Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 137

CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

WAL DHABDEE FURUU


FI

QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE


FURUUF GARGAARAN

CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT


TRANSFORMATON

Paaster Dr Mazgabuu A. Tuuchoo

Email:-galmeabd@gmail.com

Edmonton, Alberta, Canada

APRIL 2018

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


0 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

© Pastor Dr. Mazgabu A. Tuucho@2018

Mirgi barreessichaa seeraan eegamaadha.

Kitaaba kana eeyyama barreessichaan ala karaa kamiinuu


baayyisiisuun yookaan raabsuun, keessaa luqqisuun filmii fi
diraamaawwan garagaraaf oolchuun seera duratti itti nama
gaafachiisa. Mana barnootaa keessatti qorannoo garaagaraaf
akkasumas Madda eeranii waabeffachuun garuu ni danda’ama.

Gulaaltota

1. Taarraqaa Abarraa(Lallabaa Wangeelaa fi Barreessa)

2. Pastor Solomoon Bantii (Sooraa WGW Fiinansii)

3. Pastor Hambisaa Tasisaa (Barreessa WWWLixa Itoophiyaa)

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


1 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Kennaa Hin Dagatamne!

_____________________________ irraa

___________________ ____ dhaaf kennaa godhee gaafa


__/__/__ yeroon siif kennu gammachuu guddaatu natti dhaga’ama.
Kitaabni kun anaaf siif yaadannoo guddaa haa taatu!.

Mallattoo_____

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


2 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

EENYUMMAA BARREESSICHAA GABABAATTI


Barreessaan kitaaba kanaa waggoota soddoma ol yeroo guutuu (full
time) kennuudhaan kan tajaajilaa ture yoo ta’u, waggoota digdama
Itoophiyaa keessatti, waggoota lama USA, waggoota torba immoo
Torontoo, Kanaadaa, wagga lama Edmonton Kanaadaatti tajaajilaa
jira. Itti dabalees, Piresedaantii Tokkummaa Waldoota
Kiristiyaanaa Oromoo Kanaadaa (UEOCC) Adoolessa 2010 –
Adoolessa 2016, Itti Aanaa Piresedaantii Tokkummaa Waldoota
Kiristiyaanaa Oromoo Addunyaa (UOEC) Adoolessa 2015-
Adoolessa 2016, hoogganaa Tokkummaa Paasteroota Itoophiyaa
fi Eertiraa magaalaa Torontoo (PTPF) Bitootessa 2014 – Bitootessa
2016, Paasterii Waldaa Kiristiyaanaa Oromoo Torontoo (TOCCT)
Ebla 9, 2009 – Bitootessa 2016, akkasumaas Bitootessa 2016 kaase
hamma ammatti senior pastor of Bethel International Edmonton
Oromo Congregation ta’uudhaan tajaajilaa jira.

Miseensa boordii Misooma Waldaa Guutuu Wangeelaa Ethiopia fi


Principal (itti gaafatama) kolleejjii Macaafa Qulqulluu Dembi
Dollo ta’uun, dhaabbatawwan addaa addaa keessatti immoo gita
hojii addaa addaa irratti tajaajilee jira. Barreessichi faayidaa Wal
dhabdee jijjiiruu fi jaarsoliin Waldaa Wal dhabdee Waldaa
Kiristiyaanaa keessaatiif deebii poosatiivii fi negetiivii akkamitti
akka kennan barsiisee jira. Dhimma Waldaa irratti hojjechuuf
leenji’ee jira, dhimmoota Wal dhabdee Waldaa Kiristiyaanaa
keessa jiran irratti hojjechuudhaan muuxannoo bal’aa qaba.

Barreessaan kun kitaaba kana barreessuu bara 2013tti, yeroo


kolleejjii Kiristiyaanaa Kanaadaa, Torontoo, Ontario tti barnoota
isaa digirii lammaffaa xumuree eebbifame karoorfate. Risiirchii

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


3 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

(Research) isaa mata duree “Resolving Congregational Conflict”


‘Wal dhabdee Waldaa Kiristiyaanaa Keessaa Furuu’ jedhu irratti
hojjete. Yeroo kana faayidaa Wal dhabdee furuun jireenya keenya
keessatti qabu, faayidaa inni tajaajila keenyaaf qabu irratti
xiyyeeffate. Wal dhabdee jijjiiruun Waldaa Kiristiyaanaa
haaressuudhaan, kaayyoo haaraa akka isheen qabaattu, amantoota
ishee wajjin ta'uun sagalee misiraachoo warra hin amannee (biyya
lafaatti) akkamitti akka dubbattu barsiisa.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


4 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

BAAFATA
MATA DUREE FUULA

EENYUMMAA BARREESSICHAA GABABAATTI ......................................... 3


GALATA .................................................................................................... 9
Seensa .................................................................................................... 10
DURSA.................................................................................................... 12
ITTIIN LIXA ............................................................................................. 14
BOQONNAA TOKKO ............................................................................... 20
1. WAL DHABDEE FURUU .............................................................. 20
1.1 Furmaata Qopheessuu ............................................................ 22
1.2 Ilaalcha Warra Biyya Lafaa ...................................................... 23
1.3 Ilaalcha Beektoota Macaafa Qulqulluu ................................... 26
1.4 Furmaata Macaafa Qulqulluu Irratti Hundaa’e Dhiyeessuu ... 27
1.4.1 Amanamummaa ................................................................... 27
1.4.2 Gad Of Deebisuu .................................................................. 29
1.4.3 Dhuga Ba’umsa ..................................................................... 30
BOQONNAA LAMA ................................................................................ 32
2. GEGGEESSAA FI DUBBII ............................................................. 32
2.1 Dubbii Hubachuu ..................................................................... 33
2.2 Wantoota Cimaa Dubbii Kaasan (The Most Signi ficant Cause of
Conflict) ......................................................................................... 36
BOQONNAA SADII ................................................................................. 38

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


5 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

3. DUBBII HIIKUU YAALUU............................................................. 38


3.1 Dubbii Ykn Rakkoo Hiikuu Kessatti Waan Afur (WMNW) ....... 38
3.2 Yeroo Dubbii Hiikan Karaa Qajeelaa Ta’ee fi Hin Taane ......... 39
BOQONNAA AFUR ................................................................................. 44
4. QABXII BARBAACHISAA YEROO RAKKOO HIIKNU YAADACHUUN
NUUF TA’U ......................................................................................... 44
4.1 QABXIILEE IJOO........................................................................ 44
BOQONNAA SHAN ................................................................................. 52
5. WAL DHABDEEN MAALI?........................................................... 52
5.1 Gosa Wal Dhabdee ............................................................ 53
5.2 Wal Dhabdee Akka Furmaataatti ............................................ 55
BOQONNAA JAHA .................................................................................. 57
6.1 SABABOOTA WAL DHABDEE ....................................................... 57
6.1 Sababoonni Wal dhabdee Maal Fa’i? ...................................... 58
6.2 Bu’uura Wal dhabdee Hubachuu ............................................ 58
6.3 Akkaataa Geggeessaa Hamminaan Guute .............................. 63
6.4 Akkaataa Itti Fedhiin Lolatti Nama Geessu ............................. 64
6.5 Sababoota Lolaa Kanneen Biroo ............................................. 65
6.6 Akkaataa Itti Fedhiin Namaa Lola Kaasu ................................. 66
BOQONNAA TORBA ............................................................................... 67
7.1 GOSOOTA WAL DHABDEE ........................................................... 67
7.1 Lola Keessa Ofii (Yaq 4:1-4) ..................................................... 67

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


6 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

7.2 Lola Namoota Lama Gidduu (Fil 4:2-3) .................................... 67


7.3 Lola Garee Tokko Keessatti Uumamu ..................................... 68
7.4 Lola Gareewwan Gidduutti Uumamu...................................... 69
BOQONNAA SADDEET ........................................................................... 70
8. WAL DHABDEE ADDA BAASANII BEEKUU...................................... 70
8.1 Haalduree ................................................................................ 70
8.2 Dhiyaannaa .............................................................................. 71
8.3 Gad Of Deebisuu ..................................................................... 72
8.4 Itti Gaafatama.......................................................................... 74
8.5 Eegumsa .................................................................................. 77
BOQONNAA SAGAL ............................................................................... 81
9. TIWOOLOOJII SABABOOTA WAL DHABDEE FURUUF GARGAARU 81
9.1 Cimina Wal Dhabdee ............................................................... 81
9.2 Akkaataawwan Itti Wal dhabdee Ifa Baasanii Furan ............... 83
9.3 Akkaataa Itti Wal Danda’an ..................................................... 85
9.4 Daandii Amantii ....................................................................... 86
9.5 Akkaataa Itti Fufiinsaa ............................................................. 88
9.6 Akkaataa Itti Qajeelcha Mataa Ofiitiif Kennan ........................ 89
9.7 Ogummaa ................................................................................ 91
BOQONNAA KUDHAN............................................................................ 92
10. WAL DHABDEE FURUU ................................................................ 92
10.1 Qeeqa To’achuu .................................................................... 93

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


7 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

10.2 Furmaata Qopheessuu .......................................................... 95


10.2.1 Ilaalcha: Laic (biyya lafaa) ............................................... 96
10.2.2 Ilaalcha Tiwooloojii ......................................................... 99
10.3 Furmaata Macaafa Qulqulluu Irratti Hundaa’e Dhiyeessuu 100
10.4 Amanamummaa .................................................................. 100
10.5 Gad of Deebisuu .................................................................. 102
10.6 Dhuga Ba’umsa .................................................................... 103
BOQONNAA KUDHA TOKKO ................................................................ 105
11. WAL DHABDEE JIJJIIRUU............................................................ 105
11.1 Akkaataa Itti Jijjiirama Fidan ............................................... 107
11.1.1 Ga’ee Hawaasaa ........................................................... 107
11.1.2 Ga’ee Naamusaa .......................................................... 109
11.2 Ilaalcha Tiwooloojii .............................................................. 110
11.3 Qooda Ogummaa Sobaa Ogummaa Dhugaatti Fayyadamu 112
11.4 Qooda of Tuulummaa Gad of Deebisuu .............................. 114
11.5 Araara Buusuu ..................................................................... 115
11.6 Qooda Kaka’umsa Badaa Kaka’umsa Gaarii Qabaachuu .... 116
11.6.1 Ilaalchaa fi Kaka’umsa Gaarii ........................................ 116
BOQONNAA KUDHA LAMA.................................................................. 117
12. QAJEELFAMOOTA JIJJIIRAMA WAL DHABDEE ........................... 117
WABIILEE ............................................................................................. 122

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


8 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

GALATA
Karaa hundumaa na gargaaruudhaan jalqabsiisee isa na
xumursiisee Waaqayyoon guddaan galateeffadha. Itti aansee naaf
kadhachaa, na jajjabeessaa, yeroon baruumsa gara USA dhufee
wagga shan guutu qophaa biyya teesse ijoolee guddisaa akkan gara
boodaa hin ilaallee kan na goote haadha manaa koo Eebisee
Abdiisaa baayyee galateeffadha. Ijoolee koo Iyoobed,
Zakkaariyaas fi Yeroon jaalalaaf kabajaa guddaa natti
argisiisuudhan na wajjin waan dhaabbataniif guddaa galatooma
jedhan.

Gara USA dhufee barachuu yeroon yaade waan barbaachisu naaf


xumuruun na bira kan dhaabatte, itti dabalees hamma ammaatti
gorsaaf kadhataan na wajjin kan jirtu obboleetti haadha manaa
kootii Dinqinesh Abdiisaa fi maati ishee MD, USA jiraataniin
galatoomaa jechuun jaalladha.

Dhuma irratti kitaaba akkan barreessuuf na gorsaa kan tureef ergan


barreessee booda immoo kitaaba kanaa itti dadhabee gulaaluu (edit)
gochuu dhaan sirreessee akka kanatti bifa kitaabaa qabaatee
maxxansaaf akka ga'uu kan godhee L/W Taarraqaa Abarraa guddaa
galatoomin jedhaan.

Maqaa keessan waamu utuun barbaaduu garuu hanqina iddoo irra


kan ka'ee kanan dhiise obbolootaaf obboleettota naaf kadhachaa
turtan hundaan Gooftaan isin haa eebbisuu galatooman jedha.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


9 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Seensa
Wal dhabdeen bakka hundumaatti ni argama, Waldoota
Kiristiyaanaa keessatti illee ni argama. Wal dhabdeen fedhii
addaddummaa balleessuuf keessa namaatii karaa nagaa utuu hin
taane, karaa humnaa fi lolaatiin ka’u irraa madda. Sodaan,
hubannoon dogoggoraa, wal quunnamtiin dogoggoraa, wal
dorgommiin, fedhiin miireffame, waantonni kana faFakaatan Wal
dhabdee Waldaa keessatti uumu.

Wal dhabdeen kun tarkaanfiiwwan kanneen akka waliif obsuu,


waliif amanamuu, furmaata barbaaduu, mudaa ofii fooyyeffachuu,
ogummaa fi mariidhaan too'annoo jala oolfamuu ni danda’a. Haa
ta'u malee, Wal dhabdeen namoota gidduutti uumamu
guutummaatti furamuu kan danda’u yoo Waaqayyoof amanaman,
yoo gadi of deebisanii fi dadhabina ofii yoo amananii fudhatanii
dha. Jijjiiramni bu’uuraa kan karaa beekumsa Tiwooloojiitiin
argamu ogummaa dhugaa hojiirra oolchuudhaan, gadi of
deebisuudhaan, dadammaqiinsa qulqulluu fi hubannoo sirriidhaan
hojiirra oola. Moodela kanas (Yaq 4:1-12) irraa arganna.

Waldoota Kiristiyaanaa keessattis ta’ee Waldaa ala bakka namni


lama ykn sadi ta’ee jirutti Wal dhabdeen ni argama. Wal dhabdeen
waanta hundumti keenya uumnuudha. Akkasumas wanta hundumti
keenya furuudhaaf itti waamamneedha. Wal dhabdee furuuf
humnaaf beekumsatti irkachuu utuu utuu hin taane ayyaana
Waaqayyoon kadhatani isatti irkatani hiikuuf of qopheesuun
baayyee barbachiisadhaa. Waaqayyoo amanama dha waan ta’eef
yeroo nuyii rakkoo kana furuuf isaa gaafannu nu gargara. ( Mat 5-
7) Yesuus gaara irratti barsiisa ballaa inni kenne nutti hima.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


10 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Barsiisni kun qajeelfama warqee (Golden rule) jedhamee


waamama. Barumsaa kun akka itti mataa ofii, Hiriyya, hawaasaa
fi diina wajjin jirataan hubanna guddaa namaaf kenna. Yoo kutaa
kana hojii irra olcinee Ilaalcha namaa jijjiiruudhaan diina illee akka
jaalatan nama taasisa. Kanaafu Wal dhabdee Waldaa Kiristiyaanaa
keessatti ta’uuf Waldaa alatti ta’uu furuuf kutaa macaafa qulqulluu
(Mat 5-7 fi Mat 18: 1-35) qajeelfamoota Wal dhabdee furuuuf
gargaaran kessaa isa guddaa ta’ee nugargaara.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


11 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

DURSA
Wal dhabdeen Waldaa tokkotti balaa cimaa uumuu ni danda’a.
Utuma kitaabonni Tiwooloojii fi kanneen biroon dhimma Wal
dhabdee furuu irratti barreeffamanii jiranii, Waldaan yeroo
hundumaa rakkoo Wal dhabdee dhaan wal qabate waliin
wal’aansoo gooti. Dandeettiin geggeessaan Waldaa Wal dhabdee
furuu irratti qabu baay’ee murteessaadha. Rakkoon Wal dhabdee
inni guddaan, namoonni yommuu Wal dhabdeen Waldaa keessatti
ka’u waldicha dhiisanii sokkuu isaaniiti. Sababni Waldaan Wal
dhabdee to’achuu dadhabduuf inni guddaan, namoonni Wal
dhabdee fi cubbuu wal qixatti ilaaluu isaaniiti. Kanaafuu, yommuu
Wal dhabdeen uumamutti yeroo baayyee Waldaan addaan
caccabdi. Kun seena Waldaa keessatti waan beekamaa dha.

Namoonni yommuu Wal dhabdee to’annoo jala oolchuu dhiisanii


baqatan, yookaan yommuu Wal dhabdeen miseensota Waldaa
hubu, dandeettiin Waldaattiin Wal dhabdee furuuf qabaattu ni
miidhama. Kitaabonni hafuraa fi kanneen kan hafuuraa hin taane
hedduun dhimma Wal dhabdee irratti barreeffamanii jiru. Dhiifama
gochuu, wal hubannoo fi Wal dhabdee furuu irratti kitaabota gosa
hedduutu barreeffamee jira. Garuu hamma ammaatti waldoonnii fi
dhaabbatni hedduun Wal dhabdee to’achuu dadhabuudhaan rakkoo
keessa jiru.

Qorannaan kun Wal dhabdeewwan fayya qabeeyyii fi kanneen


fayyaa hin qabne addaan baasa. Kitaabonni Wal dhabdee irratti
barreeffaman hedduun Wal dhabdee fayya qabeessaa fi fayya
qabeessa hin taane addaan hin baasan. Fakeenyaaf Sagantaawwanii
fi karoora baafachuu irratti Wal dhabdeen uumamu eegala.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


12 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Kolemaani fi Vaalacheer (2011) Wal dhabdeen jireenya keessatti


bakka hundumaa fi yeroo hundumaatti uumamuu akka danda’u
barreessanii turan. Wal dhabdeen handhuura hojii namni hojjetu
hundumaati jechuu ni dandeenya.

Yaq ergaa isaa 3:15 irratti lola fayyaa hin qabne isa “kan foonii,
kan seexanaa fi kan biyya lafaa” jedhe adda baasee
barreessuudhaan warra ergichi ergameef gara fayyinaatti waama
(4:4). Akkaataan itti Wal dhabdee furan kan Tiwooloojikaalawaa
ta’e Waldaa Kiristaana fi dhaabbatoota addaa addaa keessatti Wal
dhabdee namoota lama gidduu fi kan Waldaawwan gidduutti
uumamu furuuf akka meeshaatti fayyaduu danda’uu qaba.

Yaq yommuu gaaffii “ilaalchi jijjiirama irratti xiyyeeffatu


akkamitti hariiroo Waldaan Kiristiyaanaa Waaqayyoo wajjin qabdu
cimsa?” jedhu gaafatu, nuti immoo akkamitti Waaqayyoon
sodaachuun Wal dhabdee furuuf ga’ee olaanaa akka taphatu
gaafachuu qabna.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


13 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

ITTIIN LIXA
Xumura lola addunyaa isa lammaffaa booda, namoonni waa’ee
qajeelcha addunyaa isa itti aanuu wal falmuu eegalan. Imaammanni
addunyaa inni lammaffaan kun yoom, haala akkamiitiin waraanni
addunyaa akka eegaluu yaadanii dhiphachuutti jiru (Doyle 1997).
Akka McGrew fi Held (2000) jedhanitti walfalmiin
giloobaalistootaa fi iskeeptistoota gidduu jiru kallattiiwwan sadii
oliin adeemsifama; inni jalqabaa Filoosoofiidha, inni kun qabiyyee
fi meeshaalee qajeelcha addunyaa kanaa hojiirra oolchuuf
gargaaran of keessaa qaba. Inni lammaffaan Beekumsa; inni kun
immoo qajeelcha addunyaa haarawaa sana kan ibsuudha.

Ibsa isaa hundumaa immoo ragaadhaan mirkaneessa. Inni


Sadaffaan Istiraateejiidha. Inni kun immoo carraa fi dandeettii
bakkaa bakkatti socho’uu kan argisiisuudha. Yeroo nageenyi
addunyaa haala wal Fakaatuun eegamu iyyuu lolaaf Wal dhabdeen
akka dhufuuf jiru tilmaamuun ni danda’ama. Kunis waantota qophii
qajeelcha addunyaa haarawaa sana keessaa mul’atuudha. Kana
malees, sanyiin Wal dhabdee laphee namootaa keessaati facaafame
waan jiruuf, maatiitti, Waldaa Kiristiyaanaa keessatti, hawaasa
keessattis sanyiin hamaan kun ni biqila. Kanaafuu sanyiin Wal
dhabdee bakka namootni jiran hundumaa jira. Sammuu nama
dhuunfaa keessatti iyyuu yaadonni wal dhaban ni uumamu
(Johnson & Eaton 2002). Akkasumas Yuursin fi Boolz (2006)
yaada kana ilaalchisee akkas jedhan, “utuu namni hundumtuu sodaa
Wal dhabdee of keessaa balleessee, irraa fagaatee iyyuu, Wal
dhabdeen akka kutaa qaama namaa tokkotti itti fufee namaa wajjin
jiraata. Koolemen fi Vaallacher (2011) akka jedhanitti immoo Wal

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


14 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

dhabdeen hojii namni hojjetu hundumaa keessaa isa walakkeessa


(central) jiruudha. Kunis marii murtii kennuuf geggeeffamu,
adeemsa baruu fi barsiisuu, hariiroo michummaa ho’aa illee ni
dabalata. Sochiiwwan akka mirga dubartootaa, mirga namummaa,
mirga hawaasummaa kabajuu keessaa Wal dhabdeen dhibuu hin
danda’u. Balaan guddaan waraana addunyaa irratti uumameera yoo
ta’e iyyuu, nagaan waraana booda uumame Wal dhabdee
dhabamsiisuu hin dandeenye (Woodcock & Davis 1996).

Wal dhabdeen waantota bara duriitii eegalanii dhala namaa irraa


mul’atan keessaa isa tokko. Wal dhabdeen bara dur durii yommuu
Macaafni Seera Umaa barreeffameyyuu namoota gidduu tureera.
Kanaaf Qaayiin obboleessa isaa Aabeeliin ajjeese (Um 4:8). Dhalli
namaa kanneen nageenya barbaadanii fi jeeqamsa barbaadan
jedhamuudhaan bakka lamatti qoodamu. Diraanee (1986) akka
jedhetti Macaafni Qulqulluun namoota addunyaa kanaa warra
Yesuusiin jaallatanii itti amananii fi warra isaan morman taasisee
bakka lamatti qooda. Yaadni kun jaarraa hedduu dura gaaffii
gaafatame nuyaadachiisa (Yaq 4:1). Gaaffichis “Wal-loluu, wal-
qoccoluus maaltu isin gidduutti kaase?” Wal dhabdeen Waldaa
har’aa caalaa Waldoota durii keessa ture jechuudha. Fisher (1997)
immoo “Addunyaan har’aa iyyuu hamma ammaatti Wal dhabdee
guddaa keessa jirti.” Jedha.

Namoonni yoo Waaqayyotti amananis yoo amanuu baatanis,


sanyiin yeroo hundumaa isaanitti faca’a. Sanyiin faca’u yeroo
dhibee namootaa waliin wal argachuu dhabutti Waldaa keessatti

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


15 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Wal dhabdeen ni babal’ata. Kanaafuu, inni sanyii facaasu, utuu hin


facaasin dura sanyii akkamii akka facaasuu qabu yoo hubate
gaariidha.

Waldoonni Kiristiyaanaa hedduun maaliif Wal dhabdee


guutummaatti furuu fi dhabamsiisuu dadhabu? Wal dhabdee
Waldaa keessatti ka’u kana irratti hubannoo ga’aa kennuuf
Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuudhaan waantonni hedduun
hojjetamanii jiru. Isaan keessaa; tajaajila gorsaa, araarsuu, hariiroo
namoota gidduudhaa bade deebisuu fi yaa’iin araaraa addaa addaa
akka taa’amu taasifameera. Garuu tarkaanfiiwwan kana kan hojiitti
jijjiiran muraasa qofa. Kanaafuu yommuu Waldaan Wal
dhabdeedhaaf furmaata barbaaddutti, yaadonni furmaataaf
dhiyaatan wal dhabanii, isaan keessaas kan filatamu dhibee, rakkoo
hubannoo dhabiisaa fi addaan caccabuuf saaxilamu.

Haata’u iyyuu malee, hubannoon addaa tokko ni jira, Toomaas


Poorter Tiiworiiwwan Wal dhabdee, kan Tiwooloojii, araaramuu fi
kan jaarsummaa walitti qindeessee dhiyeessee ture. Jaarsummaa
(qaama lama gidduu seenuu), seera qalamaan barreeffame,
muuxannoo tajaajilaa hundumaa ilaalchisee Poorter yommuu
barreessu akkas jedhe, “Tiwooloojii, Tiiworii fi muuxannoon
waliin ta’anii Wal dhabdee furuu ni danda’u.” (Porter 2010, 5-
7).Porter moodela Wal dhabdee furuu akka kanatti dhiyeesse. Inni
garaa garummaa Wal dhabdee furuu fi Wal dhabdee to’achuu
gidduu jiru ibseera, akka inni ibsetti Wal dhabdee to’achuu fis ta’e
furuuf qajeelchi tiiworiis kan Tiwooloojiis qoba qobaatti akka hin
fayyadne dubbate.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


16 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Barreessaan kitaaba kanaa kitaabicha barreessuuf bara 2013 tti


karoora baafate, Barreessichi yommuu barnoota sagantaa
maastersii Kanaadaa kolleejjii Kiristiyaanaa (Canada Christian
College) Ontario, Torontootti baratee eebbifame kitaaba kana
barreessuuf kaayyeffate. Risiirchii (Research) isaa mata duree Wal
dhabdee Waldaa Kiristiyaanaa Furuu “Resolving Congregational
Conflict” jedhu irratti hojjete. Kanaaf barreessichi dandeettiin Wal
dhabdee furuu tajaajilaa fi jireenya keenya keessatti hammam
barbaachisaa akka ta’e gadi fageenyaan hubatee jira. Dandeettiin
Wal dhabdee Waldaa keessaa to’achuu kun Waldaan Kiristiyaanaa
kaayyoo haarawaa, ergama, miseensotashee hundumaa akkamitti
to’achuu akka dandeessu, ergaa fayyinaas bakka hundumaa
qaqqabsiisuu akkamitti akka dandeessu hubachiisuuf gargaara.

Wal dhabdeen miidhaa guddaa geessisa, kunis garee wal dhabe


qofa irratti miti, maatii isaanii irrattis, Waldaa Kiristiyaanaa irrattis,
hawaasa irrattis. Firiin isaa badii, dhukkubbii fi miidhaa qaamaa
geessisuu dha. Tajaajillii fi tokkummaan Waldaa sababa Wal
dhabdeetiin miidhamaa tureera. Wal dhabdeen miidhaa akkasii
qaqqabsiisan kunniin Waldaa ammayyaa keessatti bal’inaan
mul’atu. Sababa Wal dhabdee kanaatiin baay’inni lubbuu haaraa
gara Waldaa Kiristiyaanaatti dabalamanii hir’atee jira, miseensonni
haaraan tasumaayyuu hamma dabalamuu dhiisanitti ga’aa jira,
tajaajilli dabalataa dhaabbatoon hojii dhaabuutti jiru.

Waldaan Kiristiyaanaa, maatiin, hawaasni rakkina akkasii keessa


jiran gargaarsa hatattamaa barbaadu. Rakkoon isaanii luqqisa (Yaq
4:1-12) irra jiru waliin kan wal qabatuudha. Kitaabni kun akkaataa
itti Wal dhabdee to’annoo jala galchanii fi akkaataa ittiin furan

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


17 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

haala gaariidhaan ibsa. Akkasumas hariiroo tiiworii Wal dhabdee


fi Tiwooloojii gidduu jiru fooyyessuudhaan akkaataa itti Wal
dhabdeetti gargaaramanii bu’aa dabalataa argamsiisuu danda’an
bal’inaan kan ibsuudha. Bu’aan isarraa argamus geggeessitoota
Waldaa guutummaa ni fayyada, miseensonni Waldaas
qajeelfamoota addaa addummaa ittisan hedduu akka hubataniif
gargaara, gara qaama Kiristoosittis akka guddataniif gargaara,
Waldaan Kiristiyaanaa duuka buutota Yesuus heddumminaan
oomishtee ulfina Waaqayyootiif qopheessuu akka dandeessuuf
gargaara. Inni kunis kaayyoo Waldaa Kiristiyaanaa isa jalqabaati.

Qajeelfamni kitaaba kana keessaa geggeessitoonni gareedhaan


akka wal hin qoodneef akka to’ataniif gargaara. Kunis tajaajila
Kiristoos Fakeenyummaadhaan tajaajilee darbeedha. Akkasumas,
qajeelfamni kitaaba kana keessa jiru geggeessitoonni bu’uura Wal
dhabdee hubachuu akka danda’aniif gargaara. Haala kanaan utuu
Wal dhabdeen sun haala rakkisaarra hin ga’in daddafanii akka
furaniif isaan gargaara. Itti dabalees, tokkoo tokkoon miseensotaa
rakkoo Wal dhabdee isaan gidduutti uumeen wal qabatee furmaata
ga’aa argachuu akka danda’aniif geggeessaadhaaf karaa banaaf.
Haalli kunis miseensotni hundumtuu hojii Waaqayyoo akka
hojjetaniif haala isaaniif mijeessa.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


18 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

KUTAA 1FFAA

WAL DHABDEE FURUU


/CONFLICT RESOLUTION

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


19 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

BOQONNAA TOKKO
1. WAL DHABDEE FURUU
Rakkoowwan tokko tokko karaa nagaan hin furaman. Yookaan
tasumaa hin furaman, yookaan immoo humnaan furamu (Kahane
2004). Lollii fi humnaan furmaata barbaaduun akkasii yeroo
hundumaa ni argama. Dhimma kana irratti deebiin namoota
hedduudhaan deebi’u “aarii” fi “ittisa” kan jedhuudha. Yeroo
shaakalli akkasii isaanitti dhaga’amu hatattamaan waa’ee Wal
dhabdee yaadu. Qeeqa nurratti ka’uuf akkaataan itti deebii kenninu
(1Yaq1:19-20, Mik 6:8, 2Xim 2:24-26, Yaq 3:13-18 fi Fak 15:1,
18) dha.

Kahane (2004) akka jedhutti Wal dhabdeen yoo namoonni haalota


baay’ee keessatti iftoominaan haasa’an qofa hiikamuu ni danda’a.
Kuni garuu ga’aa miti, iftoominaan dhaggeeffachuun illee
ulfaataadha. Ilaalchi “waa’ee rakkinaa ifatti baaftee yoo haasofte
iyyuu, rakkoo sana furteetta jechuudha” jedhu biyyoota hedduu
keessa jira. Nuti garuu asittis achittis ni haasofna. Namoonni yeroo
hundumaa ni haasa’u. Haasaan ni heddummata. Haasawaan keenya
hedduun isaa garuu jijjiirama tokko iyyuu hin fidu. Furmaanni
dhugaan immoo gara fuula duraatti adeemuudhaan waanta haasa’aa
jirrutti xiyyeeffachuudha, murtii ogummaadhaan guutes
dabarfachuudha.

