Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 24

BARNOOTA TOKKOO

1. KRISTAANUMMAA / CHRISTIANITY

1.1 KRISTIYAANUMMAAN_MAALI?

Addunyaa kana irraatti wantoonni maalummaan isaanii namoota biratti hiikaa


sirrii dhaaban baay'eetu jiru. Isaan keessaa kristiyaanummaan isa tokko dha.
Dhugumaan addunyaa kana irratti kan namni baay'een beekuu fi hiika isaa garuu
sirriitti hin beekne jecha kristiyaana jedhuu fi kristaanummaa dha.
Dhugaatti kristiyaanummaan maal akka ta'e namooni hedduun, addumaan immoo
namoonni an kristiyaana ofiin jedhan waan hubatan hin fakkaatu. Kanaafiyyuu
kristiyaanummaan maal akka ta'e ilaaluun , itti yaadunii fi caaffanni qulqullaa'an
waa‟ee kristiyaana ta'u kan inni dubbaatu hubachuun jireenya kristiyaanotaf hiika
guddaa kan qabu fi gara firii dhugaa godhachuutti kan geessu dha.
Egaan jechi kristiyaana jedhu eessa akka argameefi akkamiin akka
inni dhufe gaafa ilaallu yeroo jalqabaf jecha kana kan argatan ergamoota ( duuka
buutota ) gooftaa turan. Bartoonni jalqaba dura anxokiyaatti „kristiyaanota‟
jedhamanii waamaman.” Jedha. (Hoe 11:26)

Moggasni kristiyaana jedhu kun yeroo sanatti akka har'aa kana guddaate kan
namoonni baay'een ittiin of waaman osoo hin taane, maqaa tuffiii ture.
Kunis akka yeroo sanatti moggaasa gowwummaa agarsiisu fi kan warra dhugaa
irraa kaatanii mul'isuuf namoota Kiristoosiin duuka bu'aniif ba'u ture. maqaan kun
kan inni fayyadamamuufis namoota YESUS Kiristoosin duukaa bu'an warra kan irra
addaan baasuf ture.
📖"Agriiphaan yommus phaawulosiin, yeroodhuma gabaabduu keessatti
kristiyaana na gochuuf jetta," jedhe. (Hoe 26:28)

Kutaa kana irraatti phaawuloos gaafa falmata isaa mootii agriiphaatti dhiyeeffatu,
waa'ee Kiristoos, dhiphina isaa, akkasumas raajii waa'ee isaaf dubbaatame kaasee
yeroo dubbaatetti agriiphaan salphaadhumatti kristiyaana na gochuuf jetta
jedhee, phaawuloos eenyu akka akka ta'e (kristiyaana akka ta'e) dubbaate.
Phaawulosiis eeyye namni hundinuu akka koo akka ta'u nan barbaada jedhee,
akka phaawuloos kristos duuka bu'uun, kristiyaana ta'u akka ta'e nutti agarsiisa.
Phexrosiis yeroo ergaa isa barreesse keessatti barreessu, kristiyaana jechuun
nama maqaa yesuusiin waamame akka ta'e barreessera.
(1phex 2:16) Egaa kanaan eegalee namni YESUS KIRISTOOSIIN qabachuun isaan
beekamu KRISTIYAANA jedhame waamama.
Akkuma kanaan osoo daddarbuu waggoota naannoo kuma lamatti siquuf maqaan
kun turuu danda'eera. Haalumaa kanaan barri wal jijiiraa kristiyaanummaan hiika
isaa isa dhugaa dhabee gara wantoota garaagaraatti jiijjiramera.
Fakkeenyaf
➛biyya girikiitti gara falaasamaatti (philosophy) ,
➛biyya roomaatti gara dhaabbatatti (institution),
➛biyya ameerikaatti immoo gara daldalatti (business) jijjiirameera.
Akkasuma biyya keenya keessatti immoo waan hin taane hin qabu; hundumaa
isaa ta'eera.
Amma yeroo ammaa kanatti jechi kristiyaana jedhu kan dhaabbatuf namoota
garee dhaabbatanii sanbata sanbataan wal argan maraafi dha.
Namni hedduun maqaa kanaan waamamuu barbaada. kanaaf moggaasni kun
yeroo ammaa kanatti namoota baay'ee qabate kan jiru maqaa beekamaa
addunyaa kanati.
⛪Falasaan biyya deenmaarki, #kierkegard jedhamu yeroo dubbatu, "Namoonni
Denmark keessa jiran hundinuu kristiyaana ofiin jedhu. Yoo namni kun hundi
kristiyaana ta'e, namni tokkoyyuu kristiyaana miti." Jedhe.

Namoonni kristiyaana ofiin waan jedhan qofaf akka kristiyaana hin taane
agarsiisuf dubbate. Dhugumaanis namni an kristiyaana jedhe qofaaf kristiyaana
ta'u hin danda'u.

Kana hundaa kaasne ibsuun keenya kristiyaanummaa inni jalqaba bara


moggaafamee fi inni amma kun akkataa kanaan tokko akka hin taane agarsiisufi
dha.
Kanaafuu kristiyaanumma kana ibsuuf ija namaatiin ykn deeddebii namaatiin osoo
hin taane ija caaffata qulqullaa'an ilaaluun waan baay'ee barbaachisa dha.
Kristiyaanummaan agarsiistuu YESUS gara biyya lafaa dhufuusaa fi hojii isaati
ti.
Kana irraa ka'uun kiristiyaana jecha jedhuuf hiika yoo laannu:
🍜 Nama akka fayyisaa dhuunfa isaatti yesuusin fudhaate jechuudha. (Rom 10: 9-
13)
🍜 Dhiifamu cuubbuuf( fayyinaaf) kan ta'u YESUS Kiristoos qofa jedhe( du'aa fi
du'aa ka'uu isaa) kan amanu jechuu dha. (HoE 4:12, yoh 14:6, 1qor 15:3, rom
4:25, gal 3:13)
🍜 Nama hafuurri qulqulluun keessa isaa jiraatuu jechuu dha. (Yoh 14:17)
🍜 Kan jireenyi isaa gara Kiristoositti guddatu jechuu dha. (Efe 4: 14-16, filp 1:9, filp
2:2-5)
⛪ Kanaafuu, kristiyaanummaan dhimma dhaabbata amantaa osoo hin taane,
dhimma hariiroo Waaqayyoo wajjiin qabnuti.
⛪ Hariiroon kunis hariiroo firummaa fi hariiroo YESUS kristosii wajjiin tokko ta’uti.
kanaas akka kanaa gadiitti haa ilaallu.

1.2 HARIIROO FIRUMMAA KRISTIYAANA FI WAAQAYYO ABBAA GIDDUU


Jalqabatti Waaqayyo yeroo nama uumee hariiroo firummaa waliin nama uume.
Fira kan jennus eenyummaa wal irraa argame kan qabu fi kan wal fakkaatu waliis
kan barbaadu dha.
📖“ kana booddee Waaqayyo, kottaa akka bifa keenyatti, akka fakkaatti keenyattis
nama in uumna!..” jedhe. (Uma 1:26)
➛Kanaaf namni yeroo uumame:
🔹Bifa Waaqayyoo- jechuunis ulfina Waaqayyo
🔹Fakkaatti Waaqayyoo- jechuunis amala Waaqayyo
Firummaa jabaan ulfina fi amala Waaqayyoo irra uumamuudhaan dhala namaaf
kenname ture. Garuu firummaan ( eenyummaa dhugaan) kun yeroo dheeraaf
osoo hin turin sababa cubbuu ilmaan namaaf gara diinummaatti jechuunis gara
eenyummaa ofii dhanuutti jijjiirame.
Eenyummaan tokko kan inni badu danda'uu gaafa qaamni eenyummaa sana qabu
sun du'ee dha. Waaqayyoos gaafa addaami fi hewwaanitti hime muka isa dhaaba
kana gidduu jiru irra yoo nyaattan ni duutu jedhe. Isaaniis nyaatanii du'an
(eenyummaa firummaa isaanii dhaban.

