Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 53

SHAMIL NASIR MOHAMMED

MEETOO
Asoosama gabaabaa.

Barreessaan: SHAAMIL NAASIR MOHAMMED.


Bara: 2021
Carcar, Baha Oromiyaa.

MEETOO 1
SHAMIL NASIR MOHAMMED

Qe'een goohaan guutamtee hundi akka waan haasahuuf waljalaa qabaa dubbatanitti
sagalee Rabbiin mataa mataa isaaniitiif kenneeniin dhadhawaaqu. Namni kuun ni
kofla, kuuwwan ammoo wal yaama. Ijoollonni gariin yoo wal qorqidaa qasa'an,
gariin ammoo "kiyya naa kennu dura naa kenni irraa naa fuudhi" jechaa walitti
booyu. Kanuma jidduu ammoo gaafa namni wal fuudhe kan kuun sagalee
muuziqaa sanaa dhaggeeffatee alaa dhiichisu kuun ammoo haadha isaanii jalatti
siqanii itti qanyisu. Sabaaf callisa baayyata. Mana duuba gara galee waan tahe
hunda daawwata. Nama isatti dhihaatu hunda itti hin dhiyaatu. Gaafa gaafa
uumama kana tole jedhee fudhatullee wantoonni namoota naannoo isaa marsanii
jiraatan godha immoo isatti hin tolu. Garuu tole jedhee yoo fudhatu filannoo biraa
waan hin qabneefi. Jiddutti afaan qabatee taajjaba. Isa isheen isa biraa kophaa
seeqaan jidduun sagalee baafte dhasaq jettu dhagahee achi laalaa... . Haalli jiru
hundi itti bitaa galee milkii isaa dhiisee yaaddawa. Ijaatu arga malee miirri isaa
waan achi hin jirreef "maaliif kofalte" jechuuf yeroo hin qabu. Uumamni namaa
kun maaliif akkatti wal qoodaa garuu?... maaliif inni achii dhufee kun gara sanii
dhufee ja'anii adda add wal dhiibanii?... moo si Rabbumaatu ati gosa tanaa inni
gosa akkasiitii jedhee uumee! Jedhee gaafii deebisaa hin qabne of gaafataa deema.
Jiddutti akka Meetoon taatu kana laalee sa isheen addunyaan tam keessa jirti...
gowwummaan hangana gahu maali?... moo garaa laafinni dubartootaa waanuma
argatan akka waan keeti jedhamtee isaaniif kennamtetti laalanii akka jiraatan isaan
godheetii?... jedhee ishee jaja. Garuu akkasii miti jedhee xiqqo osoo hin turin
akkaataa aadaa fi safuu hawaasa keessa jiruu kanatti deebi'ee quba if nyaatuu
eegala. Dhaloonni dur bar akkanaa mitii?.. silaa hundeen saba kanaa maqaa
garaagaraa walii moggaasuu oolanii wayi amma mana manatti moggaasa waliif
kennee wal nyaataa?. jechaa waan ilmaan isa boodarra gahuuf yaada jeeqama.

Meetoon ni sesseeyxi, bashaqqeen asheeta lagaa fakkaattu ija ishee bururii san
gaafa ol jettee oliif gadi wiliq wiliq gootu waanuma ampooliin waatii saddeettamaa
mana keessa garaggalaa jirtu fakkaatti. Jiddutti isa as laaltee gammachuun garaa if
qabatti. Onnee dhawattu harka isheetiin lakkaawwii irra kaahaa isa taajjabdi.
Osuma isa taajjabduu Meetoo jettee if yaamuu eegalte. Sabaaf takka as garagalee
ishee mil'atus ammas yaada isatti deebi'e. Inni fagaareera, akkaataan qoqqooddaa
saba Oromoo kun dur akkam akka turee fi amma ammoo ummanni kun

MEETOO 2
SHAMIL NASIR MOHAMMED

qoqqooddaa sanyummaa fi gosummaa tana maalitti akka fayyadamaa jiran buusee


baasuu eegale. Oromoo jechuun jedhee eegale, miidhaa sirni kolonii irraan
geessise baasee buusuun isaaf hojii idilee tahee jira...

MEETOO 3
SHAMIL NASIR MOHAMMED

*1*

Meetoon intala kokkofaltuudha, yeroo hunda seeqa baayyisti. Dhaabbiin ishee


dheertuu tahuu baattus hammas gabaabduu miti. Kofli isheefi akkaataan isheen
namaa waliin haasoftu dabalatee akkaataan isheen ittiin nama simattu waan nama
harkisuuf, namoonni ishee beekan baayyee ishee jaalatu. Keessattuu yeroo ishee
waaman akkaataan isheen itti nama jalaa owwaattu baayyee garaa nyaata. Meetoo
gaafa ati jettuun ' ooyyee' jechuun ishee dargaggoota qofa osoo hin taane
manguddoota miira keessa galcha, waami waami sigodha sagaluma ishee 'oooohh'
ittiin jettu san dhaggeeffachuuf.

Intalli kokkofaltuun kun dubra heerumaaf gahe sitti hin fakkaatin, lakkii daa'imas
mitii amma harma burtukaana fakkaatu kan qarri isaa lilmoo fakkatu kana as
babaafatteet jirti. Yeroo kana kutaa 7ffaa baratti ture kan Caaliifi Ifnaaniin
walbaran. Isaaniin kan wal baran yeroo isaan mana Meetoofaa kireeffatanii kutaa
9ffaa barachaa turanitti. Caaliifi Ifnaan naannawa magaalaa isaanii kanarraa xiqoo
waan siqaniif mana Barumsaa sad 1ffaa kanuma Meetoon amma itti barachaa jirtu
kanatti baratanii gara sad 2ffaatti oldarban. Akkuma dhufaniin mana isaanii
kireeffachuun Meetoodhaan walbaranii waliin qayyabachuu eegalan. Meetoon
namaan wal baruun isheef salphaadha waan taheef Caaliifi Ifnaaniin
hiriyoomfachuu bira darbee arjummaa qabdu waliin qaama tokko waliif tahan.

Yeroo kanadha Meetoon gara dubrummaa guutaa waan jirtuuf akkaataa hiriyootni
ishee ittiin barattoota dargaggoota waliin itti dabrsaa jiran ishee butuu hin oolle.
Qaamni ishee amma ol qunxuuruufi hawwatamummaan ishees akka namni hundi
isheef bakka kennu taasiseera.

Yeroo kana Caaliin ilma abbeera ishee kan kutaa 12ffaa barachaa jiru achuma
magaalaa kana keessa kan jiru ishee bira dhufu qabdi. Innis maqaan isaa Sabaaf
jedhama. Innis yerootti qorumsa seensa yunibarsiitii qoramuuf waan taheef
achuma intala abbeera ishee Caalii bira deemee nyaata nyaata. Nyaata qofa osoo
hin taane Caaliifaan barumsi kutaa sagalii afaan ingiliffaati waan taheef galgalas
tahe ganama isaan qayyabachiisa.

MEETOO 4
SHAMIL NASIR MOHAMMED

Yeroo kanadha ijji Sabaaf waan addaa tokko arge, sunis intala bashaasha,
hawwattuufi amala qabeettii. Utuu inni hulaa mana caaliifaa dura teessoo wahii
fudhatee irbaata nyaachuuf taa'aa jiruu mana keessaa gadi baate...

MEETOO 5
SHAMIL NASIR MOHAMMED

... Meetoon akkuma amala ishee kan yeroo nama argite jechaan tuquun dubbistu
Sabaafiin dubbisuun ishee hin dhibne. Sabaaf taa'ee akka nama waan yeroo dura
dubbisee irra deebi'ee yaadutti gadi jedhee yaadaan badeera. Eeyyen akkasuma
waan reefu dubbisaa ture yaadachaa jira, akkuma ishee ijaan mildhateen gadi
jedhee yaaduu itti fufe. Meetoon hulaa manaa erga baatee booda Sabaaf bira gahuu
isaa wanti dubbiseefi qaamni ishee kan isa mildhate sun yaada lama itti tahuun
taa'ee harka isaa kan qubeellaan xiqqoon tokko irra jiru qaqqabu itti dhuftee
"yaadannoodhaa" ittiin jechuun bira darbite. Jechuun ishee qubeelaan ati harkaan
tuttuqaa jirtu kun kan nama jaalattuutii? Akka jettuuti. Innis osoo jecha isheef
deebii hin kenniniif callise. Uuhuu!... maal jechuu isheeti, osoo waluu hin barin
akkana jechuun ishee maali?... ofiin jechuun isaa hin oolle. Jedhus Sabaaf dubbiin
ishee kun isa dhibdus joollummaa qaama ishee laaluun dhimma biraaf miti ofiin
jedheetuma bira darbe.

Sabaaf akkuma ganama nyaata nyaateen galgala gara Caaliifaa dhufe. Kunoo
Meetoon Caaliifaa bira jirti, asumaan achumatti walbaran. Sabaaf akkuma amala
isaa Caaliifi Ifnaaniif qayyabachiisu eegale. Yeroo kana isheenis Caaliifaa biratti
dubbisaa waan jirtuuf suutuma suutaan akka Sabaaf ishees qayyabachiisu gaafatte.
Sabaafis nama gargaaruun amala isaati waan taheef keessattuu dubartoota
gargaaruun akka isaan dandeettii isaaniin waan barbaadan argatan gochuuf
beekumsaan isaan dabaaluu fedha. Meetoonis wanta isheetti ulfaatu isatti garsiifatti.
Erga inni Caaliifaa biraa bahees Meetoon gara mana maatii isaaniifaatti Sabaaf
waamuun hojii manaa hojjechiifatti. Sabaafis akkaataa isheef tolutti isheef galchaa
gaafii biraatis itti dabaluun isheef hojjeta. Haalli gaariinifi amalli Sabaaf kun
Meetoo waan harkise fakkaata, yeroo inni ishee qayyabachiisu itti hirkatti hirkatuu
qofaas miti ija keessa ilaaltiin. Inni garuu haala isheen keessa jirtu kana waan
hubate hin fakkaatu, sababnis Meetoon daa'ima amma gara saal_lammeessoo
dhufte waan taheef akka waa'ee jaalalaa beektu hin sehuun.

Garuu Meetoon Sabaafiin jaalatteetti, jaalalli xiqqoo qabaaree. Kaayyoon ishee


jaalalaa miti, garuu akkuma dura durba taateen sabaafiin arguun ishee akka
jalqabbiin kun dhiibee jaalala keessa ishee galche. Jaallatuu bira dabartee hanguma
MEETOO 6
SHAMIL NASIR MOHAMMED

duraan yeroo inni mana caaliifaadhaa bahu isa eegdee waamtu illee hifattee jirti,
kanaaf yeroo isa ijaan argite hunda fiigdee bira dhaqxi. Yeroo inni nyaata nyaatus
waliin nyaatti, nyaata fuutee afaan keessiif. Meetoon qaamaanis tahe umriin
xiqqoo tahuun ishee Sabaaf akka intala dubraatti ishee hin ilaalu, sababni Sabaaf
akka yaada isaatti dubartiin yeroo qaamaanis tahe umriin ishee gara 18 geesse akka
dubaratti waan hubatuuf. Garuu Sabaaf isheef hubatuu dhabus Meetoon Sabaafiin
arguun isheef gammachuu addaati. Keessattuu yeroo isa waliin nyaata nyaattu
yeroo isaaf 'gurshaa' kennitu inni deebisee harka ishee baasuuf, ammas yeroo inni
hojii manaa dalaguuf kan isaatti hirkattee ija isaa keessa ilaaltu araada itti taheera.
Kanaaf guyyaa inni mana isaanii hin dhufin isheef yaaddoo tahaa dhufeera.

Haala kana hunda arguun Meetoo akka jaalala isaatiin qabamte of barte. Kanaaf
Meetoon haala Sabaafiif jaalala ishee kan isaaf qabdu kana ittiin ibsitu yaaduu
jalqabde...

MEETOO 7
SHAMIL NASIR MOHAMMED

... Barumsaaf isa barbaadaa keessa garuu isa arguun isheef buufannoo tokkodha.
Haala kana keessatti Meetoon Sabaafiin jaalattus inni garuu isheef baruu mitii
haala isheen keessa jirtu kana yaadeetuu hin beeku.

