Professional Documents
Culture Documents
Seera Ittiin Bulmaataa
Seera Ittiin Bulmaataa
Seera Ittiin Bulmaataa
Bulchiinsin godina oromoo bulchiinsa naannoo amaaraa keessatti godinoota argaman keessaa isa
tokko yommuu ta’u olaanttammaa dhaan ummata oromoo jiddu galeessa godhatee kan
hundeeffameedha. Godinichi qabeenya uumamaa misoomaaf hin oolin , hambaalee uumamaa fi
namtolchee qabeenya turizimiitiin tajaajiluu dandahan, ummata qooqa, seenaa fi addaa mataa
isaa qabuu ta’ullee jaarrawwan hedduuf naannoon kun misoomuuf carraa argachuun hafee
eenyummaan isaa akka jijjiiramu itti yaaddamee kan irratti hojjatamaa ture tahu fi naannoon itti
jiraatu haala taa’umsaa bu’aa bahii fi gaara ta’uu isaatiin , dhumaatii bosonaa fi dhiqama
biyyeetiin , rooba xinnaa fi wal hin fakkaannen , haala qotinsaa barmaatilee boodatti hafaa
qotebulaan keenya fayyadamaa turee fi rakkoolee walfakkaatoo biro waliin walitti ida’amaa
hanga yeroo dhihootti irra daddeebiin hongeen saacilamuun beekkama.
Godinichi sirnoottan darban keessatti sababoota adda addaatiin toora misoomaatiin ala
godhamuun fi eenyummaa isaatiin qofaa dhiibbaan addaa irratti godhamaa turuu isaatiin
hawaasnin godinichaa hiyyummaa addattiif saaxilamuu dendaheera. Sababa kanaan rakkoo
bu’uuraa wabii nyaataa hawaasa godinichaa , fedhii dhaabbilee dingagdee fi hawaasummaa
guutuun gara jiruu fooyawaatti ceesisuuf hawaasnin naannichaa, mootummaan dhaabileen tola
ooltoota biyyaa kessaa fi addunyaa tarkaanfilee furmaataa adda addaa fudhataatii jiru.
Dhimma ummata godinichaa gara jiruu fooyya’aatti ceesisuu irratti hawaasa naannichaa irratti
kaka’umsa olaanaa uumuun baay’ee murtteessaa fi yeroon kan itti hin laatamne waantaheef
dhugaa kana milkeessuuf godinichaan alatti keessumattuu naannoo bulchiinsa oromiyaattii fi
dhaloottota ykn hajoollee hawaasa kanaa biyyaan ala jiraatan , ummata guutuu godina keenyaa fi
misooma godina keenyaa deeggaran beekumsa , muuxannoo , mallaqaa fi meeshaalee deegarsaa
qindaahe gahee olaanaa akka qabaatu hubachuun , qaamoota olitti tarreeffamaan irraa bifaa olitti
caqafemeen qabeenya sassaabuun dhaabbileen mootummaa fi mitimootummaa yaalii misoomaa
godinicha keessatti adeemsisaa jiran deeggaruun , guddinaa fi badhaadhina hawaasa godinichaa
ariitiin dhugoomsuuf hawaasichin waaldaa misoomaa tokko (1) jalatti of gurmmeessuun
godinicha misoomsuu fi eenyummaa isaanii dhalootaaf dabarsuuf kaka’umsa olaanaa
agarsiisaniin kaayyoo eebbifamaa kana galmaan gahuuf waalda misooma oromoo walloo
dhaabuun barbaachisaa tahee argameera.
Waaldaan kun godina bulchiinsa oromoo jiddugaleessa godhachuun (Naannoowwan ,
biyyoolessaa fi ardiilee adda addaa keessa ummattoota jiraatan) beekkumsa, danddeettii,
muuxannoo , maallaqa , meeshaalee fi human ummattoota naannoo fi ardiilee adda addaa keessa
jiraatan irraa deeggarssaan qinddeessuun misooma dodinichaa keessaatti hirmmaannaa cimaa
gochuun eenyummaa , aadaa , seenaa fi sunawwan ummatichaa eeguun dhalootaaf dabarsuu fi
hiyyummaa fi boodatti hafummaa maqsuuf tattaaffii biyyaalessaa godhamaa jiru deeggaruuf nuti
maqaan keenyaa fi mallattoon keenya fuula dhumaa sanada kanaa irratti argamnu waaldaa
keewwata 2 irratti ibsame dhaabneerra.
