Barsiisa Bu'uura Kiristinnaa

You might also like

Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 24

Barsiisa bu’uura kiristinnaa.

/basic Christian Doctrine/


“ወንጌላችን በኃይልና በመንፈስ ቅዱስ በብዙ መረደትም እንጂ በቃል ብቻ ወደ
እናንተ አልመጣምና “/ 1.ተሰ 1፡5/
Barsiis Bu’uura kiristinnaa Maali ?
1. Kiristiyaanoti Maanitti Amanan ?
2. Waan itti Amanan San akkamitti ibsatu ?
 Gaafi kanaaf kan kana fakkaatanulle, kan deebisu,diidessaa ykn
ibsa kitaaba Woyyichaa kan te’u, barsiisa bu’uura kiristinnaati
jedhama.
 Isaanis:-
1. Barsiisa Waa’ee Kitaaba Woyyicha:-
2. Barsiisa Waa’ee Maanummaa Sillaasee :-
3. Barsiisa Waa’ee Ergamtoota:-
4. Barsiisa Waa’ee Namaa:-
5. Barsiisa Waa’ee Fayyinnaa fi Badhaadhinna
Kennaa Waaqa:-
6. Barsiisa Waa’ee Dhossaa Woyyitti:-
 Barsiisa bu’uura kiristaana kan armaan olitti tuqaman,
tuqaalee (6) jahan kan tokko tokkoon yoo ilaallu , isa jalqabaa:-
1. Kitaaba Woyyicha:-
 kitaabi woyyichi “ Tumbii “ addatamtuu dhaabbata ykn
bu’uura dhugeeffanna teenna, akka te’e Amanama.
 Kitaabi Woyyichi Maan ?
 Kitaabi Woyyichi :- Yaada Laphee waaqaatiif Jeche afaan isa
keessa baye kan itti barreeffame.

1
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.
 Kitaabi Woyyichi :- Barreeffamaaf kitaabilee addunyaa
kanarratti argamanurra kan isa adda godhu, Yaada Laphee
waaqa, kan karaa Ayyaana Woyyichaatiin afaan Namootaatiin
namatta Mudhate te’uu isaati.
 Kitaabi Woyyichi :- Mudhata waaqi Ilmaan Namootaatiif Biyya
addunyaa tana Yaada ifii qajeela ittiin mudhise.
 Kitaabi Woyyichi :- Argama bu’uura Amantii kiristaanaati.
 Karaalee kitaabi Woyyichi ittiin argaman:-
 Kitaabi Woyyichi:- Namoota Lakkofsaan 40 ol te’an,Ayyaana
Woyyichaan Qajeelfamanii barreessu isaan.
 Kitaabi Woyyichi:- Kakuu jeebanaa dhaloota kiristoosiitiin
dura bara 1500 -400 tti barreeffamee yoo xumuramu.
 Kitaabi Woyyichi:- Inni kakuu Haarayaa immoo Bara 45- 100
jiddutti barreeffamee xumurame.
 Kitaaba Woyyicha kana Gaheen Namooti isa barreessan:-
Mootota, Hayyoota/luboota/, Qonnaan bultoota, Nabiyoota,
Beektota, Worra Qurxummi tiyyeeffatan, Worra Qaraxa
Guuran fi Haakimoota … kkn .
 Yeroo jalqabaatiif kitaaba Woyyicha, Gogaaf kaldho
bineensota irratti Cunfaa koola mukaatiin barreessa turan.
 Bara 1456 Nama Lammii biyya Jaarmani Johan Goten Bergi
jedhamu hojii barreeffama kanaatiif jecha Mana Meesha
barreessaa fi Maxxansaa hojjete Baruma san keessa kitaabi
Woyyichi Woraqaa irratti Maxxanfamu Jalqabsiise. /luq.4:17-
20 ; 2 .Ximo 4:13/
 Kitaabi Woyyichi :- Afaanota gorguddaa Sadiin Barreeffame:-
isaani :-
1. Afaan Ibiroota

2
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.
2. Afaan Aremaayik
3. Afaan Girikiitiin Barreeffame.
 Kitaaba Woyyicha isa 66 Barreessuun jechi ittiin Madaalan ,
jecha Afaan Girikitiin “ Kaanoon “ jedhun, Kaanoon jechuun
Madaalli jechu dha.
 Worri kitaaba Woyyicha barreessa Madaalli armaan gadii kana
worra guutan te’uu qaban.
 Barreesitoota kakuu jeebanaa;-
1. Sanyii Yihudoota te’uu qabu.
2. Nabiyoota,Luboota fi Mootota keessa Nama
beekkumsa qabu ykn Nama Waaqi itti diidye te’u
qaba.
3. Worra Sagalee waaqa dhage’an ykn dhageettaaf kan
gurri isaan barate te’uu qaban
4. Abbootii Yihudota biratti nama fudhatama qabu te’uu
qaba.
5. Jecha inni dubbate keessa tokko kan mirkanaa’e te’uu
qaba.
 Barreessitoota kakuu Haarayaa:-
1. Worra Iyesuus kiristoos gaafa inni fooniin lafarra
deddeebi’u dhagganii fi Barattoota kan te'an.
2. Hawwaarota Iyesuus keessa tokko te’uu qabu.
3. Worra Iyesuusutti Amanani kiristaanota jalqabaa
keessa te’uu qabu.
4. Worra barumsa worra kudha lama barateef kan
isaan gula duuka bu’e te’uu qabu.
 Akka Wolii galaatti Kaayoon kitaabi Woyichi barreefameef,
Ilmaan Namoota Cubbaaleyyi waan turaniif Waaqayyoon

