishee waliin sagaagaleera” jechuun
hawwuun sagaagala akka ta’e ibseera Mat.5÷28. Kiristiyaanni hawwii foon isaa

22
ajjeese haalli mijataan akka Yoseef yoo mijateefuu hojii hamaa Waaqa duratti hin
hojjetu eeboo sagaagalaa jalaa ni baqata S.uma.30÷7-18. Kanaaf, irraa fagaachuu
nama barbaachisa 1Xim.6÷9-11. Hawwiin foonii cubbuu miidhaa guddaa qabudha.
Jireenya keessan isa duraa yaadachaa hawwii nama goyyomsu kan dabu qaama isa
durii dhabamsiisuu qabna Efe.4÷22. Kanaafuu, hawwii miirota foon keenyaa isa
biyya lafaa ajjeesuun Kiristoosii wajjin fannifamuun cubbuudhaaf osoo hin du’iin
Kiristoos keessa keenyatti mo’u hawwii hamaan yeroo sana ni bada Qol. 3÷5, Gal.
2÷20. Kitaaaba qulqulluu keesatti hawwiin Addaamii fi Hewaaniin, mooticha
Daawwitii fi kkf dogongorseera. Hawwiin gara dalagaatti akka jijjiramu kan dhiibu
cubbuu kufaatii namaa hin baarechinedha. Hawwiin fedhii foonii waan ta’eef du’a
namatti fida Rom.8÷12.

Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos hin hawwin kan jedhe waan hamaadha malee
waan gaarii miti Mat.6÷33, 1Qor.14÷1. Hawwiin hojii hamaan kan namarratti
mo’icha argatu yeroo namni hojii hiiku waan ta’eef hojii hiikuun mataan isaa
yakkadha. “Monokseen hojii dhabe qoobii isaa ciree hadha” akkuma jedhamu.

Mana namaa (የባልንጀራ ቤት)

Mana namaa jechuun manaa isaa qofa osoo hin ta’in waan mana isaa keessa jiran
hundaa kan hammatudha. Kunis bakka 4tti qooduu dandeenya.

1. Haadha manaa isaa


2. Tajaajiltoota /hojjettoota isaa
3. Maallaqa isaa
4. Harree, sangaa (beelladoota) isaa hundaa hawwuu akka hin qabne ajajni nu
hubachiisa.

Kanaafuu, namni hojii dinqii Waaqayyoo arguuf yoo hawwe, sagalee isaa isa
aannan hawwuu nageenya fi jaalala gamtummaa hawwuun barbaachisaadha.

Ajaja 10ffaa

Nama akka mataa keetti jaalladhu (Lew.19÷18)


Balinjeeraa /nama iccitii nama akka mataa /lubbuu keenyaatti itti jaallachuun qabnu
barsiisudha.Mat.19÷17-19, Mat.22÷34-40. Ajajni kun abboommiwwan kan biroo
waliin adda hin bahu Rom.13÷19. Waaqayyoo akka mataa isaatti nu jallaata nutis
walii keenya jaallachuutu ni barbachisa 1Yoh.4÷20. Firri /abbaan buddeenaa keenya
eenyudha? Deebiin isaa sanyii/dhala namaa hundumadha Mar.4÷31-35, “ባልንጀራዬ
ማን ነዉ?” Luq.10÷29-37 “Egaa yeroo yammuu argannu nama hundumaafuu irraa
caalaa maatii amantootaaf waan gaarii haa hojjennu” jedha Gal.6÷10. Namni
hunduu bifaa fi fakkeenya Waaqaan kan uumamee fi sanyii Addaamii fi Hewaan
waan ta’eef namoota hundumaa sinsinnii malee laphee keenyaai rraa jaallachuu
qabna Rom.12÷9, 1Phex.1÷22. warra nun jibban jaallachuutu nuuf mala.
Mat.5÷43-48, 1Phex.2÷23, Luq.23÷24. Jaalalli Waaqaa nama hundumaaf

23
walqixedha. Waaqayyoo ilma isaa tokkichaan addunyaa kana jaallate Yoh.3÷16,
Rom.5÷10. akkuma kana namnis walii isaa jaallachuu qaba. Hojiinis ifuuti
qaba.1Yoh. 3÷8, ya’iq. 2÷15-16. Nama kan gargaarru jireenya foonii fi
afuuraatiinidha.

Jireenya fooniitiin

 Jiraachhuuf waantoota barbaachisan nyaata, uffataa fi mana guutuufiin


 Mirgi isaa akka eegamuu gochuun
 Miidhaan akka irra hin geenye eegumsa gochuufiidha.
Jireenya afuuraatiin
 Kadhannan yaadachuu 2Xim.1÷3
 Fakkeenyummaa gaariin gara Waaqayyootti dhiyeessuu Mat.5÷16,
1Phex.5÷3
 Gorsa afuuraatin ijaaruu Rom. 12÷8

Kana qofa osoo hin ta’iin jaalalaan nama biroof dabarsanii of laachuun akka malu
Gooftaan keenya lubbuu isaa jaallewwan isaaf dabarsee laachuu kan caale seerri kan
biroo hin jiru jedheera Yoh.15÷13.

Akka mataa keetti jaalladhu (እንደ ራስህ ዉደድ)


Ajajni kun hamma jaalala namaaf qabaachuu qabnu maal akka ta’uu qabu nu
hubachiisa. Namni qaama isaa akkauma hin jibbine namas jaallachuudha Efe.5÷30.
Amantii kiritiyaanaa keessatti nuti qaama Kiristoos akka taanee fi tokkoon tokkoon
keenya billitootadha 1Qor.12÷27. Namootni akka nuuf gochuu qaban barbaannu
nutis namootaaf gochuu qabna Mat.7÷12.

Baha /keeyyata qulqullootaa (አንቀጸ ብፁአን)


Barumsa kanaa kan barsiise Gooftaa keenya Iyyeesuus Kiristoosidha. Innis kan
argamu Wangeela Maatiwos boqonnaa 5-6tti. Baha qulqullootaa lallabbii Tulluurraas
ni jedhama. Sababni isaas Gooftaan barumsa yeroo barsiisaa ture biyya Isiraa’eel
keessaa galaana Xibirdiyaanos cinatti Tulluu ol ka’aa lamaan kan naannoo
Qifirnahoomitti argamu irratti waan tureefidha Mat.5÷1-11. Seerri kakuu durii
Tulluurratti akkuma kenname seerrii kakuu haaraas Tulluurratti kenname. Seerri
kakuu haaraa jechaan otuu hin ta’iin afuuraan kan geggeeffamudha. Kanaafis, seera
afuuraa jedhama. Kiristiyaanaaf xumurri seeraa hundaa jaalala waan ta’eef seerotni
kun jaalalaan dirqamanii raawwatamu. Sababa kanaaf kan ajajamerra caalaatti
buufachuun waan gaarii hojjetuuf seerri kakuu haaraa dabata (ትሩፋት) jedhama.
Kakuu durii keessatti Musee fi Raajonni Waaqayyo akkas jedha jechuun seera /

24
abboommii kurnan barsiisaa turan. Caaftoonnii fi Farisoonni seera Musee fi Raajotaa
keessaa otuu aangoo hin qabaatin barsiisaa turan. Kakuu haaraatti garuu, Gooftaan
keenya abbaa seeraa waan ta’eef “ani isiniin jedha” ykn “dhuguma dhugumaan isiniin
jedha” jechuun abbaa aangoo waan ta’usaa barsiisaa ture Mat.7÷28-29. Kanaafuu,
seerri kakuu haaraa seera jaalalaa jedhama Mat.5÷1-44, Mat.25÷42-43.

Kakuu haaraa jechuun bara araaraa, bara haaraa, kan Gooftaa keenya Iyyasuus
Kiristoosin hundeeffame jechuudha.

Seerota kakuu haaraa kan jedhaman

1. Labsiiwwan qulqullootaa Mat. 5÷3-11


2. Jecha wangeelaa jahan
3. Kennaa, kadhannaa, sooma

Labsiiwwan qulqullootaa (የብዙሃን አዋጆች)

Mootiin tokko akkuma mootummaa isaa mijeeffateen seera biyya isaa labsatu;
Gooftaan keenya qulqullootni eenyufaa akka ta’an bifa labsiitiin waan dubbateef
abbootiin mana qulqullummaa Labsiiwwan qulqullootaa jedhanii moggaasaniiru.

