Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 16

BIIROO QONNAA OROMIYAA

DAMEE MISOOMA BEEYLADAA

Daayrektoreetii Kun.lafa.Dh.Misoomaa fi Itti Fayadama Ny.Beeyladaa

Paakeejii dhiheesii fi daldaala nyaata qinda’aa fi haftee warshaa


omisha qonnaa

Ebla, 2015
Fininnee
0
Contents
1. Seensa...........................................................................................................................................3
2. Kaayoon paakeejii..........................................................................................................................3
3. Galma paakeejii.............................................................................................................................3
4. Qabiyyee paakeejii.........................................................................................................................4
5. Gurmuu/uffisa/ paakeejii...............................................................................................................4
5.1. Paakeejii dhiheesii nyaata beeyladaa qinda’ee fi daldalaa....................................................4
5.1.1. Dhiheesii nyaata beeyladaa qinda’aa.............................................................................4
5.1.2. Kapitaala ka’umsaa, dhiheesii liqii fi kallatii liqiin itti deebi’uu dandaa’u.......................4
5.1.3. Bakkee itti hojataan/itti gurguranii fi itti kusaan............................................................4
5.1.4. Leenjii.............................................................................................................................5
5.1.5. Walti hidhiinsa...............................................................................................................5
5.1.6. gurma’insa.....................................................................................................................5
5.2. Paakeejii daldaala haftee warshaa omisha qonnaa...............................................................5
5.2.1. Dhiheesii galtewaan haftee warshaa omisha qonnaa...................................................5
5.2.2. Kapitaala ka’umsaa/dhiheesii liqii fi haala liqiin itti deebii’u/........................................6
5.2.3. Haala bakka hojii/gurgurtaa/ fi mana kuusaa................................................................6
5.2.4. Leenjii.............................................................................................................................6
5.2.5. Walitti hidhamiinsa gabaa..............................................................................................6
5.2.6. Gurma’insa.....................................................................................................................7
6. Tooftaa paakeejiinkun itti raawaatu..............................................................................................7
7. Nannoo Paakeejiin Kun Itti Raawaatu............................................................................................7
8. Itti Fayadamtoota fi hirmatoota Paakeejii.....................................................................................7
9. haala raawii fi bu’a qabeesummaa paakeejii kanaa.......................................................................8
10. Sochii hojii daldaala qabiyyee paakeejii kanaa..........................................................................8
10.1. Karoora gurgurtaa omishaa...............................................................................................8
10.2. Karoora galtewaan fi meeshalee itti tajajilamaan..............................................................9
10.3. Fidhii paakeejii galtewaan ittiin omishaan.......................................................................10
10.4. Yeroo paakeejiin kun itti raawaatu..................................................................................11
Gabatee 5. Paakeejii nyaata beeyladaa qinda’ee fi haftee warshaa omisha qonnaa kun
yeeroo itti raawaatu....................................................................................................................11
11. Ibsa Faayinaansii............................................................................................................................11
11.1. Baasii waggoota shanii tilmamaan..........................................................................................11
Gabatee 6. Ibsa baasii tilmamaa waggota shanii....................................................................11

1
11.2. Ibsa Galii fi Kisaraa, nyaata madalamaa qinda’ee fi haftee warshaa omisha qonnaa............12
7. Ibsa bu’aa fi kisaaraa nyaata madalamaa qinda’ee fi haftee warshaa omisha qonnaa12
12. Qooda fudhatootaa paakeejii kanaa fi geheen isanii.....................................................................13
12.1. Waajjira Caarraa hojii umtuu baadiyaa...................................................................................13
 Gatiin nyaata qinda’aa fi haftee warshaa omisha qonnaa akka humnaa ol wal hin kaane ni to’aata
gatii madalamawaa akka gurguraan hordofii ni taasiisa...................................................................13
12.2. Waajjira Misooma Qabeenya Beeyladaa................................................................................13
12.3. Waajjira Babaliina Waldaa Hojii gamtaa.................................................................................13
12.4. Dhaabilee Faayinaansii...........................................................................................................13
13. Hordofii fi gamagaama gaggeesuu.................................................................................................14

