Wixinee Qorannoo

You might also like

Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 23

QAACCESSA QABIYYEE MAMMAAKSA GOWWUMMAA GODINA QELLEM

WALLAGGAA AANAA HAWWAA GALAAN

QORATTOONNI:-

1. NAGAASAA RUNDEE WARQINAA

2. NAGAASAA DhUFEERAA KOORSAA

3. NAGAASHEE GADAAMUU BIRHAANEE

4.MADAKSEE IMMIRUU TOLAA

5. TAKKAA ASAFFAA GAMMACHUU

WIXINEE QORANNOO ULAAGAA DIGIRII JALQABAA GUUTTACHUUF


QOPHAA’E

YUUNIVARSIITII DAMBI DOOLLOO KOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAAFI


NAMUMMAATTI, MUUMMEE AFAAN OROMOOFI OGBARRUUTIIF KAN
DHIHAATU

BITOOTESSA, 2015

DAMBI DOOLLOO

1
YUUNIVARSIITII DAMBI DOOLLOO KOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAAFI
NAMUMMAATTI, MUUMMEE AFAAN OROMOOFI OGBARRUU

QAACCESSA QABIYYEE MAMMAAKSA GOWWUMMAA GODINA QELLEM


WALLAGGAA AANAA HAWWAA GALAAN

QORATTOONNI:-

1. NAGAASAA RUNDEE WARQINAA

2. NAGAASAA DhUFEERAA KOORSAA

3. NAGAASHEE GADAAMUU BIRHAANEE

4. MADAKSEE IMMIRUU TOLAA

5. TAKKAA ASAFFAA GAMMACHUU

BITOOTESSA, 2015

DAMBI DOOLLOO

2
BAAFATA

QABIYYEE FUULA

BOQONNAA TOKKO: SEENSA.................................................................................................1


1.1 Seenduubee Qorannichaa.........................................................................................................1
1.2 Ka’umsa Qorannichaa..............................................................................................................2
1.3 Kaayyoo Qorannichaa..............................................................................................................3
1.3.1 Kaayyoo Gooroo................................................................................................................. 3
1.3.2 Kaayyoo Gooree..................................................................................................................3
1.4 Barbaachisummaa Qorannichaa...............................................................................................3
1.5 Daangaa qorannichaa...............................................................................................................3
BOQONNAA LAMA:SAKATTA’A BARRUU...........................................................................4
2.1 Fookiloorii............................................................................................................................... 4
2.1.1Maalummaa Fookiloorii.........................................................................................................4
2.1.2 Gooroowwan Fookiloorii......................................................................................................4
2.1.2.1 Wantaadaa..........................................................................................................................4
2.1.2.2 Duudhaa Hawaasaa............................................................................................................4
2.1.2.3 Artii SochiI Qaamaa Hawaasaa......................................................................................... 4
2.1.2.4 Afoola................................................................................................................................ 4
2.1.2.4.1 Maalummaa Afoolaa.......................................................................................................4
2.1.2.4.2 Amaloota Afoolaa...........................................................................................................5
2.1.2.4.3 Faayidaa Afoolaa........................................................................................................... 5
2.1.2.4.4 Gosoota Afoolaa............................................................................................................. 5
2.1.2.4.4.1 Mammaaksa................................................................................................................. 5
2.1.2.4.4.2 Maalummaa Mammaaksaa...........................................................................................5
2.1.2.4.4.3 Gosoota Mammaaksaa.................................................................................................6

3
2.1.2.4.4.3.1 Gosoota Mammaaksaa Qabiyyee Isaaniitiin.............................................................6
2.1.2.4.4.3.1.1 Mammaaksa Gowwummaa....................................................................................6
2.1.2.4.4.3.1.2 Faayidaa Mammaaksa Gowwummaa.....................................................................6

BOQONNAA SADII:MALLEEN QORANNOO.........................................................................7


3.1 Ibsa Naannoo Qorannichaa......................................................................................................7
3.2 Saxaxa Qorannichaa................................................................................................................ 7
3.3 Iddatteessuufi Mala Iddatteessuu.............................................................................................8
3.4 Madda Odeeffannoo................................................................................................................ 8
3.5 Meeshaalee Ragaan Ittiin Funaanaman....................................................................................9
3.5.1 Afgaaffii................................................................................................................................9
3.5.2 Maree Garee Xiyyeeffannoo.................................................................................................9
3.5.3 Xiinxala Dookumentii...........................................................................................................9
3.5.4 Waraabbii Suuraafi Viidiyoo..............................................................................................10
3.6 Mala Qaaccessa Odeeffannoo................................................................................................10
3.7 Naamusa Qorannoo................................................................................................................10
BOQONNAA AFUR: KAROORA BAASIIFI YEROO.............................................................11
4.1 Gabatee Yeroo Raawwii........................................................................................................ 11
4.2 Gabatee Karoora Baajataa......................................................................................................11
WABIILEE.................................................................................................................................. 12

4
BOQONNAA TOKKO: SEENSA
1.1 Seenduubee Qorannichaa

Uummanni Oromoo uummata aadaa, amantii, duudhaafi ilaalcha mataa isaa qabaachuun sirna
bulchiinsa sirna bulchiinsa gadaan of geggeessaa har’a gaheedha. Akkasumas uummanni kun
uummata guddaa gaanfa Afriikaa kan afaan ofii isaa Afaan Oromoon barachaa, waaqeffachaa,
daldalaa har’a gaheedha. Uummanni Oromoo sirna amantaa ofii isaa kan ta’e Waaqeffannaa
hordofa. Akkasumas, qabeenyaa ofii isaa kan garee fookiloorii Oromoo keessatti ramadaman
qabaachuun saba beekamuudha. Fookiloorii(beekumtaa) Oromoo kanneen jedhama gooroowwan
kanneen akka;- wantaadaa, duudhaa hawaasaa, artii sochii qaamaafi afoola(ogafaan).