Qulqullootaa/ብፁአን/jechuun ulfaattota, galateeffatamtoota, eebbifa- mtoota


jechuudha. Fakkeenyaaf, jecha kanaan haati keenya dubaroo Mariyaamiin ittiin
waamamteetti Luq.1÷45-50. Q/Phexiroosis ittiin waamameera Mat.16÷17. kanaaf,
maqaa qulqullonni ittiin waaman kana gahuun ulfina guddaadha. Gooftaan keenya
sagalicha dhagahaanii kan raawwatan Mat.13÷23, otuu hin argin kan amanan
Yoh.20÷29, gara cidhaatti warra waamaman Mul.19÷8 qulqulloota
/galateeffamoodha jechuun barsiiseera.

Labsiiwwan qulqullootaa (የብዙሃን አዋጆች) kan jedhaman 9 dha.

1. Afuuraan hiyyeessa kan ta’an qulqulloota, mootummaan Waaqayyoo kan


isaaniiti.
2. Warri gaddan qulqulloota, jajjabina argatuuti.
3. Warri garraamiin qulqulloota, dachee ni dhaaluuti.
4. Tolummaa warri beela’anii fi dheebotan qulqulloota, ni quufuuti.
5. Kan dhiifama taasisan qulqulloota, dhiifama argatuuti.
6. Laphee qulqullinaa kan qaban qulqulloota, Waaqayyoon ni arguuti.
7. Warri nama araarsan qulqulloota, ijoollee Waaqayyoo jedhamuuti.
8. Tolummaaf jecha kan ari’ataman qulqulloota, mootummaan Waaqayyoo kan
isaaniiti
9. Yeroo isin tuffatan, ari’atan sababa kootti sobaan yeroo isinirratti dubbatan
qulqulloota, gatiin keessan samiirratti guddaadha gammadaa gammachuunis
isiniif haa ta’u warra isin dura turan Raajotas akkasuma ari’ataniiruuti kanneen
jedhamanidha.

25
1. Afuuraan hiyyeessa kan ta’an qulqulloota, mootummaan Waaqayyoo
kan isaaniiti.
Afuuraan hiyyeessa kan ta’an qulqulloota jechuun hiyyummaan isaanii kan
afuuraa akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.
Hiyyimmaa afuuraa jechuun haamileen isaaniitiin, beekumsarraa, hubannoorraa fi
kkf kan hiyyooman, homaa kan hin baranne, eenyummaa isaanii kan hin beekne
jechuu otuu hin ta’in hundumaa osoo qabanii garuu, kan mataa isaanii otuu hin
ta’in kan Waaqayyoo ta’uu isaa beekanii fi amananii kan qaban hundumaa kan
Waaqayyooti kan jedhan ani hiyyeessa kan ofiin jedhan jechuudha. Namni
akkuma qullaa garaa haadha isaatii bahe gara dhufetti qullaa isaa deebi’ee deema.
Kan isaa kan ta’e tokkollee hin qabu Iyob.1÷21. kan nutty arganne qabeenyaa,
beekumsa, gammachuu fi nageenyi hafee nutiyyuu kan Waaqayyooti. Dacheen
hunduu kan Waaqayyooti Far.23÷1. Egaa kana ta’uu isaa erga beeknee hundi
keenya hiyyeessa ta’uu keenya beekuu qabna. Qabeenyaa fi dureessummaa,
aangoo fi ulfina, beekumsaa fi gammachuu, nageenya...yoo qabaanneeyyuu kan
keenya waan hin taaneef Waaqayyo akka kennetti hundumaa karaa sababa garaa
garaatiin deebisee fudhachuu ni danada’a. Maarree yeroo kana warri akka Iyyoob
afuuraan hiyyeessa ta’an “Waaqayyootu kennee isaatu fudhate, maqaan
Waaqayyoo kan galateeffatame haa ta’uu” jedha Iyob.1÷21. Qulqulluun
Daawwiti gubaa’ee fuulduratti Waaqayyoon yeroo galateefatettiulfinni, aangoon,
qabeenyi, humni fi jabinni kan Waaqayyoo ta’uu isaa ibsuun dubbateera
1Kit.Seena.29÷11-16. Kanaafuu, afuuraan hiyyeessa ta’uun kasoomina laphee
cabaa / gadi of qabaa ta’eera dhufudha. Afuura gadi of qabaa fi laphee cabbaa
immoo Waaqayyoo hin tuffatu.Waaqayyoo gara namoota hubataa fi sagalee
isaatiin jiraatan ni ilaala. Afuura gadi of qabaa fi laphee cabbaa namaa wajjin
bakka filatamaa fi qulqullaa’aa ta’e taa’aa Far.50÷17, Isa.57÷15. hundumaa
dhiisanii Gooftaa hodofanii mataa isaanii hiyyoomsuun hiyyeessa afuuraa
jedhamu.Gooftaan keenyaas hunduu kan isaa ta’ee otuu jiruu nuti sooressa akka
taanuuf nuuf jedhee hiyyeessa ta’eera 2Qor.8÷9.
Kanaarraa ka’uun duuka buutotni hundumaa dhiisanii Gooftaa duukaa bu’aniiru.
Hundumaa jechuun jalqabarratti of ganuu itti aansee abbaa, haadha, obbooleessa,
obboleetti, ijoollee, qabeenyaa dhiisuu jechuudha. kunis sababa wangeelaatiin kan
ka’e kan biro tajaajiluuf malee sababa kamiinuu biraaf miti. Kana yeroo jennu ni
dhabna jechuu osoo hin ta’iin jireenya keenya guutuu kan nu barbaachisu
Waaqayyo biraa arganna jechuudha. Qulqullichi Phaawuloos “nuti hiyyeessa
yeroo taanu baayyee immoo dureessa ni taasifna. Waan tokko kan hin qabnae
yeroo taanu hundumtuu kan keenyadha” jedheera.2Qor.6÷10. egaa kan qabnu
hunduu kan keenya ta’uu erga beeknee kan Waaqayyoo Waaqayyoof kennuu
qabna. Waaqayyos karaa warra hiyyeessa fi liqaa hin deebineen mul’ata. Yoo
kana goone mootummaan Waaqayyoo kan keenya ta’a Mat.25÷35-46 haa ilaallu.
2. Warri gaddan qulqulloota, jajjabina argatuuti
Akka eeyyama Waaqayyootti warra gaddan jechuudha malee gadda biyya lafaa
yaadachuun kan Gaddan miti. Waa’ee cubbuuf gaabbanii boo’uun /gadduun
barbaachisaadha. Gaddi biyya lafaa garuu, du’a namatti fida 2Qor.7÷9-10. Kana

26
malees namoota badaniif gadduun ni barbaachisa. Gooftaan keenya saba baayyee
yeroo argetti akka hoolaa tiksee hin qabnee dhiphatanii waan isaan argeef isaaniif
gadde Mat.9÷36. Namoota rakkatan, hiyyummaa fi dhukkuba keessatti kufaniif
gadduu qabna. Irra caala, warra seera Waaqayyoorraa fagaatanii cubbuudhaan
badaniif boo’uu fi gadduu qabna.
Gaddi bakka sadiittii qoodama.
1. Cubbuu ofii yaadachuun gadduu boo’uu. Fkn. Addaam fi Q/Pheexiroos
2. Waa’ee cubbuu namootaa yaadachuun gadduu boo’uu. Fkn. Saamu’eel
waa’ee Saa’ool ni gadde ni boo’e 1Sam.16÷1-3
3. Waa’ee du’aa Ilma Waaqayyooyaadachuun boo’uu qabna.
Gooftaan keenya waa’ee magaalaa Iyyerusaalem ni boo’e Luq.19÷41. kun
hundumtuu akka eeyyama Waaqayyootti gadda ta’udha haala kaan namni gaddu
Kiristoositti ni jajjabaata. Q/Daawwitis “boo’ichaan warri facaasan gammachuu-
dhaan ni haammatu /funaannatu” jechuun ibseera.Far. Kunis biyya lafaa kanatti
sababa kiristiyaanummaan qormaata adda addaan namoota gaddanidha.
Q/Pheexiroos, galataaf, ulfinaaf kan nama geessisu ta’uuisaa dubbateera
1Phex.1÷6-7.