2
1. Seensa
Biyya keenyatti nyaani beeyladaa madda adda addaa irraa ni argaamu. Inni ijoon raafeejii fi
nyaaata madalamaa/concentrate/ jedhamanii ni beekaamu . Omishaa fi omishtummaa
beeyladaa keessatti gahee olanaa kanqqbuu fi akka salphaati kan hin ilalaamiine fi madda
nyaata madalamadhaaf kan nutti itti fayadaamiinu omisha midhanii fi haftee isaatti.
Warshalewaan galtee bu’aa qonnaa fayadamaan warshalewaan daakuu, warshalewaaan
zayitaa fi haftwaan warshalee dugatii irraa kan argamaniidha. galtewaan nyaata kana qaama
nyaata madalamaa /concentrate/kanaatti. Ijaa kana ta’eefiis omishini haftee warshaa kanaa
nyaata beeyladaaf fayadamuun gaheen omishaa fi omishtummaa beeyladaaf inni taasiisu
baayee baldhadha. Biyya keenyaatti bakka adda addaatti warshalewaan daakuu babalachaa
jiraan ennaa ilaalu waggaatti toonii 336,548 akka omishaan ni tilmamaama. Ijaa kana ta’eef
galtwaan haftee warshaa qindaa’e fi galtewaan qindeesuuf nama gargaraan gara
qonnaa/horsisee bultootaatti akkasumaas hormaataa fi gabbisii irratti warroota boba’aan
abbootii qabeenyaaf dhihesuun akka fayadamaan taasisuun osoo danda’amee omishtummaa
beeyladaa irratti jijjiraama kana hin jedhaamiine fiduun ni danda’aama.

Ijaa kanatiif madda nyaata beeyladaa baldhaa ta’e kana seeraan itti fayadamuun ni
barbaachiisa. Hojimaata kana bu’a qabeesa taasisuuf daargagootaa fi dubartoota ntyaata
beeyladaa qindaa’ee fi galtewaan qindeesuuf namagargaraan hafte warshaa omisha qonnaa
dhiheesuun daldaala irratti gurmeesuun fayadamtoota taasisuun omishaa fi omishitumaa
beeyladaa gudisuun biyyattiin dame kana irraa waan argachuu qabdu argachuun fayadamaa
akka taatu taasisuun gidisuu.

2. Kaayoon paakeejii
 Hoji dhabiyyee dargagootaa fi dubartoota nyaata beeyladaa warshaa keessatti
qindaa’ee fi galteewaan haftee warshaa omisha qonnaa nyaata madalamaa
qindeesuuf gargaaraan daldaala irratti gurmeesuun, hirmachisuun diinagdee akka
umataan taasisuuf
 Nyaata beeyladaa qulquliina qabuu fi qindaa’e, akkasumaas galtewaan warshaa
omisha qonnaa nyaata madalawaa qindeesuuf gargaraa gatii madalawaatiin akka
dhihataan taasisuun gatii nyaata beeyladaa tasgabeesuu fi omishaa fi
omishtummaa damee kanaa fooyeesuuf

3. Galma paakeejii
 Hoji dhabeeyii dargagootaa fi dubartoota gurmeesuun nyaata qinda’ee fi galtewaan
warshaa omisha qonnaa bakka dhihootti qonnaaf/horsisee bultootaaf akkasumaas
abbootii qabeenyaa dame kanatti boba’aan akka dhihesuu irratti hirmataan
taasisuun hojii uumuu, kananiis hormaata beeyladaa ammayaa ta’e babalisuun
omishaa fi omishtumaa gudisuu

3
4. Qabiyyee paakeejii
Daldaala paakeejii nyaata beeyladaa qinaa’e gosa beeyladootaa fi umurii sadarkaa adda addaa
irratti argamaan, nyaata beeyladaa akkatuuma gosaa fi sadrkaa umuritiin nyaata gosa fi
qabiyyee adda addaan fayadamuun haali qophiin isaa saayinsii kan hordoofe ta’ee nyaata
beeyladaa kana qopha’ee fi qidndaa’e kan dhihaatu ta’a.

