Paakeejii Misooma Foonii Caamsaa 2015

You might also like

Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 43

1

Qabiyyee

Fuula
1. Seensa........................................................................................................................................................4
2 Kayyoo.......................................................................................................................................................5
2.1 Kaayyoo gooroo..................................................................................................................................5
2.2 Kaayyoo gooree.................................................................................................................................6
3. Galma........................................................................................................................................................6
4. Barbaachisummaa Paakeejichaa............................................................................................................6
5. Daangaa Hojiirra Oolmaa.......................................................................................................................7
6. Paakeejii Fooyyessa Foon Horii Maalaa................................................................................................7
6.1 Paakeejii beeylda tajaajila qonnaa fi horsiisa irraa bahan gabbisuu...........................................8
6.1.1 Filannoo beeylada gabbifamani..................................................................................................9
6.1.2 Mana beeyladaa:.......................................................................................................................10
6.1.3 Gosa fi qophii nyaata beeyladaa...............................................................................................12
6.1.4 Filannoowwan qophii nyaata beeyladaa...................................................................................13
6.1.5 Tarsiimoo nyaata beeylada nyaachisuu.....................................................................................14
6.1.6 Baay’ina qotiyyoo gabbifamanii fi waytii gabbisuu..................................................................14
6.1.7 Naannoo/iddoo paakeejichi itti hojiirra oolu adda baasuu.........................................................15
6.1.8 Ulaagaalee ittiin filannaa hirmaattota paakeejichaa..................................................................16
6.1.9 Dhiyeessii fi tamsaasa galtee fi haala bittaa fi gurgurtaa...........................................................16
6.2 Paakeejii korommii biyyumee guddina ariifataa qabanii fi guddina isaanii hin fixatin
gabbisuu..................................................................................................................................................17
6.2.1 Filannaa korommii gabbifamanii..............................................................................................17
6.2.2 Qophii nyaata beeyladaa fi beeylada nyaachisuu......................................................................18
6.2.3 Haala ijaarsa mana / gaaddisa beeyladaa..................................................................................19
6.2.4 Baay’ina korommii gabbifamanii fi wayitii gabbisuu...............................................................20
6.2.5 Ulaagaalee filannoo hirmaattota paakeejichaa..........................................................................20
6.2.6 Dhiyeessii galtee, tamsaasa fi haala bittaa fi gurgurtaa.............................................................21
6.3 Paakeejii gabbisa jabbilee jibicha diqaalaa wiirtuu horsiisa aannanii keessaa baafaman.......21
6.3.1 Filannoo jabbilee guddatanii.....................................................................................................22

2
6.3.2 Qophii nyaata beeyladaa fi tarsiimoo nyaachisuu.....................................................................23
6.3.3 Ijaarsa manaa fi meeshaalee guutamuufii qaban.......................................................................25
6.3.4 Baay’ina jabbilee fooniif guddifamanii fi waytii gabbisaa........................................................27
6.3.5 Naannoolee Paakeejichi itti hojiirra oolfamu............................................................................28
6.3.6 Ulaagaalee filannaa hirmaattota paakeejichaa...........................................................................28
6.3.7 Haala Dhiyeessii galteewwanii, tamsaasaa fi bittaa fi gurgurtaa...............................................28
7. Paakeejii Fooyyessa Omisha Foon Hoolaa/Re’ee (Bushaayee)......................................................29
7. 1 Paakeejii gabbisa hoolaa fi re’ee biyyumee fi sanyii biyya alaa horsiisa keessaa baafanii....29
7.1.1 Filannaa hoolotaa fi re’ootaa gabbifamanii...............................................................................29
7.1.2 Madda nyaata beeyladaa, qophii fi nyaachisa...........................................................................31
7.1.3 Ijaarsa manaa/gorannoo............................................................................................................34
7.1.4 Baay’ina hoolaa/re’ee fi waytii gabbisuu..................................................................................34
7.1.5 Ulaagaalee filannoo hirmaattota paakeejichaa..........................................................................34
7.1.6 Haala dhiyeessii galtee, tamsaasa fi bittaa fi gurgurtaa.............................................................35
7.2 Paakeejii hoolaa/re’ee biyyumee fi diqaalaa guddina ariifataa qabani fi harma gu’an,
dhiirota gabbisuu...................................................................................................................................35
7.2.1 Filannoo hoolaa biyyumee fi diqaalaa gabbifamanii.................................................................35
7.2.2 Maddeen nyaata beeyladaa, qophii fi akka itti nyaachisuu.......................................................37
7.2.3 Ijaarsa manaa.........................................................................................................................37
7.2.4 Baay’ina beeylada gabbifamanii, dheerina yeroo fi waytii gabbisuu..................................38
7.2.5 Ulaagaalee filannoo hirmaattota paakeejichaa.....................................................................38
7.2.6 Dhiyeessii galtee, tamsaasa fi bittaa fi gurgurtaa.................................................................38
8. Tarsiimolee paakeejichi ittiin hojiirra oolfamu..................................................................................39
8.1 Leenjii................................................................................................................................................39
8.2 Walitti hidhamiinsa gabaa..............................................................................................................39
8.3 Qabiinsa ragaalee.............................................................................................................................40
9. Hordoffii fi madaallii.............................................................................................................................40
10. Waliin Deemtuu (Annex).......................................................................................................................42

3
1. Seensa
Baayinni beey’adaa biyyaatti olaanaa ta’us omishni irraa argamu gadaanaa ta’uun ni mula’ata.
Fedhii nyaata foonii biyya keessaa kan guutuu hin dandeenye ta’uu isaarrayyuu, omishni foonii
qabnu qulqullina gabaa idil-addunyaan barbaaddu kan hin guunne waan ta’eef fayidaan
diinagdee qabeenya kana irraa argamuu malu argamuu hin dandeenye. Loon maalaa biyya
keenyatti qalmaaf dhiyaatan irraa giddugaleessaan omisha foonii kg 112, hoolota irraa kg 10 fi
re’oota irraa kg 9 kan argamu yoo ta’u, biyyoota baha Afriikaa biroo waliin yoo dorgomsiifamu
illee gadaanaa ta’uu ragaaleen ni mul’isu. Rakkoo kana hiikuudhaaf gama mootummaatiin
tattaaffiiwwan adda addaa godhamaa turan keessaa paakeejii omisha foonii beeylada biyyumee fi
diqaalaa omisha gaarii qabani fooyyessuu dandeessisuu qopheessuu fi hojiirra oolchuu;
dhiyeessii nyaata beeyladaa fi kunuunsa waliigalaa beeyladaa fooyyeessuu dhaan hamma daballii
guddina guyyaa dabaluu qonnaan/horsiisee bulaan madda nyaata beeyladaa adda addaa
naannichatti argamu fayyadamuudhaan hidhanii nyaachisuun gabbisuu fi bu’a qabeessa ta’uu
danda’uu isaanii, dhaabbiin qaama beeyladaa gabaaf dhiyaatan yeroodhaa gara yerootti
fooyya’aa dhufuu, al’ergii foonii guddisuuf rakkoolee dhiyeessii omisha foonii irratti mul’atan
sadarkaa sadarkaadhaan hiikudhaaf tattaaffii godhuu fi kkf kanneen eeramanii dha.

Haata’u malee, paakeejiiwwan adda addaa kanaan dura qopheeffaman irra caalaan
teeknolojiiwwan olaanaa kan fayyadamanii fi gabaaa biyya alaa bu’uura kan godhatan waan hin
taaneef qonnaan bulaa xixiqqaan hojii gabbisaa kana akka hojii dabalataatti waan lakkaa’aniif
kanneen haala ammayyaawaan hojjatanis yoo ta’an lakkoofsi isaanii xiqqaa waan ta’aniif
guddina damee kanaa haala yaadameen ariifataa taassisuun hin danda’amne.

Rakkoolee teeknikaa kanaaf ka’umsa ta’an keessaa horii gabbisaaf galchuun duratti qophii
barbaachisuu haala gahaa ta’een taassisuu dhabuu, hojii gabbisaaf beeyladaa biyyumee hin
fooyya’in qofaarratti xiyyeeffachuu, paakeejicha bal’inaan hojiirra oolchuu dhabuu, paakeejii
qophaa’ee gutummaatti hojiirra oolchuu dhabuu, nyaata beeyladaa gahaa dhiyeessuu dhabuu fi
sirna nyaachisa fooyya’aa ta’e hojiirra oolchuu dhabuu, tajaajila fayyaa beeyladaa gahaa ta’e
kennuu dhabuu, beeylada gabbisaaf haala gaariidhaan filachuu dhabuu, gabbistoonni gabaa biyya
keessaa qofa irratti kan xiyyeeffatan ta’uu fi kkf kan eeraman yoo ta’an; dhaabbileedhaan
kanneen wal qabatan ammoo, hirmaattota hojii paakeejii fi abbootii qabeenya omisha foonii

4
irratti hojjataniif deeggarsa addaa gochuufii dhabuu, hirmaattota paakeejii akka fedhii fi humna
isaaniitti deegaruu dadhabuu, teeknolojiiwwan fofoyya’an mootummaadhaanis ta’ee, abbootii
qabenyaa dhuunfaatiin alaa galchuudhaan tamsaasuu dadhabuu, sadarkaan qulqullina foonii
jiraachuu dhabuu, dhiyeessii fi tamsaasini liqii gahaa ta’e jiraachuu dhabuu fi kkf isaan
mummeyyii dha. Kanaafuu, haala kana fooyyessuudhaan hawaasni horsiisuu fi biyyattiinis
omishicha irraa fayyadamaa akka ta’aniif akkuma haala qabatamaa naannichaatti gahumsaa fi
dandeettii raawwii hirmaattota misooma foonii irratti hundaa’udhaan qabiinsa/kunuunsa
fooyya’aa fi tarsiimoo nyaachisuu qiyyaasun barbaachisaa ta’a.

Waan kana ta’eef, damee hojii misoomaa kana irratti guddina ariifataa fiduuf akkasumas, fedhii
gabaa biyya keessaa fi alaa guutuudhaaf foon baay’inaani fi qulqullinaan omishuun barbaachisaa
ta’a.

Kanaafuu, bu’aa galmeessisuuf teeknolojiiwwan xixiqqaa, giddugaleessaa fi olaanaa


fayyadamuun hojii kana akka hojii isaanii ijootti qabatanii; humna namaa, qabeenyaa umamaa fi
baay’ina beeyladaa qabatamaatti jiru gara sirna omishaa irra-caalaa omishuu dandeessisuutti
ceesisuun gabbistoota fedhii biyya keessaa fi gabaa biyya alaaf dhiyeessan baay’isuudhaan haalli
nyaata ummataa, jireenyaa fi fayyaa akka fooyya’uu gochuudhaan, misooma fi eegumsa naannoo
irratti paakeejii dhiibbaa eeyyamtaa qabu filannoo fooyyessa omisha foonii xiqqaa hanga olaanaa
horii maalaa fi bushaayee (hoolaa/re’ee) qopheessuun barbaachisaa ta’ee argamee jira.
Paakeejiin kun kaayyoolee armaan gadii ni qabaata.

2 Kayyoo
2.1 Kaayyoo gooroo
Galteewwan teknolojiiwwan fooyya’anii fayyadamuunii fi hojmaata fooyyessuudhaan omisha
foonii qulqullina qabu omishuudhaan wabii nyaata fi sirna nyaataa fooyyessuu, dhiyeessii gabaa
biyya keessaa fi alaa dabaluu, fedhii indaastirii foonii guutudhaa fi carraa hojii uumuudhaan galii
diinagdee biyyattiin damee hojii kana irraa argattu guddisuudhaan jiruu fi jireenya hawaasichaa
fooyyessuudha.

5
2.2 Kaayyoo gooree

 Tarsiimoo omishuu fooyya’e fayyadamuun qulqullinaa fi baay’ina omisha foonii


dabaluudhaan gabaa biyyaa keessaa fi alaaf dhiyeessudhaan galii damee diinagdee kana irraa
argamu guddisuu

 Omisha sadarkaa gabaa biyya alaatiin barbaadamuutti omishudhaan lakkoofsa beeylada


dhaabbii gabaa al-ergiif dhiyaatan (off take) dabaluu

 Madda galii horsiistotaa dabaluudhaan jireenyi isaa akka fooyya’u gargaaruu

 Kutaalee hawaasaa adda adda carraa hojii hin qabneef carra hojii uumuu

 Gahee dameen misooma beeyladaa wabii nyaata mirkaneessuu keessatti qabu guddisuu

 Carraa hojii namoota hojii kanarratti bobba’aniif uumuu

 Dhangaa nyaata maatii fooyyeessuu

3. Galma

 Omisha beeylada foonii baay’inaa fi qulqullinaan omishuudhaan gabaa biyya keessaa fi alaaf
dhiyeessudhaan jiruu fi jireenyi hawaasichaa fooyyeessuu

 Dameen hojii misooma beeyladaa galii biyyaalessaaf (GDP)f gumaachuu akka dabaluu
taassisuu dha.

4. Barbaachisummaa Paakeejichaa

Qabeenyi beeyladaa keenya haala qilleensa adda addaa keessatti jireenya qonnaan bulaa,
gartokkeen horsiisee bulaa fi horsiisee bulaa waliin walitti hidhamuudhaan madda diinagde ta’ee
turuun isaa ni beekkama. Waan kana ta’eef qabeenya kana haala qabamuu maluun waan hin
qabnee fi waan hin fooyyessineef sadarkaa biyyattiis ta’ee hawaasichaatti sadarkaa
barbaadamuun fayyadamaa ta’uu hin dandeenye. Kanaafuu, dameen kun paakeejii hunda
hirmaachise sadarkaa xixiqqaa, giddugaleessaa fi olaanaadhaan beeylada gabbisuudhaan sona
dabaluun omisha foon diimaa qulqullina qabu omishuudhaan gabaa biyya keessaa fi alaa tiif
6
dhiyeessudhaan gahee qabeenyi beeyladaa diinagdee biyyaaf gumaachuu qabu akka gumaachuu
danda’u gochuu fi jiruu fi jireenya hawaasichaa fooyyeessuu dha.