Gosa kamiinuu haa ta’u namootni akka eeyyama Waaqayyootti yoo gaddan,
boo’an Waaqa isaan jajjabeessu abbaa jaalalaa gooftaa Waaqayyo imimmaan
isaanii ni haxaa’aaf, isaan jajjabeessas.Mul.7÷17

3. Warri garraamiin qulqulloota, dachee ni dhaaluuti

Sagaleen kun “garraamonni dachee ni dhaalu” jedha Faar.36÷11. haloo qabachuu


dhiisuun liqaa deebisuu dhiisuun gaarummaadha. Namni waan qabu hundaa
bilisaan kan kennuu yoo jalaa fudhatanis dabalee kan kennu nama garraamii
jedhama. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos “ani garraamiidha anarraa
baradhaa, laphee koo obsaadhatii lubbuu keessaniif boqonnaa argatuuti.” Uu
jedheera.kanaafuu, garraamummaa abbaa keenyarraa barachuu qabna. Inni yeroo
isaa arrabsan deebisee hin dubbanne yeroo isa qabanitti of dabarsee kenne.
Gidiraa yeroo agarsiisan itti hin kakanne 1Phex.2÷23. ofii isaa duwwaa of godhee
du’a fonnootiif kan ajajame ta’e Filph.2÷8. Garraamummaan akka daa’immanii
ta’uudha mootummaan Waaqaayyoo warra akka isaaniitiif Mat. 18÷3.
Q/Phaawuloos “waan hamaaf maleesammuun /yaadaan akkaa daa’imman hin
ta’ina”1Qor.14÷30. Grraamii ta’uun Waaqayyoo jedhanii gadi of qabuu, bitamuu
jechuudha. Lallabbiin gowwaa/garraamii ta’uun kan amanan fayyisuun eeyyama
Waaqayyoo ta’eera 1Qor.1÷21. Garramummaan /Gowwumman firii afuuraa
keessaa tokkodha. Bakka garaagaraatti gadi of qabummaa, obsa, jaalala,
gaarummaa, arjummaa, kan jedhaman firii afuuraa wajjin tarreeffameera Efe.4÷2,

27
Gal.5÷22, Qol.3÷12, Tito.3÷1-2 ilaala. Garraamummaa Kiristoosirraa barannee
garraamii yoo taane sagalee qulqulloota jedhamu Gooftaa biraa nuuf kennameera.
Akka sagalee abdii isaatti kan eeggannu samii fi haaraa nu
dhaalchisa.1Phex.3÷13, Mul.21÷1.

4. Tolummaa warri beela’anii fi dheebotan qulqulloota, ni quufuuti

Tolummaa jechuun seera raawwachuu /eeguu, akka seeraatti jiraachuu fi


geggeeffamuu, sirrummaa, dhugummaa jechuudha Rom. 3÷11. Raajonni baa’ee
tolaa jedhamaniiru. Fak. Nohi, Looxi, Zekkariyaas kaanis tolaa jedhamaniiru
S.uma.6÷9, Luq.1÷6, 2Phex.2÷8. Haa ta’u malee hundumaa biratti hanqinni
irratti argameera. Kanaafuu, nuti hammam hojii tolummaa yoo hojjenne hanqina
hin dhabnu. Akkuma Isaayyas dubbatetti “tolummaan hojjennu moofaa abaarsaa
ta’e” jedhe Isa.4÷6. Waaqayyo amalummaa isaatiin tolaadha Izir.9÷9, 1Xim.4÷8.
tolummaan gonkumaa Waaqayyoo biraa qofa argama. Tolummaa kan beela’anii
fi dheebotan jechuun tolummaa Waaqqayyo biraa argamu jechuudha.Kakuu durii
keessatti waa’ee Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo dubbatu kan maqaa
isaa ittii waamamu “Waaqayyoo tolummaa keenya” jedhamee barreeffameera
Isa.23÷5-6, Yoh.8÷31. Gooftaan keenya ani “biyya lafaarra yeroo jirutti ani
dhugaadha /tolaadha” jedheera Yoh.14÷6. Tolummaa beela’uu fi dheebochuun
Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin yaaduu, akka buddeenaa fi bishaanii isa
barbaaduu jechuudha. Innis mataan isaa buddeen samii bu’e anadha jechuun
dubbateera Yoh.6÷32-51. Kan beela’anii fi dheebotan hunduu gara isaa dhufanii
akka quufanii fi suga’an yeroo garaagaraa waamichaa isaa dabarseera Isa. 55÷1,
Yoh.6÷35-37, Mul.22÷17. Kanaafuu, fedhii foon keenyaa isa cubbuu beela’uu fi
dheebotu dhiisnee hojii tolummaa kan beelofnuu fi dheebonnu taanaan ni quufna
ni sugoosna. Daawwiti abbaan keenya “Gadamsi gara madda burqaa bishaanii
akkuma yaadu /hawwu yaa Waaqayyoo lubbuun koo siin yaadde; lubbuun koo
gara Waaqa isa jiraataatti dheebotte yooman gara isaa gaha, yoomaan fuula
Waaqaa arga” jedhee dubbateera Far.41÷1-2.Q/Phaawuloosis“deemuu Kiristoos
waajjin jiraachuun hawwa; waan hundaarraa isaa wayyaati” Filph.1÷23.
Tolummaa beela’uu fi dheebochuu jechuun hawwii/yaada akka kanaa
jechuudha. Tolummaa akka kanaaf jecha gidiraan yoo isinirraa gahe isin
qulqullootadha jechuun ibseera 1Phex.3÷14. kana qabanneee yoo gara Gooftaatti
yoo dhiyaanne ni quufna, ni sugoofna jechuunis “gonfoo tolummaa ni gonfanna”
2Xim.4÷8. biyya tooloonni jiraatan samii fi dachee haaraa ni dhaalla.
1Phex.3÷13.

5. Kan dhiifama taasisan qulqulloota, dhiifama argatuuti

Kan dhiifama taasisan jechuun kan garaablaafaan, arjaa kan ta’an dhiifama kan
namaaf godhan jechuudha Efe.2÷4. Waaqayyoo aarsaa caalaa araara jaallata
Hose.6÷6, Mat.12÷7. kanaaf, Waaqayyoo kan nurraa barbaadu araara akka
namaaf goonudha Mik.6÷8. Fkn. Daawwit Saa’oliif, Yoseef obboloota isaaf
akkuma dhiifama godhe nutis warra nu yakkaniis dhiifama gochhuu qabna

28
S.uma.50÷15-24, 1Sam.24÷17-21, 1Sam.26÷21-25. Gooftaan keenyaa fi
fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos cubbamootaa fi warra qaraxa kutan wajjin
nyaateera. Kana jechuun dhiifama isaaniif godhe jechuudha. warra isa gaafataniin
“dhaqaatii araaraan barbaada aarsaa mitii kan jedhu dubbisaa” ittiin jedhe
Mat.9÷13. Gooftaan keenya cubbamoota hedduuf dhiifama taasiseera. Fkn.
Maariyaam Maqdelaawwit fi Zakkewoos ni caqasamu. Warra fonnoorratti isaa
fannisaniifis dhiifama kadhateeraaf Luq.23÷34. Nutis dhiifama kan goonu yoo
ta’e dhiifama arganna. Waaqayyoo dhiifama kan nuuf godhu yoo nuti dhiifama
kan goonu ta’edha Mat.6÷15. Karaa kan biraa immoo warra hiyyeessaaf
dhiiyama gochuufii gadduufii fi kennuufiidha. Kunis Kennaa
(መፅዋት)dha.Fak.11÷21-31, Hose.14÷3, Rom.5÷6, Mar.10÷46-52, Mat.18÷21-
35 haa ilaallu.Kanaafuu, diina illee yoo ta’e yoo nutty yakke dhiifama gochuufii
yoo beela’e nyaachisuu yoo dheebote obaasuu,yoo rakkate gargaaruu, araara
gochuufiin barbaachisaadha.

