Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 19

MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN HAFUURA QULQULLUU

WAAQA TOKKO AMEN


BARUMSA DUBBII AMANTAA

BOQONNAA 5

Icciitii Foonummaa

Dn Motuma
Onkoloolessa 2014
Boqonnaa kana keessatti waantota armaan gadii baranna

 Hiikkaa icciitii foonummaa


 Uumama fi kabaja dhala namaa
 Kufaatii dhala namaa fi abdiiwwaan isaaf kennaman
 Icciitii foonummaa fi dubbii fayyinaa
 Dhaloota lamaan Ilma Waaqayyo
 Fakkeenyota icciitii foonummaa
 Eenyummaa Iyyesuus Kiristoos
 Kaayyoo fi sababa barumsota Gooftaa keenyaa Wangeela irratti ibsamanii

5.1 Hiikkaa Icciitii Foonummaa

Icciitiin foonummaa jechoota lama icciitii fi foonummaa irraa kan dhufedha. Foonummaa
jechuun foon ta‟uu, foon uffachuu yommuu ta‟u icciitii fonummaa jechuun walitti qabaatti
barumsa ittiin waa‟ee nama ta‟uu Ilma Waaqayyoo ittiin barannudha.

Ilmi Waaqayyo qaamota Sillaasee sadan keessa isa tokko akka ta‟e boqonnaa 4ffaa jalatti
bal‟inaan baranneerra. Innis bara booda ykn baroota gidiraa waggoota 5500 booda Addaamii fi
ijoolleesaa fay‟isuuf foon namaa uffate. Isa kana kitaabni qulqulluun akkas jedha. “jalqaba
jechatu ture jechis Waaqayyo bira ture; jechis Waaqayyo ture. . . jechichis foon ta‟e . . . nurras
bule” (Yoh 1:1-14).

5.2 Dhala Namaa Gannata Keessatti

Waaqayyo dhala namaa bifaa fi fakkeenya isaan kabajee akka uume boqonnaa 1ffaa jalatti
ilaallerra. Kana booda nama haala kanaan uume gannata keessa ka‟e; ajaja tokkos isaaf kenne.
“Waaqayyon Gooftaanis „muka gannata keessaa hundarra ni nyaatta; haa ta‟u garuu mukitti
gaarii fi hamaa adda baastee kan beeksistu hin nyaatin; guyyaa isheerraa nyaatte du‟a du‟aa
duuta‟ jedhe.” (Uma 2:16-17). Mukittiin kun tokkodha; akka nyaatuuf kan isaaf kennaman garuu
baay‟eedha. Mukittin kun namaa fi Waaqayyo giddutti seera taatee kennamte.

Sababoota Waaqayyo Abboommii Kana Dhala Namaaf Kenne


Waaqayyo abboommii kana dhala namaaf kan kenne dhala namaaf miidhuuf osoo hin taane
sababoota armaan gadiifidha.

1. Addaam fedhii bilisaa guutuu akka qabu ibsuuf


2. Namni kabajamaa ta‟uu isaa ibsuuf
3. Addaam jaalala isaaf kan itti ibsu carraa isaaf uumuf
4. Addaam uumama ta‟uu isaa yeroo hundumaa akka yaadatuuf

Dhalli namaa haala kanaan abboommii Waaqayyoo kabajee waggoota toorbaf gannata keessa
jiraate.
5.3 Kufaatii Dhala Namaa Fi Abdii Isaaf Kenname

Dhalli namaa gorsa diyaabiloos “du‟ a hin duutan ishee irraa yeroo nyaattan ijoonni keessan
akka banaman akka Waaqayyos gaarii fi hamaa kan beektan akka taatan Waaqayyoon waan
beekuufidha malee” (Uma 3:4-5) jedhu dhagahee abboommii Waaqayyo cabse, uuma isaatti
balleesse.

Kana boodas Waaqayyo murtii bara baraa itti murteesse, kennaan isaa irra kaafame, qullaa isaa
ta‟e, gara bakki rakkinni fi qorumsi baay‟atu gara lafaattis bu‟e. Lafti sababa keef kan abaramte
haa taatu; bara jireenya kee guutummaattis dadhabbii keen isheerra nyaatta; qoraattis haa
biqilchitu. (Uma 3:17-18). Tokkos lafa kan jedhame qaama Addam yoo ta‟u qoraatti kan
jedhame immoo qorumsa, fedhiiwwaan hamoo, cubbuuwwaan adda addaa isarratti mo‟an
jechuudha.

Kana booda abbaan keenya Addaam baay‟isee boo‟uu eegale. Sababbiin boo‟icha isaa garuu
jireenya fi gammachuu gannata keessa, kabaja naaf kennamen, … dhabe jedhee osoo hin taane
biyyoo irraa mootii taasisee kan na uume Uumaa koon gaddisiise jedheeti. “አልቦቱ ካልዕ ኀሊና
ለአዳም ዘእንበለ ብካይ ላእለ ኃጢአቱ (Addam waa‟ee cubbuu isaaf boo‟u irraa kan hafe yaada biraa hin
qabu ture)” akkuma jedhu seensa Wangeelaa irratti.

Haala kanaan namni fi Waaqayyo adda haa ba‟an malee, boo‟icha fi imimmaan gaabbii abbaa
keenya Addamin lapheen Waaqayyoo laafee abdii fayyinaa argamsiise. Kana booda Waaqayyo
Addaamin “guyyoonni shanii fi walakkaan yeroo xumuraman dhufee dhala dhala kee irraa
dhaladheen si fayyisa” jechuun waadaa isaaf gale.

Qulqulluun Phaawuloosis “xumurri barichaa yeroo ga‟u Waaqayyo mucaa isaa erge; dubroo
irraas dhalate… ” (Gal 4:4) jechuun kan dubbate waadaa dursee Waaqayyo Addamiif gale sana
yaadachuuni.

Nama ta’uu Ilma Waaqayyoof raajiiwwaanii fi fakkeenyota dursanii mul’atan

a. Raajiiwwaan

Galanni fi ulfinni guddaan isaaf haa ta‟uuti Gooftaan keenya Iyyeesuus Kiristoos nama ta‟uu
isaaf raajiiwwaan dursanii dubbataman keessa muraasa isaanii haa ilaallu.

1. Siif Dubartittii Gidduutti; Sanyii Kee Fi Sanyii Ishee Gidduutti Diinummaan Taasisa; Inni
Mataa Kee Rukkuta; Atis Koomee Isaa Ni Iddita (Uma 3:15).

 Ati kan jedhame foon bofaa keessa dhokatee Hewaan kan dogongorse diyaabiloosidha.
 Dubartitti kan jedhamte haadha keenya Dubroo Maariyaamii fi qulqulleetti mana
kiristaanaa dha.
 Sanyii kee jechuun ergamoota diyaabiloosiifi ijoollee isaa shakkitoota fi gantoota
jechuudha.
 Sanyii Ishee kan jedhaman ijoollee waadaa haadha keenya Dubroo Maariyaamiitti
amanan ijoollee mana kiristaanaadha.
 Isa kan jedhame galanni fi ulfinni guddaan isaaf haa ta‟uuti Gooftaan keenya Iyyeesuus
Kiristoosidha.
 Mataa kee rukkuta jedhamuunsaa dhalannaa isaa irraa kaasee hanga fannootti Gooftaan
keenya Iyyeesuus Kiristoos hafuurota diyaabiloos namoota irraa fageessuuf hojii
fayyinaa inni raawwatu kan ibsudha. Jalqabuma yeroo nama ta‟u irraa kaasee
mo‟amaniiru booda immoo fannootin humni isaanii dadhabeera(Qol 2:14-15)
 Atis koomee isaa ni iddita jedhamun isaa diyaabiloos gidiraa inni hordoftoota Kiristoos
irraa geessisu ibsuufidha.