Akkuma caaffanni qulqullaa'an jedhu akka biyya lafaatti yaadun diina Waaqayyo
nama godha. Wantooni biyya lafaa keessa ba'aniis:
📖“ wanti biyya lafaa keessa jiru kun dinuu, hawwiin foonii, hawwiin ijaas,
jireenyaan kooruunis biyya lafaa keessaa ba'a malee, abbaa biraa hin ba'u.”( 1Yoh
2:16)
📖“ dubartittiinis iji mukichaa nyaataaf gaarii ta‟uu isaa, ija namaatti kan tolu,
ogeessa nama gochuudhaafis gomjaasisaa ta'u isaa argitee, ija isaarraa kutattee in
nyaatte; abbaa manaa ishee isa ishee wajjiin tureefis in laatte, innis in
nyaate.”( Uma 3:6)

Wantooti biyya lafaa keessa ba'an kunis:


🍝 Hawwiin_foonii:- dubartittiinis iji mukichaa nyaataaf gaarii ta'u isaa
🍝 Hawwiin_ijaa:- ija namaatti kan tolu, baay'ee hawwataa ta'ee ijatti namatti kan
toludha.
🍝 Jireenyaan kooruu:- ogeessa nama gochuudhaafis gomjaasisa ta'uu isaa argite.
Wantooti kun hundinuu akka namni cubbuu hojjetuuf isa kakaasa. Qoruumsa
kanaanis hewwaan moo'atamtee cubbuu hojjette. Jalqaba uumamaan ilmaan
namaa dandeetti cubbuu hojjechuu fi dandeetti cubbuu hojjechuu dhiisu qabu
turan. Kanas kan argannu Waaqayyo yeroo isaan uume kanatti nyaadha ni
jiraattu, sanatti yoo nyaattan immoo ni duutu ittiin jedhee dandeetti isaanii kana
akkamiitti akka fayyadaman qajeelfama kenneefi ture.

Namnis gaafa Waaqayyoon dhaga'u dhiisee seexanaa dhaga'eettis dandeetti


cubbuu gochuu isaatii fayyadama. Erga kanaa kaasee namni ni du'ee (hafuuraan
Waaqayyootti gargar ba'e ofiisaa irratti hundaa'e jiraachuu eegale). Kanaanis
dandeetti qaba ture keessaa isa tokko jechuunis dandeetti cubbuu hojjechuu
dhiisuu isa dhaabe.

Kunis namni ergasii eegale utuma itti yaade cubbuu hin godhuu jedheellee
dandeetti cubbuu gochuu dhiisuu waan hin qabneef yeroo hundumaa cubbuu
godha.

Hariiroo firummaa kristiyaana fi Waaqayyo abbaa gidduu

Waaqayyos waaqa dhugaaaf faradu waan ta'eef cubbuu isa dura fi eenyummaa
cubbuu gale kana irraatti farade. kanaas seera uumamaa 3:14-24 tti ilaaluu
dandeenya.
📖“ ... lafti sababa keetiif abaaramaa in ta'a, atis bara jireenya kee hundumaatti itti
dadhabdee isa irraa in nyaatta. Innis qoraattii dha fi baalaa waraantee siif in
biqilcha. Atis biqila lafaa in nyaatta.” (Uma 3:17-18)
Kutaa kanaa irraatti Waaqayyo sababi cubbuuf lafti abaaramaa akka ta'u godhe.
Eega wanta abaaramaa irraa kan argamu immoo bu'aa abaarsa ti.
Bu'aaleen abaarsa kunis qoraattii fi baalaa waraantee akka ta'an, namni bu'aalee
abaarsaa kana akka nyaatu, isa irraattis hirkateee akka jiraatuu ta'e. Maarree egaa
namni nyaata madaalamaa hin taane nyaate akkuma dhukkubaaf saaxilamuu,
namni bu'a abaarsa wantoota ta'an argatuus nama miidhama dha.
📖Uma 3:19 “ ati biyyoo dha, deebitees biyyoo in taata...”
📖Uma 3:23 “ ...namichis lafa ofii isaatii biyyoo isaa irraa kutame sana akka qotu in
godhe”. Luqqisoonni kunis kan isaan nutti argiisisan Waaqayyo nama akka bifa fi
fakkeenya isaatti uumameen yemmuu ati biyyoo dha, biyyooorras dhufte jedhu
argina.
Kunis namni Waaqayyotti addaan ba'usaa fi lafa biyyoo isarraa kutame akka qotu
jechuunis jireenya isaa keessa akka ilaaluu ( of irraati akka hirkatuu) fi waliisaa
irratti akka ka'u( lafa akka isaati akka qotu) godhe. Kanaanis namni waan
hunduma lafa isa abaarame keessa akka barbaaddatu godhe.
📖 “...ammas harka isaa hiixatee ija muka jireenyaa immoo fudhatee nyaachuun,
bara baraanis jiraachuun isaaf hin ta'u!" jedhe” (Uma 3:22)
Asittis kunoo Waaqayyo namni akka barabaraan hin jiraanneef yeroo murtoon
darbu argina. Kunis namni eenyummaa bade kanaan barabaraan akka jiraachuu
hin qabne fi qooda isaas muka ittiin gaarii fi hamaa addaan baasan waan
godhateefi dha.

Akka kanaan Waaqayyo namni ofiisaa keessa ilaalee akka jiraatu, waan lafa
abaaramee irra argatuu akka sooratu fi karaa hundumaan jirenya Waaqayyotti
adda ba'e akka jiraatu ta'e. Namnis erga eenyummaa isaa isa jalqaba ( hariiroo
firummaa Waaqayyoo wajjiin qabu ) dhabee akka fakkaatti isaatti wal hore.
📖Uma 5:3 “ addaam waggaa dhibba fi soddoma jiraatee, ilma fakkaattii isaa ta'e
bifa isaas qabu dhalche...”
Kunaa akka kanatti namni eenyummaa du'e qabu dhala fakkaattii (amala) fi bifa
(ulfina ) isaa qabu godhachuu eegale akka kanaan namni hundinuu eenyummaa
moofaa kana abbaa isaanii isa jalqaba addaam irra dhalan.
📖Rom 5:12👀
Erga addaam jalqaba cubbuu hojjete qofa osoo hin taane namni ofiima isaatii
eenyummaa cubbuu dhaale. (Rom 5:12) Kunis cubbuun sun cubbuu tokkicha
eenyummaa namaa isa jalqabaa balleesse eenyummaa cubbuu bakka buuse.
Waaqayyo immoo eenyummaa cubbuu waliin fira ta'u hin danda'u Firummaan
kun deebi'uuf dirqama eenyummaan cubbuu kun du'uutu irra jira.

Kanaafuu namni deebi'ee fira Waaqayyo ta'uuf eenyummaan cubbuu kun


guutummaatti namarraa addaa ba'u qaba. Akkuma eenyummaan du'aan
dhabamuu fi gatiin cubbuu du'a ta'e namni bilisa ba'uuf eenyummaan cubbuu kun
dheekkamsa Waaqayyoo fudhachuun du'uu qaba.
Kanaaf Waaqayyo hariiroo firummaa kana deebisuuf:-
🍜 YESUS kiristoos nama ta'ee dhalatee
🍜 YESUS Kiristoos cubbuu hundaaf du'ee
🍜 YESUS eenyummaa cubbuu warra karaa isaa hojii isaa amanatanii gara abbaatti
dhiyaatan irraa haa balleessuuf gara biyya lafaatti erge.
Waaqayyo eenyummaa cubbuu kana akkasumaan kaase nama cubbamaan
qajeelaadha jechuu hin danda'u. Kunis Waaqayyo sagalee isaa jijjiiru waan hin
dandeenyef dha.
Sagalee isaa keessatti “ isa nama jal'aadhaan qajeelaa dha jedhuu fi isa nama
qajeelaatti faradu, Waaqayyo in ciigga'a.”( Fake 17:15)
Waaqayyos wanta ofii ciigga'uu gochuuf waaqa akkasii waan hin taanef
akkanumaatti nama cubbaamaan qulqulluu dha jedhee itti firoomuu hin danda'u.
Kanaaf namni cubbamaan kun cubbuu isaaf kan ta'u adaba sirrii fudhachuu qaba.
Kunis adabi du'aati.