6. Laphee qulqullaa’oon qulqulloota, Waaqayyoon ni arguuti.

Laphee jechuun jaalala, yaada fi miiraa sammuu namaa jechuudha. Lapheen


namaa kan xuraa’u jallinaanidha. Namni gaariin galmee laphee isaarraa waan
gaarii baasa; Namni hamaan galmee laphee isaarraa waan hamaa baasa. Laphee
isaa guutee irraa baherraa afaan dubbata Mat.12÷34-35. Nama kan xureessu
hammina laphee isaanii keessa jirudha Mar.7÷21-23, Mat.15÷16-20 haa ilaallu.
Yaadni hamaan kunis:-sagaagala, hanna, ajjeechaa, ejjitummaa,
hawwuu/gomja’uu, jallinahinaaffaa, arrabsoo, of-tuulummaa, masuluufummaa fi
kkf irraa laphee keenya yoo qulqulleessine qulqulloota taana.

Waaqayyoo ija fooniitiin akka hin argamne beekamaadha. Garuu, laphee


keenyaan Waaqayyoon arguun ni danda’aama. Haa ta’uutii, Waaqayyoon arguun
akka dandeenyuuf laphee keenya qulqulluu fi qulqulla’aa ta’uu qaba. “Nama
hundaa wajjin nagaan jiraadha, akka eebbifamtan barbaada; isa malee Gooftaa
arguu kan danda’u hin jiruutii” jedhamee berreeffameera Ibr.12÷14. Raajonni
duraan turan bifa garaagaraatiin laphee fi afuuranisaanii qulqulluu gochuun
Waaqayyoon arguu danda’aniiru S.Lak.12÷6-8, Isa. 6÷1. Nutis laphee keenya
cubbuurraa qulqulleessuu akka qabnu yeroo nutty himu “isin cubbamtoonni harka
keessan qulqulluu taasisa, yaada lama kan qabdanis laphee keessan qulqulleessaa”
jedha Ya’iq. 4÷8. Baayyeen keenya afaaniin kan dubbannuu fi hojiin kan
agarsiifnu irra laphee keenya keessa hammeenya jirutu baayy’ee caalaa. Yeroo
qalbii diddirrannus cubbuu laphee keenyaa ni dhoksina.“Waaqayyoo garuu,
laphee ni sakata’a, kalees ni qora, kan dhokate hundaa ni beeka” Erm.17÷9-10.
Kanaafuu, laphee keenya cubbuun xuraa’e akka nurratti hin argineef qalbii
jijjiirrannaa fi himachuunn of qulqulleessinu 1Yoh.1÷7. waaqayyoo akka kanaan
nu gahuuf akka abbaa keenya Q/Daawwit “Yaa Waaqayyoo laphee qulqulluu naaf
uumiafuura /yaada qajeelaas keessa kootti haaressi” jechuun kadhachuutu nu
barbaachisa. Far.50÷10.

29
7. Warri nama araarsan qulqulloota, ijoollee Waaqayyoo jedhamuuti.

Araarsuun namoota wal lolan gidduuti jibba dhabamsiisuun nageenya uumuu


jechuudha. Tulluu jibbiinsaa diiguun namaa fi nama, namaa fi Ergamoota, sabaa
fi saba, namaa fi Waaqa kan walitti araarse Ilma Waaqayyoo Gooftaa keenya
Iyyesuus Kiristoosidha Efe.2÷14-17. Har’as giddu galeessa ta’ee kan wal lolan
kan walitti araarsu qulqulluudha ijoollee Waaqayyoo jedhamuuti.

Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos giddu galeessa ta’ee namaa fi Waaqa walitti
araarseera. kan inni g/galeessa jedhameefis kanaafidha 1Xim.2÷5-7,Gal.3÷19-20.
Nutis warra wall ole yeroo araarsinu murtoo jallisuun, tokko gammachiisuun
tokko gaddisuun osoo hin ta’iin g/galeessummaa ta’uu qaba. Gooftaan keenya
nuti diinota isaa otuu taanee jirruukan Abbaa isaafi ofii isaa wajjin walitti nu
araarse dabarsee du’aaf of kennuun dhiiga isaatiin beenyaa kanfaluun Rom.5÷10,
Qol.1÷10-22.

Kan wal lole foonii fi lubbuu, namaa fi nama, maabaraa fi maabara, biyyaa fi
biyya ta’uu danda’a. Kanaafuu, isaan kana erga walitti araarsinee Waaqaawajjinis
walitti araarsuu qabna. Sababni isaa waii isaanii erga wal lolanii Waaqa
isaaniirraa adda bahaniiruti. Waaqayyoo wajjin namoota kan walitti araarsinu
qulqulluu sagalee isaatiin gorsineebarsiifnee deebisuutiin. Waaqayyoo karaa
Kiristoos addunyaa ofitti erga araarse booda sagalee araarsummaa isaa duuka
bu’oota fi hordoftoota isaan taasiseera 2Qor.5÷19. Sagaleen sun har’as waan
jiruuf barsiistonni wangeelaas sagalee /tajaajila araarsummaa kana jabaatanii
raawwachuutu irra jira. S.Lak.14÷13-20, 1Xim.2÷1 haa ilaallu. Haala kanaan
kanneen araara kan buusan hunduu ijoollee Waaqayyoo jedhamu.

8. Tolummaafjecha kan baqatan qulqulloota, mootummaan Waaqayyoo kan


isaaniiti

Baqni sababa garaagaraatiin biyyaa /bakka beekanii namoota beekan irraa adda
bahanii baqatanii deemuudha. Baqa yeroo jedhamu rakkoo fi gidiraa agarsiisa.
Kiristiyaanni kan baqachuun isa barbaachisu sababa tolummaaf ta’uu qabamalee
cubbuun, sobaan, siyaasaan...ta’uu hin qabu. Gooftaan keenya biyya lafaaf
fayyisaa ta’uuf yeroo dhalatetti hammina Heroodsiin kan ka’e haadha isaa wajjin
gara biyya Gibxitti baqatee ture Mat.2÷13-18. Bara barsiisummaa isaattis
rakkoon yeroo isa mudatu biyya gara biyyaatti deemaa tureera Yoh.4÷1-2.
Bartoosa isaa yeroo barsiisu “magaalaa tokkotti rakkoon yoo dhufe gara birottis
baqadha” jedheera Mat.10÷23. Q/Phaawuloos “dhugaadhaan Kiristoos
Iyyesuusiin Waaqayyoo fakkaachaa jiraachuu kan barbaadan hundaa ni baqatu”
jedheera 2Xim.3÷12. Bartoonni wangeela kan lallaban dhugaa kan dubbatan baqa
baayyeedhaan. Manni kiristaanaa ishee jalqabaa yeroo Isxifaanoos ajjeefametti
baqa guddaatu isa ishee muudatee ture Hoj.duk.8÷20. kana boodaas bara
Wareegamtootaa hundumaa manni kiristaanaa baqarra turte. Kanaafuu, har’as yoo

30
ta’e waa’e tolummaaf baqni yoo nu quunname qulqulloota jedhamna. Biyyaa fi
bakka, mnaa fi qabeenya yoo nutti hafe iyyuu biyya, bakka, dhaala fi mana kan
taate mootummaa samii nu dhaalchisa. Gooftaan keenya waa’ee kanaa yeroo
barsiisu, “maqaa koof jedhee ...haadha manaa isaa ykn ijoollee isaa ykn qonnaa
isaa ykn obboolaa isaa kan dhiise hunduu dacha dhibba tokko argata.jireenya
bara baraa ni dhaala” Mat.19÷29.

Keeyyanni kun waa’ee tolummaa jecha tuffatamuun, sobaan hamatamuun,


jibbamuun ni dabalata. Kana malees, yeroo baqan keessanii hundatti gammachuu
akka qabaachuu qabnu nu barsiisa. Kan nutti gammadnuuf gatiin keenya
samiirratti guddaa waan ta’eef. Raajonni duriis dhugaa dubbachuu isaanitiin
tuffatamaniiru, jibbamaniiru, ari’atamaniiru Ibr.11÷32-38. Gooftaan keenyas
“ahizaabota /warra Waaqa hin beekne biratti maqaa kootiin barsiisuu keessaniin
kan jibbamtan taatu” ittiin jedheera Mat.10÷22. Duuka bu’oota booddees
wareegamtoota hanga du’aatti kan gahaniif tuffatamuu, jibbamuu fi ai’atamuun
dursanii gidiraa baayyee erga arganii boodadha. Har’a garuu, baayyeen namaa
kan gammadan yoo faarsamanii fi jaallataman qofadha.

