Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 10

BIIROO QONNAA OROMIYAA

DAMEE MISOOMA BEEYLADAA

Daarectoreetii Kun.lafa.Dh. Misoomaa fi Itti Fayadama Ny.Beeyladaa

Hojimaata Tilmaama Omisha Nyaata Beeyladaa

Ebla, 2013
Fifinnee
1. Hojimaata tilmaama omisha nyaata beeyladaa

Maddi nyaata beeyladaa bakka adda addattii akka argaamuu dandaa’u ni amanaama.
Haaluma kanatiin biyya keenyaatti akkumawaligalaatti madda nyaata beeyladaa jedhamee
kan amanaamu.

 Lafa dheedumsaa
 Haftee midhanii
 Bakka adda addatii biqiluu nyaata beeyladaa bosoona keessa dhaabaate
 Biqiluwaan nyaataa (Warqee, Agadaa shankooraa fi kkf )
 Midhaan/biqiltuwaan hudee (moose sukaraa)
 Nyaata beeyladaa fooya’aan

Madda nyaata beeyladaa qabnu kana (baayina beeyladoota qabnu waliin ilaluun) qopheesuun
dirqama keenyadha. Nannoodhuma nannoo keenyatti madda nyaata beeyladaa isaan
armaan oliitti caqafamanii fi kan biroo fayadamuun beeyladoota keenyaaf, akkuma sanyii
isaniitti, umurii fi omishtummaa isanii bu’ura taasifachuun nyaata isaan barbaachisu
qopheesuu, qindeesanii akka walgitu taasisanii nyaachisuun ni barbaachiisa. Kanafiis akka
nugargaaru calqaaba nannuuma nannoo keenyaan (gandaa hanga aanaatti) gosaa fi baayina
nyaata beeyladaa nyaataaf ta’uu danda’aan addaan baasuun ni baarbaachiisa.

2. Gosa fi baayina nyaataa beeyladaa jiru addaan baasuu

Calqaaba akkuma armaan olitti caqafameetti nannoo beeyladooni itti horaan sirritti addaan
baasuu baayina omisha nyaata beeyladaa argaamu addaan baasuuf haala ta’uumsa lafaa
/agro-ecology/ nannoon adda bafachuun ni barbaachiisa (baddaa, baddadaree fi gammoojii).
Haaluma kanatiin nannoo horsisee bultootaatti seenaariyoo jiraniin (yeeroo facaatii bokkaa
gaarii, giddu-galeessaa fi yeeroo ongee) jiru jedhanii adda baasanii ilaaluu fi nannoo qonna
walmakaa itti gaggeefamu fi nannoo kunuunsi itti gaggeefaamu addaan basanii ilaluun ni
baarbaachiisa. Itti ansudhaniis nannoo kannaatti gosa nyaata beeyladaaf ta’uu dandaa’u adda
baasanii galmeesuu(fakeenyaaf :- lafa dheedumsaa umamaa jiru, Haftee midhanii, nyaata
beeyladaa fooya’aa misoome, haftee warshaa omisha qonnaa fi kkf) baayina isaa beekuuf
nyaata beeyladaa gosa gosaan calqaba irratti ufisa isaa heektaraan galmesuu, itti ansuun
omishtummaa isaa tooniin hektaara heektaraan galmesuun kana yaada keessa galchuun
baayina heektaraa argaame omishtumaan baayisuun ni barbaachiisa.

3. Tilmaama omishtumaa lafa dheedumsaa umamaa irraa argaamu


A. Nannoo horsisee bultootaatti tilmaama omisha lafa dheedumsa umamaa irraa
argaamu gaggeesuuf akkka nu gargaaru qilleensa nannoo kanaa yaada keessa
galchuun barbaachisaa waan ta’eef seenariyoo mastaar planii irraa ta’een nannoo
saditti addaan qodanii ilaluun barbaachisaadha.