5. Daangaa Hojiirra Oolmaa


Paakeejiin kun qonnaan bulaadhaan, gartokeen qonnaan bulaadhaan, horsiisee bulaadhaan,
dargaggoo gurmaa’aniin, waldaaleedhaan, dhaabbileedhaan fi abbootii qabeenyaadhaan
akkasumas, magaalotaa fi naannoo magaalaatti kan hojiirra oolu ta’a.
Pakeejiin fooyyessa omisha foonii gosa adda addaa armaan gaditti dhiyaatanii jiru. Akkuma
haala isaatti tokko yookiin tokko ol filachuudhaan hojiirra olchuun bu’a qabeessa ta’uun ni
danda’ama.

6. Paakeejii Fooyyessa Foon Horii Maalaa


Kanaan dura omisha foon horii maalaa fooyyeessuuf teeknolojii xixiqqaa fayyadamuu fi
qonnaan bulaa xiqqaa irratti kan xiyyeeffate sun kan jajjabeeffamu ta’us, hojmaata teeknolojii
olaanaa fayyadamuun omisha foonii fooyyessudhaan fedhii gabaa biyya keessaa fi alaatiin gahuu
kan dandeessisuu, jijjiirama qabatamaa kan galmeessisuu dandeessisuuf xiyyeeffannoon hanga
barbaachisu odoo hin kennamiin tureera. Tattaaffii bakka murtaa’etti godhameen beeyladni
gabbistoonni gabbisuuf itti fayyadaman ulaagaalee gabaa biyya alaa guutuu hin dandeenye.
Kanaafuu gabbistoonni teeknolojii fooyya’oo fi naannichatti argamuu danda’an fayyadamuun
omisha foonii baay’inaa fi qulqullinaan omishuudhaa fi hojii beeylada gabbisuu akka hojii
isaanii ijootti qabatanii gabaaa biyya keessaa fi biyyaa alaa irratti xiyyeeffatanii paakeejiin
filannoon itti fayyadamuu danda’an qopheessuu barbaachisa.

Paakeejiin fooyyessa omisha foonii kun kan hojiirra oolu naannoolee ekoloojii fi sirna horsiisaa
adda addaa bu’ureffachuudhaan ta’a. Paakeejichi magaalotaa fi naannnoo magaalotaa; magaalota
xixiqqoo keessatti, naannoo baadiyyaa misooma midhanii fi misooma beeyladaa qindeessanii
gaggeessan irratti fi naannoo gartokkeen horsiisee bulaa bu’uura godhachuudhaan omisha foon
horii maalaa fooyyessuudhaaf hojiirra oolfama. Paakeejii kanaan horiin gabbifamanii bahan irra
caalaan gabaa biyya alaatiin kan barbaadamanii fi tarsiimoo omisha foonii qulqullina qabu
omishuu bu’uureffatanii kan raawwatan yoo ta’u, fedhii gabaa biyya keessaas guutuu haala
dandeessisuun ni raawwatama. Paakeejii kana irratti kan hirmaatan qonnaan bulaa, gartokkeen
horsiisee bulaa fi horsiisee bulaa, abbootii qabeenyaa, garee ykn tuuta gurmaa’an, waldaalee fi

7
dhabbilee (intarpiraazoota) waliigaltee qaamolee omisha isaanii fudhatan waliin qabanii fi
baay’ina horii maalaa gabbifaman irratti xiyyeeffachuudhaan, irra caalaa guyyoota 90-120
keessatti gabbisanii kan baasan ta’a. Paakeejii kanaan loon gabbifamanii bahan kanneen duraan
tajaajila adda addaa kennaa turanii fi umrii isaanii kanneen guddaa ta’an gabaaa biyya keessaatti
fedhii foonii hawaasni qabu guutuuf kan oolan yoo ta’u, gama birootiin ammoo, gabbistoonni
kan gabaa biyya alaatiin barbaadamu umrii xiqqaa (waggaa 2-4) foon diimaa kennuu itti
danda’an horii maalaa biyyumee, ykn diqaalaa jibicha ta’an warshaalee foonii biyya keessatti
foon sona itti dabaluun ala erganiif yookiin daldaltoota beeylada dhaabbii ala erganiif kan
dhiyeessan ta’a. Teeknolojii paakeejii kanaatiin baay’inni beeylada gabbifamanii humna
maallaqa isaanii, dhiyeessii nyaata beeyladaa fi mijaa’inaa gabaa jiru bu’uura godhachuudhaan
waggaatti marsaalee 3 hanga 4 fi marsa tokkotti ammoo, inni sadarakaa xiqqaan hoorii maalaa
3, sadarkaa giddugaleessi horii maalaa 15 fi gabbistoota sadarkaa olaanaaf ammoo, yoo xiqqaate
horii maalaa 50, maagaalotatti, naannoo magaalotaatti, qonnaan bulaan, gartokkeen horsiisee
bulaan fi horsiisee bulaan, dhuunfadhaan, garee /tuutaan, waldaadhaan gabbisuu ni danda’u.
Hirmaattonni paakeejii kana irratti hammataman yeroo gabbisuu AYYAANOTA adda addaa
beekkamoo ta’aniifi ragaalee gabaa biyya alaa bu’uura godhachuudhaan toofataa beeyladni
gabbifamanii bahuun gabaaf itti dhiyaatan baafachuu isaan barbaachisa. Waan kana ta’eef,
teeknolojiiwwan adda addaa kutaa hawaasaa irra caalaa hirmaachisuu danda’an fayyadamuun
horii maalaa gabbisuun omisha foonii oomishuuf tattaaffii godhamuun maddiitti fedhii gabaa
biyya keessaa fi biyya alaa guutuuf omisha foonii baay’inaa fi qulqullinaan omishuun fayidaa
damee kana irraa argamuu cimsuu barbaachisa. Kanaaf, teeknolojiiwwaan adda addaa
fayyadamauun horii maalaa gabbisuu akka hojii isaanii ijootti kanneen qabatanii hojjataniif
filannoon paakeejii itti fayyadamuu danda’an sadii qophaa’anii armaan gaditti dhiyaatanii jiru.

6.1 Paakeejii beeylda tajaajila qonnaa fi horsiisa irraa bahan gabbisuu


Filannoo paakeejii kanaatiin fedhiin gabaa biyya keessaa foon coomni itti baay’ate waan ta’eef
beeylada harka horsiifataa jirani fi horii guddina isaanii fixatan qotiyoowwan akkasumas, horii
maalaa dhalaa fi kormaa sababaa adda addaatiin horsiisa keessaa baafaman yeroo gabaabaa
keessatti nyaata beeyladaa anniisaa olaanaa qabu nyaachisuun gabbisuu kan dandeessisuu dha.
Kanaafuu, paakeejiin kun qotiyoowwan harka qonnaan bulaa jiran, beeylada dhalaa fi kormaa
sababa adda addaatiin horsiisa keessaa baafaman qabiinsa fi nyaachisa fooyya’aa taassisuun
yeroo gabaabaa keessatti omisha foonii olaanaa akka kennan gochuuf paakeejii qophaa’ee dha.

8
6.1.1 Filannoo beeylada gabbifamani
A. Sanyii
Paakeejii kanaaf qotiyyoo sanyii biyyumee fayyadamuun kan danda’mu ta’ullee, qu’annoo irraa
hubachuun akka danda’ametti sanyiin loon Horroo, Booranaa, Dankalii fi Foogaraa bakka
jiranitti fayyadamuun bu’aa fooyya’aa argamsiisuu ni danda’a.
B. Umrii
Paakeejii kanaaf horiin maalaa gabbisaaf filataman guddina isaanii kan fixatan ta’anii kan
baay’ee hin dulloomne ta’uu qabu. Kanaafuu, paakeejii kanaaf umriin isaanii waggaa 5 hanga 8
kan ta’anfilatamoo ta’u. Umrii horii malaa ilkaan isaanii ilaaludhaan tilmaamuun ni danda’ama.
C. Dhaabbii qaamaa fi ulfaatina:
Qabannaan foonii beeylada gabbifamanii dhaabbii qaama (frame) isaaniitiin waan murtaa’uuf,
beeyladni filataman hojjaa fi dheerinni isaanii tilmaama ijaatiin yeroo ilaalaman kanneen biroo
irra kan caalan fi lafee babal’aa kan qaban ta’uu qabu. Dabalataan haala qaama (Body condition)
isaanii baay’ee kan hin huqqanee fi haala gaarii irra kan jiran ta’uu qabu. Loon gabbisaaf
galfaman ulfaatinni isaanii kg 250 gadi kan hin taanee yoo ta’an yeroo gabaabaa keessatti
gabbifamanii bahuu waan danda’aniif hojii gabbisa beeyladaa ariifataa fi bu’a qabeessa ni
taassisu.
Loon biyyumee haala qaama fi danaa isaaniitiin adda baafaman sadarkaa isaanii wajjin.

D. Fayyaa
Sosochii fi dadammaqiinsa beeyladichaa ilaaludhaan rakkoo ijaan mul’atu kan hin qabne ta’uu
mirkaneessuun ni danda’ama. Kanaafuu, bittaan beeyladaa deeggarsa ogeessa fayyaa

9
beeyladaatiin yoo ta’e gaarii dha. Erga beeyladni bitamanii boodas deeggarsi ogeessa fayyaa
beeyladaa ni barbachisa.
 Dhibee beeyladaa naannichatti yeroo heddu beeylada qabaniif talaallii kennuu barbaachisa
 Maxxantuu qaama alaa fi keessaa tiif qoricha kennuu barbaachisa.
 Beeyladni hanga gabbatee bahutti rakkoo fayyaa beeylada gabbifamaa jiran mudatuuf
akkuma barbaachisummaa isaatti waldhaansa kennuu barbaachisa.
 Beeyladni dhukkubsatan beeylada fayyaatti akka hin makamne gochuu ni barbaachisa.

6.1.2 Mana beeyladaa:


Manni beeyladaaf ijaaramu akkuma haala qilleensaatti murtaa’uu ni danda’a. Meeshaalee fi
wantoota (citaa, leensaa fi kkf) naannoo hojiin gabbisa beeyladaa itti gaggeeffamu keessatti
argamu fayyadamuudhaan mana beeyladaaf ijaaranii horii gabbifaman aduu fi qorra irraa ittisuun
barbaachisaa dha. Kanaafuu, naannoo ho’aa fi qorraatti mooraan ijaaramu naannoon dallaa alaa
yoo danda’ame, qorqoorroodhaan yookiin mukaan yoo hojjatame gaarii dha. Keessi mooraa horii
maalaa tokkoof naannoo ho’aatti m2 7, naannoo qorraatti ammoo, m2 6n baay’ina beeylada
gabbifamuun heerreeguudhaan ijaaramuu qaba. Keessa isaattis gabatee ykn bidiruu itti nyaataa
fi dhugaatii qabaachuu qaba. Lafti mana beeyladaa keessaa yeroo ijaaramuu dhangala’aa
salphaatti maqsuun akka danda’amuuf sulula %2.5 qabaachuu qaba. Naannoon ijaarsa mana
gabbisa beeyladaa foolii badaa akka jiraattotatti hin fidineef jecha naannoo jiraattotaa irraa
fagaatee ijaaramuu qaba. Horii maalaa mooraa keessatti gabbifamaniif yaaftoo xurii
dhangala’aan ittiin maaqfamuu qopheessuu barbaachisa. Kuusaan xurii dhangala’aa fi faltiin itti
maqfamu qophaqophaatti qotamee akka qopheeffamu gochuu barbaachisa. Dhangala’aan
kamiyyuu bo’oo (saantii meetira 40 bal’atu) tolfamee achi keessaan gara boolla qotameetti akka
deemu godhamuu qaba. Faltii boolla keessatti kuufamee baayoo gaaziif ykn lafa/biyyee
xaa’omsuuf akka fayidaa irra oolu godhuu barbaachisa. Dabalataanis Biiroo, gabatee/bidiruu
kuusaa molaasasiif tajaajilu, kiraashii tajaajila waldhaansaaf gargaaruu, kutaa horiin dhibaman
itti fo’amanii (isolation pen) kunuunfaman, kuusaa nyaata beeyladaa goggogaa fi madaalawaa
qabaachuu qaba.
Haala Ijaarsa Mana Beeyladaa, Horii maalaa gabbifaman 50f (akka fakkeenyaatti dhiyaate)
l/t Gosa ijaarsa Naannoo ho’aa tiif Naannoo qorraa tiif

1 Mooraa Horii maalaa gabbifaman 50f /50*7= 350 m2 Horii maalaa gabbifaman

10
mooraa banaa ta’ee; kana keesaa 11*7= 77 50f /50*4= 200 m2
m2 gaaddisa kan qabu
Dheerina meetira 3 kan
qabu

Mooraan maddii sadiin


keenyaa fi Baaxii kan qabu

1 Gabatee/Bidiruu 25*0.04*0.4 m3 gabatee/ bidiruu lama 25*0.4*0.4 m3 gabatee/ bidiruu lama


nyaataa

2 Gabatee/Bidiruu 4*0.5*0.4 m3 gabatee/ bidiruu lama 10*0.4*0.4 m3 gabatee/ bidiruu lama


bishaanii

3 Bo’oo dhangala’aa 5*0.5*0.4 meetira bal’inaa fi gadifageenya. 5*0.5*0.5 meetira bal’inaa fi


ittiin maqsan gadifageenya.

4 Kuusaa nyaata 6*6 m2 6*6 m2


madaalawaa

5 Gandaa/ gabatee Molaasasii leetira 2000 kan qabatu Molaasasii leetira 2000 kan qabatu
kuusaa molaasasii

6 Biiroo 4*4 m2 4*4 m2

7 Kiraashii 7*0.4*0.05* m3 7*0.4*0.05* m3

8 Dallayaa, kan alaa Meetira 140 Meetira 140

9 Daandii keessaa Bal’ina meetira 4 Bal’ina meetira 4

1 Kuusaa Akkuma barbaachisummaasaatti murtaauu ni danda’a Akkuma barbaachisummaasaatti


0 gogsaa/buuyyoo murtaauu ni danda’a

11
6.1.3 Gosa fi qophii nyaata beeyladaa
Hojii gabbisa beeyladaaf baasii barbaachisan keessaa gahee olaanaa kan qabu nyaata beeyladaa
waan ta’eef hojii gabbisa beeyladaa bu’a qabeessa taassisuuf nyaanni beeyladaaf qopheeffamu
naannoo hojiin gabbisa beeyladaa itti gaggeeffamu keessatti bal’inaan kan argamuu fi wal
dorgomsiisuun yeroo ilaalamu rakasa/ bushaa ta’uu qaba. Kanaafuu, namoonni hojii kana irratti
bobba’anii hojjatan akkuma haala isaatti lafa nyaata beeyladaa irratti misoomsuun omishuu
danda’an kan qaban ta’uu qabu; ta’uu baannan irra-caalaa isaa yookiin hunda isatuu bittaadhaan
argachuu ni danda’u. Hojii gabbisa beeyladaa haala ammayyaatiin gaggeeffamuuf maddi nyaata
beeyladaa midhaan, haftee omisha midhaanii, marga, fi haftee omisha induustirii kan bu’uura
godhate ta’uu qaba. Gosti Nyaata beeyladaa bifa ammayaatiin horii gabbisuuf fayidaarra oolan
nyataa wal madaalaa ykn konsantireetii (concentrates) fi raafeejii (Roughages) jedhamuudhaan
kutaa gugurdaa lamatti ramadamuu ni danda’u.

