Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 11

Nama Afuuraa:.

Afuurummaa fi Tajaajila Afuuraa


Kaayyoon Barumsa kanaa
 Maalummaa afuurummaa Beekuu.
 Faayidaa Tajaajila afuuraa hubachuun tajaajila keenyan
cimuu.
 Sababoota adda addaan namootni mana kiristanaa irraa
faganee akkamiti akka Tajaajiluu dandeenyu Mari’achufi dha.
Qabiyyeen
Kutaan tokko
 Nama afuuraa fi afuurummaa
 Ibsituuwwaan afuurummaa
Kutaan Lama
 Tajaajjila Afuuraa
Kutaan Sadi
 Tajaajjila afuuraa fi Qormaata isaa.
Gaaffii kana mee deebisaa
 Bara jireeny keessannii wantti itti gammadan maali?
 Jireenya afuuraa keessanniin wanti isiin yaachisuumaal?
 Jireenya keessaan keessati wanti isin dhiphisu hoo?
 Akka barataa dilbataa keessanitti wanti isiin yaachisu jiraa ?
Kutaa tokko
 Nama afuuraa fi afuurummaa .
 Namni bara jireenya isaa jireenya lama/2/ jiraata.
1.Jiruu ykn kan yeroo Gabaabduu biyya lafaa.
2.jireenya ykn kan Samii irraa hanga bara baraa .
Nama afuuraa jeechuun maal? Afuurummaan hoo?
Argamni jechichaa jecha afuura jedhu yoo ta’u
Afuura jechuun;.kan hin muldhane, kan hin
qaqqabamne;walumaa gala sammuu dhala namaa ol kan ta’e
dha.(afuura qulqulluu fi afuura xuurawwaatu jira).
Nama afuuraa jechuun :.garee afuura qulquulluu kan ta’e kan gahe,kan
qulquula’e,nama dhugaa , foon isaa lubbuu isaaf kan bichisiise, nama of bitu,
ykn of moo’ate, afuura qulquullu wajjiin kan tokkoomu, Ilmummaa afuura
kan argate fi amanamaa , abboomii waaqayyoo kan raawwatu walumaa
galatti nama waaqaa ta’uu dha.
Afuurummaa jechuun maal jechuu dha.?
Nama afuuraa ta’uu jechuu dha.
Amantaadhaan du’aan booda jireenya jiruuf qophaa’u dha.
Iccitii muccuumma waaqayyoo ta’uu.
Afuura waaqayyoon wari durfamaan hundinnuu isaan ijoolee
waaqayyoo jeedhamu. Rom.10;14
Ibsituun afuurummaa maal?
Faarfachuu dha ?
Luba ykn Daaqonii ta’uu dha.
Sirna qulquulleessaa hirmaachuu dha.?
Ayyana cuuphaa kabajuu dha.?
Iddoowwaan seena qabeesaa deemuu dha.?
Barataa dilbataa ta’uu dha.?
 Ibsituuwwaan nama afuurummaa qabxiwaan armaan
gadii ta’a.
1.Amantii cimaa.
 Tokkumaa fi saduummaa silaasetii amanuu.
 Dubbii fayyinaa nuuf raawatameeti amanuu .
 fkf samii iraa gadii bu’uu, dhalachuu, cuuphamuu,
fannifamuu, du’uu, guyyaa sadaffaatii du’a moo’atee
ka’uu fi deebi’ee dhufuu isaatii amanuu.Mat 25;31.Yih
1;3.
2.Abdii.
Amantan,abdiin fi jaalali isaan kun Sadan baraa hanga
baraati ni jiraatu. 1ffaa Qor 13;13
Ammaa hoo abdiin ko Eenyu waaqayyoo mooti? Far 38;7
Ijjii nama hundaa abdii siigodhatu.Far Daw 45;15.
Kan muldhatu kan yeerooti, kan hin muldhanee garuu
immo,kan bara baraatii. 2ffaa qor 4;7.
3.Jaalala.