Jechoota Wangeelaa Jahan (ስድስቱ ቃላተ ወንጌል)


Isaan kun seerota bu’uuraa naamusa gaarii Kiristoos cimsee dubbatedha. Seerota
kanas sirriitti beekuun eeguun barbaach- isaadha. Jireenya bara baraa argachuuf
yoo barbaadne seoota eeguun ni mala Mat.19÷16. Seerotni kakuu moofaa;
seerotaa kakuu haaraaf riqicha ta’uun cimsamanii ulfaatanii Gooftaa keenyaan
bahaniiru. Isaan kunis:-

1. Obboleessa isaa irratti kan dheekkame hunduu murtootu isaaf ta’a. Mat.5÷27
2. Gara dubbaraa kan ilaale hunduu kan ishee gomja’es yeruma sana laphee
isaatti ishee waliin sagaagaleera.Mat.5÷28
3. Sagaagala malee haadha manaa isaa kan hike ejjituu ishee taasisa.Mat.5÷31
4. Gonkumaa hin kakatin. Mat.5÷33
5. Hamaa hamaan hin deebisin /mormin. Mat.5÷38
6. Diinota keessan jaalladhaa.Mat.5÷43

HUBADHAA

Ajajoonni kun xumuraa kakuu duriiti.

 Ajajoonni jalqabaa lamaan (1 fi 2) Gooftaan keenya kakuu durii caalaa


jabeessuun daangaa kaa’uufiin mirka- neesseera.
 Ajaja isaa 3ffaa irratti sirreeffama iitti kenneera.
 Ajajoota xumuraa sadan (4-6) garuu, isaa kan Ooriitii shaaree afuura
kakuu haaraan jijjiireera.
1. Hin ajjeessin seera jedhuuf raawwiin isaa hin ajjeessin akkaa jedhame
dhageessaniitu. Ani garuu isinan jedha. Obboleessa isaa irratti kan
dheekkame hunduu murtootu isaaf ta’a. Mat.5÷27. Ani isinan jedha yeroo

31
jedhu Waaqa dhugaa ta’uu isaa nutti ibsa. Ani garuu jechuun isaa namoota
duriif akkas jedheeniin ture har’a garuu nan jedhe /dubbadhe jechuu
isaati.seera isa duraa sana hin hambisne isuma jabeesse malee. Akkasumas
abbaa aangoo tahuu isaa ittiin mul’ise. Kakuu duriif hin ajjeesin jedha; kakuu
haaraaf immoo obboleessa kee callistee hin ifatin, hin gaddisiisin, hin
arraabsin jechuun balbaloota sababa du’aa ni cufe. Kakuu duriif obboleessa
kee kan jedheef Isaa’eeloota Isaa’eelootaaf ture. Kakuu haaraaf garuu, sanyii
namaa hundumaafidha.sababni hundumtuu ijoollee Waaqayyoo waan
ta’aaniif. Akka malee hin ifatin jechuun isaa sababa malee dheekkamii, jibbii
jechuu otuu hin ta’in seerri Waaqayyoo yeroo diigamu, lubbuun daandii
afuuraa irraa ala yoo bahee argamu gorsuu yoo dide immoo itti dheekkamuu
ifachuun kan barbaachisu ta’uu isaa ibsuu isaati. Obboleessa isaan bututtuu
jedhee kan arrabse dhaddachatti itti murtaa’a jechuun ajjeechaa fi du’aaf
sababa waan ta’aniifidha. Duudaa jedhee kan arrabsu namicha qofaa osoo hin
ta’in Uumaa isaa kan arrabse waan ta’eef mana ibbiddaa akka itti murtaa’u fi
adabbiin isaa cimaa ta’uu nutty hima. Kun yeroo kana ta’u inni ajjeese immoo
adabbiin isaa hagan ulfaataadha laata?
2. Hin sagaagalin seera jedhuuf raawwiin isaa hin ejjin akka jedhame
dhageessaniittu. “Ani garuu, nan jedha; Gara dubbaraa kan ilaale hunduu kan
ishee gomja’es yeruma sana laphee isaatti ishee waliin sagaagaleera.”
Mat.5÷28 sagaagalaa ta’uu qofaan kan namatti murteeffamu miti. Yaada
isaatiin kan gomja’e itti murtaa’a. Namni hojii akka ejju qofa osoo hin ta’iin
laphee isaatti sagaagaluu akka hin qabne ibsa. Namni ijaan ilaaluun, caqasuun,
harkaan xuxxuquun qonxooxuun, hammachuun, miillaan dannasuun laphee
isaatti gomja’uun sagaagaleera. Kun akka hin taaneef meeshaalee ejjaa
dhabamsiisuun ni mala.Mat,5÷29.
Gara dubaraa kan ilaale ni sagaagale jechuun ilaalee hawwuun haa ta’u
jedhee kan hojjete balleessaa natti haa ta’u jedhee kan raawwate jechuudha.
3. Wal hiikuun akka hin barbaachifne seera ibsu
Sagaagala malee haadha manaa isaa kan hiike ejjituu ishee taasisa.Mat.5÷31.

Haadha manaa isaa sababa ejjaa malee kan Hike akka sagaagaltu seeraan ala akka
taatu sababa itti ta’uu isaa dubbate. Ishee hiiktes kan fuudhe ni sagaagala. Abbaa
manaa otuu qabdu gara dhiira biro kan deemte abbaa dhirsa ishee akka
ajjeestetti /lubbuun hin jirretti waan ilaalteef hiikamuu qabdi. Kan Waaqayyo
tokko taasise adda baasterti. Gaa’eelli amaluma isaatiin iccitiidha kunis waan
Waaqayyo hundeesseefidha. Museen barreeffama hiikkaa haa kennamuuf jechuun
hiikkaa eeyyamee ture.S.kes.deb.24÷1. Museen kan kana godheef jabina laphee
namootaaf jedhee akka ta’e Gooftaan keenya caqaseera Mat.19÷7.Gaa’elli
kiristiyaanaa qulqulluu foonii fi dhiiga isaatiin waan chaapefameef hamma
du’aatti amanamummaan waadichi cimutu irra jira.

4. Kakaa ilaalchisee ani isinin jedha gonkumaa hin kakatinaa

32
Samiin, lafti, nuunis dabalatee hundumtuu kan Waaqayyooti malee kan keenya
waan hin taaneef maqaa caqasnee kakachuu akka hin dandeenye ajajni kun nutti
ibsa.

Kakaa jechuun waan tokko raga godhachuun maqaa waamuu jechuudha. kakuu
durii keessattis ta’e kakuu haaraa keessatti qulqulloonni tokko tokko dhugaan
ragaa bahuuf jecha maqaa Waaqayyoo kakaan waamaniiru S.uma.21÷23,
1Mot.18, Gal.1÷20. Q/Phaawuloos “Namootni waan isaan caaluun kakatanii
dhimmichas ibsuuf kakaan ta’e sun xumura falmii hundaa ta’a” jedha Ibr.6÷16-
18. Kanaaf sagalee dhugaa ta’e ibsuuf filannoon dhumaa isaan qaban
Waaqayyoon ragaa fi wabii godhachuuf maqaa isaa kakaan waamuun cubbuu hin
qabu. Garuu, sobaan fi wan ta’uufis waan hin taaneefis maqaa Waaqayyoo
callisanii akka malee waamuun kakachuun cubbuudha. Dubbichi dhugaa yoo ta’e
eeyyee jecha, dubbichi sobaa yoo ta’e lakki /mitii jedha jechuun gahaa akka ta’e
Gooftaan Keenya Iyyasuus Kiristoos barsiiseera Mat.5÷37. Q/Ya’iqoobis ergaa
isaarratti “hundumaa dura yaa obboloota koo samiinis ta’e dacheenis yoo ta’e
waan biroon kamiinu hin kakatinaa. Garuu, seera jalatti akka hin kufneef dubbichi
dhugaa yoo ta’e eeyyee dubbichi soba yoo ta’e lakkii jechuu haa ta’u” jechuun
barreesseera Ya’iq.5÷12.