3
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.
Yaada laphee isaa karaa kanaan dubbachu, cubburra nama
deebisuu waan barbaadeef.
 Kitaabi woyyichi :- kakuu jeebanaatii fi kakuu Harayaa
jechuun bakka gurguddoo lamatti qoodama:-
 Kakuun jeebanni dhaloota kiristoosiitiin dura kan
barreeffame kitaaba 39 yoo ta’u, dhaloota
kiristoosiitiin asi kan barreeffamee immoo kitaaba 27
dha.
 Wolumaa galatti qabiyyee kitaaba kakuu jeebana
of keessa qabu 39 yoo ta’u , bakka gurguddoo 4 ti
qoodama.
1. Kitaabilee Seeraa / the book of Law or Pentateuch/:-
 Kitaaba Uumaatiif hanga kitaaba Irra deebi kitaabilee
5 of keessa qaba.
 Ergaan isaa Waa’ee kiristoos Fooniin gara biyyaa lafa
dhufichaa yeroo jalqabaatiif kan dubbate, /
K.Uuma.3:15 ; 17:3-8 ;K.Irra deebi. 18:15-19/
 Ergaa isaa karaa of eggannootiin, karaa bifa irraa
baratanuun , Tolchi hin tolchin kara jedhuun Ergaa
dabarsa.
2. Kitaabilee seenaa/ Historical Books/ :-
 Kitaaba Iyyaasuu irraa kaase hanga kitaaba Asterii
kitaabilee 12 of keessa qaba.
 Ergaan isaa bifa seenaatiin seena kun Irraa
Haadebi’amu hin deebi’amu jechuun barsiisa.
 Waa’ee seena Nabiyoota, Mototaa, Luboota, waa’ee
lubicha Guddaa Iyeesuus barsiisa.
3. Kitaabilee Sagalee Bareeddu fi Farfanna :-
4
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.
 Kitaabileen kun kitaaba Sagalee Babbareddota irra
kaasee Hanga Kitaaba Weedduu Weedduu Caaluutti
kitaabilee 5 of keessa qaba.
 Waa’ee dhufaati Iyesuus gadi fageennaan sagalee
bareeddu dubbatamtu./ Far. 2:1-7 ;34:20 ;Kitaba
Faken. 8:22-31/
 Ergaan isaa Faarfanna bifa sagalee babbareeduutiin
qopheessa.
4. Kitaabilee Raagota/ prophets/ :-
 Kitaabileen raagaa kun kitaaba Raaga Isayaasi irra kaasee
hanga kitaaba Raaga Milkiyaas kan jiru yoo ta’u kitaaba
17 of keessa qaba.
 Ergaan isaa Waa’ee dhufaati Iyesuus akeeka /Isa.9:1-
9 ;Zekariyas 12:1 ; Isa.53:1-12/
 Ergaa kana bifa Raagaatiin dhiyeesse barsiisa.
 Kitaabi kakuu Harayaa lakkofsaan 27 yoo ta’u
bakka gurguuddoo 4 ti qoodama.
1. Wongeloota arfan Matiyoos hanga Yohaanis 4
2. Kitaaba kakuu haraya kan Seenaa Hojii Ergamoota 1
3. Kitaabilee Ergaa Roomee hangaa Yihudaa 21
4. Kitaaba Mudhii ykn Raaga kakuu hareyaa 1
 Barreesitotaa kitaaba Woyyicha muraassa isaan:-
La Maqaa Bara Nama Hojii isaan
kk kitaabota Barreeffame barreesse
1 k. Umama 1450-1410 Muusee Tissaa, Sooressa
k.Ba’uu 1450-1410 “ “ kolba Isiraa’el
k. Lewoota 1450 “ “
k. Lakkofsa 1450-1410 “ “

5
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.
k. Irra deebi 1446-1406 “ “
2 Iyyaasu 1370 Iyyaasu Sooressa Woraana
3 k. Abbooti firdi 1043-1004 Samu’el Nabiyi
4 k. Ruuti 1000 Samu’el jedhan Nabiyii
tilmaamu
5 k. Samu’el 1fi2 930 Samu’el Nabiyii
6 K.Motota 1fi2 561-538 Ermiyas Nabiyii
7 K.Seena bara 1fi 2 450- 425 Iziraa Hayyu fi barressa
8 K.Iziraa 440 Iziraa “ “
9 K.Nehimiyaa 440-430 Nehimiya Taajila M/ Mooti
10 K.Asteri 460 Hin beekamu
11 K.Iyoob Sirrumatti hin Hin beekamu
bekamu 2000-1000
12 K. Farfanna kuta 5 Yeroon isa hin
qaba. beekamu
1. 1-41 Dawwit Hoji adda addaa
2. 42-72 Booju duraa fi Dawiti fi Ijole Qore qabu.
3. 73-89 duuba waan Bayinan Asaf
4. 90-100 Barreffameef. Dawit fi Nama biro
5. 101-150 Dawit,Selemon,
Hiziqiyaas fi kan
biro
13 K. Fakkenna 1000-686 Selemoon Mootii
14 K.Mekibeb Sirritti hin bekamu Selemoon Mootii
15 Weddu Weddu 1000-965 Selemoon Mootii
caalu
16 Isayyas 740-680 Isayaas Nebiyii
17 Ermiyaas 625-580 Barresa isa kan Barreessa
ta’e “ Baaroki “
18 BoyaErmiyas 586 Hin bekamu
19 Hisiqiyas 595-571 Hiziqityas Nabiyii
20 Dani’el 539-530 Dni’el Nabiyii
21 Hose’I 755-715 Hose’I Nabiyii
22 Iyu’el Hin beekamu Hin bekamu
23 A moosti 792-740 Amosti Nabiyii
24 Abdiyu 848-841 Abdiyu Nabiyii

6
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.
25 Yonas 782-753 Yonas Nabiyii
26 Mikiyas 750-686 Mikiyas Nabiyii
27 Nahom 663-612 Nahom Nabiyii
28 Inbaqoom 640-609 Inbaqoom Nabiyii
29 Sofoniyaas 640-612 Sofoniyas Nabiyii
30 Haggee 520 Haggee Nabiyii
31 Zekaariyas 520-480 Zekariyas Nabiyii
32 Milkiyas 432-424 Milkiyas Nabiyii
 Kitaaba Kakuu Harayaa isa 27 Namoota barressaniif Bara barreeffame.
1 Matiwos 70-80 Matiwos/Lewii Qaraacii
2 Mariqoos 55-65 Mariqoos/yohanis Baranaabas,
Phawulos fi
Phexiroos Woliin
Nama hoji hojjatu.
3 Luqaas 60-64 Luqaas Dokterii
4 Yohaanis 70-90 Yohaanis Tiyyeessa Qurxumii
5 H/Ergamoota 60-65 Roome Luqaas Dokterii
6 Ergoota 14 Hawariya
 Roomee 57 Qorontos Phuwuloos
 Qorntos 1 fi 2 54-56 Efeson ‘’ ‘’
 Galatiya 48-49 Anstokiya “ “
 Efesoon 60 Rome M/ hidhaa “ “
 Filiphoos 61 Rome M/ hidha “ “ Hawwaariya
 Qolasiyas 60 Rome M/ hidha “ “
 Tesolonqe 1fi2 51-52 Qorontos “ “
 Ximotiyos 1 63-65 Rome “ “
M/hidha “ “
 Ximotiyos 2
“ “
 Tiitoo
66-67 Rome “ “
 Filomoona
M/hidha “ “
 Ibiroota 63-65 Rome M/ Phawulos
hidha /Aphuloos/ jedhu

