Qajeelfama Dura Bu'oota Haaraa Bara2014

You might also like

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 35

Qajeelfama Filannoofi Ramaddii Hoggantoota Manneen

Barnootaa Foyyaa’ee

Biiroo Barnoota Oromiyaa

Ebla, 2014
Finfinnee
1
Table of Contents
Barbaachisummaa ............................................................................................................................................... 4
Kaayyoo .............................................................................................................................................................. 4
Kutaa Tokko:....................................................................................................................................................... 5
1. Haala Waliigalaa ......................................................................................................................................... 5
1.1. Mata Duree Gabaabaa ................................................................................................................... 5
1.2. Hiika ............................................................................................................................................................ 5
1.3. Daangaa Raawwatiinsaa ................................................................................................................ 7
Kutaa Lama: ........................................................................................................................................................ 7
2. Proofaayila Hoggantoota Manneen Barnootaa .......................................................................................... 7
2.1. Piroofaayilii Dura Bu’ootaa Fi Itti Aantoota Manneen Barnoota Sadarkaa 1ffaan Duraa ........... 7
2.2. Piroofaayilii Dura Bu’aa Fi Itti Aanaa Dura Bu’aa Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa /1-8/ .. 8
2.3. Piroofaayilii Dura Bu’aafi Itti Aanaa Dura Bu’aa Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa /9-12/ .. 10
2.4. Pirofaayila Supparvaayizaroota Manneen Barnoota Sadakaa 1ffaan Duraafi Sadarkaa 1ffaa ... 11
2.5. Pirofaayilii Supparvaayizara manneen barnoota sadarkaa 2ffaa ................................................. 12
Kutaa Sadii: ....................................................................................................................................................... 13
3. Ulaagaalee Filannoo Hoggansa Manneen Barnootaa ............................................................................... 13
3.1. Ulaagaalee Filannoo Dura Bu’oota Manneen Barnootaa Barnoota Sadarkaa 1ffaan Duraa ...... 13
3.2. Ulaagaalee Filannoo Dura Bu’aoota Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa /1-8 .......................... 14
3.3. Ulaagaalee Filannoo Dura Bu’oota Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa /9-12/ ........................ 15
3.4. Ulaagaalee Filannoo Itti Aantoota Dura Bu’oota Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaan Duraa . 16
3.5. Ulaagaalee Filannoo Itti Aantoota Dura Bu’aa Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa /1-8 / ....... 17
3.6. Ulaagaalee Filannoo Itti Aantoota Dura Bu’oota Manneen Barumsaa Sadarkaa 2ffaa /9-12/ ... 18
3.7. Ulaagaalee Filannoo Supparvaayizarootaa Manneen Barnootaa Sad.1ffaan Duraafi 1ffaa /1-8 /
19
3.8. Ulaagaalee Filannoo Supparvaayizaroota Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa /9-12/ .............. 20
Kutaa Afuri ....................................................................................................................................................... 21
4. Adeemsa Dorgommii Hoggansa Manneen Barnootaa .............................................................................. 21
4.1. Beeksisa baasuu ........................................................................................................................... 21
4.2. Haala Kenniinsa Qabxii Dorgommii Hoggansa Manneen Barnootaa......................................... 23
4.3. Ulaagaa Ramaddii Hoggantoota Manneen Barnootaa ................................................................ 25
4.4. Yeroo Turtii............................................................................................................................................... 27
4.5. Hojiirraa Kaafamuu Hoggantoota manneen Barnootaa ............................................................................ 27
4.6. Gahee Hojii Biiroo Barnootaafi Koree Filannoo Hoggantoota Manneen Barnootaa ................. 29
4.6.2. Gahee Hojii Biiroo Barnootaa Oromiyaa ................................................................................ 30
4.6.3. Gahee Hojii Waajjira Barnoota Godinaa ................................................................................. 30

2
4.6.4. Gahee hojii Koree filannoo Hoggantoota Manneen Barnootaa Sadarkaa Aanaafi
B/Magaalotaa ......................................................................................................................................... 30
4.7. Haalota Waliigalaa Hoggansa Manneen Barnootaa Ilaallatan .................................................... 31
5. Kutaa Shan : .............................................................................................................................................. 32
5.1. Waa’ee Adabbii Naamusaa Hoggantoota Manneen Barnootaa ................................................................ 32
5.2. Adabbii naamusaa cimaafi salphaa ........................................................................................................... 32
5.3. Adeemsa Fudhannaa Tarkaanffii Naamuusaa Hoggantoota Manneen Barnootaa ...................... 33
Kutaa Ja’aa:. ...................................................................................................................................................... 33
6. Sirna itti gaafatamummaa, Angoo Qajeelfamicha Fooyyessuufi Yeroo Raawwii ................................... 33
6.1. Sirna Itti Gaafatamummaafi Adeemsa Komiin Itti Dhala’u ....................................................... 33
Kutaa Torba....................................................................................................................................................... 34
7. Itti waamamaafi Madaallii Raawwii Hojii Hoggantoota manneen Barnootaa ......................................... 34
7.2. Angoo Qajeelfama Fooyyeessuu .............................................................................................................. 34
7.3. Dirqama Deeggarsa Kennuu ..................................................................................................................... 34
7.4. Yeroo Raawwii Qajeelfamichaa ............................................................................................................... 34

3
Barbaachisummaa
Biiroon Barnootaa Oromiyaa akka hojii ijootti qabatee hojjechaa jiru keessaa tokko hoggantoota
manneen barnootaa beekumsaogummaa, gahumsaafi ilaalcha qajeelaa akkasumas, naamusa gaarii
ogummichi barbaadu gonfataniifi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf kutannoon hojjetan horachuudha.
Milkaa’ina hojii kanaafis qajeelfama filannoofi ramaddii hoggantoota manneen barnootaa karaa
qulqullina qabuun qopheessuu hojiitti galchuun barbaachisaadha.
Haata’u malee qajeelfamni filannoofi ramaddii hoggantoota manneen barnootaa kanaan dura hojii
keessa ture qaawwa bal’aa kan qabuufi hawataa kan hintaane akkasumas karaa madaalawaa ta’een
filannoofi ramaddii hoggantoota menneen barnootaa gaggeffamaa ture rakkoo hiikuu kan hindandeenye
ta’uun hubatamee jira.
Kannaf, qajeelfamni filannoofi ramaddii hoggantoota mennaan barnootaaimaammata barnootaa haaraa
qophaa’ee hojii keessa jiruu, GEJ Biiroo paabilik Sarviisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaatin
qoratamee mirkanaa’ee, waliin akka walsiimu taasiisuufi haala qabatamaa Naannoo horsiisee bula yaada
keessa galchuun akkasumas hirmaannaa dubartootaa hoggansa keessatti qaban jajjabeessuun dirqama
ta’ee waan argameefi rakkoolee hoggantoota manneen barnootaa, hojimaataafi gaafatamummaa sadarkaa
Biiroo Barnootaa irraa eegalee hanga mana barumsaatti jiru hiikuuf Biiroon Barnootaa Oromiyaa
haangoo kenname bu’uura godhachuun qajeelfama filannoo fi ramaddii hoggansa manneen

barnootaa’ sakatta’uun haala yeroon gaafatuun foyyeessuun barbaachisaa ta’ee argamee jira.

Kaayyoo
Qajeelfama filannoofi ramaddii hoggantoota manneen barnootaa qulqullina qabu
qopheessuun sirna hoggansaa gahumsi isaa mirkanaa’ee karaa tasgabbii qabuun itt
gaafatamummaa isaanii bahuu danda’an horachuuf

4
Kutaa Tokko:

1. Haala Waliigalaa
1.1. Mata Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun “Qajeelfama Filannoofi Ramaddii Hoggantoota Manneen Barnootaa
NaannooOromiyaa lakkoofsa ____bara 2014” fooyya’ee bahe jedhamee waamamuu
nidanda’a.

1.2. Hiika
Akaataa ittifayyadama jechichaa hiikni biroo kan kennisiisuuf yoo ta’uu baate,
qajeelfama kana keessatti;
1. Fo’annoojechuun dhaabbiilee barnootaaaf dura bu’ummaan, itti aanaa dura
bu’uummaaanifi supparvaayzarummaan gita duwwaa jiru irratti ramadamuuf ulaagaa
taa’eeguutaniiiyyatan adda baasuufadeemsa dorgommiif affeeruu dha.
2. Filannoojechuun gita hojii hoggansa mana barumsaa banaa ta’ee irratti dura
bu’ummaan, itti aanaa dura bu’uummaaanifi supparvaayzarummaan ramadamuuf
kaadhiimamtota iyyatan gahumsa isaaniitiin adda baasuun adeemsa filachuu dha.
3. Ramaddii; jechuun bu’uura ulaagaa filannootiin hoggantoota manneen barnootaa
filataman bakka duwwaa ittiin dorgomanii mo’atan irratti ramadamanii akka hojjatan
taasiiuu dha
4. Dura bu’aa; jechuun manneen barnootaa keessatti hojii baruuf barsiisuu fi dhimmota
bulchiinsa ilaallatan itti gaafatamummaa fudhachuun hojii baruuf barsiisuu
olaantummaankangaggeessu dha.
5. Itti aanaa dura bu’aajechuun manneen barnootaa keessatti hojii baruuf barsiisuu fi
dhimmota bulchiinsaa isaan ilaallatan irratti ittigaafatamummaa fudhachuun hojii
baruuf barsiisuu itti aanuummaankangaggeessu dha.