5. Waliigala raawwii seeraa /አጠቃላይ የሕግ አፈፃፀም/

Ani garuu isiniin jedha Hamaa hamaan hin deebisin /mormin. Kan si kadhateef
kenni sirraas liqeeffachuu kan barbaadu jalaa miliqin /faagaatin Mat.5÷38. Ajajni
kun waan hundaa obsaan akka dabarsuu qabnu ibsa. Jallinni kan seexanaati. Kan
Diyaabiloos ittiin ibsamu ta’ee kan dhufe naamusa gaariin mo’achuudha.
Diyaabiloosiin akka ofirraa mormimu aangoon nuuf kennameera Ya’iq. 4÷7.
Hamaa hin morminaa jechuun nama hin morminaa jechuudha. Nama hamaa
deebisaanii mormuun jallina isaa gargaaruudha. Namicha hamaa kan godhe
seexanadha. Nunis hamaa nu gochuuf seexanni namootaan nu qora. Namootaaf
hammeenyaan yoo deebisneef yaadaan waan raawwatameef seexana ofirraa hin
mormine jechuudha. kanaafuu, Gooftaan keenya seera dabataa (የትሩፋትን)
barsiisuun nama hamaaf irra caalaa waan gaarii gochuufii akka qabnu nu barsiisa.
Q/Phaawuloos Rom.21÷21 irratti “hamaa waan gaariin mo’adhaa malee hamaan
hin mo’ataminaa.”jedheera. Ajaja kana kan raawwannuuf humna ykn mormuu
otuu dandeenyu jaalala keenyaan dadhabaa/gowwaa of gooneeti. Safartuun
jireenya kiristaanummaa naamusa gaariif bitamuu keenya kan ibsu ajaja kanadha.
Gooftaan Keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo arrabsamuu deebisee hin arrabsine;
yeroo mormaniin deebisee hin mormineen Mat.27÷12-14, 1Phex.2÷23.
Kiristiyaanni biyya lafaarratti hamoo mormuurraa kadhachuufiitu mala.

6. Seera jaalalli akkaata itti ibsamuu qabu agarsiisu. Mat.5÷43


7. Ani garuu isiniin jedha; ijoollee Waaqayyoo akka taataniif Diinota keessan
jaalladhaa.kan isin arrabsan eebbisaa warra isin jibbaniif waan gaarii
godhaafii inni warra hamoo fi gaarii irratti aduu qixa ni baasaatii.

33
Qulqullootaa fi cubbamootarratti qixa rooba isaa roobsaati Mt.4÷44. Kakuu
durii keessatti diina kee jibbi warra si jaallatan jaalladhu seerri jedhu
ture.Gooftaan keenya garuu, seera kana gara seera “diinota keessan
jaalladhaa” jedhutti jijjiireera. Abbaa keenya isaa samiif ijoollee isaa akka
taanuuf diinota keenya jaallachuutu nu barbaachisa. Waaqayyoo kan nu
jaallate du’a Ilma isaatiin kan nutty araarame cubbuu keenyaan diinota isaa
taanee otuu jirruuti Rom.5÷8-10, Qol.1÷2-22. Kanaafuu, Waaqayyoo akkuma
nu jaallate ijoollee isaa akka taanuuf walii keenya wal jaallachuun
barbaachisaadha. Warra nu jaallatan kan jaallannu kan nu jibba kan jibbinu yo
ta’e Ayihudootaa fi warra Waaqa hin beeknerraa maaliin adda baana? Kun
diina dabalatee nama hundumaa jaallachuun mallattoo kiristiyaanotaadha.
Q/Phaawuloos “diinni kee yoo beela’e nyaachisi yoo dheebote obaasi” jedha
Rom.12÷20. Akkasumas diinota keessan jaalladhaa ajajni jedhu warra isin
abaaran eebbisaa, warra isin jibbaniis waan gaarii godhaafii ,warra isin
ari’ataniif kadhadhaa jechuun ibseera Rom. 12÷14. Jaalalli kiristiyaanaa inni
dhugaan kan ittiin beekamu diina isaa jaallachuun. Seerri kiristaanaa
gonkomaa fi balballi ishee dhiphoodha.
Jechootni Wangeelaa Jahan armaan olitti ilaalle abboommiiwwan kurnan
waliin kan ilaalaman yeroo ta’an karra biraammoo Jechoota Wangeelaa Jahan
jedhamuun kan waamaman kan biro akka ta’an Gooftaan keenya yeroo
lammaffaaf gara biyya lafaa yeroo dhufunamoota kan inni gaafatu kan armaan
gadiiti. Isaanis namoota hundumaa godhamuu fi raawwatamuu kan qaban
ta’uu isaanii ibseera. Nama kan ta’e hunduu jaallatee fedhee ykn dirqamamee
raawwachuukan qabudha.
Jechoota Wangeelaa Jahan
1. Beela’een ture na nyaachiftanii
2. Dheebodheen ture na obaastanii
3. Ari’atamaan ture na simattanii
4. Daareen ture na uffistanii
5. Dhukkubsadhee na daawwatanii
6. Hidhameen ture na gaaffataniittuudha.
1. Beela’een ture na nyaachiftanii
Yeroof beela’ee otuu jiruu; mataa isaafi rakkoosaa kan itti obsu, itti dagatu
kan dhamdhamu kennuu agarsiisa. Warri rakkayan mana kiristaanaatti,
mandara keessa, daandiirraa, suuqa suuqatti kufanii argamu. Maqaa
Waaqayyoo waamuun nu kadhatu. Karaa biraammoo amantootni sagalee
Waaqayyoo dhagahuu beela’anii jiru. Mana kiristiyaanaarraa kan dhamdhame
hunduu waan barate barsiisuun sagalee Waaqayyoo nyaachisuu akka qabu
agarsiisa. “Namni buddeena qofaan hin jiraatu sagalee Waaqayyootiin malee”
Mat.4÷3, S.Bahu.8÷3. Akkasumas foonii fi dhiiga Waaqayyoo fudhachuu
barbaadee kan beela’e ta’uu danda’a. Yeroo yerootti qulqulluu qurbaanaa
amantootaaf kennuun dirqama lubootaati. Gosni beelaa baayyeedhaati, manni

34
kiristiyaanaa waan hundaan guutuu waan taateef barumsaanis qurbaananis
nyaachistee obaastee ni quubsiti ni sugeessiti.

2. Dheebodheen ture na obaastanii


Bishaan diilallaa’aa, kan obaase yeroo rakkoo isaa kan gargaare gatii qaba
jechuudha. Sagalee Waaqayyoos obaasuu ta’uu danda’a Yoh.7÷38. Kanaafuu,
luboonni fedhii amantootaa guutuuf foon isaa nyaachisuu dhiiga isaa
obaasuun dirqama isaanii ta’a. Qaama dheebote bishaan qulqulluu sagalee
Wangeelaan, qaama kiristiyaanaa goge obaasuun, jiisuun quubsuu lalisiisuun
barbaachisaadha. Foon bishaan malee lubbuun sagalee Waaqayyoo malee
jiraachuu hin danda’u.

3. Ari’atamaan ture na simattanii


Keessummaa humnan danda’aniin keessummeessuu, simatanii bulchuu ilaala.
Barsiifata biyya keenyaatiin “manni kan keessummaati, manni kan
Waaqayyooti” jedhama. Gooftaanis wangeelarratti “kan bishaan dilallaa’aa
kenne gatiin isaa jalaa hin baduu”jedheera Mat.10÷42. Kanaaf, baqataa /kara-
deemaa simmachuun kiristiyaanaaf barsiifataa fi ulfina isaati.