5. Gurmuu/uffisa/ paakeejii
5.1. Paakeejii dhiheesii nyaata beeyladaa qinda’ee fi daldalaa
Paakeejii dhiheesii nyaata beeyladaa qinda’ee fi daldalaa hojachuuf gurmiin armaan
gadii dhihateera.

5.1.1. Dhiheesii nyaata beeyladaa qinda’aa


Maddi dhiheesii nyaata beeyladaa qinda’aakun warshaa keessatti warroota
qindeesa, omishanii fi warroota rabsaan/omishtoota gurguraan ennaa
ta’aan galteewaan kun baayina barbadamuun dargagoota gurma’anii fi
dubartooni dhabilewaan omishaan irraa kallattii itti argachuu danda’aan
karaa qooda fudhatootaan akka mijaa’u ni taasifaama.

5.1.2. Kapitaala ka’umsaa, dhiheesii liqii fi kallatii liqiin itti deebi’uu dandaa’u
Dargagoota fi dubartoota gurma’aniif paakeejii fi barbaachisummaa
qussannoo fi raawii isaa irratti hubannoo gahaa erga umamefii booda bittaa
nyaata qinda’eef, geejibsisuuf, hojataa humnaa tiif, mana kusaatii fi kiraa
mana gurgurtaa tiif fi kkf baasiwaan barbaachisaan bali’naan ulagaa
qophesuun haaluma ulagaa ta’ee fayadamtoota liqii akka ta’aan taasifaama.
Haali liqiin itti deebii’u waggaa liqii fudhataan irraa egalee waggoota shan
keesatti kan xumuraamu ta’ee haali itti deebii’u waguma wagaana liqii
liqeefataame harka shan irraa harka tokk(1/5) debisuun kan xummuraamu
ta’a.

5.1.3. Bakkee itti hojataan/itti gurguranii fi itti kusaan


Dargagooni fi dubartooni gurma;aan daldalaaf bakka mijata ta’ee fi
ilbisootaa fi antuuta irraa bilisa ta’e bakka gurgurtaa qulquluu ta’e
qopheesuu qabu
Mani kuusaa lafti isaa simintoon kan hojataame, qilleensa akka garaatti
galchuu kan dandaa’u, jidhiina kan hin qaabinee fiilbisoota, antuutaa fi
waan adda addaa irraa bilisa kan ta’e e fi qulquluu ta’uu qaba.

5.1.4. Leenjii
Dargagoota/ dubartoota gurma’aniif malumaa nyaata beeyladaa
madalamaa qindaa’e, barbaachisumaa isaa fi kan biroo haala teekinikaa
irratti hubannoo gahaa ta’e umuun leenjii akka argataan ni taasifaama.

4
Haala qabiina nyaataa, kuusuu akkasumaas kan biroo hojimaata off
eggannoon hojatamuu qabaan irratti leenjii gahaa ta’e ni keennaama.

5.1.5. Walti hidhiinsa


Dargagoota/dubartoota gurma’anii fi nyaata beeyladaa
qindeesan/dhaabbilee omisha nyaata beeyladaa omishaan, nyaata
madalamaa baayinaa fi yeeroo barbadameetti akka argachuu danda’aan
walitti hidhinsi gabaa cimmaa akka jiraatu ni taasifaama.
Nyaani qindaa’e gara fayadamtoota qonnaan/horsisee bultoota bira
salphaan akka gahu dandaa’u taasisuuf dhiheesitoota nyaataa,
dargagoota/dubartoota fi waajjira misooma qabeenya beeyladaa gidduutti
walitti hidhiinsi cimaa akka jiraatu ni taasifaama. Dabalataniis
qonnaan/horsisee bultootaaf qabiinsa nyaata qindaa’ee fi itti fayadaam isaa
irratti fi lafa qabiinsa ekisteenshinii akkasumaas hojii hubanoo umuu
raawachuu irratti waajjira MQB waliin walitti hidhamiinsa cimaa akka
umaamu ni hojataama.
Waajjira carraa hojii umutiin gandoota gandoota keessatti daldaala nyaata
beeyladaa irratti warra gurma’aan dargagootaa/dubartootaa fi qaamolee
beeylaada horsisaa qonnaan/horsisee bultoota gidduutti walitti hidhamiinsa
gabaa akka ciimu ni hojataama.