5
6. Supparvaayzara jechuun wiirtuu gurmuu manneen barnootaasadarkaa 1ffaafi
lammaffaa manneen barnootaa jiran keessattii hojii baruuf barsiisuu fi bulchiinsa
irratti hojii ijaarsa dandeettifi hojii hordoffii fi deggarsaa kantaasiisuu dha.
7. Piroofaayilii jechuun beekumsaan, dandeettii fi hubannookaroora qopheessuufi
hojiirra olmaa, hordoffii fi deggarsa,hoggansa daree keessaa,garaagarummaa
waldandeesisuu, ogummaafi naamusa ogummaa irratti kan xiyyeefatee dha.
8. Karoora tarsimaa’aa jechuun karoora foyyaa’insa manneen barnootaa kan waggaa
sadii sadarkaa mana barumsaattii qophaa’uu dha.
9. Madaallii Gahumsa Ogumaa Hoggantoota Manneen Barnootaa jechuun:- Beekumsa,
gahumsaafi dandeettii ogummaa hoggantoota manneen barnootaa mirkaneessuf
qorumsa qophaa’ee kennamudha;
10. Mana barumsa Mootummaa jechuun:- mana barumsaa sadarkaa 1ffaan duraa kaasee
hanga sadarkaa 2ffaatti baajeta mootummaan deeggeramuun hojii baruu- barsiissu
gaggeessudha;
11.Mana barumsaa miti-mootummaa jechuun:- mana barumsaa sadarkaa tokkoffaan
duraa kaasee hanga sadarkaa lammaffaatti baajeta dhaabbilee miti mootummaatiin
deeggeramuun hojii baruu barsiisuu gaggeessanidha;
12.Mana barumsaa dhuunfaa jechuun:- mana barumsaa sadarkaa tokkoffaan duraa
kaasee hanga sadarkaa lammaffaatti baajeta dhaabbilee dhuunfaatiin deeggeramuun
hojii baruu barsiisuu gaggeessanidha
13.Hoggantoota Manneen Barnootaa: - jechuun dura bu’ootaafi ittiaantoota dura
bu’ootaa mana barumsaa tokko irratti hojii hoggansaa hojjetaniifi suppervaayizaroota
manneen barnootaa wiirtuu gurmuu tokko jalatti gurma’an hogganan jechuudha.
14.Muxxannoo Hoggansaa: -jechuun suupparvaayizaroota, dura bu’ootaa, ittiaantoota
dura bu’ootaa, Ittigaafatamtoota koochoo, dursaa muummee, itti gaafatamtoota
gumiiwwanii, waldaalee barsiisotaa Sadadarkaanjiranfi itti gaafatamtoota handhura
gabbisa barnootaa mana barumsaa tokko irratti hojii barsiisummaa irratti dabalataan
hojii hoggansaa hojjetan jechuudha.
6
15.Wiirtuu Gurmuu Manneen Barnootaa jechuun Buufata Barnootaa Al-iIdilee,
barnootaa sadarkaa tokkoffan duraa, Barnoota Filannoo addaa, manneen barnootaa
sadarkaa tokkoffaafi manneen barnoota sadarkaa lammaffaa walitti dhiyeenya
qabaniisuupparvaayizara tokko jalatti hogganaman mana barumsaa giddu galeessa
ta’eefi manneen barnoota wiirtuu sana jala jiraniif fakkeenyummaa kan qabu bakka
teessoo suupparvaayizaraa ta’ee kan tajaajilu jechuudha.

1.3. Daangaa Raawwatiinsaa


Qajeelfamni kunfilannoofi ramaddii hoggantoota manneen barnootaa Naanno
Oromiyaa (mootummaa, Miti- Mootummaafi dhuunfaa) keessatti argaman irratti kan
raawwatu ta’a.
1.4. Ibsa Koorniyaa
Qajeelfama kana keessatti jechi koorniyaa dhiiraan barreeffame dubaras ni dabalata

Kutaa Lama:

2. Proofaayila Hoggantoota Manneen Barnootaa

Filannoofi ramaddii hoggantoota manneen barnootaa marsaa lamaan kan gaggeeffamu


ta’a. Haaluma kanaan marsaan tokkoffaa pirofaayiliifi ulaagaa dorgommii kan qabatu yoo
ta’u marsaan lammaffaa immoo adeemsa filannoofi ramaddii kan ofkeessatti qabatudha.

2.1. Piroofaayilii Dura Bu’ootaa Fi Itti Aantoota Manneen Barnoota Sadarkaa


1ffaan Duraa

Dura bu’oonniifi itti aantoonni mannen barnootaa sadarkaa tokkooffaan duraa


ogummaa barsiisummaa barnoota sadarkaa tokkooffaa duraan kan tajaajilan ta’ee
piroofaayilii armaan gadii ni qabaatu:

7
2.1.1. Imaammata barnootaafi leenjii, qajeeltoo fi kallattii misooma barnootaa akka
biyyaattiqophaa’e hubatee karoorsuu, hojiirra oolchuu, hordofuu, deeggaruufi
madaaluu kan danda’u;
2.1.2. Naannoo hojii baruuf barsiisuuf mijataa ta’ee fi bu’aa qabeessa ta’e kan uumu;
2.1.3. Hojiirra olmaa yaad-hiddama barnoota hunda hammattoo kan deeggaruufi
leecalloo barbaachisoo ta’an ramaduun haala qajeelfamanaan bulchuu kan
danda’u;
2.1.4. Manneen barnootaa daa’imman itti baratan nageenya isaa kan mirkanaa’eefi
hawwataa taasisuu kan danda’u;
2.1.5. Moraan mana barumsaa, kutaaleen barnootaa fi kutaalee daa’imman boqonnaa
ittii fudhatan mijataa taasisuuf gahumsa kan qabu;
2.1.6. Maatii barattootaa ykn guddistootaafi hawaasa mana barumsichaa qindeessuun
kan hoggan;
2.1.7. Barsiisonni beekumsaafi dandettii isaanii naamusa ogummaa waliin
qindeessuunqabatamaan agarsiisuu akka danda’aniif haala mijaataa kan uumu;
2.1.8. Qo’annoofi qorannoo irratti kan hirmaatu akkasumas barsiisoonniis
akkakeessatti qooda fudhataniif haala kan mijeessu;
2.1.9. Manneen barnootaa keessafi alatti heddumina keessummeessuu kan danda’u;
2.1.10. Ragaalee mana barnootaa seeraan kan qabatu, qaama dhimmiilaaluuf yeroon
kan gabaasu.

2.2. Piroofaayilii Dura Bu’aa Fi Itti Aanaa Dura Bu’aa Manneen Barnootaa
Sadarkaa 1ffaa /1-8/
Dura bu’oonniifi itti aantoonni dura bu’oota mannen barnootasadarkaa 1ffaa ogummaa
barsiisummaatiin kan tajaajilaa jiran ta’eepiroofaayilii armaan gadii ni qabaatu;

2.2.1. Imaammata barnootaaf leenjii,qajeeltoofi kallattii misooma barnootaa akka


biyyaatti qophaa’e jiru hubatee hojiirra kan oolchu, qajeelfamoota haala
qabatamaajiru waliin walsimsiisuu kan danda’u

8
2.2.2. Hojii baruu barsiisuu kan karoorsu,hojiirra olchu,hordofu, madaaluufi
deggaruun kallattii kan agarsiisu;
2.2.3. Naannoo hojii baruuf barsiisuuf mijataa ta’ee fi bu’aa qabeessa ta’e uumuu kan
danda’u;
2.2.4. Hojii baruu barsiisuu keessatti itti fayadama teeknoolojii kan jajjabeessuu;
2.2.5. Sagantaa dagaagiina ogummaa waliitti fufaatiin dandeettii hogganummaa
isaaniicimsuuf kan hojjetu, barsiisoonnis sagantaa kana keessatti akka hirmaatan
cimsee kan hojjetu;
2.2.6. Hojii baruuf barsiisuuf haala kanmijeessu, sagantaa barnoota ga’eessotaa
karoorsuun hojiitti kan hiiku;
2.2.7. Hojiirra olmaa yaad-hiddama barnoota hunda hammattoo ilaalchisee hubannoo
kan uumu, deggaruufi leecalloo barbaachisoo ta’an ramaduun kan hogganu;
2.2.8. Manneen barnootaa daa’imman itti baratan nageenya isaa kan mirkanaa’eefi
hawwataa taasisuu akkasumas sirna korniyaa kan jajjabeessu;
2.2.9. Moraan mana barumsaa, kutaaleen barnootaa fi kutaalee daa’imman boqonnaa
ittii fudhatan mijataa taasisuuf gahumsa kan qabu;
2.2.10. Maatii barattootaa ykn guddistootaafi hawaasa mana barumsichaa
qindeessuun hogganuu kan danda’u;.
2.2.11. Barsiisonni beekumsaafi dandettii isaanii naamusa ogummaa waliin
qindeessuunqabatamaan agarsiisuu akka danda’an haala mijaataa kan uumu;
2.2.12. Qo’annoof qorannoo irratti hirmaachuun barsiisoonni akkarratti hirmaatan
qindeessuun bu’aan qorannichaas rakkoo mana barumsichaa hiikuu kan danda’u
ta’uu isaa kan mirkaneeffatu;
2.2.13. Firii barattotaa foyyeessuuf tarsiimoo qopheessuuf gahumsa kan qabu,
hirmaannaa barattota dubaraa kan jajjabeessuufi heddumina kan
keessummeessu;
2.2.14. Ragaalee mana barnootaa seeraan kan qabatuufi qaama dhimmiilaaluuf
yeroon kan gabaasu;
9
2.2.15. Yaad-rimee kenniinsa murtee hirmaachiisaa ta’ee hojiirra kan olchu;