Keewwata tokko (1)
Seerrin bulmaataa kun seera bulmaataa waldaa misooma oromoo walloo (WMOW) jedhamuu ni
dandaha.
Keewwata lama (2)
Hunddeeffamuu
Waaldaan misooma oromoo walloo (WMOW) haala seera hariiroo hawaasummaa itoophiyaa
bara 1952 tti bahe lakkoofsa 404n fi labsi lakkoofsa 621/2001 tti dhaabilee fi waaldalee tola
ooltoota gurmmeessuu fi bulchuuf baheen hundaaheera. Waaldichin loogii fi chaappaa mata isaa
ni qabata.
Keewwata sadi (3)
Moggaasa
Waaldaan seera bulmaataa kanaan hundaahe waaldaa misooma oromoo walloo (WMOW) ኦሮሞ
ወሎ ልማት ማህበር /ኦወልማ/ wallo oromoo development association jedhameet waammama.
1. Hirmmaachisuu (participation)
2. Sirna-saalaa kabajuu (gender sensitivity)
3. Ilaalcha amantaa fi siyaasaa irraa bilisa ta’uu (fairness or equitable and inoctneiviness .)
4. Iftoomina (transparency)
5. Itti gaafatamummaa (Accountability)
6. Aantummaa ummataa
7. Arifennaa fi ba’aa qabeessummaa (efficiency and effectiveness)
8. Walii galtummaa (consensus)
9. Olanttummaa seeraa kabajuu (rule of law)
10. Deebii halettamaa kenun (responsibireas)
1. Miseensa idilee
Kaayyoo waaldichaa kan deeggaruu fi ulaagaalee seera itti bulmaatiin kaawaman kan guutuu
namnin ykn dhaabileen seera namummaa qaban kamiiyyuu miseensa idilee waaldichaa tahuun ni
dandahu.
2. Miseensa kabajaa
1. Eegduu oliinii
2. Yaa’ii walii gala
3. Boordii hojii gaggeessaa waaldichaa
4. Koree hojii raawwachiiftuu
5. Daayrektara olanaa
6. I/A/daayrektaraa
7. Koree ooditarota fi too’annaa
8. Dame waaldaalee
9. Bu’uura waaldaa
10. Akka barbaachisummaa isaatti caasaalee biro niqabaata
Eegduu oliinii
Yaa’ii waliigalaa
Hojii raawwachiiftuu
2.5 Itti gaafatamummaa fi taaytaa koree oditaa fi seera kabajchiisuu nimurtteessa. Muudama
nikennaa. Nikaasa.
2.6 Gabaasa boordii hojii gaggeessituu fi koree ooditaa fi seera kabajchiistuun dhihaate irraa
ka’uun sochii walii gala waaldichaa niqoorata.
2.7 Yeroo barbaachisaa ta’ee argametti adeemsa hojii walii gala waaldichaa oditaroota
alaatiin akka qoorqtqmu ni ajaja. Gabaasa ooditii erga dhagahen booda murttee nikenna.
2.8 Miseensoota pirisdiyemi afayaa’ii fi I/A/Afayaa’ii yaa’ii wali gala filsiisan nimuuda.
Nikaasa.
2.9 Diigama waaldichaatii fi qabeenya isaa dabarsuu irratti murttoo nikenna.
2.10 Akka seera ittiin bulmaata kanaatti wantoota gola /kutaa/ taaytaa hojii waaldichaa
jalatti hin eaqasamin irratti nimurtteesa.
3. Walgahii yaa’ii walii gala adeemsa hojimaatama filannoo fi murttee kennuu
3.1 walgahiin idilee yaa’ii walii gala waggaatti altokko (1) barrin bajataa xumuramee kan itti
Aanu akka jalqabeen kurmaana jalqabaa irratti kan adeemsifamu tahee dhimmoonnin
arifachiisoon yeroo mudatan walgahii haarawa waamuu nidhandaha.
