Oromia Attorney General Book Final

You might also like

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 235

Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi

Imala Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa


Oromiyaa Bara 1985 hanga Bit.30/2013

Barreessitootni:-
1. Magarsaa Addunyaa (LLB):- Abbaa Alangaa Qindeessaa
Ijaarsa Dandeettii
2. Sulxaan Abdoo (LLB, LLM)- Daay.Qo’annoo, Qophii
wixinee fi Hubannoo Seeraa
3. Fiqir Zalaalam (LLB, MA)- Daay.Mirkaneessa Sanadootaa
fi K/Hayyamaa
4. Lalisaa Guutamaa (LLB, LLM)- Abbaa Alangaa Naannoo
5. Ibsaa Camadaa (LLB, LLM)- Abbaa Alangaa Naannoo

Gulaaltotni:-

1. Galataa Akkumaa (LLB, LLM)- Qindeessaa Qophii


Wixinee Seeraa (MHAAWO)
2. Milkii Makuriyaa (LLB, MA)- Dursaa Garee Atoominaa
(MMWO)
3. Abbaay Margaa (LLB, LLM)- Gorsaa Ol-Aanaa fi Daay.
Jijjiiramaa (YMNO)
4. Tafarii Baqqalaa (LLB, LLM)- Daayirekteera Qorannoo
(ILQSO)
5. Dhaabaa Dirribaa (LLB, LLM)- Daay. Leenjii fi Kenna
Tajaajilaa G/Seeraa
Ergama(Mission), Mul’ata (Vision) fi Duudhaalee
Ergama (Mission)
Naannoo Oromiyaa keessatti namoota heeraa fi seera darbanii fi
gocha yakkaatiin shakkaman seeratti dhiyeessuun murtii saffisaa
fi haqa qabeessa ta’e itti kennisiisuun ol’aantummaa seeraa
mirkaneessisuudhaan nagaa fi tasgabbii uummatichaa eegsisuu,
dantaa hariiroo hawaasaa ummataa fi mootummaa kabachiisuu,
ragaa seera qabeessa ta’e galmeessuu, hubannoo seeraa
hawaasichaa gabbisuu, seerotni sadarkaa isaanii eegataniifi
heera mootummaan walsiman akka wixineeffamanii fi bifa wal
fakkaatuun hojii irra akka oolu taasisuu.
Mul’ata (Vision)
Bara 2017tti naannoo Oromiyaa keessatti tajaajila Abbaa
Alangummaa raawwii caalmaa qabu kennuun sirna haqaa
amantaa uummataa horate uumuu dha.

Duudhaalee (Core Values)


Olaantummaa seeraa
Faayidaa uummataa eegsisuu fi dursa kennuu
Bilisummaa Ogummaa
Itti gaafatamummaa
Iftoomina
Hojimaataa badaa fi malaamaltummaa jibbuu
Fakkeenyummaa
Hirmaachisummaa
Tajaajila gahumsa qabu kennuu
Jijjiiramaaf qophaa’uufi hojjechuu
Beekumsaa fi amantaan hogganuu
Miira tajaajiltummaa qabaachuu fi
Aadaa gareen hojjachuudha.
Baafata Fuula
Ergaa Kabajamoo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa
Obbo Huseen Usmaan …………………………... …………………. i
Ergaa Obbo Taaddasaa Nugusee Itti Aanaa Abbaa Alangaa
Waliigalaa Oromiyaa fi Hoogganaa Damee Falmii Seeraa……...….vii
Ergaa Obbo Otukkannaa Odaa I/A Abbaa Alangaa Waliigalaa
Oromiyaa fi Hoogganaa Damee Tajaajila Seeraa……………...…… x
Gabaajee………………………………………………………...… xvi
Axereeraa (Abstract)…………………………………………...…. xvii
Boqonnaa Tokko ……………………………………………………. 1
Haala Waliigalaa Kitaabichaa ………………………………………. 1
1. Seensa ....................................................................................... 1
2. Barbaachisummaa Kitaabichaa................................................. 4
3. Kaayyoo .................................................................................... 6
3.1 Kaayyoo Gooroo................................................................... 6
3.2 Kaayyoo Gooree ............................................................... 6
4. Mala Kitaabichi Ittiin Qophaa’e ............................................... 7
5. Caaseffama ............................................................................... 8
Boqonnaa Lama …………………………………………………….. 9
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa Sadarkaa Idil- Addunyaa …….... 9
2.1 Maalummaa Abbaa Alangaa ................................................ 9
2.2 Seenaa Hundeeffama Dhaabbata Abbaa Alangaa .............. 11
2.3 Qajeeltoowwan Gahee Abbaa Alangaa Sadarkaa Idil-
Addunyaa fi Ardiilee ...................................................................... 18
2.3.1 Qajeeltoo Idil-Addunyaa Dhimma Bulchiinsa Gahee
Abbaa Alangaa ........................................................................... 18
2.3.1.1. Qajeelchituu Gahee Abbaa Alangaa Dhaabbata
Mootummoota Gamtoomanii ..................................................... 18
2.3.1.2 Istaandardii Waldaa Abbootii Alangaa Idil-
Addunyaa .................................................................................... 25
2.4 Istaandardii Gahee Abbaa Alangaa Sadarkaa Ardiilee ....... 26
2.4.1 Yaada Gorsaa Gahee Abbaa Alangaa Mana Maree
Ministeerota Awurooppaa .............................................................. 26
2.4.2 Labsii Boordeeksi: Abbaa Seeraa fi Abbaa Alangaa
Hawaasa Diimokiraatawaa ......................................................... 27
2.4.3 Gabaasa Komishinii Veenis ........................................ 29
2.5 Muuxannoo Biyyootaa ....................................................... 30
2.5.1 Ameerikaa ................................................................... 31
2.5.2 Faransaay .................................................................... 33
2.5.3 Naamiibiyaa ................................................................ 35
2.5.4 Keeniyaa ..................................................................... 36
2.5.5 Biraazil........................................................................ 38
2.5.6 Afrikaa Kibbaa ........................................................... 39
Boqonnaa Sadii …………………………………………………….. 43
Hundeeffama Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Itoophiyaa …. 43
3.1 Hundeeffama Mana Hojii Abbaa Alangaa Yeroo Mootummaa
Haayilasillaasee fi Sana Dura ……………………………………… 43
3.2 Aangoo fi Gahee Abbaa Alangaa Seera Deemsa Falmii
Yakkaa Keessatti ............................................................................ 47
3.3 Gurmaa’insaa fi Aangoo Abbaa Alangaa Yeroo Mootummaa
Dargii ……………………………………………………………. 48
3.4 Gurmaa’insaa fi Aangoo Abbaa Alangaa yeroo Mootummaa
ADWUI .......................................................................................... 52
3.5 Hundeeffama, Aangoo fi Gahee Hojii Mana Hojii Abbaa
Alangaa Waliigalaa Federaalaa ...................................................... 55
Boqonnaa Afur ………………………..…………………………… 58
Imala Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa ………….. 58
4.1 Mana Hojii Abbaa Alangaa Oromiyaa Bara Mootummaa
Ce’umsaa (1984-1987) ................................................................... 58
4.2 Mana Hojii Abbaa Alangaa Bara 1988 -1993tti ................. 67
4.3 Mana Hojii Abbaa Alangaa Bara 1994 Hanga 1996 .......... 69
4.4 Mana Hojii Abbaa Alangaa Bara 1997 hanga 1998 ........... 71
4.5 Mana Hojii Abbaa Alangaa Bara 1998 Hanga 2010 .......... 72
4.6 Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Bara
2011-Bitooteessa 2013 ................................................................... 75
4.6.1 Gurmaa’insaa fi Itti Waamama Mana Hojii Abbaa
Alangaa Waliigala Oromiyaa bara 2011..................................... 79
4.6.1.1 Gurmaa’insa Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala
Oromiyaa Sadarkaa Naannoo ..................................................... 81
4.6.1.2 Gurmaa’insa Mana Hojii Abbaa Alangaa Godinaa .... 83
4.6.1.3. Gurmaa’insa Mana Hojii Abbaa Alangaa Magaalaa ..... 84
4.6.1.4. Gurmaa’insa Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaalee ..... 85
4.6.2. Aangoo fi Hojii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa
Oromiyaa Bara 2011 -Bitootessa 2013 ........................................... 86
4.7. Bilisummaa Dhaabbattummaa Mana Hojichaa fi Ogummaa
Abbaa Alangummaa ....................................................................... 89
4.8. Rifoormiiwwan Mana Hojichaa Keessatti Hojjetaman .......... 98
4.8.1. Riformiiwwan Hundeeffama Mana Hojichaa Irraa
Eegalee Hanga Bara 1997 tti Hojjetaman ................................... 99
4.8.2. Sagantaa Foyya’insa Sirna Haqaa ................................ 100
4.8.3. Jijjiirama Bu’uuraa Adeemsa Hojii Qorachuu fi Hojii Irra
Oolchuu ………………………………………………………104
4.8.4. Tooftaa Saffisaa Adeemsaa Falmii Yakkaa (RTD) .. 108
4.8.5. Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimo’aa (SMBKT) . 110
4.8.6. Itti Fayyadama Teekinooloojii Qunnamtii Odeeffannoo 111
4.8.7. Chaarterii Lammilee ....................................................... 112
4.8.8. Karoora Bu’aa Irratti Xiyyeeffate ................................... 113
4.9. Haala Hoggantoota Mana Hojichaa .................................... 114
4.10. Haala Humna Namaa Mana Hojichaa ................................ 132
Gabatee 4: Haala Abbaa Alangaa Mana Hojii Keenyaa Bara
2008-2013 tti Jiru Ibsu .............................................................. 144
4.11. Haala Baajata Mana Hojichaa ........................................... 149
4.12. Haala Loojistikii Mana Hojichaa ....................................... 168
4.13. Deeggarsa Qaamolee Adda Addaatiin Mana Hojichaaf
Taasifaman ................................................................................... 175
4.14 Hojiiwwan Gurguddoo MHAAWO’tiin Hojjetamaa Turan .176
.

Boqonnaa Shan ……………………………………………………195


Gudunfaa fi Kallattii Gara Fuulduraa ……………………………..195
5.1 Guunfaa ................................................................................. 195
5.2 Kallattii Fuulduraa ................................................................. 199
Wabiilee …………………………………………………………...201
I. Seerota ..................................................................................... 201
II. Kitaabolee fi Barruulee Adda Addaa ...................................... 204
III. Af-gaaffiiwwan....................................................................... 208
Ergaa Kabajamoo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa
Obbo Huseen Usmaan

Biyyi tokko akka biyyaatti sochii hawwaasi diinagdee itti


fufiinsa qabu gaggeessuudhaaf sirna haqaa cimaa, nageenyaa fi
tasgabbiin amansiisaa ta’e keessatti mirkanaa’e qabaachuu
qabdi. Lammiileen biyyattiis sochii hawaasummaa, diinagdee fi
siyaasaa keessatti gahee isaanii taphachuuf sirna haqaa
ol’aantummaan seeraa keessatti mirkanaa’e nageenyii fi
tasgabbiin amansiisaan jiraatee namni kamiiyyuu sodaa tokko
malee bahee galuu, itti dandeessisuu jirachuun murteessaadha.
Ol’aantummaan seeraa hin kabajamu taanaan kabajni mirga
dhala ilma namaa gaaffii keessa gala, mirgi dhala namaa hin

i
kabajamu taanaan gaaga’amni siyaas-diinagdee uumamuun isaa
waan hin oolleedha. Akkasumas, qaamni humna qabu qofti
qaamolee humna hin qabne irratti akka barbaadetti miidhaa
geessisuu danda’a. kanaaf sirni haqaa cimaan ummanni biyyaa
abdii irratti gatu jiraachuun wabii biyyattiiti.

Sirni haqaa akka sirnaatti diriiruun yookiin seeronni tumamanii


bahuun qofti ol’aantummaa seeraa mirkaneessuuf gahaa waan
hin taaneef, qaamoleen sirnicha gara hojiitti jijjiiran jiraachuun
dirqama ta’a. Qaamolee kanneen keessaa caasaan Abbaa
Alangaa isa tokko dha. Akkuma beekkamu Manni Hojii Abbaa
Alangaa Waliigala Oromiyaa kufaatii mootummaa dargii booda
chaartarii mootummaa ce’umsaatiin yeroo Mootummaan
Naannoo Oromiyaa hundaa’u akka qaama mootummaa tokkootti
hundaa’ee jira. Manni Hojichaa labsii lakkoofsa 6/1986n of
danda’ee Mana Hojii Abbaa Alangaa Oromiyaa jechuun
hundaa’ee ture. Haa ta’u malee, manni hojichaa yeroo adda
addaa labsiilee adda addaatiin itti waamamnii fi maqaan mana
hojichaa jijjiiramaa, akkasumas, qaama biraa jalatti
hoogganamuunis turee jira. Dhuma irratti bara 2011 keessa
manni hojichaa sadarkaa amma jiruun Mana Hojii Abbaa
Alangaa Waliigalaa Oromiyaa jedhamuun hundaa’ee jira.

Manni Hojichaa kun jalqaba yeroo hojii eegalu humna namaatis


ta’ee loojistiikii hojiif isa barbaachisu hin qabu ture. Humna
namaa muraasaan afaan Oromotiin hojiin Abbaa Alangummaa
naannicha keessatti akka eegalamu taasifamee jira. Haa ta’u
malee, manni hojichaa dhawaata dhawaataan humna naamaa
baayyinaanis ta’ee gahumsaan horachuun, manichi cimaa
dhufuu eegale. Yeeroo jalqabaatiif hanqina ture furuudhaaf bara
1985 keessa namoonni baayyinni isaanii 500 ol ta’an Aanaalee
ii
Oromiyaa hunda irraa filatamanii Magaalaa Adaamaatti baatii
sadiif erga leenjii seeraa fudhataniin booda Abbaa Seeraa fi
Abbaa Alangaa ta’uun ramadamanii hojjachaa turanii jiru.
Namoonni leenji’an kunis baatii sadi erga hojjatanii booda,
deebi’anii baatii sadiif Magaaluma kanatti leenjii fudhachuun
kan jalqabaa irra haala fooyyee qabuun hojitti galanii tajaajila
kennuu eegalanii turan. Dabalataan manni hojichaa rakkoo
humna namaa ture furuuf marsaa lammaffaa bara 1986 keessa
Yunivarsiitii Finfinnee Kiiloo 6tti namoota 500 ol ta’an baatii
6f leenjii seeraa kennuun humna dura turetti akka dabalaman
taasisee jira. Kana boodas manni hojichaa yeroo adda addaa
humna namaa haaraa leenjisuun, akkasumas, kanneen hojjirra
jiran immoo leenjii hojjirraa keennuun humna isaanii akka
cimsatan taasisuun rakkoo dandeettii ture furuuf hojii bal’aan
hojjetamee bu’aa jajjabeessaas fidee jira.

Gama biraatiin Yuunivarsiitiiwwan adda addaa keessattuu,


Yuunivarsiitii Finfinnee fi Amasterdaam waliin waliigaluudhaan
namoonni dippiloomaa seeraa qaban gara digriitti, kanneen
digirii seeraa qaban barnoota isaanii gara digirii lammaffatti wal
duraa duubaan akka fooyyeffatan taasifamee jira. Dabalataanis,
namoota Kolleejjotaa fi Yuunivarsiitiiwwan adda addaa irraa
eebbifaman qacaruudhaan rakkoon gara humna namaatiin ture
baayyinaanis ta’ee gama dandeettiitiin akka furamu taasisuuf
yaalamee jira. Gama biraatiin rakkoon mana hojjichaa jalqabaa
hanga ammaatti furmaata osoo hin argatin jiru rakkoo loojistikii
fi iddoo hojii mijataa qabaachuu dhabuu waan ta’eef, kanas
dhawaata dhawaataan wal jalaa furaa deemuun dhimma
xiyyeeffannaa argachuu qabuu dha.

iii
Akka waliigalaatti, ka’umsumaaf waan gabaabaa kaasuuf malee,
rakkoon Manni Hojii Abbaa Alangaa keessa dabree asi gahee fi
rakkoolee turan danda’uun tajaajilli uummataa kennaa turee fi
bu’aan dhufe akka salphaatti lakkaa’amee kan dhumuu miti. Inni
guddaan har’a as geenyee jirra, itti aanee maaltu nurraa
eeggama? Hawwaasni tajaajila akkamii nurraa barbaada? Sirni
haqaa biyya keenyaa fi kan Addunyaa jijjiirama akkamii keessa
jira? jennee of-gaafannee, kan amma irra jirru ka’uumsa
godhannee fuuldura keenya ilaallee mul’ataa fi ergama keenya
milkeessuu fi duudhaalee mana hojii keenyaa lafa qabsiisuutu
nurraa eeggama. Kanaaf immoo kaayyoo fi mul’ata manni
hojichaa qabatee hojjachaa jiru sirritti hubachuudhaan onnee
irraa of qopheessuun kutannoon hojjachuun barbaachisaa dha.
Hojiin haqaa, uummata haqa barbaaduuf ykn tajaajila
barbaaduuf amanamaa ta’uu barbaachisa. Hawaasni iftoomina
barbaada, tajaajilli nuti kenninu iftoomina hin qabu taanaan,
hanga barbaanne dadhabaa oollus ija shakkiitiin nu laaluun isaa
waan hin oollee dha. Hawaasni nuti tajaajillu nu shakke taanaan,
tajaajila keenya irraa amantaa waan dhabuuf, kaayyoon,
duudhaalee fi mul’anni akka mana hojiitti qabanne hundi
waraqaa irratti barreeffamanii dubbifamuu irraa kan hafe gatii
hin qaban. Kanaafuu, hawaasni mana hojichaa naamusa
ogummaan Abbaa Alangummaa barbaadu gonfachuudhaan
hawaasaaf tajaajila kennuun dhimma murteessaa ta’ee dha.

Dhumarrattis, dhaamsin ani dabarsuu barbaadu;

Kitaaba kana keessatti Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa


Oromiyaa eessaa ka’ee har’a eessarra akka jiru, imalli isaa fuula
duraa maal akka ta’e bal’inaan ibsamee jira. Haa ta’uu garuu,
gabaabumatti wanti irratti xiyyeeffachuu qabnu;
iv
Heera mootummaa kabajuudhaan kabachiisuun gahee Abbaa
Alangaa waan ta’eef, dhimma dursi kennameefii xiyyeeffannaa
argachuu qabuu dha. Sababni isaa Heerri mootummaa bu’uura
seera hundaa waan ta’eef, murtiilee fi gochoonni heera
mootummaatiin walfaallessan fudhatama akka hin qabne
Heeraan ifatti tumamanii waan jiruuf,

Imaammata seera yakkaa biyyoolessaa hordofuudhaan


hojjachuun sirni haqaa keenya akka lafa qabatuu fi uummanni
akka irraa fayyadamu taasisuu,

Dhimmoota dantaa uummataa fi mootummaatiin wal qabatan,


yakkas ta’ee dhimmoota hariiroo hawaasaa xiyyeeffannoon
hordofuun qorachuu, himachuu, falmuu fi waliigalteewwan
qaamni Mootummaa Naannichaa taasisu gulaaluun ykn
xiinxaluun yaada ogummaa kennuu,

Carraa argamu kamittuu fayyadamuun hojii hubannoo seeraa


hawaasaaf kennuu irratti ciminaan hojjachuu barabaachisa,

Inni biraa namni hundinuu kan xiyyeeffannaa kennuufii qabuu fi


tumsa nama hundaatuu kan gaafatu dhimma yakka
malaammaltummaafi taaksiiti. Yakki kamiiyyuu xiyyeeffannaan
kennameefii hojiin ittisuu yoo raawwatame qaama raawwatee
argame seeratti dhihaatee murtii akka argatu taasisuun kan wal
nama gaafachiisuu miti. Haa ta’u malee, yakki
malaammaltummaa yakka akka waliigalaatti mirga lammiilee fi
diinagdee biyyaa irratti miidhaa guddaa geessisu yoo ta’u, kan
har’aa bira darbee carraa dhaloota itti aanuu irratti dhiibbaa kan
fidu ta’uun isaa sirriitti hubatamee ittisa irrattis ta’ee,
raawwatamee yoo argames araarama tokko malee seeratti

v
dhiheessuun murtii akka argatu gara jabeenyaan hojjachuun
dirqama.

Kan biraa dhimmi xiyyeeffannoo argachuu qabu dhimma mirga


namaa kabachiisuuti, ilmi namaa uumamaan nama ta’uu isaatiin
kabajamuu qaba. Mirgi namaa kan irraa mulqamu akkaataa
tumaale heeraa fi seeraatiin murtii mana murtiitiin qofa,
hangasiif mirgi namoota qabamanii fi himatamanii miidhaa fi
dhiibbaan mirga dhala namoomaa tokko osoo irra hin geenye
adeemsa seeraa keessa darbamuu qabu keessa darbamee murtii
argachuu qaba. Kana hordofuun hojii irra oolchuuf qaamolee
dirqama qaban keessaa tokko Abbaa Alangaati.

Hojiilee asiin olitti ibsaman kana raawwachuudhaaf naamusni


hojii Abbaa Alangummaa hedduu murteessaa dha. Kunis,
hooggansii fi ogeessi mana hojichaa naamusa ogummaan Abbaa
Alangaa gaafatu gonfachuun hojii kenna tajaajilaa saffinaa fi
qulqullina qabu hawaasaaf kennuun dirqama lammummaa fi
ogummaa isaa bahuu qaba. Kana bira darbee qaama kabaja
abbaa dhimmaaf hin kennine, abbaa dhimmaa deddeebisuu fi
tajaajila kennuuf harka abbaa dhimmaa ilaaluu yookiin loogiin
hojjachuun duudhaalee mana hojichaa hojii irra oolchuu dhabuu,
haqa dabsu kamiiyyuu irratti manni hojichaa tarkaanfii
naamusaa irraa kaasee hanga itti gaafatamummaa yakkaatti
tarkaanfii kan fudhatu ta’uu isaa gamanumaan hubatee tajaajila
kennu kamiiyyuu naamusa ol’aanaan hojii isaa hojjachuu qaba.

Naannoo keenya keessatti qaamolee haqaa biroo waliin


qindaa’uudhaan ol’aantummaan seeraa akka mirkanaa’u akka
mana hojiittis ta’ee akka nama dhuunfaatti gahee keenya akka
baanu abdii koo ibsaa, Haqaan Haqaaf haa hojjannu!

vi
Ergaa Obbo Taaddasaa Nugusee Itti Aanaa Abbaa Alangaa
Waliigalaa Oromiyaa fi Hoogganaa Damee Falmii Seeraa

Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa hundeeffama


isaa bara 1985 irraa eegalee bu’aa ba’ii adda addaa keessa
darbuudhaan Naannoo Oromiyaa keessatti hojii sirna heeraa fi
seeraa kabachiisuu, olaantummaa seeraa mirkaneessuu,
mirgootaa fi bilisummaa lammiilee kabachiisuu, dantaa
uummataa fi mootummaa kabachiisuu qaamolee haqaa biroo
wajjin qindoominaan hojjechuun tajaajila haqaa yakkaa
uummataaf kennaa turee jira.

Imala hojii waggoottan 28 (digdamii saddeetii) keessatti


ciminaalee, hanqinaalee fi rakkooleen kenniinsa tajaajila Abbaa
Alangummaaa irratti dhiibbaa geessisaa turan jiraatanis; manni
hojichaa kenniinsa tajaajilaa Abbaa Alangummaa fooyyeessuuf
rifoormii adda addaa hojii irraa oolchuudhaan kenniinsi tajaajila
vii
haqa yakkaa si’oomina, qulqullinaa fi dhaqqabamaa ta’e
uummataaf akka kennamu sochii bal’aa taasisaa tureen
fooyya’iinsi bal’aan dhufee jira. Gama dandeettii
raawwachisummaa Abbootii Alangaa fi hojjettoota bulchiinsaa
mana hojichaa cimsuu, naannoo hojii mijataa taasisuu, loojistikii
adda addaa guutuu fi baajata hojiif barbaachisu
dabalchiisuutiinis hojiin bal’aan hojjetamaa turus dhimmoonni
kun ammas hundee irraa waan furmaata waaraa hin arganneef
xiyyeeffannaa hooggansaa guddaa kan barbaadaniidha.

Gahee fi Aangoo hojii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa


Oromiyaatiif kenname keessaa hojiiwwan Damee Bulchiinsa
Falmii Seeraa jalatti hojjetaman isaan ijoodha. Hojiiwwaan ijoo
damee kana jalatti hojjetamanis qorannaa, himannaa fi falmii
yakkoota adda addaa, qorannaa, himannaa fi falmii yakkoota
malaammaltummaa fi taaksii, dantaa uummataa fi mootummaa
gama hariiroo hawaasaatiin kabachiisuu fi mirgootaa fi
bilisummaa lammiilee kabachiisudha. Hojiilee ijoo kana karaa
bu’a qabeessa, si’oomina, qulqullinaa fi dhaqqabamaa ta’een
hojjechuuf gurmaa’insaa fi caaseffama humna namaa
barbaachisu hanga caasaa mana hojichaa sadarkaa gadiitti
diriirsuun qaamolee haqaa biroo wajjin qindoominaan
hojjetamaa kan turee fi ammas hojjetamaa kan jiru yommuu
ta’u; gurmaa’insaa fi caaseffama mana hojichaa haala aangoo fi
gahee hojii seeraan kenname karaa bu’a qabeessa ta’een
raawwachuu dandeessisuun irra deebiin sirreessuu kan
gaafatuudha.

Hojiin qorannaa yakkaa fi murtii haqaa kenniinsiisuu eeruu


yakkaa fuudhuun poolisii waliin qindoomina cimaan hojjechuun
qorannaa yakkaa si’oominaa fi qulqullinaan raawwachuu kan
viii
barbaadu, himannaa qulqullinaa fi iftoomina qabu mana murtiitti
dhiheessuun falmii dhaddachaa gahuumsaan gaggeessuun murtii
haqaa kennisiisuu kan gaafatuu fi dhimmoonni yakkoota
malaammaltummaa fi taaksii, akkasumas dhimmoonni hariiroo
hawaasaa dantaa uummataa fi mootummaa Labsii
Lakk.214/2011n haaraa gara mana hojii kana kan dhufan waan
ta’aniif fuulduraafis manneen hojii Abbaa Alangaa fi Abbootiin
Alangaa sadarkaa sadarkaan jiran xiyyeeffannaa fi qindoomina
cimaadhaan hojjechuu kan qabanidha.

Rifoormiiwwan yeroo ammaa mana hojichaa keessatti


gaggeeffamaa jiran Mana Hojii Abbaa Alangaa cimaa sirna
heeraa fi seeraa kabachiisu, olaantummaa seeraa mirkaneessu,
mirgootaa fi bilisummaa lammiilee kabachiisuu fi dantaa
uummataa fi mootummaa karaa bu’a qabeessa ta’een
kabachiisuu danda’u uumuu keessatti shoora olaanaa kan
qabuudha. Akkasumas, Mana Hojii Abbaa Alangaa cimaa
aangoo fi gahee hojii seeraan kennameef karaa bu’aa qabeessa
ta’een raawwachuu danda’u uumuu keessatti tokko tokkoon
hooggansaa, Abbootii Alangaa fi hojjettoota bulchiinsaa
sadarkaa sadarkaan jiranii gahee ol’aanaa kan qaban waan ta’eef
hooggansii fi ogeessonni mana hojichaa keessa jiran hundi
bilisummaa ogummaa isaanii kabajuun, loogii kamirraayyuu
bilisa ta’uun, naamusa ogummaa Abbaa Alangaa kabajuun,
quuqamaa fi kaka’uumsa hojii ol’aanaadhaan akkasumas
qaamolee haqaa biroo waliin hariiroo hojii gaarii uumuudhaan
gahee nurraa barbaadamu sirnaan raawwachuun dirqama
lammummaa fi ogummaa keenya miira ol’aanaadhaan bahuun
murteessaadha.

Horaa Bulaa!!!
ix
Ergaa Obbo Otukkannaa Odaa I/A Abbaa Alangaa
Waliigalaa Oromiyaa fi Hoogganaa Damee Tajaajila Seeraa

Kabajamtoota hirmaattota yaa’ii Abbootii Alangaa Mana Hojii


Abbaa Alangaa Oromiyaa, hunda dura baga bu’aa fi ba’ii
hedduu keessa dabartanii guyyaa seena qabeessa kana
dhaqqabdan, baga dhaqqabne jechuu barbaada! Yooyyaa!!!

Kabajamtoota hirmaattota yaa’i kanaa, dhala namaatiif kan


darbe seenaa, kan ardhaa jireenya, kan boruu ammoo abdiidha.
Yaa’ii kana sababeeffachuun Manni Hojii Abbaa Alangaa
Waliigalaa Oromiyaa barreeffama mataa dureen isaa “Imala
waggootan 28 (digdamii saddeetii) Mana Hojii Abbaa

x
Alangaa…” jedhu yoo qopheessu yoo xiqqaatte waan sadi nu
yaadachiisuufi jedhee amana. Kunis; seenaa kaleessaa kan
milkii fi waldhaansoon guutame, haala qabatamaa manni
hojichaa amma irra jiruu fi abdii fi qabsoo fuul-dura keenyatti
nu eeggatuudha.

Waggoottan 28’n darban keessattii hojiin gamaa olaantummaa


seeraa mirkaneessuun, sirnaa hojii mana hojichaa diriirsuun,
akkasumas gama humna namaa gahoomsuufi guutachuun
hojjatame ka’umsaa gaarii jechuun ni danda’ama. Milkiiwwaan
woggoottan 28’n darban keessatti galmaa’an akkuma jiranutti
ta’ani, hanqinni hedduun jiraachuun isaa nama wol hin
gaafachiisu.

Yeroo ammaa kana Manni Hojichaa milkii ture itti fufsiisuun,


hanqinnaalee jiru fooyyessuuf halkaniifi guyyaa dhama’aa
jiraachuu isaa imalli Mana Hojichaa nutti agarsiisa jedhe amana.
Akkasumas, yeroo itti aanuttii maaltu hojjatamuu akka qabu
barreefamichi lafa kaa’ee jira.

Kabajamtoota hirmaattota yaa’ii kanaa, dhalootni darbe waan itti


mul’ate humnaa fi yeroo isaa osoo hin qusatin hojjatee darbee
jira. Bu’uura gurguddaa fi seenaa qabeessa gama hundaan

xi
buusee jira. Dhaloota ammaa biraa galata guddaa qabu, kanaaf
galatoomaa isaaniin jechuun barbaada.

Amma jaarraan kan keenya (it is our century). Uleen haqaa,


ol’aantummaa seeraa fi sarbamuu mirga dhala namaa fi
diimokiraasii ittiin tiksinu harkaa keenya galee jira. Itti
gaafatamummaa dachaa qabna. Kan dhaloota ammaa fi boruu
jechuudha. Itti gaafatamummaa seeraa fi seenaan qabnu karaa
kamiinuu jalaa bahuu hin dandeenyu. Itti gaafatamummaa jalaa
kan nu baasu halkanii fi guyyaa cimnee/jabaanne, cichinee
hojjachuu qofadha. Keessattuu labsiin lakk. 214/2011 Manni
Hojii Abbaa Alangaa dantaa mootummaa fi uummataa,
ol’aantummaa seeraa, mirga lammiilee fi Heera biyyaa tiksuu
akka qabu imaanaa guddaa irra kaa’e jira.

Itti gaafatamummaa jalaa miliquuf rakkoo hedduu lakkaa’uun ni


danda’ama ta’a. Dhuguma hojii seeraa fi seenaa kan nutti
kennamee haalaan akka hin hojjanne xaxxoon adda addaa
jiraachuu ni mala. Rakkoon barri fide, kan namni fidee fi kan
kaleessaa walitti ida’amanii waan hin mo’atamne fakkaachuu ni
malu. Ta’us rakkoon amma mul’atu kun dandeettii nuti rakkoo
ittiin mo’annu kan keessa keenya jiru hin caalu. Yeroo
kamiiyyuu rakkoon mo’atamaadha. Sababiin isaa rakkoon
waytawaa (seasonal) waan ta’eef.

xii
Kabajamtoota hirmaattota yaa’ii kanaa, addunyaa kanarraa biyyi
badhaadhinaa fi rakkina waliin dhalatte hin jirtu. Hojjatanii
rakkoo mo’atanii badhaadhuun seera uumamaati.

Hojii biyyaa fi saba badhaasuuf hojjatamu kamuu keessattii


seerri gahee leencaa qaba yoo jedhee waan dhaadhesse natti hin
fakkaatu. Sababiin isaa jijjiiramni hawaasummaa, diinagdee fi
siyaasaa hundee seeraa hin qabu taanaan hirriiba muka gubbaa
ta’uun isaa waan hin oolleefidha. Inumaayyuu, rakkoo hiikuu
caalaa maraammartoo rakkoo keessaa bahuu hin dandeenye
keessa nu galchuu danda’a.

Kabajamtoota hirmaattota yaa’ii kanaa, biyyi keenya


Itoophiyaan, naannoon keenya Oromiyaan akkuma biyya
guddachaa jiran kamiittuu, deeggarsa biyya alaa ni barbaaddi.
Qamadii fi Doolaras ni argatti. Deeggarsa meeshalee bira
darbitee waggoottan hedduuf deeggarsa ilaalcha siyaasaa,
diinagdee fi hawaasummaa barbaadaa turtee jirti. Argattes
waliin kufaa ka’aa ardha dhaqqabdeetti. Miira eeggattuummaa
dhaloota ammaa dhaalchiftee jirti. Haqa dhallii nama waliin
dhalatee waliin du’usi markabaa fi xayyaaraan alaa nuuf ergan
jechuun eeggachaa turree jirra, eeggataas jirra. Isaan kun
qamadii miti. Doolaara Amerikaas miti. Markabaafi xayyaaraan
fe’amee hin dhufu. Hawaasa keenya keessa jira. Kanaaf, yaa’iin

xiii
kun akka nuti ija keenya garaa keessoo keenyaa deebisnu nu
gargaara. Hiyyuu yaada jalaa akka baanuuf daandii nutti akeeka.
Gara sirna gadaa fi duudhaa Oromootti akka deebinu nu
gargaara. Ta’us hojjachuu fi yaaduu nu gaafata. Kun dirqama
dhaloota kanaati.

Hirmaattota yaa’ii kanaa, namni tokko dhalatee biyyaa lafaa irra


kan jiraatu guyyoota 25,000-29,000 akka ta’ee ni dubbatama.
Baraa mitii guyyaa jechuu kiyya. Hedduun keenya guyyoota
nuuf kenname keessaa walakkaa oli jiraanneerra jedhee yaada.
Guyyoota nuuf hafan muraasa kana keessatti sirna haqaa rakkoo
jaarraa keessa jirruu fi dhufuu ba’achuu danda’u dhaloota
dhufuuf ijaarree haa dabarruun ergaa kiyyadha.

Dhumarratti, Ogeeyyii seeraa ogummaa gati qabeessa ta’e


kanaan hojjachaa jirtan akka waliigalaatti, Abbootii Alangaa
sadarkaa adda addaattii hojjachaa jirtan akka addaatti
(particulary) baga yaa’ii kanaan isin gahe irra deebi’ee jechaa,
Ogeessi seera guddaa fi jalqabaa Waaqa/Rabbii yoo ta’u, kan
Waaqaa gadii, garuu kan namaa olii isiniidha! Seerri uumamaa
akka hin cabne uumaan ni eega. Seerri halkanii fi guyyaa, kan
aduu fi ji’aa, kan hortee fi hormaataa akkasumas kan bonaa fi
gannaa… ulee uumamaatiin tiksama. Seerri kunneen cabuun
jeequmsa uumamaa fida. Bifuma walfakkaatuun seerri biyyi
tokko ittiin bultu kan cabu yoo ta’e jeequmsa siyaasaa,
diinagdee fi hawaasummaatti dhufa, diigamsa sabaa fi biyyaatu

xiv
ta’a, imimmaan haadha hiyyeessaa fi ijoollee haadhaa fi abbaa
hin qabneetti garaa Uumaa iyya.

Kanaafuu, aangoo seeraan nuuf kennametti dhimma baanee


cannana mirga diimokraasii fi dhala namaa, akkasumas cannana
haqaa akka ittisnuu fi suphinu magannee/imaana isiniin jechaa,
yaa’iin yaa’ii nagaa, milkii, jaalalaa fi gammadaa akka hunda
keenyaafu ta’u ni halcha!

“We must not allow ourselves to become like the system we


oppose”

Bishop Desmond Tutu

Horaa Bulaa!!!

xv
Gabaajee
MHAAWO- Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa

MHAA- Mana Hojii Abbaa Alangaa

MG- Mootummoota Gamtoomanii

JBAH-Jijjiirama Bu’uura Adeemsa Hojii

AAW-Abbaa Alangaa Waliigalaa

A.L.I- Akka Lakkoofsa Itoophiyaa

ADWUI- Adda Diimokiraatawaa Warraaqsa Uummatoota


Itoophiyaa

A.L.A – Akka Lakkoofsa Warra Awurooppaa

KGT - Karoora Guddinaa fi Tiraanisformeeshinii

Qo/Y/M/H/K/- Qorannaa Yakkaa fi Murtii Haqaa Kennisiisuu

Lakk.- Lakkoofsa

Kew- Keewwata

Lab- Labsii

xvi
Axereeraa (Abstract)
Dhaabbanni Abbaa Alangummaa biyyoota addunyaa garaagaraa
keessatti hundaa’uu kan danda’e erga ilaalchi dhimma yakkaa
akka dhimma dhuunfaa qaama miidhameetti ilaaluu ture
jijjiiramee qaamni mootummaa bakka bu’ee dhimma yakkaa
ilaalu barbaachisaa ta’uun hubatame irraa eegaleeti. Akkaatuma
haala qabatamaa biyyootaatti haalli hundeeffama dhaabbata
Abbaa Alangummaa, haalli muudamaa fi muudama irraa ka’uu
Abbaa Alangaa Waliigalaa fi bilisummaa Abbaa Alangaas
garaagarummaa kan qabu dha. Seenaan hundeeffama dhaabbata
Abbaa Alangummaa Itoophiyaa bara 1907 A.L.I tti irraa kan
eegale yoo ta’u bu’aa ba’ii hedduu keessas darbee jira.
Keessattuu, yeroo mootummaa Dargii dhaabbata baay’ee cimaa
ta’ee fi Heeraan beekkamtii argatee ture. Hundeeffamni Mana
Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaas kufaatii
Mootummaa Dargiin booda biyyi keenya sirna federalawaa
hordofuu yeroo egalte waliin walitti hidhataminsa kan
qabuudha. Heerri Mootummaa Rippaabilika Dimokiraatawaa
Federaalawaa Itoophiyaa bahuun duratti bu’uura Chaarterii
Yeroo Ce’umsaa Mootummaa Giddu Galeessaatiin naannooleen
hundaa’anii hojiitti seenanii ture. Sadarkaa Naannoo

xvii
Oromiyaattis Seerri Mootummaa Bulchiinsaa Yeroo Ce’umsaa
Naannoo Oromiyaa bahee hojiirra kan oole yemmuu ta’u, Manni
Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaas yeroo kana irraa
eegalee hundeeffamee akka jiru ragaaleen ni agarsiisu. Kitaabni
kun MHAAWO eessaa ka’ee sadarkaa maal irra akka gahee fi
bu’aa ba’ii keessa darbe gadi fageenyaan sakatta’ee jira.
Dabalataanis, hojiilee gurguddoo manni hojichaa hundeeffama
isaa irraa eegalee hojjachaa tures xiinxalee jira. Dhuma irrattis,
kitaabichi hanqinaalee, ciminaalee fi rakkoolee gama seeraa,
hojimaataa fi kanneen biroo Mana Hojichaa mudachaa turanii fi
mudachaa jiran xiinxaluun kallattii furmaataa akeekee jira.

Jechoota bu’uuraa: MHAAWO, Abbaa Alangaa, Seenaa


Hundeeffama, Imala Mana Hojii, hojiilee gurguddoo, tumaa
seeraa, gurmaa’insa, humna namaa, Baajata, loojistiksii,
bilisummaa, riiformii

xviii
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Boqonnaa Tokko
Haala Waliigalaa Kitaabichaa
1. Seensa
Seenaa irraa akka hubatamutti, jaarraa 13ffaan dura, dhimmi
yakkaa akka dhimma dhuunfaa garee miidhameetti ilaalamaa
ture. Yeroo sanatti gareen miidhame ofii isaatiin miidhaa isa irra
dhaqqabe irraa dandamachuuf tarkaanfilee garaagaraa fudhachaa
turee jira. Qaamni miidhame ofii isaatiin tarkaanfii fudhachuun
kun nagaa fi tasgabbii hawaasaa kan booreessu ta’uun waan
hubatameef, dhimmi yakkaa akka dhimma uummataatti
ilaalamuu eegalee jira. Kana irraa kan ka’e qaamni mootummaa
bakka bu’ee dhimma yakkaa ilaalu barbaachisaa ta’ee waan
argameef, dhaabbanni Abbaa Alangaa biyyoota garaagaraa
keessatti akka hundaa’u taasifamee ture. Haalli hundeeffama
dhaabbata Abbaa Alangaa kunis haala dinagdee, hawaasummaa,
siyaasaa fi sirna seeraa isaan hordofan irratti hundaa’uun biyyaa
gara biyyaatti garaagarummaa kan qabu dha.

Sadarkaa idil-addunyaa fi ardiileetti garaa gartummaa biyyoota


gidduutti uumame kana dhiphisuuf dhaabbata Abbaa Alangaa fi
hojii Abbaa Alangummaa ilaalchisee seerri dirqisiisaan
jiraachuu baatus, seeronni dirqisiisoo hin taane (soft laws) adda
addaa bahanii jiru. Kanneen keessaa Qajeelchituu Gahee

1
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Abbootii Alangaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii,


Istaandardii Itti Gaafatamummaa Ogummaa, Dirqama Hojii fi
Mirga Abbootii Alangaa Waldaa Abbootii Alangaa Idil-
Addunyaa, Yaad-gorsa Mana Maree Ministeroota Awurooppaa,
Labsii Boordeeksi(Bordeaux) fi Gabaasaa Komishinii Veenis
kaasuun ni danda’ama.

Akka Itoophiyaattis, hanga bara 1907A.L.I tti dhimmi yakkaa


akkuma biyyoota addunyaa garaa garaa keessatti ilaalamaa
turetti akka dhimma dhuunfaa garee miidhameetti ilaalamaa
turee jira. Haata’u malee, Mootummaa bakka bu’ee dhimma
yakkaa qaamni ilaalu jiraachuun barbaachisaa ta’ee waan
argameef, bara 1907 A.L.I irraa eegalee qaamni hojii Abbaa
Alangummaa hojjetu akka hundeeffamu ta’ee jira. Qaamni kunis
hundeeffama isaa irraa eegalee yeroo garaa garaatti maqeeffama,
gurmaa’insaa, aangoo fi hojii adda addaa qabaachaa tureera.
Haaluma kanaan, bu’aa ba’ii hedduu keessa erga darbeen booda,
bara 2008 Labsii Lakkoofsa 943/2008tiin Abbaa Alangaa
Waliigala Federaalaa jedhamuun hundeeffamee jira.

Hundeeffamni Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa


hundeeffama Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin kan wal
qabatu dha. Mootummaan Naannoo Oromiyaa bara 1984 Labsii
Lakkoofsa 7/1984 Mootummaan giddugaleessaa baaseen

2
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Naannoo afur (4) ta’uun hundoofte jirti. Haaluma, kanaan


Naannoon Oromiyaa Chaartera Yeroo Ce’umsaa Lakkoofsa
2/1985 baafachuun hojiitti seentee jirti. Chaarterichi keewwata
54 jalatti Abbaan Alangaa dhaabbata tokko ta’ee hundeeffamee
akka jiru tumee jira.