Meetoon bakka sabaaf itti dubbisu deemuun dirqama itti taheera, keessattuu isa
bira deemuun uffata isaa miicuufii eegalte. Yeroo tokko tokko bilbilaa harkaa isaa
irraa fuudhuun sirba jaalalaa dhaggeeffataa sirbiti. Sagalee miidhagaa ishee sanaan
sirboota jaalalaa yoo sirbitu, keessattuu sirba Hacaluu Hundeessaa kan "maaliif
dallante" kan jedhu baayyee sirbiti. Ammallee sabaaf isheef hubachuu hin
dandeenye, haalli kun baayyee ishee dhiphiseera, 'wayi jaalala joollummaa' kana.

Meetoon haala kana keessa osoo jirtuu arra dirree baaftee jaalala isaaf qabdu akka
inni baru gocnuuf carraa tokko argatte, sababni Sabaaf baayyee dhukkubsatee jira
'utaalloo' fakkaata. Kanaaf Meetoon Sabaafiin jajjabeessuuf nyaata akkaan
tolchitee bakka inni ciisaa jirutti dhuftee isa gaafatte. Wanti kun Sabaafis yaada
keessa galchuu hin oolle, sababni osoo Caaliin jirtuu isheen haala nama
hawwatuun miidhagdee dubara gahe fakkaattee isa gaafachuun akka inni maaliif
jedhu waan taasise fakkaata.

Ta'us garuu Sabaaf dafee akka Meetoon barbaaddu tahuu hin dandeenye.
Keessattuu erga dhukkubbii irraa fayyeellee gara mana isaanii otoo hin gorre
deebi'a, yoo isheen waamte malee. Isheen garuu akka inni ishee barbaadu waan
jaalattuuf baayyee aarti. Haalli kun isheetti hin tolle kaa, inni maaf gubaa jaalalaa
namaaf hin barree?

Meetoon jaalalli sabaaf ishee mana waan godhateef irraa ifduuba deebi'uu waan
dandeessu miti. Kanaaf Meetoon yaaddooftee jirti, jaalalli taphaaree?

Meetoon intalli bashaashni gammadduun, tan nama hunda harkistu amallishee


jijjiiramaa dhufeera. Kan dur ganamaafi galgala Sabaafitti maramaa, itti hirkataa,
nyaatas wajjiin nyaataa kokkofaltu amala nama biraa filatte fakkaatti.
Bashaashummaan ishee dheessee callisa filattee jirti, kan yeroo hunda fuulli ishee
ifus garuu amma gurraachoftee kophummaa filattee jirti. Kan dura ganamaafi

MEETOO 8
SHAMIL NASIR MOHAMMED

galgala barnoota Sabaafiin gaafattu amma irraa dheessitee jirti. Sabaaf garuu haalli
Meetoon tahaa jirtu kana hin barre, maaliif akka isa dheessitee kophummaa
filattees hin gaafanne. Haala kana hunda ishee gaafachuu dhabuun Sabaaf akka
Meetoon baayyee miidhamtu taasise. Kan dura kophummaa filatte garuu harra itti
dabaluun ishee dhukkubeera. Onnee isheetu Sabaafiin booji'ame waan ta'eef
Onneen ishee haalaan dhukkubsatte. Dhukkubsatuu isheefis Sabaaf hin gaafanne,
sababni Sabaaf ishee hin gaafatiniif qorumsa biyyaalessaf dubbisaa waan jiruuf
yeroo caaliifaa biraa turee bahu kallattumaan gara bakka dubbisa isaa fiiga,
kanaafidha. Ta'us kan Meetoon jaalala isaaf kana hunda taatu baruu dhabuun isaa
baayyee nama raajessus, sodaan fi safuun dubartiin oromoo Jaalala baafattee
afaaniin 'Sinjaladha' jechuu safeeffattu kun siin hin raajeessin. Inni hoo maaf amala
jaalalaa wallaalee? Way kaayyoo kana.

Meetoon erga jaalala Sabaafirraa dhukkubsattee guyyaa sadii geessee jirti, kanaaf
isatti aarii qabaattuus yaada isaa obsuu hin dandeenye. Kanaaf hiriyaa ishee Caalii
waamuun yeroo sabaaf dhufe akka gara koo dhufu godh jetteen. Caaliinis yeroo
sabaaf ishee bira dhufee nyaata nyaatu osoo inni gara bakka dubbisa isaa hin
deebi'in "Sabaaf ati maaf Meetoo gaafachuu ooltaa?" Jetteen. Innis deebisee "maal
taate? hin dhageenyeem? jedheen. Isheenis kofaltee "dhagahuu qabda ture,
keessattuu Meetoo moo" jetteenii akka amma gara mana Meetoofaa seenee ishee
gaafate itti himte. Sabaafis tole jedhee gara Meetoo deemee ishee bira olseene.
Yeroo kana Meetoon siree irra ciisaa jirti, oljettee isa laalte.

MEETOO 9
SHAMIL NASIR MOHAMMED

...Kan agartes Sabaaf akka tahe barte, Sabaafis dhaqee mataa ishee gubbaa taa'e.
Isheenis oljettee isatti hirkatuun teessee "Sabaa maaf akkana garuu, ati lubbuun
numa jirtaa?" jetteen. Innis "eeyyen kaa jira kunoo waan dubbisni nu godhe malee"
jedheen. Sabaaf waan ariifachaa jiruuf daddafee Meetoo maaltu si dhukkubaa?
maal taatee? Eessatu si dhukkubee? jedheen, isheenis onneetu na dhukkuba, kunoo
iddoo kana jechuun harka Sabaaf qabdee harma ishee kan gaafa jibootaa fakkaatu
kan amma lafaa ol quuqqatu sana gidduutti gadi qabde. Qaamni ishee akka abiddaa
nama guba. Yeroo kana sabaaf ni nahe, akka waan rifatuu tahus qaamni ishee miira
isaa sochoose. Sabaafis maal taate jedheen, Isheenis "mukatu narra bu'e muka
mooyyee osoon shuummoo tumaa jiruu" jetteen. Sabaaf ija isaa keessa ilaale,
isheenis isa ilaalaa jirti. Isheen ija ishee kuula fakkaatu sanaan isa ilaalaa gara siree
irra taa'aa jirtuutti quba qabuun "ati osoon ani asirra sikaa'ee jiruu maaf lafatti na
harkaa gad deemtaa?" ittiin jetteen. Sabaafis jechi ishee kan isatti gaaffii tahe
Meetoon maaf akkana anaan jettee jechuu hin oolle. Akkas isaan jechuun ishee
osoon ani bakka guddaa siif qabuu maaf natti garaa jabaatta jechuu isheeti. Innis
waan beeke fakkaata, keessattuu kan yeroo mara Meetoon isa arguuf dhiphattu
amma sabaafis ganamas tahe galgala ishee dubbisuu eegaleera. Meetoonis erga
isaan haala kanaan wal argitee booda babbareeddee isatti muldhachuun isa
hawwatuu itti fuftee jirti. Garuu sabaaf akka duraanirra xiqqoo wayyaa tahus
ammallee fedhii isheen jaalala isaaf qabdu guutuu hin dandeenye. Isheen garuu
haala danda'amu hundaan jaalala ishee himattee jirti. Innis jaalalli ishee akkas isa
qabuu baatus garuu haalli ishee kun isas waa keessa fiddee jirti. Galgala erga
Caaliifaa biraa nyaata nyaatee booda ishee waliin taphata, kun isheef gammachuu
tokko. Otoo jedhanii sabaaf guyyaa tokko gara mana maatii isaa baadiyyaa deeme.
Iddoon isaan jiran kun magaalaa Baddeessaati ture kutaa 9rraa kaasee asitti
barachaa ture, amma garuu iddoon maatiin isaanii jiran cinaa magaalaa baddeessaa
kan karra seensa magaalaa galamsootirra taate ganda Odaa Roobaa jedhamtu
deeme. Akkuma inni as maatii isaa bira deemee guyyaa lammataa naannoo gara
sa'aatii 11tti bilbila caaliitiin isaaf bilbilte Meetoon. Baayyee waliin haasawanii
baayyees waliin taphatan. Tapha kana keessa Meetoon akka isa dhabuu hin
dandeenye itti himtee dafii deebi'i si yaadee jetteen. Yeroo kana innis jaalala ishee

MEETOO 10
SHAMIL NASIR MOHAMMED

baruun ishee simatuun of qopheesseera. Sabaafis akkuma isheen jetteen guyyama


itti aanu kana gara magaalattii deebi'uun isheen wal argan. Wal arganiis sabaaf
dafee fedhii jaalala isaa isheef ibsachuu hin dandeenye.

Haala kana keessa otoo jiranii guyyaa tokko ganama akkuma inni isaan bira
dhufeen mobaayila isaa irraa fuute. Innis osoo isherraa hin fudhatin isumarratti
dhiisuun gara iddoo dubbisaa isaa dhaqe. Sabaaf ofiif jaalachuu baatullee nama isa
jaalatu takka ni qaba ture. Isheenis 'Hawwii' jedhamti. Yeroo kana Hawwiin
sabaafiif bilbilte kan jalaa kaase sabaaf otoo hin taane Meetoodha. Meetoonis
yeroo maqaa nama bilbilee kana ilaaltu Hawwii jedha. Meetoon erga xiqqoo waliin
dubbattee silkii irratti cufte. Meetoon yaaddoftee jirti, edaa ani jaaladhee hin
argadhuu ofiin jette...

MEETOO 11
SHAMIL NASIR MOHAMMED

......... 5...

...Meetoon yaaddoftee jirti, edaa ani jaaladhee hin argadhuu ofiin jette. Meetoon
amma dura takka nama jaalattee hin beektu, sabaaf jaalachuun isheef jaalala
jalqabaati kanaafidha isheef haarawa waan ta'eef kan rifattee akkana jetteef.

Hawwiin sabaafiin jaalattullee inni garuu jaalala dura barnoota jedhee waan
amanuuf durumaa isheef bakka kennee hin turre. Amma garuu jaalalli Meetoo
onnee isaa dhahee jira. Kan inni yaadaa jirus Meetoo waliin wal argee akkamitti
jaalala dhugaa waliif ibsuun gara kaayyoo keenyaa seenna kan jedhudha. Meetoon
garuu wanti silkii isaarratti ishee mudatte ishee mataa dhukkubsee jira. Isheenis
garaa jaalalaa kan jaalala miidhame sana kichuu akka waan mataa kutanitti bifa
aarii rifaatuu qabuun isa eegaa jirti. Innis galgala dhufe, Meetoon tan ijji ishee
ofitti nama harkisu amma imimmaaniin guutamtee gara isaa dhufte. Dhuftees waan
jettuun wallaalte, innis "maali maal taate Meetoo maaliif akkana taataa" jedheen.
Isheenis "silkuma kee narra qabi anatu rakkoo qaba duruu" jechuun bilbilaa isaa
isatti darbite. Innis ni nahe, waan jedhu wallaale. Isheen akkasumatti ofirra
garagaluun gara mana isaanii ol seente. Innis rifaatuu isaaf Meetoon maal akka
taate nama gaafatus dhabe, isherraa baruufis isheerraa karaa hin arganne. Sabaaf
jaalalli Meetoo amma onnee isaa lixuus garuu Meetoon dogoggora sanaan isarraa
fuula deeffatuuf dhiphatteerti.