2.3. Piroofaayilii Dura Bu’aafi Itti Aanaa Dura Bu’aa Manneen Barnootaa
Sadarkaa 2ffaa /9-12/
Dura bu’oonnii fi itti aantoonni dura bu’aa mannen barnoota sadarkaa 2ffaa ogummaa
barsiisummaatiinkan tajaajilanta’eepiroofaayilii armaan gadii ni qabaatu.
2.3.1. Imaammata barnootaaf leenjii, qajeeltoofi kallattii misooma barnootaa akka
biyyaatti qophaa’e jiru hubatee hojiirra kan oolchu, qajeelfamoota haala
qabatamaa naannootiin walsimsiisuun hojiirra oolchuu kan danda’u;
2.3.2. Karoora misooma barnootaa fi baruuf barsiisuu qopheessuun hojiirra
oolchuu,hordofu,nimadaaluufideggaruunkallattii kan agarsiisu;
2.3.3. Gamtaa maatii,barataaf barsiisaa, hawaasa mana barumsaa hirmaaachiisuun
bulchiinsa mana barumsichaa irrattii gahee isaanii akka bahaan kan jajjabeessu;
2.3.4. Sagantaa dagaagiina ogummaa waliitti fufaa hojjetee hojjechiisuun bu’a isaa
madaalaa deemuu kan danda’u;
2.3.5. Leecalloo hojii barnootaaf oluu adda baasuun ramaduufi bulchuu kan danda’u;
2.3.6. Naannoo hojii baruu barsiisuu mijataa taasisuun barnoota hunda hammattoo
irratti beekumsaaf dandettii orachuuf tattaaffii kan godhuufi deeggarsa
barbaachisu kan taasisu;
2.3.7. Manni barumsichaa maatii fi hawaasa naannoo mana barumsaa waliin walitti
dhufeenya cimaa akka qabaatu kan taasiisuufi heddummina kan keessumessu;
2.3.8. Firii barattotaa foyyeessuuf tarsiimoo qopheessuuf gahumsa kan qabu,
hirmaannaa barattota dubaraa kan jajjabeessu;
2.3.9. Qo’annoof qorannoo bu’uuraa gaggeessuunbarsiisoonnis akka hirmaatan kan
taasiisuufi bu’aan qo’annoofi qorannoo kanas rakkolee barnootaaakan hiikan
ta’uu kan mirkaneeffatu;

10
2.4. Pirofaayila Supparvaayizaroota Manneen Barnoota Sadakaa 1ffaan
Duraafi Sadarkaa 1ffaa
Supparvaayizarootni sadarkaa tokkoffaan duraafi sadarkaa tokkoffaa dura
bu’ummaan yokaan itti aanaa dura bu’ummaan kan tajaajilan ta’ee pirofaayila
armaan gadii ni qabaatu.

2.4.1. Imaammata barnootaafi leenjii, tarsiimoowwan barnootaa, misooma barnootaafi


qajeeltoowwaniifi kallattiiwwan akka biyyolessaatti bahan irratti hubannoo
uumuu kan danda’u, hojiirra oolmaa isaas kan hordofu;
2.4.2. Leeccaloowwan hojii barnootaaf oolan manneen barnootaa keessatti akka
kalaqaman kan jajjabeessu, karoorsaa, hojiitti hiikaa, hordofuufi madaaluun
kallattii agarsiisuu kan danda’u;
2.4.3. Muxannoowwan gaggaarii walitti qindeessuun kan baballisu, hojiin baruufi
barsiisuu bu’a qabeessaa akka ta’uufibarnoonni hunda hammattoo
hojiirraooluuisaa hordoffii kan taasiisuufi deeggaru;
2.4.4. Manneen barnootaa hawaasa naannoo waliin hariiroo cimaaakka qabaatan
tattaaffii kan godhu;
2.4.5. Supparvaayizaroonni manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaan duraafi sadarkaa
tokkoffaa wiirtuu gurmuu isaanjalatti argaman keessatti adeemsi baruufi
barsiisuu bu’a qabeessa akka ta’u hoggantootaafi barsiistotaaf leenjii kennuuf
gahumsaafi dandeettii kan qabu;
2.4.6. Qo’annoof qorannoo bu’uuraa gaggeessuun durabu’oonniifi itti aantonnii
akkasumas barsiisoonni manneen barnootaa akka keessatti hirmaatan kan
hordofuufi bu’aan qo’annoofi qorannoon kanaa hawaasa mana barumsaaf
dhiyaatee hubannoo akka irratti uumamu kan taasisu;
2.4.7. Sagantaa dagaagina ogummaa walitti fufaa keessatti hirmaannaa kan qabuu,
durabu’oonniifi itti aantonnii akkasumas barsiisoonni manneen barnootaa akka
itti hirmaatan deggersaafi hordoffii kan taasisu;

11
2.4.8. Hojii baruu barsiisuu ammayyeessuuf keessatti itti fayyadama teekinooloojii
kan jajjabeessuu;

2.5. Pirofaayilii Supparvaayizara manneen barnoota sadarkaa 2ffaa

Supparvaayizarootni sadarkaa lammaffaa dura bu’ummaan ykn Itti aanaa dura


bu’ummaan kan tajaajilan ta’ee pirofaayila armaan gadii ni qabaatu.

2.5.1. Imaammata barnootaafi leenjii, tarsiimoowwan barnootaa, misooma barnootaafi


qajeeltoowwaniifi kallattiiwwan akka biyyolessaatti bahan irratti hubannoo
uumuu kan danda’u, hojiirra oolmaa isaas kan hordofu;
2.5.2. Leeccaloowwan hojii barnootaaf oolan manneen barnootaa keessatti akka
kalaqaman kan jajjabeessu, karoorsaa, hojiitti hiikaa, hordofuufi madaaluun
kallattii agarsiisuu kan danda’u;
2.5.3. Muxannoowwan gaggaarii walitti qindeessuun kan baballisu, hojiin baruufi
barsiisuu bu’a qabeessaa akka ta’uufi barnoonni hunda hammattoo hojiirra
ooluu isaa hordoffii kan taasiisuufi deeggaru;
2.5.4. Manneen barnootaa hawaasa naannoo waliin hariiroo cimaa akka qabaatan
tattaaffii kan godhu;
2.5.5. Supparvaayizaroonni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa wiirtuu gurmuu
isaan jalatti argaman keessatti adeemsi baruufi barsiisuu bu’a qabeessa akka ta’u
hoggantootaafi barsiistotaaf leenjii kennuuf gahumsaafi dandeettii kan qabu;
2.5.6. Qo’annoof qorannoo bu’uuraa gaggeessuun durabu’oonniifi itti aantonnii
akkasumas barsiisoonni manneen barnootaa akka keessatti hirmaatan kan
hordofuufi bu’aan qo’annoofi qorannoon kanaa hawaasa mana barumsaaf
dhiyaatee hubannoo akka irratti uumamu kan taasisu;
2.5.7. Sagantaa dagaagina ogummaa walitti fufaa keessatti hirmaannaa kan qabuu,
durabu’oonniifi itti aantonnii akkasumas barsiisoonni manneen barnootaa akka
itti hirmaatan deggersaafi hordoffii kan taasisu;

12
2.5.8. Hojii baruu barsiisuu ammayyeessuuf keessatti itti fayyadama teekinooloojii
kan jajjabeessuu;

Kutaa Sadii:

3. Ulaagaalee Filannoo Hoggansa Manneen Barnootaa

3.1. UlaagaaleeFilannoo Dura Bu’oota Manneen Barnootaa Barnoota Sadarkaa


1ffaan Duraa

Manni barumsaa barnoota sadarkaa tokkooffaan duraa hoggantoota mana


barnootaa dubartootaan kan hogganamuta’ee dorgomminiis dubartoota giddutti
ta’a. Gita hojii dura bu’aa mana barnootaa sadarkaa tokkooffaan duraa irratti
dorgomuuf ulaagaaleen barbaachisan: -
3.1.1. Dhaabbilee barnoota mootummaa irraa sadarkaa dippilomaan gosa barnoota
sadrkaa 1ffaa keessatti kennamuun yookaan barnoota sadarkaa tokkoffaan
duraatiin kan eebbifamaniifi dabalataan waa’ee qabiinsaaf kunuunsa
daa’immanii irratti leenjii gagabaabaa kan fudhatan;
3.1.2. Qorumsa madaallii gahumsa ogummaa barsiisummaa (MGO) fudhatanii kan
milkaa’an;
3.1.3. Sagantaa dagaagina ogummaa walitti fufaa (DOW) seeran kan hordofeefi
poortifooliyoo dhuunfaa sirnaan qindaa’e kan qabu;
3.1.4. Barsiisoota dubartootaa naannoo horsiisee bulaaatti sadarkaa barsiisaa giddu
galeessaa irra kan gahaan ta’ee naannoo horsiisee bulaan alattii sadarkaa
barsiisaa irra kan gahaa’an.
3.1.5. Hojii barsiisummaarratti dabalataanmuummeewwan hogganuun, dursaa yunitii
ta’uun, handhuura gabbisa barumsaatti itti gaafatamaa ta’uun, yokaan
qindeessaa gumiiwwanii ta’uun kan tajaajilte.

13
3.1.6. Waggootii lamaan boodanaa barsiisummaan tajaajilteen madaallii raawwii hojii
bu’aa irratti xiyyeeffateen kan giddu-galeessaan qabxii 80% kan galmeessisiste.
3.1.7. I/A dura bu’aa dorgomtoota kan biro waliin qabxii walqixa yoo fidan dursi ni
kennamaaf.

