Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 24

Boqonnaa sadi

Birsaga Jechuun maal jechuudha?

Birsaga jechuun qaama xiindhamsagaa keessatti ilaalamu ta’ee kan dubbachiisaa fi dubbifamaa of keessaa qabu
jechuudha. Dubbifamaa of keessaa qabaachuun dirqama miti. Karaa biraatiin yommuu ilaalamu birsagni sagalee
dubbifamaa dubbachiisaa waliin walitti qindaa’ee dubbifamuu dha. Jireenyi dubbifamaa jireenya birsagaatiif
murteessaa kan hin taane yoo ta’u, jireenyi dubbachiisaa garuu dirqama fi murteessaadha. Dubbachiisaan dubbifamaa
malee dhaabbachuudhaan waan sagaleeffamuuf birsaga ni ta’a.

Afaan Oromoo keessatti jechi tokko birsaga tokkoo ol of keessaa qabaachuu danda’a. Fakkeenyaaf, jecha mar’imaan
jedhu osoo fudhannee ilaallee birsaga sadi: mar-, -?i-, fi -maan qaba. Akkasumas Afaan Oromoo keessatti jechi
tokko birsaga tokko qofarraa ijaaramuu danda’a. Kana jechuun gama biraatiin birsagni tokko jecha ta’uu danda’a
jechuudha. Qaama qiindoomina dhamsagootaarraa ijaarame shan jedhu osoo fudhannee ilaallee inni kun Afaan
Orommoo keessatti jecha ta’uu isaa hiika inni qaburraa hubachuun ni danda’ama. Haaluma walfakkaatuun,
qindoominni dhamsagootaa inni jecha jedhame kun birsaga. Sababni jechi shan jedhu akka birsaga tokkotti
ilaalameef jechi kun afuura tokkoon dubbifamee waan xumuramuufidha. Jecha shan jedhu kana fudhannee sha- kan
jedhu akka birsaga tokkootti yoo fudhannee, kan hafu /n/ qofa ta’a. Qubeen /n/ n kophaatti dhaabachuun
sagaleeffamuu waan hin dandeenyeef gati dhabeessa ta’a jechuudha. Kanaaf, jecha shan jedhu akka birsaga
tokkootti fudhannaa. /n/n dhuma jechaarraa waan dhufteef sagalee hin qabdu gaaffiin jedhu ka’u danda’a. Kanaaf kan
deebii ta’u Afaan Oromoo keessatti dubbifamtoonni dubbachiisaa /i/n xumuraman, yeroo baay’ee dubbachiisaan kun
waan liqimfamuuf gadi baahee hin mul’annee malee dhamni dubbachiisaa /i/ jiraachuun kan wal nama mormsiisuu
miti. Dhuma jecha shan jedhuurra dubbachiisaan ifatti hin mul’atu malee jira jechuudha. Kun jecha gidduutti irra
butaa jedhamun beekama.

1.1. Seera Birsaga Afaan Oromoo

Ijaarsi Afaanii qaama isa xiqqaa sagaleerraa kaasee hanga qaama guddaatti seera qaba. Haaluma walfakkaatuun
ijaarsi birsaga Afaan Oromoo seera mataa isaa qaba. Seerri dhamsagoonni ijaarsa birsgoota Afaan Oromoo keessatti
qaban, seera walfaanommii dhamsagootaa sadarkaa jechaatti jiruun tokko. Seerota ijaarsa birsaga Afaan Oromoo
akka armaan gadii kanatti okko tokkoon ilaalla.

a. Akkuma Afaan Oromoo keessatti jechoonni dubbifamaa gosa adda addaa lamaa fi lamaa oliin hin eegalle
birsagoonnis dubbifamaa gosa adda addaa lamaa fi lamaa oliin hin eegalan. Akka seera kanaatti jechoota Afaan
Oromoo keessatti qoqqoodamiinsi birsagaa jala sararaman kunneen hin heyyamaman yookaan sirrii miti.

Fakkeenya jalqabaa keessatti akkaataa hiika birsagatti kennameen birsagoonni jalqabaa fi dhumarra jiran akkasumas
fakkeenya lammataa keessatti birsagoonni jalqabaa lamaan walitti aananii dhufan rakkoo kan hin qabne ta’uu
hubanna. Fakeenya jalqabaa keessatti birsaga duraan wal qabatee dubbifamaan kophaatti birsaga ta’uu waan
danda’uu fi birsaga isa dhumaatiin wal qabatee dubbifamaan dubbachiisaa waliin waan hiriireef muudaa homaatuu
hin qaban jechuudha. Inni walakkaa yommuu ilaalamu garuu dubbifamaan jalqaba birsagaa irra jiru dubbachiisaa
jalqabarrattis ta’ee dhumarratti waan hin qabneef birsaga ta’uu hin danda’u. Dabalees seera walfaanommii
dhamsagoonni birsaga keessatti qabaachuu qabaniin yommuu ilaalamu dubbifamaan lama /r/ fi /b/ n jalqaba
birsagaarratti walitti aananii waan dhufaniif qaamni -rbaa- birasaga ta’uu hin danda’u.

b. Birsagoonni Afaan Oromoo dubbifamaa gosa adda addaa lamaa fi lamaa oliin hin xumuraman. Jecha irga jedhu
sababa seera kana cabsuuf haala itti aanu kanaan birsageessuun hin danda’amu.

c. Akkuma Afaan Oromoo keessatti jechoonni dubbifamaa gosa tokkoo lamaa fi lamaa oliin hin eegalle yookaan
eegaluu hin dandeenye birsagnis dubbifamaa gosa tokkoo lamaa fi lamaa oliin hin eegalu. Akka seera kanaatti Afaan
Oromoo keessatti qoqqoodamiinsi birsagaa jala sararaman kunneen hin heyyamaman.

1
d. Birsagoonni Afaan Oromoo dubbifamaa gosa tokkoo lamaa fi lamaa oliin hin xumuraman.

Fakkeenya birsagni inni jala sararame kan jecha haxxee jedhurraa uumamuuf yaalame kun seera walfaanommii
dhamsagoonni birsaga Afaan Oromoo keessatti qaban waan cabsuuf dogoggora. Haxx=X

e. Dubbachiisaan gosa gara garaa lamaa fi lamaa ol birsaga Afaan Oromoo keessatti waliin hiriiruu hin danda’an.
Akkuma boqonnaa lama keessatti eerame seera walfaanommii dhamsagootaa Afaan Oromoo keessatti carraan
dubbachiiftonni lama walitti aananii dhufuuf qaban goonkumaa hin jiru. Kun jecha kessatti uumamuu hin dandeenye
taanan immoo carraan birsaga keessatti uumamuuf qabu hin jiru.

Seerota walfaanommii dhamsagoonni birsaga Afaan Oromoo keessatti qaban kanarraa kan hubannu jecha Afaan
Oromoo keessati dubbifamaan gosa adda addaa lama (irra butaan) yommuu walitti aananii dhufanii fi dubbifamaan
gosa tokkoo lama (sagalee jabaa kan bakka bu’an) yommuu walitti aananii dhufan dubbifamtoonni kunneen kara
dubbachiisaa isaanitti dhiyaataniitti cituun dirqama ta’uudha.

1.1.1. Qaamolee Birsaga Afaan Oromoo

Birsagni kan uumamu dhamsagootarraa akka ta’e ilaalleerra. Dhamsagoonni birsagni irraa uumaman kunneenis
birsaga keessatti qaamolee adda addaatti qoodamu. Qaamoleen addaa addaa birsagaa kunneenis qaamolee birsagaa
jedhamuudhaan beekamu. Birsagni (B) iddoo gurguddaa lamatti qoodama: Ka’uumsa (K) fi Giddugala (G) dha.
Giddu gallimmoo iddoo lamatti qoodama yookaan kutaa lama of jalaa qaba: Utubaa (U) fi Cufaa (C) dha. Isaanuma
kana caasaa bu’uuraa birsagaa irratti haa ilaallu.

Birsaga (B) - Syllable

Giddugala (G)-Rhyme

Ka’uumsa (K)- Onset Utubaa (U)- Peak/ Nucleus Cufaa (C)- Coda

Ka’uumsa- ka’uumsi dubbifamaa jalqaba birsagaarratti argamu.


