Nan Milkaa'A

You might also like

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 16

MUL’ATA KEE

BIRA GAHUU BARBAADDAA?


Xinsammuu
https://t.me/Gaggeessummaa https://t.me/Getu_Abera

Telegram: 0919872853

▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬

Dhugumaan mul’ata kee bira gahuu barbaadda taanan barruun kun baay’ee si gargaara.
Hanga dhumaatti dubbisi! Ergaaleen PDF kana keessatti hammataman baay’inaan 250
yommuu ta’an, ergaan hundi lakkoofsatti qoodamee jira. Yeroo biraaf hin beellamin
ammuma irraa jalqabii daqiiqaa kudhan qofa kennii ergaalee lakkoofsa tokkoo hanga
kudhanii jiran dubbisii yaadatti qabadhu! Guyyaa itti aanu immoo ergaalee lakkoofsota itti
aanan irra jiru dubbifta. Eeyyee obsumaan irra deddeebi’ii dubbisii xumuri! Kallattii
kamiiniyyuu milkaa’uuf hubannoo addaa argattee ni milkoofta. Namoonni baay’een
humnaa fi cimina, dandeettii addaa qabu garuu hanga barbaachisaa ta’e itti hin
hojjenne. Maaliif beektaa? Yaadaa fi gorsa sammuu isaanii gara milkaa’inaatti kakaasu
waan dhabanii fi hubannoon isaan humnaa fi cimina ofii isaanii irratti qaban iddoo
kennamuufii qabu waan hin arganneefidha.

#Hubadhu: Barreeffama kana yeroo hundumaa irra deddeebi’ii dubbisi! Hiriyaa keetifis qoodi!
Jireenya guyyaa guyyaa kee keessatti maal gochuu akka qabduu fi oolmaa keetti milkaa’uuf
yaadolee si gargaaran of keessaa qabdi! Mul’ataa fi kaayyoo keetti akka milkooftu abdii guutuun
qaba. Yeroo dubbisaa gaarii qabaadhu!

1|Nan Milkaa’a
QABXIILEE IJOO NAMA MUL’ATA ISAATTI MILKAA’UU BARBAADU KARAA IRRA
BUUSAN 250:

1. Hundumaa dursii mul’ata kee adda baafadhuu beeki! Akka bira gahuu dandeessu abdii
guutuu qabaadhu! Yaadni fi abjuun kee waa’ee mul’ata keetii qofa haa ta’u.
2. Haalota mul’ata kee irraa si danqan yaadan qabuu dhiisii ija kee irra dabarsii fuuldura kee
(milkaa’ina borii kee keessatti) of ilaali!
3. Jireenya kee, adeemsa kee yeroo hundumaa Waaqayyo wajjin godhadhu! Waaqayyo mul’ata
kee fiixan baafachuu akka si dandeessisu ayyaana isaa siif baay’isee biraan akka si gahu
jireenya kee irratti isa affeeri malee mul’ata qabaachuun kee qofti gahaa miti. Humni guddaan
ati ittiin socho’uu dandeessu uumaa kee irraa akka siif kennamu amani!
4. Ofeeggannoo taasifamuu qabu hundumaa taasisi! Mul’ata keetiif gatii baasuu qabdu
hundumaa baasii harka kee keessa galfachuuf itti dhimmii hojjedhu!
5. Wanta hojjechuun si irra jiru ammuma jalqabi! Kana dhabeera, sana dhabeera hin jedhin!
Kuni naaf haa guutu, sun wal naaf haa qixxaatu jettee har’a, boru hin jedhin! Kaayyoon kee
guddina waan ta'eef wanta amma hojjechuu qabdu ammuma raawwadhu!
6. Wanti gochuu dandeessu baay'een jiru. Of amansiisi!
7. Yeroo keetti haalaan fayyadami!
8. Karoora kee gara fiixan bahuumsatti fiduuf kutannoo qabaadhu!
9. Ilaalchaa fi yaada gaariidhaan sammuu kee guuti! Ilaalcha hin barbaachifne milkaa’ina kee
irraa duubatti si gototan kanneen akka “ani hin danda’u, humna hin qabu fi kanneen kana
fakkaatan” of keessaa balleessudhaan ilaalcha “nan danda’a, bira nan gaha” jedhuun bakka
buusi! Sammuun kee waanuma ati itti himte dhaga’a. Hojii irras siif oolcha. Dhimmoota
hedduu, milkaa'uu fi milkii dhabuu, fuulduratti tarkaanfachuu fi bakka yaadan hanqachuu kan
murteessan keessaa muraasni ilaalcha, yaada, amala yookiin aadaa keenya dha. Milkaa'ina
argachuun ilaalcha daandii milkii irra nama dhaabu qabaachuu irraa kan eegalu ta’uu isaati
hayyoonni kan gorsan.
10. Ilaalchi gaariin salphina kee gara ulfinaatti akka jijjiirtuuf humna siif ta'a!
11. Ilaalchi gaariin tiksee cimaa barbaada, cimsii eeggadhu!
12. Sammuun kee qabeenya qaalii ati qabdudha, Kanaafuu faalama irraa eeggadhu! Yaadni
hamaan sammuu faala!