Bara 1986 keessa Manni Hojii Abbaa Alangaa jedhamuun


Labsii Lakkkoofsa 6/1986 tiin sadarkaa Naannootti yeroo
jalqabaatiif hundaa’ee jira. Manni Hojichaa mirgaa fi
bilisummaawwaan seeraan dhala namaaf kennaman
kabachiisuuf1 akka hundeeffame seensa labsichaa irraa ni
hubatama. Bara 1987 Mootummaan Naannoo Oromiyaa yeroo
jalqabaatiif Heera mataa ofii tumattee jirti.2 Heerri kunis
Mootummaa Naannichaa kana hundeessee jira.3 Mootummaan
Naannichaas qaamoolee Mootummaa fi caasaalee isaa seeraan
hundeessuu akka danda’u tumee jira. Heericha bu’uura
godhachuudhaan Labsiin Qaamolee Raawwachiistuu Lakkoofsa
7/1988 tumamee jira. Yeroo kana irraa eegalee Manni Hojichaa
gurmaa’insaa fi maqaa garaa garaa qabaachaa, qaamolee
raawwachiistuu adda addaatiin walitti makamaa fi adda bahaa
akkasumas aangoo fi gaheen hojii isaas yeroodha gara yerootti

1
Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Hundeessuuf Bahe
Lakk. 6/1986 Seensa
2
Heeraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Labsii Lakk.1/1987
3
Akkuma 2ffaa, Kew. 1
3
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

jijjiramaa hanga bara 2011’tti turuun ni hubatama. Haata’u


malee, bara 2011 keessa Manni Hojichaa maqaa Mana Hojii
Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa jedhu qabatee bifa
haaraadhaan hundaa’ee jira.4 Labsii kana raawwachiisuufis
Dambiin Bulchiinsaa fi Naamusa Abbaa Alangaa tumamee hojii
irra oolee jira.5

2. Barbaachisummaa Kitaabichaa
Haala guddina hawaasaa, dinagdee fi siyaasa biyyi keenyaa fi
Naannoon Oromiyaa irra gahaniin Mana Hojii wal madaaluu
qabaachuuf seenaa dhufaatii Dhaabbata Abbaa Alangaa fi imala
MHAAWO beekuun barbaachisaa dha. Haaluma kanaan,
dhimmoonni gurguddoon kitaabni kun akka qophaa’uu
taasisan:-

1. Seenaa dhufaatii Dhaabbata Abbaa Alangaa akka


waliigalaatti hubachuuf;
2. MHAAWO hundeeffama isaa irraa eegalee maal irra akka
turee fi maal irra akka jiru adda baasuun kallattii fuulduraa
akeekuuf;

4
Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa Hundeessuuf Bahe
Lakk.214/2011
5
Dambii Bulchiinsaa fi Naamusa Abbaa Alangaa Lakk.218/2013 kew.59
4
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

3. Aangoo fi hojiiwwan Mana Hojichaaf kennamaa turan


maal akka ta’anii fi hanqinaa fi cimina gama kanaan
mudataa turan adda baasuun kallattii fulduraa kaa’uuf;
4. Haala gurmaa’insa, caaseffama, baajata, loojistikii fi
humna namaa Mana Hojiichaa sadarkaa maal keessa akka
darbe, maal irraa akka jiruu fi gara fuulduraattis maal ta’uu
akka qabu akeekuuf;
5. Bu’aa ba’ii Manni Hojichaa keessa darbe gadi fageenyaan
hubachuun ciminaalee jiran akka itti fufanii fi hudhaalee
turanii fi jiran akka furaman taasisuuf;
6. Seenaa Mana Hojichaa bakka tokkotti kurfeessuun kaa’uu
fi qaamoleen biroos muuxannoo kana fudhatanii hojii irra
akka oolchan taasisuuf;
7. Hojii gara fuulduraatti karoorfamuu fi qorannoo gara
fuulduraatti taasifamu keessatti galtee ta’uun rakkoolee
jiran foyyeessaa deemuuf akka ka’uumsaatti tajaajiluuf
shoora ol-aanaa waan qabuuf qophii kitaaba kanaa
dhimmoota barbaachisaa taasisani dha.

5
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

3. Kaayyoo

3.1 Kaayyoo Gooroo


Kaayyoon waliigalaa kitaaba kanaa seenaa Dhaabbata Abbaa
Alangaa akka waliigalaattii fi imala MHAAWO hundeeffama
isaa irraa eegalee jiru sakatta’uun, argannoowwan adda bahan
akka galteetti fudhachuun kallattii fuulduraa kaa’uun Manni
Hojichaa ergamaa fi mul’ata isaa akka milkeessuu
dandeessisuudha.

3.2 Kaayyoo Gooree


Kitaabichi kaayyoowwaan gooree armaan gadii ni qabaata:-

1. Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa akka waliigalaatti jiru


xiinxaluun MHAAWO tiif akka galteetti akka fayyadu
taasisuuf;
2. Haala hundeeffamaa fi itti waamama Mana Hojichaa
sakatta’uun gara fuulduraatti maal ta’uu akka qabu
akeekuuf;
3. Aangoo fi hojii Mana Hojichaaf kennamaa turan maal
akka ta’anii fi hanqinaa fi cimina mudatan adda baasuun
kallattii fuulduraa kaa’uuf;
4. Haala gurmaa’insaa, caaseeffamaa, baajataa, loojistikii fi
humna namaa Mana Hojichaa sakatta’uuf;

6
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

5. Imala MHAAWO keessa darbe irratti qaamni kamiyyuu


hubannoo gahaa akka qabaatu taasisuu fi jijjiramoota
jiraniis madaluuf;
6. Qaamoolee fi namoota dhuunfaa imala Mana Hojichaa
keessatti gumaacha taasisaa turan ittiin yaadachuufi dha.

4. Mala Kitaabichi Ittiin Qophaa’e


Kitaaba kana barreessuuf ragaalee sadarkaa jalqabaa kan akka
seerota garaa garaa, af-gaaffii hooggantoota, Abbootii Alangaa
fi hojjettoota bulchiinsaa Mana Hojiichaa keessa yeroo dheeraaf
turan waliin taasisuuni dha. Dabalataan, ragaan sadarkaa
lammaffaa kanneen akka kitaabota adda addaa, fi
qorannoowwaan Mana Hojichaan wal-qabatanii qaama alaa fi
keessaatiin qorataman, gabaasa KGT I fi II Mana Hojichaa,
karoorawwaan yeroo garaa garaa MHAAWOtiin bahaa turan,
ragaalee marsariitii fi ragaawwan barbaachisoo ta’an biroo
fayyadamuun danda’ameera.

Haata’u malee, kitaabni kun yemmuu qophaa’u ragaa bifa


barbaadameen argachuu dhabuun keessumattuu haala baajataa fi
humna namaa, hooggantoota duraan Mana Hojichaa hoogganaa
turan, Abbootii Alangaa fi hojjettoota bulchiinsa yeroo
hundeeffama Mana Hojiichaa irraa kaasanii jiran argachuu
dhabuun mudateera.

7
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

5. Caaseffama
Kitaabni kun boqonnaa shanitti qoodamee kan dhiyaate yoo ta’u
boqonnaan 1ffaa haala waliigalaa kitaabichaa irratti kan
xiyyeeffatu yoo ta’u, boqonnaan 2ffaa seenaa dhaabbata Abbaa
Alangaa sadarkaa idil-addunyaa, ardiilee fi muuxannoo biyyoota
muraasaa kan ilaalu dha. Boqonnaan 3ffaa seenaa Mana Hojii
Abbaa Alangaa Itoophiyaa haala hundeeffama isaa irraa kaasee
bu’aa ba’ii keessa darbee fi haala irra jiru kan xiinxalu dha.
Boqonnaan 4ffaa imala Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala
Oromiyaa hundeeffama isaa irraa kaasee hanga bitooteessa 30,
2013tti jiru bal’inaan kan keessatti xiinxalame dha. Dhuma
irratti, boqonnaan 5ffaa guduunfaa fi kallatti gara fuulduraa
akeekuu irratti kan xiyyeeffatu dha.

Haqaan Haqaaf haa hojjannu!

8
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Boqonnaa Lama
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa Sadarkaa
Idil- Addunyaa

2.1 Maalummaa Abbaa Alangaa


Waa’ee Dhaabbata Abbaa Alangaa kaasuun duratti, Abbaa
Alangaa jechuun maal jechuu akka ta’e adda baasuun
barbaachisaa dha. Haaluma, kanaan hiikkoo guuboon jechoota
seeraa kenne irraa ka’uun ilaaluun gaarii ta’a.

Guuboon jechoota seeraa ‘Bilaak’loo jedhamu jecha Abbaa


Alangaa jedhu akkaataa armaan gadiitiin hiikee jira.
“Prosecutor is a legal officer who represents the state
or federal government in criminal proceedings”.6
Hiikkoo kana irraa akka hubatamutti, Abbaa Alangaa jechuun
ogeessa seeraa dhimma yakkaa irratti Mootummaa Federalaa
yookiin Naannoo bakka bu’uun falmu jechuu dha.
Karaa biraatiin, guuboon jechoota seeraa biroon:
“Prosecutor is a trail lawyer representing the
government in a criminal case and interests of the state
in civil matters”7 Jechuun hiikkoo itti kennee jira.

6
Blacks Law Dictionary ,9th Edition P.1369
6
Oran’s dictionary of the law 3 rd edition,Daniel Oran,J.D. West legal studies
Thomsen learning ,p.390
9
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Hiikni kunis, Abbaa Alangaa jechuun ogeessa seeraa dhimma


yakkaa fi dantaa hariiroo hawaasaa irratti mootummaa bakka
bu’ee falmu ta’uu agarsiisa.
Sadarkaa Mootummoota Gamtoomaniitti, hiikkoon Abbaa
Alangaadhaaf kenname jiraachuu baatus, yaadni gorsaa
Kaawunsilii Awurooppaa gahee Abbaan Alangaa sirna haqaa
yakkaa keessatti qabu hiikkoo kenneen:

“Public prosecutors are public authorities who, on


behalf of society and in the public interest, ensure the
application of the law where the breach of the law
carries a criminal sanction, taking into account both the
rights of the individual and the necessary effectiveness of
the criminal justice system”8jechuun ibsee jira.

Abbaa Alangaa jechuun abbaa aangoo dantaa uummataa irratti


hawaasa bakka bu’ee seerri hojii irra akka oolu taasisuuf, yoo
seera cabsuun adabbii yakkaa kan hordofsiisu ta’e mirga nama
dhuunfaa fi bu’a qabeessummaa sirna haqaa yakkaa ilaalcha
keessa galchuun kan hojjetu jechuu dha.

8
Recommendation Rec(2000)19 The role of public prosecution in criminal
justice system Adopted by the Committee of Ministers of the Council of
Europe on 6 October 2000
10
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Walumaagalatti, hiikni wal fakkaataa fi hunda waliif galchu


jiraachuu baatus, hiikkoo armaan olitti ilaalle irraa Abbaan
Alangaa ogeessa seeraa mootummaa fi uummata bakka bu’ee
dhimma yakkaa fi hariiroo hawaasaa irratti dantaa uummataa
kabachiisu jechuu akka ta’e kan hubatamu dha.

2.2 Seenaa Hundeeffama Dhaabbata Abbaa


Alangaa
Sadarkaa Idil-Addunyaatti sochii fi haalli hundeeffama,
gurmaa’insa, aangoo fi hojii MHAA biyyoota garaagaraa
keessatti seenaa, haala guddina, sirna seeraa, siyaasaa fi
dinagdee isaanii irratti hundaa’ee garaagartummaa kan qabuu fi
bu’aa ba’ii adda addaa keessa kan darbe dha.

Seenaa irraa akka hubatamutti, dhimmi yakkaa dhimma


dhuunfaa kan garee miidhame qofa ilaallatu ta’ee ilaalamaa
turee jira.9 Gareen miidhame ofii isaatiin miidhaa isa irra
dhaqqabe irraa dandamachuuf tarkaanfilee garaagaraa deebii
yakka irratti raawwateef ta’u fudhataa ture.10 Jaarraa 13ffaan
booda, tarkaanfiin nama dhuunfaan haaloo bahuuf fudhatamu
kun hammeenyummaa of keessaa qabaachuun nageenyaa fi
tasgabbii hawaasaa booressaa waan dhufeef moototnii fi
9
Yue Ma, Exploring the Origins of Public Prosecution, International
Criminal Justice Review, Vol.18, No. 2, June 2008, PP,190.
10
Akkuma 9ffaa
11
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

ittigaafatamtootni hawaasaa tarkaanfii miidhamaa dhuunfaan


fudhatamu akka dhaabbatu gochuun miidhamaan jalqaba
miidhaa isarra gaheef beenyaa akka gaafatu gochuun namni
miidhaa dhaqqabsiise immoo beenyaa kaffaluuf fedha kan hin
qabne yoo ta’e miidhamaan tarkaanfii fudhachuun haaloo isaa
bahuu akka danda’u ta’ee ture.11

Hundeeffamuun Manneen Murtii waldhabdeen namoota


gidduutti uumamu Manneen Murtiitti dhiyaatee furmaata
argachuun haa calqabu iyyuu malee hanga jaarraa 13ffaatti
ilaalchi gochaan yakka raawwatamu akka badii nama dhuunfaa
irratti raawwatameetti ilaaluu osoo hin jijjiramiin tureera.12

Jaarraa 13ffaa keessa jijjiramni bu’uuraa haala falmii dhaddachaa


fi qorannaa yakkaa irratti kan uumamee fi haala aadaa duubatti
hafaan nama badii raawwate irratti murteessuu Sirnoota Seeraa
Komanii fi Sivilii keessatti ture irraa gara mala ammayyaatti kan
jijjirame dha.13 Kana irraa ka’uun biyyoonni Sirna Seeraa
Komanii fi Sivilii hordofan mala ammayyaa ittiin qorannoon
gaggeeffamuu fi falmiin taasifamu barbaaduutti galanii
jiraachuun hubatameera.14 Bu’uuruma kanaan, biyyoonni

11
Akkuma 10ffaa
12
Akkuma 11ffaa
13
Akkuma 12ffaa
14
Akkuma 13ffaa
12
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

addunyaa akkuma haala isaatti qorannaa fi himannaa dhimma


yakka dhuunfaa irraa gara dhimma uummataatti ceesisanii jiru.

Biyyoota Awurooppaa keessatti jijjiirama hawaasaa, diinagdee


fi siyaasaa, keessumattuu guddachaa dhufuu indastrii waliin
walqabatee nagaa fi tasgabbii hawaasaa mirkaneessuun dirqama
mootumma akka ta’e waan hubatameef, jijjiirama kana waliin
tarkaanfachuu kan danda’u qaama of danda’ee qorannaa fi
himata yakkaa hoogganu hundeessuun himatni yakkaa
miidhamaa dhuunfaan dhiyaachaa ture hafee biyyoota akka
Faransaayii fi Jarmaan keessatti qaama of danda’een akka
hojjatamu taasifamee jira.15

Biyya Ingiliizii keessatti bara 1985 ALA dura aangoon yakka


qorachuu fi himachuu kan poolisii ture. Yeroo kanatti qaamnni
Daayirekteera Abbaa Alangaa jedhamu jiraatus aangoon isaa
dhimmoota yakkaa irratti Poolisiif gorsa kennuu fi yakkoota
ciccimoo ilaalchisee himata dhiyeessuu qofa ture. Kana
hambisuuf tajaajilli Abbaa Alangaa Sirna Mootii (Crown
Prosecution Service) jedhu labsii of danda’een hundeeffamee
jira.16 Kunis kan raawwachaa ture iddoo himataan dhuunfaa hin

15
Akkuma 14ffaa fuula 196
16
Kanumti biyya Ingliziyyuu Abbaan Alangaa akkam qaama tokkootti ofi
danda’ee kan gurmaa’e bara 1986 booda haa ta’uuyyu malee, erga bara 1829
tti Tajaajilli Poolisii hundaa’e booda himatni yakkaa hedduun gama sanaan
ogeeyyota seeraa kan dhuunfaa (solicitors and barristers worra jedhaman
13
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

jirretti, keessumattuu bakka dantaan mootummaa tuqametti


yookiin namni dhuunfaa gocha yakkaatiin miidhame yoo
jiraateyyuu sababa miidhamaan dhuunfaa himata hundeessuuf
humna yookiin fedhii hin qabnetti qaamni mootummaa kun
himata yakkaa hundeessuudhaan namni yakka raawwate akka
adabamu taasisaa turaniiru.17

Seenaan hundeeffama Abbaa Alangaa biyya Ameerikaa kan


warra Awurooppaa irraa adda akka ta’etti hubatama.
Ameerikaan akka biyya kolonii Ingilizii jala turteetti seerotni
ishii hedduun Sirna Seeraa Komanii jedhamee beekkamu irraa
kan maddani dha. Haa ta’uu, malee hundeeffama Abbaa
Alangaa kutaa biyyattii ilaalchisee kalaqa biyyi Ameerikaa ofii
uummatte irraa kan madde malee Sirna Seeraa Komanii
Ameerikaan dhaalte irraa kan hin maddine ta’uu
barreeffamootni garaagaraa ni ibsu.18

Jaarraa 13ffaan duratti biyya Ameerikaatti himatni yakkaa kan


dhiyaatu miidhamaa dhuunfaadhaan yoo ta’u, yeroo kana booda

qacaruudhaan poolisiin dhimma yakkaa hoogganaa akka ture sanadootni


tokko ni agarsiisu. Haa ta’u malee akka waliigalaatti hanga qaamni Crown
Prosecution Service jedhamu kuni akkam qaama ofi danda’ee tokkotti
seeraan hundaa’utti biyyi Ingliizi fi Weels hordofaa kan turte sirna himannaa
yakkaa dhunfaa (ykn system of Private Prosecution) kan jedhamee beekkamu
dha.
17 Olitti yaadannoo lakk.10 fuula 195.
18
The American Prosecutor in Historical Context,By Joan E. Jacoby,p.3
14
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

nama dhuunfaatiin osoo hin taane Abbaa Alangaa Waliigalaa


yookiin ammoo Abbootii Alangaa sadarkaa sadarkaadhaan
jiraniin ture. Haa ta’u malee, biyyi kun gam-tokkoon
mootummoota naannolee shantamaa fi mootummaa federaalaa
kan qabdu yemmuu taatu, naannoleen kunniinis kolonii biyyoota
adda addaa jala kan turanii fi yemmuu biyyi Ameerikaa
hundooftu konfedereeshiinii yookiin federeeshiniidhaan kan
walitti dhufan ture. Naannoleen kunis Abbaa Alangaa
Waliigalaa mataa ofii kan qabanii fi sirni muudama Abbaa
Alangaa Waliigalaas naannoo tokko irraa naannoo birootti
garaagarummaa kan qabu ture.19

Dhimmi bu’uura seeraa yookiin madda aangoo Abbaa Alangaa


Heera mootummaa biyyaa irraa ta’uu fi seerotuma idilee kan
biroo irraa kan madde ta’uunis biyyoota jidduutti
garaagarummaa ni qaba. Haala kanaan, barruuleen garaagaraa
yemmuu sakattaa’aman biyyoota Sirna Seeraa “Sivilii”
hordofanii fi kanneen Sirna Seeraa “Komanii” hordofan jidduutti
akkuma olitti ilaaluuf yaalamee garaagarummaan ni mul’ata.
Biyyootuma sirna seeraa walfakkaataa hordofan, keessaayyuu
biyyoota sirna federaalaa hordofanii fi isaan kaan jidduutti

19
Barruu Qorannoo LLM Mul’isaa Abdiisaa Jiru ,mata duree Haguuggii
seeraa fi dhaabbatummaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Itoophiyaa:Dhimma
Biiroo Haqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa jedhu irratti hojjetame fuula
25 fi 26
15
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

garaagarummaan ni jira. Fakkeenyaaf, biyyootumaa Sirna


Seeraa “Sivilii” hordofan keessaa kan akka biyya Faransaay
MHAA, Mana Murtii jalatti yemmuu gurmeessaan biyyoonni
akka Nezerlaandii fi Xaaliyaanii immoo qaama raawwachisaa
jalatti kan gurmeessan ta’uun ni mul’ata.20 Gama birootiin
gurmaa’insa Abbaa Alangaa biyyoota Sirna Seera “Komanii”
hordofan keessaa kan biyya Ingiliizi yemmuu ilaallu, itti
waamamni isaa qaama hojii-raawwachiistuu mootummaa fi
miseensa kaabinee kan ta’e Abbaa Alangaa Waliigalaatiif ta’ee,
qaamni of danda’ee dhimma yakkaa hoogganu tajaajila Abbaa
Alangaa Sirna Mootii kan jedhamu bara 1986’tti kan
hundeffame dha.21

Biyyootni hedduun Abbaa Alangaa akka qaama bulchiinsa sirna


haqaa yakkaa keessatti qooda guddaa taphatu tokkotti seeruma
idilee isaaniitiin kan hundeessanii fi aangoo isaatis kan
murteessan yemmuu ta’u, isaan kaan biratti immo
hundeeffamnii fi aangoon Abbaa Alangaa kan maddu Heera
Mootummaa irraati. Biyyootni akka Afrikaa
Kibbaa,22Faransaay, Poolaand, Beeljiyeem fi Hangaarii Aangoo

20
Akkuma 19ffaa, fuulaa 26
21
Akkuma 20ffaa
22
The Republic of South African Constiotution and the National Prosecuting
Authority Act No. 32 of 1998. The South African National Prosecution
Authority is based on Act No. 108 of 1996,
16
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Abbaa Alangaa kan tuman Heera Mootummaa isaanii keessatti


dha.23

Sababoota seenaa fi sirna seeraa biyyi tokko hordoftuu fi


garaagartummaa aadaa akka addunyaatti jiru irraa kan ka’e
moodeelli walfakkaataan haala dhaabbatummaa fi aangoo fi
hojiin MHAA walfakkaataan kan hin jirre ta’uun ni hubatama.
Walumaagalatti, garaagartummaan sirna Abbaa Alangummaa
sadarkaa Idil-Addunyaatti ture hojii, qajeeltoo fi istandardii wal
fakkaataan hojii Abbaa Alangaa fi dhaabbataa irratti akka
uumamu taasisee jira.24

Kanarraa ka’uun, seerri dirqisiisaan haala caaseffamaa fi hojii


Abbaa Alangummaa ibsu wal fakkaataan sadarkaa addunyaatti
hin jiru. Haata’u malee, seeronni dirqisiisoo hin taane muraasni
istaandardii isa xiqqaa gahee hojii Abbaa Alangaa sadarkaa idil-
addunyaa fi ardiitti ba’an ni jiru. Kanaaf, Mat-dureen itti aanu
seerota sadarkaa idil-addunyaa fi ardiitti gahee Abbaa Alangaa
ibsan irratti xiyyeeffata.

23
Jaerg-Martin Jahele, Marianne Wade, Coping With the Over-loaded
Criminal Justice Systems: The Rise of Prosecutorial service Across Europe,
Fritz Thyssen Stiftung: Springer, Germany, 2006, Fuula 4.
24
Gabriel Knaul(2011):Report of the special Rapporteur on the independence
of judges and lawyers at p.5
17
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

2.3 Qajeeltoowwan Gahee Abbaa Alangaa


Sadarkaa Idil-Addunyaa fi Ardiilee

2.3.1
Qajeeltoo Idil-Addunyaa Dhimma
Bulchiinsa Gahee Abbaa Alangaa
Dhimma Dhaabbata Abbaa Alangaa fi ogummaa Abbaa Alangaa
ilaalchisee qajeeltoowwan bu’uuraa ibsan sadarkaa idil-
addunyaatti ni jiru. Isaanis, Qajeelchituu (Gaayid laayinii)
Havaanaa Mootummoota Gamtoomaniin gahee Abbaa Alangaa
tumuuf bara 1990 ALAtti bahee fi Waldaa Abbootii Alangaa
Idil-Addunyaa mirga fi dirqama ogummaa Abbaa Alangummaa
qajeelchituu (gaayid laayinii) Dhaabbata Mootummoota
Gamtoomaniin bahe gargaaruuf bara 1999 ALAtti Budaapestitti
ragga’e dha. Sanadootni kunneen dirqisisoo ta’uu baatus,
mootummoota irratti dhiibbaa gochuun sadarkaa addunyaatti
qajeeltoowwaan walitti dhiyeenya qaban akka hordofamu
taasisanii jiru.

2.3.1.1. Qajeelchituu Gahee Abbaa Alangaa Dhaabbata


Mootummoota Gamtoomanii
Dhaabbata Mootummoota
Haqaan Gamtoomaniitti Qajeelchituun
Haqaaf haa hojjannu!
(Gaayid laayiniin) gahee Abbaa Alangaa ibsu sanada jalqabaa
idil-Addunyaa shoora Abbaan Alangaa bulchiinsa sirna haqaa
yakkaa keessatti qabu tume dha. Kaayyoon Qajeeljituu kana

18
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

baasuun barbaachiseefis Labsiin Mirga Namoomaa Guutuu


Addunyaa (UDHR) karaa guutuu ta’een akka kabajamuu fi
kabajamee jiraachuu isaas mirkaneessuufi dha. Sanadni kun
Abbootiin Alangaa Labsii Mirga Namoomaa Guutuu Addunyaa
kana hojii irra oolchuuf ogummaa barbaachisu qabaachuu akka
qaban ni tuma.25

Qajeelchituun kun kan baheef biyyoota miseensa ta’aniif


adeemsa sirna haqa yakkaa isaanii keessatti Abbaa Alangaa bu’a
qabeessa, haqa qabeessaa fi loogii irraa bilisa ta’e akka
qabaatanii fi qajeeltoowwan kana seeraa biyya isaanii keessattis
akka hammachisaniifi dha.26

Dabalataanis, Qajeelchituun27 kun qajeeltoowwan hojii fi


duudhaalee naamusaa Abbootiin Alangaa ittiin gaggeeffaman
hammatee jira. Tumaaleen Qajeelchituu kanaa biyyoota irratti
humna dirqisiisummaa kan hin qabne ta’us, yaada mootummaa
biyyoota garaagaraa waan ibsuuf wal hubatanii waliin akka
hojjetan kan taasisu dha.

25
United Nations (1990), Guidelines on the Role of Prosecutors, adopted by,
United Nations Congress on the Prevention of Crime and the Treatment of
Offenders, Havana, 27 August to 7 September 1990 and art 2 of International
association of prosecutors adopted in 1999 at Guideline 13,
26
Isuma
27
Guidelines on the Role of Prosecutors, Adopted by the Eighth United
Nations Congress on the Prevention of Crime and the Treatment of
Offenders, Havana, Cuba, 27 August to 7 September 1990
19
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Qajeelchituu kana keessatti namni Abbaa Alangaa ta’u nama


barnoota, dandeettii, naamusaa fi leenjii gahaa qabu akka ta'e
tumamee jira.28 Kana malees, ulaagaan filannoo fi fo'annoo
Abbaa Alangaa lammummaan alatti loogii kamirraayyuu bilisa
ta'uu akka qabu tumamee kan jirudha. Abbootiin Alangaa
kaayyoo fi duudhaalee Mana Hojii isaanii kan beekan, tumaalee
Heeraa fi seerota adda addaa himatamaa fi miidhamaaf eegumsa
godhan kan beekanii fi mirgoota namoomaa seera biyyattii fi
idil-Addunyaa keessatti beekkamtii qaban irratti hubannoo kan
qaban ta’uu ni tuma.29

Qajeeltoowwan Qajeelchituu kana keessatti taa'an keessaa tokko


bilisummaa ogummaa Abbaa Alangummaa yoo ta’u, kunis
eegumsa (guarantees) seerri Abbaa Alangaatiif godhu keessaa
tokko dha. Bu'uura qajeeltoo kanaatiin Abbaan Alangaa
dhiibbaa qaama kamiiyyuu irraa bilisa ta’ee hojjechuu akka
qabu kan kaa’ame dha. Kunis haala itti aanuun tumamee jira.

“States shall ensure that prosecutors are able to perform


their professional functions without intimidation,

28
Akkuma 27ffaa, keewwata 1
29
Akkuma 28ffaa, keewwata 2(b)
20
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

hindrance, harassment, improper interference or


unjustified exposure to civil, penal or other liability.”30

Kunis Abbaan Alangaa hojii isaa yemmuu raawwatu dhiibbaa


yookiin jidduu lixummaa qaama kamiirraayyuu bilisa ta'ee akka
hojjetu mootummaan eegumsa godhuufii akka qabu kan
agarsiisu dha. Kana malees, Abbaan Alangaa hojii ogummaa
isaa waan hojjeteef itti gaafatamummaa siivilii, yakkaa fi kan
birootiif akka hin saaxilamne eegumsi taasifamuufii akka qabu
mul’isa.

Dabalataanis, Qajeelchituun kun Abbaan Alangaa sababa hojii


isaatiif nageenyi isaa yookiin kan maatii isaa sodaachisaa ta’ee
yoo argame eegumsa qaama mootummaa irraa argachuu akka
qabu tumamee jira.31 Kana malees, Abbaa Alangaaf hamma
humni biyyattii hayyameen haalli hojii mijaa’aa ta’e, Mindaa
gahaan, turtii hojii (tenure) fi haalli sooramaa akkasumas
umuriin soorama itti bahan seeraan yookiin dambiin ifatti
tumamuu akka qabu Qajeelchituun kun ni agarsiisa.32

Qajeelchituun kun guddinni Abbaa Alangaa dhimmoota


qabatamaa kanneen akka gahumsa ogummaa, dandeettii,

30
Akkuma 29ffaa, Keewwata 4
31
Akkuma 30ffaa, Keewwata 5
32
Akkuma 31ffaa, Keewwata 6
21
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

naamusaa fi muuxannoo irratti hundaa’uu akka qabus tumee jira.


Adeemsi Abbaan Alangaa itti guddatus madaalawaa fi loogii
irraa bilisa ta’uu akka qabus ni ibsa.33 Abbaan Alangaa mirga
gurmaa’uu fi yaada ofii bilisaan ibsachuu (freedom of
expression, belief, association and assembly) akka qabuu fi
kunis seera biyyoota dhimmi ilaallatu keessatti tumamuu akka
qabu Qajeelchitun kun ni agarsiisa. Kunis haala itti aanuun
ibsamee jira:

“Prosecutors shall be free to form and join professional


associations or other organizations to represent their interests,
to promote their professional training and to protect their
status.”34
Gama biraatiin, Qajeelchituun kun dirqama ogummaa Abbaa
Alangaas tarreessee jira. Abbaan Alangaa hojii qorannoo yakkaa
gaggeessuu, qorannicha hoogganuu yookiin qajeelchuu, yookiin
seera-qabeessummaa qorannichaa mirkaneessuu, himannaa
dhiheessuu, falmii gaggeessuu, raawwii adabbii hordofuu fi kkf
gahumsaan raawwachuu qaba. Hojiiwwan kanneen yemmuu
raawwatus Abbaan Alangaa loogii kamirraayyuu bilisa ta'ee
hojjechuu akka qabuu fi yeroo hundaa faayidaa uummataaf
eegumsa gochuu akka qabu ni agarsiisa. Kunis himatamaa

33
Akkuma 32ffaa, Keewwata 7
34
Akkuma 33ffaa, Keewwata 9
22
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

yookiin miidhamaa jiddugaleessa godhachuu osoo hin taane


faayidaa uummata miidhame sana bu'uura godhachuun
hojjechuu qaba. Kana malees, Abbaan Alangaa dhimmoota
icciitiin qabamuu qaban icciitiin qabu qaba jechuun
Qajeelchituu kana keessatti ibsamee kan jirun dha.35

Gama biraatiin, Abbaan Alangaa yeroo hundaa yaada


miidhamaa hubannoo keessa galchuu, qorannoon taasifame kan
hin himachiifne yoo ta’e himannaa dhiisuu yookiin addaan
kutuu, yakkoota hooggantoota mootummaatiin raawwatamaniif
xiyyeeffannoo addaa kennuu, ragaa seeraan ala argame,
keessattuu humnaan argametti fayyadamuu dhiisuu, warra gocha
kana raawwatan seeratti akka dhihaatan taasisuu, qaamolee
biroo waliin qindoominaan hojjechuu akka qabu Qajeelchituu
kana keessatti ibsamee jira.

Naamusa Abbaa Alangaa ilaalchisees Qajeelchituun kun


qajeeltoowwan mootummoonni hordofuu qaban kaa'ee jira.
Kunis, Abbaan Alangaa badii yoo balleesse kan itti gaafatamu
ta'uu fi sirni itti gaafatamummaa kunis seera yookiin dambii
bahe irratti kan hundaa’u ta’uu akka qabu dha.36 Seerri yookiin
dambiin naamusaa kunis badii raawwatamee fi adabbii

35
Akkuma 34ffaa, Keewwata 10-16
36
Akkuma 35ffaa, Keewwata 21 - 22
23
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

hordofsiisu irratti iftoomina qabaachuu akka qabu Qajeelchituun


kun ni ibsa. Qabiyyeen isaas, himanni Abbaa Alangaa irratti
dhihaatu sirna dhagaha dhimmaa madaalawaa (fair hearing)
irratti hundaa’uudhan sirnaan xiinxalamuu akka qabuu fi murtiin
kennamus qaama bilisa ta’een irra deebi’amee ilaalamuu akka
qabu kan agarsiisu dha. Kana malees, murtiin kennamu seera,
dambii naamusa ogummaa fi sirna adeemsa seeraa (due process
of law) irratti hundaa’ee dhugaa jiru sirnaan kan xiinxale ta’uu
akka qabu Qajeelchituun kun ni agarsiisa. Bifuma
walfakkaatuun, Abbaan Alangaa adeemsa sirna haqaa bu’a
qabeessa ta’ee fi sirrumma qabu mirkaneessuuf hojii hojjetu
keessatti; ogeessoota seeraa adda addaa, Manneen
Murtii,poolisii Abukaatota Hawaasaa, qaamolee fi dhaabbilee
Mootummaa adda addaa wajjiin hariroo qabaachuu malu
Qajeelchituun kun keewwata 20 jalatti hammatee jira.

Walumaagalatti, Qajeelchituun kun mootummoonni


qajeeltoowwan naamusaa kana Dambii Bulchiinsa Abbootii
Alangaa isaanii keessatti akka hammachiisanii fi sirna Abbootiin
Alangaa badii naamusaa raawwatan ittiin gaafataman dambii
isaanii keessatti hammachiisuu akka qaban ni ibsa.

24
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

2.3.1.2 Istaandardii Waldaa Abbootii Alangaa


Idil-Addunyaa

Waldaan Abbootii Alangaa Idil-Addunyaa bara 1995 A.L.Atti


Waajjira Mootummoota Gamtoomanii Veenaatti kan
hundeeffame yemmuu ta’u, kan inni karaa seera-qabeessan ifatti
labsame bara 1996 A.L.A tti Budapest tti dha. Kaayyoon
Waldichaas qajeeltoowwanii fi istandardiiwaan akka idil-
Addunyaatti beekkamtiin kennameef dagaagsuu fi guddisuun
Waajjira Abbaa Alangaa bilisummaa qabu akka jiraatu taasisu
dha.37 Waldichis Abbootii Alangaa bulchiinsa haqa yakkaa
keessatti shoora taphatan hundaaf beekkamtii kennuu fi
dandeettii qaban kamiyyuu fayyadamuun mirga haqa argachuu
himatamaas akka eegamuu gochuu irratti kan xiyyeeffate dha.38

Waldaan Abbootii Alangaa Idil-Addunyaa, sanada


“Istaandaardii” Itti Gaafatamummaa Ogummaa fi Dirqama
Hojii fi Mirga Abbootii Alangaa jedhu baaseera.39 Istaandardiin
Waldaan Abbootii Alangaa Idil-Addunyaa hordofus baay’inaan
kanuma Qajeelchituu Gahee Abbaa Alangaa Dhaabbata
Mootummoota Gamtoomanii waliin kan wal fakkaatu dha.

37
Standards of professional responsibility and statement of the essential
duties and rights of prosecutors adopted by the International Association of
Prosecutors(IAP) on the twenty third day of April 1999
38
Akkuma 37ffaa , seensa
39
Akkuma 40ffaa
25
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Qabiyyee sanada kanaa keessaa tokko Abbaan Alangaa


naamusawaa ta’uun gidduu-lixummaa tokko malee loogii irraa
bilisa ta’ee qorannaa yakkaa, himannaa fi falmii karaa gahumsa
qabuun gaggeessuu akka qabu dha.40 Dabalataanis, Abbaan
Alangaa yeroo hojii ogummaa isaa raawwatutti gocha
mootummaa seeraan alaa irraa eegamuu akka qabuu fi
balleessaa raawwateera yeroo jedhamutti immoo seera jiruun
sirna dhaga’a dhimmaa ariifataa fi haqa-qabeessa ta’een dhimmi
isaa ilaalamuu akka qabus sanadichi ni agarsiisa.41

2.4 Istaandardii Gahee Abbaa Alangaa Sadarkaa


Ardiilee

2.4.1 Yaada Gorsaa Gahee Abbaa Alangaa Mana


Maree Ministeerota Awurooppaa

Manni Maree Ministeerota Awurooppaa gahee Abbaan Alangaa


sirna haqaa keessatti qabu ilaalchisee yaada gorsaa qopheesse
jira.42 Kaayyoon isaas gahee Abbaan Alangaa mirga namaa
kabachiisuu fi bulchiinsa sirna haqaa keessatti qabu guddisuu fi
dagaagsuu dha. Haaluma, kanaan biyyoonni miseensa ta’an
qajeeltoowwaan gahee Abbaa Alangaa ibsu seera biyya isaanii

40
Akkuma 39ffaa, Keewwata 1-4
41
Akkuma 40ffaa, Keewwata 6
42
Olitti yaadannoo lakk. 8
26
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

keessatti bu’uura yaada gorsaa kennameen akka hammachisaniif


jajjabeessuufi dha.43

Kallattii akeekame kana qajeeltoowwaan Qajeelchituu Gahee


Abbaa Alangaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii
keessatti tumameen walbira qabnee yoo ilaallu yaadni gorsaa
kun ibsa bal’aa kan Qajeelchituu caala kennuu fi kan inni
tumames erga Qajeelchituun Mootummoota Gamtoomaniin
labsameen booda dha. Kanaaf, Manni Maree Awurooppaa gahee
Abbaa Alangaa irratti ibsa bal’aa kan kaa’ee fi dabalataan
qajeeltoo walitti dhufeenyaa qaama raawwachistuu fi Abbaa
Alangaa, seeraa baastuu fi Abbaa Alangaa, Mana Murtii,
Poolisii fi Abbaa Alangaa gidduu jiru bal’isee kan kaa’e ta’uun
kan hubatamu dha.

2.4.2 Labsii Boordeeksi: Abbaa Seeraa fi Abbaa


Alangaa Hawaasa Diimokiraatawaa

Labsiin Boordeksi44 kan labsame marii Abbootii Alangaa fi


Abbootii Seeraa Awurooppaatiin ta’ee, waa’ee hawaasa

43
Akkuma 42ffaa, Seensa
44
The Bordeaux Declaration This Declaration is accompanied by an
Explanatory Note. This Declaration has been jointly drafted by the Working
Groups of the CCJE and the CCPE in Bordeaux (France) and has been
officially adopted by the CCJE and the CCPE in Brdo (Slovenia) on 18
November 2009.
27
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

dimokiraatawaa ta’e irratti kan xiyyeeffatu dha.45 Labsichis


bilisummaan Abbaa Alangaa bilisummaa Abbaa Seerummaaf
bu’uura waaan ta’eef, hojii isaanii keessatti bilisummaan
jiraachuu akka qabu ni tuma.46 Haalli walitti dhufeenyaa fi
walfaakkatinsi gahee Abbaa Seeraa fi Abbaa Alangaa eegumsi
wal fakkaatu akka taasifamuu fi ulaagaan wal fakkaataan haala
qacarrii, leenjii, naamusa, bilisummaa waldaa ogummaa
dhaabbachuunis wal fakkaachuu akka qabu ibsa. Dabalataanis,
labsiin kun ulaagaa isa xiqqaa bilisummaa Abbaa Alangummaaf
barbaachisu kaa’ee jira. Kunis, Abbaan Alangaa sadarkaa fi
hojiin isaa gidduu lixummaa fi dhiibbaa qaama alaa
kamirraayyuu bilisa ta’uu akka qabuu fi haalli qacarrii, guddina,
soorama, jijjiirraa bu’uura seeraatiin yookiin fedhii Abbaa
Alangaatiin ta’uu akka qabuu fi akkaataa seeraan qofa
raawwatamuu qaba kan jedhu dha.47Kana malees, haqa
mirkaneessuudhaaf Dhaabbanni Abbaa Alangaa gurmaa’insa,
baajata, loojistikii fi humna namaa gahaa qabaachuu akka qabu
tumee jira.48

45
Akkuma 44ffaa
46
Akkuma 45ffaa, Kew. 8-10
47
Akkuma 46ffaa, kew.8
48
Akkuma 47ffaa, kew.4
28
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

2.4.3 Gabaasa Komishinii Veenis

Gabaasni kun kan inni wixineeffamee fi tumame bara 2010


A.L.Atti “Veenis Koomishin” jedhamuun “Strasbourg tti” kan
gurmaa’ee dha.49 Istaandardiin gabaasa kana keessatti ibsame
baay’ee bal’aa fi tokkoon tokkoo dhimmoota irratti kan
xiyyeeffate, gahee fi hojiin Abbaa Alangaa maal akka ta’e kan
of keessatti qabate, moodeela MHAA kan tume, itti
gaafatamummaa MHAA kan ibse, karaa itti Abbaan Alangaa
“Jeneraalaa” muudamuu fi aangoo irraa itti ka’u kan of
keessatti qabatee tumame dha. Bilisummaan MHAA,
bilisummaa Abbaa Alangaa Waliigalaa dhiibbaa qaama siyaasaa
irraa bilisa ta’uufi dhiisuu waliin waan wal qabatuuf, haalli
Abbaan Alangaa waliigalaa gara aangootti dhufuu fi irraa ka’uu
yaada gorsaa kana keessatti hammachifamee jira

Yaada gorsaa armaan olitti kaasuuf yaalame Afaan Ingiliffaan


akkaataa armaan gaditiin bal’inaan ibsamee jira:-

“It is important that the method of selection of the general


prosecutor should be such as to gain the confidence of the
public and the respect of the judiciary and the legal profession.

49
The Venice Commission Twenty Years On.Challenge Met but Challenges
Ahead’, in M. van Roosmalen et al.(eds), Fundamental Rights and Principles
– Liber amicorum Pieter van Dijk (2013), at 241 ff; further articles on the
Venice Commission are listed on the website of the VC: www.venice.coe.int.
29
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Therefore, professional, non-political expertise should be


involved in the selection process. However, it is reasonable for a
Government to wish to have some control over the appointment,
because of the importance of the prosecution of crime in the
orderly and efficient functioning of the state, and to be unwilling
to give some other body, however distinguished, carte blanche
in the selection process. It is suggested, therefore, that
consideration might be given to the creation of a commission of
appointment comprised of persons who would be respected by
the public and trusted by the Government.”50 Jechuun ibsee jira.

2.5 Muuxannoo Biyyootaa


Akkuma armaan olitti ibsuuf yaalametti, seenaa guddinaa fi
haala istaandardii Idila -Addunyaa fi ardiilee dhimma
dhaabbatummaa fi bulchinsa Abbaa Alangaa kan ilaalame
akkuma jirutti ta’ee kitaabni kun dabalataan muuxannoo
biyyoota akka Ameerikaa, Faransaay, Namiibiyaa, Keeniyaa,
Biraazilii fi Afrikaa Kibbaa jirus ilaaluuf yaalee jira. Sababni
50
Opinion on the Regulatory Concept of the Constitution of the Hungarian
Republic CDL-INF (1996)2, and CDL (1995)73, II In recommending the
composition of such commission for the appointment of the prosecutor
general for the Republic of Hungary, the Venice commission recommends
that the President of each of the courts or of each of the superior courts, the
Attorney General of the Republic, the President of the Faculty of Advocates,
the civil service head of the state legal service, the civil service Secretary to
the Government, the Deans of the University Law Schools to be the member
of the commission.
30
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

biyyoonni kunneen itti filatamuu danda’aniif sirni isaan


hordofan Itoophiyaa waliin hangi tokko waan wal fakkaatuuf,
biyyoota kanneen keessaa immoo muraasni isaanii bulchiinsa
Abbaa Alangaa cimaa kan qabanii fi muuxannoo biyya keenyaaf
ta’uu waan danda’aniif, biyyootuma kanneen keessa immoo
haalli guddina Mana Hojii Abbaa Alangaa fi sirna haqaa biyya
isaanii bu’a ba’ii keessa darbuun gara bulchiinsa sirna
dimokiraasitti ce’anii waan jiraniifi dha. Dabalataan, haala
wabummaa heeraa qabachuu dhaabbatumaa fi hojii Mana
Hojichaa ilaaluun barbaachisaa waan ta’eef, gama biraan immoo
biyyi Itiyoophiyaa fi naannoon Oromiyaa gara fuula duraatti
muuxannoo irraa qooddatan waan qabanif filatamuu
danda’aniiru.

2.5.1 Ameerikaa
Ameerikaan sirna federaalizimii kan hordoftuu fi Mootummoota
naannoo 50 (shantamaa) olii fi bulchiinsa naannoo Kolombiyaa
kan qabdu dha. Naannoleen hunduu Mana Hojii Abbaa Alangaa
Waliigalaa mataa isaanii kan qabani dha. Caaseffamni Mana
Hojii Abbaa Alangaa naannolee caasseffama Mana Murtii
naannichaa kan hordofe dha. Abbaan Alangaa naannoo
uummataan kan filatamu yoo ta'u, itti gaafatamummaan isaas
seeraa fi uummata isa filateef qofaa dha. Manni Hojii Abbaa
Alangaa sadarkaa Federaalaatti qaama raawwachiisaa keessatti

31
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

ramadama.51 Damee Haqaa (Department of Justice) Abbaa


Alangaa Waliigalaatin hogganama. Abbaan Alangaa Waliigalaa
(Attorney General) Pirezidaantii biyyaatiin kan muudamu yoo
ta'u, barri hojii isaas waggaa afuri dha. Kutaan Damee Haqaa
aangoo seerota federaalaa hojirra oolchuu fi mootummaa
federaalaa mana murtii federaalaatti bakka bu'uu qaba. Manni
Hojichaa kutaa dhimmoota yakkaa, siivilii fi dhimmoota
bulchiinsaa jedhamutti qoqqoodamuun hojii isaa kan
52
raawwatudha.