60 hinbekamu
60-70 hinbekamu

7
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.
7 Ya’iqoob 50-60 hin bekamu Ya’iqooba Soresa wolda
Iyerusalem ykn
Obboleesa goottati
8 Phexiroos 1 64 Rome M/ Hidha Pheexiroos Hawaarota
Phexiros 2 65-68 Rome “ “ Goottati keessa
M/hidha nama tokko.
Yohanis 1,2 fi 3 85-95 Efesoon Yohanis Hawariya Goottati
Yihuda 67-80 hibekamu Yi’uda Obolesa Ya’iqobi
9 Mul’ata Yohaanis 95-96 Oddola Yohaanis Hawariya Goottati
feximo

 Kiristiyaan Waa’ee kitaaba Woyyichaa Amantiin inni qabaatu Male:-


1. Kitaabi Woyyichi Jecha Waaqa Kan Mudhate akka te’e Beekuuf
Amanuu qaba:-
 Kitaabi Woyyichi Mudhata Dhugaati.
 Jechi Waaqaa beekkumsaa fi Dandeetti Namaatiin, kan bira
geyame adoo hin te’in , karaa Ayyaana Woyyichaatiin jecha
Mudhatee , Ilmaan Namaatti diidaye.
2. Kitaabi Woyyichi Jecha Hafuuraa te’uu beekuun itti Amanuu qabna:-
 Kitaabi Woyyichi karaa Ayyaana Woyyichaatiin Kanuuf
kenname, kannutta Diidaye fi jecha nuufi barreeffame.
 Jechi Mataan isaa Hafuura fi jireenna. /2.ximo.3:16/
 Namooti kitaaba Woyyicha yeroo barreessanu, Waaqi Harka
qabee,Ykn toko tokkoo isaaniitiin itti hima kana barreessi jedhee
Adoo hin te’in, Ayyaanni Woyyichi,isaan qajeelcha,karaa
Objuutiin,akkuma dandeetti isaanitiin , akka barreessan taasise.
3. Kitaabi Woyyichi Jecha Angoo qabu te’uu isaa itti Amanna:-
 Jechi Ni Uumaa, Ni dhaaba, Ni diiga.

8
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.
4. Jecha Yennaa Qu’annu Mudhataaf Nuwoliin jiraachu isaa Beekuu,
Amanuu qabna.
5. Humna guutuun kan hojjattu jecha Waaqa te’uu beekuu, Amanuu
Qabna.
 Jechi Waaqa jecha kaayoo Waaqa Raawwatiisaaf humna Qabu te’u :-
1. Jechi Waaqa Yaada waaqa raawwata. /Isa.55:10-11 ;Luqa.7:6-8 ;
Ibiro. 4:12/
2. Jechi Waaqa Nama Itti Amanu Ni jijjiira/ Rom.1:16 ; 1.Phex.1:22/
3. Jechi Waaqa Cubbuun Wal Lolu. /Faaruu. 119:9-11/
4. Jechi Waaqa Guddinna Hafuura Argamsiisa. /1.Phex.2:2/
5. Jechi Waaqa Waan goonuuf Waan Dubbannu Yaada Bu’uura Nuuf
ta’a.
 Kaayoon jecha Waaqa:-
1. Madaalli Dhugeeffannaa teeti tan bara baraa si’iif kinnisaan:-/Faaruu.
119:89-91 ;160/
2. Sijajjabeesiisaan, Sibarsiisiisan, Sicimsisiisan,Sigeggeesiisiisaan
sitajaajilti;-
3. Dogoggora Nama biraa Itti himuu of Eggachiisu,Qajeelchuun Tajaajilti;-
4. Amantoota A’ii Hafuura Hamaatiif Qophaawa Gooti:-/Efes.6:10-18/
5. Tajaajiltoota Waaqa akka teenuuf Nuhidhachiitti./2.Ximo.3:16-17/
 Kallatti kitaaba kana ittiin Qu’annu Muraassa:-
1. Jecha Jechaan:- kitaaba Woyyicha keessa jecha tokko fudhanne Qu’achu:
fkn= Waa’ee Qulqullumma,Dhugeeffanna,kadhanna. Sirritti bilcheesinee
beeku.
2. Yaada kitaaba tokko Yaada kitaaba biraatiin Wol bira qabnee Qu’achu:-
fkn Uuma,Dani’el, Rome,Galatiya Wol bira qabichaan Qu’achu.
3. Kitaaba tokko filane Awudii isaa eggannee Qu’achu:- fkn. Matiyoos
 Boqanna 1 fi 2 Waa’ee dhalachuuf Guddachuu iyesuus.
 Boqonna 3 hanga 4:11 Qophi tajaajila,Cuphamu fi Dabilosiin
Ilallatamu Isa.
 Boqonna 4;12 hanga 25:46 Bartoota Filachuuf Tajaajila iyesuus.
 Boqonna 26:1 hanga 27:31 Iyesuus dabarfamee kennamuu.