Eeyyeen kanaaf Waaqayyo cubbuu keenya akka kan isaatiitti baatee akka gatii isa
kanfalu fi adaba cubbuu akka fuudhatuuf cubbuu keenya hundumaa ilmasaa irra
ka'e.( Isa 53:6 )
Kanaan cubbuu kristiyaanoota Waaqayyoo ilmasaarra ka'uun eenyummaan
cubbuu nama hojii ilma isaa kana dhugumaan anaaf hojjetame jedhe fuudhatuu
irraa akka du'uu godhe.
(Gal 3:13, 1phe 2:24, Isa 53:4)
Waaqayyos ilmasaa cubbuu, abaarsa gochuun eenyummaa cubbuu fi gatii cubbuu
warra ilmasaa jaallatanii fi hojii isaa fayyinaaf amanataniif irraa baasse. (Ibr 10:19-
22, rom 6:4-22)
📖 “ wanta nurratti caafamee ture, isa nutti hin tolin sana, waan inni karaa seeraa
nu irraa barbaaduu wajjiin duguugee fannootti cinqaarsuu isaatiin iddoo isaatii
balleesseera.”(Qol 2:14)
Akkasitti eenyummaan cubbuu du'uu isaatiin hariiroon firummaa kristiyaanoota fi
abbaa gidduutti gatii jabeessa ta'e dhiiga ilmasaatiin dhaabbateera.
Hariiroon dhaabbatee kunis hojii namaa irraatti waan hin hundaa'iniif hojii
namaatiin baduu kan danda'u miti.
Firummaan kristyaanotaa fi Waaqayyoo kunis kan abbummaa fi
mucummaati.

Kanaas nama Waaqayyootti dhalatetu argata malee (yoh 1:12-13) namni tokko
lafuma ka'ee an kan Waaqayyooti jechuun argachuu hin danda'u. Kanaaf an ilma
Waaqayyooti jechuu kan danda'u nama hafuurri ilma isaa inni abba abbaa jedhee
waammatu garaa isaa keessatti dhangala'ee qofa dha. (Gal 4:6, Rom 8:16).
Akkuma meeshaan faarfannaa faarfatu tokko sagalee kirrii( kaseetaa) keessa
ka'amee tokko dhageessisuu, kristiyaannillee sababi hafuurri ilmasaa garaa isaa
keessa jiru abba abba jedhe waammata.

HARIIROO KRISTAANI KRISTOOS WAJJIN TOKKO TA'UU

Kiristoosi wajjiin tokko ta'uu jechuun hariiroo kristaanni tokko karaalee


garaagaraan fayyina isaa irra fayyadamuuf Kiristoos wajjiin qabu jechuu dha.
Hariiroon kunis bakkaa 4tti qoodamu.

1. KRISTIYAANNI_KIRISTOOS KEESSA JIRAACHUU ISAA


Gaaleen Kiristoos keessa jedhu kun gaalee hiika tokkicha qabachuun ibsamu
danda'u miti.
➥Kiristoos keessa yeroo garaagaraatti kristiyaanni tokko akkamiin akka ture fi
akkamiin akka jiru kan agarsiisu dha.

📌Karoora Waaqayyoo isa bara baraa keessatti kristiyaanni Kiristoos keessa


jiraachuu isaa 📖 Efe 1:4 👀📌
➥Akkuma kutaa caaffata qulqullaa'a kanarraa akka arginuutti Kiristoos keessan
Waaqayyo uumamu biyya lafaan dura yaadan nu qabe ykn beellame. Kunis ulfina
maqaa isaatiif akka taanuf dha. 2 Xim 1:9👀
📖Efe 1:11-12 “ ...ulfina isaatiif galata akka taanuuf nu fo'ate”
👉Nuti uumamuu biyya lafaa dura hin turre. Waaqayyo durumaan dursee
fuulduraatti akka nuyi jiraannu fi Kiristoos waliin hariiroo addaa akka qabannu
beekee nuuf yaadera.
➥Haa ta'u malee Waaqayyo erga nu filatee, amanne booda waa'ee hariiroo kanaa
itti yaade miti. Durumaan dursee Kiristoos keessatti nu argeera.
👉Kanaaf jireenyi keenya har'aa kan Kiristoos keessatti qabnu akka carraa osoo hin
taane yaada Waaqayyoo isa bara baraa keessa waan ture dha.
➥jirenya kristaana fi Waaqayyo bira wanta ta'u keessa wanti tokkollee kan akka
carraa ta'u hin jiru. Efe 3:11, rom 8:28, Far 139 :16 👀
Efe 1:9 “Waaqayyo waan isaatti gaarii fakkaate karaa kristos itti yaadee of dura
kaa'atee ture; ammas dhoksaan fedha isaa kun nu biratti akka beekamu godhe.”
👉Waan baay'ee nama aja'absiisuu fi gammachuun nama guutuu dha.
➥Kiristoos keessa jiraachuun keenya carraa osoo hin taane waan yaada
Waaqayyo isa barabaraa keessa ture dha.
👉Kanaaf Waaqayyo kristiyaana Kiristoos keessatti kan beeku gaafa inni amanu
osoo hin taane utuu uumamni tokkollee gara uumamuutti hin dhufin dura ture.
2.JIREENYA KRISTOS YEROO INNI LAFA IRRA TUREE KEESSATTI
👉jireenya Kiristoos lafa kana irratti dhalachuu isaatii eegalee hanga lafa irraa ol
fudhatamutti Waaqayyo kristiyaanni Kiristoos keessa akka jirutti yaada ture.
➥kanaas hojii Kiristoos akka bakka bu'aa kristaanotatti hojjete hunda Waaqayyo
kristiyaanaf lakka'e jechuu dha.
👉As irratti wanti nuyi beeku qabnu kristiyaanni tokko itti yaadee, ta'u qaba jedhe
Kiristoos keessa jira miti.
➥Baay'een kristiyaanota iyyuu yeroo kanatti hin dhalatin jiru. Garuu yeroo
kanattis yaada Waaqayyoo keessatti Kiristoos keessa ture.
👉Waaqayyoos akka waan kristiyaanni hundi waan Kiristoos keessa darbe hunda
keessa darbeetti kristiyaanootaf lakkaa'era . sababni isaas Kiristoos bakka bu'aa
isaaniitiis waan turef. 1qor 1:30, filp 3:9,👀
Rom 5:19 “ ... abboomamuu nama tokkotiin immoo baay'een qajeelota ni ta'u”
➛Waaqayyo sababa kristiyaana Kiristoos keessan beekuuf akka inni kan kristos
ta'eetti lakkaa'era.
👉Yoggaa kana jennu kristiyaanni hedduunillee hin dhalatin jiru (cubbuu hin
dalagin). Waaqayyo garuu durumaan yaadee kristiyaana Kiristoos keessan waan
beekuuf , cubbuu kristiyaana Kiristoos irra ka'ee akka waan inni kan Kiristoos
ta'eetti gatii isaa Kiristoos akka kanfalu godhe. Rom 4 :25, 1 qor 15:3, qol 2:14, ibr
9:28 1phex 2:24👀
📖“Nuyi cubbuu jalaa duunee qajeelinaaf akka jiraannuuf, inni ofii isaatii cubbuu
keenya dhagna isaatiin baatee fannootti ol ba'e; madaa'uu isaatiin isin in
fayyifamtan." 1Phe. 2:24