Akkaataawwan itti deebii kennuu dandeessu keessaa kan wayyu


irratti yaadi. Deebii garraamummaa kan aarii ariyatuuf, waan
fedhan yoo haasa’an iyyuu haala gaariidhaan dhaggeeffadhu.
Tasgabbiidhaan haasawaa isaan waliin taasiftu itti fu fi, hamma

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


20 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

danda’ametti dhimma marii keessanii irratti xiyyeeffadhu, gara


fuula duraatti imali.

Yeroo baay’ee namoonni cubbamoota ta’uu isaanii ittiin


mirkaneeffachuuf caqasawwan Macaafa Qulqulluutti fayyadamu.
Qooda qalbii diddiirrannaadhaan gara Waaqayyootti deebi’an,
akka fedha isaaniitti macaa ficha hiikkatu. Fakeenyaaf, waa’ee aarii
Yesuus (Yoh 2:17) irraa “manakeef hinaafuun nagube” isa jedhu.
Nuti mirga keenyaaf yookaan mirga namoota birootiif lolla jedhu.
Fooniif dhiigaan loluu qabnaa jechuudha? (Efe 4:26-27) akkas
jedha, “Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isin hin
geessin! Utuma aariitti jirtaniis aduun isin duraa hin lixin,
Seexanaaf karaa hin kenninaa” jedha (Uma 4:6-7) tti immoo
“Maaliif Aarte?” jedha (Yaq 1:19-20) irraa immoo “aariitti hin
ariifatinaa” jedha. Akkasumas (Fil 2:3-5) irratti immoo “Yaada
garaa Yesuus Kiristoos qaba ture qabaadhaa” jedha.

Ron (2012) akka jedhutti geggeessitoonni murtii qajeelaa kennan


murtiin isaanii yeroo gabaabaa fi yeroo dheeraa keessatti bu’aa
maalii akka buusuuf jiru tilmaamu. Jecha, hojii fi tarkaanfii isaanii
hundumaas ni madaalu. Kana jechuun geggeessitoonni
meeshaadha, maanuwaaliidha, miiraan hin hoogganaman jechuu
miti, garuu utuu xiinxalanii hin ilaalini gara gudunfaatti hin utaalan.

Dana (2015) akka jedhetti hammi nuti dhaggeeffannu waan


dhageenyuuf shaakallutti murtii kennuu qofa osoo hin taane, haala
sana keessatti waan gochuu dandeenyu hundumaa gochuuf
nugargaara.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


21 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Qajeelfamni armaan gadi adeemsa akka qajeelfama Macaafa


Qulqulluutti hubannaa namaaf kennu keessatti rakkoo furuu fis
faayidaa guddaa qaba.

1.1 Furmaata Qopheessuu


Isin kessaa, adda addaan waan warra kaanitti tolus immoo haa
ilaalu malee, waan isatti tolu duwwaa hin ilaaliin” (Fil 2:3-6).

Wal dhabdeen waanta hundumti keenya uumnuudha. Akkasumas


Wal dhabdeen waanta hundumti keenya furuudhaaf itti
waamamneedha. Nuti Umaan amala cubbuu hojjechuu qabna.
Waaqayyo waan hojjetu hundumaa ulfina isaatiif jedhee akka
hojjetu beekuu qabna. Yeroo tokko tokko, Waldaan Kiristiyaanaa
addaan caccabuu ni dandeessi, sana booda lamaaf isaa ol
ta’uudhaan Waldaa biraa ijaaruu jalqabu.

Dirqamni keenya dhukkuba duratti ilaalle sana hubachuu, furmaata


isaas qopheeffachuu danda’uudha. Akkasumas jaalalli cubbuu
baay’ee akka dhoksu beekuu qabna. Jaalalli firii jalqabaa isa
firiiwwan biroon hundumtuu irraa argamaniidha (Gal 5:22).
Qulqullummaan keenya immoo Kiristoos keessatti guddachuudha.
Fayyinni keenya firii jaalalaa isa Kiristoos nuu kenneedha. Nuti
yommuu oftuullu, wanta faallaa jaalalaa ta’e hojjechaa jirra
jechuudha. Kanaafuu akka gaariitti Wal dhabdee to’achuu hin
dandeenyu. Oftuulmaan Wal dhabdee ittumaa babal’isa.
Xiyyeeffannaa keenya jaalala irratti eeguu qabna. Kun immoo
waan nuti hojjennu hundumaatiif bu’uuradha.

Wal dhabdee furuuf qophii gochuu jechuun jalqabatti qajeelfama


Macaafa Qulqulluu fudhachuu jechuudha. Kiristoos keessa

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


22 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

jiraachuu keenya wantota mirkaneessan keessaa inni tokko itti


gaafatama fudhachuu keenyadha.

Warri biyya lafaa fi beektonni Macaafa Qulqulluu waa’ee Wal


dhabdee furuu ilaalchisee ilaalcha dhuunfaa isaanii qabu. Cuunfaan
ilaalchawwan isaanii garuu boqonnaa kana keessatti ibsamee jira.
Innis, Wal dhabdeen kan furamuu danda’u tarkaanfiin jalqabaa
addaa addummaa jiru amananii kabajaan kan fudhatan yoo ta’e,
jireenya keessatti mudannoowwan guyya guyyaa ka'an to’achuun
yoo danda’ame Wal dhabdeen to’annoo jala galfamuu ni danda’a
jechuudha.

1.2 Ilaalcha Warra Biyya Lafaa


Jackson fi Bercovitch (2009) waa’ee Wal dhabdee furuu yommu
ibsan, Wantota Wal dhabdee furuun ta’uu hin dandeenyeen
tarreessan. Yaadni isaan kennan akkaataa itti Wal dhabdee
humnaan furan miti, kan Wal dhabdee dhabamsiisus miti, kan
furmaata kamiinuu fidu hin turre. Garuu Wal dhabdee uumame
sana salphisanii ilaaluu, bu’uura rakkoo uumame sanaa irratti
hubannoo ga’aa argachuu, fi yaada furmaataa fuula duratti walii
galteedhaan jiraachuuf gargaaru qabatanii walitti dhiyaachuudha.
Haala kanaan Wal dhabdee dhabamsiisuun salphaadha.

Johnson fi Eaton (2004) Wal dhabdeen yoomiyyuu uumamuu akka


danda’u dubbatan. Akkaataan itti furmaata kennan immoo faayidaa
kan waliinii ta’e irratti xiyyeeffachuu, addaa addummaa jiru
hubachuu fi fudhachuu, yaada walii sirriitti hubachuu fi wantota
irratti walii galteen uumamu barbaaduudha jedhu.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


23 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Tiiworiiwwan Wal dhabdee furuu irratti barreeffamanii jiran


keessaa tooftaan armaan olii kun akkaataa furmaataa “kan namoota
hin komachiifne” jedhamuudhaan beekama. Sababnisaa faayidaan
bu’uuraa qaamota lamaanii ni kabaYaqaaf (Miall 2004, Stein fi
Marantz 1985 fi Fisher 1997). Haata'u iyyuu malee, namoonni Wal
dhabdee keessa jiran gargaarsa barbaadan guutummaan yoo argatan
Wal dhabdee sana ofumaan iyyuu dhiisuu ni danda’u jedhamee itti
amanama. Kanaafuu, haala kanaan Wal dhabdee furuun qaama
sadaffaa kan gidduu seenu barbaada.

Qaamni sadaffaan kun nama dhuunfaa yookaan gartuu ta’uu ni


danda’a. Bilchina, hubannaa ga’aa kan qabu, garuu kan humna hin
argisiifne ta’uutu irraa eegama. Bu’uurrii fi sababni Wal dhabdee
sanaa guutummaatti erga addaan ba’ee booda qaamni lamaanuu
wal’aansa barbaachisaa argachuudhaan gara furmaataatti dhufu.
Qabxiin irra ga’amuu qabu Wal dhabdee qaamota lamaan
gidduudhaa baasuudhaan akka diigamsi hin uumamne gochuu fi
hafuura ijaarsaa qaamota kanneen gidduutti uumuudhaan hariiroo
duraanii guutummaatti jijjiiruudha. Haata’u iyyuu malee qaamni
sadaffaan gidduu seenee yommuu Wal dhabdee furu, nageenyi itti
fu fiinsa qabu uumamuu hin danda’u (Bearsley 2011).

Wal dhabdeen guutummaatti kan furamu yommuu qaamonni


waldhaban lamaan mariyatanii karaa nagaadhaan Wal dhabdee
isaanii furuuf walii galteerra ga’an qofadha. Plester – Silk (2013)
akka jedhetti namoonni haalota murtaawoo keessatti Wal dhabdee
irraa addaan hin ba’an.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


24 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

1. Namoonni tokko tokko utuu gara walii galteetti hin dhu fin dura
waa’ee loojikii furmaataa taa’anii itti yaaduuf yeroo qabachuu
barbaadu.

2. Daddafanii walii galtee fudhachuudhaan hojiirra ooluu walii


galtee sanaa arguudhaaf ariifatu.

3. Wal dhabdee waan sodaataniif, akkaataa itti Wal dhabdee sana


barbadeessan barbaaddatu, tarkaanfii mataa isaanii fudhatus.

4. Tooftaawwan furmaata Wal dhabdee kanneen sadan keessaa


lama yommuu walitti ida’amee waltumsu, wal hubannaa dhabuu fi
lolli cimaan qaamota wal dhaban lamaan gidduutti uumamuu ni
danda’u.

Steven (1992) akkaataawwan itti Wal dhabdeen furamu akka kana


gadiitti tarreesse. Isaanis:

1. Wal dhabdee sana olkaasanii ilaaluu dhiisuu

2. Mariidhaan walii galtee irra ga’uu

3. Qaama sadaffaadhaan walitti dhufuu

4. Aangootti fayyadamuudhaan humnaan murtii dabarsuu fi

5. Murtii seeraa.

Jackson (2009) akka jedhetti mariin Wal dhabdee dhiphisuu ni


danda’a, qaamonni Wal dhabdeen isaan gidduutti uumames walitti
dhufanii walii galtee nageenyaa akka waliif mallatteessan gochuu
ni danda’a.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


25 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Yeroo tokko Sun Tzu akkamitti ogummaan lola to’atee Wal


dhabdee hir’isuudhaan bu’a qabeessummaa guddaa argatee
dubbata (Michaelson fi Michaelson, 2004).

Akkasumas, Kohn fi O’Connell (2007) mala Wal dhabdee furuu


kan nama dhuunfaa giddu galeessa hin godhanne dhiyeesse. Mala
kana keessatti xiyyeeffannaan furmaataa nama dhuunfaarra utuu
hin taane addaa addummaa yaadaa gareewwan gidduu jiru irratti
ta’uu qaba. Gartuuwwan yommuu waliif galan, Pinet (2011) akka
jedhetti, addaa addummaa yaadaatiif xiyyeeffannaa kennuun dura
madaalliin namummaa qaamota lamaan gidduutti sirriitti eegamuu
qabu.

1.3 Ilaalcha Beektoota Macaafa Qulqulluu


Tiwooloojiin ogummaa argachuuf nama gargaara. Yommuu
jireenyi keenya rakkina irraa walaba ta’utti sagalee Waaqayyoo
hubachuu fi barsiisa isaa duukaa bu’uun salphaadha. Sagalichaa fi
abboommii isaa hubachuu fi hojiirra oolchuun yommuu jireenyi
keenya Wal dhabdee keessa seenu ni ulfaata. Aarii fi Wal dhabdee
keessa jirra yootaane qajeelfama dubbii Waaqayyo kennu
hubachuu hin dandeenyu. Waan tokko Waaqayyoon kadhannee
garuu yoo deebii dhabne, tarii akkaataa kadhannaa keenyaatu sirrii
miti ta’a, qooda “Yaa Waaqayyo, ogummaakee nabarsiisi, waantan
gochuu qabus natti argisiisi!” jennu “Yaa Waaqayyo! ani sirriidha
kadhata koo maliif hindeebiftu?” jennee kadhanna yoo ta'ee, akka
nuti deebii hin arganne nutaasisa. Kadhannaan akkaataa sirriidhaan
geggeeffamu miira banamaadhaan gorsa Waaqayyoo akka
dhaggeeffannuuf nugargaara. Kadhannaan akkasii namni tokko
qajeelfama Waaqayyoo sirriitti fudhachuu akka danda’u isa taasisa

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


26 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

kun immoo akkaataa qaRom ta’een furmaata nama gammachiisu


dhiyeessuuf gargaara.

1.4 Furmaata Macaafa Qulqulluu Irratti Hundaa’e Dhiyeessuu


Hariiroo nama waliin qabnu isa kamiif iyyuu jalqaba irratti gara
Waaqayyoo ilaallee amala Waaqayyoo Fakeenya godhachuudhaan
namoota jajjabeessuu, kabajuu, cimsuu, jaallachuu fi kunuunsuu
qabna. Macaafa Qulqulluu keessaa akkaataa ittiin Wal
dhabdeewwan Umaa turee fi akkaataa itti to’annoo jala oole ni
argina. Fakeenyaaf, Phaawuloos ergaa isaa keessatti jireenyi isaanii
Kiristoositti akka jabaatuuf jajjabeessee jira. Inni Waldoota
Kiristiyaanaa ni jajjabeesse, dogoggora isaanii ifa baase, daandii
amantii isa sirrii isaan barsiise. Daawit Uuriyaa akka kanatti hin
jajjabeessine garuu waan godhe sanatti ni adabame. Yaq “Kadhanni
amantiidhaan godhamu isa dhukkubsataa in fayyisa; Gooftaan isa
in kaasa, cubbuu hojjeteera yoo ta'es in dhiisaaf” (Yaq 5:16).
Waaqayyo akka nuti cubbuu keenya walii keenyaa fi isatti
himannuuf nu waame.

1.4.1 Amanamummaa
Waaqayyotti amantii guutuu qabaachuun namoota gara
Waaqayyootti dhiyeessa, Wal dhabdee furuu fis humna namaa utuu
hin taane ayyaana Waaqayyootti akka fayyadamaniif nama
gargaara. Amanamummaa dhabuun immoo diina Waaqayyoo
nutaasisa, humna walitti argisiisuun Wal dhabdee furuu yaaluun
garuu amanamummaa Waldaa keessaa balleessa (Yaq 4:4).

Hart fi Weber (2008) akka jedhetti Waaqayyo nama hundumaatiif


yaada qaba, warra jal’ootaaf illee. Inni nama hundumaatiif karoora

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


27 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

guddinaa qaba, namni kam iyyuu qophaa isaa gidiraadhaan akka


raafamuuf qophaatti hin dhiisu. Inni eegumsaa fi jajjabeessuu isaa
akka nurraa addaan hin baafne waadaa seenee jira. Kanaafuu
yoomiyyuu sodaan barbaachisaa miti. Akkasumas, inni saba isaatiif
amanamaa waan ta’eef kakuu isaatii fis ni amanama. Namni
hundumtuu akka Waaqayyotti amanuuf waamichi walFakaataan
godhameeraaf, isa duukaa akka bu'aniif, gara inni isaan argisiisuu
hundumaas akka deemaniif, guutummaa jireenya isaaniis
dabarsanii Waaqayyoof akka kennaniif waamichi nama hundumaaf
godhamee jira. Amantiin akkasii jijjiiramni akka nama keessatti
uumamu taasisa; nama Waldaa keessaa hundumaa jechuudha.
Amanannaan akkasii yeroo Wal dhabdeetti illee akka namoonni
abdii godhatan taasisa. Qaamonni Wal dhabdeen isaan gidduutti
uumame lamaan yommuu hojii faayidaa qaamota lamaanii irratti
waliin hojjetan, Wal dhabdeen faayidaa sana gonfachuuf jecha
dirqamaan furama jechuudha.

Yaq akka Yihuudonni amantii Kiristiyaanaatti guddataniif ergaa


gorsaa isaaniif barreesse, akkasumas hojii gaarii akka isaan hojjetan
barreesseeraaf. Hojiin gaariin kun immoo Hafuura Qulqulluu dhaan
hojjetama. Iji hojii hafuuraa (Gal 5:22-23) irratti tarreeffamee jira.
Yommuu walamanuun qaamota Wal dhabdee qaban gidduudhaa
mul’atu, addaddummaan karaa nagaatiin hiika argata, nagaanis
Waldaa keessa guuta.

Amanamummaan ijoota hojii hafuuraa keessaa isa tokko.


Amanamummaan amantii hojiidhaan mul’atuudha (Yaq 1:1-27)
kan nu yaadachiisu, amanamummaan daandii amantii irra adeema
(2:1-3:12), ogummaa (3:13-5:20) Inni sooressoota warra ofii isaanii

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


28 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

qofa jaallatan ifachuudhaan akka isaan Waaqayyoon jaallachuu


qaban hubachiise. Inni boqonnicha akka amantoonni waliif
kadhatanii fi akka wal jajjabeessan itti himuudhan, rakkinas obsaan
akka danda’an gorsuudhaan cufe. Eeggannaa waliif gochuun
mallattoo Waaqayyoof amanamuuti, sababnisaa namni hundumtuu
bifa Waaqayyoo qaba, akka bifaa fi Fakeenya Waaqayyootti
uumame.

Ergaan Yaaqoob amantii fi hojii walitti qabsiisa. Wal qabsiifamni


isaanii kun immoo akka amanamummaan uumamuuf gargaara.
Guddinaa fi jijjiirama foonii fi lubbuu fiduu fis ni gargaara.
Yommuu amantiin adeemnu, guddinni hafuuraa inni beekumsa
dubbii Waaqayyoo keessaa argamu immoo itti fufa (Mat 5-7), sirna
gaara irratti geggeeffame nutti dubbata, Yesuus gaaricha irratti
akkamitti akka barsiise nutti hima. Barsiisni kun jijjiirama karaa
qajeelfama Yesuus kenne qajeelfama warqee (Golden rule), isa
ilaalcha namaa jijjiiruudhaan diina ofii illee akka jaalatan nama
taasisu nubarsiisa. Furmaanni Wal dhabdee Waldaa Kiristiyaanaa
keessatti ta’us hojiiwwan gaarii keessaa isa tokko.

1.4.2 Gad Of Deebisuu


(Yaq 4:6) irraa akka arginutti Waaqayyo warra gadi of deebisaniif
ni hoo'a, warra ol of qabaniin immoo ni morma. Namoonni fuula
Waaqayyoo duratti gadi of deebisuu qabu, Gooftichi immoo yeroo
ofii jaalatetti ol isaan qaba (Yaq 4:10). Namoonni gadi of deebisuu
beekan addaddummaan namummaa utuu isaan hin daangessin
gareedhaan hojjechuu jaallatu, waanta nama hundumaatiif ta’u qofa
hojjetus. Namoonni yommuu hojii hojjechuudhaaf fedhii
qabaatanitti, rakkoon addaddummaan ni furama (Collins 1980).

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


29 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Redekop (2002) akka jedhetti cubbuun bu’uura rakkina


Kiristiyaanaatii. Cubbuun akka keessummaatti jireenya
Kiristiyaanaa gara amantii alaatti hawwata.

Qabxiin ijoon dhimma tokko irratti walitti falmuu yookaan wal


loluu miti, “ani sirriidha, ati sirrii miti” jedhanii walitti falmuu miti.
Phaawuloos waldoonni jaarraa jalqabaa jireenya biyya lafaa kanaa
duukaa akka hin buune, qooda kanaa jireenya jijjiirame, kan “gaarii
fi akka abboommii Waaqayyootti fudhatamaa” ta’e akka jiraataniif
of eeggachiisa kennee fii ture. Akka yaada isaatti, hamma
danda’ametti rakkinaa fi dhiphina malee akka isaan jiraataniif,
hamma danda’ametti “nama hundumaa wajjin nagaatti jiraadhaa”
jedhee barreesseef (Rom 12:2, 18). Nama hundumaa wajjin akka
kanatti nagaatti jiraachuudhaaf gadi of deebisuun baay’ee
barbaachisaadha. Yaq ergaasaa boqonnaa afur keessatti akka
barreessetti “Waaqayyoo duratti gadi of deebisaa, innis ol isin
qabaa” jedhe.

1.4.3 Dhuga Ba’umsa


Fuula Waaqayyoo duratti gadi of deebifnee cubbuu keenya
himachuun, harka keenya, sammuu keenyaa fi yaada garaa keenyaa
hojii seexanaa isa karaa keenyaa fi karaa nama biraa jireenya
keenyatti dhufurraa qulleeffachuuf nugargaara (Yaq 4:8). Hart fi
Weber (2008) akka jedhanitti, itti gaafatamni maatii inni jalqabaa
akka ijoolleensaanii daandii fayyinaarra bu’an gochuudha. Maqaa
ijoolleesaanii waamanii abaaruun adeemsa fayyinaa keessatti
faayidaa tokkoyyuu hin qabu, isaan eebbisuun garuu daandicha
isaan buusuuf gargaara. Dogoggorri maatiin ijoollee isaanii irratti
hojjetan isaanumaan dhiifama argachuu qaba, garaasaanii guutuu

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


30 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

ijoollee isaaniitiif dhiifama gochuudhaan galateeffachuu qabu.


Amanamummaan “miidhaan akka isaan irra hin geenyeef”
baay’isee gargaara.

(Yaq 5:12-18) dogoggora keenya luba ykn geggeesitoota qofaatti


utuu hin taane walii keenyatti akka himachuu qabnu nubarsiisa.
Cubbuu ofii dhugaa ba’anii walitti himachuudhaan araarri
Waaqayyoo akkamitti akka argamu, deebi’anii cubbuutti akka hin
kufneef akkaataa itti cubbuu injifatanis hubachuuf geggeessaa
Waldaa ofii mariisisuun barbaachisaadha, keessumaa kadhataan
fuula Waaqayyoo duratti kufuun qajeelfamicha akka dansaatti
gumaacha. Haala kanaan namni dhukkubsatee jiru illee balleessaa
isaa yoo dhugaa ba’ee ni fayya, dhukkubni adaba cubbuu yoo ta’ee,
yeroo cubbuun dhiifamaan badu, yeroo kadhataan araarri argamu
fayyinni ni ta’aa jechuudha, kunis fayyina hafuuraa fida. Jijjiiramaa
fi guddina waliitiif kadhachuun baay’ee barbaachisaadha (Yaq
2:24) akka jedhutti namni qajeelaan nama jireenyasaa keessa sobni
hin jirree fi nama amantii isaa hojii gaariidhaan argisiisuudha.
Kadhanni nama qajeelaa immoo hojii guddaa, kan namni hojjechuu
hin dandeenye hojjeta (5:12-18). Kana booda namni jijjiirame
jijjiirama isaaf ta’ee dubbiidhaan, kadhannaadhaan, hojii
gaariidhaan, waan hojjetu hundumaatiin namoota birootti dabarsuu
ni danda’a.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


31 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

BOQONNAA LAMA
2. GEGGEESSAA FI DUBBII
Geggeesonni amantii kiristiyaanaa bayyen akkaata geggeessu gara
garaa akka jiru beeku. Kan hubachuun nurra jiru garuu sagaleen
Waaqayyoo qaama Kiristoos kan tatee Waldaa Kiristiyaanatif
akkata geggesaan itti geggeesuun irra jiru baayye barbaachisa kan
ta’e tokko kaa’a. Kanas (Mat 20, Marq. 10, fi Yoh 13) irratti
arganna. Inni kunis hojjetaa geggeessuu (Servant Leadership)
jedhama. Inni kun amala geggessaa tokkoo wajjin kan wal
qabateedha (Fil 2) irratti yaada Kiristoos qabaachu isa jedhuu dha.
Jireenya ofii aarsaa godhanii gadi jedhanii (humility) dhaan nama
biraa tajaajiluu jechuudha.

Geggeesasan akkasitti geggeessuu dura hin tajaajila. Kana jechuun


akka inni eeguuf hoolota Gooftaan itti kenne jaalalaan nyaachisaa
dubbii Waaqayyo keessatti eega jechuudha (1 Phex 5:2-4).
Geggeessan akkasi namooti Waaqayyoo dibee kaase walda isaa
keessa yoo ka’anis ta’e diida dhufanii iddoo kennuu fif sodaa hin
qabu. Wangeela Yohan.13 irratti Fannifamuu isaa sa’a yaraa
fuladura Yesuus miilla bartoota isaa dhiquudhaan isaan tajaajile.
Kun jaalala inni isaaniif qabu argisiisa. Jaalala fi tajaajila
geggeesaan tokko warra Gooftaan itti kenneef gochuun irra jiru
argisiisa. Tajaajilli o fi of tajaajiluu otuu hin ta’in nama biraa
tajaajilu akka ta’e sammuu bartoota isaa kessa kaa’e. Kan bartoonni
kana irraa baratan tajaajilaaf waamamuun nama biraa tajaajilu akka
ta’edha. Isaan qofaf otuu hin ta’in yeroo sanaa ka’e hamma Goofta
Yesuus deebi’ee dhufee Waldaa isaa fudhatutti geggeessaan tokko
kan innii duukkaa bu’uun irra jiraatu ergaa guddaadha.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


32 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Akkaata kanaan geggeessuu Goofta qofaatu kakuu haaraatti jalqabe


otuu hin ta’in kakuu moofaa keessa kan tureedha (2 Sam 3:18; Isa.
20:3; Hisq 34:23-24). Afaan Ibrootaatti “eved” yeroo jedhamu kan
jechi kun oluuf garbootaaf ture. Garboota ta’anif qofa otuu hin ta’in
garboota amanamoodhaaf olaa ture. Jechi kun hojii Waaqayyo
warra hojjetan Mootota fi Raajotaafis oolera.

(Isa 53:1-9) Yesuus hojjetaa dhiphina fudhatee dhiphina isaa


immoo obsaan fudhate yeroo ta’u tajaajilli isaas warra abdi
dhabaniif warra garaan isaani gadde fi warra miidhamoodhaaf ture.
Geggeessaan tokko faana Yesuus duukkaa yeroo bu’e hojiidhaan
mul’isee tajaajila Fakeenyan geggeessu Fakaatti Goofta fudhateera
jechuudha.

(Marq 9:33-35) irratti bartoonni Yesuus Mootummaa Waaqaa


keessatti "Eenyutu caala?" jedhanii waliin moorkachaa deemu
turan. Yesuus o fitti isaan waamee eenyullee isin kessaa dura ta’uu
yoo barbaade booddee hata’u akkasumaas tajaajilaa keessan hata’u
jedhe.

2.1 Dubbii Hubachuu


Dubbiin nama lamaa ykn garee lama giddutti yaada barbaachisa
ta’e lachu isaaniitiif ta’u irratti walii galuu dhabuudha. Hundumtuu
karaa ittiin waa ilaalu kan mataasaa waan qabuuf otuu ragaa biraa
hin barbaadin wanti tokko karaa inni ilaalurraa adda yeroo ta’u
yadni sun yaadasaatin waan mormuuf dubbii jalqaba. Lolli cimaan
(Violence) waan akkasiirraa dhufa.

Maliif Dubbin Jiraata?

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


33 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Sababinsaa hundumti keenya fedhii gara garaa fi ilaalcha gara garaa


akkasummaas kaayyoo gara garaa qabna. Dubbiin inni jedhu
mataansaa yaada waliin mormu ykn walitti bu’u lama (paradox)
qaba. Inni karaa tokkoo walitti dhufeenya namotaa kan balleessu
yeroo ta’u, karaa biraammoo kan walitti nama fidu ykn maxxansu
qaba. Kanaafuu dubbiin karaa tokko kan diigu yeroo ta’u karaa
tokkommoo hin ijaara jechuudha. Kanaafuu dubbiin amala lama
qaba waan ta’eef sirriitti qorannee hubachuutu nurra jira.

Akkaata Dubbiin Itti Ka’u Akka Salphaatti Yoo Keenyu:-

A. Fedhii Bakka Hin Geenyerraa (Unmet Desires)

Dubbi cimaan yeroo fedhii namaa ykn wanta namni tokko baay’ee
fedhee barbaadu yeroo bakka ga’uu fi didu irraati (Yaq 4:1-2)

B. Fedha Gaarii (Good Desires)

Fedha gaarii waan tokko hojjechuu barbaannurraa kaanee yeroo


namni biraan isa nuti hojjechuu feenerratti nugargaaruu dhiisu,
nama sanarratti faraduudhaaf itti aaruu ykn jibbuu jalqabna. (Luq.
10:38-42)

Akka Nuyi Dubbii Hin Hiikneef Wanti Nu Rakkisan:-

A. Rakkoo irrati xiyyeeffachuu dadhabuu (Issues)

B. Wanta ta’e (Events)

C. Miira (Feelings)

D. Eenyummaa keenya (Personalities)

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


34 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Dubbiin salphaa utuu hin ta’in, yaada hin hubatamne (complex)


qabatee dhufa waan ta’eef deebii salphaa ykn hiika salphaa
kennuun hin danda’amu.

Fakeenyaaf:-

A. Ilaalcha irratti walitti bu’uu (Clashes in opinions)

B. Mormii dhokataa (Hidden oppositions)

C. Fuulaa fi fuulaan tuqamu (Direct hurts)

D. Dhoksaatti tuqamuu (Indirect hurts)

Wantoota Muraasa Dubbii Kaasan (Some of the Causes of


Conflicts)

A. Ofii ofii wajjin (Intrapersonal, Yaq 4:1-4)

B. Nama biraa wajjin (Interpersonal, Fil 4: 2-3)

C. Dubbii (issues) sirriitti qabuu dhiisuu (Poor Handling of


Issues, Mat 18:7)

D. Hubannaa sagalee Waaqayyoon gargar ta’uu (Theology, HoE


15:1-13)

E. Mul’ata/Abjuu (Vision, Seera Uumamaa 39:5; Fak 29:18)

F. Waan ittiin waa madaaluuf mala ittiin hojjennu (Values and


Strategies, Amos 3:3)

G. Akkaataa gegessuu (Leadership (Styles) 1QOR 1:10-17)

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


35 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

H. Caasaa (Structures/ Systems (HoE 6: 1-7)

I. Walitti bu’iinsa waan barbaachisaa ta’erratti (Substantive


Conflict)

Waan amala gaarii fidu (Ethics), waan haqa ta’erratti (Justice) ykn
waan sagalee Waaqayyo wajjin walii hin gallerratti. Fak. waan akka
ulfa baasuu (abortion), kanaaf kan kana Fakaatan… Dubbiin kun
waa’ee dhuunfaa ofii ykn nama biraa miti; garuu ka’umsa (cause)
dubbii ta’a. Kun ariifatee bal’atee dubbii dhuunfaa fi kan garee
ta’ee, Waldaan addaan cituuf sababa ta’a.

