Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 20

BIIROO DALDALA OROMIYAA

MOOTUMMAA BIYYOOLEESSAA NAANNOO OROMIYAATTI

BIIROO DALDALAA

IBSA GABAABAA WALDAALEE SIIVIKII EEGUMSA MIRGA


FAYYADAMTOTAA IRRATTI HOJJATAN HUNDEESSUUF GARGAARU

Adoolessa 2015

0
Seensa

Yeroo ammaa biyyatti keessatti guddachuu sochiilee hojii daldalaa hordofee


meeshaalee fi tajaajilawwan daldalaa fayyaa fi nageenya namaatiif balaafamoo
ta’an akkasumas gochaaleen daldalaa doggogorsisoo ta’an gabaa irratti
babal’achuu isaaniitiin gochaalee kana hordofuudhaan fi to’achuudhaan
mirgaa fi faayidaa fayyadamtotaa kabachisuun caasaa mootummaatiin qofa
gochaa raawwatamu waan hin taaneef mirgaa fi faayidaa fayyadamtota
eggsisuuf waldaalee siivikii cimoo ta’an kanneen fayyadamtootaaf sagalee
ta’aniifi dhiibbaa gaarii fiduu danda’an eegumsa mirga fayyadamtoota irratti
hojjatan Mootummaa Feedaraalaa fi kutaalee biyyatti hunda keessatti akka
gurmeeffamanii fi hundeeffaman deeggaruun faayidaa damee hedduu kan
qabu waan ta’eef "labsii aangoo fi gahee hojii qaamolee hojii raawwachistuu
murteessuuf bahe labsii Lakk. 1263/2014 ta’een aangoo fi gahee hojii mana
hojii ministeeraatiif kenname keessaa waldaalee daldalaa fi dameewwanii,
waldaaleen fayyadamtoota akka hundeeffaman ni jajjabeessa, kenneen
hundeeffamaniis akka jabaatan ni taasisa" waldaaleen kunneen akka
hundeeffaman deeggaruuf fi jabeessuudhaaf hojiiwwan adda addaa
hojjatamuu irratti argamu.

Kaayyoo

 Bifa walfakkaatuun waldaaleen siivikii eegumsa mirga fayyadamtootaa


irratti hojjatan akka hundeeffaman fi kanneen hundeeffamaniis akka
jabaatan hubannoo dandeesisu qabsisuudhaan gara sochii qabatamaa
akka galan gochuudhaaf,

Bu’aa eegamu

 Waldaaleen siivikii eegumsa mirga fayyadamtootaa irratti hojjatan


hundeeffamuu fi jabaachuun isaanii mirgaa fi faayidaa fayyadamtoota
1
eegsisuu waliin walqabate shoora taphatan irratti hubannoo gahaa ni
qabatu.
 Naannichatti sadarkaalee adda addaatti waldaaleen siivikii fayyadamtootaa
ni hundeeffama, hojii kanneen hundeeffaman deeggaruu fi jabeessuu ni
hojjatu
 Waldaaleen siivikii sarbamuu mirgaa fayyadamtootaa irratti raawwataman
hordofuudhaan mirgaa fi faayidaa isaanii kabachisuuf yaalii ni godhu.

Yaad-rimee eegumsa mirga fayyadamtootaa

Eegumsi mirga fayyadamtootaa fi seeronni waliigala hawaasni fayyadamaan


hariiroo daldalaa waliin qabu kan ilaallatan yemmuu ta’u kaayyoon adda
dureen isaa faayidaa fayyadamaa eegsisuudha. Seeronni kunneen gabaa irratti
haalota gabaa fayyadamaa doggogorsisan ittiisuu dabalatee babal’achuu
meeshaalee fi tajaajilawwan daldalaa fayyaa fi nageenya fayyadamaa balaa irra
buusan daangeessuu ykn ittiisuu kan dandeessisuu fi nageenyummaa isaanii
fi fayyaadhaaf mijaa’ina kan qabaatan ta’uu isaanii itti fufiinsaan
mirkaneessuu akkasumas gatii fayyadamaan kaffaleef meeshaa ykn tajaajila
daldalaa madaalawaa ta’e argachuuf sirna seeraa dandeesisuu diriirsuudhaan
faayidaan fayyadamaa akka mirkanaa’u ni taasisu. Seeronni kunneen
keessumattuu gochaalee seeraan alaa daldaltoonni fayyadamaa irratti
raawwatan ittiisuudhaan hariiroon daldalaa fi hawaasa fayyadamaa gidduu
jiru fayyaaleessa akka ta’u gochuuf kan dandeesisan ta’uu caalaatti faayidaan
hawaasa fayyadamaa haala fooyya’een akka mirkanaa’u shoora ol’aanaa ni
taphatu.