2|Nan Milkaa’a
13. Mul’ata kee bira hatattamaan gahuu barbaadda taanan yeroo kee guutummaatti barumsaa fi
leenjii waa’ee mul’ata keetii hordofi!
14. Namoota hordoftu adda baafadhu! Kanneen hordofuu hin qabne irraa adda bahi! Kanneen si
barbaachisan filadhuu yeroo kennii irraa baradhu!
15. Adeemsa kee guyyaa guyyaadhaan gara mul’ata keetti taasiftu qoradhu, cimsii itti fufi!
 Qoradhu: Ciminaa fi dadhabina kee karaa ittiin ilaaltu uumi! Maal irratti cimina
qabda? Maal irratti fooyya’ina fiduun akka si barbaachisu beekuun ofirratti akka
hojjettu si gargaara.
 Cimsi: Cimina qaban cimsanii qabachuu dha.
 Itti fufi: Namoonni baay’een mul’ata isaanii irraa adda bahanii yookiin turanii itti
deebi’u. Utuu yeroo hundumaa cimsanii akkuma qabanitti itti fufanii galma gahiinsi
ni saffisa. Torban tokko, ji’a tokko mul’ata ofii dagatanii turuun mul’aticha akka
irraanfatanii fi tuffatanii gatii akka hin kennineef taasisa.
16. Injifannoo galmeessitee fi galmeessuuf jirtu adda baasii yaadannoo irratti barreeffadhu!
17. Yeroo hundumaa gaarummaa namoota irraa barachuun ofirratti hojjechuu. Namoota irraa
barachuu jechuun dandeettii addaa mul’ata keenyaan walqabatu yoo ta’e gaaridha. Ofirratti
hojjechuun waan haaraa uumuu fi dandeettii dhokatee jiru kan ofii qofa qaban baasanii itti
hojjechuu ilaallata.
18. Mi’aa mul’ataa yommuu bira gahan beeku. Namni wal’aansoo jireenyaa mo’atee, qabsoo
dadhabsiisaa booda abbaa mirgaa ta’ee dirree irratti mul’achuu hin hawwine hin jiru. Hawwii
yeroo hedduu hundi keenyaa ni hawwina. Hedduun keenya garuu hawwiidhuma qofaan
daangeffamnee jiraanna; hawwii qofaan hafuun buddeena abjuu nyaachuu dha.
19. Milkaa’ina keessatti wantoota afur gochuu qabdu.
 Dhiibbaa uumuu (Struggle): Milkaa'ina situ itti dhaqa malee sitti adeemaa hin dhufu
(Success isn't designed to give you validation). Dhiibbaa uumuu si irra jiru daangaa
milkaa’ina kee irraa si ittisu cabsitee itti adeemuu si irra jira.
 Shaakaluu (Practice): Ogummaan yookiin kalaqni haaraan shaakalaan argama.
 Yaaluu fi dogoggoruu (Trial and error): Waan tokko yaalanii dogoggoruun kallattii
sirrii ittiin fiixan ba’umsatti dhufan nama barsiisa.
 Barachuu (Learn): Adeemsa kee irraa waan haaraa barachuu qabda. Nama baratu yoo
taate dogoggora tokko yeroo lama irra deebitee hin dogoggortu!

3|Nan Milkaa’a
20. Milkaa'inni karaa ati ofii keetii hiika itti laattu dha. (Success is something you define on your
own.) Wanta guddaa yoo yaadde waan guddaatu siif ta'a. Waan xiqqaa yoo karoorfatte humna
kee gabaabsita.
21. Milkaa'inni wanta namoonni biroo jedhanii fi akkaataa isaan jedhanitti hojjachuu utuu hin ta'in,
waan beektuu fi waan barbaaddu irratti karaa mataa keetiin hojjachuu dha.
22. Yoo ofii kee itti dadhabdee, milkaa'uuf carraan si qaqqabuu baate, dafqa kee kanaa fi daandii
milkaa’inaa ati baafte kanatti ilmi kee fi dhaloonni si boodaa dhufan itti milkaa'u. Kuni fiixan
bahuumsa sababa uumamuu keetii beekuun ciminaan jireenya injifachuu kee argisiisa.
23. Yeroo hundaa waan haarawaa barachuuf of qopheessi: Muuxxannoo haaraa baruu fi yeroo
hunda waa dubbisuun nama guddisa, dirree hiree fi milkaa'ina namaaf bal'isa.
24. Hir’inaa fi cimina kee addaan baasii yookiin bareechii beeki: Hir’ina qabdu ofitti fudhadhu
malee hin waakkatin! Namni ogeessi hir’ina qabu ni hubata yoo itti himames
gammachuudhaan simata. Namni akkas godhu ciminaa fi hubannaa dabalata.
25. Jireenya keessatti dhimmoota kamiif dursi akka laatamuu qabu hubadhu: Jireenya bu'aa
bahiin itti heddummate keessatti, wanti hojjetamuu qabu yookiin rakkoon furamuu qabu
hedduu dha. Hangamuu cimaa taanu, rakkoo nama mudatu hundaaf yeroo tokkotti deebii
kennuun tasa waan hin danda’amneedha. Isa hunda irra xiyyeeffannaan guddaan kan
barbaachisuuf dursi laatamuu qaba. Namoonni ciccimoon jireenya isaanii keessatti milkaa’ina
guddaa galmeessisan kan godhan kanuma. Hedduun keenya garuu, waan hunda altokko
raawwachuuf carraaqna; akkas gochuu keenyaan dhoqqee keessaa hin baaneen qabamna.
26. Maallaqa keetti sirnaan fayyadami: Waa’ee mallaqaan walqabatee dhugaan yeroo hunda
ka’u tokko hanga argattu qofa osoo hin taane waan argattu akkaataa itti qabattuudha kan si
duroomsu. Hangamuu haa baay’atu, maallaqa argattu faffacaasta, bubbeef kennita taanaan ati
yoomuu rakkataa fi liqii kadhataadha.
27. Yeroodhaan hirribaa ka’i: Amalli namoonni barnootaan, daldalaanis ta’ee waan biraatiin
cimina yookiin milkii guddaa argisiisan ittiin beekaman tokko yoo jiraate simbira ganamaa
ta’uu isaaniiti.
28. Kaayyoo fi galmi kee ifa akka ta’e beeki: Maaliidhaaf jiraatta? Essa ga'uudhaaf tiratta jettanii
namoota milkaa’inaaf hojjetan yoo gaafattan deebiin argattan gabaabaa fi ifa ta’e kan ta’e dha.
Maaliidhaaf akka hojjatan, eessa ga'uudhaaf akka tarkaanfatan yoo gaafataman bifa wal hin
dhoofneen deebii isaanii lafa kaa'u.