2.2 Wantoota Cimaa Dubbii Kaasan (The Most Signi ficant


Cause of Conflict)
Haala cimsanii to’achuu (44%), Mula’ata ykn gara Waldaan itti
deemtu (22%), jijjiirama geggeessitoota (7%), Haala lubaa (6%),
Barumsa sagalee Waaqayyoo (6%), Horii (5%), aadaa (culture
(3%), waan gara garaa ( 7%)

Deebii Dubbiidhaaf Namooti Deebisan

A. Of- Miliqsuu

1. Ganuu ykn balessani akka waan hin balleessineetti jiraachuu


(1Sam.2:22-25)

2. Baqachuu (1 Sam 19:9-10)

3. of ajjeesuu (1 Sam. 31:4)

B. Dubbii Kakaasuu

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


36 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

1. Falmii ykn arrabsoo (HoE 6:8-15)

2. Himachuu/‘Kasasuu’; (HoE 24:1-26:32; Rom. 13:1-5)


Aamantoonni garaagarummaa isaanii Waldaatti akka fixan malee
gara abbaa murtii akka hin deemne sagaleen Waaqayyoo ni gorsa.
(1 Qor. 6:1-8, Mat 5:25-26)

3. Ajjeesuu (HoE 7:54-58, 1 Yoh. 3:15; Mat 5:21-22)

Yeroo namni Nama hammeessu (Criticism) maal gochuun akka


namarra jiraatu, Sagaleen Waaqayyo maal akka jedhu sirriitti
hubachuu dha (Yaq. 1:19-20; 3:13-18, Milk. 6:8, 2 Xim. 2:24-26,
Fak. 15:1, 18, Fil. 2:3-5) yaada gara Kristos Yesuus qaba ture
qabadha. Sirriitti dubachuun waan sirriif dubachuu caala
barbaachisaadha.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


37 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

BOQONNAA SADII
3. DUBBII HIIKUU YAALUU
Karaan nuti dubbii ykn rakkoo hiikuuf yaallu akka sagalee
Waaqayyootti ta’uu qaba. Namootaa fi Waaqayyoon gidduutti,
akkasumas namotaa fi namota gidduutti, du’ee du’aa ka’uusaatiin
Kiristos Yesuus jireenya haaraa fi nagaa nuuf kennurraa kan ka'e
dubbii hiikuu yaalla (Qol. 1:19-20; Efe 2:14-16). Yeroo amannu,
dhiifama Waaqayyoon biraa arganneerra; akkasumas walii walii
keenyatti hidhaa nagaatiin hidhamneerra. Tokkummaa nutu uma
ottu hinta’in tokuman duran Waaqayyo karaa ilma issa umme sana
eegna (HoE 10:43; Fil. 2:1-2) Isa booda Waaqayyo bifa ilma isaa
akka fakannuuf nujjijra deema. Yeroo hafuuratti guddannu
Kristoosin Fakaanna waan ta’ef rakkoo kamiinuu gidduu
dhaabbanne jaalalaan ulfina Waaqayyo mul’ifna (2 Qor. 3:17-18;
Qol.3:12-15).

3.1 Dubbii Ykn Rakkoo Hiikuu Kessatti Waan Afur (WMNW)


A. Ga’ee Waaqayyoo

Isaaf ulfina kenni (1Qor. 10:31, Far 37:1-6; Marq. 11:25; Yoh.
14:15; Rom. 12:17-21; Fil. 4:2-9; Qol. 3:1-4; Yaq. 3:17-18; 4:1-3;
1 Phex. 2:12)

B. Ga’ee Mataa kee

Utubaa ija kee keessaa dura baasi (Mat. 7:3-5, Fak 28:13; Luq.
19:8; Qol. 3:5-14; 1 Yoh.1:8-9)

C. Ga’ee Namootaa

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


38 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Sirreessuuf ykn gargaaruuf (Gal. 6:1-2, Fak 19:11; Mat 18:15- 20;
1 Qor. 6:1-8; Efe.4:29; 2Xim. 2:24-26; Yaq. 5:9)
D. Ga’ee Walii Walii

Walii dhiisuu fi walitti araaramuuf (Mat. 5:23-24; 6:12; 7:12; Efe.


4:1-3, 32; Fil. 2:3-4).

3.2 Yeroo Dubbii Hiikan Karaa Qajeelaa Ta’ee fi Hin Taane


Karaa qajeelaa ta’e yoo hiikamuu dhaabaate yaada namaa miidha;
abdii kutannaa fida; miidhama hafuuraatii fi qaamaa fida. Yoo
karaa qajeelaa hiikame garuu wal hubannaa fida, akkasumas wal
amanuu fi walitti dhufeenya jabeessa.

A. Karaan Qajeela Hin Taane-

• Nama isa biraadhaaf baay'ee barbaachisaa kan ta’e ilaaluuf


fudhachuu dadhabuu.

• Aaruu fi waan nama miidhu dubbachuu

• Jibbuu, qophaatti baasuu ykn ba’uu, yeellaasisuu.

• Dubbii ka’uuf jedhanii sodaatanii rakkoo jiru hiikuu


dhiisanii akka rakkoon hin jirretti jiraachuu

B. Karaa Qajeela Ta’e: -

• Waan baayyee barbaachisaa ta’e irratti xiyyeeffachuu.

• Dhiifama gochuu fi rakkoo darbe erga dhiisanii booda


irraanfachuu.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


39 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

• Nan mo’aa ykn nan mo’amaa utuu hin ta’in giddu-


galeessatti ilaaluu.

• Rakkoon hiikamuun bu’aa garlachuu akka ta’e hubachuu

Walitti Bu’umsa Hiikuuf Qabxii Barbaachisaa Ta’e

A. Dafanii Yaaddoo Irraa Bilisa Ba’uu:-


Rakkoo cimaa attamii keessatti yaaddoo fi sodaarraa bilisa hintaatu
yoo ta’e miira (emotion) keetiin fudhatamtee kaayyoo keerraa
ceeta.

B. Miira (Emotion) Ofii Baruu:-


Akkamitti akka yaadddu fi maaliif akkasitti akka yaaddu hin
beektu yoo ta’e waldhabiinsa keessatti rakkoo hiikta utuu hin ta’in
rakkoo uumta. Namooti baayyeen miira (emotion) isaanii baranii
to’achuu dhiisanii aarii, gaddaa fi sodaa keessa dafanii bu’u. Walitti
bu’uumsa hiikuuf sirriitti qabanii tursuu danda’uun kana irraa
dhufa.Ni aarta, sodaatta ykn daftee gaddita yoo taate rakkoo hiikuu
hin dandeessu.

C. Ergaa Haasaan Utuu Hin Ta’in Sochiidhaan (Non verbal)


Mul’atu Fooyyeffachuu:-
Ija, sochii fuulaa, sagalee olka’ee gad bu’u, sochii harkaa fi mataa,
harkaan namatti bu’uu kan kana Fakaatanii dha. Yeroo walitti
bu’umsaa, sochiin namni tokko mallattoo kanaan godhu hubachuun
baayyee barbaachisaa dha. Sochii dubbiidhaa fis ta’e dubbii
qabbaneessuu fis ta’e gargar baastee daftee hubadhu.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


40 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

D. Fakeenya ykn jecha gaarii, yaada nama qabbanessu


gidduutti fidanii koolfuu fi kofalchiisuu:-

Waliin mormiin yeroo inni baayyatu jechoota nama kofalchiisan


ykn miira namaa qabbaneessan (namatti tolan) akka taphaatti
fidanii dubbii hambisu. Hundumaa wajjin jecha jedhamutti kolfi
malee namatti ykn isa siin mormu ykn warra waliin mormutti hin
kolfin. Yeroo jecha akkasii fiddu aariidhaaf yaaddoo gadi buufta.

Rakko hikkun bishina miira (emotion), ofi bitu fi, garaa nama laafu
gafata. Rakkon ati hikuuf yaaltu suni sodachisa, walxaxa fi, kan
abdi nama kutachisu ta’u danda’a. hata’uuyu malee atti karaa
qajeelaf ijarsaf tau’un hikuu yaali.

Walitti Bu’umsa Hiikuuf Kan Si Gargaaru

A. Walitti Dhufeenyi (Relationship) Waan Hunda Akka


Caalu Hubadhu
Walitti dhufeenya eeguunii fi cimsuun walitti bu’uumsa mo’uu
caala waan ta’ee fi kana isa duraa godhii eegi. Nama isa biraadha fi
akkasuma ilaalacha issaatiif ulfina kenni.

B. Isa Yeroo Ammaa Irratti Xiyyeefadhu


Miidhama darbee fi waan yeroo darbe sirra ga’e yaadda yoo ta’e
rakkoo amma jiru hiikuu hin dandeessu. Isa darbe yaadda yoo ta’e
namoota simiidhan hadheessuu jalqabda ykn aaruu fi gadduu
jalqabda. Kanaaf, rakkoo ammaa hiikuu si dadhabsiisa. Isa amma
fuulakee dura jirutti yoo xiyyeeffatte garuu (here-and-now) rakkoo
hiikuu dandeessa.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


41 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

C. Dhiifama Gochuudhaf Qophaa'aa Ta’i

Yoo ati dhiifama gochuudhaaf qophaa’aa miti taate, rakkoo hiikuun


hin danda’amu. Walii galuu hin dandeenyu yoo taane, walii galuu
dhiisuudhaaf walii haa galluu (If you can’t come to an agreement,
agree to disagree). Yoo rakkoo kana hiikuu hindandeenyu ta’ee
rakkochi itti caalaa deema ta’e, walitti bu’anii walmiidhu malee
yeroof adda ba’ani jiraatanii karaa nagaa itti fufu.

3.3 Akka Sagalee Waaqayyootti Nagaa Buusuu

Warri nagaa buusan jaalala, araara, dhiifama gochuuf ogummaa


ittiin aarii qabbaneessan walhubannaaf qalbii diddiirrannaa fiduu
Wangeela Kristos Yesuus irraa warra baratanii dha. Isaan kun
nagaa buusuu danada’u, akkasumas gara qalbii diddiirrannatti
nama fiduu danda’u.

Dhuunfadhaan (Personal) Nagaa Buusuu

A. Balleessaa irra namaaf darbuu (Fak 19:11)

B. Araaramuu (Mat 5:23-24, Gal. 6:1; Mat 18:15, Qol. 3:13)

C. Walii galuu (Fil. 2:4)

Nagaa Buusuu Irratti Nama Gargaaruu

Yoo waldhabuun dhuunfaa ofiitiin hin hiikamu ta’e, amantootni


biraan akka nu gargaaran gaafachuun jaalala Waaqayyooti.

A. Walitti araarsuu (Mat 18:16)

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


42 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

B. Ilaalanii murtoo kennuu (1Qor. 6:4)

C. Itti gaafatamummaa (Mat 18:17)

Qabxiileen kunniin karaa ati ofiikee, Waldaa keef, namoota rakkoo


qaban hundumaa gidduu galtee gargaartuuf sigargaara (Fak 3:4-6;
18:13; Mat 15:18-19; 18: 15-20; Luq. 19:1-9; 1 Yoh. 14:15; Rom
8:28-29; 1 Qor 6:1-8; 10:31-11:1; Efe 4:22-32; 5:1; Fil 4:2-9; Yaq
4:1-3)

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


43 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

BOQONNAA AFUR
4. QABXII BARBAACHISAA YEROO RAKKOO HIIKNU
YAADACHUUN NUUF TA’U
4.1 QABXIILEE IJOO
A. Ati Nama Kristos Yesuusiin jaallatamtee dha (2 Qor 12:9-10)

Yoo akkam miidhamtellee akka waan namni adda baasee


dhuunfatti simiidhuuf godhetti hin fudhatin. Yoodhuma
simiidhuudhaaf godhame ta'eyyuu.

B. Dubbiin carraa fidee dhufa (1 Qor 6:1-8)

Carraa waa tokko irraa barachuutii fi Waaqayyof ulfina laachuu


fidee dhufa.

C. Dhaggeeffadhu (Fak 28:13; Yaq 1:19-25; 1 Yoh.1:8-9)

Utuu waa tokko hin jedhin dura sirriitti dhaggeeffadhu. Sirriitti


dhaggeeffachuuniif namni ykn gareen waldhabe tokko sirritti akka
waldhaggeeffatu gochuun baayyee barbaachisaa dha.

D. Dhiisuun ykn dhiifama gochuun maal akka ta’e sirriitti hubadhu.


(Far.103:12; Isa. 43:25; 1 Qor 13:5; Qol. 3:12-14)

Amantoonni baayyeen waan baayyee Gooftaan akka dhiiseef


irraanfatani; kanaaf namaa dhiisuu dadhabu. Walitti dhufeenyi
kamillee akka itti fufuuf, akkasumas rakkoo dhuunfaa fi walii galaa
hiikuudhaaf dhifiama gochuun iddoo olaanaa qaba. Wanta baayyee

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


44 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

akka Waaqayyo siif dhiise yaadadhuutii atis karaa kana kuftee akka
hin argamne hubannaa qabaadhu.

E. Wal quunnamtii (Communication) (Luqa 15:11-24)

Hubachuunii fi hubatamuun rakkoo hiikuu caalaa baayyee


barbaachisaa dha. Yoo yaada waliif haala kessa jirru keessatti
sirriitti wal hubanne rakkoo keenya hiikuuf namni nu gidduu galuu
hin barbaachisu; ofiidhuma isaatii yeroo nuti wal hubanne
hiikameera jechuu dha. Namni yeroo inni haasa’uu barbaduu,
hasa’ee haa fixatuutii carraa kennii fii sirriitti dhaggeeffadhu.
Akkasuma atis yeroo haasoftu sirriitti namni kan biraanis
sidhaggeeffatee yaada kee hubachuu qaba.

1. Maaliif midhamee ykn miidhamtee?

2. Maaliif akkasitti yaada ykn yaaddi?

3. Maal barbaada ykn barbaaddi ykn barbaaduu?

4. Maaltu haa ta’uu?

F. Hiika qajeelaa ta’e kennuudhaaf ofii kee murteessi (Yaq 4:1-12;


Mat 15:18-19)

Namoota rakkisoo wajjin (with difficult people) akkamitti akka


hojjetan baruu (1Phex 2:19) Nuti namoota nu dhaggeeffatan ykn
dhaga’an akkasuma akka yaada Waaqayyootti waan hundumaa
hojjetanii wajjin jiraachuu barbaanna. Namooti baayyeen
amantootuma ta’anii waa maaliif akka morman ykn hojjetan hin
beekan. Wanti isaan barbaadan, wanti hojjetamu marti karaa

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


45 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

ofiisaanii haa ta’u ykn wanti isaan jedhan qofti haa ta’uu dha.
Yaada isaan jedhaniin ala taanaan wanta sirrii akkamii yoo
ta’eyyuu hojiirra ooluu hin danda’u. Namooti tokko tokko baayyee
garaa jabaatu; akkasumas, yaada isaanii gargalchuu (jijjiiruu) hin
barbaadan. Namooti akkasii rakkoo hirrina qaama keessaa ykn
guddisaan dhufe qabaachuu waan danda’aniif akka ijjoollee
Waaqayyootti ilaallee hojii keenya itti fufuu wayya malee mataa
cabuun gaarii miti.

Isaan ofiisaanii malee nama biraa arguu hin danda’an. Akkasumas,


ofiisaanii dhaga’u malee nama biraa dhaga’uu hin barbaadan. Kun
waan baayyee namaa gaddisiisu waan ta’eef waan gochuu
dandeessu hin qabdu. Namooti akkasii qophaatti ba’aa adeemu;
akkasumas, hadhaa’oo (bitter) ta’aa adeemu. Isaaniif kadhachuu fi
tajaajiluuniitu nurra jira. Garuu, maqa balleessii fi arrabsoo isaan
abdii si kutachiisuuf ykn tajaajila kee balleessuuf godhan akka
dhuunfaatti fudhattee iddoo kee gad hin dhiisin.

Akkaata itti nama cubbuu hojjete ykn yaadaan walii galuun


dadhabame Waldaa keessa jiru qabuun namarra jiraatu
(Mat18:15-20)

A. Bilchina hafuuraa qabaachuu (Gala. 6:1)

Galmi (goal) nama tokkotti dubbannuuf, walitti dhufeenya sirrii


ta’e akka inni Gooftaa wajjin, maatiisaatiif, Waldaadhaaf, namota
hundumaa wajjin qabaatuuf haaressuudha malee miidhuuf miti.

B. Dhaggeeffachuu (Mat18:15, Luq. 17:3)

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


46 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Cubbuu ykn dogoggora hojjetameef yeroo ragaa sirriin argamu


Waldaan kirstiyaanaa rakkoo sana hiikuuf socho’uudhaan ykn
ergaa araaraa qabattee bira ga’uun waamicha isheeti.

C. Qophaatti araaramuu (Mat18:16; Keessa Deebii 19:15-20; Rom.


14:19)

D. Geggeessitoota Waldaa hirmaachisuu (Mat18:16; 1Xim. 5:20)

E. Waldaa (Miseensa hundaa) hirmaachisuu (Matthew 18:17-20),


Lafa isin lama ykn sadii taatanii maqaa kootiin walitti qabamtanitti
isin gidduttan argama.

Yeroo akkamii akka dubbachuun nurra jiraatu

A. Sagalee Waaqayyootti yeroo bu’amu (Doctrinal) Gala. 2:11

Lola hafuuraa, loliisa qaamaan mula’atu (physical attack), waan


sagalee Waaqayyoo wajjin waliigala jennee iddoo itti laannu
(value) kan kana Fakaataniin mormu

B. Lola hafuuraa (Spiritual war) Yaq. 4:7-8

Diinni keenya jireenya bara baraa irraa akka nuti ceenuuf, hatuu fi
balleessuuf dhufe. Kanaafuu Seexanaan loluu ykn mormuu qabna.

C. Amala gaarii (Ethics)

Amala keenya isa cubbuun guute morminee ofii keenya bituudhaan


hafuura Waaqayyoon guutamnee gara Kiristoosiin Fakaachuutti
guddachuu qabna.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


47 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Kaayyoon Wal dhabdee furuu walfalmii namoota gidduudhaa


balleessuu, yaadaa fi ilaalcha giddu galeessaatti akka waliif galan
gochuu fi humna Wal dhabdee akka hin jirre gochuu fi haalota
addaan faca’iinsa uuman balleessuudha (Miall 2004). Wal dhabdee
furuun olaantummaa humna siyaasaa dhabamsiisuudhaan mariitti
akka xiyyeeffatan taasisa. Akkasumas, Plester-Silk (2013) akka
jedhetti Wal dhabdee furuun rakkoowwan Waldaa Kiristiyaanaa
keessa jiran hir’isuudhaan haala poosatiivii uumee akka hojiin
nagaa fi tokkummaadhaan ittiin hojjetamuu danda’u uuma. Yeroo
kana wangeelli jireenya miseensota kanaa keessatti fi hawaasa
keessatti qajeelcha yookaan geggeessaa ta’aaf jechuudha. Namni
aararsa ta’ee dhalate hin jiru; garuu, gaafa Gooftaa Yesuusitti
amanu namni ergaansaa ergaa araaraa akka ta’e baree itti
guddachaa adeema.

Kanaafuu, waa sadan (3) kana yoo qabaatte xumura gaarii


argatta.

1. Nama hundumaa wajjin nagaadhaan jiraachuu (Ibr 12:14, Mar


9:50, Yoh 20:19, Rom 12:18, 1Phex 3:8-9)

2. Walii keessaniif, namoota hundumaa fis gaarii gochuu (1Tas


5:15)

3. Waaqayyoon waan hundumaa keessatti yoo walakkeessa gootee


fi yoo isa kadhatte, sodattes ogummaa isa olii Waaqarraa argatta
(Yaq 3:17)

Wal dhabdeen Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii dhabuu irraa kan


maddu yoo ta’u, yeroo akka seera Waaqayyootti geggeessaan

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


48 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

dadhabaan Waldaa geggeessu, hirmaattonni dammaqoon Wal


dhabdee fi mormii kaasuu jalqabu. Wal dhabdeen gara caalu
namoota yaadota addaa addummaa dhiyeessaniin Uma. Humnaan
geggeessuun yommuu labsamu waldanda’uun, amanamummaan,
karaa nagaa hojii ofii itti fufuunis, kanneen Wal dhabdee ittisan ni
dhabamsiifamu. Yeroo kana Waldaa Kiristiyaanaa keessatti, maatii
gidduutti, hawaasa naannoo gidduuttis Wal dhabdeen ka’uu
danda’a. Wal dhabdee furuun amanamummaa, gadi of deebisuu,
ogummaadhaan geggeeffamuu miseensa Waldaa Kiristiyaanaa
gidduutti ni gaafata. Haaluma walFakaatuun, jijjiiramni Wal
dhabdee ogummaa dhugaa, gadi of deebisuu, dogoggora ofii
beeksisuu fi kaka’umsa qulqulluudhaan bakka ga’a.

Miseensonni Waldaa kam iyyuu yeroo hundumaa maddi Wal


dhabdee keessaa maal akka ta’e xiyyeeffannaadhaan barbaaduu
qabu. Namoonni hundumtuu qoranii of ilaaluu qabu. Haata’u iyyuu
malee, geggeessaan Waldaa Kiristiyaanaa ogeessi bakka Wal
dhabdeen ka’uu fi madda isaa yeroo hundumaa ni hubata.
Akkaataan itti jijjiirama Wal dhabdee milkeeffatan adeemsa
loojikaalawaa fi kan miiraan hin hoogganamne yoo adeemaniidha.
Miiraan kan hoogganaman yoo ta’e, qaamota waldhabanii jiran
gara walii galteetti fiduun ulfaachuu ni danda’a. Yeroo adeemsa
loojikaalawaa ta’een adeeman, qaamoleen waldhaban lamaan
hatattamaan walii galteetti dhufuu hin danda’an yoo ta’aniyyuu,
miira ofii to’achuun ni danda'ama.

Dhimma kana irratti geggeessitoonni waliin ta’anii cimanii


kadhachuu qabu. Kadhannaadhaan fuula Waaqayyoo dura turuun
miiraan utuu hin taane ogummaadhaan akka hoogganamnuuf

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


49 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

nugargaara. Kadhannaan akka Waaqayyo nu gargaaruu godha.


Waaqayyo immoo yeroo kana akka amantoonni waliif, Waldaa
isaaniitiif, gooftaa isaaniitii fis jaalala qabaatan isaan taasisa. Eebba
kana bira ga’uuf filannoon isaan qaban Wal dhabdee jiru furanii
gara nagaa waliif qabaachutti dhufuu. Furmaanni Wal dhabdee
Tiwooloojikaalawaan mala kanaan hojjeta.

Kitaabni kun akkaataa itti Waldaa Kiristiyaanaa keessatti Wal


dhabdeen uumamu argisiisee jira, akkasumas deebii Wal dhabdee
Yaqoob macaafasaa boqonnaa afur keessatti barreesse qofa osoo
hin taane, hubannaa gadi fagoo waa’ee mootummaa waaqaa isa
Yesuus barsiisee, miseensonni mootummaa sanaas akkamitti akka
jiraachuu qaban, miira qulqulluu akkamiitiin walii isaanii fi
Waaqayyoon dura dhaabbachuu akka qabanis kitaabni kun
argisiisee jira. Akkasumas duuka buutonni Yesuus hundumtuu
akkuma Mat. kudha saddeet keessatti Yesuus barsiisetti, yeroo Wal
dhabdeen amantoota gidduutti ka’utti, mootummaa Waaqayyoo
keessa jiraachuuf waanta diigamsa kaasu utuu hin taane, hojii
ijaarsaaf ta’u qofa hojjechuu akka qaban argisiisa.

Xumura irratti, Yesuus Maatewos boqonnaa 5-7 fi boqonnaa 18


keessatti barsiisa guddaa, kan faayidaa dhuunfaa keenyaatti akka
nuti hin xiyyeeffanne nutaasisu, barnoota akka nuti ilaalcha badaa
(gadhe) hin qabaanne nutaasisu, kan dogoggora keenya baasnee
akka himannuu fi dhiifama akka waliif goonu kan nubarsiisu ibsee
kaa’eera. Kitaabi kun waa’ee gadi of deebisuu, miira addaa
addummaa fi waa’ee mootummaa Waaqayyoo akka hubannuuf,
qajeelfama dandeettii Wal dhabdee jijjiiruus akka horannuuf yaada
bal'aa nuuf ka'ee jira.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


50 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

KUTAA 2 FFaa

QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE


FURUUF GARGAARAN
(PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON)

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


51 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

BOQONNAA SHAN
5. WAL DHABDEEN MAALI?
Wal dhabdeen bakka dhalli namaa jiraatu hundumaa jira. Waldaa
Kiristiyaanaa keessa (Yaq 4:1) fi Drane 1986) akkasumas Sharp
(2012) akka jedhetti addunyaan kun Wal dhabdee rakkoo ciccimaa
uumaniin guutamtee jirti. Barnoota saayikoloojii (Xiinsammuu) fi
Dinagdee keessatti Wal dhabdeen garee tokko keessatti uumamuu
fi miidhaan inni geessisu waggoota shantamaa oliif qoratamee jira
(Greer, Saygi, Aaldering fi De Dreu 2012). Jechi “Wal dhabdee”
jedhu suuraa walii galuu dhabuu sammuu namaa keessatti
uumuudhaan falmii nama keessatti boceessa. Haata’u malee
hiiknisaa inni tokko “loluu” yoo ta’u, inni biraan immoo “yaadaan
waliin mormuu” jechuudha.

Miira tasgabbaa’aadhaan yommuu hiiknu, Wal dhabdee jechuun


salphaadhumatti waan tokko irratti waliif galuu dadhabuu, addaa
addummaa ilaalchaa, addunyaa kana keessatti ilaalcha addaa addaa
qabaachuu jechuudha. Akkaataa Loojikaalawaa ta’een yoo ilaalle,
sababni Wal dhabdee gara balaatti qajeelchu tokkoyyuu hin jiru.
Haata’u malee, yeroo Wal dhabdee jiruu namooni loojikiin
tasgabbaa'uudhaan hindubbatani. Yeroo akkasi Miirri ga’ee guddaa
taphata. Yommuu miiraan hoogganaman, waanti itti fufee
raawwachuuf jiru kan tilmaamamuu hin dandeenye ta’a, haalli
nama akkasiis to’annoo jala ooluu hin danda’u. Miirri Wal dhabdee
miira jeeqamsaa (hanqina nagaa) namatti dhageessisuu ni danda’a.
Akkasumas sababa ilaalcha namaa miidhuuf miira miidhamaa
keessa nama seensisuu ni danda’a. Bakka gareen namootaa jiru kan
akka Waldaatti miidhamni miiraa tilmaamamuu hin dandeenye

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


52 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

uumamuu ni danda’a (Yaq 4:1-12) rakkoo Wal dhabdee uumu


ibsuudhaan akkaataa ittiin furmaata kennan irratti gorsa gaarii
kenna.

Rakkon miira aarii fi dhiiba nama humnan mo'aani hiikuf yaalan


gara Wal dhabdee negetiivii (hamaa) namoota gidduutti uumamuu
ni danda’a. Namoonni kabajaa fi eegumsa eenyummaa isaaniitiif
jedhanii gara jabeeyyii lolarraa hin deebine of galchu. Kabaja
eenyummaa ofii jechuun nama abdii fi gargaarsa hin qabnerraa kan
hafe, miira wal qixxummaa fi olaantummaa dhuunfaa qabaachuu
jechuudha. Seerri gochaa fi mormii gochaa hariiroo dhala namaa
gidduu haala fayya qabeessa ta’een murteessa. Hamma malee
kabaja eenyummaa ofiitiif dhaabbatanii kan nama biraa immoo
dhiibuun yeroo hundumaa namoota gidduutti Wal dhabdee fi addaa
addummaa cimaa uuma.

Karaa biraa immoo Wal dhabdee miira tasgabbaa’aa fi loojikii


gaariidhaan uumamu argina. Wal dhabdeen akkasii Wal dhabdee
poosatiiviidha. Sammuun namoota kanaa qulqulluu, onneen
isaaniis tasgabbaa’aadha. Akka Yaq amanutti Wal dhabdeen
negetiiviin hanqina qulqullina sammuu fi hanqina tasgabbii
onneetiin Uma. Namoonni yommuu sammuu isaanii
qulqulleessanii of tasgabbeessuu danda’an, Wal dhabdee uumamu
gara poosatiiviitti jijjiiruudhaan akka inni guddinaa fi jijjiirama
gumaachutti itti fayyadamuu ni danda’u.

5.1 Gosa Wal Dhabdee


Greer, Saygi, Aaldering fi De Drew (2012) gosoota Wal dhabdee
sadii, kanneen garee tokko keessatti uumamuu danda’an ibsanii

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


53 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

turan. Inni jalqabaa Wal dhabdee adeemsaati (process). Wal


dhabdeen kun garaa garummaa loojikii ittiin hojii tokko raawwatan
gidduu jiru irraa madda. Inni lammaffaan Wal dhabdee hariirooti.
Inni kun immoo Wal dhabdee miseensota garee lama gidduutti
uumamuudha. Inni sadaffaan Wal dhabdee hojiiti. Inni kun immoo
Wal dhabdee hojii raawwatamurraa ka’ee namoota gidduutti
uumamuudha. Wal dhabdeewwan adeemsa hojii fi hariiroo irraa
ka’an lamaan oomisha garee sanaa ni hubu. Wal dhabdeen hojii
immoo haalota qabatamoo ta’an keessatti salphaatti to’atamuu ni
danda’a. gosoota Wal dhabdee sadan kanneen keessaa xiqqoon, kan
garee hamma kanatti hin miine isa sadaffaadha.

Namoonni walga’iidhaaf yookaan hojii tokkoof yommuu walitti


waamamanitti yaaddoon Wal dhabdee isaan keessatti uumamuu ni
danda’a (Greer, Saygi, Aaldering, and De Dreu 2012). Namni
hundumtuu walii isaa irraa addaa adda. Namni lama ta’ee, kan wal
Fakaatee uumame tasumaa hin jiru. Namoonni muuxannoo
walFakaataa qaban hin jiran, ilaalchi nama hundumaa addaa adda.
Yaaddoon Wal dhabdee yommuu marii irratti yaadonni namoonni
dhimma tokko irratti kekkennan addaa adda ta’utti sammuu
namootaa keessatti uumamuu eegala. Hammuma
barbaachisummaan mata duree marii dabalaa adeemu, yaadonni
ciccimoon marii irratti dhiyaachuu itti fufu. Yeroo kana yaaddoo fi
sodaan hin to’atamin hafe Wal dhabdee uumuu eegala.