5.1.6. gurma’insa
Gurma’uun haaala gaaritiin raawachuuf, qaama adda addaa irraa deeggarsa
adda addaa argachuuf gurma’uun fayidaan isaa olanaadha.
Ijaa kana ta’eef daldalaa fi gurgurtaa nyaata qindaa’e dargagootaa fi
dubartoota irratti gurmeesuun hojii bu’a qabeesa ta’e hojachuun ni
danda’aama. Dargagootaa fi dubartoota gurmeesuun karaa waajjira aanaa
caarraa hojii ummuu ennaa ta’u lakkoofni isaniis shan darbuu hin qabu.

5.2. Paakeejii daldaala haftee warshaa omisha qonnaa


Daldaala haftee warshaa omisha qonnaa hojachuu gurmuun haala armaan gadiin
dhihateera.

5.2.1. Dhiheesii galtewaan haftee warshaa omisha qonnaa


Maddi dhiheesii haftee warshaa omisha qonnaa kan akka haftewaan
warshalee daakuu qamadii, Zayitaa fi warshalewaan Dugaatii adda addaa
irraa kan argaamu yoo ta’u qaamoleen rabsaan ykn gurguraan omishtoota
waan ta’aniif dargagooni fi dubartooni gurma’aan kun galteewaan kana
salphaan hanga barbadaan argachuu akka danda’aan haala ni mijaa’a.

5.2.2. Kapitaala ka’umsaa/dhiheesii liqii fi haala liqiin itti deebii’u/


Dargagootaa fi dubartoota paakeejii irratti gurma’aan hubannoon gahaa ta’e
erga umamee booda bittaa nyaata haftee warshaa omisha qonnaaf

5
geejibsisuuf, kafaltii humnaatiif, mana kuusaa tiif, kiraa mana gurgurtaaf
baasii barbaachiisuuf dursanii qusannoo akka taasisaan taasisuun dhaabilee
faayinaansii nannoo isaniitti argamaan irraa liqiin akka mija’uuf ni
taasifaama.
Haala liqiin itti deebii’u bara liqii fudhataan irraa egalee waggoota shan
keessatti kan xumuraamu ta’ee haali kafalti isaas waggaa waggaanarka shan
keessaa harka tokko(1/5) barabaraan kafalamee kan xummuraamu ta’a.

5.2.3. Haala bakka hojii/gurgurtaa/ fi mana kuusaa


 Dargaggooni/dubartooni bakka daldalaa fi gurgurtaa mijataa :-
ilbisoota, antuuta fi wantoota adda addaa irraa bilisaa fi qulquluu
ta’e qopheesuu qabu.
 Lafti mana kusaa simintoon kan hojataame, qilleensa akka garaatti
galchuu fi baasuu kan dandaa’u, jidhiinsa kan hin qaabiine, ilbiisa,
antuuta fi wantoota adda addaa irraa bilisaa fi qulquluu ta’uu qaba.

5.2.4. Leenjii
 Dargaggota/dubartoota gurma’aniif malummaa nyaata haftee
warshaa omisha qonnaa irratti, barbachisummaa isaa fi wantoota
teekinikii ta’aan irratti leenjiin hubannoo ni keennaama.
 Qabiinsa nyaata kanaa fi haala kuusaa isaa irratti akkasumaas off
eeggannoo hojimaata irratti taasifamuu qaabu leenjiin gahaa ta’e ni
kennaama.

