Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 76

2013

Fuula 1 Kuma Tadesse


2013

Yaadafi gaaffii qabdaniif akkasumas kitaabilee fi


maarsaritiwwan hafuuraa eenyuummaa keenya isa
dhugaa irratti bu’ureffachuun barreeffaman argachuuf
tessoo armaan gadii fayyadamuu dandeessu.

E_mail : kumaftadu66@gmail.com

Phone No : +251-924-946-426

Fuula 2 Kuma Tadesse


2013

Dursa.
Yeroo baa’yee namoota akka jaalachuu qabnu hamma nama
nuffisiisutti ni dhageenya. Garuu akkamittii fi jaalala akkamiitiin
nama jaalachuu akka qabnu hin beeknu. “Yaa Waaqayyo jaalala
naaf kenni” jennee kadhanna. Kun kan madde eessaa akka ta‟ee
yoon beekuu baadhellee yeroo lammaffaa dhalanne Waaqayyoo
jaalalas ta‟ee waan hundumaa hafuura keenya isa lammaffaa
dhalate wajjin nuu kenneera.

.³Nuyi, Waaqayyo isa ulfina isaa fi humna isaa isa


dinqisiisaadhaan nu waame beekuu bira ga'uudhaan wanta nu
barbaachisu hundumaa arganneerra. (2Pheexiroos 1:2-3
Akkuma ilmi abbaa isaarraa dhalatu waan nama ta’uuf isa
barbaachisu hundumaa wajjin dhalatu yeroo Waaqayyo irraa
yeroo dhalanne ulaagaa mucaa Waaqayyoo nu taasisu hundumaa
qabannee dhalanneerra. Wanti nu hafe akka ta’utti Waaqayyoo fi
waan inni nuuf kenne beekudha.
Jaalalli Amala Waaqayyummaa furtuu hiibboo jireenyaa
hundumaa hiikuudha. Jaalalli maal akka ta’ee fi akkamitti akka
Waaqayyotti namoota jaalachuu dandeenyu hin beeknu yoo ta’e
jireenya Waaqayyo nuuf yaade jiraachuu hin dandeenyu. Kitaaba
kana gara jalqabaa dubbistee abdii kutachuu dandeessa. Hamma
dhumaatti yoo obsaa fi xiyyeeffannoo gadi fagoodhaan dubbiste
jireenyi kee al tokko fi isa dhumaaf akka geeddaramu atumtuu ni
agarta. Yoo hin xumurtu ta’e jalqabuu yoo dhiiste siif wayya.
Namni mana ijaaruu eegalee yoo hin xumuru ta’e fayyuma

Fuula 3 Kuma Tadesse


2013

humna,yeroofi qabeenya isaa balleessa. Kanaaf atis jabaattee


kaka’uumsa guddaadhan akka dubbistu sin jajjabessa.
Kitaaba kana keessatti wantoota kanaan dura dhageessee hin
beekne danuu jirachuu malu. Kanaan dura dhageessee hin beektu
jechuun garuu waan dhageessee hin beekneef dogoggora jechuu
miti waan hubatin qabda jechuudha malee. Kanaaf akka nama waa
argachuudhaaf dhama’utti xiyyeeffannoodhan dubbisi.
Warning: Luqqisiwwan kitaaba kana keessa jiran hunda isaanii
dubbisuun dirqama akka ta’e si hubachiisun barbaada; hamma
luqqisiiwwan yaadrimee (concept) tokko irratti caqafaman hin
dubbisnetti tasumayyuu ergaa yaadrimichaa (concept) argachuu hin
dandeessu. Yoo dandeesse kitaabaluqqisiiwwaan kana Macaafa
Qulqulluu afaan Ingiliffaa King James Version (KJV) jedhamu
irraa yoo dubbiste gaaridha. Ergaan walii galaa kitaaba kana
chaartii armaan gadii kanadha.
Maqaa Ilma Waaqayyotti Amanuu

Akka Waaqayyo nama jaalatetti nama Jaalachuu

Waaqayyoon beekuu

Jireenya Waaqayyoo jiraatu jiraachuu

Fuula 4 Kuma Tadesse


2013

Fuula 5 Kuma Tadesse


2013

Jireenya bara baraa


34
Akka isin wal jaalattaniif abboommii haaraa isininif nan kenna.
Ani akkuma ani sin jaaladhe isinis immoo akka wal jaalattan iisin
abboomera. (Yohaannis 13፡34)
²¹ Yaa michoota ko! Garaan keenya yeroo nutti hin farannettis,
Waaqayyo duratti ija-jabina qabna. ²² Nuyi waanuma isa
kadhannu isa biraa in fudhanna; abboommota isaa in eegna,
waan isa gammachiisus in hojjenna. ²³ Abboommiin isaa kunis,
"Maqaa ilma koo Yesus Kristositti amanaa! Akka abboommii inni
kennettis walii keessan jaalladhaa!” nuun jedha. ²⁴ Namni
abboommota isaa eegu isa keessa in jiraata; innis namicha
keessa in jiraata; hafuura inni nuuf kenneenis nu keessa
jiraachuu isaa in hubanna . (1Yohannis 3:21-24)
Kutaawwaan macaafa qulqulluu armaan olitti eeraman kunneen
akka agarsiisanitti Mataa waldaa kristiyaana isa ta‟e gooftaa
Yesusin abboommiiwwaan amantoota kakuu haraaf kennaman
lamaan keessaa isa tokkoo fi isa guddaan jaalaladha. Biyyaa
lafaa kan irratti namni jireenya hafuuraa isa dhugaa jiraachuu
barbaadu waan hundumaa dursee abboommii jaalalaa kana
raawwachuuf kutannoodhaan murtoo murteessuu qaba.
Kaayyoon ijoon kitaaba kanaa jaalalli maal akka ta‟e, akkaamitti
fi maalif akka kenname, akkamitti immoo abboommii kana
raawwachuun akka dandaa‟amu barsiisudha.
Akkuma Kristoos waldaa jaallatetti obboloota jaallachuun
akkamitti akka dandaa‟amu utuu barachuu hin eegalin dura

Fuula 6 Kuma Tadesse


2013

baruumsa kanaaf hundee kan ta‟an mata durewwan tokko tokko


ilaaluu qabna jedheen yaada. Sababni isaa jaalalan deddebi‟uu
akka ta‟utti mata dureewwaan nu hubachiisan keessaa tokkoo
dhugaa macaafa qulqulluu jireenya bara baraa jedhudha.

 Jireenya bara baraa


⁴⁰ Abbaan koo, namni ana ilma isaa argu, kan anatti amanus
hundinuu, jireenya bara baraa akka qabaatu in fedha; anis
immoo guyyaa booddeetti du'aa isa nan kaasa“.!
(Yohannis 6:40)
¹⁵ Kunis ilma namaatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa
haa qabaatuuf ta'a.¹⁶ "Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa
hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan
amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa
baduuf miti. (Yohaannis 3:15-16)
Kutaawwaan kanneen keessatti kaayyoon gooftaan Yesus
Kristoss (uuman) dhala namaaf qabu jireenya bara baraa akka ta‟e
ibsameera.

¹Ani Phaawulos amantii fi dhugaa beekuu warra Waaqayyoof


fo'amanii akka namoota Waaqayyoof ta'utti dammaqsuudbaaf,
hojjetaa Waaqayyoo fi ergamaa Yesus Kristos ta'ee kana caafuu
koo ti;² abdii jireenya bara baraa, isa Waaqayyo inni matumaa
hin sobne, bara durii jalqabee abdachiise yaadachiisuu koo ti.
(Tiitos 1:1-2)
Kutaa kana keessatti ergamaan Phaawuloos tajaajila
ergamtummaa kan inni fudhateef amantii warra Waaqayyoof
foo‟amanii guddisuuf isa gara nama Waaqayyoo ta‟utti nama

Fuula 7 Kuma Tadesse


2013

geessu beekumsa isa dhugaa guddisuu akka ta‟e ibsee; akka


guddisuuf isa waamame beekumsaa fi amantii bu‟uureffachuun
Waaqayyoo inni hin sobne utuu biyyi lafaa hin uumamin dura
abdii jireenya bara baraa isa gale irra akka ta‟e jala muree
dubbata.
Waaqayyoo baroota keessatti waan godhe hundumaa kan inni
godheef kunis; biyya lafaa kan uume; biyya lafaa uume kana
keessa haa jiraatuf nama kan dhalche (uume); namoota isa duukaa
bu‟aniif raajota garaa garaatin yeroo garaa garaatti dubbataa kan
ture; bara isa dhumaa kanatti immoo ilma isaa isa mataa waan
hundumaa ta‟e ergee dhiphina fi rakkina guddaadhaan cubbuu
dhala namaatif akka du‟u, guyyaa sadaffattis warra du‟an keessaa
akka ka‟ee gara mirga abbaa isaa akka taa‟u kan godhe; gara
dhugaa beekutti akka geessuf Hafuura qulqulluu amantootaaf kan
kenne, akkuma kana yeroo sanaa eegalee hamma lafa irra
jiraatanitti namoonni itti haa gargaramaniif macaafa qulqulluu
akka barreeffamu bakka tokkotti akka walitti qabamu kan godhe
Amantoonni jireenya bara baraa akka dhaalaniifi.
Amma gaaffi ta‟uu kan qabu yaada Waaqayyoo keessatti iddoo
isa duraa kan qabate akkuma kana Waaqayyoon gatii ammana
jedhamuu hin dandeenye kan baasise waa‟ee waan kanaa maal
beekna?

Fuula 8 Kuma Tadesse


2013

Siluma iyyuu jireenyi bara baraa maalidha?


Jireenya bara baraa hubachuudhaaf duraan dursinee amaloota
(eenyummaa) Waaqayyoo qo‟achuutu qabna.
⁷ Michoota ko! Jaalalli kan Waaqayyoo waan ta'eef, kottaa wal in
jaallannaa! Namni jaallatu hundinuu mucaa Waaqayyoo ti,
Waaqayyoonis in beeka.⁸ Waaqayyo jaalala waan ta'eef, namni
hin jaallatin, Waaqayyoon hin beekne.” (1Yohannis 4:7-8)
Nuyis jaalala Waaqayyo nuuf qabu hubanneerra amanneerras.
Waaqayyo jaalala; namni jaalalatti qabamee jiraatus Waaqayyo
keessa in jiraata, Waaqayyos isa, keessa in jiraata.” (1Yohannis
4:16)
Iddoo kanatti ergamaan Yohaannis Hafuuraan geggeeffamee
yeroo barreessu Waaqayyo jaalala jedha. Waaqayyoo jaalala
qaba osoo hin taane ofii isaafu (eenyummaan isaa) jaalala.
Waaqayyoo waan hundumaa kan godhu eenyummaa isaa kana
keessa ta‟eetudha. Eenyummaa isaa kanaan ala bahee waan tokko
illee gochuu hin danda‟u; ofii isaa ganuu hin danda‟u waan
ta‟eefuu.
⁴ Jaalalli danda'aa dha, gaarummaas in argisiisa; jaalalli hin
hinaafu, of hin jaju, of hin bokoksu!⁵ jaalalli, lafa salphinaa hin
ijaajju, waan isatti tolu duwwaas hin barbaadu, hin dallanu,
waan hamaas nama irratti hin lakkaa'u.⁶ Jaalalli qajeelina
dhugaatti gammada malee, jal'inatti hin gammadu.⁷ Jaalalli
karaa tokko illee nama hin lafafu, hunduma isaa in amana,
hunduma isaa abdata, hunduma isaas obsa.
(1Qoronxoos 13:4-7)

Fuula 9 Kuma Tadesse


2013

Iddoo kanattii ergamaan Phaawuloos jaalala isa nuti biyya


lafaarratti barre osoo hin taane jaalala isa waaqayyummaa yeroo
ibsu jaalalli arjaadha jedha. Jaalalli arjaadha jechuun waan
qabu kenna. Kennuun; arjoomuun; qoodun amala (eenyummaa)
Waaqayyoo (jaalala) ti. Gad siqee lakk 5 irratti jaalalli (
Waaqayyoo) waan ofii hin barbaadu (ofiittoo miti) jedha. Miira
ofittuummaa irraan kan ka‟e waan tokkollee hin hojjatu. Faayidaa
isaatiif jedhee waan hojjatu tokkollee hin qabu.
Amaloota jaalalaa (Waaqayyoo) kanneen lamaan irratti hundofnee
gaaffiwwan deebisuu qabnu haa gaafannu. Waaqayyoo nama
maalif uume? Biyyaa lafaa irratti dhalli namaa waan uume
hundumaa kan inni uumeef hir‟ina isaa guuttachuuf jedhee
faayidaa ofiisaaf uume. Keessumaa har‟a kana namootni biyya
lafaa irra jiraannu waan goonu hundumaa kan nuyi goonuf fedhii
ofittummaatini. Fakkeenyaaf namni yeroo miilla qullaa deemu
qoreen isa waraanun waan isa rakkiseef qoree ofirraa ittisuuf
jedhee kophee tolfate. Kana irraa ka‟uudhaan kaayyoo Waaqayyo
dhala namaa uumef yeroo yaadnu utuu hin jaallatin dirqamaan
akka waan Waaqayyo nama faayidaa isaatif jedhee uumeetti
yaadna.
Ilaalchawwaan yaada kana irraa burqan keessaa: “Waaqayyo
akka isa waaqeffannuuf nu uume; akka isa tajaajilluuf nu uume;
nama wajji hariiroo gochuuf jedhee nama uume.” Kanneen jedhan
ni argamu. Haa ta‟u malee ilaalchonni kun jaalala isa ta‟e
eenyummaa Waaqayyoon yemmuu wal bira qabnu dogoggora
ta‟uu isaanii agarra. Sababni isaa Waaqayyoo (jaalalli) fedhii
ofittummaa irraan kan ka‟e faayidaa ofii isaaf jedhee waan
tokkollee hin godhu.

Fuula
Kuma Tadesse
10
2013

Lammaffaan akka namni hir‟ina isaa guutachuuf jedhee waa


uumu Waaqayyoo hir‟ina isaa guuttachuf jedhee waan raawwatu
hin qabu. Sababni isaa Waaqayyo waan hundumaan guutudha.
Biyya lafaa akkasuma ergamotas ta‟ee nama uumuu isaatin dura
hundumaan guutuu ture. Har‟as hundumaan guutudha. Bara
baraan guutuu ta‟ee jiraata. AMEEN
Kanaaf sababni Waaqayyo nama uumeef inni tokkichi duwwaan
___
JAALALA Gaarummaa miirri ofittummaa keessa hin jirre.
Waan qabu jaalalaan namaaf qoodudhaaf jecha nama uume.

Waaqayyo kan inni nuuf qoodu barbaade maalidha?


Sagaleen Waaqayyoo akkuma nutti himu Gooftaan nuuf qooduu
kan barbaade jireenya isaati. Macaafa qulqulluu keessatti jireenya
bara baraa jedhamee kan waamamu jireenya Waaqayyoo kana
dha.
²⁴ "Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga'ee isa
ana ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba; inni du'a
keessaa gara jireenyaatti darbee malee, gara firdii hin dhaqu.²⁵
Dhuguma, dhuguman isinitti hima, yerichi warri du'an sagalee
ilma Waaqayyoo itti dhaga'an dhufuuf jira, ammuma iyyuu
dhufeera; warri isa dhaga'anis in jiraatu.
²⁶ Abbaan ofuma isaatii burqaa jireenyaa akka ta'e, akkuma
kanatti ilmi isaas immoo burqaa jireenyaa akka ta'uuf isaaf
kenneera.²⁷ Inni ilma namaa isa ulfina-qabeessa waan ta'eef,
abbaan isaa firdii akka inni faraduuf gooftummaa kenneeraaf.
(Yohaannis 5:24-27)
Fuula
Kuma Tadesse
11
2013

Iddoo kanatti gooftaan Yesus Waaqayyo ofii isaaf jireenya akka


qabu nutti hima. Kana irra darbee fedhii isaa akka raawwatuuf
nama ta‟ee isa gara biyya lafaa dhufee ilma isaaf wanti Guddaan
Waaqayyo kenneef jireenya akka ta‟e nuuf ibsa. Yeroo baay‟ee
Waaqayyo jireenya akka qabu (jireenya akka jiraatu) hin yaadnu.
Garuu iddoo garaa garaatti Macaafni Qulqulluun Waaqayyo akka
jireenya qabu dubbata.
¹⁷ Egaa si'achi akka warra saba Waaqayyoo hin ta'iniitti yaada
waa'ee hin baafne duukaa buutanii akka hin jiraanne maqaa
gooftaatiin cimsee isinan gorsa.¹⁸ Isaan sammuun isaanii
dukkaneeffameera; sababii Waaqayyoon beekuu hin barbaanneef,
sababii mata-jabina isaaniitiifis jireenya isa Waaqayyo kennu
keessaa gad baafamaniiru.¹⁹ Isaan of qabuu dadhabanii jireenya
gad-dhiisiitti of kennaniiru; wanta nama xureessu hundumaa in
hojjetu, in ga'as hin jedhan.
(Efesoon 4:17-19)
Ijoollee Waaqayyoo namoota biyyaa lafaa warra kennaa
Waaqayyoo hin fudhatin irraa wanti adda isaan taasisu jireenya
Waaqayyoo akka dhuunfaa isaaniitti qabaachuu isaaniti.
Amantoonni jireenya Waaqayyoo qabu. Macaafa qulqulluu
keessatti iddoo garaa garaatti jireenya bara baraa jedhamee kan
ibsame jireenya Waaqayyoo kanadha.
Jecha jireenya bara baraa jedhu kana afaan jalqaba inni ittin
barreeffame afaan Giikii isaarra yemmuu ilaallu iddoo itti ibsame
hundumaatti Waaqayyoo jireenya kana jiraachuu kan isa
dandeessise amala (eenyummaa/nature) waaqayyummaa bakka
bu‟ee akka ibsame hubanna.

