????????? ????? ?????? ?????

You might also like

Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 7

𝐃𝐡𝐢𝐦𝐦𝐚 𝐘𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐞𝐞 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐢𝐧𝐬𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐌𝐚𝐝𝐚𝐚𝐥𝐥𝐢𝐢 𝐑𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢𝐥𝐞𝐞

𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐖𝐚𝐥𝐢𝐢𝐠𝐚𝐥𝐚 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐅𝐢 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐢𝐧 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐚𝐧.

👉Ragaa sirnaan qorachuuf madaaluu dhabuudhaan nama balleessaa ta’uu malu gadhiisuu ykn nama
qulqulluu ta’e immoo adabuun amantaa hawaasni bulchiinsa sirna haqa yakkaa irraa qabu kan miidhuu
fi akkasumaas mirga haqa argachuu ummata keenya kan sarbu waan taheef barreefama kana gadi
fageenyaan itti yaade mata dure kanaratti murtiilee dhaddacha ijibaataa irratti dabalataan ibsa bal’aa
waliin qopheesinee jira.

👉Barreefamni kun dhimma yakkaa ilaalchisee akkaataa ragaan itti dhihaatuu fi madaalamu irratti
murtiilee dhaddacha ijibaataa mana murtii waliigala fedeeralaa hunda isaa fi kan mana murtii waliigalaa
naannoo oromiyaa dhaddacha ijibaataatis dabalatee ibsa bal’aa waliin waan qopha’ee jiruuf dhimmaa
yakkaa ilaalchisee akkaataa ragaan itti madaalamu irratti hubannoo gahaa uumuun rakkoolee sirna haqa
yakkaa gama ragaa dhimma yakkaa madaaluu irratti mul’ataan furuuf kan qophaa’e waan taheef itti
goraa dubbisaa hubannoo gahaa irraa argadhaa.

💟Ulaagaalee raawwii yakkaa (Elements of criminal liability) yokiin haldureewwan yakka hundeessan kan
seera yakkaa keewwata 23 jalatti tumame keessaa kutaan yaadaa kan mirkanaa’u haala raawwii gocha
yakka bu’ura godhachuun tahuu isaa (#Jildii 7ffaa lakk G.22069)

✅Haldureewwan yakka hundeessan keessaa kutaan yaada ulaagaa jabaa dha kunis namni tokko yakka
raawwate jechuun kan gaafatamu kutaan yaada isaa jechuunis yakkicha itti yaaduun yokiin
dagannoodhan raawwachuun isaa yoo mirkanaa’e qofa

✅Wanta ilmi nama sammuu isaa keessatti yaadu rabbi tokkicha qofaatu beeka waan taheef himatamaan
yakka ittin himatame itti yaade raawwachuu fi dhabuun isaa kan mirkanaa’u haala raawwii gocha yakkaa
himatamaan ittin himatame, akkaataa himatamaan yakkicha itti raawwatee fi akkasumaas dhimmoota
raawwii yakkaa waliin walqabatan hunda isaa ilaaluu fi xinxaaluudhani

✅Karaa biraatii manni murtii waliigala naannoo oromiyaa dhaddachi ijibaataa jildii 10ffaa lakk G 376094
ta’e irratti himatamaan tokko yakka raawwachuuf yaadi isaa maal ture kan jedhu kan beekuun
danda’amu raawwiisaarraa akka ta’e murtii dirqisiisaa kannee jira.

👉Qabxii kana caalati hubachuuf mee dhimma yakkaa manni murtii waliigala naannoo oromiya dhaddachi
ijibaataa jildii 8ffaa lakk galmee 332572 ta’e irratti murteese tokko haa ilaalu.