3.2 Walgahiin ariifachiisaan waaldichaa kan adeemsifamu miseensoota M/mare irraa
1/3ffaan koreen hojii raawwachiftuu ykn oditii fi seera kabajchiistuu boordiif walgahiin
ariifachiisaan akka adeemsifamu yeroo gaafii dhiheessan waammamuu nidandaha.
3.3 Waamichin walgahii yaa’ii waliigalaa xalayaa, gazeexaan, raadiyoon ykn televizyiniin
akka barbaachisummaa isaatti kan waammamu ta’a.
3.4 Miseensin ya’ichaa %50+1 yootii argaman yaa’ii guuruu nita’a kuni osoo hin guutin hale
waamichin lammaffaa (2ffaa) barbaachisaa tahee
1) Hunddeeffama
1.1 Yaa’iin walii gala waaldichaa dameewwan waaldichaarraa fi dhaabbattoota adda addaa
irraa miseensoota bakka buufamaniin namoota 75-100 tahaniin hunddeeffama.
1.2 Yaa’iin walii gala waaldichaa misensoota yaa’ichaa keessaa prisdiyemii miseensa sadi
(3) qabu filuun afayaa’ii fi I/A/Afayaa’ii ni filsiisa.
1.3 Yaa’iin wa’ii gala waaldichaa qaama taaytaa olaanaa waaldichaati.
1.4 Yeroon turtii yaa’iichaa waggoota shan (5) tahee miseensootnin yoo itti amanan yeroo
lamaaf (2) bakka bu’insin kennamuu fi nidandaha.
1.5 Bakka bu’iinsa miseensa ya’ii waamicha hirmmaattoota biro fi dhimmoota biro
qajeelfama hojii raawwachiiftuu waaldichaa baasaniin ni raawwatama.
2) Taaytaa fi gocha yaa’ii wali gala
2.1 Seera ittin bulmaata waaldichaa nibaasa. Nifooyyessa akkasumas niraggaasisa.
2.2 Polisii fi tarsiimoo (istiraateejii) walii gala waaldichaa nimurtteessa.
2.3 Itti gaafatamummaa boordii hojii gaggeessituu waaldichaa fi taaytaa nimurtteessa.
Akkasumas miseensoota bordii nimuuda akkasumas muudama nikaasa.
2.4 Karoora hojii boordii hojii gaggeessituu dhihaatu ni qoorata nimirkaneessa.
3) Tayyta fi gocha boordii hojii gaggeessituu
3.1 Kaayyoo waaldicha galmaan gahuuf caasaalee fi gurmiilee adda addaa tumuun seeraa fi
qajeelchoota adda addaa baasuun yaa’ii walii galaatiif dhiheessuun nimirkaneessisa.
Eegduu oliiniiitiif nibeksisa. Hajiirra nioolcha.
3.2 Karoora misoomaa fi bajata waaldichaa kan yeroo gabaabaa , giddu galeessaa fi kan
yeroo dheeraa qo’achuun yaa’ii walii galaatiif dhiheessee nimirkaneessisa. Eegduu
oliitiif nibeeksisa. Hojiirra akka oolan nitaasisa.
3.3 Kaffaltii galmmee miseensootaa fi ji’aa koree hojii raawwachiiftuun dhihaatu yeroo
yeroon yaa’ii walii galaatiif dhiheessuun nimirkaneessisa. Raawwii isaas nihordofa.
3.4 Dayyrekrara olanaa fi I/A/dayrektara ni qacara I/G/Dameelee fi qinddeessitoota kutaalee
biro daayrektaraan dhihaatan qoorachuun nimirkaneessa.
3.5 Karoora hojiilee kurmanaa fi waggaa bajataa fi tarree raawwii hojii akkasumas gabaasa
raawwii qoorqohuun nimirkaneessa.
3.6 Fedhii human namaa, qarshii fi meeshaalee waaldichaa guutuuf gochota gargaaraa tumuu
niraawwata. Raawwii isaas nihordofa.