Fuula
Kuma Tadesse
12
2013

Bara bara (αιώνιος- ahee-o’-nee-os): Jalqaba kan hin qabne;


dhuma kan hin qabne.
Eternal - with out beginning and end, that which always has
been and always will be
Kanaafuu jireenya bara baraa jechuun jireenya jalqabas ta‟ee
dhuma hin qabneedha.

Har‟a biyya lafaa irra jireenya guyya guyyaatti jiraannu ibsuuf


jechi griiikii isaa (βίος- Bio) kan jedhudha. Kakuu haaraa irratti
garuu jireenya Waaqayyoo ibsuuf kan gale jecha afaan griikii
(ζωή- Zoe) yoo ta‟u hiikni kallattii isaa guutummaa jireenyaa isa
kan Waaqayyoo agarsiisa.
Life (ζωή- Zoe) - The absolute fulness of Life, both essential and
ethical, which belongs to God.
Kanaafuu kaayyon Waaqayyo nama uumeef inni tokkichi qofti
jireenya gammachiisaa kana qophaa isaa jiraachuu waan hin
barbaanneef jireenya kana namaaf qoodudhaaf jaalala irraan kan
ka‟e nama uume. Kana booda yemmuu macaafa qulqulluu
dubbisnu kakuu haaraa keessatti iddoo jireenya bara baraa jedhu
jireenya Waaqayyo jiraatu jennee yoo duubbisnu ilaalcha
keenyafis ta‟ee yaada macaafa qulqulluu hubachuuf baay‟ee nu
fayyadan jedha.

Fuula
Kuma Tadesse
13
2013

Waaqayyoon Beekuu
² Waaqayyoon, gooftaa keenya Yesusinis beekuu bira ga'uu
keessaniin ayyaannii fi nagaan isiniif haa baay'atu.³Nuyi,
Waaqayyo isa ulfina isaa fi humna isaa isa dinqisiisaadhaan
nu waame beekuu bira ga'uudhaan wanta nu barbaachisu
hundumaa arganneerra. Gooftaan humna waaqayyummaa
isaatiin gara jireenyaatti nu geessuuf, namoota Waaqayyoo nu
godhachuudhaaf kana hundumaa nuuf kenneera.
(2Pheexiroos 1:2-3)
“Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kiristosin isa ati
ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.”
(Yohaannis 17:3)
Sababni Waaqayyo nama uumef inni tokkichi duwwaan
jireenya isaa namaaf qoodufi. Yesus Kristoos gara biyya lafaa
dhufee waan godhe hundumaa kan godheef nama sababii
cubbuutin du‟ee (jireenya Waaqayyotti adda ba‟ee) ture gara
jireenyaatti (jireenya Waaqayyo jiraatutti) deebisuudhaaf ture.
“Hattuun, waan biraaf utuu hin ta'in, hatuudhaaf, qaluudhaaf,
balleessuudhaafis in dhufti; ani garuu hoolonni jireenya haa
qabaataniif, irraa hafaas haa qabaataniif dhufeera” jedhe.”
(Yoh 10:10)
Du‟a jechuun jirenya Waaqayyo jiraatun alatti jireenya jiru
jechuudha. Dhukkuba, abdii kutannaa, dhiphina, yaaddoo,
hiyyuma fi kkf wantoonni lubbuutti gadda fidan hundi isaanii
Fuula
Kuma Tadesse
14
2013

du‟a keessatti haammatamu. Jireenya Waaqayyo jiraatu keessa


wanti gaddaaf sababa ta‟u hin jiru. Waaqayyo jireenya kana
kan jiraatuu eenyummaa (amala)/nature isaa irraan kan
ka‟eedha. Jecha kan biraatin amalli (eenyummaan/nature)
Waaqayyoo kun jireenya Waaqayyo jiraatu kana akka inni
jiraatu dandeessisa.
Jaalalli isaa, hunduma danda‟uun isaa, amantiin isaa, beekumsi
isaa, ogummaan isaa, qajelummaan isaa, qulqulluummaan isaa,
walumaa galatti ulfinni isaa jireenya Waaqayyo jiraatu;
jireenya isa wanti tokko illee itti hin hir‟anne; jireenya baay‟ee
gammachiisaa ta‟e kanaaf sababootadha.
Namni jireenya akka Waaqayyoo (God kind of life) jiraachuu
dhaaf amala (eenyummaa/nature) Waaqayyoo qabachuu isa
barbaachisa. Kanaafidha Waaqayyoo kan inni namaaf amala
(eenyummaa/nature) isaa kennee uumef.
“Egaa Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume, akka bifa
Waaqayyootti isa uume; dhiiraa fi dubartii isaan uume; ”
(Uumama 1:27).
Namni kennaa jaalala Waaqayyoo isa ta‟e gooftaa Yesusin
amanee fudhate hunduu amala (eenyummaa/nature)
waaqayyummaa ofii isaa keessaa qaba.
“Kennaa kanaan isin badiisa, isa sababii kajeellaa fooniitiif
biyya lafaa kana keessa jiru jalaa baatanii, eenyummaa
waaqayyummaatti hirmaattuu akka taataniif abdiin gati-
jabeeyyiinii fi gurguddoonni nuuf kennamaniiru.”
(2Pheexroos 1:4 KJV)
Fuula
Kuma Tadesse
15
2013

Eenyummaa (nature) hafuura irraa dhalachuudhaan arganne


kana hamma of keessaa baasnee itti hin fayyadamnetti jireenya
Waaqayyo jiraatu jiraachuu hin dandeenyu. Dhalli namaa biyya
lafaa irratti waan godhu hundumaa kan inni godhuuf jireenya
moo‟atee jireenya gammachiisaa ta‟e jiraachuudhaaf akka ta‟e
ifadha.
Dhala namaa immoo jireenya irratti olaantummaa kan kennuuf
eenyummaa (nature) Waaqayyoo isa keessa isaa jiru kana qofa
dha. Dhala namaa enyummaa (nature) waaqayummaa kanaan
alatti wanti biraan raawwatee isa quubsuu hin danda‟u.
Amanaan tokko Waaqayyo amaloota akkamii akka qabuufi
amaloota kanneen akkamitti hojirra akka oolchu yoo beeke
innis ofii isaaf amaloota akkamii akka qabuu fi amaloota
kanneen akkamitti hojiirra akka oolchu ni beeka jechuudha.
Waaqayyo namoonni akka isa beekan kan inni barbaaduf akka
isaan ofii isaanii beekanifidha. Dhalli namaa hamma itti of
tilmaamu gararraa ta‟us gochuus hin danda‟au. Waanuma jedhe
sana ta‟a. Waanuma gochuu nan danda‟a jedhe qofa godha.
Jireenyi nuyi jiraannu wanta nuyi yaadnuun kan murtaa‟edha.
Namni akkuma garaa isaatti yaadu akkuma sanadha.
(Fakkeenya 23:7)
Kanaafidha yaadni waa‟ee ofi keenyaa yaadnu dhugaa
Waaqayyootiin (ilaalacha Waaqayyoo waa‟ee keenyaf beeku)
bakka bu‟uu kan qabu. Ofii keenya (eenyummaa keenya isa
lammaffaa dhalate) keessatti ilaalun kan ta‟u daawwitii
tokkichi qofti Waaqayyodha. Waaqayyo maal akka fakkaatu

Fuula
Kuma Tadesse
16
2013

yoo beekne ofii keenyas ni beekna. Sababni isaa nuyi


gutummaatti Waaqayyo fakkaanna waan ta‟eefi.
Waaqayyo hamma danda‟aamu hundumaatti nama ofiitti
siqseetudha kan uume. Yoo Waaqayyoon hin beekne ofii
keenyas hin beeknu. Yoo ofii keenya hin beekne jirenya bara
baraa shaakaluu hin dandeenyu yookan immoo akkuma
duraattti du‟a jala jiraanna. Kanaafidha gooftaan Yesus
Kristoos Waaqayyoon beekufi jireenya bara baraa wal
qabsiisee yeroo dubbatu “Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa,
Yesus Kiristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara
baraa ti.” (Yohaannis 17:3) kan jedheef.
Kanaafuu amanaan tokko ofii isaa beekuu yoo barbaade
Waaqayyoon beekudhaaf tarkaanfiin inni jalqabatti
tarkaanfachuu qabu murtoo dhaabataa murteeffachuu dha.
Amanaan murtoo kana erga murteeffatee gaffiin jalqabarratti of
gaafachuu qabu akkamittan Waaqayyoon beekuu danda‟a?
Kan jedhudha.

Fuula
Kuma Tadesse
17
2013

Waaqayyoon akkamiitti beekun dandeenya?


⁷ Michoota ko! Jaalalli kan Waaqayyoo waan ta'eef, kottaa wal
in jaallannaa! Namni jaallatu hundinuu mucaa Waaqayyoo ti,
Waaqayyoonis in beeka.⁸ Waaqayyo jaalala waan ta'eef, namni
hin jaallatin, Waaqayyoon hin beekne. (1Yohannis 4:7-8)
Namni Waaqayyoon beekudhaaf macaafa qulqullus ta‟ee
macaafota waa‟ee Waaqayyoo dubbatan danuu kanneen biroo
dubbisuu danda‟a. Haa ta‟u malee hamma jaalalaan hin
deddebineetti Waaqayyoon beekuu hin danda‟u. Biyya lafaa
irraa macaafa qulqulluu ka‟uumsa kan godhatan dhaabbilee
amantaa heddutu jiru. Amantaawwan danuun kan isaan
bu‟eereffatan namoota macaafa qulqulluu dubbisanii yaada
mataa isaani hubatan irrattidha. Amantoota akka barsiisuuf
Waaqayyo barsiisan inni tokkichi duwwaan waldaaf erge
Hafuura qulqulluu jedhe
¹⁰ Waaqayyo garuu hafuura qulqulluudhaan isa kana nutti
mul'se; hafuurri qulqulluun waan hundmaa, yaada Waaqayyoo
isa gad fagoo iyyuu qoree bira in ga'a.¹¹ Waan yaada namaa
keessa jiru, hafuuruma namicha keessa jirutu beeka malee,
namni biraa beekuu hin danda'u; akkasumas hafuura
Waaqayyoo malee, eenyu illee yaada Waaqayyoo hin hubatu.
(1Qoronxoos 2:10-11)
Kaayyoon Hafuurri qulqulluun dhufeef yaada Waaqayyoo isa
gad fagoo amantootaaf ibsuudhaafi. Namoonni hunduu waa‟ee
Waaqayyoo utuu madda isa tokkicha (Hafuura qulqulluu) irraa
barataniiru ta‟ee garaa garuummaan kun hundi hin uumamu
ture.

Fuula
Kuma Tadesse
18
2013

Sababni namoonni Hafuura qulqulluu irraa barachuu dadhabaniif


inni jalqabaafi inni ijoon jaalalan deddeebi‟uu dhiisuu isaaniti.
Amanaan tokko hamma jaalalan hin deddeebinetti barsiisa
hafuurri qulqulluun keessa isaa taa‟ee waa‟ee Waaqayyoo isa
barsiisu dhaga‟uus ta‟ee dhaga‟ee hubachuu hin danda‟u. Namni
hin jaalanne Waaqayyoon hin beeku waan ta‟eefuu.
¹⁰ Namni obboleessa isaa jaallatu ifa keessa in jiraata; isa
keessas wanti nama gufachiisu hin jiru.¹¹ Namni obboleessa isaa
jibbu garuu dukkana keessa jira, dukkanicha keessas in
deddeebi'a' dukkanichi ija isaa waan jaamseef, gara itti adeemu
hin beeku. (1Yohaannis 2:10-11)
Macaafa qulqulluu keessatti ifni beekumsa yoo bakka bu‟u faalla
isaa immoo dukkanni beekumsa dhabuu (wallalummaa) bakka
bu‟a. Obboleessa isaa kan jibbuu wallaalummaa keessa jiraata.
Kakuu haaraa keessatti jaalalli abboommiiwwan lamaan
kennaman keessaa isa duraa fi isa jalqabaa kan ta‟e kanaafi.
“Abboommiin isaa kunis, "Maqaa ilma koo Yesus Kristositti
amanaa! Akka abboommii inni kennettis walii keessan
jaalladhaa!” nuun jedha.” (1Yohannis 3:23)
Abboommiin Waaqayyoo inni jalqabaa namoonni akka maqaa
ilma isaa Yesus Kristoositti amanan abboome. Kunis namoonni
eenyummaa Waaqayyoo qabatanii akka dhalatan kan dandee
ssisudha. Abboommii kana fudhatanii namoonni lammaffaa
dhalatan immoo abboommiin isaanif hafu mataa waldaa
kristiyaanaa inni ta‟e gooftaan keenya Yesus Kristoos “Akkuman
isin jaalladhe isinis wal jaalladhaa” isa jedhudha.

Fuula
Kuma Tadesse
19
2013

“Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan


kenna; ani akkuman isin jaalladhe, isnis immoo akka wal
jaallattan isin abboomeera” (Yohaannis 13:34)
Gooftaan Yesus halkan itti cubbuu ilmaan namootaatif
dabarfamee kanname sanatti bartoota wajjin irbaata nyaataa ture.
“Yaa ijoollee ko, si'achi yeroo gabaabaa duwwaadhaafan isinii
wajjin jira; na barbaaduuf jirtu, 'Iddoo ani dhaqu dhufuu hin
dandeessan' jedhee Yihudootatti akkuman hime, isinittis immoo
amma nan hima.” (Yohannis 13:33)
Halkan baay‟ee murteessaa ta‟e kanatti gooftaan Yesus Kristoos
namoota maqaa isaatti amanii isa duukaa bu‟an xiyyeeffannoo
isaanii gara abboommii haaraa kanaatti harkisuu barbaade.
Kanaan booda foonin isaan wajjin akka hin jiraanne itti himee
abboommii haaraa (kanaan dura kennamee kan hin beekne)
isaanif kenne.
“Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna;
ani akkuman isin jaalladhe, isnis immoo akka wal jaallattan isin
abboomeera.” (Yohaannis 13:34)
Utuma ta‟uu iyyuu abboommii kana abboommi kakuu moofaa
keessatti namootaaf kenname irraa maltu adda isa taasisa?
“'Ani Waaqayyoo dha; ati nama akka ofii keetiitti jaalladhu
malee, ijaa hin baafatin, ijoollee saba keetii irrattis haaloo hin
qabatin!” (Leewwota 19:18)

Fuula
Kuma Tadesse
20
2013

³⁴ Yesus warra Saduqootaa afaan qabachiisuu isaa yommuu


dhaga'an, warri Fariisotaa achitti walitti dacha'an.³⁵ Isaan
keessaa immoo namichi seera beekaan tokko Yesusin qoruudhaaf
gaaffii isa gaafatee,³⁶ "Yaa barsiisa, seera keessaa abboommiin
inni hundumaa irra caalu isa kam?” jedhe.
³⁷ Yommus Yesus deebisee, ''Waaqayyo kee goofticha garaa kee
guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada, kee
guutuudhaanis jaallachuutu siif ta'a.³⁸ Abboommiin hundumaa
irra caalu inni duraa isa kana.³⁹ Abboommiin inni lammaffaan
akkuma isa duraa ti; 'Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif
ta'a'. (Maatewos 22:34-39)
Kakuu isa duraa keessatti foonin Israa‟eloota ilmaan Abrahaam
ta‟aniif abboommii jaalalaa isa kan namaa isa sadarkaa namaatu
kenname. Akkuma ofii kee jaallattutti nama jaalladhu. Waanuma
akka namni siif godhu barbaaddu atis namaaf godhi. Akkuma
kana waanuma akka sirratti ta‟u hin barbaanne namarrattis hin
godhin.
Gooftan Yesus halkan sanaan booda warra dhiigni isaanif
dhangala‟ee karaa isaa hafurarra eenyummaa Waaqayyoo
qabatanii lammaffaa dhalataniif “Akkuman isin jaalladhe isinis
wal jaalladhaa” jechuudhaan abboommii jaalalaa kakkuu haaraa
kana sadarkaa Waaqayyoo keessa galche.
Kakuu isa duraanii jalatti qabamanii warri jiraachaa turan akka
Waaqayyotti jaalachuu hin danda‟an turan. Sababni isaa hirmaatt-
ota eenyumma/amala (nature) Waaqayyoo hin turre. Kakuu
haaraa keessatti namoonni gooftatti amananii qajeelota ta‟an
hunduu eenyummaa/amala Waaqayyoo of keessa waan qabaniif
akka Waaqayyootti jaallachuu danda‟u.
Fuula
Kuma Tadesse
21
2013

Abboommin jaalalaa duraan Museedhaaf kenname abboommii


jaalalaa sadarkaa namaatti yoo ta‟u abboommin jaalalaa karaa
gooftaa Yesus Kristoos ijoollee Waaqayyoof kenname abboommii
jaalalaa sadarkaa Waaqayyoo keessa jirudha.
⁷ Michoota ko! Jaalalli kan Waaqayyoo waan ta'eef, kottaa wal in
jaallannaa! Namni jaallatu hundinuu mucaa Waaqayyoo ti,
Waaqayyoonis in beeka.⁸ Waaqayyo jaalala waan ta'eef, namni
hin jaallatin, Waaqayyoon hin beekne. (1Yohaannis 4:7-8)
Amanaan akka Waaqayyo nama jaalatetti obboleessa isaa hin
jaallannee Waaqayyoon hin beeku beekudhaafis hin jalqabu.
Kaayyon Waaqayyoo namoonni jireenya gammachiisaa isa inni
jiraatu akka jiraatanidha. Namoonni jireenya kana jiraachuudhaaf
eenyummaa (nature) Waaqayyoo isa isaan keessa jiru beekanii
akkamitti akka hojirra oolchan beekuu qabu. Eenyummaa qaban
kana akkamitti akka hojiirra oolchan beekuuf abba isaanii
Waaqayyoon beekuu qabu. Akkuma abbaan isaanii namoota
jaallatutti oobboleessa isaanii jaalachuu yoo hin jalqabne immoo
Waaqayyon beekuu hin danda‟an,
Mootummaa Waaqayyoo keessa wantoonni jiran hundinuu wal
qabatanii nuuf akka hojjatan yoo barbaanne abboommii jalalaa
kan fudhannee hojiirra oolchuu qabna. Egaa namni dubbisu haa
hubatu eenyu ta‟ee eenyu namni akka Waaqayyo nama jaalatutti
obboleessa isaa hin jaalanne Waaqayyoon hin beeku