Garuu Meetoon daftee nama yeroo jalqabaaf onnee ishee fuudhe kana abdii irraa
kutuu dura tooftaa tokko baafatte, deemtee Hawwiin eenyu akka taate baruu filatte.
Kanaaf kan isheen jalqaba gaafattes Caaliidha. Caaliinis Hawwii waan beeytuuf itti
himte. Hawwiin garuu Caaliifaa bira waan dhuftuuf Meetoo ni beeyti ture.
Meetoonis achiin Hawwii qaamaanis barte. Yeroo kana Sabaaf jaalala Hawwii
waan hin qabneef harka ofii jala galfachuuf Hawwiin galgalas Caaliifaa bira
dhuftee bulti, garuu sabaaf waan fuula dhoowwateef hiriyaa Sabaaf kan ta'e tokko
jaala deddeemuu eegalteet jirti hawwiin. Kana kan gooteefis akka Sabaaf hinaafee
ishee jaalatuufi ammas sabaaf Meetoo jaalachuu hin oolu waan jedhu shakkuun
achiin isa jeeqa waan jedhu yaaddeetu, garuu kun daranuu isa waan aarseef
jibbiinsi inni isheef qabu dabale. Kana guyyaa tokko otoo inni Caaliifi Meetoofaa
qayyabachiisaa jiruu gurbaa hiriyaa ishee tura kanaa walin mana caaliifaa qabattee
MEETOO 12
SHAMIL NASIR MOHAMMED

itti dhufte. Yeroo kana inni baayyee arrabsuun akka isheen deebitee Caaliifaa bira
hin dhufne itti hime. Kana keessa Meetoon wantoota ta'aa jiru laaluun akka sabaaf
ishee hin jaalanne barte. Kanaaf Meetoon amma waan sabaafiin hamilee isaa
gammachiisaa hojjechuu itti fufte.

Otoo jedhanii Sabaaf Meetoo akka isa jaalatte afaan isheerraa adda baruuf
murteesse. Innis ganama tokko gara mana ollaa isaanii tokkotti ishee waame,
isheenis dhuftee fuula isaa dura teesse.

MEETOO 13
SHAMIL NASIR MOHAMMED

..........6.........

...Meetoon dhuftee sabaafiin fuula isaa dura teesse. Isheenis "maali maaliif na
waamte" jetteen, yeroo kana Sabaaf callisee hamma sekondii 30 takkaf ija ishee
keessa ilaale. Yeroo kana Meetoon onneen ishee isa waan dadhabdeef "Sabakoo ati
rabbiin gaafa si uumu na bareechi jettee gaafattemoo" jetteen. Sabaafis deebisee
"Meetoo koo ati bar waan ani yaadee dhufu ana dura beektaa, garuu gaafii kee otoo
siif hin deebifne waa si gaafachuun fedha" jedheen. Isheenis "hayyee waan
barbaaddeef gaafadhu an siif jira" jetteen. Sabaafis harra waa sirraa baruufani,
haalli kee kun baayyee waan marareef onneen koo siin butame natti fakkaatte.
Kanaaf sijaaladheera waan ta'eef na jaalachuukeen mirkaneeffachuu barbaade"
jedheen. Meetoon ni naate, garaa isheetu qabbanaahe. Isheenis "Sabakoo an
onneen koo erga siin booji'amee bubbuleera, baayyeen jaalala keetirraa miidhame,
ati garuu ji'oota baayyee kana ana hin agarree mitii" jetteen. Sabaafis "si arguu
dhabeeti miti Meetoo, yerotti ati daa'ima jaalalaaf ana ni barbaadda jedhee hin
yaadne kanaafidha" jedheen. Isheenis "kunoo amma akkan sijaaladhu naaf bari,
akka amma duraa osoon ani akkatti sijaaladhuu nama biraa jala hin deemin"
jechuun namoota inni waliin taphatufi kan isa jaalatan dubbii qolaatiin akka dhiisu
itti himte. Innis ishee jaalachuu isaa erga itti himee booda Hawwiis tahe nama
biraa kan fuula kenneefi wajjiin akka jaalalaa dabarsan hunda isheef jedhee akka
dhiisu itti himee, isheenis yoo namni ishee jaalatu kabiraa jiraate akka jaalala
hamaa keessatti isa hin kuffisne itti dhaammate. Meetoon Sabaafiin waan baayyee
jaalatteef keessattuu fuula isaa dura teessee homaa isa dhoksuu hin dandeenye.
Nama isa dura ishee ija kaatefi eenyu akka tahes itti himtee garuu ofii akka hin
jaalannes himteef. Dursa garuu otoo isheen nama ishee jaalate kana maqaa hin
himiniif Sabaaf nama anaan sirritti walbeeknu yoo ta'e ani isaan wal dhaburra siin
dhiisuu naaf wayya waan jedheeniif namni isheen amma itti himte kun sirrittis
tahuu baatu nama isaan walbeekanidha.

Yeroo kana Sabaaf "Meetooyye ati isuma jaaladhu inni hiriyaa kootidha,
walbeekna waan ta'eef inni natti mufachurra ana jechuun isa waan ta'eef isuma
jaaladhu" jedheen ishee biraa akka lafaa olka'uu ta'e. Meetoon harka naasuu
qabuun harka sabaaf qabdee akka isa biraa hin kaane dhoowwite. Harka isaa

MEETOO 14
SHAMIL NASIR MOHAMMED

qabdee irratti didde, "Sabayyee ani simalee hin fedhu na dhiistee hin deemin"
jetteen. Onneen sabaaf akka waan bishaan firiijii keessaa irratti naqanii
qabbanoofte. Isheen harka isaa kan bitaa qabattee jilba isaarra miila ishee
diriirsitee ija isaa keessa laalti. Sabaafis "Meetoo ani akka dhugaan ana jaalatten
ilaala jedheeti malee siin dhiisee deemuu hin dandahu bar" jedheen. Meetoon
gaammachuun of wallaalte, itti maramtee hammatte. Erga haala hedduu keessa
turanii booda akka nama dammaquu tahanii ija keessa wal ilaaluu jalqaban,
achumaan walittu seeqanii waadaa jaalalaa isaan lachuu harka wal qabachuun
walmalee waliin jedhanii addaan galan.

Arra booda Sabaaf jaalala Meetootiin boji'amuu isaati. Kan dur Meetoon yeroo
inni mana isaanii dhufu isuma arguuf dhiphattu amma immoo isatu akka isheen isa
bira dhuftu hawwa. Jaalala kana kaa! Meetoon hanga ammaa bilbila hin qabdu,
kanaaf sabaaf qaamaan taa'ee ishee waliin haasahuudhaaf haalli waan isaaf hin
mijanneef kichuu jaalala dhugaa tan onnee isaa keessatti magarte dagaagsuuf
bilbiluma isaa irratti bifa 'text' ta'een barreessuun yeroo ishee bira gahu itti
kennuun ergaa jaalalaa ishee waliin dabarfata.

Haala kana keessa osoo jiranii guyyaa tokko bakka dubbisa isaatti waame,
Meetoonis otoo hin turin dhiqattee miidhagdee dhufte. Garuu Sabaaf hiriyaa isaa
tokkoo waliin waan jiruuf Meetoon waan dhufteef bakka gahachuu dadhabdus
sabaaf haala gaariin simatee suuta jechuun waa'ee jaalala isaa itti dhaammachuun
sirba Aabbush Zallaqaa "itti herregee yaadee

ans si filadheeraa

Tan biraa hin barbaadu

Addunyaa tanarraa" jedhu sana affeeruun gaggeesse...

MEETOO 15
SHAMIL NASIR MOHAMMED

...Meetoon tan duraan jaalalti Sabaaf qophaa ishee akka aduu saafaa ishee gubaa
ture arra garuu nama jaalattu argattee, yeroo isa biraa deebitu Meetoon intalti
xiqqoon sun gammachuu of wallaaltee, akka nama hundarra guddattetti of ilaalte.
Kanaanis sirba abbush kan inni affeere sana irra deddeebitee dhaggeeffachuun
onnee of qabbaneessiti.

Ganamas galgalas yeroo Sabaaf Caaliifaa bira dhufu namni isa waliin nyaata
nyaatus isheedha, bira darbees harka isaa isheetu dhiqaaf.

"Egaa jaalala jaalalaan injifatu" jedha mitiiree oromoon.

Onneen Sabaaf jaalala ishee qofaan booji'amuu bira darbee, gaafa ijaan ishee arguu
oole ni dhukkubaan dubbisus kitaabni waan jedhu hin galuuf wanti hunduu ishee
itti fakkaata. "Ahhhh yaa kurfoo haadha jaalalaa ana injifattekaa" jedhaan yeroo
ishee arge mara.

Sabaaf barataa kutaa 12maa waan ta'eef yeroo baayyee dubbisarratti waan
dabarsuuf jaalala ishee dhandhamuuf yeroo bayyee argachuu baatus(oolus)
guyyaarraa sa'aatii murtaa'aaf ija Meetoo argu malee dubbisuu hin danda'u.

Keessattuu Sabaafirraa wanti ishee ajaa'ibe yeroo ishee waliin dabarsuuf qabu
sa'aatiidhaan 'alarm' guuttachuun kan inni ishee waliin taphatu.

Erga nyaata waaliin nyaatan booda iddoo Meetoon itti dubbistu seenuun kan waliin
taphatan, yeroo kana osoo isaan hin quufin 'alarm' iyyiti "Saba your rest is enough"
jettiin. Yeroon boqonnaa kee dhumatee ka'i jechuusheeti.

MEETOO 16
SHAMIL NASIR MOHAMMED

Meetoon garuu otoo wal hinquufin haala saniin yeroo inni biraa deemu itti toluu
baatus jaalalti dhugaa kaayyoo waliif eegurraa madda jedhee kan inni ishee
amansiiseef obsiti.

Haala kana keessa otoo jiraanii Sabaaf 'entrance' fudhachuun barumsa kutaa 12
xumure. Qabxii gaarii fiduun Yuunibarsiitii Aamboo isa ga'e. Yeroo kana Aamboo
dachee gootaatti barachuun gammachuu guddaa kan isaaf ta'e Sabaaf nama jaalala
dhugaan dabaalee kaayyoo isaafis isa jajjabeessu nama akka Meetoo argachuun
akka jaalala isheef bakka guddaa kennu taasise.

Meetoon maatii isaaniitiif dubara keessaa ishee quxisuuti waan taateef maatiin
isaanii baayyee eeganiin. Sababa kanaa yeroo boqonnaarra turanis haala gaariin
wal arganii mi'aa jaalala jalqabaa wal bahuu hanqatan. Osoo akkanaan jiranii
Yuunibarsiitiin Aamboo joollee 'fresh' ykn waggaa jalqabaa ta'an waaman. Yeroo
kana Sabaaf galgala sanbata xiqqaa gara Aamboo deemuuf borsaa isaa qabatee
mana isaaniitti itti dhufee wal hammatanii Meetoon geggeessite. Sabaaf guyyaa
wiixataa baha Oromiyaa irraa ka'uun giddu gala lixa Oromiyaa Aamboo gale.

Akkuma galeen Xalayaa kana walaleesseef.

"Yaa kurfoo jaalalleetoo

Yaa takkittii akka dhibbaa

Qaamaan sirraa fagaadhee

Cehee tulluufi tabbaa

Kunoo kophaakoon jira

Yaadaan qalbii koo hiraa

Jaalala kichuu dhaabbanne

Fagaadhee Aamboon jiraa

MEETOO 17
SHAMIL NASIR MOHAMMED

Onnee koo siif kudhaamee

Kee natu siif jabeessaa

Hadaraa yaa Meetoo koo

Onnee koos sitti dhiisaa

Kichuu jaalala keenyaa

Kan kaleessa laga turee

Awaash dabarraa kunoo

Galaana guddaa taree

Kunoo sirraa fagaadhee

Lixa oromiyaa keessaa

Meetooyyee naaf jiraadhu

Kiyyaa keetu siif barreessaa".

MEETOO 18
SHAMIL NASIR MOHAMMED

8...

...Meetoon yeroo ergaan Sabaaf kun ishee bira gahu waan jettu wallaalte. "Eenyu
laata? Sabakooti moo" jechaa ija ishee kuullee urjii fakkaatu sana imimmaan
jaalalaan guutamee gammachuu addaan bilbila ishee gara laphee isheetti
qabachuun "baayyeen si jaaladha Sabakoo" jette, kophaa ishee akka waan isa ofitti
qabdeetti. Meetoon erga bilbila fayyadamuu eegaltee takkaa 'miseejii' (ergaa) ittiin
barreessitee beekuu baattullee arra garuu "Sabayyee dharraa jaalalaa teetii osoo
dhandhamee hin quufin nabiraa fagaatte, hanga wal agarrutti anis sin obsa
Sinjaaladha" jettee ergiteef. Sabaafis ergaa ishee dubbisee bilchinni jecha ishee
hamilee isaaf tahuun jaalala ishee onnee isaa keessatti amma biqilte sana akka
guddattee daraartuuf waadaa ofiif seene. Meetoof duruu hawwiin ishee kanadha.