Akka Fileen (2021,f.34), ibsetti fookilooriin jechoota afaan Ingilizii lama kan ‘folk’ fi ‘lore’
jedhaman irraa walitti qincibamee kan moggaafameedha. ‘Folk’ jechuun uummata kan ibsu yoo
ta'u, lore jechuun immoo beekumsadha (wisdom). Yaadrimeen jechoota lamaanii gara Afaan
Oromootti yeroo deebi'an, beekumtaa jedhama. Gama biraan, Fileen (2021,f.35) akka ibsetti
gooroowwan fookiloorii beekumsaafi falaasama hawaasaa, sochii qaamaa, meeshaalee aadaatiifi
afoolatti qoodamaniiru. Akkasumas, Fedhasaan (2019,f.30) gooroowwan beekumtaa afoola,
sochii qaamaa ykn artii hawaasaa, duudhaa hawaasaafi meeshaalee aadaa akka ta'an ibseera.

Gooroowwan kanneen keessaa meehaan aadaa namoonni meeshaafi xiinsammuu guuttachuuf,


akkasumas dandeettii ogummaa isaanii agarsiisuuf jecha kan hojjetan wantoota ijaan mul'ataniifi
harkaan qaqqabatamuu danda'aniidha. Kana jechuun meeshaan aadaa gooroo fookiloorii kan
gurraan dhagahamu ykn afaaniin dubbatamurra kan ijaan mul'atuufi kan harkaan qaqqabatamu
ta'uu isaati. Fakkeenyaaf, ijaarsa manaa, dallaa, kuusaa midhaanii, hojii harkaa, mimmiidhagsa
meeshaa manaa, tuullaa nyaata horiifi kkf gooroo kana jalatti akka ramadaman Abbabeen ( 2022,
f. 1 ) ibseera.

Duudhaan hawaasaa meeshaa aadaatiin baay'ee walitti dhihaata. Garaagarummaan isaanii


duudhaan hawaasaa xiyyeeffannaan isaa gochaafi ogummaa garee ta'uu isaati. Fakkeenyota
duudhaa hawaasaa keessaa muraasni:- cehumsa sadarkaa, waaqeffannaafi amantaalee, qoricha
aadaa, kabaja ayyaanaafi kkfdha.

5
Sochiin qaamaa ykn artiin hawaasaa gooroo fookiloorii sirbaan, walaloofi ogbarruu biroo sochii
qaamaa garaagaraan tumsamuun hawaas-diinagdee, akkasumas siyaasa ibsuuf shoora olaanaa
gumaachuudha.

Gooroowwan fookiloorii keessaa inni arfaffaan afoola jedhama. Innis yeedaloon kennameefii
ykn osoo hin kennaminiif hojii kalaqaa dabalachuun afaaniin himamuun dhalootaa dhalootatti
kan darbuudha. Yaada kana Fedhasaan (2019,f.32), "Afoolli kalaqa sammuu keessatti qindaa'ee
afaaniin himamuudha", jechuun ibseera.

Uummanni Oromoo yeroo durii kaasee afoola gargaaramee eenyummaa isaa beeksisaa, dhuftee
hidda dhalootasaa seenessaa, waa'ee jireenya isaarratti falaasama qabu ibsataa har'a gaheera.
Afoolli Oromoo kunis dameewwan gurguddaa sadii kanneen akka seeneffamoota afoolaa,
afwalaloofi qareeyyiitti akka qoodamu Fedhasaan (2019, f.36) ibseera.

Gooroowwan kanneen keessaa qareeyyiin gosa afoolaa bifa gabaabinaan qindaa'ee sammuu
qaruuf fayyaduudha. Kana jechuun qareeyyiin haala salphaan waan walxaxaa ta'e dabarsuun
sammuun namaa bal'isee akka yaadu godha. Innis dameewwan gurguddaa shan of jalatti
hammata. Isaanis:- mammaaksa, hibboo, ciigoo, jechamaafi arrab-qareeyyii akka ta'an
Fedhasaan (2019, f.76) ibseera.

Gosoota qareeyyii kanneen keessaa mammaaksa irratti xiyyeeffachuun qorannoon ni hojjetama.


Kunis gama maalummaa, faayidaafi gosa isaaniitiin ta'a. Keessattuu adeemsa qorannoo
qorattootaan mammaaksi gowwummaa haalaan qorannoon irratti hojjetamuun ni qaacceffama.

1.2 Ka’umsa Qorannichaa

6
Mammaaksi gooroowwan afoolaa keessaa tokko ta’ee afaaniin dhalootaa dhalootatti kan
darbuudha. Mammaaksi qabiyyee isaatiin gaafa ilaalamu faayidaalee garaagaraa qaba.
Faayidaalee kennu kanaanis qaacceffamuu ni danda’a. Dhaamsi mammaaksaan darbu kamuu
akkaataa gurra namaatti toluufi dhageettii gurraaf mi’aawaa ta’een dhihaata. Kanumaafuu
“Nyaatni soogidda hin qabneefi dubbiin mammaaksa hin qabne hin minyaawu” jedhama.
Mammaaksi faayidaawwan hedduu qabaatus, faayidaaleen kunneen qabiyyeewwan
mammaaksaa jedhamuun xiinxalamuu ni danda’u ( Fedhasaa, 2029,f.77), (Addunyaa, 2021, f.
189 ). Qorannoo keenyaanis mammaaksi gowwummaa ni qaacceffama.