9
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.
 Boqonna 27:32 hanga 28:20 Waa’ee du’uu, du’aa ka’uu fi Barattoota
Ergachuu Iyesuus. Bifa kanaan Qu’achuu.
4. Jecha kitaaba tokko keessatti itti deddeebi’ee dubbatame Xiyyeffanna
itti kennuun qu’achu:-
 fkn =Ibirota 11:1-40 “Amantii “
 Ibiroota 4:1-10 “ Boqanna “jecha jedhamutti irra deddeebi’e,
Maliif ?
 Kitaaba Woyyicha Yeroo qu’annu Qajeelfa Eegachu malle Sadi : -
1. Adeemsa Ilaalcha:-
 Adeemsi ilaalchaa kan jedhamu keessatti Gaafachuu fi Deebii
argachu:- fkn;-
 Eennu ? / Kan dubbatee ykn kan barreesse./
 Maaliif ? /Ergaa kana Barreessu kan danda’eef. /
 Maani ? / Ergaan inni dabarsuu barbaade./
 Yoomi ? / Yeroon inni ergaa tana barreesse./
 Eessatti ?/Iddoon Ergaan tun itti barreeffante./
 Eennuuf ?/Nami ergaan tun barreeffanteef/
2. Adeemsa Hiikkaa:-
 Adeemsi hiikichaa kan jedhamu, Adeemsa yaada kutaalee
dubbinnu san keessa jiru,sirritti ilaaluuf hubachu jechu dha.
 Yaada kutaa san keessa jiru adoo hin dhidhisin kallatumatti
dhugaa jirtu san dubbachu.
3. Adeemsa Firoomsii:-
 Adeemsi firoomsii kan jedhamu; gaafilee armaan gadii kana
jireenna keenna gaafachuu qabna.
 Kutaa kanarra ani Maal baradha ?
 Maal raawwachuu qaba ?
 Maal dhiisu qaba ?
 Akkami jiraachu qaba ?
 Gaafilee armaan olii tana jireenna keenna gafachuu qabna.
 Kitaaba Woyicha Qu’achuu dura Qophiin duraa:-

10
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.
1. Karoora baafachuu, Yeroo,qu’annaa,kabajuu,Meshalee
barbaachisu Qopheeffachu.
2. Kitaabilee adda addaa,Debtera Yadannoo, Qalama ,iddoo
Cadheessa filachuun nubarbaachisa.
3. Qu’anna jalqabuun duraa Kadhannaan Sammuu fi Laphee
qopheffachu. / H/Ergamota. 17:11-12 ; Luq,24:45/
4. Jecha Waaqaa Onnee bananteen dubbisuu.

“Namnii Jecha afaan Waaqaati bayeen Malee Buddeena qofaan


hin jiraatu. “/ Mat. 4:4 ; K.irra deeb. 8:3/

 Ergamtoota /Ergamoota/
2.1. Uumama Ergamtootaatiif Amala Isaan:-
 Jechi “ Mele’akti “ jedhu jecha Afaan Ibiruutiin “ Melaaki “ Afaan
Giriikiitiin “ Anjeli “ jedhu irraa dhufe.
 Ergamooti Uumama hundumarratti angoo kan qabanu, Angoo
Waaqaatiin gaditti Hafuurota jiraatanu dha.
/ Faaruu. 104:4/
 Ergamooti Uumama Waaqaan Dadaman Yoo te’anille Yoomi akka
Dadamani hin beekkamanu, garuu Uumama Namaatiin dura akka
dadaman ni beekkama. /Iyob.38:6-7 ; Qola.1:16 ; Faaruu,148:2-5/
 Ergamooti Hafuurota. /Ibiro. 1:14 Faaruu, 104:4/
 Ilmaan Namootaarra Caala humna qabu. /2.Samu.4:15-16
M/Yohn.3:1/
 Ergamooti bifa waan mudhataatiin Mudhachuu
danda’u./Uuma.19:1-6 H/Ergamo.1:10-11/
 Ergamooti kutaalee Gurguddoo Lamatti Qoodamu:-
Isaanis./M/Yoh.12:7-12 luqa 10:18/
1. Ergamoota qulqullootaaf
2. Ergamoota kufan jedhamu.
2.2. Maqaa Ergamoota Qulqulloota:-
1. Mikaa’el :-Sooressa Ergamoota. /Yihu.9 Dani’el.12:1/

11
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.
2. Gabri’el :- Fuula Waaqa dura kan dhabbatu./Luq.1:19/
3. Suraafeel :- bobe’a Ibiddaan kan fakkeeffamu /Isa.6:2/
4. Kiruubeli :- Teessuma “ Zuufana” Waaqa kan marsan /R.Hiziqe.
10:1/
5. Hojjattoota Ol gubbaa :- /Luq.2:13/
6. Kumaatamaaf Kuunkii :- /M/Yoh.5:11/
2.3. Ergamooti Qulqullooti hujii isaan Hojjatanu:-
 Sagalee Waaqa Dhageeffatu /Faaru.103:20/
 Amanamoota / Faaru.103:20-21/
 Murtii Waaqa Rawwattoota./ K.Uuma.9:12-13 H/Erga.12:23/
 Tajaajiltoota Amantoota /Qulqulloota/:-
/Ibiro.1:14 ;Dani’el.12:2/
 Halkanii fi Guyyaa Waaqa Waaqeffatu. /Isa.6:3 ;M/Yoh.5:11-
14/
2.4. Ergamoota Hamoolee Kufan:-
1. Bu’aan Sheexanaaf Ergamooti isa Woliin jiran kufaniif:-
 Seexana Jechuun Afaan Ibiirootaatin “ Diyabiloos “ Yoo ta’u.
Afaan Giriikiitiin Immoo “ Kesashi” jechu dha.
 Seexanni Dada Waaqaan dadame, Ergamoota isaa keessa akka
malee Bareedaa fi Ulfinna guddaa kan qabu . / Isa.14:12-14 /
 Dheebuu angootiin tan kaate Ulfinnaaf ol’aantummaa Waaqa
Waan kajeeleef Waaqi gubbaa olii irraa Miseensota garee isaa
Waliin gara lafa gadi isa darbate. /Luq.10:18 M/yoh.12:7-9/
 Ergamoota hanga guyyaa dhumaatti hidhamaniif /2.phex.2:4/
 Ergamoota Socho’anu kan hin hidhaminii/Mar.1:23-26;
Luq.8:26-33/
2. Maqaa Shexanaatiif kan Hojjattoota isaa:-
o Diyaabiloos :-/Mat.4:1/
o Bi’eli Zebul:- Gooftaa Kolbaati jechu. /Mat.12:24;K.Motota
2ffaa 1:2-6/
o Bilihoor:-/2 Qor.6:15/
o Abdiin fi Aphiliyoon:-/M/yoh.9:11/