2. Waaqayyo Yaafetin Haa Bal’isu Dunkaana Seem Keessas Haa Bulu; Kana’aanis Isaaf
Garbicha Haa Ta’u (Uma 9:27)

 Yeroof dunkaana kan jedhamte dunkaana oriitii yommuu taatu, xumurri isaa garuu
dunkaana kan jedhamte haadha keenya Dubroo Maariyaamiidha. (“አንቲ ውእቱ ዯብተራ እንተ
ተሰመይኪ ቅድስተ ቅደሳን /kan filataman keessa kan filatamte dunkaanni oriitii sidha/”)
akkuma jedhu.
 Haa bulu kan jedhame immoo Abbaa Ilma Hafuura Qulqulluu tokko taasiseeti; kunis
Abbaan golguun, Ilmi foonsheerra foon lubbuu isheerraa lubbuu fudhatee nama ta‟uun,
Hafuurri Qulqulluun jajjabeessuun isheerra bulaniiru.

3. Ani Mootii Ta’een Tulluu Qulqullaaa’e Tsiyoon Irrattin Muudame Far 2:6

 Ani kan jedhame Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos dha.


 Tsiyon kan jedhamte haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiidha. Tulluu
jedhamuun ishees, tulluun osoo lafarraa adda hin ba‟iin lafarra ol kan ka‟e akkuma ta‟e,
haati keenya Qulqulleettini Dubroo Maariyaamis nama lafarraa taatee osoo jirtuu
qulqulluummaan uumama hunda ol ta‟uushee ibsuufidha.
 Nan muudame yeroo jedhu akka muudama mootota biyya lafaa osoo hin ta‟iin, galatni fi
ulfinni guddaan isaaf haa ta‟uuti Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos teessoo kabaja
isaarra osoo jiruu gadameessa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii keessa
buluu isaa agarsiisa. Kunsi gadameessa Dubroo Maariyaamii teessoo taasifadheen
mul‟adhe jechuu isaati.

Dabalataniis caqasoota armaan gadii dubbisa. Uma 21:12, Uma 49:10, Isa 7:14.

b. Fakkeenyota

Waa‟ee nama ta‟ee dhala namaa fayyisuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosif raajiiwwaan
akkuma dubbataman fakkenyoonni dursanii mul‟atanis ni jiru. Muraasa isaanii akka armaan
gadiitti ilaalla.
1. Seenaa (Uma 22:1-13) Irratti Dubbatame

Abbaan keenya Abrahaam ajaja Waaqayyoon mucaasaa tokkicha aarsaa taasisuuf guyyaa fi
halkan sadii deemee tulluu mooriyam (qeraaniyo) ga‟e. Mucaasaa qoraan baachisee tullicha irra
ba‟uun mucaasaa aarsaa taasisuuf yeroo jedhu sagalee “Abrahaam Abrahaam” jedhu dhagahe
ofirra galagale. Hoolaan hidda sabeeqitti hidhamte fuudhee Waaqayyoof aarsaa taasise.

Hiikkaan isaa

 Abrahaam fakkeenya Waaqa Abbaa.


 Yisihaaq fakkeenya Waaqummaa fi Hoolaan fakkeenya namummaa Gooftaa keenya
Iyyesus Kiristoos.
 Yisihaaq qoraan baatee tulluu mooriyaam akkuma bahe, Gooftaan keenya fannoo isaa
baatee tulluu qeraaniyoo ba‟eera.
 Yisihaaq akka hin du‟iin Gooftaan keenya Waaqummaa isaan hin duune. Hoolichi
akkuma qalame Gooftaan keenya foonin du‟eera.
 Guyyaa 3 fi halkan sadiif Yisihaaq sammuu Abrahaam keessatti du‟eera; akkasumas
Gooftaan keenyas guyyaa sadii fi halkan sadii awwaalcha keessa buleera.

2. Raajii Akka Koo Isiniif Kaasa Bau 18:16

Jechi guddaan kun yeroof Muuseetti aanee sabota Israa‟el geggeessaa kan ture Iyyaasuuf kan
dubbatame yommuu ta‟u fakkeenyi fi xumurri isaa garuu Gooftaa keeenya Iyyesuus Kiristoosif
kan dubbatamedha.

 Uleen Muusee fakkeenya fannoo (1Qor 10:1-3)


 Feeri‟onii fi Gibtsoonni fakkeneya diyaabiloosifi ergamtoota isaa
 Israa‟eloonni garbummaa keessa jiraachuun isaanii fakkeenya baroota abaarsaa fi gidiraa
(kakuu moofaa)dha.

Saboonni Israa‟elonni karaa Muusee garbummaa Gibtsii jala akkuma bahan lubbuuwwaan si‟ool
turanis karaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos gara gannaatatti galaniiru.

1.4 Icciitii Foonummaa Fi Dubbii Fayyinaa

1. Ilmi Waaqayyo Yoom Nama Ta’e?

Galatni fi ulfinni isaaf haa ta‟uuti Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos nama kan ta‟e waadaa
Addaamif galeen waggaan 5500 erga dhumee misirachoo Qulqulluu Gebri‟eelin haadha keenya
Dubroo Maariyaamii irraa bara Yohaannis ji‟a bitootessa guyyaa 29ffaa gaafa sanbata
kiristaanaa ganama keessa sa‟a 3ttidha.
Haati keenyan Dubroon Maariyaamii misirachoo qulqulluu Gebri‟eelii dhageessee “akka jecha
kee naaf haa ta‟u” jechuun yeroo fudhattu Gooftaan keenya qaama isaa adda ta‟een foon ishee
irraa foon lubbuu ishee irraa lubbuu fudhatee nama ta‟e. Kanaafuu Gooftaan keenya nama kan
ta‟e guyyaa gadameessa Dubroo Maariyaamii keessa buledha.

Waaqa waanin ta‟eef har‟umaan dhalachuu qaba osoo hin jedhiin ji‟a sagalii fi guyyaa shan
gadameessa Dubroo keessa ture. “ጾርኪዮ በከርስኪ ተሰአተ አውርኃ (ji‟a sagal gadameessa keetti
baatte)" akkuma jedhu galatoon Dubroo Maariyaamii kan jimaataa. Kana boodas bara
Maatewoos ji‟a muddee guyyaa 29ffaa gaafa kibxataa halkan keessas sa‟a kudhan (10) irratti
Beeteliyemitti dalla sawwaanii keessatti dhalate. (Luq 2:6-7).

2. Waaqni Nama Kan Ta’e Akkamitti?

Icciitiin ittiin Gooftaan keenya nama ta‟e baay‟ee dhokataa waan ta‟eef baay‟oliin nama ta‟uu
isaa qofaa ilaalanii Waaqummaa isaa hirranfatu. Akkasumas caqasoota muraasa kitaaba
qulqulluu irraa fudhachuun Waaqadha jechuuf isaan rakkisa; shakkii keessa kan jiraatanis
baay‟eeedha. Abbaan Heremiyoos “kitaabni yeroo waa‟ee Waaqummaa isaa dubbatu waa‟ee
foonummaa isaa kan hirranfate; yeroo waa‟ee foonummaa isaa dubbatu immoo waa‟ee
Waaqummaa isaa kan hirranfate fakkaata.” akkuma jedhe.

Kanaafuu akkamitti nama ta‟e kan jedhu sirriitti barachuu fi hubachuun barbaachisaadha. Kana
waan ta‟eef Gooftaan keenya akkamitti nama ta‟e kan jechuun qabxiiwwaan armaan gadii ilaalla.

A. Waaqummaa Isaa Osoo Hin Gadhiisin

yeroo tokko Gooftaan keenya Abrahaamin caqasee osoo barsiisuu Yihuudonni naannoo sana
dhabbatan “waggaa 50 osoo hin guutin Abraahamiin agarteetta?” jedhan. Gooftaan keenyas
addunyaa dursee kan turee fi addunyaa boodas kan jiraatu ta‟uu isaa ibsee yeroo isaaniif deebisu
“dhugaa dhugaa isinin jedha Abrahaam osoo hin dhalatiin ani jira” (Yoh 8:56). Yihuudonni
Waaqummaa barri isaaf hin lakkaa‟amne foon keenya uffatee arganii akkas jedhan. Inni garuu
“dursee jechatu ture; jechichis Waaqayyo bira ture; jechichis Waaqayyo ture . . . jechichis foon
ta‟e” jedhee qulqulluun Yohaannis kan isaaf dubbatedha. (Yoh 1:1-14).