 Jaalali ni obsa,dhifamas ni godha,jaalali hin
inaafuu,jaalali hin boonu,Jaalalii waan hin taane hin
raawwatu,jaalali kan ofi hin barbaadu,jaalali dogooggora
hin lakaa’u.1ff Qor 13;4.
4.Gadii of qabuu ykn Garraamummaa.
 Gooftaan keenya dukaa bu’oota isaa gafaa guyyaa
kamisaa galgala miilaisaani dhiqee gadii of qabuu nuu
barsisee jiraa.
 Daawit anii raammoodha ofiin jedhee.
 phaawuuloos anii nama hirdhuu dha ofiin jeedhe.
 Abrahaam anii biyyo dha ofiin jedhani kan dubataniif
waaqayyoon alati hikoo waan hin qabnee fi dha.
 Hundumtii keessaan waali keesan waal jaladhaa,
Gaaramummaa akka uffaatatii hufadhaa.waaqayyoo
wara of tuulaan ni moorma,garamoota ykn wara gadii of
qabanf keenaa isaa ni keenaaf.1ffaa pheex 5;5.
5. Obsa
 Balasittii obsaan kan eegge firii ishee ni nyaata
 Hundinuu ni darbaa, dukana booda ifaatu dhufaa.
 Obsii ni hadhaawa firriin isaa immoo ni mi’aa.
6.Amanamummaa.
 Waan xiqqoon amanamteertaatii iddoo gudaatan sii
muudaa.mat 25;23.
 Amaa dhumaati kan amanamtee ta’ii goonfoo jireenyaan
siif keenaa. Mul yoh 2;10.
7.of bituu (of moo’achuu).
 Afuuraan hojii fooni ajeessun,abbaa jireenya ta’atuu.
Rom12;8.
8.seera waaqayyoon jiraachuu.
 Seerii waaqayyoo qoftii feedha isaa kan ta’ee waa’ee
seera isaa halkaanif guyyaa kan yaaduu, akka biqiltuu
bishaan cinaati dhaabatee yeroo yeroodhaan firii
keenituuti fi baallii ishee hin xoolagneetti dha.hojiin
hojatus ni raawwatafi. Far daw 1;1-4.
9.Sodaa waaqayyoon jiraachuu.
 Sodaa waaqayyoon qulqullummaa bu’ura
godhanee,afuurumaa fi foon wara xureessaan hunda
irraa of haa qulquleesinuu.20ffaaQor 7;1
 fuula waaqayyoo duraati akkaaamitiin cubbuu
hojadhaa.Ser um39;9.
10.Nageenya.
 Nageenyi isiinif haa ta’uu jedhee nageenya isaa kan nuuf
keenne waaqni keenya iyyasuus kiristoosi dha.waan kana
ta’ef
 Namnii ofii isaa waliin
 Waaqayyoo waliin
 Nama waliin nagaan jiraachuu qabaa.
 Yoo isiini danda’amee nama hunda waaliin nagaan
jiraadha.hammeenya gaaruumadhaan moo’adhaa malee
hammeenyumadhaan hin mo’ataminaa.
Rom 12;18-21.
11.Ajajamuu.
 Abboomi fi seerota isaa Eeguu.
 Gadii of qabuu,
 kan biroo tajaajiilu, akkasumaas jaalachuu.
 Tolee jettanii yoo anaaf ajajamtan keennaa biyyaa lafaa
ni nyaatuu,lakkii jeettanii yoo naa ajajamuu diddan
seefiin koo isiin nyaata .Raj isa 1;18. Fkn. Abbaa nama
hundaa kan ta’e Abrahaam,irraa waanttoota
afur/4/baranaa .
 Isaanis
1.Ajajaamuu;,waaqayoo biyyaa kaaraani bahii yeroo jedhuun
bitaa,mirgaa osso hin jennee ni bahee.Ser Uma 12;1
2.Obsa; Ser uma 12;10.;
3.Jalalayoh 15;12.Anii akkumaan isiin jaladhee isiinis waal
jaaladha.
4.Amantaa;. Ser uma 15;1-20