Giddugala- Giddugalli qaama birsagaa utubaa fi cufaa of jalatti hammatuudha.
Utubaa-Utubaan sagalee dubbachiisaa birsaga keessatti argamu yoomuu ta’u, handhuura birsagaa jedhamuudhaan
beekama. Birsagani jirachuudhaaf dirqama dubbachiisaa qabaachuu qaba. Birsagni dubbachiisaa hin qabne waan hin
jirreef dubbachiisaan birsaga keessatti argamu bu’uura yookaan handhuura birasagaa jedhamti.
Cufaa- Cufaan sagalee dubbifamaa dhuma birsagaarratti galu.

Dimshaashumatti birsaga Afaan Oromoo keessatti jireenyi utubaa dirqama yoo ta’u, jireenyi ka’uumsaa fi cufaa
dirqamaa miti.

1.1.2. Caasaa Birsaga Afaan Oromoo (Caasessuu)

Afaan Oromoo keessatti yommuu jechoota birsageessinu jechoota qubeelee xiinsaga addunyaatiin bakka buusuun
barbaachisaadha. Afaan Oromoo akkuma beekamu gosa barreeffama dhamsagaa (phonemic writing system)
fayyadama jedhameet amanama. Dhugumaan sirni barreeffama Afaan Oromoo sirna barreeffama dhamsagaatii
jennee yommuu lalluu garuu akka Afaanota biroo sirni barreeffama Afaan Oromoo sirna barreeffama dhamsagaarraa
fagaachuu baatullee murtaa’ummaa baay’ee muraasa qabaachuu isaatu hubatama. Murtaa’ummaa jiru kana
ibsuudhaaf seera barreeffama Afaan Oromoo keessaa isa ‘sagaleewwan qubeelee dachaadhaan bakka bu’aman
2
jabaatanis jabeeffamanii hin barreeffaman’ jedhu laaluun barbaachisaadha. Afaan Oromoo keessatti sagaleewwan
qubeelee dachaadhaan (ch, dh, ny, ph sh, fi ts) bakka bu’aman jabaatanillee jabeeffamanii hin barreeffaman. Kun
immoo birsageessuurratti rakkoo mataa isaa qaba. Sababni isaas kan birsageessinu mallattoolee osoo hin taane
sagaleewwan waan ta’eefidha. Sagaleewwan kan mul’atan karaa qubeetiin waan ta’eef kan birsageessinu qubeelee
nutti fakkaachuu danda’a. Kanaafi, birsaga jechuun jecha tokko yommuu dubbifnu bakka sagaleen itti citu kan
jedhamuuf. Sagaleewwan akkaataa seera barreeffama Afaan sanaatti guutumaan guututti mallaattooleen (qubeeleen)
bakka buufamuu hin dandeenye taanaan birsageessuu keessatti dogoggora fidaa jechuudha.

Haaluma walfakkaatuun seerri barreeffama Afaan Oromoo guutumaan guututti seera barreeffama dhamsagaa waan
hin taaneef jechoota Afaan Oromoo birsageessuudhaaf QXA tti dhimma bahuun barbaachisaadha jechuudha.
Qubeelee xiinsaga addunyaatti fayyadamuu qofatu rakkoo kana fura osoo hin taane QXA tti fayyadamnee yommuu
barreessinu seera barreeffama Afaan Oromoo osoo ilaalcha keessa hin galchin sagaleewwan jecha keessa jiran hunda
mallattoolee xiinsaga addunyaatti fayyadamuudhaan bakka buufna waan ta’eefi. Inni kun immoo seera barreeffama
dhamsagaa jedhama.

Fakkeenyaa,

Jechoota qubeedhaan barreeffaman Jechoota QXA tiin bakka buufaman


Dachaa Daccaa
Haphee hap’p’ee
re’ee reɂee
Qilxuu k’ilt’uu

Jechoota gabatee keessatti argaman keessaa jecha jalqabaa dachaa jedhu osoo fudhannee jechi kun yommuu
dubbifamu dhamsagni /ch/n ni jabaata. Haa ta’uutii garuu, akkuma armaan olitti ibsamuuf yaalame sagaleen kun
jabaatullee qubee dachaadhaan waan bakka buufameef akkaataa seera walfaanommii dhamsagoota Afaan Oromootti
jabaatee hin barreeffamu. Isa qubeedhaan barreeffame kana yommuu birsageessinu da-chaa ta’a. Birsageessuu kana
keessatti sagaleewwan jechicha keessa jiran marti xiyyeeffannoo keessa waan hin galchamneef sirrii miti. Kanaafuu,
jecha kana birsageesuuf QXAtti fayyadamuudhaan seera barreeffama dhamsagaatiin (akkaataa sagalee fi wanti
sagalee jiru bakka bu’u walqixa ta’een) barreessuun dirqama ta’a. Haaluma kanaan jecha dachaa jedhu kana QXA
fayyadamne barreessuudhaan yommuu birsageessinu dac-caa ta’a. QXA keessatti /c/ sagalee Afaan Oromoo
keessatti /ch/dhaan bakka buufame kan bakka bu’e yoo ta’u, qabxii kana gara boodaatti bal’inaan kan laallu ta’a.

Sababa seera barreeffama Afaan Oromoorraa kan ka’e birsageessuu sirrii hin taane

Jecha barreeffama qubeetiin- dachaa

Birsaga- da/chaa

K U C

d a ϕ

3
B

K U C

ch a a ϕ

Birsageessuu sirrii ta’e

Jecha barreeffama QXA tiin- daccaa

Birsaga- dac-caa

K U C

d a c

K U C

c a a ϕ

Inni biraa jechoota yommuu birsageessinu dubbifamtoota akka ka’uumsattii fi akka cufaatti tajaajiluu danda’an, seera
walfaanommii dhamsagootaa osoo hin cabsin akkaa ka’uumsaatti fayyadamuudha. Yaanni kun yaada bakka afuurri
itti citu jedhu kan deeggaruu fi birsageessuu haala salphaadhaan raaw’achuuf kan gargaarudha.

Jecha saamuu jedhu osoo fudhannee seera walfaanommii dhamsagoonni jecha/birsaga keessatti qaban osoo hin
diigiin kara lamaan birsageessuun ni danda’ama. Isaaniis saa-muu fi saam-uu dha. Garuu akka seera armaan olii
kanatti dubbifamaan osoo seera hin cabsin akka ka’uumsaa fi akka cufaatti tajaajilu tokko akka kaa’uumsaatti
tajaajiluu qaba jedhuun birsageessuun inni jalqabaa sun sirrii ta’aa jechuudha. Akkasumas birsaga jechuun jecha
tokko yommuu dubbisnu bakka afuurri itti citu kan jedhuunis yoo deemne isa lammataa osoo hin taane isa jalqabaatu
sirriidha.

4
Kana malees jecha kana keessatti duubbachiiftonni /uu/n dhamsaga /m/tti aananii dhufan kophaa isaanii daabbachuuf
osoo hin taane dubbifamaa /m/tti sagalee horuuf. Kanaafuu, /m/n gara dubbachiisaa durasaa jiruu cita osoo hin taane
gara dubbachiisaa boodasaa dhufuu /uu/ cita.

Afaan Oromoo keessatti hudhaan dubbifamaa akka ta’e beekamaadha. Haa ta’u malee, qubeen dubbifamaa kana
bakka bu’u /’/ n yeroo baay’ee akka qubeetti waan hin hubatamneef barattoonni birsageesuu keessatti yommuu
rakkatantu mul’ata. QXA keessatti mallattoon sagalee dubbifama hudhaa bakka bu’u qubeewwan kaan waliin boca
wal fakkaatu waan qabuuf rakkoo kana hambsuu ni hambisa.

1.1.3. Gosoota Birsaga Afaan Oromoo

Gosoota birsagaa Afaanota addunyaa kanarra jiranii dhimmoota adda addaarratti hundaa’uudhaan garagar qooduun ni
danda’ama. Haaluma walfakkaatuun birsagoota Afaan Oromoos dhimmoota kanneen akka cufaa fi jabinaafi
salphinaa irratti hundaa’uudhaan gosoota garagaraa kanneen armaan gadiitti qooduun ni danda’ama.