Fuula
Kuma Tadesse
22
2013

Kutaa tokkoffaa fi lammaffaa keessatti akkuma maqaa keenya


beeknutti beeku kan qabnu dhugaawwaan macaafa qulqulluu lama
ilaallee turre. Dhugaawwan lamaan kana keessaa inni jalqabaa
Waaqayyoo sababni inni nama uumef jireenya isaa namaaf
qooduf jecha jaalala irraan kan ka‟e nama uume kan jedhuufi
dhugaa lammaffaan immoo namni hafuura irraa lammaffaa
dhalachudhaan amala (eenyummaa/nature) waaqayyummaa
hirmaate hundinuu amala (eenyummaa/nature) waaqayyummaa
kana baasee hojiirra oolchudhaaf Waaqayyoon isa abbaa beekuu
amala (eenyummaa/nature) kanaa dursee beekuu qaba dhugaa
jedhudha.
Namni Waaqayyoon beeku eenyummaa ofii isaa isa dhugaa ni
beeka. Namni ofii isaa beeke immoo kayyoo isa guddaa
Waaqayyoo isaaf qabu kunis jireenya akka Waaqayyoo biyya
lafaa irraattii jiraachuu ni danda‟a. “Waaqayyoon akkamittaan
beeku danda‟a?” Gaaffin jedhu yeroo ka‟udha jaalalli gahee
guddaa kan taphatu.
Namni jaalalan hin deddeebine raawwatee Waaqayyoon beekuu
bira hin gahu. Karaa kaminiyyuu addunyaa hafuuraa hubachuu
hin danda‟u. Namni jaalanne dukkana hafuuraa keessa jiraata.
Dhugaan kun salphaatti callisnee bira kan dabarru miti.
Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya jabaataa qabaachuun
barbaada kan jedhuu fi hundumti keenya warri Waaqayyoon
barbaannu karaa inni tokkichi qofti ittiin Waaqayyoo wajjii
hariiroo uumnu jaalalaan deddeebi’u akka ta‟e hubachuu qabna.
Fuula
Kuma Tadesse
23
2013

¹ Waa'ee isa jalqabaa jalqabee turee, sagalee jireenyaa sanaa


isiniif in caafna. Nuyi isa dhageenyeerra, ija keenyaan isa
argineerra, ilaallees harka keenyaan isa qaqqabanneerra.²
Jireenyichi mul'ifameera; nuyi isa argineerra, isaafis dhugaa in
baana; jireenya bara baraa isa abbaa bira ture, nuttis mul'ifame
kana isinitti in himna.
³ Isinis nuu wajjin tokkummaa akka qabaattaniif, isa arginee fi isa
dhageenye sana isinitti in himna; tokkummaan keenya immoo
abbaadhaa wajjin, ilma isaa Yesus Kristosii wajjinis.⁴ Kana
hundumaas gammachuun keenya guutuu akka ta'uuf isiniif
caafna.
⁵ Waaqayyo ifa; dukkannis matumaa isa keessa hin jiru; ergaan
nuyi isa irraa dhageenyee isinitti himnus isuma kana.⁶
Waaqayyoo wajjin tokkummaa qabna jennee dukkana keessa yoo
deddeebine, in sobna; akka dhugaa sanaattis hin jiraannu.⁷ Akka
inni ifa keessa jiru, nuyis ifa keessa yoo deddeebine, nuyi walii
keenyaa wajjin tokkummaa qabna, dhiigni ilma isaa Yesus immoo
cubbuu hundumaattii nu qulleessa. (1Yohaannis 1:1-7)
Kutaan kun jala muree akkuma dubbatu namni Waaqayyoo
wajjin hariiroo uumuu barbaadu kamiyyuu Waaqayyoo akkuma
ifa ta‟e namni kunis ifa keessa deddeebi‟uu qaba. Namni dukkana
keessa deddeebi‟aa Waaqayyoo wajjiin hariiroon qaba yoo jedhe
ni soba. Dhugaas of keessaa hin qabu.

Fuula
Kuma Tadesse
24
2013

Waaqayyoo wajjin hariiroo jabaataa qabaachuu ni barbaannaa?


Akkas yoo ta‟e akkuma Waaqayyo ifa ta‟e nuyis ifa keessa
deddeebi‟uun dirqama nurraa barbaadamudha. Waaqayyo wajjin
hariiroo uummudhaaf namoonni murteeffanne immoo akkamitti
ifa keessa deddeebi‟uun akka dandaa‟amu hubachuu qabna. Ifaan
(ifa keessa) deddeebi‟uun akkamitti dandaa‟ama?
⁹ Namni, "Ani ifa keessan jira” jechaa obboleessa isaa immoo
jibbu, amma iyyuu dukkana keessa jira.¹⁰ Namni obboleessa isaa
jaallatu ifa keessa in jiraata; isa keessas wanti nama gufachiisu
hin jiru.¹¹ Namni obboleessa isaa jibbu garuu dukkana keessa
jira, dukkanicha keessas in deddeebi'a' dukkanichi ija isaa waan
jaamseef, gara itti adeemu hin beeku. (1 Yohaannis 2:9-11)
Ifa keessa deddeebi‟uu kan dandeenyu jaalalan yoo jiraanne
duwwaadha. Akkuma Yesus Kristoos waldaa kristiyaanaa
jaalatetti obboloota jaallachuu yeroo dandeenyu ifa keessa
deddeebi‟uu jalqabna. Yeroo kana Waaqayyo Gooftaa isa guddaa
wajjin hariiroo dhugaa isa gad fagoo qabaachuu jalqabna.
Waaqayyoo wajjin hariiroo cimaa qabaachuun akkam nama
gammachiisaa?
Waan tokko dagachuu hin qabnu; maalis ta‟ee maal Waaqayyoo
wajjin harriiroo kan goonu jireenya bara baraa wajjin wal
qabataadha. Macaafni qulqulluun kan barreeffame nuyi jireenya
bara baraatiin nu ga‟uufidha. Dhumni wantoota kana hundaa
immoo gammachuu isa guutuu ta‟e bira gahuudha.

Fuula
Kuma Tadesse
25
2013

¹ Waa'ee isa jalqabaa jalqabee turee, sagalee jireenyaa sanaa


isiniif in caafna. Nuyi isa dhageenyeerra, ija keenyaan isa
argineerra, ilaallees harka keenyaan isa qaqqabanneerra.
² Jireenyichi mul'ifameera; nuyi isa argineerra, isaafis dhugaa in
baana; jireenya bara baraa isa abbaa bira ture, nuttis mul'ifame
kana isinitti in himna.³ Isinis nuu wajjin tokkummaa akka
qabaattaniif, isa arginee fi isa dhageenye sana isinitti in himna;
tokkummaan keenya immoo abbaadhaa wajjin, ilma isaa Yesus
Kristosii wajjinis.⁴ Kana hundumaas gammachuun keenya guutuu
akka ta'uuf isiniif caafna. 1Yohaannis 1:1-4)
Jireenya bara baraa ilaalchisee Waaqayyo wajjin hariiroo
gochuudhaaf jaalalaan deddeebi‟uu qabna. Ifa keessa (ifaan)
deddebi‟uudhaaf immoo jaalalaan deddeebi‟uun dirqama.
 Utuma ta’uyyuu ifni jechuuu maalidha?
³ Wangeelli nuyi lallabnu yoo haguugame immoo, warra karaa
badiisaa irra jiran duwwaadhaaf haguugame.⁴ Inni hamaan
waaqayyicha bara si'anaa kana ta'e, yaada warra hin amanin
sanaa jaamseera; inni ifa ulfina Kristos, isa fakkaattii
Waaqayyoo wangeela keessaa ibsu sana, akka hin argineef isaan
dhowweera.
⁵ Nuyi ofii keenya utuu hin ta'in "Yesus Kristos gooftaa dha”
jennee in lallabna; nuyi immoo sababii Yesusiif hojjetoota
keessan.⁶ Waaqayyo isa, "Dukkana keessaa ifni haa ifu!” jedhetu,
beekumsa ulfina isaa isa fuula Kristos irraa mul'atu ifatti
baasuudhaaf garaa keenya keessatti nuuf ibse. (2Qoronxos 4:3-6)

Fuula
Kuma Tadesse
26
2013

Kaayyoon baruumsa kanaa inni guddaan akkuma uuman namoota


jaalatetti akkamitti akka namoota jaalachuu dandeenyu barsiisuu
waan ta‟eef dhugaa macaafa qulqulluu jecha ifa jedhu kana gad
fageenyaan hin barreessu. Haa ta‟u malee maalif akka jaalalaan
deddebi‟uu qabnu guutummatti hubachuudhaaf jecha ifa jedhu
kanaaf hiika macaafa qulqulluu ta‟ee keennufin qaba jedheen
yaada.
Macaafa qulqulluu keessatti ifti beekumsa hafuuraati. Addunyaa
isa qabatamaa kana keessatti ifni Aduus ta‟ee ifni maddeen ifaa
nam tolchee kan biroo irraa ba‟u wantoota ifni irratti boqotu ija
foonii keenyan ilaalle hubachuu akkuma nu dandeessisu akkuma
kana wayita ifni waaqayyummaa dhugaa hafuuraa tokko irrati ifu
waa‟ee dhugaa hafuuraa sanaa beekumsa sirrii akka argannu nu
dandeessisa.
Fakkenyaaf kutaa macaafa qulqulluu gara oliitti ilaalle:
“Waaqayyoo ulfina isaa akka beeknuf kan inni godhe fuula
Kristoos duratti hafuura keenya keessatti ifa isaa ibsuudha.”
Faallaa kanaatin immoo seexanni faakkattii Waaqayyo isa ta‟e
ulfina waangeela isaa Kristoosin akka hin argineef (hin beekneef)
sammuu namootaa dukkaneesse. Kanaafiyyuu ifti kallatumaan
beekumsa wajjin yeroo walqabtu dukkkanni immoo beekumsa
dhabuu wajjin walqabata.
Hubadhaa namni jaalala waaqayyummaatin hin deddebine yeroo
hundumaa dukkana hafuuraa keessa jiraata. Adduunyaa isa
qaqqabatamu kana keessatti naamni dukkana limixii keessa
deddeebi‟u akkuma godhu namni kunis jireenya tilmaama fi
bitaacha‟ummaadhan jiraata. Jireenya keessatti gaffiwwaan
heddduu “Maalif” jedhan kan gaafannu fi hibboowwan hin
Fuula
Kuma Tadesse
27
2013

hiikamne qabannee kan deemnu yoo ta‟e rakkinni inni ijoo


rakkina jaalalaa akka ta‟e hubachuu qabna.
Jireenya akkamitti akka jiraannu akka ta‟utti beekudhaaf jireenya
ittiin akka moonuf Waaqayyo aboo ittiin waan hundumaa
bulchinu nuuf kennee nu uume akkamitti hojiirra akka oolchinu
hubachuudhaaf jaalalan deddebi‟uu qabna. Aboon bulchiinsaa
Waaqayyo nuuf kenne aboo hafuuraa akka ta‟e ifadha. Humna
dinqisiisaa kana akkamitti akka hojiirra oolchinu beekuf addunyaa
hafuuraa beekun dirqamadha. Beekumsi hafuuraa immoo nuuf
ifuu kan danda‟u jaalalaan yoo deddeebine qofadha.
Gooftaan Yesus Kristoos guutummaa isaa (his fullness) ishee
taate waldaa kristiyaanaaf abboommii jaalalaa kan innii kenneef
kanaafidha. Halkan dhumaa isa itti irbaata faasikaa nyaachaa
walitti qabamanitti gooftaan erga abboommii jaalalaa isaan
barsiiseen booda maalif akka wal jaallachuun isaanif ta‟u yeroo
dubbate
²¹ Namni abboommii koo qabu, inni isa raawwatus, isa kan na
jaallatu; nama na jaallatu immoo abbaan koo isa jaallachuuf jira,
anis isa nan jaalladha, ofii koos isatti mul'isuufan jira”jedhe.²²
Yihudaa nama biyya Keriyot utuu hin ta'in, Yihudaa inni tokko,
"Gooftaa, attamitti ati biyya lafaatti utuu hin ta'in nutti of mul'ifta
ree?” ittiin jedhe.
²³ Yesus deebisee, "Eenyu illee yoo na jaallate dubbii koo in
raawwata, abbaan koo immoo isa in jaallata; nuyis isa bira in
dhufna, iddoo jireenyaas isa bira in godhanna.²⁴ Namni ana hin
jaallanne immoo dubbii koo hundumaa hin raawwatu, dubbiin
isin dhageessan kunis kan abbicha isa na ergee ti malee, kan koo
miti” jedheen.” (Yohaannis 14 :21-24)
Fuula
Kuma Tadesse
28
2013

Abboommii jaalalaa ani kenne fudhatee nama isa eeguf ofii koo
isatti nan mullisa. Jecha biraatin mul‟ata hafuuraa (spiritual
revelation) isaaf nan kenna jechuudha. Yeroo jaalalaan deddebinu
gahuumsa mul‟ata hafuuraa (spiritual revelation) argachuu
horanna. Har‟a amantoonni ilmaan Waaqayyoo warri biyya lafaa
keesaa jiraatan wayita bitaacha‟ummaa hafuuraa kessaa jiraatan ni
argina. Duudummaa hafuuraa kessaa jiraachuu isaanif jireenyi
isaan dhiiban ifatti dhugaa isaanitti ba‟a. Kun kan ta‟eef waan
isaan wantoota hafuura kana beekuu hin barbaadiniif yookan
immoo Waaqayyoo ofii isaa isaanif ibsuu waan hin barbaanneef
osoo hin taane abboommii jaalalaf caljedhanii (ቸል ብለዉ) dukkana
hafuuraa keessa waan seenaniifi.
Hamma nuti gooftaa beekuu barbaannu caala gooftaan ofii isaa
nuuf ibsuu barbaada. Iji qalbii keenyaa banamee gooftaa isa ofii
isaa nuuf mullisuudhaaf barbaadu arguudhaaf akkuma inni ifa
keessa jiraatu nu‟is ifaan deddeebi‟uu qabna. Filannoo tokkichi
qofti ittiin ifaan deddeebinu immoo karaa jaalalaati.
⁹ "Abbaan akka na jaallate, anis akkasumas isin jaalladheera;
jaalala kootti qabamaa jiraadhaa!¹⁰ Akkuma ani abboommii
abbaa kootii hundumaa eegee, jaalala isaattis qabamee jiraadhu,
isinis abboommii koo hundumaa yoo eegdan, jaalala kootti,
qabamtanii in jiraattu.¹¹ Gammachuun koo isin keessatti akka
argamuuf, gammachuun keessanis guutuu akka ta'uufan kana
hundumaa isinitti dubbadhe.
¹² "Abboommiin koo isa kana; ani akkan isin jaalladhe, isinis wal
jaalladhaa!1³ Namni tokko firoota isaatiif jireenya isaa dabarsee
kennuu irra kan caalu, jaalala guddaa qabaachuu hin danda'u.¹⁴
Waanan isin abboome yoo gootan, isin firoota koo ti.1⁵ Ani
Fuula
Kuma Tadesse
29
2013

garboota isiniin hin jedhu, garbichi waan gooftaan isaa godhu


hin beeku'o; ani garuu firoota koo isiniin jedheera, waanan
abbaa koo irraa dhaga'e hundunaas isin beeksiseera.
(Yohaannis 15:9-15)
¹⁹ Yesus itti fufee, "Dhuguman isinitti hima, ilmi ofuma isaatiin
homaa gochuu hin danda'u, isa abbaan isaa hojjetu ilaalee in
hojjeta; isuma abbaan hojjetu ilmis immoo akkuma kanatti in
hojjeta.²⁰ Abbaan ilma in jaallata, ofii isaatii kan hojjetu
hundumaa ilmatti in argisiisa; isin akka dinqifattaniif inni hojii
kana irra caalu iyyuu isatti argisiisuuf jedha.(Yohaannis 5:19-20)
Yaadni Waaqayyoo nuuf qabu fakkaattii ilma isaa akka fakkaannu
akka ta‟e ifadha. Fakkaattii ilma isaa fakkaachun immoo jireenya
inni yeroo biyya lafaa irra ture jiraachuudhaan alatti hiikaa biraa
qabachuu hin danda‟u.
Ilmi isaa waan lafarrattii godhe har‟a gochuudhaafis ta‟ee
jireenya inni jiraate jirachuudhaaf waanuma inni raawwate
raawwachuu qabna. Wangeela Yohaannis boqonnaa 15 lakkoofsa
9-15tti gooftaan kan inni jechaa jiru kanadha. Waanan isin
abboome raawwattanii jaalalan yoo jiraattan garboota koo osoo
hin taane firoota koo jedhamtu. Firoota koo yoo taatan immoo
jireenya ani jiraaadhe kan akkan jiraadhe kan na dandeessise
kunis waanan abbaan irraa dhagahe hundumaa isiniifan ibsa.
Hubadhaa firoota gooftaa jedhamuudhaaf gooftaan waan abbaa
irra dhagahe hunduma isaa akka nuuf ibsuuf dursinee abboommii
isaa raawwachuu qabna abboommiin isaas akkumaan isin
jaalladhe isinis wal jaalladhaa kan jedhudha. Ergamaan
Phaawuloos gama isaatin namoota akka inni isaan barsiisuuf
Fuula
Kuma Tadesse
30
2013

kennaa godhee isaaniif kenneef barreessu lolli inni isaanif jedhee


lolu lapheen isaanii akka jabaatufi hidhaa jaalalatii akka waliitti
hidhaman ibsee kaayyoo jaalalan walitti hidhamuu immoo
yemmuu ibsu badhaadhummaa hubannaa argatanii dhoksaa
Waaqayyoo isa ta‟e Kristoosin akka beekaniif ta‟uu isaa dubbata.
Argitanii ergamaan Phaawuloos gara beekumsa hafuuraa keessa
seenudhaaf balbalichi balbala jaalala ta‟uu isaa ni beeka ture.
Kanaaf jaalalaan akka waliitti hidhamaniif dhama‟aa ture.
¹ Ani isinii fi warra Laa'odiiqeyaatiif akkasumas warra fuula koo
hin argin hundumaaf attam guddisee akkan dhama'aa ture akka
beektan nan barbaada.² Kana gochuun koos garaan isaanii ija
jabinaan akka guutuuf jaalalaan walitti hidhamanii utuu jiranii,
badhaadhummaa amansiisa guutuu qabu isa hubannaa keessaa
dhufu, dhoksaa Waaqayyoo isa Kristos keessa jirus beekuu akka
argataniif.³ Badhaadhummaan ogummaa fi beekumsaa hundinuu
isa keessa dhokfamee jira.⁴ Kanas namni tokko illee dubbii nama
wallaalchisuun akka isin hin gowwoomsineefan dubbadha.
(Qolosaayis 2:1-4)
Kanaafuu wantoota hafuuraa badhaadhummaa hubannaa argannee
gooftaa Yesus wajjin jireenyatti moo‟uudhaaf akka malee
xiyyeeffannoo keenya gara abboommii jaalalaa gooftaa Yesusitti
deebisuu qabna.
Akka ijoollee jaallatamootti Waaqayyoon kan fakkaattan ta’aa.