2
Seerri eegumsa fayyadamaa maaliif barbaachisee? Kallattii biyya
keenyaatiin

Oomishtoonni, dhiheessitoonni fi daldaltoonni qinxaaboo meeshaa ykn tajaajila


daldalaa gama tokkoon filannoo fi fedhii fayyadamaa fiixaan baasuuf gama
birootiin immoo bu’aa gurgurtaa fi gahee gabaa guddiisuudhaaf wayita yaalii
godhan gochaalee gabaa sirri hin taane fi doggogorsisoo ta’an keessa ni galu.
Kunneenis gochaalee gabaa sirri hin taanee fi doggorsisoo jedhamanii
kanneen beekaman:

 Meeshaalee ykn tajaajilawwan daldalaa hanqina qaban fayyadamtootaaf


dhiheessuu,
 Beeksisa sobaa ykn doggogorsisaa beeksisuu ykn raabsuu,
 Oomishaalee wanta alagaa waliin waliitti makamanii fi fayyaa namaatiif
balaafamoo ta’an gurguruun baay’achaa waan dhufeef,
 Oomishaalee yeroon tajaajilaa isaanii darbe gurguruu,
 Meeshaalee daldalaa sadarkaan qulqullina isaanii gadi bu’aa ta’e
gurguruu,
 Madaala doggogorsisuun gochaalee baay’ee keessaa kanneen muraasa dha.

Waan kana ta’eef hawaasa fayyadamaa gochaalee gabaa sirri hin taane
kanneenii fi kanneen kana fakkaatan ittiisuuf akka danda’amu seera
eeggumsa fayyadamtootaa tumuun barbaachisaa ta’a.

Fayyadamaan eenyuu?

"Fayyadamaa" jechuun hojii oomishuutiif ykn deebisanii gurguruuf osoo hin


taane gatii isaa mataa isaatiin ykn namni biroo kan isaaf kaffaluu ta’ee mataa
isaatiif ykn maatii isaatiif meeshaalee ykn tajaajilawwan daldalaa itti
fayyadama dhuunfaatiif ta’an nama dhuunfaa bitu jechuudha.

3
Bahiinsa seeraatiin jechi "Nama" jechuun nama uumamaa fi qaama aangoon
namummaa seeraan isaaf kenname jecha qabatu dha. Bu’uura seera biyya
keenyaatiin fayyadamaa taasifamee kan fudhatamu nama uumamaa qofa dha.
Bu’uura hiikkaa kanaan waldaalee hojii gamtaa fayyadamtoota dabalatee
dhaabbanni aangoon namummaa seeraan isaaniif kenname hundinu bu’uura
Labsii Lakk. 813 tiin seera kana dulduratti akka fayyadamaatti hin
lakkaa’amu jechuudha.

Waan kana ta’eef:

 Dhaabbileen aangoon namummaa seeraan isaaniif kenname

 Namni uumamaa meeshaa ykn tajaajila daldalaa oomishuuf ykn deebisanii


gurguruuf ykn meeshaa ykn tajaajila daldalaa bitu akkasumas namni
meeshaa ykn tajaajila daldalaa kaffaltii malee biliisaan fudhate
fayyadamaa taasifamee hin lakkaa’amu.

Barbaachisummaa eegumsa fayyadamtootaa

Gareen diinagdee ol’aanaa fi guddaan murtilee diinagdee uummataaniis ta’e


dhuunfaatiin miidhamuu ykn miidhuu kan danda’u, qaamoleen dhuunfaa hin
dhagahamne ykn sirnaan hin gurmaa’iin gareewwan barbaachisoo ta’an
jechuudhaan hiikkaa kan kennan immoo Pireezidaantii Ameerikaa kan turan
Joneef Keeneedii hasawa kongirasii Ameerikaatiif bara 1962 dhiheessan irratti
dha.

Mirga fayyadamtootaa

Fayyadamaan kamiiyyuu:

1. Odeeffannoo argachuu: Odeeffannoo ykn ibsa sirri argachuuf


2. Filatee bitachuu: Meeshaalee ykn tajaajilawwan filatee bitachuuf
3. Akka bitu dirqamuu dhiisuu: Filannoowwan qulqullina meeshaalee ilaaluu
isaatiin ykn mormii gatii gochuu isaatiin

4
4. Kabajaan keessummeeffamuu: Daldalaa kamiinuu kabajaan
keessummeeffamuuf
5. Beenyaa gaafachuu: Miidhaa irra gaheef beenyaan akka isaaf kaffalamu
mirga gaafachuu
6. Meeshaa hanqina qabu deebisuu: Hanqina kan arge yoo ta’e akka isaaf
jijjiramu, akka deebi’uuf gaafachuu.