A. Nyaata walmadaalaa ykn konsantireetii (Concentrates):


Nyaanni wal madaalaan ykn konsantireetiin dhangaa annisaa kennuu fi qaama ijaaruun kan
gabbatee fi hammi qaaccaa (fiber) inni of keessaa qabu kan xiqqaa ta’ee dha.Waan kana ta’eef
nyaanni wal madaalaa ykn konsantireetiin nyaata qotiyyoo gabbifamuu keessatti akkuma haala
isaatti fedhii waliigalaa keessaa %60 hanga %90 dabalamuu ni danda’a. Meeshaa dheedhiin
nyaata horii maalaa gabbisuu qindeessuuf oolan jiraatanus kan jiran keessaa haalli filatanii
fayyadamuu akkuma gatii isaanii fi gabaa naannichaatti argamuu isaaniitti murtaa’uu ni danda’a.
Bu’uuruma kanaan gabbistoonni meeshaalee dheedhii kana (midhaan boqqoolloo, furushkaa,
furushkeelloo, haftee omisha warshaa biiraa, (brawers grain), faagulloo, molaasasii, albuudota fi
kkf) gatii wal madaalaadhaan gabaa nannichaa irraa bituudhaan bu’uura leenjii argatuutiin
qopheessee itti fayyadamuu ni danda’u.
B. Nyaata beeyladaa goggogaa (Roughages):
Nyaanni gosota kanaa hamma qaaccaa olaanaa kan qabanii fi irra caalaan isaanii
gogsaa/buuyyoo margaa fi haftee omisha midhaanii yoo ta’an nyaataa horii gabbifamanii
keessatti kan makamaniif baay’ina nyaataa dabaluuf, bullaa’insa nyaataa sirrii ta’eef akka
gargaaruf, hanga tokkos dhangaa qaama ijaaruu fi anniisaa kennus waan qabaniifidha. Bishaan
horii gabbifamaniif baay’ee barbaachisaa waan ta’eef guyyaa hunda bishaan qulqulluu fi gahaa
ta’e gandaa/bidiruu bishaanii keessaa dhabamuu hin qabu.

12
6.1.4 Filannoowwan qophii nyaata beeyladaa
Gabstoonni horii maalaa Paakeejii kanatti fayyadaman gosa nyaata beeyladaa adda addaa
fayyadamuudhaan filannoowwan qophii nyaata wal maadaalaa madda nyaata beeyladaa
naannichatti argaman irraa kan qophaa’uu danda’an filatanii itti fayyadamuu ni danda’u. Gabatee
armaan gadii keessatti akka fakkeenyaatti kan dhiyaate qotiyyooowwan gara gabbisaatti galan;
ulfaatinni isaanii giddugaleessa kg 300 kan ta’ee fi guyyaatti daballii ulfaatina giraama 750
argamsiisuu kan danda’aniif filannoon nyaata beeyladaa adda addaa tarreeffamanii jiru. Kana
waan ta’eef gabbistoonni filannoowwan nyaata beeyladaa gosa adda addaa qindeeffaman
ilaaludhaan kan isaan baasu filatanii fayyadamuu ni danda’u.

Horii maalaa gabbifamaniif ka’umsaaf filannoowwan nyaata beeyladaa qophaa’an


(Ulfaatinni ka’umsaa, kg300 daballiin ulfaatina guyyaa giraama 750)
Gosa nyaata nyaata 1 nyaata 2 nyaata 3 nyaata 4
beeyladaa Gosa Gosa Gosa Gosa Gosa Gosa Gosa Gosa
nyaataa nyaataa kg nyaataa nyaataa nyaataa nyaataa nyaataa nyaataa
%dhaan dhaan %dhaan kg dhaan %dhaan kg dhaan %dhaan kg
dhaan
Gogsaa/buuyyoo 30 2.4 20 1.6 25 2 -- --
midhaan boqqoolloo 20 1.7 -- -- 25 2.1 20 1.6
Haftee omisha -- -- 30 2.6 -- -- 20 1.7
midhaanii
Barsii garbuu -- -- -- -- -- -- -- --
Furushkaa 2 0.5 15 1.3 20 1.7 20 1.7
Furushkelloo 18 1.5 10 0.8 -- -- 15 1.3
Atalaa biiraa -- -- 10 0.8 -- -- -- --
goggogaa
Faagulloo 30 2.4 -- -- 10 0.8 5 0.4
Molaasasii -- -- 15 1.5 -- -- 20 2.4
Midhaan sinaaraa -- -- -- -- 10 0.8 -- --
Midhaan gaayyoo -- -- -- -- 10 0.8 -- --
Ida’ama 100 8.7 100 8.6 100 8.2 100 8.7
 Fakkeenyaaf horiin kg 300 ulfaatu gabbifamu tokko nyaata filannoo 1 guyyaatti giddugaleessaan
kg 8.7 nyaata.

13
6.1.5 Tarsiimoo nyaata beeylada nyaachisuu
 Gabbistoonni bu’aa barbaadamu akka argatan tarsiimoo nyaata beeylada nyaachisuu
fayyadamuudhaan yeroo beeyladni gabbifamanii itti bahan murteessuun ni danda’ama.
Kunis gosa nyaata beeyladaa, hammaa fi qulqullina nyaatichaatiin murteeffama. Horiin
maalaa gabaadhaa bitamanii yeroo gara gabbisaatti galfaman yeroo hedduu nyaata
beeyladaa wal madaalaaf haarawa waan ta’aniif tarsiimoo armaan gaditti ibsame irratti
hundaa’udhaan hammi nyaata beeyladaa, beeylada gabbifamaa jiraniif kennamu jalqaba
irraa kaasee hanga xumura yeroo gabbisaatti suuta, suutaan dabalaa akka deemu
taassisuudhaan horii haaraan gabbifamuuf galfaman nyaata haariicha barsiisuu
barbaachisa
 Guyyaa 1-7ffaatti gogsaa/buuyyoo margaa ykn haftee omisha qonnaa hamma fedhan fi
%10-30 nyaata beeeyladaa wal madaalaa laachuu
 Guyyaa 8-21ffaatti margaa ykn haftee omisha qonnaa %50 fi nyaata beeeyladaa
walmadaalaa %50 laachuu
 Guyyaa 22-75ffaatti margaa ykn haftee omisha qonnaa %30 fi nyaata beeeyladaa
walmadaalaa %70 laachuu
 Guyyaa 76-irraa kaasee hanga gurguramanitti margaa ykn haftee omisha qonnaa %10 fi
nyaata beeeyladaa walmadaalaa %90 laachuu

6.1.6 Baay’ina qotiyyoo gabbifamanii fi waytii gabbisuu


Gabaa fi dhiyeessiin nyaata beeyladaa amansiisaa taanan fayyadamaan paakeejii kanaa waggaatti
marsaa 3 fi marsaa tokkotti ammoo, gabbistoota sadarkaa xixiqqaaf 3 hanga 14, giddugaleessaaf
15 hanga 49 fi gabbistoonni sadarkaa olaanaa ta’an ammoo, 50 fi isaa ol naannicha irraa waltti
qabuudhaan gabbisuu ni danda’u.
Gabbisaan tokko waytii gabbisaa tokkotti (guyyaa 90 hanga 120) gabbisee tarsiimoo gabaaf itti
dhiyeessu baafachuu qaba. Gabbistoonni sagantaa gabbisa isaanii Ayyaana ummataa waggaa
keessatti jiraniin walqabsiisuudhaan gatii gabaa fooyyaa’aa argachuu ni danda’a. Fakkeenyaaf
Ayyaana Faasiigaa fi bara haaraa akkasumas Ayyaana Arafaa fi Moolidaa bu’uura godhachuun
yoo gabbise bu’aa gaarii argachuu ni danda’a. Bu’uura kanaatiin Faasigaadhaaf yeroon gabbisuu
Amajjiirraa hanga Ebla; bara haaraadhaaf ammoo, Caamsaa irraa hanga Hagayyaa fi hanga

14
Fulbaanaa yoo ta’u, Ayyaana hawaasa musliimaatiif ji’oota isaa herreeganii adda baasuun ni
danda’ama.
Gabbisaan yeroo gabbisuuf murteessu, Ayyaana isa kam irratti horiisaa akka gurguru dursee
beekuuf akka isa dandeessisu sagantaa raawwii naannoo naannoootti hojiirra oolfamuu danda’u
qopheessuudhaan, waytii tokkottillee Ayyaanni tokkoo ol jiraachuu waan danda’aniif gabbisaan
kana hubachuudhaan waytii gabbisaa filannoon jiran keessaa isa irra caalaa bu’a qabeessa jedhe
filachuun gabbisuu ni danda’a.

6.1.7 Naannoo/iddoo paakeejichi itti hojiirra oolu adda baasuu


Naannoo paakeejichi kun itti hojiirra oolfamu dursanii ulaagaalee armaan gadiitiin filachuu
barbaachisa.
A. Haala qilleensaa /Climate/
Hojiin gabbisa beeyladaa bu’a qabeessa akka ta’uuf jecha haala qilleensaa mijataa filachuun
barbaachisaa dha. Kunis baay’ee ho’aa fi baay’ee qorraa kan hin taane yoota’e ni filatama. Haalli
qilleensichaa baay’ee qorraa yoo ta’e, beeyladni nyaata nyaatan san ittisa qorraaf oolchu waan
ta’eef ulfaatinaa fi cooma hanga barbaachisu kuusuu hin danda’an. Gama birootiin ammoo,
naannoon gabbisaa baay’ee ho’aa yoo ta’e beeyladni hamma ho’ina qaama isaanii keessa jiru,
ho’ina ala jiru waliin wal madaalchisuuf waan dirqisiifamaniif fedhiin isaan nyaataaf qaban ni
hir’ata. Waan kana ta’eef, ulfaatina barbaachisu dabaluu hin danda’an. Kanaafuu, hojiin
gabbisuu naannoolee qorraatti yoo ta’e, beeyladni mana qorra irraa ittisu keessatti akka
galafaman gochuu; naannoolee ho’aa yoo ta’e ammoo, beeylada irraa ho’a aduu ittisuuf
meeshaalee naannichatti argaman irraa gaaddisa tolchuufi barbaachisa. Waliigalatti hojii
paakeejii gabbisa beeyladaa bu’a qabeessa taassisuuf, naannoolee haala qilleensaa giddugaleessa
qabanii fi kan xiqqoo ho’an filachuudhaan hojii gabbisaa gaggeessuu barbaachisa.
B.Taa’umsa lafaa
Haalli taa’umsi iddoon lafa gabbisni beeyladaa irratti hundeeffamu dhangala’aa maqsuuf xiqqoo
gara tokkkotti sulula kan qabuufi kan bubbee hamaadhaan hin rukutamne/saaxilamne ta’uu qaba.
Gabbistoonni hojii Paakeejii gabbisa beeyladaa kanatti hirmaatan humna qabaniin hojicha
baay’ina/lakkoofsa beeyladaa xiqqaa fi lafa dhiphaa irratti eegaluudhaan ennaa barbaachisaa
ta’ee argametti salphumatti babal’isuu akka danda’utti yoo ijaarame filatamummaa ni qabaata.

15
C. Tajaajiloonni barbaachisoo ta’an dhiyeenyatti kan itti argaman
Tajaajiloonni akka eegumsa fayyaa beeyladaa, bishaanii, gabaa (bittaa fi gurgurtaa gaggeessuuf
kan dandeessisu), geejjiba, ibsaa fi kkf naannoo dhiyeenyatti itti argaman yoo ta’e ni filatama.
Keessattuu bu’a qabeessummaa paakeejichaaf hudhaa guddaa ta’ee kan ture rakkoo gabaa
hiikudhaaf iddoo gabaatti dhiyoo, magaalaa fi naannawa magaalaa yookiin naannoo manni
qalmaa, fi warshaaleen foonii itti argamanitti paakeejicha hojiirra oolchuun ni filatama.
Dhiyeessiin nyaata beeyladaa gatiidhaan, baay’inaa fi qulqullinaan haala amansiisaa ta’een
naannoo itti argamuu danda’u ta’uu qaba. Kanaafuu, gabbisaan nyaata beeyladaa ofii isaaf
misoomsuun irratti dabalataan paakeejicha bal’inaan gaggeessuuf hafteen agroo-industirii,
hafteen omisha midhaanii gahaa ta’ee fi naannoo qopheessitoonni yookiin qindeessitoonni
nyaata beeyladaa itti argaman yoo ta’e ni filatama.

6.1.8 Ulaagaalee ittiin filannaa hirmaattota paakeejichaa


Hirmaattonni paakeejii kanaa bu’uura ulaagaalee armaan gadiitiin filatamuu qabau.
 Hojii gabbisa beeyladaa irratti bobba’uuf fedhii olaanaa kan qabu
 Karaa aadaatiinis yoo ta’e danda’amnaan hojicha irratti kan muuxannoo qabu
 Tajaajila gorsaa fi mala hojmaataa kennamuuf fudhatee hojiirra oolchuuf eeyyamama kan
ta’e
 Hirmaatichi akka humna isaatti gabbisuuf iddoo/bakka fi humna kan qabu
 Yoo danda’ame haala kunuunsa beeyladaa fi eegumsa fayyaa isaanii irratti beekumsa
bu’uuraa kan leenjiin yookiin muuxannoodhaan argate taanaan ni filatama.
Kanaafuu, adeemsa hojii paakeejii kanaa keessatti qonnaan / horsiisee bulaan, abbaan qabeenyaa,
dargaggo hojii dhabeeyyii ta’an, dhabbilee leenjii ogummaa adda addaa irraa leenjifamanii kan
bahanii fi walumaagalatti hojii kana irratti hirmaachuuf fedhii kan qaban hundi hirmaachuu ni
danda’u.