Kana malees, Wal dhabdeen namoota gidduutti uumamu yaaddoo,


dhiphina muddama, diigamuu fi miira to’atamuu dhabuu uuma
(Schlachter 2013). Waldaa Kiristiyaanaa yommuu ilaallu, Wal
dhabdeen Waldaa Kiristiyaanaa keessa yoo jiraate kaayyoo

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


54 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

waldattiin qabattee jirtu irraa jal’isee kufaatii galma hankaakuutiif


saaxila, jireenya Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos akka duuka
buutonni isaa jiraataniif abboomes akka hin jiraanne isaan taasisa
(Benoliel and Hua 2009). Geggeessaan Wal dhabdeedhaan
taasifamu diina kaayyoo Waldaa Kiristiyaanaati (Royal and Agnew
2012).

5.2 Wal Dhabdee Akka Furmaataatti


Wal dhabdeen rakkina miti. Wal dhabdeen akka rakko jiruu karaa
gaari (positive) furruuf kaka’umsa cimaa uumuu ni danda’a.
Rakkoon miiraan dhuufu yeroo baayyee hiika dogoggoraa
(inappropriate solutions) waan itti kennamuuf to'annoo jala hin
oolu. Akkasumas Wal dhabdee ka’e balaaleffachaa deebii furmaata
hin taane, kan rakkoo uumame furuu hin dandeenye dhiyeessuun
rakkoo miidhaa geessisuudha. Saamu’eel Isteeven (1992) Wal
dhabdee yommuu hiiku “addaddummaa fedhii fi ilaalchaa”
dhimma tokko irratti qabaachuu, kan jireenyaa fi faayidaa nama
biraa irratti hin xiyyeeffannee dhiyeessuu jedha. Addaa
addummaan ilaalchaa loojikiidhaan furamuu ni danda’a. Haata’u
malee, ilaalchi badaan (negetiiviin) gara ilaalcha gaariitti
jijjiiramee kan fedhii isa kaanii guutuuf yaalu ta’uu qaba, akkas
ta’uu baannaan Wal dhabdeen humna furmaataa loojikiin qabatee
jiruun ol ta’uu ni danda’a.

Wal dhabdeen ilaalcha badaa irraa maddu Waldaa keessa haa


jiraatu iyyuu malee, Iskoolaaronnii fi ogeeyyiin xiinsammuu akka
jedhanitti Wal dhabdeen uumamu kamiyyuu to’annoo gaarii jala
yoo oole, oomishaa fi firii garee sanaa sadarkaa olaanaatti guddisuu
ni danda’a (Greer, Saygi, Aaldering and De Dreu 2012). Namoonni

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


55 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

dhaabbata tokko keessatti Wal dhabdeen isaan mudate, kanneen


walta’anii furmaata barbaaduutti jiran, Wal dhabdee sanarraa bu’aa
olaanaa argachuuf carraaquu qabu. Yaaliin akkasii dandeettii hojii,
dandeettii kalaqaa fi dadammaqina isaanii babal’isuudhaan
oomisha isaanii baay’ee guddisa. Kanaafuu Fakiin Wal dhabdee
Waldaa keessatti uumamu kanaa sababoota faayidaa qaban
maddisiisuudhaan walitti bu’iinsa uumamu dhabamsiisuu danda’a.
Wal dhabdee dhabamsiisuun yoo dadhabamellee, faayidaa gaarii
akka kennutti sisirreessuudhaan itti fayyadamuun ni danda’ama.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


56 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

BOQONNAA JAHA
6.1 SABABOOTA WAL DHABDEE
Wal dhabdee maaltu uuma? Ogeessi fayyaa hamma bakka
dhukkubni jiru argutti yaalii baqaqsee hodhuu akkuma hin eegalle,
namni tokko yookaan gareen tokko bu’uura Wal dhabdee utuu hin
hubatin furmaata kennuuf yaalii gochuu hin danda’an. Wal
dhabdeen dhaabbatawwan ilaalcha wal hin Fakaanne qaban
gidduutti uumamuu ni danda’a. Garee tokko keessatti hammuma
miseensonni yookaan hirmaattonni baay’atan addaa addummaan
yaadaa Umaa adeema. Dhaabbileen siyaasaa yeroo hundumaa
ilaalcha walirraa addaa adda ta’e qabaatu, Sababnisaa muuxannoo
walirraa addaa adda ta’e qabu.

Ilaalchi isaaniis walirraa addaa adda. Akkaataan ilaalcha nama


tokkoo yookaan dhaabbata tokkoo kan bocamu muuxannoo maatii
keessaa dhalatan irraa fudhatuun, akkasumas nama yookaan qaama
itti dhiyaatuun ta’uunsaa beekamaadha. Yeroo baay’ee garaa
garummaan amalaa yoo jiraate Wal dhabdeetu Umama (Yaq 4:1)
keessatti akkas jedhee gaafata; “Wal-loluu, wal-qoccoluus maaltu
isin gidduutti kaase? Kajeellaa keessan isa bu'aa dhagna keessanii
keessatti wal loluutu kana kaasa mitii ree?” Namoonni addunyaa
kanarra jiraatan dhimmoota jireenyaan wal qabate hedduu irratti
waliin hojjetu. Yeroo kana Wal dhabdeen Umaa adeema. Poorter
kitaabasaa keessatti akkas jedhe, “kufaatii guddaa Waldaan itti
adeemaa jirtu haala gaariidhaan kan raaju Wal dhabdee diigamsa
uumuudha” (Porter 2010, 1). Bara Kiristaanonni heddumminaan
addunyaa kanarra jiraatan kanatti namni hojii garee caalaatti
jireenya dhuunfaa isaatiitti akka xiyyeeffatu beekamaadha.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


57 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Kiristaanonni ammoo Waldaa isaanii keessatti miseensota


baay’ifachuutti xiyyeeffatu.

6.1 Sababoonni Wal dhabdee Maal Fa’i?


1. Dhimmoota jiran to’achuu dadhabuu (Maat 18:7)

2. Tiwooloojii (HoE 15:1-19)

3. Mul’ata/abjuu (Uma 37:5)

4. Ilaalchaa fi Istiraateejii (Amo 3:3)

5. Akkaataa geggeessummaa (Style) (1Qor 1:10-17)

6. Caasaa/ Akkaataa (HoE 6:1-7)

7. Dhimma Maallaqaa/Dinagdee (Yoh 12:4-8)

8. Addaa addummaa Aadaa / Hawaasummaa (Maatewos 15:2)

6.2 Bu’uura Wal dhabdee Hubachuu


Wal dhabdeen karaawwan hin beekamne hedduudhaan garee
gidduu seena. Namoonni tokko tokko faayidaa waliinii argachuuf
namoota biroo waliin hojjechuu hin barbaadan. Yeroo kana
namoonni biroon garee sanatti dabalamuuf fedhii dhabu.
Sababnisaa miseensonni garee Sanaa warri duraanii gammachuu
hin qaban, dhaabbatichis bu’a qabeessa ta’ee hin mul’atu (Miller
2004). Yeroo baay’ee eenyummaan namoota garee tokko keessaa
walitti madaquu dadhaba. Namoota akkasii garee tokkotti
ramaduun akka makaa keemikaalota addaa addaa, kanneen
laaboraatoorii keessatti rakkina uumaniitti oomisha dhaabbatichaa
kuffisa.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


58 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Wal dhabdee uumame furuu fi dhabamsiisuuf jalqabatti rakkoo


sana bu’uura irraa hubachuun barbaachisaadha. Knight fi Keating
(2004) akka jedhanitti “Aadaan nageenyaa/culture of peace” gosa
yookaan sanyiidhaan garee uumanii jiraachuu fi aadaa garee
dhuunfaa ofii qabaachuuf gargaaruudha. Bakka kamittuu Wal
dhabdee furanii dhabamsiisanii nageenya ijaaruuf, Wal dhabdeen
akka hin uumamneef ittisuuf qabxiin inni jalqabaa bu’uura Wal
dhabdee hubachuudha. Kutaa kana keessatti ka’umsa lolaa,
waantota gara lolaatti nama qajeelchanii fi waantota fedhii lolaa
uuman ilaalla.

Lola

Wal dhabdeen yaalii addaa addummaa dhabamsiisuuf karaa nagaa


utuu hin taane karaa lolaa fi humnaatiin ta’urraa dhufa (Yaq 4:1).
Namoonni dhugaa kana hin hubatan. Haata’u iyyuu malee,
namoonni addaa addummaa humnaan furuu filatan gara lolaatti
dhiibamu. Abram (1990) akka jedhetti, namoonni lola labsan
jalqabbiin isaanii karaa nagaatiin ture, garuu utuu baay’ee hin
adeemin gara wal hubachuu dadhabuutti dhufu, kun immoo
nageenya isaanii jeeqa, kanumatu gara Wal dhabdeetti guddata.
Yeroo tokko tokko Wal dhabdeen firii ilaalcha badaa fi gaarii irraa
dhufuudha. Dhugaansaa yommuu ilaalamu immoo lamaanuu isaa
irra loli dhufee argama.

Waantota Lola Kaasan

Miller (2004) akka jedhetti miseensonni garee tokkoo wal qoodanii


yoo wal lolan, dhaabbanni sun kan gammachuu hin qabnee fi bu’a
dhabeessa ta’a. Miseensonni sun waluma isaanii lolu jechuudha.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


59 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Miseensonni hundumtuu ilaalchuma dhuunfaa isaaniitiin


fannifamanii rakkatu. Hammuma miseensonni garee wal lolaa
adeeman, carraan Wal dhabdee furuu xiqqaataa adeema.
Sababoonni Wal dhabdee lakkoofsa hin qaban. Ta’us sababoota
kana keessaa gurguddoonni: sodaa, Gowwomsaa, haasawaa sobaa,
ilaalcha badaa waliif qabaachuu, dorgommii hinaaffaa waliin
dorgomuu fi o fittummaa fa’a.

Qajeelcha Sodaa

Garee keessatti waanti Wal dhabdee ho’isu humna keessoo garee


sanaati. Hart fi Weber (2008) akka jedhanitti, bifti sodaa inni
baay’ee adda ta’e lubbuu namaatti baay’ee ulfaata. Kunis miira
namaa isa to’atamuu hin dandeenyeen hoogganamee socho’a.
Sammuu namaa isa serebireemii jedhamu keessatti uumamuudhaan
miira qabatamaa hin taane uuma. Kunis nama keessatti Wal
dhabdee keessaa uuma. Sana booda miira badaan akka namatti
dhaga’amu gochuudhaan gareewwan hedduu keessatti akka Wal
dhabdeen uumamu godha. Horn (2004) akka jedhutti sodaa kana
hubachuu fi maddasaa to’achuun nama hundumaa waliin nagaatti
jiraachuuf nama gargaara.

Dogoggora Dogoggoraan Uumamuun Geggeeffamuu

Wal dhabdeen hedduun sababoota qabatamoo hin taane, kanneen


dogoggora ta’aniin namoota gidduutti ni Uma. Yeroo baay’ee
miirri badaan keessa keenya yeroo dheeraadhaaf turu ilaalcha
halluu sirrii hin qabne keessa keenyatti bocee darba. Taateen kun
Dogoggora Dogoggoraan Uumamu (Faulty Attribution Error)
jedhama (Ross 2014 fi Mauboussin 2009). Ross akka jedhetti

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


60 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

namoonni Umaan amala hiyyummaa fi amala badaa wal qabsiisanii


ilaalu. Kunis taatee addaatiin yoo jijjiirame malee dhugaa hawaasa
keessaa mul’atuudha. Garmalee amala walii hubachuun kun yeroo
baay’ee Wal dhabdee keessaa mul’ata. Namni ofiisaa qajeelaa of
godhu immoo yeroo hundumaa namoota biroo waliin walitti
bu’uunsaa waan hafu miti. Qajeelaatti of lakkaawuun namoota
biroo yakkamaa gochuu waan ta’eef garee gidduutti addaan
baba’umsa facaasa. Wal dhabdeen to’atamuu hin dandeenyee fi
diigamsi kallattii kanaan dhufa.

Ilaalchi dogoggoraa adeemsa murtii kennuu keessatti calaqqisee


mul’achuu ni danda’a. Ilaalchi akkasii qajeelummaa kan hin
argisiifne yoo ta’eyyuu, badii namaa tokkotti murtii kennuun haala
hin beekamneen qaama itti murtaa’u irratti miidhaa cimaa
qaqqabsiisuu ni danda’a. Yeroo baay’ee murtiin akkasii gara
jabinaan kan kennamu yoo ta’u, cubbuu irratti kan hundaa’eedha.
Ilaalchi aarii kaasu kan cubbuu irraa madduudha. Ilaalchi faayidaa
hin qabne “stupid” nama cubbuu oftuulmaatiin liqimfamee jirurraa
dhufa. Kunis akka isaan haqaa fi dhugaa hin argineef ija isaanii
jaamsa. Dhugaa loojikii yookaan dhugaa waaltawaa ta’es ilaalanii
arguu hin danda’an. Namni aaree jirummoo yommuu nama amala
akkasii qabu ilaalu “dhugaan jal’atee jira” jedhee gudunfa. Akka
yaada nama aarii qabu kanaatti gochaa fi ilaalchi isaa hundumtuu
sirriidha. Haala akkasii keessatti, tikseen yookaan geggeessaan
tokko miira miseensota isaatii hordofee itti dhiyeenyaan gargaaruu
danda’uu qaba. Beekumsa dhugaa fi haqaa dhabuun tilmaamni
isaanii fi rakkoon garee keessatti uumamu akka wal argatu taasisa.
Firiin kanarraa argamus miira dhiphinaa qofadha. Waanti dhiphinni
uumu jeeqama miiraa fi qaamaa (depression) qofadha. Namoonni

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


61 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

jeeqamsa miiraa keessa jiran kaka’umsa fayya qabeessa qabaachuu


hin danda’an. Dhugaa jiru hubachuun garuu sodaa namaaf salphisa,
Wal dhabdee furuu fis dandeettii namaaf kenna.

Wal Quunnamtii Dogoggoraa

Wal quunnamtiin nooraa ittiin wal quunnamtoonni walitti


ce’aniidha. Namni wal quunnamtii gochuutti jiru yaadasaa warra
waliin haasa’uutti jiruuf hamma danda’etti haala qulqullina qabuun
qoodaaf. Haata’u malee qulqullinaan daddarbuun ergaa kanaa isa
ergaa dabarsuuf isa fudhatuuf wal qixa hin ta’u. Scott (2010) akka
jedhetti, ergaa dabarfachuuf jechaan dubbachuu qofti ga’aa miti;
sochiin, halluun…. abbaa ergaa dabarsu sanaa murteessoodha
jechuudha. Ergaan qulqullinaan hin ergamne yommuu dhaamsa-
fudhataa bira ga’u hiika sirrii hin kennu. Akkasumas dhaamsa-
ergaan tokko tokko dhaamsa dogoggoraa gara dhaamsa-fudhataatti
dabarsuu ni danda’a. Kun immoo utuma dhaamsi isaan bira hin
ga’in illee akka dhaamsa-fudhattoonni miira dammaqaa fi kan
mufannaa qabaataniif isaan kakaasa.

Sababoonni kanneen biroonis adeemsa dhaamsa erguu fi


fudhachuu gidduu seenanii wal hubannoo dhabiinsa uumuu ni
danda’u. Qaamni dhaamsaa, kan jijjiiramuudhaan Wal dhabdee
yookaan wal hubannaa dhabiisa uumu giddu galeessa qaama
dhaamsichaati. Fakeenyaaf, Uma sagalee, akkaataa dambali’uu
sagalee, dandeettii fi akkaataa itti fayyadama afaanii… (Scott
2010).

Sadarkaa kam irratti iyyuu, garmalee dhaamsa walitti


daddabarsuun deebii badaa waliif akka deebisan taasisa. Wal

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


62 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

quunnamtii sababoota addaa addaatiin wal make yoo taasisan


immoo, fedhii o fittummaadhaan guute, dhiibbaa badii fi
waldadhabdee qaqqabsiisuun wal makee dhaamsa makamaa
dabarsa jechuudha. Akkasumas hammuma dhaamsa walii
hubachuu dadhaban, namoonni akka garee lolaa gama lamaan
dhaabbatanii wal lolaniitti Wal dhabdeen diinummaa uumu gidduu
isaaniitti babal’ataa adeema. Miseensonni Waldaa tokkoo Waldaa
isaaniitiif yeroo hundumaa waan gaarii yaadu. Fedha isaanii
guuttachuu fis humnasaanii guutuudhaan lola danda’an hunduumaa
adeemsisu. Garuu yeroo aariin, sodaan, hamminni walquunnamtii
gidduu seenu, walquunnamtiin cimaa irraa gara isa baay’ee cimaatti
hadhaa’aa adeema. Furmaata kennuunis akkasuma ulfaata.

6.3 Akkaataa Geggeessaa Hamminaan Guute


Hamminni sanyii hamaa onnee namoota hedduu keessatti
argamuudha. Nama hundumaa keessatti miti yoo ta’eyyuu,
namoonni yaadnisaanii namoota biraa miidhuu amaleeffate sanyii
hamminaa kana keessa isaaniitii ni qabaatu (Lange and Domke
2001). Phaawuloos jarreen hammina uuman kana maqaawwan
addaa addaatiin waama: “Isaan jal'ina, hammina, sassata,
gadhummaa hundumaan guutamanii jiruu. Kanaanis guutamanii
inhinaafu, in ajjeesu, nama in lolu, in gowwoomsu, warra kaaniif
isa gadhee in hawwu, dhoksaa namaa in mul'isu, in hamatu,
Waaqayyoon in jibbu, humnaan nama irratti in ka'u, in afuufamu,
of in jaju, hamaa lafaa fuudhanii bixxilu, warra isaaniif hin
abboomaman” jedhe.

Kun amala Qaayin isa gaaddidduu Waldaa Kiristiyaanaa keessaan


mul’atuudha. Yaq ergaa isaa (4:11) irratti barreesseera. Akkas

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


63 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

jedhe, “Wal hin hammeessinaa obbolootako! Namni obboleessa


tokko hammeessu yookiis obboleessa isaatti faradu, seericha
hammeessuu isaati, seerichattis faraduu isaati. Ati seerichatti yoo
faraddee immoo, seericha irratti abbaa firdii ta'uukeeti malee, nama
seericha hojii irra oolchu ta'uu kee miti” jedhe.

Looweerii fi Kaayeen (2011) akka jedhanitti, qoccolloon vaayirasii


nama garee yookaan Waldaa keessa jiru tuquudhaan suuta jedhee
waldicha dadhabsiisaa adeemee diigamsa uumuu danda’uudha.
Waldaa Kiristiyaanaa addaan cabsuudhaan kufaatii cimaa fiduu ni
danda’a. Girii fiiz (1998) akka jettetti immoo Wal dhabdeen walitti
hinaafuu, naga-dhabina, fedhii ofiin of bulchuu, ariyatama sababa
addaa addaatiin dhufu, aayidooloojii fi humna walitti argisiisuu
irraa madduu ni danda’a. Akka ilaalcha isheetti namoonni jireenya
wayyaa’aa jiraachuuf yommuu wal dorgomanitti, madda galii ga’aa
waan hin arganneef, albuuda jiru irratti wal loluu ni danda’u.
Akkasumas namoonni yommuu jijjiiramni dhufu nageenya
dhuunfaa isaanii kabajachuuf jecha waliin morkatu; kunis dheebuu
olaantummaa qabaachuu irraa kan madduudha. Phaawuloos
Waldaa Filiif yommuu barreesse, akka isaan ol of hin qabne
akeekkachiisee ture (Fil 2:3).

6.4 Akkaataa Itti Fedhiin Lolatti Nama Geessu


Itti dabalee, aboo walitti argisiisuun yookaan ol of qabuun Waldaa
Kiristiyaanaa keessatti lola kaasa. Inni kun dhugaawwan Giriiftiz
(1998) akka madda lolaatti tarreessite keessaa isa tokko. Ilaalchi
akkasii oftuulmaa fi ol of qabuu namatti galchuudhaan hammina
garee sana keessa tamsaasa. Gareen sun: dadhabaa” fi “cimaa”
jedhamuudhaan akka bakka lamatti addaan hiramu godhee, warra

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


64 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

“cimoo” tti ramadaman kanneen “dadhaboo” tti ramadaman waliin


wal lolchiisa. Yaq amala akkasii Waldaa Kiristiyaanaa bara durii
keessatti argee ture, “Fakeenyaaf namni sooressi tokko amartii
warqee kaa'atee, uffata ba'eessas uffatee gara walitti qabama
keessanii in dhufa; akkasuma namni hiyyeessi uffata xurii uffatus
in dhufa (Yaq 4:2) jedhe. Ciminnii fi dadhabinni kun karaa addaa
addaatiin ilaalamuu ni danda’a. Fakeenyaaf karaa dinagdee
(hiyyeessaa fi dureessa) jenna.

6.5 Sababoota Lolaa Kanneen Biroo


Fedhiin of danda’uu sababoota Wal dhabdee uuman keessaa isa
tokko. Namoonni of danda’uu nama hundumaa hin barbaanne lola
kaasu jechuudha (Giriiftiz 1998). Addaa addummaan akkasii
yommuu uumamutti qulqullina hariiroo waldicha keessaa
balleessaa adeema. Diddaan ilaalcha of danda’uu kana irratti ka’u
immoo gara ariyannaa fi ariyatamaatti guddata. Hammuma miira
walii kabajuu fi kunuunsuun hir’ataa adeemu immoo Waldaa
yookaan dhaabbata keessatti rakkoon Umaa, babal’achaa adeema.
Addaa addummaan ilaalchaa Waldaa Kiristiyaanaa keessaa kan hin
eegamne yoo ta’e iyyuu, waldattiin tokkummaa hammamii yoo
qabaatte iyyuu, addaa addummaan ilaalchaa Waldaa keessaa
guutummaatti dhibamuu hin danda’u (Griiftiz 1998). Rakkinni
akkasii kun miseensonni hedduun Waldaa Kiristiyaanaa keessaa
cabsatanii ba’anii dhaabbata ilaalchaa fi Tiwooloojii kan mataa
isaanii irratti hundaa’e akka dhaabbatan taasisee jira akkasumas
taasisaa jira.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


65 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

6.6 Akkaataa Itti Fedhiin Namaa Lola Kaasu


Fedhiin lola kaasuuf nama keessaa kaka’u miira negetiivii irraa
dhufa. Miirri Wal dhabdee Waldaa keessaa ka’u baay’ee kan
humna qabuu fi kan babal’atu ta’uu ni danda’a (Brewer 2010).
Miirri kun yommuu saffisaan guddatu, mallattoolee ciqilee walitti
argisiisuu calaqqisiisaa dhufa. Akkasitti tokkoo tokkoon
miseensotaa lola keessa seenuuf kaka’umsa guddaa uffatanii
argamu (Ross 2014). Ta’us, sababa Wal dhabdee hubachuun
furmaata peersentii shantama argachuudha (Scott 2010). Sababoota
sana hubachuuf hundeedhaan buqqisuun immoo furmaata
peersentii dhibba guutuu argachuudha.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


66 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

BOQONNAA TORBA
7.1 GOSOOTA WAL DHABDEE
7.1 Lola Keessa Ofii (Yaq 4:1-4)
Lolli interapersonal jedhamu kun lola yaada nama tokkoo keessa
isaatti wal loluudha. Yeroo yaada keenyaa wajjin walii galuu
dadhabnutti yeroo baay’ee waan goonutti of ceEfeaana. Wal
dhabdee akkasii kana Macaafa qulqulluu keessatti ni argina.
Faarfannaa 32 keessatti Daawwit cubbuu isaatiif jecha utuu
yaadnisaa wal loluu argina. Faarfannaa 73 keessatti immoo utuu
yaadni Aasaaf lola akkasii keessa seenuu argina.

Waanti yaadnisaa irratti wal loles, yeroo inni ilaalutti warri


jal’oonni ni badhaadhan, warri qajeelonni garuu hiyyummaadhaan
rakkachaa turan. Yesuusis (Mat 27:46) irratti haala akkasii
dabarseera. Yeroon sun yeroo abbaan isa jalaa calliseedha (Rom
7:14-25) irratti Phaawuloos namummaasaa isa Umaa, isa cubbuuttii
addaan ba’uu didee isa rakkiseef jedhee yaadnisaa wal lolee ture
(Fil 1:22-23) irratti immoo akkas jedhe, “Ittuma fufee lafa irra
jiraachuu kootiin caalaatti hojii ija qabu nan hojjedha yoo ta'e
garuu, waan ani fo'adhu hin beeku. Yaadni koo waan lama irratti
wal rukuta; ani biyya lafaa kana dhiisee adeemuu, Kiristos bira
jiraachuus nan hawwa, kunis anaaf hundumaa irra caalaa in
wayya ture…” jedhe.

7.2 Lola Namoota Lama Gidduu (Fil 4:2-3)


Seera (Umaa 25: 27-34; 27: 1-46) keessatti Eesawuu fi Yaq
gidduutti Wal dhabdeetu ture. Wal dhabdeen isaanii Yaaqoob

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


67 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

sobaan Eesawuu Fakaatee eebba abbaa isa harka fudhachu irratti


dha. 1Saamu’eel 19 keessatti immoo Saa’ol hinaaffaa hadhaa’aa
Daawwititti waan hinaafeef Wal dhabdee guddaatu isaan gidduutti
uumamee ture. Iyoob fi hiriyootasaa sadan gidduuttis Wal
dhabdeen uumame baay’ee cimaadha. Akkasumas Iyoob
Waaqayyoon komatee ture (Wal dhabdeen uumameera).

(Amo 7:7-17) irratti, raajicha Aamoosii fi luba Beetel Amaaziyaa


gidduutti Wal dhabdeen uumamee ture. Raajichi Yoonaas Wal
dhabdee guddaa Waaqayyoo wajjin waldhabee ture (Yon 4:1-10).
Walumaa galatti Wal dhabdeen namoota gidduutti uumamu fedhii
dogoggoraa fi kaka’umsa cimaa dhimma dhuunfaa ofii qofa irratti
xiyyeeffate irraa dhufa.

7.3 Lola Garee Tokko Keessatti Uumamu


Uma 37 keessatti Wal dhabdeen hinaaffaa irraa madde Yoosee fii
fi obboloota isaa gidduutti uumamee ture (Bau 32 ) keessatti immoo
sababa Isiraa’eloonni waaqolii tolfamoo hojjetataniif Musee fi
Isiraa’eloota gidduutti Wal dhabdeen uumamee ture. Museen
Waaqayyoonis gaddisiiseera, Wal dhabdeenis isaan gidduutti
uumameera (Lak 12:1-15) tti, Wal dhabdeen Musee, Aaroonii fi
Miiriyaam gidduu ture. Sababnisaa Aaroonii fi Miiriyaam
geggeessummaa Musee irratti ka’anii turan (Yoh 11) irratti
Yesuusiif bartootasaa gidduu Wal dhabdeetu ture, kunis bartoonnii
fi Yesuus dhimma gara Yihuudaa deemuu irratti waldhabuu
isaaniiti (Lak 7-16). Akkasumas Yesuus, Maartaa fi Maariyaam
gidduutti Wal dhabdeen itti fufee uumameera. Kunis Alaazaar “ni
ka’a” fi “hin ka’u” kan jedhu irratti ture (Lakk 21-32 fi HoE 21:7-
15) irratti Phaawuloosii fi amantoota Qiisaariyaa gidduutti Wal

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


68 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

dhabdeetu ture. Wal dhabdeen sunis Yeruusaalemiin dhaquu fi


dhaquu dhiisuu Phaawuloos irratti ture.

7.4 Lola Gareewwan Gidduutti Uumamu


1Mootota 18 keessatti Wal dhabdee diraamaa Fakaatutu raajicha
Eliyaasii fi raajota Ba’aal gidduu ture. Dudduuba Wal dhabdee
isaanii yommuu ilaallu, lola Yaahiwwee fi ba’aal gidduutti
geggeeffamaa ture argina. Naahimiyaa 4 keessatti, deggertoota
Naahimiyaa fi deggertoota Sanbalaxiif Xoobbiyaa gidduutti
dhimma pirojektii mana qulqullummaa Yeruusaalem deebisanii
ijaaruu irratti Wal dhabdeetu ture (Mat 21:12-16) keessatti, Gooftaa
Yesuusii fi daldaltoota mana qulqullummaa keessa turan gidduu
Wal dhabdeetu ture (1Qor 1:10 fi 3:3-4) irratti, Waldaa Qorontoos
keessatti gareedhaan wal qoqqoodanii dhimma bulchiinsaa irratti
wal lolaa turan (Fil 3:2-9 fi Gal 5:7-12) irratti immoo Phaawuloosii
fi hidhatasaa gidduutti Wal dhabdeetu ture. Akkasumas garee
Phaawuloosii fi garee Yihuudotaa gidduutti, dhimma
barbaachisummaa fi kabaja seeraa akka ulaagaa fayyinaatti
fudhachuu irratti Wal dhabdee cimaatu ture.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


69 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

BOQONNAA SADDEET
8. WAL DHABDEE ADDA BAASANII BEEKUU
Barsiisni Yesuus Mat 18:15-18 irratti barsiise firdii kennuurraa kan
fagaateedha. Karaa biraa, guutummaa boqonnichaa yoo ilaalle,
barsiisni isaa xiyyeeffannaa guddaa bartoota isaatiif kan kennu
akka ta’e ni argina. Akkasumas Yesuus waan bartoota isaatiif
godhu, bartoonni sunis walii isaaniitiif akka godhan kan fedhu ture,
keessumattuu yeroo Wal dhabdeetti.

8.1 Haalduree
Hubannaan Wal dhabdee, kan Tiwooloojii irraa argannu beekumsa
walii galaa argachuuf kan nugargaaru yoo ta’eyyuu hubannoon kun
ibsa guutuu nuuf kennuu hin danda’u. Wal dhabdeen gochaa
hojiidhaan mul’atuudha malee kan hafuuraa yookaan Tiwooloojii
miti. Rabbi Edwin Friedman (1985) Tiiworii Akkaataa Jireenya
Maatii Amantootaa gargaaruu fi jijjiirama fiduu danda’u jedhu
irratti yommuu hubannoo isaa barreeffamaan dhiyeesse Wal
dhabdeen sochii jireenya hawaasaa waliin wal qabatu akka ta’e
qeeqee ture. Namoonni biroon kanneen akka Ken Sande fa’aan
dhaabbatawwan nagaa buusu dhaabanii nageenya addunyaa kanaa
kan kunuunsan, nagaa buusuuf qajeelfamoota Macaafa Qulqulluu
fayyadamuudhaan Waldaa Kiristiyaanaa fi geggeessitoota Waldaa
leenjisuu ni dandeenya (white and blue 1985, Sande 2000, and
Reese 2005). Alfred Pirier kitaabasaa kan The Peacemaking Pastor:
Biblical Guide To Resolving Conflict (2006) Paasterii Nagaa
Buusu: Wal dhabdee Waldaa Kiristiyaanaa Keessa Jiru Furuuf
Qajeelfama Macaafa Qulqulluutti Fayyadamuu jedhu keessatti Wal
dhabdee fi akkaataa itti nagaa buusan irratti Fakeenya gaarii

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


70 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

argisiisee jira. Poirier adeemsa Wal dhabdee furuu keessatti jalqaba


isaa qajeelfama Macaafa Qulqullutiin jalqabee, furmaata
argamsiisuuf immoo olaantummaa qajeelfamichaa fi giddu gala
nama sadaffaatti fayyadamee walii galteerra ga’uuf yaalii taasise.

