Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 8

FAKKEENNOO

(SYMBOLISM)

Fakkeennoon hiika wanata ta’e wanta gara kan biraatiin bakka busunii fayyadamuuti.
Guutummaan Macaafa Qulqulluu akkaataa uma kanaan qophaa’e. Inni kun ammo karaa itti
Waaqayyo sagalee isaa sammuu uumamaa itti dhoksuuf filate.

Waaqayyo wantoota umamaa kanneen akka beelladaa, sinbirroowwanii, qurxummii, kattaa fi kan
fafakkaatan akkasumas ammo wanta namni kan akka meeshaalee mana sagadaa Muusee faatti
dhimma ni ba’a. Macaafa Iyyob 12:7-8 “Me bineensota gaafadhu! Isaanis si barsiisu; wrra himu.
Lafatti dubbadhu! Innis si barsiisa, yookiis qurxummiin galaanaa akka sitti himu godhi!”

Waaqayyo dabalatas tibba yeroo ibruudhaaf safara ni fayyadama. Safarri dhundhuma tokkoo
jaarraa/bara raajumaas tokkoon walqixa. Waan kana Iyaasuu 3:3-4 keesatti ni argina “Namoota
ajajani. Sanduqa kakuu Waaqayyo sooftaa keessanii isa Lewwonni warra luboonni baatan
yommuu argitan, iddoo buufattanii ka’aatii isa duukaa bu’aa! Isin kanaan dura karaa kana baatanii
waan hin beekneef, amma isa ilaaltanii yoo adeemtan karaa irra adeemtan ni beektu, haa
ta’uyyuu malee sanquqichi akka dhundhuma kuma lamaa isinitti fagaatee haa adeemu, kana
caalaa itti hin dhi’aatinaa” jedhan. Saanduqichi Yesuus Kiristoos erga du’aa ka’ee booda gara
Waaqaa deemu bakka bu’a. Dhundhumni kumni lamaan sanduqichaaf namoota gidduu jiu kan
bakka bakka bu’uu immoo waggoota kuma lamaan inni deebi’ee dhufee waldaa kiristaanaa itti
bulchuun dura jiru ibsa.

Iyaasuu 3:8 “Ati immoo luboota sanquuqa kakuu sana baatan, ‘Qarqara bishaan Yordaanos
yommuu geessan, bishaanichatti lixaa keessa dhaabadhaa!” Amantoonni luboota (1 Pex 2:9
“Isin garuu qomoo fo’amaadha, luboota mana mootummaati, saba qulqullaa’aadha, warra
dhunfaa Waaqayyoo hojii isaa isa jajamaa akka labsitaniif dukkana keessaa, gara ifa isaa isa
dinqisiisaatti isin waame.”) Yordaanos waayee du’a ofii dubbata. Yesuus Yordaanos keessatti,
cuuphameeti tajaajila isaa kan jalqabeefi akkasumas ammo waldaa kiristaanaatiif karaa kan
qopheesse.

1 Qor 2:14 keessatti “Namni hafuuricha hin argatin, kennaa hafuura Waaqayyoo hin fudhatu,
kennaan sun isatti gowwummaadha, kennicha gargara baasee shallaguudhaaf iyyuu hfuuricha
qabaachuu waan barbaachisuuf isa hubachuu hin danda’u” jedhame Ergamaa Phaawulos nutty
himamee jira.

Macaafni Qulqulluun Macaafa hafuuraa isa wantootaaf sagaleewwan hafuuraatiin


guutameedha.

Yesuus mataan isaa Yohaannis 6:63 keessatti akkas jedh “Hafuurri ni jiraachis, foon (uumamni
namaa) homaa dhimma in baasu, dubbiin ani isinitti dubbadhe (guutummaan Macaafa Qulqulluu
dubbii Waaqayyoon dubbatame) kun hafuura, jireenyas (isa jireenya kennu).”

Kan uumama san boodas kan Hafuuraa

Phaawuloos akeeka Waaqayyoo isa jalqaba uumamicha, itti aansees hafuuricha beeksisuu, ni
bu’ureessa (ni dheeba). 1 Qorontos 15:44-49 “Dhagaa fooniitu awwalama, dhagna hafuuraatu
kaafama, dhagni foonii erga jiraatee, dhagni hafuuraa immoo jira. Caaffanni qulqullaa’an,
“Addaan inni duraa fuun lubbu qabu ta’e, Addaam inni lammaffaan immoo hafuura jireenya
kennu ta’e jedha. Dagna fooniitu dua bu’e malee, dhagna hafuuraa miti; kana booddee dhagna
hafuuraatu argame. Namichi inni duraa biyyoo irraa waan uumameef, nama biyya lafaati;
namichi inni lammafaan nama Waaqa irraati. Warri biyya lafaa akka namicha biyya lafaa
sanaati; warri biyya Waaqaa akka namicha Waaqa irraa sanaati. Bifa namicha isa lafaa akka
fudhanne akkasumas immoo bifa namicha isa Waaqa irraa fudhachuuf jirra.”

Dhimma: 0308 Fuula 1 ffaa 8 Fakkeennoo


Caaffatni qulqulla’oon martinuu kitaaba qulqulluu hiika haaraa irraa waraabaman

Migiiwaraabbii © 2002-2008 REVIVAL FROM DOWN UNDER INC akkasumas JIM fi DEBRA WALKER MINISTRIES INC
Dhimma daldalaatiif barreeffamni, suurri fi fakkiin kam iyyuu waraabamuu ykn baay’famuun hin heyyamamu.
Post Office Box 2224, Rowville, Victoria, Australia 3178 www.rfdu.com
Cinaachaa Addaam irraa Hewaan fi uumamni namaa hundi dhufe. Cinaacha Yesuusii,
yommuu inni fannoo irratti cinaachi isaa waraanamu, bishaaniif dhiigatu dhangala’e, kun moo kan
argisiisu dhalachuu waldaa kiristaanaati.