Abbaan Alangaa Waliigalaa sadarkaa naannoleetti uummataan


kallattiin kan filatamu waan ta'eef, qaama raawwachiisaa irraa
bilisa. Qaama seera baasuufis ta'e seera raawwachiisuuf itti hin
gaafatamu. Qaamni seera baasu dhimmoota akka caaseffama
Abbaa Alangaa, bara hojii fi daangaa isaa irratti seera baasuu
malee hojii Abbaa Alangaa keessa hin galu.53

Ameerikaatti, hojiin qorannoo yakkaa hojii poolisiiti. Abbaan


Alangaa poolisiin deeggarsa yoo gaafate tajaajila gorsaa kenna
malee hojii qorannoo yakkaa keessaa gahee hin qabu.

51
Barreeffama barbaachisummaa hundeeffama Mana Hojii Abbaa Alangaa
Waliigala Federalaa Ministeera Haqaa Federalaatiin bara 2008 qophaa’e
fuula 11
52
Akkuma 51ffaa
53
Akkuma 52ffaa
32
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

2.5.2 Faransaay

Biyya Faransaayitti, haalli dhufaatii Abbaa Alangaa yeroo


duraatiif namoota faayidaa mootichaa kabachiisuuf Mana
Murtiitti falmuuf qacaramaniin jalqabe. Boodarra cimaa dhufee
faayidaa mootichaa kabachiisuun hafee faayidaa uummataa gara
kabachiisuutti yemmuu ce'u, Manni Hojii Abbaa Alangaas
hundaa'e.54 Caaseffamni Mana Hojii Abbaa Alangaa caaseffama
Mana Murtii kan hordofe dha. Abbaan Alangaa fi Abbaan
Murtii akka qaama Abbaa Seerummaatti (judiciary)
fudhatamu.55 Gumii Olaanaan (Superior Council of the
Magistracy) Pirezidaantii biyyaatiin hogganamuu fi Ministeera
Haqaa dabalatee miseensota adda addaa qabu dhimmoota
bulchiinsa Abbootii Alangaa fi Abbootii Seeraa irratti ni
murteessa. Abbootiin Seeraa fi Abbootin Alangaa “magistrates”
kan jedhaman yoo ta'u, Abbootiin Seeraa “bench magistrates”,
Abbootiin Alangaa immoo “floor magistrates” jedhamu.Qaama
tokko waan ta'aniif Abbaan Alangaa Abbaa Murtii ta'uu danda'a,
Abbaan Murtiis Abbaa Alangaa ta'uu danda'a. Pirezidaantii
ripaablikichaa Abbootii Alangaa sadarkaa Mana Murtii adda

54
Olitti yaadannoo lakk. 51 fuula 27
55
Akkuma 54ffaa, fuula 29
33
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

addaatti hojjatan Ministeera Haqaatiin yoo dhihaataniif ni


muuda.56

Ministeerri Haqaa seera yakkaa sadarkaa biyyoolessaatti


raawwachiisuuf aangoo qaba. Kana malees, aangoo imaammata
yakkaa baasuu, seerota wixineessuu fi bulchiinsa mana
sirreessaa hoogganuu qaba. Gareen addaa qorannoo yakkaa
poolisii (judicial police) biyyattii Abbaa Alangaatiin kan
hoogganamuu dha.57

Dhimma qorannoo yakkaa ilaalchisee itti waamamnni gareen


addaa qorannoo yakkaa poolisii "judicial police" Abbaa
Alangaatifidha. Abbaan Alangaa karaa sadiin poolisii
to'ata.Tokkoffaan qorannoo hoogganuu fi mirkaneessuu
(Abbaan Alangaa Poolisii ta'uu baatus aangoo Poolisiin qabu
hunda waan qabuuf kallattiin hojii qorannoo yakkaa keessa
galuu danda'u), Lammaffaan qorannoo irratti poolisii
qindeessuudhaan haala qindoominaan itti hojjatan mijeessuu,
sadaffaan qorataa poolisii dhimma tokkoof ramadamu filachuu
dha.

Abbaan Alangaa biyya Faransaay seerri hojirra ooluu ni to'ata,


himata yakkaa ni hundeessa, yakkoota Pirezidaantii fi qaamolee

56
Akkuma 55ffaa
57
Akkuma 56ffaa
34
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

mootummaa birootiin raawwataman dabalatee dhimmoota


yakkaa kamiyyuu ilaalchisee aangoo himachuu ni qaba58.
Walumaagalatti, biyya Faransaayitti yakkoota aangoo Mana
Murtii Waraanaa ta'aniin alatti dhimmoota jiran hunda walitti
qabee kan himatu Mana Hojii Abbaa Alangaati.

2.5.3 Naamiibiyaa

Heerri mootummaa bara 1990 A.L.A tti bahe haalli muudama


Abbaa Alangaa Waligalaa fi Abbaan Alangaa Jeneraalaa
garaagara ta’uu tumee jira. Kunis Abbaan Alangaa Waliigalaa
akkuma ministeera kamittuu Pirezidaantiidhaan kan muudamuu
yoo ta’u, Abbaan Alangaa “Jeneraalaa” immoo kan
Komishiniin Abbaa Seeraa dhiyeesse irratti hunda’uun
59
Pirezidaantiin kan muudamani dha.

Komishiniin yookiin gumiin Abbootii Seeraa Muummicha


haqaa (chief of justice) yookiin Pirezidaantii Mana Murtii,
Abbaa Seeraa Pirezidaantii biyyittiin muudame, ogeeyyii seeraa
lamaa fi Abbaa Alangaa Waliigalaa of keessatti hammata.60
Miseensota kana keessaa muudamaan siyaasaa Abbaa Alangaa
Waliigalaa qofa ta’uun isaa dhiibbaa siyaasaa komishinichaa

58
Akkuma 57ffaa
59
Namibia's Republic Constitution of 1998 with first Amendment through
2010, Art.86&88
60
Akkuma 59ffaa
35
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

irratti ta’u akka hir’atu taasisa.61 Haalli Heera Mootummaa


muudamaa Abbaa Alangaa fi Abbaa Alangaa “Jeneeraalaa”
kan agarsiisuu muudamni Abbaa Alangaa Waliigalaa muudamaa
siyaasaa fi kan Abbaa Alangaa Jeneerala immoo kan qaama
walabaan taasifamu ta’uun ni hubatama. Karaa biraatiin
muudamni isaa akkaatuma Abbaa Seeraa fi Abbagaaritti kan
taasifamu ta’uun ni hubatama. Aangoo fi gaheen hojii Abbaa
Alangaa Waliigalaa fi Abbaa Alangaa Jeneraala Heera
mootummaa kewwata 87(a) jalatti tumamee jira.

2.5.4 Keeniyaa

Akkuma biyya Naamibiyaa, Waajjirri Abbaa Alangaa Keeniyaa


keessattis heeraan kan hundaa’e ta’ee, itti waamamni isaas
bulchiinsa sirna haqa yakkaatiif akka ta’e hubatama.62 Keeniyaa
keessatti, gorsaanii fi tajaajila Abbaa Alangumma kan kennu
heerumaan adda ba’anii hunda’anii kan jiranii fi Abbaan
Alangaa Waliigalaa Heeraan mootummaa dhimma seeraa irratti
akka gorsuu fi mootummaa bakka bu’uun mana murtiitti
dhimma dantaa mootummaa irratti akka falmu dirqamni

61
Akkuma 60ffaa
62
The Constitution of Kenya 2010, Art 156(1) . The director of public
prosecution in Kenya is part of the executive branch of the government under
chapter 9 of the constitution but with special part in the constitution as other
office having its own separate legal personality function autonomously from
the instruction of any organ under the director of public prosecution. Chapter
9 part 4 of the constitution discuss about attorney general.
36
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

kennameefi jira.63 Abbaan Alangaa Waliigalaa Pirezidaantiin


dhiyaatee paarlaamaa biyyittiin mirkanaa’ee Pirezidaantiin
muudamni kennamaaf. Pirezidaantiinis akka Abbaa Alangaa
Waliigalaa muudaamaaf dhiyeessuuf Heeraan aangeeffame jira.
Heerri biyya Keeniyaa kun ulaagaan muudamaa Abbaa Alangaa
Waliigalaa ulaagadhuma muudamaa Pirezidaantii Mana Murtii
Waligalaa akka ta’e ni tuma.64

Ulaagaan kunis digirii seeraa Yunivarsiitii beekamaa irraa


qabaachuu, naamusa ol-aana qabaachuu, maqaa gaarii kan
qabuu fi loogii irraa bilisa kan ta’e, nama yoo xiqqaate
muuxannoo waggaa 15(kudha-shan) olii qabu yookiin akka
Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigalaatti hojjetee qabuu fi
kanneen biroo ni tarreessa.65

Kanaaf, gaheen Abbaa Alangaa Waliigalaa akka heera irratti


tumamee jirutti gorsa qofaatti akka daangeffamee jirutti
hubatama. Dabalataanis Keeniyaa keessatti ulaagaan filannoo
muudamaa Daayirekteraa Abbaa Alangaa ulaagaa filannoo
Abbaa Seeraa ol-aanaaf ta’ee waliin tokko dha.66 Akkasumas,
Abbaan Alangaa Waligalaa gorsitoota seeraa mana hojii

63
The Constitution of Kenya, Arts. 156 (4) (a) & (b) fi 157
64
The Constitution of Kenya, Art.156 (3)
65
The Constitution of Kenya, Art. 166(3)
66
The Constitution of Kenya, Art166
37
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Mootummaa keessatti ramadaman kan hordofu, gorsuufi


qajeelfama kan kennu ta’uun ni hubatama.

2.5.5 Biraazil

Biraazil keessatti, Heerri Mootummaa bara 1988 A.L.A tti


tumamuun dura, Waajjiri Abbaa Alangaa of danda’ee kan hin
jirree fi Ministeera Haqaa qaama raawwachiistuu ta’etti hirkatee
kan ture dha.67 Haa ta’u malee, erga Heerri haaraan bara 1988
tumamee waajjirri bilisummaa qabu of danda’ee sadarkaa
Naannoo fi Federalaatti kan mana murtii irraas ta’e qaama
raawwachisaa irraa adda bahee hundaa’ee jira. Yaa’iin
paarlaamaa yookiin heeraa bara 1988 Dhaabbata Abbaa
Alangaaf bilisummaa ol-aanaan kennameefi jidduu lixummaa
mootummaa fi dhiibbaa siyaasaa irraa bilisa akka ta’u jechuun
murtessee jira.68 Dabalataan, Heerri Mootummaa Biraazili

67
https://www.google.com/search?client=firefox-b
d&q=Maria+Tereza+Sadek+Rosangela+Batista+Cavalcanti(2000):+The
+New+Public+Prosecution+and+the+Effiacy+of+Accountability+Mecha
nisms+Paper+presented+for+the+Conference,+%E2%80%9CPolitical+I
nstitutios,+Accountability,+and+Democratic+Governance+in+Latin+Am
erica%E2%80%9D,+Notre+Dame,+May,+89,+2000.+P.5.+See+also+file:
///C:/Documents%2520and%2520Settings/user/Desktop/Dados%2520%
2520+utonomy%2520and%2520+discretionary%2520power%2520of%2
520the%2520Public%2520+Prosecutor%2527s%2520Office%2520in%2
520Brazil.htm+pdf&spell=1&sa=X&ved=2ahUKEwiKqPiChrjvAhWIi1
wKHbGBCbcQBSgAegQIBBAt ,accessed on march 18,2021,at 5:03pm
68
Rio de Janeiro Autonomy and Discretionary Power of the Public
Prosecutor’s Office in Brazil, Dados vol.4 no.se
38
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Abbaan Alangaa miseensa qaama siyaasaa kamiyyuu ta’uu akka


hin dandeenye tumee jira.69 Abbaan Alangaa Waligalaa ogeeyyii
umuriin isaanii waggaa 35 oli ta’e keessaa Pirezidaantiidhaan
dhiyaatee sagalee guutuudhaan seneetiin yoo mirkaneesse
muudamuu danda’a.

2.5.6 Afrikaa Kibbaa

Afrikaa Kibbaatti, qaamni hojii Abbaa Alangummaa hojjatu


Abbaa Taayitaa Abbaa Alangaa Biyyoolessaa (National
Prosecuting Authority) kan jedhamu dha. Abbaan Taayitaa kunis
qaama raawwachiistuu jalatti kan ramadamu dha. Hundeeffamni
Abbaa Taayitaa kanaas bu'uura heeraa kan qabu dha. Heerri
kunis; seera paarlaamaan baasu irratti hundaa'ee dhimmoota
yakkaa irratti mootummaa bakka bu'ee himata kan dhiheessu
Abbaan Taayitaa Abbaa Alangaa biyyoolessaa tokko kan
hundaa'u ta'uu; Pirezidaantiin biyyattii daayirekteera Abbaa
Taayitaa Abbaa Alangaa Biyyoolessaa kan muudu ta'uu;
Daayirekterri kunis Ministeera Haqaa waliin ta'uudhaan
himannaa dhimma yakkaa ilaalchisee imaammata hordofamu

(http://socialsciences.scielo.org/pdf/s_dados/v4nse/scs_a02.pdf, accessed on
march 18,2021, 4:59 pm
69
Constitution of the Federative Republic of Brazil 3nd Edition of 2010 ,
Art 127(1)
39
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

kan murteessu ta'uu; fi Ministeerri Haqaa Abbaa Taayitichaa


irratti aangoo akka qabu ni tuma.70

Abbaan Taayitaa kunis Daayirekteera Abbaa Alangaa


Biyyoolessaatiin (National Director of Public Prosecutions) kan
hoogganamu ta'ee, itti aantota daayirekteeraa afur,
daayirekteeroota, daayirekteroota addaa, fi Abbootii Alangaa
daayirekteeraan muudaman of jalatti kan qabu dha.

Abbaan Taayitaa kun kutaalee gurguddoo torba qaba:- Tajaajila


Abbaa Alangaa Biyyoolessaa (National Prosecution Service) -
yakkoota idilee irratti mootummaa bakka bu'ee himata
hundeessuun kan falmatu, Qajeelcha Opireeshinii Addaa
(Directorate of Special Operations) - yakka maallaqa bu'aa
yakkaa seera qabeessa fakkeessanii dhiheessu, yakkoota
faayinaansii ciccimoo fi walxaxoo ta'an, yakkoota
malaammaltummaa manneen hojii mootummaa fi dhaabbilee
dhuunfaa keessatti raawwatamanii fi yakkoota namoota
gurmaa'aniin raawwataman kan qoratuu fi kan himatu,
Bulchiinsa Qabeenya Bu'aa Yakkaa( Asset Forfeiture Unit)
seerota bulchiinsa qabeenya dhimmoota yakkaa fi siiviliitiin
dhaalaman tuman hojirra kan oolchu, Yakkoota Quunnamtii
Saalaa fi Dhimmoota Hawaasummaa (Sexual Offenses and

70
Constitution of the Republic of South Africa No.108 of 1996, art. 179
40
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Community Affairs) ilaalchisee imaammata barbaachisu


qopheessuu, dhaddacha addaa hundeessuu, leenjii hubannoo
uumu hawaasaaf kennuu, miidhaa mana keessatti dubartoota irra
gahu (domestic violence) to'achuu fa'a raawwatu.71 Kana
malees, Kutaa Addaa Yakka Daldalaa(Specialized Commercial
Crime Unit) - yakkoota daldalaa walxaxoo ta'an irratti himata
hundeessee falmuu, Kutaa Eegumsa Ragootaa (Witness
Protection Unit) - seera eegumsa ragaa biyyattii hojirra kan
oolchu, Kutaa Falmii Yakkoota Dursi Kennamuuf (Priority
Crimes Litigation Unit) - yakka sanyii namaa balleessuu,
yakkamtoota waraanaa, yakkoota mirgoota dhala namaa irratti
kan raawwataman fi shororkeessummaa irratti aangoo qaba.72

Akka waliigalaatti, biyyoota armaan olitti ilaalaman kana irraa


Itoophiyaa fi Naannoon Oromiyaa muuxannoon qooddachuu
danda’an keessaa muraasaa yoo ilaallu; Manni Hojii Abbaa
Alangaa xiyyeeffannoo ol-aana kan qabu ta’uu, aangoo fi
gaheen hojii Mana Hojichaa Heera irratti beekkamtii kan
kennameef ta’uu, ulaagaa fi haalli muudamaa Abbaa Alangaa
Waliigalaa Heera isaanii keessaatti ifaan ibsamuu, bilisummaa
Abbaa Alangummaa cimaan akka jiraatuuf Heeraa mootummaa
irraa eegalee sirna diriirsanii jiraachuun muuxannoo ta’ee

71
Olitti yaadannoo lakk. 51 fuula 25 - 26
72
Akkuma 71ffaa
41
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

fudhatamuu danda’a. Dabalataanis, biyya Faransaayi keessatti


Abbaan Alangaa fi Abbaan Seeraa hojii Abbaa Alangummaa fi
Abbaa Seerummaa wal jijjiruun hojjechuun, Abbaan Alangaa
hojii qorannaa yakkaa hogganuu fi dhimmaa qoratamu irratti
poolisii ramaduun kan hojjetu ta’uun muxannoo biroo ta’ee
fudhatamuu ni danda’a.

Haqaan Haqaaf haa hojjannu!

42
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Boqonnaa Sadii
Hundeeffama Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala
Itoophiyaa

Boqonnaa Lama jalatti, seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa, haala


muudamaa fi madda aangoo Mana Hojii Abbaa Alangaa
sadarkaa Idila-Addunyaa fi biyyoota garaagaraatti jiru ilaallee
jirra. Haaluma kanaan, Boqonnaa kana jalatti immoo akka
Itoophiyaatti seenaan hundeeffama Mana Hojii Abbaa Alangaa,
aangoo fi gahee hojii isaanii, haala muudamaa fi itti waamama
Abbaa Alangaa fi gurmaa’insa isaa kan ilaallu ta’a.

3.1 Hundeeffama Mana Hojii Abbaa Alangaa Yeroo


Mootummaa Haayilasillaasee fi Sana Dura

Itoophiyaan bifa har’a qabdu kanaan akka biyya tokkootti osoo


hin ijaaramiin dura bakkaa bakkatti garaagarummaa haa
qabaatuyyuu malee sirna seeraa mataa ishii qabaachaa akka turte
namootni seenaa sirna seeraa biyya kanaa qoratan ni ibsu.73

73
Seerotni har’a jiran kuni bara kudha sagal jaaatamoota keessa osoo hin
bahiin dura sirna seeraa aadaa irratti hundaa’e customary laws kan
jedhamaniin fayyadamaa turte. Seerota kanniin keessaa yeroo baay’ee Fetha
Negest fi Kibre Negest Naannoo Abyssinia jedhamee beekkamu naannoo
kaaba Itoophiyaatti baldhinaan hojiirra oolaa akka ture maddootni seenaa
adda addaa ni mirkaneessu. Gara kibbaa, Bahaa fi Lixa biyyattiitti
keessumattuu hawaasni Amantaa muslimaa hordofuu fi Ummatni Oromoo
43
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Haalumaa seenaa hundeeffama Dhaabbata Abbaa Alangaa


sadarkaa Idila-Addunyaa fi biyyoota gara garaa ilaallameen
imaammatni yakkaa biyya keenyaa sirna himata yakkaa
dhuunfaa (system of private prosecution) irratti hundaa’a ture.74
Yakki yemmuu raawwatamu Abbaa Seeraatti himannaa kan
dhiheeffatu miidhamtoota yookiin fira miidhamtootaa ture.
Namoota fira hin qabneef immoo “shuumii mana adabaa”
yookiin "yechilot aggaafaarii" nama jedhamutu himata
dhiheessee falma ture. Gama biraatiin, yakkoota mootichaa fi
sirna mootichaa irratti raawwataman ilaalchisee himata kan
dhiheessu nama mootichi muudu dha.75

Bara 1907-1908 A.L.I’tti, Mootummaan yeroo sana ture


ministeerota yeroo hundeessu, Ministeerri Haqaas yeroo
jalqabaaf hundaa’ee jira.76 Manni Hojii Abbaa Alangaa
/Ministeera Haqaa/ yeroo sana"Yedanyinnat Minister", booda
immoo "Yefird Minister" jedhamee waamamaa ture. Hojiin
isaas, murteewwan kennaman galmeessuu fi akka galmaa'an

sirna seeraa mataa isaatiin bulaa ture. Dhimma kana irratti Stanley Z. Fisher,
Traditional Criminal Procedure in Ethiopia, 19 American Journal of
Comparative Law 709 (1971). Available at:
https://scholarship.law.bu.edu/faculty_scholarship/907.
74
Olitti yaadannoo lakk. 51 fuula 6
75
Akkuma 7ffaa, fuula 7
76
Bereket H/Sillassie, Constitutional Development in Ethiopia, Journal of
African Law Vol. 10 (02), 1966, Fuula, 2 fi 3
44
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

gochuu ture. Suuta suuta gara hojii Abbaa Seerummaatti akka


galu taasifamee hojii Abbaa Seerummaa dabalatee akka
waliigalaatti sirna haqaa akka hoogganu taasifamee ture.77
Haata'u malee, mootummaa bakka bu'ee hojii Abbaa
Alangummaa qaamni hojjatu waan barbaachiseef, bara 1934
A.L.I’tti Manni Hojii Abbaa Alangaa Labsii Lakkoofsa
29/1934tiin hundaa'e jira. Itti waamamni Mana Hojichaas
Ministeera Murtiif ta’ee Abbaa Alangaa Muummeen kan
hoogganamu ture.78 Haata'u malee, Abbaan Alangaa Waliigalaa
yoo hundaa'e caalmaatti seerota hojiirra oolchuu ni danda'a
jedhamee bara 1943A.L.I’tti Labsii Lakkoofsa 118/1943 tiin
hundaa'era. Abbaan Alangaa Waliigalaa Itoophiyaa yeroo
jalqabaas lammii biyya Ingilizii Naataliin Maariin(1943-1953)
A.L.I’tti nama jedhamu kan turee fi waggaa kudhaniif kan
tajaajilaa ture ta’uun hubatameera.79 Kana malees, yeroo kana
ogeeyyiin biyya keessaa namni barate baay’inaan waan hin
jirreef, ogumma Abbaa Alangummaa fi Abbaa Seerummaa
lammiilee biyya alaatiin hojjetamaa tureera.80 Bara 1958
A.L.I’tti lammii Itoophiyaa kan ta’an Obbo Tashoomaa

77
Akkuma 76ffaa, fuula 4
78
Akkuma 77ffaa, fuula 7
79
Akkuma 78ffaa, fuula 8
80
Akkuma 79ffaa
45
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Gabiremaariyaam yeroo jalqabaatiif Abbaa Alangaa Waliigalaa


Itoophiyaa ta’anii muudamanii hojjechaa turanii jiru.

Biyya keenyatti Abbaan Alangaa dantaa mootummaa fi


uummataa bakka bu’ee gochoota badii yakkaa raawwataman
seeratti dhiyeessuudhaaf ergamni kennameefii kan hundaa’e
Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa kanaan ture. 81 Akkaataa
Labsii kanaatti, muudamni Abbaa Alangaa Waliigalaa fi Itti-
aantotni isaa, akkasumas, kan Abbootiin Alangaa Ministeera
Haqaatiin raawwatamaa ture.82 Booda irra garuu sirni kun
fooyyaa’uudhaan akkaataa Labsii Lakkoofsa 123/1944tiin
muudamni Abbaa Alangaa Waliigalaa fi Itti-aantota isaa karaa
mootichaa akka ta’u, muudamni Abbootii Alangaa hafanii
ammoo karaa Ministeera Haqaa83 akka ta’u taasifamee jira.84
Bulchiinsa Mana Hojii Abbaa Alangaa ilaalchisee sadarkaa
Aanaa irraa kaasee hanga Waliigalaatti Abbootii Alangaa kan
ramadu Ministeera Haqaa ture.

81
Andergatchew Tesfaye, The Crime Problem and its Correction, Voume II,
Addis Ababa: AAU Printing Press, 2004, Fuula 64.
82
Akkuma 81ffaa
83
Ministeerri Haqaa Ministeerota yeroo jalqabaatiif Mootiin Itoophiyaa
Minilik hundeesse keessaa isa tokko dha.
84
Olitti yaadannoo lakk. 81, fuula 64.
46
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

3.2 Aangoo fi Gahee Abbaa Alangaa Seera Deemsa


Falmii Yakkaa Keessatti
Akkaataa Seera Deemsa Falmii Yakkaa bara 1954 A.L.I’tti
baheen aangoon himata yakkaa hundeessuu abbummaadhaan
kan kennameef Abbaa Alangaatiif akka ta’e tumameera. Seerri
kuni Abbaan Alangaa Waliigalaa, Itti-Aantotnii fi Abbootiin
Alangaa itti gaafatamummaa bu’uura seera kanaatiin itti
kenname sirnaan bahachuu akka qaban tumeera.85 Akka
seerichaatti, gaheen Abbaa Alangaa galmee qorannoo yakkaa
irratti murtii kennuu, mirga wabii shakkamtootaa irrattis yaada
kennuu, himata yakkaa hundeessuu, falmii yakkaa hordofuu fi
qorannoo yakkaa irratti qorattoota poolisiitiif qajeelfama
kennuudhaan deeggaruu kan jedhan keessatti argamu.

Seerichi dhimmi qorannaa yakkaa yoomii fi eessatti akka


jalqabu, odeeffannoo yookiin eeruun raawwatamuu yakkaa ibsu
haala kamiin fi eenyuun akka dhiyaatu, gaheen namoota
dhuunfaa, kan qorataa Poolisii fi Abbaa Alangaa maal akka ta’e,
namni yakkaan shakkame bifa kamiin seeratti akka dhiyaatu,
gochaalee yakkaa ajaja qabiinsaa yookin to’annaa Mana Murtii
irraa barbaadanii fi kanneen poolisiin hayyama Mana Murtii
gaafachuuf dirqama itti hin-qabne bal’inaan tumee argama.

85
Seera Adeemsa Falmii Yakkaa Itoophiyaa, Labsii Addaa lakk 1/ bara 1961,
Keewwata 8.
47
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Abbaan Alangaa adeemsa qorannaa, himannaa fi falmii yakkaa


keessatti, keessumattuu namoota yakka raawwatan kanneen
qulqulluu ta’an irraa adda baasuudhaan mirgi namoota qulqulluu
akka hin sarbamne taasisuu irratti gaheen qabu salphaa miti.

3.3 Gurmaa’insaa fi Aangoo Abbaa Alangaa Yeroo


Mootummaa Dargii
Bara 1966 A.L.I’tti Dargiin Mootummaa Hayila Sillaasee
aangoorraa buusee ofii aangoo yemmuu qabatu Mana Hojii kana
irratti jijjiirama hin taasifne. Bara 1969 A.L.I’tti Mootummaan
Dargii "Ministeera Murtii" jedhamaa kan ture "Ministeera
Seeraa fi Haqaa" jedhamee akka waamamu taasise jira.86
Abbaan Alangaatiis Ministeera kana jalatti gurmaa’uun hojii
isaa hojjechaa tureera. Ministeerri Seeraa fi Haqaa kunis hojii
duraan Ministeerri Murtii hojjetaa ture qabatee akka itti fufu
taasifameera.

Heeraa Mootummaa Dimokiraatawaa Rippaabilikaa Uummata


Itoophiyaa Guraandhala bara 1980 A.L.I’tti ragga’e irrattis
boqonnaa kudhan keewwata 108 hanga 112tti jiru jalatti waa’ee
Abbaa Alangaa bal’inaan kan ibsame ta’uun ni hubatama. Akka
tumaa Heera kanaatti, Manni Hojii Abbaa Alangaa seeronni
karaa wal fakkaataniin qaama mootummaa, dhaabbilee

86
Olitti yaadannoo lakk. 51, fuula 9
48
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

hawaasaa, waldaalee, abbootii taayitaa fi nama dhuunfadhaan


akka hojii irra oolan kan mirkaneessuu fi Abbaa Alangaa
Waliigalaatiin kan hoogganamu ta’uu ifatti tumee jira.87 Abbaan
Alangaa Waliigalaa kunis Shangoo Biyyoolessaatiin kan
filatamuu fi isaaf kan itti waamamu ta’uu ni tuma. Yeroo
Shangoon Biyyooleessaa boqonnaa irra jiranitti immoo
Pirezidaantii Rippaabilikichaatiif kan itti waamamu ta’ee barri
turtii aangoo isaas bara turtii Shangoo Biyyooleessaa waliin kan
wal fakkaatu ta’uu tumamee jira.88Akka tumaa Heera kanaatti,
Abbootiin Alangaa sadarkaa hundatti jiran Abbaa Alangaa
Waliigalaatiin kan muudamanii fi isaaf kan itti gaafataman
ta’uunis Heerichaan ibsamee jira.89 Abbootiin Alangaa kunis
aangoo fi gahee hojii isaanii yemmuu raawwatan Abbaa
Alangaa Waliigalaaf kan itti waamaman malee bulchitoota
kutaaleef kan itti hin waamamnee ta’uu teechifamee jira.90
Kunis bilisummaa Abbaa Alangaaf beekkamtii kan kenne
fakkaata. Dabalataan, Heerichi haalli gurmaa’insaa, hojii fi

87
Heera Mootummaa Dimokiratawaa Rippabilikaa Uummata Itoophiyaa
1980,kew.108
88
Heera Mootummaa Rippaabilikaa Dimokiratawaa Uummattoota Itoophiyaa
1980, kew.109
89
Heera Mootummaa Rippaabilikaa Dimokiratawaa Uummattoota Itoophiyaa
1980,kew.110
90
Heera Mootummaa Rippaabilikaa Dimokiratawaa Uummattoota Itoophiyaa
1980, kew.111
49
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

bulchiinsa Mana Hojii Abbaa Alangaa seera bahuun ifatti


tumamuu akka qabus akeeke jira.91

Kanuma bu’uura godhachuun bara 1980 A.L.I’tti Labsii


Lakkoofsa 11/1980 tiin moggaafama maqaa jijjiiruu dabalatee
Mootummaan Dargii caaseffama Mana Hojii Abbaa Alangaa
irra deebiidhaan hundeesseera. Haala Labsii kanaanis Manni
Hojii Abbaa Alangaa hundaa’e itti waamamni isaa armaan dura
Ministeera Haqaatiif kan ture haquudhaan of-danda’ee Mana
Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa ta’ee akka gurmaa’u
taasifamee jira.92

Akkaataa Labsii kanaatti, Abbaan Alangaa Waliigalaa


Pirezidaantii biyyattiitiin dhiyaatee Shangoo Biyyaalessaa
(National Shengo) tiin kan muudamu yemmuu ta’u, aangoon
itti-aantota isaa fi Abbootii Alangaa hafan muuduu kan kenname
Abbaa Alangaa Waliigalaatiifi dha. Kana malees, ulaagaa
dandeettii, naamusaa fi beekumsaa Abbaan Alangaa Waliigalaa
qabaachuu qabu Labsichaa keewwata 9 jalatti tumameera.93

91
Heera Mootummaa Rippaabilikaa Dimokiratawaa Uummattoota Itoophiyaa
1980, kew.112
92
Olitti yaadannoo lakk. 51, F 9
93
Labsii lakkoofsa 11/1980 keewwata 9 irratti Abbaa Alangaa Itoophiyaa
Namni ta’uu danda’u lammii itoophiyaa ta’ee kaka’umsa, amanamummaa fi
duudhaa gaariin kan bitamee fi nama seera barate fi ogummichaa qabu kan
ta’e akka ta’e ni tuma.(who has distinguished himself by his degree of loyalty
50
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Bu’uura Labsii kanaatiin, Abbaa Alangaaf aangoon bal’aan kan


kenname yemmuu ta’u, aangoo kennameef keessaas Heerri,
Labsii, Dambii fi Qajeelfamni qaamolee addaa addaatiin bahan
sirnaan hojii irra oolaa jiraachuu isaanii ol-aantummaadhaan
to’achuu dabalata. Haala kanaanis, aangoon Abbaa Alangaa
Manneen Murtii aangoo seera hiikuu kennameef sirnaan
bahachaa jiraachuu fi dhiisuu isaanii hordofuu, dogongora
hiikkaa seeraa raawwatanii yemmuu argaman hanga Mana
Murtii Waliigalaatti iyyachuudhaan murtiin sadarkaa gadiitti
kenname akka haqamu yookiin fooyya’u gaafachuufaa of
keessatti kan hammatu ta’uun tumaa Labsichaa irraa ni
hubatama.94 Yeroo kana aangoo fi hojii bal’aan Mana
Hojichaatiif kennamee waan tureef gurma’insi isaas akkasuma
bal’aa ture. Haaluma kanaan, Itti Aantota Abbaa Alangaa
Waliigalaa shanii fi Abbaa Alangaa Waliigalaa tokko kan qabu
ture.

and good moral standard, or (b) is either trained in law or has acquired broad
legal skills through experience and has the right to elect and be elected, may
be appointed as procurator.)
94
Olitti yaadannoo lakk. 51, fuula 9
51
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

3.4 Gurmaa’insaa fi Aangoo Abbaa Alangaa yeroo


Mootummaa ADWUI
Kufaatii Mootummaa Dargiin booda, biyyi keenya sirna
federaalizimii akka hordoftu ta'eera. Yeroo kanatti, dhaabbanni
siyaasaa aangoo biyya bulchuu qabatee ture ADWUI dha. Bara
1983 -1984 A.L.I’tti, Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa
akkaatuma yeroo Mootummaa Dargii tureen of danda’ee itti
fufeera. Haata’u malee, bara 1984 A.L.I’tti bu’uura Labsii
Lakk.41/1984 tiin Ministeera Seeraa fi Haqaa jedhamaa kan ture
hafee Ministeera Haqaa ta'ee jira. Bara 1985 A.L.I’tti qaama
hojii Abbaa Alangummaa hojjatu kophaatti hundeessuun
barbaachisaa akka ta'ee qorannoon gaggeeffamee fi
muuxannoon biyyootaa waan agarsiiseef, Manni Hojii Abbaa
Alangaa Waliigalaa giddu-galeessaa Ministeera Haqaa irraa
kophaatti bahee Labsii Lakkoofsa 39/1985 A.L.I’tti hundaa'e.
Bu'uuruma kanaan, Abbaan Alangaa Waliigalaa fi Itti Aanaa
Abbaa Alangaa Waliigalaa muudamanii hojiitti galan. Haata'u
malee, bara 1986 A.L.I’tti Abbaan Alangaa Waliigalaa
Ministeera Haqaatiin walitti akka makamu Labsii Lakkoofsa
74/1986 A.L.I’tti tiin tumamee jira. Yeroo Ministeerri Haqaa fi
Abbaan Alangaa kophaa, kophaa turanitti, Ministeerri Haqaa
qajeelcha qorannoo yakkaa jedhamu waan qabuuf, akkasumas,
Abbaan Alangaa Waliigalaas hojii qorannaa yakkaa waan

52
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

hojjetuuf, hojiileen qaamolee lamaan kanaan hojjetamaa turan


bakka tokkotti walitti makamee jira.

Labsii biroo yeroo kana keessa tumamee ture Labsii Lakkoofsa


22/1984 A.L.I’tti baheenis Abbaan Alangaa Addaa dhimmoota
yakkaa Abbootii Taayitaa Dargii fi Hooggantoota Paartii
Hojjattoota Itoophiyaatiin raawwataman qoratanii itti
gaafatamummaa seeraa mirkaneessuudhaaf, keessumattuu yakka
goolii diimaatiin namoota shakkaman adabsiisuudhaaf hundaa’e
hojjachaa tureera.

Heerri Mootummaa Rippaablika Dimokiraatawaa Federaalawaa


Itoophiyaa bara 1987 erga ragga’een booda, Manni Hojii Abbaa
Alangaa Waliigalaa biyyattii bara 1980 A.L.I tti heera
mootummaa yeroo dargitiin beekkamtii heeraa qabaachaa ture
hafee waa’een Dhaabbata Abbaa Alangaa kan hin ibsamnee fi
haalli bilisummaa dhaabbatummaa fi Abbaa Alangaa, muudama
Abbaa Alangaa Waliigalaas ta’e kan Abbootii Alangaa biroo
Heera irratti osoo hin tumamiin hafee jira. Kanatti aansuun
Heerri kun ragga’ee yeroo jalqabaatiif qaamoolee
raawwachiistuu mootummaa Federalaa 15 (kudha shan) ta’uun
hundaa’an keessaa Ministeerri Haqaa isa tokko ta’uun
hundaa’ee hojii Manni Hojii Abbaa Alangaa hojjechaa ture akka

53
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

hojjetu aangeffamee jira.95 Qaamooleen raawwachiistuu


Mootummaa Giddu-Galeessaa kan Labsii 41/1985’tiin
hundeeffamanii turan Labsii Lakkoofsa 4/1987’tiin bifa haaraan
hundeffamanii jiraachuu agarsiisa.

Hojiin Abbaa Alangaa Ministeera Haqaa jalatti osuma


hojjetamaa jiruu aangoon kun yeroo garaagaraa qaamolee adda
addaaf qoodamee kennamaa turuu isaa ragaan ni agarsiisa. Akka
fakkeenyaatti, aangoo qoraannaa fi himannaa yakkoota
malaammaltummaa Mootummaa Federaalaa Komishinii
Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaatiin akka
hojjetamu ta’ee jira.96 Dabalataan, Aangoon qorannaa fi
himannaa yakkoota gumrukaa fi galii irratti raawwataman
immoo Abbaan Taayitaa Gumrukaa fi Galiiwwan Federaalaa
akka hojjetuuf Labsii Lakkoofsa 587/2000’tiin kennameefi itti
hojjetamaa turee jira. Kana malees, yakkoota mirga
shammattotaa fi waldorgommii daldalaan walqabatee Abbaan
Taayitaa Eegumsa Shammattotaa fi Dorgommii Daldalaa akka

95
Labsii Aangoo fi Gahee Hojii Qaamota Raawwachistuu Mootummaa
Federalaa Dimokiratawaa Rippaabilikaa Itoophiyaa Murteessuuf ba’e
lakk.4/1987 waggaa 1ffaa lakkoofsa 4, Finfinnee, Hagayyaa 15, bara 1987
keewwata 9. Aangoo fi gaheen hojii Ministeera Haqaas labsii kana keewwata
23, jalatti bal’inaan kaawwamee jira.
96
Proclamation No. 235/2001 Federal Ethics and Anti-Corruption
Commission Establishment Proclamation
54
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

hojjetuuf Labsii Lakkoofsa 813/2006’tiin aangeffamee hojjechaa


turee jira.

Haa ta’u malee, bara 2008 A.L.I’tti yeroo dheeraan booda,


maqeeffamni Ministeera Haqaa jedhu hafee maqaa Mana Hojii
Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa jedhuun kan hundaa’ee fi
aangoon Abbaa Alangummaa labsiiwwan addaa addaa bahaniin,
aangoon qorannaa fi himannaa yakkoota malaammaltummaa,
gumrukaa fi galii fi eegumsa shammattotaa fi daldalaa qaamota
adda addaaf kennamee ture Labsii lakkoofsa 943/2008tiin
deebi’ee Mana Hojii Abbaa Alangaatiif kennamee jira.97 Seenaa
gurmaa’insaa fi caaseffama Mana Hojii Abbaa Alangaa
Itoophiyaa yeroo ilaallu, erga hundaa’e irraa eegalee, yeroo
tokko tokko qaama Ministeera Haqaa ta’uudhaan yeroo kaan
ammoo aangoon isaatis ta’ee moggaafamni maqaa isaa
jijjiramaa kan turee fi bu’aa-ba’ii keessa darbuun sirna
bulchiinsa haqaa keessatti shoora ol’aanaa taphachaa turee jira.

3.5 Hundeeffama, Aangoo fi Gahee Hojii Mana Hojii


Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa
Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa bifa
haaraadhaan Labsii lakk.943/2008 tiin hunda’eera.
97
Labsii Lakk 67/97, Labsii Lakk 61/97, Labsii Lakk 235/2001, Labsii lakk
434/2004 fi Labsii Lakk 435/2004 fi Labsii Lakk 881/2015 caqasuun ni
danda’ama.
55
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Kaayyoowwaan gurguddoon Manni Hojichaa galmaan ga’uuf


hundaa’ees heeraa fi sirna heeraa kabajuu fi kabachiisuu,
olaantumaa seeraa mirkaneessuu, seera yakkaa hojiirra oolchuu
fi dantaa hariiroo hawaasaa uummataa fi mootummaa federaalaa
kabachiisuu dha.98 Labsiin kun aangoo fi hojii Abbaa
Alangummaan walqabatan hunda giddu gala tokkotti fidee jira.
Kunis aangoo fi hojiin Ministeera Haqaa duraanii akkuma jirutti,
aangoo Abbaa Alangummaa Komishinii Naamusaa fi Farra
Malammaltummaa Federaalaa, Abbaa Taayitaa Galii fi
Gumurukaa fi Abbaa Taayitaa Dorgoommii Daldalaa fi
Eegumsa Shammattotaan hojjetamaa turan gara qaama
tokkootti, jechuunis Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalatti
akka deebi’uu taasifamee jira. Kana malees, dhimmoota
hariiroo hawaasaa dantaa uummataa fi Mootummaa ta’an akka
hojjetus aangeeffamee jira.Dabalataanis, Labsiin kun aangoo fi
gahee hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa fi Itti Aanaa Abbaa
Alangaa Waliigalaa adda baasuun kaa’ee jira.99 Walumaagalatti,
Labsiin kun aangoowwaan Abbaa Alangaa bal’aa ta’an Mana
Hojichaaf kan kenne ta’uun keewwata 6 jalatti bal’inaan
ibsamee jira.

98
Labsii 943/2008 keewwata 5
99
Isuma kewwata 8 fi 9
56
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Gama biraatiin, ulfaatinaafi walxaxiinsa hojii manni hojichaa


hojjatu irraa kan ka’e gurmaa’insa Mana Hojii Abbaa Alangaa
Waliigalaa Federaalaa haaraan bara 2013 mirkanaa’ee hojiirra
oolee jira. Gurmaa’insa kana irraa akka hubatamutti, Abbaa
Alangaa Waliigalaa Federaalaatiif kan itti waamamanii fi damee
itti aantootaan hoogganaman afur qaba. Dameeleen arfan kunis;
Damee Dhimmoota Bulchiinsaa, Damee Dhimmoota Seeraa,
Damee Yakka Malaammaltummaa fi Yakkoota Qindaawaa fi
Damee Yakkoota Adda Addaa fi Hariiroo Hawaasaati.
Dabalataanis, Waajjiraalee fi Daayirektoreetiiwwan 38 fi
gareewwanii fi qindeessitoota hojii 93 tiin gurmaa’ee jiraachuun
isaa hubatameera. 100

Haqaan Haqaaf haa hojjannu!

100
Maanuwaalii Gurmaa’insaa Dhabbatummaa Mana Hojii Abbaa Alangaa
Waligalaa Federalaa lakk.1/2012
57
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Boqonnaa Afur
Imala Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa
Oromiyaa

Boqonnaa 3ffaa jalatti haala hundeeffama Mana Hojii Abbaa


Waliigalaa Federaalaa eessaa ka’ee eessa ga’ee akka jiru ilaallee
jirra. Dabalataan itti wamama, gurmaa’insaa, aangoo fi gahee
hojii isaas ilaaluuf yaalameera. Boqonnaa kana jalatti immoo
imala Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa
hundeeffama irraa kaasee hanga Bitooteessa bara 2013 tti jiruu
fi bu’aa ba’ii Manni Hojichaa keessa darbee gadi fageenyaan
kan xiinxalamu ta’a.

4.1 Mana Hojii Abbaa Alangaa Oromiyaa Bara


Mootummaa Ce’umsaa (1984-1987)
Hundeeffamni MHAAWO Yeroo Mootummaa Ce’umsaa
kanuma Federaalaa waliin kan wal fakkaatu ta’ee mul’ata.
Chaarteriin Mootummaa Itoophiyaa Yeroo Ce’umsaa
naannoleen teessuma lafaa, haala qubannaa, afaanii fi aadaa
isaanii giddu-galeessa godhachuun seeraan hunda’uu akka
danda’an tumee jira.101 Bu’uuruma kanaan, Naannoon

101
Chaartera Mootummaa Giddu Galeessaa Yeroo Ce’umsaa Lakkoofsa
1 /1983 Keewwata 9

58
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Oromiyaas Labsii Mootummaa Giddu-galeessaa Lakkoofsa


7/1984 tiin yeroo jalqabaatiif Naannoo Afur jedhamtee
hundooftee jirti. Kana malees, Labsii Lakkoofsa 41/1985 mirgaa
fi dirqama qaamolee raawwachistuu Mootummaa Giddu
Galeessaa fi Naannolee Yeroo Ce’umsaa tumee jira. Tumaa
Labsii kana keewwata 33(1) (a-t)) Biiroolee qaama
raawwachistu mootummaa yeroo ce’umsaa naannolee
jedhamanii tarreeffaman keessaa kan keewwata kana xiqqa 1(s)
jala jiru Biiroo Haqaa akka ta’e kan hubatamu dha.