1.1.3.1. Cufaa

Qaamolee birsagaa keessatti cufaan maal akka ta’e ilaaluun keenya ni yaadatama. Birsagni qaama birsagaa cufaa
irratti hunda’uudhaan bakka lamatti qoodama. Isaaniis: birsaga banaa fi birsaga cufaadha.

1.1.3.2. Banaa

Birsaga Banaa- Birsagni banaan birsaga qaama birsagaa cufaa hin qabneedha.

Fakkeennya birsaga banaa,

Jecha- laga;

Birsaga- la-ga

K U C

l a ϕ
B

K U C

g a ϕ
Jechi laga jedhu kun birsaga lama la fi ga yoo of keessaa qabaatu birsagni lamaanuu birsagoota banaadha.
Birsagoonni lamaanuu cufaa waan hin qabneef birsaga banaa jedhamanii jiru. Birsagni tokko yoo cufaa qabaachuu
baate cufaa dhabamsiisuun yookaan iddoo duwwaa dhiisuun sirrii miti. Birsaga keessaa dhamsagni cufaan yoo hin
jiraannee dhabamiinsa cufaa mul’isuudhaaf latii duwwaadhaan (ϕ) bakka buufamuu qaba.

Birsaga Cufaa- Birsagni cufaan birsaga qaama birsagaa cufaa qabuudha.


5
Fakkeenya birsaga cufaa,

a. Jecha- loon;

Birsaga- loon

Jechi loon jedhu kun birsaga tokko qofa yoo qabaatu birsaga loon jedhu kana caasaa birsagaatti fayyadamuudhaan
birsaga cufaa ta’uu isaa yaa laallu.

K U C

l o o n
Birsagni loon jedhu birsaga cufaa yoo ta’u dhamsagni akka cufaatti tajaajilu dhamsaga /n/ dha.

b. Jecha -Harre;

Birsaga- har-ree

Jechi harree jedhu birsaga lama har fi ree tti yoo qoodamu, isaan lamaan keessaa birsagni inni duraa birsaga
cufaadha. Akkuma caasaa itti aanu keessatti hubannu birsaga har jedhu keessatti dhamsagni /r/n akka cufaatti
tajaajile.

K U C

H a r

6
7
1.1.3.3. Birsaga Jabaa fi Salphaa (Heavy and Light Syllable)

Birsagni tokko birsaga jabaa yookaan salphaa ta’uudhaaf akka waliigalaatti ulaagaalee adda addaa sadi’irratti
hundaa’a. Dhimmoota sadeen keessaa Afaan Oromoo keessatti birsaga tokko birsaga jabaa yookaan birsaga
salphaatti addaan qooduudhaaf kan hojiirra oolu isa tokko qofa. Mee sadeen isaanitu tokko tokkoon haa ilaallu.

1. Dubbachiiftota gosa adda addaa walitti aansee of keessaa qabaachuu

Birsagni tokko dubbachiiftota gosa adda addaa walitti aansee yoo of keessaa qabaate birsaga jabaa jedhama. Seera
walfaanommii Afaan Oromoo keessatti dubbachiiftonni gosa adda addaa lama walitti aananii dhufuun waan hin
hayyamamneef tooftaa kanatti dhimma bahuudhaan birsagni tokko jabaadha yookaan salphaadha jechuun hin
danda’amu.

2. Dubbifamtoota gosa adda addaa yookaan gosa tokkoo lama of keessaa qabaachuu.

Akkuma duraan dursee eerame ka’uumsi jalqaba birsagaarra yoo dhufu cufaan dhuma birsagaarraa dhufa. Akka seera
walfaanommii dhamsagoota Afaan Oromootti, birsagni tokko dubbifamaa gosa tokkoos ta’ee gosa adda addaa
lamaan hin eegalu hin xumuramu. Kanarraa kan ka’e birsaga Afaan Oromoo tokko tooftaa kanarratti hundaa’uudhaan
birsaga jabaa fi salphaatti gargar qooduu hin danda’amu.

3. Dubbachiiftota gosa tokkoo lama of keessaa qabaachuu

Afaan Oromoo keessatti sagalee gabaabaa fi sagalee dheeraan jiraachuun beekamaadha. Sagalee dheeraan qubee
dubbachiiftotaa walfakkaatan lamaan yoo bakka bu’amu, sagalee gabaabaan qubee dubbachiisaa tokkoon bakka
bu’ama. Qubee dubbachiisaa walfakkaatan (tokko ta’an) lama jechaa fi birsaga Afaan Oromoo keessatti qabaachuun
seera walfaanommi dhamsagootaa Afaan Oromoo keessatti ni heyyamama. Kanaauu, tooftaa kanatti
fayyadamuudhaan birsaga Afaan Oromoo birsaga salphaa yookaan birsaga jabaatti addaan qooduun ni danda’ama.
Qaamolee birsagaa keessaa dubbachiisaan kan argamu utubaarratti. Birsagni tokko utubaa gosa tokkoo lama (sagalee
dheeraa) yoo qabaate birsaga jabaa jedhama; yoo utubaa tokko qofa (sagalee gabaabaa) of keessaa qabaate birsaga
salphaa jedhama.

8
9
1.1.4. Sanyiiwwan Birsaga Afaan Oromoo

Seera barreeffama Afaan Oromootiin wal-qabatee ilaalcha lamatu jiru. Inni tokko jechi Afaan Oromoo
dubbachiisadhaan eegalu hin jiru kan jedhu yoo ta’u, inni lammataa jechoonni Afaan Oromoo dubbachiisadhaan eegalan
ni jiru kan jedhuudha.
Dhimma kana iddoo kanatti kaasuun wanti barbaachiseef kaayyoo mataa isaa qaba. Yaada kana gara tokkotti osoo hin
ciibsin waa’ee sanyiiwwan birsaga Afaan Oromoo dubbachuu waan hin dandeenyeefi. Sagaleen dubbachiiftotaa jalqaba
jechaarra dhufuufi dhufuu dhiisuun isaanii sanyiiwwan birsaga Afaan Oromoorratti dhibbaa waan geessisaniif.
Akka hayyoota sagaleen dubbachiisaa jalqaba jecha Afaan Oromoorra hin dhufu jedhaniitti, jalqaba jechoota akka eelee,
ilkaanii, eelaa fi kkfniitti sagaleen dubbachiisaa waan jiru fakkaata malee dubbachiisaa fuundura sagaleen dubbifamaa
hudhaan jirti. Hamma ammaatti garuu, deeggarsi bal’inaan jiru dubbifamaa hudhaan jechoota dubbachiisaan eegalan
dura hin dhufu kan jedhu yoo ta’u, bal’inaan kan dalagaarra jirus isuma kana. Barreeffama kana keessatti kan dhimma itti
bahamuus yaaduma lammataa kanaadha.

Akkaataa kanaan yoo ilaalamu sanyiiwwan birsagaa Afaan Oromoo saddeettu ta’u. Birsaga Afaan Orommo keessatti,
‘A’n mallattoo dubbachiisaa bakka bu’u yoo ta’u, ‘I’n dubbifamaa bakka bu’a. Fakkeenyaaf, jecha diimaa jedhu
fudhannee osoo birsageessinee dii-maa ta’a. Isa kanammoo mallattoolee birsaga keessatti bakka bu’an kanaan yoo bakka
buufnu IAA/IAA ta’aa jechuudha.

Sanyiiwwan birsaga Afaan Oromoo saddeet ta’uu duubaatti eerreerra. Mee sanyiiwwan birsaga Afaan Oromoo kana
jechoota armaan gadii kanneen keessatti haa ilaallu.

Jechoota Bakka buusa Birsaga Sanyiiwwan


(transcription) birsagaa

Ala Ala a/la A1/IA2

Ol Ol Ol AI3

Aadaa Aadaa aa/daa AA4/IAA

Turban Turban tor/ban IAI5 /IAI

Eeggataa Eeggataa eeg/ga/taa AAI6/IA/IAA7

Iftaan Iftaan if/taan AI/IAAI8

Akkuma gabatee irraangadee dhumaa keessatti mul’atu Afaan Oromoo keessatti birsaga gosa saddeettu jiru. Isaaniis A,
IA, AI, AA, IAI, AAI, IAA fi IAAI dha.