Fuula
Kuma Tadesse
31
2013

Kanaan dura kutaawwaan sadan darban keessatti Waaqayyo bara


kakuu haaraa kanatti namoota biyya lafaa irraa jiraatan
hundumaaf abboommiiwwan lama akka kenne ilaalleerra.
Abboommiin inni duraa maqaa ilmasaa Yesus Kristoositti akka
amannu abboommii nuuf kenname yemmuu ta‟u inni
lammaaffaan immoo amantoota maqaa ilmasaa kanatti amananii
fayyaniif karaa gooftaa keenya Yesus Kristoos isa mataa waldaa
kristiyaanaa ta‟een kan kenname abboommi jaalalaati. Inni kun
wayita gooftaan Yesus Kristoos biyya lafaa kana dhiisee deemuu
isaa beekee galgala isaan wajjin irbaata Faasikaa nyaachudhaaf
walitti qabamanitti “Ani akkuman isin jaaladhe isinis wal
jaalladhaa” jechuudhaaf isaanif kennedha.
Hamma abboommii jaalalaa kana akka ta‟utti fiixan hin baasnetti
jireenya hafuuraa dhugaa fi fayyaa qabeessa ta‟e jiraachuu hin
dandeenyu.
Fakkaattii eenyummaa Waaqayyoo isa dhugaa inni ta‟e gooftaan
Yesus Kristoos jaalalli inni ittiin nu jaalate akaaku fi hamma
jaalalaa isa Waaqayyoo abbaan ittii biyya lafaa jaalate akka ta‟e
ifadha. Akkuman isin jaaladhe isinis wal jaalladhaa jedhee
gooftaan Yesus yeroo nu abboomu obboolota keenya kan nuti
jaalachuu qabnu hamma fi akaakuu jaalalaa isa Waaqayyo
abbaan ittin biyya lafaa jaallate akka ta‟e agarsiisa. Saammuu
nama abboommii kana hubatee kamiyyuu keessa hamma gaaffiin
dhufu “Akkuma Waaqayyoo namoota jaalatetti namni nama kan
biraa jaalachuu ni danda‟aa?” Kan jedhudha.
Fuula
Kuma Tadesse
32
2013

Namni akka Waaqayyotti jaalachuu ni danda’aa?


Jalqaba irratti Waaqayyo qajeelaa waan ta‟eef abboommii
raawwachuu hin dandeenye kamiyyuu nuuf hin kennu.
Kanafiyyuu warri Waaqayyo qajeeladha jennee amannu hundumti
keenya abboommii jaalalaa isa Waaqayyo nuuf kenne
raawwachuu ni dandeenya kan jedhu wajjin amannerra jechuudha.
Waaqayyo qajeelaa waan ta‟eef waan nuti hin dandeenye nu hin
abboomu dhugaa jedhu nama amanutti immoo yaadni dhufu
“Raawwachuu illee ni raawwannaa garuu abboommiin jaalalaa
kun baay‟ee ulfaataa fi gatii kan nama baasisudha” kan jedhu
dha. Abboommin jaalalaa ulfaataa fi raawwachuuf rakkisaa akka
ta‟etti akka yaadnu kan nu godhe baruumsa macaafni qulqulluun
abboommii jaalalaa akkamitti eeguu akka dandeenyu barsiisu
hubachuu dhabuu keenyadha jedheen yaada.
Ergamaan Yohaannis erga isaa isa jalqabaaa keessatti waa‟ee
abboommii jaalalaa hafuuran geggeeffamee yeroo barreessu
akkana jedha:
¹⁹ Inni duraan dursee waan nu jaallateef, nuyis kottaa in
jaallannaa!²⁰ Namni, "Waaqayyoon nan jaalladha” jedhee,
obboleessa isaa immoo yoo jibbe, inni sobduu dha; obboleessa
isaa isa arge kan hin jaallanne, Waaqayyoon isa hin argin
jaallachuu hin danda'u.²¹ Egaa namni Waaqayyoon jaallatu,
obboleessa isaa immoo akka jaallatuuf abboommii kana isa biraa
arganne.

Fuula
Kuma Tadesse
33
2013

¹ Yesus kun Masiihicha ta'uu isaa namni amanu hundinuu mucaa


Waaqayyoo ti; isa dhalche sana namni jaallatu isa abbichattii
dhalates immoo in jaallata.² Waaqayyoon yommuu jaallannu,
abboommii isaas, yommuu goonu, ijoollee Waaqayyoo jaallachuu
keenya in hubanna.³ Waaqayyoon jaallachuu jechuunis
abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo ba'aa
ulfaatoo miti.
⁴ Sababii namni mucaa Waaqayyoo ta'e hundinuu biyya lafaa
mo'uuf, ba'aa ulfaatoo itti hin ta'an; humni ittiin biyyi lafaa mo'
amu kunis amantii keenya.⁵ Eenyutu biyya lafaa mo'uu danda'a?
Yesus ilma Waaqayyoo ta'uu isaa nama amanu duwwaatu biyya
lafaa mo'uu danda'a. (1Yohaannis 4:19 __ 5:1-5)
Waaqayyoon nan jaalladha namni jedhu kamiyyuu dursee
Waaqayyoon jaallachuun maal akka ta‟e hubachuu qaba.
Waaqayyoon jaallachuun abboommii isaa eegudha. Namni utuu
abboommii isaa hin eegin Waaqayyoon nan jaalladha jedhu
kamiyyuu dogoggoreera. Sababni isaa Waaqayyoon jaallachuun
abbommii isaa eegudha waan ta‟eefi. Abboommiin isaa ilmasaa
Yesus Kristoositti akka amannu ilmi isaa Yesus immoo kan nu
abboome walii keenya akka wal jaallannudha. Yohaannis ittuma
fufee boqonnaa 5 lakkoofsa 3 irratti abboomonni isaas ulfaatoo
miti jechuudhan dhugaa baay‟een keenya hubachuuf nu rakkisu
ibsa.
³ Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha;
abboommonni isaa immoo ba'aa ulfaatoo miti.⁴ Sababii namni
mucaa Waaqayyoo ta'e hundinuu biyya lafaa mo'uuf, ba'aa
ulfaatoo itti hin ta'an; humni ittiin biyyi lafaa mo' amu kunis
amantii keenya. (1Yohaannis 5:3-4)
Fuula
Kuma Tadesse
34
2013

Abboommii jaalalaa karaa Yesus Kristoosin nuuf kenname akka


hin raawwanne wantoota danqaa nutti ta‟an kessaa ijoon:
Seexana, foon keenya isa cubbuun keessa jiru, sirna biyya lafaa
kanaa irratti seexanaan diriirfamee fa‟i. Wantoonni kanneeni fi
kannen kana fakkaatan walitti qabaatti, macaafni qulqulluun
biyya lafaa jedhee waama.
Kanaafuu abboommii jaalalaa akka hin eegne kan nu taasisu
biyya lafaati jechuudha. Waaqayyo irraa kan dhalate hunduu
biyya lafaa waan moo‟uf abbommii isaa eegun itti hin ulfaatu.
Meeshaan ittiin biyya lafaa moonu immo amantiidha. Kanaafuu
wanti abboommii jaalalaa raawwachuu nama dandeessisu
amantiidha.
“Egaa amantiin dhaga'uu irraa in dhufa, wanti dhaga'uun ta'u
immoo dubbii Kristoosin in beekama.” (Roomaa 10:17)
Amantiin inni kan macaafa qulqulluu kan jalqabu sagalee
Waaqayyoo kunis isa macaafa irratti barreefames ta‟e isa karaa
hafuura qulqullutiin Waaqayyo biraa gara keessa keenyaa dhufu
sagalee Waaqayyooti jennee fudhachuu irraati. Waaqayyo waan
hundumaa kan raawwatu karaa sagalee isaati. Sagaleen
Waaqayyoo humna qaba. Samiis ta‟ee dacheen amma irra
jiraachaa jirru kan uumame sagalee isaatini.
“Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa
qaba, billaa gar lamaan qarame caalaa qara qaba; inni lubbuu fi
hafuura, buusaa fi dhuka gargar in baasa, yaadaa fi akeeka
garaa namaas qoree faraduudhaaf in danda'a,” (Ibroota 4:12)
¹⁰ "Bokkaanii fi cabbiin waaqa keessaa gad roobanii lafa in jiisu;
lafichi biqila biqilchee, sanyii, isa facaasuuf, buddeenas isa
Fuula
Kuma Tadesse
35
2013

nyaatuuf akka kennu in godhu malee, akkasumaan ol hin


deebi'an;¹¹ akkasuma immoo dubbiin afaan koo keessaa ba'u,
wanta ani fedhe hojjetee, wanta ani itti erges in raawwata malee,
harka duwwaa gara kootti hin deebi'u. (Isaayas 55:10-11)
Wantoonni mullatan yookan immoo wantoonni qaamolee miiraa
keenyan shananiin qaqqabuu dandeenyus ta‟ee wantoota hin
mullanne yookan immoo wantoonni qaamolee miiraa keenya
shananiin adda baasu hin dandeenye kan isaan bahan sagalee
Waaqayyoo keessa‟i.

“Waaqnii fi biyyi lafaa sagalee Waaqayyootiin akka uumaman


amantiidhaan in hubanna; akkasittis wanti ijaan argamu wanta
hin mul'anne irraa hojjetame.” (Ibroota 11:3)

Kanaafiyyuu sagaleen Waaqayyoo wantoota ijaan mullatan


gararratti dhugaadha. Sagaleen Waaqayyoo garuu wantoota faalla
isaa ta‟an geeddaruu danda‟a. Wantoonni qaamolee miiraa
Keenyan qaqqabachuu dandeenyu kan yerooti. Isa ijaan hin
mullanne sagalee Waaqayyoo immoo homtinuu geeddaruu hin
danda‟u.

“Nuyi gara wanta ijaan hin argamnee ilaalla amalee, gara wanta
ijaan argamuu hin ilaallu; wanti ijaan argamu yeroodhumaaf
ta'a, wanti ijaan hin argamne garuu kan bara baraa ti.”
(2Qoronxoos 4:18)

Amantiin sagalee Waaqayyoo isa hin mullanne wanta mullatu


caalatti dhugaadha jedhanii lapheerraa fudhachuudha. Yeroo
baay‟ee wantoonni mullatan faalla sagalee Waaqayyoo ta‟anii
argamu.

Fuula
Kuma Tadesse
36
2013

Dhalli namaa immoo erga gadaamessa haadha isaatii ba‟ee


eegalee kan jiraate fiilosoofii “Arguun amanuudha” jedhu keessa
waan ta‟eef wanta argamu gararraatti sagalee Waaqayyoo
caalchisee dhugaadha jedhee amanuun isa rakkisa.

Amantiin inni macaafni qulqulluun jedhu garuu wanti ijaan


arginu hammam illee faallaa isa sagaleen Waaqayyo dubbatuu
ta‟ee yoo argame illee wanta mullatuun olitti sagalee Waaqayyoo
amnuudhaaf filachuudha. Fakkeenyota amantii macaafa qulqulluu
danuu keessaa Abrahaamin haa fudhannu.

¹⁸ Abrahaam akka yaada namaatti waan hin abdachiifne in


abdate; "Sanyiin kee akkas in baay'ata” akkuma jedhames abbaa
saba baay'ee akka ta'u amane. ¹⁹ Inni, dhagni isaa akka du'e,
nama waggaa dhibba guutuu ga'e ta'uu isaa, gadameessi Saaraas
akka waan du'ee ta'uu isaa heduudhaan amantiitti hin laafne.
²⁰ Inni amantiitti jabaatee Waaqayyoof hooqubaa dhi'eesse
malee, amanuu dhabuudhaan abdii Waaqayyo kenneef hin
dhabne.²¹ Waaqayyo waan abdachiise gochuudhaaf immoo akka
danda'u inni guutummaatti hubateera.²² Kanaaf iyyuu,
"Qajeelummaatti isaaf lakkaa'ame” jedhame. (Roomaa 4:18-
22)

Waaqayyo Abrahaamitti muullatee dubbii isaatin “Abbaa saba


baay‟een si taasisa” yeroo jedheen Abrahaam nama waggaa 99
ture. Haati manaa isaa Saarayi immoo dhala dhabeettii waggaa 89
turte. Wanti Waaqayyo Abrahaamitti dubbate wantoota qaamolee
miiraa shananiin qaqqabataman wajjin faallaa turan.

Dhaqna Abrahaamis ta‟ee gadaamessi Saaraa daa‟ima


godhachuudhaaf kan dandeessisu hin turre. Abrahaam garuu
Fuula
Kuma Tadesse
37
2013

amantii isaa wantoota geeddaramuu danda‟an caalaa sagalee


Waaqayyo isa wantoota mullatan geeddaru irra godhachuu filate.
Ija isaa wantoota yeroodhaaf mullatan irraa kaasee wanta bara
baraa irratti xiyyeeffate. Kana gochuu isaatinis abba ilmaa
ta‟uudhaaf gahe.

Inni humna of keessaa qabu sagaleen Waaqayyoo Abrahaamiif


hojjate nuufis akka hojjatu yoo barbaachise sagalee isaa
fudhannee amantii wanta jedhamu wajjiin wal simsiisuu (መዋሐድ)
qabna. Waaqayyo sagalee abdii waan nuuf kennef duwwaa
sagaleen abdii sun jireenya keenya keessatti jijjirama fida jechuu
miti.

¹ Iddoo boqonnaa sanatti galuudhaaf abdichi amma iyyuu waan


hin raawwatamin jiruuf, isin keessaa namni tokko illee booddeetti
kan hafe fakkaatee akka hin argamnetti, kottaa sodaachaa in
eeggannaa!² Misraachoo isuma nutti himametu isaanittis
lallabame; haa ta'u iyyuu malee, isaan warra amantiidhaan
dhaga'anitti waan hin dabalaminiif, dubbichi dhaga'ame sun
isaan hin gargaarre.

³ Ammas nuyi warri amanne iddoo boqonnaa sanatti in galla.


Waaqayyo hojii biyya lafaa uumuu isaatii raawwateera; isaaniin
garuu, "Yeroo dheekkamsa koo sanattis 'Isaan matumaa iddoo
boqonnaa kootti hin galan' jedhee kakadheera” jedhe.

(Ibroota 4:1-3)

Sagaleen Waaqayyoo kamiyyuu akka nu fayyadu yookan immoo


akka nuuf hojjatu yoo barbaanne amantii isa macaafni qulqulluun
amantiidha jedhee waamu sagalee isaa irra kaa‟achuutu nurra
jiraata. Amantiin immoo kan jalqabu sagaleen Waaqayyoo isa
Fuula
Kuma Tadesse
38
2013

dhagahan sirriitti erga hubataniin booda lapheerra dhugaadha


jedhanii fudhachuudhani.

Sagalee Waaqayyoo tokko dhugaadha jennee erga fudhanneen


booda haalonni naannoo keenyatti argaman raawwatanii faallaa
sagalichaa ta‟anii yoo argaman illee sagalicha irraa bitaatti
yookin mirgatti goruu hin qabnu.

Yeroo tokko dhugaa tokko amannee erga fudhanneen booda


yaada keenya, ilaalcha keenya, dubbii keenya, jireenya keenya
keessatti tarkaanfiin fudhannuu hundinuu dhugaa amannee
fudhanne sanarratti hundaa‟uu qaba.

Fuula
Kuma Tadesse
39
2013

Abboommii jaalalaa Waaqayyo karaa ilma isaa isa hangafaa


waldaa irratti mataa godhee isa moosiseen kenname karaan ittiin
raawwachuu dandeenyu amantiidhaan akka ta‟e kutaa afuraffaa
keessatti ibseen ture. Kutaa kana keessatti immoo amantii keenya
bu‟a qabeessa kan godhu amantii hojii (work of faith) ibsuun
yaala.