8.2 Dhiyaannaa
Akkaataa itti paasteriin rakkoo Wal dhabdee Waldaa keessaa furuu
qabu keessaa inni jalqabaa qajeelfama Tiwooloojii isa Macaafa
Qulqulluu irratti hundaa’ee fi qajeelfama dhiifama gochuutti
fayyadamuudha. Fakeenyi kun baay’inaan hojii David Augsburger,
(Muller-Fahrenholz 1997; Ortberg 2003; Sphar and Smith 2003;
Worthington 2003, and Tovey, Kennedy, etal.2006). Karaa biraa
immoo, gareen kaan ammayyuu qajeelfama hafuuraa isa dhiifama
gochuu jedhutti amanu (Morton 1994; powell 1999; Schreiter 2006;
Katongole and Rice 2008). Alan Kreider et al (2005) Waldaa
Kiristiyaanaa keessatti aadaa nageenyaa qabaachuun barbaachisaa
ta’uusaa ibseera. Akkasumas akka kitaabni kun ibsutti qajeelfama
Mat 18 irra jiru fayyadamuun Wal dhabdee Waldaa Kiristiyaanaa
keessaa furuuf ga’ee guddaa qaba.

Qajeelfamni (Mat 18) irra jiru amala jireenya hawaasummaa kan


ibsu, barsiisni Yesuus bartootasaa irratti kan xiyyeeffatu ta’uu isaa
argina. Haala kanaan tokkummaan bakka kanatti ibsame
qajeelfama seeraatiin kan argame utuu hin taane, qajeelfama
hawaasaa fi garee wal jaallatee waliin jiraachaa, gara mootummaa
waaqaatti imaluuti. Hawaasummaan akka kanaa gadi of
deebisuudhaan, itti gaafatama of qabuudhaan guute, eeggannoo
waliif gochuudhaanis kan tumsameedha. Yesuus Mat 18:15-20
irratti waa’ee dhiifama gochuu Fakeenyaan barsiise. Haata’u

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


71 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

malee, dursa ilaalcha Yesuus ittiin biyya lafaarra deddeebi’aa ture,


kan inni walakkaa jalqabaa boqonnichaa irratti barsiisaa ture yoo
qabaatan malee Fakeenyummaa akkasii hordofuun ni ulfaata. Akka
barreessaan kun dhiyeenyatti dubbatee turetti, amaleeffannaa
dhiifamaa qabaachuun dandeettii guddaa kan gaafatu yoo ta’u,
jireenya amanaa sanaa cimsuu fi jabeessuuf faayidaa guddaa qaba.

8.3 Gad Of Deebisuu


(Mat 18:1-5) waa’ee gadi of deebisuu dubbata. Yesuus gaaffii
bartoonni isaa “Mootummaa Waaqaa keessatti inni caalu eenyu?”
jedhanii isa gaafatan deebise. Gaaffiin kun waa’ee guddina qaamaa
qofa irratti kan xiyyeeffatu utuu hin taane, waa’ee mootmmaa
waaqaas kan of keessaa qabuudha. Qabiyyeen gaaffichaa haala
kanaan ibsamee jira jechuudha (Mat 16:16-19) keessatti immoo,
Yesuus Pheexiroosiin ergama addaatiif utuu adda isa baasuu argina
(Mat 17:1-21) irratti immoo bartoonni bakka Yesuus hin jirretti
seexana irratti aboo argisiisuu dadhabuu isaanii argina. Taateen kun
dubbii Yesuus isa inni waa’ee dhiphina isaatii dubbate waliin wal
Fakaata (17:22-23).

(Mat 17:24-27) waa’ee baasii gibira mana qulqullummaa dubbata.


Luqqisa kana keessatti gaaffiin bartoonni dhiyeessan waa’ee
sadarkaa duraa duuba guddina isaanii miti, garuu hawaasummaa
isaanii, aangoo fi dadhabina bartoonni bakka barsiisaan isaanii hin
jirretti argisiisan kan ibsuudha. Mudannoon isaan argate ilmoo
simbiraa kan gareeshee irraa akka tasaatti addaan baate Fakaata.
Mootummaan Impaayera Rom yeroo sana Yihuudota kolooneffatee
bulchaa ture (Mat 15:1-20, 17:24), gaaffiin bartootaa akka
salphaatti kan hubatamuu danda’uudha. Akkasumas mootummaan

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


72 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

waaqaa maal akka ta’e hubachuu kan barbaadan ta’uu isaanii


argisiisa.

Yesuus akka mucaatti of waamee (18:2-5), Ergamni bartoonni


Yesuusiif ergaman akka isaan hawaasuma ofiisaanii keessatti
miidhaman isaan taasise. Warren Carter (2004) akka jedhetti gadi
of deebisuun Yesuus akka mucaatti gadi of deebisuudhaan argisiise
“amala namni dhuunfaa argisiisuu danda’u miti … gochaa kan
humna hin qabne of Fakeessuuti … bartoonni sunniin jireenya
ijoollee jiraachuu jalqaban, gadi of deebisan, sadarkaa jireenya
ijoollotaatti gadi of buusan … kunis tarkaanfii kaayyoo Waaqayyoo
isa guddaa bakkaan ga’uudha” (2004, 362).

Gad of deebisuu, amala qabeessummaan, garraamummaan, haqa


qabeessummaan, qulqullummaan, naga qabeessummaanii fi
miidhama kamiiniyyuu dandamachuun (qabxiiwwan Yesuus Mat
5:1-12 keessatti dubbate) mootummaa humnaa, weeraraa fi aboo
argisiisuun ijaarame keessatti miidhama caaluuf nama saaxila.
Yesuus bartootasaatiin akkas jedheen: “Ergasii Yesuus bartoota
isaatiin, namni tokko illee ana duukaa bu'uu yoo barbaade, waa'ee
ofii isaa dhiisee, fannoo isaa [isa anaaf jedhee baatu] of irra ka'aate,
ana duukaas ha bu'u. Namni jireenya isaa oolfachuu yoo barbaade,
jireenyi isaa duraa in fudhama; nanmi anaaf jedhee jireenya isaa
kennu immoo, isa in argata” (Mat 16:24-25)

Haata’u malee, gadi of deebisuun Yesuus mucoolii Fakeenya


godhatee barsiise Waaqayyotti hirkachuudhaan kan isaan
gonfataniidha. Gad of deebisuun Yesuus barsiise fedhii ofiitiin hojii
Waaqayyootiif of kennuu kan argisiisuudha. Akkasumas, akkuma

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


73 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

arginu, gad of deebisuun fedhii bartoonni abboommii Yesuus


eeguuf qaban kan argisiisuudha. Yeroo gara Wal dhabdeetti
dhufan, namoonni akka abboommii Yesuusitti gad of deebisan
kunniin “Waaqayyoon fuula diinotasaanii duratti akka arganiif”
isaan gargaara (Lederach 1999, 25), fayyisuu Waaqayyoo akka
miyeeffatanii fi namoota naannoo waliin nagaatti akka jiraataniif
isaan gargaara. Gad of deebisuun kun kan argisiisu, waamichi
Yesuus faayidaa tokko akka argataniif utuu hin taane, kennaa tolaa
Waaqayyo karaa Gooftaa Yesuus kennu akka argataniif ture.
Guddinni dhugaan yommuu guutummaatti Waaqayyoof of kenninu
mul’ata, akkasumas yommuu gad of deebisuudhaaf simannaa gaarii
taasifnu kan argamuudha (Mat 18:5).

Kana malees, Yesuus “dhuguman isiniin jedha” jedhee bartootasaa


yommuu of eeggachiise, bartoonni sunis jijjiiramuudhaaf
iyyamamoo ta’anii, akka mucaatti gadi of deebisuu fis laphee
isaanii kennan. Garuu isaan yeroo sana mootummaa waaqaatti hin
galin jiru turan. Yesuus mootummaa waaqaa keessatti akkamitti
akka guddaa ta’an hin barsiifne, garuu akkamitti akka mootummaa
waaqaatti seenan barsiise. Inni itti fufee balbala gad of deebisuun
namaaf banu barsiise. Karaa biraa, waanti (Mat 18:6-35) irratti
barreeffamee jiru akkaataa itti kaayyoo gad of deebisuu jireenya
guyyaa guyyaa keessatti to’annoo jala oolfatan kan barsiisu malee
akkaataa itti jireenya foon isaanii geggeeffatan kan barsiisu miti.

8.4 Itti Gaafatama


Mat 18:6-9 keessatti, hariiroon duuka buutota Yesuus hariiroo wal
hirkisuutiin, miseensota kaaniif itti gaafatama fudhachuu fi amala
ofii to’achuu irratti kan ijaarame ture (Mat 18:1-4) irratti “Akka

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


74 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Mucaa Kanaatti kan gadi of deebisu” jedha. “Akka mucaa


xiqqaatti kan natti amanu” jedha (Maat 18:6”). Ibsi kun amala
duuka buutota Yesuus argisiisa. Akka biyya lafaatti deddeebi’uu
dhiisanii karaa Gooftaa Yesuus irra bu’uun gatii nama baasisa.
Akkasumas, akkuma Pheexiroos dubbate (Mat 16:21-23),
amantoonni hundumtuu biyya lafaa irratti bakka buutota
mootummaa olii ta’anii biyya lafaatiin mormanii jjiraachuu
nidanda’u.

Mallattoon gad of deebisuu amala ofii to’achuu fi warra kaaniif


dursa kennuu akka ta’e Yesuus dubbateera. Keessumattuu kutaa
hawaasaa dadhabaa, ijoollotaa fi kanneen sadarkaa gadii irra jiraniif
dursa kennuun mallattoo gad of deebisuuti. Bartoonni Yesuus
amala gad of deebisuu kana akka gaariitti argisiisaniiru. Warra
wallaalota Fakaatanii fi kanneen miidhama addaa addaa qaban
hundumaa duratti gadi of deebisuu isaanii haala gaariidhaan
argisiisaa turaniiru. Phaawuloos (1Qor 10:31-11:1) irratti warra
utuma beekanii namoota biraa gadi qabanii miidhaa irraan ga’an,
kanneen ol of qaban akeekkachiisee jira. Dhagaan daakuu inni
warri Yihuudotaa waa’eesaa dubbatan dhagaa harka namaatiin
bocame utuu hin taane, dhagaa Umaa, kan bocni isaa nama
ajaa’ibsiisu, isa midhaan daakuuf gargaaruudha. Dhagaa baay’ee
ulfaatuudhas.

Yesuus ijoollee xixiqqoo sana keessaa nama tokko gufachiisuurra,


dhagaan daakuu ulfaataan kun morma namichaatti hidhamee
galaanatti gadi darbatamuu wayya yommuu jedhu, namni tokko
barsiisa dogoggoraatiin nama tokko utuu karaarraa hin kaachisin
utuu dafee du’ee isaaf wayya jechuu isaati. Akkasitti namichi

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


75 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

badiisa bara baraa sana jalaa akka ooluu danda’u dubbate (Bruner
2004, 213 – 214). Kanaafuu, mootummaa Waaqaa keessaa ala
ta’uun kan namatti dhufu yommuu filannoo mataa ofii duukaa
bu’anii amantoota kanneen biroo immoo karaa gara jireenya bara
baraatti geessurraa gufachiisaniidha. Gufannaan dhufuu hin oolu,
garuu nama karaasaa gufannaan dhufu sanaaf wayyoo (18:7).
Kanaafuu amantoonni kunniin waan isaan gufachiisu addaan
baafatanii hin hubanne waan ta’aniif gadi of deebisuudhaan isaan
kunuunsuun dirqama ta’a.

Yesuus (Mat 18:8-9) irratti waa’ee gufannaa ooluu fi of to’achuu


dubbate. Dubbiisaatti humna itti gochuuf Fakeenya cimaa kana
fudhate. Dhimmi isaa dhimma ajjeesuu yookaan ajjeefamuuti.
Akkaataan itti Yesuus namoota barbaaddatu karaa dhiphinaa fi
du’aatiin ture. Inni hoolaa barbaaduun maal akka ta’e nubarsiisa
(Bruner 2004, 214). Kanaafuu yommuu gufannaan uumamutti,
ergamoonni immoo kanneen gufannaan isaan mudate kana
wal’aanuu fi jajjabeessuu qabu. Bartoonni kunniin akka duuka
buutuu Yesuusitti addaa addummaa Hawaasa keessa jiru
fudhachuu fi keessummeessuu danda’uu qabu.

Akkasitti miseensa mootummaa waaqaa ta’u jechuudha.


Gufannaan hawaasa gidduutti uumamu baay’eensaa hariiroo
hawaasni waliin qabu irratti, cubbuu fi quunnamtii hawaasaa irraa
madda (Grenz 2006). Toomaas Long akkas jedhe, “jechi cubbuu
jedhu waa’ee eenyummaa keenyaa amanamummaadhaan walitti
dubbachuu dadhabuu ibsa” (1993, 166). Haaluma wal Fakaatuun,
barsiisa Yesuusiif abboomamuu jechuunis waan inni barsiise
hojiidhaan argisiisuu jechuudha. Cubbuun immoo abboomamuu

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


76 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

diduun isa “nagaa namaa diiguudha (Plantinga 1995) – nagaan


hariiroo guutuu Waaqayyo, Uumama Waaqayyoo fi amala gad of
deebisuu gidduu jiruudha. Namoota gufachiisuu irraa baay’isanii
ciminaan akka of eeggachuu qaban barsiisuuf jedhee Yesuus
bartoota isaatti Fakeenyota addaa addaa itti himee.

8.5 Eegumsa
Mat 18:10-14 waa’ee Eegumsaa dubbata. Fakeenya kana keessatti
Yesuus waa’ee hoolaa badee argamee dubbate. Fakeenyichaanis
amantoonnii fi eegdonni dadhabina hammamii yoo qabaatan iyyuu
kunuunsaa fi eegumsa waliif gochuu akka qaban barsiisuuf
dubbate. Faayidaan Fakeenya kanaa amantoonni Waldaa keessatti
amala gaarii akka walitti argisiisanii fi akka wal kunuunsan
barsiisuudha. Mucaan isheen xiqqoon eegumsa maatii jala jiraatti.
Mucaa wallaaltuu waan taateef maatiin ija irraa hin buqqifatu.
Fuula Waaqayyoo duratti Waldaan Kiristiyaanaas akkuma
kanadha.

Akkaataan itti amantoonni Waldaa keessatti waliin jiraatan fuula


Waaqayyoo duratti gatii guddaa qaba. Kanaaf Fakeenyichi
amantoonni akka wal hin gufachiifne, eeggannaa fi kunuunsaan
akka waliin jiraatan kan barsiisuudha jechuudha (hanger 1995,
525). Mat 18:10-14 irratti, Yesuus waa’ee wal gargaarsaa fi wal
kunuunsuu bartootasaa barsiise. Lakkoofsi 8-9 dubbicha yeroo
jabeessu qaama keenya keessa kan nu gufachiisu yoo jiraatellee o
firraa kutuu akka qabnu dubbata. Dhuguma ofiira kutaa utuu
hintaane walgufachiisuun ykn gufanaan baayyee cimaa ta'uu isa
mul'isa. lakkoofsi 10-14 immoo hoolaan badde tokko argamuun
warra hafaan sagaltamii sagal caala akka gammachiisu dubbata.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


77 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Caqasni kun akka argisiisutti, warri dubbii kana dhaga’an akka wal
hin gufachiifneef kunuunsaa fi eegumsa ga’aa yoo waliif godhan
iyyuu walii galatti tajaajilli tikaa Waldaa keessatti ga’ee olaanaa
qaba jechuudha. Tokkoo tokkoon isaanii fuula Waaqayyoo duratti
gatii guddaa qabu. Ergamaan amantoota kana eegus waa’ee
isaaniitiif yeroo hundumaa fuula Waaqayyoo dura ni dhaabbata
jechuudha (Lak 10). Amantoonnis akkuma kanatti kabajaa fi
eegumsa guddaa akka waliif godhan Yesuus ni barbaada.

Addunyaa kana keessatti waa’ee namoota hundumaa wal qixatti


kabajuu yommuu ilaallutti, qajeelfamni Yesuus inni ‘warri
hundumaarra xixiqqoon mootummaa waaqaa keessatti warra
hundumaarra caalaa gurguddoo ta’u’ jedhu baay’ee kan nama
naasisu ta’a. Kutaa kana keessatti Yesuus duuka buutota isaa
hoolotatti Fakeesse. Karaa biraa immoo Yesuus Luqaas 15:3-7
irratti Fakeenya hoolaa badee dubbate. Kana jechuun hoolaa isa
inni Mat 18:14 irratti dubbate keessaa tokko dirqamatti baduu qaba
jechuu miti.

Gammachuun yommuu hoolaan bade argamte sanatti gammadamu


(Mat 18:13) sababa hoolaan isheen baddee argamte warra
sagaltamii salganii, kanneen hin badin sana caalaa gatii guddaa
waan baaftuuf miti. Gammachuun sun sababa hoolaan sun gara
karraatti deebiteef kan gammadamuudha (France 2007). Mat 18:10
keessatti immoo Yesuus bartoota isaa yommuu akeekkachiise,
dadhabootaa fi wallaalota sana keessaa nama akka hoolatti tika
keessaa badellee akka hin gufachiifne cimsee gorse ture.
Kunuunsaa fi eeggannaa amanatootaaf gochuu dadhabuun itti
gaafatama ofii akka barbaachisutti ba’achuu dadhabuudha.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


78 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Dadhaboonni kun garuu jaalala guddaadhaan kanneen


jaallatamaniidha.

Isaan keessaa nama tokko jibbuunis karra sana guutummaa


jibbuudha. Jibbii fi kunuunsa barbaachisu hanqisuun kun simannaa
(Baga nagaan dhuftee) fi gorsaaf dhiifama isa Yesuus Mat 18:15
irratti dubbate kan faallessuudha (France 2007). Gad of deebisuun
garuu duuka buutota Yesuus hundumaatiif simannaa barbaachisaa
gochuuf nama gargaara. Akka Yesuus dubbatetti, isaan keessaa isa
hundumaarra gaddeebi’aa maqaa Yesuusiin simachuun Yesuusiin
simachuudha.

Amantoota keessaa isa hundumaa caalaa dadhabaatti ilaalamu illee


simachuu dhabuun Yesuusiin simachuu dhabuudha (Mat 25:45-
46). Karaa biraa immoo, bartoonni Yesuus hoolota dadhaboo fi
kanneen karra keessaa badanii jiran, kanneen gatamoo
barbaaduudhaaf ergaman. Akkaataan barbaacha isaaniis
guutummaa jaalala Waaqayyo ijoollee isaatiif qabuun kan
raawwatamuudha (Mat 18:14 fi Luqaas 15). Yesuus namni tokko
iyyuu akka badu hin barbaadu. Karra hoolotasaa keessaa tokkollee
akka duraa baddu hin fedhu. Ergaa kana nama bakka tikaatii
dhufetu akka gaariitti hubata. Badanii kan argaman kun bartoota
Yesuusitti hamma dabalamanitti jaalala Waaqayyo ijoolleesaatiif
qabu mi’eeffachuu hin danda’an, amala isaanii isa utuu ifa
Wangeelaa hin argatin ittiin jiraachaa turaniin jiraatus (Qol 3:1-17)

Karaan adeemsa bartootaa yommuu akka abboommii Gooftaan


Yesuus isaaniif kenneetti waliif yaadanii wal kabajan isaaniif
milkaawa (Carter 2004). Akka wal hin miineef wal eeggachuun

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


79 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

qofti ga’aa miti. Bakka kanatti Yesuus bartoota isaatiif waamichi


inni godhe warra badaniif barbaacha ga’aa akka godhaniif ture.
Yommuu Wal dhabdeen uumamutti akka Yesuus jedhetti kan nuti
gufachiisuu irraa of eeggchuu qabnu “isa hundumaarra xiqqaa”dha.
Warri sadarkaa ga’eessummaa yookaan geggeessummaa irra jiran
warra isaan jala jiraniif eegumsa ga’aa gumaachuu danda’uu qabu.
Yeroo Wal dhabdeen uumamutti namoonni sadarkaa giddu
galeessaa irra jiranii fi kanneen xixiqqaan yeroo Wal dhabdeetti
warra dursa miidhamanii fi kanneen Waaqayyo qofa irratti
hirkatanii hafaniidha.

Fedhiin Waaqayyoo (Mat 18:14) akka amantoonni hundumtuu


hoolota badanii jiran deemanii barbaadaniidha (Carter 2004).
Kanaafuu, namni tokko iyyuu akka badu fedha Waaqayyoo miti.
Kunuunsaa fi eegumsa barbaachisaa isaaniif gochuudhaan warra
badanii jiraniif barbaacha ga’aa gochuu qabna jechuudha.
Kaayyoon Yesuus adeemsa (Maal) jedhu hordofuudhaan akka nuti
warra badee barbaannuuf nu ergachuudha.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


80 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

BOQONNAA SAGAL
9. TIWOOLOOJII SABABOOTA WAL DHABDEE FURUUF
GARGAARU
Deebiin Yookaan Foormulaan Salphaan Hin Jiru. Wal dhabdeen
Walxaxaa fi Kan Kallattii Addaa Addaatti Xiyyeeffatuudha. Isaan
keessaa:
- Aangootti humnaan fayyadamuu

- Addaa addummaa ilaalchaa

-Walmormii keessoo

- Alkallattiin wal miidhuu

9.1 Cimina Wal Dhabdee


Waantota Wal dhabdee cimaa fi ulfaataa taasisan keessaa:

- Mata duree / dhimma Wal dhabdee uumu

- Taateewwan

- Waantota namatti dhaga’aman

- Eenyummaa namoota Waldaa keessaa

Caasaa Bu’uuraa

Ergaa (Yaq 4:1-12) Yaaqoob caasaawwan bu’uuraa Wal dhabdee


Waldaa Kiristiyaanaa keessaa ibsa Tiwooloojikaalawaa ta’een
dhiyeessee jira. Tiwooloojiin seera Waaqayyoo hubachuu fi
hojiirra oolchuuf nama gargaara. Jaarraa tokkoffaa keessa, Wal

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


81 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

dhabdee miseensota isheetiin Waldaan Kiristiyaanaa rakkachaa


turte. Warri Qorontoos (1Qor 1:11-13) bakka baay’eetti addaan
hiramanii turan. Phaawuloos iyyuu Baarnaabaasii wajjin Wal
dhabdee qaba ture. Wal dhabdeen isaanii sunis hamma garaagara
isaan baasutti adeeme (HoE 15:36-40).

Wal dhabdeen Waldaa keessaa waan haaraa miti. Wal dhabdeen


bara duriitti Waldoota Kiristiyaanaa bara jalqabaa kan addaan
qoqqoode haata’u iyyuu malee, addaan caccabiinsi kun akka
miseensonni Waldaa tokko gadi lakkisanii gara Waldaa biraatti
deemaniif dhiibbaa cimaa irratti geggeessuu ni danda’a. Rakkoon
cimaan jiru garuu, namoonni Wal dhabdeedhaaf jedhanii
miseensummaa isaanii dhiisanii Waldaa tokko keessaa ba’an
Waldaa kamiinuu dhaquu dhiisuu ni danda’u.

Ibsi Wal dhabdee Tiwooloojiin nuuf kennu Yaaqoob boqonnaa


tokko lakkoofsa shan irratti argama. Yaq ergaasaa namoota
amananiif barreesse. 1:5 irratti “Isin keessaa nama tokkotti
ogummaan yoo hir'ate, Waaqayyo isa nama hundumaaf harka
guutee fuula ifaadhaan kennu haa Gaafatu! Innis in kennaaf” jedha.
Luqqisa kana keessatti “Gaafachuu” inni jedhu kadhata ofii bifa
gaaffiitiin dhiyeeffachuu jechuudha. Boqonnaa 4:3 keessatti
immoo Yaq kadhannaan bifa gaaffiitiin dhiyaatu maaliif akka hin
deebine yommuu ibsu, namoonni waan hamaa waan kadhataniif
kadhanni isaanii utuu hin deebi’in hafa jechuudha. Nuti foon
keenya gammachiisuuf jennee waan hamaa yoo kadhanne,
Waaqayyo immoo kadhata akkasii nuuf hin deebisu.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


82 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Ilaalchi Tiwooloojii tokko ibsa towooloojii bakka barbaachisu


qofatti akka fudhachuu qabnu dubbata. Garuu Wal dhabdeen
baay’ee cimaan garee kiristaanotaa ilaalcha walFakaatu qabaniin
yoo ka’e maal gochuu qabna? Wal dhabdeen kun kan keessa nama
tokkootii ka’u, kan namoota lama gidduutti uumamuu fi kan
gareewwan lama gidduutti uumamu yoo ta’e maal goona?
Kontekestiin (context) Tiwooloojii akka ibsutti namni tokko
bu’uura Wal dhabdee sanaa utuu homaa tokko hin hubatin callisee
Wal dhabdee sanatti seenuu ni danda’a. yeroo kana Wal dhabdee
sanaan akka hin miidhamneef geggeessaa miidhama irraa baraaru
qaba (Redekop 200).

9.2 Akkaataawwan Itti Wal dhabdee Ifa Baasanii Furan


Qoricha furmaata Wal dhabdee ta’an keessaa inni jalqabaa rakkoo
uumame ifatti beeksisuudha. Wal dhabdeen akka furmaata rakkoo
addaa addummaatti fudhatamuu qaba (Abrams 1990 fi Stein and
Marantz). Waldaan Kiristiyaanaa Wal dhabdee dhabamsiisuu akka
dandeessu gochuuf tarkaanfiin jalqabaa walitti bu’iinsa uumame
ifatti baasanii beeksisuudha. Yesuus yommuu deebii badaa
Pheexiroos deebiseef isa ifatetti qajeelfamni isaa maal akka ta’e
mul’isee ture (Mat 26:51-52, Yoh 18:11, Maarqos 14:47 fi Luqaas
22:50). Yeroo Wal dhabdeetti billaan mannee keessaa ba’uu hin
qabu (Mat 26:52). Billaa ykn meeshaa baratin Wal dhabdeen itti
caala malee hundee dhaan buqqa'ee hin baduu. karaa meeshaa fi
humnaa hiikna jedhani yaaduun bara durii keessa wal waraanuun
geggeeffamaa akkuma ture ammas deebi’ee akka dhufuu
gochuudha (Brown 2003). Haalli akkasii yoo uumame addunyaa
kanas gara jeeqamsaaf lolaatti jijjiiruu ni danda’a.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


83 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Wal dhabdee ifa baasanii beeksisuun daandii ittiin nagaa


buusaniidha. Hamma Wal dhabdeen bakkee ba’ee hin mul’atinitti
nagaan bu’uu hin danda’u. Dirree waraanaa irratti lolli hamma
fedhe yoo cimee illee, akka nagaan hin uumamneef daangessuu
tasumaa hin danda’u (Kegley fi Raymond 1999). Istiraateejiiwwan
hundumtuu karaa Wal dhabdee hambisan barbaaduu irratti kan
xiyyeeffatan ta’uu qabu (Murithi 2009). Sababa iftoominni hin
jirreef yommuu Wal dhabdeen uumamu immoo tarkaanfiin
furmaataa jalqaba fudhatamuu qabu hojii nagaa buusuuf gargaaru
hojjechuudha. Wal dhabdee fi addaa addummaa beeksisuun yeroo
fuula duraa nageenyaan qabachuu qofaaf gargaara.

Aadaan nageenyaa, inni Wal dhabdee ifatti mul’isu, aadaa lolaa


utuu hin hubatin uumamuu hin danda’u. Lolli waliin-waliinii fi lolli
qomoof qomoo gidduu, wal ajjeesuunis hanqina kanaan mudata
(Knight fi keating 2004). Chopra (2005) immoo aadaan lolaa
akkasii guutummaa addunyaa har’aa keessaa akka mul’atu dubbate.
Namoonni callisanii ganama ka’anii bakka fedhan adeemuudhaan
nama ajjeesuun akka waan salphaa ta’eetti yaadu. Qomoowwan
addunyaa kanaa kam keessatti iyyuu, guyyaan itti miidiyaan du’a
namaa hin gabaasne tokko illee hin jiru. Oduu akkasii odeessuun
immoo akka namoonni wal ajjeesaniif dadammaksuudha. Miiraan
hoogganamuu dhiisuun, jarjartii irraa fagaachuu fi cal
jedheessummaan hammina namni addunyaa kana keessatti wal
irratti hojjetu irraa bilisa ta’uuf nama gargaara.

Itti dabalees, hamma aadaan diddaa Wal dhabdee uummata


keessatti sirriitti hubatamutti, hamma hawaasni addaa addummaa
walii isaatii amanee kabajaan wal fudhachuu danda’utti nageenyi

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


84 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

amansiisaan uumamuu hin danda’u (Knight fi Keating 2004).


Karaa iftoominaan waliin mariyachuu malee karaan gara
nageenyaatti geessu kan biraan hin jiru. Namoonni ilaalcha isa
“Nageenyi lola caalmaatti barbaachisummaa guddaa qaba” jedhu
amanu (Chopra 2005). Haala kanaan jireenyi hawaasaa gara
nageenyaatti luucca’uun waanuma beekamaadha. Namoonni yoo
nagaa barbaadan, hawaasni adeemsa kallattii gara nageenyaatti
geessurra bu’uu qaba. Kun immoo karaa Wal dhabdee fi lola
dhokatoo ittiin bakkeetti baasaniidha. Wal dhabdee fi lola keessaa
ifatti baasanii mul’isuun jireenya sirrii, kan nageenya guutuu qabu
jiraachuudha. Nama dandeettii nageenya buusuu olaanaa qabu
ta’uudhaaf sodaa fi saalfii malee hawaasa bakka bu’anii dhugaa jiru
ifa baasuun murteessaadha (Keene 1998).

9.3 Akkaataa Itti Wal Danda’an


Phaawuloos Waldaa warra Romtiif waa’ee faayidaa wal danda’uu
barreessee ture. Yeroo kana Fakeenyummaa Kiristoos
fudhachuudhaan addaa addummaa isaanii waliif danda’anii
tokkummaa akka uummataniif gorse (Rom 15:5). Inni
waldanda’uun waa’ee ofii qofa yaaduu utuu hin taane warra kaanii
fis yaaduu akka ta’e barreesseeraaf (Rom 15:1). Mataa ofii giddu
galeessa godhachuurra fedhii walii isaanii akka giddu galeessa
godhatan gorse, inni jabaan isa dadhabaa jabeessuu qaba. Akkasitti
Fakeenya Kiristoos duukaa bu’u. kunis qajeelfama jireenya
bartoota Yesuusiif kennameedha.