Hubachiisa: Lakkoofsi gosoota birsagaa agarsiisuuf gabatee irraangadee dhumaa keessatti dhimaa itti bahaman
sanyiiwwan birsagaa waliin hidhata qaban osoo hin taane baay’inuma sanyiiwwan birsagaa ittiin agarsiisuuf kan
tajaajilaniidha.

10
Sanyiiwwan birsagaa Afaan Oromoo keessaa birsagonni afur birsaga banaa jalatti yommuu ramadaman

Birsaga cufaa Birsaga banaa

AI A

IAI IA

AAI AA

IAAI IAA

Haaluma walfakkaatuun, sanyiiwwan birsaga Afaan Oromoo keessaa birsagoonni afur birsaga jabaa yoo
ta’an birsagoonni afur birsaga salphaa dha.

Birsaga jabaa Birsaga salphaa

AA A

IAA IA

AAI AI

IAAI IAI

11
Boqonnaa Afur

2. Adeemsota Dhamsagaa (Lassaga)

Adeemsota dhamsagaa (lassaga) jechuun saayinsii waa’ee dhamsagoonni adda addaa yommuu wal bira hiriiran dhiibbaa
walirraan gahan qu’atuudha. Dhamsagoonni sababa adda addaatiif wal bira hiriiruu danda’u. Fakkeenyaaf, yommuu
dhamjechoonni adda addaa waliti dhufuudhaan jechoota addaa addaa uuman yookaan jechoota horsiisan akkasaumas
jechoonni adda addaa walitti dabalamuudhaan yommuu jecha uuman dhamsagoonni durumaan wal bira hin turre wal bira
hiriiruu danda’u. Yommuu kana dhamsagoonni wal bira hiriiran kunneen seera afaanichaa cabsuu danda’u yookaan
Afaan Oromoo keessatti dhamsagoota wal bira hin hiriirre ta’uu danda’u. Kanaa fi kan kana fakkaataan sirreessuudhaaf
dhamsagoonni wal bira hiriiran kun dhiibbaa walirraan gahu. Dhamsaga keessatti dhibbaa dhamsagoonni yommuu wal
bira hiriiran walirraan gahan kana kan qu’atu lassaga yookaan adeemsota dhamsagaa jedhamuudhaan beekama.

Adeemsota dhamsagaa (lassaga) kan jedhu kun mata duree adda addaa jalatti maqaalee biroo ‘adeemsota dhamjechaa’
jedhamuun yookaan ‘adeemsota dhamsagjechaa’ jedhamuun ka’uu ni danda’a. Dhimma walfakkaatu kanaaf maqaaleen
adda addaa sadi kan kennameef sababa malee miti. Akkuma maqaalee kanneen sadeenirraa hubachuun danda’amu
yaadrimee lamatu mul’ata. Isaanis, yaadrimee dhaamsaga jedhuu fi yaadrimee dhamjecha jedhaniidha. Yaadrimeewwan
kunneen mata duree lama keessatti kophaa kophaa isaanii kan dhufan yoo ta’u mata duree sadaffaa keessatti jecha tishoo
ta’uun waliin dhufan.

Hundumaafuu yaadrimeen lamaan kun dhimma walfaakkaatu maaf akka bakka bu’uu danda’an ilaaluun
barbaachisaadha. Boqonnaa kana keeyyata jalqabaa keessatti akkuma eeramuuf yaalame adeemsi kun kan uumamu
yommuu dhamsagoonni lama kan wal bira hin turre yookaan afaanicha kessaatti wal bira hiriiruu hin dandeenye wal bira
hiriiraniidha. Dhamsagoonni kunneen immoo kan wal bira hiriiran akka tasaa osoo hin taane sababa adda addaa irraa
kaa’uudhaani. Kunis, dhamjechoonni adda addaa walitti dhufuudhaan yommuu jecha haaraa uumuuf deeman yookaan
jecha horsiisuuf deemanii fi jechoonni lama wal bira hiriiruudhaan jecha haaraa uumuuf yommuu deemaniidha. Wal bira
hiriiruun dhamjechootaa yookaan jechootaa kun dhimma dhamjechaa waan ta’eefis adeemsa kanaan yeroo tokko tokko
ademsota dhamjechaa (morphological process) jenna. Dhiibaan yommuu dhamjechoonni yookaan jechoonni adda addaa
yommuu wal bira hiriiran dhasagoonni wal irraan gahan immoo dhimma dhamsagaa waan ta’eef adeemsota dhamsagaa
(phonological process) ittiin jenna. Yaadrimeen dhaamsagaa fi dhamjechaa adeemsa kana keessaa waan jiruuf
xiyyeeffaannoon dhimmoota lamaanuu yoo ta’e adeemsota dhamsagjechaa (morphophonemic process) jedhamuun ka’a
jechuudha.

Walumaagalatti mata dureelee sadeen dhimmaa walfakkaatuuf kennaman kana keessaa mata duree tokko
fudhachuudhaaf kaayyoo maaliif adeemsa kun laalama kan jedhu adda baafachuun murteessaadha. Dhimmi deemamuuf
dhimma dhamsagaa, dhiibbaa dhamsagoonni walirraan gahan qu’achuu yoo ta’e, adeemsota dhamsagaa; dhimii
deemamuuf dhimma dhamjechaa, dhamsagoonni kun sababa maaliif wal bira dhufan kan jedhu yoo ta’e, adeemsota
dhamjechaa; dhimmi deemamuuf dhamsagoonni dhimma maaliif wal bira hiriiran kan jedhuu fi dhiibbaa akkamii wal
irraan gahan kan jedhu yoo ta’e yaadrimee adeemsota dhamsagjechaa jedhantu filatama.

Kutaa kana keessatti haala sagaleewwan wal faana hiriiruudhaan dhiibbaa wal irraan gahantu ilaallama. Jijjiiramni
garagaraa yommuu sagaleeleen adda addaa wal bira hiriiran dhufu gosoota adda addaatti qoodamu. Itti aansuudhaan
isaanuma kana tokko tokkoon ilaalla.

2.1. Sabala /haquu


Saballi adeemsa dhamsagaa sagaleeleen akkaataa seera walfaanommii dhamsagoota Afaan Oromootti waliin hin deemne
garuu akka carraa wal bira hiriiran lama keessaa tokko dhabamsiisuudhaan seerri walfaanommii afaanichaa itti sirratu.

12
Fakkeenya,

Dubbachiisaa haquu

 kana + immoo →kanammoo


 muka + irra →mukarra
 farda + -i→ fardi
 mana + -ni→ manni
Dubbifamaa haquu

 alba’- + -aatii → alb’aatii→albaatii


 dhama’- + -aatii → dham’aatii→dhamaatii
Haqamuun dhamjechoonni adda addaa dhimma dhamjechaa adda addaatiif yommuu walbira hiriiran uumama. Isaanuma
kana tokko tokkoon haa ilaallu.

1. Dhamjechi matimeessituu -ni n yommuu maqaarratti fufamu dhamsagni /a/n dhuma maqaalee dhufu ni haqama.
 mana + -ni→manni
 gaara + -ni → gaarni→ [gaarri]
 gaala + -ni→gaalni → [gaalli]
2. Dhamjechi -ummaa n maqaarratti maxxanuudhaan yommuu maaqaa dhokataa uumu dhamsagni dhuma jecha dhamjechi
kun itti maxxanuu ni haqama.
 nama + -ummaa → namummaa
 saree + -ummaa → sarummaa
3. Dhamjechi daneessituun -oota n yommuu maqaarratti fufamuun danooma mul’isu dhamsagni dhuma maqicha dhamjechi
kun itti fufamuu ni haqama.
 saree + -oota → saroota
 nama + -oota→ namoota
4. Dhamjechi -aatii n hundee jechaa xumuraarratti fufamuudhaan yommuu maqaa tolchu dubbifamaan dhuma hundee
jechaa hudhaan ni haqama.
 alba’- + -aatii → alb’aatii→albaatii
 dhama’ -+ -aatii → dham’aatii→dhamaatii
5. Dhamjechi ennaa mul’isu jir- jedhamu yommuu gochimarratti fufamu ji- ni haqama.
 nyaate + jira→ nyaateera
 kufe + jira→ kufeera
Dhamjechi jir- jedhu yommuu gochimatti fufamuudhaan ennaa mul’isu dhamsagni dhuma jechaarra jiru /e/n ni dheeratti.
Afaan Oromoo keessatti dheerinni kun dhamjechoota biroo waliin ta’uudhaan ennaa keessatti raawwima ammeennaa
agarsiisa.