Amantii fi amantii amanne irratti tarkaanfii fudhachuu qabnu


utuun hin ibsin dura baruumsa kutaawwaan arfan darban keessatti
guduunfine gabaabsee himoota muraasan keessa deebi‟uun
barbaada.

Jaalala inni ta‟e Gooftaan jireenya ofiif jiraachaa ture namaaf


qoodudhaaf jaalala irraan kan ka‟e nama uume. Jireenyi
gammachiisaan Waaqayyoo jiraachaa ture macaafa qulqulluu
keessatti jireenya bara baraa yookan jireenya Waaqayyoo
jedhama. Waaqayyoo amala (eenyummaa/nature) isaa irraan kan
ka‟e jireenya kana jiraata. Namni jireenya akka Waaqayyoo
jiraachudhaaf amala (eenyummaa/nature) Waaqayyoo isa
barbaachisa. Kanaafidha Waaqayyoo nama akka bifaa fi
fakkaattii isaatti kan uumef. Namni mucaa Waaqayyoo ture
sababii cubbuutif ulfinnni ilmummaa itti hir‟ate; du‟a hafuuraa
du‟e yookan immoo jireenya Waaqayyotti adda bahe.

Erga Addaami fi Haati manaa isaa cubbuu hojjatanii eegalee


hanga har‟aatti namoota jireenya isaan biyya lafaa irra jiraatan
keessatti dhiphinni, yaaddon , rakkinni, dhukkubni fi
Fuula
Kuma Tadesse
40
2013

hiyyuummaan garaa garaa walumatti wantoonni lubbuutti gadda


fidan kan isaan muudatan beenyaa cubbuu isa ta‟e du‟a fi
kutaawwaan du‟aati. Madden gaddaa kunneen jireenya
Waaqayyoo jiraatu keessaa iddoo hin qaban.

Waaqayyo utuu nama hin uumin dura ta‟ee erga namni sababii
cubbuutin kufee boodas jaalalli inni namaaf qabu waan hin
jijjiramneef Waaqayyoolii keessaa tokkoo inni ta‟e “Sagaleen”
foon uffatee ofii isaa duuwwaa godhee mullachuudhan nama
hundumaa du‟a keessa gara jireenyatti yookan immoo jireenya
dhiphinnii fi gaddi keessa guute keessaa gara jireenya isa
gammachiisaa Waaqayyoo jiraatutti ceesisudhaaf dhufe. Kunis
namni isatti amanu jireenya bara baraa haa qabaatuf malee haa
baduuf osoo hin taane cubbuu isaanii hundumaa baatee gara
Si‟oolitti gad bu‟uudhaan adabbii isaanii adabame.

Isatti kan amanan hundumtuu isa wajjin du‟a keessaa gara


jireenyatti akka ce‟aniif humna Waaqayyootin guyyaa sadaffatti
warra du‟an keessaa dursee ka‟e. Kanas kan godheef namoonni
Waaqayyo foon uffatee biyya lafaarra dhufuudhaan waan hojjatee
hundumaa kan inni hojjate isaanif akka ta‟e amanii amala
(eenyummaa/nature) Waaqayyoo qabatanii hafuura irraa
lammaffaa akka dhalatanif ture.

Maqaa gooftaa Yesus Kristoositti warri aman hundumtuu


Waaqayyoo irraa lammaffaa dhalataniiru. Amala (eenyummaa/-
nature) Waaqayyoo ofii isaanii keessa qabu. Eenyummaan/amalli
kun immoo amala jireenya Waaqayyo jiraachuu nama
dandeessisudha.

Fuula
Kuma Tadesse
41
2013

Namoonni lammaffa dhalatan eenyummaa waaqayyumma isa


keessa isaanii jiru akkamitti baasanii hojiirra oolchuu yoo beekan
jireenya Waaqayyo jiraatu lafa kana irratti jiraachuu ni danda‟u.
Eenyummaa waaqayyummaa lammaffaa dhalachuudhaan arganne
kana immoo hubachuudhaaf abbaa eenyummaa/amala kanaa isa
ta‟e Waaqayyoon beekuu qabna. Waaqayyoon beekuu kan nu
dandeessisu immoo karaa tokkichi duwwaan karaa jaalalati.
Namni hin jaalanne Waaqayyoon hin beeku. Namni jaalatu
immoo Waaqayyorraa dhalate waan ta‟eef Waaqayyoon beeka.

Gooftan Yesus Kristoos abboommii inni tokkichi qofti waldaa


kristiyaanaatiif kenne abboommi jaalalaa kan ta‟eef kanaafidha.
Namni jaalala waaqayyummaan hin deddeebine gonkumayyuu
raawwatee jireenya hafuuraa isa dhugaa lafarratti shaakaluu hin
danda‟an.

Fedhiin Waaqayyoo amantoonni hundinuu Yesusin akka


fakkaatanidha waan ta‟eef gooftan Yesus moo‟ichaan deddeebi‟aa
akkuma ture anis moo‟ichaan deddebi‟uun barbaada namni jedhu
kamiyyuu abboommii jaalalaa kana akka ta‟utti dirqama eeguu
akka qabu hubachuu qaba.

Hub: “Ani akkuman isin jaaladhe isinis wal jaalladhaa” isa jedhu
abboommii gooftaa Yesus wanti eeguu nu dandeessisu inni
tokkichi qofti amntiidha. Amantiin inni kan macaafa qulqulluu
Waaqayyo dhuga qabeessa kan jedhu irraa jalqaba. Waaqayyo
dhuga qabeessa erga ta‟e immoo dubbiin afaan isaa irraa bahu
hunduu dhugaadha jechuudha. Amantiin dhaga‟uu irraan dhufa.
Wanti dhagaahamuun ta‟u immoo sagalee Waaqayyooti.

Fuula
Kuma Tadesse
42
2013

Sagaleen Waaqayyoo dhugaa akka ta‟e fudhachuun jalqaba


amantiiti malee dhuma amantii miti. Sagaleen Waaqayyoo inni
humna of keessaa qabu akka nuuf hojjatu yoo barbaanne hojii
amantii keenya mullisu amantii amanne sana irratti hojii
hojjachuu qaba. Amantiin hojii malee du‟aa waan ta‟eefu.

¹⁴ Yaa obboloota ko! Namni tokko, "Ani amantii qaba” jedhee,


hojii gaarii [isa ittiin amantii qabaachuu isaa argisiisu immoo]
hin qabu yoo ta'e, maaliif waa'ee baasaaf ree? Amantiin inni
jedhu sun isa fayyisuu danda'aa ree ?

¹⁵ Fakkeenyaaf obboleessi tokko obboleettiin tokkos bututtuu in


uffatu akkasumas guyyaa guyyaatti nyaata ga'u hin argatan
ta'a;¹⁶ isin keessaa tokko immoo,waan namummaa isaaniif
barbaachisu utuu hin kenniniif, "Nagaadhaan dhaqaa isinitti haa
ho'u, quufaas!”yoo ittiin jedhe, bu'aa maalii qabaaf ree?¹⁷
Amantiinis akkasuma, hojii gaariidhaan hin argisiifamu yoo ta'e,
inni ofii isaatii du'aa dha.

¹⁸ Namni tokko garuu, "Inni tokko amantii qabaatee, inni kaan


immoo hojii gaarii yoo qabaate maal ta'a?”in jedha; ani immoo,
"Ati amma amantii qabaachuu kee hojii gaarii malee na argisiisi!
Ani immoo amantii qabaachuu koo hojii koo isa gaariidhaan sin
argisiisa.

¹⁹ Waaqayyo tokkichi akka jiru ati in amanta mitii? Ba'eessa


goote! Isa kana hafuuronni hamoonni iyyuu in amanu, in
roqomus.²⁰ Namicha gowwaa nana! Amantiin hojii gaarii yoo
argisiisuu dhaabaate, waa'ee kan hin baafne¹ akka ta'e beekuu in
barbaaddaa?” nan jedha.²¹ Abrahaam abbaan keenya ilma isaa

Fuula
Kuma Tadesse
43
2013

Yisihaqin, iddoo aarsaa irratti yeroo dhi'eesse, hojii isaatiin


qajeelaatti lakkaa'ame mitii ree?

²² Kana keessatti amantiin isaa hojii isaa isa gaarii wajjin wal
gargaaraa akka ture, amantiinis hojiidhaan fiixaan akka baafame
in argita.²³ Inni caaffata qulqullaa'aa keessaa, "Abrahaam
Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti in lakkaa'ameef”
jedhu in raawwatame; inni fira Waaqayyoo jedhamee in
waamame. (Yaaqob 2:14-23 )

Kutaa macaafa qulqulluu olitti eerame irratti Yaaqob “Hojii”


yeroo jedhuu sagalee Waaqayyootti hirkanne amantii amanne
irratti tarkaanfii fudhachuu ibsa malee dubbii seeraa
raawwachuu miti.

Iddoo kanatti Yaaqob hojii jedhee kan dubbatu hubachuudhaaf


amantii hojii malee gatii kan hin qabne ta‟uusaa akka ragaatti
fakkenya inni kenne haa ilaallu. Abrahaam yoom akka sagalee
Waaqayyoo dhagahee amane, akkamitti akka amane, akkamitti
sagalee dhagahe irratti hojii akka hojjate ilaaluuf haa yaallu.

Abrahaam jaarsaa waggaa 99 ta‟ee utuu jiruu Waaqayyo isatti


mullatee wajjin haasa‟e.

¹⁵ Waaqayyo ammas Abrahaamiin, "Waa'ee haadha manaa kee


Saaraayiif immoo, maqaa ishee 'Saaraayi' jettee hin waamin,
maqaan ishee si'achi 'Saaraa' haa jedhamu!¹⁶ Ani ishee nan
eebbisa, ilmas immoo ishee irraa siif nan kenna; ani ishee nan
eebbisa, isheenis saba baay'eedhaaf haadha in taati; mootonni
saba garaa garaa ishee irraa in argamu” jedhe.

Fuula
Kuma Tadesse
44
2013

¹⁷ Yommus Abrahaam fuula isaatiin gad in gombifame; garuu in


kolfe; ofii isaas, "Jaarsa waggaa dhibbaaf mucaan in dhalataafii?
Saaraan isheen waggaa sagaltamaa immoo mucaa in deessii?”
jedhee gaafate.

¹⁸ Abrahaamis Waaqayyoon, "Ishmaa'el illee utuu fuula kee dura


jiraachuu danda'ee, in ga'a ture!” jedhe.¹⁹ Waaqayyo immoo
deebisee, "Waawuu, haadha manaa kee Saaraatu ilma siif da'a
malee, atis maqaa isaa 'Yisihaq' jettee in moggaafta; ani kakuu
koo, akka kakuu isa booddeedhaan sanyii isaatiif bara baraan
jiraatutti, isaa wajjin nan jabeessa. (Uumama 17:15-19)

Sagaleen Waaqayyoo Abrahaamitti dubbate wantoota naannoo


isaatti argaman wajjin kan wal faalleessu waan ta‟anif jalqabatti
amanuuf rakkatee ture. Adda isaatin gombifamee kan inni kolfee
fi deebii amantii dhabinaa kan Waaqayyoof deebiseef kanaafidha.
Waaqayyo garuu amanuu dhabuu Abrahaam bukkeetti dhiisee
sagaleedhuma duraa san irra deebi‟ee itti dubbate.

“Waaqayyo immoo deebisee, "Waawuu, haadha manaa kee


Saaraatu ilma siif da'a malee, atis maqaa isaa 'Yisihaq' jettee in
moggaafta; ani kakuu koo, akka kakuu isa booddeedhaan sanyii
isaatiif bara baraan jiraatutti, isaa wajjin nan jabeessa.”

(Uumama 17:19)

Wayita kana Abrahaam wantoota naannoo isaatti mullatan caalaa


sagalee Waaqayyo yeroo lammaaffadhaf isatti dubbate dhugadha
jedhee amanuuf filate. Amantii jechuun kana. Abrahaam amantii
amanee hojii irratti hojjate sagaleen Waaqayyoo waan jedhu
hubadhaa

Fuula
Kuma Tadesse
45
2013

¹ Waaqayyo akkuma abdachiisee ture, Saaraa in yaadate; akkuma


dubbates isheedhaaf in godhe.² Erga Abrahaam dulloomee yeroo
itti Waaqayyo, "Haati manaa kee ilma in deessi” jedhee isatti
dubbatee turetti, Saaraan ulfooftee ilma in deesseef.
(Uumama 21:1-2)

Asitti itti fufuu keenyan dura bal‟inaan kanan hin ibsine sammuu
nama baay‟ee keessatti gaaffii kan ta‟e deebisuudhaaf yaada
tokko xuqeen darba. Waaqayyoolii keessaa inni tokko foonin
biyya lafaa irratti mullachuudhaaf Waaqayyoo namoota foon
uffatan keessaa nama kakuu wajjin dhaabu dirqama isa
barbaachisa ture. Lafa ilalachisee Waaqayyo Aboo hundumaa
uumamaa boqonnaa 1 lakkofsa 26 irratti namaaf waan kenneef
eeyyama namaatiin ala lafarratti dhufee waan tokkollee hojjachu
hin danda‟u. Kanaafidha Waaqayyo Abrahaam wajjin kakuutti
kan galuun barbaachiseef.

Seerri fi sirni namoota kakuu waliif galanii immoo kanadha.


Qaamni tokko qaama kan biraaf waan godhe hundumaa qaamni
sunis akkasuma gochuu qaba. Seera uumamaa boqonnaa 22 irratti
Abrahaam mucaa isaa isa tokkicha aarsa qalamu godhee akka inni
kakaatti gale Waaqayyoof ilmasaa aarsaa godhee erga dhiyeessee
Waaqayyoos Abrahaam isa saba biyya lafaa hunda bakka bu‟uuf
ilmasaa tokkicha dabarsee aarsaa cubbuu gochuun dirqma irraa
barbaadama. Yaada kana irratti yeroo biraa bal‟inaan ilaalla,
amma gara amantii fi hojiitti haa deebinu.

Abrahaam Seera Uumamaa 17:19 irratti sagalee Waaqayyo isatti


dubbate amanee waan tureef akkuma ajajame gara lafa Waaqayyo
isaa akeeketti deemsa eegale.

Fuula
Kuma Tadesse
46
2013

Amantiis isaan “Waaqayyoo sobuu waan hin dandeenyeef


„Yisihaaq wajjin akkasumas sanyii isa booddee jiran wajjin
kakuu bara baraa nan gala‟ dubbiin jedhe waan hin jijjiramneef
Yisihaaqin hidhee iddoo aarsaa qoraan irraa naqame irra ciibsee
akkuma Gooftan na ajaje akka hoolan qalamtutti albee ol fudhee
yoon qale akka coomni abiddaan badutti aarsaa gubamu godhee
Waaqayyoof yoon dhiheesse Waaqayyoo Yisihaaqin daaraa
keessaa kaasee naaf kenna.” Kan jedhu ture.

Waaqayyoo kakuu isaa Yisihaaq wajjin sanyii isaa Kristoos


Yesus wajjinis gale kan inni jabeesse erga Abrahaam akkanatti
amantii isaa hojiidhaan mullisee boodadha.

Faalla isaa garuu utuu Abrahaam “Lakki yaa gooftaa mucaa kana
qalee yoon gube; mucichi ganaa daa‟imadha; dhalas hin godhanne
yookiin sanyii hin qabu; „isaa boodan sanyii isaaf kan ta‟u kakuu
bara baraa isa wajjin nan gala‟ kan jette akkamitti raawwatama?”
Jedhee ilmasaa tokkicha irratti harka isaa ol fudhachuurraa kan of
eeggatu utuu ta‟ee amantiin isaa hojii dhabeessa bu‟aa kan hin
qabne ta‟a. Waaqayyos ilma isaa Yesus Kristoos dabarsee isaaf
kennudhaaf ofii isaatin hin kakatu ture.

Jireenya keenya keessa keessatti tarkaanfin fudhannu kamiyyuu


dubbii gooftaa isa amanne kan deeggaru ta‟uu qaba. Kanaan alatti
amantiin amanne ija malee hafa.

“Caaffanni qulqullaa'aan, "Nan amane kanaafan dubbadhe”in


jedha; nus immoo hafuuruma amantii sana qabaannee amanne;
kanaafis in dubbanna.” (2Qoronxoos 4:13)

Sagalee amanne irra dhaabannee hojii hojjannu hunda kan dursu


jecha arraba keenyaa yookan dubbii keenya akka sagalee isa
Fuula
Kuma Tadesse
47
2013

amannee sanaattii dubbachuudha. Al tokko sagalee Waaqayyoo


dhugaadha jennee erga fudhanneen booda, wanti fe‟ellee yoo
uumame dubbiin afaan keenyaa sagalee amanne san wajjin kan
walii galu ta‟uu qaba.

Har‟a kadhannaa fi dubbii namoota ani amanaadha ofiin jedhanii


dhaga‟uun baay‟ee nama gaddisiisa. Sababni isaa sagalee garaa
isanitti amanan dubbii fi hojii isaniitin ni ganu. Kana jechuun
immoo amantiin isaanii hojii of keessaa waan hin qabneef isaan
fayyisuu hin danda‟u.

 Amantiidhaan Jaalachuu
“Sababii Waaqayyo, jaalala isaa isa karaa hafuura qulqulluu
nuuf kenname, garaa keenya keessatti dhangalaaseef, abdiin
immoo nu hin yeellaasisu.” (Romaa 5:5)

Akkuma Waaqayyoo namoota jaalatetti akka namoota jaalachuu


dandeenyu kan nu taasisu humni tokkichi duwwaan jaalala
Waaqayyoo isa karaa hafuura qulqulluu garaa (hafuura) keenya
keessatti dhangala‟edha. Waaqayyoorraa kan nuuf kennaman
kennaawwan kamiyyuu fudhannee jireenya keenya keessatti
karaan tokkichi duwwaan ittin hojiirra oolchuu dandeenyu
amantiidha.