12
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.
o “Baale Gaara” :- kan dhiiga jissu. /1.phex.5:8/
o Dogoggorsiisa:-/M/yoh.12:9/
o Ijjeesa lubbuu:-/yoh.10:8-10/
o Abbaa Sobaa:- /yoh.8:44/
o Bittaa Addunyaa tanaa:-/yoh.12:3/
o Hafuura Hamaa:-/ Mar.5:8/
o Hattuu:-/yoh.10:10/
3. Amala Sheexanaa:-
Hafuurota Hamaalessa:- /Efe.6:12/
Bifa qaama Mudhatuutiin if Mudhisuu danda’a:-/2.Qor.11:14/
Nama Uumamaati ol Humna qaba:-/ H/Erg.19:13-16/
4. Hojii Hafuuroti Hamaalessi kun hojjatanu keessa:-
 Namooti Waaqa Caala Waaqilee Sobaatiif akka Sagadan
Godhiisaan:-/K.irra Deb.18:9-12; Faaruu.106:35-38/
 Sagalee Waaqa Daddassiisaan Amantooti Barumsa
dharaatiin akka sobaman taasisu:-/1.Ximo.4:1 ;M/yoh 2:24/
 Namooti Amananii hin jirree gara gooftaa akka isaan hin
dhunnee hubanna isaan jalaa golluu:- /2.Qor.4:3-4/
 Kolbaa Waaqa hin Sodaanneef Mootummoota Waaqa hin
sodaanne Meesha godhachuun hojjachuu:-/ Dani’el.10:12-
21 ; M/yoh.16:14/
 Amantoota irratti Mormiif Ariisa
Kakkaasu:-/H/Erga.8:1 ;12:1-5/
 Namooti Cubbuu fi Hammeenna hojjatan akka isaan
Waaqarra fagaatan Gochu. /Efe.2:1-3/
 Namoota Dhukkubaan,Gargalaan,Rakkinna Cimaa keessa
akka turan taasisuu:-/ Mat.12:22/
 Qulqulloota Qorachuun , Qormaata keessatti akka kufanu
taasisuu:-/Luq.22:31/
3. Nama:-
 Namii Maali? Esaa dhufe ?Eessa deema ?

13
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.
 Deebii tana kennuuf akkaata dada nama gara kitaaba woyyichaa
deebi’uun duratti , Yaadi adda addaa kennameera;-
A. Akka Yaada Worra “ Panteeyizimiitti “ :- “ Wonnii hundi Waaqa Ykn
Waaqii Waan hunda “ yaada jedhu qaba.
 Yaadi Worra Panteeyizimi qaban kun Yaada Amantii Worraa
Hinduyizimi irraa kan madde dha.
 Worri amantaa hinduyizimii Hordofan kun Nami Deeme deemee
Sadarkaa Waaqa te’icha dhaqaba jedhanii yaadu.
 Kun yaada dhugaati Moti.
B. Akka yaada Worra “Ivolushiniitti “ :- Nami Woggaa dheertuun duratti
Suuta Suutaan Dada argamee jedhanii yaadu.
 Kan jechuun Lubbu qabeeyyi Waan akka Xuxii irraa kaase
guddataa guddata Nama guutu te’e jedhu.
 Kun yaada dhugaati Moti.
C. Kan biraa Waaqinuu Mataa isaa :- yeroo Uumama hundumaa Uumu
Waan Xixiqqoorra Suuta Suutaan Uumamaa kana hundumaa argamsiise
jedhanii yaadu.
 Akka barsiisa kitaaba Woyyichaatti Yoo ilaallu:-
 Akka barsiisa kitaaba Woyyichaatti Nami Shakkii tokka malee akka
Waaqi dadamee Dhibba dhibbatti ni amanama.
 Akkaata dada Namaa Yoo ilaallu Waaqi biyyee lafa fuudhee, Loobe,
Funnaaniin Hafuura jireenna itti afuufe Nami Nama jiraata lubbu
qabu te’ee jiraachu jalqabe. /k.Uma.2:7/
Yaada kana Nami Mormu akkas jedhu:-
o Waaqi Nama Waggaa dheertu keessatti Uumee jedhani yaadu.
o Kan biraa immoo akkas jedhu biyya adda addaa keessa Nami
jiru Waaqi Yeroo tokko Uumee jedhu.
o Tokko immoo Nami Jaldeessa irra turtii dheeraa duuba
Uumamee jedhu.
o Kan biraa immoo Ergamtootatti Nama te’e malee Nami hin
Uumamnee jedhu.

14
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.
o Yaadi armaan olitti tuqame kuni Waaqa jiraachuu isaatii fi itti
amanuu isaa mormuuf male Nama 100 % 100 % Waaqi akka
dade akka armaan gadiitti iffama.
3.1. Nami dada bifa Waaqaatiin dadame/ Uumame/
 Waaqi Nama “bifaaf Fakkeenna” ifiitiin dada jechuun
Qaama ykn bocaa osoo hin te’in:-
o Hubannaa yaada.
o Beekkumsa.
o Balchummaa
o Qulqulluummaa.
o Jaalala
o Dhugaamessa
o Itti gaafatamummaa kan qabu …kkf te’uun nami
Amala Waaqa Qoodamaa te’uu isaa mudhissuu
isaati.
 Nami Waaqaan dadamuu, Uumaa hunadaan Ol angoo qabaachu,fi
Uumaa Ykn Waaqaa kan dhage’uuf kan wolitta haasawu Nama
qofa.
3.2. Nami biyyee irra kan dadameef, dada bifa lamaati.
 Nami dada ulfaatamaaf Salphataa dha.
 Nami dada dadhabaaf dande’aa dha.
 Dadaa Cimaa/ danda’aa/ ta’uun Namaa:-
 Bifa Waaqaatiin dadamuu isaati,
 Angoo bulchiisa qabaachu isaati. /
 Dada dadhabaaf Salphaa ta’uun isaa.
 Biyyee te’uu isaati. /Uuma.2:7/
“ Biyyee lafaa “ jechi jedhu Afaan Ibirootaatiin “Addaamah” Nama
jalqabaa “ Addaam “ jecha jedhu asirraa fudhatame.
3.3. Nama jechuun dhiiraa fi Dubartii jechuu malee dhiira qofaa
moti.
 Nama jechuun dhiira qofa adoo hin te’in dubartii dabalateeti.