As keessa osoo hin ba‟iin kanas haa ilaallu. “Ani Hiddaa Fi Sanyii Daawitidha” (Mul 22:16).
Caqasa kanarra waantota lama arganna: hiddaa fi sanyii. Jecha kana kan dubbate Gooftaa
keenyaa fi fayisaa keenya Iyyesuus Kiristoosidha.

Ani hidda Daawitidha jechuun isaa uumaan Daawit argamsiisaan Daawit anadha jechuu isaati.
Ani sanyii Daawitidha jechuun isaa immoo haadha keenya Dubroo Maariyaamii irraa foon ishee
foon lubbuu ishee irraa lubbuu fudhatee nama ta‟uu isaa ibsuufidha.

Haati keenya Dubroon Maariyaamii karaa haadha ishee sanyii Aaronii fi karaa abbaa ishee
immoo gosa Daawit keessa waan taateef Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos foon uffachuu
isaatin sanyiin yeroo isaaf lakkaa‟amu sanyii Daawitidha. Kanaafidha ilma Daawit jedhamee kan
waamamuuf. (Mar 10:47). “foon Kiristoos sanyii Addaamii fi Hewaan irraa kan argame akka
ta‟e ni amanna; Waaqummaa isaa garuu Addaamii fi Hewaanin kan uumedha.” (Kitaaba icciitii).
Hiddaa fi sanyii jechuun kanadha.

Kanaafuu Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos “gubbaa irraa osoo hin hir‟atiin bu‟e; gadiis osoo
itti hin dabalamiin dhalate” yeroo jennu dugda Kiruubel irratti Qulqulluu Qulqulluu Qulqulluu
jedhamee ni galateeffama, Beeteliyeemittis dallaa loonii keessatti uffatan maramee argameera
jechuu keenya.

B. Tewaahidoonidha.

Haala ittiin Gooftaan keenya nama ta‟e ilaalchisuun yaadonni armaan gadii ni ka‟u.

1. Wulaaxe => jecha gi‟iizii yoo ta‟u hiiknisaa jijjiramuu jechuudha. Yaadni isaa
“Waaqumman gara fooniitti jijjirame ykn foon gara Waaqummaatti jijjirame” kan
jedhudha. Fakkeenyaaf haati manaa Loox gara dhagaa soogiddaatti akkuma jijjiramte
jechuudha. (Uma 19:26 ). Waluma galatti wulaaxee jechuun wanti tokko amala duran
qabu gadhiisee amala biraa fudhachuu jechuudha.

Gooftaan keenya Waaqummaan isaa guutummatti namummaatti jijjiiramee nama ta‟e osoo ta‟e
raajiiwwaan kitaaba Qulqulluu irra jiran hin raawwatu ture jechiisiisa, raajiiwwaan kun namaaf
kan danda‟aman waan hin taanef. Shakkitoonni dhalannaa Kiristoos akkasiin ibsu “amala
Waaqummaasaa duraan qabu gutummaan gadhiisee amala foonummaa fudhatera” jedhu. kun
garuu sobadha. Kanaafuu Gooftaan keenya nama kan ta‟e wulaaxen miti.

2. Hidret (ህድረት) => jecha gi‟iizii yoo ta‟u hiiknisaa “irra bule “ jechuudha. Yaadnisaa
“Waaqayyoo, mucaa Qulqulleettiin Dubroo Maariyaamii deesse (Iyyesus Kiristoos) irra
bulee mucaa kennaa taasise malee, Waaqummaa fi foonummaan tokko hin taane” jedha.

Yaadichi yaada shakkii guddaa jaarraa 2ffaa keessa Ginistikootaan jalqabame yoo ta‟u
Waliigalatti Qulqulleettiin Dubroo Maariyaamii deessuu Waaqaa (Theotokos) jedhamuu hin
qabdu, mucaan isheerra dhalate namadha malee Waaqa miti, Iyyeesuus Kiristoos amala
lama qaba,… kan jedhudha. Yaadni isaanii kun caqasoota kitaaba qulqulluu ( Isa 9:6, Luq
1:43, Isa 53:1….) waliin waan wal rukkutuuf yaada sobaa tahuu danda‟eera.

Fkn “Mucaan nuuf dhalateera; Ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaarra
jira; maqaansaa „gorsaa, dinqii, Waaqa jabaa, abbaa bara baraa, hangafa nagaa‟ jedhamee
waamama.” (Isa 9:6). Asirraa kan hubannu mucaama dhalate kanatuu Waaqadha malee mucaa
Dubroon Maariyaamii deesse irra kennaan Waaqayyo kan irra bule miti. Kanaafuu Gooftaan
keenya nama kan ta‟e hidretin miti.

3. Tusaa’e ( ቱሳኤ) => jecha gi‟iizii yemmuu ta‟u ta‟u hiiknisaa walittti makuu
jechuudha.
Yaadni isaa “Akkuma bunni fi shayiin walitti makamanii amala addaa fi dhandhama addaa
kennan, amalli Waaqummaa fi amalli foonummaa walitti makamuun amala addaa
argamsiisan” kan jedhudha. Barumsi kunis jecha kitaaba qulqulluu “Kiristoos gonka nama
gonka Waaqa” kan jedhu kan faallessudha. Kanaafuu Kiristoos nama kan ta‟e tusaaheetiin
miti.

4. Tidmirt ( ትድምርት) => jecha gi‟iizii yoo ta‟u hiiknisaa itti dabaluu, irratti darrabuu
jechuudha.

Yaadni isaan dhaloota Iyyesuus Kiristoos ilaalchisee kennanis “ buddeenni buddeena irratti
akkuma darrabamu WAAQUMMAA fi foonummaanis akkasuma walitti darrabaman “ jedha.
Yaadni kunis sobadha . sababni isaas waanta walirratti darrabame adda baasuun ni
danda‟ama Waaqummaa fi foonummaa Iyyeesuus Kiristoos garuu addaan baasuun hin
danda‟amu. kanaafuu Iyyesuus Kiristoos nama kan ta‟e haala kanaan miti.

5. Bu’aade ( ቡአዯ ) => jecha gi‟iizii yemmuu ta‟u hiiknisaa adda baasuu jechuudha.
Barumsi isaanii “Iyyesuus Kiristoos amala 2 qaba; amala isaa kana lamaanis addaan baasnee
kun amala Waaqummaa kun immoo amala foonummaa jennee ibsuu ni dandeenya “ kan
jedhudha. Fkn: makaa ija boqolloo fi ija qamadii addaan baasuu akkuma dandeenyu
jechuudha. Nama ta‟uun Kiristoos garuu kanarra adda. Tewaahidoon booda kun amala
Waaqummaa kun immoo amala foonummaa jennee addaan baasuun waan hin
danda‟amneef. Kanaafuu nama ta‟uun Kiristoos budaa‟eetiin miti.

6. Tewaahidoo => jecha gi‟iizii yemmuu ta‟u hiiknisaa tokko ta‟uu jechuudha. Barumsi
isaas “ Qaamonni lama inni tokko isa tokko osoo hin balleessiin , osoo hin jijjiiriin,
osoo walitti hin makamiin, osoo wal irratti hin darrabamiin wal fudhachuun tokko
ta‟an” kan jedhuudha.

