Artikilii 1

You might also like

Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 2

Bitootessa 29_07_2016 Kominik.Bul.Mag.

Dodolaa)

Mootummaan Paartiin Badhaadhinnan hoogganamu,karoora xiiqii qopheessuun hojiilee adda addaa


qabatamaan lafa irra buusuu erga jalqabee oolee buleera.Keessummattuu hojiilee fayyadamummaa
ummata keenya mirkaneessan kanneen akka inniisheetiiviiwwan misooma qonnaa magaalaa,horsiisaafi
furdisa beeyladaafi kan kana fakkaatan hedduu hojjachaa jira.Hojiilee imala badhaadhinnaa milkeessan
kanneen irraa hawaasniifi jiraattoonni magaalaa keenyaa hedduun irraa fayyadamaa jiru.Kanneen hojii
milkii ta'uu hubachuun bifa haarayaan itti seenaanillee hedduudha.

Maddoota faayinaansiifi diinagdee magaalichaa adda baasuun galiin karoorfame karoora oli akka
raawwatamuu xiyyeeffannoofi xiiqiin hojjatamaa jira.Keessummattuu galii idileefi mana qopheessaa
duguuganii galchuun fayyadamummaan hawaasa bal'aa akka mirkanaa'u qindoominnan hojjatamaa
jira.Maallaqni galii ta'u karaa hojmaataafi seera faayinaansii eegeen akka hojii irra oolu xiyyeeffannoon
deeggarsaafi hordoffiin ni taasifama.Kana hubachuun hojjattoonni manneen hojii mootummaafi
tumsitoonni misoomaafi nageenyaa galiin mootummaa akka yeroofi ariitiin sassaabamu tumsa
barbaachisu gochuun dhimma murteessaadha.

Gama biroon immoo magaalicha keessatti pirojektiiwwan adda addaa haarawa ijaaruufi kanneen bulan
xumursiisuuf sochiin taasifamaa jiru laayyoo miti.Keessummattuu pirojektii miidhagina mooraa,ifaa
daandii irraafi pirojektiiwwan bulan xumursiisuuf sochiin taasifamaa jiru guddaadha.Bulchiinsi magaalaa
fayyadamummaa jiraattotaa mirkaneessuufi hawwattummaa magaalichaa dabaluuf maddoota
faayinaansii adda addaa barbaaduun hojjachaa jira.Pirojektiiwwan bulaan xumursiisuufi kanneen
haaraya jalqabaman yeroon raawwachuuf karaa guutuun hojjatama.Gama qulqullinnaa magaalichaa
eeguun walqabatee hojiin hawaasa bal'aa hirmaachiseefi abdii jiraattotaatti hore eegalameera.

Gama nageenyaa waaraa mirkaneessuufi tasgabbiin magaalicha keessatti itti fufiinsan akka jiraatu
qindoominni caasaalee nageenyaafi ummata keenya bal'aa iddoo olaanaa qaba.Yeroo dheeraaf
magaalicha keessatti rakkooleen nageenyaa uumamee kan hin beekneefi hawaasni magaalichaafi
kanneen keessa imalaan qaxxaamuuran biratti magaalaan rogaafi maqaa gaariin ilaallamaa turte.Kun
osoo kanaan jiru torbaan lamaan dabran keessatti rakkoo nageenyaa uumameen lubbuun lammiilee
nagaa humna hidhatee socho'uun dabreen gaddi onnee ummataa cabseera.Gochi garaa jabeeyyiin
taasifame kun ummataafi mootummaan kan balaaleeffatameedha.Qaamoolee rakkoo kana uumaan
irratti qorannoo gaggeessuun tarkaaffii seeraa kan fudhatamu ta'a.Hojiin qorannoo itti fufiinsa qabu
cimee itti fufeera.Rakkoon hammeenyaa kana fakkaatu akka deebi'ee hin uumamneefi nageenyaa
waaraa lammiilee mirkaneessuuf qindoominnan hojjatamaa jira.
Gama siyaasaafi ijaarsaatiin hojiileen hojjatamaa turan hedduudha.Dandeettii raawwachistummaa
miseensota paartii cimsuu, leenjiifi hubannoon adda addaa beekkumsa irratti bu'uureeffame
kennameera.Leenjiifi hubannoon Kun miseensota paartichaa sadarkaa gaggeessaa manneen hojii irraa
kaasee hanga dakaatti kennameera.Kana irraa miseensotni paartii badhaadhinna dandeettii
raawwachistummaafi miira abbummaa horachuun hojiifi karoorri paartichaa gara fuulduraatti akka
tarkaaffatu sochiin taasifame guddaadha.Jijjiramni ilaalchaafi paartiin badhaadhinna kiyya,jaarmiyaa
ijaarsa biyyaafi jireenya ummataa jijjiruuf qabsoo gaggeessaa jiru ta'uun hubatameera.Hojiin paartii
fuulduraattillee kutannoofi murannoo olaanaan kan hojjatamuufi miseensotni paartii badhaadhinna
beekkumsaafi teeknoloojii Dijitaalaan akka badhaadhaan hojjatamaa tureera.Ammas qabatamaan
hojjatamaa jira.

Bulchiinsi Magaalaa Dodolaa hojiilee misoomaa, nageenyaa waaraa mirkaneessuu,obbolummaa


sabdaneessaafi tokkummaa lammiilee mirkaneesse karaa guutuun lafaan gahuuf qindoominnan
hojjatamaa jira.Ummatni keenyallee kana hubachuun tumsaafi deeggarsa barbaachisaa akka taasistan
waamicha dhiyeessina.Waliigalatti maqaa Magaalaa Dodolaa rogaa gaariin itti fufsiisuufi duudhaalee
obbolummaa Ummattootaa daraan itichuun magaalaa bareedduufi hawwattuu taasisuuf xiyyeeffannoo
guddaan hojjatamaa jira.

You might also like