Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 8

Wantoota

Ramadaana keessa
Dalaguu fi Dalaguu
Hin Qabne

1
Maqaa Rabbii akkaan mararfataa fi tola oolaa ta’eetiin jalqaba. Itti aansuun
galanni kan Rabbii tokkicha ol-ta’eeti. Nageenyi fi rahmanni Rabbii
ergamaa Isaa nabi Muhammadii fi hordoftoota isaanii irratti haa jiraatu.

Obboleessaa fi Obboleettii Muslimaa, baatii Ramadaanaa kana


keessa Namoota amaloota armaan gadii kana qaban keessaa tokko
tahuu akka qabnu isiniin jedha. Amaloonni kunis

1- Nama Balbala Al-Rayyaan jedhamtuun Jannata Seenu Tahi-

Sahli-Rabbi isarraa haa jaalatu, ergamaa Rabbii ‫ ﷺ‬irraa akkana


jechuun nuuf odeesse: “Jannata keessa balbala Al-Rayyaan
jedhamtutu jira, guyyaa Qiyaamaa warra Soomu qofatu balbala
saniin seena, namni biraa achiin hin seenu. Warri soomu eessa jira
jedhamanii yeroo itti lallabamu, warri soomu hundi ka’ee balbala
saniin seena, namni biraa achiin hin seenu. Yeroo isaan seenanii
jedhan balballi sun ni cufamti, namni kamiyyuu achiin hin seenu”
(Hadiisa kan odeesse Bukhaariidha).

2- Nama Badiin Isaa kan Kanaan Dura Dabre Araaramuuf Tahi-

Abu Hureeyraan –Rabbi isarraa haa jaalatu- ergamaa Rabbii ‫ﷺ‬irraa


akkana jechuun nuuf odeesse- Namni baatii Ramadaanaa haala
Rabbitti ka amanuu fi mindaa (soomuu) isaa haala Rabbiin irratti ka
hirreegatu taheen some, badiin inni kanaan dura dalage isaaf
dhiifama, namni halkan Leeylatu Al-Qadrii haala Rabbitti amanee
mindaa isaa Rabbiin irraa ka eeggatu taheen (halkan san) dhaabbate,
badiin inni kanaan dura dalagaa ture isaaf dhiifama” (Hadiisa kan
odeesse Bukhaariidha).

2
3- Nama Rabbii fi Malaa’ikoonni isaa Nagaya Irratti Buusan
Tahi-

Abuu Sa’iid Al-Khudriyyi-Rabbi irraa haa jaalatu- ergamaan


Rabbii ‫ ﷺ‬akkana jedhan jedhe: “Nyaanni obboroo barakaa qaba,
osoo giricima takkas bishaan dhugdanii hin dhiisinaa. Rabbii fi
Malaa’ikoonni isaa warra obboroo ka’u irratti nagaya buusu”
(Ahmaddu odeesse, Al-Albaaniin Hadiisni gaariidha jedheen).

4- Nama Waggaa Guutuu Karaa Sirriin Soome Tahi-

Abu Hureeyraan –Rabbi isarraa haa jaalatuu- ergamaa Rabbii ‫ ﷺ‬ka


akkana jedhan dhagaye jedhe: “Baatiin obsaa (ji’a Ramadaanaa) fi
ji’oota hundarraa guyyaa sadi sadi soomuun akka sooma waggaa
guutuuti” (Al-Nasaa’ii fi Ahmaditu odeesse). Abuu Ayyuub Al-
Ansaarii-Rabbi irraa haa jaalatu- ergamaan Rabbii akkana jedhan
jedhe: “Namni baatii Ramadaanaa soomee, booda guyyaa jahan ji’a
shawwaal itti aansee some, akka nama waggaa guutuu soomeeti”
(Muslimtu odeesse).

5- Nama Mindaan Sooma Isaa Dachaa Ta’uuf Ta’i

Zeeyd Bin Khaalid Al-Juhaniyyi-Rabbi irraa haa jaalatuu-


ergamaan Rabbii ‫ ﷺ ﷺ‬akkana jedhan jedhe: “Namni nama sooma
oole irraa sooma hike (faxarsiise), osoo mindaan nama sooma oolee
sunis jalaa hin hir’atin, mindaa nama sooma irraa hiikee sanis ni
argata” (Al-Tirmizitu odeesse).

6- Nama Dalagaa Fakkeenya Hin Qabne Dalagu Tahi-

Abu Umaamaan –Rabbi irraa haa jaalatu- ergamaa Rabbii akkana


jedhee gaafate: “Irra caalaan hojii maali? Jennaan, soomatti

3
jabaadhu, wanti isatti qixxaayu hin jiru jedhaniin” (Al-Nasaa’itu
odeesse).