3.2. Ulaagaalee Filannoo Dura Bu’aoota Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa


/1-8

3.2.1. Dhaabbilee barnoota ol’aanoo mootummaa irraa gosa barnootaa mana barumsaa
sadarkaa 1ffaa keessatti kennaman keessaa tokkon dirgirii duraan kan
eebbifamefi leenjii ogummaa barisisummaa kan fudhate yokaan bulchiinsa
barnootaan dirgirii duraan kan eebbifame.
3.2.2. Qorumsa madaallii gahumsa ogummaa barsiisummaa (MGO) fudhatanii kan
milkaa’an dursi nikennamaaf, kanneen hinmilkaa’iin filatamanii kan
ramadaman yoo ta’e dhiheessii qorumsaa BBO irratti hundaa’uun waggaa lama
keessatti milkaa’ee raga dhiheefachuuf waada kan galu;
3.2.3. Sagantaa dagaagina ogummaa walitti fufaa (DOW) seeraan hordofee
poortifooliyoo dhuunfaa kan waggaa sadii walitti fufiinsaan qindeessee faayila
isaa keessaa kan qabu;
3.2.4. Ogummaa barsiisummaan yoo xinnaate sadarkaa barsiisaa olaanaa irra kan gahe
ta’ee aanaalee horsiise bulaatiif immoo sadarkaa Barsiisaa irra kan gahe
dorgomuu ni danda’a.
3.2.5. Hirmaannaa hoggansa dubartootaa cimsuuf barsiisoota dubartootaa naannoo
horsiisee bulaatti sadarkaan barnootaa dippiloomaafi isaa ol ta’ee sadarkaa
barsiisaa irra kan gahaan; naannoo horsiisee bulaan alattii sadarkaa digirii
jalqabaafi isaa ol kan ta’aniifi barsiisaa irra kan gahaa’an dorgommiif
dhiyaachuu danda’uu.
3.2.6. Hojii barisiummaarratti dabalataanqindeessaa muummeewwanii, yunitii,
handhuura gabbisa barumsaatfi gumiiwwanii ta’uun kan tajaajile;
14
3.2.7. Waggootii lamaan boodanaa barsiisummaan tajaajiluun madaallii raawwii hojii
bu’aa irratti xiyyeeffateen kan giddu-galeessaan qabxii 80% fi ol kan qabu;
3.2.8. Itti aanaa dura bu’aan dorgomee kanneen biroo waliin qabxii walqixa yoo fidan
dursi ni kennamaaf;

3.3. Ulaagaalee Filannoo Dura Bu’oota Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa /9-
12/

3.3.1. Dhaabbilee barnoota ol’aanoo mootummaa irraa hoggansa barnootaan digrii


2ffaa kan qabu yokaan gosa barnoota mana barumsaa keessatti kennamaniin
digrii 2ffaa kan qabu ta’ee bulchiinsa barnootaa digirii 2ffaa kan qaban yoo
dorgoman dursi nikennamaaf;
3.3.2. Qorumsa madaallii gahumsa ogummaa barsiisummaa (MGO) fudhatanii kan
milkaa’an dursi nikennamaaf, kanneen hinmilkaa’iin filatamanii kan
ramadaman yoo ta’e dhiheessii qorumsaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa irratti
hundaa’uun waggaa lama keessatti milkaa’ee raga dhiheefachuuf waada kan
galu;
3.3.3. Sagantaa dagaagina ogummaa walitti fufaa (DOW) seeraan hordofee
poortifooliyoo dhuunfaa kan waggaa sadii walitti fufiinsaan qindeessee faayila
isaa keessaa kan qabu;
3.3.4. Ogummaa barsiisummaan yoo xinnaate sadarkaa barsiisaa olaanaa irra kan gahe
ta’ee aanaalee horsiise bulaatiif immoo sadarkaa barsiisaa irra kan gahe
dorgomuu nidanda’a.
3.3.5. Hirmaannaa hoggansa dubartootaa cimsuuf barsiisoota dubartootaa naannoo
horsioisee bulaaatti sadarkaan barnootaa digrii duraa ta’ee sadarkaa barsiisaa
irra kan gahaan, naannoo horsiisee bulaan alattii sadarkaa digrii duraa fi isaa ol
kan ta’aniifi barsiisaa olaanaa irra kan gahaa’an dorgommiif dhiyaachuu
nidanda’uu.

15
3.3.6. Hojii barisiummaarratti dabalataanqindeessaa muummeewwanii, yuuniitii,
gumiiwwanii, handhuura gabbisa barumsaa ta’uun kan tajaajile;
3.3.7. Waggootii lamaan boodanaa barsiisummaan tajaajiluun madaallii raawwii hojii
bu’aa irratti xiyyeeffateen kan giddu-galeessaan qabxii 80% fi ol kan qabu;
3.3.8. Itti aanaa dura bu’aan dorgomee kanneen biroo waliin qabxii walqixa yoo fidan
dursi ni kennamaaf;

3.4. Ulaagaalee Filannoo Itti Aantoota Dura Bu’oota Manneen Barnootaa


Sadarkaa 1ffaan Duraa

3.4.1. Manni barumsaa barnoota sadarkaa tokkooffaan duraa dubartootaan kan


hogganamuu ta’ee dorgomminiis dubartoota gidduutti ta’a. Gita hojii itti aanaa
dura bu’aa mana barnootaa sadarkaa tokkooffaan duraa irratti
dorgomuufdhaabbilee barnoota mootummaairraa sadarkaa dippilomaatiin gosa
barnoota barnoota sadarkaa 1ffaa duraatiin yokaan sadarkaa diploomaatiin gosa
barnoota sadarkaa 1ffaa keessatti kennamuun kan eebbifamtee, dabalataan
qabiinsaafi kunuunsa daa’immanii irratti leenjii gaggabaabaa kan fudhattee
dorgomuu nidandeessi; .
3.4.2. Qorumsa madaallii gahumsa ogummaa barsiisummaa (MGO) fudhatanii kan
milkaa’an
3.4.3. Sagantaa dagaagina ogummaa walitti fufaa (DOW) seeran kan hordofeefi
poortifooliyoo dhuunfaa walitti fufiinsaan kan waggaa lamaa qindaa’e kan
qabdu;
3.4.4. Barsiisoota dubartootaa naannoo horsioisee bulaaatti sadarkaa barsiisaa giddu
galeessa irra kan gahaan ta’ee naannoo horsiisee bulaan alattii sadarkaa
barsiisaa irra kan gahaa’an dorgommiif dhiyaachuu nidanda’uu.
3.4.5. Hojii barisiummaarratti dabalataan qindeessituu muummeewwanii, yunitii,
gumiiwwanii, handhuura gabbisa barumsaatti ta’uun kan tajaajile;

16
3.4.6. Waggootii lamaan boodanaa barsiisummaan tajaajilteen madaallii raawwii hojii
bu’aa irratti xiyyeeffateen giddu-galeessaan qabxii 80%kan galmeessite.

3.5. Ulaagaalee Filannoo Itti Aantoota Dura Bu’aa Manneen Barnootaa


Sadarkaa 1ffaa /1-8 /

3.5.1. Dhaabbilee barnoota ol’aanoo mootummaa irraa gosa barnootaa mana barumsaa
sadarkaa 1ffaa keessatti kennaman keessaa tokkoon dirgirii duraan kan
eebbifamefi leenjii ogummaa barisiummaa kan fudhate yokaan bulchiinsa
barnootaan dirgirii duraan kan eebbifame;
3.5.2. Qorumsa madaallii gahumsa ogummaa barsiisummaa (MGO) fudhatanii kan
milkaa’an dursi nikennamaaf, kanneen hinmilkaa’iin filatamanii kan
ramadaman yoo ta’e dhiheessii qorumsaa BBO irratti hundaa’uun waggaa lama
keessatti milkaa’ee raga dhiheefachuuf waada kan galu;
3.5.3. Sagantaa dagaagina ogummaa walitti fufaa (DOW) seeraan hordofee
poortifooliyoo dhuunfaa kan waggaa sadii walitti fufiinsaan qindeessee faayila
isaa keessaa kan qabu;
3.5.4. Ogummaa barsiisummaan yoo xinnaate sadarkaa barsiisaa olaanaa irra kan gahe
ta’ee aanaalee horsiise bulaatiif immoo sadarkaa barsiisaa irra kan gahe
dorgomuu ni danda’a.;
3.5.5. Hirmaannaa hoggansa dubartootaa cimsuuf barsiisoota dubartootaa naannoo
horsioisee bulaaatti sadarkaan barnootaa digirii duraa ta’ee sadarkaa barsiisaa
irra kan gahaan ta’ee naannoo horsiisee bulaan alattii sadarkaa digirii duraafi ol
kanqabaniifi barsiisaa olaanaa irra kan gahaa’an dorgommiif dhiyaachuu
nidanda’uu;
3.5.6. Hojii barisiummaatti dabalataan waldaalee barsiisaa sadarkaan jiran,
muummeewwan hogganuun, dursaa yunitii ta’uun, handhuura gabbisa
barumsaatti itti gaafatamaa ta’uun, yokaan qindeessaa gumiiwwanii ta’uun kan
tajaajile;
17
3.5.7. Waggootii lamaan boodanaa barsiisummaan tajaajileen/teen madaallii raawwii
hojii bu’aa irratti xiyyeeffateen kan giddu-galeessaan qabxii 80% kan
galmeessise/siste;