Barumsi kun barumsa isa dhugaa nama ta‟uu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos
barsiisudha. Nama ta‟uu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos ilaalchisee, “Amalli Waaqummaa
cubbuu Addam gatii taasifatee samiirraa gad bu‟ee foon Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii
waliin osoo wal hin jijjiriin, osoo wal hin ballessiin, osoo wal irratti hin darrabamiin, wal
fudhachuun tokko ta‟e” kan jedhudha. Icciitii kana Abban keenya Q . Qeerlos tokkummaa‟uu
ibiddaa fi sibiilaan yeroo ibsu “ sibila yemmuu ibidda keessa buusnu amala ibiddaa
fudhatee diimachuun, yoo harkan qabnes nama guba. sibilichiis yeroo ibidda keessa
baafamee burrusaan dhahamu ibiddichiis waluuman rukkutama”. Kana jechuun sibiilli amala
ibiddaa osoo hin balleessin, ibiddis amala sibilaa osoo hin ballessin inni tokko amala isa tokkoo
kan isaa taasifata jechuudha. Amalli Waaqummaa fi foonummaas akkasuma.

Garuu sibiilli ho‟a isaa yeroo gadhiisu gara bifa kan mataa isaatti deebi‟a, Kan Tewaahidoo
garuu akkas osoo hin tewaahidoo bara baraati.
3. Dhalli Namaa (Addaamii Fi Ijoolleesaa) Ni Fayyee Yeroo Jennu Maal Jechuudha?

Kitaaba qulqulluu irratti hundaa‟un manni kiristaanaa keenya fayyina bakka lamatti qooddee
barsiifti. Isaaniis:

i. Fayyina raawwatamee
ii. Fayyina hin raawwatamiin

i. Fayyina Raawwatame: Galanni fi ulfinni guddaan isaaf haa ta‟uuti fayyina Gooftaan keenya
addunyaa hundumaa cubbuu Addaam irraa fayyisedha.

ii. Fayyina hin Raawwatamiin: inni kun immoo iji kan hin argiin, gurri kan hin dhagahiin,
laphee namaan kan hin yaadamne fi Waaqayyo ijoollee isaaf kan qopheesse mootummaa
Waaqayyoo dhaaludha.

Waaqayyo nama ta‟uu isaatiin fayyina raawwatameen dhalli namaa ni fayye yeroo jennu
kanneen armaan gadii argate jechuu keenyadha.

a. Duuti bara baraa karaa sababa Cubbuu Addaamif itti murtaa’e ture irra kan’e jedhuudha.

Maatiiwwaan keenya duraa seera Waaqayyoo cabsuu isaanin duuti foonii fi lubbuu itti murtaa‟ee
ibidda gahannamaatti akka gubatan itti murtaa‟e ture. “ … guyyaa kana nyaatte du‟a du‟aa
duuta” kan jedhu isarratti murtaa‟ee ture. Duuti du‟aa kun Addaam qofa irratti osoo hin taane
ijoollee Addaam irratti raawwate. “sababa kanaanis cubbuun nama tokkoon gara addunyaatti
gale; cubbuu kanaanis duuti nama hundarra ga‟e” (Rom 5:12). Sababa murtii kanaan dhalli
namaa du‟aaf bitamaa ta‟e. seexannis lubbuu namaa gidiraa guddaatin foon irraa adda baasuun
foon boolla keessa, lubbuu immoo si‟ool keessatti waggoota 5500f gidirsaa ture.

Kana hundumaa Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos nama ta‟uun du‟ee du‟a isaan du‟a nurraa
kaase. “duuti karaa namaa akkuma dhufe, du‟aa ka‟umsis karaa namaa ta‟eeraho; hundumti
Addaamin akkuma du‟an Kiristoosin immoo jiraattota ta‟u” akkuma jedhu. (1Qor 15:21-22)
Kanaafuu namni ni fayye jechuun salphaadhumatti duuti sababa cubbuu Addaamiin dhala namaa
irratti murtaa‟ee ture isaaf hafe jechuudha.

Kana amannee fudhachuun dhimmaa dhuunfaa hunduma keenyaa haa ta‟u malee fayyinni kun
kan garuu kan kenname dhala namaa hundumaafidha. Har‟a namni hin amanne yoo jiraate
amanuu dhiisuu isaaf itti murtaa‟a malee cubbuu Addaam duraatti kan gaafatamuu hin jiru.
Kanarratti hundaa‟uun qulqulleettiin mana kiristaanaa keenyaa “kan amane, kan cuuphame ni
fayya kan hin amanne garuu itti murtaa‟a” (Mar 16:16).
b. Gara Waaqayyootti fi gara tokkummaa Qulqullootaatti deebi’e

Namni tokkummmaa Waaqayyoo irraa adda ba‟ee bakka isaa dhabee addunyaa ergamootaa irraa
gara addunyaa bineeldotaatti darbatamee ture.

Ilmi Waaqayyo qaama isaa adda ta‟een dallaa beeyiladootaa keessatti dhalatee dhala namaa
addunyaa bineeldotaa keessa gara addunyaa ergamootaatti dabarse. Kanafidha Gooftaan keenya
yeroo dhalatu dhalli namaa fi ergamoonni waliin ta‟uun “Galanni Waaqayyof samii irratti,
nagaan dhala namaaf lafarratti. . . ”(Luq 2:11) jechuun kan faarfatan.

c. Mucummaa Sillaasee dhabee ture deebi’ee argate

Addaam gannata yeroo ture mucummaa kennaa Sillaaseen kabajamee jiraachaa kan ture
yemmuu ta‟u, gannata keessa yeroo ariyamu immoo kennaa mucummaa kana dhabee ture.
kanaaf waggoota 5500f diyaabiloosif bitamee jiraachaa ture.

Mucummaan Sillaasee kun baay‟ee barbaachisaa fi murteessaadha. Sababni isaa mucaa osoo hin
ta‟iin mootummaa isaa dhaalun waan hin danda‟amneef. Addaamis mucummaa kana waan
dhabeefidha gannata keessa kan ariyame. “namni lammeeffa yoo hin dhalatiin mootummaa
Waaqayyoo arguu hin danda‟u” (Yoh 3:3). dhalli namaa carraa 2ffaa dhalachuu argate
jechuudha. Kana jechuun galatni fi ulfinni guddaan isaaf haa ta‟uuti Gooftaan keenya fi fayisaan
keenya Iyyesuus Kiristoos cuuphaatin mucummaa kennaa isaa isaaf deebise jechuudha.

Har‟a mucummaa kennaa nuuf kenname kana gara mana kiristaanaatti amantiin dhiyaachuun
cuuphamnee mucummaa 2ffaa argachuu ni dandeenya. Yeroo sana “Ijoollee Waaqayyoo ta‟uu
keenya hafuurichi ofuma isaa hafuura keenya waliin dhugaa baha” (Rom 8:16). Kanaafuu
kiristaanaa yoo taane har‟a garbicha diyaabiloos ta‟uun hafee garbicha Waaqayyoo iyyuu miti;
ijoollee isaa malee. Sababni isaa cuuphaan lammeeffaa isarra dhalanneerraa waan ta‟eef. Inni
mataan isaas “kana booda garboota isin hin jedhu” nuun jedheera. (Yoh 15:15).

d. Cubbuu fi Miiraawwaan irratti humna fi aangoo arganne jechuudha.

Namni sababbii cubbuu isaaf Waaqayyoo irraa yeroo adda ba‟etti Waaqayyo “sababa keef lafti
qoraattii haa biqilchitu”(Uma 3:17-18) jedheera. Qoraattii kan jedhamee cubbuu,
hawwiiwwaniifi miira cubbuuti. Akkasuma kanaan waggoota 5500f cubbuuwwaanii fi miironni
adda addaa dhala namaa irratti mo‟an.

Galatni fi ulfinni guddaan isaaf haa ta‟uuti Gooftaan keenya fi fayisaan keenya Iyyesuus
Kiristoos bilisa erga nu baase booda garuu aangoo isaanii ni cabe; dhalli namaas fedhiiwwaani fi
cubbuuwwaan adda addaa irratti humna hafuurummaa argate.