Haala kana keessatti Meetoonis gara kutaa 8ffaa dabruun barumsa eegaltee jirti.
Meetoon dur barumsaan baayyee cimtuu tahuu baattus yeroo isheen kutaa torba
turte sanatti akkataan Sabaaf itti qayyabachiise hamilee isheef tahuuf jaalala keessa
mallattoo isaa taheef. Akkana kaa waan gaariidhaan wanta gaarii namaaf
kudhaamu mitiiree. Haaluma kanaan barumsaan jidduu galeettii taatus joollummaa
isheerraa kan ka'e qormaata jireenyaa keessa darbuuf obsaafi gorsa barbaaddi.

Kanaaf Sabaaf yeroo waliin haasawan hunda jechoota gorsa isheef tahan keessaa
dhiisee hin beeku. Sabaaf erga mooraa yuunibarsiitii Aamboo dhufee ji'a afur
guuteera. Dhimma barumsa isaafi jaalala kichuu amma Meetoo waliin habaqaalan
dagaagsee firii itti godhuuf jechoota mimmi'aawaa isheef dhaama. Keessattuu erga
barumsa isaa seemisteera jalqabaa xumuruuf guyyaan muraasni hafetti jechoota
tarreeffamanii qindaa'an kana ergeef

"Jaalalli tee mi'ooftuudha

Dammarra naaf caala

Yoomuu na duraa hin baddu

Suuraa teetin laala

MEETOO 19
SHAMIL NASIR MOHAMMED

Kunoo Aamboon jira

An sirraa fagaadhee

Yaada keetu na cinqaa

Yoomin boqonnaa argadhe

Hin turuu siifin dhufaa

Baayistee na hin yaadinii

Obsumaan na eeggadhu

Abdiis narraa hin kutinii"

Jechuun haala hamileefi gammachuu ishee kakaasutti jechoota tarraa'anii toora


galan kanaan akeeka ishee cimseef.

Garuu osoo isheen mi'aa jaalalaa kan jaalala jalqabaa kana keessa gangalataa jirtuu
wanti onnee ishee kan duruu jaalala Sabaafiin miidhama keessummeessee ture
bakka lamatti dhoose tokko ishee mudate. Meetoon kofaltuun, jaalattuunifi yeroo
hunda Sabaafiin bilbiltee addunyaa jaalala dhugaa dhandhamaa turte harra akka
waan addunyarra jiru hunda dhabdetti gadditee imimmaaniin of coollessaa guyyaa
lamaaf turte. Yeroo kana Sabaaf kan ganamaaf galagala akka araada(haraaraa)
bunaa yoo sagalee ishee dhabe mataan dhukkubu guyyaa lamaan sana bilbilus hin
kaaftu yoo ergaa itti barreessus hin deebistu. Meetoon garuu erga guyyaa lama
haala sana keessa turteen booda silkii ishee banattee haala keessa jirtu Sabaafitti
himatuuf murteessite. Haala kana keessatti Sabaaf yoom bilbilli ishee banama
jedhee rakkoo hamaa keessatti ishee yeroo eegaa jirutti Meetoon bilbilteefii waan
ishee mudateefi haala keessa jirtu sagalee boohaatiin hiqq... hiqq jechaa itti himte.
Sabaafis rakkicha erga isherraa bareen booda haala safuu hawaasa keessa jiraatanii
funaanuunifi kaayyoo jaalala isaanii hammam akka waliif jiraatan itti himuun akka
isheen hin dhiphanne itti hime. Garuu dhimmichi haala isaa sirritti keessa beekuu
baatus rifaatuun ishee sun isas waan godhu wallaalchifte

MEETOO 20
SHAMIL NASIR MOHAMMED

Wantichi isaan mudates akkanadha.

Kutaa itti aanuuf nu eeggadhaa!...

Aartii Saba keenyaa keenya dhaloota boruutiif

MEETOO 21
SHAMIL NASIR MOHAMMED

.......... 9.............

...Rakkoon isaan mudates akkanadha.

Caaliin obboleettiin Sabaaf obbolessa Meetoo kan isheef angafaan wal fuudhaniiru.
Kunis kan ta'e erga yeroof wal jaalachaa turanii boodadha. Kan isaan wal baranis
yeroma Sabaafi Meetoon wal baran sana walbaruun akkuma isaanii waljaalatuu
eegalan.

Garuu osoo Sabaafi Meetoon hin beekin walfuudhuun Meetoo rifachiise. Sababnis
Meetoon Sabaafiin waan baayyee jaalattuuf jiruudhaan isa dhabuu mitii guyyaa
tokkoofuu ija duraa dhabuu waan hin feeneefi. Garuu akkanattii miti, akka Aadaa
naannawa CARCARitti keessattuu bartee Warra(hortee) isaanii sanitti warri
Meetoonfaan yoo dura warra isaanii warri biraa irraa fuudhe isaan immoo
deebi'anii akka jijjiirraatti intala irraa fuudhuun ykn warra irraa fuudhaniif kennuun
dhiheenyatti waan baratamaa hin tahiniifidha.

Meetoon rakkoo kana hunda dhandhamaa ija imimmaaniin, onnee madaa lama
madoofteen bilbiltee Sabaafitti himattus inni danda'ee waan rakkoo kana jalaa
ishee baasu hin seetu ittis hin fakkaatu. Garuu Sabaaf dhimmichi waan baayyee
ulfaatu itti hin fakkaatu. Osoo dhimmichi kan isa daangessu tahees karaa ittiin
Meetoo argatu barbaada malee jaalala Meetoo karaatti hin kuffisu. Jedhees beeka
waan ta'eef dubbicha kallattii hundaan akka jaalala isaanii jidduu galuu hin
dandeenye cimsee hubachiisuun Meetoo abdii kutannaa jala geesse deebisee abdii
itti horuun kutate. Isheen garuu kan inni waa baayyee fakkeenya godhuun isheetti
himu yeroo hunda ni rakkatti, ni dhiphatti. Haala kanaan yeroo hunda ishee arguu
waan dadhabeef dubbii "dhimmi keenyas keenya, kan isaaniis kan isaaniiti nu
maaltu nu galche waliin dhiphattaa" inni yeroo hedduu irra deddeebi'ee isheen
jedhu hamilee tahaafii dhufuun Meetoon jaalala isaanii kan duriitti deebi'aa dhufte.

Yeroon booda barumsa seemisteera tokkoffaa dhumatee waa'ee jaalala isaanii erga
deebi'anii booda ganamas tahe galgala Sabaaf bilbilee Meetoo jajjabeessuu homtuu
addaan nun baasu 'Abshiir' jedheenii ture.

MEETOO 22
SHAMIL NASIR MOHAMMED

Kanumaan osoo jiranii guyyaa tokko Meetoon gara guyyaa keessa sa'aatii 10tti
isaaf bibiluudhan osoo jecha tokkollee nagaa booda ittu hin dubbatin "Sabakoo ati
waa dhageessee"jetteen. Yeroo inni "maalin dhagahee, humaa hin dhageenye
maaltu tahe" jedhee isheetti deebisu isheen garuu "Hayyee baga dhagahuu oolte"
jechuun silkii ishee cufatte. Sabaaf deebisee bilbileef bilbilli ishee hin hojjetu.
Yeroof inni chaarjii jalaa fixxe itti fakkaachuun dhiise garuu.

"Aadaaf afaan keenya nu malee eenyu qaba"

Ustee hin ilaalin waa irraa baradhu.

MEETOO 23
SHAMIL NASIR MOHAMMED

10...

...Garuu yeroon boodas deebisee yoo itti bilbilu ammas silkiin ishee hin hojjettu.
Meetoon bilbila ishee cufatteet jirti. Sabaaf guyyaa hunda ganamarraa jalqabee
hanga ijji isaa hin cufaminitti numa bilbila garuu inni ammallee waan ta'e hin
beekne.

Meetoon haalli hedduun irratti wal xaxeera, heddummina rakkoorraa kan ka'e
abjuun ishee jalaa dukkanaa'eera. Kanaafidha waan gootu wallaaltee bilbila
cufatteef. Garuu jaalalli isheen Sabaafiif qabdu osoo baqaqsanii baasanii waan
ishee keessaa baduu miti.

Onnee isheerratti mana ijaarrateera. Garuu isheen intala daa'ima, kana gubbaanis
aadaa hawaasa keessa jiruun walqabatee intalti dhalaa(shamaraa) takka fedhii ishee
maatiitti ibsachuu hin dandeessu.

Akka oromootti dubartiin safuu qabdi, akkuma safuu qabdu seeraafi heera Gadaa
keessatti bakka guddaa qabdi. Dubartiin araarsituudha, dubartiin jinfuudhasi.

Garuu jireenyi gabrummaa kun ummata keenya waa hedduu dhabsiise. Aadaa
keenya nu lagachiisuun, akka nuti of wallaallee ilmaan keenya kanaafillee qixafi
gita hin keenye nu taasise. Kanumaan amma abbaan ilma dhiiraafi intala dubaraa
walqixatti hin ilaalu. Yoo ilmaaf yaadanii qooda(handhuuraa) godhan intala
dubaraaf immoo waa laachuu mitii miidhama isheefuu waa hin gumaachan. Yaa
waan ofii, yaa of wallaaluu!

Kanadha kan Meetoos rakkise, haala hamaa irratti wal gahe kana akka itti ibsattu
dhabde, ibsattus eenyutu hubataaf ree.

Way jaalala kana ahhhh!

MEETOO 24
SHAMIL NASIR MOHAMMED

Meetoon erga bilbila ishee cufattee guyyaa sadaffaatti bilbila ishee banatte. Obsuu
dadhabde kaa, yoonuma sagalee Sabaaf xiqqoo dhagahe jetteeti.

Sabaaf silkii cufachuun ishee erga dubbii wahii dhagahee itti qabbanaahus sagalee
ishee yaadeera. Keessattuu jecha tokkicha sana jetteenii callisuu ishee osoo argatee
gaafachuu fedha. Erga ishee akkas jetteen dubbii gaddisiisaa ta'e dhagahe. Isheen
bilbilteefii guyyaa lammaffaa namni wahii karaa 'message' akkas jechuun ergeef
"Sabaaf baayyeen gadda, gadda keessa dabrees sagaleen sitti dubbachuu waanin
dadhabeef asiin sii barreesse sababnis Caaliidha dhabne, eeyyenn Caalii.
Dhukkubsatteet duute. Ati barumsaaf biyya ormaa baatee akka hin jeeqamne.
Hadaraa!" Jechuun yeroo erguuf waan tahus dhabe. Mataatu gara gale, waliin as
gahan kaa isatu guddise, dhiiga ofiit dhabe. Haala jireenyaatu isa fageesse, bakka
jiruttis nama akka garaa isaa bira waan hin jirreef nama gadda kana keessaa isa
baasu hin qabu. Kanuma keessa Meetoo dhabuunis baayyee isa miidhe. Yeroo
kophaa isaa tahe hunda nu booha ni gangalata. Haala kana keessattidha Sabaaf kan
barumsa yuunibarsiitii isaa seemisteera lammaffaa eegale.

Meetoon guyyaa sadaffaa booda silkii banattus rakkoon sammuu ishee mudate
qaama guutuu kottee hanga hanga harkatti waan ishee hadoocheef manaa hin baatu.
Kanaa f teessee bilbila isaa qofa eeggatti. Kana keessatti torbee tokko turan. Amma
Sabaaf isheef bilbile, kunoo silkiin ishee ni waama. Sabaaf yeroo isheen jalaa
kaaftu maaf otuun an qaama koo walakkaa dhabee jiruu jecha tokko qofaan narraa
badda, sanuu achumaan bilbila kees cufattee jechuun gaafate dubbii ariitiin. Inni
maaliifi akkan dhiphadhu na goota jechuu isaati. Meetoonis intala bilchaattuu
tahuu ishee haaluma salphaadhan garaa isaa qabbaneessite, "Saba waan biraa miti
akka dhiphattee gaddaan hin jeeqamne barbaadeeni, kanaaf yoon sitti hime waan
darbeef najalaa dabarta jedheeti" jetteen. Kanumaan Sabaafis dhiiseef, waan jabaaf
isa jalaa akka usteetti fudhateera. Garuu Meetoon waa yaaddeetti kan kana goote.