3.6. Ulaagaalee Filannoo Itti Aantoota Dura Bu’oota Manneen Barumsaa


Sadarkaa 2ffaa /9-12/

3.6.1. Dhaabbilee barnoota ol’aanoo mootummaa irraa hoggansa barnootaan digrii


2ffaa kan qabu/du yokaan gosa barnoota mana barumsaa keessatti kennamaniin
digrii 2ffaa kan qabu ta’ee bulchiinsa barnootaatiin digirii 2ffaa kan qabu yoo
jiraate dorgommiif dhiyaachuuf dursi ni kennamaaf;
3.6.2. Qorumsa madaallii gahumsa ogummaa barsiisummaa (MGO) fudhatanii kan
milkaa’an dursi nikennamaaf, kanneen hinmilkaa’iin filatamanii kan
ramadaman yoo ta’e dhiheessii qorumsaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa irratti
hundaa’uun waggaa sadii keessatti milkaa’ee raga dhiheefachuuf waada kan
galu;
3.6.3. Sagantaa dagaagina ogummaa walitti fufaa (DOW) seeraan hordofee
poortifooliyoo dhuunfaa kan waggaa sadii walitti fufiinsaan qindeessee faayila
isaa keessaa kan qabu;
3.6.4. Ogummaa barsiisummaan yoo xinnaate sadarkaa barsiisaa olaanaa irra kan gahe
ta’ee aanaalee horsiise bulaatiif immoo sadarkaa barsiisaairra kan gahe
dorgomuu ni danda’a.
3.6.5. Hirmaannaa hoggansa dubartootaa cimsuuf barsiisoota dubartootaa naannoo
horsiisee bulaaatti sadarkaan barnootaa digrii duraa kan qabuufisadarkaa
barsiisaa irra kan gahaan, naannoo horsiisee bulaan alattii sadarkaa digriifi isaa
ol kan qabuufi sadarkaa barsiisaa olaanaa irra kan gahaa’an dorgommiif
dhiyaachuu danda’uu;
3.6.6. Hojii barisiummaatti dabalataan waldaalee barsiisaa sadarkaan jiran
muummeewwan hogganuun, dursaa yunitii ta’uun, handhuura gabbisa
18
barumsaatti itti gaafatamaa ta’uun, yokaan qindeessaa gumiiwwanii ta’uun kan
tajaajile;
3.6.7. Waggootii lamaan boodanaa barsiisummaan tajaajileen/teen madaallii raawwii
hojii bu’aa irratti xiyyeeffateen kan giddu-galeessaan qabxii 80% kan
galmeessise/siste;

3.7. Ulaagaalee Filannoo Supparvaayizarootaa Manneen Barnootaa Sad.1ffaan


Duraafi 1ffaa /1-8 /

3.7.1. Dhaabbilee barnoota ol’aanoo mootummaa irraa gosa barnootaa mana barumsaa
sadarkaa 1ffaa keessatti kennaman keessaa tokkoon dirgirii duraan kan
eebbifamefi leenjii barisiummaa kan fudhate yokaan bulchiinsa barnootaan
dirgirii duraan kan eebbifame; dirsi nikennamaaf
3.7.2. Qorumsa madaallii gahumsa ogummaa barsiisummaa (MGO) fudhatanii kan
milkaa’an dursi nikennamaaf, kanneen hinmilkaa’iin filatamanii kan
ramadaman yoo ta’e dhiheessii qorumsaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa irratti
hundaa’uun waggaa sadii keessatti milkaa’ee raga dhiheefachuuf waada kan
galu;
3.7.3. Sagantaa dagaagina ogummaa walitti fufaa (DOW) seeraan hordofee
poortifooliyoo dhuunfaa kan waggaa sadii walitti fufiinsaan qindeessee faayila
isaa keessaa kan qabu;
3.7.4. Dura bu’ummaan yokaan itti aanaa dura bu’ummaan waggaa lamaafi isaa ol kan
tajaajile
3.7.5. Ogummaa barsiisummaan yoo xinnaate sadarkaa barsiisaa olaanaa irra kan gahe
ta’ee aanaalee horsiise bulaatiif immoo sadarkaa barsiisaa irra kan gahe
dorgomuu ni danda’a.
3.7.6. Hirmaannaa hoggansa dubartootaa cimsuuf barsiisoota dubartootaa naannoo
horsiisee bulaaatti sadarkaan barnootaa digirii duraa ta’ee sadarkaa barsiisaa irra

19
kan gahaan, naannoo horsiisee bulaan alattii sadarkaa digirii duraa kan qabduufi
barsiisaa olaanaa irra kan geese;
3.7.7. Hojii barisiummaatti dabalataan waldaalee barsiisaa sadarkaan jiraniifi
muummeewwan hogganuun, dursaa yunitii ta’uun, handhuura gabbisa
barumsaatti itti gaafatamaa ta’uun, yokaan qindeessaa gumiiwwanii ta’uun kan
tajaajile;
3.7.8. Waggootii lamaan boodanaa barsiisummaan tajaajileen/teen madaallii raawwii
hojii bu’aa irratti xiyyeeffateen kan giddu-galeessaan qabxii 80% kan
galmeessise/siste;

3.8. Ulaagaalee Filannoo Supparvaayizaroota Manneen Barnootaa Sadarkaa


2ffaa /9-12/

3.8.1. Dhaabbilee barnoota ol’aanoo mootummaa irraa hoggansa barnootaan digrii


2ffaa kan qabu yokaan gosa barnoota mana barumsaa keessatti kennamaniin
digrii 2ffaa kan qabu ta’ee bulchiinsa barnootaatiin digirii 2ffaa kan qabu yoo
jiraate dorgommiif dhiyaachuuf dursi ni kennamaaf;
3.8.2. Qorumsa madaallii gahumsa ogummaa barsiisummaa (MGO) fudhatanii kan
milkaa’an dursi nikennamaaf, kanneen hinmilkaa’iin filatamanii kan
ramadaman yoo ta’e dhiheessii qorumsaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa irratti
hundaa’uun waggaa sadii keessatti milkaa’ee raga dhiheefachuuf waada kan
galu;
3.8.3. Sagantaa dagaagina ogummaa walitti fufaa (DOW) seeraan hordofee
poortifooliyoo dhuunfaa kan waggaa sadii walitti fufiinsaan qindeessee faayila
isaa keessaa kan qabu;
3.8.4. Dura bu’ummaan yokaan Itti aanaa dura bu’ummaan waggaa lamaafi isaa ol
kan tajaajile;

20
3.8.5. Ogummaa barsiisummaan yoo xinnaate sadarkaa barsiisaa dursaa irra kan gahe
ta’ee aanaalee horsiise bulaatiifsadarkaa barsiisaa irra kan gahe dorgomuu ni
danda’a.
3.8.6. Hirmaannaa hoggansa dubartootaa cimsuuf barsiisoota dubartootaa naannoo
horsiisee bulaaatti sadarkaan barnootaa digrii duraafi isaa ol ta’ee sadarkaa
barsiisaa irra kan gahaan, naannoo horsiisee bulaan alattii sadarkaa digrii 2ffaafi
isaa ol kan qabaniifi sadarkaa barsiisaa irra kan gahaa’an dorgommiif
dhiyaachuu danda’uu;
3.8.7. Hojii barisiummaatti dabalataan waldaalee barsiisaa sadarkaan jiran
muummeewwan hogganuun, dursaa yunitii ta’uun, handhuura gabbisa
barumsaatti itti gaafatamaa ta’uun, yokaan qindeessaa gumiiwwanii ta’uun kan
tajaajile;
3.8.8. Waggootii lamaan boodanaa barsiisummaan tajaajileen/teen madaallii raawwii
hojii bu’aa irratti xiyyeeffateen kan giddu-galeessaan qabxii 80% kan
galmeessise/siste;
3.8.9. Filannoofi ramaddiin hoggansa manneen barnootaa sadarkaa hundaa kan
geggeeffamu sadarkaa waajjira barnootaa bulchiinsa magaalotaafi waajjira
barnoota Aanaaleetti ta’a.

Kutaa Afur
4. Adeemsa Dorgommii Hoggansa Manneen Barnootaa

4.1. Beeksisa baasuu

4.1.1. Gita hojii itti aanaa dura bu’aa, dura bu’aa fi supparvaayizarummaafbarsiisotaafi
hoggantoota manneen barnootaa keessaa waldorgomsiisanii filachuun yeroo
barbaachisaa ta’ee argamu, giti hojii banaan beeksisa ifa ta’een ibsamuu qaba.
4.1.2. Beeksisnidorgommii hoggantootaa manneen barnootaa wantootni qabachuu
qabu;
a) Maqaafi teessoo mana,barumsichaa ykn wiirtuu gurmuu manneen barnootaa.
21
b) Waamama gita hojichaa, sadarkaafi mindaa.
c) Gita hojichaaf muuxannoo barbaachisu barsiisummaafi hoggansaan,
dandeettii, beekumsaafi qophaa’ummaa barnootaa, cuunfaa madaallii
raawwii hojii waggaa lamaa kan walitti aanan kan yeroo dhiyoo,
d) Guyyaafi sa’atii galmeen itti eegaluufi dhaabbatu,
e) Bakka galmeefi lakkoofsa kutaa hojii akkasumas guyyaa qorumsi itti
kennamu kan qabate ta’ee, beeksisni gita hojii guyyaa hojii walitti aanan
kudhaniif gabatee beeksisaa irratti ifatti maxxanfamee galmeen ni
raawwatama.
4.1.3. Barsiisaan muuxannoo guddaa qabuufi fedhii hoggansaa qabaatee gara
hoggansa mana barumsaa kanatti dhufu yoo dorgommii bakkichaaf taa’e
mo’atee kan dabru ta’eefi mindaan barsiisummaan argachaa jiru ka’umsa
mindaa bakkichaaf taa’een waliqixa yokaan ol yoo ta’e mindaa barsiisummaan
argachaa ture irratti dalgee sadii dabalameefiihojii hoggansaa irratti ramaduun
ni danda’ama waan ta’eef namoonni dorgommiif dhufan sababaa mindaan
daangeeffamuu hinqaban.
4.1.4. Ulaagaalee dorgommiifi qabxiilee madaallii adeemsi haalduree filannoo erga
raawwate booda itti aanaa dura bu’ummaa, dura bu’ummaafi
supparvaayizarummaaf kanneen dorgommiif dhiyaaatan, bu’aa raawwii hojii
isaaniitiin, qophii karoora tarsimaa’aa mana barumsaa ykn wiirtuu gurmuu manneen
barnootaa itti dorgoman qopheessuun dhiyeessuu, qorumsa barreeffamaatiin, af-
gaaffiin, muuxannoo hojiifi qulqullina galmeetiin dorgomanii akka filataman ta’a.
Raawwiin isaa akka kanatti aanuun ibsamee jira.
4.1.5. Kanaan dura hojii hoggansaa irratti hojjataa kan turansababaa adda addaatiin
hojii hoggansa manneen barnootaa irraa ka’aniif turtii wagga 2 booda I/A Dura
bu’aa, Dura bu’aafi Suupparvaayizarri irra deebi’ani hoggansaa irratti dorgomuu
yoo barbaadan sadarkaa miindaa iddichaaf taa’ee beeksisni irratti bahe irratti
dorgomuuf ulaagaa bakkichi barbaadu guutanii kan argaman yoo ta’e tajaajilli Itti
22
aanaa dura bu’ummaa, durabu’ummaafi suupparvaayizarummaan kennan
muuxannoo dorgomiif qofa walqixa ni qabamaaf.

