Professional Documents
Culture Documents
Misooma Qurxummii 2015
Misooma Qurxummii 2015
lageenii
1
Paakeejii kiyeessaa fi itti fayyadama Qurxummii laggeenii
Baafata
1. Seensa...................................................................................................................................................................1
2. Barbaachisummaa Paakeejichaa.......................................................................................................................2
3. Kaayyoo Paakejiichaa.........................................................................................................................................2
Faayidaa nyaata Qurxummii.................................................................................................................................3
4. Qabiinsa Omisha Qurxummii laggeenii............................................................................................................3
Qabiyyee Sirna Nyaata Qurxummii......................................................................................................................4
Qophii nyaata qurxummii......................................................................................................................................5
5. Galtee paakeejii……………………………………………………………………………………………6
6. Raabsa Paakeejii.................................................................................................................................................6
7. Hirmaattota Paakeejii.........................................................................................................................................6
8. Hojimaata teeknika paakeejii kiyyeessaa qurxummii laggeenii……………………………………………6
8.1 Teknika kiyyeessuu................................................................................................................................................7
8.1.1 Saaphana Ejjetaa.................................................................................................................................................7
8.1. 2 Saaphana darbatamaa.........................................................................................................................................7
8.1.3 Qonyee………………………………………………………………………………………………………7
9.Herreega baasummaa paakeejichaa...........................................................................................................……7
9.1 Yaadamoota...........................................................................................................................................................7
9.2.Tartiiba Baasii fi Galii...........................................................................................................................................8
9.3.Haala deebii liqii..................................................................................................................................................10
10. Gabaa...............................................................................................................................................................11
11. Tooftaa Raawwii..................................................................................................................................................11
11.1 Qorannoo fi Qu'annoo geggeesssuu...................................................................................................................11
11.3 Meeshalee ittiin barsiisaan qopheessuu.............................................................................................................12
11.4 Hojii qindoominaa cimsuu.................................................................................................................................12
12. Hordoffii fi gamagama.........................................................................................................................................12
13. Haala raawwii fi kanfaltii ..............................................................................................................................13
13.1 Haala Kanfaltii liqii………………………………………………………………………………………..13
14. Qabiinsa Ragaa……………………………………………………………………………………………..13
15. Gurmaa’inaa fi Bulchiinsa.............................................................................................................................13
16.Gabatee yeroo raaawwii paakejichaa.............................................................................................................13
17.Sodaa raawwii paakeejichaa...........................................................................................................................14
1. Seensa
Qurxummiin beeylada qaama qorraa ta'ee kan lafee dugdaa kan qabuu fi bishaan keessatti
kan ittiin arganu qaama giilii jedhamuun afuura baafatu fi galchu ,baallee ittiin socho'u
beeylada qabu dha.
Qabeenya qurxummii biyya keenyaa Kuufamni fi oomishtummaan isaa akka itti aanutti
ibsama.
Haroowwan ,hidhaalee,laggeen fi qaamolee bishaanii xixiqqoo akkasumas,qonna qurxummii
waggaatti toonii kuma 96 omishuun akka danda'amu qorannoowwan gara garaa ni-eeru.Kana
keessaa pooteenshaallii naannoo oromiyaa oomisha waggaatti toonii kuma 39,000 ture.
Oomishni qurxummii laggeenii yeroo ammaa waggaatti kan irra gahe toonii kuma 6300
kanaa olitt guddisuuf oomisha qurxummii lageenii irrattii xiyeeffannoon ni-taasifama.
2
Qurxummiin akkuma beeylada kamiyyuu foon,killee,lukkuu fi aannan nyaata
pirootiniimadaalawaa kan qabu yoo ta'u qabiyyee pirotinii isaa keessa barbaadamoo kan ta'an
amino asiidota fi ilma namaatiif baayy'e barbaachisoo kan ta'e omega-3 kan jedhamu
dhangala'oo coomaa asiidii of keessaa kanqabu dha.
Kana irraa kan ka'e,qurxummiin nyaata qaama ijaaru ta'ee dabalataan ijooleedhaaf sammuu
isanii qaroo kan taasisuu fi gaheessotaaf dandeettii waa yaadachuu ni-dabalaaf.
Dabalataanis, vaayitaaminoota fi albuudotan kan badhaadhe ta'uu isaatin qabiyyee nyaata
madaalamaa ta'e qabuun dhukkuba ittisuu fi amala qorichummaa waan qabuuf ilma namaaf
faayidaa ol'aanaa keennuu danda'uu isaatiin addunyaa irratti sadarkaa jalqabaatti nyaatawwan
barbaadaman keessaa tokko isaa taasisa.
Haftee qurxummii gara nyaataatti jijjiiruun cuucii qurxummiitiif,lukkuuf,beeyladaa biroofis
akka nyaataatti akkasumas, lafa xaaomsuuf ooluun faayidaa guddaa kenna.
Akka biyyaatti, yaa'a bishaanii gurguddoo shanitti kuufama qurxummii ol'anaa laggeen qaban
ni-argamu.
Kanneen keessaayis laggeen kan akka waabii shaballe, Gannaalee, Baaroo, Abbayyaa,
Awaashii fi Takkazee yaa'insoota hangafummaaan eeramaniidha.
Yaa'insoota kanneenitti laggeen hedduun argaman baay’een isaanii kuufama sanyii
qurxummii qaban haalaan kan adda bahe hin beekkamne ennaa ta'u laggeen baayye keessatti
hojiin oomishtummaa fi sirna dhiyeessii itti hin-galamne.
Sababoonni gurguddan hanqina meeshaalee kiyyeessaa,bu'uuraaleen misoomaa guutamuu
dhabuu,walitti hidhamiinsi gabaadhabamuu fi sirna nyaataa isa gabbachuu dhabamuun isaan
gurguddoodha.
Sababa kanaatiin, faayidaa diinagdee ol'aanaa sanyiiwwan qurxummii qaban gara sirna
oomishaa keessa waan hin galleef biyyattiin qabeenya qurxummii lageen keessaa osoo hin-
fayyadamiin turtee jirti.
Akka beekkamutti, lageen uumamaan argaman keessatti qabeenya qurxummii ol'aanaa qabaattus
oomishni qurxummii lageenii fayyadama hawaasa naannootiif kan murtaa'e yoo ta'u naannoo tokko
tokkotti gonkumaa faayidaa irraa argachaa hin-jiran.
Nyaatni qurxummii qabiyyee pirotinii olaanaa fi gosa pirotiniin, qabiyyee vaaytaaminii fi
albuudaan kan badhaadhee ta'uu isaatiin sirna nyaataatiif gumaacha olaanaa kan qabu dha.
Waan ta'eef, qabeenya kana caalatti faayidaa irra oolchuuf naannoo jiranitti ,godina,aanaa fi
gandoota baadiyyaa bal'aa qaxxamuranii waan dhangala'aniif paakeejii misooma qabeenya
qurxummii laggeen bocuun barbachisaa ta'ee jira.
3
2. Barbaachisummaa Paakeejichaa
Oromiyaan Lageen Uumamaan Kuufama Qabeenya Qurxummii Olaanaa qaban baay'ee qabdi.
Ta'us, Waggoottan darban Misoomni Qabeenyi Qurxummii kan irratti xiyyeeffate
Haroowwanii fi Hidhaalee gurguddoo irratti qofaa dha.
Laggeenii fi Qaama bishaanii kanneen biroo kuufama olaanaa qabeenya qurxummii akka
qaban tilmaamamuun ala sadarkaa itti fayyadamummaa fi tooftaa fayyadama isaa sirnaan
duukaa bu'amaa hin turre.
Laggeen irratti haalli Kiyeessaa fi teknolojii itti fayyadama oomishaa foon qurxummii
fayyadamuun oomishaa fi Oomishtummaa guddisuun Carraa Hojii Uumuudhaan galii
fayyadamtootaa fooyyessuun qabeenyi qurxummii faayidaa irra karaa ittiin oolu mijeessuufi.
Hawaasni nyaata qurxummii tarree nyaata isaa akkaa idileeffatuu, baratuu fi
fayyadamu taasisuun fedhii sirna nyaataa akka guutamuu fi akka sirrratuuf.
Akkasumas, Wabii nyaataa mirkaneessuu fi deeggarsa taasisuuf.
Paakeejiin kun qabeenya qurxummii uumamaa meeshaalee fi maloota kiyyeessaa
qurxummii boodatti afoo anbisuun meeshalee kiyyeessa teknolojii fooyyaa'oo
fayyadamuun oomisha qurxuumii guddisuu.
3. Kaayyoo Paakejiichaa
4
• Foon Qurxummii sammuuf barbaachisaa kan ta'e kan akka Omeega-3 kan fakkaatu
cooma ykn dibata of keessaa qabu dandeetti umuriin turuun waa yaadachuu dhabuu
hir'isuun ni ittisa.Qurxummiin dhukkuba laphee fi tasa dhaabbachuu rukuttaa ni ittisa.
• Yeroo ulfaa fi dhala booda qurxummii yoo sooratan daa'imman dhalataniif guddina
sammuu fi ijaatiif baay'ee gaarii yoo ta'u sirna nyaata madaalamaa haadholiin
argachuun dabalataan fayyaan isaanii ni-eegama.
• Qurxummiin dhukkuba mukaa'inaa irraa nu baraar akkasumas, sirna narvii ni
jajjabeessa ni sirreessa.
• Qurxummiin madda vaaytaamina D ol'aanaa ti.Qurxummii nyaachuun jajjabina
lafeetiif,fayyummaa rifeensaa fi qeensaaf ni fayyada.
• Ta'us elementiin akka meerkurii baay'inaan sanyiiwwan qurxummii keessatti argamu
soorachuun sababa faalamu bishaanii irraa of-eeguun barbaachisaadha.
4. Qabiinsa Oomisha Qurxummii lageenii
Lageen adda addaa keessaa oomisha qurxummii oomishamu hir'ina qabiinsa oomisha
boodaatini. oomishni qurxummii baay'ina qabu badii fi manca'iinsaaf saaxilamuun bu'aan-ala
akka hin-taane fi akkasumas, dabalataan sababa mancaatii hir'ina qulqullinaatiin omishni
qurxummii gabaaf akka hin-dhiyaanne fi fayyaan hawaasaa kan miidhamu akka hin-taane
oomishnis bu'aa irra otoo hin oolin akka hin mancaane qabiinsa irratti of-eeggannoo oomisha
boodaa taasifamu qaba.
Qurxummii laggeen irraa oomishame battalatti iddo qorraa kaa’uufi qabiinsa qulqulluummaa
isaa eeggameen badii fi faalama irraa dhorkuun ni-danda'ama.Dabalataan qorxummiin akka
kiyyeeffamee fi bishaan keessaa baheen gabaatti kan hin-dhiyaanne fi battalatti faayidaa irra
kan hin oolle yoo ta'e mi'a garaa isaa baasuun bakka lamatti baqaqsuun qurxummii duudaa
guutu isaa gogsuu fi foon isaa lafee irraa adda baasuun jaji'uun bifa qoonxaatiin gogsuun
hanqina fi badii yeroo turtii isaa dheeressuu ni-danda'ama.
5
• Vaayitamina
• Kaarboo haayidireetii
• Foon Qurxummii Harka 60-80% Bishaan, Harka15-24% Pirotinii fi Cooma harka
0.1-24% qabaachuu danda'a. Albuudota Harka1-2% foon qurxummii keessatti argama.
Foon qurxummii keessatti kuufamni Kaarboo hayidreetii sadarkaa gad aanarratti
argama.
• Bishaan፡- Olitti akka ibsametti, bishaan olaantummaan ulfaatina qurxummii keessaa
harka 60-80% foon qurxummii keessatti argama.Foon qurxummii Ho'aa keessatti
pirootinii foonii of keessatti qabatee argama.
• Pirotinii፡- hangi pirotinii walii gala giddu galeessaan harka 15 -24% yoo ta'ees
darbee darbee hanga dhibbeentaa 28% haalli itti ga'u ni jiraata.
• Cooma፡- Coomni qurxummii baay'inaan bifa dhangala'aa /zayitii waan qabatuuf ilma
namaaf baay'ee barbaachisoo ta'an Faattii Asiidota of keessatti ni qabaata.
Kuufamni cooma qurxummii yeroo yeroon jijjiiramuu ni danda'a.
Yeroo wal hormaata qurxummii nyaatni gahaan yeroo hin jirretti naannnoon yeroo hin
mijannetti fi kkf Kuufamni cooma qurxummii foon qurxummii keessa jiru garaagaru
mmaa qaba.
• Kaarboo haayidreetii፡-Kuufamni Kaarboo haayidireetii baay'ee xiqqaa ta'ee fi
lakkoofsa keessa kan hin galleeedha.
• Baay'inaan 1 gadidha.
• Kanaafuu,foon qurxummii keessatti hangi kaarbohidiretii baay'ee gad-anaa kan
qabudha.
• Albuudota:- Foon qurxummii keessatti albuudonni gurguddoon argaman
pootasiyemii,Foosfarasii,naayitirojinii,soodiyemii,kaalsiyemii,maagniziyemii,Ayirenii,
kooparii,warqii,siilverii,Ayodinii, (K, P, N, S, Na, Ca, Mg, Fe, Cu, Au, Ag fi I) kkf
dha.
• Vaayitaaminoota:- Foon qurxummii keessatti baay'inni gosa vaayitaaminii ni-argamu.
Fakkeenyaaf,vaayitaamina A,D,E fi k (A, D, E fi K, ) Akkasumas, vaayitaamina
B1,B2,B6,B12 fi C (B1, B2, B6, B12, C) Foliik asiidii fi niasinii fi kkf. Dha.