5.2.5. Walitti hidhamiinsa gabaa


 Dargaggoota/dubartoota gurma’anii fi omishitoota haftee warshaa
omisha qannaa gidduutti yeeroo fi baayina barbaachisu argachuu
akka danda’aan walitti hidhamiinsi gabaa cimaa ta’e akka jiraatu ni
taasifaama.
 Nyaata haftee warshaa omisha qannoo kun salphaan gara
qonnaan/horsisee bultoota bira akka gaahu Dargaggoota/dubartoota
gurma’anii fi waajjira misooma qabeenya beeyladaa gidduutti walti
hidhamiinsa cimaa akka jiraatu ni taasifaama.
 Karaa waajjira carraa hojii umtuu aanaa, dargaggootaa fi dubartoota
daldaala nyaata beeyladaa irratti ganda gandaan gurma’aniif
sagantaa walbeeksuu umuun, karaa dargagoota/dubartoota fi
qonnaan/horsisee bultoota giddutti walitti hidhamiinsi gabaa akka
umaamu ni taasifaama.

5.2.6. Gurma’insa
Daldaala haftee warshaa omisha qonnaa kana haaala gaaritiin raawachuuf
gurma’uun, qaama adda addaa irraa deeggarsa adda addaa argachuuf
gurma’uun fayidaan isaa olanaadha.

6
Ijaa kana ta’eef daldalaa fi gurgurtaa haftee warshaa omisha qonnaa irratti
dargagootaa fi dubartoota irratti gurmeesuun hojii bu’a qabeesa ta’e
hojachuun ni danda’aama. Dargagootaa fi dubartoota gurmeesuun karaa
waajjira aanaa caarraa hojii ummuu ennaa ta’u lakkoofni isaniis shan darbuu
hin qabu.

6. Tooftaa paakeejiinkun itti raawaatu


Tooftaan raawii paakejii kanaa, calqaaba dorgagootaa fi dubartoota hojii dhabeeyii
ta’aan aanaan aanaan adda basanii gurmeesuun ni hojataama. Nyaata
qinda’aa/haftewaan warshaa omisha qonnaa paakeejii kanaaf galteewaan barbaachisaan
adda basuun, dhiheesii galteewaan kanaa akkamii fi eenyuun akka raawatu karoori gadi
fageenyaan akka karoorfaamu ni taasifaama. Deeggaarsi taasifaamuuf, gosaa fi ammala
isaa adda basanii baruun raawii isaa qaama dhimmi ilaalaatu haala adda baheen itti
kennamee ni raawaata. Dhimmi leenjii, deegarsaa fi hordoofii waajjiraale/qaama dhiimi
ilaalatuun yeeroo yeroonni raawaata. Yeroo hordofiin taasifaamu rakkoleen adda bahaan
yeroon fuurmaani itti kennaama. Haaluma gahee hojii qooda fudhatotaan adda baheen
qindoomina umuun, miseensoota filannoo hanga raabsa dhihesiinyaata
qinda’aa/haftewaan warshaa omisha qonnaa itti haaluma milka’iina qabuun ni
raawataama.

7. Nannoo Paakeejiin Kun Itti Raawaatu


Paakeejiin kun magalaatti, nannoo magaalatti fi magaaloota baadiyaa xixiqootti
raawachuu ni dandaa’a. Akasumaas aanolee/gandoota hojii misooma qabeenya
beeyladaa babalateetti hojatamuu ni dandaa’a.

8. Itti Fayadamtoota fi hirmatoota Paakeejii


Hirmatooni paakeejii kanaa hojii kana irratti bobba’uuf feddii fi kaka’uumsa qabaan, leenjii fi
gorsa keennamuu fudhatee seeraan hojii irra olchuuf eyyamamaa ta’anii fi liqii liqeefataan
haala waligaltee seenaniin yeeroon kan deebisaan akkasumaas galii argataan osoo hin
qisaseesiin guddinaaf warroota carraaqaan ta’uu qabu.Itti fayadamtooni paakeejii kanaa
qonnaan/horsisee bultoota, dargagootaa fi dubartoota gurma’aan, abbootii qabeenya nyaata
beeyladaa qindeessaan, Waajjira Misooma Qabeenya Beeyladaa, Waajjira Babaliina Waldaa
Hojii gamtaa fi waajjira carraa hojii umtuu baadiyadha.