1. Facatiin bokkaa yeeroo gaarii ta’eetti


Woggoota/waqitilee facatiin bokkaa gaarii ta’eetti tilmaamiini omisha lafa
dheedumsaa irraa argamuu daandaa’u heekitaraan tooni 2 yaadaa keessa
galchuun baayina lafa heektaara qabnuun baayisuu fi xinxaluun omisha nyaata
beeyladaa lafa dheedumsa kana irraa argaamu tilmamuun ni danda’aama.
2. Facatiin bokkaa yeeroo giddu-galeessa ta’eetti
Waggaatti facaatiin roobaa yeeroo giddu-galeessa ta’u tilmaamiini omisha lafa
dheedumsaa irraa argamuu daandaa’u heekitaraan tooni 1.5 yaadaa keessa
galchuun baayina lafa heektaara qabnuun baayisuu fi xinxaluun omisha nyaata
beeyladaa lafa dheedumsa kana irraa argaamu tilmamuun ni danda’aama.
3. Yeeroo ongee
Yeeroo ongee umaamu tilmaamiini omisha lafa dheedumsaa irraa argamuu
daandaa’u heekitaraan tooni 1 yaadaa keessa galchuun baayina lafa heektaara
qabnuun baayisuu fi xinxaluun omisha nyaata beeyladaa lafa dheedumsa kana
irraa argaamu tilmamuun ni danda’aama.

Guuca 1 nannoo horsisee bultootaaf

Lakk Waggaatti
Ganda, Uwisa/baayina Omisha
Gosa tilmaama omisha
Aanaa, lafa dheedumsaa waligalaa
omishaa argamuu
Godina heektaraa argaame
dandaa’u
1 Facatiin bokkaa
yeeroo gaarii
ta’eetti
2 Facatiin bokkaa
yeeroo giddu-
galeessa ta’eetti
3 Yeeroo ongee
Ida’ama omishaa

B. Qonna walmakaa/qonnaan bultoota qonnaa fi horsiisa beeyladaa walfaana


gaggeesan/ tilmaama omisha lafa dheedumsaa nannoo kannaa gaggeesuuf lafa
dheedumsaa nannoo kanaa bakka saditti addaan qoduun tilmaama omisha nyaata
beeyladaa gaggeesuuf nama gargaara.
1. Wagguma waggaan walitti ansuun lafa dheedumsaaf oolu tilmamuuf
 Lafa dheedumsatabba garmalee midhaame irraa heektaraan tonii 0.8
 Lafa dheedumsa tabba fooya’aa ta’e irraaheektaraan toonii 1
 Lafa dheedumsa dhooqa fooya’aa ta’e irraaheektaraan toonii 1.5 omishin
nyaata beeylada argamuu ni dandaa’a.
2. lafa dheedumsa suutuma sutaan osoo hin midhamiin nyaachisaniif, kunuunsa
taasifaamuuf, to’annoo aramaa gaggeefamu, sanyaa nyaata beeyladaa fooyaa irra
facaa’u u fi xa’oo fayadamaan lafa dheedumsaa misoome irraa tilmaama omisha
nyaata beeyladaa toonii 3.5 hanga 5.5 argamuu ni dandaa’a.
3. Lafa dheedumsa umamaa irratti misooma nyaata beeyladaa barbaachiisu hunda
gaggeefamee fi kunuunfaame irraa tilmaama omisha nyaata beeyladaa toonii 6.2
argamuu ni dandaa’a.