15
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.
 Isaan lamaanuu fuula Waaqa duratti yeroo dadamanu bifummaa
waaqaatiin wal qixa ta’uu fi biyyee wal qixaati.
 Garaa garummaan isaan kun dhiira kun dubartii malee, dhiiratti
Caala dubartii irra xiqqo inni jedhamu hin jiru.
3.4. Dhirti ykn dubartiin Yoo wal fuudhan heeruman male Nama
Dhidhuu te’u .
 K.Uma.2:18 “ Nami kophaa isaa jiraatuuf dansaa moti “
kan jedhe Waaqa.
 Jechi “ Nami ” jedhu kun isaan lamaanu dhaggisiisa.
3.5. Nami Cubbuu keessatti Kufuu:-
 K.Uumama Boqonna 1 Yoo dubbinnu, Waaqii waan dade hunda
“Dansaa” jedhe yeroo ( 7 ) torba irra deddeebi’ee dubbata.
 Boqonnaa lammaffa gaafa dhaqqannu 2:17 “ Hammeenni “ biyya
lafaarra akka jiru dhaggina , Garuu issaa akka dhufe kitaabi hin
dubbatu.
 Boqonnaa 3:1 Gaafa baanu, immoo “ dabaan “ kan guutamee Bofi
Namoota Cubbuu hujachisichaan akka dogoggorse dhaggina.
 Bofi garuu hamaalessa moti , kan Meesha godhatee itti fayyadametti
Sheexanni Hamaalessa male.
 Iyesuus kana mirkaneessuuf, bartoota ifiitiin “ akka Saphaliisa/
Guuggee garalafeyyi, akka Bofaa Qaroolee/Worra waa hubatu te’a
jedha. / Mat.10:16/
 Sheexanni adoo dadi baayyeen jiruu Bofa akka itti
fayyadamuuf maaliif filate ?
 Hadha immoo Eennu/ maliif Itti fayyadamuuf filata ?
 Jecha sheexanni ilmaan nama Qoruuf karaa inni ittiin dhufe :-
A. Amma Waaqi muka Genneti keessatti argamu hunduma hin
Nyaatina isiniin jedheera ? jedhe gaafate.
 Heewwan Gaafi tana deebisuuf Rakkoo gosa lama Mudate:-
“ Muka genneti keessatti argamu ____hin nyaanna”. “
Hundumaa “

16
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.
“ Wolakka Genneti kan jiru ______Gumaa Muka sanii hin nyaatina
Jette. “ Waan Dansaa fi waan Hantu gargarii kan isin
beeksisu”
“ Hin tuqinaa “ jecha jedhu dabalte.

Waan waaqi jedhe Jecha Waaqa hirdhisuu jalqabde. /Uma.3:2-3/


jecha “Hundaa” “ Waan Dansaa fi waan Hantu gargarii kan
isin beeksisu”
o hirdhisu.
o Inni lammaffa waan waaqi hin jedhini jecha waaqarratti
dabaluu jalqabde. /Uma. 2:16-17/ jecha “ Hintuqinaa “
jedhu dabalte.
B. “ Du’a hin duutanu ifiifu Akka Isaa teetan “ jedheen:-
 Sheexanni jecha heewwan dubbatte argatee Qaawa isiin jecha waaqa
dhidhisuun ykn dabaluun jecha kana dabalee jedheen.
 Hadhalle Amantoota akkas jedhaan :-
 Waan waaqi hin teeti jedhe, Hin teetu jechuun.
 Waan waaqi hin godhi jedhe , Godhi jechuun nama soba.
C. Hewwan Muka akka malee Bareede dhaggite:-
 Hewwan yaada seexanni itti dhiyeesseen waan sobanteef Muki akka
malee itti bareede waan itti mudhateef, Yeroo ilaaltu nyaataaf waan itti
toleef ni halchite,ni gororte, ni nyaatte kanaa booda ni kufte.
 Akkuma kana Lapheen Nama yoo Cubbuun woraanantu:-
 Karaan Qajeelaan Daddabaa te’ee yoo itti mudhatu.
 Karaan Daddabaan Qajeela te’ee yoo itti Mudhatu.
 Wonni Hadhaawa Mi’ooftu teete yoo itti Mudhattu fi
 Wonni Mi’awa Hadhooftu teete yoo itti Mudhattu ilaalla.
3.6. Bu’aa Cubbuu fidde keessa muraassa :-
 Jaalalaa fi tokkummaan Waaqaa fi Nama jiddu jiru, Gargari cituun ,
Nami Waaqa jalaa dhokataa fi dheessa te’u./ uma 3:23/
 Jaalalaa tokkummaan Namaa fi Nama jidduu jirtu Gargarii cituu,
Nami Wol Woli Jibbuu fi Wol himachuu jalqabuu.

17
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.
 Jaalalaa fi tokkummaan Namaa fi Uumama jidduu jirtu Gargarii
cituun, Nami Uumama Woliin Wol himanna jalqabuu.
 Duuti ilmaan Nama Mudachu.
 Iddoo Boqannaa Eeden Genneti keessa ari’amuu. /uma.3:23/
 Ulfinnaa fi Ruufi Uffanna Waaqa irraa ka’uun Duwwummaan itti
dhage’amu. /Uma.3:9-10/
 Sodaan gara jireenna ilma namaa seenu. /uma.3:9/
 Obboleessi obboleessa ijjeesu Eggaluu./ uma.4:1-18/
 Fuudhaa fi Herumi jalqabaa ilama Laamehiitiin jalqabu./ uma.4:19-
24/
 Waaqi Nama dade gaabbichaan dadi ani dadee “ Dansaaa” jecha
jedhe itti gaabbe. /uma.6:1/
 Maatii tokko qofa lafa irratti lakisiisaan , Marroo Cubbuu isaan
hojjataniin Uumama hunda bisaaniin balleesse. /uma.7-8/
 Ittuma fufichaan of tulummaan guutaman, Maqaa keenna Yaansinna
jechuun Xuubi gara Waaqa jarichaan Hammeenni Cubbuu fakkanaa
fakkanaa deeme./ uma.11:1/
 Kanaafu Cubbuun Copha akka bisaani tokkochaan jalqabdi, Duubarra
akka bisaan guddaa fakkanaa fakkanaa deemti.
3.7. Waa’ee kufaati Namaatiif kan itti gaafatamu Eennu ?
 Gaafiin tun akka worra Liqaawuntotaatti wol mormanii jiru:-
1. Shexana jedha.
2. Waaqa mataa isaati jedhu.
3. Kan biraa immoo Nama mataa isaati jedhu.
 Yaada kana dhugaa kan te’e:-
1.ffaa Namaa yoo te’u :- Yaada shexana waan dhageeffateef.
2.ffaa Sheexana:- Waan Sobeef.