Dabalataniis yoo cubbuun kufellee isarra deebi‟ee kan ittiin ka‟u gaabbiin isaaf kennameera.
Kanaafuu cubbuun tokkollee isarratti hin mo‟u. “waanti hunduu naaf heyyemameera; garuu
waanti tokkollee anarra hin mo‟u” (1Qor 6:12, Rom 6:6).
Har’a hoo namni tokko fayyuuf maal gochuu qaba?
Namni tokko fayyuuf maal gochuu qaba? Waaqni Ilmaa nama ta‟ee hojii fayyinaa inni
raawwatee ni gahaa moo nama irraa kan eegamu jira?

Gaaffii kana akka kaasnuuf kan nu dirqiisiise dubbiin fayyinaa guutummaan guutuutti waan hin
raawwatamneefidha. Fayyinni inni guddaan isa raawwatamee fi dhalli namaa kan fayye
dhiifamaa fi kennaa Waaqayyoon akka ta‟e ibsameera. Amma immoo fayyina Gooftaan keenya
nuuf raawwate kan keenya taasifachuuf maal gochuu qabna jechuu keenya. manni kiristaanaa
keenya haala itti aanuun nu barsiisti.

a. Amantaa dhugaa fi qajeeltuu qabaachuu

Sadarkaa jalqabaa irratti namni fayyuuf namni amantaa dhugaa fi qajeeltuu qabaachuu isa
barbaachisa. Sababni isaa namni fayyina isaaf raawwatame amanee fi hubatee fudhachuu qaba.
Kana taasisuuf immoo amantaan barbaachisaadha; amantaa malee amanuu fi amanamuun dhufuu
waan hin dandeenyef. “amantii malee Waaqayyoon gammachiisuun hin danda‟amu” (Ibr 11:6).

b. Icciitiiwwan mana kirsitaanaa raawwachuu

2ffaa irratti fayyina raawwatame fudhachuu fi bu‟aa isaarras hirmaachuuf kan barbaachisan
bu‟uura kan ta‟an icciitiiwwaan mana kiristaanaa raawwachuu qaba. Isaaniis icciitii cuuphaa,
icciitii meeronii fi icciitii qurbaanaadha. Raawwii icciitiiwwaan kanaaf barumsa sirna mana
kiristaanaa jedhu ilaali.

c. Seerota Waaqayyo eeguu fi ajajoota isaa eeguu

3ffaa irratti namni tokko fayyuuf seerota Waaqayyo eeguu fi ajajoota isaa eeguu qaba.
Amanuutti aanee kan dhufu amanamuun kanaan ibsama. “gara jireenyaatti galuu yoo
barbaadde ajajoota eegi” (Mat 19:16-18). Kana jechuun tsoomuu, kadhachuu, sagaduu, warreen
rakkatan gargaaru, kurnoo fi kennaa kaffaluu, sanbataa fi ayyaanota kabajuu, hojiiwwaan gaarii
kiristaanummaa warreen biroos raawwachuu jechuudha.

Jireenya kiristaanummaa keessatti hojiin gaarii kiristaanummaa fi amantaan adda hin bahan.
Amantaan jiraachuu fi fayisummaa Waaqayyoo amannee fudhanna. Hojii gaarii
kiristaanummaan immoo Waaqa amanneef amanamna. Isa kana duuka bu‟aan Gooftaan keenya
Qulqulluun Yaa‟iqob haala ifaan ka‟eera. “yaa obboloota namni amantii qaba jedhu, hojii garuu
yoo hin qabanne maal isa fayyada? Amantii isaas isa fayyisuu danda‟a? . . . amantiin hojii hin
qabne yoo jiraate du‟aadha.” (Yai 2:14-16).

Haaluma walfakkaatun kitaaba fenote aimiro jedhu irratti akkas jedhameera. “gibira namni
Waaqa isaaf kaffalu, kan inni ittiin isaaf bitamu, waraqaan eenyummaa isaa, hojii gaarii ittiin
miiraa fi fedhii isaa Waaqayyoof kennudha malee dadhabbii qaamaa kan hin qabne amantii
laphee qofa qabatee hojii gaarii kan hin raawwane, Uumaa isaatti kan qoosu, foonsaa kan
jaal‟atu, hamaa nan amana garuu gibira siif hin kennu kan jedhu ta‟uu isaa beeki”.

1.5 Dhaloota Lamaan Ilma Waaqayyo


Manni kiristaanaa keenya Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos dhaloota lama akka qabu ni
amanti, ni barsiifti. Baasiliyoosii fi Saawiroos “dhaloota lamanitti ni amanna” akkuma
jedhan. (amantaa abbootii).

Dhaloonni kun lamaan

i. Addunyaa dursee abbaa isaarraa haadha malee (dhaloota jalqabaa)


ii. Addunyaa booda abbaa malee haadha isaa Dubroo Maariyaamii irraa (dhaloota
lammeeffa)

Dhaloota Isaa Isa Jalqabaa

Dhaloonni kun akka dhaloota namni hunduu abbaa isaa dhalatuu miti. Akka seera uumamatti
namni yeroo dhalatu abbaansaa ilma isaa dursee jiraachuu qaba, akkasumas mucaa isaa ni caala.
Ilmi Waaqayyo garuu Abbaa isaarraa yeroo dhalatu akka ifa aduuti. Ifni aduu qaama aduu irraa
osoo hin ba‟iin akkuma argamu Ilmis jireenya Waaqummaa isaan Abbaa irraa adda ba‟umsi osoo
hin jiraatiin Abbaa irraa dhalate.

Sillaasee bira baraan guyyaan, . . . wal dursuun waan hin jirreef. “Abrahaam Yisihaaqin akka
dursu akka caalu Yisihaaqis Yaa‟iqobin akka dursu akka caalu Abbaan Ilma isaan kan dursuufi
kan caalu miti. Yaa‟iqob Yisihaaq irra akka xiqqaatu, akka durfamu Hafuurri Qulqulluu Ilma irra
hin xiqqaatu, hin durfamus; . . . Ilmis Abbaa irraa hin xiqqaatu, hin durfamu. Abrahaam
Yisihaaqin akkuma ajaju, Yisihaaqis Yaa‟iqobin akkuma ajaju; Abbaan Abbaadha jedhee Ilma
hin ajaju; Ilmis Ilmadha jedhee hin ajajamu hin jedhu. . .” (hiikkaa Galatoo Maariyaamii)

Kana kitaabni qulqulluun kakuu moofaa fi kakuu haaraa sirriitti ibsa.

 Gooftaan keenya yordaanositti cuuphamee akkuma baheen Abbaan “isaatti kanin


gammadu ilmi koo kan ani jaalladhu kanadha” jechuun inni amalummaa Abbaa Gooftaan
keenya Iyyesuus Kiristoos immoo amalummaa Ilmasaa ta‟uu dhugaa baheera. Mat 3:16-
17.
 Akkasumas tulluu tabor irratti dhuga ba‟umsi walfakkaatu mul‟ateera. (Mat 17). Dhuga
bahummaan kun kakuu haaraatti akkuma tasaa kan mul‟ate osoo hin taane dursee
jireenya Sillaaseen kan beekamedha.
 Lapheen Waaqayyo Daawit akkuma dubbate “”አንተ ወልድየ ወአነ ዮም ወለድኩከ (ati Ilma kooti
ani har‟an si dhalche)” akkuma jedhe. (Far 2:7). Kana kan dubbate Waaqa Abbaa yoo
ta‟u kan dubbatame immoo Waaqa Ilmaafidha. “ati Ilma koodha” jechuunsaa Ilmi
kabajaan walqixxummaan dursee Abbaa waliin jiraachuu isaa kan agarsiisudha. “har‟an
si dhalche” yeroo jedhu immoo addunyaa dursee haadha malee kan dhalche adda
addummaa, waldursuu kan hin qabne dhaloota isaa isa duraa nu hubachiisa.
 Qaamni jechaa Ilmi Waaqayyoos dursee kan turee fi dhaloota isaa isa duraan Abbaa irraa
dhalachuu isaa kitaaba ogeessicha Solomoon irratti akkas jedhee dubbateera.
“tulluuwwaan osoo hin hundeeffamiin, gaarotas durseen dhaladhe” (Fak 8:25).

