Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 2

FAAYA INTALA HEERUMTUU

CALLEEWWAN DIRAMANII FAAYUMMAAF BEERRAN ARSII GODHATAN

1. Silliqqee =callee mormatti godhatan


2. Jomoree =calle harkatti godhatan
3. Lootii = Callee gurratti godhatan (Idaayyaatu godhata)
4. Gaatiraa =callee mataan gadi qabatan
5. Balaqqee =callee gurratti godhatan
6. Yaaqeta (Gombisa)=ni diratu
7. Laakkaa,Naashaa,Bitoo=ciqileetti godhatama (sibiila irraa hojjatama)
8. Okaayee fi Shaamee= idaayyaatu godhata
9. Hudhaa =callee mormatti godhatan
10. Saasiraa =dubartii heerumtetu godhata; Durbi hin godhattu,durbi heerumuu ishii ka beekaniin
qubbiin miilaa ka abbudduu fi moggee edduu jiran sadiinitti godhatti.saasiraan dheerinaan xiqqoo
qubee quba harkaa caala. Bifti isaa boora.
11. Boraatii = akka mataan yoo raftu lafatti rigamee dhadhaan mataa wajjiin irraa hin haqamne intalaan
heerumsiisan. Muka bocanii tolchan.mataa boraatii gamaagamana handaara shubbisaa gadi rarra`u
callee fi dooqarraa hojjatameen faayama.bareedinni faaya isaa nama hawata.
12. Qudhaama =ka gaafa mana seensaa qaadhimataniin ,intalatu gadi dirata,dheeraa miila gadi gahu
dacha fa`aan diratti.dooqaa fi dachee irraa dirama.
13. Qanafaa =beera deettetu kallachati godhata.yoo lakkuu deette lama hidhatti.dubartiin qnafaa
addarraa qabdu wayooma qabdi. Haroo buutu hin harsiisan ,malkaa buutu hin tuqan ,kabajallee
qabdi.yoo namni wal lolellee yoo isiin siinqee fi qanafaan edduu dhaabatte,diina malee ambi bira hin
taru;namni kanarra tare seera Arsii irratti murtii qaba;jaarsi itti laalee murtiitu itti jiga.dubartiin
qanafaa kana hanga ulmaa baatutti lafa hin keettu.dubartii qanafaa addaa qabdu namni biraa itti hin
dhaqu. Aadaa Arsiitti seerri guddaan beerri isa godhattuuufuu tokko kanuma. Qanafaa mukatu
bocamee tolfama.guddinni isaa haguma quba harkaa ka quba moggee fi quba guddaa edduu jiruu
yoo ta`u akka hidhaa ribuutii ta`utti gamaa gamana isaa qeeruun qunqumanii tolchuun bakka
qeeramte tanatti ribuu(teepha qaldhaadhaan) kasaa isaa lamaan hidhanii ribuu(teepha)san adda
bitaa mirgaa walitti fiduun mataa duubatti ribu san walitti hidhan.
14. Marxaa =beerrantu gurratti godhata.
15. Faamaa =gaafa intalti heerumtu kawajjiin deemu yoo ta`u dhaaba manaati fannisan. Dur mana intalti
heerumte (idaayyaan) jirtu faamaan beekan. Kan tolfamullee gogaa loonii irraa yoo ta`u, callee fi
elelaaniin hodhama.
16. Siinqee =miya dubartiin qabatu yoo taatu, aadaa Arsii ulfina guddaa qabdi. Siinqeen ulee qal`oo
dubartiin qofti qabattuudha. Durbi hin qabattu.
Miya Nyataa
1. Qorii =mukarraa bocama. Marqaatu itti nyaatama.
2. Shandhee =biyyee supheerraa tolfamti ,marqaatu itti nyaatama.
3. Jaayii =akkuma shandee biyyee suphee irraa tolfama.waan diqqoodha xuwwee hingeettu.
Haati warraa cimtuun marqa xuwweetti marq itee dhadhaa baysitee itti carreessitee abbaa
warraatii keetti.yeroo fedhe nyaata,obboroo kaatee marqitee jaayitti baaftee dhadhaa irraa
fi jalaan cirriiqatuun ,aannan qabbanooftuu itti unataa fal`aanaan afaan keetti ,bira teettee
yookaan yoo guyyaa garii gali nyaata.

You might also like