Prop

You might also like

Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 6

Lakk____________

Guyyaa__________

Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Odaa Bultumiif

Waajira Mallaqaa Aanaa Odaa Bultumii

Waajira Bulchiinsaa Aanaa Odaa Bultum

Baddeesa

Dhimmi:- Propozaala leenjii erguu ilaala

Akkuma mata duree irratti ibsuuf yaalameetti propozaala leenjii misooma sululaa bara 2016 akka
Aanaa keenyaatti gaggeessinu milkeessuuf kan ta’u propozaala gabaaba haala ifa ta’een xalayaa
fuula_ wajjiin erguu keenya kabajaan isin gaafanna kanuma hubatanii fala akka nuuf gootan
abdanna.

Nagaa Wajjiin
Propozaala Leenjii qabeenya Uumamaa bara 2016

Seensa

Waajjirri Qonnaa Aanaa Odaa Bultum rakkoo hawaasaa jiruuf jireenya isaa bu,uura irra hiikuu fi
misooma ariifataa fi itti fufiinsa qabu gaggeesuun fayyadamummaa ummataa sadarkaan jiruu
mirkanneessuu danda’uu galmeesiisuuf hojii misooma sululaa hojiirra olchuuf tarsimoo ifa ta’e
qopheesee ittin hojjeeta tureera. Sosochiin hojii misooma sululaa jalqabamee kana sadarkaa
olaanatti ceesisuuf rakkoowwan gurguddoo waggootan darbee keessaa mulata’an adda
baasuun ijaarsa raayyaa misooma ijaarameen hiikuu waan jalqabameef, sochii kana sadarkaa
olaanaattii ceesisuun mirkaneesuun dhimmi murteesa dha.

Bara 2016 ji’a Muddee irraa eegalee ogeessoota gahomsuudhaan omishaa fi omishtummaa
qonna keenyaa dachaan dabaluuf sochiiwwan karaa raayyaa misooma ijaarameen akka galma
gahuu hojii misoomaa egumsaa fi itti fayyadama qabeenya uumamaa hojii isaa lafa qabsiisuf
karoora bara 2016 kana milkeessuuf propozaalli leenjii gababa baajata ittiin Hojjetoota misooma
fi caasa araddaa sadarkaa Aanaatti leenjisuu fi hojii misooma sululaa sadarkaa araddaatti itti
hordofuuf walii gala qarshii 318000 waan dhaleyfanneef qaamni dhimmi kun ilaalatu baajata
kana fala akka nuuf kaayu ni abdanna.

2. Kaayyoo leenjii

Karoora leenjii Qabeenya Uumamaa bara 2016 milkeessuf, ogeessota fi hojjetaa misooma,
akkasumas hoggansa sadarkaa araddaa sosochii misooma qabeenya uummamaa tiin karoora
xiiqii bara kana qabame karaa baay’ina, qulqullinaa fi ariitii qabuun raawwachuuf, ciminaa fi
hanqina raawwii leenjii bara darbee adda baheen, cimina ture galtee godhachuun hanqinoota
turan immoo maqsuun akka milkaa’u taasisuu dha.

Bu’aa eegamuu

Leenjiin booda hirmaatoota irra kan eegamu:

 Leejiin kennamuun ogeeyyii fi hojetoota misooma dandeettiin ogummaa isaanii cimee


hojii qabeenya uummamaa bara 2016 `baayyinaa , qulqullina fi ariitin hirmaannaa
hawaasaa bal’aatiin raawwachuu dha.

Matadureewwaan ijoo Leenjii

1,Yaada-rimee misooma sulula

2,Daaga adda addaa

3,Istirakcharoota jiidha qusan

4,Qonna bosona walkeessaa(agro forestary)


5,Gabbina biyyee

6,Leenjii Bishaan cimmisuu

4. Tooftaa leenjiin ittin keenamu

 Leenjii Kutaa keessaa (theoretical session)

 Shaakala dirree geggeessuu (Practical session)

5. Baajata Leenjiif barbachisuu


1,Hojjetaa Misoomaa 102(102x1500=153000)

2,Abbaa Araddaa 35(35x1000=35000)

3,Durgoo hojii dirree ittiin hordofuuf 80000

3,Boba’aa fi dibataaf 500000


Baasii waligala leenjii fi hordofi to’annoof barbaachisu 318000

HORAA BULAA
Qonni hojii qabeenya malee distii
dhandhaarra hinqabne

You might also like