4|Nan Milkaa’a
29. Hawaasaa fi hiriyyoota wajjin hariiroo cimaa uummadhu: Milkaa'inni, kallattii kamiinuu
ta’uu danda’a, jireenya hawaasummaatiin hedduu walitti hidhata qaba. Kophaatti ba'anii
jiraachuunis ta’ee milkiin kophaatti galmeessisan waan hin yaadamne ta’uu waan beekaniif
namoonni milkaa’an hawaasummaa fi hariiroo gaariidhaaf iddoo guddaa laatu.
30. Amala gaariidhaan ummata biratti mul’adhu: Ummata biraa jibbaa fi tuffii horachuun
gufuu imala gara milkiitti godhamu wantoota gatantarsan keessaa isa tokkodha. Hawwuu qofa
miti jireenyi. Kanniin milkaa'an irraa barachuudhaan nutis waan hawwinu harkatti galfachuu
ni dandeenya. Gufuuleen hawwii keenya bira akka hin geenyeef danqaa ta’an hedduutu jira.
Gufuun guddaan garuu nuti ofii keenyaa amalaa fi aadaa milkiitti nu geessu dhabuu keenya.
Amalaa fi aadaa gara milkaa'inaatti nu geessu simachuudhaan hawwii milkaa'inaaf qabnu haa
dhugoomsinu.
31. Hiikni milkaa’inaa kanneen armaan gadiiti
 Galma ofii arguudha!
 Rakkoolee mudachuu danda'an beekuu!
 Fakkii yaada qulqullaa'aa uumuu!
 Dhiibbaa hamaa sammuu keessaa haxaa'uu!
 Jijjiiramaaf hojjechuu!
 Jabaatanii itti fufuu!
 Akka dandeessu addunyaatti argisiisudha!
32. Milkaa'inni ida'ama kufaatiwwanii fi gufuuwwan baay'eeti.
33. Milkaa'ina jaaladhu! Hiyyummaa jibbi! Baqadhu! Saffisni fiigicha namaa yeroo baay'ee
dheebuu waan bira ga'uu barbaaduu yookiin immoo jibba/sodaa waan jalaa bahuu barbaadu
irratti qabuun murteeffama. Namni yeroo waan tokko jalaa baqatu humnaa fi dandeettii qabu
maratti fayyadamee fiiga! Akkasumas immoo namni yeroo dheebuun waan tokkoo isa keessa
guutu, akkuma kana humna hin qusatu!
34. Hiyyummaa garaa kee guutudhaan yoo jibbite ammuma baqattee keessaa bahuuf humna
argattee tarkaanfii eegalta.
35. Milkaa'ina jaalattuuf dhuguma of qopheessuuf, dheebuun kee, yaadni kee, abjuun keetis
yeroo hundumaa galma kee irra haa ta'u!

Naappooliyoon Hill kitaaba isaa "Think and Grow Rich" jedhu keessatti akkas jechuun
kaa'e, "Jalqabni milkaa'ina waan hundumaa dheebuu (fedhiidha). Xumurri milkaa'inaa

5|Nan Milkaa’a
immoo waa'ee mataa ofii beekuu, waa'ee namoota biroo beekuu, seera uumamaa fi
gammachuun maal akka ta'e hubachuudha."

36. Rakkattee osoo hin milkaa'in haftee yoo ta'e, kan si booda milkaa'u dhaloota tokkotu jira; osoo
hin rakkatin milkoofte yoo ta'e garuu si dura nama rakkatetu ture.
Seenaa Dr. Maartiin Luuter King Juuniyeer yoo ilaalle inni bara isaa waggaa 38 jiraate
keessatti mirga walqixxummaa gurraachotaaf falmu hoogganaa ture. Sababa kanaaf yeroo
baay'ee mana hidhaatti darbatamaa akka ture rakkinni gurguddaan isa irra gahaa akka ture
beekamaa dha. Haa ta'u malee mirgi gurraachotaa kabajamee, warri adii fi gurraachonni mirga
walqixaa qabaatanii akka jiraatan osoo hin argin lubbuun isaa addunyaa kana irraa namoota
badiin dabarte. Garuu inni ofii isaa rakkachaa turee milkaa'ina rakkoo isaa osoo hin argin du'u
iyyuu, har'a ilmaan isaa bu'aa rakkina isaatii dhamdhamaa jiru.
37. Hammuma kufaatiin sitti baay'atu milkaa'ina keetti dhiyaachaa akka deemtu beeki!
38. Kufaatiin tokko gaafa si quunnamu deemsa gara galma milkaa'ina keetti gootu dheerina isaa
gabaabfachaa jirta jechuu dha.
39. Imala gara milkaa'inaatti deemuu kee, karaa milkaa'inaa irra imalaa jiraachuu kee kan siif
mirkaneessu kufaatii si mudachaa jiru dha.
40. Kufaatiin yoo si mudachaa jira ta'e, jabaadhu ati karaa milkaa'naa irra jirtaati. Garuu hamma
yoonaa kufaatiin si mudatee hin jiru yoo ta'e ati milkaa'ina keef deemsa hin eegalle jechuu dha.
41. Namni osoo hin kufin milkaa'e nama hin hojjanne dha yookiin kufaatii nama biraatti kan
milkaa'e dha.
42. Kufaatiin hammuma si mudachaa deemu; ofitti amanamummaa kee cimsaa, waan darbe irraa
barachaa, karaa kaleessa irratti kufte irra akka hin deddeebine hubachaa, karaan biraa akka jiru
xiinxalaa akka deemtu si gargaara.
43. Diinni milkaa'inaa inni guddaan abdii kutuu dha.
44. Waan hojjettu kamiyyuu hamma du'aatti yoo ta'e iyyuu cichii jabeessii itti fufi! Bor yoo duute
iyyuu dhaloota boriif eebba taatee duuta.
45. Dhaloonni si boodaa "rakkina inni rakkachaa ture nuti immoo har'a bu'aa isaa jiraanna" akka
siin jechaa seenaa kee yaadachaa jiraatan godhi!
46. Gaaffileen jireenyatti hiika godhan kunniin nama milkaa’ina hawwu tokkoof baay’ee
murteessoo dha.
 Ani eenyu?