6.1.9 Dhiyeessii fi tamsaasa galtee fi haala bittaa fi gurgurtaa


Galteewwan (beeylada, nyaata beeyladaa, talaallii fi qoricha fi kkf) paakeejicha hojiirra oolchuuf
barbaacisan bu’uura irraa naannoo gabbisaatti baasii xiqqaadhaan haala itti argaman mijeessuu
barbaachisa. Kanaafuu, gabbstoonii lafa misooma nyaata beeyladaaf gahaa ta’e daangessudhaan
sanyii nyataa beeyladaa naannichatti misuu danda’u misoomsuu barbaachisa. Hojichi gogsaa/
buuyyoo, fi haftee omisha midhaanii gahaa walitti qabuudhaan gabstootatti gurguruun galii

16
argachuu ni dandeessisa. Tjaajila fayyaa beeyladaa gahaa kennuuf kiliinikni fayyaa beeyladaa
sadarkaa aanaa fi gandaatti argaman ogeeyyiin, meeshaalee keessaatiin akkasumas dhiyeessii
qorichaa fi talaalliin jajjabeessuu barbaachisa. Kana birattis dandeettii dhaabbilee tajaajila fayyaa
beeyladaa dhuunfaa jebeessuudhaan tajaajilicha si’ataa taassisuu barbaachisa.

Gabbistoonni paakeejii kanatti fayyadaman beeylada qonnaa fi horsiisa keessaa baafaman,


horsiisaan akkuma humna isaatti beeylada ofii qabu keessaa, dhiyeessii nyaata beeyladaa fi
fedhii gabaa bu’uureffachuudhaan sadarkaa xiqqaa, giddugaleessaa fi olaanaadhaan baay’ina
beeylada gabbisuu danda’anii gabbisuudhaan tarsiimoo kallattiidhaan gabaaf dhiyeessuu yookiin
gabbisaan beeyladaa horsiistota irraa dhufaniif gabbisuudhaan gabaaf dhiyeesuu ni hordofa.
Paakeejiin kun gabaa biyya keessaa irratti kan xiyyeeffatee fi teknolojii adda addaa fayyadamuun
foon gabaa irraatti barbaadamu baay’inaa fi qulqullinaan omishuu kan dandeessisuudha.
Dabalataanis qotiyyoo qotiisa qotaa turan yeroo murtaa’eef nyaata beeyladaa anniisaa olaanaa
qabu laachufidhaan fayyadamtoota foon cooma baay’ee qabu barbaadaniif akka dhiyaatan
gochuu ni dandeessisa.

6.2 Paakeejii korommii biyyumee guddina ariifataa qabanii fi guddina isaanii hin fixatin
gabbisuu
Gabbistoonni paakeejii kana irratti hirmaatan korommii biyyumee guddina ariifataa qabanii fi
guddina isaanii hin fixatin naannoolee jiran irraa walitti qabuudhaan yeroo gabaabaa keessatti
gabbisuudhaan foon lallaafaa cooma baay’ee hin qabne (Lean and tender Meat) omishuudhaan
keessattu gabaa biyya alaaf kan dhiyaatu ta’ee, gabaa biyya keessaafis dhiyeessuu paakeejii
dandeessisuudha.
Qindeeffama paakeejichaa fi tarsiimoleen hojmaatichaa armaan gaditti kanneen tartiibaan
ka’amanii dha.

6.2.1 Filannaa korommii gabbifamanii


A. Sanyii
Horii maalaa biyyumee biyya keenya keessatti argaman keessaa sanyiin loon Booranaa, Horroo,
Foogaraa, fi Ogaadeen omisha foonii fooyyee qabu waan kennaniif iddoowwan sanyiin kunneen
jiranitti walittiqabuudhaan paakeejii yeroo gabaabaa keessatti gabbisuudhaan gabaaf dhiyeessuu
keessatti galchuu barbaachisa. Keessattuu, sanyiin Booranaa fi Horroo kunuunsa fi nyaachisa
fooyya’aadhaan daballii guddinaa quubsaa agarsiisuun isaanii paakeejii kanaaf filatamoo isaan

17
taassisa. Gama birootiin ammoo, sanyii naannoolee birootti kan argamanii fi omisha foonii
fooyya’aa argamsiisuu danda’anis filachuun gabbisuun ni danda’ama.
B. Umrii
Foon lallaafaa (Tender) fi cooma baay’ee hin qabne (Lean) gabaa biyaa alaaf ta’u omishuuf
umrii beeylada gabbifamuu ilaaluun dhimma baay’ee murteessaa ta’e dha. Foon gosa kanaa kan
argamu ammoo, horii maalaa guddina isaanii hin fixatin irraayidha. Kanaafuu hojii paakeejii
kanaaf kan filataman korommiin guddataa jiran umrii isaanii waggaa 2-3 yoo ta’e gaarii dha.

C. Dhaabbii qaamaa fi ulfaatina:

Paakeejii kanaan gosa foon barbaadamee omishuuf wanti guddaan umrii, sanyii fi haala
nyaachisaa ta’ullee kormi gara gabbisaa galuu dhaabbiin isaa kan sirraa’aa dheeraa ta’e fi lafee
babal’aa qabu yoo ta’e ni filatama. Halli qaama isaa (condition) kan baay’ee hin huqqannee fi
hin gabbanne ta’uu qaba. Paakeejii kanaa kan filataman gorba (guddattoota) ta’anillee kan
ulfaatinni isaanii kg 200 gadi hin taane yoo ta’e gaariidha.
D.Fayyaa
Horiin gabbisaaf erga bitamanii booda sakatta’insi fayyaa godhameefii kanneen mallattoo dhibee
agarsiisan yoo jiraatan addatti fo’amanii tajaajilli fayyaa kennamuufii qaba. Dabalataanis bu’a
qabeessummaa fooyya’aadhaaf:
 Dhibee naannichatti hedduminaan mul’ataniif talaallii kennuu
 Maxxantuu qaama keessaa fi alaaf qoricha kennuu
 Gabbatanii hanga bahanitti yoo dhibeedhaan qabaman ogeessa fayyaa mariisisuudhaan
waldhaansa barbaachisuu yeroodhaan kennuudha.

6.2.2 Qophii nyaata beeyladaa fi beeylada nyaachisuu


Akkaataa qophii nyaata beeyladaa fi nyaachisuun isaa filannoo paakeejii jalqabaa irratti
bal’inaan kan ibsame ta’ullee foon gabaa biyya alaaf foon horii maalaa barbaadamaa ta’e yerooo
gabaabatti omishuu kan dandeessisan filannoon nyaata beeyladaa armaan gaditti dhiyaatanii jiru.

18
Nyaata beeyladaa filannoof korommii gabaa biyya alaaf gabbifamaniif dhiyaate / Ulfaatni
ka’umsaa kg 200, daballiin guyyaa giraama 900
Gosa nyaata nyaata 1 nyaata 2 nyaata 3
beeyladaa nyaata nyaata nyaata nyaata nyaata nyaata
%dhaan kgdhaan %dhaan kgdhaan %dhaan kgdhaan
Gogsaa/buuyyoo 19 1.1 0 0 -- --
Haftee omisha -- -- 19 1.1 19 1.1
midhaanii
Baaqelaa 2 0.1 -- -- 3 0.2
Furushkaa -- 0 14 0.8 8 0.5
Furushkelloo 15 0.9 38 2.3 20 1.2
Midhaan 38 2.3 10 0.6 25 1.5
Boqqolloo
Faagulloo nuugii 5 0.3 7 0.4 2 0.1
Molaasasii 20 1.2 10 0.6 20 1.2
Midhaan boloqqee -- -- 1 0.06 -- --
Midhaan gaayyoo -- -- -- -- 2 0.1
Lafee daakame 0.5 0.01 0.5 0.01 0.5 0.01
Ashaboo 0.5 0.01 0.5 0.01 0.5 0.01
Ida’ama 100 5.92 100 5.88 100 5.9

 Fakkeenyaaf kormi kg 200 gabbifamu nyaata beeyladaa filannoo 1 guyyaatti giddugaleessaan kg 5.92 nyaata

6.2.3 Haala ijaarsa mana / gaaddisa beeyladaa


Gosti mana korommii gabbifamaniif ijaaramuu akka haala qilleensaa naannichaatti adda
addummaa kan qabaatu yoo ta’u, paakeejii kanaaf mannii/gaaddisni naannoo ho’aatti ykn
naannoo qorraatti ijaaraman paakeejii filannoo jalqabaa irraati akkaataa ibsamen ta’a. haata’u
malee, bal’inni manichaa/gaaddisichaa, qabiyyeen isaa, meeshaaleen itti tajaajilamani fi gatiin
ijaarsaa haala baay’ina beeylada gabbifamanii fi umrii isaaniitiin murtaa’uu ni danda’a.
Fakkeenyaaf gabbisaan tokko korommii 100 gabbisuu yoo barbaade, bal’inni mana isa
barbaachisu, qabiyyee fi meeshaaleen keessaa haala armaan gadiitiin dhiyaatee jira.

19
Tareeffama meeshaalee ijaarsaa fi ittiin tajaajilaman yeroo tokkottti korommii 100
gabbisuuf guutamuu qaban
L.T Gosa ijaarsaa Safartuu Baay’ina
*
1 Mooraa gidaaraa/keenyaa roga sadiiqabu Meetir karee 300
2 Bidiruu/gabatee nyaataa Meetiri kuubii 7.2
3 Bidiruu/gabatee bishaanii Meetiri kuubii 1.8
4 Kuusaa Nyaata beeyladaa Meetir karee 42
5 Biiroo Meetir karee 16
6 Iddoo itti waldhaanan Meetir karee 2.8
7 Dallaa Meetira 140
8 Meeshaa biifaa Lakkoofsa 2
9 Gaarii harkaa Lakkoofsa 3
10 Akaafaa Lakkoofsa 4
11 Gomaa bishaanii Meetira 100
12 Baaldii pilaatikaa Lakkoofsa 4
* Bal’ina, baay’ina, qabiyyee, gosaa fi baay’ina meeshaalee ittiin tajaajilamanii mana gabbisaaf
barbaachisuu, bu’uura isa ka’umsaaf kaa’ametiin gabbistoonni baay’ina korommii gabbisuuf
barbaadaniitiin herreegudhaan hojii gabbisichaa gaggeessuu ni danda’u.

6.2.4 Baay’ina korommii gabbifamanii fi wayitii gabbisuu


Paakeejiin kun irra caalaansaa gabaan kan hogganamu waan ta’uuf gabaa amansiisaa fi nyaanni
beeyladaa gahaan hanga jirutti gabbistoonni waggaatti marsaa 3 hanga 4 gabbisuu ni danda’u.
Baay’inni horii gabbifamani kan murtaa’u fedhii gabaa fi humna gabbisaa irratti ta’ullee,
gabbistoonni marsaa tokkotti sadarkaa xixiqqaan 20 hnga 49, sadarkaa giddugaleessi 50
hangaa 99, gabbistoonni sadarkaa olaanoon korommii 100 fi isaa ol akka gabbisan ni gorfama.
Kunis ta’ee gabbisa an, mana qalmaa fi warshaa foonii naannichatti argaman akkasumas
daldaltoota beeylada dhaabii waliin wal dubachuudhaan fi walgaltee dursaa humna isaa
giddigaleeffate tolchuudhaan wayitii gabbisaa tokkotti loon meeqa akka gabbisuu qabu
murteessuu isa barbaachisa.

6.2.5 Ulaagaalee filannoo hirmaattota paakeejichaa


Hojii paakeejii gabbisa korommii kana irratti abbootiin qabeenyaa fedhiif humna qaban, gareen
gurmaa’e fi waldaaleen fi Yuuniyeenoonni akka hirmaatan ni jajjabeeffamu. Kanaafuu,
qaamooleen hojii kana irratti hirmaatan fedhii qaban irratti dabalataan ulaagalee armaan gadii
kanneen guuttatan ta’uu isaanii mirkaneeffachuu barbaachisa.

20
 Waayee kunuunsa beeyladaa fi eegumsa fayyaa beeyladaa leenjiidhaan ykn
muuxannoodhaan kan barate
 Hojiii gabbisa beeyladaa irratti hirmaachuuf fedhii olaanaa kan qabu
 Danda’amnaan bifa aadaatiin illee yoo ta’e, kan hojicha irratti muuxannoo qabu
 Hojii gabbisaa gaggeessuuf bakka gahaa fi humna kaappitaala kan qaban yoo ta’e ni filatama.

6.2.6 Dhiyeessii galtee, tamsaasa fi haala bittaa fi gurgurtaa


Gabbisaan hojii paakeejii kanaatti hirmaatuu barbaadu gabaa biyyaa alaa xiyyeeffannoo
godhachuudhaan korommii guddina ariifataa qaban naannoo adda addaatii walitti qabuudhaan
kunuunsaa fi nyaachisaa fooyya’aa fayyadamuudhaan tarsiimoo omisha gabaan barbaadu
omishuuf isa dandeessisu baafachuu qaba. Kanaafis dhiiyeessii fi raabsiin korommii gorbaa wal
irraa hin cinnee jiraachuu qaba. Kanaafuu naannoo gaabbisaatti dhiyeenya qabutti
qonnaan/horsiisee buulaa irraa korommii gorba fi guddattoota walittiqabuudhaan, guddisanii
fooyyessanii kan dhiyeessan daldaltoonni xixiqqaan, daldaltoonni beeylada dhaabbii, dargaggoo
fi waldaaleen hojii daldala beeyladaa irrattii gurmaan jiraachuu qabu.
Hanqina beeylada gabbifamaniitiin hojii gabbistootaa akka hin gufanne dhiyeessitoota jiran
waliin haala jabbilee guddtanii fi korommii fofoyya’an itti dhiyeessanii fi gabbistoonnis irraa itti
qeebalan irratti waliigaltee fi dirqamoota adda baasanii ibsuudhaan waliif mallatteesuu qabu.
Haaluma wal fakkaatuun galteewwan kanneen biroo (nyaata beeyladaa, fayyaa, bishaan)
gabbisaaf itti fayyadamanis iddoo iiti argaman, dhiyeessitootaa fi humna bittaa adda baasudhaan
dursa mirkaneessuu barbaachisa.
Rakkoolee bittaa fi gurgurtaa asuma irraa hiikuuf gabbisaan manneen qalmaa fi warshaalee
foonii naannichatti argaman waliin akkasumas daldaltoota beeylada dhaabbii waliin wal
dubbachuudhaan walii galtee dursaa humna isaa giddugaleessa godhate tolchuudhaan yeroo
gabbisaa tokkotti hammam akka gabbisuu qabu murteessuu isa barbaachisa.
6.3 Paakeejii gabbisa jabbilee jibicha diqaalaa wiirtuu horsiisa aannanii keessaa baafaman
Xiyyeeffannoon paakeejii kanaa gabaa biyya alaa fi biyya keesssaa ta’ee, jabbilee jibicha diqaala
harma gu’anii wiirtuu horsiisa horii aannanii mootummaa fi dhuunfaa keessaa baafaman irratti
xiyyeeffata. Paakeejiin filannoon kun jabbilee jibicha diqaalaa ta’an haala nyaachisa fi kunuunsa
gaariidhaan yeroo gabaabaatti guddisee, qalmaaf akka gahani fi hoteelota, supparmaarkeettota,
mana qalmaa al-ergitoota fi warshaa fooniitiin barbaadamaa kan ta’e foon diimaa fi lallaafaa
(Lean and Tender meat) omishuudhaan paakeejii gabaaf dhiyeessuu dandeessisuudha.