Kanumaa yeroo hundumaa kan hafuuraa dursee, kan hafuuraa beeksisa/ibsa.

Ibroota 10:7-10 keessattis akkasitti nutty himameera “Kanaaf ani immoo (Macaafa maramu
keessatti waa’ee kootiif akkuma caafamee jiru, yaa Waaqayyo kunoo, ani jaalala kee
raawwachuudhaaf dhufeera; naan jedhe” jedhee dubbate. Utuma isaan kun serichi abboomutti
dhi’aatanii iyyuu kana gararraatti, “Ati aarsaa, kennaas, kennaa qalmaa isa gubamu, aarsaa
sababii cubbuutiin dhi’aatus in jaallanne, ittis hin gammanne” jechuu isaa argineerra. Itti
dabalees immoo “kunoo ani jaalala kee raawwachuudhaaf dhufeera.” Jedheera. Kaaniis aarsaa
lammaffaa iddoo buusuudhaaf, isa duraa iddoodhaa fuudhee. Akka jaalala Waaqayyoo
sanatti dhagni Yesus Kiristoos yeroo hundumaaf akka ta’atti al tokkicha aarsaa ta’ee
dhi’eeffamuudhaan nuyi Waaqayyoof qulleeffaneerra.

Isa haaraa fi duudhaaf isa moofaa iddoodhaa kaase:

- Kakuu Moofaa –> Kakuu Haaraa


- Namticha moofaa (kan uumamaa) –> Namticha haaraa (umama haaraa)
- Gogaa wayinii moofaa –> Gogaa wayinii haaraa

Yesuus mataa isaa mallattoo fayyadamee dubbachaa tureera. Fakkeenyi seenaa uumamaa isa
dhugaa hafuuraa dhoksuudha.

Isa kana fakkeenya namticha facaasuufi sanyii Maatewoos 13:3-23, Maarqoos 4:3-20 fi Luqaas
8:5-15 keessatti ni argina.

Fakkeenya kana keessatti Yesuus wantoota uumama kan adda addaa kanneen akka sanyii lafa
qonnaa dhagaa, qoraattii fi kan fafakkaatan akka mallattoo wantoota hafuuraatti ibsuuf dhimma
itti ba’uu isaa argina. Sanyiin sagalee Waaqayyooti. Lafti qonnaa mmoo garaadha. Lafa
jabaataan, inni dhagaa fi qoraattii fi kan fafakkaatuun marfame haala garaati.

Isa Yesuus Maarqoos 4:9 keessatti isa dubbate keessatti “… Gurra ittiin dhaga’u kan qabu haa
dhaggeeffatu!” Yoo jedhu Waayee gurra nama fuunii dubbachaa hin jiru, caalaatti garuu kan
nama hafuuraa keenyaa isa dhaga’aa jiruutiifi malee.

Yesuus dabalataas Maarqoos 4:10-11 keessattis akkas jedhe. “Yeroo Yesuus kophaa taa’etti,
warri isa bira turan bartoota kudha lamaanii wajjin waa’ee fakkeenya kanaa isa gaafata. Yesuus
immoo deebisee “Dhoksaan mootummaa Waaqayyoo isiniif kennameera. Warra ala jiraniif
garuu kun hundinuu fakkeenyaan taa’a.”

Caaffanni kun Yaaqob 4:2 keessatti “… kadhachu waan dhiiftaniif, wanta barbaaddan qabaachu
dadhabdan” jedhe. Yesuus Yohaannis 16:24 keessatti “Hamma ammaatti isin maqaa kootiin
waan tokko illee hin kadhanne; egaa gammachuun keessan guutuu akka ta’uuf kadhadhaa, ni
fudhattus!” isaanin jedhe. Kanaaf akkuma bartoota kudha lamaanii isinis hubannaa akka isiniif
kennu kadhadha, hubannichas ni argattu.

Bartoonni kudha lamaan Waaqayyoon akka filataman isiniif ni gala. Caafanni Maatewoos
22:14 keessatti akkas jedha. “Warri waamaman baay’eedha, warri foo’aman garuu muraasa.”

San boodas Yesuus fakkeenya waayee namticha facaasutii fi sanyichaa Maarqoos 4:13 keessatti
“Yesuus itti fufee “Fakkeenyi kun isiniif hin galu?” Egaa attamitti fakkeena kan ta’e hundumaa
hubattu ree?”