6|Nan Milkaa’a
 Maalifan uumame?
 Ergamni koo maali?
 Karoorri koo maali?
 Mul'anni koo maali?
 Kaayyoon koo maali?

 Eessaan dhufe?
 Eessan Jira?
 Eessan Deema?

 Har'a maalin hojjadhe?


 Maal hojjechuun qaba?
 Wanta haaraan hojjedhu maaltu jira?

47. Ganama obboroo yommuu hirriiba irraa kaatu wanta guyyaa hojjettu karooratti qabadhuu
ka’i!
48. Galgala yommuu raftu waan guyyaa raawwatte madaali!
49. Jireenya kee keessatti wanta hojjettee itti gammadduu fi si hin gammachiifne tarreessuu dhaan
addatti maal gochuu akka qabdu hundumaa dursuun sammuu kee waliin marii gaggeessi!
50. Bu’uura milkaa’inaa wantoota ta’an 3K jedhaman qabaadhu!

① Kaayyoo: Kaayyoon si milkeessiti! Kaayyoo qabaachuun abdiidhaan akka jiraattuu fi


obsaan akka turtu humna siif taati!
② Karoora: Karoora yoo qabaatte waan hojjechuu qabduu fi waan hojjechuu hin qabne
adda baafatta.
③ Kutannoo: Milkaa'ina barbaaddee fi guddina hawwitetti seenuuf kutannoo qabaachuun
hunda caalatti barbaachisaadha.
51. Yeroo hundumaa waan gaarii uumuuf keessa kee qopheessi!
52. Jijjiirama fiduudhaaf nama jalqabaa ta'i! Rakkina dhufu simachuudhaafis nama jalqabaa ta'i!
Rakkina hin baqatin! Rakkina moo'achuuf nama jalqabaa ta'i! Sababni isaa nama milkaa'e
ta'uudhaaf carraan jiru tokkichi rakkina sitti dhufu mo'attee darbuu fi dhiibbaa uumuuf
dandeettii qabaachu dha.

7|Nan Milkaa’a
53. Carraan milkaa'inaa baay'een qisaasa'ina baay'ee keessa darbuun dhufa.
54. Hojii guddaan itti gaafatamummaa guddaa gaafata.
55. Addunyaan yookiin biyyi lafaa kuni, rakkinaa fi milkaa'inaan guutudha. Ati hin dammaqne
taanaan garuu addunyaan kun balbala ishee sitti cufatti. Kana jechuunis, warra rakkina mo'atan
gara milkaa'inaatti ceesiftee, namoota dhiibbaa uumuu sodaatanii harka maratanii taa’an
immoo booddeetti gatti.
56. Jireenya haaraa fi milkaa’ina jaalattu jiraachuuf guddina dheebodhu!
57. Jireenya gaarummaa fi qajeelummaa of keessaa qabu jiraadhu!
58. Jijjiiramaaf humna kee, yaadaa fi garaa kee guutudhaan itti dhimmi!
59. Milkaa'ina yaadi! Ija kee mul’ata kee irraa hin buqqifatin!
60. Namootatti abdii hori! Kakaasi!
61. Miidhaan yoo jiraate faayidaan jira jedhii amani!
62. Waanuma qabduun warra dhaban gargaari!
63. Warra gaddan bira adeemuun jajjabeessi!
64. Jireenya keessatti waanuma hojjettu hundumaa irraa barumsa argattu itti fayyadami! Mul’ata
kee wajjin walitti firoomsi!
65. ✧️ Gahuumsaan hojjedhu! (Efficiency)
66. ✧️ Iftoomina qabaadhu! (Transparency and Accountablity)

67. ✧️ Itti Gaafatamummaa kee sirnaan bahadhu! (Responsiblity)


68. Bilchina sammuu fi dandeettii fageessanii yaaduu qabaadhu!
69. Obsi guddaan dhagaa yoo affeelu, aariin xinnoon bishaan bobeessitti!
70. Yeroo tokko tokko gammachuun guyyaa tokkoo gadda waggaa tokkoo jijjiira!
71. Nama kabajuun mallattoo sodaa osoo hin taane bilchina sammuu fi dandeettii fageessanii
yaaduuti!
72. Jireenya kee fooyyeessuu dhaaf yaalii dhaan shaakala ati taasiftu keessatti kufaatiiwwan si
muudatan kufaatii osoo hin taane akeektuu galma ga'iinsa yaalii keetiiti!
73. Addunyaa kana irratti harreen akka namaatti yaadu jiraachuu baatus namni akka harreeti yaadu
hin dhibamu!
74. Akka addunyaatti yaadi akka naannootti hojjedhu!
75. Dhalli namaa wanta haaraa argannoo dhaan yoo uumu (kalaqu) kan nama gammachiisu ta'ee,
garuu ofii isaatii uumamuu yoo irraanfatu immoo kan nama gaddisiisu dha!