Akka Naannoo Oromiyaattis, Yeroo Mootummaa Ce'umsaa


keessa seerotni Mana Hojii Abbaa Alangaa hundeessan
bahaniiru. Haaluma kanaan, Manni Hojii Abbaa Alangaa
Oromiyaa yeroo jalqabaatiif Seera Mootummaa Bulchiinsaa
Yeroo Ce’umsaa Naannoo Oromiyaa Labsii Lakkoofsa 2/1985
tiin of danda’ee hundaa’ee jira. Seericha keewwata 54 jalatti
Manni Hojii Abbaa Alangaa Bulchinsa Naannootii jalqabee
hanga Aanaatti hooggansa diriiraa tokkoon akka Mana Hojii
Abbaa Alangaa jedhamuun hundaa’u tumamee jira. Seerichis
waa’ee gurmaa’insa Mana Hojichaa hooggansa diriiraa tokkoon
hoogganama jechuun alatti aangoo fi gahee hojii isaa waan ibse
hin qabu.

59
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Haata’u malee, aangoon Biirolee Haqaa Naannolee akkaataa


Labsii Lakkoofsa 41/1985 tiin Mootummaa Giddugaleessaan
tumame keewwata 53(1-7) jalatti aangoo fi gahee hojii
gurguddaan kennameefi jiraachuun ni hubatama. Aangoo fi
gaheen hojii yeroo sana kennameefis: qaama bulchinsa
Naannichaatiif wixinee seeraa qopheessuu; gorsa seeraa
kennuu; seeronni Mootummaa Gidduu-aleessaan bahan gara
afaan hojii Naannichaatti akka hiikaman hojjechuu; qorannoo
yakka ittisuuf gargaaru gaggeessuu; qaama dhimmi ilaalu waliin
ta’uun Abbootii Seeraa naannolee fi hojjettoota Manneen
Murtiif sagantaa leenjii qopheessuu; abukaattotaaf hayyama
kennuu fi hordoffii isaanii taasisuu; barumsa hubannoo seeraa
kennuu; Manneen Murtii Naannootiif meeshaalee tajaajilaaf
isaan barbaachisan akka guutamuuf taasisuu; waajjirri
waliigaltee fi galmeessa ragaalee akka gurmaa’u gochuu fi hojii
isaanis ol-aantummaan kan hoogganu ta’uun102 tumamee jira.
Labsii qaamolee raawwachiistuu Naannoo Oromiyaa Lakkoofsa
5/1986 keewwata 9 irrattis aangoon Mana Hojichaa kanneen
Labsii armaan olii irratti ibsaman ta’uu tumee jira. Dabalataanis,
Seerri Mootummaa Bulchiinsaa Yeroo Ce’umsaa Naannoo

102
Labsii Mootummaa yeroo ce’umsaa qaamoota raawwachistuu
Mootummaa Giduu galeessaa fi Naannoolee tumuuf ba’e lakk. 41/1984
kew.53
60
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Oromiyaa kun Abbootiin Alangaa hojii isaanii bilisummaan


akka gaggeessan bifa ifa ta’een tumee jira.103

Seera Mootummaa Bulchiinsaa Yeroo Ce’umsaa Naannoo


Oromiyaa booda waa’ee Mana Hojichaa labsiin dubbatu Labsii
104
Lakkoofsa 5/1986 dha. Labsiin kun rakkoo mataa isaa kan
qabu yemmu ta’u, innis mata duree guddaa irratti Lakkoofsa
5/1985 jechuun kan barreeffame yoo ta’u, gadi siiqee immoo
mata duree gabaabaa keessatti fi fuula Labsichaa bakka
garaagaraatti 5/1986 jechuun barreeffamee jira. Gama biraatiin,
immoo akka labsicha keewwata 5(2) jalatti tumamee jirutti
Biiroon Seeraa, Mana Hojii Abbaa Alangaa fi Mana Murtii
Waliigalaa waliin walitti makamee hundaa'ee jiraachuu
agarsiisa. Karaa biraatiin, Labsiin kun Adooleessaa 13 bara 1986
kan ragga’e yoo ta’u, guyyuma walfakkaatu kana immoo
Labsiin biroo Mana Hojii Abbaa Alangaa Oromiyaa
Hundeessuuf bahe Lakk.6/1986 ragga’ee jira.

Kanaaf, Labsiin Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa


Oromiyaa akka of danda’ee dhaabbatu Adoolessa 13 bara 1986
guyyuma kana tumamee osoo jiruu Labsiin Lakkoofsa 5/1986

103
Seera Mootummaa Bulchiinsaa Yeroo ce’umsaa Naannoo Oromiyaa
Labsii lakk. 2/1985
104
Labsii qaamolee Raawwachistuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa
lakk.5/1985
61
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

immoo Biiroo Seeraa, Mana Hojii Abbaa Alangaa fi Mana


Murtii walitti makuun guyyaa wal fakkataa ragga’uun isaa sirrii
ta’ee hin mul’atu.

Kun kanumaan osoo jiruu, bara 1986 Manni Hojii Abbaa


Alangaa Oromiyaa of danda’ee Labsii Lakkoofsa 6/1986 tiin
hundaa'ee jira.105 Maqaan Mana Hojichaas Mana Hojii Abbaa
Alangaa Oromiyaa kan jedhameef sirna gadaa keessatti jechi
“Abbaa Alangaa” jedhu hojii mana hojichaa ni ibsa jedhamee
kan fudhatame ta’uu yeroo sanatti Mana Hojichaa kan hogganan
Obbo Damoozee Maammee irraa hubatameera. Manni Hojii
Abbaa Alangaa Oromiyaa Labsii kanaan yemmuu hundaa'u,
kaayyoowwan: mirgootaa fi bilisummaawwan lammiilee
kabachiisuu, ol-aantummaa seeraa mirkaneessuu, seerotni osoo
hin jallatiin akka hojiirra oolan gochuu, hubannoo seeraa
hawaasaa cimsuu jedhan galmaan gahuufidha.106

Manni Hojii Abbaa Alangaa Oromiyaa of danda’ee bara 1986


A.L.I‘tti akka dhaabbatu seeraan haa tumamu malee, Manni
Hojichaa Seera Mootummaa Bulchiinsa Yeroo Cee’umsaa
Naannoo Oromiyaa Hundeessuuf Bahe bu’uura
godhachuudhaan maqaa Mana Hojii Abbaa Alangaa jedhuun

105
Olitti yaadannoolakk. 1
106
Akkuma 105, kew.4
62
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

dursee hojii kan eegale ta’uu fi hooggantoota Mana Hojichaa


hoogganan, hojjettoota Mana Hojichaaf barbaachisan qacaruun
akkasumas, Abbootii Alangaa haaraa leenjii baatii 3-6
kennuufiin qacaruun hojii jalqabee jiraachuun107 hubatameera.

Labsiin Lakkoofsa 6/1986 yeroo jalqabaaf gurmaa’insa Mana


Hojii Abbaa Alangaa Naannoo Oromiyaa ifatti kan tume dha.108
Haaluma kanaan, Manni Hojii Abbaa Alangaa yeroo kana
Abbaa Alangaa Muummicha tokkoon kan qajeelfamu ta’ee,
Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa, Godinaa, Aanaa fi akka
barbaachisummaa isaatti Mana Hojii Abbaa Alangaa bakka
biraatti gurmaa’u danda’uu akka of keessatti qabatu109 tumee
jira. Dabalataanis, Labsichi Manni Hojichaa Abbaa Alangaa
Muummichaa, Itti Aantota Abbaa Alangaa Muummichaa lama,
Gumii Bulchiinsa Abbootii Alangaa, qajeelchotaa fi Abbootii
Alangaa 110 qabaachuu akka danda’u tumee jira.

Gama biraatiin, haala Muummichi Abbaa Alangaa itti muudamu


yoo ilaalamu; labsichi Abbaan Alangaa Muummichaa fi Itti
Aantotni Pirezidaantiin dhiyaataanii Caffeen akka muudaman
107
Af-gaaffii Obbo Damoozee Maammee I/A/Abbaa Alangaa waliigalaa
jalqabaa, Abbaa Alangaa Waliigalaa 7ffaa Duraanii fi Daayirekteera Gumii
qulqulleessituu dhimma Heeraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin
gaafa 29-06-2013 taasifame
108
Olitti yaadannoo lakk 1, kew.5
109
Akkuma 108ffaa, kew.5(1)
110
Akkuma 109ffaa, kew.5(2) fi kew.6
63
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

tuma. Itti waamamni Abbaa Alangaa Muummichaa Caffeef


ta’ee, yeroo Caffeen wal hin geenyetti immoo koree hojii
raawwachiistuu fi Pirezidaantiif akka ta’e tumamee jira. Itti
Waamamni itti aantotaa immoo Abbaa Alangaa Muummichaafi
dha.111 Labsii kana keessatti, wanti osoo hin tuqamiin bira hin
darbamne waa’ee bilisummaa Abbaa Alangaa fi mirga addaa
Abbaa Alangaati. Labsicha keessatti, Abbaan Alangaa hojii isaa
bilisummaa guutuun akka hojjetuu fi yakka raawwachaa osoo
jiruu yoo qabame malee hayyama Abbaa Alangaa Mummichaa
fi Pirezidaantiin ala qabamuu akka hin dandeenye tumamee
jira.112

Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Oromiyaa yeroo jalqabaatiif


hundeesse Lakkoofsa 6/1986 jalatti aangoo fi hojiiwwan Mana
Hojichaaf kennaman keessaa ijoon: mirgootaa fi
bilisummaawwan nam-tokkee kanneen seerota bu’uuraa fi
seerota birootiin eegaman kabachiisuu; seerotni raawwii
walfakkaataa qabaachuu isaanii mirkaneessuu; namoonni yakka
raawwatan seeratti dhiyaatanii murtii akka argatan himata
yakkaa dhiyeessuu, falmuu, barbaachisaa ta’ee yoo argame
himaticha kaasuu yookiin cufuu; iyyannoo fi yaadota
dhiyaataniif qorachuu fi tarkaanfii seeraa fudhachuu; sababoota

111
Akkuma 110ffaa ,Kew.6 fi kew.7
112
Akkuma 111ffaa, Keewwata 9
64
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

yakkaa qorachuu fi tooftaalee ittisaa karoorsuu fi hojiirra ooluu


isaanii to’achuu; Abbootii Alangaa fi hojjettoota Mana Hojichaa
kanneen birootiif leenjii isaan barbaachisu kennuu, milkaa’ina
isaatiifis qaamolee dhimmi ilaaluu waliin qindeessu; kutaalee
qorannoo yakkaa to’achuu; bulchiinsa sirreeffamtoota seeraa fi
seerummaa haala isaan itti hidhaman to’achuu; murtee mana
murtii jalaa hanqina qabu irratti oliyyannoo gaafachuu; falmuu fi
gaaffii ijibbaataa dhiyeessuu; hubannaa seeraa hawaasichaa
guddisuuf barumsa seeraa kennuu; mirgaa fi dantaa uummataa
kabachiisuuf barbaachisaa ta’ee yoo argamu dhimma hariiroo
hawaasaatiin himata dhiyeessuu yookiin baabsa/gidduu seenuun/
falmuu; miidhamtoota yakkaa miidhaa qaamaa cimaan irra gahe
himata dhiyeeffachuu fi falmuuf humna hin qabne beenyaa
(gumaa) akka argatan gochuudhaaf himata hariiroo hawaasaatiin
gargaaruu; murtee yookiin ajajni Mana Murtii tokko yoo
raawwatame miidhaa sirreessuuf hin danda’amnetu gaha jedhee
yoo amanu Mana Murtii murticha kenneef yookiin Mana Murtii
oliitiif dhiyeessee akka dhorkamu gaafachuu; Caffeen yookiin
qaamota bulchiinsaatiif ilaalcha seeraa (gorsa seeraa)
kennuudhaan gargaaruu; seerota Mootummaa giddu galeessaa fi
Caffeedhaan bahan walitti qabu; hojii koodifikeeshinii
raawwachuu; qaamolee dhimmi ilaalu waliin ta’uun seerota
Mootummaa Giddu-galeessaan bahan gara afaan hojii

65
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

naannichaatti hiikuu; hojiiwwaan biroo labsichaa fi seerota


birootiin kennamaniif raawwachuu dha.113

Dabalataanis, Abbaan Alangaa Muummichaa caasaa Mana


Hojichaa Caffeef dhiyeessee raggaasisuu, baajata Mana
Hojichaa qopheessuun Caffeef dhiyeessee mirkaneessisuu,
dhimma seeraa irratti Caffeef, hojii raawwachiistuu fi
Pirezidantichaaf gorsa kennuu; Caffeedhaan yookiin qaama
raawwachiistuun gaaffiin yoo dhiyaatuuf wixinoota seeraa
qopheessuu irratti qoodaa fudhachuu; yeroo barbaachisaa ta’ee
argametti seerri akka hiikamuuf Gumii qulqulleesituu Heera
Mootummaatti dhiyeessuu (constitutional inquiry); seerota
Caffeen baasuu fi walta’iinsota raggaasisu sirnaan qabuu;
akkaataa raawwannaa isaanii hordofuu; mirga sagalee kennuu
osoo hin qabaatiin akka barbaachisummaa isaatti wal ga’ii
Caffee irratti hirmaachuu; miseensa Gumii Bulchiinsa Abbootii
Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa ta’uudhaan hojjechuu;
gabaasa raawwii hojii Mana Hojichaa Caffeef dhiyeessuu; yoo
Caffeen walitti hin qabamne ta’e immoo koree hojii
raawwachiistuu fi Pirezidaantiif dhiyeessuu akka qabu labsichi
keewwata 18 jalatti tumee jira.

113 Akkuma 112ffaa, keewwata 11


66
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

4.2 Mana Hojii Abbaa Alangaa Bara 1988 -1993tti


Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa hanga bara 1988tti
seeraa addaatiin of danda’ee hunda’ee turuun ni beekama.
Haata’u malee, bara 1988 bu’uura Labsii Lakkoofsa 7/1988 tiin
qaama raawwachiistuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’ee
irra deebiin gurmaa’ee jira. Labsiin kun Labsii Qaamota
Raawwachiistuu Lakkoofsa 5/1986 kan haqee fi osoo Labsiin
Lakkoofsa 6/1986 ifatti hin haqiin maqaa Mana Hojichaas
Biiroo Dhimma Seeraa jechuun gurmeessee jira.114 Labsiidhuma
kana keewwata 5 irratti akka tumametti Abbaa Alangaa,
Qajeelcha Poolisii fi Bulchiinsa Mana Sirreessaa walitti
makamuun Biiroo Dhimma Seeraa jedhamanii aangoo fi gaheen
hojii isaaniis akkaatuma kanaan akka raawwatamu jedhamee
ifatti tumamee jira.115 Itti waamamni Biirichaas Koree Hojii
Raawwachiistuu fi Pirezidaantii Naannichaatiif taasifamee
jira.116 Mirgaa fi dirqamani Biiroo sababa walitti makamuutiin
dhabamee gara Biiroo walitti makameetti darbee jira.117Aangoo
fi gaheen hojii Biiroo Dhimma Seeraa kunis Labsicha keewwata
24 jalatti tumamee jira. Aangoon Mana Hojii Abbaa Alangaaf,
Qajeelcha Poolisii Oromiyaa fi Mana Sirreessaaf kennamee ture
114
Labsii Qaamoota Raawwachiistuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa
lakk.7/1988 kew.3(N).
115
Akkuma 114ffaa, kew.5(e)
116
Akkuma 115ffaa, kew.8(2)
117
Akkuma 116ffaa, kew.6(a)
67
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

akkuma jirutti gara Biiroo Dhimma Seeraatti darbee jira.


Dabalataanis, Biirichi dhimma seeraa irratti Mootummaa
Naannichaa bakka bu’uu, qorannaan yakkaa yoo barbaachise
akka gaggeeffamu yookiin akka adda citu ajajuu, namootni
seeraan ala qabaman yookiin hidhaman akka gadi-lakkifaman
taasisuun kennameefi jira.118

Labsiin Lakkoofsa 7/1988 kun labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa


Hundeessuuf bahe ifatti haqameera jechuu baatus, Labsii kanaan
waan walitti bu’uuf akka haqameetti ilaalamuu kan danda’uu
dha. Sababa kanaan gurmaa’insi Mana Hojichaas gadi bu’ee
jiraachuu namatti agarsiisa. Gurmaa’insi kunis, Manni Hojichaa
hoogganaa tokkoo fi Itti Aanaa Hoogganaa akka qabuu fi kan
muudamanis Pirezidaantiidhaan dhiyaatanii Koree Hojii
Raawwachiiftuudhaan ta’e, kan itti waamamanis qaamolee kana
lameeniif ta’uu keewwata 7 fi 8 jalatti tumameera. Eegumsii fi
bilisummaan ogummaa Abbaa Alangummaa Labsii Lakkoofsa
6/1986 tumamee ture Labsii kanaan akka hafu waan taasifameef,
dhiibbaan inni sirna haqaa fi kabajamuu mirgoota dhala namaa
irratti qabu ol-aanaa dha.

118
Akkuma 117ffaa, keewwata 24
68
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

4.3 Mana Hojii Abbaa Alangaa Bara 1994 Hanga 1996


Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa bara 1994 bu’uura
Labsii Qaamolee Raawwachiistuu Mootummaa Naannoo
Oromiyaa Fooyyessuu fi Aangoo fi Gahee Hojii Isaanii Irra
Deebiin Gurmeessuuf Bahe Lakkoofsa 50/1994 keewwata
12(12) tiin Manni Hojii Abbaa Alangaa maqaadhuma Biiroo
Dhimma Seeraa Oromiyaa jedhamuun kan gurmaa’ee fi
Labsiidhuma kana keewwata 14(5)(a) tiin immoo Waajjira
Muummichaa Dhimma Bulchiinsaa fi Haqaa jedhamuuf akka itti
wamamu tumamee jira.119 Waajjirri kunii fi Biiroon Dhimma
Seeraa Oromiyaas minseensota Mana Maree Mootummaa
Naannichaa yoo ta’an, lachuu qaamolee raawwachiistuu
mootummaa ta’uun gurmaa’uu isaanii tumaaleen Labsichaa
keewwata 7 fi 12 ni agarsiisu. Hoogganaan Waajjira
Muummichaa Bulchiinsaa fi Haqaas ta’e, kan Biiroo Dhimma
Seeraa Pirezidaantiidhaan dhiyaatee Caffeedhaan akka
muudamu tumaa Labsichaa keewwata 4(1) jalatti
agarsiifameera.

Bu’uuruma kanaan, aangoo fi gaheen hojii Waajjira


Muummichaa Dhimma Bulchiinsaa fi Haqaa Labsicha

119
Labsii Qaamoota Raawwachistuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Fooyyeessuu Fi Aangoo Fi Gahee Hojii Isaanii Irra Deebiin Murteessuuf
Bahe Lakk.50/1994 kew.12 (5), kew.12(12),kew.14(5)
69
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

keewwata 19 keewwata xiqqaa 1-9tti jiru jalatti ibsamee jira.


Labsii kana irraa akka hubatamutti, aangoo fi hojiin Mana Hojii
Abbaa Alangaa fi kan Bulchiinsaa fi Nageenyaa wal makee
jiraachuu isaati. Waajjirri Muummichaa Dhimma Bulchiinsaa fi
Haqaa ol-aantummadhaan qaamota raawwachistuu kan akka
Biiroo Dhimma Seeraa Oromiyaa, Waajjira Dhimma Bulchiinsa
Uummataa fi Qindeessaa Godinootaa, Waajjira Dhimma
Naannoolee Ollaa, Waajjira Milishaa, Komishinii Poolisii fi
Bulchiinsa Mana Sirreessaa bakka tokkotti ol-aantumman akka
hoogganu tumamee jira.120Aangoo fi gaheen Biiroo Dhimma
Seeraa Oromiya immoo Labsiidhuma kana kewwata 27 (1-22)
jalatti tarreeffamee jira. Labsii kana keessatti, aangoo fi hojiileen
dabalataa Mana Hojichaaf kennamaniiru. Isaan keessaas:
seerotni bahan Heera Mootummaa waliin wal simuu
mirkaneessuu, hayyama abukaatoo kennuu, dhimma baraarsaa fi
dhiifamaa ilaalchisee qaama ilaallatu waliin hojjechuu,
waliigaltee fi ragaa galmeessuu, dhaabbilee fi waldoota miti-
mootummaa galmeessuu kanneen jedhan aangoo Mana Hojichaa
ta’uun ibsamaniiru.121

Gama biraatiin, bara 1995 Komishiiniin Naamusaa fi Farra


Malaammaltummaa Oromiyaa hundeeffamee jira. Bu’uuruma

120
Akkuma 119ffaa, keewwata 19(9)
121
Akkuma 120ffaa , keewwata 27
70
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

kanaan, aangoon yakkoota malaammaltummaa qorachuu fi


himachuu gara Komishinichaatti darbee jira.122 Kunis aangoon
Abbaa Alangummaa giddu-galeessa tokko ture faffaca’uu
eegaluu kan agarsiisuudha.

4.4 Mana Hojii Abbaa Alangaa Bara 1997 hanga 1998


Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa bara 1997 Labsii
Qaamota Raawwachiistuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra
Deebiin Hundeessuu Fi Aangoo fi Gahee Hojii Isaanii
Murteessuuf Bahe Lakkoofsa 87/1997 tiin Biiroo Haqaa fi
Nageenyaa jedhamuun irra deebiin gurmaa’ee jira.123
Akkasumas, Manni Hojii lamaan kun akka Mana Hojii tokkootti
walitti makamuun waan gurmaa’eef baajata, hojjetaa fi sirna
hooggansaa tokkoon gaggeeffamaa tureera. Itti waamamni
Biiroo Haqaa fi Nageenyaa immoo Pirezidaantii Mootummaa
Naannichaatiif ture. Hoogganaan Biiroo Haqaa fi Nageenyaa
Pirezidaantiidhaan dhiyaatee Caffeedhaan kan muudamu akka
ta’e labsicha keewwata 5 (1 fi 5) jalatti ibsameera.

Aangoo fi gaheen hojii Biiroo Haqaa fi Nageenyaa kunis


Labsiidhuma kana keewwata 15 keewwata xiqqaa 1-40 jalatti

122
Labsii Komishinii Naamuusaa fi Farra Malammaltummaa Mootummaa
Naannoo Oromiyaa Hundeessuuf ba’e lakk.71/1995
123
Labsii Qaamoota Raawwachiistuu Bulchiinsa Mootummaa Naannoo
Oromiyaa Lakk.87/1997 kew.8(d) ,kew.13(2)
71
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

tarreeffamuun akka Mana Hojii tokkootti kennameefii jira.


Hojiin Mana Hojichaaf kennames hojii haqaa fi nageenyaa
kabachiisuu dha. Keewwata kana irraa aangoon Abbaa Alangaa
fi kan Bulchinsaa fi Nageenyaa bakka tokkotti ibsamee akka
jirutu hubatama.

4.5 Mana Hojii Abbaa Alangaa Bara 1998 Hanga 2010


Bara 1998 A.L.I‘tti Labsiin Gurmaa'ina Qaamolee
Raawwachiistuu Naannoo Oromiyaa Lakkoofsa 105/1998
Biiroo Haqaa fi Nageenyaa iddoo lamatti akka bahu taasisuun
Biiroo Haqa Oromiyaa fi Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya
Oromiyaa of danda’anii akka hundaa'an ta'eera. Biiroon Haqaa
miseensa Mana Marii Bulchiinsa Naannichaa fi qaamolee
raawwachiiftuu ta’ee, muudamni Hoogganaa Mana Hojichaas
Pirezidaantii Naannichaatiin Caffeef dhiyaatee kan mirkanaa’u
ta’uu keewwata 4 irraa kan hubatamu dha. Bu'uura Labsii
kanaatiin, hojii Abbaa Alangummaa Biiroon Haqaa akka
raawwatu, hojiiwwan bulchiinsaa fi nageenyaan walqabatan
immoo Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa akka raawwatu ta'eera.
Labsicha keewwata 16 jalatti aangoo fi gaheen hojii Biiroo
Haqaa Oromiyaaf kennames adda bahee ibsamee jira.

Labsii kana keessatti, hojii fi aangoon walqabatee fooyya’iinsi


tokko tokko kan taasifame yoo ta’u, isaan keessaas ijoon: ragaa

72
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

baatotni seeraa akka dhiyaataniif poolisiif qajeelfama kennuu;


akkaataa qabiinsa ciraa irratti qajeelfama kennuu; fi namoota
qabaman yookiin hidhamaniin walqabatee aangoon qajeelfama
barbaachisaa kennuu Mana Hojichaaf Labsii kana keessatti
dabalataan kennameefi jira.

Dabalataanis, bara 2000 A.L.I‘tti bu’uura Labsii Qaamota


Raawwachiistuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiin
Gurmeessuuf Bahe Lakkoofsa 132/2000 tiin Manni Hojii Abbaa
Alangaa Waliigalaa Oromiyaa maqaadhuma Biiroo Haqaa
jedhamuun irra deebiin gurmaa’ee jira. Bu’uura Labsii
kanaatiin, gurmaa’insaa fi itti waamama irratti jijjiiramni
uumame hin jiru. Labsii kana keessatti, aangoo fi hojiileen
garaagaraa bifa haaraan Mana Hojichaaf kennamaniiru. Isaanis:
waldaalee fi dhaabbilee miti-mootummaa federaalaarraa
hayyama argatan hordofuu fi to’achuu; qorannaa yakkaa Abbaan
Alangaa fi qorataan poolisii waliin gaggeessuu; shakkamtoota
yakkaa to’annaa jala oolan mirgi wabii kan eegamuufi qabu yoo
ta’e, poolisii waliin wabiin akka gadi lakkifaman gochuu; badiin
yoo raawwatame tarkaanfii seeraa barbaachisaa fudhachuu; sirni
heeraa fi seeraa akka kabajamuu fi ol-aantummaan seeraa akka
mirkanaa’u taasisuu kanneen jedhan dabalataan aangoo Mana
Hojichaa gochuun tumeera. Gama biraatiin, hojiiwwan Labsii
Lakkoofsa 105/1998 fi Labsiiwwan sana dura turan keessatti
73
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Mana Hojichaaf kennamanii turan tokko tokko qabiyyee isaanii


fooyyesseera.124 Dabalataanis, poolisii waliin ta’uun ciraa akka
ragaatti fayyadan adda baasuun samuuda fudhachuun akkaataa
qabiinsa isaa fi haala itti abbaa qabeenyaaf deebii’u irratti
qajeelfama akka kennu aangeffameera.125 Haa ta’u malee, bara
2005 Abbaan Taayitaa Galiiwwanii aangoo qorannaa fi
himannaa yakkoota gumruukaa fi taaksii fudhachuun Labsii
Lakkoofsa 175/2005 tiin hundaa’e ture.

Labsii Lakkoofsa 199/2008 tiinis, Manni Hojichaa irra deebiin


gurmaa’uun aangoo fi hojiiwwan Mana Hojichaaf keewwata 24
jalatti tarreessuun kennameefi jira.126

Walumaagalatti, Manni Hojii Abbaa Alangaa Oromiyaa bara


1998 hanga Fulbaana 28 bara 2011 A.L.I‘tti waggaa 13(kudha
sadii) oliif maqaa Biiroo Haqaa Oromiyaa jedhamuun hojii irra
turuu ragaaleen ni agarsiisu. Yeroo kanatti, itti waamamni
Biiroo Haqaatiis Pirezidaantii Mootummaa Naannichaaf ture.

124
Labsii Qaamoota Raawwachiistuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra
deebiidhaan gurmeessuu fi Aangoo fi hojii isaanii murteessuuf bahe
lakk.87/1997 fi isa fooyyeessuuf ba’e lakk.96/1997 fi labsii lakk.105/1998
ba’e lakk. 132/2000, keewwata 16.
125
Akkuma 124ffaa, kew.6(27)
126
Labsii Qaamolee Raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra
Deebiidhaan Gurmeessuu, Aangoo fi Hojii Isaanii Murteessuuf Bahe, Lak.
199/2008, keewwata 24(1-33)
74
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

4.6 Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa


Bara 2011-Bitooteessa 2013
Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa akka
hundeeffamuuf sababoonni hedduun ka’uu kan danda’an ta’us,
yaada ka’umsaa kan ta’u qabxiilee muraasa kaasuun ilaaluun
barbaachisaa dha. Hojiin Abbaa Alangummaa biyyoota adda
addaa keessatti Mana Hojii Abbaa Alangaatiin bifa qindaa'een
kan hojjatamuu dha. Naannoo Oromiyaa keessatti hojiin Abbaa
Alangummaa qaamolee adda addaatiin hojjatamaa kan ture yoo
ta’u, bara 2005 Abbaan Taayitaa Galiiwwanii aangoo Abbaa
Alangummaa fi Poolisummaa qabaatee dhimma galii fi taaksii
akka hojjetuuf hundaa’ee hojjechaa turee jira.127 Abbaan
Taayitichaa akkaataa Labsii Lakkoofsa 175/2005tiin osoo hin
aangeffamiin dura, yeroo Biiroo Galiiwwanii Oromiyaa
jedhamuun waamamuutti hojii kana bakka bu’ummaa qaama
dhimmi ilaalu irraa argatuun himata yakkaa dhiheessaa ture.128
Kana malees, Komishiniin Naamusaa fi Farra
Malaammaltummaa Oromiyaa hundeeffamuun aangoo
dhimmoota yakka malaammaltummaa qorachuu fi himachuu
akka hojjatu aangeffamuun hojii Abbaa Alangummaa hojjachaa

127
Labsii Abbaa Taayitaa Galiwwaani Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Hundeessuuf ba’e lakk. 175/2005
128
Labsii Qaamoota Raawwachiistuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Lakk.163/2003 kwt.25(3)
75
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

turee jira. Karaa biraatiin, dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa


uummataa fi mootummaa gama ilaaluun dubbii fixxoota
manneen hojii mootummaa keessatti qacaramanii jiraniin kan
raawwatamaa ture ta’uun sakatta’insa barruulee garaagaraa irraa
ni hubatama. Aangoo fi hojiin Abbaa Alangaa qaamolee
kanneeniif akka kennamu akka sababaatti kan ka'u ogeessotni
manneen hojii kanneen keessatti dhimmicha itti dhiheenyaanii fi
abbummaan ni hojjatu amantaa jedhu irraati.

Haata’u malee, hojiin Abbaa Alangummaa bifa faffaca’een akka


hojjetamu taasifamuun isaa dhiibbaa mataa isaa kan uumee
waan ta’eef hojii abbaa alangummaa si’ataa, qulqulluufi
dhaqqabamaa ta’e kennuun olaantummaa seeraa mirkaneessuun
barbaachisaa ta’uun waan itti amanameef labsiin lakkoofsa
214/2011 akka tumamuu kan taasisan keessaa murasa dha.

Rakkooleen hojiin Abbaa Alangummaa bifa faffaca’een


raawwatamuun walqabatee mudatan gabaabinaan yoo ilaalamu;
ogummaan Abbaa Alangummaa giddu-gala tokkoon kan hin
hoogganamne waan ta'eef, ogummichi abbaa dhabe yookiin
xiyyeeffannoon ogummaa guddaa kanaaf kenname gadi akka
bu’u taasisee jira. Kana malees, dambii fi qajeelfamoonni
bulchiinsa Abbootii Alangaa Manneen Hojii adda addaa
kanneen keessa turan walfakkaachuu dhabuu fi qajeeltoon

76
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

naamusa ogummaa Abbaa Alangummaa (Professional Code of


conduct) bifa wal fakkaatuu fi waalta’een akka hojiirra hin oolle
taasise jira.

Karaa biraatiin, Abbootiin Alangaa qaama tokko keessa jiran


dhimma tokko qofa irratti akka daangeffaman waan taasisuuf
Abbaa Alangaa ogummaa fi beekumsa waliigalaa qabu
argachuun rakkisaa akka ta’u taasisuu fi amalli yakkootaa yeroo
gara yerootti jijjiiramaa fi walitti makamaa dhufee jira waan
ta'eef, qoqqoodinsi aangoo ogummaa Abbaa Alangummaaf
hiikkaa kan hin qabne ta’ee mul’ateera. Dabalataan, ogummaan
Abbaa Alangummaa qaama ogummaa seeraa hin qabneen kan
hoogganamu ta’uun isaa hojiin Abbaa Alangummaa qajeeltoo
ogummaa Abbaa Alangumaatiin akka hin gaggeeffamneef
dhiibbaa uumee jira. Haalli kun bilisummaa ogummaa Abbaa
Alangummaa irrattis dhiibbaa kan uume ta’uun hubatamee jira.
Kana malees, qaamoleen hojii Abbaa Alangummaa ofitti
fudhatan tokko tokko caasaa isaanii sadarkaa gadiitti waan hin
diriirsineef dhaqqabamummaa mirkaneessuun rakkoo ta’un akka
qabxii muraasaatti kaa’uun ni danda’ama. Kunis dantaa
uummataa fi Mootummaa kabachiisuu fi mirga lammiilee
seeraan beekamtii argatan karaa wal fakkaatuun kabachiisuu
irratti dhiibbaa uumaa turee jira.

77
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Kanaafuu, hojiiwwan qaamolee garaagaraatiin hojjetamaa turan


iddoo tokkotti walitti qabuun rakkoolee mudatan kanas karaa
maqsuun danda’amuun qaama tokkoon bifa qindaa'een akka
hojjataman taasisuun faayidaa mootummaa fi uummataa karaa
bu’aa qabeessa ta’een eegsisuun barbaachisaa dha. Kanarraa
ka’uun Labsii Lakkoofsa 214/2011tiin Abbaa Alangaa
Waliigalaa Oromiyaa akkuma biyyoota biroottii fi Mootummaa
Federaalaatti hundaa’ee hojiileen Abbaa Alangaan hojjetamuu
qaban bakka tokkotti akka hojjetaman taasifamee jira.

Faayidaan Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa


hunda’uun argamuu danda’us gama mirgoota lammiilee Heeran
tumaman hojiirra akka oolan taasisan walqabatee Manni Hojii
Abbaa Alangaa cimaan jiraachuun seerotni qixa sirrii ta’eeni fi
bifa walfakkaatuun hojiirra akka oolan taasisa. Kunis sirni
heeraa fi seeraa bifa walfakkaatuun akka kabajamu,
ol’aantummaan seeraa akka mirkanaa’uu fi mirgoonni lammiilee
akka kabajaman taasisa. Hojiin Abbaa Alangummaa iddoo adda
addaatti faffaca'ee ture bakka tokkotti deebi’ee hojjatamuun
faayidaan uummataa fi mootummaa miidhamaa ture karaa bu'aa
qabeessa ta'een akka kabajamu kan taasisu dha. Akkasumas,
dhimmoonni hariiroo hawaasaa mootummaan himatu yookiin
itti himatamus Abbootii Alangaa gahumsa qabaniin akka
raawwatamanii fi faayidaan mootummaa fi uummataa qixa
78
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

seeraatiin akka mirkanaa'u ni taasisa. Dabalataan, imaammatni


sirna haqaa yakkaa hojirra akka oolu ni taasisa.

Akka waliigalaatti yoo ilaalamu, Labsiin Lakkoofsa 214/2011


aangoo bal’aa fi ulfaataa ta’een Mana Hojichaa kan aangeessee
dha. Kana malees, hanqina walirra bu’iinsa aangoo, tumaalee
Labsichaa iftoomina hin qabnee fi rakkoo qindoominaa uumuu
danda’an sirreessuun barbaachisaa ta’ee waan argameef, Labsiin
214/2011 kun Labsii 236/2013 tiin fooyya’insi muraasni irratti
taasifamee jira.129

4.6.1 Gurmaa’insaa fi Itti Waamama Mana Hojii Abbaa


Alangaa Waliigala Oromiyaa bara 2011
Labsiin Lakkoofsi 214/2011 gurmaa’insa Mana Hojichaan
walqabatee jijjiiramoota bu’uuraa taasiseera. Labsichi
gurmaa’insi Mana Hojichaa, Abbaa Alangaa Waliigalaa fi Itti-
aantota, Gumii Bulchiinsa Abbootii Alangaa, Abbootii Alangaa
fi hojjettoota bulchiinsaa barbaachisaa ta’an biroo akka dabalatu
keewwata 8 jalatti ni ibsa. Kana malees, Labsichi itti waamamni
Mana Hojichaas ta’ee, kan Abbaa Alangaa Waliigalaa
Pirezidaantiif ta'uusaa keewwata 4/2/ fi 10 jalatti tumameera.
Muudamni Abbaa Alangaa Waliigalaa Pirezidaantiin dhiyaatee
Caffeen kan raawwatamu ta’uu, Itti Aantotni ammoo

129
Labsiin kun Fooyya’iinsa Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa
Oromiyaa, Lakkoofsa 236/2013
79
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Pirezidaantiin dhiyaatanii Mana Maree Bulchiinsa


Naannichaatiin kan muudaman ta’uu ni tuma. Dabalataanis,
Labsichi Abbaan Alangaa Waliigalaa fi Itti aantotni murtii
Pirezidaantiitiin muudama irraa ka’uu akka danda’an ni ibsa.

Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa kun Labsii


Lakkoofsa 214/2011 tiin yemmuu bifa haaraan gurmaa’etti
caasaa bara 2011 keessa hojjetamee mirkanaa’ee hojii irra
ooleen sadarkaa hooggansa olaanaa irraa ka’uun yemmuu
ilaalamu, Abbaa Alangaa Waliigalaa, Dameewwan lamaan Itti
Aantota Abbaa Alangaa Waliigalatiin hoogganamanii fi
Daayirektoreetii yookiin Gareewwaan kallattiidhaan itti
waamamni isaanii hooggansa ol-aanoo sadeen kanaaf ta’e of
jalatti hammachuun gurmaa’ee jira. Kitaabni kunis akkaatuma
itti waamama isaaniitiin hubannaaf akka tolu kan tarreesse
yemmuu ta’u, kaayyoon tarreeffama kanaas aangoowwan
armaan olitti tarreeffaman kanaaf gurma’insi jiru kun yoo
walbiratti ilaalamu rakkoowwan jiran ittiin madaaluuf akka ta’e
hubachuun barbaachisaa dha. Bu’uuruma kanaan, gurmaa’insi
Mana Hojichaa bara 2011 kaasee hanaga Bitootessa 2013tti jiru
akkaataa armaan gadiitiin ibsamee jira.

80
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

4.6.1.1 Gurmaa’insa Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala


Oromiyaa Sadarkaa Naannoo
Bu’uura caasaa Mana Hojichaa bara 2011tiin130 Abbaa Alangaa
Waliigalaaf kallattiidhaan kan itti waamaman; Waajjira Abbaa
Alangaa Waliigalaa, Waajjira Boordii Dhiifamaa fi Mirga
Namoomaa, Daayirektoreetii Idileessuu Koorniyaa,
Daa’immanii fi Dargaggootaa, Daayirektoreetii Inispeekshinii,
Daayirektoreetii Bulchiinsa Qabeenya Namaa fi Waajjira Gumii
(Garee Dhimma Gumii, Ijaarsa Dandeettii, Hoggansaa
Qabeenya Namaa fi Hojii Rikoordii fi Kuusaa akka of jalatti
qabatetti), Daayirektoreetii Bittaa, Bulchiinsa Faayinaasii fi
Qabeenyaa (Garee Dhimma Hojii Herregaa fi Kaffaltii, Bittaa fi
Bulchiinsa Qabeenyaa fi Tajaajila Maraa akka of jalatti
qabatetti), Daayirektoreetii Karoora, Baajata, Hordoffii fi
Gamaaggamaa, Daayirektoreetii Odiitii Keessaa, Garee
Kominikeeshinii fi Wiirtuu Bilbila Tolaa fi Garee TQO(ICT)
kan jedhamanidha.

Gama biraatiin immoo, Damee Tajaajila Seeraa Itti Aanaa


Abbaa Alangaa Waliigalaatiin kan hoogganamu jalatti kan
gurmaa’an; Daayirektoreetii Mirkaneessa Sanadootaa fi Kennaa
Hayyama (kan Gareewwan Mirkaneessaa fi Galmeessa

130
Caasaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa bara 2011
hojjetame
81
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Sanadootaa fi Kenna Hayyamaa fi Hordoffii akka of jalatti


qabatetti), Daayirektoreetii Qo’annoo, Wixinee fi Hubannoo
Seeraa (kan Gareewwan Dhimma Wixinee Seeraa fi Dhimma
Qo’annoo fi Hubannoo Seeraa akka of jalatti qabatetti) kan itti
wamaman ta’uu hubatamee jira.
Kana malees, Damee Dhimmoota Falmii Seeraa Itti Aanaa
Abbaa Alangaa Waliigalaatiin kan hoogganamu jalatti kan
gurmaa’an; Daayirektoreetii Dhimmoota Yakka Adda Adda
(kan Garee Dhimmoota Yakka Adda Addaa akka of jalatti
qabatetti), Daayirektoreetii Dhimmoota Yakka
Malaammaltummaa fi Taaksii (kan Gareewwan Calaltuu
Odeeffannoo Yakka Malaammaltummaa, Dhimmoota Yakka
Malaammaltummaa fi Dhimmoota Yakka Taaksii akka of jalatti
qabatetti), Daayirektoreetii Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa (kan
Gareewwan Dhimmoota Waliigaltee Bulchiinsaa fi Falmii
Hariiroo Hawaasaa akka of jalatti qabatetti), akkasumas
Sadarkaa Daarektaraatti Dameelee Dhaabbiitti (Gareewwan
Dhimmoota Yakka Adda Addaa, Dhimmoota Yakka
Malaammaltummaa fi Taaksii fi Dhimma Hariiroo Hawaasaa
akka of jalatti qabatetti) kan hammateedha.

Haqaan Haqaaf haa hojjannu!


82
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

4.6.1.2 Gurmaa’insa Mana Hojii Abbaa Alangaa Godinaa

Gurmaa’insi Mana Hojiichaa131 bara 2011 keessa yeroo


hojjatamutti baay’ina uummataa, walxaxiinsaa fi baay’ina hojii
ka’uumsa godhachuun Manni Hojii Godinaalee sadarkaa 3tti
kan qoodaman yoo ta’u akkaataa itti waamama isaaniitiin haala
armaan gadiitiin dhiyaateera.

Godina sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa tti Itti Gaafatamaa Mana Hojii


Abbaa Alangaa Godinaatiif kan itti waamaman; Adeemsa
Dhimmoota Yakka Adda Addaa, Adeemsa Dhimmoota Yakka
Malaammaltummaa fi Taaksii (kan Gareewwan Simannaa
Odeeffannoo Yakka Malaammaltummaa, Qorannaafi Himannaa
Yakka Malaammaltummaa fi Dhimmoota Yakka Taaksii akka
of jalatti qabatetti), Adeemsa Dhimma Hariiroo Hawaasaa,
Adeemsa Mirkaneessa, Galmeessa Sanadootaa fi Kennaa
Hayyamaa, Garee Bulchiinsa Qabeenya Namaa fi Garee
Inispeekshinii kan hammate dha. Gurmaa’insi Mana Hojii
Abbaa Alangaa Godina sadarkaa 3ffaa kanuma sadarkaa 1ffaa fi
2ffaa waliin kan wal fakkaatu ta’ee, garuu Mirkaneessi
Galmeessa sanadootaa fi kennaa Hayyamaa akka Gareetti kan
gurmaa’ee dha.

131
Akkuma 130ffaa
83
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

4.6.1.3. Gurmaa’insa Mana Hojii Abbaa Alangaa


Magaalaa

Gurmaa’insi Manneen Hojii Abbaa Alangaa Magaalaas132


yaadama walfakkaataa Godiinaaleen ittiin sadarkeeffaman
bu’uura godhachuun iddoo sadiitti qoodamee kan hojjetame dha.
Kunis Magaalotni sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa akka qabaatu ta’ee
hojjatamee kan ture ta’uun hubatameera. Gurmaa’insi
Magaalaalee sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa keessatti Itti Gaafatamaa Mana
Hojii Abbaa Alangaa Magaalaatiif kan itti waamaman;
Adeemsa Dhimmoota Yakkaa fi Hariiroo Hawaasaa Gareewwan
Dhimmoota Yakkaa, Dhimmoota Yakka Taaksii, Dhimma
Hariiroo Hawaasaa, Hojii Mirkaneessa fi Galmeessa Sanadootaa
fi Hooggansa Qabeenya Namaa qabaachuun kan gurmeeffame
ta’uun ni hubatama. Magaalaa sadarkaa 3ffaa ilaalchisee
akkaatuma Magaalota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaatiin kan gurmaa’an
ta’ee, dhimmi hariiroo hawaasaa gareen kan hin hundoofne
ta’uu fi garee taaksii jalatti Abbaan Alangaa tokko qofti
ramadameef kan jiru ta’uu agarsiisa.