9. haala raawii fi bu’a qabeesummaa paakeejii kanaa


Giddu-galeessaan nyaata madalamaa qindaa’e kuntaala 10 akka gurguraamu yaada
keessa galchameera.
Deddebi’ii bittaan nyaata madalamaa qindaa’ee fi haftee warshaa omisha qonnaaf
giddu-galeessaan guyyaa 15 hanga ji’a tokkootti akka dhihaatu yaada keessa kan
galcheedha.

7
Yeeroo tokkoon baayini nyaan bitaamu kuntaala 300 yaada keessa kan galcheedha.
Sochii bittaa nyaata beeyladaa nama tokkoofkafalaamu guyyaatti giddu-galeessaan
qarshii 600 yaada keessa kan galcheedha.
Fageenyi bittaa galtewaan taasisuuf km 300 akka deemaamu yaada keessa galchuun
Kafltii humnatiif kuntaala tokkoof giddu-galeessaan qarshii 6 akka kafalaamu yaada
keessa kan galcheedha.
Giddu galeessan bu’aan nyaata madalamaa qinda’ee fi haftee warshaa omisha qonnaa
kuntaala tokko irraa giddu-galeessaan %15 akka argamuu dandaa’u yaada keessa kan
galcheedha.
Mana kuusaa galtewaan itti kuufaamu yoo kan kireefamu ta’e ji’aan 1500 akka
kafalaamu yaada keessa kan galcheedha.

10. Sochii hojii daldaala qabiyyee paakeejii kanaa


10.1. Karoora gurgurtaa omishaa
guuca 1. kKaroora gurgurtaa omishaa

Lakk Gosa omishaa Saf


Wagg Wagg Wagg Wagg Wagg
1ffaa 2ffaa 3ffaa 4ffaa 5ffaa
1 Nyaata qindaa’e
Nyaata lukkuu buphaa Kun 600 660 726 798 878
Nyaata lukkuugoromtii Kun 500 550 605 665 732
Nyaata lukkuucuucii guyyaa
Kun 300 330 363 399 439
tokkoo
Nyaata gabbisii Kun 200 220 242 266 292
Nyaata dulloota annanii kun 200 220 242 266 292
2 Hafttee warshaa omisha
qonnaa
Nyaata fagulloo Kun 1000 1100 1210 1331 1464
Furushikaa Kun 1000 1100 1210 1331 1464
Ida’ama 3800 4180 4598 5056 5561

10.2. Karoora galtewaan fi meeshalee itti tajajilamaan


Guuca 2. Karoora galtewaan fi meeshalee itti tajajilamaan
lakk Meeshalee tajaajilaa/gosaa fi saf Baay Gatii Tajajiila
dhiheesii Gatii waligalaa irraa kan
tokkoo hirdhaatu
Dhiheesii fi meeshalee tajajilaa
1 Baasii sirree nyaata beeyladaa irratti M2 50 50 2,500
tulaan
2 Madallii/balance/ Lakk 1 7,000 7,000
Ida’ama 9,500

8
Hubachiisa:- Gatiin kun yeeroo paakeejiin kun qophaa’eetti waan shallagamee yeeroo amma
gain galtewanii dabaluu waan danda’uuf haaluuma gabaa yeeroo irratti hunda’ee baasiin
jijjiramuu ni dandaa’a jeechaadha.