21
Qindeeffama Paakeejichaa fi tarsiimolee hojichaa armaan gaditti tartiibaan barreeffamanii
kanneen dhiyaataniidha.

6.3.1 Filannoo jabbilee guddatanii


A. sanyii

Pakeejii kanaaf jabbileen barbaadaman guddina ariifataa kan qabanii fi wiirtuu horsiisa horii
aannanii keessaa jabbilee jibichaa diqaalaa sanyii horii aannanii biyya alaa dha. Gara fulduraatti
kan amma jiran irratti dabalataan sanyii fooniif oolan irratti fooyya’iinsa sanyii qophaa’e hojii
keessa galchuudhaan sanyii fooyya’aa jedhamanii sanyii foonii diqaalaa bahan irratti
xiyyeeffachuudhaan ni hojjatama.

B. Umrii

Paakeejii kanaaf jabbilee jibicha diqaalaa umrii Ji’a 6 hanga ji’a 18 ta’anii dha.

C. Ulfaatina

Paakeejii kanaaf jabbileen barbaadaman ulfaatinni ka’umsaa hanga danda’ametti olaanaa yoo
ta’e ni filatama. Ulfaatinni giddugaleessii jabbilee biyya keenyaa umrii ji’a 6 kg 80 kan hin
darbine ta’ullee, qu’annoowwan akka agarsiisanitti horsiisa aannanii biyya keenyaa keessaa
jabbileen diqaalaan bahan ulfaatinni isaanii giddugaleessi kg 125 hanga 130 dha. Kanaafuu,
paakeejii kanaaf jabbileen filataman ulfaatina ka’umsaa kg 125 ol ta’anii kunuunsa fi nyaachisa
fooyya’aa fayyadamuudhaan yeroo gabaabaatti guddisuudhaan umrii isaanii ji’a 18 ‘ttii hanga kg
323 geessisuudhaan gabaa biyya keessaa fi alaaf dhiyeessuun gurguruun ni danda’ama.

D. Fayyaa

Paakeejii kanatti kan galfaman jabbilee guddattoota diqaalaa waan ta’aniif hordoffii tajaajila
fayyaa cimaa argachuu qabu. Jabbileen kun akkuma wiirtuu horsiisaa keessaa bitamanii
dhufaniin:

 Bidiruu nyaataa fi dhugaatii haala gaariin qulqullaa’anii qophaa’an fayyadamuu fi


meeshaalee erga itti fayyadamanii booda dhiqanii qoorsudhaan tajaajila yeroo itti aanuuf
qopheessuu barbaachisa
 Saaxilamummaa lubbuqabeeyyii dhibee dabarsaniif jiru hir’isuu

22
 Haalawwan humna damdamannaa dhibee dadhabsiisan maqsuu/ hir’isuu
 Jabbileen dhibaman yoo jiraatan addatti fowuudhaan waldhaansi barbaachisaan akka
kennamuuf taassisuu
 Ogeessa fayyaa beeyladaatiin dhibee beeyladaa naannichatti mul’atuuf talaallii kennuu.
 Qorannoon maxxantuu qama alaa fi keessa erga godhameefii booda qoricha barbaachisaa
argachuu qabu
 Jabbilee haaraa wiirtuu horsiisaa keessaa bitamanii dhufanuuf yeroo ji’e tokkoo tiif
eeggannoo barbaachisaan akka godhamuuf ni barbaachisa.
 Gooranni/Mooraan akka dhufaniin itti galan qulqulluu, qooraa fi mijataa ta’ee qophaa’uu
qaba.
 Jabbileen iddoo fagoodhaa bitamanii kan dhufan yoo ta’e, kan dadhaban ta’uu waan
danda’uuf iddoo cisichaa mijataa fi qooraa qopheessuufii barbaachisa.
 Jabbileen yeroo geejjibaman dhabsuu bishaaniin miidhaman ta’uu waan danda’uuf, biduruu
bishaanii keessa bishaan dhugaatii qulqulluun qophaa’efii, nyaata beeyladaa nyaachuun dura
bishaan dhuguu qabu.

6.3.2 Qophii nyaata beeyladaa fi tarsiimoo nyaachisuu


Jabbilee guddattoonni nyaata beeyladaa (Ration) isaaniif qophaa’eef haaraa waan ta’anuuf suuta
suutaan sadarkaa sadarkaadhaan kennuufiidhaan barsiisuu barbaachisa. Kana gochuudhaan
tarsiimoo nyaachisaa armaan gaditti eerame fayyadamuu barbaachisa.
 Guyyaa 1 hanga 7ffaa gogsaa/ buuyyoo margaa fi konsantireetii %10 hanga 30 laachuu
 Guyyaa 8 hanga 21ffaa %50 gogsaa/ buuyyoo margaa fi %50 konsantireetii laachuu
 Guyyaa 22 hangaa 75ffaa %30 hokaa/ margaa fi %70 nyaata wal madaalaa laachuu
 Guyyaa 76 hanga gurguramanitti %10 marga/hokaa ykn haftee omisha midhaanii fi %90
nyaata walmadaalaa laachuu dha.
Jabbileen guddattoonni paakeejii kana keessa galfaman saffisni guddina isaanii akkuma umrii
isaanii adda addummaa waan qabachuu danda’uuf filannoo nyaataa beeyladaa adda addaa
qopheessuun barbaachisaa ta’a.
Bu’uuruma kanaan jabbileen guddattoonni jibichaa umrii isaanii ji’a 6 hanga ji’a 12 ta’an
saffisaan kan guddatan waan ta’eef, gara birootiin ammoo, kanneen umriin isaanii ji’a 12 hanga
ji’a 18 ta’an saffisa xiqqaa ta’een waan guddataniif daangaa umrii kana lameeniif kan ta’u

23
filannoon nyaata beeyladaa lama qophaa’anii dhiyaatanii jiru. Kanaafuu guddattoota diqaalaa
kanaaf guddisaan/gabbisaan filaannoo nyaata adda addaa eeraman keessaa gaarii kan ta’ee, gatiin
isaas gadi aanaa kan ta’e madda nyaata beeyladaa naannichatti argaman irraa kan qopheessuu
danda’u fayyadamuu qaba.

Jabbilee diqaalaa umrii ji’a 6 hanga 12 qabaniif filannoo nyaataa qophaa’e./ ulfaatinni ka’umsaa125

daballiin guyyaagiraama 700/

Gosa nyaataa nyaata 1 nyaata 2 nyaata 3

beeyladaa nyaata nyaata nyaata nyaata nyaata nyaata

%dhaan kg dhaan %dhaan kg dhaan %dhaan kg dhaan

Gogsaa/ buuyyoo 22 0.9 22 0.9 22 0.9

Midhaan boqqoolloo 20 0.9 30 1.4 15 0.7

Baaqelaa 1 0.04 1.3 0.06 3 0.1

Furushkaa 10 0.5 5 0.2 10 0.5

Furushkeelloo 38 1.7 28 1.3 33 1.5

Faagulloo nuugii 7 0.3 8 0.4 4 0.2

Midhaan boloqqee -- 5 0.2 10 0.5

Midhaan gaayyoo 1 0.1 0.5 0.02 2 0.09

Lafee daakame 0.5 0.02 0.5 0.02 0.5 0.02

Ashaboo 0.5 0.02 0.5 0.02 0.5 0.02

Ida’ama 100 4.52 100 4.52 100 4.52

24
Filannoo nyaataa jabbilee diqaalaa umrii ji’a 12 hanga 18 qabaniif qophaa’e.
/daballiin guyyaa giraama 400/
Gosa nyaataa nyaata 1 nyaata 2 nyaata 3
nyaata Nyaata nyaata Nyaata nyaata nyaata
%dhaan kgdhaan %dhaan kg- %dhaan kgdhaan
dhaan
Gogsaa/buuyyoo 19 0.95 19 0.95 19 0.95
Furushkeelloo 30 1.5 10 0.5 30 1.5
Faagulloo talbaa 14 0.7 15 0.75 20 1
Midhaan 8 0.4 23 1.2 10 0.5
boqqoolloo
Baaqelaa 1 0.05 2 0.1 1 0.05
Furushkaa 20 1 20 1 10 0.5
Faagulloo nuugii 6 0.3 3 0.2 5 0.3
Midhaan baaqelaa 1 0.05 5 0.3 3 0.2
Midhaan gaayyoo 2 0.1 1 0.05
Lafee daakame 0.5 0.03 0.5 0.03 0.5 0.03
Ashaboo 0.5 0.03 0.5 0.03 0.5 0.03
Ida’ama 100 5 100 5 100 5

6.3.3 Ijaarsa manaa fi meeshaalee guutamuufii qaban


Manni/gooranni jabbilee diqaalaa itti guddisan akkuma umrii fi ulfaatina isaaniitti adda addatti
ijaaramuu ni danda’a.
 Uumamumaan jabbileen iddoo qulqulluu, ifa qabuu fi qilleenssi haala gaariidhaan keessa
naannawu barbaadu.
 Mooraa/gooranni jiidhaa, buubbee hamaa fi hafata jiidhaan humna dhibee ofirraa ittisuu
jabbii laaffisuu ni danda’a
 Mannii jabbii/ gooranni ijaaramuu qilleensa haala gaariidhaan kan naanneessuu fi
qulqulleessuuf mijataa/ salphaa ta’uu qabu

25
 Paakeejii kanaaf gooranni qophaa’u akkuma haala qilleensaatti ijaaramuu ta’e, fakkeenyaaf
naannoo badda dareetti abbaa keenyaa 3 ta’ee, gaaddisa (shed) kan qabu yoo ta’e ni filatama.
Keenyaan isaa qorqorroodhaan, dhoqqeedhaan ykn bilookkeettiidhaan ijaaramuu ni danda’a.
 Bukkeen/maddiin gara tokkoo kan keenyaan hin ijaaramneef faallaa bubbee hamaatiin ta’ee
yoo danda’ame gara Baha ykn Kibba bahaa yookiin ammoo, kallattii Kibbaatiin yoo ta’e ni
filatama
 Ajjeerraan/uwwisni baaxii gorannoo (shed) iddoo itti nyaatanii fi ciisan akka uwwisutti
bal’ina meetira 4 qabaachuu barbaachisa. Ol ka’iinsi baaxii meetira 3 ta’ee qoorqoorroo ykn
citaadhaan ijaaramuu ni danda’a.
 Dheerinni gaaddisaa (shed) akkuma baay’inaa fi haala horii irratti hundaa’ee murtaa’uu ni
danda’a. Gaaddisa (shed) itti dabalataan iddoo horiin iiti bashannananii fi aduu itti ho’ifatan
gaaddisichaan wal qabatee iddoon itti sososcho’an jiraachuu barbaachisa. Waliigalli bal’ina
moorichaa erga beekameen booda naannoon moorichaa dalleeffamuu/axaramuu qaba.
 Lafti moorichaa/gooranicha dhangala’aa maqsuuf akka mijatu sulula’a (slope) %2.5 kan
qabu ta’ee, gartokkeen isaa jechuunis iddoon itti nyaatanii fi ciisan konkiriitiidhaan yookiin
dhagaa hafameen yoo ijaarame ni filatama. Lafti inni hafe akka hin dhoqqoofne cirracha
diimaa itti naquun/ hafuun barbaachisaa dha. Qarqara lafichaarratti haala sulula isaa
eeggateen bo’oon/yaaftoon dhangala’aa dabarsu jiraachuu qaba.
 Bidiruun nyaataa iddoo roobni hin qaqqabne ta’ee akka barbaachisummaa isaatti
konkiriitiidhaan, xaawulaadhaan, mukaan kkf kan hojjatame ta’ee bal’ina meetira 0.4 fi
gadifageenya meetira 0.4 kan qabu ta’uu qaba.
 Haala hojmaata Paakeejii kanaatiin jabbilee gareedhaan qoqqodanii nyaachisuuf akka
mijatutti goorannicha qixxeetti iddoolamatti mukaan kutuu fi jabbileen kutaaleewwanitti
ramadaman rakkoo tokko malee yeroo tokko nyaachuu akka dandeessisutti bidiruun nyaata
ijaaramuu qaba.
 Bidiruun bishaan itti dhugan kutaalee goorannichaa keessatti gidduu iddoo bashannanaa fi
aduu ho’ifachuuf qophaa’etti akka jabbilee gara lamaan dhuguu dandeessisutti tolfamuu
qaba. Bidiruun bishaanii kun konkiriitiidhaan kan tolfamu ta’ee, dheerinaa fi bal’ina
beeylada gabbifaman tajaajiluuf isa dandeessisu kan qabu ta’uu qaba.

26
 Kiraashiin beeylada dhibaman waldhaanuuf, kittibaata kennuuf, qoricha ittisa maxxantuu
qaama alaa biifuuf dandeessisu goorana/mooraa isa muummee irra siqee qophaatti mukaan
ijaaruu barbaachisa.
 Haalli ijaarsa kiraashii kanaa gara seensaatiin horii walitti qabuuf akka gargaaruu bal’ina
(meetira 4*5) kan qabu ta’ee, gara bahiinsaatiin dheerina kan qabuu fi yeroo tokkotti horii
tokko qofa kan dabarsuu danda’u (meetira 7*0.4*0.8) iddoo tajaajila waldhaansaa itti kennan
ni qabaata.
 Mooraa irratti dabalataan kuusaa nyaata wal madaalaa, Biiroo, dallaan alaa ijaaramuu qabu.