132
Akkuma 131ffaa
84
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

4.6.1.4. Gurmaa’insa Mana Hojii Abbaa Alangaa


Aanaalee
Gurmaa’insi Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaalee133 yaaduma
armaan olitti ibsame bu’uura taasisuun sadarkaa 4tti
ffaa
qoodameera. Akkaatuma kanaan, Aanaalee sadarkaa 1 fi 2ffaa
keessatti Itti Gaafatamaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa tiif
kan itti waamamaan: Garee Mirkaneessaa fi Galmeessa
Sanadootaa, Garee Hooggansa Qabeenya Namaa, Adeemsa
Dhimmoota Yakkaa fi Hariiroo Hawaasaa (Gareewwan
Dhimmoota Yakkaa fi Dhimma Hariiroo Hawaasaa akka of
jalatti qabatetti) kan gurmaa’e ta’uun ni hubatama. Gama
biraatiin, Aanaa sadarkaa 3ffaa keessatti immoo Itti Gaafatamaa
Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaatiif kan itti waamaman Garee
Hooggansa Qabeenya Namaa fi Adeemsa Dhimmoota Yakkaa fi
Hariiroo Hawaasaa kan jedhamani dha. Dhuma irratti, Aanaa
sadarkaa 4ffaa keessatti Itti Gaafatamaa Waajjiraa Abbaa Alangaa
Aanaa tiif kan itti waamaman; Garee Hooggansa Qabeenya
Namaa fi Adeemsa Dhimmoota Yakkaa fi Hariiroo Hawaasaa
ta’uun hubatmee jira.

Gurmaa’insi armaan olitti Naannoo irraa hanga Aanaa yookiin


Magalaatti diriiree hojii irra jiru aangoo fi gahee hojii mana

133
Akkuma 132ffaa
85
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

hojichaa karaa guutuu ta’een galmaan ga’uu kan hin


dandeessisne ta’uu qorannoowwan ni agarsiisu.134

4.6.2. Aangoo fi Hojii Mana Hojii Abbaa Alangaa


Waliigalaa Oromiyaa Bara 2011 -Bitootessa 2013
Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa
Hundeessuuf Bahe Lakkoofsa 214 /2011 keessatti aangoo fi
hojiileen haaraa Mana Hojichaaf kennaman hedduu yoo ta’an,
isaan keessaa hojii himannaa fi qorannaa yakkaa armaan dura
qaamolee mootummaa biroo kanneen akka Komishinii
Naamusaa fi Farra Malaammatummaa, Abbaa Taayitaa
Galiiwwaniitiif kennamee ture Mana Hojichaa jalatti deebi’uun
adda dureen kan caqasamu dha. Kana malees, imaammata sirna
haqa yakkaa biyyaalessaa hojiirra akka oolu gochuu; manneen
hojii qaama raawwachiistuu Mootummaa Naannichaa hojii
isaanii bu'uura seeraatiin raawwachuu isaanii mirkaneessuu;
yakkoota ciccimoo fi dantaa uummataafi mootummaa irratti
raawwatamanii fi barbaachisaa ta’ee yeroo argamu yakkoota
biroos Poolisii waliin qorachuu; bu’uura seeraatiin
balleessummaa irratti akka waliigalamu murteessuu; walta'iinsa
134
Sakatta’insa Gurmaa’insaa, Caseffamaa, Seeraa, Fi Hojimaataa Mana
Hojii Abbaa Alangaa Waligala Oromiyaa bara 2013 gaggeeffamee fuulaa 41-
68 fi Qorannoo Bu’uuraa Sadarkaa Fi Haala Qabatama MHAAWO
Dhaabbata USAID-Fitihi Piroojaktii Fi MHAAWOtiif gaggeeffame,fuula
104-105 (kan hin maxxanfamne).

86
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

taasisuu; falmii himannaatiin ala tarkaanfiiwwan filannoo kan


biroo akka fudhataman murteessuu; bu’uura seeraatiin eeruu
kennitoota, ragaa baatotaa fi maatii isaaniitiif qaama dhimmi
ilaalu waliin wabii eegumsa qaamaa fi hojii kennuu; ajajaa fi
murtiiwwan yakkaa manneen murtiitiin kennaman bu'uura
seeraatin raawwatamuu isaanii hordofuu; qaama dhimmi ilaalu
waliin ta'uudhaan karoora raawwii mirga namoomaa
qopheessuu; dhimmoota dantaa uummataa fi mootummaa irratti
falmii hariiroo hawaasaa gaggeessuu; waliigalteewwan manneen
hojii fi dhaabbileen misoomaa mootummaa naannichaa qaama
biroo waliin taasisan seera qabeessummaa isaa xiinxaluu; gorsaa
fi deeggarsa seeraa kennuun akka aangoo dabalataatti tumamanii
jiru.135 Walumaagalatti Labsiin kun aangoo fi hojii gurguddoo
51 ta’an qabatee kan baheedha.136 Gama biraatiin, Labsiin
Lakkoofsa 236/2013 hanqina walirra bu’iinsa aangoo, tumaalee
Labsichaa iftoomina hinqabnee fi rakkoo qindoominaa uumuu
danda’an sirreessuun kan bahe ta’uun hubatamee jira.

Labsiiwwaan hundeeffama fi aangoo fi gahee Mana Hojichaa


tumuuf bahaniin alattis seeronni adda addaa aangoo fi gahee
hojii dabalataan Mana Hojichaatiif kennanii jiru. Bu’uuruma
kanaan, Labsiin Sirna Qophii Wixinee Seeraa Mootummaa

135
Olitti yaadannoo lakk.4, keewwata 7.
136
Akkuma 135ffaa, keewwata 7 (1-51)
87
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakkoofsa 222/2012


wixineewwaan seeraa qaamolee raawwachiistu hundi isaanii
jalqabaa irraa eegalee Mana Hojichaatiin akka hojjetaman
aangoo bal’aa kenneefi jira. Dabalataanis, bu’uura Labsii
Gibiraa lakkoofsa 202/2009 fi Qajeelfama Labsii kana
raawwachisuuf baheetiin Manni Hojichaa miseensa Koree
Komee Gibiraa ta’uun akka hojjetu aangeeffamee jira. Akkaataa
Labsii qaamaa raawwachiistuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Irra Deebiidhaan Gurmeessuu, Aangoo Fi Gahee Hojii Isaanii
Murteessuuf Baheen seektaroota itti waamamni isaanii Mana
Hojichaaf ta’an ol-aantummaan gaggeessuu, qindeessuu,
gurmaa’insa, sagantaa hojii fi baajataa isaanii qorachuun qaama
mootummaa dhimmi ilaallatutti akka dhiyaatu taasisuu, yemmuu
hayyamamu hojii irra akka oolu taasisuu, hordofuu fi to’achuun
kennameefi jira.137 Kana malees, Labsii Seeraa Maatii Oromiyaa
Lakkoofsa 83/1996 tiin dhimmoota ulaagaa gaa’ilaaf
barbaachisan osoo hin guutiin gaa’ila raawwachuu fi mirga
daa’immanii kabachisuun hojjachuu, seerota sadarkaa
Federalaatti bahanii dhimma Federaalaa jedhaman bakka
bu’iinsa Mootummaa Federaalaan yoo kennameef kan raawwatu

137
Labsii Qaamolee Raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra
Deebiidhaan Gurmeessuu, Aangoofi Hojii Isaanii Murteessuuf Bahe, Labsii
Lak. 213/2011, kew.16(9)
88
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

ta’uu fi seerota birootiin kanneen aangoo fi gahee hojii isaa akka


ta’eetti aangeffame kan hojjetu dha .

4.7. Bilisummaa Dhaabbattummaa Mana Hojichaa fi


Ogummaa Abbaa Alangummaa

Bilisummaa Abbaa Alangummaa jechuun Abbaan Alangaa hojii


isaa yeroo raawwatu jidduu lixummaa seeraan alaa irraa bilisa
ta’uun seerrii fi qajeeltoon ol-aantummaa seeraa hojii irra akka
oolu yookiin akka kabajamu mirkaneessuu fi dhiibbaa siyaasaa
yookiin dhiibbaa seeraan alaa kamifiyyuu saaxilamuu dhabuu
jechuu dha. Bilisummaan kunis Abbaan Alangaa akka
dhuunfaattii fi dhaabbatummaatti hojiirra kan oolu dha.138 Kana
malees, bilisummaan kun qabeenyaa fi meeshaalee ergama
Abbaa Alangaa galmaan geessisuuf barbaachisan kan akka
baajataa, loojistikii fi kanneen biroo illee qabaachuu kan
dabalatu dha.

Dhiibbaan Dhaabbatni Abbaa Alangaa fi Abbaan Alangaa irraa


bilisa ta’uu qabu keessa tokko dhiibbaa keessaa yoo ta’u, kunis
Abbootiin Alangaa dhiibba qaama ol-aanaa sadarkaan jiran irraa
bilisa ta’anii hojii isaanii akka hojjetanii fi akka murteessan kan

138
Consultative council of European prosecutors (ccpe) opinion no.
13(2018), Independence, accountability and ethics of prosecutors, Strasbourg,
23 November 2018.
89
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

taasisu dha. Haata’u malee, dhiibbaa keessaa irraa bilisa ta’uu


jechuun Abbaan Alangaa akka feeteedhaan kan hojjetu yookiin
qajelfama seera qabeessa qaama ol-aanaa irraa kennamuuf
fudhachuu dhabuu jechuu miti. Gama biraatiin, dhiibbaan
Dhaabbatni Abbaa Alangaa yookiin Abbaan Alangaa irraa bilisa
ta’uu qabu keessaa inni biraa dhiibbaa alaa yoo ta’u, kunis abbaa
aangoo mootummaa yookiin nama dhuunfaa yookiin paartii
siyaasaa irraa bilisa ta’uun hojii isaanii hojjechuu kan qaban
ta’uu agarsiisa. Kana jechuun garuu, Abbaan Alangaa tajaajila
Abbaa Alangummaan walqabatee kallattii waliigalaa seera irratti
hundaa’uun kennamu yookiin qindoomina idil-addunyaa
yookiin ulaagalee Dhaabbata Abbaa Alangaa irraa maddan
fudhatee hojiirra hin olchu jechuu miti.139

Bilisummaan ogummaa Abbaa Alangummaa fi kan Mana Hojii


jiraachuun ol-aantummaa seeraa mirkaneessuun mirga
lammiilee kabachiisuuf shoora ol-aana qaba. Haata’u malee,
bilisummaan Abbaa Alangummaa kallattii garaagaraatiin
dhiibbaan irra dhaqqabuu akka danda’u barreeffamoota
garaagaraa irraa ni hubatama. Akka fakkeenyaatti, haala
muudamni itti kennamuu fi kaafamu seera ol-aanaa biyyattii
yookiin seerota biroo irratti yoo hin caqasamne rakkoon

139
Akkuma 138ffaa
90
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

mudachuu danda’a. Kana malees, itti waamamni Mana Hojichaa


qaama ol-aanaa naannichaa yookiin biyyattiif ta’uu yoo baate,
bilisummaa dhaabbatummaa irratti dhiibbaa qabaachuu ni
danda’a. Dhuma irrattis, bilisummaa dhaabbatummaa fi
ogummaa Abbaa Alangummaa irra dhiibbaan gahuu kan
danda’u ramaddii baajataan walqabateeti.

Muuxannoon sadarkaa idil-Addunyaa fi biyyoota addunyaa


garaagaraa keessa jiru kan agarsisuu bilisumma Abbaa Alangaa
eegsisuuf tarkaanfileen adda addaa kan fudhatamu ta’uu isaati.
Kanneen keessaa haala muudama hoogganaa manichaa, haala
hooggansa irraa ka’uu fi aangoo fi gahee hojii isaa heeraa biyya
isaanii irratti tumachuun galmaan gahuuf akka yaalan ni
hubatama.

Bilisummaan ogummaa Abbaa Alangummaa fi Mana Hojii


Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa hundeeffama isaa irraa
kaasee bu’aa ba’ii hedduu keessa kan darbe dha. Manni
Hojichaa yeroo jalqabaaf yemmuu hundaa’u, waa’ee
bilisummaa ogummaa Abbaa Alangummaa kan caqasu Labsii
Lakkoofsa 2/1985 yoo ta’u, Labsicha keewwata 54(1) jalatti
Abbaan Alangaa hojii isaa bilisummaa guutuudhaan gaggeessuu
akka qabu tumee jira. Labsii kanatti aansee labsiin waa’ee
bilisumma Abbaa Alangaa tumu Labsii Lakkoofsa 6/1986 yoo

91
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

ta’u, innis Abbaan Alangaa hojii isaa bilisummaa guutuudhaan


akka hojjetu, seeraan malee kan biraan akka hin qajeelfamne,
Abbaan Alangaa kamiyyuu yakka osoo raawwatuu yoo qabame
malee beekkamtii Muummicha Abbaa Alangaa fi Pirezidaantiin
malee to’atamuu akka hin dandeenye tumamee jira.140 Tumaan
kunis bilisummaa ogummaa Abbaa Alangummaa kan agarsiisu
dha.

Bilisummaa ogummaa Abbaa Alangummaa mirkaneessuuf


Abbaan Alangaa seera of danda’een akka bulu gochuun
qajeeltoo isa tokko dha. Gama kanaan, Manni Hojii Abbaa
Alangaa Waliigalaa Oromiyaa hundeeffama isaa irraa kaasee
hojimaata Mana Hojichaa fi Abbaan Alangaa ittiin hogganamu
diriirsuun ittiin hojjechaa turee jira. Haaluma kanaan, gama
bulchiinsa Abbaa Alangaatiin dambii ittiin bulmataa Abbootiin
Alangaa Lakkoofsa 31/1995, isa foyyeessuuf kan ba’e Dambii
Lakkoofsa 161/2005 fi Qajeelfama Lakkoofsa 8/2006 dambicha
raawwachiisuuf bahe kaasuun ni danda’ama.

Seeronni kunis bilisummaa, faayidaa fi mirga Abbaa Alangaa


kabachiisuu irratti hanqinoota qabaachuun isaanii
qorannoodhaan waan adda baheef, labsiin Abbaa Alangaa
Waliigalaa Oromiyaa hundeessuuf bahe Labsii Lakkoofsa

140
Olitti yaadannoo lakk.1, kew.9
92
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

214/2011 waan baheef haala kanaan wal simsiisuuf Dambii


Bulchiinsaa fi Naamusa Abbootii Alangaa Lakkoofsi 218/2013
bahee hojii irra olee jira.

Dabalataanis, bilisummaa dhaabbatummaa Mana Hojichaatiin


walqabatee Seera Mootummaa Bulchiinsa Yeroo Ce’umsaa
Naannoo Oromiyaa Hundeessuuf Bahe Lakkoofsa 2/1985
keewwata 54 irratti Manni Hojichaa of danda’ee akka
dhaabbatee ture tumuun agarsiistuu bilisummaa dhaabbatummaa
Mana Hojichaati jedhamee fudhatamuu ni danda’a.

Seera Mootummaa Bulchiinsa Yeroo Ce’umsaa kanatti aansee


Labsiin bilisummaa dhaabbatummaa Mana Hojichaa tume labsii
lakkoofsa 6/1986 ta’ee, labsichis itti waamamni Mana Hojichaa
Caffeef ta’uu, Abbaan Alangaa Muummichaa caasaa Mana
Hojichaa Caffeef dhiyeessee kan raggasisu ta’uun, baajata Mana
Hojichaas qopheessuun Caffeef dhiyeessee kan mirkaneessisu
ta’uun, mirga sagalee kennuu osoo hin qabaatiin akka
barbaachisummaa isaatti wal ga’ii Caffee irratti hirmaachuu,
gabaasaa raawwii hojii Mana Hojichaa Caffeef dhiyeessuu, yoo
Caffeen walitti hin qabamne ta’e immoo Koree Hojii
Raawwachiistuu fi Pirezidaantiif dhiyeessuu akka qabu
keewwata 18 jalatti tumee jira. Kun immoo bilisumaa
dhaabbatummaa Mana Hojii Abbaa Alangaa kan agarsiisu dha.

93
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Dabalataanis, Labsichi namni yookin jaarmiyaan kamiyyuu


murtiilee, ajajootaa fi qajeelfamoota Manni Hojichaa kennu
kabajuu fi raawwachuuf dirqama akka qabu keewwata 23 jalatti
kaa’ameera. Akka waliigalaatti yeroo ilaalamu, Labsiin kun
bilisummaa dhaabbattummaa fi ogummaa Abbaa
Alangummaatiif eegumsa gaarii kan taasise ta’uusaa hubachuun
ni danda’ama. Labsiin kun haala kanaan akka tumamuuf immoo
deeggarsa cimaa kan taasiseef Labsii Lakkoofsa 2/1985 yoo ta’u
Labsiin kunis yeroo sanatti akka Heeraatti waan ilalamuuf
Abbaan Alangaa of danda’ee akka dhaabbatu taasisuu isaati.

Labsii Lakkoofsa 6/1986 booda, Labsiileen ba’an hunduu hanga


Labsiin Lakkoofsa 214/2011 bahutti waa’ee bilisummaa
ogummaa Abbaa Alangaa fi dhaabbatummaa Mana Hojichaa
seerri tume hin jiru. Manni Hojichaas labsii garaagaraatiin
qaamolee raawwachiistuu mootummaa biroo waliin walitti
makamaa, adda ba’aa kan ture yoo ta’u labsiileen kunis
qajeeltoowwan bilisummaa dhaabbatummaa fi ogummaa Abbaa
Alangummaa kabachiisuu caalaa karaa qajeeltoowwan kana
sarbuu danda’uun tumamaa turuu hubachuun ni danda’ama.
Keessumattuu, bara 1997 yeroo Biiroo Haqaa fi Nageenyaa
jedhamuun waamamaa turetti galmeen qorannoo yakkaa nama
ogummaa seeraa hin qabneen murtiin yookiin qajeelfamni kan

94
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

itti kennamaa ture ta’uu ragaaleen ni mul’isu.141Yeroo kanatti,


Manni Hojii Abbaa Alangaa akka Mana Hojiitti jiraachuun isaa
gaaffii keessa kan galee fi bilisummaan ogummaa Abbaa
Alangummaa fi dhaabbatummaa guutummaatti bifa jedhamuu
danda’uun kan sarbame dha.

Turtii yeroo dheeraan booda, Labsii Lakkoofsa 214/2011tiin


Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa akka
haaraatti hundaa’ee jira. Labsii kana keessatti, Abbootiin
Alangaa bilisummaa ogummaa qabaachuu isaanii fi aangoo fi
hojii isaanii jiddu-lixummaa tokko malee kan gaggeessan ta’uu,
sababa hojii isaanitiinis miidhaa dhaqqabuu danda’uuf itti-
gaafatamummaa seeraa kan hin qabnee fi hayyama Abbaa
Alangaa Waliigalaa malee yakkaanis to’atamuu yookiin
hidhamuu kan hin-dandeenye ta’uun tumamee jira.142
Dabalataanis, keewwata 24 jalatti, namni kamiyyuu dhimmoota
labsii kana keessatti hammataman hojiirra oolchuuf deeggarsa
kennuuf dirqama akka qabu, keessattuu miseensotni poolisii
murtii seera qabeessa Abbaan Alangaa kennu kabajuufi
raawwachuuf akka dirqama qaban teechiseera. Kana malees,
namni dirqama isaa kana hin bahanne; akkasumas, kan Abbaan

141
Af-gaaffii Obbo Garmoosaa Dhugumaa Qindeessaa Abbaa Alangaa
Waligala Oromiyaa Damee Lixaa waliin gaafa 14-7-2013 bilbilaan taasifame
142
Olitti yaadannoo lakk.4, Keewwata 17
95
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Alangaa bilisummaan hojii isaa akka hin hojjenne taasise


adabbii hidhaa cimaatiin akka adabamu keewwata 25(1)(a)
jalatti kaa’ameera.

Gama bilisummaa dhaabbatummaa ilaalchisee Labsiin kun akka


tumee jirutti Manni Hojichaa aangoo fi hojii isaa jiddulixummaa
nama yookiin qaama kamirraayyuu bilisa ta’ee akkaataa
seeraatiin ni raawwata jechuun qajeeltoo waliigalaa tumee
jira.143 Kunis, qajeeltoo bu’uuraa agarsiistuu bilisummaa
dhaabbatummaa Mana Hojichaa ta’uu agarsiisa.

Haalli qabatamaa Naannoo Oromiyaa yemmuu ilaalamu,


bilisummaan ogummaa Abbaa Alangummaa fi kan Mana Hojii
sarbamaa akka turee fi jiru ni hubatama. Haalli itti waamama
Mana Hojichaa, muudamaa fi muudama irraa ka’uu Abbaa
Alangaa Waliigalaa, qooddii baajataa rakkoo kan qabu waan
ta’eef, bilisummaa ogummaa fi dhaabbattummaa Mana Hojichaa
irratti dhiibbaa uumee jira.144 Kana malees, seenaa Mana
Hojichaa keessatti yeroon Abbootiin Alangaa qaama

143
Akkuma 142ffaa, kewwata 17(1)
144
Olitti yaadannoo lakk.107 fi Af-gaaffii obbo Daggifee bulaa Hoogganaa
Biiroo dhimma Seeraa fi Biiroo Haqaa fi Nageenyaa duranii, Daayirektera
daayiroktereetii leenjii qaamoolee haqaa Federalaa waliin gaafa 15-07-2013
taasifame fi Obbo Tashoomaa Girmaa Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa
Duraanii fi komishineera komishinii Farra Malammaltummaa naannoo
Oromiyaa waliin gaafa 29-06-2013 taasifame
96
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

nageenyaatiin qoratamanii fi ceepha’aman turee jira.145


Dabalataanis, qaamoleen nageenyaa meeshaa waraanaa
qabachuudhaan Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa dhaddacha
irratti itti seenuudhaan doorsisaa fi qabanii hidhuun turee jira.146
Qaamoleen bulchiinsaa aangoo fi hojii Gumii keessa galuudhaan
Abbootiin Alangaa hojirraa akka ari’aman xalayaa barreessuu fi
qajeelfama itti kennaa akka turanii fi sababa kanaaniis Abbootiin
Alangaa hedduun miidhaaf kan saaxilaman ta’uu seenaa darbe
irraa ni hubatama.147 Rakkoon kun fooyya’aa kan dhufe yoo
ta’es, hanga yeroo kitaabni kun qophaa’utti iddoo tokko tokkotti
itti fufee kan jiru dha. Kunis Abbootiin Alangaa ogummaa
isaanii bu’uura godhachuun sababa hojjetaniifi dhimmoota adda
addaa irratti yaada ogummaa isaanii sababa kennaniif qofa
hidhamuu fi reebamuun jiraachuu isaa ni mul’ata.148 Rakkoon
kuni sadarkaan isaa wal-haa caaluyyuu malee godinaalee

145
Af-gaaffii Obbo Girmaa WarquuHoogganaa Mana Hojii Abbaa Alangaa
Duranii waliin gaafa 15-07-2013 taasifame fi Aaddee Mahibubaa Adam
Hooggantuu Biiroo Haqaa Oromiyaa waliin gaafa 29-06-2013 taasifame
fi Miiljalee olii lakk.107
146
Olitti yaadannoo lakk.107
147
Akkuma 146ffaa
148
Fakkeenyaaf Abbootiin Alangaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa
keessatti Aanaa Horroo, Abaaboo Guduruu fi Jimmaa Raareetti Sababa
malaammaltummaa saaxilanii fi qorataniif qofa hidhamanii jiru. Gama
biraatiin Godina Arsii Aaanaa Muneessaatti Abbaan Alangaa tokko walgahii
koree nageenyaa irratti dhiyaatee mirga wabii irratti yaada ofii waan ibsateef
qofa waltajjicha irraa yeroo bahu poolisoonni kan reebanii fi kan hidhame
dha.
97
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

hedduu keessa kan jiru ta’uu ragaleen ni agarsisuu. Hoggansa


ilaalchisees haala qabatamaa Mana Hojii Abbaa Alangaa
Waliigalaa Oromiyaa keessa jiru yoo ilaallu, haala hooggansi itti
muudamuu fi muudama irraa itti ka’u Heeraa yookiin seera
irratti waan hin tumamneef hooggansi tasgabbiidhaan hojii isaa
akka hin hojjenneef dhiibba uumee jira.149

4.8. Rifoormiiwwan Mana Hojichaa Keessatti


Hojjetaman
Akkuma manneen hojii biroo Manni Hojii Abbaa Alangaas
mul’ataa fi galma isaa fiixaan baasuuf rifoormiiwwan adda
addaa yeroo garaagaraa gaggeessaa turee jira. Manni Hojii
Abbaa Alangaa yeroo jalqaba Seeraa Mootummaa Bulchiinsaa
Yeroo Ce’umsaa Naannoo Oromiyaa irraa eegalee
rifoormiiwwan garaagaraa gaggeeffamaa turaniiru;
gaggeeffamaas jiru. Riformiin kunis kallattii garaagaraan kan
ilaalamu yoo ta’u, Manni Hojichaa haaraa hundeeffamuu irraa
kan ka’e gubbaa irraa hanga gadiitti akka of gurmeessuuf kan
hojjechaa ture dha. Dabalataan, hanqina humna namaas waan
qabuuf waa’ee humna namaa kutaa itti aanu keessatti bal’inaan

149
Af-gaaffii obbo Tashomaa Girmaa Hogganaa Mana Hojii Abbaa Alangaa
waligalaa Oromiyaa duranii fi Komishineera komishinii Farra
Malammaltummaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Waliin gaafa 29-06-
2013 taasifame. fakkeenyaaf hoggansi muudamee ji’a ja’a keessatti
muudamaa irraa kaafamee jirachuun mul’ateera.
98
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

kan ilaallu akkuma jirutti ta’ee hanqina humna namaa kana


furuuf leenjiiwwaan garaagaraa kennuun guuttachaa tureera.
Gama biraatiin immoo, Sagantaalee Fooyya’iinsaa Kanneen
Akka: Sagantaa Sivil Sarvisii (SSS), Sagantaa Fooyya’insa Sirna
Haqaa (SFSH) fi Sagantaa Xiqqaa Fooyyaa’insa Sirna Haqaa
Biiroo Haqaa, Jijjiirama Bu’uuraa Adeemsa Hojii (JBAH), Sirna
Madaallii Bu’aa KarooraTarsiimowaa (SMBKT, BSC), Raayyaa
Jijjiiramaa, Chaartarii lammiilee, Sirna madaalli fi badhaasaa fi
Karoora Bu’aa Irratti Xiyyeeffate (KBIX) fi kkf yeroo adda
addaatti qoratamanii hojii irra oolaa turanii jiru.

Kaayyoon waliigalaa rifoormiiwwan kanaas rakkoolee


bulchiinsa gaarii fi kenniinsa tajaajilaa Mana Hojichaa keessa
jiru fooyyeessuun tajaajila si’ataa, qulqulluu fi dhaqqabamaa
ta’e hawaasaaf akka kennamu taasisuu dha. Riifoormiwwan
yeroo adda addaatti qoratamaa turan kunis tokko isa biraa kan
bakka bu’u osoo hin taane wal deeggaruun hojii irra kan oolani
dha.

4.8.1. Riformiiwwan Hundeeffama Mana Hojichaa Irraa


Eegalee Hanga Bara 1997 tti Hojjetaman

Hundeeffama Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa irraa


eegalee hojiiwwaan rifoormii gama gurmaa’insaa, caasaa humna
namaa guutuu fi dandeettii raawwachiisummaa cimsuutiin

99
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

raawwatamanii jiru. Kanneen keessaa gurmaa’insa Mana


Hojichaa hanga Aanaatti diriirsuu fi meeshaalee barbaachisan
guutuuf yaaluu, humna namaa hojichaaf barbaachisu uummata
keessaa filachuudhaan qacaruu fi leenjiiwwaan gaggabaabaa
kennuun hojiitti bobbaasuu dha. Seerota Federaalaa fi
Naannichaa irratti leenjifamtootaa Abbootii Alangaa,Abbootii
Seeraatiifi hubannoo seeraa kennaa tureera. Kanaaf bara 1985
hanga 1994A.L.I’tti haala kanaan leenjii Sartifikeetii baatii 3
hanga Baatii 6 kennuun humni namaa akka gutuuf yaalamee
ture. Ogeeyyiin Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa kun
leenjiin isaaniif kenname gahaa waan hin taaneef, Manni
Hojichaa Mana Murtii Waliigalaa waliin ta’uudhaan
Yunivarsiitii Finfinneetti Ganna, ganna waggaa shaniif leenjiin
seeraa kennamafi turee jira.150Leenjiin kennamaa tures kan
Digirii yookiin Dippiloomaa gonfachiisuu osoo hin taanee kan
dandeettii seeraa isaanii cimsu ture dha.

4.8.2. Sagantaa Foyya’insa Sirna Haqaa

Sagantaan Fooyya’iinsa Sirna Haqaa akka Mootummaa


Naannoo Oromiyaatti bara 1997 irraa eegalee sanadni hojii irra
oolmaa sagantaa kanaa ibsu of danda’ee qophaa’uun hojii irra
oolee jira. Bu’uuruma kanaan, Waajjirri Qindeessaa Sagantaa

150
Olitti yaadannoo lakk.107,
100
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Fooyya’iinsa Sirna Haqaa Naannoo Oromiyaas Dambii


Lakkoofsa 82/1999 tiin dhaabbatee hojiitti galee jira.151
Sagantaan kunis kan hojii irra kan oolu qaamolee haqaa
Naannoo keenyaa hunda karaa hammateen akka ta’e Dambicha
irraa ni hubatama. Sagantichis kan gaggeeffamu koree ol’aanaa
sadarkaa naannootti hundaa’een ta’ee, koreen walfakkaataan
sadarkaa Godinaa, Magaalaa fi Aanaattis hundaa’ee hojicha
hojjachaa tureera. Koreewwaan sadarkaa adda addaatti
hundeeffaman keessatti hooggansi Mana Hojii Abbaa Alangaa
sadarkaa, sadarkaan jiran miseensa koree ta’uun kan tajaajajilaa
turanii fi jiran ta’uun hubatamee jira.152 Kaayyoon sagantichaa
sirna haqaa jiru karaa guutuu ta’een sakatta’uun tarkaanfii
sirreeffamaa barbaachisaa fudhachuun kenniinsi tajaajila haqaa
naannichaa bu’a-qabeessa, si’oomina qabuu fi hawaasa garaa
gahu akka kennamu taasisuudhaan ol-aantummaa seeraa
Naannicha keessatti mirkaneessuun ijaarsa sirna dimokiraasii fi
misooma biyyaatiif gahee isaa akka bahatu taasisuu dha.

Bu’aa rifoormii kanaa kan ta’e Inistiitiyutiin Leenjii Ogeessota


Qaamolee Haqaa fi Qo’annoo Seeraa Oromiyaa bara 1999
hundeeffamee jira. Kaayyoon Inistiitiyuutii kanaas Sagantaa

151
Dambii Wajjira Qindeessaa Sagantaa Fooyya’insasirna Haqaa
Mootummaa Naannoo Oromiyaa Hundeessuuf Bahe lakk.82/1997
152
Akkuma 151ffaas, kew.8(1)(2),(3)
101
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Fooyya’insa Sirna Haqaa Naannoo keenya keessatti hojii irraa


oolchuuf, ogeessota seeraa kabaja sirna heera mootummaatiif
kutannoodhaan dhaabbatan baay’naa fi qulqullina
barbaadamuun horachuu, sirni haqaa Naannichaa ogeessota
dandeettii ol-aanaa, naamusa gaarii, amantaa fi quuqama
uummataa qabaniin akka ijaaramu gochuu, Naannicha keessatti
sirna haqaa bu’a qabeessa ta’e si’oominaa fi haqummaa qabu
mirkaneessuu jedhu qabatee kan hundeeffame dha.153
Inistiitiyuutichi hundeffama isaa irraa kaasee Abbootii Alangaa
haaraa fi kanneen hojii irra jiranis leenjii yeroo dheeraa fi
gabaabaatiin dandeetti raawwachiisummaa isaanii cimsuun
akkasumaas, qorannoowwan hojimaata MHAA ilaallatan
gaggeessuun gumaachaa ol-aanaa taasisee jira.

Sagantaan Fooyya’insa Sirna Haqaa Naannoo kan dambiidhaan


dhaabbate kunis sagantaalee xixiqqaa garaagaraatti qoodamee
kan ture yoo ta’u,154 kanneen keessaa tokko Sagantaa Xiqqaa

153
Dambii Inistiitiyutiin Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qo’annoo
seeraa Oromiyaa hundeessuuf ba’e lakkoofsa 77/1999 hundeessuuf ba’e
154
Sagantaa xiqqaa Fooyya’iinsa Mana Maree Ummataa, Sagantaa xiqqaa
Fooyya’iinsa Mana Murtii,Sagantaa xiqqaa Fooyya’iinsa Biiroo
Haqaa(Justice Bureau), Sagantaa xiqqaa Fooyya’iinsa Komishinii
Poolisii(OPC), Sagantaa xiqqaa Fooyya’iinsa Ko/Bu/Ma/Sirreessaa(OPAC),
Sagantaa xiqqaa Fooyya’iinsa Biiroo Bul/Nageenyaa, Sagantaa xiqqaa
Fooyya’iinsa Ko/Na/Farra Malaamaltummaa, Insititiiyuutii Leenjii Ogeessota
Qaamolee Haqaafi Qu’ánnoo Seeraa Oromiyaa akka itti dabalaman
murtaa’eera;Mateeriyalaa leenjii Ogeessota Qo’annoofi Hordoffii
102
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Fooyya’insa Biiroo Haqaa ti. Sagantaan xiqqaa kunis


dhimmoota Manni Hojichaa hanqina bal’aa irratti qabu armaan
gadii adda baafachuun irratti xiyyeeffatee hojjetaa ture. Isaanis:
gurmaa’insaa fi caaseffama fooyyessuu; loojistikii guutuun
dandeettii raawwachisummaa cimsuu; hojimaata Biirichaa
fooyyessuun kenniinsa tajaajilaa si’aawaa taasisuu, murtii
qulqullinaa fi haqa qabeessaa kennisiisuu; baruumsa seeraa
kennuun hubannoo seeraa hawaasaa cimsuu fi tajaajila gorsaa
hawaasichaa kennuu; sirna qabiinsa ragaa fi galmee
hammayyaa’aa taasisuu, humna namaa, meeshaalee hojiif
barbaachisan guuttachuu, naamusa dagaagsuu fi iftoominaa fi
itti gaafatamummaa Mana Hojichaa keessatti mirkaneessuu fi
kkf hojiiwwan gurguddoo sagantaa xiqqaa kana keessatti
hammatamanii hojjatamaa turani dha.155

Bu’aan sagantaa kana irraa argames meeshaaleen hojiif


barbaachisan kanneen akka teessoo, minjaala, Kompiteera
(”laaptooppii fi Deeski tooppii”) fi kanneen biroo baajata
”PSCAP” tiin bitamanii Mana Hojichaa fi caasaa isaa sadarkaan

Fooyya’iinsa Sirna Haqaa Godina, Magaalaafi Aanaaf


ittiin kenname
155
Xiinxala Bu’aqabeessummaa SFSH (1997-2004) Sakatta’uuf Waajjira
Qindeessaa Sagantaa Fooyya’iinsa Sirna Haqaa Mootummaa Naannoo
Oromiyaatiin Gaggeeffame: 78 (Kan hin maxxanfamne). Sagantaa
Fooyya’iinsa Sirna Haqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, 1997, fuula 61-
62
103
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

jiraniif kennamaa tureera. Akkasumas, leenjiiwwan


gaggabaabaa fi yeroo dheeraa ogeessotaa fi hojjettoota Mana
Hojichaatiif kennamaa tureera.

4.8.3. Jijjiirama Bu’uuraa Adeemsa Hojii Qorachuu fi


Hojii Irra Oolchuu

Rifoormiwwan Mana Hojii Abbaa Alangaa keessatti jijjirama


agarsiisan keessaa Jijjiiramni Bu’uuraa Adeemsa Hojii (JBAH)
isa ijoo dha. Bara 1996 irraa eegalee kenniinsa tajaajilaa Mana
Hojichaa fooyyeessuuf qorannoowwaan gaggeeffamaa kan turan
yoo ta’u, bara 1999 irraa eegalee akkaataa ulaagaa Sanadni
JBAH barbaaduun hundee irraa qorachuun adeemsaalee hojii
ijoo Mana Hojichaa kan akka qorannaa yakkaa fi murtii haqaa
kennisiisuu, galmeessa ragaalee fi kenna hayyamaa, qo’annoo fi
qophii wixinee seeraa irratti koree hundeessuun qorachuun bara
2000 irraa eegale hojii irra akka ooluu ta’ee jira. Kana malees,
adeemsaaleen hojii deeggarsaa kanneen akka karooraa, bittaa fi
bulchiinsa faayinaansii fi humna namaa ammoo manneen hojii
mootummaa kallattiin dhimmicha qoratan irraa fudhachuun
haala qabatamaa Mana Hojii Abbaa Alangaatti jijjiruun hojii
akka irra oolu taasifameera.

Bu’uuruma kanaan, dhimmoota JBAH’n jijjirama irratti taasise


yoo ilaallu hojiiwwaan wal fakkaataan bakka tokkotti

104
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

gurmeessuun hojirra oolchuun deddeebii abbaa dhimmaa


hambisuun danda’amee jira; tuttuqaa adda addaa fi
eeggattummaa hambisuun ogeessa aangeessuun danda’ameera;
saffisni kenna tajaajilaa dabalee jira; abbaan dhimmaa bu’aa
ba’ii malee yeroo gabaabaa keessatti tajaajila akka argatu
taasifameera; hojii hundaafuu Istaandardiin kenna tajaajilaa
bahee jira; abbaan dhimmaa iyyannoo isaa afaaniin illee akka
dhiyeeffatu taasifamee kan jiruu fi baasiiwwan abbaa dhimma
hambisuuf foormaatiiwwan garaagaraa hojiirra oolaniiru.
Hojimaata Poolisii fi Abbaa Alangaa gidduu jiru bu’uura irraa
jijjiruun Poolisii fi Abbaan Alangaa bakka tokkotti akka hojjetan
taasisuun tajaajilamaaf haalli mijateera.

Bu’aawwan JBAH hojirra oolchuudhaan argaman kana irratti


hundaa’uun Mootummaan Naannoo Oromiyaa madaallii
Manneen Hojii Mootummaa Naannichaa taasisaa ture keessatti
Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa fi caasaan isaa
sadarkaan jiru fooyya’insa raawwii hojii agarsiisaa tureef
beekkamtii fi badhaasa garaagaraa kennaa turee jira. Madaallii
taasifame kanaanis Manneen Hojii Abbaa Alangaa Godinaalee fi
Aanaalee itti fufiinsaan sadarkaa 1ffaatti madaalamuun
badhaafamaa turaniiru. Kana malees, Manneen Hojii
Mootummaa biroo Naannicha keessatti argamanii fi Manneen

105
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Hojii Federaalaa fi Naannolee biroo muuxannoo Mana Hojii


kanatti argame fudhachuun hojirra oolchaa turaniiru.156

Qorannoon JBAH qoratamee hojii irra akka oolu taasifamee


yeroo, yeroon hordofuu fi xiinxaluun bakka fooyya’iinsa
barbaachisutti fooyyessaa deemuun amaluma rifoormichaa waan
ta’eef, bara 2004, 2006 fi 2011 A.L.I keessa irra deebiin
qoratamuun (recalibrate) Sanadni JBAH fi maanuuwaaliiwwan
isaa fooyya’aniiru. Qabiyyeen sanada (maanuwaalii) JBAH bara
2006 irra deebiin fooyya’e kun Adeemsa Hojii Qorannaa
Yakkaa Fi Murtii Haqaa Kennisiisuu (Qo/Y/M/H/K) irratti kan
xiyyeeffate dha. Sanadni kun Abbaan Alangaa fi Qorataan
Poolisii yeroo yakki raawwatamu irraa eegalee galmee waliin
kan qoratan ta’uu ibsa157. Kana malees, gaaffii mirga wabii
dhiyaatu Qorataan Poolisii fi Abbaan Alangaa waliin akka
murteessanii fi garaagarummaan yaadaa yoo uumame ammoo
qajeelfamni Abbaan Adeemsaa Hojii Qo/Y/M/H/K/Poolisii
kennu fudhatama akka qabaatu sanadichi ni kaa’a.158 Hojii
qorannaa yakkaa kan qajeelchuu fi hoogganu Abbaa Alangaa

156
Gaaffii fi deebii Obbo Magarsaa Addunyaa Abbaa Alangaa Naannoo fi
Qindeessaa Rifoormii Mana Hojichaa waliin gaafa 19/07/2013 taasifame.
157
Jijjiirama Bu’uura Adeemsa Hojii Qorannaa Yakkaa fi Murtii Haqaa
Kennisiisuu Irra Deebiin Fooyya’ee Qophaa’e, 2006 fuul 13
158
Akkuma 157ffaa,fuula 18
106
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

ta’uus ni ibsa.159 Gahee waliinii Abbaa Alangaa fi Qorataa


Poolisii sanadichaan teechifaman keessaa: eeruu dhihaate adda
baasuudhaan galmeessuu; gaaffii mirga wabii bu’uura SDFY
kew.28 tiin kennamu irratti waliin murteessuu; namoota
qabaman yookiin hidhaman mirgi isaanii akka kabajamu
hojjechuu; namoonni ragaa gahaa malee akka hin qabamne
yookiin akka hin hidhamne of eeggannoo barbaachisaa ta’e
taasisuu; ragaan seeraa akka dhiyaatu taasisuu; hojii qorannoo
yakkaa si’aawaaa fi bu’a-qabeessa taasisuu; ciraa qabame ragaa
ta’uu yookiin ta’uu dhiisuu irratti waliin murteessuu kanneen
jedhan isaan ijoo dha.160

Qorannoo JBAH irra deebiin bara 2011 gaggeeffame


bu’uureffachuunis Mana Hojichaa keessatti maanuwaaliiwwan
hojii adda addaa fi gurmaa’insi dabalataa barbaachisu irra
deebiin ilaalamaniiru. Maanuwaaliiwwan dhimma hariiroo
hawwasaa, kan yakkoota addaa addaa, kan yakka
malaammaltummaa fi taaksii, kan qo'annoo fi qophii wixinee
seeraa fi maanuwaalii hojimaata mirkaneessa, galmeessa

159
Akkuma 158ffaa, ful.19
160
Akkuma 159ffaa,ful.101
107
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

sanadotaa fi kenna hayyamaa qophaa’aniiru. Istaandardiin


madaallii saffina hojiiwwan Abbaa Alangaas taa’aniiru.161

Qorannoowwan kana irratti hundaa’unis gurmaa’insi Mana


Hojichaa illee irra deebiin akka fooyya’u taasifamee jira.
Haata’u malee, qorannoo irra deebiin bara 2011 gaggeeffame
kana keessatti kan adeemsaalee fi kutaalee hunda osoo
dugugamanii hin qoratamiin hafanii jiru. Akka fakkeenyaatti kan
Daayiroktereetii Humna Namaa, Inispekshinii, Kominikeshinii
fi Waajjira Abbaa Alangaa Waliigalaa caqasuun ni danda’ama.

4.8.4. Tooftaa Saffisaa Adeemsaa Falmii Yakkaa (RTD)

Rifoormiiwwan akka Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa


Oromiyaatti hojirra oolaa turan keessaa RTD’n isa tokko dha.
Akka biyya keenyaatti yeroo jalqabaaf bara 2001A.L.I tti biyya
Faransaay irraa muuxannoo fudhachuun riifoormii RTD kanatti
fayyadamuu kan eegalee Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa
Oromiyaa yoo ta’u, bu’aa guddaanis irraa argamee jira. Tooftaa
Saffisaa Murtii Battalaa jechuun yakkoota harkaa fi harkatti
qabamanii fi ragaa qorannoo dabalataa biroo hin barbaachisne
irratti ragaa Abbaa Alangaa fuudhuun galmeen erga qoratameen
booda, sa’atii 48 keessatti himannaa saaquun himatamaanis

161
Karoora Bara 2013 Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa Kan
Bu’aa Irratti Xiyeeffatee, 2013 ful.13
108
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

ragaa ittisaa qaba kan jedhu yoo ta’e ragaa ittisaa isaa waliin
Mana Murtiitti dhiyeessuun Manni Murtiis battalumatti galmee
saaquun falmii gaggeessee murtii kan itti kennu dha.

Bu’aa qabeessuummaan muuxannoo kanaas Godina Shawaa


Bahaa irratti shaakallii yaalii waggaa tokkoo gaggeessuun
muuxannoo achi irraa argame qindeessuun babal’isuun
Godinaalee Oromiyaa hunda keessatti akka hojii irra oolu
taasifamee jira.