7- Nama Gammachuu Takka osoo Hin Taane


Gammachuu Lama Gammadu Tahi-
Abu Hureeyraan-Rabbi irraa haa jaalatuu-ergamaan Rabbii ‫ﷺ‬
akkana jedhan jedhe: “Rabbi akkana jedhe: dalagaan ilmaan Aadam
hojjatan hunduu isaanumaafi, sooma malee. Inni (soomni) anaafi,
anatu mindaa isaa kaffalaaf. Soomni wanteedha. Tokkoon keessan
yeroo soomu jechoota fofokkisaa hin fayyadamin, namattis hin
iyyin. Yoo namni isa arrabse yookiin isaan lole, ani nama sooma
qabu haa jedhuun. Rabbii lubbuun Muhammad harka isaa jirtutti
isinii kakadhee, ajaa afaan nama soomuutii bayutu, shittoo miskii
caalaa Rabbiin biratti urgaaya. Namni soomu gammachuu lama
gammada: tokko yeroo sooma isaa hiiku gammada, inni biraa yeroo
biraa yeroo Rabbii isaatiin wal-gayu” (Al-Bukhaaritu odeesse).

8- Nama Gonkumaa Hin Dheebonne Tahi-

Sahli Bin Sa’ad-Rabbi irraa haa jaalatu- ergamaan Rabbii ‫ﷺ ﷺ‬


akkana jedhan jedhe: “Jannata keessa warra soomuuf balbala Al-
Rayyaan jedhamtutu jira, isaan malee namni biraa balbala saniin hin
seenu. Dhumni nama soomuu yeroo balbala saniin ol-seenu, balballi
ni cufama. Namni balbala saniin seene dhugaatii ni dhuga. Namni
dhugaatii san dhuge yoomiyyuu hin dheebotu” (Al-Nasaa’itu
odeesse).

9- Nama Wanta Ibiddarraa Isa Ittisu Qabu Tahi-

Abu Hureeyraan-Rabbi irraa haa jaalatuu-ergamaan rabbi ‫ﷺ ﷺ‬


akkana jedhan jedhe: “Soomni wanteedha, dallawa jajjaba
ibiddarraa nama eegu” (Ahmaditu odeesse).

4
10 - Nama Naamusa Nabiyyootaa Qabu Tahi-

Abu Al-Dardaa’i-Rabbi irraa haa jaalatu- ergamaan Rabbii ‫ﷺ ﷺ‬


akkana jedhan jedhe: “Waa sadi amala nabiyyummaati. Soomaa
dafanii hiikuu, obboroo gara bariitti tursiisuu fi yeroo salaatan harka
mirgaa isa bitaa gubbaa kaayachuu” (Al-Xabraanitu odeesse).

11- Nama Diinii (Islaamummaa) Ifatti Baasu Tahi-

Abu Hureeyraan ergamaan Rabbii ‫ﷺ ﷺ‬ akkana jedhan jedhe:


“Haala ilmi namaa sooma hiikuu ka ariifachiisu taheen, diiniin ifatti
bayuu irraa duubatti hin deebi’u, Yahuudaa fi Kiristaanonni sooma
hiikuu ni tursiisu” (Abuu Daawuuditu odeesse).

12- Nama Nyaata Barakaa Qabu Nyaaturraa Tahi

Al-Miqdaam Bin Ma’adii Karib-Nabiyyiin Rabbii ‫ ﷺ‬akkana


jedhan jedhe: “Nyaata obboroo nyaadhaa, inni nyaata barakaati”
(Al-Nasaa’ii).

13- Nama Dalagaa Mindaa Isaa Rabbiin Malee Namni


Biraa Hin Beeyne Dalagu Tahi-

Abu Hureeyraan –Rabbi isarraa haa jaalatu- ergamaan Rabbii


‫ ﷺ ﷺ‬akkana jedhan jedhe: “Dalagaan ilmaan Aadam hunduu isaafi,
sooma malee. Inni anaafi, anatu mindaa isaa kaffalaaf” (Bukhaaritu
odeesse).

14- Soomni Kee Akka Sooma Warra Kitaaba Kennamee


Hin Ta’in-

Amri Bin Al-Aas-Rabbi irraa haa jaalatuu- ergamaan Rabbii


akkana jedhan jedhe: “Sooma keennaa fi kan warra kitaaba

5
kennamanii (Yahuudaa fi kiristaanaa) kan addaan baasu, suhuura
(obboroo) nyaatuudha” (Muslimtu odeesse).

15- Nama Ibiddarraa Bilisa Bayuu fi Kadhaa


Awwaatamtuu Dhabu Hin Ta’in-

Abu Hureeyraa ykn Abu Sa’id irraa odeessuun, ergamaan


Rabbii ‫ ﷺ‬akkana jedhan jedhe: “(Baatii soomaa keessa) Rabbi
guyyaa fi halkan hundayyuu nama ibiddarraa bitu (bilisa baasu)
qaba, gabricha hundaafuu kadhaa (du’aa’ii) irraa fuudhamtutu jira”
(Ahmaditu odeesse).
16- Nama Wantoota Badii Isarraa Haqan Dhiisu Hin Ta’in-

Abu Hureeyraan-ergamaan Rabbii akkana jedhan jedhe:


“Salaanni shaman, Jum’aan haga jum’aatti, (soomni) ramadaanaa
haga ramadaana itti aanuutti badiiwwan jidduu jaraatti dalagan
namarraa haqu. Garuu badiiwwan gurguddoo uf keessatti hin
hammatu”. Huzeeyfaan, Umar-Rabbi irraa haa jaalatuu- akkana
jedhe gaafii gaafate jedhe: “Namni Hadiisa waa’ee fitnaa (balaa)
ergamaa Rabbii ‫ ﷺ ﷺ‬irraa dhagaye eennu? Huzeeyfaan ani (ergamaa
Rabbii) ‫ﷺﷺ‬ ka akkana jedhan dhagaye jedheen: Fitnaa (balaa)
maatii, qabeenyaa fi ollaa namicha irra gayu salaata, soomaa fi
sadaqatu irraa haqa” (Al-Bukhaaritu odeesse).