'Keenyaan boonna hin feenu kan alagaa'

MEETOO 25
SHAMIL NASIR MOHAMMED

Keenya dubbisnee keenyarraa waa barra

#Oromootaafi.

MEETOO 26
SHAMIL NASIR MOHAMMED

11...

...Garuu Meetoon waa yaaddeeti kan kana goote. Sabaaf Meetoo baayyee jaalateera.
Jaalalli isheen isaaf qabdu garuu waan himamee dhufu miti. Dhimmi maatii kan
ishee mudate garuu madaa laagaa itti taheera.

Guyyaa Caalii lubbuun dabarturraa kaasee haalli maatii Meetoofaa fi maatii


Caaliifaa adda fagaachaa dhufe. Addaan fagaachuun isaanii kun dhimma fuudhaafi
heerumaarratti yoo ta'u, waldhabdeen sunis otuu hin furamin hafe.

Meetoon Sabaafiin onneerraa waan jaalattuuf haadha manaa isaa tahuuf hawwii
qabdi ture. Garuu haalli maatii kun gufuu isheetti tahuun yaaddoofi gadda keessa
ishee waan galcheef murteessu dadhabde. Sababnis maatiin isaan lamaanii
dhimmicha kana dhiifama walii godhanii yoo furan malee asiin booda walirraa
fuudhuufi walitti kennuu hin danda'an. Kanaaf Sabaafiif bilbiluun waliin haasawuu
dhaabuuf murteessitee jirti. Garuu Sabaaf homaa irraa hin beeku.

Kanumaan murtee ishee kana booda bilbilteefii nagaa gaafattee osoo dhimma
biratti hin ce'in addaan bahan. Lamaan isaanii jaalala isaanii mi'ooftuu sana keessa
yeroo walii bilbilan qoosaafi taphaan kan dabarsan arra garuu jalaa qabbanaahaa
bilbila cufaachuun Meetoo isa yaachisuun hin oolle. Xiqqoo turuun guyyuma kana
gama galgalaa bilbileef, silkiin ishee hin hojjettu. Irra deddeebi'ee bilbiluufis
ammas hin hojjettu. Isheen garuu bilbila ishee cuftee lafa keessee jirti. Sabaaf
guyyaa tokkollee bilbila isheerratti yaaluu hin dhiifne.

Haala kanaan turuu isheef waan godhu wallaallaan yaada isaa baasee bifa
walalootiin barreessee akkana jechuun ergeef.

Isaatu na yaada jettee

Hin fagaatin naduraa

Hanguma narraa fagaattun

Si dagachaa jiraa

MEETOO 27
SHAMIL NASIR MOHAMMED

Heloo! Siif jira nan jedhi

Ganamaa fi waaree

Akkan sin daganne

Nama biraa baree!...

Jechuun barreessuufillee garuu bilbilli ishee cufaa waan tureef ishee hin agarre.
Meetoon waan garaa kutatte fakkaata Sabaaf lubbuu isheerra jaalattullee rakkoon
gama maatiin isaan qunname akka isa argachuu hin dandeenye itti fakkeesseera.
Daa'imummaadhaan nama onnee ishee seene dhabuunis ba'aa itti taheera.
Ganamaafi galgalaas otuu isa hin yaadatin ooltee hin beektu, keessattuu akka itti
waliin turaniifi akkamitti akka itti wal jaalatan yoo yaadattu otuu isheen hin beeyne
imimmaan ija kukkuula sanirraa yaa'a. Haaluma kana keessaa jiraachaa osoo
sagalee Sabaaf hin dhagahin ji'a 2 guutteerti. Sabaaf garuu guyyaarraa yaada isheef
dhiphachaa ooluus, hiriyoota isaa kan biyya jiran kan ishees beekan gaafachuun
akka isheen nagaa qabdu hafuura ishee bare. Sababa kanaaf dhiphuun isaa irraa
fooyya'eera. Meetoon maaliif akka bilbila cufatte hin beekuu, gaafatees nama irraa
baru hin qabu.

Rakkoo maatii isaanii lamaan jidduu jiru kanas hin dhageenye. Kanaaf erga
jiraachuu ishee hiriyoota isaarraa baree booda Meetoon waan ittiin naaf bilbiltu
dhabdeeti jedheetuma hanga ijaan ishee arguu abdiin ishee eegaa jira. Sabaaf
barumsa seemisteera lammaffaa ji'a lamaafi bultii 15 baratanii waan jiraniif
qorumsaafi assaayimantiinis itti baayyattee waan jirtuuf akkam akka tahuu qabuufi
maal gochuu akka qabu murteesseera. Kanaaf akkana gochuun narra jira jedhe,
hanga qorumsa 'final' qoramutti dubbisaa hanga isheen bilbiltuu eeguun qaba jedhe.

Kanumaan Meetoon gara ji'a salgaffaa irratti jechuun erga Sabaafiin wal dhagahuu
dhiisanii ji'a sadii 3 booda bilbila ishee banatte. Akkuma bilbila ishee banteen
misseejii Sabaaf isheef barreessee ture agarte. Gaafa dubbistu ni naate, onneen
ishee akka farda irra gulufsiisaa jiranitti dhahatti. Ijji ishee imimmaaniin fuula

MEETOO 28
SHAMIL NASIR MOHAMMED

ishee kurfaa sana coollesseera. Kana hunda kan taate turtii hanga kanaa booda
dhaamsa akkasii kan Sabaaf namni lubbuuf jaalattu erge arguu isheeti.

Rafaatuun ishees sirruma kaa, ergaan walalichaa ishee naasiseeti. Kanaaf Meetoon
waan gootu wallaalte. Akkam akka taatus dhabde.

'Nama beekuun ogummaadha, of beekuun garuu Qaruuxummaadha'

~Kanaaf aadaafi aartii kee bari.

MEETOO 29
SHAMIL NASIR MOHAMMED

12...

...Imimmaan ishee lakkuu lakkuu ta'ee ija isheerra dhimmisu harka isheetiin ofirraa
haxaawaa bilbila ishee harka tokkoon qabattee lakkoofsa sabaaf keessa
barbaaddatti. Waan jiru itti himuuf yaaddeeti, garuu yeroo inni jalaa kaasu dhimma
akkasii itti kaasuu hin dandeenye. Sababni Sabaafis baayyee ishee yaadee waan
jiruuf yeroo sagalee ishee dhagahuu gammachuu keessa akka nama miira dhiphuu
keessa jirutti itti dubbata, garuu gammachuudhaan. Kun amala jaalala dhugaati.

Sabaaf erga suuta hafuura isatti deebi'ee booda Meetoo maaliif osoo natti hin himin
ji'a hedduu kana narra fagaattee na miita jedhee gaafate. Meetoonis akka waan
haalli mijatuufi ooleetti dabaltees bilbilli ishee akka waan hojjechuu didetti itti
himte.

Kanumaan asiin booda akka wal hin daganne wal amansiisanii adda bahan.

Akkanumatti isaan lachuu haala ho'aadhaan jaalala isaanii dhandhamaa ji'a tokko
erga walirraa fagaatanii dabarsanii booda guyyaan sabaaf barumsa yuunibarsiitii
waggaa tokkoffaa xumuree gara maatii deebi'u gehe. Sabaafis guyyaa dhufee
isheedhaan wal argan itti hime.

Yeroo kanafaa Meetoon gammachuu akka taatu dhabdeetti. Sabaafis ija ishee
arguuf halkanii guyyaa dheebotaa jira. Kanumaan haala duraaniirraa addatti
galgalaa fi ganama bilbilaaf. Bilbileefi waan quufu itti hin fakkaatu, deebi'ee
ergaa(miseejii) kan hin barreesine hin oolu.

Osoo jedhanii guyyaan Sabaaf dhufu gaheera. Sabaaf Aamboo biyya gootaa irraa
karaa bu'eera. Kanaaf Meetoon qophii isa simachuuf teessee eegaa jirti.

Yeroo Aamboorraa ka'ee handhuura oromiyaa Finfinnee gahu Sabaaf dharraa


isheef qabuufi yeroo dhufe akkamitti akka dharraa kana bahu ergaa walaloo kanaan
garaa ishee raase.

Ija kootu dheebotee

MEETOO 30
SHAMIL NASIR MOHAMMED

Si arguuf dharraate

Qaama kootu sidhabee

Si hammachuuf fagaatte

Onnee keetu jaalalaan

Gorora keef hamuunte

Meetoo koo sif dhufeera

Yoo haalli nuuf mijate! Jedhee ergaa walaloo kana ergeef isheenis dubbistee
gammachuun gangalataa yaadaan isa hammatti.

Sabaaf Aamboo ka'ee magaalaa Adaamaa buluun guyyaa itti aanu gara sa'aatii
sagaliitti hiriyoota isaa hanga nama sadihii tokkon wal arguun akka gara mana
Meetoo faa deemanii ishee arguu barbaadu itti hime.

Sabaaf rakkoo gama maatiitiin isaan mudate kana ammallee hin dhageenye.
Meetoon wanti fedhe haa dhufu jettee teessee eegaa jirti.

Garuu akkuma mana Meetoofaa bira gaheen osoo isheedhaan wal hin argin haalli
yaaddeessaan tokko gurra isaa seene.

Innis hiriyoota isaa kanarraahi.

Namni kan ofii hin beekne namaa miti.

Sababni bineensu adda beeka waan ta'eef.

Kanaaf Aartii saba keenyaa barree haa wal barsiisfnuu!

MEETOO 31
SHAMIL NASIR MOHAMMED

13...

...Hiriyoonni isaa dubbicha waa'ee isaa ni beeku waan ta'eef mana Meetoofaa isaa
waliin deemuun itti toluu baatus isa achi geessanii deebi'uuf murteessan.

Isaanis isarraa siqanii suura gurratti wal hasaasaa deeman, Sabaaf haalli hiriyoota
isaa kun isaaf hin tolle. Utuu jedhanii balbala gubbaa gaafa gahan ati deemii seeni
nuti iddoo biraa deemnaa isaan jedhan.

Sabaaf "maali hoo, maal taatan, moo anatu isin dabbare, maaf najalaa deebi'uuf
murteessitan" jedheen.

Isaanis akkam akka jedhaniin gaafa dhaban, "nuti erga Caaliin asii deemtee nuti
mana kana seenuu nutti waan hin tolleefi malee waa biraa miti" jedhaniinii ija
keessa wal ilaalaa achi biraa gara galan.

Sabaaf dubbiin Ciigoo itti waan taateef, isaan keessaa tokko qabee gaafate. Innis
warri Meetoo fa'anii fi warri Caaliifaa gaafa du'a isher irratti wal dhabuun amma
booda akka fuudhaafi heerumas tahe dhimma tokkoyyuu ammaan booda walirraa
hin raawwannetti wadhabdeen akka jirtu ittu himuun isa achumatti dhiisanii biraa
deeman.

Sabaaf ol seenuuf hulaa banee ture, deebi'us fedheera. Garuu osoo inni dhaabatee
hiriyoota isaatti haasahuu Meetoon isa agartee waan jirtuuf akkamitti akka deebi'u
dhabe.

Haalli isaa babbadeera, onneen isaa tan dura gammachuun guutamte amma akka
cilee bishaan buutetti qabbanooftee jirti.

Meetoo bira gahee ija keessa ilaale, isheenis miira dhiphuufi sodaatiin guutamtee
jirti. Wal hammatanii, inni immoo maddii ishee burtukaana sana gama lachanuu
dhungatee waliin gadi taa'an.

Ija walii keessa wal ilaalanii akka waan yaada wal bahuu takka erga tahan booda
waliin haasawuu eegalan.

MEETOO 32
SHAMIL NASIR MOHAMMED

Kanuma gidduutti hiriyaan Sabaaf kan Yuunibarsiitii baratu tokko nama sadi
tahanii itti olseenan. Innis hiriyaa Sabaaf kan 'batches' ykn bara tokko waliin
baratanidha. Ijoollee dubaraa lamaa waliin dhufe. Lamaan isaaniyyuu Sabaafiin
wal baratanii waliin JIMAA qamahuu eegalan.