Hojii irra oolmaa kanaanis bu’aaleen akka Naannoo Oromiyaatti


argamanis galmeewwaan yeroo dheeraaf sababa ragaa fi
himatamaan dhabamuun beellama Mana Murtiin gangachamaa
turan yeroo gababaa keessatti murtii akka argatan taasifamee
jira; kuufamni galmee beellama Mana Murtii irraa akka salphatu
taasiseera; ragaan waan argee fi dhaga’e osoo hin irraanfatiin
battalumaatti jecha ragummaa isaa akka kennu ta’uun murtii
haqa qabeessa kennuu keessattis bu’aa buuseera.162
Qindoominni Abbaa Alangaa, Mana Murtii fi Poolisii jidduu jiru
akka cimu taasifamee jira. Hojiin kunis Muuxannoo Mana Hojii
Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa ta’uun qindaa’ee Mana
Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Federaalaa, Naannolee
162
Gaaffii fi deebii Obbo Qaasiim Galgaloo I/A/Hogganaa Biiroo Haqaa
Oromiyaa Duranii fi Komishineeraa Mana Amala Sirreessaa fi I/A/ gaafa 23-
07-2013 taasifame.
109
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Amaaraa, Tigiraayif, Saboota, Sab-lammootaa fi Uummattootaa


Kibbaa fi Naannoo Hararii fudhatanii hojirra oolchani jiru.163

4.8.5. Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimo’aa


(SMBKT)

Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimo’aa meeshaa sirna


karoora tarsiimoo fi hooggansa Mana Hojichaa tarsiimoo waliin
walqunnamsiisuuf walqunnamtii alaa fi keessaa ittiin
fooyyeessuu fi raawwii Mana Hojichaa mannii kaa’ame waliin
wal bira qabuudhaan ittiin hordofuuf kan bocame dha. Sirni
kunis bara 2002 qoratamee bara 2003 irraa eegalee akka
Naannoo Oromiyaatti hojii irra ooluu kan eegalee dha.
SMBKT’n kaayyolee gurguddoo sadii irratti kan xiyyeeffate yoo
ta’u: Isaanis: 1ffaa Mana hojii tarsiimoo irratti xiyyeeffatu
uumuuf (to create strategy focused organization), 2ffaa sirna
safartuu bu’aa irratti xiyyeeffate diriirsuu (develop result based
measurement system), fi 3ffaa bu’aalee gama hojiirra oolmaa
JBAH tiin argaman daran cimsuudhaan itti fufsiisuu dha.164

Sirni Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimo’aa Mana Hojii Abbaa


Alangaa qoratamee hojiirra ooles toora xiiyyeeffannoo lama

163
Akkuma 162ffaa
164
Sirna madaallii bu’aa karoora tarsiimoo (SMBKT), Mootummaa Naannoo
Oromiyaa (2003) (unpublished), Sanada leenjii qorannoo, hojii irra olmaa fi
hoggansa SMBKT irratti qophaa’e fuula 3-4.
110
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

akka qabu kan teechise yoo ta’u: Isaanis: 1ffaa Qorannaa Yakkaa
fi Murtii Haqaati. Bu’aan toora xiyyeeffannoo 1ffaa kanaatis
‘haqa bahe, adabbii barsiisaa ta’e kenname, yakka ittifamee fi
tajaajila qulqullina qabu kenname’ kan jedhu yoo ta’u dha.
Toorri xiyyeeffannoo 2ffaan immoo hojii irra oolmaa Heeraa fi
seeraati. Bu’aan toora xiyyeeffannoo 2ffaa kanaas ‘seerota
heeraan wal simatan, uummata mirga isaa beekee itti
fayyadamee fi kabajamuu ol-aantummaa seeraatiif gahee irraa
eegamu bahe’ kan jedhu dha.165 Sirni Madaallii Bu’aa Karoora
Tarsiima’aa (SMBKT) kunis akkuma riformiwwan biroo Mana
Hojiichaa keessatti humna raawwachiisummaa cimsuu fi
hojimaatni qulqullina hojii to’atuu fi madaalu akka diriiru kan
taasise dha.

4.8.6. Itti Fayyadama Teekinooloojii Qunnamtii


Odeeffannoo

Teeknolojiin Quunnamtii Odeeffannoo (TQO) qaama sagantaa


ijaarsa dandeettii keessaa isa tokko kan ta’e meeshaa hojiin
riifoormii Mana Hojichaa ittiin saffisiifamuu fi bulchiinsi
gaariin ittiin mirkanaa’u dha. Bu’uuruma kanaan, Manni Hojii
Abbaa Alangaa rifoormiiwwan akka Mana Hojiitti qoratamaa
turan hojii irra oolchuuf TQO’tti fayyadamuuf yaalii taasisaa

165
Karooraa hojii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waligalaa Oromiyaa Bara
2012 ka’umsaaf qophaa’ee, fuula 30
111
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

turee jira. Haaluma kanaan, dandeettii fi itti fayyadama


hojjettoonni TQO irratti qaban dabaluuf leenjiiwwaan
gaggabaabaa adda addaa kennamaa turee jira. Qabiinsa ragaalee
Mana Hojichaa ammayyeessuuf ‘daataa beezii fi soofti weeriin’
adda addaa hojii irra oolee jira. Haata’u malee, hojiin kun
xiyyeeffannaan itti kennamuu dhabuun duubatti deebi’ee akka
jiru hubatamee jira. Kanaafis akka sababaatti ka’uu kan danda’u
caasaan yookiin gurmaa’insi isaa sadarkaa Gareetti ta’uu, humni
namaa dandeettii fi gahumsa qabu jiraachuu dhabuu, hojiiwwaan
akka daataa beezii fi softi weerii fayyadamuun jalqabamee ture
jiraachuu dhabuu fi moossajiiwwaan haaraa qorachuun diriirsuu
dhabuun dhimmichi xiyyeeffannoo dhabuu isaa akka
mul’istuutti kaasuun ni danda’ama.

4.8.7. Chaarterii Lammilee

Chaarterri lammiilee jechuun sanada qaamni mootummaa tokko


tajaajila hawaasaaf kennu ilaalchisee gosa tajaajilaa, bakka
tajaajilli itti kennamu, istaandardii tajaajilli itti kennamu,
ulaagaalee yookiin haal-dureewwaan tajaajilichi guutuu qabuu fi
aangoo fi gahee Mana Hojichaa hawaasaaf ibsuun hawaasnis
mirgaa fi dirqama isaa beekee tajaajila barbaadu akka argatu

112
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

gochuuf166 sanada waadaa mootummaa fi tajaajilamaa gidduutti


qophaa’uu dha. Kaayyoon isaa inni guddaan lammileen tajaajila
argachuu qaban irratti mirgaa fi dirqama isaanii beekuun akka
itti fayyadaman taasisuuf, iftoomina fi itti gaafatamummaa
mirkaneessuuf, lammiilee hundaaf tajaajila ga’uumsaa fi haqa-
qabeessa ta’e kennuuf, kenna tajaajilaa yeroo, yerootti
madaaluun fooyyessaa deemuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuu
keessatti uummanni ga’ee irraa eegamu akka ba’u taasisuu
dha.167

4.8.8. Karoora Bu’aa Irratti Xiyyeeffate

Manni Hojichaa aangoo fi gahee hojii seeraan kennameef


galmaan gahuuf Karoora Guddinaa fi Tiraansfoormeeshinii
(KGT) marsaa lamaan KGT 1ffaa bara 2003-2007 akkasumas,
marsaa 2ffaa bara 2008-2012 SMBKT dhaan qopheessuun
hojiirra oolchaa erga turee booda, xiinxala karoora kanaa erga
gaggeessee kallattii kaawwachuun saayinsii karooraa biroo
Karooraa Bu’aa Irratti Xiyyeeffate (KBIX) kan waggaa, waggaa
shanii fi kudhanii qopheeffachuun bara 2013 hojiitti seenee jira.
Karoorri kunis qophaa’uu kan danda’eef bu’aa waliigalaa Mana

166
Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Chaarteerii Lammilee Biiroo haqaa
Oromiyaatiin amajjii bara 2005 qopha’ee maxxanfame fuula 2 fi 5
167
Akkuma 166ffaa, fuulaa 5ffaa
113
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Hojichaa irraa eegamu madaaluun ergamaa fi mul’ata Mana


Hojichaa karaa guutuu ta’een galmaan ga’uufi dha.168

Akka waliigalaatti, Manni Hojichaa riifoormiiwwaan adda


addaa qorachuun hojii irra oolchuudhaan bu’aalee jajjabeessaa
ta’an galmeessaa kan ture yoo ta’es bu’aaleen riiformichaa karaa
itti fufiinsa qabuun hojii irra oolchuu irratti hanqinaaleen kan
jiran ta’uu isaa hubatameera. Karroorri Bu’aa irratti xiyyeeffate
yeroo kitaabni kun qophaa’utti bara 2013 hojiirra kan oole waan
ta’eef bu’aa fi hanqina isaa kitaaba kana keessatti xinxaluun hin
danda’amne.

4.9. Haala Hoggantoota Mana Hojichaa


Ergamaa fi mul’ata mana hojii tokko akkaataa seeraan tumamee
jiruun galmaan ga’uuf hooggansi tarsiimo’aan mana hojii
tokkoof barbaachisaa dha. Manni Hojii Abbaa Alangaa immoo
hojiin inni hojjetu mirga dhala namaatiin kan wal qabatu waan
ta’eef, hooggansi amala Mana Hojichaa beekee hoogganu
jiraachuun murteessaa dha. Gama biraatiin, hooggansumti
tarsiimo’aan amala Mana Hojichaa beekus hojii isatti kenname
akkaataa barbaadameen bilisummaa guutuudhaan raawwachuu

168
Kaarooraa Bu’aa irratti xiyyeeffate (KBI)kan mana hojii Abbaa Alangaa
waliigala Oromiyaa kan waggaa shanii 2013-2017tti jiru dha.
114
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

kan danda’u sirnii fi hojimaanni hooggansi tokko ittiin aangootti


dhufuu fi aangoo irraa itti kaafamu yoo jiraate qofaa dha.

Gama kanaan, muuxannoon biyyoota garaagaraa169 kan agarsisu


aangoon Mana Hojii Abbaa Alangaa fi ulaagaa hoogganaan
Manichaa itti muudamuu fi hooggansa irraa itti kaafamu heera
biyya isaanii irratti kan tumanii jiran ta’uun ni hubatama.

MHAAWO gama kanaan hundeeffama isaa irraa kaasee akka


Naannoo Oromiyaatti ulaagaan hoogganaan Mana Hojichaa itti
muudamuu fi hooggansa irraa itti kaafamu hanga kitaabni kun
barreeffamutti ifatti seeraan kan hin teenye ta’uun hoogganaan
Mana Hojichaa yeroodhaa, yerootti osoo tasgabbaa’ee hojii hin
eegaliin aangoo irraa itti kaafamee argamutu mul’ata. Haaluma
kanaan, haala hooggansa MHAAWO hundeeffama isaa irraa
kaasee jiruu fi bu’aa ba’ii isaan dabarsan tokko tokkoon kaasuun
akka armaan gadiitti ilaalamee jira.

1ffaa Hoogganaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Oromiyaa


ta’uudhaan yeroo jalqabaaf kan muudaman Obbo Hasan
Roobaa, yemmuu ta’an Bitooteessaa 1985 dura Manicha
hoogganaa turanii jiru. Sababa hanqina ragaa irraa kan ka’e
suuraa fi gumaacha isaanii ibsu hin dandeenye.

169
Olitti yaadannoo lakk.62
115
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

2ffaa Hoogganaa Manichaa kan ta’an Obbo Kaffaaloo


Balaachoo, yoo ta’an ji’a Bitooteessaa bara 1985 irraa kaasee
hanga bara 1993tti Mana Hojichaa hoogganaa kan turan ta’uu
ragaan ni agarsiisa. Yeroo kanatti, Manni Hojichaa Itti Aantota
lama kan qabu yoo ta’u, isaanis Obbo Damoozee Maammee fi
Obbo Girmaa Warquu turan. Hoggantootni kun bakka haalli
mijataan hin jirretti duwwaa irraa ka’uun Mana Hojichaa
hundeedhaan gadi dhaabuuf tattaaffii fi carraaqqii guddaa
taasisaa turuu isaanii ragaan ni mul’isa.

Yemmuu kanatti, qormaatonni turan humni namaa Abbaa


Alangaa fi hojjetaan Bulchiinsaa gahaan kan hin jirre ta’uun,
baajatni kan hin jirre ta’uun keessummaayyuu Aanaa tokko
tokko keessatti uummata irraa kadhachuun hojiin hojjetamaa
kan ture ta’uun ni hubatama. Kana malees, loojistikiin hojiin
ittiin hojjetamu waan hin jirreef, himannaan, ol-iyyannii fi
kanneen biroon harkaan barreeffama kan ture ta’uu ragaan ni
mul’isa. Kanaaf, hooggantootni haala kana keessa ta’uun
hooggananii manicha sadarkaa amma jirutti ceesisan kan
lubbuun jiranis ta’e, hin jirre seenaa manichaa keessatti yeroo
hundaa kan yaadataman ta’u.

Haqaan Haqaaf haa hojjannu!


116
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Obbo Kaffaaloo Balaachoo


Hoogganaa Muummicha Abbaa Alangaa Waliigalaa (1985-1993)

3ffaa Hoogganaa Manichaa kan ta’an Ambaasaaddar Disaasaa


Dirribsaa yoo ta’an isaanis Hoogganaa Biiroo Dhimma Seeraa
Oromiyaa ta’uun Fulbaanaa bara 1995 hanga Onkololeessa
1996tti tajaajilanii jiru. Yeroo kanatti Manni Hojichaa itti aanaa
tokko kan qabu yoo ta’u isaanis Ambaasaaddar Dawwaannoo
Kadir turani.

117
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Ambaasaaddar Disaasaa Dirribsaa


I/A/Dhimma Abbaa Alangaa fi Seeraa (Sadaasa 15, bara 1994-
Hagayya 30 bara 1994)
Hoogganaa Biiroo Dhimma Seeraa Oromiyaa (Ful.1995- Bit.1996)

4ffaa Hoogganaa Mana Hojichaa kan turan Ambaasaaddar


Daggifee Bulaati. Ambaasaaddar Daggifee Bulaa Onkololeessa
18, bara 1994 hanga Amajjii 20 bara 1994tti hoogganaa Biiroo
Dhimma Seeraa ta’uun hojjechaa turanii jiru. Dabalataan, bara
1997 I/A/Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi
Hoogganaa Biiroo Haqaa fi Nageenyaa ta’uun tajaajilaa turuu
isaanii ni hubatama. Yeroo kana keessatti, Manni Hojichaa
rakkoo loojistikii furuuf konkolaatawwan Piikaappii baay’inaan

118
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Manni Hojichaa akka argatu taasifamee jira. Itti Aantota


hoogganaa Mana Hojichaa ta’uun kan tajaajilaa turan
Ambaasaaddar Dawwaannoo Kadirii fi Aaddee Adaanech
Abeebee turan.

Ambaasaaddar Daggifee Bulaa Aaddee Adaanech Abeebee


Hoogganaa Biiroo Dhimma Seeraa Biiroo Haqaa fi Nageenyaatti
(Onk.1994-Amaj.1994) I/A/Hoggantuu
I/A/Pirezidaantii MNO fi Hogganaa Biiroo Haqaa fi Damee Tajaajila
Nageenyaa (1997) Seeraa (1997)

5ffaa Hoogganaa Mana Hojichaa kan turan Ambaasaaddar


Dawwaannoo Kadiiri dha. Ambaasaaddar Dawwaannoo Kadiir
Bitooteessa 22 bara 1996 irraa eegalee hanga Fulbaanaa 1997tti
Hoogganaa Biiroo Dhimma Seeraa ta’anii hojjechaa turani jiru.
Onkoloolessa bara 1997 irraa eegalee hanga Fulbaana 1998tti
immoo I/Aanaa Mana Hojichaa fi Hoogganaa Damee Abbaa
Alangaa ta’uun tajaajilanii turan. Fulbaana 27 bara 1998 irraa
eegalee hanga Fulbaanaa bara 2003tti Hoogganaa Biiroo Haqaa

119
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Oromiyaa ta’uun Manicha kan hoogganan yoo ta’u, yeroo


hooggansa isaanii kanatti Manni Hojii Abbaa Alangaa kun
jijjiiramaa fi riformiiwwan adda addaa gaggeessaa turee jira.
Kana malees, yeruma kana Manni Hojii Abbaa Alangaa of
danda’ee miseensa Mana Maree Mootummaa Naannichaa ta’uun
kan hojjechaa turee fi Abbaan Alangaa illee ofitti
amanamummaa hedduu kan horatee fi ogeeyyiin sadarkaan
barnoota isaanii digirii jalqabaa ta’e baay’inaan gara Mana
Hojichaa itti seenani dha.

Dabalataan, seenaa Mana Hojichaa keessatti ogummaan Abbaa


Alangumma akka guddatuuf, ofitti amanamummaan Abbaa
Alangaa akka dabaluuf hojiin gaariin hojjetamee jira. Yeroo
kanatti, keessumaattuu, rifoormiwwan adda addaa kan akka
JBAH’n qoratamee hojii irraa kan oolee fi RTD muuxannoo
biyya Faransaay irraa fudhatamee akka Naannoo Oromiyaatti
hojii irra akka oolu taasifameera.

Muuxannoowwan kanas qindeessuun Manneen Hojii Federaalaa


fi naannoleen biroo akka qooddatan taasifamee jira. Manneen
Hojii Abbaa Alangaa sadarkaa, sadarkaan jiran rifoormiiwwan
hojii irra oolchuudhaan kan badhaafamaa turan ta’uun ni
hubatama. Dabalataanis, rakkoo waajjiraalee Mana Hojii Abbaa
Alangaa Aanaalee furuuf hirmaannaa uummataatiin akka

120
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

ijaramaniif tattaaffii guddaan taasifameen bu’aanis kan itti


argame ta’uun ni yaadatama.

Akkasumaas, dandeettii raawwachiisuummaa Abbootii Alangaa


cimsuuf baajata Sagantaa Ijaarsa Dandeettii Pabliik Sarvisii
(PSCAP)tti fayyadamuun Yunivarsiitii Finfinnee waliin ta’uun
Abbootiin Alangaa 189 ta’an dippiloomaa irraa gara digirii
jalqabaatti barumsa isaanii akka fooyyeeffatan taasifameera.170

Yeroo kanatti Itti Aantota ta’uun yeroo adda addaa hojjechaa


kan turan Ambassaaddar Birhaanuu Tsaggayee fi Obbo
Tasfaayee Dhaabaa turani.

Ambaasaadar Dawwannoo Kadiir Obbo Tasfaayee Dhaabaa


Hoogganaa Biiroo Dhimma Seeraa I/A/Hoganaa Biiroo Haqaa
(Onk.1996-Ful.1997) Oromiyaa(Mud. 2001 – Ful. Bara 2003)
I/A/Hogganaa Damee Abbaa
Alangaa (Ful.1997-Ful.1998)
Hogganaa Biiroo Haqaa Oromiyaa
(Fulb.1998-Fulb.2003)

170
Miiljalee olii lakk.156
121
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

6ffaa Hooggana Mana Hojichaa kan turan Obbo Yohaannis


Mitikkuuti. Obbo Yohannis Mitikkuu Fulbaana 20 bara 2003
hanga Guraandhala 2003tti Mana Hojichaa kan hoogganan
ta’uun ni hubatama. Itti Aantuu ta’uun kan hojjechaa turan
immoo Aaddee Mahabubaa Adam turani.

Obbo Yohaannis Mitikkuu


Hoogganaa Biiroo Haqaa Oromiyaa (Ful.2003-Guran.2003)

7ffaa Mana Hojichaa kan hogganaan Obbo Damoozee Maammee


turan. Obbo Damoozeen Bitooteessa 8 bara 2003 irraa eegalee
hanga Fulbaana bara 2005tti hoogganaa Mana Hojichaa turan.
Yeroo kanatti I/Aantuu ta’uun kan hojjechaa turan Aaddee
Mahabubaa Adam dha.

Obbo Damoozeen Hogganaa 7ffaa Mana Hojichaa osoo hin


ta’iin duras Mana Hojii kanatti Bara 1985 -1992tti Itti Aanaa
Abbaa Alangaa ta’anii hundeeffama isaa irraa kaasee hojjechaa

122
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

kan turan ta’uu fi ogeeyyii hedduu Mana Hojichaatti makamanis


kan leenjisaa turan ta’uun ni hubatama. Dabalataan Obbo
Damoozeen yeroo jalqabaa Manni Hojichaa hundeeffamu bakka
haalli mija’aan hin turretti hoogganuun aarsaa kaffaluun
sadarkaa Manichi har’a irra ga’e kanaaf gumaacha ol-aanaa
taasisuu isaanii seenaa Mana Hojichaa irraa ni hubatama.

Obbo Damoozee Maammee


I/A/Hoogganaa Biiroo Dhimma Seeraa fi Hogganaa Abbaa
Alangaa (Bara 1985 -1992)
Hoogganaa Biiroo Haqaa (Bit .8 Bara 2003- Onkol-1bara2005tti)
8ffaa Hooggana Mana Hojichaa ta’uun kan tajaajilan obbo
Fiqaaduu Sobbooqaa yoo ta’an isaanis Onkolooleessa 2005
hanga Fulbaana bara 2008tti hogganaa turanii jiru. Bara
hoggansa isaani keessatti dambiin ittiin bulmaata Abbaa
Alangaa bara 1995 bahe ture bifa haaradhaan fooyya’uun hojii
irra kan itti oolee ta’uu fi qajeelfamni guddinaa fi jijjiirra Abbaa
Alangaa yeroo jalqabaaf hojimaanni isaa diriiruun ni yaadatama.

123
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Yeroo kanatti Itti Aantuu ta’uun Mana Hojichaa kan tajaajilaa


turan Aaddee Mahabubaa Adam dha.

Obbo Fiqaaduu Sobbooqaa


Hogganaa Biiroo Haqaa Oromiyaa (Onk.2005-Ful. 2008)

9ffaa Hooggantuu Mana Hojichaa kan turan Aaddee


Maahibubaan Adam dha. Aaddee Mahabuubaan Fulbaana 27
bara 2003 irraa hanga Fulbaana 23 bara 2008tti I/Aantuu
hooggantuu Manichaa ta’uun erga tajaajilaa turaniin booda,
Fulbaana 24 bara 2008 hanga Fulbaana 2009tti immoo
Hooggantuu Mana Hojichaa ta’uun muudamanii jiru. Aadde
Mahibubaan Hooggansa dubartii jalqabaa Mana Hojichaa ta’uun
tajaajilaa turanii jiru. Itti aantoota Mana Hojichaa ta’uun kan
tajaajilaa kan turan Obbo Abdallaa Ogatee fi Obbo Qaasiim
Galgalooti.

124
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Aaddee Mahabubaa Adam


I/Aantuu Hoogganaa Biiroo Haqaa Oromiyaa (Ful.27, 2003-Ful.23, 2008)
Hoggantuu Biiroo Haqaa Oromiyaa (Fulbaana 24 bara 2008- Fulb, 2009)

Obbo Abdallaa Ogotee Obbo Qaasiim Galgaloo


I/A/Hooggantuu Biiroo Haqaa I/A/Hooggantuu Biiroo Haqaa
Oromiyaa(Bara 2008) Oromiyaa(Ebla ,2008-Wax.2009)

10ffaa Hoogganaa Mana Hojichaa kan ta’an Ambaasaaddar


Birhaanuu Tsaggaayee Onkoololeessa bara 2009 hanga
Onkolooleessa 2010tti hojjechaa turanii jiru. Sanaan duras Itti

125
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

aanaa hoogganaa Biiroo Haqaa Oromiyaa ta’uun bara 1999


hanga Sadaasaa bara 2001tti tajajilaniru.

Ambaasaaddar Birhaanuu yeroo gareen jijjiramaa “Team


Lamma” jedhamu hooggansa kennaa turetti Mana Hojichaa kan
hooggananii fi Manni Hojichaas dhageettii ol-aanaa kan itti
argate dha. Keessattuu, labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa
Waliigala Oromiyaa hundeessuuf bahe yeroo itti wixineefame
qaamoleen adda addaa akka itti amanan taasifame dha. Kana
malees, gama humna dandeettii raawwachiisummaa Abbootii
Alangaa cimsuutiin deeggarsa maallaqaa Imbaasii biyya
Nezerlaandi irraa argameen Yunivarsiitii Amisterdaam waliin
ta’uun Abbootii Alangaa fi Abbootii Seeraa digirii jalqabaa
qaban 300(dhibba sadii) ta’an carraa digirii lammaffaa argatanii
171
akka baratan taasifamuun akka milkaa’ina ol-aanaatti kan
fudhatamu dha.

Kana malees, Manni Hojichaa Itti Aantota lamaan akka


hoogganamu kan taasifame dha. Itti Aantota ta’uun kan
hojjechaa turan Obbo Taakkalee Inkoosaa fi Obbo Ashimaawii
Seeyifuu turani.

171
Gaaffii fi deebii Obbo Sulxaan Abdoo Daayirekteera Daayiroktereetii
Qo’annoo,Qophii wixinee fi hubannoo seeraa waliin gaafa 20-07-2013
taasifame
126
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Ambaasadar Biraanuu Tsaggaayee Obbo Taakkalaa Inkoosaa


I/A/Hogganaa Biiroo Haqaa I/A/Hoogganaa Mana Hojichaa
Oromiyaa (1999 - Sad.2001) (Sad.13 bara 2009-Eb.2012)
Hoogganaa Biiroo Haqaa Oromiyaa
(2009-2010)

11ffaa Hoogganaa Mana Hojichaa ta’uun kan tajaajilaa turan


Obbo Tashoomaa Girmaa dha. Obbo Tashoomaan
Onkolooleessa 14 bara 2010 hanga Muddee 2012 tti Mana
Hojichaa kan hoogganani dha. Yeroo kana keessatti maqaan
Mana Hojichaa Labsii Lakkoofsa 214/2011tiin Biiroo Haqaa irra
gara Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatti
jijjiramee dha. Haaluma kanaan hundeeffama Mana Hojii Abbaa
Alangaa Waliigala Oromiyaa irraa ka’uun aangoon hojii Abbaa
Alangumma qaamota adda addaatiin hojjetamaa ture gara Mana
Hojichaatti yeroo dhufee dha. Dabalataanis, Labsii kana irratti
hundaa’uun gurmaa’insi Mana Hojichaa irra deebiin kan
hojjetame dha. Akkasumas, rakkoo waajjiralee sadarkaa
Godinaa furuuf tattaaffiin akka Mana Hojichaatti kan taasifamee
127
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

fi baajata Mootummatiin Manni Hojii Abbaa Alangaa Godinaa


Booranaa sadarkaa isaa eeggatee akka ijaaramuuf jalqabbiin
yeroo itti eegalame ture. Itti aantoota kan turan Obbo Taakkalaa
Inkoosaa fi Obbo Ashimaawwii Seeyifuu turani.

Obbo Tashoomaa Girmaa Obbo Ashimaawii Seeyifuu


Hogganaa BH fi Abbaa Alangaa I/A/BH fi I/A/Abbaa Alangaa
Waliigala Oromiyaa Waliigalaa Oromiyaa
(Onk..2010-Mud.2012) (Ad.25 bara 2009-Caam.30, 2012)

12ffaa Hoogganaa Mana Hojichaa kan turan Obbo Daani’eel


Asaffaa yoo ta’an isaanis Amajjii 1 bara 2012 irraa kaasee hanga
Hagayya 7 bara 2012tti hojjechaa turanii jiru. Manni Hojichaa
rakkoo loojistikii furuuf tattaaffii taasifameen konkolaataa shan
akka bitaman yookiin kennaman ta’eera. Kana malees, Manni
Hojichaa sirna karooraa bu’aa irratti xiyyeeffate yeroo itti
jalqabe ture. Itti aantoota kan turan Obbo Ashimaawii Seeyifuu
fi Nageessoo Oddoo ti.

128
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Obbo Daani’eel Asaffaa Obbo Nageessoo Oddoo


Abbaa Alangaa Waliigalaa I/A/Abbaa Alangaa Waliigalaa
Oromiyaa (Amaj.2012-Hag.2012) Oromiyaa (Bit.9, 2012-Hag.2013)

13ffaa Hagayya 8 bara 2012 irraa kaasee hanga yeroo kitaabni


kun qophaa’utti Hooggana Mana Hojichaa ta’uun kan tajaajilaa
jiran Obbo Huseen Usmaan dha. Sana duras itti aanaa Mana
Hojichaa kan turanii fi booda irra Abbaa Alangaa Waliigalaa
ta’uun hanga yeroo kitaabni kun barreeffamuutti tajaajilaa jiru.
Yeroo kana keessatti gurmaa’insa Mana Hojichaa fooyyeessuuf
fi sadarkaa raawwii Manni Hojichaa irra jiru adda baasuuf
qorannoowwaan gaggeeffamanii jiru. Kana malees, Dambiin
Bulchiinsaa fi Naamusa Abbaa Alangaa fi qajeelfamootni adda
addaa hojimaata Mana Hojichaa diriirsuu irratti xiyyeeffatan
bahani hojiirra oolani jiru. Dabalataanis, qindoominni
hooggansaa fi raawwataa rakkoo hamaa keessa ture fooyyessuun
yookiin sirreessuun qindoomina qaamolee keessaa fi alaa akka
129
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

cimuuf sochii cimaan taasifamaa turee jira. Akkasumaas, sirni


karooraa Mana Hojichaa (KBI) hojii irra itti oole dha.

Itti aantoota Mana Hojichaa kan ta’an Obbo Taaddasaa Nugusee


fi Obbo Utukkannaa Odaa yoo ta’an, isaanis hooggansaa waliin
ta’uun qindoomina keessoo fi alaa cimsuun miirrii gaarii fi
kaka’umsi hojii ogeessaa fi hojjettoota jidduutti akka uumamuu
fi imalli Mana Hojichaas gara milkaa’ina gaariitti akka deemuu
shooraa ol-aana taphatanii jiru.

Obbo Huseen Usmaan Adam


Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa (Hag. Bara 2012 irraa eegalee)

Haqaan Haqaaf haa hojjannu!


130
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Obbo Taaddasaa Nugusee Obbo Otukkannaa Odaa


I/A/Abbaa Alangaa Waliigalaa fi I/A/Abbaa Alangaa Waliigalaa fi
Hoogganaa Damee Falmii Seeraa Hoogganaa Damee Tajaajila Seeraa
(Fulb.8, bara 2013 irraa eegalee) (Onk.16, bara 2013 irraa eegalee)

Miseensota Koree Maanaajimantii Mana Hojii Abbaa


Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Amma Jiru Keessaa

131
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

4.10. Haala Humna Namaa Mana Hojichaa


Manni Hojii Abbaa Alangaa Naannoo Oromiyaa bara 1985
yeroo hundeeffamu ogeeyyii Abbaa Alangaa mootumma gidduu
galeessa irraa namoota 13 ofitti fudhachuun hojiin Abbaa
Alangummaa hojjechuun eegale. Ogeeyyii kana keessaas
namoota muraasa dippiloomaa qabaniin alatti kanneen hafan
hedduun isaanii sartifikeetii illee kan hin qabnee fi
muuxaannoodhaan hojjechaa kan turan ta’uun hubatameera.172
Dabalataanis, namoota bakka biraa irraa walitti qabaman nama 7
walumatti, namoota digdamaan (20) hojiin Abbaa Alangummaa
Mana Hojichaa keessatti jalqabamee jiraachuu ni hubatama.173
Hojjetaan bulchiinsaa nama 4(afur)’n dhiira 1(tokkoo) fi dubartii
3’n(sadii) hojiin eegalameera174.

Yeroo sanatti, Naannoon Oromiyaa Godinaalee 12 (kudha


lamaa) fi Aanaalee 223 (dhibba lamaa fi digdamii sadii) kan
qabdu yoo ta’u, Abbootii Alangaa 20(digdama)’n hin caalle
kanaan sirna haqaa Naannichaa of dandeessisanii dhaabuun
baay’ee ulfaataa akka tures ni hubatama.175 Rakkoo humna
namaa yeroo sana ture hundee irraa furuudhaaf akka falaatti kan

172
Barruu Gaaddisa Haqaa Jiildii 1,lakk.1 Amajjii 2008, fuulaa 6
173
Akkuma 172ffaa
174
Af-gaaffii Aaddee Hizbaayesh Birhaanuu waliin gaafa 13-08-2013
taasifame.
175
Akkuma 174ffaa
132
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

teechifame humna namaa barbaaduun ji’a 3-6 (sadii hanga


ja’aatti) leenjisuun hojii eegalchiisuu yoo ta’u, leenjii marsaa
jalqabaa al tokkootiin Magaalaa Adaamaatti bara 1985
kennameen Abbootiin Alangaa 168 fi Abbootiin Seeraa 339
walumattii, ogeeyyii 507 (dhibba shanii fi toorba) leenjifamanii
ba’anii jiru.176 Akkasumaas, marsaa lammaaffaan bara 1986
Magaalaa Finfinneetti Abbootii Alangaa fi Abbootiin Seeraa
500 (dhibba shanii) ol ta’an leenjii ji’a ja’aa fudhachuun hojii
eegalanii jiru.

Leenjii kana yeroo sanatti Itti Aanaa Hoogganaa Mana Hojichaa


kan turan Obbo Damoozeen akka leenjisaa fi qindeessaa
leenjichaatti hojjachaa turuu isaanii ragaaleen ni agarsiisu.
Qabxiin ijoon bakka kanatti hubatamuu kan qabu namni
uummanni filatee Abbaa Alangaa ta’aa akka turee fi
keessumaayyuu bara 1985 keessaa namoota naamusaa gaarii fi
dandeettii qabu jedhaman uummatni filatee leenjiin seeraa
gaggabaabaa erga kennameef boodaa Abbaa Alangummaan
ramaddiin kennamaafi akka ture ni hubatama.177

Qormaanni biraan yeroo sana ture immoo Manni Hojichaa


waajjira mataa isaa waan hin qabneef Manni Murtii fi Abbaan

176
Akkuma 177ffaa
177
Barruulee Eebbaa Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa Aaanaalee
Naannoo Oromiyaa bara 1992 qophaa’ee
133
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Alangaa manuma tokko keessatti manneen dulloomaa gandaa


keessatti kutaa adda addaa qooddachuun hojjechaa turanii jiru.
Hojjetaan bulchiinsaa kan Mana Hojii Abbaa Alangaa sadarkaa
Godinaa fi Aanaatti waan hin jirreef, Abbaan Alangaa
hojiiwwan mana galmee fi kan biroo hojjetaa bulchiinsaatiin
hojjetamuu qaban hojjechaa turee jira.178

Bara 1987-1994 gidduutti erga Mootummaan Naannoo


Oromiyaa Heera mataa isaa baafateen as haalli qaamolee haqaa
keessa jiru gama dandeettinis ta’e, gama baay’ina humna
namaatiin fooyyee kan qabu ta’uun ni hubatama. Haata’u malee,
rakkoon qaamolee haqaa bara 1987’n booda mudate hojimaanni
qaamoleen haqaa ittiin gaggeeffaman waan hin diriirreef
raawwii irratti rakkooleen tokko tokko mudatanii jiru. Isaan
keessaa adda dureen kan eeramuu danda’u Abbaa Alangaa fi
Abbaa Seeraa bakka garaagaraatii walitti qabamani leenjii
fudhatanii hojii irra turan keessaa Mootummaan yookiin qaama
raawwachistuun mootummaa yeroo tokkotti Abbaa Alangaa 110
(dhibba tokkoo fi kudhan) fi Abbaa Seeraa 250 (dhibba lamaa fi
shantama) ta’an akka hojii irraa gaggeeffaman ta’eera.179
Rakkooleen kun jiraatanis Manni Hojichaa hanqina humna
namaa guuttachuuf yeroo garaagaraa tarkaanfiilee garaa garaa

178
Olitti yaadannoo lakk.107
179
Akkuma 178ffaa
134
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

fudhachaa ture jira. Akka fakkeenyaatti bara 1994 hojjettoota


bulchiinsaa Mana Hojii Abbaa Alangaa keessa hojjachaa turaniif
leenjii ji’a 6 (jahaa) kennuufiin akka Abbaa Alangaa ta’anii
hojjetan taasifamee jira.

Gabatee 1: Haala Baay’inaa fi sadarkaa Barnootaa Abbaa


Alangaa Bara 1994- 1997 tti Jiru

Sadark
Bara 1994 1995 1996 1997
Lakk

aa
Barums Dh Du Ida Dh Id Dh Du Ida Dh Du Ida
Du
aa a
1 Kutaa 7 1 - 1 - - - - - -
-
gadi
2 Kutaa 5 1 6 3 4 1 - 1 1 -
1 1
7-8
3 Kutaa 34 1 35 20 22 14 - 14 4 1
2 5
9-12
4 Sartifik 182 13 195 308 340 308 31 339 289 26
32 315
eetti
5 Dippilo 33 2 35 55 59 76 10 86 216 40
4 256
maa
6 LLB 47 - 47 35 3 38 48 3 51 59 3 62
7 LLM 1 - 1 1 - 1 1 - 1 1 - 1
8 Kan 9 1 10 3
3
biro
Ida’am 313 18 331 425 467 447 44 491 570 70
42 640
a

Haqaan Haqaaf haa hojjannu!


135
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Chaartii 1: Haala Baay’ina Abbaa Alangaa Bara 1994-1997 tti Jiru Ibsu

350 340 339 Kutaa 7 gadi


315
300 Kutaa 7-8
256
250 Kutaa 9-12
195
200 Sartifikeetii
150
Dippilomaa
100 86
62
LLB
59 51
50 36 47 38
LLM
1 1 1
0 1
1994 1995 1996 1997 Kan Biroo

Akka waliigalaatti, gabatee fi chaartii armaan olii irraa wanti


hubatamu haala baay’inaa fi qophaa’ummaa barumsaa humna
namaa Mana Hojichaa keessaa bara 1994 -1997tti ture yoo
ilaalluu ogeeyyiin kutaa 7ffaatii kaasee hanga 12ffaa qofaatti
baratanii hojii Abbaa Alangummaa hojjechaa kan turan ta’uun
hubatameera. Akka fakkeenyaatti yoo ilaallu bara 1994 kutaa 7-
12tti kan turan namoota 41 ta’uun gabatee armaan olii irraa ni
hubatama. Akkasumas, humni namaa bal’aan yeroo kana hojii
irra ture namoota sartifikeetii seeraa qaban ta’uu fi baay’ina
waliigalaa Abbaa Alangaa 331 keessaa 195 sartifikeetta kan
qaban ta’ee dhibbeentadhaan 59% dha.180 Dabalataanis, humni

180
Xalayyaa lakk.02/WL88/339/01 gaafa 15-02-1999,lakk.1WL-15/3054/1
gaafa 10-02-97, lakk.01/WL-12552, lakk.01/WG/121539 gaafa 5-13-2007,
136
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

nama xiqqaan sadarkaan barnoota isaa dippiloomaa ta’e


ogeeyyii 35(10.5%) ta’uu agarsiisa. Humni nama sartifikeetti
qabu kan baay’achaa ture bara 1994 kaasee hanga 1996 yoo
ta’u, bara 1997 keessa haalli kun jijjiiramuun humni namaa
dippilomaa qabu nama 256 (40%) tti ol guddatee jiraachuu
mul’isa. Kunis humni namaa duraan sartifikeetiin hojii irra ture
gara dippiloomaatti fooyyeeffachaa turuu fi humni haaraan
dippiloomaa barate gabaa irraa qacaramuun gara Mana Hojiitti
dabalamaa turuu agarsiisa. Kana malees, humni nama bara 1994
keessa 331(dhiira 313, dubara 18) ture bara 1997 immoo gara
640 (dhiira 570, dubara 70)tti ol guddachuus ragaan kun ni
mul’isa.

Hojjetaa bulchiinsaa ilaalchisee baay’inaa fi sadarkaa barnoota


isaanii bara 1994-1997tti jiru barressitoonni kitaaba kanaa
argachuuf yaalii taasisanis argachuu waan hin dandeenyeef
hammachiisuu hin dandeenye.

lakk. 01WG124200 gaafa 18-03-2013 ta’een Mana Hojii Abbaa Alangaa


waliigala Oromiyaa irraa Gara Abbaa Taayitaa Istatiksii Federalaatti ragaa
Humna namaa Abbaa Alangaa fi Baajata Mana hojichaa ilalchisee yeroo
adda addaa barreeffamaa ture Daayiroktereetii karooraa ,hordoffii fi
gamaggamaa Mana Hojichaa irraa argame.
137
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Gabatee 2: Haala Baay’inaa fi Sadarka Barnootaa Abbaa


Alangaa Bara 1998- 2002 tti Jiru
1998 1999 2000 2001 2002
Sad.
Lakk.

Ida’a
Barums
Ida’a

Ida’a

Dub.

Ida’a
Dhi.
Dub.

Dub.

Dub.

Dub.

ID’a
Dhi.

Dhi.

Dhi.
Dhi.

ma
aa

1 Kutaa 9-
12 - 1 1 - 1 1 - - -

2 Sartifike
250 24 274 221 25 246 78 19 97 55 10 65 37 5 42
etti
3 Dippilo 25
maa 301 75 376 307 55 362 438 82 520 647 180 827 858 1115
7
4 LLB 55 3 58 59 4 63 170 17 187 456 54 510 579 87 679
5 LLM 3 - 3 1 - 1 3 - 3 3 - 3 7 2 9
Ida’a 609 103 712 588 85 673 688 118 807 161 244 1405 1481 351 1845

Chaartii 2: Haala Baay’ina Abbaa Alangaa Bara 1998-2002 tti Jiru Ibsu

1200 1115
Kutaa 9-12
1000
827 Sartifikeetii
800
679

600 520 Dippilomaa


456
376 362
400
274 246 LLB
187
200
97
58 63 65 42
3 3 9
3 1 LLM
0
1998 1999 2000 2001 2002

138
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Gabatee lakkoofsa 2 fi chaartii armaan olii irraa wanti


hubatamu, haala baay’inaa fi qophaa’ummaa barumsaa humna
namaa Mana Hojichaa keessa bara 1998 -2002tti ture yoo ilaallu
Ogeeyyiin kutaa 7ffaa hanga 12ffaatti duraan baay’inaan turan
hir’achuun gara nama tokkootti qofa akka gadi bu’ee jiru
mul’isa. Akkasumaas, ogeeyyiin bara 1998 sartifikeettii qaban
274 (38. %) kan turan bara 2002tti 42(2.3%)tti gadi xiqqachuu
danda’ee jira.181 Dabalataan, ogeeyyiin bara 1998 dippilooma
qaban 376(53%) bara 2002 gara 1115(60 %)tti ol guddatee jira.

Gama biraatiin, immoo ogeeyyiin bara 1998 sadarkaan


barnootaa isaanii LLB ta’e 58 (8%) ture bara 2002 keessaa
immoo gara 679 (36.8%) tti ol dabalee jiraachuu mul’isa. Kana
malees, Ogeeyyiin sadarkaan barnoota isaanii LLM ta’e bara
1998 namoota 3 turan bara 2002 keessa gara namoota 9 tti ol
guddatee jira. Akka waliigalaatti, ogeeyyii sadarkaa barnoota
isaaniitiin bara 1998 hanga 2002tti jiru yoo ilaalamu, bara 1998
Abbootiin Alangaa 712(dhiiraa 609 dubara 103) ture bara 2002
keessa immoo 1845(dhiiraa 1481 dubara 351 ) ta’uu ragaan kun
ni agarsiisa.

Akka seenaa Mana Hojii Abbaa Alangaa irraa hubatamutti,


humni Abbaa Alangaa sadarkaan barnoota isaanii digirii

181
Daayiroktereetii qophii karooraa,Hordoffii fi gamaggamaa
139
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

jalqabaatiin baratan hedduminaan haaraan Mana Hojichaatti kan


qacaramanii fi kanneen hojii irra turanis baruumsa isaanii kan
fooyyeffatan bara 2000 fi bara 2001 keessa ta’uu isaa ragaan
Mana Hojichaa ni agarsiisa. Yeroo kana keessa, baay’inni
humna Abbaa Alangaas dachaadhaan dabalee jiraachuun
hubatameera.

Gama biraatiin, hojjettoonni bulchiinsaa Mana Hojichaa xumura


bara 2002tti turan 2217(kuma lamaa fi dhibba lamaa fi kudha
torba) ta’uu ragaan ni mul’isa. Haata’u malee, ragaan qindaa’aan
humna namaa hojjettoota bulchiinsaa kornayaan, sadarkaa
barnootaa fi bara, baraan adda baasuun agarsiisu waan hin jirreef
baayinni humna namaa akka waliigalaatti ture qofti kaa’amee
jira.

Haqaan Haqaaf haa hojjannu!


140
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Gabatee 3: Haala Baay’inaa fi Sadarkaa Barnootaa Abbaa Alangaa Bara 2003-2007 tti Jiru Ibsu

2003 2004 2005 2006 2007


Barumsaa
Sadarkaa
Lakk.