Qorannoo Naatinaa'el mata duree, "Sakatta'a Mammaaksa Gowwummaa Godina Wallaggaa


Lixaa Aanaa Noolee Kaabbaa", irratti sadarkaa BA Afaan Oromoofi Ogbarruun guuttachuuf
hojjeteen mammaaksa abshaalummaa qaaccessuu irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, qorannoon
keenya kun immoo mammaaksa gowwummaa qaaccessuu irratti xiyyeeffachuun kan hojjetamu
ta'a.

Qorannoo keenya kanas mammaaksa gowwummaa irratti kan geggeessinuuf dhalootni aadaa isaa
dagachaa deemaa jiru kun aadaa isaa akka faanu taasisuuf. Akkasumas, beekumsa xabboo
Oromoo gama afoolaan badaa jiruuf wantoota sababa ta'an adda baasuun irratti hojjechuuf
yaadameeti. Qorannoon kun hojjetamee yeroo raawwatu gaaffilee bu’uuraa armaan gadii kan
deebisu ta’a.

Isaanis:

 Mammaaksi gowwwummaa maali?


 Mammaaksi gowwummaa yeroo akkamii mammaakama?
 Itti fayyadamni mammaakas gowwummaa yeroo ammaa sadarkaa maalirra jira?
 Mammaaksi gowwummaa adeemsa baruuf barsiisuu keessatti faadidas maalii qaba?

 Mammaaksa gowwummaa dhaloota barsiisuuf hojii akkamiitu hojjetamuu


qaba?
1.3 Kaayyoo Qorannichaa

Qorannoon kun kaayyoo gooroofi kaayyoo gooree ni qabaata.

1.3.1 Kaayyoo Gooroo

7
Kaayyoo gooroon qorannoo Kansa Qabiyyee mammaaksa gowwummaa Godina Qellem
Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan qaaccessuudha.

1.3.2 Kaayyoo Gooree

Kaayyoleen gooree qorannoo Kansa kanneen armaan gaditti tarreeffamaniidha.

 Maalummaa mammaaksa gowwummaa ibsuu


 Yoomessa mammaaksi gowwummaa keessatti mammaakamu ibsuu
 Sadarkaa mammaaksi gowwummaa yeroo ammaa idea jiru addeessuu
 Faayidaa mammaaksi gowwummaa adeemsa baruuf barsiisuu keessatti qabu
ibsuu
 Dhalooti itti aanu mammaaksa gowwummaatti akka fayyadamuuf kallattii
qabsiisuu
1.4 Barbaachisummaa Qorannichaa

Qorannoon tokko yammuu geggeeffamuuf jedhu faayidaalee argamsiisuuf deemu ni qabaata. .


Qorannoon kunis yammuu hojjetamutti faayidaalee armaan gadii ni Kenna.

 Mammaaksi gowwummaa dagatamuu, baduufi jijjiiramuu waan maluuf,


galmeessanii ok kaa’uun dhaloota ammaa barsiisuufi dhaloota dhufuuf tursuuf ni
gargaara.
 Uummanni Oromoo aanaa Hawwaa Galaan mammaaksa gowwummaatti dhimma
bahuun bu’aa akkamii akka qabu, dhaloonni boriis beekumsa afoola

kanaatti akkamiin akka gargaaramu barachuu danda’a.


 Jijjiiramniifi itti fufiinsi itti fayyadama mammaaksa gowwummaa dhiibbaafi
gaarummaa maalii akka qabu hawaasni hubatee dhaloota akka barsiisuuf karaa
saaqa.
 Nama biraa qorannoo mata duree kana fakkaatu irratti qorannoo hojjechuuf
deemaniif madda wabii ni ta'a.
1.5 Daangaa qorannichaa

Qorannoon kun gama bakkaafi gama qabiyyeen daangeffamuun geggeeffama. Bakkaan yoo
ilaalle qorannoon kun Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan keessatti geggeeffama.

8
Qabiyyeedhaan immoo mammaaksa gowwummaa qaaccessuu irratti xiyyeeffachuun kan
hojjetamu ta’a. Sababiin qorannoon kana akkasitti daangessuun barbaachiseef baajataafi yeroo
nuti qorannicha adeemsisuuf qabnu bakkaafi qabiyyee qorannoo akka hojjennuuf daangessine
waliin akka wal nuuf simuuf. Kana malees aanaan qorannichi keessatti adeemsifamuuf deemu
bakka jireenya qorattootaa irraa baay’ee waan him fagaanneef deddeebii qorattootaaf akka tolutti
qorannoon kun akkasitti daanga’ee hojjetama.

BOQONNAA LAMA:SAKATTA’A BARRUU

2.1 Fookiloorii

2.1.1Maalummaa Fookiloorii

Fookilooriin umurii dhala namaan wal gitu qabaachuun beekama. Haa ta’u malee maqaa amma
qabu kana kan argate yeroo dhihoodha. "William John Thoms bara 1846 jechoota lama walitti
camaduun 'folk-lore' jedhee moggaase", Fedhasaa ( 2019, f . 31 ) Baanuun armaan olii
fookiloorii jechoota afaan Ingilizii lama 'folk'fi 'lore' jedhaman irraa adeemsa suphuutiin kan
ijaarame ta'uu isaa ibsa. Hiikni jechoota kanneeniis, ‘folk’ n hawaasa kam iyyuu wal fakkeenya
qabaniin gamtaa uuman jechuu yoo ta’u, ‘lore’ n immoo qabeenya garee hawaasa kanneeniiti.

Akka fookilooristiin biyya Amerikaa Richard Dorson (1972) ibsetti fookilooriin gooroowwan
gurguddaa afur: wantaadaa, duudhaa hawaasaa, artii sochii qaamaafi afoolArti qoodama.