👉Waaqayyo Cubbuu kristaanota qofa osoo hin taane kristaanotumayyuu Kiristoos


keessaan waan beekuuf kristiyaanni tokko akka Kiristoosi wajjiin fannifameetti
ilaaleera.
➥Kunis eenyummaan moofaan (cubbuu) Kiristoosi wajjiin fannifamu isaa
agarsiisa. Gal 2:19, 2qor 5:14 , Rom 6:4-8, 7:4, qol 1:22, 2:12, 2:20, 3:2, 2xim 2:11.
📖Rom 6:6 “... namummaan keenya inni moofaan isaa wajjiin akka fannifame in
beekna.”
➥Haaluma wal fakkaatuun wajjiin fannifamu isaa qofa osoo hin taane,
kristiyaanni Kiristoosi wajjiin du'e, awwaalame, du'aa kan ka'e fi isuma wajjiin
mirga abbaa kan taa'e dha. Rom 6 :4-11, 1 qor 15: 22, qol 2:12-13, 3:1-4. Efe 2:6
👀📖
👉Kanumaan yeroo YESUS gara waaqaatti ol deebi'e, eebbi fi badhaadhummaan
fayyina keenyaa nuuf argame. Kunis Kiristoos keessa waan turreef kan inni hojjete
hundinuu nuuf lakkaa'ame.
👉Waaqayyos eebbota kana akka waan nuti hojjenne ofii kenyaan arganneetti nuuf
lakkkaa'e. 1 phex 1:3-5, efe 4:7-8, rom 5:1.

3.JIREENYA KRISTAANNI TOKKO LAFA IRRATTI JIRAATU KEESSATTI


👉Erga kristiyaanni tokko dhalatee lafa kanarra jiraachuu eegalee kaasee kristos
keessa jiraachuunsaa waan yaada Waaqayyoo qofa keessa jiru ta'uun isaa hafee,
gara dhugumaan hariiroo addaa Kiristoos waliin qabachuunsaa jireenyaan
mul'achuutti dhufa.
➥Yeroon kunis yeroo addaa itti kristiyaanni tokko badhaadhummaa fayyina isaa
keessa jiru isa karaa kristosiin hojjetameef karaa hafuura qulqulluu fudhatee ittiin
jiraatu dha.
👉Badhaadhummaa kristos keessatti bara ammaa kanatti qabus akkataa kana
gadiin ilaalu dandeenya.

📌 #DU_UU_FI_YESUS_KIRISTOOSI_WAJJIN_DU_AA_KA_U_ISAAN📌
👉Akkuma kutaa darbe keessatti waa'ee Kiristoosi wajjiin du'u ,awwalamu, du'a
ka'u kristaana ilaallee gaafa eenyummaan moofaan sun du'e eenyummaa haaraan
du'a ka'e kristiyaana keessatti amaloonni jireenya haaraa raawwachuu eegalu.
➥eenyummaan haaraan kunis amala, fedha fi dheebu haaraa qaba.
👉Dheebu fi fedha haaraa kanaan ulfina Waaqayyoof jiraaachuu, humna guddaa
jabina namarraaa hin dhufnee fi milkaa'ina addaan hojii goooftaa caalchisanii
hojjechuu qabaata. Rom 7: 6, Gal 5:24, 6:14, 1phex 1:3, 2:24. Rom 6: 4👀
📌 #JIREENYA_HAARAA_KIRISTOOS_KEESSATTI 📌
👉Erga du'aa kaanee gara guutummaa jireenya haaraatti dhufnerra. Kunis yeroo
waa'ee fayyina haasofnu waa'ee hojii Kiristoos kanaan dura hojjete qofa osoo hin
taane badhaadhummaa nuti kristos keessaa qabnu ni hammaata.
➥Eebbi har'a ittiin jiraannu hundi fayyinuma keenya keessatti argama.
👉Badhaadhummaan kunis sababa Kiristoos keessatti argamaniif nama Kiristoos
keessa jiru qofaatu fayyadama. Badhaadhumman kunis:
🔹Jireenya barabaraa 1yoh 5:11, 2xim 1:1
🔹Amantiif.jaalala 1xim 1:14, 2xim 1:13
🔹Ayyaana 2xim 2:1, 1:9
🔹Fayyina 2xim 2:10
🔹Ogummaaf beekumsa qol 2:3
🔹Eebba hafuuraa hunda efe 1:3
👉kristiyaanaf mirgi badhaadhummaa kunneen fayyadamuu kenameeraf.
➥Kanaan namummaa moofaa ofirraa baasnee jireenya haaraa jiraachuun
danda'ama.
👉Mirgi kunis kristiyaana kamiifu wal qixa. Mee fkn tokkoon haa ilaallu.
➥Nama tokkoof lakkoofsa bankii (account) isaa irratti qarshiin yoo galeef
qarshichi kansaa ta'eera.
Namni kun mirga qarshii kanaan fayyadamu qaba. hin fayyadamu jedhus qarshiin
sun fayyadamuu dhiise male kanuma isaati.
➥Namni kunis nama utuu qaba akka nama dhabeetti jiraatuu jedhama.
👉Akkuma kana hojii Kiristoosiin kristiyaana tokkof jireenyi haaraan eenyummaa
isaa ta'eera ykn jireenyi haaraan jireenya isaa keessa galeera.

➥Kanaaf akkuma namicha sanaa kristiyaanni kam iyyuu mirga badhaadhummaa


eenyummaan haaraa kun qabuu fayyadamu qaba yoo fayyadamuu dhiises
eenyummaan kun keessuma isaa jira garuu eenyummaa isaa hin beeku jechuu
dha. 📖Yoh 10: 10 👀

📖BARNOOTA WALITTI FUFAA📖


KRISTAANUMMAA / CHRISTIANITY
7⃣
°°°°°°°°°°°°°KUTAA ffaa°°°°°°°°°°°

2. 📌HARIIROO KRISTOOS KRISTIYAANA KEESSA JIRAACHUU ISAA📌

👉Hariiroo Kiristoosi wajjiin tokko ta'uu yeroo dubbaannu kristiyaana qofatu kristos
keessa jiraata osoo hin taane, kristosiis kristaana keessa jiraata.
📖Yoh 15:5 “ ... inni anatti qabaatee jiraatuu, anis itti jiraadhu, isa ija baay'ee kan
godhatu.”
➥Akkuma asirratti arginuu kristiyaanni tokko jireenya ija godhatuu kan inni jiraatu
sababa kristos keessa isaa jiruuf qofa dha. Wanti nama tokko kristiyaana ta'uu
isaa agarsiisu, Kiristoos isa keessa jiraachuu isaati. 📖Rom 8:10, 2qor 13:5, mul
3:20, yoh 14:20, 17:23👀
📖Gal 2:20 “ egaa si'achi kristos isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata
miti....”
👉Waa'een kristos kristiyaana keessa jiraachuu isaa kun iccitii Waaqayyoo isa
guddaa bara kan mul'atee dha. Qol 1:27 Iccitii guddaa kana dagachuun ykn akka
salphaatti ilaaluun madda jireenya kristiyaanummaa fi jabina hafuuraa dagachuu
dha.
➥Kunis kristiyaanni tokko kristos akka isa keessaa jiraatuu hin beeku taanan wanti
ija isa godhaachisu danda'u hin jiru.
➛Namni akkasii yeroo hundumaa ofii isaatiin jireenya kristiyaanummaa jiraachuu
yaala. Kun immoo wanta takka hin danda'amne fi isa Waaqayyo yaade tuffachuu
agarsiisa.
➥Kanaaf kristiyaanni jireenya mo'ichaan guutuu jiraachuuf Kiristoos isa keessa
jiraachuu qaba.
📖1 yoh 4:4 “ ... hafuura isa biyya lafaa keessa jiru sana irra , isa isin keessa jirutu
caala'o.
👉Kiristoos nu keessa jiraachuu isaa beeka gaafa adeemnu amaloonni nuti
agarsiifnuu kan isaa ta'a deemu. Kunis caalaatti gad of deebisuu, guutummaan
guutuutti isa irratti of ganne jiraachuu, ofitti amanamummaa ofii keenya irra
dhaabbate osoo hin kristos irra dhaabbateen jiraachuu eegalla. Rom 15:18, gal
2:20.👀
📖Filp 4:13 “ jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan
danda‟a.”
👉Kana qofa osoo hin taane kristos nu keessa jiraachuu isaa beekuun keenya
ilaalcha nuti namootaaf qabnu ykn wajjiin jiraannu fi jireenya jiraannuun dhiibbaa
akka uumnuf kan nu dandeessisu dha.
📖Rom 15:7, qol 3:12, 2Qor 5:16