Egaa Jimaan Harargee biyya jaalalaatti waliin tahanii qamahuun aadaadha mitiiree!.

Meetoon gammaddee fifiigdee cilee ejersaa libaanataa wajjin aarsitee urgeessistee,


bishaanis qiccee teessee qamahaa haasawaa jettiin.

Isheen gara mataa Sabaaf teessaa itti siqxee ilaalaa haasawaafi jecha isaa
dhaggeeffatti. Keessa yaada waggaa tokkoo bahachaa jirti.

Sabaafis jidduun as garagalee "Meetoo numa jirta mi" jechaanii ishee jechaan
boharsaa gara hiriyaa isaafi dubartii isa bira jirtuu kanatti as deebi'ee haasawa.

Haasawa kana keessa waa hedduu waliin dubbatan, intalli Caaliifi haala maatii
lamaanii waan sirritti beektuuf kana keessa waa hunda itti himte.

Yeroo kana Meetoon warra isaaniif takkittiidha waan taateef hojii biraa baatee jirti.

Sabaaf dubbiin Meetoon isa dhoksaa jirtu bareera. Haalli ishee cinqaa ture isattis
darbeera.

Ba'aan jaalalaa ulfaatus akka hiriyoonni isaa dubbicha isaaf ibsanitti, garuu waadaa
maatii irraa dhalattee diiguun akka jabaatu fudhate.

Kanaanis harra irraa jalqabee mana Meetoofaa dhufuu akka hin qabne murteesse,
isaa miti kaa dubbii murtii hin qabnetu kana qabaa.

"Dubbiin murtiin qabne murtii si dhoorkiti" jetti oromoon.

Garuu Meetoon akka dhagahe hin beeytu, murtiu akkanaa akka murteesses hin
beeytu.

MEETOO 33
SHAMIL NASIR MOHAMMED

Kanaaf akkuma dura jaalachaa turtetti ammas jaalatti. Dubbii xiqqoo kanaa miti
osoo wanti fedhe dhufeehuu wanti addan nu baasu hin jiru jettee murteessitee jirti.

Murteen lama hin jiru kaa, takkaa gubattee waan murteessiteef, murtee jibbaa osoo
hin taane murtee jaalalaa.

Kanumaan Meetoon yeroo alaa itti ol deebitu Sabaaf fa'aan ka'uuf waan qaban
lafaa fudhataa jiru. Otuma isheen taa'aa jettuunii akka guyyaa biraa wal argan itti
dubbachaa hiriyaa isaa sanaa waliin biraa bahe.

Sabaaf waan asitti deebi'ee isheen wal argu hin fakkaatu.

'Aadaafi aartii saba keenyaa bifa ajaa'iba taheen addunyatti muldhisuu ni


barbaaddaa taanan atis gahee eenyummaa kee bahadhu'.

MEETOO 34
SHAMIL NASIR MOHAMMED

14

...Sabaaf waan deebi'ee isheen wal argu hin fakkaatu. Meetoon garuu haala isaa
kanarraa homaa isheef galle. Dubbii ishee rakkisaa turtes akka Sabaaf dhagahes
hin barre.

Egaa kanumaan Sabaaf erga Meetootti goree guyyaa jalqabaa sanarraa eegalee
utuu deebi'ee ijee ishee hin argin turee bubbuleera. Meetoon teessee guyyaarraa
guyyaatti yoom nabiraan baha jettee eegaa ooltus, abdiin ishee waan karaatti hafe
fakkaata.

Sabaaf akkuma Meetoodhaan jaalala keessa galetti, haala hamaa isa qunnameef
jaalala keessaa bahuu murteessullee jaalala keessaa bahuu hin gonkumaa
dandeenye.

Meetoon garuu tasumaa jaalala Sabaaf ni dhiisti hin fakkaattu. 'Ittiin of bartee,
ittiin nama taate'.

Sabaaf Meetoo jireenya isaaf filatullee haalli maatiin isaanii danqaa isaan gidduu
kaa'an, isaaf immoo danqaa sana tarkaanfachuun safuufi duudhaa hawaasa bira
darbee maatii fi hawaasa ofii dhabuu danda'a waan taheef abdii murannoo keessa
galeera.

Haala kana keessaa taa'ee akkas jedhee yaada "Wanti fedhe haa dhufuu yoon
callisee fuudhehoo" jedhee "lakki eenyutu nama jedhee natti seena, osoo bakka
guddaatti na eeganii akkamittin safuu hawaasaa cabsee namummaarraa bahaa"
jedha. Ammas hin obsu deebi'ee "kana hundarra yoonin ishee fudhee asii badee
hoo" jedha. Jedhus garuu barnootaanis sadarkaa kana gahee wanta hundaanuu
gargaarsa maatiitiin waan ta'eef yoo dhiisee bade akkamin taha yaada jedhuun of
jeeqaa deema.

Meetoon garuu ija isaas dhabdeetti, tahus iddoo inni oolu darbee darbee ni
dhageessi.

MEETOO 35
SHAMIL NASIR MOHAMMED

Sabaaf dhiphina fi yaaddoo kanarraa baasuuf hiriyoonni isaa waan hin goone hin
qaban. Isa boharsuu bira darbee jaalalaanis isa qabuuf waa hedduu godha jiru.
Keessattuu intalli guyyaa inni Meetoo waliin wal arganii haala maatii isaanii isatti
himte sun Sabaaf jaalatteetti. Innis maal godharee dirqamee waan ofii dhabeera,
dirqamee hiriyaa ofii kunuunfachuu qaba. Kanaafidha kan haala kana keessa galeef.

Erga Meetoo dhabees jaalala dhaabuu hin dandeenye waan ta'eef.

Sabaaf akka yaada isaatti Meetoonis dhimmichi ishee rakkisuun murtii natti himuu
sodaatteeti malee yaaduma kootu ishee keessa jira jedhee yaada. Sababni Meetoon
Sabaaf guyyaa wal arganis dhimmicha waan itti hin himiniif akka itti Sabaafiin
marihattu dhabde.

"Dursitee yaaduun waa lama si oolcha"

"Mari'atan malee maraatanii hin argatan" jetti oromoon.

Kunoo Meetoon nama baayyee jaalattu akka wan dhabdeeti. Guyyaarraa kophaa
ishee teessee boossi. Yeroo kophaa isheetti waan yaadannoo Sabaafiin wal qabatu
yoo agarte boochee gangalatti. Yeroo namni jirus mataatu na dhukkuba jettee
marattee boochi. Jireenya baayyee nama gaddisiisu keessa galtee jirti.

Sabaaf jaalala haaraa keessa seenuu baatus akka nama jaalala dabarsaa jirutti
hiriyoota isaa waliin jiraachaa jira, guyyaas yeroo baayyee ishee isa jaalatte sana
waliin oola. Meetoon kana fa'a yeroo dhageessu bakka jirtu wallaalti.

Hiriyoonni isaa baayyee isa gargaaruuf yaalanis Sabaaf jireenya haarawa seenuu
hin dandeenye. Meetoon haala Sabaafiifi hiriyoonni isaa itti jiran kana gubbaa isaa
dhageesseetti, garuu Sabaaf maal akka yaadaa jiru wallaaltus. Kanaaf Meetoon
akka Sabaaf nama biraa jaalatetti fudhatteetti. Kanaaf isheenis jireenya
booyichaarraa akka bahuu qabdu murteessite.

MEETOO 36
SHAMIL NASIR MOHAMMED

Kanumaan osoo jiranii yeroon boqonnaa gannaa dhumatee barumsi bara haaraa
eegalame. Sabaafis yuunibarsiitiin waamteetti. Meetoonis qorumsi kutaa saddeetii
dhufeefi barumsa kutaa sagalii eegalaniiru.

Sabaaf kanuma gidduu deemuuf waan ka'eef, osoo ishee ijaan hin argin deemee
yuunibarsiitii keessa ji'a kudhan guutuu turuu waan itti ulfaateef ishee dhabus ija
ishee argee deemuun qaba jechuun mana isaanii deeme. Achi gahee ishee ofitti gad
waamee dubbisuun geggeesse.

Meetoon duraan garaa abduu kutannaatiin gara obsuutti dhufte ammas imimmaan
fuula isheerraa akka hin qoorree taasisee biraa qajeele.

Inni yuunibarsiitii Aamboo galeera, isheen immoo argaan isaa kan dhumaa ishee
keessatti 'save' itti taheera.

'Of beekuutu dursa'

MEETOO 37
SHAMIL NASIR MOHAMMED

15

...Meetoon "uhhhh, ahh, hmmm", jettee kaatee anoo dhiiseeraa maaliif dhufee
madaa koo natti kaasaa" jettee of gaafatti.

●Meetoon Sabaaf baayyee jaalataa turte, osoo wanti fedhe tahee waan isa obsitee
qophaa jiraattu of hin seetu. Garuu erga rakkoo ishee miidhaa tureen isheerraa
daanga'ee akka isa dhabdeetti waan laaltuuf dhimma jaalalaa hunda baqachuu
eegalte. Kanaafidha kan "maaliif dhufee madaa dabre natti kaasaa" jetteef.

●Sabaafis erga dhimmichi isheerraa isa danqee fagaachuu qofa osoo hin taane,
haalli jireenya isaa kan Meetoof gonkumaa hin tolle ta'eera. Sababni hiriyoonni
isaa akka inni miira Kophummaa keessaa bahuuf wanti isaan gochaa turan akka
inni hariiroo jaalalaa(jireenya) biraa intala hiriyaa isaa sana waliin eegalu
taasiseera. Garuu jaalalli dhugaa biqiltuudha, biqiltuullee tan gaaddisa kophummaa
sana waan ta'eef takkaa Meetoon onnee isaa keessaa hin baane.

Isheen waldhabee miti kaa kan isheerraa fagaateef, rakkoo maatiif jedheeti malee.

Akkanattidha kaa Sabaaf kan barnoota isaa waggaa lammaffaa eegale. Guyyaa
tokkoof ishee dagatee hin beeku. Dagachuu qofaa miti ammallee jaalalleen isaa
akka ishee tahetti amana. Bilbilee kan argatu taanaan bilbilas ni bilbilaaf ture.

Maal jennee dubbannaree jireenyi ishee akka Sabaafiin booji'ameeti.

Yoo isa yaadatte qaama ishee to'achuu hin dandeessu. Kanaafidha kan yoo isa
dhabde deebitee jaalala keessaa akka hin seenne murteessiteef.

Rakkoo maatiitiin kaayyoo ofii dhabuun Meetoo baayyee ishee gubaa jira. Kanaaf
mala tokko malte. Dura Sabaaf anarra mala dhahee akka rakkoo kana keessaa
baanu waa kaahuu hin oolu jettee abdii isarra kan keesse, garuu Sabaaf hin

MEETOO 38
SHAMIL NASIR MOHAMMED

dandeenye inuu faallaa kanaa dubbii isa dhibuun isheerraa fagaatee ishee jaalachaa
jiraachuu waan murteesseef.

Meetoo jaalalti halaalaa kan Sabaaf yaade kun waan isheef hin tahiniif yaadicha
hojitti hiikuuf murteessite.

Isheenis akkana goote. Sabaafiin ofitti deebisuuf dursa maatii ishee keessaa nama
qooda guddaa qabu tokkotti yaada ishee himattee akka isaan bilisaan wal
qunnamuu dandahaan gochuudha. Namni eenyu akka ta'uu qabu murteessite. Intalti
shamara eenyutti akka yaada ishee himattu tilmaamuun nama hin rakkisu kaa,
kanaaf isheenis Harmee ishee amansiifatte. Akka Sabaaf jaalattuufi waan isaaniin
walqabataa hunda erga itti himatteen booda isa argachuu akka qabdu itti himte
Harmeesheetti.

Egaa garaa haadhaa beektu, harmeen ishees akka intalti isaanii qalbiin jalaa hin
cabneef ishee jajjabeessuu eegalte, yoo feete yeroo abbaan ishee hin jirretti akka
mana isaanitti wal arguu danda'anis gooteef.

"Wayi yaaboo! Mala dubartii!"