4.2. Haala Kenniinsa Qabxii Dorgommii Hoggansa Manneen Barnootaa

Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaan duraa, sadarkaa tokkoffaafi sadarkaa


lammaffaa irratti dura bu’ummaan, Itti aanaa dura bu’ummaafi
supparvaayizarummaan dorgomuuf kan dhiyaatan ulaagaalee fo’annoofi filannoo
armaan olitti tarreeffaman guuttachuun akka eegametti ta’ee haala armaan gadiittiin
calalamanii adda baafamu.

4.2.1. Qabxii madaallii raawwii hojii.…….………15%

Raawwii karoora hojii bu’aa irratti xiyyeeffateef qabxiin kennamu 15% keessaa ta’ee,
ramaddii hoggansa manneen barnootaatiif dorgommiif dhiyaachuun kan danda’amu
cuunfaa madaallii raawwii hojii walitti aansee yeroo dhiyoo seemisteera afur (ji’a 24)
gaggeeffameen gara 15%tti jijjiiramee kan qabamuuf ta’a. Fakkeenyaaf cuunfaa
madaallii raawwii hojii seemisteera afuriin 80% kan qabu gara %50tti yammuu
jijjiiramu 80*15/100 = 12 argata.

4.2.2. Qulqullina Galmeef ………… 5%

Qulqullinni galmee yeroo waldorgommiin hoggansa manneen barnootaa itti


gaggeeffamu keessatti dorgomtoonni qulqullina galmee isaan qaban kan ilaallatu ta’ee
haalli raawwii isaa;

i. Adabbii kan hin qabne…….5%


ii. Adabbii akeekkachiisa barreefamaa kan hogganaa dhiyootiin kenname.4%
iii. Adabbii mindaa baatii tokkoo kan qabu yoo ta’e………………………....3%
iv. Adabbii mindaa baatii tokkoo olii kan qabu yoo ta’e…………………...2%
4.2.3. Qorumsa Barreeffamaa………… 40%
23
Qophiifi qabiyyeen qorumsa barreeffamaa sadarkaa sadarkaan qophaa’u qixa piroofaayilii
hoggansa manneen barnootaa kaa’aman jiddugaleessa kan godhate ta’ee beekumsa,
dandeettii fi ilaalcha ogummaa akka madaaluutti qophaa’uu qaba. Qorumsa
barreeffamaatiin 50% fi isaa ol kan argatan yoo ta’e dorgommii itti aanuuf ni filatamu.

4.2.4. Karoora tarsiima’aa mana barumsaa qopheessuun dhiyeessuu…….30%


Karoora tarsiima’aa mana barumsaa qopheessuun dhiyeessuun 30% keessaa kan
kennamu ta’ee qophii karoora tarsiima’aatiif qabxii (10%) fi dhiyeessuuf qabxii (20%)
kan qabamu ta’a.

Qophii karoora tarsiima’aa ilaalchisee kaadhimamtoonni hooggansa manneen barnootaa


qabxii caalmaadhaan filataman karoora tarsiima’aa qopheessuun koreef akka dhiyeessan
ni taasifama. Karoorri tarsiima’aan fooyya’iinsa mana barumsaa irratti kan xiyyeeffate
ta’ee haala waliigalaa mana barumsaa irratti dorgomanii bu’ureeffachuun qophaa’uu
qaba. Haalli madaallii isaas qabiyyee qophii karoora tarsiima’aa fooyya’iinsa mana
barumsaa irratti kan hundaa’e ta’a koreen dhuunfaa isaaniitiin qabxii qabuun walitti kan
ida’amu ta’a.

4.2.5. Af-gaaffii…………………………………………10%

Qorumsa Af-gaaffii ilaalchisee hooggansi manneen barnootaa qabiyyeewwan madaallii


hunda keessa darbuun sadarkaa Af-gaaffii kan ga’aaniif Af-gaaffiin dhiyaatuuf ga’umsa
gaaffii dhiyaateef hubachuu, deebii sirrii kennuusaa, dandeettii waliigaltee uumuu,
dandeettii yaada ofii qindeessanii ibsuufi ofitti amantummaa inni qabu kan madaalu ta’uu
qaba.

Adeemsi Af-gaaffii osoo hin eegaliin dura koreen calalliifi ramaddii ulaagaalee madaallii
bu’uura gochuun tokkoon tokkoogaaffiileeqophaa’aniif qabxii argachuu qabu ni
murteessu.

24
Koreen calalliifi ramaddii ulaagaalee calallii armaan olitti ibsame bu’uura gochuun bu’aa
qabxii madaallii ragaa guutuuwaliin gabatee beeksisaa irratti maxansuu qabu.

Ulaagaalee dorgommii armaan olii guutuun barsiistotni, I/Aantota dura bu’ootaafi Dura
bu’oota keessaa qabxii caalmaan kan filataman dura bu’ummaan, I/A dura bu’ummaanifi
Supparvaayizarummaan erga ramadamanii booda kanneen leenjii hin fudhanneef
dandeettii raawwachiisummaa isaanii ol guddisuuf leenjiin geggeessummaa hojii irraa ni
kennamaaf.

4.3. Ulaagaa Ramaddii Hoggantoota Manneen Barnootaa

Gita hojii Itti aanaa dura bu’ummaa, dura bu’ummaafi supparvaayizarummaa irratti
barsiisaa ykn hoggansa manneen barnootaa dorgomsiisuun ramaduun, hojii bu’aa
qabeessa raawwachuun qulqullina barnootaaf gahee guddaa akka bahan gochuun
murteessaadha. Kanaafu Ramaddiin dura bu’ootaa, Itti aanaa dura bu’ootaafi
supparvaayizarootaa akka qajeelfama kana keessatti ibsameen kan raawwatamu ta’ee
haala ulaagaa armaan gadiin qophaa’een ramduun hojiitti galchuu barbaachisa.
4.3.1. Mana barumsa barnoota sadarkaa 1ffaan duraa of danda’ee jiru ta’ee, baay’inni
barattootaa 150fi isaa gadi yoo ta’e dura buutuu tokko qofa qabaata. Baay’inni
barattootaa151 hanga 300 kan qabu yoo ta’e immoo dura buutuu tokkoofi itti aantuu
dura buutuu tokko ni qabaata.
4.3.2. Mana barumsaa sadarkaa 1ffaa ta’ee yoo baay’inni barattootaa 500fi isaa gadi
ta’e dura bu’aa tokko qofa qabaata. Baay’inni barattootaa 501 hanga 1000 kan qabu yoo
ta’e dura bu’aa tokkoofi itti aanaa tokko ni qabaata. Baay’inni barattootaa 1001 hanga
3000 kan qabu yoo ta’e immoo dura bu’aa tokkoofi itti aantoota dura bu’ootaa lama ni
qabaata.
4.3.3. Mana barumsa sadarkaa 1ffaa baay’inni barattootaa 3000 olqabu yoo jiraate
durabu’aa tokkofi itti aantota dura bu’ootaa sadii ni qabaata.