8|Nan Milkaa’a
76. Kan nama qaanessu ba'aa guddaa sammuu irratti baachuu osoo hin taane sammuu hin yaanne
baachuu dha!
77. Yoo rakkoon si mudate rakkoo si mudate sanaaf yaadda'uu osoo hin taane akkaataa rakkoo si
mudate sana keessaa itti baatu yaaduu qabda!
78. Wal beekuu irra waliif beekuu wayya!
79. Osoo dhugaan kophee hin godhatin dharti addunyaa naannoofti!
80. Mucucaattee dugdaan yoo kufte balleessaan kee ta'uu kan hin dandeenye yoo ta'u balleessaan
kee ta'u kan danda'u kuftee yoo achitti haftee dha!
81. Bishaan kadhaan argame dheebuu nama hin baasu!
82. Sareen yeroo hunda duttu akka hin birmanneef of gooti!
83. Kan nama nyaatu dukkana osoo hin taane wanta dukkana sana keessa jirudha!
84. Irra caalatti kan dinqisiifatamuu qabu namoota addeessa irra qubatan osoo hin taane namoota
akkaataa isaan addeessa irratti itti quphatan barsiisanii dha!
85. Addunyaan kun sirraa waan tokko eegdi waan ta'eef waan gaarii tokko hojjedhu!
86. Kaayyoo ofii galmaan gahachuuf dhama'uun har'aaf dhandhamni isaa hadhaa'aa dha, boru
firii fi dhandhamni isaa mi'aa dha!
87. Wanti calaqqisu hundi warqii sitti hin fakkaatin!
88. Jiraachuuf nyaadhu malee, nyaachuuf hin jiraatin!
89. Waggaatti jiruu dabali malee, jiruutti waggaa hin dabalin!
90. Gatii yeroo beekuu yoo barbaadde, atileetii maayikiroo sekondii tokkoof moo'amee badhaasa
meedaaliyaa warqii dhabe gaafadhu!
91. Bu'aa qabxii baruu yoo feete, barataa qabxii 0.5niif qormaata kufee gaafadhu!
92. Aangoo qubaan si filaniin of hin tuulin, qubaan irraa si buusaniiti!
93. Beekumsa qabduun hin boonin, kan si caala beekuu hedduutu jiraatii!
94. Namni ani beekaa dha ofiin jedhu wallaalaan akka isaa hin jiru!
95. Hanga dandeessetti bara baraan jireenya kee jijjiiri malee, akka barri wal sitti hin jijjiirre!
96. Bara rakkoo bishaantu muka namatti kora!
97. Waan garaan namaa baatu harreen kormaan hin baatu!
98. Kan ati jechuu qabdu biyyi koo maal naaf godhe osoo hin taane ani biyyaa koof maalan
godhe jechuu qabda.
99. Baay'ee haasa'uu irra baay'ee dhaggeeffachuu filadhu!

9|Nan Milkaa’a
100. Hojii guddaa karoorfame irra hojii xinnoo hojjetametu caala!
101. Bara jireenya kee keessatti yeroo dheeraa taa'umsaan dabarsitu irra yeroo gabaabduu hojiin
dabarsitutu bu'aa guddaa siif qaba!
102. Namni sabbata godhatanii mudhiitti hidhatan bofa namatti ta'ee nama idda.
103. Akkuma jaalalli jiru jibbis jira waan ta'eef iccitii yeroo jaalalaa haasoftan yeroo jibbaa
haasa'uun wallaalummaa dha!
104. Jaalalli dhugaa fageenya karaatiin hin daangeffamu!
105. Jaalalli dhugaa furtuu jireenyati!
106. Jaalalli dhugaa ibsaa addunyaa fi gaaddisa jiruuti!
107. Nama jaalalli dhugaa kuffiseef, guulli harkisa lafaa itti hin gaafatamu!
108. Yoo nama taate fedhii keetiif osoo hin taane kaayyoo keetiif dursa kenni!
109. Kaayyoon mul'ata kee milkeessiti!
110. Waan argitee fi waan ilaalte hubachuu yaali si gargaara waan ta'eef!
111. Yeroo gabaabduuf jettee abdii kee hin kutin maalif yoo jette booda si qaanessa!
112. Waan hunda dursa ofiif bakka laadhu kan sirra sitti aanu waan hin jireef!
113. Of beeki kan sirra si beeku waan hin jirreef!
114. Namni kaayyoo ofii beeku jaalalaan hin kufu kaayyoo isa galmaan ga'uuf kufa malee!
115. Beekaa jechuun nama dogoggora ofii ofitti beekee irraa sirraa'edha!
116. Moo'uu jechuun 1ffaa ba'uu osoo hin taane jijjiiramas agarsiisu dha!
117. Barachuu jechuun barumsa keessa osoo hin taane barumsi nama keessa darbuu dha!
118. Barumsa barattee yoo qoramtu jireenya immoo qoramtee baratta.
119. Dubbii gaariin dubbisa gaarii keessaa argama!
120. Eenyummaa ofii abuuruun, jalqaba addunyaa abuuruuti!
121. Rakkoo addunyaa furuuf dhalatanii, rakkoo ofii waliin du'uun fafa!
122. Eenyummaa kee barbaaddee akka argattuuf namni uumame si qofa ta'uu hubadhu!
123. Baratte jechuun ni beekta jechuu sitti hin fakkaatiin! Hedduun baratanii jiru. Kan beeku
muraasa. Of beekuunis akkasuma!
124. Dhalachuun namoota baay'ee addunyaa kanaaf ba'aadha. Kan namoota muraasaa immoo
bu'aadha!
125. Of beekuun beekumsa addunyaa kana irraa isa qaaliidha; hirkattummaa jalaa nama baasa!
Birmadummaa dhas!