Yesuus kan jechaa jiru fakkeenyi kun nuuf gala yoo ta’e, mallattoo isaa hundaan,
fakkeenyawwan jiran hundumaa hubachuuf furtuu nuuf ni ta’a. Waaqayyo duwwaatu akka
dhageenyuuf gurra hafuuraa akka ilaalluu dandeenyuuf ija hafuuraa Hafuura Qulqulluudhaan
nuuf ibsa.
Dhimma: 0308 Fuula 2 ffaa 8 Fakkeennoo
Caaffatni qulqulla’oon martinuu kitaaba qulqulluu hiika haaraa irraa waraabaman

Migiiwaraabbii © 2002-2008 REVIVAL FROM DOWN UNDER INC akkasumas JIM fi DEBRA WALKER MINISTRIES INC
Dhimma daldalaatiif barreeffamni, suurri fi fakkiin kam iyyuu waraabamuu ykn baay’famuun hin heyyamamu.
Post Office Box 2224, Rowville, Victoria, Australia 3178 www.rfdu.com
Ergamaa Phaawuloos isa kanaaf Efesoon 1:16-23 keessatti ni kadhata “Waayee keessaniif
Waaqayyoon galateeffachuu, kadhata koo keessattis isin yaadachuu hin dhiifne. Waaqayyo
Gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoos, Abbaan ulfinaa hafuura ogeesota isin godhu,
Waaqayyoon beekuus isa isinitti mul’isu, akka isiniif kennu nan kadhadha. Waamichi isaa
abdii maalii akka of keessaa qabu, ulfinni warri Waaqayyoof qullaa’an itti darbanii argachuuf
jiranis badhaadhummaan maal akka ta’e beekuudhaaf ija qalbii keessanii akka isiniif ibsuuf
kadhata kooti. Kunis nuyi warra amaneef humni isaa safara malee guddaa akka ta’e, aangoon
saa inni jabaanis nu gidduutti akka hojjetu akak beektaniif ture. Inni hojii aangoo isaa kanaan
Kiristoos warra du’an keessaa keessaa kaasee, Waaqa irrattis gara mirgaafii isaatii isa teesiise.
Gooftummaa, aboo, human, mootummaa hamma jiru hundumaa, bara kanatti bara dhufuttis
waanuma maqaa dha’uun danda’mu garrra isa oolche Waaqayyo waan hundumaa miila Kiristoos
jala kaa’e; goofticha waan hundumaa gararraa jiru kanas waldaa kiristaanaataaf mataa godhee
kenne. Waldaan kiristaanaa dhagna Kiristoosi; inni waan hundumaa isaatti dhagna isaa kanatti ni
jiraata.”

Efeson 1:16-23 Macaafa Qulqulluu Ampliifaayidii “waa’ee keessaniif Waaqayyoon galateeffachuu,


kadhata koo keessattis isin yaadachuu hin dhiifne Yeruma hundaa isiniif nan kadhadha.
Waaqayyo gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoos, Abbaan ulfinaa hafuura ogeessota isin godhu,
[dhoksaa fi iccitii akka argitaniif] Waaqayyoon beekuus is isinitti mul’isu [gadi fageenyaanii
fi itti dhiheenyaan] akka isiniif kennuuf nan kadhadha. Waamicha isa abdii maatii akka of
keessaa qabu, ulfinni warri Waaqayyoof qulqullaa’an itti darbanii argachuuf jiranis
badhaadhummaan isaa maal akka ta’e, beekuudhaan (takka qoodee kaa’eera) ija qalbii keessanii
akka isiniif ibsuuf kadhata kooti. Kunis nuyi warra amanneef humni isaa safara malee guddaa
akka ta’e. [beekuu fi hubachuu akka dandeessaniif] aangoon isa ainni jabaanis nu gidduutti akka
hojjetu akka beektaniif ture. Inni hojii aangoo isaa kanaan Kiristoosis warra du’an keessaa kaasee
Waaqa irrattis gara mirga ofii [kakuma isaa] isa [teessise]. Gooftummaa, aboo, human,
motummaa hamma jiru hundumaa, bara kanatti, bara dhufuttis waanuma maaa dha’uun
danda’amu gararraa isa oolche. [aangoo kan caalaatti isa kennamuu danda’u]. Waaqayyo waan
hundumaa miilla Kiristos jala kaa’e, goofticha waan hundumaa gararraa jiru kanas waldaa
kiristiyaanaatiif mataa godhee kenne. [aboo dursuu isa waldaa kiristaanaa hundaa keessatti
shaakalamu] waldaan kiristiyaanaa dhagna Kiristoos inni waan hundumaa karaa hundumaan
guutu, guutummaa isaatti dhagna isaa kanatti ni jiraata. [jireenya dhagna sanaatiif safari isaa
guutuun inni Isa waan hundumaa guutuu godhee tolchuu fi Isa wantoota kamiyyuu iddoo
kamittiiyyuu ofii isaa wajjin guutummaa isaatti dhagna isaa kanatti jiraata].”

Yesuus dabalata Yohaannis 16:13 keessatti nutty hima. “Hafurri dhugaa sun yommuu dhufu, gara
dhugaa hundumaa keessatti isin ni geessa; inni waan dhaga’u dubbata malee of keessaa
fuudhee hin dubbatu, waan dhufuuf jirus isinitti ni mul’isa.” Hafuurri Qulqulluun dhugaa
hundumaa ibsa malee dhugaa muraasaa miti. Dhugaan kun hundinuu caaffata keessatti
dhokataa waan ta’aniif Hafuura Qulqulluu Isa ibsuu danda’u duwwaatu nuuf ibsa.

Fakkeenya ykn fakkeenyota

Mallattoleen kunniin akka fakkeenyota ta’an Phaawuloosin 1Qorontos 10:6 keessatti nutty
agarsiifamanii jiru. “Wanti kun hundinuu immoo, nus akkuma isan sanaa waan hamaa akka hin
hawwineef of nu eeggachiisu.”