4. Daareen ture na uffistanii


Waaqayyo Waaqni lama kan qabu isa rakkateef tokko haa kennu jedha.
Namni yoo uffisuutii baate bineeldotaa gadidha. Kennaan isaa ulfinni isaa ni
xuraa’a. Kan dhabe uffisuun kennaa gonfachuudha.Addaam abbaan keenya
cubbuu isaatiin kennaa /surraa Waaqayyoo ni dare /qullaa ta’e. S.uma.3÷7.
Nutis lubbuu keenyaan akka hin daarreef abbootii mana qulqullummaatiin,
wangeelaan geggeeffamuun uffata qalbii jijjirrannaa haa uffannu; haa
uffachiifnu. Sagalee isaarraa qullaa kan taane baayyeedha, qullaa keenyaa
deemuun nama kolfaa taaneerra. Uffata naamusa gaarii uffachuu uffachiisuun
barbaachisaadha.

5. Dhukkubsadhee na daawwatanii
Namoota dhukkubsatanii bakka xabalaa, mana yaalaa, mana isaanii ciisanii
dhibeedhaan gidiraman waan humni keenya danda’uu yaadaan, maallaqaan fi
kkf niin daawwachuun, gaafachuun harki dhiifama Waaqayyoo akka isaanitti
dhiyaattu Waaqayyoon kadhannaa keenya guyyaa guyyaa keessatti
yaadachuun Waaqayyoo si haa maaruu jechuun barbaachisaadha. Karaa kan
biraa sagalee Waaqayyoo dhabuun lubbuu dhukkubsachuu dandeessi. Sagalee
jireenyaa / Waaqayyoo nama /lubbuu dhukkubsatteef kennuun sagalee isaatiin
jajjabeessuun gaafachuun barbaachisaadha.

6. Hidhameen ture garakoo dhuftaniittu

35
Nama hidhame daawwachuun, dubbisuun rakkoo isaa gaafachuun hubatanii
furufii yaaluun hojii kiristaanaa isa guddaadha. Gooftaan keenya yeroo
barsiisaa turetti warra dhibee fooniin hidhamanii turan gaafatee hiikaa ture.
Warra cubbuutiin foonii fi lubbuun xaxamanii hidhamanii turan hiikaa
fayyisaa ture. Nutis kan hidhaman akka malee kan murtoo jallaan itti
murtaahe mana hidhaa keessa jiranii fi gidiraman gaafachuu Waaqayyoo isin
haa hiiku jechuu qabna. Lubbuu keenyaan kan hidhamne funyoo cubbbuutiin
kan hidhamne baayyee waan taaneef sagalee isaa isa hiikkoodhaan wal
gaafachuu qabna. Inni jabaataan isa dadhabe gaafachuun hidhaa cubbuu
keessaa hiikuun barbaachisaadha.

Jechoota Wangeelaa Jahan kana kan kabajan hojiin kan ibsan Gooftaan
keenya yeroo ulfina teessoo isaatiin dhufu ulfinaan yeroo isaan simatu “isin
kana naaf gootaniittu” yeroo ittiin jedhu; kiritiyaanoonni warri naamusa
gaariin bareedanii miidhagan “yaa Gooftaa yoom kana siif goone?” Jechuun
sagalee kasoominaa agarsiisu. Mootii samii kan ta’e Gooftaan keenya
Kiristoos garuu, “kana hundumaa obboloota koof warra rakkataniif kan
gootan akka naaf gootanittan isinii lakkaa’a.” jechuun dubbateera.
Mat.25÷31-40

Hojii Tolummaa (የጽድቅ ሥራ)

Tolummaa jechuun:-
 Guddaa kan ta’e miira afuuraa argachuu ykn ittiin jiraachuu jechuudha.
Seera naamusa gaarii hundumaa raawwachuuf qulqullina fi jaalala
Waaqayyoo gonkumaa kan qabu ta’anii argamuudha.
 Seexanarratti qaroomuu /mo’acha, mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf
gahaa ta’anii argamuu, daandii dhugaarra deemuu, hojii bareedaa
raawwachuudha.
 Galata Waaqayyoon jabaatanii dhaabbachuu fi kkf
 Amantaa amananitti jabaatanii jiraachuudha.
 Hojii gaarii hojjechuuf fedha fi jaalala kan qabu ta’anii argamuudha.
 Waan hojjetu kan amanu, kan itti amane kan hojjetu ta’anii argamuudha.

Hojii tolummaaf nama gahu beekuu qofa osoo hin ta’in jabaatanii hojjechuun
tolummaan ni argama Ya’iq.2÷21-24, Rom.2÷13.

“Fuula Waaqayyootti seera kan raawwatan tolaa /qulqullootadha malee seera


kan dhagahan qulqulloota miti.”Rom.2÷13. Jaalala namaa fi Waaqaaf jecha
raawwatamuu qaba. Mat. 22÷37.

Hojii Tolummaa (የጽድቅ ሥራ) bakka lamatti qooduu dandeenya.

Hojii tolummaa Waaqayyoon ilaallatan

36
Hojii qulqullinaa tajaajila Waaqayyoof oolu, jiraachuu Waaqayyoof,
Waaqeeffannaan Waaqayyoo kan ittiin ifan kan ta’anidha. Hojii tolummaa
kan kallatiin waa’ee isaa dubbatan ykn hojjetaman:-

a. Waaqayyoon sodaachuu b. Amantaa c. Abdii


d. Jaalala e. Qulqullina f. Kadhannaa
g. sooma h. Kennaa i. Tolummaa
j. qulqullaa’ina

Hojii tolummaa nama ilaallatan


a. Ogummaa b. Hubataa c. Dhuga qabeessa d. Amanamaa
e. Dammaqaa f. Qulqulluu g. Obsa qabeessa h. callisaa
i. Kasooma j. Nagummaa k. Gara baldheessa l. Arjaa
m. Gaarii n. Gammadaa o. Amanaa fi kkf.
Hojii Cubbuu (የኃጥአት ሥራ)
Cubbuu jechuun:-
 Seera Waaqayyoof yaadaanis, dubbiinis,hojiidhaanis eeyyamamuu,
ajajamuu fi bitamuu diduu jechuudha.
 Sirna dhabeessa, seera dhabeessa fi gadhiisii ta’uu jechuudha.
 Fedhii foonii fi hawwii foonii hundumaadha.
 Amalummaa bineensa irraa kan madde, wanni isa ittisu kan hin jirre
callisee kan hojjetudha.

Hawwii foonii kan jedhaman Q/Phaawuloos Galaatiyaa 5÷19-21 kan ibsame


yeroo ta’u kan kana raawwatu mootummaa Waaqayyoo hin dhaalu. Hawwuun
bu’uura hundee cubbuu hundaati. Kanaafuu, namni tokko hawwii hamaa dafee
of keessaa buqqisee hin balleessu taanaan guddachuun gara gomja’uutti gara
gochuuf gaggabuutti itti fufuun gara raawwachuutti deemsisa.

Barsiifata ykn araada adda addaa ofirraa fageessuun of adabuu miira ofii
sassaabuu barbaachisaadha.1Yoh.2÷16.

Namni ofirratti hawwuun qormaataaf of saaxila malee Waaqayyo waan hamaan


nama hin qoru Ya’iq.1÷13-14. Seexannis qaawwaa barbaaduun ykn balbala
nutti dadhabinaan banne ballisuun ni qora.Luq.22÷31-32, hHoj.duk.5÷3.

Jireenya kiristinnaa keenya keessatti qoramuun dirqama. qomaatni kunis


cubbuu miti. Qormaatatti kan jabaatu hunduu qulqulluudha, Waaqayyos ni
jabeessaan, akka keessa darbu isa taasisa. Ya’iq.1÷2-4 fi 1÷12. Fkn. Abbaa
obsaa kan ture Iyyoob qormaata hedduu irra gahes obsaan keessa darbeera,
galataa fi gatiinis ni kanfalameef. Gooftaan keenyas Diyaabiloosiin qoramee
mo’ichaan darbeera. Nutis mata duree cubbuu jedhamanii kan waamaman
sassata obsaan, jaalala maallaqaa jibba horiin, of-tuulummaa kasoominaan
mo’achuu qabna. Mat.4÷1-11.