Guuca 2Nannoo qonna walmakatti tilmaama omisha nyaata beeyladaa ittiin sasabaamu

Lak Gosa tilmaama om. nyaata Ganda, Uwisa/ Waggaatti Omisha


k beeyl Aanaa, baayina lafa omisha waligalaa
Godin dheedumsaa argamuu argaame
a heektaraa dandaa’u
1 Lafa dheedumsaa walitti
ansuun dheedumsaaf oolu
Lafa dheedumsa tabbaa
garmalee midhaame
Lafa dheedumsa tabba fooya’aa
ta’e
Lafa dheedumsa dhooqa
fooya’aa ta’e
2 lafa dheedumsaa qabiinsa
fooya’aa ta’e taasifameef
3 Lafa dheedumsa kunuunsa
taasifaame (yoo xiqaate ji’a 4
hanga ji’a 6f daangeefame

4. Tilmaama omisha haftee midhanii

Akkuma qorannoo adda addaa tiin xinxaliin gaggeefamee bu’aan argaame akka agarsisuutti
omisha haftee midhaniiu argaame omisha midhanii hiruun, lakkoofsi argaame
reeshiyoo/(constant) jedhaama. Haaluma walfakatuun reeshiyoo qorannoon taa’e kana
omisha kuntalaan argaame kanaan baayisuun 10 hiruun omisha argaamu tooniin beekuun ni
danda’aama.

Guuca 3 . Xinxaala reeshiyoo omisha haftee midhanii ittiin tilmamaamu


Gosa omishaa Reeshiyoo Bu’aan isaa dhibentaan %
Qamadii 1.5 100
Garbuu 1.5 100
Xaafii 1.5 100
Mishingaa 2.5 70 (30 %) agadaa waan ta’eef nyaataaf hin oolu)
Boqqolloo 2.5 70 (30 % ) agadaa waan ta’eef nyaataaf hin oolu)
Deedhii 1.4 100
Moosee sukkaara addaa 0.3 80
Moosee sukkaara diimaa 0.5 100
Daagusaa 1.5 90 (100 % agadaadha)
Warqee 8 toonidhaan Nyaata goggogaa ha 1 irraa dhibbeentaan

Madda :-MOA 2001 Report on natural grazing land and livestock feed resources and Estimation
methods-conversion factors crop residue yield from grain yield (FAO,1998)

A. Nyaata beeyladaa gosa adda addaa haftee midhanii irraa argaumu fakeenyaaf xinxalii

Omisha qamadii heektaraan kuntaala 40 reeshiyoon amma jijjiraa isaa 1.5, haala kanaa

Omisha haftee midhanii argachuu tonidhaan = X

Haftee midhanii = Reeshiyoo X Omisha qamadii = 1.5X kun 40 = kun 60 omisha haftee m
goggogaa heektaraan ni ta’a.

Haaluma kanatiin balina maasaa qamadii heektaraan reeshiyoo kanaan yoo baayifaame
omisha qamadii waligalaa maasaa irraa argaamu dandaa’u tilmamuun ni danda’aama.
Haaluma walfakatuun omisha haftee midhanii gosa biroos xinxaluuu fi tilmamuun ni
danda’aama.Baayina Omisha haftee midhanii waligalaa haaluma kanaan xinxaluun tilmamuu
ni danda’aama.