2.2. Saagaa
Afaan Oromoo keessatti dhamsagoonni addaa addaa dhimma dhamjechaa adda addaa yommuu adeemsifamu akka carraa
wal bira hiriiruudhaan seera walfaanommii dhamsagoota Afaan Oromoo cabsuu danda’u. Fakkeenyaaf, dubbifamaan
gosa adda addaa yookaan gosa tokkoo sadi wal bira hiriiruu danda’u. Seera walfaanommii Afaan Oromoo kana
eegsisuudhaaf dubbachiisaan /i/n gidduu dubbifamtootaa kanneenii galuudhaan haalli itti tajaajilu adeemsota dhamsagaa
keessatti saagaa jedhamuudhaan beekama.

Fakkeenya,

13
 kolf + -t-e→ kolfte → kolfite
 sirb + -n-e → sirbne →sirbine
 tiks+-t-e→ tikste→ tiksite
 darb+-t-an → darbtan → darbitan
2.3. Firoommii
Dhamsagoonni akka tasaa sababa adda addaatiif wal bira hiriiran amala waliin hirmaachuudhaaf amala dura qaban
dhiisanii amala haaraa horachuudhaan walitti siquu danda’u. Dhamsagoonni wal bira hiriiran kun amala kanneen akka
bakka uumamaa, akkaataa uumamaa fi haala dibbee sagaleetiin walitti siquuf amala dura qaban dhiisanii amala haaraa
isaan wal fakkeessu yoo horatan sagaleeleen walitti firooman jenna. Adeemsota dhamsagaa sanaan immoo firoommii
jenna.

Firoommiin dhimmoota gara garaarratti hundaa’uudhaan bakka gara garaatti qoodama.

2.3.1. Kallattii Firoominaa


Inni kun kallattii dhamsagoonni ittiin walitti siqan kan ilaallatuudha. Kallattii firoominaatiin firoommiin bakka lamatti
qoodama. Gosoota kallattii firoommii kanatti osoo hin ce’in jecha keessatti yaadrimeewwan ‘dura’ fi ‘booda’ jedhan
maal akka mul’isan ilaaluun barbaachisaadha. Dura kan jennu yommuu jecha tokku dubbisnu dhamsaga/sagalee dura
bira geenyu yoo ta’u, booda kan jennu sagalee/dhamsaga itti aansinee bira geenyuudha.

Fakkeenyaf, adeemsa /cab- + -te/→ /cabte/ →[cabde], jedhu keessatti dhamsagoonni firoommii raaw’atan /b/ fi /t/ yoo
ta’an, /b/n dhamsaga/sagalee duraa akkasumas /t/n sagalee/dhamsaga boodaati.

2.3.1.1. Firoommii Boodaa


Firoommiin boodaa firoommii boodaa gara duraa jedhama. Sagaleen boodaa amala isaa dhiisuudhaan amala sagalee isa
duraa kan fudhatu yoo ta’e firoommii boodaa ittin jenna. Karaa biraatiin firoommii boodaa jechuun sagaleen dura jiru
amala isaa kara sagalee isa boodaa dabarsuudhaan yookaan sagaleen dura jiru sagalee isa booda jiru amala isaa akka
fudhatu gochuudhaan adeemsa dhamsagaa sagaleeleen ittiin walitti firoomani.
Fakkeenya,
 /cab +te/→ [cabde]
Dura Booda
 /bar+ne/→ [barre]
Dura Booda

Adeemsota kanneen guca itti aanu kanaan adeemsa dimshaashaa ibsuun yookaan guddunfuun ni danda’ama.
Fakkeenyota jalqabaa lamaan,
 /t/ → [d] / [b]______
Gucni kun kan ibsu /t/n /b/ booda dhufuudhaan gara /d/tti jijjiirame yaada jedhuudha.
 /n/→ [r] / [r]______
/n/n /r/ booda dhufuudhaan gara /r/tti jijjirame yaada jedhuudha.

Kallattii firoomina mul’ate fakkeenyota armaan olii kana lamaan fudhachuudhaan yaa ilaallu. Dhimma kanaaf fakkeenya
guutuu yookaan guca fudhachuudhaan laaluu dandeenya.

/cab + te/→ [cabde]
/t/ → [d] / [b] ______

14
Amala xiinsagaa sagalelee /b/ /t/ /d/

Bakka Bakka uumammaa hidh-lamee Irgee irgee

Haala Haala uumamaa Cufaa Cufaa cufaa

Haala Haala dibbee Sagalee Xiixaa miti-xiixaa xiixaa

Sagaleeleen firoominaan dura turan /b/ fi /t/ yoo ta’an sababa firoominaatiin /t/n gara /d/tti jijjiirame. Sababni /t/n gara
/d/tti jijjiirameef firoominni /t/ fi /b/ gidduu jiru firoomina /b/ fi /d/ gidduu jiruu gadi waan ta’eef /d/tti jijjiiramuun /b/
waliin firooma cimsachuufi. Sagaleeleen dura jiran /t/ fi /b/n amalli isaan waliin qaban haala uumamaa cufaa qofa yoo
ta’u, erga /t/n firooma /b/ waliinii cimsachuuf jecha gara /d/tti jijjiiramee booda walitti dhufeenyi /b/ fi sagalee haaraa /d/
gidduu jiru haala uumamsaa cufaa fi haala dibbee sagalee xiixaa ta’uun cimee jira. Sagaleen jijjiirame /t/ n sagalelee
lamaan /b/ fi /d/ dhaaf akka riqichaatti tajaajila. Kana jechuun sagaleen firooma cimsachuuf gara sagalee biraatti
jijjiirame yoo xiqqaate sagalee dura waliin turee fi sagalee haaraa uumame waliin firooma tokko qabaachuu qaba. Isa
armaan olii kana keessaatti /t/n /b/ waliin haala uumamaa cufaatiin firooma qabu; /d/ waliin bakka uumamaa irgee fi
haala uumamaa cufaa tiin firooma qabu. Garuu, firoomni /t/ fi /b/ giduu jiru firooma /t/ fi /d/ gidduu jiruu gadi waan
ta’eef /t/n gara /d/ttii jijjiiramuun firooma /b/ waliinii cimsuudhaan guutumaan guututtillee /b/ dhaan wal fakkaachuu
baatu garaagarummaa gidduu isaanii jiru akka dhiphatu ta’eera.

/bar+ne/→ [barre]
/n/→ [r] / [r]______
/n/n /r/ booda dhufuudhaan gara /r/tti jijjiirame

Amala xiinsagaa sagalelee /r/ /n/ /r/

Bakka Bakka uumamaa Irgee Irgee Irgee

Haala Bakka uumamaa Baatee Funyee Baatee

Haala Haala dibbee sagalee Xiixaa Xiixaa xiixaa

Adeemsa dhamsagaa armaan olii kana keessatti /n/n sagalee ollaa /r/dhaan walfakkaachuuf jecha gara /r/tti jijjiirame.
Duraan durseetuu /r/ fi /n/n amallan xiinsagaa sadeen keessaa amala lamaan walfakkaatu. /n/n yommuu gara /r/tti
jijjiiramemmoo guutumaan guututti amala walfakkaatu hirmaatu jechuudha.

2.3.1.2. Firoommii Duraa


Firoommiin duraa firoommii duraa gara duubaa jedhama. Sagaleen duraa amala isaa dhiisuudhaan amala sagalee isa
boodaa kan fudhatu yoo ta’e firoommii duraa ittin jenna. Firoommii duraa keessatti sagaleen booda jiru sagalee isa dura
jiruuf amala isaa ergisuudhaan haala sagalee dura isaa dhufu ofitti firoomsuuti. Karaa biraatiin firoommii duraa jechuun
sagaleen dura jiru amala sagalee isa booda jiruu fudhachuudhaan karaa waliitti firoomaniidha.