10 | N a n M i l k a a ’ a
126. Of ta'uun jireenya fakkeessuu irraa si baraara!
127. Sammuun akkeessuu fi fakkeessu maseena. Cimina firii isa godhachiisus hin qabu!
128. Nama irraa baradhu! Garuu nama biraa fakkaachuuf hin dadhabin!
129. Nama hunduma keessa dandeettii adda ta’etu jira.
130. Dandeettii fi kennaa addaa uumamaan si keessa jiran barbaadii argadhu!
131. Addunyaa kana irra wanti ati akka raawwattuuf lafa taa'e akka jiru hin dagatin!
132. Of beekuun qormaata jireenyaa nama ceesisa.
133. Daandii milkaa'inaa si cinaa dhiistee, barbaaduuf hin joorin!
134. Sammuun kee eenyummaa ati itti himteen fakkii kee akka kaasu hin dagatin!
135. Uumama milkaa'uuf uumamte waan taateef wanti waancaa/geepha/ kee si dhabsiisu hin jiru,
yoo si mataa kee ta'e malee!
136. Ati nama addaa waan addaa addunyaaf fidee dhufe ta'uu kee hin dagatin!
137. Galma kee gahuuf waraana Impaayera naannoo kee kana jigsee galma kee si geessisu
qopheeffadhu!
138. Ofbeeki; Of-beekuun of ta'uudha. Ofta'uun immoo nama ta'uudha. Nama ta'uun immoo namaaf
ta'uus akka dabalatu hin dagatin!
139. Dhalli namaa uumama jiran hunda keessaa kan bilisummaan jiraachuuf uumameedha.
140. Carraatti amanuun beekumsa dhabuu irraa madda.
141. Carraa eegdee, yeroo fi sammuu kee hin qisaasessin! Ganamaan carraaqqachuutu nama
milkeessa waan ta'eef.
142. Yeroon darbe akka bishaan darbee ti. Hin waraabamu! Hin qabamu! Hin argamu! Ittiin
hojjetamu! Hin deebi'us!
143. Kaleessaan garboomuun, dhaanamuu bara ijoollummaa bara dargaggummaa boo'udha.
144. Kaleessa kee sirreessuuf deemta yoo ta'e boruu kee balleessaa akka jirtu hin dagatin,
addunyaa kana irraa namni kaleessa isaa jijjiire hin jiru.
145. Maatii hiyyeessaa keessaa dhalachuun duroomuu sin dhorku, yoo sammuu hiyyeessa qabaatte
malee.
146. Miidhamuun kee kaleessaa miidhaguu kee boruu si hin danqu!
147. Qaama miidhamaa ta'uun namaa gadi nama hin taasisu, yoo sammuu miidhamaa qabaatte
malee.

11 | N a n M i l k a a ’ a
148. Kaleessa kee jijjiiruu hin dandeessu, borii kee akka barbaaddetti qajeelchuuf garuu aangoo
cimaa fi humna guutuu kan qabu si qofa.
149. Haaloo qabachuun amala namootaa isa fokkisaa fi jibbisiisaadha.
150. Harreen yoo si dhiitte, atis deebitee harree yoo dhiitte siif harree gidduu garaagarummaan jiru
miila lamaan deemuu kee qofa, dhiituun amala harreeti, dhiisuun immoo amala namaati!
151. Haaloon qilleensa hamaa sammuu faaludha.
152. Haaloon summiidha. Summii ofiif oomishtee suma deebi'ee galaafatu.
153. Haaloo bahuuf fiiguu irra haala gaariitti jijjiiruutu sammuu kee boqochiisa.
154. Hiriyaa gaariin kafana. Icciitii fi dhoksaa namaaf golga.
155. Hiriyaa gaariin akka of taatu barbaada. Hiriyaa yaraan akka isa fakkaattu barbaada.
156. Hiriyaa keef jettee kaayyoo kee dhabuu irra, kaayyoo keef jecha hiriyaa kee dhabuu wayya.
Kaayyoo gaariin hiriyaa gadhee waliin wal si dhabsiisa waan ta'eef.
157. Namni mataa kee si dhahe si madeessa. Namni xinsammuu kee rukute si ajjeesa.
158. Aggaammii gara sammuu keetti godhamu kan sirraa ittisu mootummaa ati filatte osoo hin
taane, kaayyoo ati qabattedha.
159. Waan jaallattu argachuudhaaf waan hin jaalanne keessa darbuu qabda.
160. Bakka mukni goolii jiru hin beektu taanan callistee kubbaa dhiituun kee faayidaa hin qabu.
161. Namni nama jijjiiruu hin danda'u. Garuu namni tokko akka namni jijiiramuuf sababa ta'uu
danda'a.
162. Dukkanni ati amma keessa jirtu humna guddaa qabaatee miti. Situ ifa guddaa si harka jiru
dhaamsee keessa dhaabbataa jiraaf malee.
163. Namni irra deddeebiin waan hin qabne lakkaa'aa oolu, waan qabu dagata.
164. Nama hunda biratti fudhatama dhabuu dandeessa, garuu kan jijjiirama fidu ofuma kee biratti
fudhatama qabaachuu fi dhiisuu keeti.
165. Bololli mootii garbicha yoo taasisu. Obsi immoo garbicha mootii taasisa.
166. Namoota jechaan osoo hin taane onneen si booji'an filadhu!
167. Jaallatamuu yoo barbaadde yeroo baay'ee cimina kee odeessurra, hanqinaalee kee odeessuu
filadhu!
168. Hanga guddina kufaatii keetii kan murteessu, deebii ati kufaatii keetiif deebiftuudha.
169. IImi abbaan abaare gufuu teessu dheessa.
170. Sammuu fi onnee duwwaa malee kiisii/giphii duwwaan eenyuyyuu booddetti hin hambisu.