Seenaa duubee hundeeffama waldaalee siivikii

Yaadni waldaa siivikii eegumsa mirga fayyadamtootaa hundeessuu kan


jalqabame waraana addunyaa lammaffaatiin booddee:

 Oomishaaleen akaakuu fi baay’inaan guddachaa dhufuu isaanii,

 Filannoo fi fedhii fayyadamtootaa haala walfakkaatuun jijjiramaa dhufuu


isaa

 Hubannoon fayyadamaa gadi aanaa ta’uu isaa

 Warraaqsa industirii

Ilaalcha kaappitaalizimii

Yaadni waldaa siivikii eegumsa mirga fayyadamtoota hundeessuu kan


jalqabame waraana addunyaa lammaaffaatiin booddee oomishaaleen akaakuu
fi baay’inaan jijjiramaa dhufuu isaanii caalaatti filannoo fi fedhiin
fayyadamtootaa haala walfakkaatuun jijjiramaa waan dhufeef, daayireektara
qorannoo paartii hojjetoota Ingilizii (parti leebar) kan ture Mikaa’eel Yaang
qaamni fayyadamtootaaf tajaajila gorsaa kennu akka hundeefamu A.L.A bara
1950 yaada kan dhiheessan ta’uu illeen yeroo sana fudhatama hin arganne
ture (Proposed setting up 'Consumer Advisory service' to be considered for the
party’s 1950 Manifesto, only to be rejected) garuu hirmaatoota yaadichaa
Ameerikaatti argamaniin jajjabaachuudhaan A.L.A bara 1957 barruun

5
sadarkaan meeshaalee fi tajaajilawwan daldalaa gabaa Ingiliziitti dhihaatan
fooyyeefamu akka qabaatan ibsu akka maxxanfamu taasisee jira.

Miseensonni waldaa kanaa A.L.A bara 1959 hanga 150,000 kan gahan
yemmuu ta’u itti aansuudhaan A.L.A bara 1960 gamtaan waldaa
fayyadamtoota addunyaaleessaa (International organization of consumer
unions) akka hundeeffamu taasifamee jira. Gamtaan kun nageenya
fayyadamtoota eegsisuuf kan dandeesisan hojiilee adda addaa hojjechaa turee
sadarkaa yeroo ammaa jiru irraa gahu danda’ee jira. Yeroo ammaa biyyoota
miseensota 200 ol qaba.

Waldaa fayyadamtoota addunyaaleessaa

A.L.A Apiril 1960 Landaniitti hundeeffame, teessoon isaa Magaalaa kana


keessa yemmuu ta’u

Hojiiwwan adda duree waldichi raawwatu:

 Mirgaa fi hubannoo fayyadamtootaa si’eessuu

 Dandeetti of irraa ittisuu fayyadamtoota guddisuu

 Komiiwwan keessummeessuu

 Kisaaraa daangeessuu

 Fayyadamtoota bakka bu’ee himannaa dhiheessuu

 Naannawaa daldalaa haqa qabeessa addunyaaleessaa uummuu

 Oduu waliin dhahamuu fayyadamtootaa galmeessuu

 Murtiilee kennaman fayyadamaadhaaf beeksisuu

 Sadarkaa qaqqabamaa gochuu, argannoowwan qorannoo beeksisuu

6
Waajjiraalee waldaalee fayyadamtoota addunyaaleessa …biyyoota 6 keessa
kan jiran yemmuu ta’u jahaan keessaa isheen tokko Afriikaa yemmuu taatu
Afriikaa keessaa biyyootiin miseensa waldichaa ta’an: Ugaandaa, Zaambiyaa,
Keeniyaa, Afriikaa Kibbaa….

1. Ameerikaa Kaabaa …Biyyoota 7


2. Laatiin Ameeriikaa fi Kaariibiyaan … Biyyoota 7
3. Awroopphaa ….. Biyyoota Torba
4. Eshiyaa gidduu-galeessaa fi Baha gidduu-galeessa … Biyyoota 6
5. Afriikaa … Biyyoota 8
6. Eshiyaa Paasifiik ...Biyyoota 7

Hojiiwwan waldaalee egumsa mirga fayyadamtoota eegisisan hojjattan;-

Yeroo ammaa: Hojiiwwan biyyoota adda addaa keessatti waldaalee egumsa


mirga fayyadamtoota eegisisan (civic association) hojjatamaa jiran keessa adda
durummaadhaan kan xiyyeeffatan