3. 📌 #HARIIROO_KRISTIYAANNI_KIRISTOOSIIN_FAKKAACHU_ISAA 📌
👉Hariiroon kun hariiroo gara Kiristoosiin fakkaachuutti ykn kristosiin akkeessuutti
ta'u dha. 1 Qor 11:1, 1 yoh 2:6, Efe 5:1
➥Kanaaf kristiyaanni tokko hojiin isa Kiristoosiin akkeessuu dha. Kunis kan
mul'atu yeroo murtaa'ef si'a tokko ykn lama qofa kan goonu osoo hin taane
guyyuma guyyaan waan jireenya keenya irra mul'achuu qabu dha. Rom 15:7 , efe
5:25, qol 3:13.
👉Akkuma 1Yoh 3:16 irratti arginu jaalalli kristosiin akkeessuu kun hamma lubbuu
obbolotaaf kennutti. Kunis lubbuu kennuu gaafa jennu akka isaan ittiin fayyaniif
aarsa isa akka kan YESUS dhi'eessu osoo hin taane, ofii keenya, fedha keenya,
miira keenya, beekumsa keenya, mallaqaa keenya fi wantoota keenya ta'an
hundumaan jaallachuu dha.
➥Of qabuun , of tottolchuun, karaa hundumaan waan ittiin foon ofii ijaaran
barbaadun karaa ittiin fooniif hojjetanii dha.
➛Aarsa of gochuun garuu jireenya hafuuraa keessatti tarkanfii isa duraa ti. Of
dhiisuun , ofittummaa ofirraa baasuun kristiyaana tokkof waan murteessa dha.
➥Sabani tokko kristaanni hojii hojjetuuf nama gargaarsa barbaaduf gargaarsa
gochuufi dha. Gal 6:10

➛Akkuma luqqisi Efe 4:28 irratti arginu phaawuloos gaafa amantoota efesooniin
gorsu, namni kanaan dura hataa ture, gara itti dadhabanii argachuu fi ittiin
jiraachisuutti qofa akka dhufuu osoo hin taane, gara waan itti dadhabee argateen
nama bira (warra dhaban) gargaarutti waamu argina. Kunis waan baay'ee nama
ajaa'ibu dha; fudhachuurra gara kennuutti.
👉Akkumas karaan kan biraan kristiyaanni Kiristoosiin fakkaatu dhiphina Kiristoos
keessaa hirmaachuu isaatiini dha. 1phex 1:21, 2qor 1:5, 4:8-11, ibr 12:3, 1phex
4:13

📖BARNOOTA WALITTI FUFAA📖


KRISTAANUMMAA / CHRISTIANITY
°°°°°°°°°°KUTAA 8⃣ffaa°°°°°°°°°°

3. 📌 HARIIROO KRISTIYAANNI KIRISTOOSIIN FAKKAACHU ISAA 📌

👉 kristosiin fakkaachu keessatti kristiyaanni akkuma kristos ni dhiphata. Kunis


Kiristoosif jedheeti. Filp 1:29
➛Dhiphinni kun kristaanaf gammachuu fi ulfina addaati. HoE 5:40-41👀
👉Akkasumas Kiristoosii wajjiin erga dhiphatee kristosiin fakkaachuu isaan
kristiyaanni kristos waliin ulfaachuuf jira. Rom 8:17👀
➥Kanaan kristiyaanni tokko lafa kana irratti gaafa kristosiif jedhee dhiphatu kan
ittiin jabaatu ammas ayyaana in argata. Akkasumas waanuma kristos argatu
hundumaas ni argata
👉Dhiphinni inni kristosiif jedhe baatu kunis ulfina isaaf dhufuun wal hin madalu.
Dhiphinni kunis kan kristiyaana jabeessu fi caalaatti gara kan kristositti kan
guddisu dha. Yaq 1:2-4, 1phex 2:19.
➥Akkasumatti kristiyaanni guyyuma guyyaan gara kristosiin fakkaachutti, ulfinaa
gara ulfinatti utuu darbuu dhuma irratti guutummaan guutuutti gara kristosiin
fakkaachutti dhufa.
👉Kunis kan ta'uuf Waaqayyo fakkaatti ilmaa isaa akka qabataniif waan waamefi
dha. 1 Yoh 3:2👀
👉Yommuu kun hundi ta'u akkuma nama tokko taane jirruutti hafna.
➥Guutummaatti akka Kiristoos taana malee Kiristoosin hin taanu. Nuyi fuula isa ni
argina, isas ni faarsina. 1 Qor 13:12, mul 22:3-5

4. 📌HARIIROO KRISTIYAANNI KRISTOSII WAJJIIN JIRAACHUU ISAA 📌

👉Hariiroon kun
🅰. HARIIROO DHUUNFAA KRISTIYAANNI KRISTOS WAJJIIN JIRAATU ( personal
fellowship
with christ)
➛Hariiroo addaa kristiyaana ta'u keessa jiru dha. Kunis kristiyaanni nama gara
tokkummaa ilma Waaqayyootti waamame ta'u isaati. kristiyaana fi kristos yeroo
hundumaa walfaana jiraachuu isaanii kan nu agarsiisu dha. Mat 18:20, 28:20👀
📖1 Qor 1:9
➥Kuni YESUS namummaa isaan mirga abbaa ta'ee waan jiruuf waaqummaa isaan
yeroo hundumaa kristiyaana waliin jiraachuu isaa fi mirga abbaa ta'ees isaaniif
kadhaachuu isaan tokkummaa isaan faana qabachuu isaa agarsiisa.
➛Ammallee kristiyaanni tokkummaa kana keessa deddeebi'aa jira. Kunis,
🔸Kritosii wajjiin hojjechuu 2 Qor 6:1
🔸 Isa beekuu isaaniitiin Filp 3:8
🔸 kristosiin boqochuu isaanii ( comforted) 2 Tas 2 :16-17
🔸 kristos irraa baruu Mat 11:29
🔸 argama kristos keessa jiraata. 2Qor 2:10, 1xim 5:21, 6:13-14, 2xim 4:1👀
👉Garuu hariiroon kun namaa namaatti wal caala. Kunis kristiyaanni tokko
hammuma hariiroo kana hubachaa deeme guddaacha deema.