9
10.3. Fedhii paakeejii galtewaan ittiin omishaan
Guuca 2.Karoora fedhii paakeejii galtewaan ittiin omishaan

La Gatii Waggaa 1ffaa Waggaa 2ffaa Waggaa 3ffaa Waggaa 4ffaa Waggaa 5ffaa
Gosa galtewaanii Saf
k tokkoo Baay Gatii Baay Gatii Baay Gatii Baay Gatii Baay Gatii
Ku
1 Nyaata qindaa’e
n
Ku
Nyaata lukkuu buphaa
n 850 600 510,000 660 561,000 726 617,100 798 678,300 878 746,300
Ku
Nyaata lukkuu goromtii
n 800 500 400,000 550 440,000 605 484,000 665 532,000 732 585,600
Nyaata lukkuu cuucii Ku
guyyaa tokkoo n 1,070 300 321,000 330 353,100 363 388,410 399 426,930 439 469,730
Ku
Nyaata gabbisii
n 650 200 130,000 220 143,000 242 157,300 266 172,900 292 189,800
Ku
Nyaata dulloota annanii
n 690 200 138,000 220 151,800 242 166,980 266 183,540 292 201,480
Haftee warshaa omisha
2
qonnaa
Ku
Nyaata fagulloo
n 700 1,000 700,000 1,100 770,000 1,210 847,000 1,331 931,700 1,464 1,024,800
Ku
Furushikaa
n 450 1,000 450,000 1,100 495,000 1,210 544,500 1,331 598,950 1,464 658,800
kun
3,800 2,649,000 4,180 2,913,900 4,598 3,205,290 5,056 3,524,320 5,561 3,876,510
Hubachiisa:- Gatiin kun yeeroo paakeejiin kun qophaa’eetti waan shallagamee yeeroo amma gain galtewanii dabaluu waan danda’uuf haaluuma
gabaa yeeroo irratti hunda’ee baasiin jijjiramuu ni dandaa’a jeechaadha.

10
11
10.4. Yeroo paakeejiin kun itti raawaatu

Gabatee 5. Paakeejii nyaata beeyladaa qinda’ee fi haftee warshaa omisha qonnaa kun yeeroo itti raawaatu

Lak Hojiwaan hojatamaan Yeeroo Itti Raawaatu Ji’ootaan


Ad Hag Ful Onk Sad Mud Am Gur Bit Eb Caam Waax
1 Dargagoota hojii XX XX
dhabiyyee adda baasuu
2 Leenjii Kennuu XX XX
3 Mana kuusaa galtewaan XX XX
qopheesuu
4 Nyaata qinda’ee fi haftee XX XX XX XX
warshaa omisha qonnaa
bittaa / dhiheesii
gaggeesuu
5 Bakka hojii, mana kusaa XX
“Ribrabii” qopheesuu

11. Ibsa Faayinaansii


11.1. Baasii waggoota shanii tilmamaan

Gabatee 6. Ibsa baasii tilmamaa waggota shanii


Lak
Ibsa Waggaa 1ffaa Waggaa 2ffaa Waggaa 3ffaa Waggaa 4ffaa Waggaa 5ffaa
..
1 Hojii baasii omishaaf
Baasii meeshalee dhumataaf 2,649,000 2,913,900 3,205,290 3,524,320 3,876,510
2 Baasii bulchiinsaaf
Kiraa man kuusaa fi bakk itti gurguraaniif 18,000 18,000 18,000 18,000 18,000

12
Baasii galteewaan ittiin geejibsiifaamu
Kan ittin feesisanii fi busaan 22,800 25,080 27,588 30,336 33,366
Durgoof 12,000 12,000 12,000 12,000 12,000
3 Tajajilaaf kan irraa hirdhaatu
Meeshalee dhaabataaf 700 700 700 700 700
4 Liqii irraa kan deebii’e 21,000 22,050 23,153 24,310 25,525
Ida’aama 2,723,500 2,991,730 3,286,731 3,609,666 3,966,101

11.2. Ibsa Galii fi Kisaraa, nyaata madalamaa qinda’ee fi haftee warshaa omisha qonnaa

7. Ibsa bu’aa fi kisaaraa nyaata madalamaa qinda’ee fi haftee warshaa omisha qonnaa
Tilmaama Baasii waggaa 5nii
Ibsa 1 2 3 4 5
Galii gurgurtaa waliigalaa 3,010,300 3,311,330 3,642,463 4,005,021 4,405,299
Baasii iraa hirdhaatu 2,723,500 2,991,730 3,286,731 3,609,666 3,966,101
Bu’aa 286,800 319,600 355,732 395,355 439,198