9
2.1.2 Gooroowwan Fookiloorii

2.1.2.1 Wantaadaa

Wantaadaan namoonni meeshaafi xiinsammuu guuttachuuf, akkasumas dandeettii ogummaa


isaanii agarsiisuuf jecha kan hojjetan wantoota ijaan mul’ataniifi harkaan qaqqabatamuu
danda’aniidha. Fakkeenyaaf, ijaarsa manaa, dallaa, kuusaa midhaanii, hojii harkaa,
mimmiidhagsa meeshaa manaa, tuullaa nyaata horiifi k.k.f gooroo wantaadaa jalatti ramadamu.

2.1.2.2 Duudhaa Hawaasaa

Duudhaan hawaasaa gooroo fookiloorii raawwii agree irratti xiyyeeffatuudha. Raawwiin garee
kunneenis kanneen akka; waaqeffannaa amantaalee, cehumsa sadarkaa(fuudhaafi heeruma,
dhaqna qabaa, sirna gadaa), kabaja ayyaanotaa, qoricha aadaafi k.k.f dha.

2.1.2.3 Artii SochiI Qaamaa Hawaasaa

Artiin sochii qaamaa hawaasaa oguma sochii qaamaatiin mul’atuudha. Innis hawaasni jiruufi
jireenya isaa keessatti faayidaa adda addaaf bifa ogummaan guuteen muuxannoo yeroo dheeraa
irraa argateen kan kalaqeedha. Fakkeenya, shubbisa hawaasaa, shaggooyyee, geelloofi k.k.f
gosoota artii sochii qaamaa hawaasaati.

2.1.2.4 Afoola

2.1.2.4.1 Maalummaa Afoolaa

Afoolli hojii kalaqaa ta’ee bifa bareedaa ta’een himamsa afaaniitiin dhalootaa dhalootatti kan
darbuudha (Tashoomaa, 2001:10). Kun kan ibsu afoolli oguma haasaa afaaniitiin muuxannoo
jireenyaafi seenaa hawaasa tokkoo dhalootaa dhalootatti dabarsu ta’uu isaati.

2.1.2.4.2 Amaloota Afoolaa

10
AfoollI amaloota ittiin beekamu kan mataa isaa ni qaba. Amaloota afoolaa keessaa beekamoon:-
jijjiiramummaa, uummatummaa, lufummaa, hurruubummaa, hirmaannaa jamaa, miidhagummaa,
yoomessa, qindoominaafi aadaa faanuufaa akka ta'an Addunyaan (2021, f. 166-169) ibseera.

2.1.2.4.2.1 Jijjiiramummaa

Afoolli afaaniin dhalootaa dhalootatti waan darbuuf, bakka tokko tokkotti ni irraanfatama. Haa
ta'u malee, yaadrimee isaa yaadachuun hawaasni jecha mataa isaatiin qindeessee dhiyeessa
(Addunyaa, 2021,f.166). Kun immoo jijjiiramummaa afoolaa agarsiisa.

Fakkeenyaaf, Ijoolleef tapha billaachaaf nafa.

Adurreef tapha hantuutaaf lubbuudha.

Ijoolleef tapha simbiraaf lubbuudha.

2.1.2.4.2.2 Uummatummaa

Addunyaan (2021, f.169) afoolli kan uummataa ta'uu isaa ibseera. Kana jechuun, miseensa
hawaasaatiin kalaqamee kan hawaasni hundi itti fayyadamu malee, kan namni tokko qofti ittiin
waamamu miti. Gama biraan, Zawudituun ( 2006, f. 166), "Afoolli abbummaan nama dhuunfaa
isaa kan abaluuti jedhanii eeruun haa dadhabamu malee, qabeenya uummataati" jechuun ibsite.
Yaada kanarraa kan hubannu abbaan qabeenyaa afoolaa nama dhuunfaa osoo hin taane uummata
bal'aa ta'uu isaati. Haaluma kanaan gooroo unka gabaabdotaa keessaa mammaaksi hirmaannaa
jamaa qabaachuufi kalaqaa dhabuu isaarraa kan ka'e amala uummatummaa afoolaa guutee
argama.

2.1.2.4.2.3 Lufummaa

Afoolli dhalootaa tokkoofi lama qofa tajaajilee kan dhaabbatu osoo hin taane, dhalootaa
dhalootatti kan darbuudha. Yaada kana Biraanuun (1993, f.11), "Afoolli afaaniin lufaa dhufe
seenaa, eenyummaa, falaasama, ilaalcha, duudhaa, safuu, amantii, diinagdee, siyaasa,
beekumsaafi muuxannoo dhala namaa baatee as gahe", jechuun ibsa. Kana malees, barruun
Biiroon Aadaafi Tuuriizimii Oromiyaan (2007, f.65 ) barreeffame Jildii-1, "Carraan seenaa
Oromoo durii kaasee galmeessuufi qorachuu dhiphaa haa turu malee , uummanni Oromoo
uummata aadaafi seenaa isaa afoolaan dhalootarraa dhalootatti dabarsataa as ga'eedha", jechuun

11
ibsameera. Yaadonni olii kunneen afoolli haala jiruufi jireenya uummataa akka waliigalaatti durii
kaasee baatee har'aan gahuu isaafi gara fuulduraatti dabarsuufis gahumsa qabaachuu isaati.

2.1.2.4.2.4 Hirmaannaa Jamaa

Namoonni yoomessa dhugaa afoolli keessatti hurruubamu keessatti argamanii hirmaannaa adda
addaa taasisan jamaa jedhamu.

2.1.2.4.2.5 Miidhagummaa

Waldayohaannisiifi Gammachuun (2005, f.87 ), "Oromoon afoola isaatiin akkaataa nama


hawwatuun Iyyaasuu mooticha faarse" jedhan. Yaada kanarraa afoolli amala Miidhagummaa
miira namaa hawwachuu danda'u qabaachuu isaatu hubatama.