Tilmaama mana/ gaddisaa fi meeshaalee tajaajilaa jabbilee diqaalaa


gabbifaman 150 barbaachisuu
Gosa ijaarsaa baay’ina Hamma
Mooraa /Gorannoo 1 480 m2
Bidiruu nyaataa 3 3.2 m3
Bidiruu bishaanii 3 0.32 m3
Kiraashii 1 2.8 m2
istoora nyaata beeyladaa 1 36 m2
Biiroo 1 16 m2
Dallaa naanno alaa 1 140 m
Tilmaama gosaa fi meeshaalee tajaajilaaf barbaachisanii
Meeshaa biifaa 2 leetira 15
Gaarii harkaa 4
Akaafaa 4
Ujummoo /gommaa bishaanii meetira 200
Baaldii laastikaa 6
Minjaala / xarapheezzaa 1
Teessoo 3

6.3.4 Baay’ina jabbilee fooniif guddifamanii fi waytii gabbisaa


Paakeejii kanaan marsaa tokkotti gabbistoonni sadarkaa xixiqqaa 10 hanga 29, sadarkaa
giddugaleessa 30 hanga 49 fi sadarkaa olaanaan jiboolee 50 fi isaa ol akka gabbisan ni gorfama.

Hojiin kun itti fufiinsa akka qabaatuf guddisaan garaagarummaa ji’a 3 tiin garee jabbilee ( Batch)
galchuudhaan bara itti aanu gareelee jabbilee guddattootaa sadeen akkaataa seensa isaaniitiin ji’a
afur afuriin baasuu ykn gurguruu ni danda’a.

27
6.3.5 Naannoolee Paakeejichi itti hojiirra oolfamu
 Tamsaasa paakeejii kanaa dura magaalotaa fi naannawa magaalotaa qofa irratti
yaaluudhaan muuxannoo argamu irraa ilaaluudhaan gara fulduraatti tarsiimoo ittiin
babal’atu qiyyaasuun ni danda’ama.
 Jabbilee diqaalaa barbaachisan argachuuf akka gargaaruf jecha naannoon tamsaasaa
naannoo wiirtuu horsiisa horii aannanii mootummaa ykn dhuunfaa yoo ta’e ni filatama.
 Naannoo warshaa qophii nyaata beeyladaa ykn haftee omisha agroo induustirii yoo ta’e
ni filatama.
 Paakeejicha dhuunfaa dhuunfaadhaan hojiirra oolchuu mannaa, bifa gurmaa’ina qabuun
hojjachuun bu’a qabeessummaa isaa dabaluu ni danda’a waan ta’eef iddoo dargaggoo fi
dubartoonni IMX’n, Waldaa aannanii fi Yuuniyeenotiin jirani filachuu barbaachisa.

6.3.6 Ulaagaalee filannaa hirmaattota paakeejichaa


Hirmaattonni paakeejii kanaa ulaagaalee armaan gadii irratti hundaa’udhaan filatamuu qabu
 Hojii gabbisa beeyladaa irratti hirmaachuudhaaf fedhii olaanaa kan qabu
 Yoo danda’ame bifa adaaiins ta’u, hojii gabbisa beeyladaa irratti muuxannoo kan qabu
 Gorsa fi tarsiimoo hojmaataa kennamuuf fudhatee kan hojiirra oolchuuf eeyyamamaa
ta’e.
 Hirmaatichi hamma humna isaa gabbisuuf iddoo gahaa fi humna kan qabu
 Yoo danda’ame waayee kunuunsa fi eegumsa fayyaa beeyladaa beekumsa bu’uura
muuxannoodhaan ykn leenjiidhaan kan argate yoo ta’e ni filatama.
Kanaafuu, paakeejii kana irratti abbootiin qabeenyaa, dargaggoo gurmaa’an, dhaabbilee leenjii
adda addaa irraa leenji’anii bahan fi waliigalatti ogummaa kanaan hojjachuuf fedhii kan qaban
hundi hirmaachuu ni danda’u. Dabalataan Waldaalee aannanii fi Yuuniyeenonni miseensota
isaanii fi namoota biroo irraa beeylada diqaalaa irraa, jabbilee dhalatan waldichi walitti
qabuudhaan ogeessa qaxaree hojii guddisuu gaggeessuu ni danda’u.

6.3.7 Haala Dhiyeessii galteewwanii, tamsaasaa fi bittaa fi gurgurtaa


 Paakeejii kannaf maddeen jabbilee jibicha diqaalaa ta’an qonnaan bulaa, horsiisa horii
aannanii duunfaa fi kan mootummaa ta’u.
 Adeemsa hojii jabbilee diqaalaa walitti qabuu fi guddisuu keessatti dargaggoo gurmaan,
dhabbilee leenjii adda addaa keessatti leenjifamanii bahan, waldaalee horsiisa horii

28
aannanii fi ogummaa kanaan hojjachhuuf fedhii kan qaban hundi dhiyeessii fi tamsaasa
galteewwanii irratti ni hirmaatu.
 Waliitti qabdoonni jabbilee diqaalaa kunneen abbootii qabeenyaa, dargaggoo gurmaa’niif
waldaalee horsiisa horii aannaniif bu’uura waadaa waliigaltee seenaniitiin jabbilee
yeroodhaan ni dhiyeessu
 Guddistootiin jabbilee diqaalaa jabbilee diqaalaa dhiyeessitoota galtee irraa argatan
qeebaluudhaan haala yeroo guddisaa taa’een guddisanii gabaa biyya keessaa fi alaa tiif ni
dhiyeessuu yookiin ammoo, gabbistoota korommii gabaa biyya alaa tiif gabbisaniif ni
dhiyeessu.

7. Paakeejii Fooyyessa Omisha Foon Hoolaa/Re’ee (Bushaayee)


Irra caalaa hoolaa/re’ee biyya keessaa fi diqaalaa jibicha tajaajila horsiisaa kennan, kan guddina
isaanii hin xumurin fi horsiisaaf hin barbaadamne filuudhaan hanga tokko naannoo baadiyyaatti
fi bal’inaan magaalotaa fi naannawa magaalotaatti ji’a 3 hanga 4 hojiin gabbisanii gabaaf
dhiyeessuu adeeemsifamaa jira. Kuni ta’ullee, sanyii fi teeknolojiiwwan fooyya’aa
fayyadamuudhaan haala bu’aa fooyya’aa argamsiisuu danda’uun adeemsifamaa akka hin jirre
bu’aan qu’annoo dirree irratti gaggeeffamee ni agarsiisa. Kanaafuu, pakeejiin fooyyessa omisha
foon bushaayee, (hoolota/re’oota) gabbisanii gabaa biyya keessaa fi alaaf dhiyeessuuf
dandeessisu filannoo lamaan dhiyaatanii jiru.

7. 1 Paakeejii gabbisa hoolaa fi re’ee biyyumee fi sanyii biyya alaa horsiisa keessaa
baafanii
Qindeeffama paakeejichaa fi tarsiimolee hojichaa armaan gaditti tarreeffamanii dhiyaataniijiru

7.1.1 Filannaa hoolotaa fi re’ootaa gabbifamanii


A. Sanyii

Gabbisaan hoolota/re’oota biyyumee ykn sanyii biyya alaa Paakeejii fooyyessa omisha foon
hoolaa fi re’eef oolfamanu kan ofii isaaf tajaajila horsiisaaf itti fayyadamaa tuee keessaa
filuudhaan yookiin bituudhaan itti fayyadamuu ni danda’a.

B. Umrii
Hoolaa fi re’een Paakeejii kanaaf filatamanu nyaata beeyladaa kennamuuf haalaan nyaatan yeroo
gabaabaa keessatti bu’aa barbaadamu kan argamsiisanu ta’uu qabu. Kanaafuu, hoolaa fi re’een

29
tajaajila fooyyessa omisha foon hoolaa fi re’eef oolanu yoo xiqqaate guddina isaanii %50 kan
fixan jechuunis hobobsaaf kan gahan ta’uu qabu. Kanaafuu, hoolaa fi re’een gabbifaman umrii
waggaa 1 hanga 2 yoo ta’an ni filatama. Daangaa umrii kanaa keessa ta’uu isaan hanga tokko
ilkaan isaanii ilaaludhaan adda baasuun ni danda’ama.
C. Dhaabbii qaamaa fi ulfaatina
Hoolaa /re’ee dhaabbiin qaama isaa guddaa ta’e kan omisha foonii olaanaa kennuu danda’u of
eeggannaadhaan filatamuu qaba. Hoolaa/re’een gabbisuuf filatamu umrii isaa waliin wal bira yoo
ilaalamu, bal’inni fi dheerinni miilaa, lafee isaa fi dirraa guddaa yoo ta’e, hanguma san
dandeettiin foon qabachuu isaa olaanaa waan ta’uuf yeroo gabbisuu hoolaa/re’ee gosa kanaa of
eeggannoodhaan hanga danda’ametti filachuu barbaachisa. Dabalataanis hoolaa/ re’een hojii
gabbisaaf fayyadamuu barbaachisu kan baay’ee hin huqqanne yookiin kan baay’ee hin gabbatne
ta’uu qaba. Hojii kanaaf kan filatamaa ta’u, kan xiqqoo huqqatee fi kan furdina giddugaleesa ta’e
qabu ta’uu qaba. Kana baruuf lafee dirraa hoolichaa/re’ichaa innaa harkaan qaqqabatan xiqqoo
kan fooniin uwwifamee fi lafee babal’aa ta’uu qaba. Ulfaatinni ka’umsaa hoolaa/re’ee
gaabbifamuu hamma ulfaatina dhuma irratti ni argama jedhamee yaadamuuf murteessummaa ni
qaba. Kanaafuu, haala qabatamaa biyya keenyaatiin hoolaa/re’een gabbifamu tokko ulfaatinni
isaa yoo xiqqaate kg 17 hanga 20 yoo ta’e ni filatama. Sababiin isaas ulfaatiini
hoolichaa/re’ichaa kan olitti eerame kanaa gadi yoo ta’e dhaabbii qaamaa hoolichaa/re’ichaa
fooyyessuuf ykn gabbisuuf yeroo dheeraa fudhata.
D. Fayyaa
Hoolaan /re’een hojii fooyyessa omisha fooniif ennaa filataman fayyaan isaanii guutamaa ta’uun
mirkaneeffamuu qaba. Gabbisaan tokko hojii gabbisaa jalqabuun dura hoolaa/re’ee
gabbifamaniif qoricha maxxantuu qaama keessaa kennuufii barbaachisa. Dabalataanis dhibee
adda addaaf talaallii akka argatan gochuu barbaachisa. Akkuma barbaachissummaa isaatti
maxxantuu qaama alaaaf qoricha itti biifuu ni barbaachisa. Mallattoon dhibee yeroo irratti
mul’ate deeggarsa ogeessa fayyaa beeyladaa dhiyeenyatti argamuu gaafachuu barbaachisa.
Kunuunsa/qabiinsa
Hoolaa/re’een gabbifamu tokko nyaata nyaatu gara foon barbaadamuutti akka jijjiiru
dandeessissuuf iddoo gabbisuuf qophaa’e irratti hidhamee nyaachuu qaba. Ta’ullee yeroo
murtaa’eef ganamaa fi galgala gara alaa bahee akka dheeduu fi akka bashannanu gochuun
barbaachisaa dha. Gabaa biyya alaatiin kan barbaadaman hoolaa/re’ee hin kolaafamne waan
ta’aniif yeroo bashannanaaf gorannoo isaanii keessaa baafaman hoolaa/re’ee dhaltuudhaan akka
wal hin qunnamne eegamuu qabu.

30
7.1.2 Madda nyaata beeyladaa, qophii fi nyaachisa
Qophii nyaata beeyladaa
Gabbisaan paakeejii fooyyessa omisha fooniif xiyyeeffannoo olaanaa kennuudhaan nyaata
beeyladaa qabu haala gaariidhaan nyaachisee bu’a qabeessummaaf tattaaffii gochuu qaba.
Bu’uura kanaatiin nyaata beeyladaa qabuu wal madaalchisee akka laatuu fi nyaata beeyladaa
akka misoomsu gochuun barbaachisaa dha. Hoolaa/re’ee gabbisuuf maddeen nyaata beeyladaa
dhangaa anniisa qaban murteessummaa waan qabaniif qindoominni nyaata beeyladaa irra caalaa
maddaeen midhaan dheedhii irratti kan xiyyeefate ta’uu qaba. Akka fakkeenyaatti akka
tajaajiluuf ulfaatin hoolota kg 20 fi 30 qabanii fi guyyaatti daballii giraama 150 fi 200 qabaniif
nyaata filannoof qophaa’e bu’uura godhachuudhaan gabbisaan gosa nyaata beeyladaa
naannichatti argamu tilmaama keessa galchuudhaan akka barbaachisummaa isaatti qopheessuu ni
danda’a.