13
12. Qooda fudhatootaa paakeejii kanaa fi geheen isanii
12.1. Waajjira Caarraa hojii umtuu baadiyaa
 Dargagootaa/dubartoota hojii dhabeeyii ta’aan fedhiin adda ni baasa ni gurmeessa
 Qusannoo akka qusataan ni taasiisa liqii ni mijeessa
 Dargagoota gurma’aniif karoora bizinasii ni qopheessa
 Leenjii akka argataan qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uun karoora ni karoorsa haala ni
mijeessa
 Dargaootaa fi dubartoota gurma’aan kana qonnaan/horsisee bultoota waliin akka wal
qunnamaan haala ni mijeessa.
 Liqii deebisisuu irratti deegaarssa ni taasiissa
 Gatiin nyaata qinda’aa fi haftee warshaa omisha qonnaa akka humnaa ol wal hin
kaane ni to’aata gatii madalamawaa akka gurguraan hordofii ni taasiisa.

12.2. Waajjira Misooma Qabeenya Beeyladaa


 Dargagootaa fi dubartoota gurma’aan gita hojii gurma;aan irratti leenjii gahaa ta’a ni
keena
 Raawiitti osoo hin seeniin duraa fi erga seenanii boodaas tajaajila deeggarsa ogumaa
fi hordofii ni kenna
 Dargagootaa fi dubartoota gurma’aanii nyaata qindaa’ee fi haftee warshaa omisha
qonnaa dhiheesaan qulquliina isaa ni hordoofa rakkoon yoo mulaate Waajjira Caarraa
hojii umtuu baadiyaa waliin ta’uun hatatamaan akka siraa’u ni taasisiissa.
 Qonnaa/horsisee bultootaaf haala itti fayadaama galteewaan kanaa irratti hubannoo fi
hojii wal barsisuu ni hojaata.
 Qonnaan/horsisee bultoota itti fayadamaan waliin walitti hidhiinsa akka umaan ni
taasiisa.

12.3. Waajjira Babaliina Waldaa Hojii gamtaa


 Dargagootaa fi dubartoota hojii dhabiyee gurma’aan kudhanii ol yoo ta’aan
fedhidhaan ni gurmeessa, karoora bizinasii ni qopheessa.
 Hubannoo dhimma barbaachisummaa qusannoo ni uuma. Akka qusataan ni taasiissa.
 Gurma’anii gara hojiitti warra seenanii fi warra gurmaa’insarra jianiif deeggarasa
oguummaa ni keenna, hordoofii ni taasiissa.

12.4. Dhaabilee Faayinaansii


 Baayina mallaqa qusataan irratti hunda’ee liqii ni dhiheesa.
 Liqii ni deebisiisa.

14
13. Hordofii fi gamagaama gaggeesuu
Paakeejiin kun bu’a qabeessa akka taa’u hordoofii fi gamagaama yeeroo isaa eegata
taasisuun baarbaachisaadha. Galtewaan nyaata qinda’ee fi haftee warshaaa omisha qonnaa
yeeroon akka dhihataan akkasumaas nyaata qinda’ee fi galtewaan haftee warshaaa omisha
qonnaa dhihataan kun gatii gurgurtaa madalawaa ta’uu fi bu’aa hin barbaachifine argachuuf
jecha gatii humnaa ol ta’e akka fayyadamtooni hin gafataamiine sirna hordoofii fi deeggarsa
wal irraa hin ciine taasisuun baarbaachisaadha. Akkasumaas waa’ee qulquliina nyaaata
dhihatuu kana karaa waajjira misooma qabeenya beeyladaa fi waajjira carraa hojii umtuu
baadiyaatiin haala qindoomina qabuun hoordoofii fi gamagaamini ni gaggeefaama.

15

You might also like