⁶ Garuu utuu hin mamin amantiidhaan haa kadhatu; namni


mamu akka dha'aa galaanaa isa qilleensaan asii fi achi oofamee
darbatamuu ti.⁷ Namni akkasii gooftaa biraa waa nan argadha
jedhee hin eeggatin!⁸ Garaan nama akkasii walaallammii dha,

Fuula
Kuma Tadesse
48
2013

yaadni isaas waan hundumaa qabee gad dhiisa malee, iddoo


tokko hin dhaabatu. (Yaaqob 1:6-8)

Eenyullee amantiidhaan yoo ta‟e malee gooftaa biraa waan


tokkollee (irran deebi‟a waan tokkollee) fudhachuu hin danda‟u.
Amantiin dhagahuu irraan dhufa wanti dhagaa‟amu immoo
sagalee Waaqayyooti. Kanaafuu jaalalan deddebi‟uudhaaf
tarkaanfin jalqabaa sagalee Waaqayyoo isa Roomaa boqonnaa 5
lakkosfa 5 irratti barreeffame dhugaadha jedhanii fudhachuu dha.
Waaqayyo hafuura isaa isa nuuf kenneen jaalala isaa garaa
(hafuura) keenya keessatti dhangalaasera.

Sagalee kana erga amanneen booda amantii keenya caaladhumatti


amantii keenya isa irraa kaa‟anne sagalee Waaqayyoo jireenya
keenya irratti hojii akka hojjatuuf amantii amanne sana irratti hojii
hojjachuutu nurraa eegama. Amantiin hojii malee du‟aa waan
ta‟eefuu. Namni tokko kana erga dhugaa kana fudhateen booda
fakkeenyaaf jilbeenfatee “Yaa Waaqayyo jaalala naaf kenni”
jedhee Gooftaa yoo kadhate amantii amane irratti hojii
hojjachuurraa duubatti jedheera jechuudha.

Sagalicha garaa isaatti amanuu danda‟a garuu amantii amane


irratti hojii hin hojjatiniif amantiin isaa jaalala Waaqayyoo isa
garaa isaa keessatti dhangala‟e jireenya isaa keessatti akka hojjatu
gochuu hin danda‟u. Yeroo baay‟ee dhugaa tokko sagalee
Waaqayyoo iraa dhageenyee erga fudhanneen booda hojii
keenyan immoo ni ganna (እንክደዋለን)። Amantii ilaalachisee
rakkoo guddaan karaa waldaa kristiyaanantin jiru kanadha.
Amantoonni baay‟een amantii amanan irratti hojii hojjachuu akka
qaban hin beekan.

Fuula
Kuma Tadesse
49
2013

Roomaa boqonnaa 5 lakkofsa 5 ammas irra deebi‟ee fakkeenya


godhee haa fudhadhu.

“Sababii Waaqayyo, jaalala isaa isa karaa hafuura qulqulluu


nuuf kenname, garaa keenya keessatti dhangalaaseef, abdiin
immoo nu hin yeellaasisu.” (Roomaa 5:5)

Namni tokko sagalee kana ilaalee “Eyyeen sagalee Waaqayyoo


inni ta‟e dhugaadha; jaalalli Waaqayyoo garaa koo keessatti
dhangala‟eera; Ameen.” Jedhee sagalicha amantiidhaan erga
fudhateen booda guyyaa kan biraa immoo iddoo kadhannaa
tokkotti jilbeenfatee “Yaa Waaqayyo jaalala naaf kenni” jedhee
akka waan jaalalli garaa isaa keessatti hin dhangala‟inii uumaa
utuu kadhatuu yoo dhagaahame amantii duraan dhugaadha jedhee
amane san hojiidhaan ganuu isaa mitii? Agartanii battala itti
jaalala naaf kenni jedhee uumaa kadhatu sanatti utuu hin beekin
Waaqayyo isa “Jaalalakoo hafuura qulqulluudhaan keessa kee
keessatti siif dhangalaseera” jedhu sobduudha jedhee waama.
Amantiin hojii malee du’aadha.

Kanaafiyyuu abboommii jaalalaa gooftaa Yesus raawwachuuf


murtoo dhaabataa murteesseera namni jedhu kamiyyuu
jalaqabarratti tarkaanfin fudhachuu qabu kanadha. Jaalalli
Waaqayyoo keessa keenyatti akka dhangala‟e amanuu fi amantii
amanne irratti hojii hojjachuudha. Jaalalaan jiraachuu akka
dandeenyuuf akkuma inni ifa keessaa jiraatu nu‟is ifa keessa akka
deddeebinu karaa hafuura isaa jaalala isaa garaa keenya keessatti
waan dhangalaasef Waaqayyo haa galateeffamu.

 Jaalalli Waaqayyoo ammayyuu garaa namoota lammffaa


dhalatanii keessa jira.
Fuula
Kuma Tadesse
50
2013

Jaalalan deddeebi‟uudhaafis ta‟ee jireenya hafuuraa isa dhugaa


biyya lafaa kana irratti jiraachudhaaf akkuma maqaa isaa beekutti
dhugaawwaan murtessoo ta‟an namni tokko jabeessee beekuu
qabu keessaa barsiisa macaafni qulqulluun waa‟ee guutummaa
namaa irratti barsiisudha.

“Waaqayyo inni nagaa namaaf kennu guutummaatti ofii isaatiif


isin haa qulqulleessu; yeroo dhufa gooftaa keenyaa Yesus
Kristosittis hafuura keessan, lubbuu keessan, foon keessanis
fayyaatti mudaa akka hin godhannettis haa eegu!” (1 Tas5:23)

Kutaa kan irra akkuma jirutti Phaawulos namni uumama


kutaawwaan Hafuura, Lubbuu, Foon jedhamu of keessattii kan
qabateedha.

“Waaqayyo hafuura; warri isaaf sagadanis hafuuraa fi


dhugaadhaan isaaf sagaduun in ta'aaf' ittiin jedhe.” (Yoh 4:24)

“Iddoo sagadaa keessan warra ol ka'oo nan balleessa, iddoo


aarsaa ixaana keessaniis nan caccabsa; reeffa keessanis reeffa
waaqayyolii tolfamoo keessanii irra nan tuula, lubbuun koos sin
ciiggaati. (Leewwota 26:30 KJV)

Waaqayyo hafuuradha malee lubbuu yookan foon miti. Seera


leewwotaa 26:30 (KJV) irratti Waaqayyo afaan Museetin
Israa‟elonni seera isaatin kan hin deddeebine yoo ta‟e lubbuun
isaa akka isaan ciggaatu dubbata. Kan jechuun Waaqayyo lubbuu
qaba jechuudha. Waaqayyoo Hafuura; Lubbuu immoo qaba.
Fuula
Kuma Tadesse
51
2013

“Kana booddee Waaqayyo, "Kottaa! Akka bifa keenyaatti,


akka fakkaattii keenyaattis nama in umnaa! Isaan qurxummii
galaanaa irratti, simbiraa fi allaattii qilleensa keessa balali'an
irratti, horii qe'ee irratti, bineensa lafaa hundumaa irratti,
munyuuqaa lafa irra munyuuqu hundumaa irrattis mootummaa
haa qabaatan!” jedhe.” (Uumama 1:26)

Bulchaa waan hundumaa inni ta‟e Waaqayyo akka amala isaatti


nama bulchaa (ገዥ) godhee dhalche. Akkuma waaqni bittaa
Waaqayyo ta‟e lafni immoo bittaa (bulchiinsa) namaa akka taatuf
Waaqayyoo lafa uume.

“Waaqayyo isaaniin, "Horaa, baay'adhaas, lafa guutaa, isas


harka jala galfadhaa! Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota
qilleensa keessa balali'an irratti, uumama lafa irra munyuuqan
hundumaa irrattis mootummaa qabaadhaa!” jedhee isaan in
eebbise.” (Uumama 1:28)

“Bantiiwwan waaqaa kan Waaqayyoo ti, lafa garuu ilmaan


namaatiif kenne.” (Faarfannaa 115:16)

Hafuura inni ta‟e namni addunyaa qabatamaa kana bituudhaadhaf


(ለመግዛት) eenyummaa qaqqabatamu kan addunyaa isa
qaqqabatamu wajjin wal isa qunnamsiisu isa barbaachisa. Kanaaf
addunyaa isa qaqqabatamu kana qunnamuu akka danda‟uuf
uumama hafuura ta‟ee lubbuu qabu kanaaf (namaaf) biyyoo isa
addunyaa qaqqabatamu irraa dhufe irraa foon tolcheef. Nama
dhalche kanas foon hojjate kana keessa isa kaa‟e.

“Waaqayyo gooftaan biyyoo lafaattii nama tolchee, hafuura


jireenya itti godhu funyaan isaatti in baafate; akkasitti namni
uumama lubbuu qabaatee jiraatu ta'e.” (Uumama 2:7)
Fuula
Kuma Tadesse
52
2013

 Kanaafuu namni Hafuura; Lubbuu qaba; Foon keessa jiraata.

Kanaafidha ergamaan Phaawuloos “Waaqayyo inni nagaa namaaf


kennu guutummaatti ofii isaatiif isin haa qulqulleessu; yeroo
dhufa gooftaa keenyaa Yesus Kristosittis hafuura keessan, lubbuu
keessan, foon keessanis fayyaatti mudaa akka hin godhannettis
haa eegu!” 1Tasalooniqee . 5:23 kan jedheef.

Eenyummaan keenya inni dhugaan hafuura waan ta‟eef


eenyummaa kanaan maal gochuu akka qabnu, lubbuun keenya
maal akka ta‟e lubbuudhaan maal gochuu akka qabnu, akkuma
kana foon keenya maal akka ta‟e, foon kanaan maal gochuu akka
qabnu akka ta‟utti hin beeknu yoo ta‟e sagalee Waaqayyoo
dubbisnee hubachuus ta‟ee jireenya Waaqayyo barbaadu
jiraachuudhaaf nu daangessa.

Hamma naaf danda‟ametti barreeffama kana keessatti macaafni


qulqulluun waa‟ee dhugaa kanaa kan barsiisu yaada sirrii ibsuun
yaala.

Haa ta‟u malee barreeffama kana keesssatti kan barreeffame yoo


siif hin galle yeroo barreeffama kan dubbistee xumurtu dhugaa
kana irratti beekumsa gahaa akka hin argannee kan yaaddu yoo
ta‟e akka gaaffii sitti uumetti darbuu keerra gatii si baasise
kamiyyuu baastee dhugaa kana utuu hin hubatin akka ati hin
hafne sin jajjabeessa.

Gama kanaan dhugaa jiraataa fi hojjachuu danda‟u namni hubate


bitaacha‟ummaa hafuuraa baay‟ee jalaa ofiisaa oolcha jedheen
yaada.

Fuula
Kuma Tadesse
53
2013

“Waaqayyo inni nagaa namaaf kennu guutummaatti ofii isaatiif


isin haa qulqulleessu; yeroo dhufa gooftaa keenyaa Yesus
Kristosittis hafuura keessan, lubbuu keessan, foon keessanis
fayyaatti mudaa akka hin godhannettis haa eegu!”

(1Tasaloniqee 5:23)

Hafuurri, lubbuuni fi foon akkamitti tokkummaadhan akka


hojjatan ilaaludhaan dura tokkoon tokkon isaanii kophaatti adda
adda baasne macaafa qulqulluu keessaa ilaaluu haa yaallu.

Fuula
Kuma Tadesse
54
2013

1. Hafuura
“Waaqayyo hafuura; warri isaaf sagadanis hafuuraa fi
dhugaadhaan isaaf sagaduun in ta'aaf' ittiin jedhe.” (Yoh 4:24)

“Iddoo sagadaa keessan warra ol ka'oo nan balleessa, iddoo


aarsaa ixaana keessaniis nan caccabsa; reeffa keessanis reeffa
waaqayyolii tolfamoo keessanii irra nan tuula, lubbun koos sin
ciiggati.” (Leewwota 26:30 KJV)

Luqqisiiwwaan macaafa qulqulluu lamaan armaan olii kunneen


kan agarsiisan Waaqayyoo hafuura akka ta‟e fi lubbuu akka
qabudha. Nama immoo akka bifaa fi fakkaattii isaatti erga uumee
namnis uumama hafuura akka Waaqayyoo ta‟ee lubbuu
qabaatudha jechuudha.

Yeroo baay‟ee waa‟ee hafuuraa yeroo haasofnu fakkiin sammuu


keenya keessa dhufu hafuurri waan jiru wayii (Existed) garuu
kan boca hin qabne, mullachuu kan hin dandeenye goonee
yaadna. Barteedhaan lubbuu fi hafuura tokkoo goonee yaadna.
Lubbuun kan hin mullannee fi boca kan hin qabneedha. Haa ta‟u
malee hojii inni hojjatu ilaalun beekuu ni dandeenya.

Nuti garuu hafuurri akka kana ta‟etti yaadna. Amma immoo


sagaleen gooftaa waa‟ee hafuuraa maal akka dubbatu haa ilaallu.
Macaafni qulqulluun hafuurri waan jiru wayii (Existed) duwwaa
osoo hin taane boca akka qabu dubbata.

Fuula
Kuma Tadesse
55
2013

¹⁷ Waaqayyo yommus Museedhaan, "Ati ana duratti faara


tolaadhaan waan ilaalamteef, si, maqaa kees waanan beekuuf, isa
ati dubbatte kana ani nan godha” jedhe.¹⁸ Museen immoo,
"Hadaraa ulfina kee na argisiisi!” jedhe.¹⁹ Waaqayyo immoo
deebisee, "Gaarummaa koo hundumaa fuula kee dura nan
dabarsa; ani si duratti maqaa koo 'Waaqayyo' jedhee nan hima;
namuma ani faara itti toluu barbaadutti faara nan tola, namuma
ani araara itti argisiisuu barbaadutti araara nan argisiisa.

²⁰ Namni fuula koo arge jiraachuu waan hin dandeenyeef, ati


fuula koo arguu hin dandeessu.²¹ Kunoo ana bira as iddoo kana
kattaa irra dhaabadhu!²² Yeroo ulfinni koo darbuutti jiru, holqa
kattaa keessa sin kaa'a, hamma ani darbuttis harka kootiin sin
golbooba.²³ Ani harka koo si duraa nan fuudha, ati immoo dugda
koo in argita; fuulli koo garuu hin argamu” jedhe.

(Ba’uu 33:17-23)

Luqqisii armaan olitti caqafame irratti hafuura inni ta‟e


Waaqayyoni fi Museen yeroo wajjin dudubbatan agarra. Museen
Waaqayyoo isa hafuura ta‟e fuula fi fuulatti arguudhaaf gaafate.
Waaqayyo immoo namni fuula koo argee jiraachuu waan hin
dandeenyef fuula koo arguu hin dandeessu jedheen.

Dubbii Waaqayyoo jedhe kana irraa ifatti akkuma arginu hafuura


inni ta‟e Waaqayyoo fuula akka qabuudha. Hafuurri waan akka
qilleensaa fi aaraa goonee yoo yaadne dogoggorrerra. Hafuurri
wan jiru waayii duwwaa osoo hin taane bocas kan qabuudha.

“……..yeroon darbu harka kootin sin golbooba….”Hafuura inni


ta’e Waaqayyoo asitti immoo harka akka qabu agarra.

Fuula
Kuma Tadesse
56
2013

“Harka koo yeroon ol kaasu dugda koo agarta garuu fuula koo
garuu hin agartu”…. Hafuura inni ta‟e Waaqayyoo dugda qaba.

Kanaan booda waa‟ee hafuuraa yeroo yaadnu waan jiru waayii


duwwaa osoo hin taane eenyummaa boca qabu; addunyaa
hafuuraa keessatti kan mullatu ta‟uu isaa hubachuu qabna.

“Bara Uziyaan mootichi du'e, gooftichi teessoo dheeraa fi ol


ka'aa irra taa'ee andaarri uffata isaas mana qulqullummaa
guutee nan arge;” (Isaayas 6:1)

Iddoo kanatti Raajichi Isaayas ifatti Waaqayyo inni hafuura ta‟e


teessoo dheeraa ol jedhaa irra taa‟een arge jedha. Uffatas akka
uuffate dubbata. Waa‟ee hafuuraa kanaan dura yaadni yaadnu
waan nu keessaa hin ba‟inif luqqisiiwwaan kanaan olitti caqase
kanneen yeroo xiyyeffannoodhaan ilaallu sammuun keenya
jeeqamuu danda‟a. Sammuun keenya waan jeeqamef miirri
keenya waan xuqameef garuu dhugaan dhugummaa isaa gad hin
lakkisu.

Beekumsa hafuuraa isa dhugaa fi hojjachuu danda‟u namoonni


barbaannu hundinuu sammuu keenya isa baruumsa macaafa
qulqulluu hin taanen qabame fi sammuu keenya isa beekumsa
sirrii hin taanen guutamee miira keenya of duukaa buusu cinatti
gannee sagaleen Waaqayyoo isa waa‟ee haalota dubbatu
dhugaadha jennee fudhachuu shaakaluu qabna.

Wantoonni addunyaa qabatamaa kana keessa jiran addunyaa


hafuuraa keessas jiru. Addunyaan mullatu kun addunyaa hin
mullanne keessaa waan baheef addunyaa mullatu kun galagalcha
addunyaa isa hin mullannee akka ta‟e dagachuu hin qabnu.

Fuula
Kuma Tadesse
57
2013

Kanaafuu hafuurri eenyummaa jiraataa, kan qaama fi boca mataa


isaa qabu mullachuu kan danda‟udha.

Waaqayyoo inni hafuura ta‟e boca akkuma qabu akkuma kana


afuura inni ta‟e namnis (hafuurri) boca qaba.

¹⁹ Amma immoo, "Al tokko namichi sooressi tokko ture; innis


uffata irraa fi jalaan dhagnatti toluu fi ijatti miidhagu gatiin isaa
baay'ee kan guddate gegeddaruudhaan guyyuma guyyaatti
qannootti jiraata ture.

