Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 3

Jechoota beektotaa

- Milkaa’inni adeemsa dheeraafi bu'aa ba'ii guddaa booda argama,(Winisteen


Charchil)
- Badhaadhina qabeenyaa caalaa badhaadhina sammuuf dhama’i, (Albarti Inistaayin)
- Ofiin jaalalatti kuftee harkisa dachee hinkomatin, (Albarti Inistaayin)
- Fuulli ifaan daandii jalqabaa gara jaalalaatti geessuudha, (Maazar Tireezaa)
- Jibbi dhagaa caalaa waan ulfaatuuf jaalalaan haa jiraannu, (Martiin Luutar Kiingi)
- Hiriyaa gaariin waliin haasa’uu waggaa tokkoo osoo hintaane gocha sa’atii tokkoon
hubatama, (Pilaatoo)
- Gammachuun wanti yaadan, dubbataniifi raawwatan yoo walfaana mul’atedha,
( Maatama Gaandii)
- Hunda jaalladhu; muraasa amani; nama tokkoyyuu hinjibbiin, (Wiiliyaam
Sheekispeer)
- Namni beekaan ofdhoksa, namni wallaalaan ofbeeksisa, (Wiiliyaam Sheekispeer)
Waaqshuum Fiqaaduutiin
JECHA BEEKTOTAA
Harka hatuu bare daalluutu hoollata.
Jecha oromootati!
Namni kamuu dhimma ofiiisaatti cimaadha(leenca).
Faraansayota
Farda lagan ga’uu ni dandeessa obaasuu garuu hin dandeeessu.
Ingilizoota
Saroonni lama lafee tokko irratti waliif galanii hin beekani.
Faraansayota
Kan arrabni yaabee dhalchu kormi yaabee hin dhalchu.
Oromoota
Miilli sochoonaan afaan agabuu hin bulu.
Afrikaanota
Bareedinni fuudhaa fi heerumaaf wabii hin ta’u.
Ariyaanota
Iddoon yeroo dulloomtu teessu iddoo yeroo dargaggummaa kee turte agarsiisa.
Gaa’elikaanota
Osuma barnoonni galaana ta’uuyyuu harroonni garuu daakuu hin danda’an.
Gaa’elikaanota.
Eenyummaa akaakayyuu kootii hin beeku;ilm iilmasaa garuu maal ta’uuf akka
jiru beekuuf nan dhama’a.
Abraham Linkon
Kan abbaan of hin gargaarre carraan isa hin gargaaru.
Kan dhaggeeffatu hubachuuf jechoota muraasatu isa ga’a.
Afrikaa kibbaa
Kan hiriyaa isaarra harka kaa’atee deemu fageenyi karaa itti hin beekamu.
Nayijeeriyaanota
Qalqalloon duwwaa jirtu dhaabbachuu hin dandeessu.
Taanzaniyaa
Bareeda kan jennuun bareedinaan osoo hin taane kan nu gammachiisaniini.
Xaaliyaanota
Kan carraa qabu galaanatti osoo darbattanillee qurxummiitu afaanitti qabatee baha.
Araboota
Karaa si baasu osoo hin beekiin deemsa hin eegaliin.
Ingilizoota
Kan fedhu kan raawwatu nama cimaadha;kan hawwu kan argachuu danda’u immoo nama
abshaala.
Ayerlaandota
Dhugaan lubbuu magarsiti sobni garuu tortorsiti.
Oromoota

Akka ganamaa seetee galgalas narra hejjedhukaa jette kosorruun.


Taa’umsi dhagaa fi jechi haadha ormaa suuta lafee nama lixa.
Yaanni bilchaataan balbala cufamaa ni saaqa.
Africaanota
Waadaan liqii baay’ee ulfaataadha.
Oromoota
Sodaataan namaa bishaan keessatti dafqa.
Germanoota
Beekaan waan dubbatu beekaa;wallaalaan waan beeku dubbataa.
Tafarii Nuguse(ph.D)

You might also like