✍ Dhimma kana irratti himatamaan haati mana isaa miidhamtuu kan taate fuula isaa irra abbooteedhan
erga rukutee booda inninis miidhamtuu haadha mana isaa taate kana kabalee lafatti darbinaan kufte
achumaan duutee abbaan alangaatis seera yakka keewwata 540 jalatti himatamaa himatee manni
murtis keewwatuma kana jalatti himatamaa irratti murtii balleesummaa kennuun erga adabee booda
dhimmi kunis mana murtii waliigala oromiyaa dhaddacha ijibaata erga dhaqee boodaa dhaddachi kunis
xinxaala taasise keessatti himatamaan kan miidhamtuu kabalee kufiseef lola haadha manaa fi abbaa
mana giddutti uumamu irra ka’uun miidhamtuun isa dhofnaan gocha haadha mana ofii abboomfachuu
yokiin gorfachuuf jecha kabalee achumaan kuftee duute malee miidhamtuu ajjeesuuf yaadeeti miti
jechuun murteese jira.

👉Xinxaala murtii dhaddacha ijibaata kana yoo ilaale akkuma gubbatti ibsame kutaan yaada himatamaa
kan hubatamu fi mirkanaa’u danda’u akkaataa raawwii yakkicha fi haalota raawwii yakkaa waliin
walqabatan hunda isaa madaaluu fi xinxaaluudhan akka tahe kan hubatamudha.

💟Dhimma yakkaa waliin walqabatee ragaan abbaa alangaa yeroo ilaalamu fi madaalamu qabiyyee
ragichaa guutuudhan tahuu isaa (#Jildii 9ffaa Lakk G. 35697)

✅Kunis ragaan tokko kan qoratamuu fi madaalamu qabu qabiyyee isaa guutuudhaan malee kan
himatamaa fayyadu keessaa dhiisuun kutaa ragichaa keessaa kan himannaa deeggaru qofti keessaa
fudhachuudhaan ta’uu akka hin qabne kan agarsiisuudha.

✅Karaa biraatiin murtii kanarraa kan hubatamu ragaan abbaa alangaa kan madaalamu tarree himannaa
abbaa alangaa qabiyyee yakkichaa hundeessan hunda isaa waliin walbira qabamuudhani malee gocha
qeenxee himmanicha irratti ibsame waliin walbira qabamee akka hin taane fi ragaan gocha qeenxee
himannaa abbaa alangaa irratti ibsame waliin walqabatuu ragoota biroo waliin walbira qabamee
ilaalamu akka qabu kan hubatamuudha.

👉Ragaan abbaa alangaa qabiyyee isaa guutuun maadalamu qaba qabxii jedhu kana waliin walqabatee
dhimmi biroo kan hubatamuu qabu ragoonni abbaa alangaa cinaan ragaa kallattii ta’ee cinaan ragaa
alkallatti tahe yokiin ragoonni hundi isaa ragaa alkallattii yoo tahe ragoonni kun kan madaalamu qabu
tokko tokkoon osoo hin tahin hundi isaa walitti cunfame iddoo tokkotti madaalamuun himannaa abbaa
alangaa kan mirkaneessuu danda’u yoo tahe ragoonni kun hundi isaa himannaa dhiyaate faana walbira
qabamuun iddoo tokkotti madaalamu qaban jechuudha.

💟Yakki tokko raawwatame jedhamuuf haldureewwaan yakka hundeessan jechuunis ulaagaan


yaadaa,ulaagaan gochaa fi ulaagaan seeraa iddoo tokkooti guutamu qabu (#Jildii 9ffaa lak G 38161)

👉Kunis karaa biraatiin yakki tokko raawwatameera jechuudhaaf ragaa abbaa alangaa dhiyeesuun
ulaagaawwaan yakka hundeessanii fi himatamaanis yakka kana raawwachuu isaa haala gahaa fi
amansiisaa ta’een mirkanaa’u qaba jechuu dha

💟Namni tokko namoota biroo waliin hirmaataa yakkaati jedhamuuf haldureewwaan yakka hundeessan
kutaan yaada,kutaa gochaa fi kutaa seeraa irra tarkanfachuun yakka raawwatame keessatti hirmaannaa
qabaachuun isaa mirkanaa’u qaba (#Jildii 12ffaa lakk G. 57644)