Itti dabalees, waldanda’uun gadi of deebisuu waliin hidhata cimaa


qaba, kunis of tajaajiluurra namoota tajaajiluu Waldaa
Kiristiyaanaa keessatti amaleeffamu akka qabu argisiisa.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


85 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Waldanda’uun amala of jaallachuu balleessee namoota kan biroo


giddu galeessa godhachuudhaan yaaduu fii shaakalsiisa (Fil 2:3).
Ilaalchi badaan addaa addummaa uumu hedduun isaa amala
animoo isa mataa ofii warra kaan caalaatti akka ilaalan nama godhu
irraa dhufa. Kunis mallattoo oftuulmaa, isa daddafee gara murtii
namatti kennuutti nama geessu irraa madda. Karaa biraa immoo.
Waldanda’uu dhabuun amala Yesuus jiraatee nuargisiise keessa hin
jiru. “Ani akkuman isiniif godhe, isinis immoo akka gootanitti
Fakeenya isiniif ta'eera, Dhuguma, dhuguman isinitti hima,
hojjetaan isa isa hojjechiifatu irra hin caalu, inni ergames isa ergate
irra hin caalu” (Yoh 13:15).

Waldanda’uun amala o fittummaa Waldaa keessaa balleessa,


Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamanii jiraachuudhaan guddina
hafuuraa akka gonfataniif gargaara. Yeroo hundumaa fedhiin
dhuunfaa ajandaa mataa isaatii Waldaadhaaf dhiyeessa, yeroo kana
hafuurri qulqulluun cinatti gatama. Firiin jireenya akkasii
wallaalummaa fi gowwummaa, gadaantummaa fa’a irra dhufa.

9.4 Daandii Amantii


Wal dhabdeen taatee waliif amanamuu namoota gidduu jiruun
uumamu miti, namoonni sunniin Waaqayyotti waan hin amannee
fi. Waanti akka Waaqayyotti amanuu nama gargaaru hin jiru.
Namni Waaqayyotti amanuus dhiisuus ni danda’a. Namni
jireenyasaatiif waan dhimma isaaf baasuuf Waaqayyoon duukaa
bu’uu ni danda’a yookaan akka Waaqayyo fedhiisaa duukaa isaaf
bu’uuf fedhii qabaachuu ni danda’a. yeroo baay’ee namoonni waan
Waaqayyo daddafee deebii kadhannaa isaanii isaaniif hin
deebifneef Waaqayyotti amanuu dhiisu. Haata’u malee akka

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


86 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Yaaqoob amantoota jaarraa jalqabaa sanaaf barreessetti (4:3),


kadhanni hin deebine kadhata dogoggoraa fi kadhannaa hamaa nuti
dogoggoraan kadhannu qofadha. Haata’u malee namoota jireenya
isaanii keessatti Waaqayyoon duukaa bu’aniif, deebiin kadhannaa
isaanii fedha Waaqayyooti. Kanneen fedhii ofii isaanii irratti
hundaa’an immoo jireenyasaanii irratti waaqa mata isaanii taa'ani
waan jiraataniif Waaqayyotti amanuu hin danda’an. Amantaa
dhabuun jireenya namaa keessatti sanyii gara jabinaa facaasa.
Waldaan Kiristiyaanaa waanta namni tokko barbaadu hamma
dhiyeessuu fii hin dandeenyetti namni sun Waldaa sana dhiisee
adeemuu ni danda’a. Fedhiin akkasii immoo Wal dhabdee sammuu
isaanii keessatti uuma.

Akkasumas, Waaqayyotti amanuun Wal dhabdee guutummaan


guutuutti dhabamsiisuu ni danda’a. Malli ittisa Wal dhabdee
hojiirra haa oolu malee yookaan namni sun namoota of jaallatanitti
ogummaadhaan itti haadhiyaatu malee, Wal dhabdee
barbadeessuun ni danda’ama. Haata’u malee eenyummaan namaa
hubatamuu waan hin dandeenyeef namoota amanuun ni ulfaata.
Yommuu hoogganaan humnaan dubbatu, hordoftoonni sobuu ni
danda’u (Boardman 2005). Waaqayyotti amanuun ulaa ayyaanaa
namaaf bana, lubbuu namaatiif ifa, Wal dhabdee hin barbaachifnee
fis daandii furmaataa kaa’a. Hafuura jireenyaa Waldaa
Kiristiyaanaatiif kan laatu nama miti, Hafuura Qulqulluu dha.
Waaqayyotti amanuu qofaan Wal dhabdeen guutummaatti furamuu
ni danda’a.

Amantiin faayidaawwan addaa addaas argachuuf baay’ee


barbaachisaadha, (Lencioni 2005), “sodaa” inni boqonnaa lama

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


87 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

keessatti ilaalles amantiidhaan injifatamuu ni danda’a.


Waaqayyotti amanuun sodaa Wal dhabdee isa kallattii
hedduudhaan dhufu hundumaa injifachuuf nugargaara. Injifannoo
kana gonfachuuf immoo kiristaanni hundumtuu kadhachuu qaba
(Yaq 4:2).

9.5 Akkaataa Itti Fufiinsaa


Barsiisni barbaachisaan Yesuus hambise tokko akkaataa itti jaalala
itti fufsiisan, akkaataa itti fuula namoota biroo kallattii
jijjiirsisaniidha. Dhimmi amalaa hamma kanatti dhimma
walmormuu miti, dhimma jaalalaan gara fuula duraatti adeemuuti,
yoo nama miidhama keessa jiru ta’ellee. Haala itti fu fiinsa qabuun
hamma wareegamanitti Wal dhabdeedhaan mormanii jaalala itti
fufsiisuun barbaachisaadha. Isa hamaadhaan mormaa innis isin
dhiisee baqataa (Yaq 4:7). Haata’u iyyuu malee jaalalli itti fu fiinsa
qabu akkasii guutummaatti jaalala Waaqayyootiif yoo of kennan
malee jiraachuu hin danda’u. Jabinni isaa nama biraa ba’uu hin
danda’u, jabina ayyaanni Waaqayyoo namaaf laatuun malee.

Redekop (2002) akka jedhetti “gara namoota birootti adeemuun”


yookaan hariiroo garaagara hin cinne isaan waliin uummachuun
jijjiirama ni fida. Namootuma numiidhan illee jaallachuu akka
qabnu beekuun barbaachisaadha. Namoonni nageenya kabachiisan
yeroo hundumaa waraansaa fi miidhama keessumsiisu, kunis
namoota ilaalcha hamaa qaban irraa kan isaanitti darbatamuudha.
Naga eegdonni kunniin garuu miidhama isaan quunnamuuf
jedhanii utuu ofduuba hin mil’atin akka Yesuus barsiisetti hafuura
jaalalaatiin ollaa isaanii waliin jiraatu. Dhiyaannaan akkasii galma
injifannoo yaada irraa gara onnee fi lubbuutti jijjiira.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


88 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Geggeessitoonni Waldaa yaada dhuunfaa isaanii bakkaan


ga’achuuf jedhanii miseensa waldattii kamiin iyyuu gadi qabuun
irraa hin eegamu.

Kunis kan bira ga’amuu danda’u laphee banamaa, ho’aa fi


haasawaa nama simatu qofaani. Dhiyaannaan akkasii Waldaa
keessatti bakka olaanaa qaba. Laphee fi sammuu namoota Hafuura
Qulqulluu dhaaf amanamummaa qabaniis ni bana. Akkasumas
yaadni hamaan garasaanii akka hin dhufneef ni daangessa.
Haasawaan namoota lamaaf isaa ol gidduutti ta’u qaama tokkotti
faraduuf utuu hin taane, walii galtee barbaachisaa Waldaa keessatti
uumuu fi tajaajila gaarii kan fedhiin Waaqayyoo maal akka ta’e
isaanitti argisiisu waliif gochuuf kan fayyaduudha. Addaa
addummaan Wal dhabdee uumu kamuu yaada giddu galeessa ta’e
fudhachuudhaan furamuu qaba. Jaalala jechuun yaada ofii
jaallachuu jechuu miti, namoota dadhabbi isaanii wajjin jaallachuu
jechuudha.

9.6 Akkaataa Itti Qajeelcha Mataa Ofiitiif Kennan


Potter (2009) akka jedhetti kaka’umsa miiraatiin ka’anii tarkaanfii
fudhachuun, inni “sochii diigamsaa fi kan loojikii alaa” ta’e bu’aa
negetiivii (miidhaa) malee bu’aa gaarii hin qabu. Taateen akkasii
ilaalcha dogoggoraa akka amannuuf sammuu keenya irratti
dhiibbaa geessisuu danda’a. Ta’ii kana ogeessonni xiinsammuu “o
fitti haasa’uu” jedhanii waamu. Haasawaa sagalee hin qabne, kan
nuti keessa keenyatti ofii keenya waliin taasifnu jechuudha.

Dhugaa jiru irratti ilaalcha badaa fi kan dogoggora ta’e qabaachuun


gara of to’achuutti nugeessa. Yommuu haalli isaa tuqaa olaanaa irra

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


89 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

ga’u immoo filannoon nuti qabaannu lama qofa: loluu yookaan


baqachuu. Namni jireenyi hafuura isaatii sirriitti hin ijaaramin
loluus baqachuu hin danda’u. Hammuma dhiibbaan negetiiviin
nutti dabalaa adeemu, deebiin nuti kenninus dabalaa deema.
Baqachuun fi loluun o fittummaa, ulfinaa mataa ofii barbaaduu fi
ofjaalachuu irra dhufa. kun immoo miiraa fi sammuu namaa
madeessa.

Potter (2009) akka jedhetti waa’ee ofiitiif yaada negetiivii kennuun


gara addaa addummaa jireenyaa fudhachuutti jijjiiramuu qaba,
akka namoonni deebii poosatiivii kennanii fis carraa fi iyyamni
isaaniif kennamuu qaba. Haasawaa dhuunfaa ofii negetiivii irraa
gara poosatiiviitti jijjiiruun o fitti amantaa yoo qabaatan malee,
akkaataa itti sammuun hojjetu yoo beekan malee raawwachuu hin
danda’u. Osborne (2002) akka jedhetti ilaalchi namoonni ofii
isaaniif qabanii fi raawwiin ilaalchi isaanii nama biraa irratti qabu,
namoota amala badaa qabanii fi kanneen madda Wal dhabdee ta’an
bilchinaan gargaaree akka meeshaa furmaata Wal dhabdeetti
tajaajiluu qaba.

Dursanii murtii kennuu fi yaada walirratti kekkennuun tasumaa


haqamuu qaba, yoo danda’ame immoo, sammuu fi qaama namaa
keessaa ilaalchi akkasii akka haqamuuf yaaliin taasifamuutu irra
jira. Sammuun bilchaataan yaadota sagalee hin qabne sana
dhaggeeffatee waan isaan jedhan madaaluudhaan deebii
barbaachisaa kenna jechuudha.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


90 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

9.7 Ogummaa
Akka ogeeyyiin xiinsammuu hedduun itti waliif galanitti
ogummaan beekumsa, muuxannoo fi hubannoo gadi fagoo of
keessatti hammatee jira. Wal danda’uunis itti makamuudhaan
tumsee argama (Wisdom 2015). Ogummaan dandeettii beekumsaa
fi muuxannoo ofii hojiitti jijjiiruuti. Hafuura dhugaa of keessaa
qabaachuudhaan o fitti amantaa dabalatee haalonni jiran gara isa
wayyaa’aatti akka darban taasisa. Akka Tiwooloojiin Kiristiyaanaa
jedhutti ogummaan kennaa guddaa Waaqayyo warra kansaa ta’aniif
tola kennuudha, kan inni argamus kadhataan (Yaq 1:5).

Faayidaan ogummaa hedduudha. Jalqaba irratti, ogummaan


Waaqayyotti amanuu fi fedhii Waaqayyoo irratti hojjehcuuf nama
gargaara. Namni ogeessi suuta jedhee ilaaluudhaan akka fedha
Waaqayyootti kallattii dhugaa fi amansiisaa ta’etti adeema. Namni
ogummaa hin qabne immoo akka nama jaamaatti adeema, garuma
argetti oofama.

Inni lammaffaan, ogummaan Wal dhabdeen ukkaamsaatti


dhokfamee balaa akka hin qaqqabsiifneef, akka inni bakkeetti ba’ee
beeksifamu taasisa. Waldanda’uun, gammachuun, itti fu fiinsa
jaalalaa fi sochiin, of to’achuuni fi waantonni naga buustota ta’an
kanneen akkanaa addaa addummaa jiru fudhachuudhaan yommuu
walitti ijaaraman ogummaa kan kennan ta’uun isaanii hubatamuu
ni danda’a. Namni ogeessi akka ogummaan baasee of mul’isuuf
ogummaa wajjin walitti falmuu hin qabu. Ogummaan Wal dhabdee
fi humnaan walirratti ka’uutti ni kolfa. Akkuma ijoolleen yommuu
taphatan qaamni injifatu hin jirre, qaamonni lamaanuu akkuma
taphicha keessatti injifataman, akkuma kana Wal dhabdee fi

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


91 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

humnaan wal geggeessuun gowwummaa akka ta’e kan


mirkaneessu ogommaadha.

Inni sadaffaan, Ogummaan Waaqayyoon keessa jiraata. Sababnisaa


Kiristoos “Ogummaa Waaqayyooti” (1Qor 1:24). Akkuma
Kiristoos Waaqayyoon keessa jiraatu namni ogeessi immoo
Kiristoos isa ogummaa Waaqayyoo ta’e keessa jiraata (Luq 11:49).

BOQONNAA KUDHAN
10. WAL DHABDEE FURUU
Kaayyoon Wal dhabdee furuu walfalmii namoota gidduudhaa
balleessuu, yaadaa fi ilaalcha giddu galeessaatti akka waliif galan

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


92 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

gochuu fi humna Wal dhabdee akka hin jirre gochuu fi haalota


addaan faca’iinsa uuman balleessuudha (Miall 2004). Wal dhabdee
furuun olaantummaa humna siyaasaa dhabamsiisuudhaan mariitti
akka xiyyeeffatan taasisa. Akkasumas, Plester-Silk (2013) akka
jedhetti Wal dhabdee furuun rakkoowwan Waldaa Kiristiyaanaa
keessa jiran hir’isuudhaan haala poosatiivii uumee akka hojiin
nagaa fi tokkummaadhaan ittiin hojjetamuu danda’u uuma. Yeroo
kana wangeelli jireenya miseensota kanaa keessatti fi hawaasa
keessatti qajeelcha yookaan geggeessaa ta’aaf jechuudha.

10.1 Qeeqa To’achuu


Rakkoowwan tokko tokko karaa nagaan hin furaman. Yookaan
tasumaa hin furaman, yookaan immoo humnaan furamu (Kahane
2004). Lollii fi humnaan furmaata barbaaduun akkasii yeroo
hundumaa ni argama. Dhimma kana irratti deebiin namoota
hedduudhaan deebi’u “aarii” fi “ittisa” kan jedhuudha. Yeroo
shaakalli akkasii isaanitti dhaga’amu hatattamaan waa’ee Wal
dhabdee yaadu. Qeeqa nurratti ka’uuf akkaataan itti deebii kenninu
(Yaq 1:19-20, Mik 6:8, 2Xim 2:24-26, Yaq 3:13-18 fi Fak 15:1, 18)
dha.

Karaa Sirrii Ittiin Qeeqaaf Deebii Kennan

Kahane (2004) akka jedhutti Wal dhabdeen yoo namoonni haalota


baay’ee keessatti iftoominaan haasa’an qofa hiikamuu ni danda’a.
Kuni garuu ga’aa miti, iftoominaan dhaggeeffachuun illee
ulfaataadha. Ilaalchi “waa’ee rakkinaa ifatti baaftee yoo haasofte
iyyuu, rakkoo sana furteetta jechuudha” jedhu biyyoota hedduu

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


93 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

keessa jira. Nuti garuu asittis achittis ni haasofna. Namoonni yeroo


hundumaa ni haasa’u. Haasaan ni heddummata. Haasawaan keenya
hedduun isaa garuu jijjiirama tokko iyyuu hin fidu. Furmaanni
dhugaan immoo gara fuula duraatti adeemuudhaan waanta haasa’aa
jirrutti xiyyeeffachuudha, murtii ogummaadhaan guutes
dabarfachuudha.

Akkaataawwan itti deebii kennuu dandeessu keessaa kan wayyu


irratti yaadi. Deebii garraamummaa kan aarii ariyatuuf, waan
fedhan yoo haasa’an iyyuu haala gaariidhaan dhaggeeffadhu. Isaan
tarii alaabaa geggeessaa cimaa ta’uukee argisiisu fannisuu ni
danda’u. Tasgabbiidhaan haasawaa isaan waliin taasiftu itti fu fi,
hamma danda’ametti dhimma marii keessanii irratti xiyyeeffadhu,
gara fuula duraatti imali.

Yeroo baay’ee namoonni cubbamoota ta’uu isaanii ittiin


mirkaneeffachuuf caqasawwan Macaafa Qulqulluutti fayyadamu.
Qooda qalbii diddiirrannaadhaan gara Waaqayyootti deebi’an,
akka fedha isaaniitti macaa ficha hiikkatu. Fakeenyaaf, waa’ee aarii
Yesuus (Yoh 2:17) irraa “manakeef hinaafuun nagube” isa jedhu.
Nuti mirga keenyaaf yookaan mirga namoota birootiif lolla jedhu.
Fooniif dhiigaan loluu qabnaa jechuudha? (Efe 4:26-27) akkas
jedha, “Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isin hin
geessin! Utuma aariitti jirtaniis aduun isin duraa hin lixin,
Seexanaaf karaa hin kenninaa” jedha.

(Uma 4:6-7) tti immoo “Maaliif Aarte?” jedha (Yaq 1:19-20) irraa
immoo “aariitti hin ariifatinaa” jedha. Akkasumas (Fil 2:3-5) irratti
immoo “Yaada garaa Yesuus Kiristoos qaba ture qabaadhaa” jedha.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


94 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Ron (2012) akka jedhutti geggeessitoonni murtii qajeelaa kennan


murtiin isaanii yeroo gabaabaa fi yeroo dheeraa keessatti bu’aa
maalii akka buusuuf jiru tilmaamu. Jecha, hojii fi tarkaanfii isaanii
hundumaas ni madaalu. Kana jechuun geggeessitoonni
meeshaadha, maanuwaaliidha, miiraan hin hoogganaman jechuu
miti, garuu utuu xiinxalanii hin ilaalini gara gudunfaatti hin utaalan.

Dana (2015) akka jedhetti hammi nuti dhaggeeffannu waan


dhageenyuuf shaakallutti murtii kennuu qofa osoo hin taane, haala
sana keessatti waan gochuu dandeenyu hundumaa gochuuf
nugargaara. Qajeelfamni armaan olii sigargaara, Waldaakee,
adeemsa akka qajeelfama Macaafa Qulqulluutti hubannaa namaaf
kennu keessatti rakkoo furuu fis faayidaa guddaa qaba.

10.2 Furmaata Qopheessuu


Isin kessaa, adda addaan waan warra kaanitti tolus immoo haa
ilaalu malee, waan isatti tolu duwwaa hin ilaaliin” (Fil 2:3-6).

Wal dhabdeen waanta hundumti keenya uumnuudha. Akkasumas


Wal dhabdeen waanta hundumti keenya furuudhaaf itti
waamamneedha. Nuti Umaan amala cubbuu hojjechuu qabna.
Waaqayyo waan hojjetu hundumaa ulfina isaatiif jedhee akka
hojjetu beekuu qabna. Yeroo tokko tokko, Waldaan Kiristiyaanaa
addaan caccabuu ni dandeessi, sana booda lamaaf isaa ol
ta’uudhaan Waldaa biraa ijaaruu jalqabu.

Dirqamni keenya dhukkuba duratti ilaalle sana hubachuu, furmaata


isaas qopheeffachuu danda’uudha. Akkasumas jaalalli cubbuu
baay’ee akka dhoksu beekuu qabna. Jaalalli firii jalqabaa isa
firiiwwan biroon hundumtuu irraa argamaniidha (Gal 5:22).

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


95 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Qulqullummaan keenya immoo Kiristoos keessatti guddachuudha.


Fayyinni keenya firii jaalalaa isa Kiristoos nuu kenneedha. Nuti
yommuu oftuullu, wanta faallaa jaalalaa ta’e hojjechaa jirra
jechuudha. Kanaafuu akka gaariitti Wal dhabdee to’achuu hin
dandeenyu. Oftuulmaan Wal dhabdee ittumaa babal’isa.
Xiyyeeffannaa keenya jaalala irratti eeguu qabna. Kun immoo
waan nuti hojjennu hundumaatiif bu’uuradha.

Wal dhabdee furuuf qophii gochuu jechuun jalqabatti qajeelfama


Macaafa Qulqulluu fudhachuu jechuudha. Kiristoos keessa
jiraachuu keenya wantota mirkaneessan keessaa inni tokko itti
gaafatama fudhachuu keenyadha.

Warri biyya lafaa fi beektonni Macaafa Qulqulluu waa’ee Wal


dhabdee furuu ilaalchisee ilaalcha dhuunfaa isaanii qabu. Cuunfaan
ilaalchawwan isaanii garuu boqonnaa kana keessatti ibsamee jira.
Innis, Wal dhabdeen kan furamuu danda’u tarkaanfiin jalqabaa
addaa addummaa jiru amananii kabajaan kan fudhatan yoo ta’e,
jireenya keessatti mudannoowwan guyya guyyaa ka'an to’achuun
yoo danda’ame Wal dhabdeen to’annoo jala galfamuu ni danda’a
jechuudha.

10.2.1 Ilaalcha: Laic (biyya lafaa)


Jackson fi Bercovitch (2009) waa’ee Wal dhabdee furuu yommu
ibsan, Wantota Wal dhabdee furuun ta’uu hin dandeenyeen
tarreessan. Yaadni isaan kennan akkaataa itti Wal dhabdee
humnaan furan miti, kan Wal dhabdee dhabamsiisus miti, kan
furmaata kamiinuu fidu hin turre. Garuu Wal dhabdee uumame
sana salphisanii ilaaluu, bu’uura rakkoo uumame sanaa irratti

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


96 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

hubannoo ga’aa argachuu, fi yaada furmaataa fuula duratti walii


galteedhaan jiraachuuf gargaaru qabatanii walitti dhiyaachuudha.
Haala kanaan Wal dhabdee dhabamsiisuun salphaadha. Johnson fi
Eaton (2004) Wal dhabdeen yoomiyyuu uumamuu akka danda’u
dubbatan. Akkaataan itti furmaata kennan immoo faayidaa kan
waliinii ta’e irratti xiyyeeffachuu, addaa addummaa jiru hubachuu
fi fudhachuu, yaada walii sirriitti hubachuu fi wantota irratti walii
galteen uumamu barbaaduudha jedhu.

Tiiworiiwwan Wal dhabdee furuu irratti barreeffamanii jiran


keessaa tooftaan armaan olii kun akkaataa furmaataa “kan namoota
hin komachiifne” jedhamuudhaan beekama. Sababnisaa faayidaan
bu’uuraa qaamota lamaanii ni kabaYaqaaf (Miall 2004, Stein fi
Marantz 1985 fi Fisher 1997). Haata'u iyyuu malee, namoonni Wal
dhabdee keessa jiran gargaarsa barbaadan guutummaan yoo argatan
Wal dhabdee sana ofumaan iyyuu dhiisuu ni danda’u jedhamee itti
amanama. Kanaafuu, haala kanaan Wal dhabdee furuun qaama
sadaffaa kan gidduu seenu barbaada. Qaamni sadaffaan kun nama
dhuunfaa yookaan gartuu ta’uu ni danda’a. Bilchina, hubannaa
ga’aa kan qabu, garuu kan humna hin argisiifne ta’uutu irraa
eegama. Bu’uurrii fi sababni Wal dhabdee sanaa guutummaatti erga
addaan ba’ee booda qaamni lamaanuu wal’aansa barbaachisaa
argachuudhaan gara furmaataatti dhufu. Qabxiin irra ga’amuu qabu
Wal dhabdee qaamota lamaan gidduudhaa baasuudhaan akka
diigamsi hin uumamne gochuu fi hafuura ijaarsaa qaamota kanneen
gidduutti uumuudhaan hariiroo duraanii guutummaatti jijjiiruudha.
Haata’u iyyuu malee qaamni sadaffaan gidduu seenee yommuu
Wal dhabdee furu, nageenyi itti fu fiinsa qabu uumamuu hin
danda’u (Bearsley 2011).

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


97 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Wal dhabdeen guutummaatti kan furamu yommuu qaamonni


waldhaban lamaan mariyatanii karaa nagaadhaan Wal dhabdee
isaanii furuuf walii galteerra ga’an qofadha. Plester – Silk (2013)
akka jedhetti namoonni haalota murtaawoo keessatti Wal dhabdee
irraa addaan hin ba’an. Inni Tokkoffaan, namoonni tokko tokko
utuu gara walii galteetti hin dhu fin dura waa’ee loojikii furmaataa
taa’anii itti yaaduuf yeroo qabachuu barbaadu. Lammaffaan,
daddafanii walii galtee fudhachuudhaan hojiirra ooluu walii galtee
sanaa arguudhaaf ariifatu. Sadaffaan, Wal dhabdee waan
sodaataniif, akkaataa itti Wal dhabdee sana barbadeessan
barbaaddatu, tarkaanfii mataa isaanii fudhatus. Itti dabalee,
tooftaawwan furmaata Wal dhabdee kanneen sadan keessaa lama
yommuu walitti ida’amee waltumsu, wal hubannaa dhabuu fi lolli
cimaan qaamota wal dhaban lamaan gidduutti uumamuu ni
danda’u.

Steven (1992) akkaataawwan itti Wal dhabdeen furamu ja’a


tarreesse. Isaanis: Wal dhabdee sana olkaasanii ilaaluu dhiisuu,
mariidhaan walii galtee irra ga’uu, waajjira gaarii, qaama
sadaffaadhaan walitti dhufuu, aangootti fayyadamuudhaan
humnaan murtii dabarsuu fi murtii seeraa. Jackson (2009) akka
jedhetti mariin Wal dhabdee dhiphisuu ni danda’a, qaamonni Wal
dhabdeen isaan gidduutti uumames walitti dhufanii walii galtee
nageenyaa akka waliif mallatteessan gochuu ni danda’a.

Yeroo tokko Sun Tzu akkamitti ogummaan lola to’atee Wal


dhabdee hir’isuudhaan bu’a qabeessummaa guddaa argatee
dubbata (Michaelson fi Michaelson, 2004).

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


98 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Akkasumas, Kohn fi O’Connell (2007) mala Wal dhabdee furuu


kan nama dhuunfaa giddu galeessa hin godhanne dhiyeesse. Mala
kana keessatti xiyyeeffannaan furmaataa nama dhuunfaarra utuu
hin taane addaa addummaa yaadaa gareewwan gidduu jiru irratti
ta’uu qaba. Gartuuwwan yommuu waliif galan, Pinet (2011) akka
jedhetti, addaa addummaa yaadaatiif xiyyeeffannaa kennuun dura
madaalliin namummaa qaamota lamaan gidduutti sirriitti eegamuu
qabu.

10.2.2 Ilaalcha Tiwooloojii


Tiwooloojiin ogummaa argachuuf nama gargaara. Yommuu
jireenyi keenya rakkina irraa walaba ta’utti sagalee Waaqayyoo
hubachuu fi barsiisa isaa duukaa bu’uun salphaadha. Sagalichaa fi
abboommii isaa hubachuu fi hojiirra oolchuun yommuu jireenyi
keenya Wal dhabdee keessa seenu ni ulfaata. Aarii fi Wal dhabdee
keessa jirra yootaane qajeelfama dubbii Waaqayyo kennu
hubachuu hin dandeenyu.

Waan tokko Waaqayyoon kadhannee, garuu yoo deebii dhabne,


tarii akkaataa kadhannaa keenyaatu sirrii miti ta’a, qooda “Yaa
Waaqayyo, ogummaakee nabarsiisi, waantan gochuu qabus natti
argisiisi!” jennu “Yaa Waaqayyo! ani sirriidha kadhata koo maliif
hindeebiftu?” jennee kadhanna yoo ta'ee, akka nuti deebii hin
arganne nutaasisa. Kadhannaan akkaataa sirriidhaan geggeeffamu
miira banamaadhaan gorsa Waaqayyoo akka dhaggeeffannuuf
nugargaara. Kadhannaan akkasii namni tokko qajeelfama
Waaqayyoo sirriitti fudhachuu akka danda’u isa taasisa kun immoo
akkaataa qaRom ta’een furmaata nama gammachiisu dhiyeessuuf
gargaara.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


99 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

10.3 Furmaata Macaafa Qulqulluu Irratti Hundaa’e Dhiyeessuu


Hariiroo nama waliin qabnu isa kamiif iyyuu jalqaba irratti gara
Waaqayyoo ilaallee amala Waaqayyoo Fakeenya godhachuudhaan
namoota jajjabeessuu, kabajuu, cimsuu, jaallachuu fi kunuunsuu
qabna. Macaafa Qulqulluu keessaa akkaataa ittiin Wal
dhabdeewwan Umaa turee fi akkaataa itti to’annoo jala oole ni
argina. Fakeenyaaf, Phaawuloos ergaa isaa keessatti jireenyi isaanii
Kiristoositti akka jabaatuuf jajjabeessee jira. Inni Waldoota
Kiristiyaanaa ni jajjabeesse, dogoggora isaanii ifa baase, daandii
amantii isa sirrii isaan barsiise. Daawit Uuriyaa akka kanatti hin
jajjabeessine garuu waan godhe sanatti ni adabame. Yaaqoob
“Kadhanni amantiidhaan godhamu isa dhukkubsataa in fayyisa;
Gooftaan isa in kaasa, cubbuu hojjeteera yoo ta'es in dhiisaaf”
(Yaq 5:16). Waaqayyo akka nuti cubbuu keenya walii keenyaa fi
isatti himannuuf nu waame.

10.4 Amanamummaa
Waaqayyotti amantii guutuu qabaachuun namoota gara
Waaqayyootti dhiyeessa, Wal dhabdee furuu fis humna namaa utuu
hin taane ayyaana Waaqayyootti akka fayyadamaniif nama
gargaara. Amanamummaa dhabuun immoo diina Waaqayyoo
nutaasisa, humna walitti argisiisuun Wal dhabdee furuu yaaluun
garuu amanamummaa Waldaa keessaa balleessa (Yaq 4:4).

