Professional Documents
Culture Documents
Gooroo Ogbarruu
Gooroo Ogbarruu
Jechi og-barruu jedhu jecha Laatinii “littera” hiikni isaas xalayaa tartiiba qubee jechuudha.
Birhanu(2009:8) “ the word literature is derived from the latin word “littera” which means letter
of the alphabet or alphabetic letters.” Kun immoo og-barruu ogummaa barreeffamaatiin walitti
hidha. Hiikni akka waliigalaattiogbarruuf hayyootni kennan gocha barreeffamaatiin kan wal-
qabatuudha.
Hiika murtaa`aa ogbarruuf kennamu keessatti jechi og-barruu jedhu hojiii kalaqaa dhugaa
addunyaa keessatti mul`atu ibsuuf karaa afaan miidhagaa fayyadamuun ta`uuti. Kunis walaloo,
asooballoo,diraamaa fi seenawwan gaggabaaboo bifa artiitiin barraa`an of keessatti hammata.
Og-barruu : ogbarruun yaada bay`ee bal`aafi walxaxaa waan of keessaa qabuuf hiika gabaabaa
kennuufiin hin danda`amu. Hayyoonni adda addaas hiika adda addaa kennu. Kanaaf hiika isaan
kennan bu`uura godhachuun ogbarruudhaaf hiika kennuu yaalla. Ogbarruun hojii kalaqaa
sammuu ilma namaa ta`ee muuxannoo jireenyaa kan of keessatti qabate haala midhaaginaafi
onnattummaa of keessaa qabuun kanmul`atuufi jechoota humna qaban kan ofkeessaa qabuudha.
Gooroo Og-barruu: jechi gooroo jedhu jecha (Genre) jedhu jecha Afaan Faransaayi yemmuu
ta`u, afaan Laatiniin immoo hiika ‘genus’’generis’ jedhu irraa kandhufeedha. Kana jechuunis
garee, gosaan yookiin bifaan walfakkaataa jechuutti hiikama. Haaluma kanaan qoqqoodiinsi
gooroo ogbarruu caasaafi qabiyyee isaa walfakkeessuu irratti hundaa`a jechuudha. Yaada armaan
olii kana ilaalchisee Malaakne Mangistuu (2006:5) akkas jechuun ibsa.
“Genre is a French term derived from the Latin ‘genus ’’generis’ meaning ‘type’ or kind’. It
designated the literary form or type in to which works are classified according to what they have
in common. Either in their formal structure or in their treatment of subject matter.”
Jalqabumarraa kaasee ogbarruun gosoota adda addaatti qoodamuun mul`achaa tureera. Fkn:
ogwalaloon gosa ogbarruu kan umrii dheeraa qabu yeroo ta`u; kanneen akka
seenessaa(narrative), do`ii(dramatic) fi liirikii(lyric) of jalatti hiriirsuun qoqqoodamee mul`ata.
Gosuma ogbarruu kana ogwalaloon bifa diraamaa qabu (dramatic poetry) hojiilee tiraajeediifi
koomeedii tti qoqqoodamuun addaan ba`anii mul`atu. Yaadrimee kanas kan jalqabe
falaasessaa(philosopher) biyya Giriikii kan ta`e Aristootil ta`uu isaa seenaan ogbarruu ni mul`isa.
Kunis kan hojiirra ooluu jalqabe jaarraa 19ffaa fi jalqaba jaarraa 20ffaa keessa. Haaluma kanaan
hojiilee ogbarruu gama ogafaaniifi ogbarruu barreeffamaan gooroowwan isaanii irraa gara
gooreewwaniitti qoqqooduun haa ilaallu.
Ogbarruu
1. Afoola 1. Ogwalaloo
2. Duudhaa 2. Asoosama
3. Aartii 3. Diraamaa
4. Af-walaloo
Asoosamni gosoota ogbarruu barreeffamaa keessaa tokko ta`ee jaarraa 18ffaa keessa yeroo
jalqabaatiif kan mul`ateedha. Maalummaa asoosamaa ilaalchisee beektonni adda addaa kallattii
garaa garaan hiika waan itti kennaniif hiika fuullee ta`e kennanii bira darbuun nama rakkisa.
Haata`u malee, akka yaada waliigalaatti kan isaan ibsan asoosamni ‘fakii jiruufi jireenyaa ti’
jedhu. Kunis asoosamni kallattii hedduutiin jireenya hawaasaa fi nama dhuunfaa giddugaleessa
godhachuun jechoota filatamoofi humna qabanitti fayyadamuun fakkii yaad-sammuun
kalaqameelubbuu horatee , midhaagina gonfachuun mul`atuudha.
-Asoosama Gabaabaa
Asoosama Dheeraa
Asoosama Gabaabaa
Asoosamaaf hiika kennuu yaaluurra amala adda taasisu irratti xiyyeeffachuun maalummaa isaa
baruuf abbalutu filatamaadha.
Fakkeenyaaf:
H.J.wells jedhutti asoosamni gabaabaan gosa ogbarruu barreeffamaa ta`ee (creative) hojii
kalaqaa daqiiqaa 30 hanga sa`aatii 2tti dubbifamuu kan danda`uudha.