²⁰ Deegaan Alaazaar jedhamu, namummaan isaa guutummaatti


madaa'e tokko immoo balbala kellaa isaa dura kaa'amee ture.²¹
Inni achi ciisee hurraa maaddii sooressichaa irraa harca'ee
gatamu illee nyaachuudhaaf in kajeela ture; saroonni immoo
dhufanii madaa isaa in arraabu turan.²² Gaaf tokko namichi
deegaan sun du'ee, ergamoota Waaqayyootiin gara bukkee
Abrahaamitti geeffame; sooressichis immoo du'ee awwaalames.

²³ Qilillee keessaas dhiphachaa utuma jiruu ol ilaalee,


Abrahaamin fagootti, Alaazaarinis bukkee isaatti arge.²⁴
Achumaanis, 'Yaa abbaa ko Abrahaam, naa oo'i; fiixee quba isaa
bishaan cuuphee, arraba koo anaaf haa qabbaneessuufis
Alaazaarin as anaaf ergi. Anoo ibidda kana keessatti
dhiphachaan jira' jedhee waammate. (Luqaas 16:19-24)

Iddoo kanatti gooftan Yesus yeroo barsiisu Waaqayyo inni


hafuura ta‟e boca akkuma qabu akka bifaa fi fakkaattii
Waaqayyootti kan uumame hafuurri namaas boca akka qabu
ifatti nuuf ibsa.

Fuula
Kuma Tadesse
58
2013

Namoota Yesus barsiisa isaa keessatti caqase keessa inni tokko


iddoo si‟ool jedhamutti utuu dhiphatuu ol jedhee Abrahaami fi
bukkee isaatti nama biyya lafaa irratti beeku Alaazaarin ilaalu
argina. Abrahaam walumatti waggaa 175 jiraatee umuriis quufee
bara dulluma isaa haala gaarin gara firoota isaatti yeroo
sassabamu argina. Ijoolleen isaa Yisihaaqi fi Ishmaa‟el holqa
makfelaa maasii Efroon ilma Zohaar Heetichaa isa Maamree irraa
gara ba‟a biiftutti argamu hafu sana keessatti akka awwaalan
macaafni qulqulluun seera uumamaa boqonnaa 25 lakkofsa 8-9
irratti ni dubbata.

Kanaafuuu biyyoo irraa inni argame foon Abrahaam iddoo reeffi


isaa itti awwaalametti bosbosee gara biyyootti akka deebi‟e
ifadha. Kana jechuu namichi inni utuu si‟ool keessatti dhiphatuu
ol jedhee kan inni arge Abrahaamis ta‟ee Alaazar foon isaanii
utuu hin taane namummaa isaanii isa hafuuraati. Namummaan
keessaa Alaazar isa balbala namicha sooressaa san irra ciisaa
turee kan inni fakkaatu namummaa isa alaa isa biyya lafaarratti
awwalamee gara biyyootti deebi‟e yookin foon isaa fakkaata
jechudha.

Darbee darbee namoonni gaaffii akkana yeroo gaafatan nan


dhaga‟a. “Wayita fooniin duunee biyya lafaa kana irraa deemnu
samitti yookin addunyaa hafuuraa keessatti walii walii keenya
wal beeknaa?” kan jedhu yoo ta‟u deebiin isaa eeyyen
dhugumatti wal beeknadha. Sababni isaa
eenyummaan/namummaan keenya inni alaa kan inni fakkatu
eenyummaa/namummaa keenya isa keessaa yookin hafuura
keenyadha.

Fuula
Kuma Tadesse
59
2013

Yesus kan barsiise kutaa kana keessatti biyya lafaa kana irratti
kana beeknu kutaawwan qaama namaa kanneen akka qubaa fi
arrabaa yeroo caqasaman argina. Kun kan agarsiisuu abbaa
ilmaan namaa hafuura inni ta‟e Waaqayyo addunyaa hafuuraa
keessaati akkuma boca mullatu qabu akkuma kana hafuura inni
ta‟e namnis foon keessaa yeroo ba‟u boca mullatu akka qabuudha.

Akka bifaa fi fakkeenya Waaqayyotti namummaan/eenyummaan


uumame kun namummaa/eenyummaa namaa isa hafuura jennu
dha. Hafuura inni ta‟e Waaqayyo abba hafuuraati malee abba
foonii miti.

“Kana malees, abboota foonii lafa kana irratti barsiisuuf nu


adaban qabna; nus isaan in safeeffanna. Abbaa hafuurotaaf
immoo caalchifnee abboomamnee jireenya argachuun nuuf hin
ta'uu ree?” (Ibroota 12:9 KJV)

Barreessan ergaa warra Ibrootaa kutaa kana keessatti Waaqayyo


abbaa hafuurota (Father of spirits) akka ta‟e dubbata. Lammaffaa
dhalachuudhaan kan arganne eenyummaa/ amalli waaqayyummaa
jireenya Waaqayyo jiraatu jiraachuu kan nu dandeessisu kan inni
argamu namummaa keenya isa hafuuraa kana keessattidha.
Sababni isaa gooftaan Yesus yeroo biyya lafaa irra turetti
namummaan keenya inni Waaqayyo irra dhalate hafuura keenya
akka ta‟e ifatti dubbata.

⁴ Niqoodemos immoo, "Namni erga qancaree attamitti dhalachuu


danda'a? Gadameessa haadha isaatti lammaffaa galee,
dhalachuu danda'a moo?” jedhee Yesusin gaafate.⁵ Kanaaf
Yesus,"Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee bishaanii fi
hafuura qulqulluuttii yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa
Fuula
Kuma Tadesse
60
2013

Waaqayyootti galuu hin danda'u.⁶ Foon irraa kan dhalate foon,


hafuura irraa kan dhalate hafuura.⁷ Olii dhalachuun isiniif in
ta'a siin jechuu kootiif hin dinqifatin. (Yohaannis 3:4-7 KJV)

Lammaffaa Waaqayyo irraa kan dhalate namummaa foon


keenyaa yookan namummaa lubbuu keenyaa osoo hin taane
namummaa isa hafuuraati. Waaqayyoo inni bara baraan jiraatu
akka fakkaattii isaatti waan nu uumeef hafuura kan taane nu‟is
bara baraan jiraanna. Waaqayyo hafuura isaatin jaalala isaa kan
inni dhangalaase hafuura keenya keessattidha.

2, Lubbuu
Yeroo bay‟ee lubbuuni fi hafuurri wantoota wal fakkaatan
kanneen garagar bahuu hin dandeenye goonee yaadna. Sagaleen
Waaqayyoo garuu lubbuu fi hafuura wantoota garaa garaa akka
ta‟an iddoo adda addaatti ni barsiisa.
¹² Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa
qaba, billaa gar lamaan qarame caalaa qara qaba; inni lubbuu fi
hafuura, buusaa fi dhuka gargar in baasa, yaadaa fi akeeka
garaa namaas qoree faraduudhaaf in danda'a,¹³ Wanti Waaqayyo
uume tokko illee isa duraa dhokachuu hin danda'u; wanti
hundinuu saaqamaa, ija isaa durattis mul'ataa dha; nus waan
goone sababii isaa wajjin isatti himuun nu irra jira.
(Ibroota 4:12-13)
Sagaleen Waaqayyoo hafuura fi lubbuu erga garagar baasee
lubbuuni fi hafuurri waan garaagaraa lama kan gargar bahanidha
jechuudha. Hafuurri jiraatan kamiyyuu lubbuu qaba. Silayyuu
wanti tokkoo jiraataa ta‟uudhaaf lubbuu qabaachuu qaba. Hafuura
Fuula
Kuma Tadesse
61
2013

inni ta‟e Waaqayyo lubbuu qaba. Hafuurota kan ta‟an


ergamoonni lubbuu qabu. Hafuurota kan taane nuyi namoonni
foon keessa kan jiraannu lubbuu qabna. Lubbuun kutaa namaa
beekumsa, miiraa fi fedhii of keessatti kan qabatedha. Yaada,
sammuu, beekumsa yeroo jennee dubbannu hundumaa
kallattumaan waa‟ee lubbuu dubbachuu keenyadha.
Gammachuus ta‟ee gadda, garaa of gahuus ta‟ee yookis garaa
hanqachuun, fayyummaa yookin immoo dhukkubbin kan nutti
dhagaahamu karaa lubbuu keenyatini. Beekumsi, miirri, fedhiin
wantoota walqabatanii deeman kan wajjin hojjataniidha.
Beekumsi yeroo hundaa miira dursa. Fedhiin immoo yeroo hunda
miira hordofa. Kanaaf namni hafuura; lubbuu (beekumsa,
miira,fedhii) qaba; Foon keessa immoo jiraata.
Namummaa isaa isa hafuura ta‟een addunyaa hafuuraa qunnama.
Namummaa isaa isa foonin immoo addunyaa qabatamaa kana
qunnama. Addunyaa hafuuraas ta‟ee addunyaa isa qabatamaa
kana kessaatti waan qunname hiikaa itti kennuu kan danda‟u
lubbuu isaatini. Addunyaa isa qabatamaa kana keessatti
mullachuu kanneen hin dandeenye wantoota mullataniin wal
fakkeesanii ibsuu waan salphatuufuu barreessan ergaa Ibroota
akkamitti Hafuuraa fi lubbuu akka ibse haa ilaallu.
“Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa
qaba, billaa gar lamaan qarame caalaa qara qaba; inni lubbuu
fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar in baasa, yaadaa fi akeeka
garaa namaas qoree faraduudhaaf in danda'a,” (Ibroota 4:12)
Barreessan ergaa Ibrootaa iddoo kanatti sagalee Waaqayyoo
akka billaa gara lamaan qarame caalaa qara qabutti ibse.

Fuula
Kuma Tadesse
62
2013

Lubbuu akka busaatti, hafuura akka dhukaatti ibseera. Akkuma


beekamu buusan kutaa qaamaa fooni fi dhuka gidduutti argamu
yoo ta‟u fooni fi dhuka wal qabsiisuf fayyada. Gama tokkoon
foon yoo xuqu gama kan biraan immoo dhuka xuqa. Akkuma
kana lubbuun kutaa namummaa keenyaa fooni fi hafuura giddutti
kan argamu fi namummaa kana lamaan isaanii wal qabsiisa.
Hafuura kan taane nuti addunyaa hafuuraas ta‟ee addunyaa
qabatamaa kana qunnamnee ragaa fidnu kamiyyuu hiikaa kan itti
kennu kutaa kanadha. Hafuura kan taane nuti yeroo foon kana
keessaa baanu yookis du‟a foonii duunu lubbuun keenya nu
wajjin deemtee bara baraan jiraatti.
²⁷ "Inni immoo deebisee, 'Egaa immoo yaa abbaa ko, mana abbaa
kootti akka isa ergitu sin kadhadha. ²⁸ Anoo obboloota shan qaba,
isaanis as iddoo dhiphinaa kana akka hin dhufneef isaan haa
akeekkachiisu' jedhe.²⁹ Abrahaam garuu, 'Isaan Museedhaa fi
raajota qabu, isaan haa dhaggeeffatan' jedhee deebiseef.
³⁰ Inni immoo, 'Waawuu, yaa abbaa ko Abrahaam, warra du'an
keessaa tokko deebi'ee gara isaanii yoo dhaqe, yaada garaa
isaanii geddaratu malee' jedhe.³¹ Abrahaam immoo, 'Museedhaa
fi raajota yoo dhaga'uu” dhaabaatan, warra du'an keessaa, tokko
deebi'ee ka'u iyyuu dhugaa dha hin jedhan' ittiin jedhe” jedhe.
(Luqaas 16 :27-31)
Lubbuun (beekmsi, miirri, fedhiin) nama foon isaarraa adda bahee
iddoo si‟ool jedhamutti dhiphataa jiruu foon isaa isa awwaalame
gara biyyootti deebi‟e wajjin akka hin hafin baruumsa gooftaan
Yesus barsiise kan irraa ifatti argina.

Fuula
Kuma Tadesse
63
2013

Hafuura inni ta‟e namni si‟ool keessatti dhiphachuu yoo danda‟e


kutaa lubbuu kan ta‟e wanti miira jedhamu isa wajjin jira
jechuudha. Sirumayyuu namni kun biyya lafaarratti kan hafan
obboloota shan qabaachuu isaa yemmuu yaadatu argina. Kun
immoo lafarra yemmuu ture beekumsi isa wajjin ture addunyaa
hafuura kan ta‟e si‟ool keessaatis isa wajjin jiraachuu isaa argina.
Fedhii mataa isaa irraa ka‟uun Abrahaamin akka dubbisuu isaatin
fedhii akka qabu ifaadha.
Akkuma beekumsaa fi miiraa fedhiin kutaa lubbuu akka ta‟e
armaan olitti ilaallerra. Kanaafuu lubbuun bara nuyi (hafuurri)
jiraannu hundumaa nu wajjin bara baraan jiraata jechuudha.
Beekumsi ani kutaa kana keessatti waa‟ee guutummaa namaa
gabaabatti ibsuuf kanan yaale akkuma Waaqayyo namoota jaalate
nu‟is akkamitti akka namoota jaalachuu dandeenyu isa nutti
agarsiisu barreeffama isa itti aanuf bu‟uuradha.

Fuula
Kuma Tadesse
64
2013

Gooftaa Yesus Kristoosittii amanuudhaan namoota hafuura irraa


lammaffaa dhalataniif karaa Kristoos Yesus isa mataa waldaa
kiristiyaanaa ta‟een abboommiin jaalalaa raawwaachuu akka
danda‟aniif jaalala isaa karaa hafuura qulqulluu garaa isaanii
keessatti dhangalaaseera.
Ijoolleen Waaqayyoo immoo akkuma Waaqayyo nama jaalatuttii
jaalachuu akka danda‟aniif iddoo jaalalli Waaqayyoo itti
dhangala‟e (hafuuraan) kanaan deddeebi‟uu qabu. Barreeffama
kana keessatti akkamittii hafuuran akka deddebinu gabaabseen
ibsuun yaala. Hafuuraan jirachuu akkamitti akka dandeenyu
beekuu akka nu gargaaruuf Kutaa 6ffaa keessatti akkuma hafuura
fi lubbuu ilaalle amma immoo maalummaa foonii gabaabsinee
ilaalla.

3. Foon (body)
“Waaqayyo inni nagaa namaaf kennu guutummaatti ofii isaatiif
isin haa qulqulleessu; yeroo dhufa gooftaa keenyaa Yesus
Kristosittis hafuura keessan, lubbuu keessan, foon keessanis
fayyaatti mudaa akka hin godhannettis haa eegu!”
(1Tasalooniqee 5:23)
Namni hafuura; lubbuu qaba; foon keessa jiraata. Eenyummaan
namaa inni dhugaan enyuummaa isaa isa keessaa yookiin hafuura
yemmuu ta‟u; addunyaa isa qabatamaa kana qunnamuu akka
danda‟uuf Waaqayyoo qaama qaqqabatamu (foon) isaaf uume.
Fuula
Kuma Tadesse
65
2013

“Kanaafis nuyi matumaa abdii hin kutannu, namummaan keenya


inni bakkeetti mul'atu gad dhumaa yoo adeeme iyyuu,
namummaan keenya inni keessaa har'aa bor haara'aa in
adeema.” (2Qoronxoos 4:16)
Ergamaan Phaawuloos iddoo kanatti “Namummaa keenya isaa
alaa” kan inni jedhu foon keenya yoo ta‟u “Namummaa kenya
isa keessaa” yeroo jedhu immoo hafuura keenyadha. Waaqayyoo
nama isa hafuura ta‟eef foon hawwii hamaan keessa hin jirre, kan
hin dulloomne, kan hin duune godhee biyyoo lafaa irraa hojjateef.
Namichi inni jalqabaa haadha manaa isaa wajjin fedha isaaniin
yeroo cubbuu hojjatan garuu amala seexanaa inni ta‟e cubbuun
yookin hawwii hamaan foon isaanii keessaa gale. Isaan booddee
ijoolleen isaan dhalchan hunduu cubbuu yookin hawwii gadhee
(hamaa ) foon isaanii keessatti qabatanii dhalachuu jalqaban.