2.1.2.4.2.6 Yoomessaafi Gochaa

Gochaan ulaagaa guddaafi lubbuu afoolaati. Gochaan afoolaa kun immoo yeroofi bakka
mijaawaa barbaada (Addunyaa, 221, f.168). Kana jechuun haalli dhiheenya afoola tokkoo
gochaa tokkorratti hundaa'a jechuudha. Fakkeenyaaf, geerarsi ajjeesaa jiraachuuf, wanti du'e
jiraachuu qaba; walaloon boo'ichaa jiraachuuf boo'uun, du'uun jiraachuun dirqama. Arrabsoon
gaa'elaa tokko jiraachuufis kaadhimatanii fuudhuun jiraachuun dirqama. Gochaan kun immoo
sochii qaamaatiin wal qabata. Kana irratti hundaa'uun mi'aawuu yookaan dhangaggaa'uu danda'a.
Fakkeenyaaf, namni geeraru tokko ni utaala, ija babaasa, wanta ajjeesee geeraru sana baannata.

2.1.2.4.2.7 Qindoomina Qabaachuu

Jechoonni, gaaleewwan, ciroowwaniifi himoonni afoola keessatti fayyadan qindoomina qabu.


Seerri qindoomina kana to'atu irra caalaa kan afaan dubbiiti.

12
2.1.2.4.3 Faayidaa Afoolaa

Afoolli faayidaawwan uumaasaarra maddan kanneen akka:- bashannansiisuu, hubannoo


muuxannoorraa madde kennuufi barnoota keessattis dandeettii gabbisuufaatti dabalataan
faayidaawwan dabalataa ni qaba. Namoonni garaagaraa kanneen akka:- Fedhasaa (2009,f.28),
Asaffaa (2007,f.87), Waldayohaannisiifi Gammachuu (2005, f.87), Fiixee (2005,f.43 ) afoolli
faayidaawwan dabalataa garaagaraa qabaachuu ibsu. Faayidaawwan kanneen keessaa isaan
gurguddoon ibsuu ( kuusuu ), onnachiisuu ( jabeessuu ), miliqsuu, to'achuu ( barsiisuu ) fa'a.

2.1.2.4.4 Gosoota Afoolaa

Afoolli gosoota garaagaraa qaba. Gosoota afoolaa kanneen keessaa Addunyaan ( 2021, f.173-207
), geerarsa, mammaaksa, sheekkoo ( oduu durii ), jechama, dubbii qolaafi ciigoon tarreessuun
bal'inaan ibseera. Fiixeenis ( 2005, f.43 ) gosoota afoolaa hedduu tarreesseerq. Isaanis:- oduu
durii, hibboo, mammaaksa, weedduu arrabsoon ( mararoo ) guyyaa fuudhaafi heerumaa, tapha
ijoolleefi kkf dha. Akkasumas Asaffaan (2007, f.4-162 ) gosoota afoolaa hedduu isaanii
tarreessuun fakkeenya waliin gahumsaan ibseera. Rabbirraanis ( 2010,f.135 ), "Afoola Oromoo
akka cirracha galaanaa lakkaa'anii fixuun ulfaataadha", jechuun muraasa isaanii kanneen akka:
mammaaksaa, sheekkoo, geerarsaa, hibboo, eebbaafi abaarsaa, ciigoo, dubbii qoolaafi tapha
ijoollee maqaa dhaheera. Gooroowwan afoolaa namoota garaagaraan tarreeffaman kanneen
keessaa mammaaksa irratti xiyyeeffachuun qorannoo keenya ni geggeessina.

2.1.2.4.4.1 Mammaaksa

2.1.2.4.4.2 Maalummaa Mammaaksaa


Mammaaksi akkuma akaakuu afoolaa kanneen biroo dhalootaa dhalootatti afaaniin kan
darbuudha. Kunis himamsa afaaniitiin dhaloota jiru irraa dhaloota lufutti kan darbu ta’uu isaati.

13
Mammaaksi bu’uura caasaafi qabiyyeetiin qoodamuu akka danda’u (Addunyaan,2021:189)
ibseera.

2.1.2.4.4.3 Gosoota Mammaaksaa


Mammaaksi akkuma akaakuuwwan afoolaa kanneen biroo afaaniin dhalootaa dhalootatti kan
darbuudha. Kunis himamsa afaaniitiin dhalootaa jiru irraa dhaloota dhufutti kan darbu ta'uu
isaati. Addunyaan (2021, f. 189 ), mammaaksi yaada qusatamoofi udumamoo ta'an jechoota
filatamoofi himoota gaggabaaboon dabarsuu akka danda'u ibseera. Dabalataan mammaaksi
bu'uura caasaafi qabiyyeetiin qoodamuu akka danda'u Addunyaan (2021, f.189 )fi Fedhasaan
( 2021, f.77 ) ibsaniiru.

2.1.2.4.4.3.1 Gosoota Mammaaksaa Qabiyyee Isaaniitiin

Qabiyyee isaatiin mammaaksi mammaaksa gaabbii, seexessaa, oolmaa dagachuu, ofittummaa,


sodaa, tuffii, gochaa yeroofi soba kanneen agarsiisan jechuun Addunyaan ( 2021, f.189 )
qoodeera. Qorannoon kunis mammaaksa gowwummaa qaaccessuu irratti xiyyeeffachuun ni
geggeeffama.