31
Filannoo nyaata beeyladaa hoolaa/re’ee gabbisuuf qophaa’e
Gosa nyaata Hoolaan gabbifamu ulfaatin kg 20 ti, Hoolaan gabbifamu ulfaatin kg 30 ti,
beeyladaa daballiin guyyaa giraama 150 daballiin guyyaa giraama 200
Nyaata -- 1 Nyaata -- 2 Nyaata 1 Nyaata - 2
Nyaata Nyaata Nyaata Nyaata
kennmu kennmu kennmu kennmu
wanta Nyaata wanta Nyaata wanta Nyaata wanta Nyaata
goggoga kennm goggoga kennm goggoga kennm goggoga kennm
a dhaan u a dhaan u a dhaan u a dhaan u
%dhaan kgdhaa %dhaan kgdhaa %dhaan kgdhaa %dhaan kgdhaa
(DM)% n (DM)% n (DM)% n (DM)% n
-- hamma hamma hamma hamma
danda’ danda’ danda’ danda’
Gogsaa/ e e e e
buuyyoo nyaata nyaata nyaata nyaata
Midhaan
70 0.5 30 0.4
boqqoolloo
Siinaara
85 0.6 40 0.6
kakka’ame
Faagulloo 10 0.07 25 0.4
Midhaan
10 0.07
odongoraa
Midhaan
15 0.11 10 0.15
baaqelaa
Midhaan
-- -- 50 0.8
gaayyoo
Furushkaa 10 0.07 25 54
Molaasasii 20 53
Ida’ama 100 0.71 100 0.71 100 1.6 100 1.5

32
Filannoo nyaata beeyladaa hoolaa/re’ee gabbisuuf qophaa’e
Gosa nyaata Hoolaan gabbifamu ulfaatin kg 20 ti, Hoolaan gabbifamu ulfaatin kg 30 ti,
beeyladaa daballiin guyyaa giraama 150 daballiin guyyaa giraama 200

Nyaata -- 1 Nyaata -- 2 Nyaata 1 Nyaata - 2


Nyaata Nyaata Nyaata Nyaata
kennmu Nyaat kennmu kennmu kennmu
wanta a wanta wanta wanta
goggoga kennm goggoga Nyaata goggoga Nyaata goggoga Nyaata
a dhaan u a dhaan kennmu a dhaan kennmu a dhaan kennmu
%dhaan kgdha %dhaan kgdhaa %dhaan kgdhaa %dhaan kgdhaa
(DM)% an (DM)% n (DM)% n (DM)% n
-- hamm hamma hamma hamma
a danda’e danda’e danda’e
danda’ nyaata nyaata nyaata
e
nyaata
Gogsaa/buuyyoo
Midhaan 70 0.5 30 0.4
boqqoolloo
Siinaara 85 0.6 40 0.6
kakka’ame
Faagulloo 10 0.07 25 0.4
Midhaan 10 0.07
odongoraa
Midhaan 15 0.11 10 0.15
baaqelaa
Midhaan gaayyoo -- -- 50 0.8
Furushkaa 10 0.07 25 054
Molaasasii 20 053
Ida’ama 100 0.71 100 0.71 100 1.6 100 1.5
Nyaachisa
Hoolaa/re’een nyaata wal madaalaa yeroo jalqabaatiif kan nyaatan yoo ta’e, nyaaticha suuta
suutaan barsiisuu barbaachisa. Hoolaan/re’een nyaata wal madaalaa akka baran dura nyaata
beeyladadaa kan kanaan dura nyaachaa turan wajjin nyaata wal madaalaa kennuufidhaan suuta
suutaan hammamtaa nyaata beeyladaa duraan nyaachaa turan sanaa hir’isuudhaan hammamtaa
nyaata wal madaalaa dabaluudhaan barsiisuu barbaachisa. Molaasasii kan nyaatan yoo ta’e
nyaata beeyladaa keessaa %10 caaluu hin qabu. Sababiin isaas molaasasiin kanaa ol yoo
kennameef miidhaa fiduu waan danda’uufidha.

33
7.1.3 Ijaarsa manaa/gorannoo
Hoolaa/re’een mana keessatti hidhamee kan gabbifamu waan ta’eef manni qorra, aduu fi bubbee
irraa ittisu ni barbaachisa. Manni ijaaramus meeshaalee naannotti argaman irraa ta’ee lafti isaa
ciisuuu, dhaabachuu fi nyaachudhaaf kan mijate ta’uu qaba. Dabalataan bidiruu bishaan
dhugaatii qabaachuu qaba.
Manni ijaaramu kun naannoo ho’atti yoo ta’e, baaxiin isaa ol dheeraa fi keenyaan isaa qilleensa
sirriitti kan galchu ta’uu qaba. Gara biraatiin ammoo, manni ijaaramu kun naannoo qorraatti yoo
ta’e keenyaan isaa kan qorra hin galchinee fi yoo danda’amee kan maragame ta’ee baaxiin isaa
kan gadi dhiyaatu ta’uu qaba.

7.1.4 Baay’ina hoolaa/re’ee fi waytii gabbisuu


Dhiyeessiin nyaata beeyladaa fi gabaan beeyladaa amansiisaa yoo ta’e, hojiin hoolaa/re’ee
gabbisuu waggaatti marsaa 3 raawwatamuu ni danda’a. marsaa tokkotti gabbistoota sadarkaa
xiqqaaf hoolaa/re’ee 5 hanga 14, gabbistoota sadarkaa giddugaleessaaf hoolaa/re’ee 15 hanga 49
babbistoota sadarkaa olaanaadhaan gabbisaniif ammoo, hoolaa/re’ee 50 fi isaa ol gabbisanii
gabaaf akka dhiyeessan ni gorfama. Hojii gabbisaa kana irratti warra bobba’aniif yeroon
gabbisuu guyyaa 70 hanga 90 keessatti ta’uu qaba.
Gabbistoonni hojii gabbisuu kana jal-qabuuf ennaa murteessan haala ragaalee Ayyaana ummataa
fi gabaa biyya alaa irratti hundaa’udhaan gurguruuf haala mijatuun ta’uu qaba. Kanaafuu,
sagantaa yeroo gabbisuu qopheessuufii akkasumas leenjiidhaan humna isaanii cimsuu
barbaachisa. Kun ammoo, gabbistoonni filannoo yeroo gabbisuu dhiyaateef keessaa mijataa kan
ta’e filachuu fi Ayyaana tokoo ol waytii gabbisaa tokko keessa jiraachuu danda’utti fayyadamuu
isaan dandeessisa.

7.1.5 Ulaagaalee filannoo hirmaattota paakeejichaa


Hirmaattonni paakeejii kanaa bu’uura ulaagaalee armaan gadiitiin filatamuu qabu.
 Hojii gabbisa hoolaa/re’ee irratti bobba’uudhaaf fedhii olaanaa kan qabu
 Yoodanda’ame kanaan dura kara aadaadhaanillee yoo ta’e hojicha irratti muuxannoo kan
qabu
 Tajaajila gorsaa fi tarsiimoo hojii itti himamu fudhatee hojiirra oolchuuf eeyyamamaa kan
ta’e
 Hanga humna isaa gabbisuudhaaf iddoo gahaa fi humna kan qabu
 Danda’amnaan kunuunsa hoolaa/re’ee fi eegumsa fayyaa isaanii irratti beekumsa leenjidhaan
yookiin muuxannoodhaan kan argate yoo ta’e ni filatama.

34
Kanaafuu, paakeejii kana irratti abbootiin qabeenyaa, dargaggoon gurmaa’an, dargaggoon
dhaabbilee leenjii adda addaa irraa leejii xumuranii bayanii fi walumaagalatti ogummaa hojii
kanaa irratti bobba’anii hojjachuuf fedhii kan qaban hundi hirmaachuu ni danda’u. Dabalataanis
waldaaleen fi Yuuniyeenonn miseensota isaanii fi namoota biroo hoolaa/re’ee filannoodhaan
fooyya’an fi diqaalaa warra horsiisan irraa ilmoolee jibicha dhalatan walitti qabuudhaan ogeessa
qaxaranii hojii gabbisaa gaggeessuu ni danda’u.

7.1.6 Haala dhiyeessii galtee, tamsaasa fi bittaa fi gurgurtaa


Hoolaa/re’een, paakeejii kana hojiirra olchudhaaf barbaachisan horsiistotaa hoolaa/re’ee
qonnaan/horsiisee bulaan fi gartokkeen horsiisee bulaa naannicha jiran irraa walitti qabuudhaan,
ykn hoolaa/re’ee ofii qaban irraa yookiin bittaadhaan walitti qabuudhaan gabbisuu ni danda’u.
Keessattuu ammoo, gabbistoonni sadarkaa giddugaleessaa fi sadarkaa olaanaadhaan gabbisuuf
humna qaban hoolaa/re’ee gabbifaman naannicha irraa argachuu waan hin dandeenyeef dargaggo
gurmaa’anii fi waldaalee irraa akkasumas daldaltoota beeylada dhaabbii irraa bittaan
fudhachuudhaan gabbisuu ni danda’u. Hoolaa/re’een baadiyaatti, magaalaa fi naannoo
magaalotaatti gabbifaman kallattiidhaan gabaa naannoof, warshaa fooniif yookiin daldaltootaa
ala-ergii beeyladaa dhaabbiif dhiyaachuu ni danda’u.

7.2 Paakeejii hoolaa/re’ee biyyumee fi diqaalaa guddina ariifataa qabani fi harma


gu’an, dhiirota gabbisuu
Qindeeffama paakeejichaa fi tarsiimolee hojii paakeejii kanaa tarreeffamanii armaan gaditti
barreeffamanii jiru.

7.2.1 Filannoo hoolaa biyyumee fi diqaalaa gabbifamanii


A. Sanyii
Hoolaa biyyumee (Manzi, Waasharaa, Faarxaa, Horroo, Bongaa) tajaajila paakeejii kanaaf oolan
fi re’oonni (Beegaayit, Gumuuz, Boorana, Arsii-Baalee) fi hoolaan diqaalaan sanyii biyya alaa
(Awaasii, Doorpar) re’ee diqaalaan (Boor) erga harma gu’anii booda haala nyaachisa, kunuunsa
fi qabiinsa fooyya’aa keessatti tursiisudhaan guddifamanii gabaa biyya keessaa fi alaaf akka
dhiyaatan ni godhama. Hoolaa/re’ee gabbifaman kan ofii qabu keessaa filachuudhaan yookiin
gabaa naannichatti argamu irraa bituudhaan gabbisuu ni danda’a.

35
B. Umrii
Hoolaa/re’een diqaalaan tajaajila paakeejii fooyyessa omisha fooniif oolan yeroo umrii ji’a 3
hanga 6 keessatti harma gu’anii fi ilmoolee dhiirota tajaajila fooyyessa sanyii kan hin oolle haala
gaariidhaan qabuun kunuunsuudhaan gabbisuun ni danda’ama. Paakeejii kana raawwauuf
hoolaa/re’ee sanyii biyya keessa harma gu’an umrii ji’a 4 hanga 6 fi guddattoota umrii ji’a 6
hanga 12 walitti qabuudhaan hojiin guddisuu fi gabbisuu ni raawwatama.

C. Haala dhaabbii qaamaa fi ulfaatina


Ilmooleen gabbisaaf filataman seenaa galmee isaanii irraa ilaaludhaan, umrii isaaniitiin yoo
walbira ilaalaman bal’ina lukaa fi lafee kan qabanii fi bal’inaa fi dheerina dirraa kan qaban
ilaaludhaan ofeeggannoodhaan filachuu barbaachisa. Dabalataan haalli qaama isaanii kan
baay’ee hin huqqanne ta’uu qaba. Ulfaatinni ka’umsaa hoolaa/re’ee hamma ulfaatina dhuma
irratti ni argama jedhamee yaadamuutiin walitti hidhatiinsa qaba. Kanaafuu, filannoodhaan
hoolaa/re’ee biyyumee ykn diqaalaa fooyya’aa ilmoolee harma gu’e yeroo waggaa tokkoo
keessatti ulfaatina kg 20’n gahuudhaan gabaa biyya keessaa fi alaaf dhiyeessuun ni barbaachisa.
D. Fayyaa
Hoolaa/re’een fooyyessa omisha fooniif yeroo filataman, fayyaa ta’uun isaanii mirkaneeffamuu
qaba. Gabbisaan tokko hojii gabbisuu eegaluudhaan dura maxxantuu qaama keessaaf qoricha
kennuu barbaachisa. Dabalataanis dhibee adda addaaf talaallii kennuu barbaachisa. Akka
barbaachisaa ta’etti maxxantuu qaama alaafis qoricha biifuun ni barbaachisa. Yeroo mallatton
dhibee hoolaa/re’ee gabbifamaa jiran irratti mul’ate deggarsa ogeessa fayyaa beeyladaa
dhiyeenyatti argamuu gaafachuun barbaachisaa dha.
Kunuunsa
Ilmooleen biyyumee fi diqaalaan gabbisaaf filataman nyaata laatameef gara foon barbaadamuutti akka
jijjiiran dandeessisuuf olii fi gadi deemudhaan (iddoo tokkoo gara biroo) annisaa isaa akka hin fixne
hidhamee nyaachifamuu qaba. Ta’ullee sa’aatii muraasaaf ganamaa fi galgala akka gadi bayee dheeduu fi
bashannanu godhuun barbaachisaa dha.
Ilmooleen erga harma guufamanii booda ennaa gara gabbisaatti galfaman yeroo jijjiirama nyaatiinsaa
olaanaa godhanii fi jeequmsi irra gahu waan ta’eef of eeggannoo guddaadhaan kunuunsa gochuufii
barbaachisa. Ilmooleen dheedumsaan ykn nyaata dabalataatiin waytii of danda’anii haala nyaachuu
danda’anitti ce’an waan ta’eef deeggrsi namaa fi kunuunsi isaan barbaachisa.

36
7.2.2 Maddeen nyaata beeyladaa, qophii fi akka itti nyaachisuu

Ilmooleen paakeejii kana raawwachiisuudhaaf tajaajilan haadha isaaniitiin adda waan bahaniif
nyaata bu’uura kan ture aannan harma haadhaa dhabuu isaanii irraa kan ka’e ulfaatina hir’isuuf,
jeeqamiinsa fayyaa fi dhiibbaalee biroof yeroo itti saaxilaman waan ta’eef marga/hokaa gahaa fi
qulqulluu, gogsaa fi nyaata dabalataa fi bishaan qulqulluu kennuufidhaan ulfaatina barbaadamu
fiduudhaan gabaaf dhiyeessuu barbaachisa. Kanaafuu, gabbisaan, nyaata beeyladaa naannichatti
argamu walmadaalchisuudhaan ykn akka isa baasuu ilaaludhaan gabaadhaa bitee haalaan
nyaachisuudhaan bu’a qabeessa akka ta’u tattaaffii olaanaa gochuu qaba.
Tarsiimoon nyaachisuu isaas, keessattuu nyaata wal madaalaa yeroo jalqabaaf kan nyaatan yoo
ta’e nyaata wal madaalaa suuta suuta barsiisuu barbaachisa. Hoolaa/re’een nyaata wal madaalaa
akka baraniif dura nyaata beeyladaa kanaan dura nyaachaa turaniin wajjin nyaatta wal madalaa
kennuufidhaan suuta suutaan nyaata duraan nyaachaa turan hir’isuudhaan akkasumas hamma
nyaata wal madaalaa dabaluudhaan barsiisuu barbaachisa. Hirmaattonni paakeejichaa, ilmoolee
gabbatanii bahan baay’inaan qopheessudhaaf yeroo harma gu’an irraa \ \eegalee
sosochii baay’ee bakka iitti hin godhamnetti, mana kunuunsa fi guddisaa keessatti nyaata gahaa
laachuufidhaan umrii ji’a 6 hanga 12 keessatti gabaaf qopheessanii gurguruun akka danda’amu
qo’annoowwan ni agarsiisu.
7.2.3 Ijaarsa manaa
Hoolaa/re’een gabbifaman mana keessatti hidhamanii gabbatu waan ta’eef mana qorra, aduu fi
bubbee hamaa irraa ittisu ni barbaachisa. Manni ijaaramus meeshaalee naannichatti argamanuun
ta’ee, lafati isaa ciisudhaaf, dhaabachuudhaaf, akkasumas nyaachudhaaf kan mijate ta,uu qaba.
Dabalataanis, bidiruu bishaan dhugaatii qabaachuu qaba.
Gaaddisnii fi manni bulmaata isaanii tajaajila gabbisuuf ijaaramu qulqulluu, qooraa, qilleensii
gahaan kan keessa naanna’u ta’uu isaa mirkaneessuu barbaachisa. Kanaafuu, iddoo ho’aatti
yoota’e, baaxiin isaa ol’fagoo kan ta’ee fi keenyaan isaas qilleensa sirriitti akka galchuu
danda’utti ijaaramuu qaba. Manni ijaaramu naannoo ho’aatti yoota’e, keenyaan isaa qorra kan
hin galchine, yoo danda’ame ammoo, kan maragame ta’ee, baaxiinisaa gadi dhiyoo ta’uu qaba.
Dabalataanis akki manichi itti ijaaramu, gartokkotti kan sulula’e ta’ee kan bishaan of keessatti
hin kuufanne/ hin qabanne ta’e lafti isaa salphumatti qulqulleeffamuu kan danda’uu fi yeroo
hundaa qooraa ta’uu kan danda’u ta’uu qaba.