Hart fi Weber (2008) akka jedhetti Waaqayyo nama hundumaatiif


yaada qaba, warra jal’ootaaf illee. Inni nama hundumaatiif karoora
guddinaa qaba, namni kam iyyuu qophaa isaa gidiraadhaan akka
raafamuuf qophaatti hin dhiisu. Inni eegumsaa fi jajjabeessuu isaa
akka nurraa addaan hin baafne waadaa seenee jira. Kanaafuu

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


100 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

yoomiyyuu sodaan barbaachisaa miti. Akkasumas, inni saba isaatiif


amanamaa waan ta’eef kakuu isaatii fis ni amanama. Namni
hundumtuu akka Waaqayyotti amanuuf waamichi walFakaataan
godhameeraaf, isa duukaa akka bu'aniif, gara inni isaan argisiisuu
hundumaas akka deemaniif, guutummaa jireenya isaaniis
dabarsanii Waaqayyoof akka kennaniif waamichi nama hundumaaf
godhamee jira. Amantiin akkasii jijjiiramni akka nama keessatti
uumamu taasisa – nama Waldaa keessaa hundumaa jechuudha.

Amanannaan akkasii yeroo Wal dhabdeetti illee akka namoonni


abdii godhatan taasisa. Qaamonni Wal dhabdeen isaan gidduutti
uumame lamaan yommuu hojii faayidaa qaamota lamaanii irratti
waliin hojjetan, Wal dhabdeen faayidaa sana gonfachuuf jecha
dirqamaan furama jechuudha. Yaq akka Yihuudonni amantii
Kiristiyaanaatti guddataniif ergaa gorsaa isaaniif barreesse,
akkasumas hojii gaarii akka isaan hojjetan barreesseeraaf. Hojiin
gaariin kun immoo Hafuura Qulqulluu dhaan hojjetama. Iji hojii
hafuuraa (Gal 5:22-23) irratti tarreeffamee jira. Yommuu
walamanuun qaamota Wal dhabdee qaban gidduudhaa mul’atu,
addaddummaan karaa nagaatiin hiika argata, nagaanis Waldaa
keessa guuta.

Amanamummaan ijoota hojii hafuuraa keessaa isa tokko.


Amanamummaan amantii hojiidhaan mul’atuudha (Yaq 1:1-27,
kan nu yaadachiisu, amanamummaan daandii amantii irra adeema
(2:1-3:12), ogummaa (3:13-5:20). Inni sooressoota warra ofii
isaanii qofa jaallatan ifachuudhaan akka isaan Waaqayyoon
jaallachuu qaban hubachiise. Inni boqonnicha akka amantoonni
waliif kadhatanii fi akka wal jajjabeessan itti himuudhan, rakkinas

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


101 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

obsaan akka danda’an gorsuudhaan cufe. Eeggannaa waliif


gochuun mallattoo Waaqayyoof amanamuuti, sababnisaa namni
hundumtuu bifa Waaqayyoo qaba, akka bifaa fi Fakeenya
Waaqayyootti uumame. Ergaan Yaq amantii fi hojii walitti
qabsiisa. Wal qabsiifamni isaanii kun immoo akka
amanamummaan uumamuuf gargaara. Guddinaa fi jijjiirama foonii
fi lubbuu fiduu fis ni gargaara.Yommuu amantiin adeemnu,
guddinni hafuuraa inni beekumsa dubbii Waaqayyoo keessaa
argamu immoo itti fufa.

(Mat 5-7) sirna gaara irratti geggeeffame nutti dubbata, Yesuus


gaaricha irratti akkamitti akka barsiise nutti hima. Barsiisni kun
jijjiirama karaa qajeelfama Yesuus kenne qajeelfama warqee
(Golden rule), isa ilaalcha namaa jijjiiruudhaan diina ofii illee akka
jaalatan nama taasisu nubarsiisa. Furmaanni Wal dhabdee Waldaa
Kiristiyaanaa keessatti ta’us hojiiwwan gaarii keessaa isa tokko.

10.5 Gad of Deebisuu


(Yaq 4:6) irraa akka arginutti Waaqayyo warra gadi of deebisaniif
ni hoo'a, warra ol of qabaniin immoo ni morma. Namoonni fuula
Waaqayyoo duratti gadi of deebisuu qabu, Gooftichi immoo yeroo
ofii jaalatetti ol isaan qaba (Yaq 4:10). Namoonni gadi of deebisuu
beekan addaddummaan namummaa utuu isaan hin daangessin
gareedhaan hojjechuu jaallatu, waanta nama hundumaatiif ta’u qofa
hojjetus. Namoonni yommuu hojii hojjechuudhaaf fedhii
qabaatanitti, rakkoon addaddummaan ni furama (Collins 1980).
Redekop (2002) akka jedhetti cubbuun bu’uura rakkina
Kiristiyaanaatii. Cubbuun akka keessummaatti jireenya
Kiristiyaanaa gara amantii alaatti hawwata.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


102 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Qabxiin ijoon dhimma tokko irratti walitti falmuu yookaan wal


loluu miti, “ani sirriidha, ati sirrii miti” jedhanii walitti falmuu miti.
Phaawuloos waldoonni jaarraa jalqabaa jireenya biyya lafaa kanaa
duukaa akka hin buune, qooda kanaa jireenya jijjiirame, kan “gaarii
fi akka abboommii Waaqayyootti fudhatamaa” ta’e akka jiraataniif
of eeggachiisa kennee fii ture. Akka yaada isaatti, hamma
danda’ametti rakkinaa fi dhiphina malee akka isaan jiraataniif,
hamma danda’ametti “nama hundumaa wajjin nagaatti jiraadhaa”
jedhee barreesseef (Rom 12:2, 18). Nama hundumaa wajjin akka
kanatti nagaatti jiraachuudhaaf gadi of deebisuun baay’ee
barbaachisaadha. Yaq ergaasaa boqonnaa afur keessatti akka
barreessetti “Waaqayyoo duratti gadi of deebisaa, innis ol isin
qabaa” jedhe.

10.6 Dhuga Ba’umsa


Fuula Waaqayyoo duratti gadi of deebifnee cubbuu keenya
himachuun, harka keenya, sammuu keenyaa fi yaada garaa keenyaa
hojii seexanaa isa karaa keenyaa fi karaa nama biraa jireenya
keenyatti dhufurraa qulleeffachuuf nugargaara (Yaq 4:8). Hart fi
Weber (2008) akka jedhanitti, itti gaafatamni maatii inni jalqabaa
akka ijoolleensaanii daandii fayyinaarra bu’an gochuudha. Maqaa
ijoolleesaanii waamanii abaaruun adeemsa fayyinaa keessatti
faayidaa tokkoyyuu hin qabu, isaan eebbisuun garuu daandicha
isaan buusuuf gargaara. Dogoggorri maatiin ijoollee isaanii irratti
hojjetan isaanumaan dhiifama argachuu qaba, garaasaanii guutuu
ijoollee isaaniitiif dhiifama gochuudhaan galateeffachuu qabu.
Amanamummaan “miidhaan akka isaan irra hin geenyeef”
baay’isee gargaara.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


103 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

(Yaq 5:12-18) dogoggora keenya luba ykn geggeesitoota qofaatti


utuu hin taane walii keenyatti akka himachuu qabnu nubarsiisa.
Cubbuu ofii dhugaa ba’anii walitti himachuudhaan araarri
Waaqayyoo akkamitti akka argamu, deebi’anii cubbuutti akka hin
kufneef akkaataa itti cubbuu injifatanis hubachuuf geggeessaa
Waldaa ofii mariisisuun barbaachisaadha, keessumaa kadhataan
fuula Waaqayyoo duratti kufuun qajeelfamicha akka dansaatti
gumaacha. Haala kanaan namni dhukkubsatee jiru illee balleessaa
isaa yoo dhugaa ba’ee ni fayya, dhukkubni adaba cubbuu yoo ta’ee,
yeroo cubbuun dhiifamaan badu, yeroo kadhataan araarri argamu
fayyinni ni ta’aa jechuudha, kunis fayyina hafuuraa fida. Jijjiiramaa
fi guddina waliitiif kadhachuun baay’ee barbaachisaadha.

(Yaq 2:24) akka jedhutti namni qajeelaan nama jireenyasaa keessa


sobni hin jirree fi nama amantii isaa hojii gaariidhaan argisiisuudha.
Kadhanni nama qajeelaa immoo hojii guddaa, kan namni hojjechuu
hin dandeenye hojjeta (5:12-18). Kana booda namni jijjiirame
jijjiirama isaaf ta’ee dubbiidhaan, kadhannaadhaan, hojii
gaariidhaan, waan hojjetu hundumaatiin namoota birootti dabarsuu
ni danda’a.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


104 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

BOQONNAA KUDHA TOKKO


11. WAL DHABDEE JIJJIIRUU
Caspersen kitaabasaa kan (Changing the Conversation) jedhu, kan
bara 2015 maxxanfame keessatti akkas jedhe, “Utuu Wal dhabdeen
uumamee jiruu, akkaataa itti namoonni hojjetan jijjiiruu hin
dandeessu” jedhe. Wal dhabdee keessa utuu jirtuu haaluma
ofiikeetii keessa jirtullee too'achuu hin dandeessu. Waan hojjettu
garuu jijjiiruu ni dandeessa.

Bara 1980 keessa, tooftaan furmaata Wal dhabdee inni “qaama


sadaffaa” fayyadamu akka mala ga’ee olaanaa taphatuutti
fudhatamuudhaan tajaajilaa ture. Qaamni sadaffaan Wal dhabdee
furuuf utuu hin taane, yaada walii galaa fudhachuudhaan walii
galtee qaamota lamaan gidduutti uumuu irratti kan xiyyeeffatu ture,

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


105 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

akkasumas akkaataa itti fuula duratti waliin jiraatan irratti waadaa


dhaabuudhaan lamaanuu mallatteesisuu ture (Claremont fi Davies
2005, 19). Winslade fi Monk’s akkuma Bush fi Folger’s qaama
sadaffaa araara buusuuf dhiyaatu irratti ilaalcha walFakaataa qabu,
Qaamni sadaffaan dhimma biyyoolessaaf utuu hin taane dhimma
garee yookaan Wal dhabdee nama dhuunfaa furuudhaaf caalmaatti
fayyada jedhan. Qaama sadaffaa jijjiiramaaf hojjetuu fi qaama
sadaffaa Wal dhabdee jijjiiru yoo ilaalle, lamaanuu ilaalcha mataa
isaanii kan qaban yoo ta’an, hariiroo furmaataa addunyaa kana
keessa jiru calaqqisiisus.

Filoosoofii yookaan ilaalcha addunyaa kanaa hubachuudhaan,


barreessaan kun boqonnaa kana keessatti Wal dhabdee Waldaa
Kiristiyaanaa keessa jiru furuu qofa irratti xiyyeeffatee barreessee
jira.

Barsiisni Yesuus Wal dhabdee furuun maal akka ta’e haala


gaariidhaan ibsa. Wal dhabdee furuu fi barsiisni Yesuus Mat 18
keessatti akka walii galteedhaan ibsanitti, Wal dhabdeen gara
jijjiiramaati nama geessa ykn hafeera. Gadi of deebisuun, miirri
addaa addummaa, ilaalchi injifannoos yommuu walitti dabalamu
akka Wal dhabdeen jijjiirama fiduu danda’u taasisa. Akkasumas,
boqonnaan kun dandeettii dhaggeeffachuu cimaa gabbifachuuf,
dhugaa kabajaaf jaalalaan akka walitti dubbatan gochuuf, akka
qajeelfama Yesuus Maatewoos 18 keessatti kenneetti hojjechuuf
gargaara.

Mootummaan Waaqayyoo, hojii keenya kan nuti biyya lafaa kana


irratti hojjennu isa kamiif iyyuu, Wal dhabdee Waldaa

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


106 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Kiristiyaanaa keessa jiruu fis furmaata olaanaadha. Kunis kakuu


hubannaa nama dhuunfaa fi walgargaarsa miseensonni Waldaa
Kiristiyaanaa akka duuka buutota Yesuusitti waliif taasisan of
keessatti qabata. Warri akkasii kanneen gara Kiristoosiin
Fakaachuutti guddataniidha. Kunis akkaataa miseensonni hawaasa
Waldaattii waliin waaqeffannaa keessatti hirmaatan, gadi of
deebisuudhaan eegaluu, wal kabajuu, dhaggeeffachuuf fedhii
qabaachuu fi dhugaa dubbachuuf jaalala keessatti murteeffachuu of
keessaa qaba. Kakuun akkasii shaakala hafuuraa kan nama
dhuunfaa fi kan waldattii fi naamusa kakuu sanaaf of kennuusaanii
mirkaneessu akka isaan qabaatan taasisa. Wal dhabdee furuun dura
caasaan Waldaa maal akka ta'ee hubachuutti yommuu
xiyyeeffannu, mootummaan waaqaa maal akka ta’ee fi
miseensonni isaa akkamitti waliin jiraachuu akka qaban hubanna.
Wal dhabdee Waldaa keessaa hubachuu fi furuuf tarkaanfiin
jalqabaa leenjii fi muuxannoo waldattiidhaa alaa argamu
fudhachuudha. Hundumaa booda, waanti fedhe yoo hojjetame
iyyuu, warri tarkaanfii furmaataa fudhatan sun kanneen
muuxannoo qabanii fi gidduu galeessummaadhaan kanneen
furmaata kennan ta’anii argamu jechuudha.

11.1 Akkaataa Itti Jijjiirama Fidan

11.1.1 Ga’ee Hawaasaa


Tiiworiin Walii galtee walii galaa Wal dhabdee akka jedhutti Wal
dhabdeen balaa isa kam caalaatti miidhaa guddaa qaama nama irras
biyya irras geessisa, ... (Miall 2004). Akka isaan jedhanitti caasaan
qaamota waldhabanii jiran lamaanii fi hariiroon isaan waliin qaban
hundee gadi fagoo kan Wal dhabdee uumamerra jabaatu qabu.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


107 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Kanaafuu, adeemsi Wal dhabdee furuu adeemsa jijjiiramaa kanatti


fayyadamuu qaba, fedhii qaamota lamaanii eeguu qaba, aadaa fi
amaleeffannaa hawaasa waldattii keessa jiruu eeguu qaba, haalota
Wal dhabdee kaasuu danda’an kamiinuu daangessuu danda’uu
qaba jechuudha.

Miall (2004) akka jedhetti Wal dhabdee adeemsa jijjiirama fiduun


furuun Wal dhabdee sana “Wal dhabdee ijaaru” si’eessituu
jijjiirama gochuudha. Furmaanni akkasii amala jireenyaaf murtii
kennuu fi amala gochaa hin barbaachifne barbadeessuu of keessaa
qaba. Jijjiiramni kan dhufuu danda’u yoo Waldaa keessatti,
hawaasa bal’aa keessatti, hirmaannaa hawaasa naannootiin
qabsoon cimaan qaamota waldhaban lamaan gidduutti uumame
qofadha.

Galtung (1996) akka jedhetti addaa addummaan yookaan walii


galtee dhabuun namoota gidduutti uumamu tarii yaaddoo walii
galtee dhabiinsaa, fedhii dhuunfaa ta’a. Tokkummaan yookaan
diigamsi qaamota Wal dhabdee keessa seenanii jiraniitiin
guutummaan guutuutti haqamuu ni danda’a.

Knight fi Keating (2004) akka amananitti Wal dhabdeen kan


to’atamuu danda’u jijjiirama hawaasaatiin nageenyi amansiisaan
yoo uumame qofadha. Ilaalchawwan walii galaa hawaasaa keessaa
inni tokko Looyaaliizimiidha (Loyalism). Ilaalchi looyaaliizimii
ilaalcha jijjiirama Wal dhabdee akka yaada humnaan garee tokko
keessaa ka’eetti ilaaluudha (Shirlow fi McGlynn 2012). Akka
ilaalcha kanaatti Wal dhabdee furuu jechuun waliin morkii hawaasa
keessaa guutummaatti balleessuu, hawaasa keessa jiraatan irrattis

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


108 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

dhiibbaa uumuudha (Fakeenyaaf, aadaa, amaleeffannaa hawaasaa)


irratti dhiibbaa geessisuudha. Akka ilaalcha kanaatti kanneen
gareedhaan yaada humna qabeessa dhiyeessuu danda’an qofatu
Waldaa geggeessuu danda’u.

Jijjiirama kan fiduu danda’us isaanuma. Haata’u malee, Shirlow


(2012) akka jedhetti hanqinni ilaalcha kanaa jijjiirama Wal dhabdee
akka waan faayyidaa hin qabneetti ilaaluu isaati. Kunis sababa
kanneen miseensota looyaalota hin taane akka yakkamtootaatti
waan ilaaluu fi, akkasumas caasaawwan poosatiivii simachuu
dhabuu isaa fi bal’inaan beekamtii dhabuun isaa hanqina ilaalcha
Looyaalitiiti. Akkasumas ilaalchichi jireenyi hawaasummaa akka
ijaaramu gochuu hin danda’u (Richmond, 2002).

11.1.2 Ga’ee Naamusaa


Vayrynen (1991) akka jedhetti ilaalchi kallattii afuriin dhiibbaa
geessisu qulqullummaadhaan haala jireenya hawaasaa keessa
yommuu seenu, akkaataa afuriin Wal dhabdee hawaasa keessa jiru
jijjiiruudhaan gara furmaataatti geessa. Isaanis qaama dhimma
raawwatu, dhimma irratti hojjetamu, seeraa fi caasaa. Isaan kunniin
tokkummaadhaan yookaan dhuunfaadhaan ga’ee isaanii ba’atu.
Jijjiiramni qaama hojii raawwatuun dhufu keessa namoota Wal
dhabdee keessa jiran hundumaatti jijjiirama, yookaan hirmaattota
haarawoo ta’antu duubaan kaka’a. dhimmi irratti hojjetamu bifa
ajandaa Wal dhabdee sanaa gara waanta jijjiirama fiduu danda’uutti
jijjiira. Jijjiiramni seeraa akkaataa argannoo dhaabbataa jijjiira.
Qajeelfama haaraa uuma jechuudha. Yeroo kana jijjiiramni ni
argama jechuudha. Xumura irratti, jijjiirama caasaatu dhufa. Inni
kun immoo jijjiirama caasaa dhaabbataati (cf. Fjelde fi Hoglund

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


109 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

2011) guutummaa caasaa dhaabbataa fi qoqqooddaa sadarkaawwan


aangoo Wal dhabdee furuuf gargaaru ibsanii jira.

Hojiin jajjabeessaan Wal dhabdee furuu irratti hojjetamu inni


biraan immoo kitaaba Lederach (1997) kan inni waa’ee ijaarsa
nageenyaa barreesse keessa jira. Ijaarsi hojii nageenyaa jijjiirama
dheeraa, kan adeemsaan raawwatu, kan namoota Waldaa keessaa fi
hawaasa naannootiin fiixaan ba’uudha. Kanaafuu teermii yeroo
addaa addaatiin ilaalamuu ni danda’a – yeroo gabaabaa, yeroo
giddu galeessaa fi yeroo dheeraa keessatti jechuudha. Akkasuumas
ibsi isaa bakka tokko tokkotti ilaalcha Tiwooloojii irratti hundaa’ee
argina. Jijjiiramni yommuu hawaasni naannoo guutummaan
guutuutti nagaa, haqa, dhugaa fi faara walitti toluu barbaadan galma
ga’a. Daayimenshenoonni furtuu isaatii Wal dhabdee dhuunfaa,
kan caasaa dhaabbataa fi addaa addummaa aadaawwanii of
keessatti hammata. Yeroo addaa addaattis sadarkaan addaa
addummaa isaatii ni jijjiirama.

11.2 Ilaalcha Tiwooloojii


Ilaalchi Tiwooloojiin dhimma jijjiiramaa irratti qabu caasaa irratti
hin xiyyeeffatu. Qooda kanaa, namoota irratti xiyyeeffata,
jijjiiramni dhugaan kan argamu jijjiiramni qabatamaan jireenya
namaa irratti yoo dhufe qofa akka ta’e amana jechuudha. Yommuu
furmaanni rakkoo ariitiidhaan uumametti xiyyeeffatu, adeemsi
jijjiiramaa immoo furmaata kennuun yeroo akka fudhatu argisiisa.
Yeroo jijjiiramaa sana keessatti rakkoowwan hin furamin hafan
furmaata dhabuu yookaan ittumaa babal’achuu iyyuu ni danda’u.
Akkuma jijjiiramni aadaa hawaasaa tokko tokko fooyyessu,
jijjiiramni Waldaa Kiristiyaanaa keessatti ta’us aadaa caaseffama

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


110 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

waldattii jijjiiruu ni danda’a. Ba’aan ulfaataan jijjiiramaa kan


Waldaa tokkoo mataa geggeessitootasheetii irra jira. Haata’uu
malee, Covin (2009) akka jedhetti geggeessitoonni yaalii mataa
isaaniitiin jijjiirama fiduu hin danda’an. Yaaliin yeroo dheeraa
fudhatu garuu ga’ee homaatiinuu bakka bu’amuu hin dandeenye
taphachuudhaan namoota Waldaa Kiristiyaanaa keessa jiranii fi
Waldaa Kiristiyaanaa jijjiira.

Fine (2008) akka ibsetti Wal dhabdeen tasumaa dhabamuu hin


danda’u. Namaan yookaan humna oliitiin yoo furame malee ofuma
isaatiinis furamuu hin danda’u. Ofuma isaatiin ka’ee ofuma
isaatiinis guddata. Guddinni isaa kun akka dhukkuba kaanseriiti.
Hammuma guddataa adeemu waanta gaarii keessa namaatii
balleessaa, hariiroo namoota gidduudhaa dhabamsiisaa adeema.
Yeroo baay’ee yaaliin baqaqsanii hodhuu ni taasifama. Garuu
bakkeetti baafamee yoo yaaliin hin taasifamne, ka’umsi Wal
dhabdee yoomiyyuu gaarii hin ta’u. jalqaba namicha isa qabe
balleessa, sana booda maatiitti darba, itti fufuudhaan Waldaan
Kiristiyaanaa dhukkuba kana jalatti kufti. Qormaata kana jalaa
miliquudhaaf, miseensi Waldaa guutummaan guutuutti jijjiiramuu
qabu, jireenyi isaanii waan gaariidhaaf jijjiiramuutu irra jira.
Jijjiirama bu’a qabeessa itti fu fiinsaan taasifamu qofatu
guutummaatti Wal dhabdee namoota gidduudhaa barbadeessuu
danda’a.Wal dhabdee jijjiiruun kutaa furmaata Wal dhabdee isa
haaraa, isa akka salphaatti furmaata kennuuf gargaaruudha.

Sadarkaa jalqabaa Wal dhabdee furuuti, qaamota lamaan Wal


dhabdeen gidduutti uumame gidduutti bal’inaan kan itti fufuudha.
Jijjiiramni namoota waldhabanii fi hariiroo dhaabbataa isaan waliin

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


111 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

qaban irratti xiyyeeffata. Kaayyoowwan Waldaa Kiristiyaanaa


keessaa inni tokko namoota Wal dhabdee keessa jiran bakka
qabsiisuudha. Eegduun Waldaa sanaa waantota Wal dhabdeen irraa
maddu guutummaan guutuutti yoo dhabamsiise hojiin inni hojjete
namoota Waldaa addaa addaa keessa jiran hundumaaf Fakeenya
ta’uu fii ni danda’a. Garuu yeroo tokko tokko madda Wal dhabdee
guutummaan guutuutti dhabamsiisuun ni danda’ama. Namni
dadhabinaa fi mudaasaa waliin wal’aansoo qaba, dadhabinni kun
immoo gama isaatiin Wal dhabdeetti isaan oofuu ni danda’a. yoo
namichi nama caljedheessa ta’eyyuu, fedhii isaa baasee hin dubbatu
yoo ta’eyyuu, Wal dhabdeen garuu isa keessatti ni Uma. Yeroo
baay’ee, sadarkaa irratti Wal dhabdeen guutummaatti isattii addaan
ba’e irratti of arga, kanaaf namoonni hedduun yeroo inni jijjiirama
guddaa akka tasaatti jijjiiramu arganii ajaa’ibsiifachuun saanii hin
hafu.

11.3 Qooda Ogummaa Sobaa Ogummaa Dhugaatti Fayyadamuu


Yaq (3:13) Waldaa Kiristiyaanaa durii keessatti ogummaan gadi of
deebisuu fi hojii gaarii hojjechuu keessaan mula'ata. kunis
mul’achuu ogummaa Waaqayyoo isa qulqulluu, isa naga qabeessa,
isa garraamummaa of keessaa qabuu fi isa fedhii gaariidhaan
guutuu ta’eedha. ogummaan dhugaan nagaa fi badhaadhummaa
maatii gidduutti, Waldaa keessatti, hawaasa keessattis ni uumaa.
akkasumas, namoonni ogeeyyii dhugaa jedhaman kanneen
namoota gidduutti nagaa buusaniidha. Isaan naga-buustotaa fi naga
eegdota ( Yaq 3:18).

karaa biraa immoo, ogummaan sobaa biyya lafaa keessaa ka’a (Yaq
3:14-16). Yeroo jeequmsaa, gammachuu Wal dhabdee keessaa,

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


112 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

jireenya hinaaffaa jiraachuu fi hadhaa’ummaan, of jaallachuu fi ol


of qabuu fi fedhii dhuunfaa ofiitiif jecha dhamaatii addaa addaa
gochuun ogummaa biyya lafaa kanaati. Akkasumas, ogummaan
kun kan biyya lafaa, kan fooniif kan isa hamaati. Ogummaan biyya
lafaa kun hundee Wal dhabdee fi diigamsaati. Namoonni ogummaa
biyya lafaa kanaatiin geggeeffaman hiikaa fi faayidaa tokkummaa
hin beekanis hin qabanis. Qooda kanaa, ogummaan isaanii akka
ogummaa hundumaa caalu ta’etti yaadu, waanta yaadan keessaa
tokko illee akka duraa hir’atu hin barbaadan, waan argachuu
yaadan keessaa waanti tokko illee akka duraa hanqatu hin iyyaman,
fedhiin isaanii fedhii Waldaa Kiristiyaanaa wajjin wal qabatus
dhiisus, isaan fedhii isaanii guuttachuudhaaf duuba hin deebi’an.

Sababni isaan akkas ta’aniif isaan fedhii ofii isaanii qofa duukaa
bu’u. Akka waan sababni isaan dhiyeessan qofti sirrii ta’eetti ilaalu.
Namoota biraa waliin hojjechuun hojii balleessuu waan itti
Fakaatuuf yaada mataa isaanii qofaan adeemuu, yaada namaa
kamiif iyyuu iddoo kennuun dogoggora hojjechuu itti Fakaata.
kanaaf waan hunduma filannoo ofii isaaniitiin hojjetu.

Wal dhabdee jijjiiruun kan danda’amu yoo ogummaan sirriin


amantoota Waldaa keessaa geggeessaa jiraate qofadha. Vayrynen
(1991) yaada kanatti waliif galuudhaan akka jedhetti, jijjiiramni
hojjetootaan mul’atu Wal dhabdee gara waan gaarii tokkootti
jijjiiruudhaan faayidaa dhaabbatichaatiif akka oolu gochuuf
baay’ee fayyada. Haata’u iyyuu malee karaa biraa immoo yoo
jijjiiramni qaama hojii raawwachiisu irratti dhufe malee jijjiiramni
kam iyyuu kan yeroo muraasaa malee dhaabbataa ta’uu hin
danda’u. Wal dhabdeen yeroodhaaf to’annoo jala ooles yeroo

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


113 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

muraasa booda deebi’ee mul’ata, garuu yoo ogummaan sobaa


ogummaa dhugaadhaan bakka bu’e jijjiirama dhaabbataatu dhufa.

11.4 Qooda of Tuulummaa Gad of Deebisuu


Namoonni Wal dhabdee kakaasan namoota oftuuloo, kanneen
ilaalcha ofiisaanii qofa fudhatanii fi irratti hojjetaniidha. Namni
gadi of deebisu immoo ilaalchi isaa ilaalchawwan namootaa
keessaa isa tokko akka ta’e amana. Namni oftuulaan akka
namoonni biroon isatti hin dhiyaanneef tuffii itti argisisudhaan
daandii itti cufa. Namni gadi of deebisu immoo akka namoonni isa
dhaggeeffataniif o fitti hawwata, waliin mariyata, namni gadi of
deebisu namoota kabajee kan o fitti hawwatu yoo ta’u, namni
oftuulaan immoo miira namootaa miidhuudhaan o firraa qolata.
Yesuus Luqaas 18 irratti, “Egaa isa Fariisicha sana irra namichi
qaraxa fuudhu kun Waaqayyo duratti qajeelaa ta'ee, gara mana
isaatti akka deebi'e, isinittan hima; kan ol of qabu hundinuu gad in
deebifama, kan gad of deebisu immoo ol in qabama" (Luq 18:14)
jedhe.

Ogummaa fi gadi ofdeebisuun waliin adeemu (Yaq 3:13-14).


Namoonni gadi of deebisan kanneen ogeeyyii ta’aniidha. Namni
gadi of deebisu gowwaa ta’uu hin danda’u. Namni ogeessi immoo
oftuulaa ta’uu hin danda’u. Fedhiin madda Wal dhabdee ta’e nama
gadi of deebisu biratti hin argamu. Fedhiin oftuulaa ulfina mataa
ofii barbaada, kan gad of deebisuun immoo ulfina Waaqayyoo
barbaada. Sababni nama gad of deebisuu dhugaadhaaf kan
amanamu ta’uu isaati. Namni gadi of deebisu dadhabinasaa fi
dogoggorasaa hin dhokfatu. Namoota isa harkatti miidhaman irraa
araara argachuu barbaada.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


114 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Namni sobu nama gad of deebisu miti, nama oftuulaa fi nama fedhii
ofii isaatii duukaa bu’uudha (Yaq 3:14). Dhugaan oftuulmaa wajjin
waliif galuu hin danda’u. Sababnisaa dhugaan waanta oftulmaan
ta’uu hin dandeenye abbooma. Akkasumas oftuulmaan bakka gad
of deebisuun hin jirretti argama. Oftuulmaan, inni seera hariiroo
wajjin waliif galuu hin dandeenye, humnaan fedhii ofii isaatii
guuttachuu barbaada. Namoonni soban sababa dhugaa ta’e
dhiyeeffachuu hin danda’an. Sababnisaa isaan dhugaarraa
galagalanii jiru. Sobni isaanii, fedhiin dhuunfaa isa duubaan jiru
fedhii ofii isaanii isa keessa isaanii dhokatee jiru qofa irratti
hunda'aa. Kanaafuu waldhabeen Waldaa keessatti gara caalu
namoota sobaniin, kanneen dhugaa dhaga’uu hin barbaanneen
bu’uureffama.