2.1.2.4.4.3.1.1 Mammaaksa Gowwummaa


Mammaaksi gowwummaa gooroo mammaaksaa hojiifi ilaalcha gowwummaa balleessuuf
mammaakamuudha. Gowwummaa faallaa abshaalummaa ta’e dhabamsiisuuf hiriyaa, aantee,
maatiifi k.k.f tti kan mammaakamuudha.

Fakkeenyaaf:

 Haadha gowwaa hidhii jalli madaadha.


 Gowwaan bishaan keessa dhaabatee dheebota.
 Gowwaa al tokko arrabsi; innuu deebisee of arrabsaa.
 Lallaba gowwaa firatu qaana’a

2.1.2.4.4.3.1.2 Faayidaa Mammaaksa Gowwummaa


Mammaaksi gowwummaa yookaan gowwaa ta’uu hambisa. Gowwaa ta’uun nama dhuunfaas
ta’e hawaasa waan miidhuuf namni kamuu akka hin gowwoomneef mammaaksaa itti himama.
Hojiin gowwaa nama dhuunfaarra darbee aantii isaallee qaanessuu danda’a. Kanaaf,

14
gowwummaan gaarii akka hin taane mari’atanii mariisisanii namatti himuurra mammaaksa
salphaatti akka galuuf taasisuutu salphata.

BOQONNAA SADII:MALLEEN QORANNOO

3.1 Ibsa Naannoo Qorannichaa


Qorannoon kun naannoo Oromiyaa, godina Qellem Wallagaa, aanaa Hawwaa Galaanitti
geggeeffama. Aanaan kun magaalaa guddoo biyya keenyaa, Finfinnee irraa km 625 fagaattee kan
argamtu yoo taatu, kallattiin daangeffama ishee Bahaan aanaa Sadii Canqaa, Dhihaan aanaa
Sayyoo, Kaabaan aanaa Yemaalogii Walaliifi kallattii Kibbaan Godina Iluu Abbaa Booraan kan
daangeffamtu taatee, gandoota baadiyyaa 30 gandoota badda daree 5fi gandoota gammoojjii 25
kan qabduudha. Gandoota magaalaa immoo lama, ganda Gabaa Roobii kan haalli qilleensa ishee
badda daree ta’eefi ganda Machaaraa kan haalli qilleensa ishee gammoojji ta’e qabdi. Haalli
teessuma lafaa aanattii akka waliigalaatti diriiraadha. Baay’inni uummata aanichaa kan magaalaa
dhiira 8510fi dhalaa 8858 waliigala 17368fi kan baadiyyaa dhiira 50068fi dhalaa 52106 yoo
ta’u, walitti qabaan uummata magaalaafi uummata baadiyyaa aanattii dhiira 58573fi dhalaa
60964, waliigala immoo 119573 ta’u. Aanaa kana keessatti midhaan oomishaman irra jireessaan
kanneen haala qilleensaa gammoojjummaafi badda darummaa qabu keessatti ta'uu danda'an
kanneen akka: boqqolloo, daagujjaa, bisingaa, boloqqee, saalixii,barbareefi k.k.f dha. Gama
bu'uuraalee misoomaatiin immoo bu'uuraaleen misoomaa kanneen akka: ibsaa, mana yaalaa,
daandiifi bishaan dhugaatii qulqulluu gahumsaan gandootni magaalaa aanichaa yoo argatan,
gandoota baadiyyaa aanichaa keessatti immoo hanqina guddaa qabu. Manni barnootaa garuu
gandoota aanichaa hundumaa keessatti qaqqabummaan isaa gahaadha jedhamuu ni danda'a.
Bineensonni bosonaa kanneen aanattii keessatti argamanis quruphee, bosonuu,
booyyee,daljeessa, qamalee, weenniifi k.k.f dha. Haalli qilleensa ishee badda daree %36.7fi
gammoojjii %63.3 taatee jireenya dhala namaaf baay’ee mijattuudha.

3.2 Saxaxa Qorannichaa


Qorannoo tokko geggeessuu keessatti qorannichi bu’aa gaarii akka argamsiisuuf malli qorannoo
dhimma itti bahamuufi gosti qorannichaa sirriitti adda baafamee beekamuu qaba. Qorannoo kan
geggeessuuf malli qorannoo itti gargaaramnu mala qorannoo akkamtaadha. Namoota qorannoo
kanaaf akka iddattootti filataman irraa odeeffannoon bifa af-gaaffiifi marii garee xiyyeeffannoon
kan walitti qabamu ta’a. Odeeffannoo bifa

15
barreeffaan jiru argachuuf barruun qorannoo mammaaksa Oromoo irratti Waajjira Aadaafi
Tuuriizimii Aanaa Hawwaa Galaaniin qophaa'e ni sakatta'ama. .

3.3 Iddatteessuufi Mala Iddatteessuu

Qorannoon tokko yammuu geggeeffamu iddattoo filachuufi mala iddatteessuu gargaaramuun


barbaachisaadha. Kunis rakkoo gama humna namaafi baajataan mudachuu danda’u hir’isuuf.
Qorannoo kana adeemsisuufis hawaasa Oromoo godinaalee garaagaraatti argaman hunda walitti
qabuun odeeffannoo irraa funaanuun baajataafi yeroo hedduu waan gaafatuuf, akkasumas humna
nama baay’ee barbaada. Kana hir’isuu immoo qorannoon kun godina Qellem Wallaggaa keessaa
aanaa Hawwaa Galaanitti ni adeemsifama. Mala iddatteessuu qorannoo kanaaf hojii irra oolus
mala miti-carraadha.

Aanaa Hawwaa Galaan keessaa gandoota lama ganda Guddina Waachoofi ganda Kellaatu
qorannicha hojjechuuf filatame. Sababni gandoota kana lamaan filachuun barbaachiseef
odeeffannoo bilchaataa argachuuf, akkasumas maallaqaafi yeroo qabnuun qorannoo gahumsa
qabu hojjechuu akka dandeenyuuf.