Dhaloonni Ilmaa Waaqa Abbaa irraa kan hin qoratamnedha. “Yaadni laphee irraa argamuun
akkamidha? Arraba irraa jechi argamuunihoo maal fakkaata? Amala keenya keessa kan jiran
isaan kana beekuu kan hin dandeenye sammuun keenya qoratee bira gahuu kan hin dandeenye fi
uumaa addunyaa kan ta‟e, icciitii Waaqayyoo akkamitti beekuu dandeenya?” (amantaa abbootaa
Q. Gorgooriyoos).

Kana waan ta‟eef Waaqni Ilmaa dhaloota duraa akka qabu yoo hubanellee akkamitti dhalate kan
jedhuuf garuu beekumsa sammuu keenyaa ol waan ta‟eef deebisuu hin dandeenyu. Kanaf
abbootiin keenya akkuma taasisan callisnee amantiin haa dinqisiifannu.

Dhaloota Isaa Kan Lammeeffaa

Galatni fi ulfinni guddaan isaaf haa ta‟uuti Gooftaan keenya fi fayisaan keenya Iyyesuus
Kiristoos haadha keenya Dubroo Maariyaamii qaama isaa adda ta‟een sanyii dhiiraa malee kan
dhalate dhalootasaa isa lammeeffaa jedhama. (Luq 1:35).

Kunis dursee raajii raajotaan kan beekamee fi boodas lallaba duuka bu‟ootaan kan
mirkaneeffamedha. Raajichi Waaqayyo Isaayyaas dhaloota Gooftaa keenyaa waggoota dhibba
toorba dursee akkas jedhee ture. “kunoo Durbin i ulfoofti mucaa dhiiraas ni deessi maqaa isaas
Amaanu‟el jettee ni moggaasti.” (Isa 7:14). Akkasumas Mik 5:2 ilaali.

1.6 Fakkeenyota Icciitii Tewaahidoo

a. Tokkummaa’uu Ibiddaa Fi Sibiilaa

Sibiilli yeroo ibidda keessa kaa‟amu, amala ibiddaa osoo hin balleessin amala isaa taasifata.
Ibiddis amala sibiilichaa osoo hin jijjiirin amala isaa taasifata. Akkasuma qaamni Waaqummaa
amala foonummaa osoo hin jijjiirin amala isaa taasifate, foonummaanis Waaqummaa amala isaa
taasifate.

“Amalli Waaqummaa kan foonii ta‟e; amalli fooniis cubbuu irraa kan hafe kan Waaqummaa
ta‟e.” (Q.Qeerlos)Ibiddi kan hin qabamnee fi ifaadha. Garuu sibiila waliin walfudhachuun kan
qabamu, kan batteffamu, . . . ta‟a.

Akkasumas Waaqummaan dhokataa fi bakka hundumaa kan guutedha. Foon waliin waloomuun
qabame danda‟e, akkasumas beela‟e, dheebote, reebame, fannifame, du‟e, awwalame jenna.
“foonin du‟e Hafuuraan garuu jiraataa ta‟e” (1Phex 3:18) akkuma jedhu.
b. Waloomina Lubbuu Fi Foonii

Namni tokkummaa fi foonii fi lubbuuti. Dhalli namaa gadameessa haadha isaa keessatti erga
uumame booda kun fooniidha kun immoo lubbuudha jedhanii adda baasuun hin danda‟amu.

Akkuma kanaa Gooftaan keenya dhala namaa fayyisuuf jedhee nama ta‟ee addunyaa kanarra
deddeebi‟uun hojiiwwaan fayyina inni raawwate kun kan fooniidha, kun immoo kan
Waaqummaadha jedhamee adda baafamuun hin danda‟amu. Sababni isaa tewaahidoo booda
adda baafamuun waan hin danda‟amneef.

Nuti foonii fi lubbuu irraa kan argamne yeroo taanu mataa keenya bakka lamatti adda baasnee
foon kanadha, lubbuun immoo kanadha jechuu hin dandeenyu. Namni isaan kana lamaan irra
kan argame tokkodha malee nama lama hin jedhamu, namni foonii fi lubbuu irraa kan argame
tokkodha malee. Kana yoo beekne Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos tewaahidoo dura walii
walii isaaniitin tokko kan hin turre tewaahidoo booda garuu adda ba‟uu kan hin dandeenye
amaloota lama irraa amala tokko akka ta‟e ni amanna. (Q. Qeerlos).

1.7 Maalummaa Iyyesuus Kiristoos


“Anaan kan hin gufanne eebbifamaadha.” Luq 7:23

Gaaffii “Iyyesuus Kiristoos eenyudha?” jedhu dhalannaa Gooftaa keenyaa irraa kaasee
baay‟oliin kaasaniiru. Kan isaanittis fakkaates deebisaniiru. Innumti mataansaa Gooftaan keenya
Iyyesuus Kiristoos gaaffii kana duuka bu‟oota isaaf dhiyeesseera. “Iyyesuus naannoo Filiphos
Qisaariyaa yeroo gahu duuka bu‟oota isaan „namootni Ilma namaatin eenyu jedhu?‟ jedhee
gaafate” (Mat 16:13-20).

Gooftaan keenya gaaffii kana kan kaase calliseetuma osoo hin taane sababoota armaan
gadiiifidha.

1. Namoonni yeroo sana turan Waaqummaa fi dhufaatii isaarratti shakkii kan qaban waan
turaniif, maalummaa isaa isaaniif ibsuufi shakkii isaanii irraa akka fayyaniif.
2. Dhaloota gara fuulduratti dhufaninis shakkiin kun akka uumamu Waaqummaa isaan
waan beekuuf yeroof duuka bu‟oonni isaa, booda immoo barsiisonni mana kiristaanaa
yeroo barsiisan akka ragaatti kan caqasan isaan kaa‟uuf.

Deebii gaaffii kana Qulqulluun Pheexiroos haa deebisu malee foonii fi dhiigni akka isaaf hin
ibsine Gooftaan keenya dubbachuu isaa sirritti hubachuu qabna. Kun immoo kan nutti agarsiisu
maalummaa Iyyesuus Kiristoos gargaarsa Hafuura Qulqulluun alatti caqasa qofa caqasuunifi
beekumsa fooniin beekuu fi hubachuun kan hin danda‟amne ta‟uusaati.

Kutaan kun kan barsiisu Ilmi Waaqayyo Iyyesuus Kiristoos erga nama ta‟e booda keessumattu
Waaqummaa isaa ilaalchisee haalonni turan maal fakkaatu? Foon uuffatee dubbii fayyina inni
raawwate Waaqummaa isaa kan hambisanidha? kan jedhudha.
Waluma galatti manni kiristaanaa keenya Iyyesuus Kiristoosin eenyu jettee akka isheen amantu
hubachuu fi sobdoota arraba qofaan kabaja isaa malee Iyyesuus Kiristoosin maqaa adda addaan
waamuun ni waaqessina kanneen irraa of eeggachuufidha.

Har‟a addunyaa keenya irraa baay‟oliin maqaa kanaan dogongoranii, baay‟oliis dogongorsaniiru.
Kanaaf gufannaa irraa of eeggachuuf sirritti barachuun nurra eegama. Kiristoosin kan hin
gufanne eebbifamaadha waan ta‟eef. Luq 7:23

a. Iyyesuus Kiristoos Ilma Amalummaa Waaqa Abbaati.