 Gochaan mirgaa fi faayidaa fayyadamaa baay’ee miidhu yemmuu


raawwatamu fayyadamaa bakka bu’uudhaan mana murtitti dhaabbachuu

 Yeroo Gabaatti waldhabdeewwan daldalaa fi fayyadamaa gidduutti


uumaman mariidhaan furuu,

 Meeshaalee fi tajaajilawwan daldalaa gabaadhaaf dhihaatan waliin


odeeffannoo walqabatan fayyadamaadhaaf qaqqabsisuu,

 Sadarkaa fi qulqullina oomishaalee gabaadhaaf dhihaatan irratti qorannoo


gochuu,

 Meeshaa fi tajaajilawwan daldalaa irratti qo’annoo fi qorannoo gaggeessuu

7
Waldaalee siivikii eegumsa mirga fayyadamtoota egisisuu irratti hojatu
hundeessuu irratti qaamolee shoora adda duree taphachuu qaban

Waldaaleen siivikii eegumsa mirga fayyadamtoota kan hundeeffaman tola


ooltota waliitti sassaabuudhaan tajaajila biliisa kennuudhaaf waan ta’eef kutaa
hawaasaa dandeetti seeraa qabu hunda kan hirmaachisuu ta’u illeen waldichi
hawaasa fayyadamaadhaaf hojii bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa qabu hojjechuuf
shoora adda duree taphachuu kan qabaatan saayinsii hawaasaatiin,
ikonomiksii, istaatistiksii fi seera…waliin walqabate beektota qo’annoo fi
qorannoo adeemsisan osoo ta’anii murtii imaammataa murteessisuudhaaf
dhimmota adda addaa irratti barreeffamota barsisuudhaaf tajaajilan baasuuf
qaqqabama midiyaatiin waan isaan gargaaruuf waldicha keessatti
hammatamanii hawaasa biliisaan tajaajiluuf kaka’umsa akka qabaatan
gochuu akka danda’u barreeffamoonni tokko tokko ni agarsisu. Namoonni
dhuunfaa sooramaan gaggeeffamaniis haala walfakkaatuun shoora adda
durummaa osoo fudhatanii yeroo guutuu isaanii biliisaan hawaasa tajaajiluuf
carraa qabaachuu akka danda’an haaluma walfakkaatuun barreeffamoonni
tokko tokko ni agarsisu.

Biyya keenya keessatti waldaalee siivikii eegumsa mirga fayyadamtoota


hundeessuun maaliif barbaachisee?

 Kutaa Hawaasaa hunda kan ilaallatu ta’uu isaa waliin walqabate sochii
daldalaa keessatti fayyaa fi nageenya hawaasaa akkasumas mirgaa fi
faayidaa hawaasaa kan miidhu sochii daldala seeraan alaa hawaasnii fi
mootummaan bifa qindoomee fi gurmaa’een waliin hordofuu fi to’achuu kan
qabatan ta’uu isaatiin

 Haala biyyaaleesaa hanga ammaa jiruun sochiilee daldala seeraan alaa


faayidaa fi mirga fayyadamaa irratti miidhaa qaqqabsisuu danda’an qaama
to’ataa mootummaa waliin ta’uudhaan hordofuuf fi to’achuuf kanneen
hundeeffaman keessaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Naannoo
Amaaraatiin kanneen hundeeffaman Dhimma Eegumsa Fayyadamtootaatiin

8
Waldaa hundeessuudhaan sochii irratti kanneen argaman akka
fakkeenyaatti caqasuun kan danda’amu ta’uu illeen

 Kutaalee biyyatti kanneen biroo keessatti kanneen hin hundeeffamiin waan


ta’eef galtee barreeffama kana irraa argamu akka ka’umsaatti
fudhachuudhaan mariidhaan gabbiisanii fi kanaan dura waldaalee siivikii
biyya keessatti hundeeffaman akka fakkeenyummaatti fudhachuudhaan
gurmaa’insi waldaalee siivikii eegumsa mirga fayyadamtoota cimaa Nannoo
keenya akka hundeeffaman deeggaruun faayidaa damee hedduu kan qabu
waan ta’eef nageenyaa fi fayyaa fayyadamaa irratti sochiilee fi tajaajilawwan
daldalaa miidhaa geessisan hordofuuf fi to’achuudhaaf carraaqqi taasifamu
deeggaruu waliin walqabate hawaasni fayyadamaan karaa qindoomee fi
gurmaa’insa qabuun sochoo’uu akka danda’u deeggaruun shoora bakka hin
bu’amne taphachuu kan qabaatu ta’uun isaa amanamee akkaataa labsii
aangoo fi gahee hojii qaamoolee raawwachistoota labsii lakk. 1263/2014
tiin mana hojii ministeerichaatiif gahee hojii fi aangoo kenname keessaa
waldaalee daldalaa fi dameewwanii, waldaaleen fayyadamtoota akka
hundeeffaman ni jajjabeessa, kanneen hundeeffaman akka jabaatan ni
taasisa. Meeshaaleen daldalaa biyya alaa irraa gara gabaa biyya keenyaa
galan yeroo gara yerootti akaakuudhaaniis ta’e baay’inaan babal’achaa
dhufuu isaanii waliin walqabatee fayyuummaa fi nageenya fayyadamaa
akkasumas dandeetti dinagdee fayyadamaa irratti meeshaaleen daldalaa
dhiibbaa al-taawaa geesisan gabaa keessa galuudhaan hawaasa
fayyadamaa irratti miidhaa geesisuu irratti argamu.