➛kanaaf yeroo waa'ee tokkummaa kanaa baraa deemnu caalaati yesuusin baraa
deemna.
➛Hammuma kanas tokkummaa kanarra fayyadamaa deemna.Yaq 4 :8
👉Tokkummaa kanaan gaafa waaqeffannuu illee nuti waan waaqarraa bira ga'u
keenya. ( Ibr 12: 22-24). Eeyyeen kristiyaanni gaafa waaqeffatu wanta waaqa
keessaa bira ga'e guutummaatti waan garaan Waaqayyoo itti gammadu gochaa
jira.
👉Kanaaf waaqeffannaan kristiyaana tokko waan lafarraan wal hin qabatu:
➛kristiyaannis gaafa waaqeffatu as lafa kanarra hin jiru.
➛Yeroo kadhaanullee nuti tokkummaa YESUS kristos, isa angafa lubaa ta'e gara
waaqatti ol nuuf ba'e, sanaan dhi'aanna. Ibr 9:24, 4:16👀
👉Tokkummaan nuti Kiristoos waliin qabnu kunis caalaatti kan guddaa ta'u gaafa
duunu dha. caalaatti immoo gaafa inni deebi'ee nuuf dhufuu dha. Filp 1:23, 1 Tas
4:17, 5:10, 2Qor 5:8
👉Tokkummaan Kiristoos kun gara tokkummaa walii keenyaatillee nu fida. 1yoh
1:3👀

🅱. ABBAA fi HAFUURAA QULQULLUU WALIIN TOKKO TA'U


👉Kristos waliin tokkummaa qabachuu keenyaan gara tokkummaa abbaa fi hafuura
qulqulluu wajjiinitti dhufuu dandeenyerra. Kunis
1⃣
. #Nuti_abbaa_waliin 1Tas 1:1, 2Tas 1:1, 1yoh 4:15-16, 5:20, yoh 14:23, Yoh
17 :21, 1Yoh 2:24,👀
2⃣
. #hafuuraa_qulqulluu_waliin Rom8:9,11, yoh 14:17, 1Qor 3:16, 6:19, 2xim 1:14,
HoE 15:28👀
📖Rom 8:16 “ Hafuurri Waaqayyoo hafuura keenyaa wajjiin walii galee, ijoollee
Waaqayyoo ta'uu keenya dhugaa in ba'a.”

📖BARNOOTA WALITTI FUFAA📖


KRISTAANUMMAA / CHRISTIANITY
9⃣
°°°°°°°°°°KUTAA ffaa°°°°°°°°°°

📌ABBAA IMAANUMMAA📌

👉Abbaa imaanaa jechuun nama amanamaa, qabeenya, horii fi wantoota


garaagaraa kanneen kan isaa hin taane jechuunis abbummaan isa kan nama biraa
ta'e kan itti kenname dha.
➛Namni kun wantoota kana gonkumaa kan isaa taasisu hin danda'u. Haa ta'u
iyyuu malee qabeenya kana akka itti kennametti geggeessuuf abbaa qabeenya
sanaa irraa heeyyama kan argatee fi ittiin hojjechuu kan danda'u dha.
➥ Waaqayyos waan galfata nutti kenne qaba . innis jireenya keenya galfata
(imaanaa) nutti kenneera.
➥Jireenya keenya gaafa jennuus jireenya dhuunfaa, guddina jireenya hafuuraa ,
kunuunsa qaama, yeroo , qabeenya keenyaa fi wantoota jireenya keenya
ilaallatan hunda akka bulchinuuf aboo nutti kenneera.
➛Isaan keessaas muraasa haa ilaallu.

📌 #HAALA_ITTI_FAYYADAMAA_YEROO_KEENYAA 📌
👉Addunyaa kana irraatti yeroo namni tokko qabu ykn turtiin isaa gabaabaa akka
ta'e waan namni hundumtuu itti waliigalu dha. Kanaaf yeroo gabaabduu nuuf
kenname kana akkamitti akka itti hojjechuu qabnu beekuun ogummaa guddaa
dha. Yaq 4:13-17 , far 90:10,Far 144:4
➛Kristiyaanni tokko yeroo gabaabduu kana keessatti hojii guddaan akka itti
kenname beekuun ogummaan itti fayyadamuun dirqama itti ta'a.
➥Kunis yeroon darbee jennaan akka hin deebine beekee, yeroo bor dhufu osoo
hin taane, yeroon amma yeroo mijaata hojjechuuf Waaqayyo bira kennameef ta'u
isaa beeke itti fayyadamu qaba. Qol 4:5
📖Efe 5: 16 “ Guyyoonni kun guyyoota gadhee waan ta'aniif, yeroo isiniif kenname
utuu hin dabarsin itti hojjedhaa.”
👉Kanaaf phaawuloos kutaalee armaan olii kana keessatti yeroo isaaf kristiyaanni
iddoo akkamii akka kennuu qabu fi utuu hin dabarsin itti hojjechaa akka adeemuu
jabeesse barsiisa. ➛Maarre dhuguma erga qomoo fo'amaa ,ulfina qabanii fi
ogummaa inni ta'e kristos YESUS keessa keenya jiraatuu taane ogummaa kanaan
jiraachuun ga'ee keenya dha.
👉Ogummaan deeddebi'uu keessaa inni tokko yeroo keenya utuu hin dabarsin itti
hojjechuu dha.
➥Kunis ammuma kana yeroo kana dubbisa jirruu kanatti yeroo keenya maaliif
akka fayyadama jirru addaan baasnee ilaaluu qabna.
➛Yeroo keenya kanas kaayyoo jireenya isa bara baraaf fayyamuun nu irraa
eegama. kunis Gooftaa fi ulfina isaatiif Jalqabuma waamamuun keenya ulfina
Waaqayyoof akka taanutti dha.
➥Kanaaf yeroo keenya isa gatii jabeessa ulfina isaaf akka itti hojjennuuf nuuf
kenname kana kaayyoo mataa keenyaaf ykn ulfina namoota fi gooftolii kan biroof
fayyadamuun kristiyaana tokko irra hin eegamu.
👉Yeroo keenya kanatti ulfina keenya isa ta'e kristosiin waaqessu, isa waliin
dudubbachuu fi sagalee Waaqayyoo dubbisuun nurraa eegama. Kana qofas miti
kallatti hojii keenya guyya guyyaa keessaatti ille yeroo keenya kanatti dhugumaan
akka Waaqayyoon garaa ciibsuu danda'uutti hojjechuu dha. Filp 1:20-21,Qol 3:16,
Qol 3:23
📌 #BABALINA_WANGEELATIIF📌
👉Kristiyaana tokkoof biyyi lafaa iddoo gaarii kan keessa akka jiraatuuf Waaqayyoo
bira kennameef miti.
➥Qooda tokkollee biyya lafaatti utuu hin qabatiin biyya lafaa keessa jiraachuun
kaayyoo Waaqayyoof, misiraachoo wangeela lallabuuf akka ta'e beekuu qabna.
Kaayyoo kanaafis yeroon nuti qabnu yerooma gabaabduu lafa kana irra itti turru
qofa dha.
👉Mee itti yaadi yeroo lafa kanarraa jiraatte keessatti nama meeqaf sagalee
gammachuu isa ta'e wangeela kana dabarsitee laatte beekta ? Deebii isaa siifan
dhiisa.
📖2Qor 5:20, Efe 5:20 “ ... ani funyoo sibiilaatiin lafan hidhametti iyyuu wangeela
isaa lallabuudhaaf, kristosiif afaan ta'ee ergameen jira.”
🤔Mee dhugumaan itti haa yaadnu yeroo gaarii keessa jirra nuti.
Phaawuloos funyoo sibiilaatiin illee yeroon hidhamee jirutti yeroo koo wangeela
lallabuufan fayyadama jechaa jira.