👉Dhaddachi ijibaataa kun seera yakkaa keewwata 32 waliin walqabsiisuun murtii kan kanne yommuu
tahu abbaan alangaa bu’ura keewwata kanaatiin yakka namoota lamaa fi isaa oliin raawwatamu
ilaalchisee himannaa yeroo dhiheesu eenyu maal akka raawwatee fi yakki raawwatame kan
himatamtoonni hundi itti yaadanii fi himatamtoonni kunis raawwatamuu yakkichaatiif yaadaa fi gochaan
hirmaannaa taasisuu isaanii mirkaneessuu qaba.
👉Faallaa kana immoo akkaataa seera yakkaa keewwata 35 jalatti tumamee jirun namoota garee tokko
keessatti ramadamaniin yakki akka korannaa fi jeequmsa fakkaatan yommuu raawwataman, namni
gamticha keessatti argamuun isaa itti mirkana’e kan hin adabamne yakkicha keessatti kan hin hirmaanne
ta'uu isaa yoo hubachiise akka ta'e seerich haala ifa ta’een kaa’ee jira.

👉Kana irraa kan hubatamu namni gamtaa kana keessa jiraachuun isaa beekkame kan itti hin gaafatamne
gochicha kan hin raawwanne ta'uun isaa yommuu mirkanaa‟ee qofa akka ta'eedha.

✅Kunis bu’ura keewwata kanaatin yakka raawwatame haala armaan oliti ibsame kanaan kan mirkanaa’u
akkaataa seera yakkaa keewwata 32 jalatti tumameen hirmatoonni yakkaa ofuma yakkicha waliin
tahuun kan raawwatan osoo hin tahin yakki raawwatame haala jeequmsaa fakkaatauu fi sababa
jeequmsa kanaatiin iddoo namoonni hedduun jiranitti kan raawwatame tahuu qaba.

💟Himatamaan tokko yakka gareen raawwatamu keessatti hirmaataadha jedhamuuf beekkumsa fi


hayyama isaa guutuun raawwii yakkichaa keessatti hirmaachuun isaa yoo mirkanaa’e qofa (#Jildii 9ffaa
lakk G. 44031)

💟Abbaan Alangaa shakkamaa gocha yakkaatiin shakkame tokko himatamaa tahuu irra ragaa yoo tahe
kan irra caalu tahuu isaa yoo itti amane shakkamaa yakkaa kana akka ragaati dhiyeefachuu seerri isa
dhorgu kan hin jirre tahuu isaa (#Jildii 12ffaa Lakk G.57988)

💟Ragaan abbaa alangaa akkaataa himannaa abbaa alangaatiin gocha yakkaa raawwatamee kan hin
mirkaneesinee fi haa tahuu garuu ragaan dhiyaate gocha yakkaa ulfinaa fi adabbiin isaa yakka himannaa
abbaa alangaa irratti ibsame irra salphaa tahe kan mirkaneesse yoo ta’e himatamaan bilisaan kan hin
gaggeefamnee fi yakka adabbii fi ulfinni isaa himannaa dhiyaate irra salphaa tahee fi ragaa abba
alangaatiin mirkanaa’een kan itti gaafatamu tahuu isaa (#Jildii 12ffaa lakk G. 45595).

✅Haaluma kanaan manni murtii waliigalaa naannoo oromiyaa dhaddachi ijibaatatis murtii jildii 10ffaa
lakk G 377243 ta’e irratti kanneen sirna adeemsa falmii yakkaa keessatti seera yakkaa adabbii xiqqaa
irraa gara adabbii cimaati jijjiiruun adabbii kennuun hin danda’amu jechuun SDFY keewwata 113(2)
waliin walqabsiisuun murteese jira.