Jechi fakkeenya jedhu “dabalataanis akka itti aanutti faayidaarra ooleera. 1 Qorontos 10:11
“Wanti kun hundinuu warra kaan qoqobachuudhaaf isaanitti dhufe, nuyi warra dhumni barichaa
irra ga’eef immoo barumsa akka nuuf ta’uuf caafame.”

1 Ximotewos 4:12 “Dubbii afaankeessaa ba’uun akka jireenyaatiin, jaalalaan, amantiidhaan of


qabuudhaanis amantootaaf fakkeenya ta’i!”

Ibroota 4:11 “Kanaafis namni tokko illee akka warra sanaa abboomamuu diduudhaan kufee akka
hin hafneetti, kottaa iddoo boqonnaa sanatti galuudhaaf ni dhamaana!”

Dhimma: 0308 Fuula 3 ffaa 8 Fakkeennoo


Caaffatni qulqulla’oon martinuu kitaaba qulqulluu hiika haaraa irraa waraabaman

Migiiwaraabbii © 2002-2008 REVIVAL FROM DOWN UNDER INC akkasumas JIM fi DEBRA WALKER MINISTRIES INC
Dhimma daldalaatiif barreeffamni, suurri fi fakkiin kam iyyuu waraabamuu ykn baay’famuun hin heyyamamu.
Post Office Box 2224, Rowville, Victoria, Australia 3178 www.rfdu.com
Barbaachisummaa Godoo Muusee fi lubummaa. Ibroota 8:5 “Isaan godoo isa akka gaaddidduu
isa Waaqa irratti gara galfame sana keessatti ni hojjatu, fakkeenyi godoon sun itti ijaarame
Muuseetti itti argisiifamee ture. Yeroo inni godoo sana ijaaruuf ka’eetti Waaqayyo, “Ammas waan
hundumaa fakkeenya isa gaara irratti sitti argisiifame sanaan akka hojjattuuf akeekkadhu!” ittin
jedhe.”

Yaaqoob 5:10 “Waa’ee waan hamaa isa namatti dhufu baachuu fi waa’ee obsaan danda’uu
immoo obboloota koo, fakkeenya raajota warra maqaa googtaatiin dubbatanii fudhadhaa!”

1 Phexros 2:21 “Isin kana gochuudhaaf waamamtaniittu; Kiristos immoo isiniif dhiphatee faana
isaa duukaa akka buutaniif fakkeenya isiniif kenneera.”

Ergaa yihudaa - “Akkuma ergamoota sanaa immoo warri mandaroota sodomii fi Gomoraa, warri
mandaroota naannoo sanaas halalummaa keessa ba’anii, ejjummaadhaaf warruma akka isaanii
nama hin ta’in duukaa iyyu ni adeemu turan. Isaan adaba ibidda bara baraa fudhachuudhaan,
wanta waraa akkasii irratti dhufuuf jiru argisiisuudhaaf fakkeenya ta’aniiru.”

Fakkeenya yookiin fakkeenyota

Sagaleen fakkeenya jechu kun caaffattoota armaan gadii keessattis faayidaarra oolaniiru.

Filphisiyos 3:17 obboloota koo, “Fakkeenya koo fudhachuutti walii gala! Akka fakkeenya nuyi
isiniif kennineetti warra jiraatan ilaalaa!”

1 Tasalonqee 1:7 “Kanaaf isin amanamoota warra Maqedooniyaa fi warra Akaayaa hundumaaf
fakkeenya taatan.”

2 Gara Warra Tasaloniiqee 3:9 "Nu ilaaltanii duukaa akka buutaniif fakkeenya isiniif taane
malee, ba'aa isinitti ta'uuf iyyuu nuyi karaa dhabne miti."

2 Phexros 2:6 “Inni mandaroota Sodomii fi Gomoraatti faradee ibiddaan balleessee daaraa
gochuu isaatiin warra Waaqayyo malee jiraatanitti wanta dhufuuf jiru fakkeenya isaanii irraa akka
argaa godheera.”

Fakkii fi fakkiiwwan

Phaawulos sagalee Fakkii fi Fakkiiwwan jedhu kana caaffattoota armaan gadii keessatti itti
fayydameera. Roomaa 5:14 “Haa ta’u iyyuu malee, bara Addaamii jalqabee hamma bara
Muuseetti duuni nama hundumaa irratti moo’e; warruma sanyii irra daddarbaa Addaamiin hin
yakkin irratti iyyuu moo’eera, Addaam Fakkeenya isa dhufuuf jedhu sanaan ture’o.”

Addaam akka fakkeenyaatti dhimma itti ba’uun Kiristoos immoo akka Addaam is alammaffaatti.
Waan kana 1 Qorontos 15:44-49 keessatti ni argina. Phaawulos 1 Qorontos 4:6 keessatti
fakkeenyatti yoo dhima ba’u ni argina yaa obbolota koo! Ammas isiniif jedhee kana hundumaa
Apholosii fi ofii kootti fakkeessee dubbadheera; jedha isa, “Wanta Caafanni qulqullaa’aan jedhu
gararraa hin darbinaa!” jedhamee isin gidduutti beekame nu irratti akak ilaaltaniif nama tokkoonis
isa kaan irratti akka isin of hin janyeefan nu lamaan fakkeenya godhe.

Godoo Muusee ilaalchisee Ibroota 9:9 “Inni fakkeenya bara si’aanaati; akka qophaa kanaatti
kennaawwan, aarsaawwan dhi’eeffamanis yaada gaaa namciha isa sagaduu sana qulleessanii,
fiixaan baasuu hin danda’an” jedhe.