12 | N a n M i l k a a ’ a
171. Nama tokkoof yaada isaa hubachuu caalaa wanti isa gammachiisu hin jiru.
172. Hoggantummaan sammuudha malee guddina qaamatiin miti.
173. Nama ergamuu bare gabaatu harree qabsiifata.
174. Hangam yoo beelofteyyuu dhugaa waan nyaatamuun hin geeddarin!
175. Raaree irra gahuuf tabba bahuun; barii irra gahuuf dukkana keessa darbuu qabda. Kanaaf, obsi
gatii qaba obsi!
176. Yoo qophaa'aa taate guyyaan borii qabeenya ati qooddachuuf eeggattuudha.
177. Jaarraan kun jaarraa mul'ataan injifatani malee jaarraa mufachuun injifatan miti.
178. Addunyaan sammuu kee fi jecha ati waa'ee keef qabdu keessa jirti.
179. Gatiin kee sababa namootni arguu dadhabaniif gadi hin bu'u!
180. Namoonni waan dubbisan yookiin waan beekan namootaaf hin qoodne namoota of qofaaf
yaadanidha.
181. Namni waan siin jedhu hin dhabu; ofiinuu waa jedha waan taheef!
182. Ifa fuuldura kee jiru ilaali! Dukkana har'aa obsi! Namni ati abdattee haala koo naaf jijjiira jettu
amala isaa sitti jijjiiruu danda'a.
183. Namni sababaan sitti dhiyaate, sababaan si dhiisee akka deemu hin dagatin!
184. Namoota osoo sirraa homaa hin barbaadin tola siif oolaniif, gatii guddaa kenni!
185. Muka beekan qoricha hin se'an!
186. Jijjiiramuun jijjiiruu dursa, garuu lamaanuu gatii akka nama kaffalchiisu beekuu qabda.
187. Diinni yoo si waraane qaama kee si madeessa, hiriyaa sobduun garuu sammuu kee si madeessa.
188. Hiyyeessi yakka namaatti kan adabamaa oolu haqa dhabee osoo hin taane harkaa dhabeeti.
189. Nama waan ta'uu qabu ta'uu danda'u akka taatetti of ilaali!
190. Kan si cina jiraatee si hin fayyadne, si biraa fagaatees si hin miidhu!
191. Abdii hin kutatin dukkana guddaa keessa ifa xiqqoon darbuu dandeessa.
192. Hin dagatin namoonni gocha gaarii baay'ee ati goote irra dogongora kee tokkittii yaadatu.
193. Yaaltee dadhabuun kufaatii miti, kufaatiin yaaluu dadhabuudha.
194. Addunyaan kan jijjiiramtu fakkeenya keetiin osoo hin taane ilaalcha keetini.
195. Yoo baay'ee kunuunsite adurreeniyyuu qeerransa of se'uu eegalti!
196. Namni guddaan guyyaan inni xiqqaachuu eegalu gaafa jaalala qarshiin bituu eegalu.
197. Iccitiin kufaatii tokko nama hunda gammachiisuf yaaludha.
198. Jireenya kee keessatti fakkeessuu dhiisi eenyummaa kee dhugaadhaan namatti dhiyaadhu!