37
Tooftaa ittiin qorumsa seexanaa mo’annu

 Kadhata dhugaa kadhachuu. “Gara qorumsaatti akka hin gallee


jabaadhaa kadhadhaa” jechuun Gooftaan keenya barsiiseera. Luq.22÷4.
 Jaalala Waaqayyoof bitamuun seexana jalaa diduu. Ya’iq.4÷7.
 Dammaqanii, jabaatanii hidhannoon jiraachuu. Seexanni nu kuffisuuf
yeroo hundaa barbaada.1Phex.5÷8.
 Cubbuu barsiifataa, miiraawaa dafanii ofirraa haquun barbaachisaadha.

Gosoota cubbuu

1. Cubbuu dhaalaa (ሀጥአት ሀበጥንተአብሶ)


2. Cubbuu dhuunfaa (የግል ሀጥአት )
3. Cubbuu waliinii(የጋራ ሀጥአት)
4. Cubbuu dhiifama qabuu fi hin qabne (ስርየት ያለዉና የሌለዉ)
5. Cubbuu salphaa (ቀላል ሀጥአት)
6. Cubbuu cimaa (ከባድ ሀጥአት)
A. Cubbuu dhaalaa:- cubbuu Addaamii fi Hewaan irraa dhaalaan
dhufedha. Sanyiirraa gara sanyiitti kan dhufee fi sanyii namaa kan
bittinsse yeroo ta’u dhiiga Kiristoosiin haqameera.
B. Cubbuu dhuunfaa:- namni dhuunfaa isaatti yaada isaatiin jaallatee
cubbuu hojjetudha. Cubbuun dhuunfaa bakka lamatti qoodama.
a. Cubbuu salphaa:- cubbuu ta’uu isaa osoo hin beekin dirqamee ykn
akka tasaa beekumsa dhabuun hanqinahubannootiin kan
hojjetamedha.
Cubbuu salphaa kan jedhaman fkn. Hanna, haloo qabachuu,
hamachuu, boonuu, sassata, masulufummaa, hammeenya, hojii
jallina hojjechuu, xuraa’ummaa, maalnaan jedhuu dhabuu, dira’aa
ta’uu, hinaafuu fi dhibaa’ina, arrabsoo, salphisuu fi kkf.
b. Cubbuu cimaa:- cubbuu of-eeggannoon guyyaan qabameefii
bu’aan isaa beekamee natti haa ta’u jedhamee hojjetamedha.
Cubbuu cimaa kan jedhaman fkn.
 Afuura qulqullurratti jecha arrabsoo dubbachuu,
 Xaa’ootii waqessuu
 Gantummaa
 Lubbuu balleessuu
 Ejja, sagaagalummaa, fi hojii soodom

Gooftaan keenya cubbuu salphaa fi cimaa akka jiru Yoh.19÷11 irratti


ibseera.1Yoh.5÷16, Mat.12÷31. cubbuu kan hin hojjenne Gooftaa keenyaa
fi haadha isaa durbee Maariyaamii qofaadha.Ya’iq.3÷2, 1Yoh.1÷8.
Kanaafuu namni kamuu cubbuurraa fagaachuun saamunaa qalbii
jijjiirrannaan miiccachuu qaba.

XUMURA

38
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos “samiirra kan jiru jaalala Abbaakoo
kan raawwatu malee yaa Gooftaa kan nan jedhu hunduu mootummaa
Waaqayyoo kan galu miti” jedheera.Mat.7÷21. Kanaafuu, naamusa gaarii
qabaachuun hojii gaarii hojjechuun gahee kiristiyaanaati.

BOQONNAA LAMA

Jireenya Hawaasummaa
Naamusni gaariin eessatti raawwatama?

Deebii:- mana jireenyati

 Jireenyi hawaasummaa maatiirraa eegala.


 Manni barumsaa guddaan maatiidha.
 Maatiin gaa’ela qulqulluun ijaarame walii yaaduun, jaalalaan kan hundeeffame jireenyi
naamusa gaarii qabatee deemuuf baayyee nama hin rakkisu.
 Maatii keessa nageenyi, jaalalli, walii yaaduu dhubee wal tuffii, falmiin kan jiraatamu
hin qabu. Obsaa, jaalala fi kasoomonaan jiraachuun barbaachisaadha.
 Namootni tokko tokko alaan nama gaarii fakkaatu manatti jeequmsaa fi amaloota
gaddiisisoo kan raawwatan jiru. Kun immoo ta’uu hin qabu.

Maatii kiristaanaa jechuun maal jechuudha?

 Maatii jechuun gaa’ela qulqullinan kan hundeeffame ta’ee, walii isaanii, ijoollee fi
isaan waliin jiraatanidha.
 Maatii kiristiyaanaa adda kan taasisu seera mana kiristiyaanaan takailiiliin ykn
qurbaanaan hundeeffamuu isaati.

Gahee kiristiyaanni maatii gidduutti qabu

A. Gahee maatii
 Ijoollee isaanii naamusa gaariin guddisuu, adeemsa guyyaa keessatti kallattii
qabsiisuu, hojjettoota mana isaanii otuu of hin jibbisiisin jireechisuutu irraa
eegama.
 Maatiin (abbaa fi haadha) itti gaatatummaa bahuun qabxilee armaan gadiin
geggeeffamuu qabu.
1. Jaalalaan
- Efe.2÷4 “isin yaa abbootii ijoollee keessan gorsa fi dheekkamsa
Waaqayyootiin guddisaanii malee hin gaddisiisinaa /aarsinaa.”
2. Xiyyeeffannoo kennuu
Ijoolleen xiyyeeffannoon tokkoon tokkoo hojii hojjetan hordofuun isa sirrii
gaariidha isa dogongoraa sirrii miti jechuun barbaachisaadha.
o Ijoolleen yeroo hundaa hordoffii ni barbaadu.

39
o Waliin mai’achuu, waliin haas’auu,kaayyoo isaanii gara fuul duraa
hodofuun hubachuu.

3. Barsiisuu
- Barumsa amantaa barsiisuu qabna.
4. Hojiin agarsiisuu
- Ijjoolleetti itti himuu caalaa itti agarsiisuudha.
- Ijoollee ganamaa fi galgala kadhachuu, guyyaa dilbataa sirna qulqulleessurratti
argamuu, irbaatarratti kadhachuun nyaachuu, hojiin agarsiisuun nu
barbaachisa. Fkn. Abarihaam Yisihaaqiin, Yisihaaqii immoo Yaa’iqoobiin
agarsiisaniiru ajajamanirus. Abbaan keenya Yaa’iqoob abbootiin isaa lamaan
Abarihaami fi Yisihaaqi fuula Waaqayyoo duratti akkadeemaa turan seeraa
isaa akka kabajan yeroo dhugaa bahetti akkas jedhe; “abbootiin koo
Abarihaami fi Yisihaaqi fuula isaa dura kan deemaniif inni Waaqayyo
ijoollummaa kootii wwgalee kan na nyaachise Waaqayyo waan hamaarraa kan
na fayyise Ergamaan inni ijoollee koo na naaf eebbisi.” S.uma.48÷15.
B. Abbaa manaa fi haadha manaa
 Abbaa manaa haadha manaaf

Efe. 5÷22 “Warri haadha manaa taatan abbaa manaa keessaniif ajajamaa...”jedha.
Saraan Abiraahamiin “gooftaa koo” jettee waamaa turte. 1Phex.3÷5-6, S.uma. 2÷18.
 Abbaa manaa haadha manaaf

Efe. 5÷21 “... abbootiin warraa haadha manaa keessan jaalladha...”

Isa.51÷2 “Gara abbaa keessan gara Abiraaham gara ishee isin

deessee gara Saaraa ilaala.”

Fak.19÷23 “niitiin kennaa Waaqayyooti.”

1Qor. 11÷11 “Dhiirri dubara malee jiraachuu hin danda’u.

 Ijoolleen warraaf
Ajajamoo ta’uu qabu.
Eebbifamoo ta’uu qabu
-1Xim.5÷8 “... waa’ee maatii isaa kan hin yaadne eeynumtuu... kan hin
amanne caalaa hamaadha.”
-Efe.6÷2-3
-S.Kes.deb. 6÷16 “Umuriin kee akka dheeratuuf barri kee gaarii akka siif
ta’uuf haadha kee fi abbaa kee kabaji.”

40
41

You might also like