B. Gama birootiin immoo midhaan sasabamee maasaa irraa eraga ka’ee booda omisha
qaarmii kana irraa argaamu xinxaluun tilmamuu ni danda’aama.
Midhaan sasabamee maasaa irraa eraga ka’ee booda hafteen isaa ykn barsii isaa
heektaara 1 irraa haftee midhanii kamiyuu irraa kilograama 400 akka argamuu
dandaa’u qorannoon adda addaa ni agarsiisu. Haaluma kanaan omisha gama kanatiin
argamuu dandaa’u baliina maasatiin kilograama 400 baayisuun omisha waligalaa
argamuu dandaa’u tilmamuun ni danda’aama.
C. Omisha nyaata beeyladaa goggogaa gosa adda addaa midhaan dhabbataa jalaatti
argaamu heektara 1 irraa toonii 0.95 argamuu waan danda’uuf, midhaan dhabbataa
nannoo keessanitti argamuu yaada keessa galchuun baayina heektaratiin baayisuun
omisha gama kanaan argamuu dandaa’u tilmamuun ni danda’aama.
D. Omisha nyaata beeyladaa goggogaa biqiltuu warqee irraa argaamu tilmamuuf
heektaara 1 toonii 8 argamuu waan danda’uuf, biqiltuu warqee nannoo keessanitti
argamuu yaada keessa galchuun baayina heektaratiin baayisuun omisha gama kanaan
argamuu dandaa’u tilmamuun ni danda’aama.
E. Agadaan shankooraa nyaata beeyladaaf kan oolu yoo ta’e omishini isaa irra
dhibbentaa 7-10% nyaata beeyladaaf akka ooluu dandaa’u tilamaama keessa galchuun
ni danda’aama.
5. omisha nyaata beeyladaa fooya’aa
omisha nyaata beeyladaa fooya’aa tilmamuuf, tilmaama omishaa xinxaala gaggeesuuf,
nyaata beeyladaa fooya’aa misooma keessa jiraanii fi qorrannoon kan bahaan nyaata
beeyladaa fooya’aa kun goosaa fi heektaraan sadarkaa qonnaan bultootaatti omisha
argamaa jiruu fi qorrannoon mirkanaa’e ka’umsa taasifachuun yoo ta’u, haala kanatiin
gosa nyaata beeyladaa fooya’aa misoome heektaraan baayisuun omisha argamuu
dandaa’u tilmamuun ni danda’aama.fakeenyaaf tilmaama kanaan dura gaggeefamaa
ture haala armaan gadiin dhihateera

Lakk Gosa omisha ny.beeyladaa Omisha ha 1 irraa argamuu


dandaa’u toonidhaan
Gosa Margaa Marga Arbaa 9.8
Marga Dashoo 9.8
Panikamii 9.8
Roodasii 9.8
Shaalloo/oats/ 9.8
Gosa gosa Lablabii 9.25
baalaa Gayyoo 9.25
Atara sa’aa 9.25
Alfa Alfaa 9.25
Dimodiyeemii 9.25
Gosa Mukaa Saasbaniyaa 7.75
Biqiltuu Lusarnii 7.75
Piganpii 7.75
Lukiniyaa 7.75 fi kkf dha.
Atalaa nannoo irraa argaamu tilmamuuf sakata’iinsaa fi xinxaaliin ergaa gaggeefamee
booda baayina oomisha Atalaa argaame gara nyaata goggogaatti tilmamuuf dhibbeentaa
baayina omisha Atalaa litiraan argaame X %50, yoo ta’u %50n bishaan jechuudha. Baayina
omisha Atalaa googoggaa argaame kan gara tooniitti jijjiruuf 1000f hiruudha

Guuca 4. Tilmaama omisha nyaata beeyladaa ittiin gaggeefaamu

Lakk Gosa nyaata Baliina lafaa Omisha heektaara Omisha Ibsa


beeyladaa fooya’aa heektaraan 1 irraa argaamu waligalaa
tooniin tooniin
Ida’aama

Guuca 5. Tilmaama omisha nyaat beeyladaa kan biro

Gosa Baliina Baayina Omisha Nyaata Ibsa


Lak nyaata lafaa omisha Nyaataaf beeyladaaf oolu
k beeyladaa heektaraa waligalaa oluu waligalaan
n heektaara dandaa’u toonidhaan
irraa argaamu heektaara
tooniin irraa tooniin

Ida’aama

Guuca 6. Tilmaama omisha nyaat beeyladaa waligalaan

Lak Gosa nyaataa Ganda, Uwisa/ Baayina Baayina Ibsa


k Aanaa, baayina omisha omisha
Godina lafa gogoggaa gogoggaa
heektaraa heektaara 1 waligalaan
irraa argaamu
argaamu tooniin
tooniin
1 Lafa dheedumsa umaa
Kan dhuunfaa
Lafa daangeefame kan
hawaassaa ykn
mootummaa
2 Haftee midhanii
Xaafii
Qamadii
Garbuu
Boqqolloo
Ataara
3 Biqiltuu dhabbataa
Warqee
Shankooraa
4 Nyaata hundee irraa
argaamu
5 Nyaata fooya’aa
Marga Arbaa
Roodasii
Dismoodiyeemii fi kkf