6
qurxummii qabu
1 Bishaan 60-80
2 Pirootinii 15-24
3 Cooma 0.1-24
4 Vaayitaaminii Gosti vaayitaminii garagaraa
qabiyyee adda addaa qaba.
5 Albuuda 1-2
6 Kaarbohidireetii <1
Qurxummiin bishaan keessaa erga baatee irra jalqabee qabiinsa gaariin yoo hin-taasifamneef
carraan dafee manca'uu/baduu/danda'uu isaa ol'aanaa dha. Oomisha qurxummii iddoo ifni
aduu hin-argamnetti fi bakka qulqullini isaa eeggametti ol'kaahuun qulqullina omisha
qurxummii eeguuf ni-gargaara. Oomisha boodaa qurxummii bakka qorraa ol kaa'uu fi
qulqullina isaa eeggamee qabuun faalama /manca'iinsa/irraa oolchuun/ittisuun ni-danda'ama.
Oomisha qurxummii haala gaariin yoo hin-qabne foon qurxummii irratti baakteriyaan
dkukkuba fiduu danda'an /lubbu qabeeyyi xixiqqaan akka irratti wal horan haala mijaawaan
waan uumamuuf hawaasa nyaatichatti fayyadamu irratti dhukkuba fiduu ni-danda'a.
5. Galteewwan Paakeejii
7
Qurxummii lagaa kiyyeessuun qaamoolee bishaanii gurguddoo birootin gargar waan ta'eef
akka jalqabbii hojiitti xiyyeeffannoon itti kennamuun galteewwan itti aanan fayyadamuun ni-
barbaachisu.
Saaphana Ejjataa
Saaphana darbatamaa
Qonyee
Sanduuqa qurxummii
Albee/haaduu
Funyoo naayilenii
6. Raabsa Paakeejii
Paakeejiin kun bakka hojii irra itti oolu naannoo kuufamni qabeenya qurxummii
jirutti naannolee hundatti laggeen argaman irratti ta'a
7. Hirmaattota Paakeejii
8
8.1. 2 Saaphana darbatamaa
8.1.3 Qonyee
Hojiin kiyyyeessii amala gareen hojjachuu kan qabu waan ta'eef gareedhaan gurmaa'uu
gaafata. Waan ta'eef,qabiyyeewwan paakeejii keessatti yaadamootni itti aanan taa'aniiru.
9.1 Yaadamoota
Saaphanni ejjataan tokko dheerina meetira 20 yoo qabaatu marsaa kiyyeessa tokkotti
guyyaatti qurxummii K.G. 3 ni-qabata.
Gareen saaphana darbatamaa 6 yoo qabaatan, saaphana darbatamaan tokko
guyyaattin k.g.3 qabata.
Naqaan tarree tokko qonyee 50 yoo qabaatu gareen tokko naqaa qonyee tarree 5
ykn., qonyee 250 qabaatee tokkoon isaa guyyaatti k.g.3 qaba.
Bara
L Ba Salvega tajjaj
a Safart ay'i Gatii G/walii ge ila Hir'ifama
k Gosa Hojii uu naa tokkoo galaa v(20%) isaa tajaajilaa
Baasii
A
/ Qabeenya Dhaabbataa
Saaphana ejjetaa abbaa 12 36,0 6 23,6
1 meetira 25 Lakk 3,000 00 00 1.5 00.0
Lakk 6 6,0 2 1,9
2 Saaphana Darbatamaa 1,000 00 00 3.0 33.3
Qonyee (Miseensi tokko Lakk 300 150,0 1 149,9
3 Qonyee 50 ) 500 00 00 1.0 00.0
Lakk 1 1,5 3 2
4 Madaaltuu abbaa k.g 50 1,500 00 00 5.0 40.0
Lakk 6 6 1
5 Albee 100 00 20 3.0 93.3
Lakk 1 12,0 2,4 9
6 Bidiruu salphaa lagaa 12,000 00 00 10.0 60.0
Lilmoo saaphana ittiin Lakk 5 5
7 suphaan 100 00 20 5.0 96.0
Saanduqa qurxummiin Lakk 3 9 1
8 keessa taa'u 300 00 60 5.0 68.0
Lakk 2 3 2
9 Baaldii laastikii 150 00 30 1.5 70.0
207,80
Ida'ama 0 177,361
B
/ Meeshaa dhumataa
Funyoo saaphaana ittiin
suphan (0.2K.g/saaphana
hundaa) K/G 2 500 1,200 - -
Ida'ama 1,200 -
Ida'ama walii gala 209,000
Hanga Fedhii liqii walii
galaa (harka 5 ¯Sƒ
qoodama) 209,000
34,833.3
Ga'ee miseensa tokkoo 3
10
k 1 ffaa 2ffaa 3ffaa 4ffaa 5ffaa
1
Oomisha qurxummii
guutuu
Saaphana ejjetaa abbaa 25 K/G 6,048 6,048 6,048 6,048 6,048
meetira 2 k/g/ጥ kiyyoo
guyyaa 24 baatii 6
Saaphana darbatamaa K/G 5,040 5,040 5,040 5,040 5,040
(በ Guyyaatti 3 K/G)
Guyyaa 24 ji'aa6 ,
Guyyoota 24
Qonyee tarraa'e, (Guyyaatti 3,024 3,024 3,024 3,024 3,024
2 k/g 24 Guyyaa ji'a 6tti K/G
guyyaa24
Ida'ama 14,112 14,112 14,112 14,112 14,112
2
Gatii Giddugaleessaa /K.g
Qurxummii Duudaa(50%) 7,056 7,056 7,056 7,056 7,056
qar/K.g
Gatii Filleettoo
g/Galeessaan 250 250 250 300 300
11
Bidiruu salphaa kan Qar 12,000 - - - 12,000
6 lagaa
Lilmoo saaphana ittiin Qar 500 - - - 500
7 suphan
Saanduqa qurxummii Qar 900 - - - 900
8 keessa kaayyatan
9 Baaldii Laastikii Qar 300 - - - 300
Ida'ama 207,800 - - - 207,800
- - - - -
b/ Meeshalee dhumataa
Funyoo ittiin saaphana 1,200 1,200 1,200 1,200 1,200 1,200
suphaan (0.5K.G
Saaphana guutuuBakka
bu'aa qonyee Qar
Ida'ama 1,200 1,200 1,200 1,200 1,200 1,200
Dhala liqii fi kanfaltii 79,420 71,896 64,372 56,848 49,324 79,420
haadhoo kan waggaa
Baasii hir'ifama 177,361 177,361 177,361 177,361 177,361 177,361
tajaajilaa
Ida'aama baasii walii 386,361 178,561 178,561 178,561 178,561 386,361
gala
Bu'aa qulqulluu waggaa 952,240 1,163,0 1,339,4 1,339,4 1,339,4 952,240
c/ kan garee ( ji'a 11 ) 40 40 40 40
Galii waggaa miseensa 158,706.6 193,840 223,240 223,240 223,240 158,706.6
tokkoo 7 7
Galii ji'aa miseensa 13,226 16,153 18,603 18,603 18,603 13,226
tokkoo
Liqii waggaa
haadho Kaffaltii Kanfaltii
Waggaa Liqii waggaa nirraa hafe dhalaa waggaa
1 42,400.00 169,600 38,160.00 80,560
2 42,400.00 127,200 30,528 72,928
3 42,400.00 84,800 22,896 65,296
4 42,400.00 42,400 15,264 57,664
5 42,400.00 - 7,632 50,032
Ida'ama 212,000 424,000 114,480 326,480
10. Gabaa
Oomisha qurxummii ho'aatti gurguruuf kan dandeessisu haalli gabaa akka mijaa'uu tattaffiin
ni taasifama.
12
Bakka hin danda'amnetti immoo foon paakeejiin qurxummii gogsuu hojiirra oolchuun
gurguruun ni danda'ama.
Paakeejiin qurxummii kun kan raawwatamu kuufamni qabeenya qurxummii laggeen keessatti
argamu waan ta'eef hojiin eksteeshinii isaa babal'isuu fi jajjaabeessuun haalli gabaa fi aadaan
nyaataa akka gabbatu ni taasifama.
Laggeen bakka argamanitti naannoo baadiyyaa waan ta'eef qophiin nyaata qurxummii,Haala
nyaata irratti aadaa naannichaa waliin firoomsuun qorannoon akka deeggaramu ni taasifama.
Naannoo baadiyyaa biyyatti baay'etti haalli aadaa nyaataa qurxummii baay'inaan hin
baratamne.
Waan ta'eefis, hawaasichi qurxummii akkuma gosa nyaata kanneen biroo tarree gosa nyaataa
walqixa akka laaluu fi fayyadamu haala kiyeessa qurxummii laggeenii faayidaa nyaata
13
qurxummii fi sirna nyaataa irratti hojiin hubannoo uumuu bal'inaan akka hojjetamu ni
taasifama.
Rakkooleen misoomaa qabatamaan jiran addaa bahanii qorannoof akka dhiyaataan dirree
irratti bu'aawwaan teknolojii argaman akka xiinxalaman, akka gurmaa'aanii fi
fayyadamtootaaf akka dhiyaataan, ciminni isaan qabanii fi hanqinni isaanii gamagamamee
adeemsa keessa akka fooyya'u ni taasifama.
Waggaatti yeroo tokko giddugaleessaan qaama dhimmi ilaallatu naannolee fi qaamta biroo
waliin ta'uun bu'aan raawwii, rakkooleen qunnaman akka adda bahanii fi yaada furmaataa
murtoof akka dhiyaatan taasisuun yeroo hayyamamanis hojii irra akka oolan ni-taasifama.
14
uwwisuuf kan isaan rakkisu ta'uu danda'a waan ta'eef, barbaachisummaan liqii waan wal
nama gaafachiisu miti.
Liqiin baankii daldala itoophiyaa, baankii misoomaa,dhaabbilee liqii maaykiroo xixxiqqaa
dhaabbilee tola ooltota adda irraa argamu danda'a.Liqiin qaama kamirraayyuu argamu
immaammata dhaabbaticha liqiin kennuun kan murtaa'uu ta'a
13.1 Haala Kanfaltii liqii
Kafaltiin liqii waliin walqabatee seera karaa liqeeffataa fi ulaagaa isaa irratti hundaa'edha.
Maqaa lagichaa fi bakka itti argamu ,Qaamni bishaanichaa hanga iddoo uwwisu,waggaattii
oomisha qurxummii argamu fi akaakuu qurxuummii oomishamu oggeessa wajjin ,oomisha
qurxummii oomishamee fi fayyadama sirna nyaata maatiitiif gumaacha kan taasise hanga
oomisha qurxummii,meeshaa kiyeessa qurxummii hojiirra oole baay'inaa fi gosa isaa guyyaa
fi yeroo kiyeessaa baay'ina kiyyeessitoota hirmaatanii fi gatii qurxummiiti.
15
Paakeejicha raawwaachuuf rakkoleen itti aanaan quunnamuu danda'u;-
Meeshaaleen kiyyeessaa gabaa biyya keesatti waan hin argamnee fi hojiin isaa
kaappitaala ol-aannaa kan gaafatu ta'uu isaatiin liqii haala salphaan argachuun
rakkisaa ta'uu danda'a.
Haala jijjirama qilleensaa waliin wal qabatee hangi baay'ina bishaan laggeenii
hir'achuu fi dabaluu, akkasumas faalamni bishaanii dhangala'oo industirii fi
keemikaaloota qonnaa,yeroo quunnamu kuufama oomisha qurxummii irratti dhiibbaa
geessisa.
Hanqina ogeesaa raawwachiisuu,akkasumas hanqina dandeettii fi beekumsa wajjin
walqabatee qaawwii qabiinsi ragaa irratti mu'achuu danda'a.
Laggeen guutinsa bishaanii hin eegamneen yeroo hojii oomishaa faallessuu fi hojii
dhaabsisuu ni danda'a.
Itti fayyadama bishaanii dhaabbataa ta'eef, qajeelfamaa fi danbiin waan hin jirreef
hir'ina misooma qabeenya qurxummiitiif sababa ta'a.
Biyya keenya keessatti qaama bishaanii garaa garaa irratti babal'achuun haramaa
imboocii/aramaa biyya birootii galeen madaalliin qilleensa uumamaa dhabsiisuun
qabeenya qurxummii irratti dhiibbaa faallaa geessisa.
Qaamolee bishaanii gurguddoon irratti hojii qonnaaf daangaa malee jallisii
fayyadamuun bishaanii fi hanga qaama bishaanii ni hir'isa.
Qabiyyee Gabatee
Baafata
16
1 Seensa................................................................................................................................................1
17
Paakeejii kiyyeessa fi itti fayyadama Qurxummii hidhaalee
18
1. Seensa
Qurxummiin beeylada qaama qorraa ta'ee lafee dugdaa kan qabuu fi bishaan keessatti kan ittiin arganu
qaama giilii jedhamuun afuura baafatu fi galchu ,baallee ittiin socho'u beeylada qabu dha.
Kuufaamnii fi oomishtuummaan qabeenya qurxummii biyya keenyaa haala itti aanuun ibsama;-
Haroowwaan, Laggeen,Hidhaalee fi Qaamolee bishaanii xixiqqoo, akkasumas qonni qurxummii waggaatti
toonii kuma 96 oomishuun akka danda'amu qorannoowwan garaa garaa ni ibsu. Kaayyoo garaa garaaf
hidhaaaleen 8 ol ijaaramanii qurxummii akka keessatti oomishamu humna jabeessuun galtee barbaachisaan
ni guutamaafi.