Ibroota 11:19 “Waaqayyo warra du’an keessaa iyyuu nama kaasuu akka danda’u, Abrahaam
yaada irra kaa’atee ture; ammas fakkeenya kanaatiin ilma isaa warra du’an keessaa deebisee
akka argatetti ni lakkaa’ama.”
Dhimma: 0308 Fuula 4 ffaa 8 Fakkeennoo
Caaffatni qulqulla’oon martinuu kitaaba qulqulluu hiika haaraa irraa waraabaman

Migiiwaraabbii © 2002-2008 REVIVAL FROM DOWN UNDER INC akkasumas JIM fi DEBRA WALKER MINISTRIES INC
Dhimma daldalaatiif barreeffamni, suurri fi fakkiin kam iyyuu waraabamuu ykn baay’famuun hin heyyamamu.
Post Office Box 2224, Rowville, Victoria, Australia 3178 www.rfdu.com
Phexros 1 Phexros 3:21 keessatti dhimma itti ba’a. “Kunis fakkeenya cuuphaa isa isin amma ittiin
ooltanii ti, cuuphaan waan ittiin karaa du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos, yaada araa nama hin
ceephaane argachuudhaaf, Waaqayyootti himataniidha malee, waan ittiin xurii dhagnaa dhiqatan
miti.”

Gaaddidduu

Gaaddidduun wanta yeroo ifni namarratti, yookiin wanta biraa irratti ba’u uumamuudha. Namni
yookiin wanti ta’e sun gaaddisa sana ni uumu. Macaafni Qulquluun guutummaan isaa
gaaddidduu yommuu hordofame wanta isa uumuu danda’u ibsuu danda’uudha.

Jechi Gaaddidduu jedhu Godoo Muusee akka paatarnii fi gaaddidduu isa Waaqa keessaatti
eeruun faayidaarra ooleera. Sagaleen gaaddidduu jedhu Ibroota 8:5 keessattis ni hojjetu,
fakkeenyi godoon sun ittiin ijaarame Muuseetti agarsiifamee ture. Yeroo inni godoo sana ijaaruuf
ka’etti Waaqayyo, “Ammas waan hundumaa fakkeenya isa gaara irratti sitti argisiifame sanaan
akka hojjettuuf akeekkadhu!” Ittiin jedhe.

Qolaasiyaas 2:17 keessattis jechi gaaddidduu jedhu Phaawuloosiin faayidaarra oolee jira. “Isaan
kun gaaddidduu wanta dhufuuf jiru sanaa duwwaadha; wantichi inni dhugaan garuu kan
Kiristoos.”

Seera Waaqayyoon ilaalchisee, Gara Ibroota 10:1 “Seerichi garuu gaadiddoo sanaa ti malee,
bifa dhugaa isa isaan ittiin mul'atan miti.innii karaa aarsaa waggaa waggaadhaan utuu gargar hin
citin dhi'eeffaman sanaa,warra dhi'aatan fiixaan kan ba'an gochuu matumaa hin dandeenye.”

Fakkeenya yokiin Fakkeenyoota

Sagalee Fakkeenya yookii fakkeenyoota jedhu kana Waaqayyo mataan isaatuu goodoo
ilaalchisee Seera Ba’uu 25:9 keessatti itti fayyadameera. “Iddoo buufata sanaaf mi’a isaa
hundumaa akka fakkeenya isa ani sitti argisiisutti hojjedhu!”

Godoo keessatti, Waaqayyo dhugaa baay’ee hedduu bifa fakkeenyaatiin dhoksee jira,
keessattuu safaraan kanneen yeroo raajummaa ibsan. (Mata duree Qo’annoo Macaafa Qulqulluu
yeroo Raajummaa kutaa! Fi Godoo Muusee jedhu ilaalaa.)

1 Ximotewos 1:16 “Haa ta’u iyyuu malee, Yesuus Kiristoos ana isa cubbuutti isa duraa ta’e kana
keessaan obsa isaa guutummaatti akka mul’isutti, warra jireenya bara baraatiif isatti amananiif
fakkeenya akka ta’uuf, ani araara argadheera.”

Tiitoos 2:7 “Waan hundumaa keessatti hojii gaarii hojjechuudhaaf fakkeenya ta’i! Barsiisa kee
keessatti dubbii akka waliin hin makne, salphaatti akka hin fudhanes argisiisi!”

Ibroota 8:5 “Isaan godoo akka gaaddidduu isa Waaqa irratti garagalfame sana keessatti ni
hojjetu, fakkeenyi godoon sun ittiin ijaarame Muuseetti argisiifamee ture. Yeroo inni godoo sana
ijaaruuf gaara irratti sitti argisiifame sanaan akka hojjettuuf akeekkadhu!” Ittis jedhe.

Ibroota 9:23 “Egaa wanti akka isa Waaqa irratti garagalfaman kun isaan kanaan qulleeffamuun ni
ta’eef, warri waan dhugaa ta’anii Waaqa irra jiran garuu, ofii isaanitii aarsaa isaan kana irra
caalaniin qulleeffamuu isaan barbaachisa.”