9
Biyya keenya keessatti waldaaleen mana murtitti hawaasa fayyadamaa
bakka bu’uu ni danda’u?

Waldaaleen siivikii egumsa mirga fayyadamtoota biyyoota biroo keessatti


argaman gochaa mirgaa fi faayidaa fayyadamaa baay’ee tuqu yemmuu
raawwatamu fayyadamtootaa bakka bu’uudhaan mana murtitti
argamuudhaan falmuuf bu’uura seeraa dandeesisu kan qaban ta’uu illeen
haala qabatamaa biyya keenyaatiin labsii lakk.813/2006 tiiniis ta’e haguggii
seera birootiin mirga kana raawwachisuuf haguggiin seeraa dandeesisuu kan
hin jirree waanta’eef, gara fulduraatti sadarkaa naannootiis ta’e bulchiinsa
magaalaatti waldaaleen siivikii eegumsa mirga fayyadamtoota hundeeffaman
gochaa kana raawwachuuf akka danda’an haguggiin seeraa isaaniif tolfamuu
qabaata.

Muxannoo biyya keessaa

Sadarkaa naannootti waldaalee siivikii eegumsa mirga fayyadamtoota


gurmeessuu waliin walqabatee Mootummaan Biyyooleessaa Naannoo Amaaraa
gahee adda durummaa kan fudhatu yemmuu ta’u, naannichi mirgaa fi
faayidaa fayyadamtoota bifa guutuu ta’een kabachisuudhaan qaamolee
raawwachistoota mootummaa waliin mirgaa fi faayidaa fayyadamtoota irratti
qindoominaan kan hojjatu waldaan siivikii jabaa ta’e hundeeffammuu akka
qabaatu amanuudhaan qaamolee mootummaa ramaduun fi gahee isaanii adda
baasuudhaan waldaaleen waldaa siivikii gurmeeffamanii mataa isaaniitiin hojii
barbaachisaa hojjechuu akka danda’an leenjii fi deeggarsi ijaarsa dandeetti
akkasumas hordoffiin isaaniif taasifamaa akka jiru waldaalee siivikii magaalota
lamaan naannicha keessatti argaman keessatti hundeeffaman miseensonni
tajaajila tola ooltumaadhaan hawaasa biliisaan tajaajiluuf kaka’umsa mataa
isaanii kan qabanii fi maalummaa fi qabiyyee seera eegumsa fayyadamtoota
irratti kutaalee hawaasaa beekumsa gahaa qaban akka ta’an ni ibsa.
Foramiiwwan fi walgahiiwwan mirgaa fi faayidaa fayyadamtoota kabachisuuf
qophaa’an irratti fayyadamaa bakka bu’anii hirmaachuudhaan

10
muxannoowwan mirgaa fi faayidaa fayyadamaa eegsisuu danda’an
qindesudhaan naannoo jiraniitti hojii irra akka oolan carraaqqii gochuu akka
ta’e barreeffama hundeeffamaa fi dambii ittiin bulmaata waldaalee sivikii irraa
hubachuun ni danda’ama.

 Magaalaa Dabira Birihaan fi Magaalaa Baahir Daar keessatti waldaalee


egumsa mirga fayyadamtoota egisisaan dhiira 56 fi dhala 30 ida’ama
miseensota 86 qaban akka jiraatan taasisee jira.

 Naannichi akka ka’umsaatti waldaaleen siivikii lama mirgaa fi faayidaa


fayyadamtoota egisisuu irratti hojjatan magaalota naannichaa lamaan
keessatti akka gurmeeffaman gochuu qofa osoo hin taane waldaaleedhaan
kan hammataman miseensonni hojii isaanii biiroo itti adeemsisan biliisaan
mijeessuun dabalatee miseensotaaf deeggarsa barbaachisuuf tumsa gochuu
danda’u godhee jira. Haala walfakkaatuun Bulchiinsa Magaalaa
Finfinneetti, Magaalaatti, Kutaa Magaalaatti fi Aanaalee hundatti kanneen
sochoo’an waldaaleen miseensota 265505 qaban hundeeffamanii gara sochii
qabatamaatti galanii jiru.