Waaqayyoo irraa inni dhalate hafuura inni ta‟e namummaan


keenya waan gaarii gochuu yeroo barbaadu foonii fi dhiiga irraa
akkasumas fedhii dhiiraa irraa inni dhalate foon keenya faallaa
isaa waan hamaa ta‟e gochuu barbaada.
¹⁶ Ani garuu, "Hafuuraan geggeeffamaa jiraadhaa malee, fedha
foonii hin raawwatinaa!” nan jedha.¹⁷ Fedhi foonii hafuuraan in
morma; hafuurris fooniin in morma; isin waanuma jaallattan
akka hin gooneef, isaan kun lamaan waliin in mormu.¹⁸
Hafuurichaan yoo geggeeffamtan garuu, isin seericha jala hin
jirtan.¹⁹ Hojiin foonii mul'ataa dha. Isaanis halalummaa,
xuraa'ummaa, jireenya gad-dhiisii,²⁰ waaqayyolii tolfaman
waaqessuu, qoricha namatti gochuu, diinummaa, qoccolloo,
Fuula
Kuma Tadesse
66
2013

hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, yaadaan gargar ba'uu,


barsiisaan gargar cabuu,²¹ weennoo, machii, albaadhummaa,
wanta kana fakkaatus. Akkuma ani kanaan dura isinitti himee
ture, warri wanta akkasii hojjetan mootummaa Waaqayyootti
galuu akka hin dandeenye ammas isinitti nan hima.
²² Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa,
gaarummaa, arjummaa, amanamummaa,²³ garraamummaa dha,
of dhowwuu dhas; egaa seerri isaan kanaan mormu hin jiru.²⁴
Warri kan Kristos Yesus ta'an immoo yaada foonii, hawwa isaa,
fedha isaas fannisaniiru.²⁵ Nuyi jireenya hafuuraatti yoo jiraanne,
hafuura kana duukaa bu'uu keenya. (Galaatiyaa 5:16-26)
Macaafni qulqulluun namoota foonii kan inni ittiin jedhu namoota
hawwii hamaa foon isaanii keessa jiru raawwataniin yemmuu ta‟u
namoota hafuuraa kan inni ittiin jedhu namoota hawwa hafuuraa
raawwataniin.
“Ani garuu, "Hafuuraan geggeeffamaa jiraadhaa malee, fedha
foonii hin raawwatinaa!” nan jedha.” (Galaatiyaa 5:16 NIV)
Ergamaan Phawuloos iddoo kanatti namni fedhii foonii akka hin
raawwannef furmaanni hafuuraan jirachuu akka ta‟e ibsa.
Waaqayyoo jaalala isaa kan inni dhangalaase hafuura keenya
keessatti akka ta‟e ifadha. Kanaafidha sagalee Waaqayyoo
keessatti ija hafuuraa hafuurri keenya naqatu keessaa isa jalqabaa
ta‟ee kan barreeffameef.
²² Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa,
gaarummaa, arjummaa, amanamummaa,²³ garraamummaa dha,
of dhowwuu dhas; egaa seerri isaan kanaan mormu hin jiru.
(Galaatiyaa 5:22-23)
Fuula
Kuma Tadesse
67
2013

Kanaafiyyuu wantoota akka ofittummaa hojii foonii faallaa


hafuuraa ta‟an raawwaachuu dhiisudhaaf isa jaalalli Waaqayyoo
itti dhangala‟e hafuuraan deddebi‟uu qabna. Amma gaaffii ta‟uu
kan qabu hafuuran jiraachuun/deddebi‟uun akkamitti
dandaa‟ama? Kan jedhudha. Ergamaan Phaawuloos macaafa
Roomaa boqonnaa 8 lakkofsa 5 irratti dhugaa gaaffii kana
deebisuudhaaf nu fayyadu ibsa.
“Warri akka fedha fooniitti jiraatan, yaada isaanii fedha foonii
irra dhaabaniiru; warri akka fedha hafuuraatti jiraatan garuu,
waa'ee waan hafuuraa in yaadu.” (Roomaa 8:5)
Foonin deddeebi‟uu jechuun yaada keenya fedhii foonii irra
kaa‟achuu yoo ta‟u hafuuraan deddebi‟uu jechuun immoo yaada
keenya fedhii foonii irra kaa‟achuu jechuudha. Yaada (sammuu
,beekumsa) wanti jedhamu kan inni argamu lubbuu keenya
keessattidha. Lubbuun kutaa beekumsa, miiraafi fedhii of
keessatti qabate yemmuu ta‟u yemmuu hafuura fi foon gidduu
ta‟uudhaan eenyummaan kanneen lamaan wal qunnamsiisa.
Lubbuu keenya fedhii foonii irra yoo goone hafuuraan deddebine
jedhama. Lubbuu keenya fedhii foonii irra yoo goone immoo
foonin deddebine jedhama.
Kanaafiyyuu akka Waaqayyootti jaalachuu yoo barbaanne yaada
keenya fedhii hafuuraa isa ta‟e jaalala irra kaa‟achuu qabna.
Amma immoo gaaffin gaafatamuu qabu akkamitti yaada keenya
fedhii hafuuraa isa ta‟e jaalala irra kaa‟achuu dandeenya? Kan
jedhudha.
Yeroo baay‟ee nuti namoonni jireenya guyyaa guyyaa keenya
keessatti yaadota kan yaadnu yaadota san akka yaadnuuf
ajajamnee osoo hin taane yookan immoo fedhii keenyan yaadota
Fuula
Kuma Tadesse
68
2013

kana ni yaaadna jennee osoo hin taane sababoota gara garaan


yaadota gara sammuu keenyaa dhufan fedhii keenya malee
xiinxalla. Caalattii immoo addunyaa isa seexanni bulchu kana
keessatti wantoonni arginuufi dhageenyu hundinuu utuu hin
jaalatin dirqamaan yaada keenya fedhii foonii irra akka kaa‟annu
nu taasisu.
Kana jechuun guyyaa keessatti yaadni yaadnu kallattiidhaanis
ta‟ee al kallattidhaan kan isaan darbataman karaa seexanaa fi
hojjattota isaa hafuurota xuraa‟oodhaani jechuudha. Seexanni
immoo yeroo hundumaa yaada gara sammuu keenyatti erguudhan
kan inni itti hirkatu hawwa hamaa isa foon keenya keessa jiru
irrattidha.
Erga gadaamessa haadha keenyaa keessaa baanee jalqabee
hamma har‟aatti fedhii hamaa foon keenya keessaa ka‟u akka
waan nu keessaa ka‟utti malee cubbuu isa foon keenya keessa
jiraatu keessaa akka ka‟u waan hin yaadneef barootaaf fedhiin
foon keenyaa akkuma waan kan keenya ta‟etti yaada keenya
fedhii foonii irra kaa‟annee jiraannerra.
Kanaan alatti immoo eenyu illee kanaan dura hafuura ta‟uu
keenyafii fedhiiwwan foonii foon keessaa dhufan kunneen nuyi
warra hafuura taane nu irraa osoo hin taane fedhiiwwan foon
keenyaa isa abbaa fi haadha keenya irra dhalachuudhaan arganne
irraa akka ta‟e namni nu barsiise hin jiru.
Kanaafiyyuu yaada keenya utuu addaan hin kutin fedhii foonii
irra kaa‟achuun waan baramedha. Kana irraan kan ka‟e macaafni
qulqulluun yada keenya fedha hafuura irra akka kaa‟annu yeroo
nutti himu maal gochuu akka qabnu wan hin beekneef bitaa nutti
gala.
Fuula
Kuma Tadesse
69
2013

Sagaleen Waaqayyoo garuu akkamitti akka yaada keenya fedha


foonii irraa kaasnee fedha hafuuraa irra kaa‟achu akka dandeenyu
beekumsa gahaa nuuf kenna. Yaada keenya fedha hafuuraa irra
kaa‟achuudhaaf karaan inni kan maacafa qulqulluu ta‟e jaalalaan
deddeebi‟uu duwwaadhaaf osoo hin taane fakkaattii
Waaqayyootin isa uumame hafuura keenyaan guyya guyyaa
deddebi‟u karaa isa tokkicha qofa waan ta‟eef jijjirama kan hin
fidne waan hafuuraa akkasumaanii goonee callisnee bira darbuu
hin qabnu.
Hubadhaa biyya lafaa kan irratti waan jireenya hafuuraa keenyaan
walqabatu waan goonu hundumaa kan goonu kaayyoo
uumamneef rawwachuudhaafi. Kaayyoon kun jireenya
Waaqayyo jiraatu jiraachuudhaafi. Jireenya Waaqayyo jiraatu
yookin jireenya bara baraa shaakaluudhaaf immoo Waaqayyo
jireenya kana jirachuuf kan isa dandeessise iddoo eenyummaa (
amala/nature) waaqayyummaa jiru haafuura keenyan deddeebi‟uu
qabna. Hafuuraan deddeebi‟udhaaaf immoo yaada keenya fedha
hafuuraa irra kaa‟achuu qabna.
Yaada keenya akkamnitti fedha hafuuraa irra kaa‟achuu akka
dandeenyu yoo nuuf hin galle haala kaminuu jireenya Waaqayyo
jiraatu jiraachuu hin dandeenyu jechuudha. Ergamaan
Phaawuloos yaada fedha hafuuraa irra kaa‟achuufi jireenya
Waaqayyoo jiraatu yookin jireenya akkamitti akka wal qabsiise
haa ilaallu.

Fuula
Kuma Tadesse
70
2013

“Yaada ofii fedha fooniitti hidhuun du'a in fida; yaada ofii fedha
hafuuraatti hidhuun garuu, jireenya, nagaas in fida.” (Room8:6)
Du‟a jechuun jireenya Waaqayyo jiraatun ala jireenya jiru
jechuudha. Biyya lafaa kan irratti wantoonni ijaan arginu hin
argine kanneen lubbuutti gadda fidan hunduu kutaa du‟aati.
Waa‟ee foonii yaadun du‟adha. Waa‟ee hafuuraa yaadun garuu
jireenya Waaqayyoon jiraatu akkasumas nagaadha.
Kanaafuu yaada keenya fedha hafuuraa irra kaa‟achuudhaaf kan
nu dandeessisu karaa isa macaafni quqlqullun dubbatu
xiyyeeffannodhaan duukaa buunee jireenya keenya keessatti
shaakalutu nurra jiraata.

 Xiinxaluu (Meditation)
⁵ Bara jireenya kee hundumaatti namni si dura dhaabachuu
danda'u hin jiru; Musee wajjin akkuman ture sii wajjinis nan ta'a;
ani si hin dhiisu, si hin irraanfadhus! ⁶ Biyya ani isaaniif kennuuf
abboota isaaniif kakadhe akka isaan dhaalan waan gootuuf cimi,
ija jabaadhu!
⁷ Cimi, ija jabaadhus! Seera Museen garbichi koo si abboome
hundumaa eeguudhaaf of eeggadhu! Iddoo dhaqxu hundumaatti
wanti ati gootu akka wal siif qixxaatutti isa irraa gara mirgaatti
yookiis gara bitaatti hin jal'atin!
⁸ Macaafni seeraa kun afaan kee keessaa hin dhabamin! Halkanii
fi guyyaas waa'ee isaa yaadi! Karaan kee akka siif qajeelutti,
wanti ati gootus akka wal siif qixxaatutti, wanta isa keessatti
caafame hundumaa gaarii godhii eegi! ( Iyaasuu 1:5-8)

Fuula
Kuma Tadesse
71
2013

Kutaa kakuu moofaa kana keessatti Waaqayyo erga Museen


du‟een booda geggeessaa godhee saba Israa‟el irratti isa moosise
Iyaasudhaaf qajeelfama jireenyaa yeroo kennuuf agarra.
Hafuuraan deddeebi‟uu akka dandeenyuuf halkani fi guyyaa
wantoonni hafuuraa akka yaada keenyarraa adda hin baane
akkuma nutti himame karaa Musee saba sanaaf wantoota
macaafa seeraa san keessatti caafaman akka yaada isaatti adda
hin bane gorse.
Wantoota macaafa seeraa kana keessatti caafaman halkanii fi
guyyaa yaaduu akka danda‟uuf karaa isaa yeroo itti himu
“macaafni seeraa kun afaan keetti adda hin ba’in” jedheen.

⁸ Macaafni seeraa kun afaan kee keessaa hin dhabamin! Halkanii


fi guyyaas waa'ee isaa yaadi! Karaan kee akka siif qajeelutti,
wanti ati gootus akka wal siif qixxaatutti, wanta isa keessatti
caafame hundumaa gaarii godhii eegi! (Iyaasuu 1:8)
Afaan keetti adda hin ba‟in jechuun dubbadhu jechuudha. Bakka
kanattii dhaabannee waan tokko akka yaadnun barbaada. Yeroo
baay‟ee afaan keenyaan cufnee utuu hin dubbatin cal jennee
sammuun keenya kan inni xiinxalu (buusee baasu) isa kufaa
yaada biyya lafaa kanaati. Yaadni biyya lafaa kana hunduu
immoo yaada foonii akka ta‟e macaafni qulqulluun ifaatti ni
dubbata.
¹⁵ Biyya lafaa yookiis waan biyya lafaa jaallachuutti hin
hidhaminaa; namni tokko biyya lafaa jaallachuutti yoo hidhame,
Waaqayyo abbaa jaallachuun isa keessa hin jiru .

Fuula
Kuma Tadesse
72
2013

¹⁶ Wanti biyya lafaa keessa jiru hundinuu, hawwiin foonii,


hawwiin ijaas, jireenyaan kooruunis biyya lafaa keessaa ba'a
malee, abbaa biraa hin ba'u. ¹⁷ Biyyi lafaa, hawwiin isaas
hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu
bara baraan in jiraata.
(1Yohaannis 2:15-17)
Ijoollummaa keenyaa jalqabee sammuun keenya kan inni
xiinxaluuf leenji‟e yaada biyya lafaa kanadha. Kana irra darbee
immoo seexanni fi hoojjattoonni isaa yeroo barbaadanitti yaadota
gara sammuu keenyaa fiduu akka danda‟an macaafni qulqulluun
iddoo garaa garaatti ni barsiisa. Kanaafuu afaan koo qabadhee
yaadota hafuuraa halkanii fi guyyaa nan xiinxala jechuun waan
hin fakkaannedha.
Macaafa qulqulluu wajjinis waan hin deemnedha. Yaada keenya
isa gara foonitti gore karaan tokkichi qofti ittiin gara hafuuraatti
deebisnu yaadota (fedhiiwwan) hafuuraa halkanii fi guyyaa
buusnee baasuu (xiinxaluu) barbaannu afaan keenyan
dubbachuudhani. Agartanii wayita arraba keenyarraa jecha
baasnee dubbannu sammuun keenya utuu hin jaallatin dirqamaan
waan arrabni keenya dubbatu yaaduu jalqaba. Waan hiika
tokkollee kennu tokko utuu hin yaadin namni arraba isaa irraa
baasee dubbachuu danda‟u hin jiru.
Waaqayyo kakuu moofaa keessatti namoota saba isaa turaniif
abboommii inni guddaani fi karaan isaan ittin abboommii sana
eegan geggeessaa Iyaasuu dura ture karaa Musee gorsa isaan
gorse haa ilaallu.

Fuula
Kuma Tadesse
73
2013

⁴ Yaa Israa'el dhaga'i! Waaqayyo gooftaan keenya Waaqayyo isa


tokkicha! ⁵ Ati Waaqayyoon gooftaa kee garaa kee guutuudhaan,
humna kee guutuudhaanis jaalladhu! 6Dubbiin ani har'a si
abboomu kunis garaa kee keessa haa taa'u!
⁷ Isas keessa deddeebi'ii ijoollee kee barsiisi! Yeroo mana kee
keessa teessu, karaa irra yeroo adeemtu, yeroo ciiftu, yeroo
kaatus waa'ee isaa dubbadhu!⁸ Ati akka milikkitaatti harka kee
irratti isa hidhadhu! Ija kee durattis kan rarra'u haa ta'u!
(Keessa deebii 6:4-8)
Kanaan dura Waaqayyo Iyaasutti waan hime Musee fi
Israa‟elotatti yeroo himu agarra. Kunis wantoota macaafa seeraa
keessatti caafaman hunda isaanii yaada yookan garaa isaanitti
akka qabataniidha. Wantoota kanneen immoo karaa isaan ittiin
yaada isaanitti qabatan yeroo dubbatu “Mana kee yeroo teessu,
karaa irra yeroo deemtu, yeroo kaatu, yeroo raftu waa‟ee isaanii
dubbadhu” jedhe.
Karaan ittiin yaada keenya fedha hafuuraa irra kaa‟annu inni kan
macaafa qulqulluu ta‟e kanadha. Jalaba irraatti fedhiiwwaan
hafuuraa maal akka ta‟an beekuu. Yeroo tokko fedhiiwwaan
hafuuraa hiika isaanii isa sirrii maal akka ta‟an macaafa qulqullu
keessaa qu‟annee yoo erga barren booda wantoota kan afaan
keenyaa keessa kaa‟annee waa‟ee isaanii dubbachuutu nurraa
eegama.
Yeroo kophaa keenya teenyu, Yeroo konkolaataa konkolaachifnu,
yeroo mana keenya keessa teenyu, yeroo rafnu, yeroo
dammaqnu, yeroo namoota wajjin taphannu waa‟ee fedhiiwwan
hafuuraa afaan keenyan dubbachuutuu nurra jira. Kana yoo goone
Fuula
Kuma Tadesse
74
2013

sammuun keenya osoo hin jaallatin dirqamaan yaada hafuuraa irra


kaa‟ama.
Kanaan dura yaada keenya fedhii hafuuraa irra kaa‟achuudhaaf
yaadnee waan hin beeknef mala isa kan macaafa qulqulluu ta‟e
kana yeroo shaakaluu jalqabnu keessummaa nutti ta‟uu danda‟a.
haa ta‟u malee mala isa kan maacaafa qulqulluu ta‟e ittiin yaada
keenya fedha hafuuraa irra ittiin kaa‟annu kana guyyaa guyyaa
jireenya keenya keessatti shaakaluu qabna.
Sababni isaa jireenya bara baraa karaa Kristoos Yesusin arganne
jireenya keenya keessatti mul‟atee kan arginu mala kana akkamitti
akka fayyadamuu dandeenyu beeknee akkataadhuma barannetti
hojiirra oolchuu yoo dandeenye qofadha. Jaalala nutti hir‟isuu
kan danda‟u fedhiin foonii yeroo foon keenya keessaa ka‟u afaan
keenya bannee yaada isa hamaa gara sammuu keenyaa dhufu kana
mormuu qabna.
Agartanii yaada yaadan lolanii moo‟uun hin dandaa‟amu. Garuu
yeroo yaadni hamaan gara sammuu keenya dhufu kamiyyuu afaan
keenya bannee waan jaalalaa dubbachuu yoo eegallu battala afaan
keenya banne dubbachuu eegallutti sammuu keenya yaada isa hin
barbaachisne kan keessa keenya dhufu irra kaasnee gara fedha
hafuuratti deebisuu dandeenya. Hamma mala isa kan macaafa
qulqulluu kana jireenya keenya keessatti hojiirra hin oolchinetti
isa jaalalli Waaqayyo itti dhangala‟e hafuuran deddebi‟uu hin
dandeenyu.
Jaalalli Waaqayyoo ammayyuu garaa namoota lammffaa dhalatanii keessa jira

------------------For now The end-----------------

Fuula
Kuma Tadesse
75

You might also like