Amma kaa Meetoon Sabaafiin waliin haasa'uu eegalte. Kan kaleessaa akka
darbeetti kan boruuf abdiidhaan waliin jiraachuu akka qaban murteessitee itti
himuu eegalte. Cimsitees WAADAA jaalalaa akka waliif galuu qaban bilbilaan itti
himte. Yeroo inni dhufeetti jechuudha.

Sabaaf akkamitti akka dubbichi sirraahuu danda'u hin beeku. Yaadni Meetoo kun
bitaa itti galeera. Garuu waan isheen jette hunda tole jedhee ni fudhata. Kanaaf
yaada biraa maddisiisuu irraa if qusateera. Darbee yoo isheen dubbiste waliin ni
dubbata, yoo bilbilteef jalaa ni kaasa kanaan ala yaada isaafi gocha isaa isheerraa
qabateera.

MEETOO 39
SHAMIL NASIR MOHAMMED

Osoo jedhanii Sabaaf barumsa waggaa lammaffaa xumuruun gara mana gale.
Yeroo kana Meetoon teessee abdiin akka waadaa waliif galaniif isa eegaa jirti.
Sabaaf ishee bira dhaquu waan sodaateef erga barumsarraa deebi'ees ji'a tokko
guutuu osoo isheen waamtuu ishee bira osoo hin dhaqin turee dhaqe. Guyyaa
dhaqe kanas haala isheen hin eegnetti.

'Eenyummaan kee haa si ibsuu, ati of ibsuun dura'

MEETOO 40
SHAMIL NASIR MOHAMMED

16

...Itti olseene. Yeroo inni olseenu akka carraa ta'ee isheefi harmee ishee qofatu
mana keessa jira. Innis harmee ishee dubbisuun gara bakka jimaa itti qama'an
seene. Meetoonis dhuftee isa bira teesse. Ija keessa wal ilaalan. Meetoo afaan ishee
ni hoollata. Akka waan dubbachuu feeteeti. Sabaafis argaa ishee jibbee osoo hin
taane dirqameeti kan isheerraa dheesseef kanaaf jaalalli isheef qabu amma ishee
agarraan onnee keessaa gara alaatti bifa imimmaaniin yaa'uuf dirqamsiise. Sabaaf
harka banee akka hammatuuf, isheen immoo imimmaan kukkurfaa fuula ishee
maddii isheetirraan gadi naqaa itti maramte. Innis harka isaa dugda ishee gubbaan
walitti fidee jabeessee hammateen. Ammas wal gadi dhiisanii ija keessa wal
ilaalanii imimmaan haxaawaachaa walitti maraman. Wal dhungachaa wal gad
lakkisan. Osoo isaan kanaan jiraniu harmeen ishee gola achi aanu keessaa
"Meetoo" jette. Rifatanii wal gad dhiisanii taa'an. Meetoon sagalee qaqqabaa "o'
ooyyee harmee" jetteen. Harmeen ishees "Tv banadhaatii qama'aa" jetteen.
Sabaafis jimaa Harmeesheef kenneefi taa'anii barcaa godhaa Meetoodhaan ija
keessa wal eegaa haasawuu eegalan.

Sabaaf ijaan ishee agarraan garaan isaa jaalala ishee akka jedhee ibsu hin qabu ture.
Kanaaf harrallee irraa turullee kan dafee booji'ameef.

Akkanaan taa'anii waa hunda waliin haasawan. Sabaafis maaliif akka isheen
dhimma maatii sanas isa dhoksite gaafatus Meetoon ija jaalalaan guutameen ilaalaa
haala garaa isaa nyaatuun waa hunda itti himte.

Sana qofaa miti, hariiroo isaa waliin qabdu keessatti maal akka sodaattuufi maal
akka shakkitus erga itti himteen booda maal akka godhuu qabaniis isa gaafatte.
Sabaafis ija ishee arginaan murtoon murteessu hunda bifa ofitti amanuuni kan
murteessu. Keessattuu jaalala isaanii keessatti jabeenyi isheefi akkamitti akka
isheen isaa wajjiin jiraachuuf (isa oolfachuuf) karoorsitee itti deemaa jirtu baayyee
akka inni jaabaatee ishee argachuu qabu of amansiise.

Kanaanis 'Jaalalli hunda caala, lolas jaalalaatu dursa' jecha jedhuun irra
deddeebi'ee onnee ofitti himuun akka Waadaa isheef seenu of ajaje. Kanumaan
isheenis Waadaadhaa jetteen. Waa hunda irratti erga walii galanii booda Waadaa
waliif seenan. Waadaa kanarrattis rakkoo keessa jiran kanaaf akkamitti akka

MEETOO 41
SHAMIL NASIR MOHAMMED

deemuu qaban, akkamitti akka wal arganiif, akkamittiifi yoom akka walfuudhan
walii galuun mufteeffatan. Erga kana hunda waliin godhanii booda guyyaa tokko
akka waliin qama'aa oolan waliin beellama qabatanii Sabaaf walaloo

Bidiruu jaalalaatiin

Onnee tiyya seentee

Furtuu onnee kootiis

Ofumaaf banattee

Waa meeqa agarree

Waa hedduus dhandhamnee

Wal hin gannu jennee

Walitti maramnee

Wal hin gannu jennee

Walitti deebinee

Jaalala wal soorraa

Ija keessa wal ilaallee

Gaafanni jedhuun, isheenis "yoom ija keessa qofa kana booda waa meeqa goonaa
mi lubbuu koo" gammachuun hammattee geggeessiteen.

'Barachuun beekuu hin ibsu, beekuun garuu barachuu ibsa'

Akkuma jedhan aadaafi eenyummaa ofii beekuun kankeeti jechuufi.

MEETOO 42
SHAMIL NASIR MOHAMMED

17

...Jettee gammachuun hammattee geggeessiteen. Kanumaan borumtaa akka wal


arganiif beellama waliin qabatanii addaan bahan. Haala kanaan Waadaa waliu
galanis kennaa yaadannoo kan waadaa kanaan yaadatan osoo waliif hin kenniin
ture kan adda bahan.

Kanaaf Sabaaf beellama boru qabatan kanarratti kennaa Oromummaa tokko


kennuufii akka qabu murteesse.

Sabaaf ganama beellamaa kana waa hunda qophii xumuruun sa'aatii 10:00 osoo hin
guutin Meetoo bira mana isaanitti itti dhaqe. Yeroo inni dhaqus Meetoon
tottolfattee isa eegaa jirti. Osoo inni ol hin seenin hularratti itti gad baatee
hammattee dubbisteenii waliin ol seenan. Wal daddarbaa, waliin koflaa walitti
hirkatanii taa'anii qama'uu eegalan.

Haala duraan walitti siqanii hin beekneen hirkatanii, fuulaanis wal bira dhufanii
walitti haasawaa qama'an. Fuula keessa yeroo wal laalan bakka jiran of dhabaa
deebi'anii of birdhachaa taa'an.

Sabaaf harka Meetoo qabee "Meetoo koo jaalala daangaa hin qabnen siif qaba,
ilma namaatiif jedhee gonkumaa sin lakkisu" jedheen. Onneen ishee bishaantu itti
naqame, bakka jirtu wallaalte. Kanaan hin dhiifne Sabaaf harka ishee osoo gad hin
dhiisin "Meetoo koo kunoo kun yaadannoo waadaa kiyyaati" jechuun Gumee harka
isaarraa qabu baasee harka ishee kan mirgaatti kaaheef.

'Egaa Gumeen faaya aadaa oromoo tahee, kan harka mirgaarratti kaahamudha.
Innis kennaa jaalalaatiif eenyummaa oromummaa bakkaa bu'uun akka nama
eenyummaasaa dabrsee siif kennetti oromoo biratti laalamaa akka tahe
beekamaadha'.

Kanaan Meetoon akka taatu of wallaalte, garaan ishee akka nama bishaan firiijii itti
naqeetti qabbanoofte. Osoo of hin argin taa'umsumatti Sabaafirratti hirkattee
"Sabakoo ani Kennaan siif kennu hin qabu kennaan ani siif qopheesse kunoo

MEETOO 43
SHAMIL NASIR MOHAMMED

lubbuu kootidha, of sii kenneera" jetteen. Sa'aatiin 12:00 darbeera, sa'aatii 1:00
ga'uufi. Sa'aatii kana maatiin waan bobbaa irraa galaniif akka bakka jijjiiratan
Meetoon itti himte. Kanuma harmeen Meetoo olseentee gara kutaa biraa deeman
itti himte. Sababni Meetoon abbaa ishee baayyee waan sodaattuufi.

Kanumaan mana sana keessatti taa'anii waliin qama'uu eegalan. Isaan lamaan
qofaa ta'anii. Sabaaf akka aadaa Harargeetti ciqilfatee taa'a isheen sarbaa isaarratti
ciiftee ol jettee ija isaa keessa isa ilaalaa waliin dubbatti.

Utuu ija isaa keessa ilaaltuu bakka jirtu of dhabdi. Sabaafis harkaan ishee
hammatee ija keessa ilaala. Isheen ijaan isa ilaalti hidhiin ishee ni hollatti, innis
qaamni isaa ni rirrifata. Osoo jedhanii afaaniin walbira dhufan. Walbira dhufanii
walirraa deebi'an. Isheen waan jettu dhabdee callifti, inni callisuu dadhabee waam
jedhuus dhabee " maal jette jedha" isheen "humaa" jettee lafa laalti.

Ammas osoo hin beeyne dhufanii afaan keessa wal gahan. Wal dhungatan. Walitti
xuxxuuxxatan. Bakka jiran wallaalan. Osoo akkanatti jiranii hulaan manaa 'qaw,
qaw, joolle' jedhan. Namaatu irratti rurrukuta. Isaanis rifatanii wal gad dhiisanii.

'Afaan keenya mallattoo eenyummaa keenyaati, kanaaf eenyummaa kee yoo


jaallatte afaanicha guddisuun dirqama keenya'

MEETOO 44
SHAMIL NASIR MOHAMMED

18

...Isaanis rifatanii wal gadhiisaanii tataa'an. Osooma isaan hin argin hulaan itti
banamte. Isaan hulaa manichaa utuu hin cufin (hin danqarin) mi'aa jaalalaa
mi'eeffachuu jala kutan.

Kanumaan namni kun olseene. Kunoo obboleessa hangafaa Meetooti. Meetoofi


Sabaaf wal keessa seenanii, Meetoon sarbaa(gudeeda) Sabaaf irratti garaan ciiftee
morma isaa jalaan isa ol eegaa jirtu yeroo obboleessa ishee tahuu bartu bakka jirtu
wallaaltee. Rifaatuu keessa akka waan nama biraa taahetti of yaadde.

Obboleessi ishees yeroo isaan akkasitti argu waan jedhu wallaalee, waan dhufeefis
wallaalee of duuba deebi'uun aariidhaan hidhik ciniinnataa gara manaa qajeele.

Obboleessi galee waan godhu hin beeynu, nus rakkoo akkamii keessa seennee
jechaa yaadaan baduu eegalan. Osoo akkasiin jiranii Meetoon imimmaaniin
guutamaa Sabaaf ija keessa ilaalaa "Saba koo ati rakkoo kanaaf jettee ana ni
dhiiftaa" jetteen. Innis akka ishee hin dhiifneef abdii itti horee akka waliin baduu
qabanis itti hime. Yoo akkanatti kan hafan tahe ishees ni dhaba kanaafidha.

Obboleessi ishee kun abbaa isheetti mari'atee akkamitti akka intalti tun nun hin
xiqqeessine jechuun gara magaalaa Dirree Dawaa erguun achi Eessuma ishee
tokko biratti akka barattu gochuuf murteessan.

Meetoon Sabaafiin amansiisuun akka gara manaa galtee waan isaan naan jedhan
ilaalee walitti deebina jechuun gara manaa galte. Duraa harmeen ishee ishee waliin
jirti waan ta'eef harmee isheetti himattee ishee jala seente. Garuu harmeen ishee
murtii abbaafi Obboleessa guddaa dura dhaabbachuu hin dandeenye. Kanumaan
Meetoo bilbila ishee irraa fuudhanii akka Sabaafiin wal hin agarre godhan. Torbee
itti aantu wanta ishee barbaachisu hunda xumuruun gara magaalaa Dirree Dawaatti
geessan.