 Kanneen biroo sochii irratti argamaniis ni jiru

Muxaannoowwan biyyoota alaa

Waldaa eegumsa mirga fayyadamtootaa Zaambiyaa (Zambia Consumer


Association)

Kan hundeeffame A.L.A bara 2000 yemmuu ta’u gaheen hojii adda duree
isaatiis

 Komii fayyadamtoota simatee qulqulleessuu

 Samuuda omishalee gabaa irraa fudhachuudhaan laabraatoriidhaan akka


qoratamu gochuu

 Qaamni to’ataan tarkaanfii sirreeffamaa akka fudhatu gochuu

11
 Keessumattuu samuudni oomishaa akka qoratamu kan taasifamu
oomishaaleen ulfaatinaa isaaniif teessifamee fi fayyaa waliin walqabatedha.

Waldaa eegumsa mirga Fayyadamtoota Keeniyaa (Kenya Consumers


Organization)

Hojii adda duree isaatiis

 Fayyadamtoota mirga isaanii waliin walqabatee hojii gorsaa kennuu,

 Fayyadamaa fi daldalaa gidduutti hojii gabaa adeemsifamu irratti


waldhabdeewwan uumaman mariidhaan furuu

 Oomishaalee gabaa irratti dhihaatan ulaagaa fayyaa fi nageenya waliin


walqabatee sirrii ta’u isaanii mirkaneessuu,

 Mirgaa fi faayidaa fayyadamtoota waliin walqabatee qo’annoo fi qorannoo


adeemsisuu,

 Wixineewwan ka’umsa seeraa mirgaa fi faayidaa faayyadamtoota eegsisuu


danda’an qopheessuu,

 Maxxansawwan barnoota kennan kanneen mirgaa fi faayidaa fayyadamtoota


waliin walqabatan midiyaa irratti baasuu

Waldaa fayyadamtoota Afriikaa Kibbaa (South Africa National Consumer


Union)

Hojiiwwan adda duree isaatiis

 Mirgaa fi faayidaa fayyadamtoota ilaalchisee koomishinii eegumsa


fayyadamtoota Afriikaa Kibbaatti dhihaachuudhaan hubachiisuu

 Yaadolee faayidaa fi mirga fayyadamtoota eegsisan dhiheessuu

 Mormiiwwan fayyadamtootaa fi daldalaa gidduutti uumaman araaraan fi


mariidhaan akka xumuraman gochuu,

12
 Dhaabbata sadarkeessuu Afiikaa Kibbaa,oomishtoota, daldaltoota qinxaaboo
fi

 Seektara qonnaa irratti qaamolee bobba’an waliin faayidaa fi mirgii


fayyadamtoota akka eegamu gochuu,

 Waa’ee faayidaa fi mirga fayyadamtoota leenjii hubannoo qabachisuu ni


kenna

Waldaa Fayyadamtoota Kooriyaa Kibbaa (Consumer Union of Korea)

Waldaa bara 1970 hundeeffamee yemmuu ta’u

Hojiiwwan adda duree isaa

 Odeeffannoo irratti hundaa’uudhaan bittaa fi gurgurtaa adeemsisuu akka


danda’an

 Waa’ee mirgaa fi dirqama isaanii guddina Teekinolojii Jabanaa waliin


barnoota walsimu kennuu

 Fayyadamtootaaf karaa qaama kennaa odeeffannoo fayyadamtootaatiin


odeeffannoon akka qaqqabu gochuu,

 Qulqullina meeshaalee daldalaa to’achuudhaaf samuuda fudhachuudhaan


laaboraatoriidhaan sakkata’uu,

 Odeeffannoo bu’aa qorannoo ilaallatu hawaasa fayyadamaadhaaf


maxxansaadhaan, TV dhaan tamsaasuu,

 Eegumsa mirga fayyadamaa ilaalchisee yaada imaammata haaraa


maddisisuuf waltajjii qopheessuu,

 Beeksisa sobaa, doggogorsisoo fi kanneen akka malee ol kaafaman irratti


tarkaanfii sirreeffamaa akka fudhatamu gochuu,
 Duula farra Tamboo adeemsisuun keessatti argama

13
Waldaa eegumsa mirga fayyadamtoota Chaayinaa (China Consumer
Association)

Kan hundeeffame A.L.A ji’a Muddee bara 1984 yoo ta’u hanga October 2015
guutuu Chaayinaa keessatti waldaaleen eegumsa mirga fayyadamtoota 3,193
akka hundeeffaman odeeffannoon waldaan eegumsa fayyadamtoota Chaayinaa
ni agarsisa. Hojiiwwan adda duree waldichi adeemsisu:

 Waldhabdeewwan fayyadamaa fi daldalaa gidduutti uumaman mariidhaan


akka furaman gochuu

 Fayyadamaan bal’inaan meeshaalee fi tajaajila daldala bittaa adeemsisu


irratti sakkata’iinsa wal-madaalchisuu gochuu,

 Waa’ee meeshaa fi tajaajila daldalaa fayyadamaan bitu odeeffannoo irratti


hundaa’uudhaan akka murteessuu odeeffannoo kennuu,

 Fayyadamtoonni meeshaalee fi tajaajila daldalaa fayyaa fi nageenya isaanii


irratti miidhaa geesisan irraa akka of qusatan gargaaruu,

 Yeroo bittaa fi gurgurtaan adeemsifamu waa’ee mirgaa fi dirqama isaanii


beekumsa argatanii akka raawwatan gahoomsuu,

 Mirgaa fi faayidaa isaa kabachisuu akka danda’u leenjii hubannoo qabsisuu


kennuu,

 Barruu waldichi qopheessuu fi weebsaayitii irratti odeeffannoo barbaachisaa


tamsaasuu,

 Dhimmoota faayidaa fi mirga fayyadamaa baay’ee balaa irra buusan


ilaalchisee mana murtitti fayyadamaa bakka bu’uudhaan himannaa
dhiheessuu,

 Seerota faayidaa fi mirga fayyadamtoota tuqan irratti qorannoo


adeemsisuudhaan fooyyeeffamni akka taasifamu qaama dhimmi ilaallatuuf
bu’aa qorannoo dhiheessuu ta’uu isaanii ni agarsisa,

14
 Seeronni eegumsa mirga fayyadamtoota ilaalchisee yemmuu bahan ykn
fooyyeeffaman yaada dhiheessuu,

 Foramiiwwanii fi walgahiiwwan sadarkaa addunyaaleessaatti qophaa’an


irratti argaman wal-jijjirraa muxannoo gochuu.

Dhiibbaawwan (challeges)

o Fayyadamaan Hanqina hubannoo fi mirga qabu hubachuu dhabuu fi mirga


isaatiif kabachiisuuf tattaaffii gochuu dhiisuu,
o Fayyadamaan bifa qindoomina qabuun faayidaa fi mirga isaa kabachisuuf
kaka’umsi qabu gadi aanaa ta’uu isaa,
o Waldaaleen siivikii eegumsa mirga fayyadamaa eegsisan bifa jabaatee fi
gurmaa’een jiraachuu dhabuu isaanii
o Daldalaan itti gaafatamummaa irraa eegamu bahuu dhabuu isaa.

 Fayyadamtoonni komii qaban eessa adeemuu akka qabaatan beekuu


dhabuu isaanii
o Bu’aalee laaboraatorii akka ragaa mana murtitti gargaaran argamuu
dhabuu isaanii,
o Fayyadamtoonni miidhaawwan gahaa jiran irratti odeeffannoo qindaa’e
jiraachuu dhabuu isaa.

Hojiiwwan Waldaalee eegumsa mirga fayyadamtootaa egisisan irraa


eegaman

 Leenjii fi hubannoo kennuu,

 Odeeffannoowwan wayitawa ta’e dabarsuu,

 Beeksisa oomishaa fi tajaajilaa sobaa hordofuun sirreeffamni akka


taasifamu gochuu

15
 Dhaabbilee miti mootummaa faayidaa fi egumsa mirga fayyadamtoota
eegsisuuf hojjatan waliin hojjechuu,

 Ibsawwan oomishaa fi tajaajilaa sirnaan maxxanfamuu isaanii hordofuu,

 Waltajjiiwwan sosochii qopheessuu,

 Marii waldaalee fayyadamtoota biyyaaleessaa, ardii fi addunyaaleessaa


irratti hirmaachuu,

Garagarummaa waldaale hojii gamtaa fayyadamaa fi waldaa eegumsa


mirga fayyadamtootaa

Waldaalee hojii gamtaa fayyadamaa

Waldaa hojii gamtaa jechuun: Namoonni fedhii diinagdee, hawaasummaa,


aadaa fi fedhiiwwan gamtaa isaanii guuttachuuf fi rakkoolee dhuunfaatti furuu
hin dandeenye waliin salphisuudhaaf namoonni fedhii walfakkaataa qaban
fedhii isaaniitiin kanneen hundeessan abbaa qabeenyummaa walootiin
kanneen bulan, akkaataa qajeeltoo waldaalee hojii gamtaatiin kan
hoogganamanii fi karaa dimookraatawaa ta’een kan to’atan waldaa hojii
gamtaa mataa ofii danda’ee qaama seerummaa qabu dha. (Labsii waldaa hojii
gamtaa Lakk.985/2009).

Waldaa hojii gamtaa bu’uuraa jechuun waldaa hojii gamtaa namoota dhuunfaa
fedhii fi kaayyoo waloo qabaniin akkaataa labsii kanaan murteeffameen
bu’uura lakkoofsa ka’umsa miseensota muraasaan oomishuuf, tajaajila
kennuuf ykn lameen raawwachuuf hundeeffamuu jechuu dha.