K.Rudourt fi Jesse Stewart jedhanitti bifa hololootiin barreeffamee tokkummaa ciminarratti kan
hundaa`e yeroo hedduu jechoota kuma kudhanii(10000)olkan hintaaneen kan barreeffamu
seeneffama kalaqaati jechuun ibsu.
Harishaw hayyuun jedhamu ammo asoosamni gabaabaan jechoota kuma kudhanii gadiin
(100000 barreeffamee kaayyoo bu`uuraa tokko irra ga`uuf kan qophaa`u, seeneffama
gabaabaadha. Akkasumas battalumatti gocha tokko qofa kan qabuufi kan namfakkiitokko qofa
irratti xiyyeeffatuudha jechuun ibsa.
Asoosamni dheeraan ogbarruu barreeffamaa keessaa tokko ta`ee jecha afaan Ingiliiziitiin
“Novel” jedhamuun bakka bu`a. sanyiin ogbarruu barreeffamaa kun dhiyeenya jaarraa 18ffaa
keessa kan beekameedha jedhamee amanama. Jalqabbii sanyiiogbarruu kanaaf kan sababa ta`e
barreeffamootni sana dura turan muuxannoof haala jiruufi jireenya ilma namaa bal`inaan ibsuu
irratti laafoo waanta`aniif. Gosti asoosama kanaa garuu muuxannoof jiruufi jireenya ilma namaa
dhalootaa kaasee hanga du`aatti bal`inaan kan ibsu waan ta`eefidha. Kanaaf, yeroo sanarraa
eegalee gosti ogbarruu kanaa filatamaa ta`ee fudhatameera. Sanyiin ogbarruu kun jechoota
filatamootti fayyadamuun miidhagina gonfatee haala hawwataa fiqalbii namaa booji`uun waan
dhiyaatuuf barreessitootaafi dubbistoota hedduu horateera.
Seenaan qaama asoosamaa keessaa tokko ta`ee kan walitti bu`iinsa yookiin gufuuwwan
qooddattoota gudduutti jalqabaa hanga dhumaatti mul`atu kan agarsiisuudha.
b. Qooddattoota
Akkaataa barreessaa irratti hundaa`ee qooddattootni gosootni sadi yookaan afur jiraachuu
danda`u.
Haala ittiin ta`uumsonni yookiin gochootni asoosamaa jalqabaa hanga dhumaa toora qabatanii
dhiyaatan kan agarsiisudha. Kunis haala fakkii armaangadiin agarsiifamuu danda`a.
Finiina
Walitti bu`iinsa qooddattoota asoosama tokko keessatti mul`atuu yeroo ta`u, bifa sadiin
mul`achuu danda`a. kunis:
Yeroofi bakka asoosamni tokko itti raawwatame kan agarsiisuudha. Fakkeenyaaf sanbata
sa`aatii saditti bara 1999 magaalaa Adaabbaa karaa konkolaataa gubbaa.
f. Akkaataa
Akkaataan filannoowwan barreessaan asoosama tokkoo asoosamicha bifa inni qabatee mul`atu
beekaa yookiin osoo hinbeekin raawwate mara ofkeessatti qabata. Fakkeenyaaf: seerluga inni
fayyadame, jechoota inni filate,haala dubbii inni gargaarame, af-barreessaa godhatee nama inni
filate fa`a.
Isaanis:
-Afbarreessaa (Ija) point of view: nama dubbisan dubbii barreeffama tokko keessa jiru irraa
dhaga`uudha. Barreessaan kallattii namoota adda addaatiin dubbisaan isaa dubbii
barreeffamichaa akka dhagahu godha. Haaluma kanaan afbareessaan nama 1ffaa, 2ffaa ykn 3ffaa
ta`a.
-Seenessaa: nama barreessaan barreeffama isaa keessatti akka oduu wayii himu yookiin
seenessu taasisuudha.
-hafuura barreeffamaa: ilaalcha barreessaan yaada barreessu irratti qabu kan ilaalu yoo
ta`u, barreessaan yaada wayii yeroo barreessu deeggaree, mormee,itti aaree, itti gammadee,
barreessa. Haaluma kanaan dubbistoonni isaa akka isa faana hiriiran taasisa.
-Amantaa yeroo gabaabaa : jechuun dubbii asoosamaa dhugaa hintaane tokkoo
dubbisaan akka dhugaatti fudhatee yeroo gabaabaaf ni ta`a jedhee amanu jechuudha.
g. Ergaa
Yaada asoosama tokkoo waliigalatti qabatee kan argamuudha. Ergaan asoosama tokkoo waa`ee
ummataa, waa`ee jireenyaa, waa`ee jaalalaa, waa`ee suyaasaa, waa`ee amala namaa ta`uu
danda`a.
