Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 3

YUUNVARSIITII MADDA WALAABUU

KOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASUMMAA FI NAMOOMAATTI

MUUMMEE BARNOOTA AFAAN OROMOO FI OGBARRUU

Maqaa Koorsii: Fookloorii Oromoo Maqaa Barsiisaa: Obsaa M.

Koodii Koorsii: AOL 506 E-mail: obsakosa@gmail.com

Kireeditii: 3 Bara Barnootaa: 2023/2024

Barattoota: Waggaa 2ffaa Seemisteera: 1ffaa

Sagantaa: Torbee/Ekisteeshinii

I. Ibsa Koorsichaa

Koorsii kana keessatti yaadrimee fi amaloota ijoo fookloorii; gooroowwan fookloorii (meeshaalee aadaa,
dhuudhaalee hawaasaa, raawwii aartii uummataa fi ogafaan); malleenii fi maleenyaa ogbarruu ogafaanii
ittiin qoqqoodamuu fi qaacceffamantu dhihaata. Akkasumas, hojiin aloolaa fooklooriis koorsii kana
keessatti barsiifama.

II. Kaayyoowwan Koorsichaa

Dhuma koorsii kana booda barattoonni:-

 Yaadrimee fi yaaxxinaa dhihoo fookloorii ni beeku;


 Hiika tajaajilaa fookloorii ni kennu;
 Seenaa dagaagina qo’annoo fookloorii ni ibsu;
 Akkaataa gareen fookii (folk group) itti uumamu ni himu;
 Gooroowwan fookloorii adda baafachuun ni addeessu;
 Faayidaa fookloorii ni beeku;
 Malleenii fi meeshaalee hojiin dirree fookloorii ittiin dalagamu ni beeku;
III. Qabiyyeewwan Koorsichaa

BOQONNAA TOKKO: SEENSA

1. Fooklooriin Maali?
1.1. Hiika Tajaajilaa Fookloorii
1.2. Hiika Hayyootaan Fooklooriin Kennaman
1.3. Gooroowwan Fookloorii
1.4. Seenaa Gabaabaa Qo’annoo Fookloorii

BOQONNAA LAMA: GAREEWWAN FOOKII (FOLK GROUPS)

2.1. Garee Fookoo Jechuun Maal Jechuudhaa?


2.2. Akkaataa Gareewwan Fookii Itti Uumaman
2.3. Ofumaa Gareetti Of Ramaduu fi Miseensa Garee
2.4. Gareewwan Maatii, Mana Barumsaa fi Oogummaa
BOQONNAA SADI: FOOKII DUUDHAA (FOLK TRADITION)

III.1. Duudhaa Jechuun Maal Jechuudha?


III.2. Duudhaan Qabeenyaa Waliin Hawaasaa Fi Adeemsadha
III.3. Namoonni Akkamitti duudhaa Barachuu fi Walii Qooduu Danda’au?
III.4. Duudhaan Tasumaa Baduu Ni Danda’aa?
III.5. Caacculee Duudhaa Dhaabbataa fi Jijjiiramoo
III.6. Duudhaa Qorachuu

BOQONNAA AFUR: JILA (RITUAL)

4.1. Jila Jechuun Maal Jechuudha?

4.2. JIla Haalbarruu Laafaa fi Cimaa

4.3. Jila Uumame

4.4. Goosota Jilaa

4.4.1. Sadarkaalee Ce’umsaa

4.4.2. Jila Umurii Dhufuu (Coming of age Rituals)

4.4.3. Jila Kaka’umsaa (Initiation Rituals)

4.4.4. Jila Moggasaa (Naming Rituals)

BOQONNAA SHAN: RAAWWII (PERFORMANCE)

5.1. Raawwii Jechuun Maal Jechuudha?

5.2. Raawwii Barruu

5.3. Haalbarruu

5.3.1. Haalbarruu Fiizikaalaa

5.3.2. Haalbarruu Hawaasaa

5.4. Barruu Haalbarruu Keessatti Hubachuu

BOQONNQQ JA’A: MALEENYAAWWAN FOOKLOORII HIIKUU

6.1. Maleenyaa Tajaajilaa (Functionalism Approach)

6.2. Maleenyaa Caasessaa (Structuralism Approach)

6.3. Maleenyaa Hiika Xiinxala Xiinsammuu (Psychoanalytic Interpretation Approach)

6.4. Post-structuralism Approaches


6.4.1. Feminist Interpretations
6.4.2. Reciprocal Ethnography
6.4.3. Intersectionality
BOQONNAA TORBA: HOJII DIRREE FI ITINOGIRAAFII (FIELDWORK AND
ETHNOGRAPHY)

7.1. Odeeffannoo Funaanuu


7.2. Yaadaa barbaaduu (Finding Ideas)
7.3. Gaaffilee Gaarii Qoheessuu fi Gaafachuu
7.4. Yaadannoo Dirree Qabachuu
7.5. Gara Barreeffamaatti Jijjiiruu
7.6. Dhimmoota Hariiroo Namoota Walii qabnuu fi Safuu
7.7. Gahee Daawwannaa fi Daawwannaa Hirmaachisaa

7. Mala Baruu fi Barsiisuu


 Odibsa
 Marii garee
 Dhiheessa
 Gaaffii fi deebii
 Micro-teaching
V. Tooftaalee Madaallii

Madaallii walitti fufaa………………………………………………………………………… (% 50)

 Abbaltii garee………………………………………………………………………………...%20
 Abbaltii dhuunfaa…………………………………………………………………………….%20
 Dhiheessa……………………………………………………………………………………..%10

Qoramaata Xumuraa…………………………………………………………………………………..%50

VI. Wabiilee

Ben-Amos, D. (1982). Folklore in Context: Essays. New Delhi: South Asian Publishers Pvt.
Lmt.
Dorson, R (ed) (1972). Folklore and Folk life: an Introduction. Chicago: the University of
Chicago
press.
Fekade Azeze. (1999). Introduction to Oral Literature. Addis Ababa: Alpha Printers.

Martha C. Sims Martine Stephens (2005). Living Folklore: An Introduction to the Study of People and
Their Traditions. Logan, Utah: Utah State University Press

You might also like