📖BARNOOTA WALITTI FUFAA📖

1⃣ 0⃣
KRISTAANUMMAA / CHRISTIANITY
°°°°°°°KUTAA 1⃣0⃣ffaa°°°°°°°°°°

📌ABBAA IMAANUMMAA📌

BABALLINA WANGEELAA♦️
♦️

#AMBASSADOR ( kan afaan biyya tokkoo ta’e iddoo bira jiru) #VS #CHRISTIAN
(Kan kristoosiif afaan ta'ee biyya lafaa jiru)

📌 #AMBASSADOR 📌
🔴Of hin filu; biyya isaatu bakka buufata
🔵Biyya isaa irratti hirkaatee jiraata
🟠Fedhii isaaf osoo hin kan biyya isaaf dubbaata.
🟢Qajeelfama barreeffamaa biyya isaan geggeeffama
🟣Biyya itti ergameetti hin hafu
🔴Arrabsoo ofii isaa fuudhata osoo hin taane biyya isaatu fudhaata.
Kan waa'ee arrabsoo kanaaf falmaatus biyyuma sana dha malee isa miti
🔴Waamicha olaanaa dha.
🔵Yoo milkaa'e ni badhaafama
🟡Karaa isaa qofa hojiin kun biyya
sanatti hojjetama.

📌 #KRISTIYAANA 📌
🔴Gooftaatu filee ergata. 2Qor 5:20
🔵Waaqayyotu waan hunda guutaf,
filp 4:19, 2Qor 3:5
🟠Kristosiin bakka bu'ee dubbaata. 2Qor 5:20, efe 6:20
🟢Sagalee Waaqayyoon geggeeffama. 2xim 3:16
🟣Sammuu kristos qaba. 1Qor 2:16
🔴Yeroodhumaaf lafa kanarra tura malee kan lafa kanaa miti. Yoh 14:3
🟢Namni kristiyaana ari'atu kristosiin ari'ata. HoE 9:4
Kanaaf kan falmuus Waaqayyoo dha malee nu miti. HoE 9:4-5
🔴Waamicha guddaa dukkaana ifaatti, du'arraa jireenyatti... 1phex 2:9-10
🔵Akka hojii isaatti gaafa kristos YESUS deebi'ee mula'atu ni badhaafama. 1Qor
3:11-15
🟡Karaa kristiyaanota qofa mootummaan Waaqayyoo lallabama. Rom 10: 14-17

👉Kanaaf iyyuu kristiyaanni nama Waaqayyo amanamaa dha jedhee, yeroo qabu
ulfina koof itti fayyadami jedhee gara biyya lafatti hojiif arga dha.
➛Kanaaf kristaanni akka nama afaan kristos ta'ee ergame tokkotti yeroo isaa
dhimmoota dhuunfaaf osoo hin taane dhimmoota barabaraaf fayyadamuu qaba.
➥Yoo dhimma dhuunfa isaaf qofa dhaabbate garuu akkuma ambassador tokko
biyya isaatti osoo tajaajila isaa hin xumurin deebi'u, kristiyaannillee akkanuma
du'aan gara biyya isaatti utuu hojii isaa hin xumurin deebi'uu danda'a. 1Qor 11:
30-32

📌 ITTI GAAFATAMUMMAA DANDEETT KEENYAA FI FAYYUMMAA KEENYAA


👉 Akkuma namni kam lafa kanarra jiraatu dandeetti uumamaa qabu akkasuma
kristiyaanni illee qaba.
Dandeetti uumamaa kaananis wanti inni gochuu qabu tokko qofa innis ulfina
Waaqayyoof fayyadamuu dha.
👉Dandeettii uumamaa qofa osoo hin taane kristiyaanni addumaan immoo kennaa
hafuuraa qaba.
➛Kennaan kunis gosa garaa garaa fi adduma addaan kan nuuf kenname yoo ta'u,
walii keenyaa wajjin qaama tokko taanee gara Kiristoositti akka guddaannuf kan
nuu gargaaranii dha.
Kennaan kun hundinuus ulfina Waaqayyoo fi walii keenya ijaaruuf kan nuuf
kennamanii dha. Kanaas namni kan ittii dadhabe ykn kadhatee argatuu miti; akkas
taanan kenna ta'uun isaa ni hafa. 1Qor 12:4-6 .

📌Kanaa keessatti kristiyaanni tokko:


🅰. AKKA BU'AA DHAGNA TA'E BEEKU QABA
1Qor 12:12 “ kristos akka dhagna tokkicha isa bu'aa dhagnaa baay'ee qabu ti;
bu'aan dhagnaa sun yoo baay'atan iyyuu dhagnuma tokkicha.” Akkuma kuta
kanarraa arginu ➛kristiyaanni tokko qofa isaa osoo hin taane kristiyaanota biroo
waliin guutuu ta'a. Malee ofiisaa dhagna osoo hin taane bu'aa dhagnaa ti.

📖BARNOOTA WALITTI FUFAA📖

1⃣ 1⃣
KRISTAANUMMAA / CHRISTIANITY
°°°°°°°KUTAA 1⃣1⃣ffaa°°°°°°°°°°

📌ABBAA IMAANUMMAA📌

🅱 KRISTIYAANNI TOKKO BU'AA DHAGNA WARRA KAANI WAJJIN WAL QABACHUU


QABA.
👉Bu'aan dhagna tokkittin of danda'e deemu hin danda'u. Fkn, utuu iji ofii isaan
adeemaa dhufee maaltu sitti dhaga'ama ? Ni baqatta ykn immoo ni iyyita ta'a.
➥Akkuma bu'aan qaamota namaa wal qabatanii bareedanii tokko ta'anii
adeeman akkasuma kristiyaanonni illee jaalalan wal qabachuun wal tumsuun gara
kristositti guddaachaa deemu qabu.
👉Kunis kennaan kristiyaana tokkof yeroo kennamu bu'aa isaaf osoo hin taane
waldaa kristiyaana ( walitti qabama kristiyaanota) guddisuuf, jabeessuf, ijaaruuf
kan kenname dha.
➥Kanaaf hundinuu kennaa isaaf kennameen ulfina Waaqayyoo fi obbooloota
guddisuuf yemmuu fayyadamuu bu'aaleen qaamaa kun wal fudhatanii guddaatu.
👉Haa ta'u malee bara ammaa kanatti kristiyaanonni baay'een jireenya dhuunfaa
isaanii ialaltan qofaa hojjechuuf of laatu. Qofa guddaachu fi warra isaanii gadii
irraa addaan of baasani jiraachuu filatu. Kun kan agarsiisu nama qaamni isaa
tokkittin warra kan caalaa guddaate dha.
➥Namni kunis guddina sirrii keessa hin jiru iddoo tokko qofa guddaachun
dhukkuba dha.
➛Nuyi kristiyaanonni illee yoo waliin guddannee fayyumaa guutudhan gudanna.
👉Dhugaan baay ee nama ajaa'ibu kristiyaanni tokko ofii isaatii kan guddatu gaafa
kennaa isaa kanaan dhugumattii hojjete dha. Garuu ofii isaaf, ulfina mataa isaaf,
ittiin har'a jiraachuudhaaf yoo meeshaa daldalaa goodhate homaa tokkollee
dabalachuu hin danda'u.
📖Efe 4: 15-16 “ kanaa mannaa jaalalaan dubbii dhugaa dubbaachaa, kottaa karaa
hundumaan gara isa mataa nuuf ta'e, gara kristositti in guddaanna. Isa jalatti
bu'aan dhagnaa hundinuu wal fudhatanii, buusaa adduma addaan argataniin
walitti qabsiifamaniiru; yeroo bu'aan dhagnaa adduma addaan tooraan
hojjetuttis, dhagnichi in guddata, jaalalaanis of cimsa.”
👉Akkumasuma fayyummaa qaama keenyallee akka eegnuf Waaqayyoo qaama
keenya irratti abbaa imaanaa nu godheera. hojii gooftaa caalaatti humna guutuu fi
jabinaan hojjechuun kan danda'amu yoo qaamni isa fayyaa ta'e dha.
➥Qaama keenya kana yoo hin kunnunsinu ta'e ni dadhaba , ni dhukkubsata, ni
du'a.
➛Kanaaf dhagna keenya isa hafuurri Waaqayyoo keessa jiraatu kana kunuunsuu
qabna. Kunis wantoota fayyumma keenya miidhaan fi amaloota hin taane dhiisuu
fi isa gaarii gochuu dha. 1Tas 5:23, 1Qor 3:16, 6:19