Gaheen oomisha qurxummii hidhaalee toonii 11,900 akka qaqqabu taasifamaa jiru keessaa naannoon
keenyaa toonii 2951 oomishuun ni danda’ama. Qurxummiin akkuma beeylada kamiyyuu foon,killee,lukkuu
fi aannan nyaata pirootinii madaalawaa kan qabu yoo ta'u qabiyyee pirotinii isaa keessa barbaadamoo kan
ta'an aminoo asiidotaa fi ilma namaatiif baayy'e barbaachisoo kan ta'e omega-3 kan jedhamu dhangala'oo
coomaa asiidii of keessaa kanqabu dha.
Kana irraa kan ka'e,qurxummiin nyaata qaama ijaaru ta'ee dabalataan ijoolleedhaaf sammuu isaanii qaroo
kan taasisuu fi gaheessotaaf dandeettii waa yaadachuu ni-dabalaaf. Dabataanis, vaayitaaminoota fi
albuudotan kan badhaadhe ta'uu isaatin qabiyyee nyaata madaalamaa ta'e qabuun dhukkuba ittisuu fi amala
qorichummaa waan qabuuf ilma namaaf faayidaa ol'aanaa kennuu danda'uu isaatiin addunyaa irratti sadarkaa
jalqabaatti nyaatawwaan barbaadaman keessaa tokko isaa taasisa. Haftee qurxummii gara nyaataatti jijjiiruun
cuucii qurxummiitiif,lukkuuf,beeyladaa biroofis akka nyaataatti akkasumas, lafa xaa’oomsuuf ooluun
faayidaa guddaa kenna.
Akka biyyaatti, yaa'a bishaanii gurguddoo shanitti kuufama qurxummii ol'anaa laggeen qaban ni-argamu.
Kanneen keessaayis lageen kan akka waabii shaballe,Gannaalee,Baaroo,Abbayyaa,Awaashii fi Takkazee
yaa'insoota hangafummaaan eeramaniidha. Yaa'insoota kanneenitti laggeen hedduun argaman baay’een
isaanii kuufama sanyii qurxummii qaban haalaan kan adda bahee hin beekkamne ennaa ta'u laggeen baa’yee
keessatti hojiin oomishtummaa fi sirna dhiyeessii itti hin-galamne.
Kana waan ta’eef hidhaalee kanneen kaayyoo ijaaramaniifiin alatti qabeenyi bishaanii caalmaatti hojiirraa
akka ooluu gama mootummaatiin hojiiwwaan misooma qabeenya qurxummii akka babal'atuu fi oomishni
qurxummii fooyyaa'aa ta'e hawaasa naannichaatiif gummacha carraa hojii fi rakkoo hawaas- diinagdee
salphisuu keessatti gahee isaa akka taphatu taasisuu dha.
1
Hanga ammaa kan ijaaramanii fi hojiirraa oolaa kan jiran hidhaalleen sirna kiyyeessa guutuu ta'e uumaamuu
baatuus kiyyeessitoonni qurxummii hedduun oomisha qurxummii ol-aanaa ta'e oomishuun nyaata ofiif
oolchuu fi dabalataan fedhii sirna nyaataa hawaasa naannichaa guutuu irratti gumaachaa ol-aanaa taasisuu
irratti argamu.
Akka fakkeenyatti kan Takazee,Galgal Gibeee,Malkaa Waakkannaa,Fincaa'aa, Hidha humna madda Amartii
kiyeessa qurxuumiin hawaasa naannichaatiif madda galii fi carraa hojii uumaa jiru.
Waan ta'eef hidhaaleen qabeenya qurxummii caalaatti faayidaarra oolchuu fi dabalataan kiyyeessittootaaf
carraa hojii uumuu fi naannoo baadiyyaatti dhiyeessi oomisha qurxummii fi nyaataa akka fooyya'uu
paakeejiin misooma qurxummii hidhaalee bocuun barbaachisaa ta'ee jira.
2. Barbaachisummaa paakeejichaa
Kuufamni qabeenya qurxummii ol-aanaa ta'ee hidhaaleen qaban waggoottan darban sochiin misooma
qabeenya qurxummii kan irratti xiyyeeffatame ta'us fageenya bu'uuralee misoomaa irraa kan ka'ee hanga
tajaajila irraa eegamu kennaa hinjiran.
Qurxummiin dhukkuba onnee fi dhukkuba dhahannaa laphee akka tasaa nu muudatu ni ittisa.
Yeroo ulfaa fi dhala booda qurxummii yoo sooratan guddina sammuu fi ija daa'imman
dhalatannif baay'ee gaarii yoo ta'u sirna nyaataa walmadaalaa haadhooliitiifis ta'uun
dabalaataanis fayyaa isaanii eegsisa.
Qurxummiin dhukkuba mukaa'uu ni ittisa,akkasumas sirna narvii ni daddammaqasaan ni
sirreessa.
Qurxummiin madda vaayitamina D ol’aanaan keessaa argamuu dha.
Qurxummii nyaachuun jabina lafee ilkaaniif, rifeensa fi fayyummaa qeensaaf ni fayyada.
• Ta'us elementiin akka meerkurii baay'inaan sanyiiwwaan qurxummii keessatti argamu
soorachuun sababa faalamu bishaanii irraa of-eeguun barbaachisaadha.
5. Qabiinsa oomisha qurxummii hidhaalee irraa oomishaman
Hidhaalee adda addaa irraa oomisha qurxummii oomishamu keessaa hir'ina qabinsa oomisha boodaa
oomishni baay'ina qabu manca'ee badiif saaxilamuun Kisaaraa akka hin geessifne akkasumas,dabalataan
sababa qulqullina dhabuun oomishni qurxummii gabaaf akka hin dhiyaannee fi fayyaa hawaasaa kan
jeequ akka hin taanee,oomishichis faayidaan ala ta'ee akka hin qisaasa'amne oomisha qabiinsa
qurxummii oomisha boodaa irratti of eeggannoo barbaachisaan taasifamuu qaba.
Qurxummiin bishaan keessaa erga ba'ee kaasee qabiinsi sirriin yoo hin taasifneef carraa guddaa dafee
mancaa'uu kan qabuudha.
Oomisha iddoo ifni aduu hin jirree fi bakka qabbaanaa'aa fi qulqullinni isaa eegame olkaa'uun qulqullina
oomisha qurxummii eeguu fi badiirraa ittisuuf ni gargaara.
3
Kanaan dabalaatee, qurxummii oomisha boodaa osoo hin mancaane yeroo turmaata isaa dheereessuun
filleettoo/foon lafeeraa gargar baasuun qaqallisanii muruun gogsuu, akkasumas qurxummicha karaa
dugda isaa bakka lamatti baasuun mi'a garaa baasuun soogiddaa fi ykn soogidda malee gogsuun oomisha
qurxummii yeroo turtii isaa dheeressuun eeguun ni danda'ama.
Naannichatti ibsaan yoo jiraatee fi Firiijiin/Meeshaan qorrisisaa mi'a garaa baasuunii fi barbaachisaa
taananis Filleettoo /foon ho'aa firiijii keessa olkaa'uun qabbaneesssuun fayyadamuufis ta'ee gabaatti
dhiyeessuun ni danda'ama.
Foon Qurxummii walii galatti Qabiyyee dhangaa itti aanaan of keessatti qabata;-
Bishaan
Pirotinii
Cooma
Albuuda
Vaayitamina
Kaarboo haayidreetii
Foon qurxummii bishaan harka60-80%, Harka 15-24% Pirotinii fi Cooma harka 0.1-24%
qabachuu danda'a.
Albuuda harka 1-2% Foon qurxummii keessatti argama. Foon qurxummii keessatti Kuufamni
kaarboo hayidreetii sadarkaa baay'ee gad aanaatu argama.
• Bishaan፡- Olitti akka ibsametti, bishaan olaantummaan ulfaatina qurxummii keessaa harka 60-
80% foon qurxummii keessatti argama.Foon qurxummii Ho'aa keessatti pirootinii foonii of
keessatti qabatee argama.
• Pirotinii፡- hangi pirotinii walii gala giddu galeessaan harka 15 -24% yoo ta'ees darbee darbee
hanga dhibbeentaa 28% haalli itti ga'u ni jiraata.
• Cooma፡- Coomni qurxummii baay'inaan bifa dhangala'aa /zayitii waan qabatuuf ilma namaaf
baay'ee barbaachisoo ta'an Faattii Asiidota of keessatti ni qabaata.
Kuufamni cooma qurxummii yeroo yeroon jijjiiramuu ni danda'a.
Yeroo wal hormaata qurxummii nyaatni gahaan yeroo hin jirretti naannnoon yeroo hin mijannetti
fi kkf Kuufamni cooma qurxummii foon qurxummii keessa jiru garaagaru mmaa qaba.
• Kaarboo haayidreetii፡-Kuufamni Kaarboo haayidireetii baay'ee xiqqaa ta'ee fi lakkoofsa keessa
kan hin galleeedha.
• Baay'inaan 1 gadidha.
• Kanaafuu,foon qurxummii keessatti hangi kaarbohidiretii baay'ee gad-anaa kan qabudha.
• Albuudota:- Foon qurxummii keessatti albuudonni gurguddoon argaman
pootasiyemii,Foosfarasii,naayitirojinii,soodiyemii,kaalsiyemii,maagniziyemii,Ayirenii,kooparii,w
arqii,siilverii,Ayodinii, (K, P, N, S, Na, Ca, Mg, Fe, Cu, Au, Ag fi I) kkf dha.
• Vaayitaaminoota:- Foon qurxummii keessatti baay'inni gosa vaayitaaminii ni-argamu.
Fakkeenyaaf,vaayitaamina A,D,E fi k (A, D, E fi K, ) Akkasumas, vaayitaamina B1,B2,B6,B12 fi
C (B1, B2, B6, B12, C) Foliik asiidii fi niasinii fi kkf. Dha.
Gabatee1;- Qabiyyee foon qurxummii
Qurxummiin bishaan keessaa erga baatee irra jalqabee qabiinsa gaariin yoo hin-taasifamneef carraan
dafee manca'uu/baduu/danda'uu isaa ol'aanaa dha. Oomisha qurxummii iddoo ifni aduu hin-argamnetti
fi bakka qulqullini isaa eeggametti olkaa’uun qulqullina oomisha qurxummii eeguuf ni-gargaara.
Oomisha boodaa qurxummii bakka qorraa ol kaa'uu fi qulqullina isaa eeggamee qabuun faalam
/manca'iinsa/irraa oolchuun/ittisuun ni-danda'ama. Oomisha qurxummii haala gaariin yoo hin-qabne
foon qurxummii irratti baakteriyaan dhukkuba fiduu danda'an /lubbu qabeeyyi xixiqqaan akka irratti wal
horan haala mijaawaa waan uumamuuf hawaasa nyaatichatti fayyadamu irratti dhukkuba fiduu ni-
danda'a.Foon qurxummii osoo hin bilcheesiin nyaachuun hin gorfamu.
9 .Galtee paakeejii
Kiyyeessi qurxuummii hidhaalee qaama bishaanii gurguddoo biro waliin walfakkeenya
qabaatuus akka hojiii jalqabaatti xiyeeffannoon kennameefii galteewwaan itti aanaan
dhiyeessuu barbaachisa.
Saaphana Ejjataa
Saapha darbatamaa
Qonyee
Sanduuqa qurxummii
Albee/haaduu
Funyoo naayilenii
Bidiruu kiyeessaa
Madaaltuu
Paakeejichi naannoon hojjiirra itti oolu hidhaalee qabeenya qurxummii bal'aan bakka argamutti dha.
Tajaajila jallisiif,madda humna ibsaa burqisiisuu fi dhiyeessii bishaan dhugaatiif jedhamanii hojjetaman
biyyattii keessatti iddoo baay'eetti hidhaalee xixiqqaa fi gurguddaan akkasumas, qaamota bishaanii
uumamaan jiran kan hammatuu dha.
Qaamonni bishaanii kun dursee kan qurxummiin itti naqame ykn uumamaan kan qaban itti fufiinsaan
hidhaalee hojjirra jiran ni dabalata.
Gareedhaan gurmaa'uun kan socha'an kiyyeessitoonni qurxummii hojirratti hirmaachuuf kan fedhii
qaban qonnaa fi horsiisee bulaan gurma'anii hirmaachuu ni danda'u.Paakeejichi oomishuu qofaan osoo
hin daangaa'in qabiinsa oomisha boodaa irrattis kan hundaa'ee ta'a.
12. Hojimaata teeknika paakeejii kiyyeessaa qurxummii Hidhaalee
Qabiyyeen Paakeejii kiyyeesa qurxummii hidhaalee miseensa 6 kan qabu yoo ta'u gareen tokko bidiruu
mukaa 2 abbaa 100 meetira,saaphana ejjetaa 12 fayyadamuun kan kiyyeessaanii dha.
• Saaphana ejjataa qarqara qaama bishaan dhaabbate qarqaratti baasuun aduun gogsuun
saphanicha suphuun hojii kiyyeessa itti aanuuf qopheessuu.
14 .1 Yaadamoota
Ida'ama 3,400 -
Baasii hojii adeemsfituu
c/
Baasii humna ibsaaf
16 maraa 1 - -
Kanfaltii ibsaa ji'aan
17 Ji'a 12 250 3,000 -
Geejjibsiisuuf ji'atti yeroo 5
18 deddeebiif 5 300 1,500 -
K/G
3 Oomisha qurxummii filleettoo (30%) 3840 3840 3840 3840 3840
16. Gabaa
Oomishini qurxmmii duudaa ho'aa oomishame hanga saffisa danda'ameen gara gabaatti akka dhiyaatu
taasifama. Kuni naannoo hin danda'amnetti haala olitti ibsameen oomishni miini garaa ba'ee bifa
filleettootiin qohaaa'ee paakeejii kana keessatti ol-aantuummaan hojiirra ni oola. Akka tasaa haalli gabaa
yoo mijachuu baate oomisha qindaa'e diippii firiijii keeessa akka turu taasifama.