👉Haa tahuu garuu ragaan abbaa alangaa gocha yakka himannaa abbaa alangaa irratti ibsame waliin
adabbiin isaanii walqixa ta’e kan mirkaneesu yoo tahe himatamaan yakka kanaan adabamuu ni danda’a
(Ejjannoo kooti)

💟Bu’ura SDFY keewwata 143 ttiin dhimma yakka irratti manni murtii ragaan dabalata haqummaaf yoo
barbaachise akka isaaf dhiyaatu kan ajajuudha malee tumaa seeraa dirqisiisaa dha miti (#Jildii 12ffaa
lakk G 66767)

💟Namni tokko minda ji’aan fudhatuun ala madda galii seera qabeesa ta’e kan biroo qabaachuu isaa kan
mirkaneessuu hin dandeennye yoo ta’e fi qabeenya fi maalaqa miliniyootan lakkawamu qabeenya
madda isaa hin beekamne kan qabu yoo ta’e yakka malaammaltummaatin kan gaafatamu tahuu isaa
(#Jildii 12ffaa lakk G. 58514)
💟Gochi yakkaa tokko eegalame (raawwatame) jedhamuuf gochi raawwatame haala shakkii hin qabneen
kalattiin yakkicha raawwachuu fi yakka raawwachuuf yaadame dhugoomsuuf gocha raawwatame
tahuun isaa yoo mirkanaa’e qofa (#Jildii 12ffaa lakk G. 63727)

💟Himatamaan tokko gocha yakkaa tokko saa’atii fi iddoo walfakkaata ta’eti raawwateen seera yakka
keewwatoota lamaa fi isa ol tahe cabsuun himatamee firii dubbii yakkaa keewwata isa tokko jalatti
tumamee jiruun balleessa kan hin taane yoo ta’e keewwata yakkaa isan hafan jalatti baalleesaa kan hin
jedhamne tahuu isaa (#jildii 13ffaa lakk G 65325)

💟Nama yakkan himatame tokko gocha yakkaa ittin himatame raawwachuu isaa mirkaneesuuf gosti ragaa
dhiyaachuu qabu dhimmicha waliin kalattiin firii dubbii hidhata qaban kan mirkaneessuu danda’u fi
raawwatamu yakkichaa waliin walqabatee ragaa kallattii qofa jechuuf seerri nama dandeesisu kan hin
jirre tahuu isaa (#Jildii 13ffaa lakk G. 75922)

✅Ragaan firii dubbii hubachiisuuf dhiyaatee waliin walitti dhufeenya qabu irratti hundaa’uun ragaa
kallattii fi ragaa alkallattii jechuun qoodamuu ni danda’a.

👉Madaallii ragaa ilaachisee garuu dhimma yakkaas ta’e hariiroo hawaasaa irratti ragoonni kalattii fi
alkallattiitis rogummaa hanga qabanitti fi akka hin dhiyaanne seeraan hanga hin dhorkamneetti ragaa
ta’anii dhiyaachuu fi madaalamuu ni danda’u.

👉Ragaan kallattii ragaa alkallattii irra dandeettii hubachiisuu ol’aanaa qaba jedhanii yaaduun
dogoggoraaf nama saaxiiluu danda’a

👉Kanaafuu ragaan alkalattii yokiin ragaan naannoo tokko tokkoon tahuu baatus iddoo tokkootti
cunfamanii yoo madalamaan himannaa abbaa alangaa mirkaneessuu waan danda’uuf madaalamuu kan
qabuu fi himannaa yakkaa mirkaneesuuf raga kallattii qofaatu gahumsa qaba jedhanii yaaduun
dogongora jechuudha.

👉Sababni isaatis ragaan dhiyaate tokko carraa fi haaloota jiran bu’uura godhachuun madaaluun
dandeettii hubachiisuu qabaachuu fi qabaachuu dhabuun isaa kan mirknaa’u malee ragaa kallattii fi
alkallattii ta’uu isaatini miti.