Ragaan kun sirrii ta’uu isaa kan mirkaneese Ogeesa raga kana sasaabe

Maqaa __________________________ Maqaa __________________________

Mallattoo _________________________ Mallattoo _________________________

Guyyaa ____________________________ Guyyaa ____________________________

6. Xinxaala tilmaama dhihesii omishaa nyaataa fi fedhii

Godina/Aanaa ykn gandoota keenya keessatti baayina beeyladoota jiraan gosa gosanii fi fedhii
nyaata beyladaa gogoggaa jechuun dhihesii fi fedhiin walmadalee akka deemu xinxalii
gaggeesuun sadarkaa irrra jiru addaan baasuun, hanqiina qabinu guutachuuf kan nu
dandeesiisu tarsimoo misooma nyaata beeyladaa akka qabatamaa nannoo keenyaa irratti
hunda’uun wixineesuuf/karoorfachuuf nu dandeesiisa.

 Walumaa galaan baayyina nyaata beeyladaa gogoggaa nannoo keenyati omishaamu =


X (maddi guuca tilmaama omisha nyaat beeyladaa waligalaan irraa)

Lakkoofsa ulfatiina beeyladaa ittiin baayifaamu (TLU)

Gosa beeyladaa Amala jijjiraa (TLU)


Gaala 1
Loon gaafaa 0.7
Hoolaa 0.1
Re’ee 0.1
Farda 0.8
Gangee 0.7
Arree 0.5

Guyyaatti TLU tokkoof nyaata gogoggaa baarbaachiisu

guyyaatti = 2.5% X TLU = 2.5/100 (0.025)X 250 = 6.25kg

Gara ulfatiina walfakatuutti deebisuuf TLU tookkoof guuyyatti nyaani barbaachiisu

kg = 0.025X250 = 6.25 ni ta’a jechuudha.

Haaluma xinxaallii armaan olitti hojatameen beeylada 1f waggaatti nyaata gogoggaa


baarbaachiisutooniin = 6.25 X 365 = 2.281 ni ta’a jechuudha. Haaluma kanaan dhiheesii fi
fedhii nyaata beeyladaa gogoggaa kana xinxaaluun ni danda’aama. Akka dhiheesinii fi fedhiin
nyaata beeyladaa walsimuu fi walsimuu dhiisuu isaa mirkaneefachuuf akka danda’amuuf
baayina omisha nyaata beeyladaa waggaa tokko keessatti omishaame toonidhaan ennaa
fedhii beeyladooni waggaatti nyaata baarbaadaaniif hiiru sadarkaan irra jiru beekuun ni
danda’aama.

X/Y = a

X = dhihesii oomisha nyaata beeyladaakan waggaa


Y = Fedhii nyaata beeyladaa kan waggaa

a = bu’aa xinxxallii

Ijaa kanaa tiif

Gatiin a yoo 1 ta’e omishini nyaata beeyladaa nannoo sanatti omishaamu fedhii jiru waliin
walsiima jechuudha.

Gatiin a yoo 1 ol ta’e omishini nyaata beeyladaa nannoo sanatti omishaamu fedhii jiru oliidha
jechuudha.

Gatiin a yoo 1 gadi ta’e omishini nyaata beeyladaa nannoo sanatti omishaamu fedhii jiru gadi
waan ta’eef beeyladooni baayinaan waan jiranii fi tarsimoo adda addaa wixineefachuun
misooma nyaata beeyladaa baldhinaan gaggeesuun fedhii nyaata beeyladaa kun kallattii itti
guutuu dandaa’u irratti hojachuun ni baarbaachiisa.

You might also like