37
7.2.4 Baay’ina beeylada gabbifamanii, dheerina yeroo fi waytii gabbisuu
Dhiyeessii nyaata beeyladaa amansiisaa taassisuudhaani fi gabaan biyya keessaa fi alaa jiraachuu
isaa mirkaneessuudhaan hojii gabbbisuu waggaatti yeroo 3 raawwatamuu ni danda’a. Marsaa
tokkotti qonnaan/horsiisee bulaa sadarkaa xiqqaa irra jiraniif guddattota 7 hanga 14, gabbistoota
sadarkaa giddugaleessaa jiraniif, guddattoota 15 hanga 49, gabbistoota sadarkaa olaanaadhaan
gabbisaniif guddattoota 50 fi isaa ol gabbisuudhaan gabaaf dhiyeessuun bu’a qabeessummaa ni
qabaata.
7.2.5 Ulaagaalee filannoo hirmaattota paakeejichaa
Hirmaattonni paakeejii kanaa, bu’uura ulaagaalee armaan gadiitiin filatamuu qabu.
 Hoolaa/re’ee gabbisuuf fedhii olaanaa kan qabu
 Yoo danda’ame bifaa aadaatiin illee yoo ta’e, hojicha irratti muuxannoo kan qabau
 Tajaajila gorsaa fi tarsiimolee raawwii hojii itti himamu fudhatee hojirra oolchuuf
eeyyamamaa kan ta’e
 Hirmaataan akka humna isaatti iddoo gahaa fi humna kan qabu
 Kunuunsa fi qabiisa hoolaa/re’ee fi beekumsa bu’uuraa eegumsa fayyaa isaanii irratti
muuxannoodhaan ykn leenjidhaan kan beekumsa horate yoo ta’e ni filatama.
Kanaafuu, paakeejii kan irratti abbootiin qabeenyaa, dargaggoon gurmaa’an, dhaabbilee leenjii
adda addaattii leenji’anii ba’anii fi walumaa galatti ogummaa kanaan hojjachuuf fedhii kan
qaban hundi itti hirmaachuu ni danda’u. Dabalataanis, hoolota/re’oota filannoodhaan fooyya’an
waldaaleen fi Yuuniyeenonni miseensota isaanii fi namoota kanneen biroo holaa/re’ee horsiisan
irraa ilmoolee jibicha dhalatan waldichi walitti qabuudhaan ogeeyyii qaxaruudhaan hojii
gabbisuu gaggeessuu ni danda’u.
7.2.6 Dhiyeessii galtee, tamsaasa fi bittaa fi gurgurtaa
Hoolaa/ re’een paakeejii kana hojiirra oolchudhaaf barbaachisan horsiistota qonnaan/horsiisee
bulaa fi gartokkeen horsiisee bulaa naannichatti argaman irraa walitti qabuudhaan ykn
bittaadhaan walitti qabuudhaan gabbisuun ni danda’ama. Keessattu ammoo, gabbistoota
sadarkaa giddugaleesaa fi sadrkaa olaana gabbisuuf humna olaanaa qaban hoolota/re’oota
naannicha irraa argachuu waan hin dandeenyeef dargaggoo gurmaa’anii fi waldaalee irraa
akkasumas daldaltoota beeylada dhaabbii irraa bittaadhaan fudhacuudhaan gabbisuu ni danda’u.
Hoolonni/re’oonni baadiyyaatis ta’ee, maagaalotaa fi naannoo magaalotaatti gabbifaman
kallattiidhaan gabaa beeyladaa naannichaaf, warshaa foonii fi al-ergitoota beeylada dhaabbiif
dhiyaachuu ni danda’u.

38
8. Tarsiimolee paakeejichi ittiin hojiirra oolfamu
Paakeejiin fooyyessa omisha foon horii maalaa fi hoolaa/re’ee akkuma jiraachuu qabeenyaa,
dhiyeessii galtee, fi haala gabaa beeyladaatti garaagarummaa qabaachuu ni danda’a. Kanaafuu,
filannoon paakeejii adeemsa bu’a qabeessaan raawwachuu fi bu’aa eegamu galmeessisuuf
tarsiimoleen raawwii armaan gaditti dhiyaatanii jiru.

8.1 Leenjii
 Maanuwaalii hojii gabbisa beeyladaaf deeggaru qopheessuudhaan tajaajila hojii gabbisa
beeyladaaaf oolchuu
 Filannoon Paakeejiin tamsaasamuun dura ogeeyyii sadarkaan jiraniin karaa Biiroo Qonnaa
hojiin wal barsiisuu fi leenjii leenjistootaa itti fufiinsaan kennuu barbaachisa.
 Ogeeyyiin leenjicha fudhatan sadarkaa sadarkaadhaan gabbistoota diree hojii kana irratti
bobba’anuuf waayee hojmaata paakeejichaa fi hojiirra oolmaa isaa leenjii kennuu
barbaachisa.
 Muuxannoo wal jijjiirudhaan hubannoo gabbifachuun akka danda’amu haala mijeessuun
bakka muuxannoon gaariin itti adda ba’ee jirutti doo’ii muuxannoon akka argatamu
gaggeessuun muuxannoon gaariin akka babal’ifamu hojjachuun barbaachisaa dha.
 Yeroon leenjichaa fi qabiyyeen isaa akka ssadarkaa beekumsaa fi fedhii hirmaattotaatti adda
addumma qabaachuu ni danda’a. Keessattuu gabbistoota sadarkaa xiqqaadhaaf leenjii
waliigalaa sadarkaa gandaa/araddaatti Wiirtuu Leenjii Qonnaan/Horsiisee bulaa (Farmers
Training Centers (FTC/PTC)) fayyadamuudhaan leenjii yaad-rimee fi shaakalliin
deeggarame walitti qindeessanii kennuufidhaan beekumsa leenjichaan argatan gandaa/
wiirtuu isaanii keessatti hojiirra oolchu. Ogeeyyiin ekisteenshinii sadarkaa sadarkaadhaan
jiran bu’uura leenjii kennameetiin akka hojiirra oolchan ni deeggaru; hojiirra oolfamuu isaas
ni hordofu.
8.2 Walitti hidhamiinsa gabaa
Dargaggoo gurmaa’an, Abbootii qabeenyaa, Waldaalee fi Yuuniyeenota akkasumas namoota
dhuunfaa hojii gabbisa beeyladaa irratti bobba’anii beeyladaa gabaaf qopheessaniif qooda
fudhattoota dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun walitti hidhamiinsa gabaa tolchuun bu’a
qabeessummaa fi itti fufiinsa hojichaaf baay’ee murteessa waan ta’eef xiyyeeffannoon
kennameefii hojjatamuu qaba. Duraan dursa yeroo horiin gabbisaaf galan yoom akka baafamanii

39
gabaaf dhiyaatan itti yaadamee karoorafamuun hojiirra oolfamu qaba. Kunis yaada armaan gadii
kan of keessa qabu dha.
 Sagantaa yeroo gabbisuu baasudhaan hojicha gaggeessuu
 Yeroo fedhiin gabaa itti olka’u dursanii adda baasuun isaaf qopheessuu
 Odeeffanoo gatii gabaa sakatta’uudhaan itti qophaa’uu

8.3 Qabiinsa ragaalee


 Ragaan karoorsuu paakeejichaa, hojiirra oolchuu, hordoffii fi madaallii irratti ciminaa fi
laafinaa kan agarsiisu waan ta’eef dhimma xiyyeeffannoon kennamuufidha.
 Waan kana ta’eef, paakeejiin fooyyessa omisha foonii yeroo raawwtamu: ulfaatina ka’umsaa
beeyladichaa, yeroo gabbisa keessa bawuu ulfaatina qabaatu, gatii bittaa fi gatii gurgurtaa,
galmeessa nyaata beeyladichi yeroo gabbifamu nyaatee, galmeessa baasii fi galii, tajaajila
waldhaansaa kennaman fi ragaalee bu’uuraa kanneen biroo qopheessudhaan gabbistootaaf
waayee fayidaa isaa, akka itti sassaabanii fi qaaccessan irratti leenjiin gahaan ni kennama.

9. Hordoffii fi madaallii

Fayidaa diinagdee paakeejichi argamsiisuu baruudhaan, rakkoolee raawwii isaa irratti mudataniif
furmaata barbaachisaa kennuuf bu’aa fooyyaa akka argamsiisuu danda’uu sadarkaa
sadarkaadhaan hordoffii fi madaallii itti fufiinsa qabu godhuun murteessummaa ni qabaata.
Hojiin paakeejicha tamsaasuu fi raawwachiisuu akkasumas hordoffii fi madaallii ogeeyyii
misooma beeyladda /qonnaatiin ni raawwatama. Feederaala irraa eegalee hanga gandaa/
araddaatti paakeejicha raawwachiisuudhaan, galteewwan raabsuudhaan, qindeeffamini
paakeejichaa haala sirrii ta’een hojiirra oolfamuu isaa hordofuudhaan ogeeyyii sadarkaan jiran
yeroo yeroodhaan madaalliin irratti godhama. Itti dabalataanis filannoon paakeejii dhiyaatanii
bu’a qabeessa akka ta’an taassisuuf kallattiiwwan hojiirra oolamaa armaan gadii hordofuu
barbaachisa.
 Ariitii fi humna hojii Wiirtuulee horsiisa fi baay’isaa raaddeen aannanii biyya keenya
keessatti argamanii guddisuudhaan korommii diqaalaa horii aannanii barbaadamoon
bal’inaan akka baay’ifaman ni godhama

40
 Wiirtuuleen baay’isaa mootummaa, qaamolee qorannoo, dhaabbilee barnootaa fi abbootii
qabeenyaa dhuunfaa sanyiilee fooyya’oo biyya alaa irra galan hojii baay’isuu fi tamsaasuu
akka hojjatan ni jajjabeeffamu; deeggarsi fi to’annoon barbaachisan ni godhama.
 Dame hojii kana irratti gabaa bal’aa uumudhaaf abbootii qabeenyaa sosocho’aniif
jajjabeessituun addaa ni godhama.
 Omisha fooniitiin gabaa biyya alaa hawwachuudhaaf, horsiistonii fedhii gabaa
hubachuudhaan haala fedhii guutuun akka raawwatan ni godhama.
 Galtee fi dhiyeessiin liqii paakeejicha raawwachiisuuf barbaachisan hammamtaadhaan, yeroo
fi qulqullinaan akka dhiyaatu ni mijeeffama.
 Muuxannoowwan hojii karaa saayinsaawaa fi aadaatiin bu’aa fooyya’aa argamsiisan agroo-
ikolojiidhaan adda baasuudhaan tarsiimon bal’inaan qonnan bulaa hunda biratti hojiirra itti
oolchan ni qiyyaafama.
 Tokko tookkoon Naannoolee herreegaama gidugaleessa fudhachuudhaan bu’a
qabeessummaa paakejichaa filaannoon paakeejichaaf ni hojjata. Haaluma wal fakkaatuun
iddoo paakeejichi itti hojiirra oolfamutti qonnaan bulaan bu’a qabeessumma isaa
hubachuudhaan gara hojichatti akka galuuf ogeeyyiin gandaa/araddaa karoora bu’a
qabeessummaa hirmaattotaaf ni hojjatu. Hojmaata fooyyessuuf qu’annoon jijjirama
madaaluu (Impact Assessment) kkf ni gaggeessuu ni raawwatama.

41
10. Waliin Deemtuu (Annex)
ለሚደልቡ በጎች የንጥረ መኖ መጠን
ክብደት የቀን ክብደት ጭማሪ Y የቀን ደርቆ መኖ ፍጆታ የክብደቱ በ% ኃይል ሰጪ MJ/Kg ገንቢ % (protein)
(በኪ.ግ)
100 2 5.9 11.9
20 150 2.3 6.7 13.5
200 2.6 7.5 15
100 1.9 7.1 12.2
25 150 2.2 7.1 14.1
200 2.5 8 16
100 2.1 8 16.1
30 150 2.4 9.1 18.2
200 2.7 10.2 20.4

Birth -
Body wt by breed ( Male & Female) 3month 3-6month
Breed Birth wt Weaning wt 6month wt 12month PrWADG PWADG
(kg) (kg) (kg) wt (kg) (g) (g)
3.3 18.6 24.7 34.8 169 66
Dorper Sheep
Afar Sheep 2.7 11.5 17.2 26.6 99 60
BHS Sheep 2.5 11.3 16.4 23.1 98 54
Dorper cross
(F1) 3.6 19.8 22.1 - 180
Boer goat
cross (F1) 2.5 13 - - 100 -
Afar goat
(local) 2.2 8.9 12.8 21.9 na na

42
43

You might also like