Dhi Du Ida Dhi Dub. Ida’a Dhi. Dub. Ida’ Dhi Du Ida Dhi. Du Ida

2 Sartifi 37 37 5 42 10 5 15 6 2 8 8
5 42 1 9
keetti

3 Dippi 716 716 250 966 750 180 930 744 171 915 509
250 966 179 688
lomaa

4 LLB 721 94 815 771 111 882 735 167 902 856 187 1043 1035 142 1207

5 LLM 7 2 9 7 2 9 10 3 13 21 6 27 26 7 33

Ida’a 1481 1521 368 1889 1505 355 1860 1627 366 1 993 1608
351 1832 329 1937
ma

141
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Chaartii 3: Haala Baay’ina Abbaa Alangaa Bara 2003-2007 tti Jiru


Ibsu
1,400
1207
1,200
1043
Sartifikeetii
1,000 966 966
930 902 915
882
815 Dippilomaa
800
688
600 LLB

400 LLM
200
42 42 27 33
9 9 15 13 8 9
0
2003 2004 2005 2006 2007

Gabatee lakkoofsa 3 fi chaartii armaan olii irraa wanti hubatamu


haala baay’inaa fi qophaa’ummaa barumsaa humna namaa Mana
Hojichaa keessaa bara 2003-2007tti ture yoo ilaallu ogeeyyiin
sartifikeetii qaban baay’inaan hir’achuu hubatama. Dabalataan,
ogeeyyiin bara 2003 dippilooma qaban 966 (52.7%) kan turan
yoo ta’u, bara 2007tti gara 688 (35.5 %) tti gadi xiqqaateera.
Gama biraatiin immoo ogeeyyiin bara 2003 sadarkaan barnootaa
isaanii LLB ta’e 815 (44.5%) ture bara 2007 keessaa immoo
gara 1207 (62.3%)tti ol guddatee jiraachuu mul’isa. Kana
malees, ogeeyyiin sadarkaan barnoota isaanii LLM ta’e bara
2003 namoota 9 (0.5%) turan bara 2007 keessa gara nama 33
(1.7%) tti ol guddatee jira. Akka waliigalaatti, baay’inaa

142
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

ogeeyyii Mana Hojichaa bara 2003 hanga 2007tti jiru yoo ilaallu
bara 2003 Abbootiin Alangaa 1832(dhiiraa 1481 dubara 351)
ture bara 2007 keessa immoo 1937 (dhiira 1608, dubara 329)
ta’uu ragaan ni agarsiisa. Akka seenaa Mana Hojichaa irraa
hubatamutti humni Abbootii Alangaa sadarkaan barnootaa
isaanii digirii jalqabaa argatan baay’ee dabaluu isaa agarsiisa.

Yeroo kana keessatti, Manni Hojichaa Abbootiin Alangaa


sadarkaa barnootaa isaanii akka fooyyeeffataniif yeroo garaa,
garaa carraqqii taasisaa turee jira. Kanneen sadarkaan barnoota
isaanii dippiloomaa ta’e gara digiriitti akka guddifataniif marsaa
tokko qofaaf Yuunivarsiitii Finfinnee waliin ta’uun Abbootii
Alangaa 290 baruumsa eegalanii Abbootiin Alangaa 189
barnoota isaanii xumuranii digiriin eebbifamanii jiraachuu
ragaan Mana Hojichaa ni mul’isa. Dabalataanis, Abbootiin
Alangaa digirii jalqabaa irraa gara L.L.M’tti sadarkaa barnoota
isaanii akka fooyyeffataniif mindaa isaanii hayyamuufiin hojii
irraa bilisa gochuun akka baratan gochaa turuunis
hubatameera.182

182
Miiljalee olii lakk.156
143
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Gabatee 4: Haala Abbaa Alangaa Mana Hojii Keenyaa Bara 2008-2013 tti Jiru Ibsu
Barumsaa 2008 2009 2010 2011 2012 2013
Sadarkaa

Ida’ama
Ida’a

Ida’a

Ida’a

Ida’a
Dub.

Dub.

Dub.

Dub.

ID’a
lakk

Dub
Dhi.

Dhi.

Dhi.

Dhi.

Dhi.

dub
Dhi
ma
1
Sartifi
keetti

6 2 8 6 2 8 6 2 8 6 2 8 29 2 31 9 - 9

2
Dippilomaa

372 114 486 287 77 364 243 56 299 338 59 397 338 59 561 351 112 463

3
LLB

170 205 1375 1414 191 1605 1647 195 1842 2030 209 2239 2090 215 2305 1528 238 1766

4
LLM

29 6 35 51 7 58 67 10 77 74 10 84 75 10 85 131 22 153

5 Ida’a
ma 1577 327 1904 1760 278 2038 1963 263 2226 2448 280 2728 2508 286 2794 2019 372 2391

144
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Chaartii 4: Haala Baay’ina Abbaa Alangaa Bara 2008-2013 tti Jiru Ibsu
2,500
2305
2239

2,000
1842
1766 Sartifikeetii
1605
1,500 1375
Dippilomaa

LLB
1,000
LLM

486 561
500 463
364 397
299
153
58 77 84 85
8 35 8 8 31
8 9
0
2008 2009 2010 2011 2012 2013

145
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Akka waliigalaatti, xiinxala humna namaa Abbaa Alangaa


armaan olitti bara 1994-2013tti jiru irraa kan hubatamu
baay’inni Abbaa Alangaa yeroo dha gara yerootti dabalaa kan
dhufe ta’uu, sadarkaan barnoota kutaa torbaa gadii kaasee ture
fooyyaa’aa dhufuun Bitootessa bara 2013 kanatti Abbaan
Alangaa baay’een sadarkaan barnoota isaanii digirii jalqabaa fi
digirii lammaaffaa kan qaban ta’uun hubatamee jira. Dabalataan,
Manni Hojichaas ogeeyyiin kun akka sadarkaa barnoota isaanii
fooyyeffataniif Yuunivarsiitii garaagaraa biyya keessaa fi alaa
waliin ta’uun hojjechaa turee jira. Akka fakkeenyaatti,
Yuunivarsiitii Finfinnee waliin ta’uun Abbootiin Alangaa
sadarkaan barumsaa isaanii dippiloomaa ta’e gara digiriitti akka
fooyyeeffatan ta’eera, yeroo sanatti Kolleejjii Paabiliik Sarvisii
Oromiyaa(PSCO) yeroo ammaa kana immoo Yuuvarsiitii
Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan jedhamutti Abbootiin
Alangaa baay’een hojii irra bilisa ta’anii dippiloomaa akka
baratan tasifamaa turee jira.Deeggarsa maallaqaa Imbaasii biyya
Nezeerlaandi irraa argameen Yunivarsiitii Amisterdaam waliin
ta’uun Abbootiin Alangaa digirii jalqabaa qaban 300 (dhibba
sadii) ta’an carraa digirii lammaffaa argatanii akka

Haqaan Haqaaf haa hojjannu!

146
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

baratan taasifamuun183 akka milkaa’ina ol-aanaatti kan


fudhatamu dha.

Gabatee 5: Ragaa Hojjettootaa Bulchiinsaa Bara 2008-2013


Sadarkaa Barnootaa 2008 2009 2010 2011 2012 2013
Digrii 2ffaa 2 2 2 5 5 5
Digrii 1ffaa 735 813 804 797 747 747
Dippiloomaa 1009 1104 1111 1137 1147 1147
Sartifikeetii fi isaa gadi 934 923 956 967 1045 1045
Ida'ama 2680 2842 2873 2906 2944 2944

Chaartii 5: Haala Baay’ina Hojjettoota Bulchiinsaa Bara 2008-2013


tti Jiru Ibsu
1,200 1147 1147
1,104 1111 1137
1045 Sartifikee
1009 1045
967
tii
1,000 934 956
923
813 804 797
800 735 747 747 Dippilom
aa
600
Digrii
400
1ffaa

200 Digrii
2ffaa
2 2 2 5 5
0 5
2008 2009 2010 2011 2012 2013

183
Miiljalee olii lakk.171
147
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Gabatee 5ffaa fi chaartii armaan olii irraa kan hubatamu baay’inni


humna namaa hojjetaa bulchiinsaa bara 2008 hojjettootaa 2680,
bara 2013 immoo gara 2944 ol guddatee jira. Haala sadarkaa
barnootaa isaanii yoo ilaallu bara 2008 baay’inni namoota digirii
2ffaa qaban hojjettoota 2 yoo ta’u, bara 2013tti gara hojjettoota
5tti ol-guddatee jiraachuu agarsiisaa. Kana malees, hojjettootni
digirii jalqabaa bara 2008 hojjettoota 735 yoo ta’an, bara 2009
immoo 813 erga ol guddateen boodaa bara 2013 yoo ilaalamu
immoo deebi’ee gara 747’tti gadi bu’ee jirachuun ni hubatama.
Kunis gurmaa’insii fi caasaan Mana Hojichaa hawwataa ta’uu
dhabuu irraa kan ka’e hojjetaan barumsa isaa fooyyeeffatee
baay’inaan gadi lakkisaa kan jiru ta’uu agarsiisaa.184

Gama biraatiin, qorannoon bara 2013 sadarkaa fi haala


qabatama MHAAWO Dhaabbata USAID-Fitihi Piroojaktiin
gaggeeffame irraa akka hubatamutti, bara 2011 fi 2012 keessa
baay’inni hojjettoota bulchiinsaa hojii gadi lakkisan walduraa
duubaan 308 fi 168 akka ta’e mul’isa. Kun ammoo kan agarsiisu

184
Qorannoo bu’uuraa sadarkaa fi haala qabatama MHAAWO Dhaabbata
USAID-Fitihi Piroojaktiin bara 2013 gaggeeffame fuulaa 66

148
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

hojii gadi lakkisuuf sababni inni adda dureen sadarkaa caasaa


Mana Hojichaaf kenname akka ta’e hubachuun ni danda’ama. 185

Walumaagalatti, hojjetaa bulchiinsaa ilaalchisee ragaan guutuun


argamuu baatus, Manni Hojichaa yeroo hundeeffamu hojjetaa 4
(afuriin) hojii kan eegalee fi hanga kitaabni kun barreeffamutti
hojjetaa 2944 (kuma lamaa fi dhibba sagalii fi afurtamii afur)
irra gahuutu hubatamee jira. Kunis baay’inni hojjetaa
bulchiinsaa Mana Hojichaa dabalaa dhufuu agarsiisa.

4.11. Haala Baajata Mana Hojichaa


Manni hojii tokko hojiiwwan seeraan kennamaniif haala
qulqullina, bu’a-qabeessaa fi tajaajilamaa garaa ga’uu
danda’uun hojjechuuf baajata fi meeshaaleen hojiidhaaf
barbaachisaa ta’an kan ramadamuuf yoo ta’e dha. Ramaddiin
baajataa kunis bilisummaa Mana Hojichaa waliin kan walqabatu
ta’uu boqonnaa darban keessatti ilaalamee jira. Ibsituun
bilisummaa Abbaa Alangaa biyyoota addunyaa garaa garaatiin
ittiin ilaalaman keessaas dhimmi ramaddii baajataa isa ijoo
tokko dha.186 MHAAWO’s qajeeltoowwaan ibsaman kana irraa
adda miti.

185
Akkuma 184ffaa
186
The Status and Role of Public Prosecutors, a United Nations Office on
Drugs and Crime and International Association of Prosecutors Guide, United
149
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Haaluma kanaan, Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa


Oromiyaa yeroo hundeeffama isaa irraa kaasnee yoo ilaallu
baajatni ramadamaafi ture aangoo fi gahee hojii ulfaataa fi
walxaxaa itti kennamee jiru kan galmaan isa geessisuu danda’u
akka hin taane sakatta’insi barruulee fi Af-gaaffii hooggantoota
garaagaraa waliin taasifame irraa hubachuun danda’ameera.187
Fakkeenyaaf, Manneen Hojii Abbaa Alangaa sadarka, sadarkaan
jiran bara 1985 kaasee hanga 1994 gidduutti Manneen hojii
sadarkaa Aanaa irra jiran kanneen baajata hojii raawwachiistuu
guutummaatti hin qabne ta’uu fi warrumti ramadameefi jiru
immoo qarshii 15 (kudha shanii) kaasee kan ramadamaafi ture
ta’uun adda baheera.188

Manneen Hojii sadarkaa Aanaa baajata hojii raawwachiistuu


waan hin qabneef qalamaa fi waraqaa abbaa dhimmaa
bichisiisuun, manneen hojii Mootummaa kanneen biroo irraa
kadhachuu, akkasumaas Dhaabbilee Miti Mootummaa irraa
deeggarsa gaafachuun uummata tajaajilaa turanii jiru.189 Kana

Nations, New york, 2014, P. 12, available at


https://www.google.com/search?rlz=1C1CHBD_enET804ET804&sxsrf=ALe
Kk03BNoisKgEFz5VU2cmm7Cwh0e17ow%3A1614677893448&ei=hQc-
accessed on 16/3/21.
187
Af gaaffii Obbo Damoozee Maammee, Tasfaayee Dhaabaa, Mahibubaa
Adam, Tashomaa Girmaa 29-06-2013 hanga 30-06-2013tti taasifame
188
Af gaaffii Obbo Damoozee Maammee, fi Obbo Asiraat Tolchaa Abbaa
Alangaa naannoo waliin gaafa 29-06-2013 taasifame
189
Akkuma 188ffaa
150
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

malees, baajata kaappitaalaa keessumattuu sadarkaa Godinaa fi


Naannootti Mana Hojichaaf hanga bara 2010’tti guutummatti
kan hin ramadamne ta’uun hubatamee jira. Haalli ramaddii
baajata Mana Hojii Abbaa Alangaa xiyyeeffannaa waan hin
arganneef rakkoon kun hanga Bitootessa bara 2013 itti fufee kan
jiru ta’uu isaa xiinxala baajataa bara, baraan ramadamaa ture
irraa hubachuun ni danda’ama.

Haaluma kanaan, facaatii baajataa Mana Hojichaa bara 1994


kaasee jiru yoo ilaalluu Mindaa fi hojii adeemsistuu dabalatee
baajatni xiqqaan ramadamaa turuu fi hojii Manni Hojichaa
hojjetu waliin kan wal hin simne ta’uun ni hubatama.

Gabatee 6: Baajata Mana Hojii Abbaa Alangaa Bara 1994 -2007


Hanga baajataa
Raawwachistuu

Hojii
ramadame

raaww
Lakk

Mindaa

Hojii

%’n

Bara Baajata achiist


Ibsa
Waliigalaa uu
ramad
ame
1 1994 9,624,570 Aanaa dabalatee
Godina 15
2 1995 5,870,960
dabalate
3 1996 5,450,323
4 1997 5,734,815
Baajatni waliigalaa
5 1998 8,518,850 bara 1994-1998ti jiru
Gidd-galeessaan 7%

151
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Hanga bajataa

Raawwachistuu
raawwachiistuu
ramadame

ramadame
Lakk

Mindaa
Bara

Hojii
Hojii

%’n
Baajata
Ibsa
Waliigalaa

6 1999 10,164,785 6,251,836 3,912,949 38.5%


Godina 18
7 2000 17,651,801 13,914,711 3,737,090 21.5%
dabalatee
8 2001 15,681,987 11,918,738 3,763,249 24%
9 2002 18,130,000 13,767,459 4,362,541 24%
10 2003 19,813,062 14,279,637 5,533,425 27.9%
11 2004 25,951,655 20,939,006 5,012,649 19%
12 2005 33,158,722 24,991,660 8,167,062 24.6%
13 2006 39,350,681 28,891,759 10,458,922 26.5%
14 2007 56,227,945 39,741,060 16,486,885 29.3%
15 2008 68,442,283 42,964,973 25,477,310 37.2%
16 2009 72,840,404 49,006,974 23,833,430 32.7%
Xalay
lakk.01-
7 2010 121,977,488 88,471,309 36,702,390 28.5%
15/10 gaafa
12-11-2009
8 2011 128,721,318 92,018,928 36,702,390 28.5
Pirojektii
qarshii
19 2012 159,455,595 113,308,242 46,147,352 29% 4,300,455
osoo hin
dabalatiin
20 2013 295,052,602 220,277,147.8 74,775,454.24 25.3%

152
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Chaartii 6: Baajata Mana Hojii Abbaa Alangaa Giddu-galeessaan Ramadamaa


Ture
Agarsiisuu Baajata Waliigalaa
10 Mil. 9.6

8
Mil. 7
Mil. 6.8
6

2
0
1994
1995-1998 Baajata Waliigalaa
1999-2007

Hubachiisa:- Baajatni bara 1994 kan Aanaalee dabalatee yoo tahu


kanneen hafan garuu kan Naannoo fi Godinaa qofa dha.

Haqaan Haqaaf haa hojjannu!


153
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Chaartii 7: Ramaddii fi Qoqqoodii Baajataa Kan Bara 2008-2012tti

2
60

220,277,147.80
300,000,000

2,
05
5,
29
Baajata
250,000,000 Waliigalaa

Baajata
200,000,000 Mindaa

128,721,318
121,977,488
159,455,595

113,308,242
92,018,928
150,000,000 Hojii

88,471,309

74,775,454.24
Raawwachii
72,840,404
68,445,283

ftuu
49,006,974

46,147,352
100,000,000
42,964,973

36,702,390
36,702,390
Hojii
25,477,310

23,833,430

Raawwachii
ftuu %
50,000,000

37.2% 32.7% 28.5% 29% 29% 25%


0
2008 2009 2010 2011 2012 2013

154
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Gabatee lakkoofsa 6 fi chaartii armaan olii irraa wanti


hubatamu, bara 1994 irraa kaasee hanga 1998’tti kan jiru yoo
ilaallu baajata waliigalaa malee Mindaa fi hojii raawwachiistuun
adda bahee ragaan waan hin argamneef xiinxaluu hin
dandeenye. Haa ta’u malee, gaaffii fi deebii hooggantoota yeroo
adda addaa Mana Hojichaa hoogganaa turan waliin taasifameen
baajatni hojii raawwachiistuu ramadame baay’ee xiqqaa fi hojii
hojjechiisuu kan hin dandeenyee fi rakkoon guddaanis gama
kanaan turuu isaa ibsanii jiru. Ragaa gabatee fi chaartii armaan
olii irraas baajata waliigalaa yoo xinxalamu, bara 1994 baajatni
Mana Hojichaa Naannoo, Godinaa fi Aanaalee hunda dabalatee
kan ramadame qarshii 9,624,570 (miiliyoona 9.6) ta’uun ni
hubatama. Kun immoo Mindaa humna namaa yeroo sana jiru
yoo keessaa bahe hojii raawwachiistuun baay’ee xiqqaa ta’uu fi
Aanaalee illee kan wal hin geenye ta’uu agarsiisa. Akkasumaas,
bara 1995 irraa kaasee hanga bara 1998’tti Mana Hojichaaf
baajatni Naannoo fi Godinaalee 15f ramadamaafii ture jiddu-
galeessaan miliyoona 7.03 ta’uu namatti agarsisa. Kunis,
Naannoo fi Godinaaleef Mindaan jiru yoo qoodame hojii
baajatni hojii adeemsistuun baay’ee xiqqaa waan ta’eef, hojii
hojjechiisuu kan hin dandeenye ta’uu hubachiisa.

Kanatti aansee, baajatni bara 1999 -2007tti jiru yemmuu


xiinxalamu, baajanni hojii raawwachistuu waggoottan salgan
155
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

kana keessatti Mana Hojichaa Godinaa fi Naannoof ramadamee


jiru 61,434,772 dha. Hojii raawwachiistuun bara, baraan
ramadamaa ture inni xiqqaan bara 1999 kan ramadame
Qar.3,912,949;inni guddaan bara 2007 kan ramadame
Qar.16,486,885 dha. Akka waliigalaatti, kan waggoottan sagalii
giddu galeessaan yoo ilaalamu Qar. miiliyoonaa 6.8 ta’uu
namatti agarsiisa. Akkasumas, baajata waliigalaa keessaa
baajatni hojii raawwachiistuu ramadamaa ture 30% gadi waan
ta’eef, hojii Mana Hojichaa hojjechiisuu kan hin dandeessisne
ta’uu agarsiisa.

Itti fufuun, baajata bara 2008 -2012’tti jiru yemmuu ilaallu


baajatni waliigalaa, Mindaa fi hojii adeemsistuun adda bahee
ragaan isaa waan jiruuf, ramaddiin baajatichaa yeroo irraa
yerootti dabalaa dhufuu isaa daataan ni agarsiisa. Haata’u malee,
daballiin baajatichaa kun qaala’insa jireenyaa irraa kan ka’e
fooyya’insa Mindaa hojjettoota Mootummaa dabalaa dhufe
waliin kan wal qabatu malee baajata ramadamaa ture keessaa
hojii raawwachiistuu bara, baraan ramadamaa ture adda baasnee
yoo ilaallu jijjiiramni isaa baay’ee xiqqaa ta’uu isaa namatti
mul’isa. Kunis baajata waliigalaa keessaa hojii raawwachiistuun
bara 2008tti; %37.2 bara 2009tti; %32.7 bara 2010 fi 2011tti;
%28.5 kan ture yoo ta’u, bara 2012’tti immoo %29 irra
jirachuun hubatameera. Kunis, baajata ramadamu keessaa %70
156
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

ol Mindaa qofaaf kan ramadamuu fi hojii raawwachiistuun %30


gadi ta’uu isaa waan agarsiisuuf, hojii irratti dhiibbaa guddaa
kan uumu ta’uu namatti agarsiisa.

Akka waliigalaatti, ramaddii baajataa ilaalchisee Mootummaan


Manneen Hojii hiyyummaa hir’isaan irratti xiyyeeffachuun
baajata kan ramadu waan ta’eef, dhimmi olaantummaa seeraa
kabachisuu baajata guddaa hin barbaachisuu jedhamee waan
amanamuuf ramaddiin baajataa Mana Hojichaa xiyyeeffannaa
osoo hin argatiin hanga Bitootessa bara 2013tti itti fufee jira.
Haata’u malee, dhimmi olaantummaa seeraa mirkaneessuu
bu’aa ba’ii hedduu kan qabuu fi baajataa guddaa kan barbaadu
dha. Olaantumman seeraa bakka hin jirretti waa’ee misoomaa fi
hiyyummaa gadi hir’isuun waan hin danda’amneef ilaalchi kun
gara fuulduraatti sirrachuu kan qabu dha. Hooggansi Mana
Hojichaas ilaalcha kana irratti hojjechuun, qaamolee
mootummaa biroos hubachiisuun barbaachisaa dha.

157
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Gabatee Ramaddii baajata Aanaalee yookiin Magaalotaa bara 2000-2013 jiru agarsiisu
Godinaalee
Aanaalee

2000 2001 2002 2003 2004 2005 2006 2007 2008 2009 2010 2011 2012 2013
Mindaa

240,9 250,86 271,79 9,134,9 1,397,6 1,397,57 1,593, 1,322,1 1,775,43


235,678 429,727 627,423 787,608 851,160
00 0 1 78 15 0 570 96 6
Godinaa H/G/W
Horroo

raawwachiistu

30,000 30,00 164,000


Hojii

32,000 52,076 33,500 58,000 80,000 147,000 292,000 263,000 197,124 70,000 180,000
(12.7%) 0 (9.2%)
Commaan

Mindaa

127,3 235,37 24502 1,031,3 1,257, 1,251,6 1,465,94


126,181 360,418 398,902 387,560 548,104 573,936 130,973
40 3 0 41 144 61 7

158
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

30,0 26,23 41,30 86,06 130,3 80,000

raawwachiis
00 0 5 8 20
49,89 158,91
Hojii
52,860 53,000 50,714 165,924 71,735 61,703
tu
4 3

160, 236,7 258,1 327,7 765,6 1,646,


90,47 124,14 437 19 51 83 1,045,09 727,02 02 833
104,342 356,061 379,180 542,484
Mindaa
Abee Dongoroo

7 7 3 6

9,3 20,0 35,00 35,96 45,96 70,54 80,813


raawwach

9,300
00 15,300 00 0 0 0 53,773 61,838 61,838 29,089 70,542 2 (4.9%)
(8.9%)
Hojii

iistu

300,3 30 404, 404, 506,2 5171 589,1 931,9 1,039, 1,688 2,267, 2,12 2,488 3,904,
83 0,3 025 025 49 88 72 73 593 ,786 417 7,89 ,714 437
Mindaa

83 3
H/Bahaa

2280 22 57,9 67,940 8990 191,5 191,5 283,4 288,58 241,0 131,50 302, 273,8 221,46
Haramayyaa
Hoji/Raww

2 80 47 2 63 63 73 7 24 9 703 40 4
(7.6 2 (5.67
%) %)

159
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

133,98 195,50 184,64 1,037,9 1,440,88 1,584,47 1,828,46 2,200,82


Mindaa 71,996 301,188 348,481 450,514 516,183 978,948
3 8 8 59.3 4.16 2.44 3.48 5.08
H/Bahaa
Baabbilee
Hoji /Rawwa

18,000 19,000 21,000 26,500 30,000 36,412 82,765 104,959 110,000 140,000 264,800 202,639 273,397 231,320

57,411 114,914 139,113 217,985 346,724 334,172 243,884 412,557 618,642 687,641 1,382,828 1,583,882 1,312,813 1,778,859
Mindaa
W/mulqee

Ho/Raww

14,400 85,591
14,000 15,998 8,000 73,154 77,000 189,111 105,609 205,000 108,000 94,937 116,676 103,061
(2.5%) (4.8%)

160
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

- 214, 219, 219, 219,3 306,1 405,8 462,5 650,8 639,2 1,112,7 1,103,9 1,403,9 1,396,3
960 347 347 47 30 82 82 46 34 04 28 64 44
Mindaa

- 68,4 85,5 106, 107,9 69,51 59,72 170,0 120,0 130,0 140,00 140,00 178,00 190,00
Daallee sadii

26 32 915 50 9 0 00 00 00 0 0 0 0
Ho/rawwa

(31. (13%)
8%)
Qellam Wallaggaa

- 197, 197, 361, 361,2 354,7 372,9 334,5 553,1 631,6 1,612,9 953,64 928,69 1,309,7
Mind

547 547 253 53 56 36 36 24 21 97 0 2 09


aa
Hawwaa Galaan

- 30,0 30,0 40,1 40,10 83,00 90,00 90,00 90,00 135,0 105,00 357,00 150,00 76,000
00 00 00 0 0 0 0 0 00 0 0 0 (5.8%)
Ho/rawwaa

(15
%)

- 185, 185, 305, 305,0 516,0 516,0 406,2 721,4 766,9 1,344,7 1,344,7 810,02 1,011,2
Giddaammii

298 289 035 35 40 40 00 54 85 22 22 4 76


Mindaa

161
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

- 13,4 42,6 34,5 45,44 16,26 78,07 17,00 186,4 194,4 19,981 50,000 110,00 123,91

Ho/ rawwaa
23 18 26 7 4 4 0 91 91 0 3
(7.2 (12.2%
%) )

- - - - - - - -- - - - - - -
Mindaa

132, 250, 45,5 49,5 59,50 66,25 138,5 162,9 578,1 250,9 223,33 189,83 239,83 202,50
861 943 85 85 2 6 02 50 30 43 9 8 8 0
Ho/rawwaa
Diksiis
Arsii

- - - - - - - - - - - - - -
Mindaa

- - 104, 42,1 47,07 67,66 132,8 118,2 114,3 129,2 104,12 136,12 162,05 151,23
Ho/rawwa

129 22 2 4 61 90 98 58 9 2 2 9.52
Roobee

162
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

- - - - - - - - - - - - - -

Mi
nd
aa
Arsii

Ho/ rawwaa 10,71 18,20


18,704 29,429 30,847 30,000 106,039 125,915 101,489 46,979 61,487 60,000 135,000 29,000
Xiyyoo

0 0
Min
daa

- - - - - - - - - - - - - -
Qimbibiit

28,00 32,00 42,286. 1,081,52


Ho/raw

43,700 26,712 41,812 9,700 96,887 76,558 79,558 82,055 95,982 131,897
0 0 00 6
wa
Sh/Kaabaa

- - - - - - - - - - - - - -
n
d
a
a
i
Dagaam
Ho/ra
wwa

- - - 54,151 92,850 95,500 97,940 189,700 133,360 80,053 138,085 138,085 123,242 80,057
Min
daa
W/Jaarsoo
Ho/rawwa

- - - 42,000 160,740 76,000 80,000 85,000 90,000 94,000 31,967 40,000 60,000 50,000

163
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

93,72 119,9 199,98 201,61 1,347,8 1,372,69 1,218,14 1,719,2 928,971

Mindaa
279,012 404,655 477,780 629,688 784,468
0 88 8 2 56 2 0 76 7

15,82
Ho/ rawwa

5 16,82 104,65 113,580 117,027


37,825 30,631 111,900 137,358 153,000 140,00 58,245 82,620 120,000
Najjoo

(16.8 5 4 (6.6%) 3
%)

7867 117,5 184,09 173,67 566,228 1,162,1 138105


Minda

258,689 327,618 359,234 376251.4 684215 117,451 1885873


Wa/Lixaa

8 96 7 6 .9 76 4
a
Yubddoo

21,00 58,20
49700 20,600 53105 64420 67404 113851 129,105 67,000 26,748 81,422 100,602 131,966
Ho/ra
wwa

0 0

95,03 110,5 101,23 14788 139670


Minda

232763 292797 373570 539419 557993 814423 1020214 967433 875664


7 38 8 4 4
a

115,4
14733
B/Biemajjii

00 163678
Ho/rawwa

(13.3 21718 50721 21157 34473 47741 100086 168656 80835 85484 193961 190875
(121 (11.7%)
%)
%)

164
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

288,787
Nansaaboo Mindaa 11,828 139,258 158,362 167,250 186,140 267,121 573946 560178 887652 11,47361 992,803 836210 1362896
0

Ho/ 22,704 223000


18,104 34,900 37,800 61,000 89500 55500 20,5250 280000 249600 259600 263000 243000
rawwaa (16%) (16.3%)
Arsii Lixaa

1,682,65
Mindaa 146,899 246160 258078 331773 435683 510983 535888 784830 781693 955,166 1,294701 1,535320 2,672223
5
Dodolaa

Ho/
18990 32418 31681 295387 277,169 83885 113980 154423 259,841 167547 51,302 178,302 178308 -
rawwa

1,682,65
Adaabbaa

Mindaa 146,899 246160 258,078 331,773 435683 510,983 535888 784830 781830 955166 1,294701 1,535320
5
Ho/raw 18990 178302
32,418 31681 295,387 227169 83,885 113,980 154423 154423 167547 51,302 178,302
waa (12.9%) (10.6%)
Minda 13670 16719 25136 32382 53837 1,328,4
136700 129919 449,181 288,040 517741 974581 1,119,97 821,884
a 0 9 2 0 1 25
Bu/Beddellee

Boorachhaa

45796
Ho/raw 12799 21518 210,000
(33.%% 56986 36807 35310 36695 182501 197991 200628 194,609 210,000 190,000
wa 8 5 (15.8%)
)

165
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Minda 27899 29121 44536 46128 66331 133200 23060


96200 286911 408724 445360 716463 129172
Dhidhhessaa a 6 0 0 3 6 65 92
131,85
Ho/raw 10,000 11555 21586
16000 44,000 30,000 35,000 34916 67200 178246 85160 95471 4(5.7%
wa (10.3%) 8 0
)
Bu/Beddellee

Minda 48530 48916 87793 1,679,2 103005 1,284,


- - - 286,836 400017 486976 1,30056 1,970436
a 4 8 2 8 6 58
Beddellee

Ho/raw 36,358 14911 12190 70,240


- - - 20,000 69,672 125991 148141 97.209 45120 45120
wa (12.7) 9 5 (3.5%)

166
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Gabatee armaan olii haala ramaddii baajata Aanaalee


Godinaalee saddeet jala jiran akka samuudaatti Aanaalee sadii,
sadii kanneen ramaaddiin bajataa isaanii fooyyee qabu
jedhaman, jiddu-galeessaa fi ramaddiin baajata isaanii gad-aanaa
ta’e bara 2000-2013’tti jiru xiinxaluuf yaalamee jira.

Haaluma kanaan, gabatee armaan olii irraa wanti hubatamu


Aanaaleen akka samudaatti fudhataman kanaaf baajata bara
2000-2013 jidduutti ramadame yemmuu ilaalamu akka
waliigalatti baajatni Mindaas ta’e hojii raawwachiiftuu bara,
baraan dabalaa dhufuu isaa ni agarsiisa.

Haa ta’u malee, baajatni hojii raawwachiiftuu ramadamaa jiru


baay’ee xiqqoo ta’uu isaa kan agarsiisuu dha. Kunis baajata
waliigalaa ramadamaa ture keessaa hojii raawwachiiftuun %
yemmuu ilaalamu inni xiqqaan % 2.5 godina H/Bahaa Aanaa
Waayyuu Mulluqqee bara 2000 keessa kan ramadame yoo ta’u,
inni guddaan % 16.8 Godina Arsii Lixaa Aanaa Naansaboo bara
2000 fi 2013 ramadame ta’uun ni hubatama. Aanaaleen hedduun
baajni hojii raawwachiftuu % 8 hanga %12 jidduu jiraachuu
agarsiisa.

Haala Addaatiin Aanaalee lama qofa irratti baajatni hojii


raawwachiftuu % 30 ol ta’eera. Isaaniis, Godina Qeellam

167
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Wallaggaa Aanaa Dallee Sadii keessa bara 2000 hojii


rawwachiftuun % 31 yoo ta’u, aanuma kanatti baajatni hojii
raawwachiiftuu bara 2013 tti immoo %13 qofti ramadamee jira.
Akkasumas, Godina Bunnoo Baddallee Aanaa Boorraachaatti
bara 2000 hojii raawwachiftun %33 yoo ta’uu, Aanuma kanatti
bara 2013 immoo % 15 qofti ramadamee jira.

Kana irraa wanti hubatamu, Aanaalee hedduu keessatti baajatni


hojii raawwachiiftuu ramadamaa turee fi ammas ramadamaa jiru
hojimaata mataa isaa kan hin qabnee fi baajatni ramadamus
Mindaa hojjetaa qofaaf kan ramadamaa jiru malee hojii ulfaataa
Mana Hojiichaatti kenname hojjechiisuu kan hin dandeesifne
ta’uu ragaawwan armaan olii irraa hubachuun ni danda’ama.

4.12. Haala Loojistikii Mana Hojichaa


Manni Hojii Abbaa Alangaa yeroo hundeffamu waajjira gahaa
hojii itti hojjetu kan hin qabne ta’uu fi himannaa fi ol-iyyanni
garaa garaa illee harkaan barreeffama akka ture hojjettoonni
Mana Hojiichaa ni ibsu.190 Yeroo kanatti, Kompiitarri,
(Laaptooppii fi deeksi tooppiin) illee kan hin jirre ta’uu,
akkasumaas, himannan harkaan barreeffamu illee kan kooppii
ittiin ta’u mashiniin footoo kooppii kan hin jirre ta’uu
190
Af-gaaffii Obbo Asiraat Tolchaa Abbaa Alangaa naannoo waliin gaafa 29-
06-2013 taasifame
168
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

hubatameera. Konkolaataa ilaalchisee hojii Mana Hojichaatiif


konkolaataan kan barbaachisu ta’us, hanga yeroo kitaabni kun
barreeffamutti rakkoon konkolaataa sadarkaa Naannoo irraa
kaasee hanga Aanaatti jiraachuun beekameera. Yeroo
hundeeffama Mana Hojichaa irraa kaasee hanga bara 1994tti
yoo ilaallu konkolattonni lama qofti kan turan yoo ta’u, isaanis,
kan Hoogganaa fi Itti Aanaan itti tajajilamaa turani dha. Yeroo
kanatti Godinaaleen jiran hundinuu konkolaataa kan hin qabne
ta’uun hubatamee jira.191

Hojii walxaxaa fi ulfaataan Mana Hojichaatti kennamee osoo


jiruu hanga kitaabni kun barreeffamutti Manni Hojichaa
sadarkaa naannootti konkolaattota 9 qofa kan qabu ta’ee kana
keessaa 4 kan hooggantootni itti tajajilamaa turani dha.
Godinaaleen hundumtuu maqaadhaaf konkolaataa
lakkofsaaf/maqumaaf/ kan qaban ta’us, baay’een isaanii
waggoota 15 oliif kan tajaajilanii fi kan dullooman waan
ta’aniif, %75 oli tajaajila barbaachisu kennaa akka hin jirre
hubatamee jira.192 Dabalataanis, Manneen Hojii Abbaa Alangaa
Magaalota kanneen akka Sabbataa fi Duukamiin alatti Aanaalee
fi Magaalonni hundi isaanii konkolaataa kan hin qabne ta’uun

191
Olitti yaadannoo lakk.142
192
Af-gaaffii Obbo Taddasee Angaasaa waliin gaafa 14-7-2013 taasifame
169
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

hubatameera. Kun immoo hojii ulfaataa fi walxaxaa Mana


Hojichaa sadarkaa, sadarkaan jiraniif kennaman waliin wal
cinaa qabuun yoo ilaalamu hojicha milkeessuun kan hin
danda’amne ta’uu fi Mootummaan haala addaatiin ilaalee
rakkoo kana furuuf irratti hojjechuu qaba. Hooggansi Mana
Hojichaas rakkoo hamaa kana mootumma hubachiisee akka
furaman taasisuu qaba.

Gama waajjira sadarkaa naannootiin walqabatee Manni


Hojichaa yeroo hundeeffamu waajjira mataa isaa kan hin qabnee
fi Mana Murtii waliin bakka tokkotti kutaalee jiran addaan
qooddachuun kan hojjechuu jalqabe yoo ta’u, bara 1986 hanga
bara 1996tti immoo gamoo xiqqaa tokko Bulchiinsa Manneen
Sirreessaa waliin kutaa adda qooddachuun hojjechaa turee jira.
Bara 1997 irraa eegalee hanga yeroo kitaabni kun
barreeeffamuutti immoo mooraa/dallaa Waajjira Pirezidaantii
Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti qaamolee biroo
waliin gamoo tokko kutaadhaan qooddachuun itti fayyadamaa
kan jiru yoo ta’u waajjira mataa isaa kan hin qabnee fi kutaaleen
jiranis baay’ee dhidhiphaa ta’uu fi namoonni hojii garaa garaa
hojjetan kutaa tokko keessatti walitti siquun hojjechaa kan
jiranii dha. Kun immoo abbaa dhimmafis mijataa kan hin taanee

170
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

fi tajaajila Abbaa Alangummaa kennuuf illee rakkisaa ta’uun ni


hubatama.

Sadarkaa godinaaleettis Manneen Hojii Abbaa Alangaa


waajjiralee mataa isaanii kan hin qabne ta’uu fi manuma
dulloomaa ta’an keessatti manneen Murtii fi Manneen Hojii
Mootumma biroo waliin kutaa waliin qooddachuun itti
fayyadamaa kan turani dha.

Bara 2013 keessas rakkoon walfakkaataan sadarkaa


dhaddachaalee dhaabbii fi Godinaalee hedduu keessatti kan jiru
dha. Godina Shawaa Lixaa fi Booranaan alatti godinaaleen
hunduu waajjira mijataa kan hin qabne ta’uun hubatameera.
Akka fakkeenyaatti, Manni Hojii Abbaa Alangaa Bunnoo
Baddallee waajjira mataa isaa waan hin qabneef mana jireenyaa
nama dhuunfaa irraa kireeffachuun keessatti hojjechaa kan jiran
ta’uun hubatamee jira. Iddoon itti kireeffatee hojjechaa jiru
kunis dhiphina kan qabu ta’uu isaatiin hojjetaan hojii
hojjechuufis ta’ee abbaan dhimmaa keessatti tajaajilamuuf
mijataa miti; eegumsaafis rakkisaa dha.193

193
Sakatta’insaa dhimma pirojeektii Mana Hojii Abbaa Alangaa
Waliigalaatiin bara 2010 keessa taasifame.
171
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Manni Hojii Abbaa Alangaa Godina Harargee Lixaa


ergisaadhaan Waajjira Bulchinsaa Godina keessa kutaaleen
muraasaa fi dhiphoo ta’an fudhatee tajaajilaa waan jiruuf rakkoo
walfakaataa keessa jira. Haala kana keessatti hojjechuu fi abbaa
dhimmaa keessumessuun rakkisadha.194 Manni Hojii Abbaa
Alangaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa bara 1998 irraa
eegalee mana waldaa qotee bulaa keessatti tajaajila kennaa kan
jiru yoo ta'u manni keessatti hojjetamaa jiru kun caccabaa fi
yeroo hedduu suphamaa kan ture yoo ta'u waldaan qotee bulaas
kutaa tokko irraa fudhatee keessatti tajaajilamaa jira. Mana
Hojichaatti adeemsaaleen adda addaa kutaa garaa garaa keessatti
hojjechuu qaban dhiphina iddoo irraa kan ka'e garee qorannaa
yakkaa fi galmeessa ragaalee kutaa tokko keessatti hojjechaa
waan jiraniif icciitiin galmeen qorannaa yakkaa itti eeggamuu
qabu eeguun rakkisaa ta'ee argameera. Kana malees, galmeen
sochaa’aa jiruu fi xumura argatan iddoodhuma tokkotti
kuufamee kan jiru dha. Baruma 2013 kanallee waajjirri isaan
qabatanii jiran kun qaama biraaf dabarfamee kennamee
jirachuun rakkoo hamaa ta’uun hubatameera.195Akkasumas,
abbootiin dhimmaa tajaajila adda addaa kan argatan

194
Akkuma 193ffaa
195
Akkuma 194ffaa
172
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

iddoodhuma tokkotti walirratti dabalamuun haala hojiif hin


mijanne keessatti tajaajilaa jiru.

Manni Hojii Abbaa Alangaa Godina Iluu Abbaa Booraa waajjira


mataa isaa kan hin qabnee fi kutaan tajaajila itti kennaa jiruus
dhipha dha. Waajjirichas akka gad lakkisan yeroo adda addaa
gaafatamaa jiru.196 Godinni Addaa Oromiyaa Naannawaa
Finfinnees waajjira of danda’e dhabuu irraa kan ka’e Abbootiin
Alangaa fi hojjettootni dabaree dabareen taa’aa kan jiranii fi
tajaajila barbaadamu kennuuf rakkachaa akka jiran
hubatameera.197 Godinni Shawaa Kibba Lixaa, Gujii Lixaa fi
Bunnoo Baddallee kiraa keessa kan jiran ta’uu, dabalataan
Harargeen Bahaa fi Arsiin Lixaas mana bara Xaaliyaanii
ijaaramee hojiidhaaf mijataa hin taanee fi dhiphaa ta’e keessa
kan jirani dha.198 Godinni Baalee, Baalee Bahaa fi Addaa
Adaamaa immoo waajjira gahaa dhabuu irra kan ka’e hojii
sirnaan hojjechuuf rakkoo hamaa keessa jiraachuu sakatta’insa
kanaan adda baheera.199

Sadarkaa Aanaaleettis, Manni Hojichaa yeroo hundeeffamu


Aanaaleen guutummaan guutuutti waajjira hin qabnee fi Abbaan
196
Akkuma 195ffaa
197
Akkuma 196ffaa
198
Akkuma 197ffaa
199
Akkuma 198ffaa
173
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Alangaa iddoo taa’ee tajaajila keennu hin qabne turaniiru.


Aanaaleen waajjira qabu jedhamanis kutaa baay’ee jijjigduu fi
iddoo hojiitiif mijataa hin taane keessatti hojjechaa kanturani
dha. Ogeeyyii yeroo dheeraaf Mana Hojichaa keessa turan irraa
ragaan argamee kan ibsu uummanni tajaajilaaf gara Mana
Hojichaa yemmuu deemutti manneen hojii dullomoo ta’uu fi
bakka gabaa uummataatti argamuu isaani irraan kan ka’e mana
farsoo fi Mana Hojii adda baasuun sadarkaa itti dadhabame irra
kan ture ta’uusa hubatamee jira. Akka fakkeenyaatti Aanaa
Ejeree irratti taateen akka kanaa mudatee kan ture ta’uun adda
baheera.200

Manni Hojichaa haala rakkisaa kana keessaa ba’uuf Aanaalee


hedduu keessatti hirmaanna uummataa cimsuun bara 1997 irraa
eegalee waajjiraaleen Abbaa Alangaa Aanaalee irratti akka
ijaaramaan tattaaffii taasifamaa tureen bu’aaleen jajjabeessaa
ta’an argamaniiru. Haata’u malee, hanga yeroo kitaabni kun
barreeffamuutti Magaalonnii fi Aanaaleen baay’een rakkoo
waajjira hamaa kan qaban ta’uun hubatamee jira.

200
Olitti yaadannoo lakk.156
174
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

4.13. Deeggarsa Qaamolee Adda Addaatiin Mana


Hojichaaf Taasifaman
Manni Hojii Abbaa Alangaa rakkoo loojistikii fi waajjiraa akka
furatuuf qaamoleen garaa garaa deeggarsa taasisaafi turanii jiru.
Gama kanaan, hirmaannaa uummataatiin waajjiraaleen Aanaa
hedduu ijaaruudhaaf uummanni gumachaa olaanaa seenaa Mana
Hojichaa keessatti yaadatamuu danda’u taasisee jira. Kana
malees, bulchiinsonni Godinaalee, Magaalotaa fi Aanaalee
rakkoo loojistikii Manni Hojichaa qabu furuuf deeggarsa
konkolaataa (haaraa bitanii kennuu yookin moofaa suphamuu
danda’u) kennuun akka itti fayyadaman taasisaa turanii jiru.