Dhimma: 0308 Fuula 5 ffaa 8 Fakkeennoo


Caaffatni qulqulla’oon martinuu kitaaba qulqulluu hiika haaraa irraa waraabaman

Migiiwaraabbii © 2002-2008 REVIVAL FROM DOWN UNDER INC akkasumas JIM fi DEBRA WALKER MINISTRIES INC
Dhimma daldalaatiif barreeffamni, suurri fi fakkiin kam iyyuu waraabamuu ykn baay’famuun hin heyyamamu.
Post Office Box 2224, Rowville, Victoria, Australia 3178 www.rfdu.com
Yesuusiif Waldaa Isaa

Fakkeenyonni kun hundi waayee Yesuusii fi Waldaa Kiristaanaa Isaa nutty argisiisu, akkasumas
immoo ministiriiwwan lubummaa, haala Waldaa kiristaanaa fi kan fafakkaatan nutty ibsu.

Phaawuloos Ibroota 10:7-10 keessatti waa’ee Yesuus yommuu dubbatu akkas jedhe “Kanaaf ani
immoo (Macaafa Maramu keessatti waayee kootiif akkuma caafamee jiru, yaa Waaqayyo, kunoo,
ai jaalala kee raawwachuudhaaf dhufeera naan jedhe jedhee dubbate. Utuma isaan kun akka
seerichi abboomutti dhi’aatanii iyyuu, kana gararraatti, (Ati aarsaa, kennaas kennaa qalmaa isa
gubamuu, aarsaa sababii cubbuutiif dhi’aatus hin jaallanne, ittis hin gammanne” jechuu isaa
argineerra). Itti dabalees immoo “Kunoo ani jaalala kee raawwachuudhaaf dhufeera,” jedheera;
kanaanis aarsaa isa lammaffaa iddoo buusuudhaaf, isa duraa iddoodhaa fuudhe. Akka jaalala
Waaqayyoo sanatti, dhagni Yesuus Kiristoos yeroo hundumaaf akka ta’utti, al tokkicha aarsaa
ta’ee dhi’eeffamuudhaan nuyi Waaqayyoof quqlulleeffamneerra.”

Wanti kun Yesuusinis Yohaannis 5:46 keessatti ni mirkanaa’a. “Utuu isa Muuseen caafetti
amantaa ta’ee, anattis immoo ni amantu turtan: Muuseen waa’ee koo caafeera.”

Yesuus Luqaas 24:27 keessatti mirkaneesseera. Innis Macaafa Muusee fi macaafoota raajota
hundumaa keessatti iddoo itti waa’ee isaatiif dubbatu hundumaa isaaniif hiike.”

Guutummaa sagalee Waaqayyoo hubachuuf waayee fakkeenyoota isa qajeelummaadhaan


booda yommuu beelofnuu fi dheebonnu Inni nuuf ibsuu hubachuutu nuuf ta’a. Maatewoos 5:6
“Warri waan qajeelaa akak midhaanii beela’anii, akka bishaanii dheebotan haa gammadan, isaan
geessifachuuf jiru.” Kitaaba Qulqulluu Amplifaayidii “Warri dheebootan haa gammadan, haa
badhaadhan, haa milkaa’an hafuuraanis haa sooraman (jecha sana keessatti warri lammaffaa
dhalatanii ijoollee Waaqayyoo ta’an galataa fi fayyisuu isaatti ni gammadu), Isaan warra
qajeelummaadhaaf beela’aniifi dheebotan, (qajeelaa ta’uu fi Waaqayyoon bukkee dhaabachuu),
isaan guutummaatti geessifachuuf jiru.”

Sagalicha

Fakkeenyonni Waaqayyo sagalee Isaa ilaalchisee itti dhimma bahe tokko tokko:-

Mannaa – Seera Ba’uu 16:4 “kana irratti Waaqayyo Muuseedhaan “kunoo ani Waaqa keessaa
buddeena nan roobsa, sabni kun gad ba’ee ga’aa guyyaa tokko tokkoo haa funaannatu! Anis
akka seera kootti ni jiraattaa fi hin jiraattuu isaa kanaan, qoree nan ilaala.” Seera Ba’uu 16:15
“Isiraa’eloonni isa (Mannaa) arganii, maal akka inni ta’e waanhin beekneef walii isanaiitiin “kun
maali?” jedhan; Muuseen immoo isaaniif deebisee, “kun buddeena isa Waaqayyo akka
nyaattaniif isiniif kenneedha.” Mul’ata 2:17 “Namni gurra qabu isa hafuurri Quqlulluun waldoota
kiristiyaanaatiin jedhu haa dhaga’u! Isa moo’uuf mannaa dhokotaa sana keessaa nan kennaafi,
dhagaa calaqqisaa maqaan haaraan irratti caaame tokkos nan kennaafi; maqichas isa
fudhaturraa kan hafe, namni tokko illee hin beeku.”

Buddeena – Yohaannis 6:48-51 “Ana buddeenni jireenya! Abaabiliin keessan lafa onaatti nyaata
“Mannaa jedhamu nyaatan, haa ta’u iyyuu malee ni du’an. Buddeenni Waaqa irraa gadi bu’u
garuu akkas miti; namni isa nyaatu hin du’u. Ani buddeenicha jiraataa isa Waaqa irraa gadi
bu’eedha. Eenyu illee buddeena kanatti yoo nyaate bara baraan ni jiraata; buddeenni ani biyya
lfaatiif jireenya fiduudhaaf kennus, foon kooti.”