Bu’uuraleen misoomaa mijaa'ina gabaa aarifachiisan jechuunis kan akka daandii fi tajaajila ibsaa karaa
mootummaan akka mijaa'aan taasifama.
Hidhaalee irratti qurxummii oomishuu fi itti fayyadamasaa guddisuuf haala itti aanuun tooftaa raawwii
paakeejii hojiirra ni oolu.
Paakeejii qurxummii hidhaalee keessatti omishuuf dhiyaate haaraa waan ta'eef qabiyyee fi ittii
fayyadama akkasumas bu'aa argamsiise beeksisuu, leenjisuu, hojjetanii agarsiisuu, miidiyaa quunnamtiin
fayyadamtootaaf hubannoon akka qaqqabuu fi beekumsa horatan ni taasifama.
Paakeejicha guutumaan guututti hojiirra oolchanii kiyyeessitootni bu'aa argatan muuxannoo argame
isaan biraa argame qindeessuun gara iddoo biraatti babal'atu ni taasifama.
Dabalataanis kiyyeessitoonni waa'ee qurxummmii kiyeessuu beekumsa hin qabne leenjii gochaan
agarsiisuu akka argatan ni taasifama.
Bakkeewwan baadiyyaa biyyatti baay'etti aadaan nyaata qurxummii baay'ee hin baratamne waan ta'eef
hawaasni qurxummii akkuma nyaata gosa biraa akka tarree nyaata isaa idileetti akka ilaaluu fi nyaataaf
fayyadamu waa'ee kiyeessa qurxummii laggeenii sirna nyaataa fi faayidaa nyaata qurxummii irratti
hojiiin hubannoo kennuu bal'inaan akka hojjetamu ni taasifama.
Nyaata qurxummii fi faayidaa isaa dhaqqabamaa taasisuu fi babal'isuuf, beeksisuuf, torban qurxummii
moggaasuun qaamonni hawaasaa garagaraa barattoonni, dargaggoonni fi dubartoonni qophii nyaataa
irratti hoteelonnii fi Reestoraantoonni akka hirmaatan taasisuuf nyaata qurxummii dhandhamuun akka
geggeeffamu ni taasifama.
17.3. Meeshalee barnootaa Qopheessuuu
Kiyyeessa qurxummii hidhaalee, Qabiinsa oomisha qurxummii boodaa,qophii nyaata qurxummmii fi
waa'ee faayidaa sirna nyaata qurxummii kan ibsan raawwii paakejichaa poosteeroorata
gargaaraan,barreeffama xixiqqaa, fiilmota viidiyoo fi maannu’aaloonni qophaa'uun qaama
raawwachiisuuf ni dhiyaata.
17.4 Hojimaata qindoominaa cimsuu
Qorannoon, qopheessaa paakeejichaa fi qaama raawwachiisu gidduutti walitti dhufeenyi cimaan akka
jiraatu ni taasifama.
Rakkooleen misoomaa qabatamaan adda bahan qorannoof akka dhiyaataan,bu'aan teknolojii hojicharratti
sassaabamee akka xiinxalamuu fi akka gurmaa'ee fayyadamtootaaf dhiyaatu bu'aan isaanii fi dadhabbiin
isaanii gamagamamee adeemsaan akka fooyyaa'u ni taasifama.
18 .Hordoffii fi gamagama
Qaama raawwachiistuu paakejichaatin hordoffii fi gamaaggamni raawwachuun gabaasni ji'aa akka
dhiyaatu, akkasumas haaluma barbaachisaa ta'ee argameen tarkaanfiin akka fudhatamu ni-taasifama.
Waggaatti yeroo tokko giddu galeessaan qaama dhimmi ilaallatu naannolee fi qaamta biroo waliin ta'uun
bu'aan raawwii,rakkooleen qunnaman akka adda bahan fi yaada furmaataa murtoof akka dhiyaatan
taasisuun yeroo hayyamamanis hojii-irra akka oolan ni-taasifama.
19 .Sirna liqiii
19.1 Yaadamoota (Barbaachisummaa liqii)
Olitti akka ibsametti, paakeejiin oomisha qurxummii Hidhaalee kaappitala ol'aanaa kan gaafatu dha
waan ta'eefis,hirmaattonni paakeejichaa muraasni fedhii madda maallaqaa mul'atu uwwisuuf kan isan
rakkisu ta'uu danda'a waan ta'eef, barbaachisummaan liqii waan wal nama gaafachiisu miti.
19.2Madda liqii fi Bulchiinsa isaa
Liqiin baankii daldala itoophiya, baankii misoomaa, dhaabbilee liqii maaykiroo xixxiqqaa dhaabbilee
tola ooltota adda addaa irraa argamu danda'a.Liqiin qqaama kamirraayyuu argamu immaammata
dhaabbaticha liqiin kennuun kan murtaa'uu ta'a.
Kafaltiin liqii waliin walqabatee seera karaa liqeeffataa fi ulaagaa isaa irratti hundaa'edha.
20.Qabiinsa ragaa
Paakeejii Kiyeessa qurxummii Hidhaalee kan hojiirra oolu waggaa guutuu osoo hin taanee gadifageenya
bishaan Hidhichaa hordofuun ji'oota 10tiif haalaa fi yeroo mijaa'aa naannichaa irratti hundaa'uun
gaggeeffama.
23. Sodaa raawwii paakeejichaa
Paakeejicha raawwachuuf rakkoleen itti aanaan qunnamuu danda'u;-
Meeshaaleen kiyyeessaa gabaa biyya keesatti waan hin argamnee fi hojiin isaa kaapipitaala ol-
aannaa kan gaafatu ta'uu isaatiin liqii haala salphaan argachuun rakkisaa ta'uu danda'a.
Haala jijjirama qilleensaa waliin wal qabatee hangi baay'ina bishaan hidhaleei hir'achuu fi
dabaluu,akkasumas faalamni bishaanii dhangala'oo industirii fi keemikaaloota qonnaa,yeroo
quunnamu kuufama oomisha qurxummii irratti dhiibbaa geessisa.
Hanqina ogeesaa raawwachiisuu,akkasumas hanqina dandeettii fi beekumsa wajjin
walqabatee qaawwii qabiinsi ragaa irratti mu'achuu danda'a.
Danbii fi qajeelfama itti fayyadama bishaanii dhaabbataa ta'e waan hinjirreef sababa hir'ina
qabeenya qurxummii ta'uu danda'a.
Biyya keenya keessatti qaama bishaanii garaa garaa irratti babal'achuun haramaa
imbooccii/armaa biyya birootii galeen madaalliin qilleensa uumamaa dhabsiisuun qabeenya
qurxummii irratti dhiibbaa faallaa geessisa.
Qaamolee bishaanii gurguddoon irratti hojii qonnaaf daangaa malee jallisii fayyadamuun
bishaanii fi hanga qaama bishaanii ni hir'isa. Biqiltuuwwan qarqara bishaanii irraa ciramuu fi
xiqqaaachuun qaamni bishaanii dalaliin guutamuuf saaxilamuu,akkasumas hanga bishaanii
yeroo bishaanii yeroodhaa gara yerootti hir'isuun dhiibbaa geesisaa dhufeera.
Paakeejii horsiisaa teknolojii fi itti fayyadama Qonna qurxummii haroo
Eibila ,2015
Finfinnee
Qabiyyee baafataa
1. Seensa....................................................................................................................1
2. Barbaachisummaa paakkejichaa ..........................................................................3
3. Kaayyoo paakeejichaa ..................................................................................................3
4. Qabiyyee paakeejichaa..................................................................................................4
5. Galteewwan barbaachisoo fi tooftaa hojii ……………………………………………………………..4
5.1. sanyii fi raabsa qurxummii ......................................................................................................................6
5.2. Qophii haroo qurxummii .........................................................................................................................7
5.3. Dhiyeessii bishaanii.................................................................................................................................8
5.4. Qabiinsa Haroo........................................................................................................................................8
5.5 Qurxummii dhukkubarraa ittisuu/eeguu….........................................................................................9
5.6. Kilaastera horsiisa qurxummii hundeessuu fi bulchuu (cluster) ............................................................9
6. Herrega bu'a qabeesummaa paakeejii ................................................................10
6.1 Fedhii Kaappitaala ka'umsaa...................................................................................................................10
6.2. Yaadamoota ...........................................................................................................................................10
6.3. Tarreeffama ka'umsaa kaappitaala fedhii Galteewwanii........................................................................11
6.4 Qurxummii horsiifamu keessaa hamma qurxummii gurguramuu. ….……………………..11
6.5 Herrega Baasummaa paakeejichaa ........................................................................................................13
6.6 Sirna liqii.............................................................................................................14
7. Tooftaa raawwii paakeejichaa………………………………………………………………………….14
7.1 Leenjii kennuu…………………………………………………………………14
7.2 Muuxxannoo waljijjiiruu taasisuu...........................................................................................................14
7.3 Guyyaa horsiistota qurxummii qopheessuu.............................................................................................14
7.4 Miidiyaa quunnamtii hawaasaa fayyadamuun beeksisuu........................................................................15
7.5 poosterootaa fi barreeffamoota gaggabaaboo fayyadamuu...................................................................15
8. Qabiinsa ragaa.....................................................................................................15
9. Sodaawwan.........................................................................................................15
10. Yaada furmaata..................................................................................................16
1. Seensa
Qurxummiin beeylada qaama qorraa ta'ee lafee dugdaa kan qabu fi bishaan keessatti kan ittiin arganu
qaama giilii jedhamuun afuura baafatuu fi galchu ,baallee ittiin socho'u beeylada qabu dha. Qabeenya
qurxummii biyya keenyaa Kuufamni fi oomishtummaan isaa akka itti aanutti
ibsama.Haroowwan,hidhaalee,laggeen fi qaamolee bishaanii xixiqqoo akkasumas,qonna qurxummii
waggaatti toonii kuma 96 oomishuun akka danda'amu qorannoowwan gara garaa ni-eeru.
Oomishni qonna qurxummii sadarkaa amma irra ga'een waggaatti toonii 85 irraa garaa gara toonii 740tti
olguddisuufi.Kan naannoo oromiyaa waggaatti toonii 97 iiraa gara toonii 117tti guddisuu.
Qurxummiin akkuma beeylada kamiyyuu foon, killee, lukkuu fi aannan nyaata pirootiniimadaalawaa
kan qabu yoo ta'u qabiyyee pirotinii isaa keessa barbaadamoo kan ta'an amino asiidota fi ilma namaatiif
baay'ee barbaachisoo kan ta'e omega-3 kan jedhamu dhangala'oo coomaa asiidii of keessaa kan qabuu
dha.
Kana irraa kan ka'e,qurxummiin nyaata qaama ijaaru ta'ee dabalataan ijooleedhaaf sammuu isanii qaroo
kan taasisuu fi gaheessotaaf dandeettii waa yaadachuu ni-dabalaaf.
Dabalataanis, vaayitaaminoota fi albuudotan kan badhaadhe ta'uu isaatin qabiyyee nyaata madaalamaa
ta'e qabuun dhukkuba ittisuu fi amal qorichummaa waan qabuuf ilma namaaf faayidaa ol'aanaa kennuu
danda'uu isaatiin addunyaa irratti sadarkaa jalqabaatti nyaatawwan barbaadaman keessaa tokko isaa
taasisa.
Haftee qurxummii gara nyaataatti jijjiiruun cuucii qurxummiitiif,lukkuuf,beeyladaa biroofis akka
nyaataatti akkasumas, lafa xaa'oomsuuf ooluun faayidaa guddaa kenna.
Qurxummiin sirna nyaataa keessatti faayidaa ol-aanaa qabuu fi kallatttii daldalaanis bu'aa kan qabu sirna
nyaataa fi wabii nyaataa keesatti deeggarsa taasisuun addunyaa keessatti waggaatti %10 ol guddina
agarsiisaa kan jiruu fi guddina agarsiisaa jiruun dorgamaan isa gitu kan hin argamneef damee horsiisaa
ta'aa dhufeera.
Biyya keenyatti teknolojiin kun jalqabarra kan jiru ta'us bu'aan isaa yoo ilaalamuu garuu naannoolee
tokko tokkotti jajjabeessaa ta'aa dhufeera.
Haalli qillleensa uumamaa biyyatti ho'inas ta'ee qabbanaa'aa sanyiiwwaan qurxummii filataniif mijaa'aa
ta'uu isaatiin haroowwaan nam-tolchee fi hidhaawwaniitti horsiisa qurxummii gaggeessuuf mijaa'aadha.
Qabeenyi bishaanii keenya caalmatti faayidaa akka kennu taasisuuf harowwaanii fi hidhaalee kaayyoo
itti hojjetamaniif ala hojiin ol-aanaa fi bu'a qabeessummaa qabu hojii misooma qurxummiitiif oolchuun
ni danda'ama.
Biyyatti keessatti naannoo bishaan jirutti iddoo baay'etti qurxummii harootti horsiisuun horsiisee/qotee
bultoota bal'aa biyyatti fayyadamaa abbaa qabeenyaa taasisuu danda'a.
Qurxummii haroo namtolchee keessatti horsiisuun warra barbaadamoo ta'an qofa adda baasanii
nyaachuu,guddisuu fi kunuunsuun oomishuudha.Haroon horsiisa qurxummiif yeroo qophaa'uu sanyiin
qurxummichaa qaama bishaanii uumamaa wantoota barbaachisoo qabaachuu danda'u hunda guutamuufi
qabu.