Iyyeesuus jechuun fayisaa jechuudha. Ilmi Waaqayyo maqaa kanaan kan waamame haadha
keenya Dubroo Maariyaamii irraa foon uffatee erga dhalatee boodadha. Qulqulluun Yohaannis
“jalqaba jechatu ture jechis Waaqayyo bira ture; jechis Waaqayyo ture.” (Yoh 1:1) jechuun
kabaja fi maalummaa Waaqummaa osoo foon hin uffatiin dura, akkasumas foon erga uffate
booda Waaqummaan isaa akka hin badiin nu hubachiisa.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos erga foon uffate booda barri kan isaaf hin lakkaa‟amne barri
ni lakkaa‟amef. Yihuudonni foonin qofa isa arganii waggaa 50 osoo hin guutin akkamitti
Abrahaamin argeera jetta? yeroo jedhan “ … dhugaa dhugaan isiniin jedha Abrahaam osoo hin
dhalatiin ani jira” isaanin jedhe. (Yoh 8:58). Dubbii isaa kanaan addunyaa dursee jechummaan
mirga Abbaa jiraachuu isaa malee Abrahaam osoo hin dhalatiin foon uffachuu miti.

Gooftaan keenya galaana Yordaanositti yeroo cuuphamu amalummaan Abbaa isaa duumessa
keessan “isatti kanin gammadu Ilma koo isan jaal‟adh (amalummaan Ilmakoo) isadha; isa
dhagaha” jedhee dhugaa kan ba‟e addunyaa dura dhalachuu isaa bu‟uura taasisuun amalummaa
Ilmummaa isaati.

Abbaan Waaqayyodha, Ilmi Waaqayyodha, Afuurri Qulqulluun Waaqayyodha. Caqasa armaan


olitti caqasame irraa kan hubannu tewaahidoo booda jechi fi foon adda kan hin baane ta‟uu
isaaniiti. Sababni isaa amalummaan Abbaa isaa Waaqni Abbaa “kun Ilma kooti” jedhe malee
“Ilma Maariyaamii keessa kan jiru Ilma kooti” hin jenne. Kanaaf Gooftaan keenya foon uffachuu
isaatiin amalummaa Ilmummaa isaa hin gadhiisne.

b. Iyyesuus Kiristoos Waaqa Amalummaati

Gooftaan Keenya Iyyesuus Kiristoos galatni isaaf haa ta‟uuti foon uffachuu isaatiin uumama,
Waaqa xiqqoo, raajii, kan kadhatu, . . . jedhamuun isaaf hin ta‟u. Foon kan uffate fayyina
addunyaaf ta‟uusaa mata dureewwan darban jalatti barachaa turrerra. Waa‟ee amalummaa
Waaqummaa Iyyesuus Kiristoos kitaabni qulqulluunis ta‟e beektonni mana kiristaanaa haala
sirritti ni ibsu. Mee caqasoota armaan gadii kana lamaan haa ilaallu.

 “Waaqayyo ifatti ni dhufa; Waaqni keenya ni dhufa; hin callisus; ibiddi dura isaati
boba‟a” (Far 49(50):3). Samii irra gara lafaatti bu‟ee haadha keenya Dubroo Maariyaamii
irraa kan dhalate, dubbii fayyinaa raawwatee galatoon gara samiitti kan olba‟e, ammas
deebi‟ee kan dhufu Iyyesuus Kiristoos a kka ta‟e ifaadha. Qulqulluun Daawit Waaqayyo
jedhee waamera. Sababni isaa Iyyesuus Kiristoos Waaqayyo waan ta‟eefidha.
 Gooftaan Keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo inni olba‟u ilaalaa kan turan duuka buutota
isaaf ergamoonni mul‟atan akkas jedhan, “isin bira gara samiitti osoo ilaaltanii akkuma
olba‟e deebi‟ee ni dhufa” (HoE 1:9-11). Kiristoos olba‟e kana mootichi Daawit immoo
“Waaqni ililleen Waaqayyo sagalee faaggaatin olba‟e” jedhee Waaqummaa dubbata. (Far
46(47):5). Egaan si‟a tokko Waaqa si‟a tokko immoo Waaqayyo jedhamee kan ibsame
Iyyesuus Kiristoosidha. Sababni isaa gara samiitti osoo olba‟uu kan agarre isaani waan
ta‟eef. (Luq 23:50-53). Kanaafu Iyyesuus Kiristoos Waaqa amalummaati.

Mee caqasa kan biraas haa ilaallu.

1 Raajichi Isaayyas waa‟ee dhufaatii lammeffaa Gooftaa dursee akkas jechuun dubbateera,
“Waaqayyo Gooftaan akka humnaatti ni dhufa; irreen isaas waa‟ee isaaf ni bita; kunoo gatiin
isa bira, mindaanis fuuldura isaadha.” (Isa 40:10). Isaayyaas ni dhufa kan inni Waaqayyyo
Gooftaadha. Kakuu haaraa irratti immoo kitaabni qulqulluun akkas jedha. “Kunoo dafee nan
dhufa; hundumaafis akka hojii isaaniitti akkan kaffaluuf gatii isaanii ana waliin jira.”(Mul
22:12).

Kan dhufu eenyudha? Isaayyas Waaqayyo Gooftaa jedhee kan barresse, mul‟ata Yohaannis
isaarratti Iyyesuus Kiristoos jedhamee kan ibsame isadha. Kana jechuun immoo Iyyesuus
Kiristoos Waaqayyo Gooftaadha jechuudha.

Caqasoota armaan olitti ilaalleen kitaabilee oriiitii keessattis haa ta‟u kanneen kakuu haaraa
keessatti waa‟ee Waaqummaa Iyyeesuus Kiristoos sirritti akka dhugaa bahu hubachuun nama hin
rakkisu.

Bu‟uura kanaan manni kiristaana keenya Waaqummaa, ifummaa, jireenyummaa, karummaa, . . .


Iyyesuus Kiristoos ni amanti, ni barsiisti. Egaan kitaabni qulqulluun “barumsa Kiristoosin kan
hin jiraanne Waaqa hin qabu.” (2Yoh 1:9) jedhee akka nu hubachiisu barumsa Kiristoos isa
dhugaa amannee, isaafis amanamnee jiraachuu nu barbaachisa.

1.8 Sababoota fi Kaayyoowwaan Barumsoota fi Hojiiwwaan Gooftaa


Keenya Iyyesuus Kiristoos Wangeela Irratti Ibsamanii
Har‟a namoonni baay‟een barsiisa kiristaanummaa keessa kan bahan sababbiin inni guddaan
barumsoota fi hojiiwwaan fayyinaa Gooftaan keenya raawwate, wangeela irratti barreffamanii
kan jiran ilaalchaa fooniin hiikanii hubachuuf yaaluu isaaniidha.

Inni sirriin garuu barumsonni fi hojiiwwaan fayyinaa Gooftaan keenya raawwate hunduu
kaayyoo fi sababa mataa isaanii danda‟an ni qabu.
Abbootiin mana kiristaanaa sababoota barumsoota fi hojiiwwaan fayyinaa Gooftaan keenya
raawwate bakka 4tti qoodanii nuuf ka‟aniiru. Isaanis

1. Fayyina foonii fi lubbuuf


2. Foon namaa uffachuu isaa ibsuuf
3. Seexana gara isaatti dhiyeessuf
4. Fakkeenyummaa fi gadofqabummaaf

Mee gaggababsinee tokko tokkoon haa ilaallu.

1. Fayyina Foonii Fi Lubbuuf

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos nama ta‟uu isaarra eegalee hanga olba‟umsa isaatti foon
keenya uffatee hojiiwwaan inni raawwate, jechuunis dhalachuun isaa, gidiraa simachuunsaa,
fannifamuunsaa, du‟uunsaa,… hundumtuu walitti qabnee yeroo ilaallu dhala namaa fooniifi
lubbuun fayyisuufidha.

Sababni isaa namni yeroo abboommii Waaqayyo cabse abaarsi isarratti dhufe abaarsa foonii fi
lubbuu waan ta‟eefidha. Abarsi gosa lamaan kun du‟a gosa lama namatti fide; du‟a foonii fi du‟a
lubbuu. Kanaafis namni sababbi abaarsa kanaaf waggoota kuma shaniifi dhibba shaniif rakkina
fi gidiraa keessa turee dhaloota Gooftaa keenyaan bilisa ba‟e. “amma garuu cubbuu irraa bilisa
baatanii, Waaqayyoofis bitamtanii qulqullummaaf firii isinif godhata.” akkuma jedhu.(Rom
6:22).