Kutaa lama
Tajaajila afuuraa
 Tajaajjila afuuraa jechuun maali?
 Bitamuu,ajajamuu,fayyaduu,hojii hojatanii
eebbifamuudhan goofta gamachisuu dha.
 Hojii fooni fi afuuraa gaariin hundinuu tajajilaa
jeedhama.
Tajaajjili afuuraa
1.Daandii qulqullummaatii
2.Jireenya;. Yoo tajaajiluu baannee jiraachuu hin dandeenyu,
fkf akkuma qileensa 02 malee jiraachuu hin dandeenyee dha.
3.Jaalala;.1ffaa phex4;8.
4. Gatii bara baraa kan namaaf kennisisuu dha.
mat 19;27-30,2yoh1;8
5.Fakeenya ta’uu dha.
6.Inafaa gaarii dha.
7.Dhimma hojii fi jireenyaa tii.
8. Kadhanaa dha.Hoj Duk 6;4
Maalummaa Tajaajilaa
1.Waamicha waaqayyoon booba’uu dha.
Waamamuu fi filatamuu keessaan jabeesuuf kan duraa caala
jabaadhaa.2phex 1;10.
Waaqayyoon yoo nuu waame kunoo garbichii kee naan
dhaga’aa dubadhuu jechuu qabna.1ffaa sam3;9.
2.Ragaa bahuu dha.nutii isaa arginee fi dhageenyee dubaachuu
irraa calisuu hin dandeenyu.Hoj duk4;20.
3.Imaanaa fuudhane hojii irra olchuu dha.
Keenaa nuf keenameen akka nuuf keenameetii tajaajiluudhan
buufachuu dha.mat25;14-26.

