Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 4

Seensa

Barumsi guddina fi qaroomina biyya tokkoo keessatti gahee ol aanaa akka qabu beekamaa dha.
Kunis barumsa qulqullinaa fi gochaan deeggarame lammii hundaan gahuun dagaagina dinagdee
saffisa itti fufinsa qabu fi ijaarsa sirna dimookiraasii,Oromoon Sirna Gadaa keessatti Waggoota
Dhibba tokkoo fi shantama dura jalqabsiise amansiisaa gochuuf akkasumas humna namaa
dandeetti, beekumsa, gahumsa qabuu fi lammii roga hundaan qaroome horachuun biyya
keenya walaalummaa, hiyyummaa fi gadaddoo keessaa baasuuf shoorri isaa daran olaanaa
dha.

Haaluma kanaan barnoota qulqullinaa fi gahumsa qabu saayinsii fi teekinoolojiin deeggarame


diriirsuun lammii amalaa fi naamusaan sadarkaa gaarii qabu, dinagdee biyya keenyaa keessatti
gahee isaa taphatuu fi rakkoo biyya keenyaa hiikuuf adda duree ta’e horachuun lammii of
danda’ee waan hundaan guutuu ta’e uumuun ergama mana barumsaa keenyaati .

Kanaafuu karoora Muummee Saayinsii Uumamaa bara 2016 keessatti qabxii barattootaa ol
guddisuu fi barnoota qulqullina qabu barattootaaf kennuudhaan akka of danda’an toorri
xiyyeeffannoo keenyaa carraa barnootaa lammii hunda biraan gahuuf hirmaannaa
barattootaa gama hundaan dabaluun sagantaalee PMQB hojiirra oolchuu, TMG lafa
qabsiisuu ,sirna hordoffii fi deeggarsa cimaa sadarkaa M/B keenyaatti mirkanneessuuf
karoora Muummee Saayinsii Uumamaa qophaa’eedha.

Kaayyoo

Barattonni naamusa mana barumsaa kabajuun bu'aa barachuu isaanii akka olguddisan gochuu;
Lammiin hundi mirga barachuu akka argatu taasiisuu.

Ergamaa fi Mul’ata Mana Barumsa Yabbuu Sadarkaa 2ffaa Lakk.2


Ergama (Mission)

Manni barumsa Sadarkaa 2ffaa lakk.2 yabbuu humna namaa fi leecalloo barbaachisaa ta’e
guutuun carraa barnootaa, walgitiinsi, qulqullinnii fi ga’uumsi isaa mirkanaa’e babal’isuun
lammii hirmaannaa misooma biyyaa keessatti gahee olaanaa bahuu danda’u horachuu.
Mul’ata (vision)
Bara 2016tti lammii baratee haaromsa eegalame itti fufsiisuun biyya keenya biyyoota galii giddu –galeessaa
irraan ga’uu danda’an horatamee arguu.
Sonaawwan
 Tajaajila saffisaa, qulqullinaa fi ga’umsa qabu
 Iftoomina
 Hirmaachisummaa
 Itti gaafatamummaa
 Ilaalchaa fi gocha kiraa sassaabdummaa irraa walaba ta’uu
 Jaalala hojii fi naamusa ogummaa qabaachuu
 Amanamummaa hojjechuu
 Saayinsii fi kalaqa jajabeessuu

Maamiltoota fi Dhimmamtoota
 Maamiltootaa alaa
 Maatii
 Hawaasa
 Maamiltootaa keessaa
 Barattootaa
Dhimmamtoota alaa
o Barsiisota
o Hawaasa naannoo mana barumsaa
o Seektaroota adda addaa
o Abbootii qabeenyaa
o Dhaabbilee miti-maatummaa

Hojiilee Hojjetamuu Qaban


 Mooraa mana barumsaa hawwataa gochuu Fi Qulqullina Daree barnootaa eegsisuu
 Yeroo Hojii Kabajuu fi kabachiisuu
 Qindoominaan hojjechuun galii mana barumsaa ol guddisuu
 Ijaarama Geengoo Qulqullina Barnootaa Muummee fi Barattootaa cimsuu
 Hojii hojjetame ragaan deggeruu
 Biqiloota adda addaa dhaabuu fi kunuunsuu
 Karooraa Waggaa fi Torbee wal simsiisuun barsiisuu
 Barreeffamoota ergaa baruu barsiisuu dabarsan maxxansuu
Fknf Foormulaawwan Barnoota:-

 Fiiziksii
 Keemistirii
 Herregaa
 Baayoloojii
 Kalaqa adda addaa jajjabeessuu
 Meeshaalee Laaboraatoorii mana yaalii keessatti bituu
 Meeshaalee Deggersa barnootaa oomishuu
 Naamusaa fi tasgabbii mana barumsaa fi barattootaa kabachiisuu
 Uffataa seeraa ( Uniform) barattootni hundi akka uffatan gochuu
 Hordoffii fi to’annaa barattootaa kallattiin cimsuu
 Gumii hojii qabatamaa keessa galchuu
 Miira dorgommii barsiisotaa fi barattoota keessatti uumuu qabxii barattootaa fooyyeessuu
 Hirmaannaa barattoota shamarranii dachaan guddisuu
 Wayitii barnootaa qisaasama tokko malee itti fayyadamuu
 Yeroo mare maatii barattootaa waliin ji’atti al tokko qabaachuu
 Marii muummee gaggeessuun ciminootaa fi hanqinoota madaalaa deemuu
 Muuxannoo gaggaarii qindeessuu
 Barattoota shamarranii addatti gargaaruu
 Barattoota akkaataa dandeettii isaaniitti adda baafachuun gargaaruu
 Cimoo
 Giddu galeessa
 Suuteeyyii
 Gaaffii fi Deebii ji’a ji’aan qopheessuun barattoota gidduutti miira wal dorgommii uumuu
 Barnoota dabalataa ( Tiitooriyaalii ) gosa barnootaan kennuu
 Hojii manaa,daree fi abbaltii qulqullina qabu kennuun qabxii barattootaa fooyyeessuu
 Madaallii qulqullina qabuu fi yeroo eeggate kennuu
 DOW hojjechuun rakkinoota baruu barsiisuu furaa deemuu
 Bakka barattootni itti qayyabatan qopheessuu
FKN Gaaddisa mukaa jalatti teessoo hojjechuu
 Gosa barnootaa barsiifnu irratti ofitti amanamummaa akka qabaannuuf gorsaa fi leenjii
gaggabaabaa yeroo yeroon qaama dhimmi ilaaluun akka kennamu gochuu
 Harcaatii barattootaa irratti hojjechuu
 Barfannaa barattootaa xiqqeessuu
 Barattoota amala badaa qaban hordofuun gorsuu,maatii waliin marii gaggeessuu fi
mallatteessisuu
 Dabtara barattootaa yeroo yeroon ilaaluu fi soroorsuu
 Qormaata Biyyooleessaaf barattoota qopheessuun akka of danda’anii hojjetan gochuu fi miiraa
wal dorgommii barattoota keessatti uumuu
 Gumiilee keessatti hirmaachuu fi abbaa itti horuun hojii qabatamaa hojjechuu fi
hojjechiisuu,ilaalchaa fi naamusa gaarii keessatti uumuu.

You might also like