Bokkaa – Keessa Deebii 32:2 “Barsiisi koo akka bokkaa haa coccophu! Dubachuun koos aka
fixeensaa gad haa bu’u! Akka bokkaa coccophuus biqiltuu xobbee irratti, akak tiifuus marga irratti
gad haa bu’u!” Isaayyaas 55:10-11 “Bokkaaniifi cabbiin Waaqa keessaa gad roobanii lafa ni
jiisu, lafichi biqila biqilchee, sanyii, isa facaasuuf, buddeenas, isa nyaatuuf akka kennu ni godhu
malee, akkasumaan ol hin deebi’an, akkasumas immoo dubbiin afaan koo keesaa ba’u, wanta
ani fedhe hojjetee, wanta ani itti erges ni raawwata malee, harka duwwaa gara kootti hin deebi’u.”

Dhimma: 0308 Fuula 6 ffaa 8 Fakkeennoo


Caaffatni qulqulla’oon martinuu kitaaba qulqulluu hiika haaraa irraa waraabaman

Migiiwaraabbii © 2002-2008 REVIVAL FROM DOWN UNDER INC akkasumas JIM fi DEBRA WALKER MINISTRIES INC
Dhimma daldalaatiif barreeffamni, suurri fi fakkiin kam iyyuu waraabamuu ykn baay’famuun hin heyyamamu.
Post Office Box 2224, Rowville, Victoria, Australia 3178 www.rfdu.com
Damma – Seera Ba’uu 16:31 “Namoonni Israa’el buddeena sana “Maannaa” jedhanii
moggaasan, innis abdii akka ija midhaanii, miyaan isaa akka bixxillee dammaan tolfamee ture.”
Mul’ata 10:9 “Ani yommus gara ergamichaa dhaqeen, macaafa maramu isa xinnaa sana anaaf
akak kennuuf nan gaafadhe, Inni immoo, “Macaaficha fudhadhu, nyaadhu! Inni garaa kee
hadhaa’aa ni godha, afaan kee keessatti immoo miyaa’aa akka dammaa ni ta’a.”

Bishaan – Efeson 5:26 “Waldaan kiristiyaanaa Waaqayyo biratti fudhamtuu akka taatutti,
Kiristoos karaa dubbii isaatii bishaaniin dhiiquudhaan ishii ni qulqulleessa.” Yohaannis 13:5
“xuwwee miillaatti bishaan buusee, miilla bartootaa dhiqee, erbicha mudhiitti suuqqate sanaanis
qoorsuutti ka’e.” Gama hafuuraatiin wanti kun jechaa kan jiru, Yesuus Inni sagalichi Waaqayyoo,
miilla bartootaa isaa dhiquuf bishaan buusuun isaa sagalcihi adeemsa hafuuraa keenya
dhiqachuu isaati.

Ibsaa - Faarfannaa 119:105 “Dubbiin kee miilla kootiif ibsadha. Daandii koo irrattis ni ifa.”

(Ija) Sanyii - Maarqoos 4:14 “Inni facaasu sanyii dubbii Waaqayyoo facaasa.”

(Ija) Qamadii - Yohaannis 12:24 “Dhuguma dhuguman isinitti hima, ijii qamadii (dubbiiyessuus)
biyyoo keessa bu’ee yoo du’uudhaabaate, tokkichuma ta’ee hafa, yoo du’e garuu ija baay’ee ni
godhata.” 1 Qorontos 9:9 “Seera keessatti “Qotiyyoo sirbisiisaa irra jiru afaan isaa hin hidhin!”
kan jedhu caafamee jira, egaa Waaqayyo qotiyyoota duwwaadhaaf dhimmee ree?” (Qotiyyoon
ergamoota wangeelaa bakka bu’a.) 1 Ximotewos 5:18 “Caaffanni qulqullaa’aan “Qotiyyoon
sirbisiisuu irra jiru afaan isa ahin hidhamin!” ni jedha, akkasumas “Hojjetaan gatii dadhabbii isaa
argachuu ni ta’aaf.”

Billaa – Ibroota 4:12 “Dubbiin Waaqayyoo jiraataadha, human hojjetus of keessaa qaba, billaa
gar lamaan qarame caalaa qara qaba; inni lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuuka gargara ni baasa.
Yaadaa fi akeeka gaaa namaas qoree faraduudhaaf ni danda’a.” Mul’ata 1:16 “Harka isaa
mirgaa keessaa urjoota torba qaba, afaan isaa keessaa billaa qara qabeessa qara lamaan
qarametu ba’a; fuulli isaas akka biiftuu saafaa ni ifa. Mul’ata 19:15 “Afaan isaa keessaa bilaa
qaramaa…”

Malakata - Lakkoobsa 10:8 “Ilmaan Aaron warri luboonni fiingeewwan san haa afuufan! Kunis
isiniif, dhaloota dhufuufis seerrata dhaabataa haa ta’u!” Nuyi lubummaa sirna moototaa
gonfannee jirra, kanaafuu sagalee Waaqayyoo dhaloota kamiifiyyuu labsuutu nuuf ta’a. Mul’ata
1:10 “Guyyaan isa “Guyyaa Gooftaa” jedhamee beekameetti, ani hafuuraan guutameen booddee
kootiin sagalee guddaa, sagalee malakataa fakkaatu, tokko dhagahe.” Mul’ata 4:1 “kana
booddees ani ilaaleen, Waaqa keessatti balbala banamaa tokko arge. Sagaleen inni dura akka
malakataatti anatti dubbannaan dhaga’ee ture tokko, “As ol koottu, ani immoo wanta kana
booddee ta’uun irra jiru sittiin argisiisa” jedhe.”