📌 #ABBAA_IMAANUMMAA_QABEENYA_NUTTI_KENNAMEEF📌
👉Addunyaa kana irraatti guyyaa dha gara guyyaatti hojiin adeemsifamuu
hundinuu horii argachuudhaaf dha. Dhugumaan qabeenyi waan ilmaan namaaf
barbaachisu dha.
➛Garuu wanti baay'ee nama gaddiisisu qabeenyi namoota baay'ee garboota
godhatee jira. Iji nama baay'ees Waaqayyoo irra miti qabeenyarra jira. Kanaaf
kristiyaanni tokko horiif ilaacha akkamii akka qabachuu qabu beekuu qaba.
Kristaanni:

1⃣, #JAALALA_HORIITIN_QABAMU_HIN_QABU.
📖1Xim 6:10👉Akkuma kutaa macaafa qulqulluu kana irraa arginuutti horii
jaallachuun hundee wantoota gaggaarii osoo hin taane, hundee wanti hamaan
hundinuu irraa latuu dha.
➥Kristiyaanni immoo nama hojii gaarii isa Waaqayyo duraan durse qopheesse
akka hojjetuuf uumamee dha(Efe2:10).
➛Kanaaf kristiyaanni tokko hojiidhaaf nama biyya lafarraa jiru fi kara deema waan
ta'eef waan ittiin jiraatuu fi waan keessa jiraatuu argannaan ga'a dha.
👉Inni guddaan Waaqayyo lafa kanarraa nu ka'eef gamoowwan gurguddoo ijaarree
lafa kana iddoo gaarii akka goonuuf osoo hin taane namoota gara ulfina bara
baraa , mana bara baraa fi badhaadhummaa dhugaatti akka waamnuf dha.
➥Kristiyaanni kanaaf jaalala horiin osoo hin taane jaalala lubbuun qabamuu qaba.
📖2Qor 6:10 👀
👉Badhaadhummaan keenya dhugaan yesuus Kiristoos dha. Inni iddoo
hundumaatti fi waan hundumaatti kan nuti ittiin jiraannu dha.

📖BARNOOTA WALITTI FUFAA📖


✟KRISTAANUMMAA / CHRISTIANITY✟
▬▬▬▬KUTAA XUMURAA▬▬▬▬

📌ABBAA IMAANUMMAA📌

▷▹QABEENYAA NUTTI KENNAMEEF◃◁

♦️⓶ #WAAN_ARGATU_KENNUU_QABA ( jireenya arjaa jiraachuu)♦️


👉Kristiyaanni kenna kennuu seeran geeggeffame osoo hin taane jaalala garaa isaa
keessa guute irraa ka'e ti.
➾Kunis hamma argatuu irratti yookiis waan guddaa sababa argateef kenna miti.
Sababa jaalalaf utuu baay'ee yookiis irra hafaa hin qabatiin kennuun ni
danda'ama.
➥Kennuuf hiyyeessa yookiis sooressa ta'uutu murteessa osoo hin taane jaalalatu
murteessa.
📖2Qor 8:2-3 ➨Kutaa kana keessatti phaawulos yeroo waa‟ee amantoota
maqedooniyaatiif dhuga ba‟u argina. Sababa irra hafeef utuu hin taane deega isa
badduu baasa keessa utuu jiranii; arjoomu danda‟aniiru.
Mee har‟a dhugumaan maaltu sitti dhaga‟ame yeroo kana dubbiftu❓ ➥ Kanaan

dura gaafan argadhuun gargaara jettee yaadaa turte? Kennuudhaaf irra hafa
qabachuun hariiroo qabu jette yaadda? Deebiinsa kan dhuunfaa keetiti.
➩Waaqayyo akka nuun ofirraa darbinee gargaarruf jaalala isaa garaa keenya
keessatti dhangalaseera. ➻Kanaaf jaalala barbaadu iddoo deemnu tokkollee hin
qabnu of keessa haa ilaalluu, waan nuuf hin mallee isa kristos akkasumatti nuuf
hojjete haa ilaallu; yoos jaalala argina. Akka kenninuuf Waaqayyo nuuf kenna .
2Qor 9:7

♦️⓷ #WAAN_KENNU_IDDOO_SIRRIITTI_KENNU
👉Kunis kan nutti agarsiisu horii nutti kenname irratti abbaa imaanaa erga taane
horiin kun ulfina Waaqayyoof qofa oolu qaba malee hojii salphinaaf itti
fayyadamuu hin qabnu.kennaan keenyaas
◈Waldaalee kristiyaana fi hojii babal‟isuu wangeelaf , Filp 4:14-16
◈Obboolota rakkataniif , Gal 2:10 Gal 6:10
➥Walumagalatti abbaan imaanaa tokko wantoota armaan dura kaafne,qofaa
utuu hin taane waanuma isa ilaallatu kamiin Waaqayyoof kan jiraatuu fi jaalala
Waaqayyoo irra kan ka‟e kan godhuu dha.
➻Haa ta‟u malee namni tokko hojii gaarii hojjetee,namoota gargaaree, yeroo
isaas sirriitti fayyadamee abbaa imaanaa isa amanamaa ta'uu dhiisuu danda'a.
Kunis wanti inni godhu ofii isaa mul'isuuf yoo ta'e dha.
📖1Qor 13 :3 “ wantan qabu hundumaa warra dhabaniif hiree, ittiin of jajuudhaafis
dhagna koo iyyuu dabarsee kennee( ibiddaatti dabarsee kenne), jaalala yoon
qabachuu dhaabaadhe, garuu, homaa waa'ee anaaf hin baasu.”
📖1 Qor 13: 4-7
➥Jaalalli qajeelina dhugaatti gammaada malee, jal‟inatti hin gammadu. Jaalalli
karaa ;tokkollee nama hin lafafu, hunduma isaa in amana, hunduma isaa abdata,
hunduma isaas obsa.”
➩Kutaa waa‟ee jaalala baay‟ee irraa ittiin barruu dha.
➻Maasii jaalala jedhamuun beekama.
➥Maarre mee iddoo jaalala jedhu YESUS kan jedhuun bakka buusi irra
deebi‟uun dubbisi! Ammallee wanti kun baay‟ee si gammaachiisa dhugaa waan
ta‟eef.
➻Waaqqayyo immoo jaalala isaa gara keenya keessatti dhangalaseera( Rom 5:5).
Hafuurri qulqulluunnis nu keessa jiraata; ija hojii hafuuraa keessa inni jalqaba
immoo jaalala( Gal 5:22).
➩erga akkana ta‟e jaalalli safartuu kristiyaana tokko ta‟a.
➻Kana jechuunis kristiyaanni tokko nama isa bira jiruun of madaala osoo hin
taane jaalalanii. Mee atis akkas godhi mee kutaa caaffata qulqullaa‟a armaan
dura dubbifte kanaa iddoo jaalala jedhu maqaa kee buusi ilaali.
🤔Maal argitee ? Jabaadhu ayyaanni Waaqayyoo akka nuyi gara guutummaa
Kiristoositti guddaannuf nu gargaara ti.
➥Inni hojii kanatti nu waame amanamaadha.
📖Filp 1:6 “ Waaqayyo inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe, hamma guyyaa kristos
YESUS deebi‟ee dhufutti, fiixaan akka baasu nan amanadha.

You might also like