💟Ragaan naannoo (circumstantial evidence) qabiyyee isaatiin taateen tokko uumamuun dura,taateen
yeroo uumamu yokiin gochi yeroo raawwatamu fi akkasumaas taateen yokiin gochi erga raawwatamee
booda haalota naannoo kan agarsiisuu fi kan ibsu waan ta’eef seeraan fudhatama kan qabu tahuu isaa
(#Jildii 13ffaa lakk G.75980)

💟Dhaddachi ijibaataa dogongora firii dubbii ilaaluu fi akkasumaas ragaa madaaluu fi qorachuuf kan
aangoo hin qabne ta’us dogongoroota armaan gadii kana ilaalee sirreesuuf kan aangoo qabu tahu isaa
(#Jildii 13ffaa lakk G. 63014)

✅Manni murtii jalaa yokiin qaamoonni aangoon abbaa seerummaa seeran kennameef qajeeltoo bu’uraa
sirna adeemsa falmii hordafuu dhabuun
👉Ijoo hundaa’uu qabu osoo hin hundeessini fi ijoo hudaa’e mirkaneesuuf gareen dirqama mirkaneessuu
qabu dirqama mirkaneessuu isaanii siritti akka bahatan osoo hin taasisin

👉Firii dubbii qulqullaa’u qabu osoo hin qulqulleessin murtii kenname

💟Manni murtii himatamaan himannaa isaratti dhiyaate ilaalchisee jecha amantaa inni kennu akkaataa
raawwii yakkichaa himannaa irratti ibsameen amanuu isaa galmee irratti osoo hin barreesin
duuchumatti himatamaan amaneera jechuun murtii kennuun sirrii akka hin taane (#Jildii 14ffa lakk G.
77842,Jildii 16ffaa lakk G.96954)

✅Dhaddachi ijibaata kun murtii kana kan kanne seera yakkaa keewwata 23 fi SDFY keewwata 134 waliin
walqabsiisuun yommuu tahu SDFY keewwata 132(3) jalatti erga himanni abbaa alangaa dubbifameef
booda jechi amantaa fi waakkii yeroo himatamaa irraa fuudhamu deebiin himatamaan kennu tokkoleen
osoo irraa hin hafin akkaatuma himatamaan dubbateen galmee irratti barraa’uu akka qabu ifatti
tumamee jira.

✅Keessattuu himatamaan yakka ittin himatame amaneera kan jannu hanbifanna tokko malee
ulaagaawwan yakkicha hundeessan hunda isaa akkasumaas akkaataa raawwii yakkaa himannaa abbaa
alangaa irratti ibsame hunda isaa akkaatuma himannaa dhiyaaten yoo amane qofa akka ta’e SDFY
keewwata 134 jalatti tumamee jira.

💟Namni tokko dhimma hariiroo hawaasatiin itti gaafatamummaa hin qabu jedhamuun murtiin dhumaa
erga kennamee booda dhimma kana ilaalchisee raguma walfakkaataan yakkaan himatamee itti
gaafatamummaa ni qaba jechuudhaaf seerri dandeesisu kan hin jirre tahuu isaa (#Jildii 15ffaa lakk G.
78470)

✅Haa tahuu garuu himatamaan dhimma walfakkaataan yakkaan himatamee balleessaa hin qabu kan
jedhame tahuus hariiroo hawaasatiin himatamee itti gaafatamummaa qabaachuu ni danda’a (SHH
keewwata 2149)

✅Sababni isaas dhimma hariiroo hawaasaa waliin walqabatee himatamaan kallatti adda addaatiin itti
gaafatamummaa qabaachuu waan danda’uuf dhimma yakka caalaa itti gaafatamummaan dhimma
hariiroo hawaasaa bal’aa waan ta’eefi.