Horsiisni Qurxummii haroo horsiisa walmaddii jechuunis kuduraa fi muduraa ykn horsiisa beeyladaa
wajjin qindeessuun ni danda'ama.
Dikeen beeyladaa bishaan haroo xaa'oomsuuf fayyada.
Bishaan harichaa dikee beeyladaan yoo xaa'oome qurxummiin nyaachuu kan danda'uu biqiltuu fi lubbu
qabeeyyii xixiqqoo haricha keessatti akka wal horan taasisu. Bishaan kuufamuun horsiisa qurxummii
irratti dabalataan raafuu,Timaatima,shunkurtaa,Corqaa,paappayyaa,shakoora,boqqolloo fi kkf waliin qindeessanii
misoomsuun galii guddisuun ni danda’ama.
Horsiisa qurxummii babal'isuun faayidaan isaa guddaan oomishni qurxummii uuumamaan naannoo itti
hin argamnetti teknolojii namtolchee dhiyeessiin qurxummii akka jiraatu yoo taasifamu sirna nyaata wal
madaalaa ga'ee qurxummii kutaa biyyattii hundaattii akka babal'atu taasifama.
Baay'ina daballi uummataa yeroo yeroon jiru wajjin fedhii qurxummii dabalu wajjin wal qabatee biyyatti
keessa qaama bishaanii jiran hojii horsiisa kanneen biroo walii wajjin fayyadamuun kuufama qabeenya
qurxummii guddisuuf gargaara.
Yeroo yerootti jijjirama qilleensaa uumamu namtolcheen/uumaan qaama bishaanii keessatti kuufamni
qurxummii argamu yeroo hundaa wabii nyaataaa fi sirna nyaataa mirkaneessuu keessatti deeggarsa ni
taasisa.
Paakeejiin horsiisa qurxummii kun karaa baramerraa haala fooyyee ta'een bu'a qabeessummaa akka
qabaatu galteewwanii fi hordoffii ol-aanaa taasisuun dorgomummaa kan qabu sadarkaa daldalaatti kan
hojiirra oolu ta'a.
2 .Barbaachisummaa paakeejichaa
Biyyi keenya qabeenya bishaanii guddaa waan qabduuf qurxummii haroo keessattii horsiisnee qabeenya
bishaanii keenya faayidaa guddaa irra oolchudhaan carraa hojii hawaasichaaf uumuu,mala nyaataa
fooyeessuu fi madda galii uumuun fayyadamaa taasisuu.
Qurxummii haroo keessatti horsiisuun faayidaa hedduu yoo qabu kana keessaa tokko fi inni
guddaan qurxummiin nyaataaf ooluu danda'uu isaati. Hanqina dhangaalee qaama ijaartuu ta'an
hir'isuuf qurxummiin gumaacha ol'aanaa sirna nyaataa keessatti akka qabaatu taasisa.
Albuuda kaalsiyeemii ol'aanaa waan qabuuf ga'eessotaaf jabina lafee, jaarsolee fi dargaggoo fi
daa'imman waliigala daangaa umurii hundatti namootni argaman hundi nyaachuun barbaachisaa
waan ta’eefidha.Dabalataan, gosoota vaaytaaminii adda addaa waan qabuuf dhukkuba ittisuuf ni-
gargaara.
• Qurxummii harootti horsiisuun maatii keenyaaf sirna nyaataa walmadaalaa nyaachisuun alatti
dabalataan gara gabaatti dhiyeessuu fi gurguruun galii maallaqa argachuun ni-danda'ama.
• Horsiisni qurxummii kutaa hawaasa hundumaa keessattuu dubartootaa fi dargaggoota
hirmaachisuun carraa hojii guddaa ni-uumama.
Qurxummii harootti horsiisuun ittifayyadama lafaa fooyya'aan akka jiraatuu fi gabbinni lafaa akka
eeggamu taasisa.
3. Kaayyoo paakeejichaa
Horsiisa qurxummii hojiiwwaan qonnaa kan biroo lukkuu,kuduraa oddoo qonnaan wajjin
qindeessuun oomishaa fi oomishtummaa fooyyeessuudha.
Qurxummii horsiisa harootiin oomishamu sagantaa akka yerootti baasuun oomishuu fi gabaatti
dhiyeessuun itti fayyadamuun haala danda'amuun qofa hojjechuun dhiyeessii fi qulqullina oomishichaa
fooyyessaa bu'aa qabeessummaa isaa guddisuun ni danda'ama.
nyaata naannootti nyata kamiyyu waliin fayyadamuu ni-danda'ama. ፡ Shoorbaan qurxummii qurxummiin
mari'maan/garaa/bahe kukkutuudhaan qopheessuun kan danda'amu ta'ee kunis
shunkrtaa ,corqaa,akkasumas, mi'eessuuf soogidda/ashaboo/itti dabaluun qopheessuu kan danda'amu
ta'ee, buddeen daabboo fi qiixxaa fi kaanneen biroo waliin nyaachuun ni-danda'ama.Foon qurxummii
dheedhii/hin bilchaannne nyaachuun hin gorfamu.
Qurxummiin bishaan keessaa erga baatee irra jalqabee qabiinsa gaariin yoo hin-taasifamneef carraan
dafee manca'uu/baduu/danda'uu isaa ol'aanaa dha. Oomisha qurxummii iddoo ifni aduu hin-argamnetti
fi bakka qulqullinni isaa eeggametti ol'kaa’uun qulqullina oomisha qurxummii eeguuf ni-gargaara.
Omisha boodaa qurxummii bakka qorraa ol kaa'uu fi qulqullina isaa eeggamee qabuun faalam
/manca'iinsa/irraa oolchuun/ittisuun ni-danda'ama. Omisha qurxummii haala gaariin yoo hin-qabne foon
qurxummii irratti bakteriyaan dkukkuba fiduu danda'an /lubbu qabeeyyi xixiqqaan akka irratti wal horan
haala mijaawaan waan uumamuuf uummata nyaatichatti fayyadamu irratti dhukkuba fiduu ni-danda'a.
4. Qabiyyee paakejichaa
Lafa፡- lafa lolaaf hin saaxilamne ,dhundhula murtaa'ee kan qabu, lafa Bishaan galchuu fi baasuu
danda'u,Biyyeen suphee kan itti baay'atu/bishaan qabachuu /kan danda'u;- haroo karee meetira
1200 ,haroo 4 bal'ina abbaa karee meetira 300 qaban ykn lafa kanaa ol ta'e.
Bishaan – Qulqulluu fi waggaa guutuu kan argamu laga ykn jallisii fi burqaa.
Gosaa sanyii qurxummii – Qoroosoo,Ambbaazzaa,Dubbee fi troutii dha.
Nyaata- nyaata madaalamaa naannootti argamu .
Saaphana - saaphana Qurxummiin haroo ittiin qabamu.
Tuubboo pilaastikii bishaan galchuu fi baasuu /pvc/
Funyoo fi chikaala – wantoota naannoorraa kan qohaa'u dha.
Gingilchaa shiboo- Diinni qurxummii haroo gara harootti akka hin seenne ittisuu fi qurxummii
haroo keessa jiran akka hin hulluuqne kan ittisuudha.
Qabiinsa Haroo - Diinota qurxummii ittisuu,hordoffii lolaa,dhukkuba ittisuu dha.
5. Galteewwan barbaachisoo fi tooftaa hojii
5.1 Sanyii qurxummii fi raabsa
Cuucii raabsaaf oolan qoroosoo,Dubbee fi trout giddugaleessa horsiisa cuucii qurxummii irraa
argama.
Cuuciin qurxummii raabsaaf oolan hangi ulfaatina isaanii kan walitti dhiyaate ta'uu fi graama 10-
15 yoo ta'e filatama.
Dhiyeessii fi raabsi cuucii qurxummii yeroo jalqabaaf mootuummaan kan mijaa'uu ta'a .
Cuucii qurxummii sassaabuu fi geejjebsiisuuf meeshalee (Oxygen cylinder,regulator,Baaldii
pilaastikaa,karaxiixii pilaastikaa,saaphana harkifamaa qurxummii ittiin sassaabamu,saaphana
harkaa,madaaltuu fi kkk) guuttachuun deeggarsa ogeessatiin akka geejibamuu fi harootti naqaman
taasifama.
5.2 Qophii Haroo Qurxummii
Iddoon horsiisa qurxummiif filatamu hanga danda'ametti teessuma dhundhula lafaa fayyadamuun
haricha bishaan itti guutuu fi baasuuf kan dandeessisu ta'uu qaba.
Cuucii qurxummii geejjebsiisuuf, hordoffii taasisuuf bu'uraalee misoomaa barbaachisoon
naannoo harootti guutamamuufi qaba.
Bocni haroo reektaangulaa'aa ykn iskuuwweerii yoo ta'e filatama.
Bakki haroon itti qotamu baay'ee gadi dhundhulaa kan hin taanee fi lolaaf kan hin saaxilamne
ta'uu qaba.
Gosti biyyee bishaan ofitti qabachuu kan danda'u ta'ee biyyee suphee baay'inaan yoo kan qabu
ta'e filatama. Biyyeen cirrachi itti baay'atu bishaan qabachuu waan hin dandeenyeef baasii
baay'ee waan baasisuuf filatamaa miti.
Haroon hordiiffii fi to'annoof akka mijatu naannoo dhiyeenya mana jireenyatti yoo ta'e filatama.
Bal'inni haroo akka fedhii qotee bulaa fi bal'ina lafaatti kan murtaa'uu ta'us ka'umsaaf garuu
haroon tokko bal'inni isaa karee meetirii 300 fi kanaa ol yoota'e filatama.
Gadifageenyi haroo naannoo bishaan itti galuun meetira 1-1.20 yoo ta'u karaa bishaan ba'u
meetira 1.20- 1.60 ta'ee akka bal'ina harootti qophaa'aa.
Guutinsi bishaanii qarqara haroo irraa/Free board/ seentii meetira 15-30 gadi bu'uu qaba.
Lafa ka'umsa haroo karaa bishaan ba'uu 2.5%/3% dhundhulaa ta'uu qaba.
Sababni isaas qurxummii oomishuufis ta'ee bishaan guutumaan guututti maqsuuf yeroo
barbaadamu haroo keessatti bishaan akka hin hafneefi.
Lafa ka'umsa haroo bishaan akka gadi hin xuuxneef gosa biyyee sirrii ta'etti fayyadamuu
dhidhiitanii jabeesuu barbaachisa.
Haroon karaa bishaan galchuu fi keessaa ba'u qabaachuu qaba.
Karaa seensa haroo waanti diina ta'e akka hin seenne gingilchaa shibootiin hojjetamuu qaba.
Haaluma walfakkaatuun karaa ba'iinsa bishaaniis cuuciin akka hin baanee gingilchaa shibootiin
hojjetamuu qaba.
Karaa ba'iinsa dhangala'aa haroo keessa ittiin ba'uuf tuubboo pilaastikaa irratti galuu qaba.
Girgiddaa haroo dhiibbaa dandamachuu akka danda'utti qophaa qaba.
Girgiddaan 1;2 dhundhula akka qabaatu ta'ee hojjetamuu qaba.
Qarqara haroo irratti nyaataa qurxummii fi haricha akka hin jigneef kan gargaaran gosa marga
addaa addaa ni faca'a.
Boolla Dalaliin itti qulqulaa'u – bishaan gara harootti galchuun dura boolli xiqqoon dalaliin
keessatti afu ittisu /ni hojjetama.
Haroon hojjatamee erga xumuramee booda bishaan faalama irraa bilisa ta’een guutamuu qaba.
Qaamni qurxummiin ittin qilleensa baafattu/giilii/ akka hin-ukkaamamne fi hin-cufamneef jecha
bishaan gara haroottiseenu booruu ta'uu hin-qabu.
Bishaan guutamu kan qabu saanti meetira 15-30 qarqara harichaatti gadi siqeetin ta'uu qaba.
Bishaan hanga fiixeetti yoo guutame bishaan fiixee isaa waan nyaatuuf haala salphaan gara
alaatti akka hin-baaneefidha.
Bishaan gadi xuuxamuu fi ol-urkuun qissasamu guyyaa guyyaan hordofuun bakka buufaamuu
qaba.
Bishaan horsiisa qurxummiif oolu waggaa guutuu laga dhangala'u ykn burqaa ta'uu danda'a.
Bishaan gara harootti seenuun dura saaxaraa ykn shiboo sibilaatiin qulqulla'uu qaba. kunis
bishaan keessa kan jiraataan qurxummiin hin barbaadamnee fi wantoota wantoota alagaa
qulqulleessuu fi ittisuuf gingilchaan barbaachiisa dha.
Bishaan erga guutamee booda cuucii qurxummii 4-5 kaareemeetiran shallagamee itti dabalamuu
qaba.
Bishaan haroo keessaa faayidaa kennee ba'uu of eeggannoon horsiisa biraatiif ykn qindoominaan
kan misoomu ashaakiltiin yoo jiraate misooma saatiif akka oolu taasisuu fi bishaan irraa afee
deebi'ee kallattii irraa jallifametti deebi'uu qaba.
• Qurxummii yeroo nyaachifnu iddoo walfakkaataa filatametti fi naannoo haroo gadi fageenya
hin qabneettii yoo ta'e filatamaadha.kunis qurxummiin yeroo nyaataan ilaaluun akka danda'amuu
fi haala guddina isaanii beekuuf nu dandeessisa.