4. Cubbuu:-

4.1. Cubbuuna Maal ? ;- Cubbuun maal gaafi jedhuuf,


 Cubbuun jechuun :-Kaayoo irraa dogoggoruu /ዓላማ መሳት /ማለት
ነው፡፡

18
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.
 Cubbuun jechuun:- Waaqa beeku dhabu,Hamtuu hojjachuu,
Ajajamuu dhabuu.
 Cubbuu jechuun :- Waan Qajeelu beenne Hojjachu dhabu.
 Cubbuu jechuun:- Waaqatti Amannee isaan jiraatu
dhabu. / Rome.3:11-12/
4.2. Cubbuun bakka gurguddoo lamatti qoodamti:-
1. Cubbuu dhaalaatiif
2. Cubbuu Gochaa jedhamti.
4.3. Nami yoo cubbu hojjate jireenna isaatiin waan gurguddoo
saditti argata.
1. Tokkummaa Waaqa woliin qabutti duraa gargarii cita.
2. Sammuu/Yaada /of woliin Nagaya dhaba .
3. Nama biraa woliin Nagayaaf tokkumma dhaba.
4.4. Amaloota Cubbuu Kessa muraassa:-
 Cubbuun Eessa Dhufte ? Eentu Dade? Gaafii jedhuuf Ergamtoota
kufaniif Nama.
 Humni Cubbuu :- Du’aa fooniitii fi Hafuura namarraan
geetti./Uma.2:7; Galat.6:7-8/
 Cubbuun akkuma jalqaba qabdu buufata qabdi/ luqa. 16:22-28 /

 Ilmi nama hundi du’aa ka’iisaan duuba du’aa fi Haadha du’aa Cubbu
al- tokko itti murteeffanti./ 1.Qor.15:54/

 Cubbuun hundi gatii isii Ni kanfalamaaf,gatii cubbuu inni guddaan


Du’a./Rome.6:23/

 Cubbuun Yaada sammuu namaa keessatti Uumamuun deemte


deemte,Qaamaan rawwachu jalqabu,/Mat.5:27-28/

 Cubbuuf Ergamooti cubbu hojjatan Waan Waaqarratti hammaataniif


Ibiddatti gatamu./2.Phex.2:4 Yihud 6-8/

19
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.
4.5. Bu’aa Cubbuu keessaa muraassa :-
1. Jireenna Hafuura irratti:-
 Tokkummaa Waaqaan woliin qaban gargarii Cituu.
 Yeroo Cubbuu keessatti kufan irra Eeggali jireenna Hafuuraatiin
du’aa te’uu/ uma.2:17/
 Waaqaan Adda bayanii jireenna Sodaa keessa jiraachu/ Uma.3:8/
2. Jireenna Uumamaatiin Wol qabatee:-
 jiireenna Fokifataaf gadi bu’aa keessa jiraachuuf dirqamaman.
 Nama Cubbuuf jilbiifatuuf Cubbuu hojjachuuf yaada of garasitti
akka deeffatanu taasisuu.
 Yeroo Cubbuu kessatti kufan sanitti Garbicha cubbuu te’uu.
/Rome.3:9 ; 6:17/
3. Jireenna Al-Seerummaarratti:-
 Jireenni Ulfinna Ruufi Waaqa waan irra kufeef, Duwwummaan
Waan itti dhage’ameef Fokkifata Fuula Waaqa duraa dhokachu
Eeggalan./Uma.2:25/
4. Cubbuun Dhaala Addunyaa hunda dhaqqabde:-
 Amalaaf Naamunsa Maatii ofi irraa dhaalan, Cubbuu immoo
Nami hundi Addaami irraa dhaalu.
4.6. Tarkaanfii Waaqi Cubbuu irratti Fudhatu keessa muraassa:-

“ Gaafa Muka kanarraa nyaatte Du’a Duuta” jedhe. /Uma.2:17/

“Lubbuun Cubbuu Hojjattu Ni duuti “ jedhe. / Hiziqel 18:4/

1. Adabbii Waaqummaatiin adabuu:-


 Waaqi Mooti dhugaatii fi Murteessa balchaa Waan te’eef
Cubbu’uuf Cubbaaleyyi irratti Ni murteessa. /Rome.1:18 ;2:5-
6 ;Yoh. 3:36/
2. Karaa Iyesuus kiristoos dhalachuu,Du’uu, Du’aa ka’uu fi deebi’ee
dhufuutiin :-