Fakkeenya,
15
 /bad+ne/→ [banne]
Dura Booda
/d/→[n]/____[n]
/d/n /n/ dura yoo dhufe gara /n/tti jijjiirama.
 /hin jaalatu/→[hiɲjaalatu]
/n/→[ɲ]/____[n]
/n/n /Ɉ/ dura yoo dhufe gara /ɲ/tti jijjiirama.

Fakkeenya lammataa kana fudhachuudhaan amala sagaleeleen waliin hirmaachuudhaan walitti firooman yaa ilaallu.

Amala xiinsagaa sagalelee /n/ /Ɉ/ /ɲ/

Bakka uumamaa Irgee Laagee Laagee

Haala uumamaa Funyee Rigduu Funyee

Haala dibbee sagalee Xiixaa Xiiixaa xiixaa

Firoomni sagaleelee jalqaba jiran lamaan gidduu jiru firooma tokko: firooma haala dibbee sagalee xiixaati. Firoomni
jalqaba jiru kun firooma booda uumamuuf akka riqichaatti tajaajila. Firooma dabalataa booda uumamu keessatti firoomni
jalqaba jiru kun hin jijjiiramu; firoomni jalqabaa akkuma jirutti ta’eet firoomni dabalataa uumama jechuudha. Amalli
sagaleeleen lamaan dura jiran ittiin walitti firooman xixaadha jenne jirra. Amalli kun sagaleelee sababa firoomatiin
uumaman gidduus ni jira.

Sababa firoomaatiin sagaleen dhabame /n/ yoo ta’u, sagaleen haaraan uumame /ɲ/ dha. Walitti dhufeenyi /Ɉ/ fi /ɲ/ gidduu
jiru walitti dhufeenya /n/ fi /Ɉ/ gidduu jiru waan caaluuf sagaleen duraa /n/ n /ɲ/tti of jijjiiruudhaan walitti dhufeenyi
sagalee boodaa /Ɉ/ waliin qabu akka cimu ta’eera.
Hubachiisa
Sagaleen /ɱ/ jedhamu dhamsaga Afaan Oromootii miti. Sababa firoominaatiin firsaga uumameedha.

2.3.2. Hamma Firoominaa


Hamma firoominaa jechuun sagaleeleen wal bira hiriiruudhaan adeemsa dhamsagaa firoominaa raaw’atan firooma
hangamiit qabu yaadrimee jedhu kan ilaallatuudha. Sagaleeleen yommuu walitti firooman amala xiinsagaa keessaa
tokkoon, lamaan yookaam sadi’iin (maraanuu) walitti firoomuu danda’u. Hammi firoomina sagalee dhimmoota sadeen
kanneenirratti hundaa’uudhaan firoomina gamisaa fi firoomina guutuu jedhamuun bakka lamatti qoodama.
2.3.2.1. Firoommii Gamisaa
Sagaleelen wal bira hiriiran lama amala wal irraa ergifachuudhaan yoo hamma tokko waltti siqan firooma sanaan
firooma gamisa ittiin jenna. Inni kun, haala sagaleeleen amaloota xiinsagaa kanneen akka bakka uumamaa, haala
uumamaa fi haala dibbee sagalee keessaa yoo baay’ate amaloota lamaan yoo xiqqaate immoo amala tokkoon
walfakkaatani.

Fakkeenyaa,
 /sob+-te/→[sobde]

16
/qab + -te/→ [qabde]
Firoommiin kun gucaan yommuu ibsamu akka armaan gadii kana fakkaata.
/t/ → [d] / [b]_____
/t/n yoo /b/ booda dhufe /d/tti jijjiirama.

 /hin jaalatu/→[hiɲjaalatu]
Firoommiin kun gucaan yommuu ibsamu akka armaan gadii kana fakkaata.
/n/ → [ɲ]/____ [Ɉ]
/n/n /Ɉ/ dura dhufuudhaan gara /ɲ/tti jijjiirama.

Firooma gamisaa sagaleelee kanneen gidduutti uumame fakkeenya /sob+te/→[sobde]


jedhu fudhachuudhaan haa ilaallu.

Amala xiinsagaa sagalelee /b/ /t/ /d /

Bakka uumammaa hidh-lamee Irgee Irgee

Haala uumamaa C Cufaa C Cufaa Cufaa

Haala Dibbeem Sagalee


X Xiixaa M Miti- Xiixaa
X Xiixaa

Fakkeenya kana keessatti sagaleeleen dura turan /b/ fi /t/ dha. Sagaleeleen kun amala xiinsagaa sadeen keessaa haala
uumamaa cufaan qofa wal fakkkatu. /t/ n /b/tti caalmaatti firoomuf adeemsa dhamsagaa raaw’ateen immoo /d/ttii
jijjiiramuun firoomni dura ture gara firooma lamaatti akka guddatu ta’eera. Kanaafuu, firoomni jalqaba firooma haala
uumamaa qofa ture firooma bakka uumamaa dabalachuun firooma lamatti ol guddachuu danda’eera. Firoomaa uumame
kana keessatti, sagaleen lamaan kun amaloota xiinsagaa sadeen keessaa lamaan qofa walitti firoomani; kun immoo akka
hiika armaan olitti kennameetti firooma kana firoommii gamisaa taasisa.
2.3.2.2. Firoommii Guutuu
Sagaleelee walcinaa hiriiran lamaan keessaa yoo sagaleen tokko amala dura qabu dhiisuudhaan sagalee ollaa isaa jiru
sanaan guutumaan guututti amalan yookaan bifaan walfakkaate firooma kanaan firoommii guutuu ittiin jenna.

Fakkeenya,
 /haad+-ne/→ [haanne]
/gat + -ne/→ [ganne]
Adeemsonni dhamsagaa kunneen gucaan yommuu ibsaman akka armaan gadii kana fakkaatu.

d
n n
t

Kana jechuun /d/, fi /t/n yommuu /n/ dura dhufan gara/n/tti jijjiiramu jechuudha.

17
Jijjiirama amala xiinsagaa firoommii guutuu keessatti mul’atu fakkeenya tokko fudhachuudhaan yaa ilaallu.
 /haad- + -ne/→ [haanne]

Amala xiinsagaa sagalelee /d/ / /n/ / /n/

BakkaBakka uumamaa Irgee Irgee irgee

Haala Haala uumamaa Cufaa funyee funyee

Haala Haala dibbee sagalee Xiixaa Xiixaa xiixaa

Fakkeenya firoommii guutuu kana keessatti hundeen jechaa haad- jedhuu fi dhamjechi ramaddii lammaffaa keessatti
danooma mul’isu -n-n dhimma dhamjechaa hormaataaf jecha waliin hiriiranii jiru. Kanarraa kan ka’e, dhamsagoonni /d/
fi /n/n walcinaa dhufani. Sagaleeleen lamaan kun haala uumamaa isaan qaban irraa kan ka’e waliin deemuu hin
danddenye. Kana sirreessuudhaf jecha adeemsa dhamsagaa firoominaatti dhimma bahuun kan barbaachiseef. Kanarraa
kana ka’e sagaleen jalqaba ture /d/n sababa firoominaatiin gara /n/tti akka jijjiiramu ta’eera.

Firoomni sagaleelee jalqabaa /d/ fi /n/ gidduu ture firooma lama (bakka uumamaa irgee fi haala dibbee sagalee xiixaa)
ta’uun ni mul’ata. Erga /d/n gara /n/tti jijjiirameen booda garuu firoominni jiru firoomina lamarraa gara firoomina
sadi’iitti (gara firoomina guututti) ol guddateera. Firoominni akkanaa kun Afaan Oromoo keessatti firoommii guutuu
jedhamuun beekama.
2.3.3. Akaakuwwan Firoommii
Akaakuwwan firoominaa jechuun yaadrimee sagaleeleen yommuu walitti firooman amala sagaleelee kam gallakkisu kam
dabalatu jedhu ilaallata. Kara biraatiin akaakuwwan firoommii jechuun dhiibbaa sagaleeleen wal irraan gahan jechuudha.
Akka (Dejene, 2013) ibsetti akaakuwwan firoommii heddutu jiru.