Qorannoo kanaaf namoonni akka iddattootti filataman garee hawaasaa keessaa maanguddoota
ja’a dhiira sadiifi dubara sadii yoo ta’an maanguddoota filachuun kan barbaachiseefis
odeeffannoo bilchaataa qorannichaaf gumaacha godhu kennuu waan danda’aniifidha.
Maanguddoonni kunneen dhimma qorannoo kanaa irratti hubannoo gahaa waan qabaachuu
malaniif mama kaayyeffataatiin odeeffannoo kan kennan ni ta’a.

3.4 Madda Odeeffannoo


Qorannoon tokko yeroo adeemsifamu madda odeeffannoo tokkoffaafi madda odeeffannoo
lammaffaa keessaa haala qorannichaaf mijatuun qorattoonni filachuun dhimma itti bahuu ni
danda’u. Kun immoo kan inni gargaaruuf qorattoonni kaayyoo qorannicha adeemsisuuf
dhihaatan galmaan gahuuf odeeffannoo maddeen odeeffannoo tokkoffaafi lammaffaa irraa
argamu dhimma itti bahuuf. Haaluma Kansan qorannoo kana geggeessuuf madda odeeffannoo
tokkoffaa irraa afgaaffiifi marii garee

16
xiyyeeffannoo gargaaramuun odeeffannoon ni funaanama. Madda odeeffannoo lammaffaan
immoo xiinxala dookumentiin odeeffannoon ni funaanama. Kanaaf qorannoo kana geggeessuuf
maddeen odeeffannoo tokkoffaafi lammaffaan akkaataa barbaachisummaa isaaniitti hojii irra ni
oolu.

3.5 Meeshaalee Ragaan Ittiin Funaanaman

Meeshaalee funaansa odeeffannoo qorannoo kanaatiif hojii irra oolanis kanneen armaan gadiiti.
Isaanis:- afgaaffii, maree garee xiyyeeffannoo, xiinxala dookumentiifi waraabbii suuraafi
viidiyooti.
3.5.1 Afgaaffii

Afgaaffiin gosoota meeshaalee odeeffannoon qorannoo ittiin funaanamu keessaa tokko ta’ee kan
qorataafi maddi ragaa qorannichaa kallattiin wal arganii odeeffanoon ittiin funaanamuudha.
Fileen (2019, f.71), afgaaffiin odeeffannoo adda addaa dhimma adda addaa irratti walitti
qabachuudhaaf oduu himtootaaf gaaffii afaanii dhiheessuudhaan gaafatamtoonnis deebii isaan
irraa eegamu afaaniin akka kennaniif kan dhiyaatu akka ta'e ibsa. Namoonni afgaaffiif
filatamanis yaada gaarii qorannicha deggeru ni kennu jedhamee abdatama.Qorannoo kana
geggeessuufis malli afgaaffii filatamuun odeefkennitoota irraa odeefannoo barbaachisaa ni
argamsiisa. Kanaafuu, mala kanaan odeeffannoo kennuuf maanguddoonni(jaarsoliin) biyyaa
qooda ni fudhatu. Gosti gaaffii odeefkennitoota kanneeniif dhihaatus gaaffii banaa(open ended
questions) baay’inni isaanii shan ta’e odeefkennitoota irraa odeeffannoo barbaachisaa ni
argamsiisa.

3.5.2 Maree Garee Xiyyeeffannoo

17
Fileen (2019, f.75) , malli kun odeeffannoo adda addaa namoota kallattii mata duree qorannoo
sanaan hawaasa keessatti beekumsa cimaa qaban irraa qaamaan dhihaachuun odeeffannoo
fudhachuu akka ta'e ibseera. Mali kun namoota yookaan odeefkennitoota dhimma qoratamuuf
deemu keessa beekan walitti qabuun mari’achiisuu irratti kan xiyyeeffatuudha. Kun immoo
kaayyoo qorannichaa haala giddu galeeffateen odeeffannoo gadi fagoofi gahaa take argachuuf
gargaara. Qorannoon kun yammuu geggeeffamu kaayyoo qorannichaa bu’uureffachuun
odeefkennitoota waliin mari’achuun odeeffannoon walitti qabama. Kun immoo kan
barbaachisuuf yaada dabalataa argachuun odeeffannoo karaa afgaaffii odeefkennitoota irraa
walitti qabaman waliin wal bira qabuun dhugummaa odeeffannoo argamuu
mirkaneeffachuufidha. Kanaaf qorannoon kun yeroo geggeeffamutti gareen tokko filatamuun
miseensota garechaa ja’a gaaffilee dhihaataniif irratti mari’atan irraa odeeffannoon walitti
qabama.

3.5.3 Xiinxala Dookumentii


Meeshaan kun barreeffamoota garaagaraa dhimma qorannichaan wal qabatan sakatta’uun
qaaccessuu irratti xiyyeeffata. Yaada kana Fileen (2019, f.85), "Barruulee sakatta'aman kanneen
maxxanfamaniifi kanneen hin maxxanfamne, akkasumas, odeeffannoowwan olkaawaman
meeshaalee elektirooniksiidhaan waraabamanis ta'e kanneen suuraan yookaan fakkiin kaafamanii
jiran irraa walitti qabachuun ni danda'ama ", jechuun ibseera. Qorannoon kun yammuu
geggeeffamu barruu qorannoo waajjira aadaafi tuuriizimii aanaa Hawwaa Galaaniin qophaa’e ni
sakatta’ama.