20
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.
 Iyesuus Kiristoos Nama te’ee dhalachuu, Du’uu Du’aa ka’uuf
Deebi’ee dhufuun, Waaqi Tarkaanfi dhumaa kan Cubburratti
fudhachuu nu dhaggisiisa. /Yoh.3:18 ,36 , Rome.8:1/
3. Waaqi waaqa Waadaa gale Raawwatu te’uu isaatiin:-
 Baroota kakuu jeebana Marroo Cubbuutiif jecha Namoota
bayyee itti Muramulle Waaqi ilmaan Namootaatif Waadaa gala
tureera.
 Bara kakuu Haarayaa immoo ilma ofiitti Faradiisaan Cubbuurratti
Garaa jabaateera,
 Akka Fkn Goottaan Iyesuus Fannoo irratti, “ Eelohe, Eelohe,
Laama Sebeqitaan “ hiiki isaa “ Waaqa kiyya Waaqa kiyya Maaliif
Nadhiche “ jechu dha.
 Waaqi gara ilma ifii laaluu dhabichaan, Cubbuurratti Waan Garaa
jabaateef. / Isa.53:3-9 , Gala.3:13-14 ,2.Qor.5:21/
4.7. Du’a:-
 Hiikkaa jecha Du’a jedhu:-
1. Du’a jechuun addaan bayuu jechu:-
 Waaqaaf Nami addaan bayuu.
 Nami nama jaallatu addaan bayuu.
 Nami waaqaan addaan bayee haga bara baraa ibidda
keessatti gargaluu /Rakkachu/
2. Du’a jechuun adabbi Jechu dha;-
 Worrii iyesuus Fayyisaa Mata isaan godhani itti hin
Amanini gatii isaan argatanu jechu
dha./Rome.5:12,6:23, Hiziqel 18:4/
 Worra Amanani garuu Waaqaaf hin ajajanne ,adabbi
waaqi irratti fudhatu dha. /K.Fakk. 15:10/
3. Du’a jechuun diina jechu dha:-
 Duuti Namoonni jireenna lafa tana akka itti fufiinsaan
hin jiraaneef , jiruu isaa gabaassuun, nami jala bayuu
kan hin dandeenne ,Garbicha isii goote./Ibiro 2:15/

21
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.
4. Duuti karaa gara Waaqa ykn gara ibidda ittiin deemanu:-
 Du’a Foon kan jennu, Nami Amaneef kan hin Amanini,
kara inni biyya lafaa tanarraa ittiin deemu. /Fili.1:19-24/
 Haata’u Male Namooti Murassi Du’a tana adoo hin du’in
lafarra deemaniiru, /Uma.5:24 ;2.k.Motota.2:11/
 Bara dhumaarratti Amantooti Fooniini lafarra
fudhatamanu ni jiru./1.Teselonqe 4:13-17/
4.8. Du’a:-
 Akka Kitaaba Woyyichi jedhutti duuti bakka gurguddoo saditti
qoodama :-isaanis
1. Du’a Hafuura:-
 Du’a Hafuura kan jedhamu Nami tokko Goofta iyesuus
Fayyisaa Mata ifii Godhatee Amanuu dhabichaan kan du’u yoo
ta’u,
 Inni biraa immo jireenna waaqa Woliin jiraata ture Yoo dhiise
gara biyya lafaatti deebi’e , du’a tanatti isa Mudata.
/Rome.5:12,19/
2. Du’a Fooni /Qaamaan du’anu:-
 Duuti tun du’a Lubbuu fi Hafuurri Foonirra adda
bayanu./Ya’i .2:26/
 Sababbii Cubbu’uutiif du’a Nami hundi Du’u. /Ibiro.9:27/
3. Du’a bara baraa:-
 Duuti bara baraa ykn Lammaffa du’a Namooti hin Amanne, Gara
ibidda bara baraatti gatamanu Firdii dhumaa jechu. /M/Yoh.20:14,
Mat.25:46/

“Boru guyaa keeti Moti Waan bu’aa hin


qabnetti hin irkatin, Kennaa Waaqa hujii
Fooniitiin Hin madaalin , Du’a ykn jireenna

22
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.
Hadha filadhu , Du’a ykn Jireenna.” (jecha
Farsa Shawwaye Damxe)
5. Fayyinna:-
 Hiika Fayyinnaa:- Fayyinna jechuun, Nami :-
 Cubbuu jalaa
 Mufii Waaqa jalaa
 Murtii Gahaanemi jalaa
 Garbummaa Sheexanaatiif
 Sodaa Du’aa jalaa
Iyesuus kiristoositti Amaniisaan Badii jala bayu ykn Miliquu, Du’a bara baraa
jala gara jireenna bara baraatti tarkaanfachu jechu dha./1.Ximo.1:15,
Rom,8:1-2/

5.1. Karaa Fayyinnaa:-


 Goofta Iyesuus Nama te’ee Wolakka Namaatti Mudhatiisaan
Ulfinnaaf Mootummaa Ol gubbaa Namaatta Diidesse./Yoh.1:14-
18/
 Iyesuus Fannoorratti Ol bayee Gatii Cubbuu Waan
kanfaleef,Worra itti amanan hundaaf,dhiiga isaatiin dhifama
Cubbu’uu argatu./Ibiro.9:11-14, 2:14-17/
 Iyesuus Du’aaleyyi keessa ka’iisaan, Hujiin Fayyinna hundi karaa
isaatiin Raawwatame. /Efe.1:20-21,Ibir.7:23-25/
5.2. Nami Fayyiisaaf Maal godhu qaba ?
 Wongela baasaa fi bilbaasa kaana Laphee bananteen
dhageeffachu qaba.
 Cubbuu irra araara galichaan deebi’u qaba./H.Ergamo.2:37-38/
 Iyesuus kiristoos gara laphee ifiitti Simatiisaan, kennaa
badhaadhinna Fudhatu/Qoodamuu / qaba./
M.Yoh.3:20,Faaru,24:7-10/
 Hujii balchummaatiif Diina kan te’e,Dayibiloos hojii ,Yaadaa fi
Tolcha isaa irraa adda bayuu.

23
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.
 Jecha dhugaatiif jireenna Hareya argatte kana Namoota biraatiif
ragaa bayu. /Mar.5:18-20, Yon.4:28/
5.3. Bu’aalee Fayyinna:-
 Waaqaan Wolitta araaramuu/ Rom.5:9-11/
 Uumama Haraya te’u./2.Qor.5:17/
 Du’a bara baraa irra gara jireenna bara baraatti
Tarkaanfachu./Yoh.5:24/
 Hujii dansaa hojjachuuf dandeetti gewumsaa argachuu.
Efe.2:10/
 Dhaaltota Eebba Waaqaa te’u. /Gala.3:14 Efe.1:3/

 Xumura Wolitta qabicha:-


 Nami Fayyiisaaf Gatiin inni baasu hin jiru, Badhaadhinni Waaqa
Amantiin isa fayyisa waan te’eef.

24
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለሐረቀሎ ከተማ ማ/ም አገልጋዮች የተዘጋጀ አጭር ስልጠና ፡፡
በወ/ዊ ሞኮና ጎዳና Copyright © ኔሐሰ 20/12/2014 ዓ /ም ተዘጋጄ ፡፡ስልክ 0912361784.

You might also like