3.7 Murtteewwan yaa’ii wa’ii galaatiin dabarsaman niraawwachiisa. Raawwii isaanii
nihordofa. Yeroo argamee fi waamichin miseensotaaf sirriitti qaqqabuun yeroo
mirkaneeffame waamichaa walgahii 2ffaa iirratti miseensoota argamaniin walgahichin
gaggeeffamee dhimmoota dhihaatan irratti sagalee caalmaadhaan murteen kennamuu
nidandaha.
3.8 Mutteen yaa’ichaa kan dabarfamu sagalee caalmaa miseensota walgahii irratti argamaniin
tahee sagaleen walqixaa yeroo jiraatu yaadnin afaya’iin deeggarame hojiira ni oola.
1.1 Boordiin hojii gaggeessituun waaldichaa yaa’ii waliigalaa waaldichaatiin kan filataman fi
tajaajila tola Oolaa miseensoota kennan 9-12 tiin kan hunddeeffama.
1.2 Miseensin boordii hojii gaggeessituu miseensoota yaa’iin filaman jidduu dura taa’aa fi
I/A/dura taa’aa boordichaa niifilatu.
1.3 Itti gaafatamummaan boordii hojii gaggeessituu yaa’ii walii Galati fi eegduu olii
waaldichaatiif ta’a.
1.4 Turtiin Bara hojii miseensa boordichaa bara sadi (3) taha hatahuu malee miseensoonnin yero
takkoof irra deebiin filatamuu nidandahu.
2.8 Yaa’ii walii galaa waalcichaa niqopheessa. Miseensa yaa’ii waliigalaa niwaama. Haala
waamicha yaa’ii ilaalchisee qajeelfama nibaasa. Yaa’ii.
2.9 Hatattamaan yaa’ii walii galaa waamuun barbaachisaa tahee yeroo argame waamicha
nidabarsa.
2.10 Walgahi idilee fi hatattamaa yaa’iin walii galaaf gabaasa raawwii karooraa nidhiheessa.
2.11 Dame Waldaalee waaldicha nicaasessa. Akkasumas nigurmmeessa.
2.12 Kanaan osoo hin daangeffamin raawwii kaayyoo waaldichaatiif kanneen deeggaranii fi
hojiilee biro yaa’ii walii galaatiin kennamuuf niraawwata.
3. Walgahii fi haala hojimaata kenniinsa sagalee bordii hojii gaggeesituu
3.1 boordichin kurmaanaan altokko walgahii idilee niadeemsisa hata’uu malee miseensoonnin
bordii walakkaa (1/2) oli yeroo gaagatan ykn qinddeessaan boordichaa yeroo waame
adeemsifamuu nidandaha.
3.2 Miseensin boordii hojiin gaggeessaa walakkaa ol yoo argaman yaa’ichi guutuu nita’a.
Murtteen dabarfamus hojiirra nioola.
3.3 Murtteen boordii sagalee caalmaan kan darbu yoota’u sagaleen walqixaa yommuu argame
yaadnin dura taa’aan deeggarame hojiirra nioola.
3.4 Daayrekterri olaanaan. Boordichaa mirga sagalee kennuu osoo hin qabaatin walgahii
bordichaa irratti nihirmaata. Akkasumas hubachiisaa nitaha.
3.5 Boordichi seera danbii keessa walgahii ofiisaa qopheessuu nidandaha.
Ya’ii walii galaa waaldichaa niqopheessa. Miseensa yaa’ii waliigalaa niwaama. Haala
waamicha yaa’ii ilaalchisee qajeelfama nibaasa. Yaa’ii qaboo niqaba.
Hatattamaan yaa’ii walii galaa waamuun barbaachisaa tahee yeroo argame waamicha nidabarsa.
Walgahi idilee fi hatattamaa yaa’iin walii galaaf gabaasa raawwii karooraa nidhiheessa.
Dame waldaamee waaldichaa nicaasessa. Akkasumas nigurmmeessa.
Kanaan osoo hin daangeffamin raawwii kaayyoo waaldichaatiif kanneen deeggaranii fi hojiilee
biro yaa’ii walii galaatiin kennamuuf niraawwata.