Haaluma kanaan fakkeenyaaf, Bulchiinsi Godinaa Booranaa,


Magaalaan Duukam fi Magaalaan Sabbataa konkolaataa haaraa
bituudhaan Mana Hojichaaf kennuun hojiin ol-aantummaa
seeraa akka milkaa’u deeggarsa taasisanii jiru.201 Gama
biraatiin, Bulchiinsonni Godina Qeellam Wallaggaa, Iluu Abbaa
Booraa, Bunnoo Baddallee, Horroo Guduruu Wallaggaa,
Harargee Bahaa, Harargee Lixaa fi Baalee konkolaataa moofaa
Manni Hojichaa suphatee akka itti fayyadamuuf kennaneefi

201
Gaaffii fi Deebii Obbo Tashaalee Angeessaa Abbaa Alangaa Naannoo fi
Hogganaa Mana Hojii Abbaa Alangaa GAONF,Obbo Magarsaa Abdiisaa
Hogganaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Bulchinsa Magalaa Duukamii fi Obbo
Shaawul Garramoo waliin hogganaa Mana Hojii Bulchiinsa Magalaa
Sabbataa waliin bilbilaan gaafa 14-07-2013taasifame.
175
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

waan jiranf akka MHAAWOtti kan galateeffamani dha. Gama


kanaan, hooggantootni sochii fi tattaafii taasisuun konkolaataan
Mana Hojichaaf akka bitamuuf kallattii garaa garaan carraaqqii
taasisaa turanis Manni Hojii kun osoo hin galateeffatiin bira kan
darbu miti. Akkasumas, rakkoo waajjiraalee fi meeshaalee
waajjira keessaa furuuf qaamolee alaa fi keessaa waliin
qindoominaan hojjechuun kanneen bu’aa gaarii galmeessisaan
sadarkaa hundatti iyyuu kan jiran waan ta’eef galateeffamuu kan
qabu dha.

4.14 Hojiiwwaan Gurguddoo MHAAWO’tiin


Hojjetamaa Turan
Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa hundeeffama
isaa irraa kaasee hanga yeroo kitaabni kun qophaa’uutti hojiilee
gurguddoo qorannaa fi himannaa yakkaa, qo’annoo fi qophii
wixinee seeraa, Hariiroo Hawaasaa, galmeessaa fi mirkaneessa
sanadootaa, akkasumas hojii mirga namoomaan walqabatee
hojiilee gurguddaa hojjechaa turee jira.

Hojiiwwaan gurguddoo qorannoo, qo’annoo fi wixinee seeraa


qopheessuun walqabatee bara 1987 yeroo Heerri Mootummaa
Naannoo Oromiyaa mirkanaa’e irraa eegalee hanga yeroo
kitaabni kun barreeffamuutti mata-duree adda addaa irratti
qorannoowwaan lakkoofsaan 50 (shantamaa) ol ta’an
176
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

taasifamanii jiru. Akkasumaas, wixineewwaan labsii 237 fi


dambii 222 ta’an qopheessuun qaama dhimmi ilaaluuf
dabarsuun akka ragga’u taasifamee jira. Hojiiwwan hiikkaa
afaanii, hubannoo seeraa fi seerota bara 1987 irraa kaasee hanga
2008 jiran walitti qabuun jiildeessuun hojjatamanii jiru.
Qaamolee biroo waliin ta’uun seerota Federaalaa fi seerota idil-
addunyaa muraasni gara Afaan Oromootti hiikamanii jiru. Isaan
keessa akka fakkeenyaatti Seeraa Yakkaa Itoophiyaa, Imammata
Yakkaa Biyyaalessaa, Labsii Mirga Namoomaa Guutuu
Addunyaa fi kkf fudhachuun ni danda’ama. Kana malees,
qajeelfamoota gara 16 ta’an akka Mana Hojichaatti baasuu fi
hojii irra oolchuun danda’ameera.

Hojiiwwaan hariiroo hawaasaan walqabatee hojiiwwaan


gurguddoon hojjetamaa kan turan yoo ta’u, hojii gama kanaan
hojjetameen maallaqni qabeenya uummataa fi mootummaa
qisaasamni irratti raawwatamaa ture miliyoonota hedduun
lakkaa’amu gara kaazeenaa mootummaatti deebi’ee jira. Akka
fakkeenyaatti bara 2008 irraa kaasee hanga bara 2012tti jiru yoo
ilaalamu, qarshii 366,769,781 ta’e kaazeena Mootummaatti
akka deebi’u taasifameera.202

202
Xinxala Raawwii KGT II MHAAWO bara 2012 gaggeeffamee fuula 47-
48
177
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Gama galmee qorannaa fi himannaan walqabatees hojjiwwan


heddun hojjatamaniiru. Hundeeffama isaa irraa kaasee hojii
hojjetame guutuu isaa agarsiisuf ragaan waan hin jireef, kan
bara 2003 irraa kaasee hanga bara 2012tti jiru akka
fakkeenyaatti fudhatamee kan ilaalameera. Bu’uuruma kanaan,
hojiiwwaan gurguddoo bara 2003–2012’tti hojjetaman
gabaabinaan daataan isaanii akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Haqaan Haqaaf Haa Hojjannu!

178
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Gabatee lakkoofsa 7: Raawwii Galmeewwan Qormaataa Gosa Hundaa Bara 2003-2012 Agarsiisu

Qaj.K.eer

Dimshash
Qornnoot
Dimshaas

dhiyaatee

tii deebie
A/39nk.C

Himannii

Murtaa’e
k.cufacuf

Clearanc

Bara ittii
dhiyaate

A/42/1/a

Raaw.%
irraattii

aanuttii
ergame
Qaama
aangoo
qabuuf

darbee
ufame

Garee
A/41n

A/38n

e rate
game
amee

kan

kan
ha

aa
Bara

e
2003 67206 1197 275 10 78 65105 129 66794 99.10% 412
2004 66161 1927 507 16 115 63202 366 66133 99.95 28
2005 65676 2815 1878 20 34 59673 438 64858 %99 823
2006 62129 3555 1333 67 90 56201 585 61831 99.6 298
2007 62560 1127 503 168 24 53061 117 61125 98.3 1435
2008 55771 0 1466 85 422 52446 465 54884 98.4 887
2009 56510 2054 1475 7 90 51616 548 55790 98.7 720
2010 58,647 1979 3592 8 60 52516 217 58,372 99.5 275
2011 57981 2089 1391 21 76 53152 280 57009 98.3 972
2012 54644 2520 2447 103 1043 47247 323 53683 98.2 961
2003-2007 323732 10621 4496 281 341 297242 1635 320741 1435
2008-2012 280699 8642 10371 224 1691 256977 1833 279,738 99.6 961
604,43
2003-2012 19263 17867 505 2032 554219 3468 600479 99.6 2396
1

179
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Chaartii 8: Raawwii Galmeewwan Qormaataa Bara 200-2007 fi 2008-2012


350000 Dimshaasha
323732 320741 Dhiyaate
297242 42n kan cufame
300000 280699 279738
256977
250000 41n Qaj.K.ergame

200000 Himanni Kan


Irratti Dhiyaate

150000 38n Garee


Qorannootti Kan
Deebi'e
100000 Dimshaasha
Murtaa'e
50000 Raawwii(Clearance
4496 10371 rate)%
341 1635 99.19 1691 1833 99.6
0
2003-2007 2008-2012

180
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Gabatee lakkoofsa 7ffaa fi chaartii armaan olii irraa kan


hubatamu galmeen qormaataa gosa hundaa bara 2003 hanga
2007 tti dhiyaate 323,732 yemmuu ta’u bara 2008 hanga 2012 tti
immoo galmee 280,699 dha. Kunis galmeen qormaataa
qulqullaa’ee Mana Hojii Abbaa Alangaa dhaqqabaa ture
xiqqaachaa kan dhufe ta’uu agarsiisa. Gama biraatiin, Abbaan
Alangaa galmee isaaf dhiyaate irratti qajeelfama qaama olaanaa
kan gaafate bara 2003 hanga 2007 galmeewwan 341 irratti yoo
ta’u, bara 2008 hanga 2012tti immoo galmeewwan 1691 irratti
qajeelfama gaafatee dha. Kunis galmeen Abbaan Alangaa
qajeelfama irratti gaafachaa jiru dabalaa dhufuu agarsiisa Kana
malees, galmeewwan akkaataa SDFY keewwata 38(c)’tiin
qorannoo dabalataatiif gara poolisiitti deebi’an bara 2003-
2007tti 1635 yoo ta’u, bara 2008-2012tti immoo 1833 dha. Kana
irraa kan hubatamu, galmeewwan qorannoo dabalataaf gara
poolisiitti deebi’aa jiranis dabalaa dhufuu isaaniti. Galmeewwan
qormaataa gosa hundaa bara 2003 hanga 2012tti dhiyaatan
604,431 keessaa galmeewwan 600,479 irratti Abbaan Alangaa
murtii adda addaa kennuu danda’ee jira. Kunis dandeettiin
galmee of harkaa xumuruu Abbaa Alangaa %99.35 ta’uu waan
agarsiisuuf raawwiin isaa gaariidha jechuun ni danda’ama.

181
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Akka waliigalaatti, galmeen qormaataa KGT 2ffaa keessa


qulqullaa’ee Mana Hojii Abbaa Alangaa dhaqqabaa ture kan
KGT 1ffaa waliin wal cinaa qabamee yemmuu ilaalamu
xiqqaachuu isaatiif akka sababaatti dhimmoonni ka’uu danda’an
KGT 2ffaa keessa bara 2008 fi 2009 akka Naannoo Oromiyaatti
sochii mormii hawaasni naannichaa taasisaa tureen wal qabatee
galmeen idilee hedduun ilaalamaa kan hin turre ta’uu isaa fi bara
2012 keessa immoo sababa dhibee Vaayiresii koronaatiin
walqabatee waggaa walakkaaf hojiin addaan cite waan tureef
ta’uu tilmaamuun ni danda’ama.

Haqaan Haqaaf Haa Hojjannu!

182
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Gabatee lakkoofa 8ffaa Raawwii Galmee Himata Gosa Hundaa Bara 2003 - 2012 Keessatti Dhiyaatanii

qa.k.dhiyate

A/A/Himata

Dim/Murta'
Himatamaa
n Dha.cufa.
Dimsh.dhiy

M/M/Ango
Haraa kan

141n bilisa

Ragaan fi

Harcaatii
Con/Rate
A/149n fi

kan kase

k.darbee
Araraan
dhiyaate

Adabbii

I/Anutti
BDKAs

k.ba'ee

k.cufa.

Murtii

Bara
%n
ate

ee
Bara

e
2003 1620 66353 67973 296 3128 2363 4938 55717 66442 94.68 3.4 1531
2004 1531 64025 65556 415 2602 2254 3165 709 55434 61414 95.5 3.4 4142
2005 4142 59278 63420 334 2849 1539 45177 3743 54217 62682 95 2.4 738
2006 738 59754 60492 136 2607 2430 507 3201 47224 55598 94.7 4 4894
2007 4894 52499 57393 64 415 876 152 1908 50349 53752 98.9 1.5 3641
2008 6584 45862 52446 3099 1894 1934 143 1655 41401 50126 95.6 3.85 2320
2009 2320 51616 53936 81 2356 2368 123 1876 39484 46288 94.3 5.11 7648
2010 7648 50999 58647 137 2278 2412 93 2533 46597 54050 94.5 4.9 4597
2011 4597 45580 50177 64 2105 2332 75 2923 38353 45852 94.79 5 4325
2012 4325 43498 47823 91 1752 1531 84 2071 41805 47334 96 3.2 489
2003-
1620 301909 303529 1245 11601 9462 49001 14499 262941 299888 95.72 3.1 3641
2007
2008-
6584 237,555 244,139 3472 10385 10577 518 11058 207640 243650 96 3.2 489
2012
2003-
549,668 4717 21,986 20,039 49,519 25,557 470,581 543,538 95.86 3.15 4130
2012

183
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Raawwii Galmee Himata Gosa Hundaa Bara 2003 - 2012 Keessatti Dhiyaatanii

350,000 Dimshaasha
Dhiyaate
303,529 299888
300,000
262941
244,139 243650 149n fi 141 bilisa
250,000 bahe
207640
200,000
Ragaan fi
150,000 Himatamaan
dhabamuun kan
100,000 cufame
Murtii Adabbii
50,000
11601 10385
9462 95.72 3.1 10577 96 3.2
0 Dimshaasha
2003-2007 2008-2012 Murtaa'e

Con.Rate %n
184

Harcaatii %n
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Gabatee lakkoofsa 8ffaa fi chaartii armaan olii irraa kan


hubatamu, galmeen himata gosa hundaa bara 2003-2012’tti
dhiyaatan waliigalatti galmee 549,668 dha. Bara 2003 hanga
2007’tti kan dhiyaate galmeewwan 303529; bara 2008 hanga
2012’tti immoo galmeewwan 244,139 dhiyaataniru. Kunis,
galmeewwan himataa Mana Murtiitti dhiyaatee ilaalamaa ture
xiqqaachaa kan dhufe ta’uu agarsiisa. Sababiin xiqqaachuu
danda’eefis sababuma gabatee 7ffaa jalatti ibsame waliin kan wal
fakkaatu dha.

Gama biraatiin, sababa ragaa fi himatamaa dhabuutiin


galmeewwan bara 2003 hanga 2007tti cufaman 9,462 yoo ta’an,
bara 2008 hanga 2012tti immoo 10,577 dha. Kunis galmeewwan
sababa himatamaa fi ragaan dhabamuutiin cufaman hanga tokko
dabalaa dhufuu isaanii kan agarsiisu dha. Harcaatii galmees
parsantaadhaan yemmuu ilaallu, bara 2003-2007tti %3.1 yoo
ta’u, bara 2008-2012tti immoo %3.2 ta’uun hubatameera.

Kana malees, galmeewwan himataa Mana Murtiitti ilaalamaanii


murtii waliigalaa argatan bara 2003-2007’tti 299,888 yoo ta’an,
kana keessaa murtiin adabbii galmeewwan 262,941 dha.
Dandeettiin adabsiisuu Abbaa Alangaatiis galmeedhaan %95.72
dha. Haaluma walfakkaatuun, galmeewwan himataa Mana
Murtiitti ilaalamaanii murtii waliigalaa argatan bara 2008-
2012’tti 243,650 yoo ta’an kana keessaa murtiin adabbii

185
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

galmeewwan 207,640 dha. Waggoottan shanaan darban


keessatti dandeettiin adabsiisuu Abbaa Alangaatiis %96 dha.
Akka waliigalaatti, waggoottan kurnan darban kana keessatti
galmeewwan himataa Mana Murtiitti dhiyaatanii ilaalamaa
turanii murtii adda addaa argatan 543,538 yoo ta’an, isaan
keessaa galmeewwan 470,581 irratti murtiin balleessummaa
kennameera. Dandeettiin adabsiisuu Abbaa Alangaatiis
Waggoottan kurnaan darban keessatti immoo galmeedhaan %95
ol waan ta’eef jajjabeessaa dha.

Gabatee lakkoofsa 9ffaa Raawwii Hojjiwwan Gama Hubannoo


Seeraa Hawaasaa Cimsuuf Bara 2003 – 2012 tti Hojjetamanii
Raawwii
Bara
Dhiiraa Dubartii Ida’ama
2003 3,646,076 1,691,310 5,337,386
2004 4,423,051 1,594,809 6,017,860
2005 5865044 3609179 9,474,223
2006 6,702,310 4,117,746 10,820,056
2007 1,046,195 606,871 1,653,066
2008 3,549,450 2,467,938 6,017,388
2009 3887260 1786575 5,673,835
2010 2737465 1589894 4,327,359
2011 3333105 1880921 5,214,026
2012 1,723,945 854,943 2,578,888
2003-2007 20,636,481 11,013,044 33,302,591
2008-2012 15,231,225 8,580,271 23,811,496
2003-2012 35,867,706 19,593,315 57,114,087

186
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Chaartii 10: Hubannoo Seeraa


12,000,000
10,820,056

10,000,000 9,474,223
9,017,860

8,000,000
Dhiira
6,017,388 Dubartii
6,000,000 5,337,386 5,673,835
5,214,026 Ida'ama
4,327,359
4,000,000
2,578,888
2,000,000 1,653,066

0
2003 2004 2005 2006 2007 2008 2009 2010 2011 2012

187
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Gabatee lakkoofsa 9ffaa fi chaartii armaan olii irraa akka


hubatamutti, Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa
waggoottan kurnan darban keessatti hubannoo seeraa hawaasaa
dhiira 35,867,706 fi dubartoota 19,593,315 walumatti, namoota
57,114,087 tiif mata dureewwan adda addaa irratti irra
deddeebiin kannaa kan ture ta’uu isaati. Kunis Manni Hojichaa
hubannoo seeraa hawaasaa naannichaa heddu biraan gahuun
guddisuuf hojiin hojjatame gaarii ta’uu agrasiisa.

Hojii gaariin gama kanaan hojjatame akkuma jirutti ta’ee,


hubannoon seeraa xiinxala facaatii yakkaa (crime index) irratti
hundaa’uudhaan kennamuu dhabuu, yeroo gahaa fi qophii
barbaachisaa taasisuun itti fufiinsaan hubannoo kennuu dhabuu,
baay’ina namoota hubannoo seeraa argatanii lakkaa’uun alatti
jijjiirama hubannoo seeraatiin argame madaalaa deemuu
dhabuu, hubannoon seeraa kennamu haala qabatamaa hawaasa
hubannoon kennamuuf tilmaama keessa kan galche ta’uu
dhabuu fi bu’aa irratti kan xiyyeeffate ta’uu dhabuu isaa akka
hanqinaatti dhimmoota ilaalamanii dha.

188
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Gabatee lakkoofsa 10ffaa Raawwii Dhimmoota Galmeessa


Ragaalee fi Kenna Hayyamaa Bara 2003 hanga 2012 tti
Hojjetaman Agarsiisu.
Galii Kenniinsa
Baayina Dhimmootaa
Bara Tajaajjilaa Ibsa
keessumeffamaanii
Irraa Argamee
2003 60,917 3,633,429
2004 93,282 5,082,362
2005 97,664 6,020,388
2006 93,506 10,741,229
2007 146802 12,231575
2008 140,883 9,188,393
2009 225,700 15,496,139
2010 125192 10,915,167
2011 168,195 11,427,710
2012 76,614 6,784,688
2003-2007 492,171 37,708,983.00 KGT I
2008-2012 736,584 53,812,097 KGT II
2003-2012 1,228,755 91,521,080

189
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Chaartii 11: Raawwii Dhimmoota Galmeessa Ragaalee fi Kennaa Hayyamaa


16,000,000 15,496,139

14,000,000
12,231,575
11,427,710
12,000,000
10,741,229 10,915,167
10,000,000 9,188,393

8,000,000
6,784,688
6,020,388
6,000,000 5,082,388
4,000,000 3,633,429

2,000,000
93,282 97,664 93,506 146,802 140,883 225,700 125,192 168,195 76,614
0 60,917
2003 2004 2005 2006 2007 2008 2009 2010 2011 2012
Baay'ina Dhimmoota Keessummeeffamanii
Galii Tajaajila Irraa Argame

190
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Gabatee lakoofsa 10 fi chartii 11 irraa kan hubatamu,


MHAAWO waggoottan kurnan darban keessatti dhimmoota
galmeessa sanadootaa fi kenna hayyamaan walqabatan
1,228,755 keessummeessuun tajaajila kenname irraa qarshii
91,521,080 Mootummaaf galii taasisee jira. Kunis tajaajilli
gama kanaan kennamee fi galiin argames sadarkaa gaarii irra
kan jiru ta’uu agarsiisa. Tajaajilli kunis bara 2009 keessa
baay’inaan kan dabale ta’uun ragaan kun ni agarsisaa. Akka
sababaattis, caqasuun kan danda’amu bara kana keessa
Mootummaan hojii dhabdummaa hir’isuuf haala addaatiin
maallaqa ramadee dargaggoota waldaan gurmeessuun kan itti
hojjetame ta’uu isaati.
Gabatee lakoofsa 11ffaa Raawwii Dhimma Naamusa Abbootii
Alangaa Bara 2008-2012 Agarsiisuu
Hoggansarraa fi
Adabbii mindaa

Beellamaan kan
B.D.k.as darbe

Hojjiirraa kan

sadarkaarraa
geggeeffamee

Akeekachiisa

Kan cufamee

kan gad bu’e


Dimshaasha

Dimshaasha
dhiyaatee

murtaa’e
dhiyatee
Haaraa

Biliisa

jiru

Bara

2008 23 48 71 0 5 0 1 2 5 13 58
2009 58 18 76 2 12 2 7 10 0 33 43
2010 42 53 95 14 30 2 5 16 0 67 28
2011 28 46 74 7 28 3 5 12 0 55 19
2012 19 17 36 3 11 3 1 17 19
Id. 23 182 205 26 86 10 18 40 6 186 19

191
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Chaartii 12: Raawwii Dhimmoota Galmee Naamusa Abbootii Alangaa Dimshaasha


dhiyaate
100 95 Hojiirraa kan
90 gaggeeffame
80 76 74 Adabbii mindaa
71
70 67
Akeekkachiisa
60 55
50
Bilisa
40 36
33
30 30 28 Kan cufame

20 16 17
13 12 14 12 11 Hooggansaafi
10 10
5 7 sad.Irraa gadi
2 2 3 0 bu'e
0 0
Dimshaasha
2008 2009 2010 2011 2012 murtaa'e

192
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Akkaataa gabatee lakkoofsa 11ffaa fi chaartii armaan olii kessatti


ibsameen waggoottan shanan kana keessatti dhimmoonni
himannaa naamusaa Abbootii Alangaa dhiyaatan 205 yoo ta’u,
kana keessaa Abbootii Alangaa 26 irratti murteen hojii irra
gaggeessuu, Abbootii Alangaa 86 irratti adabbii mindaa (ji’a
tokkoo hanga ji’a lamaa), Abbootii Alangaa 10f adabbiin
akeekkachiisaa kan kenname yoo ta’u, Abbootii Alangaa 18
immoo himannaa irratti dhiyaate irraa bilisa kan bahani dha.
Haala wal-fakkaatuun, Abbootii Alangaa galmeen isaan irratti
qulqullaa’ee irraa cufame 40 yoo ta’an, hooggansaa fi sadarkaa
irraa kan gadi bu’an namoota 6 dha. Walumaagalatti,
galmeewwan 186 murtii adda addaa kan argatan ta’uun
hubatameera.

Gama biraatiin, hanqina naamusaa qorannoon adda baasuun


leenjii kennuun naamusa Abbootii Alangaa dagaagsuu irratti
hojiin hojjatame gahaa ta’uu dhabuu, badiin erga raawwatamee
booda tarkaanfii naamusaa fudhachuu malee dursanii badiin
akka hin raawwatamne ittisuu fi Mana Hojichaa ogeessota
naamusa ol’aanaa qabaniin ijaaruu irratti hojiin hojjatame laafaa
ta’uu, namootni hanqina naamusaa badaa qaban jiraachuun osoo
beekamuu sababa hariiroo dhuunfaa qabaniin tarkaanfii
sirreeffamaa osoo hin fudhatiin wal bira darbuun kan jiru ta’uu,

193
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

akkaataa caasaa hojjatameen Inispeekshiniin godinaa


ramadamee hojiitti galuu dhabuu, tarkaanfiin naamusaa karaa
iftoomina, qulqullinaa fi haqummaa qabuun fudhachuu irratti
hanqinni jiraachuu (Fakkeenyaaf, mirgi dhaga’amuu Abbaa
Alangaa kan hin jirre ta’uu; adeemsi ol’iyyannoo keessoo
dhimma naamusaa dhiphachuu; dhimmoota ulaagaa yakkaa
guutan erga tarkaanfii naamusaa fudhatameen booda fudhachuu
dhabuun) akka hanqinaatti kanneen adda bahanidha. Kanaaf
hanqinaalee kana furu irratti xiyyeeffatamee hojjatamuu qaba.

Haqaan Haqaaf Haa Hojjannu!

194
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Boqonnaa Shan
Gudunfaa fi Kallattii Gara Fuulduraa

5.1 Guunfaa
Dhaabbanni Abbaa Alangaa osoo hin hundaa’iin dura miidhaa
miidhamaa irra dhaqqabeef dhuunfaadhaan himannaan
dhiyaachaa akka ture seenaan ni agarsiisa. Qaamni miidhaan irra
qaqqabe ofii isaatiin tarkaanfii fudhachaa turuun isaa nagaa fi
tasgabbii irratti dhiibbaa waan geessisaa tureef biyyoota garaa-
garaa keessatti qaamni miidhaa qaqqabeef miidhamaa bakka
bu’ee himata hundeessuu danda’u jiraachuun dirqama ta’ee
mul’ateera. Haaluma kanaan, Dhaabbatni Abbaa Alangaa seenaa
garaa garaa qabaatus biyyoota adda addaa keessatti
hundeeffamee jira. Muuxannoo biyyoota ilaalame irraas kan
hubatamu biyyoonni tokko tokko heera olaana biyya isaanii
keessatti Dhaabbata kanaaf beekkamtii kennuun haala
muudamaa fi muudamaa irraa ka’us achuma keessatti tumatanii
argaman yoo ta’u, biyyoonni biroon immoo seera isaanii
keessatti dhimmoota kana tumanii argaman akkuma jiran haala
muudamaa fi muudama irraa ka’uu Heeraa irrattis ta’e seera
irratti kanneen hin tumnes ni jiru. Dabalataanis, bilisummaa

195
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

dhaabbatummaa fi ogummaa Abbaa Alangaatiinis walqabatee


gara-garummaan akka jiru hubatamee jira.

Seenaa hundeeffama Mana Hojii Abbaa Alangaa Itoophiyaas


yemmuu ilaalamu bu’aa ba’ii biyyoota biroo waliin kan wal
fakkaatu keessa kan darbe ta’us, labsiidhaan of danda’ee kan
hundaa’e bara 1934 Labsii Lakkoofsa 29/1934’tiin seenaa irraa
ni hubatama. Sanaan boodas ba’aa ba’ii hedduu keessa darbuun
bara Mootummaa Dargii keessa Heeraa Mootummaa
Rippaablika Dimokiraatawaa Uummata Itoophiyaa Guraandhala
bara 1980 ragga’e irrattis keewwata 108 hanga 112’tti jiru jalatti
Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Abbaa Alangaaf beekkamtii
heeraa kan kenne ta’uun hubatameera. Heera kanatti aansuunis
Labsiin 11/1980 aangoo fi gahee hojii isaa bal’inaan ibsee jira.
Bara Mootummaa ADWUI keessa immoo bu’aa ba’ii keessa
darbuun bara 2008 keessa Labsii Lakkoofsa 943/2008’tiin
Abbaa Alangaa Waliigala Federaalaa jedhamuun hundeeffamee
hojjechaa jira.

Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa hundeeffama


isaa irraa kaasee seenaa garaa garaa kan dabarsee yoo ta’u,
jalqaba irratti haala maqeeffama isaa irraa eegalee yoo ilaalamu
Manni Hojichaa maqaa garaagaraatiin kan waamamaa ture
ta’uutu hubatama. Yeroo jalqabatiif Biiroo Haqaa, Mana Hojii
196
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Abbaa Alangaa Oromiyaa, Biiroo Dhimma Seeraa, Biiroo


Haqaa fi Nageenyaa jedhamaa erga tureen booda, ammas
deebi’ee Biiroo Haqaa jedhamuu fi yeroo kitaabni kun
barreeffamutti immoo Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa
Oromiyaa jedhamuun waamameera.

Haalli itti waamama isaas yoo ilaalamu, Manni Hojichaa seenaa


garaa, garaa kan dabarse ta’uun ni hubatama. Dabalataan,
haguuggii seeraa bilisummaa ogummaa Abbaa Alangummaa fi
Dhaabbatummaan walqabatee haalli ture yoo ilaalamu yeroo
tokko cimuun yeroo biraa immoo laafuun mul’achaa turee jira.

Gama biraatiin, immoo haalli itti waamama Mana Hojichaa fi


aangoo fi gaheen hojii isaa akka biyyoota biroo Heera keessatti
kan hin caqafamne ta’uun ni hubatama. Kana malees,aangoo fi
gaheen hojii Mana Hojichaas hundeeffama isaa irraa eegalee
jijjiiramaa fi bal’aachaa kan dhufe ta’uun Labsiiwwaan garaa
garaa boqonnaa 4ffaa jalatti ibsaman irraa hubachuun
danda’ameera.

Manni Hojii kun aangoo fi gaheen hojii itti kenname baay’achuu


fi humna namaa xiqqaa fi sadarkaa barumsaa gad-aanaatiin kan
eegale ta’us, hanga yeroo kitaabni kun barreeffamutti
baay’inaan hanqinni kan jiru ta’us sadarkaa qophii barnootaatiin

197
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

garuu haala gaarii irra jiraachuu agarsiisa. Dabalataanis, Manni


Hojichaa Abbootiin Alangaa fi hojjettoonni bulchinsaa barnoota
isaanii akka fooyyeeffataniif hundeeffama isaa irraa kaasee
hojiilee gurguddoo hojjechaa turee jira.

Gama biraatiin Manni Hojichaa baajata fi loojistiksii gahaa hojii


ulfaataa fi walxaxaa itti kenname kana hojjechiisuu danda’u kan
hin qabne ta’uu fi xiyyeeffannoo kan hin argatiin ta’uun
hubatamee jira. Karaa biraatiin, haalli hooggansi Mana
Hojichaa itti muudamuu fi muudama irraa itti kaafamu akkuma
biyyoota addunyaa garaa garaa Heeraa fi seeraa irratti ifatti
taa’uu dhabuun hooggansi tasgabbii akka dhabu taasisuun
milkaa’ina hojii Mana Hojichaa irratti dhiibbaa guddaa uumuun
hubatamee jira.

Manni Hojichaa rifoormiiwwan adda addaa qorachuun hojii irra


oolchaa turus karaa wal fakkaatuun itti fufiinsaan hojii irra
oolchuu irratti hanqinni kan jiru ta’uun hubatameera. Haalli
raawwii hojiiwwan gurguddoo Mana Hojichaa gaarii ta’us
hojiiwwan hunda karaa guutuu ta’een duguuganii hojjechuu fi
hojiiwwaan hojjetaman kanas bifa ammayyaa’aa ta’een ragaa
qabachaa deemuu dhabuun akka hanqina Mana Hojichaatti
hubatamee jira.

198
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

5.2 Kallattii Fuulduraa


1. Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa akkuma
muuxannoo biyyoota addunyaa garaa garaa irraa hubatamee
fi akkaatuma Seera Mootummaa Bulchiinsa Yeroo
Ce’umsaa Naannoo Oromiyaa keessatti tumamee tureen
beekkamtii Heeraa osoo argatee gaarii ta’a.
2. Haala muudamaa fi muudama irraa ka’uu Abbaa Alangaa
Waliigalaa fi Itti Aanaa Abba Alangaa Waliigalaa ifatti
Heeraan yookiin seeraan tumamee taa’uu qaba.
3. Bilisummaan Ogummaa Abbaa Alangummaa fi
dhaabbatummaa Mana Hojichaa akkaataa seeraan taa’een
akka kabajamuuf hojjetamuu qaba.
4. Baajatni Mana Hojichaaf ramadamu aangoo fi gahee hojii
Mana Hojichaa galmaan ga’uu kan dandeessisu ta’uu qaba.
Hooggansi Mana Hojichaas baay’inaa fi ulfaatina hojii Mana
Hojichaa beeksisuu fi Mootummaan Naannichaa
xiyyeeffannaa itti kennee baajatni gahaan akka ramaduuf
hojjechuu qaba.
5. Manni Hojichaa loojistikii qabu kanaan ergama isaa galmaan
ga’uu waan hin dandeenyeef xiyyeeffanna ol-aanaa itti
kennuun qaamoolee dhimmi ilaalu waliin ta’uun bifa
piroojektitiin qabamee akka guutamuuf hojjechuun

199
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

murteessaa dha. Keessattuu, rakkoon waajjiraa fi


konkolaataa furmataa hatattamaa argachuu qaba.
6. Gurmaa’iinsii fi caasaan Mana Hojichaa hojii ulfaataa
Manni Hojichaa hojjetu waliin kan wal hin simne waan
ta’eef irra deebi’amee ilaalamuu qaba.
7. Rifoormiin yeroo, yeroon qoratamee haala kenninsa tajaajila
Mana Hojichaa fooyyeessuu danda’uun hojii irra ooluu
qaba.
8. Hooggansi, Abbaan Alangaa fi hojjetaan bulchiinsaa Mana
Hojichaa sadarka,sadarkaan jiru galma ga’iinsa ergama
Mana Hojichaatiif tumsa ol-aanaa isaan irraa barbaachisu
taasisuu qaba.
9. Kenna tajaajila Mana Hojichaa teekinoolojiin deeggaruun
hammayyeessuun barbaachisaa dha.
10. Sirna iftoominaa fi itti gaafatamummaa cimaa ta’e diriirsuun
rakkoolee bulchiinsa gaarii kenna tajaajilaatiin walqabatee
jiru furuuf hojjechuu qaba.
11. Dandeettii raawwachisummaa hooggaansaa, ogeessotaa fi
hojjettoota Mana Hojichaa cimsuuf xiyyeffannaan irratti
hojjetamuu qaba.

200
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

Wabiilee

I. Seerota
1. Heera Mootummaa Rippaablika Dimookiraatawaa
Federaalawaa Itoophiyaa, Lab. Lakk. 1/1987

2. Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Lab. Lak. 1/1987

3. Chaarteerii Yeroo Ce’umsaa Mootummaa Giduu-galeessaa,


Lab.lakk.1/1983

4. Seeraa Mootummaa Bulchiinsa Yeroo Ce’umsaa


Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Lab. Lakk. 2/1985

5. Seera Adeemsa Falmii Yakkaa Itoophiyaa Labsii Addaa


lakkoofsa 1/ bara 1961

6. Labsii Bulchiinsa Naannoolee Biyyooleessaa Hundeessuuf


Ba’e, Lab. Lakk. 7/1984

7. Labsii Mootummaa Ce’umsaa Itoophiyaa Qaamoolee


Raawwachiistuu Mootummaa Giduugaleessaa fi Naannoolee
Aangoo fi Hojii Isaanii Tumuuf Murteessuuf Ba’e
Lakkoofsa 41/1985

201
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

8. Labsii Qaamolee Raawwachiistuu Bulchiinsa Yeroo


Ce’umsaa Oromiyaa Hundeessuuf Ba’e, Lab. Lakk. 5/1986

9. Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Hundeessuuf Ba’e, Lab.


Lakk. 6/1986

10. Labsii Qaamoota Raawwachiistuu Mootummaa Naannoo


Oromiyaa Hundeessuuf Bahe, Lab. Lakk. 7/1988

11. Labsii Qaamolee Raawwachiistuu Mootummaa Naannoo


Oromiyaa Fooyyeessuu fi Aangoo fi Gahee Hojii Isaanii Irra
Deebiidhaan Murteessuuf Ba’e, Lab. Lakk. 50/1994

12. Labsii Koomishinii Naamuusaa fi Farra Malaammaltummaa


Mootummaa Naannoo Oromiyaa Hundeessuuf Ba’e, Lab.
Lakk 71/1995

13. Labsii Qaamolee Raawwachiistuu Mootummaa Naannoo


Oromiyaa Irra Deebi’ee Gurmeessuuf Hojii Isaanii
Murtessuuf Ba’e, Lab. Lakk. 87/1997

14. Labsii Qaamolee Raawwachiistuu Mootummaa Naannoo


Oromiyaa Irra Deebi’ee Gurmeessuuf Hojii Isaanii
Murteessuuf Ba’e, Lab. Lakk. 87/1997 Fooyyeessuuf Labsii
Ba’e, Lab. Lakk.105/1998

202
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

15. Labsii Qaamolee Raawwachiistuu Mootummaa Naannoo


Oromiyaa Irra Deebiidhaan Gurmeessuuf Aangoo fi Gahee
Hojii Isaanii Murteessuuf Ba’e, Lab. Lakk. 87/1997 Isa
Fooyyeessuuf Kan Bahan, Lab. Lakk. 96/1997 fi Lab. Lakk.
105/1998 Fooyyeessuuf Labsii Ba’e, Lab. Lakk. 132/2000

16. Labsii Qaamolee Raawwachistuu Mootummaa Naannoo


Oromiyaa Irra Deebiidhaan Gurmeessuuf Aangoo fi Gahee
Hojii Isaanii Murteessuuf Ba’e, Lab. Lakk. 163/2003

17. Labsii Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Mootummaa Naannoo


Oromiyaa Hundeessuuf Bahe, Lab. Lakk.175/2005

18. Labsii Qaamolee Raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo


Oromiyaa Irra Deebiidhaan Gurmeessuu, Aangoo fi Hojii
Isaanii Murteessuuf Bahe, Lab. Lakk. 199/2008

19. Dambii Bulchiinsa Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa


Lakk. 31/1995

20. Dambii Ittiin Bulmataa Abbootii Alangaa Mootummaa


Naannoo Oromiyaa Irra Deebiidhaan Fooyyeessuuf Bahe,
Lakk.161 /2005

21. Qajeelfama Guddinaa fi Jijjiirraa Abbootii Alangaa Lakk.


8/2006

203
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

22. Dambii Wajjira Qindeessaa Sagantaa Fooyyaa’insa sirna


Haqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Hundeessuuf Bahe
Lakkoofsa 82/ 1999

23. Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Mootummaa


Naannoo Oromiyaa Hundeessuuf Bahe, Lab. Lakk.
214/2011

24. Dambii Bulchiinsaa fi Naamusa Abbaa Alangaa Lakk.


218/2013

25. Maanuwaalii Gurmaa’insaa Dhabbatummaa Mana Hojii


Abbaa Alangaa Waliigalaa Federalaa Lakk.1/2012

26. Imaammata Haqaa Yakkaa Mootummaa Rippaabliikaa


Dimokirataawaa Federalawaa Itoophiyaa 1997

II.Kitaabolee fi Barruulee Adda Addaa


1. The Status and Role Of Public Prosecutors, A United
Nations Office on Drugs and Crime and International
Association of Prosecutors Guide, United Nations, New
York, 2014

204
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

2. Barruulee Eebbaa Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa


Aanaalee Naannoo Oromiyaa Bara 1992 Qophaa’ee

3. Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Chaarterii Lammiilee


Biiroo Haqaa Oromiyaatiin Amajjii Bara 2005 Qophaa’ee

4. Yue Ma( 2008): Exploring the Origins of Public


Prosecution, International Criminal Justice Review

5. Yue Ma, Exploring the Origins of Public Prosecution,


International Criminal Justice Review, Vol.18, No. 2, June
2008

6. Gabriel Knaul(2011):Report of the Special Rapporteur on


the Independence of Judges and Lawyers

7. Mata Duree Haguuggii Seeraa Fi Dhaabbatummaa Mana


Hojii Abbaa Alangaa Itoophiyaa:Dhimma Biiroo Haqaa
Mootummaa Naannoo Oromiyaa(Barruu Qorannoo LLM
Mul’isaa Abdiisaa Jiru bara 2006)

8. The South African National Prosecution Authority Is Based


on Act No. 108 Of 1996, The Republic of South African
Constiotution and the National Prosecuting Authority Act
No. 32 Of 1998.

205
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

9. Jaerg-Martin Jahele, Marianne Wade, Coping with the Over-


loaded Criminal Justice Systems: The Rise of Prosecutorial
Service Across Europe, Fritz Thyssen Stiftung: Springer,
Germany, 2006

10. United Nations (1990), Guidelines on the Role of


Prosecutors, Adopted Eight, United Nations Congress on the
Prevention of Crime and the Treatment of Offenders,
Havana, 27 August to 7 September 1990

11. Standards of Professional Responsibility and Statement af


the Essential Duties and Rights of Prosecutors Adopted By
the International Association of Prosecutors (IAP) on the
Twenty Third Day of April 1999
12. Rio De Janeiro Autonomy and Discretionary Power of the
Public Prosecutor’s Office in Brazil, Dados Vol.4

13. Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo (SMBKT),


Mootummaa Naannoo Oromiyaa (2003)

14. The Bordeaux Declaration this Declaration is accompanied


by an Explanatory Note. This Declaration has been jointly
drafted by the Working Groups of the CCJE and the CCPE
in Bordeaux (France) and has been Officially adopted by the

206
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

CCJE and the CCPE in Brdo (Slovenia) on 18 November


2009.
15. Opinion on the Regulatory Concept of The Constitution of
the Hungarian Republic CDL-INF (1996)

16. Karooraa Hojii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waligalaa


Oromiyaa Bara 2012

17. Xiinxalaa Raawwii KGT I Mana Hojii Abbaa Alangaa


Waligalaa Oromiyaa 2002

18. Xiinxalaa Raawwii KGT II Mana Hojii Abbaa Alangaa


Waligalaa Oromiyaa 2007

19. Karoora Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa


Bara 2013

20. Barruu Gaaddisaa Haqaa Mana Hojii Abbaa Alangaa


Waligalaa Oromiyaa Jildii 1 Lakkoofsa1 Bara 2008

21. Sakatta’insaa Dhimma Piroojeektii Mana Hojii Abba


Alangaa Waligalaatiin Bara 2010 Keessa Taasifame

22. Labsii Lakkoofsa 67/97, Labsii Lakkoofsa 61/97, Labsii


Lakkoofsa 235/2001, Labsii Lakkoofsa 434/2004 Fi Labsii
Lakkoofsa 435/2004 fi Labsii Lakkoofsa 881/2015

207
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

23. Recommendation Rec(2000)19 of the Committee of


Minister of the Council of Europe on the Role of
Prosecution in the Criminal Justice System( Here After
Recommendation Rec(2000)19)
24. Bereket H/Sillassie, Constitutional Development in Ethiopia,
Journal of African Law Vol. 10 (02), 1966

25. Andergatchew Tesfaye, The Crime Problem and Its Correction,


Voume II, Addis Ababa: AAU Printing Press, 2004

III. Af-gaaffiiwwan
1. Af-gaaffii Obbo Damoozee Maammee waliin gaafa
29-06-2013 taasifame
2. Af-gaaffii Obbo Disaasaa Dirribsaa waliin gaafa 29-06-2013
taasifame
3. Af-gaaffii ObboTashoomaa Girmaa waliin gaafa 29-06-2013
taasifame
4. Af-gaaffii Obbo Taakkalee Inkoosaa waliin gaafa
29-06-2013 taasifame
5. Af-gaaffii Obbo Tasfaayee Dhaabaa waliin gaafa
29-06-2013 taasifame
6. Af-gaaffii Aaddee Mahabuubaa Adam waliin gaafa
29-06-2013 taasifame
7. Af-gaaffii Obbo Daggifee Bulaa waliin gaafa 15-07-2013
taasifame

208
Seenaa Dhaabbata Abbaa Alangaa fi Imala MHAAWO(1985-2013)

8. Af-gaaffii Obbo Girmaa Warquu waliin gaafa 15-07-2013


taasifame
9. Af-gaaffii Obbo Tsaggaayee Maammoo waliin gaafa
29-06-2013 taasifame
10. Af-gaaffii Obbo Asiraat Tolchaa waliin gaafa 29-06-2013
taasifame
11. Af-gaaffii Obbo Garmoosaa Dhugumaa waliin gaafa
14-07-2013 taasifame
12. Af-gaaffii Adde Adaanech Jiraa waliin gaafa 09-07-2013
taasifame
13. Af-gaaffii Obbo Gammachuu Leencaa waliin gaafa
09-07-2013 taasifame
14. Af-gaaffii Aaddee Sabilee Makuriyaa waliin gaafa
09-07-2013 taasifame
15. Af-gaaffii Obbo Fiqaaduu Mokonniin waliin gaafa
10-07-2013 taasifame
16. Af-gaaffii Aaddee Hizbaayeesh Biraanuu waliin gaafa
13-07-2013 taasifamee
17. Af-gaaffii Obbo Taayyee Lammaa waliin gaafa 28-06-2013
taasifamee
Haqaan Haqaaf Haa Hojjannu!

209
Maqaa Ispoonsarootaa fi Tajaajila Isaan Kennan

1. Ejensii Galmeessa Ragaalee Bu’uuraa


Hawaasummaa Oromiyaa

Taateewwan Ejensichi Galmeessu:-


 Dhaloota
 Gaa’ela
 Hiika Gaa’elaa
 Du’a
 Guddifachaa

Teessoo:- Finfinnee, Saarbeetii


Website:- www.overa.gov.et

210
2. Waldaa Aksiyoona Abbaa Bunaa

Hojiiwwan Gurguddoo Waldichaan Hojjetaman:-


1. Buna dheedhii gabaa biyya alaatiif dhiyeessuu
2. Buna Sonni itti dabalame gabaa biyya alaa fi biyya
keessaatiif dhiyeessuu,
3. Warshaa buna ala-ergii qulqulleessu hundeessuu
4. Maashinarii tajaajila buna, shaayii fi mi’eessituu
qindeessuuf oolu alaa fichisiisuu fi raabsuu,
5. Dukkaana (Shop) bunaa biyya keessatti banuu fi buna
Doolaraan gurguruu,
6. Kaafteeria bunaa Istaandardii addunyaa eeggate biyya
keessa fi biyaa alaatti banuun tajaajila kennuufi kkf...
Teessoo: Finfinnee, Qirqoos, Aanaa 05, Ganda 08, Lakk.Manaa
1123, Naannoo Addaa Calcalii, Gamoo KIAB, Darbii 2ffaa
Lakk.Bilbilaa: +251-11-383-0799
Faaksii: +251-11-383-0071
Weebsaayitii: www.abbaabunaa.com
Email: info@abbaabunaa.com

211

You might also like