Diinonni qurxummii adda addaa /Raacha/fattee/,bofa,lootuu, shimbirrootaa fi kkf ittisuu
barbaachisa.
Bishaan haroo uffataaf,qaama dhiqachuuf ooolchuun haricha waan nu jalaa faaluuf fayyadamuu
hin qabnu.
Mukeen guguddoon haroo bira jiran yoo guddatan haroo irratti waan gaaddidduu ta'aniif
haroon sun akka hin misoomne ifa aduu waan dhorkaniif akkasumas shibirroota qurxummii
adamsaniin iddoo irra qubannaa waan ta'aniif dame isaa muruu fi bilisa gochuun barbaachisaa
dha.
Lolaan gara harootti akka hin seenne naannawaa isaatti bo'oon qotamuu qaba.
Dalaliin gara harootti akka hin seenne qulqulleesa dalalii qopheeffamuu qaba.
Nyaataaf qurxummileen qaqqabaniif haalli gabaa mija'uu qaba.
Duuti qurxummii tasa muudate haroo keesssaa baasuu irratti dabalataan bishaan galchuun
hordoffii taasisuu.dabalataan ogeessa dhimmi ilaaluuf beeksisuun ni barbaachisa.
Yaadannoo ፡- haala hojii haroo qurxummii, Qabiinsaa fi hordoffii ilaalchisee maannu'aalii hojimaataa
fayyadamuun hojii horsiisa qurxummii caalmaattii kan ariifachiisuu fi bu'a qabeessa akka ta'u nu
gargaara.
• Naannoo harootti haramootaa fi biqiltoota walitti tuuta'uun marganii guddatan biinbiwwan kunii
fi cilalluuwwan kun walhoruu fi guddachuuf haala mijaa'aan ni uumama. Kanaafuu,yeroo
yerootti naannoo haroowwanii biqiltuuwwanii fi marga jiran qulqulleessuu fi haamuu
barbaachisa.
• Baattoo dhukkuba murta'aa kan ta'an gosoota biinbii fi bishaan ashaboo hin taane jaalatan
cilalluuwwan maatii keenya dhukkuba cimaaf saaxiluu danda'u.
Haala kamiiniyyuu akka mana fincaanitti haroo kamittiyyuu hinfayyadamin maatiin keenya
dhukkuba daddarbaadhaan dhukkubsachuu waan danda'aniif.
Mana fincaanii hojjetannee fayyadamuu kan qabnu haroolee fi iddoo kuusaa xaa'oo irraa meetira 10
fagaatutti ta'uu qaba. Kanneen olitti tuqaman hojjiirra oolchuun fayyaa Qurmmii keenyaa eeguu
dandeenya.
Kilaastera horsiisa qurxummii qonnaan bultoota haammatu naannoo tokkotti kanneen argaman fi
dhiyeessii bishaanii walfakkaatu kilaastera horsiisa qurxummii waliin kan fayyadaman yoo ta'u
kunis,haala qabatamaa naannootiin qonnaan bultoonni,dargaggoonni,dubartootni,yoo danda'ame
maasii isaanii kanneen walitti aanu ykn., haala hojii daldalaaf omisha qonnaa /qurxummii/ tiif
mijatuun dizaayiniin ogeessaan hojjatamaaf.
Gabatee gaditti ibsameen akka mul'atetti haroo kaaremeetira 600 gurgurtaa oomisha qurxummii waggaa
5tti giddugaleessaan kan ji’aa Qr.,6840.00 kan argamu yoo ta'u galii kana caalatti o'l guddisuuf
haroowwan hedduu qopheessuun galii guddaa argachuu danda'ama. Fakkeenyaaf,galii oomisha kanaa
heektaara tokkoon harowwan qophaa'aniin yoo shallagamu Qr.,1,242,000/heektaara waggaatti argamuu
danda'a.
6.2 Yaadamoota
Gatiin gurgurtaa qurxummii duudaa k.g'n Qr.110 dha.
Cuuciin qurxummii harootti naqamu giddugaleessan ulfaatinni isaa giraama 12 dha.
Ulfaatinni qurxummii gabaatti dhiyaatu tokko j'ia 6 tti giraama 300 ta'a
Waggaatti yeroo 2 ni-omishama.
Bal'iinni haroo abbaa meetir karee 600 akka ta'e yaadamee jira.
Cuuciin qurxummii sadarkaa 1'f meetir karee 5 fi sadarkaa 2'ffaaf Meetir kareen 7 cuuciin
qurxummii naqama. Kaaremetira tokkotti qurxummiin 5 ni-naqama.
Qurxummiin k.g. 1 foon omishuuf nyaata k.g.1.5 akka nyaatan herregameera.
Guddinni qurxummiin qorosoo 1 ji'a 6 keessatti : ji'a jalqabaa dhumarratti giraama 80, ji’a 2ffaa
dhumarratti giraama 140, ji'a sadaffaa dhumaratti giraama 190 ,ji'a arfaffaa dhumarratti giraama
270 fi dhuma ji'a shanaffaatti giraama 300 ulfaachuun gabaatti dhiyaata.
Shallaggiin kun namni tokko haroo karee meetiri 600n kan tilmaamuudha.
Qabiinsaa fi mala hojimaataa fooyya'aa hirmaataan paakeejii hojiirraa oolcha jedhamee
fudhatameera.
Paakeejicharratti namoonni 2 ni hirmaatuu.
3 nooraa(liming) k/g
50 8 400
Yaalii fi baasiiwwan kanneen
4 biroof (3% qulqulluu aftee) qarshii
2000
Ida’ama 53,920
Hanga fedhii liqii walii galaa
(yeroo waggaa 5ttii kan
kanfalamu)
59760
Ga’ee miseensa tokkoo
29880
Baasii 400
yaaliiwwaan adda
qarsh
addaaf (3% bu’aa
4 qulqulluu)
Ida’ama 2000
Fayyadamtootni qurxummii haroo kan ta'an Qotee bulaa/Horsiisee bulaa ykn dargaggootaa fi dubartoota
gurmaa'aan hojii paakeejii qophaa'e karoora daldalaa liqii irratti hundaa'uun kan raawwattu ta'a.
Paakeejiin horsiisa qurxummii haroo maloota adda addaa qophaatti ykn haala qindaa'een tooftaalee
gurguddoo fayyadamuun kan raawwatamuu ta'a.
7.1Leenjii kennuu
Kaayyoon paakeejichaa bu'aa argamsiisu ilaalchisee paakeejichi haala karoorfameen galma akka ga'u
taasisuuf beekumsa teekinika gaafatu hubachiisuuf leenjiin ni kennama.
Biyya keenyatti qurxummii horsiisuu fi aadaan qurxummii nyaachuu baay'ee hin gabbatne. Waan kana
ta'eef hawaasni qurxummiin akkuma nyaata kanneen birootti idileeffatanii fayyadaman haala horsiisa
qurxummii,faayidaa nyaata qurxummii fi sirna nyaataa irratti hojiin hubannoo kennuu bal'inaan
hojjechuun barsiifata aada malee keessa hawaasni akka bahuun nyaata qurxummii fayyadamuu danda'uu
beekumsa sirna nyaataa leenjii kennuun akka deeggaramu ni taasifama.
a) leenjii leenjiftootaa(TOT)
b)Leenjii hojjettoota Misooma Hundaa(HMH)
c) leenjii oomishtoota qurxummii/horsiisota qurxuummi kan ta'an Qotee
bultoota,darggaggootaa fi dubartoo dha.
Horsiisa qurxummii,Qophii fi qabiinsa qurxummii ,faayida nyaatni qurxummii qabuu fisirna nyaataa
keessatti haammatamu qurxummii fi bu'aan oomisha qurxummii gahee isaanii kan ibsu leenjiin ni
kennama.
Aanarratti ogeeessa qonna qurxummii ykn ogeessa horsiisa misooma qurxummi 1 yoo
hinjiraanneemmoo ogeessa misooma beeyeladaa 1 akka leenji'u taasifama.
Leenji'aan kun immoo kiyyeessa qurxummii/sochiin oomishuu qotee bulaa raawwwatan /waldaalee
oomishtoota qurxummmii ta'an ,Hojjettota misoomaa ilaallatu kan leenjisu yoo ta'u hojjettoonni
misoomaa immoo oomishtoota qurxummii/horsiisota qurxummii/dargaggootaa fi dubartoota ni leenjisu.
Sadarkaa sadeenittuu leenjiin kennamu barnoota gochaan deeggarame ta'a.
Misooma qabeenya qurxummii ilaalchisee paakeejiin kun yoo qophaa'uu yeroo jalqabaatiif waan ta'eef
wantoota baay'een akka mijaa'aan ilaalcha keessa galchuun kan qophaa'ee waan ta'eef waggoota muraasa
jalqabatiif yeroo hojiirra oolu dhiyeenyatti hordoffiin taasisuu fi gamaggamuun akka barbaachisummaa
isaatti fooyyeessuun/cimsuun ni barbaachisa. Kana raawwachuuf kilaastera horsiistoota qurxummii
haroo tokkoon tokkoon waldaadhaan/gareen gurmaa'aan haala qabatamaa naannootiin maannu'aaliin
ittiin hojjetan kennamuuf ni taasifama.
Naannoo garaa garaatti qonnaan bultoota hojii horsiisa qurxummii irratti fooyyee qaban filachuun
muuxannoo akka waliif dabarsan taasisuun hojimaataata fooyya'aa fudhatanii fedhii fi kaka'umsa
jabeeffaatan ni taasifama.
Dabalataan horsiitootni qurxummii kun qotee bultoota kanneen biroo naannoo isaanii akka barsiisan
taasisuun adeemsi baruu fi barsiisu akka ariifata ni taasifama.
Toftaan kun omishtoota qurxummii, qonnaan bulaa qurxummii, hawaasa nyaata qurxummiitti fayyamaa
ta'an kan hirmaachisu ta'a. Omishaan qurxummii fi qotee bulaan qurxummii beekkumsi teeknikaa isaa
akka guddatu kan gargaaru ta’ee, hawaasni bal'aan ammo haala qurxummii itti omishu horsiisaa fi
qabiinsa akkasumas faayida sirna nyaata qurxummii irratti habannoo qabu gabbisuun fedhii qurxummiif
qabu fooyyessuun fi gabaa qurxummii yeroo dheeraatti guddisuun dhaqqabamummaa babal'isuuf ni-
gargaara.
7.4 Quunnamtii uummataatti fayyadamuun beeksisuu
Raabsi oomisha qurxummii akka hin guddanne hudhaalee kanneen ta'an keessaa rakkoo gabaati.
Qurxummiin yeroo gabaaf dhiyaatu fedhiin fayyadamtoota qurxummii hangaa fi dhiyeessii bakka
hundatti kan wal madaalee miti.Bu'aaraalee misooma gabaa quxummii cimsuun hanga fedhii
fayyadamtoota qurxmmii akka guddisuu taasisuu dhabuun hawaasni fayyadamaa qurxummii akka hin
taanee duubatti akka afu isa taasisee jira.
Kanaafuu,qurxummii nyaachuun fayyaaf,guddinaa fi jabina qaamaa uumuu danda'uu isaa Mala
tvn,Raadiyoo fi Gaazeexaan fayyadamuun irra deddebii fi itti fufiinsaan yeroo dheeraaf beeksisuun
barbaachiisadha.
Horsiisa qurxummii ,fayyadama qurxummii sirna nyaatarrattii fi madda galii ta'uu isaa kan ibsan
birooshara,poostaroota qopheessuun iddoowwaan leenjii qonnaan bulaatti mana nyaataa uummanni
baay'inaan itti fayyadamuu fi reestooraantota gurgudaa ,giddu galaawwan gabaa gurguddaa fi
suppermaarkeetota biratti maxxansuun akka dubbifamu ni taasifama.
8. Qabiinsa Ragaa
Ragaawwaan itti aanaan of eeggannoo fi haala guutuu ta'een qabamuu fi gumaa'uu qabu.bal'ina
haroo,madda bishaanii,gosa cuucii itti naqamee,baay'ina guyyaa/bara/ji'a,hangaa fi gosa nyaata dabalataa
kenname,yeroo hordoffii,qurxuummiin edda itti naqamee booda yeroo oomisha itti kennu(-------- irraa
hanga ------)hanga qurxummii oomishame lakkoofsaa fi KG,fayyadama maatiitiif nyaataaf kan oolee fi
hanga gabaaf dhiyaatee,gatii gurgurtaa,baay'ina maatii fi qotee bulaa hirmaate dha.
9. Sodaawwaan
Teeknolojiichi haaraa ta'uu irraa kan ka'e rakkoon dandeetti qotee bulaa dafee hiikamuu dhabuu.
Hanqina dhiyeessii galteewwanii sanyii filatamaa qurxummii fi nyaata qurxummii paakeejiichaaf
ga'aa hin taane quunnamuu danda'a.
Haalli nyaata qurxummii naannoo baay'etti kan hin baratamne ta'uu isaatiin qonnaan oomisha
oomishaniif hanga barbadame argachuu dhabuu danda'u.
Bishaan horsiisa qurxummiitiif faayyadamnu keemikaalootaa fi dhangala'oo industiriitiin
faalamuu danda'a.
Leenjiwwaan teekinikaa irratti xiyyeeffannoo kennuu akkasumas naannoo hojiin itti hojjetamutti
hordoffii fi deeggarsa cimaa taasisuu keessattuu,hirmaattoota horsiisa qurxummii
filachuu,dizzaayinii haroo,dhimmoota qotiinsaa fi qabiinsa haroo irratti hojiin eksteenshinii
misooma qurxummi qotee bulaa biratti fudhatama argatu taasisuu.