2.3.3.1. Miti-xiixessuu
Miti-xiixessuun sagalee xiixaa ta’e tokko sababa sagalee ollaa isaa jirurraa kan ka’e adeemsa gara sagalee miti-xiixaatti
geeddaruuti.
Fakkeenya,
/jig- + -se/→ [jikse]
/cab- + -se/ → [capse]

g k s

b p s

Fakkeenya lamaan armaan olii keessattii sagaleeleen jalqaba turan /g/ fi /b/n sagalee xiixaadha. Lamaan isaanituu sagalee
/s/ dura waan dhufaniif sababa firoomaatiin akkuma duraaf duuba isaanitiin gara /k/ fi /p/ttii jijjiiramaniiru. Sagaleeleen
lamaan kun immoo miti- xiixaa waan ta’aniif adeemsa dhamsagaa kanaan miti-xiixessuu ittiin jenna.

18
2.3.3.2. Xiixessuu
Xiixessuun sagalee miti-xiixaa ta’e tokko sababa sagalee ollaa xiixaa ta’erraa kan ka’e adeemsa dhamsagaa firoominatiin
xiixaatti jijjiiramuudha.
Fakkeenya,
/fiig- + -tan/→ [fiigdan]
/cab- + -te/→ [c’abde]

t d g
b

Fakkeenya jalqabaa yoo laalle, hundeen jechaa fiig- jedhu horuudhaaf ramaddii lammaffaa danuu keessatti ramaddii
mul’isuudhaaf dhamjecha -t- fufateera. Sababa kanarraa kana ka’e sagaleen xiixaa ta’e /g/n sagalee miti-xiixaa ta’e /t/n
wal bira hiriiraniiru. Sagaleen miti-xiixaa ta’e /t/n sababa sagalee ollaa /g/ xiixaarraa kan ka’e adeemsa dhamsagaa
firoomaatiin gara sagalee xiixaatti /d/ttii jijjiirameera.

2.3.3.3. Firooma Irgee


Firooma irgee jechuun sagaleen irgee ta’e tokko sababa firoomaatiin gara irgee birootti yommuu jijjiiramuu jechuudha.
Kana jechuun sagaleen jalqaba tures sagaleen booda sababa firoomaatiin argames irguma jechuudha.
Fakkenya, 1

/coph- + -te/→[c’op’t’e]
/fix- + -tan/→[fit’t’an]
/dhaq- + -te/→[dhak’t’e]

t t’ p’
t’
k’

Guca armaan olii kanarraa akka hubanutti /t/n yommuu /p’/, /t’/ fi /k’/ booda dhufe /t’/tti jijjiirama jechuudha. Kan guca
kanarraa hubatamu sagaleen jalqaba irgee ture /t/n sababa firoomaatiin yommuu gara sagalee irgee biroo /t’/tti
jijjiiramuudha.

 /gadi lakkisi /→/gadlakkisi/→ [gallakkisi]


Firoomni kun gucaan yommuu agarsiifamu
/d/ → [l] ___ [l]
[d]n [l] dura yoo dhufe gara [l]tti geeddarama.

Fakkeenya kana keessatti dhamsagoonni lamaan adeemsa dhamsagaa firoomaa raaw’atan /d/ fi /l/n kan wal cinaa
hiriiruuf carraa argatan dubbachiisaan dhuma jecha jalqabaa jiru /i/n sababa haquutiin erga dhabamee booda.
2.3.3.4. Firooma Funyee
Firooma funyee jechuun sagaleen haala uumamaa funyee qabu sababa firoomaatiin gara sagalee haala uumamaa funyee
qabu birootti yommuu jijjiiramu jechuudha.
Fakkeenya,

19
/danfa/→ [daɱfa]
/leenca/→ [leeɲc’a]
/waan jabaa/ → [waaɲɈabaa]
/hin qabu/→[hiɳk’abu]
/bishaan garbuu/→[biʃaaŋgarbuu]
/isaan beeki/ → [isaambeeki]

Fakkeenya isa dhumaatiin ala sagaleeleen sababa firoomaatiin uumaman kuneen dhamsaga Afaan Oromootii miti.
Dhamsaga Afaan Oromoo miti jechuun akkuma boqonnaa lammataa keessatti kaasuuf yaalame, sagalee jecha keessatti
bakka wal bu’uudhaan jijjiirraa hiikaa fiduu hin dandeenye akkasumas uumama jechootaatiif gahee homaa hin baane
jechuudha.
Firoomni armaan olii kun gucaan akka itti aanu kana fakkaata.

ɱ
ɲ f
ɳ c’
n ŋ Ɉ
m k’

2.3.3.5. Firooma /n/ gara baatee fi maddee


/gargaar- + -ne/→ [gargaarre]
/gal- + -ne/→ [galle]
/waan laafaa/→ [waallaafaa]
/aannan raasi/→ [aannarraasi]
Firoommiin kun yommuu gucaan ibsamu:

n l l l
r r YKN r

 /n/n yommuu /l/ fi /r/ dura yookaan booda dhufe akkuma duraaf duuba isaanitti gara /l/ fi /r/tti jijjiirama.

2.3.3.6. Dubbifamaa Funyeessuu


Afaan Oromoo keessatti sagaleeleen dubbifamtootaa haalli uumama isaanii funyee hin taane sagaleelee dubbifamtootaa
haalli uumama isaanii funyee ta’an cinaa hiriiruudhaan amala funyeessuu yoo goonfatan akaakuu firoommii kanaan
dubbifamaa funyeessuu ittiin jenna.
/fid- + -ne/→[finne]
/kaat- + -ne/→[kaanne]
Firoominni kun yoo gucaan ibsamu akka armaan gadii kana ta’a.

t n n
d

 /t/ fi /d/n yoo /n/ dura dhufan gara /n/tti jijjiiramu.

20
2.3.3.7. Dubbaachiiftota Funyeessuu
Afaan Oromoo keessatti sagaleeleen amala funyee qaban dubbiifatoota qofa; isaan keessaayyuu dubbifamtoota /m. n, ɲ/
qofa akka ta’an xiinsaga keessatti ka’eera. Akaakuu firoominaa dubbachiiftota funyeessuu jedhu keessatti, sagaleeleen
dubbachiiftotaa dubbifamtoota amala funyee qaban booda dhufuudhaan amala funyee adeemsa itti goonfataniidha.
Sagaleeleen dubbachiiftotaa, sagaleelee dubbifamtoota amala funyee qaban dura dhufan amala funyee kana argachuu hin
danda’an.
Fakkeenya,
/funyaan/ → [fuɲɲããn]
/nyaanne/ → [ɲããnnẽ]
/samii/ → [samĩĩ]
/moonaa/ → [mõõnãã]
/nu/ → [nũ]
Sararri jajal’aan ( ˜ ) dubbachiiftotarra jiru QXA keessatti funyeessuu agarsiisuuf mallattoo tajaajiluudha.

Akaakuu firoominaa dubbachiiftota funyeessuu armaan olii kana gucaan yommuu agarsiisnu akka itti aanu kana
fakkaata.

m
A Ã n
ɲ

 Sagaleeleen dubbachiiftotaa yommuu dubbifamtoota funyee /m. n, ɲ/ booda dhufan amala funyeessuut horatu.

2.3.3.8. Amarteessuu
Xiinsaga Afaan Oromoo keessatti akkuma eerame sagaleeleen amala amartee qaban dubbachiiftota qofa dha. Sagaleeleen
dubbifamtootaa dubbachiiftota amartee booda dhufuudhaan amala amartee kan horatan yoo ta’u, akaakuu firoommii
kanaan amarteessuu ittiin jenna. Sagaleen amala amartee hin qabne tokko amala amartee yommuu horatu qubee ‘w’
mataa kara mirgaa sagalee amala amartee argateerra kaa’uudhaan sagaleen sun amala amartee horachuusaa agarsiisna.
Fakkeenya,
/fuula/→[fwuula]
/foon/→[fwoon]
/lukkuu/→[lwukkwuu]
/eboo/→[ebwoo]

Fakkeenyota armaan olii kanneen keessaa fakkeenya jalqabaa osoo ilaallee, sagalee dubbifamaa /f/n uumamasaatiin
amala amartee akka hin qabne beekamaadha. Sagaleen dubbifamaa kun sagalee dubbachiisaa amala amartee qabu /u/
dura dhuufuudhaan amala amartee horateera. Sagalee dubbifamaa /f/n amala amartee kan horate waan sagalee
dubbaachiisaa amala amartee qabu dura dhufeef malee osoo sagalee dubbachiisaa amala amartee qabu booda dhufee
amala amartee kana horachuu hin danda’u. Inni kun gucaan yoo ibsamu akka armaan gadii kana fakkaata.