17- Nama Rabbi Ufirraa Fageessee Ibidda Seenu Hin Ta’in-

Jaabir Bin Samuraa-Rabbi irraa haa jaalatu- akkana jedhe:


ergamaan Rabbii‫ ﷺ ﷺ‬Minbara irra koranii, aamiin, aamiin, aamiin
jedhan. Jibriil natti dhufee yaa Muhammad naan jedhe: Nama
haadhaa fi abbaa isaa keessaa tokko dhaqqabee, (osoo isaanirraa hin
milkaayin) du’ee ibidda seene, Rabbi ufirraa fageesseenii jira,
aamiin jedhi naan jedhee, anis aamiin jedhe. Yaa Muhammad, nama
ji’a Ramadaanaa dhaqqabee osoo isaaf hin araaramin du’ee ibidda

6
seene, Rabbi ufirraa fageessee jiraa aamiin jedhi naan jedhee, anis
aamiin jedhe. Nama ati biratti dubbatamtee (maqaan kee biratti
waamamee), nagaya sirratti buusuu dhabee, booda du’ee ibidda
seene Rabbi ufirraa fageessee jiraa aamiin jedhi naan jennaan anis
aamiin jedhe” (Al-Xabraanitu odeesse).

18- Nama Nabiyyii ‫ ﷺ‬Wajjiin Carraa Hajjii Raawwachuu


Dhabu Hin Ta’in-

Ibnu Abbaas, ergamaan Rabbii ‫ ﷺ‬dubartii Ansaaraa Ummu


Sinaan jedhamtuun akkana jedhan: “Nu wajjiin Hajjii raawwachuu
maaltu si dhoorge? Abbaan abaluu (Dhiirsi isii) yaabbii lama qaban.
Isaa fi ilmi isaa yaabbii tokko fudhatanii ittiin Hajjii deeman. Isa
lammataa immoo mucaa keennaa bishaan ittiin waraabna jetteen.
Umraan baatii Ramadaanaa keessa godhamtu Hajjiin qixxoofti ykn
Hajjii na waliiniitti qixxoofti jedhaniin” (Al-Bukhaaritu odeesse).

19- Nama Barakaa Dhabu Hin Ta’in-

1- Anas Bin Maalik- Rabbi irraa haa jaalatu- ergamaan Rabbii ‫ﷺ‬
akkana jedhan jedhe: “Obboreeffadhaa (obboroo ka’aa), obboroo
keessa barakatu jira” (Al-Bukhaaritu odeesse).

20- Warroota Koomee Isaaniitiin Fannifamanii


Hidhiiwwan Isaanii Baqaqu Irraa HinTa’in-

AbuUmaamaa -Rabbi irraa haa jaalatu_ ergamaa Rabbii ‫ ﷺ‬ka


akkana jedhan dhagaye jedhe: “Osomaa ani rafu, namoonni dhiiraa
lama natti dhufanii, irree kiyya na qabanii gara gaara koruun ulfaatuu
tokkotti na geessanii, kori naan jennaan, koru hin danda’u jedheen.
Jarri lamaanis nutu si gargaara naan jedhan. Koree yeroo walakkaa
gaaraa irra gayu, sagalee iyya cimaa wayii dhagayee, saglee maaliiti
kun?jedheen. kuni iyya warra ibiddaati naan jedhan. Ammas deemsa
keenna itti fufnee, namoota koomeen isaanii hidhamtee (gadi

7
gargalfamanii) fannifaman kan hidhiiwwan isaanii dhodhootee
dhiiga yaaftutti dhufnee, jarri kun maali?jedhee gaafannaan,
warroota (osomaa beekan) yeroon hiikkaa soomaa osoo hin gayin
hiikaniidha naan jedhan” (Ibnu Khuzeeymatu odeesse).

Rabbi nuufi Muslimoota hundaa nama Ramadaana haala Rabbitti


amanee, mindaa soomuudhaa Isarratti hirreegatee, badii isaanii kan
dabree fi kan dhufus isinii dhiise warra Rabbi jedhuun irraa akka nu
taasisu Isa kadhanna.

Nagayaa fi rahmanni Rabbii ergamaa Isaa Nabi Muhammadiin ‫ﷺ‬, maatii fi


hiriyyoota isaanii hundarratti haa jiraatu. Galanni kan Rabbii waan hunda
uumeeti.

Sha’abaana 21/ 1442 H

You might also like