Gooftaan keenyaa beenyaa ta‟uuf waan dhufeef hojiiwwaan isaa baay‟oliin isaanii kan Addaam
itti kufe waliin walfakkaata. Addaam cubbuuwwaan sadiin kufeera, isaanis, nyaatan (muka beles
nyaachuun), ol ofqabummaa (Waaqa ta‟uuf yaaduun), jaalala qarshii ykn aangoodha.
Cubbuuwwaan kun sadan Addaamin kuffisaniiru. Gooftaan keenya immoo cubbuuwwaan kana
sadan mo‟ateera. (Mat 4).

Diyaabiloos nyaatan isa qore mo‟atee, nuun immoo nyaatan mootummaa isaa nuuf deebise.
Addaam muka beles kutuuf harka isaa akkuma diriirse Gooftaan keenya harkasaa fannoo irratti
diriirsee, Addaam lafa durba taaterra akkuma dhalate, Gooftaan keenya Dubroo irraa dhalatee,
Addaam gannata keessa akkuma ariyame Gooftaan keenyanis gara gibtsiitti baqachuun, … haala
kanaan Addaamiif beenya ta‟eera.

2. Foon namaa uffachuu isaa ibsuuf

Gooftaan keenya gara addunyaa kanaatti kan dhufe foon dhala namaa uffateti malee fakkeessuun
ykn sobaan ykn hafuuraan miti. Kitaabnis dhugaa kana akkas jechuun dubbata, “sanyii
Abrahaam qaba malee sanyii ergamoota miti” (Ibr 2:16).

Kanaaf dhugaa kana mirkaanessufidha kitaaba qulqulluu keessatti Kiristoos ni rafe, ni nyaate, ni
dadhabe, . . . jedhamee kan barreffameef. Inumti mataansaa Gooftaan keenya “waan nyaatamu
qabdu?, Alaazariin eessatti awwaaltan?(Yoh 11:34)” jedhee yeroo gaafatuu fi wallalaa kan ta‟e
foon dhala namaa uffachuu isaa yeroo ibsu ni agarra.

Mallattooleen kun hunduu Kiristoos dhuguma foon keenyan waloomee (tewaahadee) akka
mul‟ate kan ibsanidha. Kana immoo callisanii dinqisiifachuu malee maalif jedhanii sammuu ofii
dhiphisuun sirrii miti. Sababni isaa icciitichi baay‟ee guddaa fi dhokataa waan ta‟eefi. “icciitiin
Waaqayyoon fakkaachuu shakkii malee guddaadha; fooniin kan mul‟ate; . . . ergamootatti kan
mul‟ate; alagoota biratti kan lallabame; addunyaa irratti kan amaname; kabajaan kan olba‟e”
jedhamee akkuma barreeffame. (1Xim 3:16).

3. Seexana gara isaatti dhiyeessuf

Addaam dogongoree kan kufe seexanni gara Addaam deemeti malee Addaam gara seexanaatti
deemee miti. Gooftaan keenyas seexanan mo‟uuf gara isaatti deemuu qaba osoo hin taane
seexanni gara isaatti dhiyaachuu qaba. Kanaaf seexanni gara isaatti akka dhiyaatuf kan raawwate
qaba. Osoo ofitti hin dhiyeessin akkasuman mo‟eera osoo ta‟ee Waaqummaan isaan mo‟e
jedhama malee nama ta‟ee mo‟e hin jedhamu ture.

Kabajni fi ulfinni guddaan isaaf haa ta‟uuti Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos diyaabiloos isa
Addaamii fi Hewaanin dhiphisaa ture ofitti dhiyeessee jaal‟achiisee isa hidhuun lubbuuwwaan
bilisa baase. “lubbuu koo immoo akkan kaasuuf fedha koon nan jiraachisa . . . ani fedha koonin
jiraachisa malee eenyu iyyuu anarra hin fudhatu, jiraachisuuf aangoo qaba; akkasumas kaasuuf
aangoo qaba. . .” (Yoh 10:17-18) jechuun barumsa inni barsiise diyaabiloos callisee osoo inni
fannoo irra jiruu “Waaqa koo Waaqa koo” jechuun yeroo waamu dhagahee “animma hanga
har‟atti Waaqa natti fakkaata ture, edaan Waaqa miti” jechuun akka namoota biroo taasisaa ture
lubbuu isaa foonsaarraan adda baasa jedhee yeroo itti dhiyaatu, roga arfaniin funyoo qilleensaan
diriirsee funyoo ibiddaan hidhee fuuldura isaa dhaabe. Yeroo kana diyaabiloos lubbuuwwaan
waggoota 5500 si‟ol keessatti hidhaa ture akka gad lakkisu dubbate.

Kanaafuu “Waaqa koo Waaqa koo” jedhee kan waame seexana gara isaatti dhiyeessee hidhuufi
malee ofii isaa Waaqa hin ta‟iin hafee miti. “Namni dursee nama isa jabaa osoo hin hidhiin mana
nama jabaa kanaa seenee meeshaa isaa akkamitti saamuu danda‟a?” Mat 12:29

4. Fakkeenyummaa Fi Gadofqabummaaf

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos nuuf fakkeenya ta‟uuf kan inni raawwate waantonni
baay‟een ni jiru. Fakkeenyaaf gad jedhee miil‟a duuka bu‟ootasaa dhiquu, buddeena shanii fi
qurxummii lama yeroo isaan nyaachisetti eebbisee fi kutee isaanif kennuunsaa, gara gadaamii
qoronxoos deemuu isaa, qaanaa isa galiilaatti mana cidhaatti argamuusaa, fi kkf yoo ilaalle akka
mootii gaarii hojjetee hojjedha, raawwatee raawwadha jechuu isaati.

Nuti kiristaanonni waan hundumaan akka isa fakkaannuu fi isa hordofnu barbaachisa. Sababni
isaa gara kiristaanummaatti kan waamamne kaayyoon inni guddaani fi inni tokko isa kana waan
ta‟eef. Mee caqasa kana haa ilaallu. “kan waamamtan kanaafi waan ta‟eef; Kiristoos immoo
barbaacha isaa (fakkeenya isaa) akka hordoftaniif fakkeenya isiniif kaa‟ee waa‟ee keessaniif
gidiraa simateera”. (1Phex 2:21).

Fakkenyummaan maaliif barbaachise?

Dursee Waaqayyo seera oriitii kennee ture, seera kana garuu guutummaan kan raawwate hin jiru.
Seerri kun akkasuman kenname malee raawwatamee kan kenname waan hin turreef namoonni
sodaachaa turan.

Gooftaan keenya garuu seera ishee dhugaa seera wangeelaa kan nuuf kenne jalqaba ofii isaa
raawwatee nuuf kenne. Kanaafuu seerri kun kan raawwatame waan ta‟eef kiristaanonni
salphaatti kiristaanummaa keessa jiraachuu danda‟u.

Gooftaan keenya fakkeenya nuuf ta‟uuf kan inni raawwate waantonni shan ni jiru. Isaanis

1. Cuuphaa harka Yohaannisitti


2. Cubbuu amanuu (cubbamoota waliin lakkaa‟amuu)
3. Wareegamummaa fudhachuu
4. Baahitawummaa
5. monokkosummaa

Kanaafuu atis kitaaba qulqulluu yeroo qo‟attu ykn yeroo dubbistu hojiiwwaanii fi barumsoota
Gooftaa keenya qabxiiwwaan armaan olitti baranne kana arfan keessa galchitee ilaaluu qabda.
Kanaanis barumsa shakkitoota osoo hin beekin ni beekna jedhan jala oolu dandeessa.

Galanni Waaqayyoof

Boqonnaan 6ffaan itti fufa . . .

You might also like