Wal dhabdee jijjiiruun namoota gad of deebisan qofaaf danda’ama.


Namoonni oftuuloon jijjiirama hin barbaadan, akkuma namoota
biraa cinatti ol ka’anii argamuu barbaadan, Waldaa keessattis ofii
isaaniitii caalanii argamuu barbaadu. Oftuultonni akka namoonni
biroon ajaja isaaniitiin of jijjiiran barbaadu. Kun immoo waan
danda’amu miti. Akkuma kana jijjiiramnis geggeessaan yoo
jijjiirame malee dhufuu hin danda’u. Namoonni oftuultonni akka
Waaqayyo ofii isaatii laphee amantoota sanaa gad of
deebisuudhaan guutu hawwu garuu o fi jijjiramanii gad jechuu
hinbarbaadani.

11.5 Araara Buusuu


Mallattoowwan gadi of deebisuu keessaa inni tokko araara gochuuf
laphee banamaa qabaachuudha, warra miidhamanii jiraniif nagaa,
jaalalaa fi to’annoo Waaqayyoo jalatti faara tolaa qabaachuudha.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


115 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Araara buusuun dukkana yeroo darbe ture, isa duuba deebi’ee


sirrachuu hin dandeenye irratti hojjechuudha (patterson 2012).
Araara buusuun adeemsa walii galtee haaraa uumuuti. Isa darbeef
dhiifama godhanii akkaataa waliin jireenyaa isa fuula duraatiif
seera kaawwachuun deemani adeemsa araaraa keessa jira. Araarri
guutuun garuu kan turtii yeroo keessa raawwatamuudha malee kan
yeroo tokkotti xumuramu miti, keessumaa yommuu hariiroo
biyyoota gidduutti uumuuf yaalanitti tarii umurii dhaloota tokkoo
yookaan lamaayyuu fudhachuu ni danda’a (Murithi 2009).
Waldaan Kiristiyaanaa adeemsa araara buusuu kana
deggeruudhaan guddisuudhaan, gara hariiroo miidhagaatti
dagaagsuu danda’uu qabdi.

Mariin araaraa madaa fayyisuudhaan Wal dhabdee fura. Hariiroo


amantoota Waldaa Kiristiyaanaa keessa jiraniis ni haaressa,
waltajjii amantoonni irratti jaalalaaf kabajaan waliin hojjetanii
seenaa isaanii haareffatan uumaaf, akka ayyaanni Waaqayyoo isaan
gidduutti dhangala’uu fis balbala eebbaa banaaf.

11.6 Qooda Kaka’umsa Badaa Kaka’umsa Gaarii Qabaachuu

11.6.1 Ilaalchaa fi Kaka’umsa Gaarii


Gal irratti dubbii akkas jedhu argina: “Yaa obboloota koo, namni
tokko utuu itti hin yaadin cubbuu kamitti illee yoo kufe, isin warri
hafuuraan geggeeffamtanii jiraattan, hafuura garraamummaa tiin
akka isaa duriitti isa deebisaa! Garuu isinumtti iyyuu akka hin
qoramnetti of eeggadhaa! Ba'aa walii baadhaa! Akkasittis seera
Kiristoosin raawwattu. Namni waanuma tokkoof dhimma kan hin
baafne ta'ee utuu jiruu, nama dhimma baasu yoo of se'e, inni of in

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


116 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

gowwoomsa. Namni adduma addaan hojii ofii isaa qoree haa ilaalu!
Yoos yaaduma ofii isaatii duwwaadhaan of jajuu isaa malee, namni
biraa akka isa hin jajanne arguuf jira. Namni adduma addaan waan
ofii isaatii baatu qaba. Namni dubbii wangeelaa baruutti jiru, wanta
gaarii ofii isaatii qabu hundumaa barsiisaa isaa wajjin haa hirmatu!
(Gal 6:1-5).

BOQONNAA KUDHA LAMA


12. QAJEELFAMOOTA JIJJIIRAMA WAL DHABDEE
1. Wal dhabdeen yeroo hundumaa akka nurraa addaan hin
baaneef jireenya keenyatti hidhamee jira, kanaafuu Wal dhabdee
dhabamsiisuu yookaan ittisuu hin dandeenyu, garuu to’achuu ni
dandeenya.

2. Wal dhabdeen waan tokko irratti namoonni lama, gareewwan,


yookaan dhaabbanni addaa addaa walii galuu dadhabuudha.

3. Namoonni Waaqayyotti yoo amananis yoo amanuu baatanis,


sanyii Wal dhabdee keessa isaaniitti baatanii jiraatu. Sanyiin kunis
yeroo baay’ee jireenyasaanii waliin kan wal hin Fakaanne ta’uu ni
danda’a.

4. Wal dhabdeen qaama hawaasaa kan yeroo hundumaa guddinaa


fi babal’inaaf tumsa godhuudha.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


117 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

5. Wal dhabdeen yeroo hundumaa akka negetiiviitti ilaalamuu


hin qabu, akka humna poosatiivii isa jijjiirama fiduuf fayyaduutti
ilaalamuu qaba.

6. Wal dhabdeen humna diigamsaa miti, Wal dhabdeen utuu hin


furamin hafe garuu diigamsa, yakkamaa wal gochuu,
amanamummaa walirraa dhabuu, walmiidhuu, gochaa seeraa alaa
walirratti hojjechuu fi adeemsa waldhowwuu qaamota lamaan
gidduutti uumuudha.

7. Jijjiiramni Wal dhabdee furuu hojii bal’aa kan hojjetu yoo


ta’u, bu’uura Wal dhabdee sanaa illee guutummaatti jijjiiruu ni
danda’a.

8. Jijjiiramni Wal dhabdee hojii adeemsa dheeraa keessa


hojjetamee dhumu yoo ta’u, qabsoo fi adeemsa yoomiyyuu addaan
hin cinneedha.

9. Jijjiiramni Wal dhabdee “Wal dhabdeen dhaabbata ni ijaara”


jedhee amana. dadammaksituu jijjiiramaatis.

10. Adeemsi jijjiirama Wal dhabdee adeemsa Wal dhabdeen maal


akka ta’e hubachuuti.

11. Jijjiiramni Wal dhabdee adeemsa dhiibbaa humnaa hin


qabnee fi itti fu fiinsaan hojii humnaaf dirqamaatiin kan
mormuudha.

12. Jijjiiramni Wal dhabdee gareewwan Wal dhabdee keessa jiran


miira isaanii to’achuu akka qaban, akkasumas humnaan faayidaan
tokkoyyuu akka hin argamne ni barsiisa.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


118 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

13. Jijjiiramni Wal dhabdee dhimmoota iftoomina qaban irratti


xiyyeeffata, maloota Wal dhabdee furuuf gargaaranitti fayyadama,
namoota ilaalcha walii galaa qaban fayyadama, adeemsa isaa yeroo
dheeraa keessatti adeemsisee xumura.

14. Jijjiiramni Wal dhabdee ilaalcha walitti hirkannaa fi ilaalcha


miirri hoogganu hin morma, addaa addummaa nuu fi isaan gidduus
cabsuu fis ni gargaara.

15. Jijjiiramni Wal dhabdee naamusa guutuu, dhiyaannaa kallattii


arfanii isa jijjiirama kallattii arfanii fidu (keessa o fi, dhimma,
seeraa fi caasaa) walii wajjinis ta’e dhuunfaadhaan akka qabaatan
ni gorsa.

A. Jijjiiramni dura utuu wanti hunduu hinjijjiiramin keessi o fi


jijjiramee keessa alatti ilaalu danda'uudha. Alaa keessati nama
ilaaluuf wanti hunduu yoo jijjiramee rakkoon keessa isaatti ka'a
waan ta'eef jijjirami hindhufu.

B. Jijjiiramni dhimmaa jijjiirama ajandaa Wal dhabdee uumaa


tureedha. Ajandaa Wal dhabdee uumu gara ajandaa qaamota
lamaaniitiif faayidaa qabuutti jijjiiruu jechuudha.

C. Jijjiirama seeraa jechuun jijjiirama garee waldhaban gara


yaada tokkootti fiduun hundaaf faayidaa gaarii gumaachuu
jechuudha.

D. Jijjiiramni caasaa jijjiirama dhaabbataa (cf. Fjelde fi


Hoglund 2011), jijjiirama bu’uureffama caasaa dhaabbatichaa

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


119 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

jijjiiruudhaan hariiroo fi qoqqooddaa aangoo babal’isuun jijjiirama


Wal dhabdee fiduuf gargaara.

16. Jijjiiramni Wal dhabdee nagaa, haqa, dhugaa fi tasgabbii


naannoo gumaachuu danda’uu qaba.

17. Daayimeenshenoonni jijjiiramaa, jijjiirama ilaalcha nama


dhuunfaa, jijjiirama caasaa, kan hariiroo fi kan aadaa of keessaa
qaba. Yeroo addaa addaattis jijjiirama sadarkaa fiduu ni danda’a.

18. Jijjiiramni Tiwooloojii irratti hundaa’u caasaa irratti hin


xiyyeeffatu. Qooda kanaa, namoota caasaa sana keessa jiran irratti
xiyyeeffata. Namoonni kunniin jijjiiramni dhugaan akka dhufuuf
ga’ee bu’uuraa qabu.

19. Jijjiiramni Wal dhabdee dhiyaannaa haaraa Wal dhabdee


furuuf gargaaru, kan iftoominaan waanta Wal dhabdee keessatti
raawwatu ibsuudha. Jijjiiramni Wal dhabdee hojii furmaata Wal
dhabdeerra caalu, kan jijjiirama gadi fagoo qaamota waldhabanii
jiran irratti fidu, tarkaanfii waanti lola kaasu akka hin sochoone
taasisuu fi tarkaanfii nageenyaa fi hariiroo cimaa hundeessuu
danda’uudha.

20. Ogummaan dhugaan nageenya amansiisaa fi amantaa namoota


gidduutti, maatii gidduutti, Waldaa Kiristiyaanaa keessatti hawaasa
gidduuttis uumuuf gargaara. Akkasumas, ogeeyyiin dhugaan
kanneen nageenya qabatamaa namoota gidduutti uuman, kanneen
nagaa buusanii fi nageenya kabachiisaniidha (Yaq 3:18).

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


120 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

21. Jijjiiramni Wal dhabdee yommuu ogummaan dhugaan Waldaa


Kiristiyaanaa keessatti sadarkaa hooggansaa qabatu qofa uumamuu
danda’a. vayrynen (1991) akka jedhetti, dura buutonni jijjiiramaa
jijjiirama Wal dhabdee fidanii, Wal dhabdee sana gara waanta
faayidaa qabu tokkootti jijjiiruuf dhaabbaticha keessatti ga’ee
olaanaa qabu.

22. Jijjiiramni dura buutotaa yoo ta’e malee, jijjiiramni biraan kan
akka (dhimmaa, seeraa fi caasaa) yeroodhaaf malee dhaabbataa
ta’ee jiraachuu hin danda’u. Wal dhabdeen kanaan dura to’annoo
jala seenee tures bifa jijjiirrachuudhaan haara’ee ka’a, mudannoon
kun miseensonni ogummaa sobaatiin geggeeffaman kanneen
ogummaa dhugaatiin geggeeffamaniin yoo bakka bu’an malee
mudachuunsaa hin hafu.

23. Jijjiiramni Wal dhabdee namoota gadi of deebisan qofaan


dhufuu danda’a. Kanneen of tuulan faayidaa jijjiiramaa arguu hin
danda’an, akkuma yaadaan namoota biroo caalanii of argan,
akkasuma jijjiiramni akka jireenya isaaniitti dhufus hin barbaadan.

24. Jijjiiramni Wal dhabdee karaa dhimma dhaabbataa jijjiiruutiin


dhufuu ni danda’a, miirri dogoggoraa dhimma dhaabbatichaa
duuba jiru yoo sirrate, miira gaarii fi haarawaa ta’e uumuu ni
danda’a.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


121 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

WABIILEE
Abrams, I. (1990). Words of Peace. New York: Newmarket Press.

Beardsley, K. (2011). The Mediation Dilemma. USA: Cornell


University Press.

Benoliel, M., and W. Hua. (2009). Negotiating. London: DK


Publishing.

Boardman, E. (2005). Taking a Stand. Gabriola Island: New


Society Publishers.

Brewer, J. (2010). Peace Processes. Cambridge, UK: Polity Press.

Brown, M. (2003). Grave New World. Washington DC:


Georgetown University Press.

Burke, E. (1999). “Thoughts on the Cause of the Present


Discontents.” 82-83 (1770). In Select Works of Edmund Burke,
vol. 1, p. 146 (Liberty Fund ed. 1999).

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


122 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Chopra, D. (2005). Peace Is the Way. New York: Harmony Books.

Colvin, G. (2009). The Upside of the Downturn. New York:


Portfolio.

Coleman, P., and R. Vallacher. (2011). The Five Percent. New


York: Public Affairs.

Collins, G. (1980). Christian Counseling. Waco, Texas: Word


Books.

Conflict. (2015). The De finition of Conflict. Retrieved from


Dictionary.com February 14, 2015.
(http://dictionary.reference.com/browse/conflict).

Doyle, M. W. (1997). Ways of War and Peace. New York: USA.

Drane, J. (1986). Introducing the New Testament. San Francisco:


Harper & Row.

David S. Young. (1999). Servant Leadership for Church Renewal.


Herald Press.

Donald E. Miller. (1985). Foundations for a Practical Theology of


Ministry. Nashville.

Furlong, Gary T. (2005). The Conflict Resolution Toolbox.


Ontario.

Fine, D. (2008). The Fine Art of the Big Talk. New York: Hyperion.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


123 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Fisher, R. (1997). Interactive Conflict Resolution. New York:


Syracuse University Press.

Fjelde, H., and K. Hoglund. (2011). Building Peace, Creating


Conflict? Sweden: Nordic Academic Press.

Galtung, J. (1996). Peace by Peaceful Means. London: Sage.

Greer, L. L., O. Saygi, H. Aaldering, and C. K. W. De Dreu. (2012).


“Conflicts in Medical Teams: Opportunity or Danger?” In Medical
education 46 (1): 935–942.

Griffiths, L. (1998). Building Peace and Democracy in Post-


Conflict Societies. USA: Dalhousie University Press.

Hart, A., and C.Weber. (2008). Is Your Teen Stressed or


Depressed? Nashville, Tennessee: Thomas

Holy Bible: New living translation. Wheaton, Illinois.

Horn, A. (2004). Face It. New York: American Management


Association.

Jackson, R. and J. Bercovitch. (2009). Conflict Resolution in the


Twenty-First Century. Michigan: The University of Michigan
Press.

Johnson, R., and J. Eaton. (2002). Influencing People. New York:


DK Publishing.

Keene, A. (1998). Peacemakers. New York: Oxford University


Press.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


124 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Kegley, W. and A. Raymond. (1999). How Nations Make Peace.


New York: St. Martin’s Press, Inc.

Kohn, S. and V. O’Connell. (2007). 6 Habits of Highly Effective


Teams. Franklin Lakes, New Jersey: Career Press.

Knight, W. and T. Keating. (2004). Building Sustainable Peace.


Edmonton: The University of Alberta Press.

Lange, G., and T. Domke. (2001). Cain and Abel at Work. New
York: Broadway Books.

Lederach, J. P. (1997). Building Peace: Sustainable Reconciliation


in Divided Societies. New York: Syracuse University Press.

———. (1995). Preparing for peace: Conflict transformation


across cultures. New York: Syracuse University Press.

———. (1997). Building peace: Sustainable reconciliation in


divided societies. Washington DC.: United States Institute of Peace
Press.

———. (1999). The journey toward reconciliation. Scottdale,


Pennsylvania.: Herald Press.

———. (2003). The Little Book of Conflict Transformation: Clear


Articulation of the Guiding Principles by a Pioneer in the Field.
Intercourse, Pennsylvania: Good Books.

———. (2005). The Moral Imagination: The Art and Soul of


Building Peace. New York: Oxford University Press.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


125 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

———. (2008). Perspectives for Assessing and Working with


Power: Conflict Transformation and Restorative Justice Manual.
M. E. Armster and L. S. Amstutz. Akron, Pennsylvania: Mennonite
Central Committee Office on Justice and Peacebuilding. 54–55.

Lencioni, P. (2005). Overcoming the Five Dysfunctions of a Team.


San Francisco: Jossey-Bass Publishers.

Lin-Healy, F., and D. A. Small. (February 13, 2013). “Nice Guys


Finish Last and Guys in Last Are Nice: The Clash Between Doing
Well and Doing Good. In Social psychological and personality
science (Pre-print online version). DOI:
10.1177/1948550613476308.

Loehr, A., and J. Kaye. (2011). Managing the Unmanageable.


Pompton Plains, New Jersey: Career Press.

Mauboussin, M. (2009). Think twice. Boston, Massachusetts:


Harvard Business Press.

Marshall, C. D. (2001). Beyond Retribution: A New Testament


Vision for Justice, Crime, and Punishment. Grand Rapids,
Michigan: Eerdmans.

———. (2003). “The Moral Vision of the Beatitudes: The


Blessings of Revolution.” In Faith and Freedom: Christian Ethics
in a Pluralist Culture. D. Neville and P. Matthews. Adelaide: ATF
Press.

Mayer, B. (2000). The Dynamics of Conflict Resolution: A


Practitioner’s Guide. San Francisco: Jossey-Bass Publishers.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


126 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Morton, M. (1994). Personal Confession Reconsidered: Making


Forgiveness Real. Bramcote: Grove.

Muller-Fahrenholz, G. (1997). The Art of Forgiveness: Theological


Reflections on Healing and Reconciliation. Geneva: WCC.

McGrew, A., and D. Held. (2000). The Global Transformations


Reader. Cambridge: Polity Press.

Miall, H. (2004). Conflict Transformation: A Multi-dimensional


Task. Berlin: Berghof Research Center for Constructive Conflict
Management. 20.

’Michaelson, G. and S. Michaelson. (2004). Sun Tzu Strategies for


Marketing. New York: McGraw-Hill.

Miller, B. (2004). Quick team-building activities for busy


managers. New York:AMACOM.

Murithi, T. (2009). The ethics of peacebuilding. Nigel Dower:

Mayer, B. (2000). The Dynamics of Conflict Resolution: A


Practitioner’s Guide. San Francisco: Jossey-Bass Publishers.

Morton, M. (1994). Personal Confession Reconsidered: Making


Forgiveness Real. Bramcote: Grove.

Muller-Fahrenholz, G. (1997). The Art of Forgiveness: Theological


Reflections on Healing and Reconciliation. Geneva: WCC.

McGrew, A., and D. Held. (2000). The Global Transformations


Reader. Cambridge: Polity Press.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


127 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Miall, H. (2004). Conflict Transformation: A Multi-dimensional


Task. Berlin: Berghof Research Center for Constructive Conflict
Management. 20.

’Michaelson, G. and S. Michaelson. (2004). Sun Tzu Strategies for


Marketing. New York: McGraw-Hill.

Miller, B. (2004). Quick team-building activities for busy


managers. New York: AMACOM.

Murithi, T. (2009). The ethics of peacebuilding. Nigel Dower:


Edinburgh University Press.

Ortberg, J. (2003). Everybody’s normal ‘till you get to know them.


Grand Rapids, Michigan: Zondervan

Osborne, C. (2002). Dealing with difficult people. London: Dorling


Kindersley.Edinburgh University Press.

Ortberg, J. (2003). Everybody’s normal ‘till you get to know them.


Grand Rapids, Michigan: Zondervan

Osborne, C. (2002). Dealing with difficult people. London: Dorling


Kindersley.

Parsons, G. and S. B. Leas (1993). Understanding Your


Congregation as a System. Bethesda: Alban Institute.

Patterson, E. (2012). Ending Wars Well. London: Yale University


Press. Pinet, A. (2011). The Negotiation Phrase Book. F+W Media.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


128 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Plester-Silk, S. (2013). Unleashing Team Potential. Cork:


BookBaby.

Poirier, A. (2006). The Peacemaking Pastor: A Biblical Guide to


Resolving Church Conflict. Grand Rapids, Michigan: Baker Books.

Porter, T. W. (2010). The Spirit and Art of Conflict


Transformation: Creating a Culture of Just Peace. Nashville,
Tennessee: Upper Room Books.

Powell, J. H. (1999). “Forgiveness and Healing in Conflict.”


Making Peace with Conflict:

Practical Skills in Conflict Transformation. C. Schrock-Shenk and


L. Ressler. Scottdale, Pennsylvania: Herald Press. 119–126.

Potter, B. (2009). Managing Yourself for Excellence. Oakland,


California: Ronin.

Parsons, G. and S. B. Leas (1993). Understanding Your


Congregation as a System. Bethesda: Alban Institute.

Patterson, E. (2012). Ending Wars Well. London: Yale University


Press.

Pinet, A. (2011). The Negotiation Phrase Book. F+W Media.

Plester-Silk, S. (2013). Unleashing Team Potential. Cork:


BookBaby.

Poirier, A. (2006). The Peacemaking Pastor: A Biblical Guide to


Resolving Church Conflict. Grand Rapids, Michigan: Baker Books.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


129 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Porter, T. W. (2010). The Spirit and Art of Conflict


Transformation: Creating a Culture of Just Peace. Nashville,
Tennessee: Upper Room Books.

Powell, J. H. (1999). “Forgiveness and Healing in Conflict.”


Making Peace with Conflict: Practical Skills in Conflict
Transformation. C. Schrock-Shenk and L. Ressler. Scottdale,
Pennsylvania: Herald Press. 119–126.

Potter, B. (2009). Managing Yourself for Excellence. Oakland,


California: Ronin.

Redekop, V. (2002). From Violence to Blessing. Ottawa, Ontario:


Novalis.

Reese, J. R. (2005). The Body Broken: Embracing the Peace of


Christ in a Fragmented Church. Siloam Springs: Leafwood
Publishers.

Richmond, O. (2002). Maintaining Order, Making Peace. New


York: PALGRAVE.

Robert K. Greenleaf. (1970). The Servant as Leader. Cambridge.

Ross, A. (2014). Mixed Emotions. London: The University of


Chicago Press, Ltd.

Royal, M., and T. Agnew. (2012). The Enemy of Engagement. New


York: American Management Association.

Redekop, V. (2002). From Violence to Blessing. Ottawa, Ontario:


Novalis.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


130 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Reese, J. R. (2005). The Body Broken: Embracing the Peace of


Christ in a Fragmented Church. Siloam Springs: Leafwood
Publishers.

Richmond, O. (2002). Maintaining Order, Making Peace. New


York: PALGRAVE.

Ross, A. (2014). Mixed Emotions. London: The University of


Chicago Press, Ltd.

Royal, M., and T. Agnew. (2012). The Enemy of Engagement. New


York: American Management Association.

Sande, K. (2000). The Peacemaker: A Biblical Guide to Resolving


Personal Conflict. Grand Rapids: Baker Books.

Schellenberg, J. A. (1996). Conflict Resolution: Theory, Research


and Practice. Albany: State University of New York Press.

Schirch, L., and D. Campt (2007). The Little Book of Dialogue for
Difficult Subjects. Intercourse, Pennsylvania: Good Books.

Schreiter, R. J. (1992). Reconciliation: Mission and Ministry in a


Changing Social Order. Maryknoll, New York: Orbis Books.

———. (2006). The Ministry of Reconciliation: Spirituality and


Strategies. MaryKnoll, New York: Orbis Books.

Sphar, A. R., and A. A. Smith (2003). Helping Hurting People: A


Handbook on Reconciliation-Focused Counseling and Preaching.
Lanham, Maryland: University Press of America.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


131 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Stassen, G. H., and D. P. Gushee (2003). Kingdom Ethics:


Following Jesus in Contemporary Context. Downers Grove,
Illinois: InterVarsity Press.

Schlachter, C. (2013). Critical Conversations for Dummies.


Hoboken, New Jersey: John Wiley & Sons.

Scott, V. (2010). Conflict Resolution at Work for Dummies.


Hoboken, New Jersey: Wiley.

Sharp, G. (2012). Sharp’s Dictionary of Power and Struggle. New


York: Oxford University Press.

Shirlow, P. (2012). “A Prosperity of Thought in an Age of


Austerity: The Case of Ulster Loyalism.” In The Political
Quarterly, 83(2): 238–246.

Shirlow, P., and C. McGlynn. (2012). Abandoning Historical


Conflict? Manchester: Manchester University Press.

Stein, J., and P. Marantz. (1985). Peace-making in the Middle East.


Sydney: Australia Pty Ltd.

Stevens, S. (1992). Hopes and Fears. Toronto: University of


Toronto Press.

Sande, K. (2000). The Peacemaker: A Biblical Guide to Resolving


Personal Conflict. Grand Rapids: Baker Books.

Sande K. (2004). A biblical guide to resolving personal conflict.


Grand Rapids: Baker Books.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


132 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Schellenberg, J. A. (1996). Conflict Resolution: Theory, Research


and Practice. Albany: State University of New York Press.

Stanley M. Horton. (2000). Isaiah: A Logion Press Commentary.


Springfield, Mo.

Ursiny, T., and D. Bolz. (2006). Top Performer’s Guide to Conflict.


Naperville: Sourcebooks, Inc.

Vayrynen, R. (1991). “To Settle or To Transform? Perspectives on


the Resolution of National and International Conflicts.” In New
Directions in Conflict Theory: Conflict Resolution and Conflict
Transformation. Ed. R. Vayrynen. London: Sage. 1–25.

Volf, M. (2006). Free of Charge: Giving and Forgiving in a Culture


Stripped of Grace. Grand Rapids: Zondervan.

White, J., and K. Blue (1985). Healing the Wounded: The Costly
Love of Church Discipline. Downers Grove: InterVarsity Press.

’Winslade, J., and G. Monk (2000). Narrative Mediation: A New


Approach to Conflict Resolution. San Francisco: Jossey-Bass
Publishers.

Worthington, E. L. (2003). Forgiving and Reconciling: Bridges to


Wholeness and Hope. Downers Grove: InterVarsity Press.

Wright, C. (2004). Deuteronomy. Peabody: Hendrickson


Publishers Inc.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


133 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

Wisdom. (2015). Psychology Today. Retrieved from


PsychologyToday.com March 13, 2015.
(http://www.psychologytoday.com/basics/wisom).

Woodcock, A., and D. Davis. (1996). Analytic Approaches to the


Study of Future Conflict. Cornwallis Park: The Pearson
Peacekeeping Centre.

Yoder, J. H. (1985). “Binding and Loosing.” In Healing the


Wounded: The Costly Love of Church Discipline. Ed. J. White and
K. Blue. Downers Grove: InterVarsity Press. 211–234.

Yoder, J. H. (2001). Body Politics: Five Practices of the Christian


Community before the Watching World. Scottdale: Herald Press.

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


134 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

YAADA

Paaster Dr. Mezgebu Abdissa Tucho carraa Waaqayyoo Isaaf


kennen biyya keessa fi alatti tajaajiluudhaaf barachuudhaan
muxaanno guddaa nama qabudha. Muuxanno horate kanan kitaaba
kana qopheesse dhiyeesseera. Kitaabni kun sababoota Wal dhabdee
kaasaniif akkamitti akka furuuf gargaaran qabate waan jiruf yeroo
itti Wal dhabdeen maati, Waldaa, biyya keessa fi hawaasa giddutti
finiina jiruu kanatti barreefamee dhiyaachuun isaa karaa nagaatiin
Wal dhabdeedhaf furmaata kennudhan waliin nagaatti jirachu isa
Waaqayyo barbaadu agarsiisa. Kanaafuu kitaaba kanatti
fayyadama; namootni hunduu akka itti fayyadamanis taasiisaa.
Paaster Hambissa Tasissa
Barreessaa Ol'aanaa Gamtaa Waldootti Amantoota
Wangeelaa Naannoo Lixa Itoophiyaa
***************************************************

Kitaaba Paaster Dr. mezgebu Abdissa Tucho barreesse kana


dubbiseera. Kitaabni qajeelfama Wal dhabdee kara nagaatiin hiiku
irratti xiyyeffate kun dhimmoota ijoo baayyee barbaachisoo ta'an
irratti xiyyeefatee qophaayee kan dhiyaate dha. Seenaa isaas gadi
fageenyaan beeka. Bara mootummaan Dargii “Waaqayyo hin jiru”
jedhaa ture, inni ‘Jira’ jedhee waan lallabuuf si'a baayyee
hidhamuun nama gatii guddaa baaseedha. Rakkoo baayyee dabarse
irraa muuxannoo argateen Kitaabni inni barreesse kun jireenya
nama ofii miidhamee darbee inni biraan akka hin midhamne

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


135 GARGAARAN
CONFLICT RESOLUTION & PRINCIPLES OF CONFLICT TRANSFORMATON

gorsuuti waan ta'eef, Manni Barumsaa, Waldaan Kiristiyaanaa,


paasteroonni, tajaajiltoonniif amantoonni akkasumas namni hin
amanne hundi iyyuu yoo dubbisee maati isaa, iddo hojjetu,
hawaasa isaaf, biyya isaaf qaama rakkoo utuu hin ta'in qaama
furmaata akka ta'uuf gargaara. Kanaafuu kitaaba kana akka itti
fayyadamtan jechuun barbaada.

Paaster Solomon Benti


Miseensa Boordii WGWI, Dura Ta'a boordii GW Zooni G/G
Finfinnee fi Paasteri Waldaa Guutu Wangeelaa Gullalee
**************************************************

Wal dhabdeen rakkoo manaa fi alatti uumamuudha; Akkasumas


immoo dirree hoji hafuuraa keessattis ta’e isaan alatti wal dhabdeen
akka qilleensaa bakka hundumaatti kan argamuu danda’uudha.
Kunoo abbaan keenya hafuuraa fi Seenaa hojii Wangeelaa fi
Waldaa Kiristiyaanaa biyya Itoophiyaata’e biyyoota isaan keessatti
hojii Wangeelaa hojjetan keessatti seenaan yoom illee kan hin
daganne Pastor Dr. Mazgabuun Wal dhabee akka rakkoo qofatti
utuu hin taane akka riqicha ce’umsaatti itti fayyadamuun akka
danda’amu Kitaaba ogummaan guutee fi ayyaana Waaqayyoon
kuulame kana nuuf hiixataniiru. Dhalootni dhimma biyyaafis ta’e
dhimmoota Waldaa Kiristiyaanaaf ‘ANI FURTUUN TA’A!’ ofiin
jedhu kitaaba kanatti maayii haa ba’uun dhaamsa kooti.

TAARRAQAA ABARAA T. HORDOFAA


(L/W FI BARREESSAA)
***************************************************

WAL DHABDEE FURUU FI QAJEELFAMOOTA WAL DHABDEE FURUUF


136 GARGAARAN

You might also like