I Iw o
u

21
 Dubbifamtoonni dubbachiiftota amala amartee qaban dura dhufan amala amartee horatu.

2.3.3.9. Laagessuu
Inni kun adeemsa dhamsagaa sagalee bakki uumamasaa laagaa hin taane tokko firoomaaf jecha adeemsa bakka uumamaa
laagaa itti argatudha. Sagaleen amala laagaa hin qabne tokko adeemsa dhamsagaa firoomaatiin amala laagaa yoo argate
akaakuu firoomaa kanaan laagessuu ittiin jenna.
Fakkeenya,
/kut-+-siis-+-e/ → [kuccisiise]
/fid-+-siis-+-e/ → [ficcisiise]
/fix-+-siis-+-e/ → [fic’c’isiises]

Firoommiin kun yommuu gucaan ibsamu,

t
d c i
t’ c’

 /t/, /d/ fi /t’/n yoo /i/ dura dhufan /c/ fi /c’/tti jijjiiramu.
Fakkeenya laagesuurratti kenname kessaa fakkeenya jalqabaa osoo fudhannee laallee, hundeen jechaa kut- jedhu
qabatima mul’isuudhaaf yommuu latii raaw’achiisaa -siis- fufatu argina. Guca keenya keessatti dubbifamaa /t/n waan
dubbachiisaa /i/dura dhufeef gara /c/tti geeddarame jenneerra. Dubbachiiftonni bakka uumaamaa qabaachuu dhabuurraa
kan ka’e dubbachiiftonni bakka uumamaatiin akka hin ibsamne xiinsaga keessatti ibsameera. Erga kana ta’ee dubbifamaa
/t/n akkamitti dubbachiisaa /i/ kan bakka uumamaa hin qanbee fi bakki uumammaasaa laagaa ta’uu hin dandeenye dura
dhufuudhaan sababa firoomaatiin amala laagaa horachuu danda’e kan jedhuudha.

Dubbachiiftonni bakka uumamaa qabaachuu baatanillee qaamni arraba irraan gadee fi dagalee socho’uudhaan umama
dubbachiiftotaatiif gahee akka taphatu xiinsaga keessatti kaafneerra. Sagaleen dubbachiisaa /i/n kan uumamu qaamni
arraba keenyaa gara fuulduraa yommuu ol-ka’uudhaan qaama keessa afaanii gama ol’aanu tuqu yookaan qaama keessa
afaanii gama ol’aanu jirutti siquudha. Qaamni keessaa afaanii kara olaanuu yommuu dubbachiisaan /i/n uumamu
fuuldurri arraba ol ka’e tuqu kun laagaa ta’uusaa hubachuun ni danda’ama. Kanarraa kan ka’e dubbifamtoonni /t, d, t’/n,
sababa firoomaatiin amala laagaa horataniiru.

Gaaffiin inni biraa battala walii jiraachuu dhabuu sagaleelee dhiibbaa walirraan gahuudhaan wal firoomfatan sanaa yoo
ta’u, firoommi akkanaatiin firooma fagoo ittiin jenna.

2.3.4. Wal-baqa
Sagaleeleen dhimma dhamjechaaf wal bira hiriiran lama, lamaanuu yookaan lamaan keessaa tokko ta’uu danda’a, amala
isaa/isaanii dhiisee/dhiisanii amala haaraa horachuudhaan yoo amalaan addaan siqan adeemsa dhamsagaa keessatti
walbaqa ittiin jenna. Walbaqni sagaleelee gidduuti mul’atu kun walbaqa amala xiinsaga (bakka uumamaa, haala
uumamaa fi haala dibbee sagalee) qofarratti kan xiyyeeffate ta’uu dhiisuu mala.
Fakkeenya 1ffaa
/nama +-oota/ → [namoota]

22
/diina+ -ota/ → [diinota]
/saree + -oota/ → [saroota]
/kitaaba + -ota/→ [kitaabota]
Dhamjechoonni -oota yookaan -ota jedhaman Afaan Oromoo keessatti dhamjechoota danooma mul’isaniidha. Jechoonni
dhamjechoota lamaan kana keessa tokko kan filatan yookaan dhamjechoonni kun kan jechooarratti fufamuun danooma
mul’isan birsga birsaga dhumaa dura jirurratti hundaa’aniiti. Birsagani birsaga dhuma jecha dhamjechoonni donoomaa
mul’isan kunneen itti maxxanan dura jiru yoo dheeraa ta’e dhamjecha sagalee gabaabaa qabu -ota tu jechicharratti
fufama. Birsagni birsaga dhuma jecha dhamjechoonni donoomaa mul’isan kunneen itti maxxanan dura jiru gabaabaa yoo
ta’e dhamjecha sagalee dheeraa qabu -oota tu jechicharratti fufama. Fakkeenya jalqabaa keessatti jechi dhamjechi
danooma muli’isu itti maxxane jecha nama jedhuudha. Jecha kana keessatti birsagni birsaga dhumaa -ma dura jiru na-n
birsaga gabaabaa waan ta’eef jechi nama jedhu dhamjecha -oota fufachuun danoomeera. Fakkeenya lammataa keessatti
jechi dhamjechi danoomaa itti maxxane jecha diina jedhu. Jecha kana keessatti birsagni birsaga dhumaa -na dura jiru dii-
n birsaga dheeraa waan ta’eef jechi diina jedhu dhamjecha -ota fufachuun danoomeera.

Adeemsa dhamsagaa kana keessatti wanti hubatamu sagalee gabaabaan sagalee dheeraa akkasumas sagalee dheeraan
sagalee gabaabaa filachuudha. Kana jechuun sagalee gabaabaan sagalee gabaabaa baqata akkasumasa sagalee dheeraan
sagalee dheeraa baqata. Walumaagalatti adeemsi kun walbaqa yoo ta’u; walbaqa dheerinaafi gabaabinaa jedhama.

Fakkeenya 2ffaa,
Dhamjechi raaw’achiisaan yommuu hundee jechaarratti fufamu akkasuma walbaqani dheerinaa fi gabaabbinaa ni
mul’ata.
/deem- + -sis- + -e/ → [deemsise]
/reeb- + -sis- + -e/ → [reebsise]
/qab- + -siis- + -e/ → [qabsiise]
/gam- + -siis- + -e/→ [gamsiise]
Fakkeenyota armaan olii kanneen keessatti dhamjechi hundee jechaarratti fufamuun raaw’atiinsa agarsiisu dhamjecha -
siis-/-sis- jedhu yoo ta’u, dhamjechi -e n ennaa muli’isa. Akkuma fakkeenya kanarraa ilaallu birsagni dhuma hundee
jechaa dhamjechi raaw’achiisaa kun itti fufamu gabaabaa yoo ta’e dhamjecha raaw’achiisaa dubbachiisaa dheeraa of
keessaa qabutu itti fufama. Akkasuma birsagni dhuma hundee jechaa dhamjechi raaw’achiisaa kun itti fufamuu dheeraa
yoo ta’e dhamjecha raaw’achiisaa dubbachiisaa gabaabaa of keessaa qabutu itti fufama.

2.3.5. Waljafuu
Waljafuun gosa adeemsota dhamsagaa sagaleeleen jecha keessatti bakka wal jijjiiruudhaan mul’isani. Wal jijjiirraan
bakkaa kun garaagarummaa hiikaa hin fidu.
Fakkeenyaa,
kolfe↔kofle
qamalee↔qalamee
albee↔ablee
marga↔magra

2.3.6. Garaagarummaa walabaa


Kun adeemsa dhamsagaa sagaleeleen adda addaa lama jecha tokko keessatti bakka tokkotti galuudhaan yookaan bakka
wal bu’uun tajaajilani. Sagaleeleen haala kanaan jecha keessatti bakka wal bu’an jijjiirraa hiikaa hin fidan.
Fakkeenya,
loowe↔looye
dhawe↔dhaye

23
nyaadhe↔nyaa’e
booye↔boohe

24

You might also like