3.5.4 Waraabbii Suuraafi Viidiyoo


Malli qorannoo kun qorannoo adeemsifamu tokkoof odeefkennitoota irraa odeeffannoon argamu
tokko qabatamaa ta’uu isaa agarsiisuuf ni oola. Qorannoo kana geggeessuufis odeeffannoon
odeefkennitoota irraa argamu qabatamaa ta’uu isaa agarsiisuuf hojiin waraabbii suuraafi viidiyoo
ni taasifama.

3.6 Mala Qaaccessa Odeeffannoo

18
Odeeffannoon yeroo walitti qabamu hojiin itti aanu qaaccessa odeeffannooti. Odeeffannoo kana
qaaccessuun immoo tooftaa qaaccessa odeeffannoo gosa qorannoo sanaa waliin deemuun ta’a.
Kanaafuu, odeeffannoon qorannoo kana geggeessuuf walitti qabaman mala akkamtaan wal duraa
duubaan kan qaacceffaman ta’u. Kunis keeyyata keeyyataan yaada odeefkennitootaa addeessuun
raawwatama.

3.7 Naamusa Qorannoo

Qorannoo tokko geggeessuuf haaldureewwan barbaachisoo dursanii guutamuu qaban keessaa


tokko naamusa qorannoo sanaati. Kun immoo keessumaa hojii qorannoo aloolaa qorannoo
sanaaf taasifamuun madaalama. Qorataan tokko osoo dirree qorannootti hin bobba’in dura
wantoota dirree qorannoof barbaachisan dursee itti qophaa’uu qaba. Qorannicha keessatti
dhimmoonni ijoo ta’an kanneen akka: meeshaalee qorannichaaf barbaachisan(qalama, waraqaa
yaadannoo, teeppii sagalee waraabdu, kaameeraa, uffata aadaa hawaasichaan wal simu,qarshii
barbaachisu), jechoota safuu hawaasichaa beekuu, yeroo qorannichi itti geggeeffamu adda
baafachuu, bakkaafi xalayaa deggersaa qaama barbaachisu irraa argachuufi k.k.f dha.
Qorannoon kun yammuu adeemsifamuttis haal dureewwan naamusa qorannoo keessatti eegamuu
qaban hundumaa xiyyeeffannoo keessa galchuun kan geggeeffamu ta’a.

19
BOQONNAA AFUR: KAROORA BAASIIFI YEROO

4.1 Gabatee Yeroo Raawwii

T/ Gochaalee Raawwataman Yeroo Raawwii


L
Guraan Bitoo Ebla Caam Waxabaj Adooles Hagay
dhala tessa saa jii sa ya
1 Mata duree filachuu 
2 Barruu sakatta’uu  
3 Wixinee qopheessuufi gorsaan  
wal arguu
4 Meeshaalee funaansa   
odeeffannoo qopheessuufi
gorsaan wal arguu
5 Odeeffannoo funaanuufi   
gorsaan Wal arguu
6 Odeeffannoo qaaccessuufi    
gorsaan Wal arguu
7 Barreeffama duraa qopheessuu   
8 Gabaasa dhumaa dhi’eessuu 

4.2 Gabatee Karoora Baajataa

T/L Wantoota Barbaachisan Safartuu Baay’i Maallaqa Ida’ama

20
na Qarshii Saanti
ma
1 Qalama/peennaa Lakk 12 240 00 240
2 Waraqaa dostaa Lakk 4 2000 00 2000
3 Geejjiba Guyyaa 10 1000 00 1000
4 Barreessisuuf Lakk 120 1200 00 1200
5 Koppiif Lakk 120 600 00 600
6 Golgaaf Lakk 10 100 00 100
7 Yaadannoof Lakk 10 100 00 100
Dimshaasha 5240

WABIILEE
Abbabee Tolasaa (2014). Qaaccessa Mararoo Guyyaa Fuudhaafi Heerumaa Godina

Qellem Wallaggaa Aanaa Gawoo Qeebbee (MA thesis). DaDu: Barruu Hin

Maxxanfamne.

Addunyaa Barkeessaa (2013). Semmoo: Bu'uura Barnoota Afaaniifi Afoola Oromoo.

Max.6ffaa. Finfinnee: Efficient Press.

Asaffaa Tuuchoo(2007). Gumaata. Finfinnee: Far East Trading PLC.

21
Biiroo Aadaafi Tuuriizimii Oromiyaa ( 2007 ). Seenaafi Sirna Gadaa Oromoo Maccaa

Hanga Jalqaba Jaarraa 20ffaatti. Finfinnee: Bole Printing Enterprise.

Biraanuu Maatiwoos (1993). Fundamentals Of Literature. Addis Ababa: Addis Ababa

University Press.

Fedhasaa Taaddasaa (2019). Bu'uuraalee Ogbarruu Oromoo. Finfinnee: ADP Press.

Fiixee Birrii.(2005). Seenaafi Aadaa Oromoo Wallaggaa. Dambi Doolloo, Itoophiyaa. :

YDCS Media.

Filee Jaallataa.(2011). Malleen Qorannoo. Finfinnee: ADP Printing.

Rabbirraa Tarrafaa (2010). Gadaa: Barnoota Afaan Oromoo. Finfinnee.Itoophiyaa: Far

East Trading PLC.

Tashoomaa Balaayinaa (2001). Ogbarruu Oromoo, "Hidhaa Tokkoffaa Barnoota Walitti

Fufaa". Yuunivarsiitii Jimmaa.

Waldayohaannis Warqinaaf Gammachuu Malkaa.(2005). Seenicha Suukanneessaa Barri

Dhokse. Finfinnee:Aster Nega PLC.

Zawudituu Mazammir (2006). Barruulee Qormaata Waaltina Afaan Oromoo.Finfinnee:

AM Printing & Packaging PLC.

22
23

You might also like