Naannnolee hundattii cuuciiwwan qurxummii yaasifamuu,nyaata oomishamuu fi teknolojiiwwan
kanneen biro barbaachisan mootuummaa fi dhuunfaan akka ijaaramanii fi dhiyaatan taasisuu.
Qajeelfamootaa fi hojimaataa barbaachisoo jedhamanii fi dhimmoota kana fakkaatan tarreessuu
akkasumas hojimaata qindoominaa uumuun furuun nidanda'ama.
• Tarsimoowwwan hojicha jajjebeesuuf gargaaran hojiirraa oolchuu.
Bitootessa 2015,
Finfinnee
Gabatee Baafataa
1. Seensa....................................................................................................................................................................i
2. Barbaachisummaa Paakeejichaa.......................................................................................................................2
3. Kaayyoo Paakejiichaa.........................................................................................................................................2
4. Qabiinsa Omisha Qurxummii laggeenii............................................................................................................3
5. Faayidaa nyaata qurxummii.................................................................................................................................iv
6.Galtee paakeejii.....................................................................................................................................................iv
Qabiyyee Sirna Nyaata Qurxummii......................................................................................................................4
Qophii nyaata qurxummii......................................................................................................................................5
7. Raabsa Paakeejii.................................................................................................................................................6
8. Hirmaattota Paakeejii.........................................................................................................................................6
9. Hojimaataa teeknika paakeejichaa………………………………………………………………………….6
10. Qabiinsaa fi qindeessa oomisha qurxummii ………………………………………………………………………..6
11. Qophii fi qindeessa qurxummii …………………………………………………………………………….6
11.1 Qophii qurxummii mari'amaan garaa bahe……………………………………………………………..7
11.2Qophii Filleettoo qurxummii………………………………………………………………………………7
11.3 Nageenyummaa nyaata qurxummii………………………………………………………………………7
12. Herreega bu'aa-qabeessummaa paakeejichaa…………………………………………………………….7
12.1Yaadamoota…………………………………………………………………………………………………9
13. Haala Deebii Liqii……………………………………………………………………………………………10
14. Gabaa…………………………………………………………………………………………………………10
15. Tooftaa raawwii…………………………………………………………………………………………….10
15.1 Qorannoo fi qu’annaa geggeessuu……………………………………………………………………….11
15.2 Barnootaa fi Dadamaqiinsa……………………………………………………………………………….11
15.3 Qophii Meeshalee barnootaa……………………………………………………………………………..12
15.4 Hojii Qindoominaa cimsuu……………………………………………………………………………….13
16. Hordoffii fi Gamagama………………………………………………………………………………………13
17. Sirna Liqii……………………………………………………………………………………………………..13
17.1 yaadamoota (Barbaachisummaaliqii)………………………………………………………………………14.
17.2 Madda liqii fi bulchiiisa isaa…………………………………………………………………………………14
17.3 Haala Kanfaltii liqii……………………………………………………………………………………………15
18. Qabiinsa Ragaa…………………………………………………………………………………………………..15
19. Gurmaa’insaa fi bulchiinsa ………………………………………………………………………………………16
20. Gabatee yeroo Raawwii paakeejichaa…………………………………………………………………………..16
21. soda raawwii paakeejichaa………………………………………………………………………………………16
1. Seensa
Qurxummiin beeylada qaama qorraa ta'ee lafee dugdaa kan qabu fi bishaan keessatti kan ittiin arganu
qaama giilii jedhamuun afuura baafatuu fi galchu ,baallee ittiin socho'u beeylada qabu dha. Qabeenya
qurxummii biyya keenyaa Kuufamni fi omishtummaan isaa akka itti aanutti ibsama.
Haroowwan,hidhaalee,laggeen fi qaamolee bishaanii xixiqqoo akkasumas,qonna qurxummii waggaatti
toonii kuma 96 oomishuun akka danda'amu qorannoowwan gara garaa ni-eeru.kana keessaa kan naannoo
keenyaa waggaattii poteenshallii oomishaa toonii kuma 39,000 oomishuun akka danda’amu ni mul’isa.
Oomisha qurxummii qaama bishaanii adda addaa irraa oomishamu sassaabanii fudhachuun qopheessanii
qindeessuun haala qulqullinaa fi naga qabeessaan hawaasa bal'aaf geessisuu dadhabuun rakkoolee
misooma qabeenya qurxummii jiran keesssaa isa tokko dha.
Waan ta'eef carraa hojii uumuun haroowwaan, hidhaalee fi lageen hedduurratti gurmaa'uun
kiyyeessitoota qurxummii kiyeessan /oomishan qurxummii irraa fuudhuun fayyadamtootaaf geessisuu
kan danda'an namoonni gurmaa'uun qindeessanii gurguran isaan maddiitti uumamuu qabu.
Oomisha qurxummii kiyyeessitoota irraa fuudhatanii fayyadamtootaaf kan dhiyeessaan gurmaa'inni
xiqqaa qurxummii irratti uumamee walitti hidhamiinsa gabaa qabu itti fufiinsaan hojiin misooma
qurxumii carraa hojii ni uuma. Galiin isaaniis ni dabala,akkasumas sirna nyaata wal madaalaa maatiin
kan argatan ennaa ta'uu walitti hidhamiinsa gabaa uumamuun fedhii nyaata qurxummii hawaasichaa ni
guutu waan kana ta'eef oomisha qurxummii qindeessuun gabaaf dhiyeessuun akka paakeejii tokkootti
fudhatamee ittiin hojjechuu barbaachisa.
Qurxummiin akkuma foon beeylada kamiyyuu ,killee,lukkuu fi aannaan ,pirotinii wal madaalaa kan
qabu yoo ta'u pirootinii keessa aminoo asiidii barbaadamoo fi ilma namaatiif faayidaa baay'ee kan
kennuu omega 3 Asiidii dhangala'aa coomaa jedhamu ni qabata.
Kanarraa kan ka'e nyaatni qurxummii qaama ijaaraa ta'uun dabalataan daa'immaan sammuu qaroo yoo
taasisu gaheessotas dandeettii waa yaadachuu ni dabalaa.
Kanatti dabalatee,vaayitaminootaa fi Albuudootaan kan duroome waan ta'eef qabiyyee nyaataatiin
dhukkuba kan ittisuu fi qorichummaa kan qabu,namaaf faayidaa ol-aanaa kan kennuu
ta'ee,addunyaarratti sadarkaa jalqabaatti nyaata barbaadaman keessaa tokko isa taasisa.
Haftee oomisha qurxummii gara nyaatatti jijjiiruun cuucii qurxummiif,lukkuuf,beeylada biroof akka
madda nyaatatti ,akkasumas lafa xaa'oomsuuf ooluudhaan faayidaa guddaa kenna.
2. Barbaachisummaa paakejichaa
• Paakeejii Qophii qurxummii,itti fayyadamaa fi qindeessanii gurguruu kutaa hawaasa hunda
keessattuu dubartootaa fi dargaggoota hirmaachisuun carraa hojii guddaa uumaa.
• Oomisha qurxummii sadarkaa fi qulqullina isaa eeggate akka oomishamuu fi kiyeessitoota
qurxummii wajjin walitti hidhamiinsa gabaa akka uumamu waan taasisuufi.
• Oomishaa fi oomishtummaa qurxummii guddisuun fedhii hawaasichaa guutuuf akkasumas
qaqqabamummaa isaa ol-guddisuun wabii nyaataa fi sirna nyaataa mirkaneessuudhaafi.
• Paakeejiin kun qaama bishaanii gargar ta'e irraa oomisha qurxummii oomishamu teknolojiiwwaan
tursiisaa addaa addaatti fayyadamuun qopheesuu fi qulqullina eegsisuun fi mancaa'insa hir'isuun
qurxummii fi oomisha bu'aa qurxummii nyaataaf oolu akka dabalu taasisuurratti kan xiyyeeffatu dha.
3. Kaayyoo paakeejii qophii fi qindeessa qurxummii
Oomiisha qurxummii qulqullinaa fi sadarkaa isaa eeggate akka oomishamuu fi gabaan uumammuuf
taasisuu.
Carrraa hojii uumuun guddina hawaas-diinagdee uummataa fiduun sadarkaa jireenyaa fooyyeessuu.
Aadaa fi itti fayyadama sirna nyaataa gabbisuun qurxummii tarree nyaata idilee hiriirsuun aadaa
nyaataa isaa akka guddatu taasisuu.
Foon Qurxummii walii galatti Qabiyyee dhangaa itti aanaan of keessatti qabata;-
Bishaan
Pirotinii
Cooma
Albuuda
Vaayitamina
Kaarboo haayidreetii
Foon qurxummii bishaan harka60-80%, Harka 15-24% Pirotinii fi Cooma harka 0.1-24% qabachuu
danda'a.
Albuuda harka 1-2% Foon qurxummii keessatti argama. Foon qurxummii keessatti Kuufamni
kaarboo hayidreetii sadarkaa baay'ee gad aanaatu argama.
Bishaan፡- Olitti akka ibsametti, bishaan olaantummaan ulfaatina qurxummii keessaa harka 60-80%
foon qurxummii keessatti argama.Foon qurxummii Ho'aa keessatti pirootinii foonii of keessatti
qabatee argama.
Pirotinii፡- hangi pirotinii walii gala giddu galeessaan harka 15 -24% yoo ta'ees darbee darbee
hanga dhibbeentaa 28% haalli itti ga'u ni jiraata.
Cooma፡- Coomni qurxummii baay'inaan bifa dhangala'aa /zayitii waan qabatuuf ilma namaaf baay'ee
barbaachisoo ta'an Faattii Asiidota of keessatti ni qabaata.
Yeroo wal hormaata qurxummii nyaatni gahaan yeroo hin jirretti naannnoon yeroo hin mijannetti fi kkf
Kuufamni cooma qurxummii foon qurxummii keessa jiru garaagaru mmaa qaba.
• Kaarboo haayidreetii፡-Kuufamni Kaarboo haayidireetii baay'ee xiqqaa ta'ee fi lakkoofsa keessa
kan hin galleeedha.
• Baay'inaan 1 gadidha.
• Kanaafuu,foon qurxummii keessatti hangi kaarbohidiretii baay’ee gad-anaa kan qabudha.
• Albuudota:Foonqurxummii keessatti albuudonni gurguddoon argaman
pootasiyemii,Foosfarasii,naayitirojinii,soodiyemii,kaalsiyemii,maagniziyemii,Ayirenii,kooparii,warqii ,siilve
rii,Ayodinii, (K, P, N, S, Na, Ca, Mg, Fe, Cu, Au, Ag fi I) kkf dha.
• Vaayitaaminoota:- Foon qurxummii keessatti baay'inni gosa vaayitaaminii ni-argamu.
Fakkeenyaaf,vaayitaamina A,D,E fi k (A, D, E fi K, ) Akkasumas, vaayitaamina B1,B2,B6,B12 fi
C (B1, B2, B6, B12, C) Foliik asiidii fi niasinii fi kkf. Dha.
Gabatee1;- Qabiyyee foon qurxummii
6. Galtee paakeejii
Godoo oomishni qurxummii keessatti qindaa'uu.
• Minjaala qurxummii irratti qalan
• Saanduqa qurxumii itti naqan
• Humna ibsaa
• Tiriiwwaan
• Madaaltuu abbaa 50 k/g
• Deep freejii
• Albee/Haaduu
• Qartuu/morada
• Gandaa /Gongaa qurxummii itti miiccan
• Bool'a dhangala'aan itti kuufamu
7. Raabsa paakeejii
Naannoon paakeejichi hojiirra itti oolu,hojiin misooma qurxummii naannolee hundatti kan geggeeffamu
ta'a.
8. Hirmaattota paakeejichaa
Gareen gurmaa'uun hojicharratti bobbaa'uuf fedhii kan qaban Qotee/Horsiisee bultoonni dargaggootaa fi
dubartoonni gurmaa'uun hirmaachuu danda'u.
Paakeejichi hojii qophii qurxummii oomisha boodaa irratti kan hundaa'ee ta'a.
• Qabiyyeen Paakeejii qophii fi qindeessa foon qurxummii miseensa 6 kan qabu yoo ta'u gareen
tokko Minjaala mukaa 2,Teesoo dalgee 3 fi fireejii guddaa fayyadamuun saanduqa qurxummii
ittiin geejjibanii fi Albeewwan fayyadamuun naannoo itti oomishanitti foon qurxummii ni
qindeessu.
Biyya keenyatti qaama bishaanii adda addaa oomishni ol-aanaan naannoo itti oomishamu keessaa hir'ina
qabiinsaa qurxummii oomisha boodaatiin oomishni qurxummii baay'ina qabu manca'ee gatamuun akka
badu ni mul'ata. Kuni kiyeessaa qurxummii fi qindeessaa qurxummii baasii hin taaneef saaxiluun alatti
dabalataan sababa manca'inaatiin oomishni qurxummii qulullinni isaa hir'ate summaa'uu nyaataa hawaasa
irraa geesissuun fayyummaa kan jeequu yoo ta'u qabeenyi biyyaas faayidaarra osoo hin oolin akka badu
taasisa.
Kanaaf qabiiinsi qurxummii oomisha boodaa mancaa'iinsaan qulqullinni isaa osoo hin hir'atin qabiinsa
oomisha boodaa qurxummii irratti of eeggaannoon barbaachisaan taasifamuu qaba.
Qurxummii oomishame mi'a garaa baasuun akka hin mancaane taasisuu isaatiin ol fayyadamaan
qurxummii qindaa'e akka argatu taasisuun Ulfina hojii hir'isuun nyaataaf akka qophaa'u gargaara.