13 | N a n M i l k a a ’ a
199. Iccitiin gammachuu argachuu, nama irraa waan xiqqaa; ofii kee irraa waan guddaa eegudha.
200. Osoo nama hin ta'in, namaaf ta'uun hin jiru!
201. Osoo wanti si boochisu baay'een jiruu ati dandeessee kolfuun jabeenya.
202. Namoonni yaada waa'ee keetii qaban dubbatu malee eenyummaa kee isa dhugaa hin
dubbatan.
203. Jireenyi filannoo baay'ee qabdi garuu hundumaa yeroo tokkotti filachuun hin danda'amu.
204. Hiikni ati jireenyaaf laattu, hiika ati eenyummaa keef qabdu irraa madda.
205. Baay'achuun dukkanaa mallattoo ifa bariiti.
206. Namoonni biroo waa'ee kee maal akka yaadaniif hin dhiphatin! Jireenya kee seerota mataa
keetiin bohaarsi malee.
207. Amananummaan akka daawwitiiti; takkaa yoo cabe akka duriitti si hin agarsiisu.
208. Kaayyoon kompaasii jireenya keetiiti.
209. Mul’ata ofii arguun dandeettii ija sammuuti. Kanaafis Hellen Keler ragaa addunyaa taatee
darbite.
210. Qaamaan miidhamuun sammuun miidhamuu miti.
211. Wanti nama gaddisiisu ija dhabuu osoo hin taane osoo ija qabaatanii mul’ata dhabuudha.
212. Namoonni osoo ija hin qabaatiin mul’ata qaban akkuma jiran namoonni osoo ija argu qabanii
mul’ata hin qabnes danuudha.
213. Namni mul’ata hin qabne galma hin qabu; galmi immoo firii carraaqqii mul’ataati.
214. Namni damma baafatee nyaachuu barbaadu tokko hiddaa kanniisaa obsuu qaba!
Hiddaa/ilkee kanniisaa malee damma nyaachuuf yaaluun mul’ata malee milkaa’uuf yaaluu
waliin wal fakkaata waan ta'eef.
215. Namoonni har'a addunyaa kana irraa nama guddaa jedhaman namoota aarsaa gurguddaa
kaffalan ta'uu isaanii hin dagatin!
216. Wanti taa'anii salphaatti argatan hiyyummaa, garbummaa fi doofummaa qofa.
217. Hayyummaan aarsaa malee argamu harrummaa dha!
218. Digrii bitachuu dandeessa; beekumsa dhaloota fayyadu garuu mana ciisanii argachuun hin
danda'amu.
219. Dorgommii gaafa seentu cimina dorgomtoota kee ilaalta taanaan salphaatti mo'amta!
220. Cimina garee faallaa kee dhiisi; humna dorgommii kee si injifachiisu horadhuu dirree seeni!

14 | N a n M i l k a a ’ a
221. Dorgommii seentee mo'achuuf wabiin kee qabaachuuf dhabuu kee osoo hin taane ilaacha keeti,
kanaafuu ilaalcha sirrii qabaadhu!
222. Duumessaa'uun samii, siif roobuuf malee sitti qorruuf miti, duumessaa'u malee hin roobu
waan ta'eef!
223. Milkaa'ina keef bu'uurri ilaacha keeti, ilaalcha kee qajeelfadhu!
224. Dirree dorgommii seentee moo'uu waan qabduuf moo'atta malee, gareen faallaa kee cimaa
yookiin laafaa waan ta'aniif miti!
225. Ilaalcha gaarii qabaachuun sammuun kee hammeenyaaf akka iddoo hin kennine taasisa.
226. Boolla akka ati kuftuuf siif qotame duuchuuf hin rakkatiin, biqiltuu dhalooota dhufuuf
gaaddisa ta'uu danda'u keessa dhaabi malee!
227. Namoota hiriyaa kee ta’an waliin yeroo yommuu dabarsitu yaadota qajeeloo irratti waliin
mari’achuu amaleeffadhu!
228. Sammuun kee akka baankii ti. Waan gaggaarii yoo itti kuufte! Waanuma gaggaarii qofa siif
maddisiisa.
229. Rakkoon kee tulluu ta'ee mul’ata kee irraa akka si hin hambifne, dursii gulantaa kee ol kaasi!
230. Rakkoo rakkoo kan taasisu akkaataa ati ittiin ilaalteedha!
231. Namni guddaa kan jedhamu qaama guddaa waan qabuuf osoo hin taane, ilaalcha guddaa
galma isaa bareechu waan qabuufidha!
232. Jireenya kee jijjiiruuf dursa ilaalcha ofiif qabdu jijjiiruu qabda.
233. Rakkoo addunyaa kana rakkisu hedduu isaa rakkoo kan taasise itti dammaquu dhabuu
keenyadha!
234. Addunyaan kun sammuu dhala namaa keessa jirti.
235. Sammuun dhala namaa kallattii sirriidhaan yoo ittiin hojjetan qofa bu’aa buusa.
236. Sammuun dhala namaa kallattii hamaatti yoo oofan miidhaa fida.
237. Sammuun dhala namaa itti fayyadamuu dhiisnaan bu’aa malee hafa.
238. Cophni yaadaa sammuu keessaa dhangala’u addunyaa kana gara gaariitti yookiin gara
hamaatti jijjiiruu akka danda’u hubadhu!
239. Uumamuu keetti caalchisii gammadi malee tasumaa hin gaddin.
240. Ati karooraan, kaayyoof uumamte malee akkasumaan akka hin taane cimsii beeki!
241. Ati gad of-darbannaan eenyu iyyuu ol sin baasu. Kana hubadhu!
242. Ati uumama kabajamaa addunyaa kanaati.

15 | N a n M i l k a a ’ a
243. Ati kaayyoo fi karooraan itti yaadamtee, uumama biroo irraa addaan baafamtee uumamte.
244. Ati akka tasaa yookiin ta’i jedhamtee uumamte miti.
245. Si'iin ogummaadhaan uumaa waan hundumaa isa ta’e Waaqayyotu si tolche.
246. Gatii guddaa qabda kana cimsii irra deddeebi’ii hubadhu!
247. Uumamuu keetti gammachuu guddaa qabaadhu malee lafa yaadde gahuuf humna guutuu
qabda.
248. Daangaa ofiif keesse keessaa of baasuuf dandeettii guutuu kan qabu si qofadha.
249. Namoota beektota xinsammuu ta’an barbaadii hiriyoomfadhu! Isaan waliin dabarsi!
250. Sammuun kee mul’ataa fi kaayyoo qabdu bira gahuuf dandeetti akka qabu irra deddeebi’ii
amansiisi! Sababni isaa sammuun kee waanuma ati itti himte siif dhugoomsa!

Galatoomaa!!!

▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬

https://t.me/Getu_Abera

January 27, 2023

https://t.me/Gaggeessummaa

▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬

16 | N a n M i l k a a ’ a

You might also like