💟Himatamtoonni baayyeen hirmaattoota yakkaa ta’uun yeroo himatamaan yakka raawwatame keessatti
hirmaanna ni qaban jedhamuuf tokkoon tokko isaanii hirmaannan isaanii maal akka ta’e raga seeraa
dhiyaateen adda bahuu kan qabu ta’uu isaa (#Jildii 17ffaa lakk.G.97203)

💟Murtiin qajeeltoo madaallii ragaa isa bu’uraa osoo hin hordafin kenname murtii dogongora bu’uraa
seeraa qabu tahuu isaa (#Jildii 17ffaa lakk G.89676)

💟Himatamtoota baayyee waliin himataman keessaa inni tokko himannaa abbaa alangaa kan amanu yoo
ta’e jechi amantaa inni kanne himatamtoota kanneen biroo irratti bu’aa seeraa kan hin qabne ta’uu isaa
(#Jildii 17ffaa lakk G. 96310)
💟Himataman gocha yakkaa tokkoof itti gaafatamummaa ni qaba jedhamee adabamuu kan danda'u
yakkichi raawwatamuu isaa fi yakki raawwatame kun himatamaadhaan raawwatamuu isaa haala gahaa
fi amansiisaa ta'een mirkanaa'uu qaba (#Jildii 18ffaa lakk G.104923)

💟Namoonni yakkaan himatamaan ragaa isaan irratti dhiyaate kamiyyuu ilaaluu,addaan baafachuu, ragaa
ittisaa isaanii dhiyeefachuuf mirga kan qaban tahuu isaa (#Jildii 18ffaa lakkG 104220)

💟Ragaaleen naannoo yakka raawwatame tokko mirkaneessuudhaaf gahumsa qabaachuu kan danda'an
osoo yakkichi hin raawwatamin duraa fi eega raawwatamee booda haalota turan irratti wanti (firiin
dubbii) ragaan mirkaneesse akkaataa himannaa abbaa alangaatiin haala amansiisaa ta'een guduunfaa
himatamaan yakkicha raawwateera jechuu dandeessisu irra nama geessu qabaachuu qaba (#Jildii 19ffaa
lakk.G109441)

✅Dabalataan ragaaleen naannoo kan wal deeggaranii fi gidduu isaaniitti qaawa kan hin uumne (wal hin
faallessine) ta'uu kan qaban yoo ta'an himatamaan yakkicha raawwachuu isaa kan mirkaneessan ta'uu
qabu malee guduunfaa (logical conclusion) himatamaan yakkicha hin raawwanne jedhu irra kan hin
geessine ta'uu akka qabu ibseera.

✅Ragaaleen naannoo madaallii sammuu kamiinuu carraa fi haalli yakkichi himatamaan osoo hin taane
nama biraatiin raawwatamuu danda'a nama jechisiisu kan hin jiraanne ta'uu haala gahumsa qabuu fi
amansiisaa ta'een hubachiisuu yoo danda'an qofa fudhatama argachuu akka qaban dhaddachi ijibaataa
murtii jildi kana irratti bal’inaan kanneen murteesseera.

💟Dhimma yakkaatiin himatamtoonni baayyeen yeroo himataman shooraa fi sadarkaan hirmaannaa


tokkon tokkoo himatamtoota ragaa gahaa fi amansiisaa ta’een mirkanaa’uu qaba (#Jildii 18ffaa lakk G.
113464)

💟Dhimmi yakkaa ilaalchisee mana murtii sadarkaa jalqbaatiinis ta’e manni murtii ol’iyyannoon ilaalus
yeroo murtii kennu ibsa ragaa gabaaba ifa ta’e akkasumaas sababa ragaan fudhatamee fi fudhatamuu
dhabeef murtii keessatti barreessuu qabu (#Jildii 20ffaa lakk G.113143)

💟Haala addaatiin dirqamni mirkaneessuu gara himatamatti kan naanna’u yoo ta’e malee abbaan alangaa
himannaa isaa ilaalchisee ulaagalee yakka hundeessan hunda isaa jechuunis kutaa yaadaa, kutaa gochaa
fi kutaa seeraa ragaa dhiyeefatee mirkaneessuuf dirqama kan qabu ta’uu isaa (#Jildii 20ffaa lakk G.
10982)