Gara tajaajila afuuratti galuun dura dhimmoonni


xiyyeeffannoo barbaadan maalfaa dha?.
1.Nama afuuraa ta’uu.
2.Kennaa ofii beekuu.
3.Kaayyoo tajaajjiluf beekuu.
4.Beekumsa afuuraa gahaa qabaachuu.
5.Mana kiristanaa keessaa turuudhan rakkoo ishee
waqtaawwaa hubannee tajaajila irraati hirmaachu.
6. Gaabbii galuu.
7.Gatii tajaajila beekuu dadhabuu.
Kutaa sadi
Tajaajila Afuura fi Qormata isaani
Gara tajaajila akka hin gale waanttota gufuu nutii ta’an.
 Hanqina beekumsaa
 Maalif akka tajaajilu beeku dhabuu
 Akkamitti akka tajaajilu beeku dhabu
 Kaayyoo fi karooran tajaajilu dhabu
 Gahee dhunfaa keenya bahuuf gatii inni qabu wallaalu
 Sodaachu fi foonif looguu
 Maaltu naa galchee jechuu
 Yeroo haali mijatee qofa tajaajiluu
 Yoon tajaajilu baadhe naan fayyaa jechuudhan yaaduu
 Tajaajilaan akka hin jabaannee dhimoota nu
taasisaan
 Jireenya afuuratiin laafu Fkf,Tajaajjila irraa fagaachuu.
 Maalaqa jaalachu fkf yihuudaa dagachuu
 Warra kufan ilaaluu
 Waliti dhufeenya badaa ta’e kan sala faala Waliin
hiriruu.
 Tajaajila keessaati wal dubbisuu dhisuu
 Walii galuu dadhabuu Fkf, koreewwaan barattoota
dilbataa.
 Suuta suuta cubbuun wal baru
 Gaabbii galuu hirraafachuu
 Abdii kutachuu,
 Mootummaa waaqayyoo gatii malee galuuf yaaduu
 Kophaa koo hin danda’u jedhanii yaadu
 Kadhanaa addaan kutuu
tajaajila keessati dhimmoonni xiyyeeffannoo
darbaadan fi Addaan hin baanee
 Qormata fi tajaajila
 Yeroo fi tajaajila
 Naamusa fi tajaajila
 Gaabbii fi tajaajila
 Galata sobaa fi tajaajili adaan hin bahan
 Atii garuu waan hunda seeraan raawwadhu wangeela
lalabii 1ffaa xim 4;5.
Bara jireenya keenya waaqayyoo irraa kannu
fageessaan keesaa
1.Yeroo kadhanaa yoo hin qabaane.
Luq 22;40.Gara qormaatatti akka hin gale jabaadhaa
kadhadhaa.
2.Gara yaa’ii waaqayyooti yoo hin dhufne.
Mat 11;28 Isiin warrii ba’aan keessaan issinit baayate gara koo
kootaa.
3.Sagalee waaqayyoo yoo hin dubbisne.
Ibr 4;2.Amantaan dhaggeeffachuu irraayii dhaggeffaachuu
immo sagalee waaqayyoo irraayi.
4.Namoota afuuraa irra adaan baanee namoota fooni walin
yoo tokkummaa uumne.
1ffaa Qor15;33.Abbaan buddeenaa badaan amala gaari
kiristanummaa balleessa.
5.Bara jireenya keenya yoo jireenya foonif qofa hojjane.
Mat 6;33. Duraan duursaatti moottummaa waaqayyoo
barbaadaakan hafee itti isinii dabalama.
6.Qulqulloota waliin yoo tokkummaa hin qabanee.
Raajjiicha namni maqaa raajjichaatiin simatee gatii raajjichaa
ni argata,eenyumtuu maqaa qulqullichaatin yoo bishaan
qorraa obaase gatii isaa jalaa hin badu.Mat10;42.
Namooni Mootummaa Waaqayyoo Dhaaluudhaaf ykn
Jireenya bara baraa argachuuf waantoota bu;uraa
sadi/3/raawachun dirqama ta’a.
1.Amanta qabaachu;.
Waaqummaa Waaqayyoon,uumaa uumamtoota ta’uu,nuu
fayyisu isaa,dhalachu isaa,du’uu,du’a moo’atee ka’uu
isaa,lamafa deebi’ee dhufuu isaa amanun dirqama amantoota
ta’a.
Amnata dhabuu iraa hojii gaarii dhabuutu iraa
salphata.kanafi kitaabni illee nuti hiyyeesota hojii gaari
kiristanummaati malee kan amantatii moti kan jedhanif.
Kan amanee, kan cuuphamee ni fayyaa.Mar 16;16
Amantaan ala waaqayyoo gamachisuun hin danda’amu.Ibr 11;6
2.Iccitiwwaan mana kiristanaa raawachu.
Cuuphamuu,Qulqulluu fooni fi dhiga isaa
fudhachuu,Meeroniin chaaphefamuu,Yoh 3;1,6;54.
3.Hojii Gaarii kiristaanummaa hojachuu
Waanta amanee fi fudhane hojiin agarsisuun barbaachisaa
dha.keena afuura qulqulluu kanaan hojii gaarii
kiristanummaa muldhisudhaan namoota barsisuu qabna.
Hojii gaari kiristanummaa kan jeedhaman galaatiyaa 5;16
irraati wara tarrefamaan firii amanta jahaan/6/ busnee
argamuu, cubbuu irraa fagaachuu,aboomi waaqayyoo eeguu
jechuu dha.
Dhimoota fayyinaa sadan/3/ kana raawanee amma dhumaati
dhaabachuuf
1.sagalee waaqayyoo barachuu fi beekuu
Fedha waaqayyoo raawachuu
Kitaabolee qulqula’oo dubbisuu
Barsisota mana kiristana irraa barachu
2.kadhachu;.
Waaqayyoo waliin dubbachuu,gaarummaa fi waa’ee gacha
issa galateefachu,waanta barbaanee gaafachuu.
Foormulaan kadhanaa sadi /3/.
1.galata kun %70
2.waanta barbaanu kadhachuu %15
3.Waadaa qulqullotaatin xumuru%15
3.Sagada ykn jilbeefannaa
Waaqayyoof bitamuu keenya agarsisaa,foon ofi dadhabsisuu
agarsisa.
4.Soomuu;.
Foon lubbuuf bichisisuu agarsisa
Cubbuu irraa fagachuu keenya agarsisa.
5.keennaa keennuu;.
Maalaqa,waan nyatamu dhugamu,beekumsa fi jaalala
namootaf hiru qabna.Ibr 13;16.
6.Tajaajiluu dha.
Isa hubanee ragaa bahuu,fakeenya gaari ta’u.
Isin raga bahoota kooti.Hoj duk 1;8-9.
Galanii waaqayyoof haa ta’uu ameen/.
Kan Qopheessee
Bar/sa kumaa Dhukeessa
Adoolesa 30/2011
Sabbata.

You might also like