Waan kana ta'eef fedhii gabaa/Fayyadamtootaa ka'umsa taasisuun qurxuummii duudaa haala itti aanuun
mi'a garaa baasuun qopheesuun ni danda'ama.
Qurxummii Gosa sanyii tokkoo fi hangi isaanii walqixa ta'e filachuu.
Qurxummii filatame bishaan qulqulluun dhiquu
Qurxummiii dhiqamte minjaala irratti garaa baqaqsuun kaa'uu.
Mi'a garaa baasuu jechuun mar'imaan kalee fi baallee daaktuu maqsuu.
Baallee isaa fi gogaa irraa maqasuu,gogaa irraa baasuun eegee qurxummii irraa gara kallattii
mataa isaatti albee doomaa fayyadamuun maqsuu.
Giilii fi ija irraa baasuu.
Qurxummiin miini garaa bahee ulfaatinni walii gala qurxummmii keessaa %80 qabata.
Qurxummii qophaa'ee bishaan qululluun dhiquu fi gogsuu
Qurxummii madaaluu deepifiriijii/Qabbaneesituu keessa tarreessuun kaa'anii qabbaneesuu fi
gabaatti dhiyeessuu.
11.2 Qophii Filleettoo qurxummii
Qurxummiin bishaan keessaa erga baate jalqabee qabiinsa barbaachisaan yoo hin-taasifamneef,carraan
dafee manca'uu/baduu/ isaa guddaadha. Oomisha qurxummii ifa aaduu bakka hin-argannetti fi qulqullinni
isaa bakka eegametti ol'kaahuun qulqullina oomisha qurxummii eeguuf gargaara. Qurxummii oomisha
boodaa iddoo qabbanaa'aa olkaahuu fi qulqullina isaa eeganii kaa’uun faalama fi manca'ina irraa ittisuun
ni-danda''ama. Omisha qurxummii haala gaariin yoo hin-qabamne foon qurxummii irratti
baakteeriyaawwan dhukkuba fidan fi ilbiisonni akka irratti wal horan haala mijaa'aa waan uumuuf
fayyadamtoota foon qurxummii dhikkubaaf isaan saaxiluu danda'a.
12. Herreega bu'aa-qabeessummaa paakeejichaa
12.1Yaadamoota
Qindeessitoonni qurxummii 5 garee tokkotti gurmeessun qurxummii ni-kiyyeessu.
Gareen tokkoo minjaala 2 tti fi teessoo dalgee 3 fi firijii guddaa/deep freez/ fayyadamuun
ni-qideessu/qopheessu/.
Bittaa galtee ofii isaaniitiin ykn., liqiin keessumaa'a.
Yeroon kaffaltii itti xumuramuwaggaa 5 tti ta'a.
Qurxummii qindeessitootni waggaatti ji'oota 10 fi ji'atti guyyaa 24 hojjetu.
Qindeessitootni qurxummii qurxummii mar'immaan garaa bahe qopheessanii gabaaf
dhiyeessu.
Gatiin gurgurtaa qurxu,mii miini garaa baheeQr.80/k.g. fi waggoota sadan dhufaniif
immmoo qr.100/kg akka qabaatu yaadameera.
Paakeejichi naannoo qaamni bishaanii gosa hundi argamutti hojii-irra oola.
13. Haala deebii liqii
Hangi liqii walii gala 924,850 yoo ta'uu dhalli %18 dha. Haallii deebii liqii haala itti aanuun
ta'a.
Gabatee 2. Tarreeffama galteewwanii fi fedhii liqii
Bara
Gatii Gatii tajaaj
TL Tarreffama hojii Saf. Baay. tokko waliigalaa ilu Hir'ifama tajaajilaa
Ida’ama 602,250
Ida’ama walii gala 932,350
Hanga fedhii liqii walii gala 932,350
(abba 5 ¯Sƒ kan kanfalamu)
Ga’ee miseensa tokkoo 186,470
b/ Meeshalee dhumataa -
Funyoo ittiin saaphana suphaan
(0.5K.GSaaphana guutuuBakka -
bu'aa qonyee Qar
3,962,2 5,402,2 6,122,2 6,122,2 3,962,2
Ida'ama 50 50 50 50 50
Dhala liqii fi kanfaltii 354,2 320,7 287,1 253,5
haadhoo kan waggaa - 93 28 64 99 220,035
330,1 4,316,5 4,282,9 5,689,4 6,375,8 6,342,2
Baasii hir'ifama tajaajilaa 00 43 78 14 49 85
845,8 879,4 1,618,10 1,928,15 2,023,3
Ida'aama baasii walii gala - 57 22 6 1 95
Bu'aa qulqulluu waggaa kan 169,171.4 175,8 323,621. 385,630. 404,
c/ garee ( ji'a 10 ) - 0 84 24 16 679
14,0 14,6 26,968. 32,135.
Galii waggaa miseensa tokkoo - 98 57 44 85 33,723
354,2 320,7 287,1 253,5
Galii ji'aa miseensa tokkoo - 93 28 64 99 220,035
13.1.Deebii liqii
Gabatee 5 Haala deebii liqii
Hanga liqii walii galaa 924,850
14. Gabaa
Qurxummii miini garaa ba'ee ho'aa fi Filleettoo ykn Qulqullinni isaa hin hir'atin qabbaneessituu keessa
turee eegamee booda gara gabaa akka dhiyaatu taasifama.
15. Tooftaa raawwii
Oomisha qurxummii qulqullina isaa eegsiisuuf, manca’insaa fi faalama qurxummii oomisha boodaa
eeguuf qurxummii miini garaa ba'ee fi filleettoo paakkejii qindeessuu fi qopheessuu hojiirra oolchuuf
tooftawwaan itti aanaan hojiirra ni oolu.
15.1 Qorannoo fi qu'annoo gaggeesuu
Paakeejiin qophii fi qindeessa qurxummii keessatti oomishuuf dhiyaate haaraa waan ta'eef qabiyyee fi
ittii fayyadama akkasumas bu'aa argamsiise beeksisuu,leenjisuu,hojjetanii agarsiisuu,miidiyaa
quunnamtiitiin fayyadamtootaaf hubannoon akka qaqqabuu fi beekumsa horatan ni taasifama.
Dabalataanis qindeessitootni waa'ee qurxummmii kiyeessuu beekumsa hin qabne leenjii gochaan
agarsiisuu akka argatan ni taasifama.
Bakkeewwan baadiyyaa biyyatti baay'etti aadaan nyaata qurxummii baay'ee hin baratamne.
Waan ta'eef hawaasni qurxummii akkuma nyaata gosa biraa akka tarree nyaata isaa idileetti akka ilaaluu
fi nyaataaf fayyadamu waa'ee Qophii fi qindeessaa qurxummii sirna nyaataa fi faayidaa nyaata
qurxummii irratti hojiiin hubannoo kennuu bal'inaan akka hojjetamu ni taasifama.
15.3 Qophii meeshalee Barnootaa
Paakeejiin qophii fi qindeessaa oomisha qurxummii ibsan faayidaa sirna nyaata qurxummii kan
raawwii paakejichaa poosteeroorata gargaaraan,barreeffama xixiqqaa, fiilmota viidiyoo fi
maannuaaloonni qophaa'uun qaama raawwachiisuuf ni dhiyaata.
Waggaatti yeroo tokko giddugaleessaan qaama dhimmi ilaallatu naannolee fi qaamota biroo waliin
ta'uun bu'aan raawwii,rakkooleen qunnaman akka adda bahan fi yaada furmaataa murtoof akka
dhiyaatan taasisuun yeroo hayyamamanis hojii-irra akka oolan ni-taasifama.
17.Sirna Liqii
17.1 Yaadamootaa (Barbaachisummaa liqii)
Olitti akka ibsametti,paakejiin Qophii oomishaa fi qindeessaa kaappitala ol'aanaa kan gaafatu dha.Waan
ta'eefis,hirmaattonni paakeejichaa muraasni fedhii madda maallaqaa mul'atu uwwisuuf kan isaan rakkisu
ta'uu danda'a.waan ta'eef, barbaachisummaan liqii waan wal nama gaafachiisu miti.
Liqiin baankii daldala itoophiyaa ,baankii misoomaa,dhaabbilee liqii maaykiroo xixxiqqaa dhaabbilee
tola ooltota adda irraa argamu danda'a.Liqiin qaama kamirraayyuu argamu immaammata dhaabbaticha
liqii kennuun kan Hordofu ta'a.
17.3Kanfaltii Liqii
Kanfaltii liqii ilaalchisee danbii fi seera qaama liqii kennu irratti hundaa'ee akka hojiirra oolu taasifama.
18.Qabiinsaa ragaa
Ragaan karaa guutuu ta'ee fi of eeeggannoon Qindeessuu fi qabachuutu irraa eegama.
Maqaa lagichaa fi bakka itti argamu ,Qaamni bishaanichaa hanga iddoo uwwisu,waggaattiioomisha
qurxummii miini garaa ba'ee qindaa'ee fi Filleettoo argamu fi akaakuu qurxuummii oomishamu
oggeessa wajjin ,oomisha qurxummii oomishamee fi fayyadama sirna nyaata maatiitiif gumaacha kan
taasise hanga oomisha qurxummii,Qohii fi Qindeessitoota qurxummii hojiirra oole baay'inaa fi gosa
isaa guyyaa fi yeroo kiyeessaa baay'ina Qopheessitootaa fi Qindeessitootaa hirmaatanii fi gatii
qurxummiiti ragaa ibsuu dha.
19. Gurmaa'inaa fi Bulchiinsa
Paakeejii kana hojiirra oolchuuuf Ministeera qonnaatti Daayrikteereetii misooma qurxummii fi ejensii
misooma qabeenya beeyladaa naannolee sadarkaan jiran guutummaan kan hirmaaatan yoo
ta'u,paakeejicha argannoowwan haaraatiin fooyyessuun barbaachisaa ennaa ta'e dhaabbilee qorannoo
hirmaannaa ni taasisuu.
Kallattii ogummaa misooma qurxummiitiin hanqinni ogeessaa waan jiruuf Hojjettoota Misooma
gahoomsuun qindeessitoota qurxummii fayyadamoo ta'an waliin ta'uun deeggarsa ogummaa sirna
nyaata qurxummii irratti hubannoo kennuu akka danda'an ni taasifama.
20. Gabatee yeroo raawwii paakeejichaa
Paakeejii Qopheessitootaa fi Qindeessitota Qurxummii kan hojiirra oolu waggaa guutuu osoo hin taanee
gadi fageenya Yeroo ittii qurxummiin itti wal horu oomshni qurxummii waan hin oomishneef turtii ji.a
2 ilaalcha keessa galchuun ji'oota 10f Hojiin qophii qindeessa qurxummii ni gaggeeffama.
Kunis kiyyeessittoonni yeroo wal hormaata qurxummii gadi fad fageenya bishaanii yeroo dabalu waan
hin hojjenneefidha.
21. Sodaa raawwii paakeejichaa
Qaamolee bishaanii gurguddoon irratti hojii qonnaaf daangaa malee jallisii fayyadamuun
bishaanii fi hanga qaama bishaanii ni hir'isa.
Jijjiirama haala qilleensaa wajjin walqabatee hangi qaama bishaanii hir'achuu fi dabaluu
akkasumas faalamni bishaanii yoo uumamu hangi oomisha qurxummii oomishamuu waan
hir'atuuf hangi oomisha qurxummii qophaa 'uu fi qindaa'u hir'achuu danda'a.
Ka % gram gra gra gram gra gram Mil gram Mil Mil Mil Mil Mil Mil Mil Mil %
Qurxummii - - - - - - - - - - - - - - - - - -
gaa affeelame
Qurxummii 207 54. 5.56 34. 6.7 2.1 0.1 1.5 106 297 1.9 0 0.01 0.17 2.5 - 2 65
aaddii kan lagaa
Zayitiin 242 54. 4.38 27. 13 3.4 0.1 1.5 129 290 1.9 0 0.03 0.04 2 . 3 65
urxummii waaddii
an lagaa
Qurxummii 233 50. 6.17 38. 8.1 1.8 0.2 1.5 57 283 3.5 0 0.02 0.04 3.6 . 3 65
gaa daakun
ukkumame waadame
Qurxummii 287 46. 5.55 34. 15. 1.3 0.1 1.7 181 378 3.6 0 0.01 0.04 3.5 3 65
ayitiif daakuun
ukkumame waadame
Qurxummii 136 72. 3.03 18. 6.1 1.5 0 0.8 32 153 1.5 0 0.01 0.04 2 - 4 65
heedhii kan lagaa
Qoonxaa 242 43. 7.27 45. 5.6 2.5 0 2.6 146 414 2.9 0.1 0.01 0.15 3 : 2 65
urxummii goggogaa
felame
Qurxummii 410 6 11.66 72. 11. 3.5 0.6 5.9 223 673 4.6 0.03 0.01 0.27 5.9 3 65
gaa waadame
eelame
Qurxummii 134 72. 3.39 21. 5.3 0.4 0 0.7 80 147 3 0 0.02 0.05 1.8 - 1 51
aroo affeelame
Qurxummii 168 64. 4.44 27. 5.8 1.1 0.3 1 168 261 4 0.02 0.04 0.11 2.6 - 2 51
aroo xiqqaate
asaabame
Qurxummii 167 64. 3.5 21. 6.2 6.1 0.1 1 163 249 4 0.02 - - 1.7 . 2 51
aroo zayitiin
aadame 2
Zayitif 117 52. 5.7 35. 7 3 2.8 1.5 172 332 4 0.07 0.01 0.11 2.3 - 2 51
aakun waadame
urxummii haroo
3
4