Waldaalee eegumsa mirga fayyadamtootaa

Waldaa siivikii jechuun bu’uura labsii lakk. 1113/2011 tiin dhaabbata


hawaasa siivilii (kanaan booda dhaabbata jedhamee waamamu) jechuu
yemmuu ta’u yoo xiqqaate namoota lama fi sanaa ol ta’aniin fedhii
guutuudhaan kan hundeeffamu, qaama mootummaa kan hin taane

16
bu’aadhaaf kan hin dhaabbatiin, dhaabbata siyaasaa kamiiyyuu waliin
aantummaa kan hin qabnee fi kaayyoo seera qabeess galmaan gahuudhaaf
galmaa’e qaama sochoo’u yemmuu ta’u waldaalee ogummaa, waldaalee
hedduminaa fi gamtaawwan dhaabbilee ni dabalata.

Walumagalatti waldaan eegumsa mirga fayyadamtootaa faayidaa fi mirga


fayyadamtootaa eegsisuudhaaf kan sochoo’u dhaabbilee miti mootummaa
jechuu dha.

Bu’uura labsii lakk. 1113/2011 tiin waldaaleen siivikii/waldaan eegumsa


mirga fayyadamtoota bifa lamaan gurma’u ni danda’a.

Isaaniis

1. Waldaa
2. Dhaabbata boordiidhaan hoogganamu

Waldaa

 Gurmaa’insa yaa’iin waliigalaa qaama murtii dhumaa kennu itti ta’e dha.
 Waldichi yaa’ii waliigalaa koree hojii raawwachisaa, hojii gaggeessaa,
odiitaraa fi akkuma barbaachisaa isaatti kutaalee hojii kan qabu ta’ee
gurmaa’uu ni danda’a.
 Gurma’insii fi bulchiinsi waldichaa dambii ittiin bulmaataatiin
murteeffama.

Dhaabbata boordiidhaan hoogganamu

Waldaan siivikii boordiidhaan hoogganamu hundeesitoota lamaa fi sanaa ol


ta’aniin kan hundeeffamu yemmuu ta’u

 Boordiin miseensota 5 hanga 13 gahan ni qabaata


 Qaamni dhaabbaticha keessatti murtii dhumaa kennu boordii dha

17
 Miseensonni boordii isaan jalqabaa barreeffama hundeeffama irratti
hundeesitootaan moggaafamu
 Barri hojii miseensota boordii fi hundeeffamaan booddee sirna
miseensonni boordii ittiin moggaafaman dambii ittiin bulmaata
dhaabbatichaatiin murteeffama.

Biyya keessatti sirni eegumsa mirga fayyadamtoota bu’aa qabeessa akka


jiraatu qaamoleen 3 qindominaan hojjechuun isaan irraa ni eegama

1. Mootummaa
2. Daldaltootaa fi
3. Fayyadamtoota

Mootummaa: Gochaalee daldalaa fayyadamtoota irratti miidhaa geesisuu


danda’an ittiisuudhaan hawaasa fayyadamaadhaaf poolisii, seeraa fi
damiiwwan haala gahaata’een eegumsa gochuu danda’an baasuu fi
raawwachisuu

Daldaltoota: Gochaalee gabaa hawaasa fayyadamaa doggogorsisan ykn


miidhaa irraan gahuu danda’an gochaawwan waliin dhahuu fi doggogorsisan
irraa of qusachuu

Fayyadamtoota: Mirgaa fi dirqama isaanii hubachuu fi bittaa fi gurgurtaa


irratti hundaa’e raawwachuu

Waa’ee waldaalee siivikii labsii lakk. 1113/2011

 Waldichi maal hojjechuuf akka hundeeffamu kaayyoo ifa ta’e adda


baasuu,
 Akaakuu gurmaa’insaa murteessuu ( Waldaa ykn Dhabbataa boordiin
hogganamu)
 Maqaa, teessoo fi lammummaa hundeesitootaa kan qabate qaboo yaa’ii
hundeeffamaa qabaachuu

18
 Dambii ittiin bulmaataa hundeesitootaan raggaasifame
 Teessoo dhaabbatichaa fi kanneen biroo

Goolaba ykn Xumuraa

Waldicha hundeessuuf dhimmoota armaan gadi sirritti hubatamu qaba

 Waldichi maal hojjechuuf akka hundeeffamu sirnaan mari’achuudhaan


kaayyoo ifa ta’e adda baasuu
 Akaakuu gurmaa’insaa murteessuu (waldaa ykn dhaabbata
boordiidhaan hoogganamu)
 Maqaa, teessoo fi lammummaa hundeesitoota kan qabate qaboo yaa’ii
hundeeffamaa
 Dambii ittiin bulmaata hundeesitotaan raggaasifame
 Teessoo dhaabbatichaa fi kanneen biroo

19

You might also like