💟Dhimma yakkaa ilaalchisee manni murtii ol’iyyannoon dhimmicha ilaalu ragaan dabalataa akka isaaniif
dhiyaatu ajaju kan danda’u tahuus ajajni ragaa dabalataa kun mirga ol’iyyannoo abboottii dhimmaa kan
dhiphisu tahuu isaa yoo hubate sababa gahan ragaan dabalataa irra deebi’uun dhagahamee murtiin
akka kennamuuf galmee mana murtii jalaatti kan deebisu danda’u tahuu isaa (#Jildii 22ffaa lakkG12748)

💟Himatamaan tokko yeroo ragaan abbaan alangaa dhagahamu dhiyaachuun mirga gaaffii qaxxaamuraa
ragaa gaafachuu erga itti fayyadamee booda mirgi ragaa ittisaa isaa dhiyeefachuu eegameefi achumaan
osoo hin dhiyaatin kan hafu yoo ta’e manni murtii dhimmichi iddoo himatamaan hin jiretti kan ilaalamu
miti jechuun murtii kennuun sirrii kan hin taane ta’uu isaa (#Jildii 22ffaa lakkG 127313)
💟Namni yakkaan himatame miidhamaa akka ragaa ittisaati dhiyeefatee miidhamaan himatamaan
yakkicha hin raawwanne jechuun kan rage yoo ta’e abbaan alangaa miidhamaan dhunfa jecha ragaa
faayidaa dhunfaatiif bitame kan kanne tahuu isaa hanga hin mirkaneesinitti himatamaan yakka ittin
himatame ofirraa hin ittifne kan hin jechisifne tahuu isaa (#Jildii 22ffaa lakk G.137545)

💟Ragaan tokko jecha ragaa waajira poolisiiti kanne akka mana murtiitti kakuun jecha ragaa kanne waan
hin taaneef jechi ragaa inni galmee qorataa poolisii irratti kanne mana murtiiti gaafa ragu waan jijjiiree
rage qofaaf jecha ragaa soba tahuu ragaa biraatiin osoo hin qulqulleessin jechi ragaa inni galmee
qorannoo yakkaa waajira poolisitti kanne fi kan mana murtiiti kanne adda adda tahuu qofaaf yakka ragaa
sobaatiin itti gaafatamuuf bu’ura seeraa kan hin qabne ta’uu isaa (#Jildii 23ffaa lakk G. 153228)

🙏𝙓𝙪𝙢𝙪𝙧𝙚𝙚𝙣 𝙟 𝙞 𝙧𝙖.

✍.#𝙈𝙪𝙨𝙖𝙡𝙖𝙬𝙮𝙚𝙧

📌𝑩𝒂𝒓𝒏𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒔𝒆𝒆𝒓𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝒐𝒅𝒆𝒆𝒇𝒂𝒏𝒏𝒐𝒐 𝒅𝒉𝒊 𝒎𝒎𝒂 𝒔𝒆𝒆𝒓𝒂𝒂𝒕𝒊 𝒊 𝒏 𝒘𝒂𝒍𝒒𝒂𝒃𝒂𝒕𝒖 𝒌𝒂𝒎𝒊𝒚𝒚𝒖𝒖 𝒃𝒊 𝒍 𝒊 𝒔𝒂𝒂𝒏 𝒊 𝒕𝒕𝒊
𝒇𝒖𝒇𝒊 𝒏𝒔𝒂𝒂𝒏 𝒂𝒓𝒈𝒂𝒄𝒉𝒖𝒖𝒇 𝑳𝒊 𝒊 𝒏𝒌𝒊 𝒊 𝑻𝒆𝒍 𝒆𝒈𝒊 𝒓𝒂𝒂𝒎𝒊 𝒊 𝑲𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂 𝒂𝒓𝒎𝒂𝒂𝒏 𝒈𝒂𝒅𝒊 𝒊 𝒌𝒂𝒏𝒂 𝒋𝒐𝒊𝒏 𝒈𝒐𝒅𝒉𝒂.

🔴https://t.me/musalawyer

You might also like