25
4.3.4. Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa (9-12) ta’ee baay’inni barattootaa hanga 1000
kan qabu dura bu’aa tokkoofi itti aanaa dura bu’aa tokko ni qabaata. Baay’inni
barattoota 1001 hanga 3000 yoo ta’e durabu’aa tokkoofi itti aantoota dura
bu’ootaa lama ni qabaata.
4.3.5. Manni barumsaa sadarkaa 2ffaa(9-12) baay’inni barattootaa 3000 ol qabu yoo
jiraate, dura bu’aa tokkoo fi itti aantoota dura bu’aa sadii ni qabaata.
4.3.6. Supervaayizarri tokko wiirtuu gurmuu manneen barnootaamanneen
barnootaa sadarkaa 1ffaan duraa, buufata barnoota al-iIdileefi misooma
hawaasaafi manneen barnootaa sadarkaa1ffaa baadiyyaatti afuriihanga ja’aafi
magaalaatti shanii hanga torbaa, manneen barnoota sadarkaa 2ffaabaadiyyaafi
magaalattis lamaa hangashaniif namni tokkoni ramadamaaf.
4.3.7. Teessoon supparvaayizaroota manneen barnoota sadarkaa 1ffaafi 2ffaa manneen
barnoota raawwii hojii isaaniitiin gaarii ta’aniifi hanga danda’ametti
giddugaleessa wiirtuu gurmuu manneen barnootaa isa jala jiran deeggaruuf
mijja’aa ta’e keessa ta’uu qaba.
4.3.8. Supparvaayizaroonni manneen barnootaa wiirtuu gurmuu manneen barnoota
sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa keessatti kutaa of danda’ee hojii isaanii keessatti
hojjatan qabaachuu qaba.
4.3.9. Dubartootaa gara hoggansaatti fiduuf bifa addaan warra fedhii qaban filuun
ramaddiin isaanii karaa jireenya matii isaanii irratti dhiibbaa hingeessifneen kan
raawwatamu ta’a;
4.3.10. Manneen barnoota hoggansa lama qaban keessatti yoo xiqqaate tokko
dubartii ta’uu qaba. Haata’u malee, lakkoofsa dubartootaa hoggansa manneen
barnootaa keessatti dabaluuf hoggansi lameenuu dubartii ta’uu ni danda’a.
4.3.11. Hirmaannaa dubartootaa hoggansa manneen barnootaa keessatti guddisuuf
bakka banaa beeksisni ba’eef irratti 50% barsiisonni dubaraa kophaa isaanii kan
wal dorgoman ta’ee 50% hafe irratti immo barsiistota dhiiraa waliin kan wal
dorgoman ta’a;
26
4.3.12. Iddoo banaa hoggansa manneen barnootaa irratti osoo beeksiifni dorgommii
hin ba’in hoggansa dubaraa jijjiirraa bakkicha irratti gaafatan waldorgomsiisuun
dursi ni kennama.
4.3.13. Qabxiiwwan olitti ibsame akkuma jirutti ta’ee hirmaannaa hoggansa
dubartootaa sadarkaa dura bu’ummaafi supparvaayzarummaa jiru dabaluuf
aanaaleen ykn bulchiinsa magaalotaa baay’ina manneen barnootaa qaban
keessaa yoo xiqqaate 35% dabartoota qofa ramaduu qabu.
4.3.14. Bulchiinsi magaalaa tokko baay’ina mana barumsaa sadarkaa 1ffaa 60 fi
sadarkaa 2ffaa 5, Akkasumaas wiirtuu gurmuu manneen barnoota sad.1ffaa 10fi
sad. 2ffaa 3 yoo qabaate, dura bu’aa sad.1ffaa 21, dura bu’aa sad.2ffaa 2,
Akkasumaas supparvaayzarri sad.1ffaa 4 fi supparvaayzarri sad.2ffaa 1
dabartoota ta’uun dirqama.

4.4. Yeroo Turtii


Hoggantoota manneen barnootaa gahumsa, dandeettiifi fakkeenyummaa hojii gaarii
qaban haaraa baay’inaafi qulqullinaan horachuun waan barbaachiseef
4.4.1. Turtiin hoggansa manneen barnootaa marsaa yokaan tarmii lamatti akka
dangeeffamu ta’eera. Haaluma kanaan, marsaan tokko turtii waggaa afurii kan
qabu ta’ee ramaddiin hoggansa manneen barnootaa turtii wagga afur
afuriitiinriifoormii gaggeessuun bifa haaran kan raawwatamu ta’a.
4.4.2. Hoggansi manneen barnootaa bu’aa hojii gaarii galmeessan, bara hoggansa
isaanii keessatti jijjiirama qabatamaa mana barumsa isaanii keessatti agarsiisan
irra deebi’ee yeroo lamaaf qofaf iddoo irratti hojjetaa turanitti dorgomuu
nidanda’a.

4.5. Hojiirraa Kaafamuu Hoggantoota manneen Barnootaa


Hooggantoonni manneen barnootaa sababa garaagaraatiin bakka hogganaa jiran irraa
yammuu kaafaman haala armaan gadiitiin ramadamu: -

27
4.5.1. Ogummaa barsiisummaa gosa barnootaatiin digrii duraa ykn digrii lammaffaa
kan qaban yoo ta’e qophaa’ummaan barnootaafi muuxannoon isaanii ilaalamee
bakka hiriyoonni isaanii ga’anitti ni ramadamu.
4.5.2. Ogummaa barsiisummaa gosa barnootaatiin digrii duraan kan leenji’aniifi
hoggansa barnootaan digrii lammaffaa kan qaban yoo ta’e ramaddiin kan
kennamuuf digrii duraatiin ta’ee qophaa’ummaan barnootaafi muuxannoon
isaanii ilaalamee bakka hiriyoonni isaanii ga’anitti ni ramadamu.
4.5.3. Ogummaa barsiisummaa gosa barnootaatiin dippiloomaan kan leenji’aniifi
hoggansa barnootaan digrii duraa kan qaban yoo ta’e ramaddiin kan kennamuuf
dippilomaan ta’ee qophaa’ummaan barnootaafi muuxannoon isaanii ilaalamee
bakka hiriyoonni isaanii ga’anitti ni ramadamu.
4.5.4. Dippiloomaa irraa hanga digrii lammaffaatti hoggansa barnootaan kan
leenji’aniif qophaa’ummaan barnootaafi muuxannoon isaanii ilaalamee gosa
barnootaa itti dhiheenyaan barsiisuu danda’anirratti muuxaannoo hiriyyoota
isaanii waliin karaa walsimuu danda’uun akka ramadaman ta’a;
4.5.5. Hoggansi mana barumsaa manni barumsaa inni hogganaa jiru istandardoota
inispeekshinii barnoota waliigalaa manni barumsaa tokko ittin madaalamuun
gulantaa mana barnootaa isaa I fi II irra jira yoo ta’e hoggansi mana barumsa
hawaasa mana barumsa isaa qofa qindeessuun jijiiruu danda’a jedhu irratti
hojjatee madaallii marsaa lamaatiin sadarkaa istaandardoota kanneenii mana
barumsaa isaa fooyya’uu hin dandeenye taanan hoggansa irraa kan kaafamu
ta’a.
4.5.6. Dura bu’aa, Itti aanaa dura bu’aafi, supparvaayizarri ramadamee tajaajilaa jiru
tokko hanqina adda addaa mana barumsaa ykn wiirtuu gurmuu manneen
barnootaa keessatti agarsiiseen hojiirraa kaasuun kan danda’amu;
i. Jalqaba hanqina agarsiisee tuquun hogganaa dhiyootiin akeekkachiisa afaanii
irraa hanga akeekkachiisa barreeffaatti kennuudhaan gorsuufi deeggersa
barbaachisu taasisuufi,
28
ii. Tarkaanfilee olitti ibsamaniin kan hin sirroofne yoo ta’e hoggansaa irraa
kaasuun bakka hojjechuu danda’utti ramaddiin haala qajeelfama ramaddii
barsiisotaatiin ni kennamaaf.

4.5.7. Hoggantootni manneen barnootaa hojii irratti miidhaa geessisan ykn rakkoo
biraa qaban ragaa qabatamaarratti hundaa’uun tarkaanffii hojii hoggansaa irraa
kaasuu kan danda’u manajimeentii mana hojichaatiin ta’a.

4.6. Gahee Hojii Biiroo Barnootaafi Koree Filannoo Hoggantoota Manneen


Barnootaa

4.6.1. Koreen fiilannoon dura bu’ootaa, itti aantoota dura bu’ootaafi


supparvaayizarootaa sadarkaa waajjira barnoota aanaafi bulchiinsa magaalaatti
kan gaggeeffamu ta’ee miseensota armaan gadii ni qabaata.
A. Sadarkaa aanaatti
i. Abbaa adeemsa hojii misooma barsiisotaafi HMB Aanaa------------Walitti qabaa
ii. Abbaa adeemsa hojii fooyya’iinsa manneen barnoota Aanaa --------Barreessaa
iii. Waldaa barsiisota Aanaa irraa nama lama---------------------------Miseensa
iv. Abbaa adeemsa hojii inispeekshinii barnoota waliigala Aanaa--------Miseensa
v. Ogeessa adeemsa hojii misooma barsiisotaafi HMB nama tokko-------Miseensa
vi. Ogeessa idileessa koorniyaa------------------------------------------Miseensa
B. Sadarkaa Bulchiinsa Magaalaatti
i. Abbaa adeemsa hojii misooma barsiisotaafi HMB----------------------Walitti qabaa
ii. Abbaa adeemsa hojii fooyya’iinsa manneen barnootaa-----------------Barreessaa
iii. Waldaa barsiisotaa irraa nama lama----------------------------------Miseensa
iv. Abbaa adeemsa hojii inispeekshinii barnoota waliigala----------------Miseensa
v. Ogeessa adeemsa hojii misooma barsiisotaafi HMB nama tokko-----Miseensa
vi. Ogeessa idileessa koorniyaa----------------------------------------Miseensa

29
4.6.2. Gahee Hojii Biiroo Barnootaa Oromiyaa

1. Waajjirri barnoota Godinaaleefi B/Magaalotaa manneen barnootaa isaan jala jiran


keessaa kan istaandaardii hinguunne adda baasuun bakka hanqinni jirutti
dorgommiif akka qopheessan kallattii nikaa’a;
2. Filannoofi ramaddii hoggantoota manneen barnootaa waliin waqabatan
sakatta’uun adda nibaasa;
3. Rakkoolee adda bahan irratti hundaa’uun qajeelfama filannoofi ramaddii
hoggantoota manneen barnootaa sadarkaa 1ffaan duraa hanga sadarkaa 2ffaatti
jiruuf qopheessuu, qajeelfama qophaa’erratti waajjira barnoota Godinaaleefi
Bulchiinsa Magaalotaaf hubannoo ni uuma; akka hojiirra oolu nitaasisa,
nihordofa, deggersa barbaachisu nitaasisa;
4. Hojiirra oolmaa qajeelfamichaa keessatti rakkoolee mudatan yeroo yeroon
hordofuun kallattii ni kaa’a;

4.6.3. Gahee Hojii Waajjira Barnoota Godinaa


1. Aanaaleen hoggantoota manneen barnootaa istaandaardii guutaniifi
hinguutiin adda baasuun akka qabataniifi gabaasan nihordofa
2. Aanaaleen manneen barnootaa istaandaardii hinguunne adda baasuun
dorgommiif akka qopheessan kallattii nikaa’a
3. Adeemsi filannoofi ramaddii hoggantoota manneen barnootaa haala
qajeelfamaatiin hojiirra oolmaa isaa nihordofa, nideeggera,
4. Adeemsa filannoo keessatti rakooleen mudatan hordofuun furmaata nikaa’a;