Utuu isheen boochuu, utuu isheen hin jaalatin onnee isheetiin adda baasani. Silkii
ishee bilbilee gaafa dadhabu nama erguun Meetoon eessa akka jirtu gaafate.

MEETOO 45
SHAMIL NASIR MOHAMMED

Dubbicha dhagahe, mataan dhukkube. Waan godhuu dhabe. Bohaa oolus waan
takka ishee hin argu isheenis isaaf hin dhageessu. Irraa fagoodha jirti kaa. Isheenis
achii kophaa rakkatte waa meeqa tahaa jiraatti.

Guyyaa tokko bilbila intala Abbeera ishee fudhattee akkana jechuun barreessiteef

"Xalayaa jaalalaa.

Saba koo, akka maleetti addaan nu fageessani. Akka maleetti onneen koo si
jaalataa turte, siin malee hin hojjettu. Ammallee dachaa meeqa jaalalli kee natti
dabalaa jira. Osoon si jaaladhuu, osoon isa dhabuu hij danda'u jedhuunii dirqiisanii
biyyaa na baasani. Ergasii bilbilaanis wal agarree hin beeynu, ati akkam keessa
akka jirtu hin beeku. Kanaaf ani akka dur Caalaa amman si jaaladha. Garuu ati
akkam na jibbite moo anuma jaalattaa?

Jaalalle tee tan yeroo mara hanga du'atti sijaalattu Meetoo.

Lubbuukoo si Sabaafiif" jettee Xalayaa jaalalaa kana barreessiteef.

Sabaaf gaafa kana dubbisee ka'u waan jedhu dhabe, gammachuun of wallaale.
Lafaa utaalee silkii isaa dhungatee dugdaan kufee "Alhamdulillaah" jedhee
walaloo kana barreesseef

"Yaa kurfoo jaalalleetoo

Yaa takkittii akka dhibbaa

Garaa jaalalaa malee

An siif qabaaree jibbaa

Ija kan kee dheebottee

Onneen koo na dadhabaa

MEETOO 46
SHAMIL NASIR MOHAMMED

Warqiin daayimandii koo

Simalee maalan qabaa

Gamaaf gamana ilaalee

If biraa yoon si dhabuu

Akka waan of hin beeknee

Qal'aan kee nagaan qabuu

Somba koon wal bartee jirta

Akkam godheen sirraa citaa

Eenyuuf jedheen si dhiisaa

Maaltu sitti naaf gitaa

Ati anaaf qabeenya

Faaya koo gatii danuu

Yoomuu an simalee

Tan biraf garaa koon banuu

Tan sammuun too amanu

Ati naaf qaroo kootii

Eeyyeen an sin dhiisu

Yoomuu tiyyuma atii" jedhee barreesseef.

MEETOO 47
SHAMIL NASIR MOHAMMED

Haaluma dirqiisiisaa kana keessa gara waggaa tokko guutuu achi jiraatte.

Sabaafis barumsa isaa waggaa sadihi barachaa ture xumuree magaalaa Dirree
Dawaatti hojiif qacarame.

Rabbiin kan waliin fedhu waliin barbaada jedhan mitii.

Akkuma hojii isaaf guyyaa jalqabaa achi dhaqeen Sabaaf magaalaa kana keessa
Meetoon barbaacha eegale. Isheenis hiriyaa ishee tan biyyaa takkarraa
dhageesseetti.

MEETOO 48
SHAMIL NASIR MOHAMMED

19

...Isheenis isarraa dhagahuu baattus hiriyaa ishee tokkorraa dhageesseeti jirti.


Guyyaa lama erga wal iyyaafataniin booda wal argatan.

Kunoo Sabaaf kan ishee irraa fageessan rabbiin fidee fuula ishee dura kaahe.
Walitti maramanii wal dhungatanii qasa'aa erga oolanii booda, Meetoon Sabaaf
dhiiftee akka hin galle murteessite. Biratti hafte, eegaa maal qabdiree eenyutu
isheef yaada. Jaalalaan miidhamtee sammuu daa'imummaa dhabuu qabdii. Egaa
haaluma kanaan biratti hafte (mana isaatti jechuudha). Firrishee kan isheen bira
jirtu barbaaduu eegalan. Intalti eessa kutte jedhanii iyyaafatuu eegalan. Erga biraa
baatee eessattin deemaa utuu itti hin himin itti hin deebine.

Yeroon booda Sabaaf akka waa yaade innis intalti isa biratti galteetti waan ta'eef,
akkana godhe Hiriyootuma isaa walitti waammatee akka manguddootaatti gara
mana Adeera ishee kan amma bira jiraattuu kana erge. Sababni yoo gara maatii
ishee erge, isaan duruu isaan dheessaa jiran waan ta'eef rakkootu isaan mudata.
Yeroo kana Adeerri ishee kunis dubbiin isatti hin tolle.

Adeerri ishee kunis akka jedhu gaafa dhabu Abbaa isheerratti bilbilee waan kana
gaheen. Maatiin ishees ni dhageesse. Baayyee gaddanii waan godhan mari'achuu
eegalan. Akkana goona jechuun waliif galan.

Isaan lachuu qabnee mana hidhaa galchuu qabna. Ergasii akka goone goonee ishee
ofirraa biyya tanaa baasuu qabna jedhanii murteeffatan.

Sabaaf fi Meetoon taa'anii dubbii eeggachaa jiran. Adeerri ishii kana hunda kan
godhu fuula joolleetti toleetuma (Abshiir) jechaaniiti. Guyyaa tokko erga turaniin
booda joolleen itti deebite. Haalli badaa akka tahe itti himan.

MEETOO 49
SHAMIL NASIR MOHAMMED

Sabaaf amala warraa waan beekuuf dafee itti yaade. Isheedhaan maal gochuu akka
qabdu itti hime.

Haaluma kanaan shira maatii isaanii kana fashalsuuf dura isheen gara maatii galuu
akka qabdu godhe. Isheenis ni galte. Sabaafis gara maatii isaa galuu akka qabu
murteesse.

Haaluma kanaan Meetoon galtee akkuma Harmeeshee amansiiftetti abbaa shees


amansiisuuf kutatte. Kanas kan gootu karaa Harmeesheetiin akka tahe karoorsite.

Meetoon dubartii morma lamaati. Ammallee qulqulluu hin xuqaminidha. Garuu


Abbaa ishee akkamitti amansiisuu akka dandeessu itti yaaddee kaatee
Harmeesheetiin

Akkana jechuu akka jettuuniif ishee bira teessee ani isa waliin galeera, kanaaf
bakka feetan na geessitanis isa biratti malee deebi'ee nama hin ta'u jetteen.

Harmeen ishees wanti intalli isaanii dubbatte kun isaan yaaddessuun abbaasheetti
himte. Waan godhantu isaan dhibe.

Sabaafis maatiitti galeera. Maatiin isaa isa akka nama guddaatti isa waan ilaalaniif
wanta inni jedhe hin tuffatan. Kanaaf haala maatii isaa erga hubatee booda akka
fuudhuu barbaadu itti hime. Maatiin isaas tole jedhaniif. Garuu intala tuqaa nuun
hin qabne, tan faanti qabbanaa amma sitti fuuna abshiir jechuun simatan. Inni
akkana jedha "way akkam taana jarri kun ammas tuttuqaa hin dhiisnee" ofiin
jedhee waa itti yaade.

Dubbii kana furachuuf Damiina (jaarsa biyyaa) jala seenee fuudha isaaf akka waa
hundaaf bira dhaabbatu dubbii keessoon itti himate.

Maatiin Meetoonfaan abdii kutannaa intala isaanii keessa galaniiru. Isheen immoo
waa yaaddeeti.

MEETOO 50
SHAMIL NASIR MOHAMMED

Guyyaa itti aanu Meetoofi Sabaaf walitti dhufuun akka cidha raawwatan nama
ergan.

Maatiin lamaanuu ni nahan waan godhan dhaban. Isaan lamaanuu baayyee waan
aaraniif Nikaa (waliitti hidhu) diduun gara walitti gaarreffannaan(loluun) itti fufe.
Jarri lamaan waan dalagan dalaganiiru.

Abbaan ishee intala tana ajjeesetuman manatti galcha malee jedhee kutateera.
Garuu Harmeesheefi obboleewwan ishee intala nama waliin galte akkamitti
manattu nutti deebifta jechuun abbaa morman.

Jiddumaan hiriyoonni isaa waan ajaa'ibaa hojjetan. Inn tokko gama kaaniin inni
biraa gama Sabaafiin Manguddoo biyyaa fiduun isaan bira dhaaban. Manguddoon
biyyaa maatii tasgabbeessuun joollee walitti fuudhuun gara manaa galchan.

Guyyaa itti aanu maatii lamaan mataa buusee ture, haala ajaa'ibaatiin mataa ol
qabatan.

Joolleen waan ajaa'ibaa hojjette, kunoo intalli isaaniin akkas jette mormi ishee
lama. Qulqulluu seera uumaatiin boontudha.

Ililchaa gara harmee isheetti galchan. Guyyaa cidha guddaa isaanii maatiin sababa
kanaatiin walitti jigee walitti araaraman.

"Uuuuuuuyi Saba kiyya jettee itti as utaaltee isatti maramte. Sabaaf ni nahe, maal
taate Meetoo tiyya jedhe. Yaadaan bu'aa ba'ii baayyee cehuu ishee hin beeku.
Gaafa ofirraa ol qabee ceekuu ishee lamaan qabee ija keessa gaafa ishee naatee
mataa gad buufte. Isheen yaadaan wanta keessa jiran keessaa bahuuf tattaaffi
godhaa turte xumurtee akka dhugaa tahetti yaada keessa kutte keessaa gaafa
deebitu bakka jirtu if dhabuun isarratti if darbite. Laphetti of qabee addarra
dhungatee "yaa Meetoo tiyya jedhee galaanicha waan keessa jiruu tana daakuu itti
fufe.

MEETOO 51
SHAMIL NASIR MOHAMMED

Taatee tanaaf haasaa addunyaa keessa jiruu takka komachaa takka hamachaa takka
araarsaa, fuulaan sesseeqaa ammas shuntuuraa goohii kophaatiin yaada xumuruuf
ka’e. Sabaaf jaalalli, aadaan, duudhaan, amantiin, waliin jireenya, horteedhaan
walitti qabamni hawaasaa jireenya ummata duriifii haala ammaa furmaata moo
gufaata kan ja’u ofitti dhaamaa nama ‘mee ati hoo’ ja’uun Meetoo isaa seenaa tana
taphachiisuuf laphee isaa irraa fuula imimmaaniin jiidhe ija ofiitti olqabe…!

~~ XUMURAME! ~~

Ammaaf asitti dhaabus gaafa Rabbi je’e kitaaba guddaa tahee akka dhufu abdiin
qaba!

MEETOO 52
SHAMIL NASIR MOHAMMED

Dhaamsa Kiyya

Barreessaan Shaamil Naasir armaan dura kitaaba caayaa walaloo tokko kan ‘SITU
JAARE’ jedhu maxxansee yeroo xiqqoo dubbiftoota hedduu biraan gaheeti jira.
Kanaa addatti ammoo ogeessa ykn hojjetaa baankii yeroon tahu, ammatti baankii
Awaash keessan hojjetaa ogummaanin barumsaan maletti baradhe kanaan jabaa
isin jechaa jira. Barruun MEETOO kun anaaf barruu jalqabaa yoo taatu, erga
barrooytee turteen booda ummata bira gahuu isheeti. Kana malees barruu sadaffaa
koo kan akkaan irraa gammaddan je’ee yaadu bifa kitaabaatiin(maxxansee) yeroo
dhihootti akkaan dubbiftoota biraan gahu abdiin qaba.

Dhumarratti kuusaa xiqqoo na keessa jirtu tana akkaan karaa hundaan baasee isin
biraan gahuuf hamilee natti godhaan dhaamsa kooti.

Iddoon itti na argattan…

Bilbila = 0903217257/0962497801

Email = sabaaif.nasir@gmail.com

MEETOO 53

You might also like