Aannan – Lakkoofsa 14:8 “Waaqayyo yoo nutty gammade biyya isa aannanii fi damma baasu
kana nuuf kennee itti nu galcha.” Macaafni Qulqulluun warra aannaniifi damma sagalee
Waaqayyoo barbaadaniif ‘biyya kakuu Waaqayyootiin guutameedha. 1 Qorontos 3:1-3 “Ani yaa
obboloota koo akka warra yaada foonii duukaa bu’anii, Kiristoositti immoo xobbee akak mucoolii
ta’aniittan isinitti dubbadhe malee akka warra yaada hafuuraa duukaa bu’aniitti isinitti dubbachuu
hin dandeenye. Ani aannan akka dhugdaniif isiniif kenneera, isin nyaata jabaadhaaf hin eenye
turtan, ammuma iyyuu hin ga’in jirtu. Isinoo amma iyyuu akka warra yaada foonii duukaa
bu’aniiti, hinaafuunii fi wal qoccoluun erga isin gidduu jiraatee, isin warra yaada foonii duukaa
buutan miti ree?” Macaafa Qulqulluu Ampliifaayidii “Ani YAA OBBOLOOTA KOO akka warra
yaada foonii duukaa bu’anii, [namoota hafuura kan hin taane] Kiristoositti immoo xobbee [ireenya
haaraa keessatti] akka mucoolii [ammayyuu dubbachuu warra hin dandeenye] ta’aniittan isinitti
dubbadhe, akka warra yaada hafuuraa duukaa bu’aniitti isinitti dubbachuu in dandeenye
[namoota]. Ani aannan akka dhugdaniif isiniif kenneera, isin nyaata jabaadhaaf hin geenye
turtan, ammuma iyyuu hin ga’in jirtu. [isaaf qophee akka taataniif] isinoo [amma iyyuu akka warra
yaada foonii] duukaa bu’anitti, [warra fedhii fooniitiin qabaman], hinaafuunii fi wal qoccoluun erga
isin gidduu jiraate, isin warra yaada foonii (warra hin geeddaramne) duukaa buutanii ree?”

Dhimma: 0308 Fuula 7 ffaa 8 Fakkeennoo


Caaffatni qulqulla’oon martinuu kitaaba qulqulluu hiika haaraa irraa waraabaman

Migiiwaraabbii © 2002-2008 REVIVAL FROM DOWN UNDER INC akkasumas JIM fi DEBRA WALKER MINISTRIES INC
Dhimma daldalaatiif barreeffamni, suurri fi fakkiin kam iyyuu waraabamuu ykn baay’famuun hin heyyamamu.
Post Office Box 2224, Rowville, Victoria, Australia 3178 www.rfdu.com
1 Phexros 2:2 “Akka mucooliin reefuu dhalatan aannan barbaadanitti, isinis fayyinaaf ittiin
guddachuudhaaf yeroo hundumaa dubbii hafuuraa isa haxxummaan keessa hin jirre akka
aannanii sana dharra’aa!” Kan nuyi guddannu wanta nyaannuu fi wanta dhugnuuni!

(Nyaata jabaa) Foon - Ibroota 5:12-14 “Isin yeroo kana barsiisota ta’uuf kan maltan turtan, amma
garuu dubbii Waaqayyoo isa gara jalqabaa iyyuu nama hiikee isin barsiisu ni barbaachise, qooda
nyaata jabaa nyaachuus warra aannan dhuguun barbaachisu taataniittu. Namni aannaniin jiraatu
immoo, mucaa waan ta’eef, akka itti Waaqayyo duratti qajeelummaatti jiraatan isa barsiisu hin
hubatu. Nyaanni jabaan garuu kan warra ga’aniiti, warri kun sammuun isaanii hojiidhaan itti
bare hamaa fi gaarii gargar baasuu ni danda’u.”

Dhaggeeffannaa Hafuuraa

Maarqoos 4:23-24 “Egaa namni gurra ittiin dhaga’u yoo qabaate haa dhaggeeffatu!” isaaniin
jedhe. Yommus yesuus “Isa dhageessan akeekkadhaa! Qooda safaraa itti namaaf ni kennama.”
Macaafa Qulqulluu Ampliifaayiid “Egaa namni gurra ittiin dhaga’u yoo qabaate haa
dhaggeeffatu, akkasumas haagaluufiti haa hubatu! Isaaniin jedhe. Yommus Yesuus “Isa
dhageessan akeekkadhaa! Qooda safara [yaadaatii fi qo’annoo] itti namaaf [dhugaa
dhageessaniif] itti kennitutti siif ni kennama [kan naamusaa fi beekumsaa], caalchisees
[dabalata] siif ni kennama.”

Waaqayyoo! Sagalee kee isa dhugaa ta’e yommuu beelofnuu fi dheebonnutti gurra ittiin
dhageenyu fi ija ittiin arginu nuuf kenni! Ameen!

Jim Walkarii tiin K an Afaan Oromotti hiike Zaman Indaalee


(Australia) (Tajaajila Sagalee Dhugaa-Finfinnee Itoophiyaa)

Dhimma: 0308 Fuula 8 ffaa 8 Fakkeennoo


Caaffatni qulqulla’oon martinuu kitaaba qulqulluu hiika haaraa irraa waraabaman

Migiiwaraabbii © 2002-2008 REVIVAL FROM DOWN UNDER INC akkasumas JIM fi DEBRA WALKER MINISTRIES INC
Dhimma daldalaatiif barreeffamni, suurri fi fakkiin kam iyyuu waraabamuu ykn baay’famuun hin heyyamamu.
Post Office Box 2224, Rowville, Victoria, Australia 3178 www.rfdu.com

You might also like