4.6.4. Gahee hojii Koree filannoo Hoggantoota Manneen Barnootaa


Sadarkaa Aanaafi B/Magaalotaa
1. Manneen barnootaa dorgommiin irratti gaggeeffamu adda nibaasa;
2. Barsiistonni ulaagaa guutan dorgommii irratti akka hirmaataniif beeksisa
nibaasa;
3. Guyyaa galmeefi dorgommii nimurteessa;

30
4. Qajeelfama qophaa’e irratti hundaa’uun ragaa isaanii sakatta’uun
dorgomtoota ulaagaa guutan nigalmeesa;
5. Ragaa isaanii qulqulleessuun kanaan dorgommiif darban adda nibaasaa,
qorumsa itti aanuuf akka qophaa’an nitaasisa;
6. Guyyaa qorumsaa ni murteessa; kanneen firiin qorumsaa isaanii 50% fi ola
ta’an adda baasuun qorumsa itti aanuuf akka dhiyaatan ni taasisa;
7. Qabxii qorumsaa sadarkaa kaawwame sirrummaa isaa mirkaneeffachuun
qindeessee kanneen qorumsa darban adda baasa;
8. Kanneen qorumsa dardban qindeessuun hoggaanaa mana hojjichaaf
dhiheessuun erga mirkanaa’een booda firii dorgommichaa ni maxxansa,
mana barumsaa irratti dorgome beeksisuun ramaddii nigaggeess;

4.7. Haalota Waliigalaa Hoggansa Manneen Barnootaa Ilaallatan

4.7.1. Hoggantootni manneen barnootaa dorgommicha darbanii tajaajila irra jiran


faayidaalee heyyamame kan argatan hojii kana irra hanga jiranitti qofa dha.
4.7.2. Hoggantootni manneen barnootaa istaandardii osoo hinguutiin yeroo ammaa
hojjiiirra jiran yeroo qajeelfamni kun hojiirra ooluu jalqabutti sadarkaa barumsa
isaanii fooyyeffatanii yoo dhiyeessan tajaajilli dura bu’ummaa, itti aanaa
durabu’ummaafi supparvaayizarummaan kennan qabameefii akkuma ragaa
barnoota isaanii dhiyeeffataniin ulaagaalee qajeelfama kana keessatti kaa’aman
kan guutan taanaan barri tajaajila isaanii herreegamee sadarkaa mindaa irra
gahuu qaban irratti ni sirreeffamaaf.
4.7.3. Hoggantootni osoo istaandardii hin guutiin sadarkaa 2ffaatti ramadaman
miindaa ka’umsaa iddichaaf hayyamame osoo hin ta’iin miindaa istandardii
qophaa’ummaa sadarkaa barnootaa isaaniinwalgituistaandardii hoggansa
sadarkaa tokkoffaa argachaa sadarkaa mana barumsaa itti ramadametti akka
hojjetan ta’ee yeroo turtii isaa eeguun guddinni sadarkaa ni hojjetamaaf.

31
4.7.4. Akkasumaas sadarkaa1ffaarratti barsiisoonni osoo ulaagaa hinguutiin
ramadaman miindaa barsiisummaatiin ramadamani hanga ulagaa guutanitti turtii
eeganii sadarkaa guddina barsiisummaan akka argatan ta’ee sadarkaan tokko
ykn hirkaniin sadii dabalameefii bakka bu’ummaan ni hojjetu.
4.7.5. Barsiisaan muuxannoo guddaa qabuufi fedhii hoggansaa qabaatee gara
hoggansa mana barumsaatti dhufuf dorgommii bakkichaaf taa’e mo’ateedabre
ta’emiindaabarsiisummaan argachaa jiru ka’umsa miindaa bakkichaaf taa’een
waliqixaa yookaan ol yoo ta’e miindaa barsiisummaan argachaa ture irratti
dalgeesadii dabalameefii hojii hoggansaa irratti ramaduun ni danda’ama.
Kanaaf, sababamiindaan dorgommiirraa daangeeffamuu hinqaban.
4.7.6. Hooggantoonni manneen barnootaa sadarkaa barnootaa bakkichi gaafatu osoo
hin guutin ramadamanii hojjechaa jiran osuma hojiirra jiranii sagantaa leenjii
hojii irraatiin sadarkaa barumsa isaanii yoo fooyyeffatan miindaa bakkichaaf
qabame dorgommii malee ni argatu.

5. Kutaa Shan :

5. Waa’ee Adabbii Naamusaa Hoggantoota Manneen Barnootaa


5.1. Adabbii naamusaa cimaafi salphaa

5.1.1. Adabbiin naamusaa cimaan dorgommii hoggansa manneen barnootaa kan


dhorkuta’ee, guyyaa murtiin adabbii kennamee irraa eegalee waggaa
shaniifakka ragaatti qabama.
5.1.2. Adabbiin naamusaa salphaan dorgommii hoggansa manneen barnootaa kan hin
dhorkine ta’ee guyyaa murtiin adabbii kenname irraa eegalee hanga ji’a jahaatti
akka ragaattiqabama.

32
5.2. Adeemsa Fudhannaa Tarkaanffii Naamuusaa Hoggantoota Manneen
Barnootaa

5.2.1. Hanqina naamusaafi dadhabni hojiitiin dura bu’aan, Itti aanaa durabu’aafi
supparvaayzarri turtiin marsaa ramaddii isaa iddoo itti ramadame irraa osoo hin
xumuramne ka’uni danda’a.
5.2.2. Hojii hoggansaa irraa kaasuutartiiba fudhannaa tarkaanfii taa’e irratti
hundaa’uun koreen filannoofi ramaddii keessaa kan garee misooma misooma
barsiisotaafi hoggansa manneen barnootaa bakka bu’an ragalee jiran
qulqulleessuun manajimeenti mana hojiitiif dhiheessuun, angoon hoggansa irraa
kaasu kan manajimeentii mana hojichaa ta’a.
5.2.3. Hooggansi sababa hanqina naamusaan maalamaltummaa ykn qisaasa’ina
qabeenyaa mana barnootaa irratti geessissen hojii hoggansa irraa kaafaman
seeran kan gaafataman ta’e murtii seeraan itti kenname xumuree bahuus ykn
qabeenya mana barumsaa qisaasame kafaluus hojii hoggansaatti deebi’uu hin
danda’u. Haa ta’uu barsiisummaatiin ramadamu ni danda’a.

Kutaa Ja’aa:.

6. Sirna itti gaafatamummaa, Angoo Qajeelfamicha Fooyyessuufi Yeroo Raawwii

6.1. Sirna Itti Gaafatamummaafi Adeemsa Komiin Itti Dhala’u


6.1.1. Koreen ramaddiifi filannoo hoggansa manneen barnootaa haala qajeelfama
kana keessattita’een raawwachuuf dirqama qabu. Ramaddiin hoggansa manneen
barnootaa qajeelfama kanan alatti gaggeeffamu fudhatama hinqabu. Qajeelfama
kana cabsee kanargame akkaataa labsii hojjetoota mootummaa fooyya’e bahelakk.
215/2011tiin kan itti gaafatamu ta’a.
6.1.2. Adeemsa ramaddiifi filannoohoggantoota manneen barnootaa irratti komii
namootni qaban barreeffamaankoree komii mana hojii seeraan hundaa’ee jirutti

33
iyyachuun guyyaa 5 keessattiyaadni murtii karaa hogganaa olaanaa mana
hojiitiinkan kennamuuf ta’a.
6.1.3. Hoggantootni mana hojii sadarkaan jiran qulqullummaa adeemsa ramaddiifi
filannoo hojirra oolmaa qajeelfamichaa hordofuufi deeggarsa barbaachisu
taasisuuf dirqama qaba.

Kutaa Torba

7. Itti waamamaafi Madaallii Raawwii HojiiHoggantoota manneen Barnootaa

7.1.1. Itti waamamni hoggantoota manneen barnootaa Itti gaafatamaa waajjira


barnoota aanaafi B/Magaalotaaf ta’a,
7.1.2. Madaallii raawwii hojii suupparvaayizarootaa misooma barsiistota aanaan ta’ee
itti gaafatamaa mana hojiin kan mirkanaa’u ta’a;
7.1.3. Madaallii raawwii hojii Dura bu’ootaa suupparvaayizaraan ta’ee Adeemsa
misooma barsiistotaa waajjira barnoota aanaan kan mirkanaa’u ta’a;
7.1.4. Madaallii raawwii hojii Itti Aanaa dura bu’ootaa dura bu’aa mana barumsaan
ta’ee suupparvaayizara wiirtuu gurmuu manneen barnootaatiin kan mirkanaa’u
ta’a;
7.2. Angoo Qajeelfama Fooyyeessuu
7.2.1. Qajeelfamnifilannoofi ramaddii hoggansa manneen barnootaa kun yeroo
barbaachisaa ta’eettiBiiroo Barnoota Oromiyaatiin fooyya’uu nidanda’a.
7.2.2. Qajeelfamootni filannoofi ramaddii hoggansa manneen barnootaa kanaan dura
turan qajeelfama kanaan haaqamanii waan jiraniif fudhatama hin qabaatu.
7.3. Dirqama Deeggarsa Kennuu
7.3.1. Qajeelfamni kun akka hojii irra oolu qaamni kamiyyuu deeggarsa kennuu
qaba;
7.4. Yeroo Raawwii Qajeelfamichaa
7.4.1. Qajeelfamni kun Ebla ------------- 2014 irraa eegalee hojiirra kan oolu ta’a.

34
Tolaa Bariisoo (PhD)

Hoogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa

Ebla, 2014
Finfinnee

35

You might also like