Og-walaloo
Og-walaloon gooroo ogbarruu barreeffamaa keessaa isa tokko ta`ee, dubbiin yookiin
barreeffamaan kan dhiyaatu sagalee, suuressaa(imagery)fi haala jechootni hiika dabarsuu
danda`aniin irrattixiyyeeffata. Maalummaa walaloo ilaalchisee hiika isaa kennuuf yaaliin hedduu
godhameera. Isaan keessa muraasni:
Hundeen jecha walaloo jedhuu Giriikirraa kan dhufe yemmuu ta`u,hiikni isaas ‘uumuu’
‘kalaquu’ kan jedhu of keessaa qaba. Walaloon bifa ogbarruu isa dulloomaa qofa osoo
hintaane waggoota hedduuf bifa bu`uura hogbarruu ta`ee ture.
Fakkeenyaaf: walaloo seenessaa
Poetry, form of literature, spoken that emphasizes rhythm, other intricate patterns
of sound and imagery and the many possible ways that words can suggest meaning. The
word itself derived from a Greek word “poesies” meaning “making “or creating” whereas
ordinary speech and writing called prose are organized in sentences and paragraphs.
Poetry in its simplest definition is organized in units called line as well as in sentences
and often in stanzas which are the paragraphs of poetry (Encarta premium 2009).
Maddaafi Dagaagina Walaloo
Falaasaan Griikii durii Aristootil akka jedhutti maddi walaloo yaada fedhii uumamaan
akkeessuuf qabnuufi fedhii uumamaan waliigalteef dhikkisaaf qabnuun walqabata. Ija
seenaan yoo ilaalle walaloon damee lama of keessaa qaba. Haala gammachiisaafi
gaddisiisaa yeroo ta`u, maddi isaa gabaabaatti akkeessuu ykn qishina uumamaa irraa
madda.
Walaloon hololoo irraa kan adda ta`u
Qindoomina qabaachuu
Yaada olaantummaa qabaachuu
Jechoota filatamoo qabaachuu
Yeedaloo qabaachuu
Amaloota Walaloo
a. Qabatamummaa: Ogwalaloon wantoota addunyaa kanarratti qabatamaan jiraniifi
miseensoota hawaasaarratti mul’atan akka miira dubbisa yookiin dhaggeeffataa tuquttii
lubbuu itti horee dhiyeessa malee abjuu miti.
b. Qusatamummaa: Ogwalaloon dameewwan ogumaa kamiyyuu caalaa jechoota muraasatti
fayyadamuun yaada bal’aa dabarsuu danda’a
c. Muuziqummaa:Muuziqaanbu’uurawalalooti.Walaloon muuziqaadha. Bu’uurri muuziqaa
faaruu, weedduu, faarfannaa, geerarsaafi booyicha. Mararfannanillee akkasuma
muuziqaan qindoomina ogummaafi aartii dhaamsa sagaleeti.
d. Arga yaadummaa: Kana jechuun barreessaan hojii ogbarruu tokko bakkaafi yeroo nuti
beeknuun olitti deemee adunyaa arga yaadaa umuun miiraafi qalbii keenya
bashannansiisa ykn akka muuxannoo argannu nu gargaara.
e. Dandeettii waan haaraa uumuu: Ogbarruu keessatti barreessaan dandeettii waan haaraa
umuu fayyadamee barreessa. Kunis arga yaadaan kan walqabatuudha. Waan haraa
uumuun kunis wanta qabatamaan hin jirre garuu kan jiraachuu mala jedhamee yaadamu
uumuu danda’uu isaati. Kunis wanta amanuuf nama rakkisu, akkasumas wanta hin
danda’ane fakkaatu akka danda’amuu godhee dhiyeessuudha. Kunis dandeettii waan
haraa uumuuf yaaduu dubbistootaa gabbisa ykn dubbisaan adunyaa beeku qofaan akka
dandeettii isaa hin daangessine isa gargaara jechuudha.
f. Dalgaan ergaa dabarsuu: Kunis malleen dubbii fi tooftaawwan afaanii amansiisuufi
kanneen al tokkotti yaada bal’aa ykn hiika hedduu dabarsuu danda’an waan
fayyadamuufi.
Gosoota Walaloo
Akkaataa yookiin dhaggeettii waan tokko itti ibsuuti. Gosti walaloo kanaa barreeffama tartiiba
gochaa hiqabu. Waanuma itti dhufe raawwata.
Walaloo seeneffama ta`u dhiyeessuun addeessu.agarsiisi walaloo (dramatic poetry kan jennu
ammo kan sagalee namfakkii yaadrimee seenessaa barreessaan alatti osoo dubbatanii kan
fuuldura dhiyeessuudha.
bifa
filannoo
haala
jechaa
seenessaa qabiyyee
walaloo
miira wal-unata
bifa dhikkisa
Yaa`umsi sagalee walaloo Sagaleeleen wal fakkaatan toora tokko keessatti dhufuu danda’u.
Akkuma onneen dhikkisa walirraa hincinne taasisu, sagaleeleen kunneenis akkasuma godhatu.
Fakkenya armaan gadii xiinxali.
Yaa’ee yaa’ee- yaa’ee deema
Diida laalee-keessatti hima
Dhuma hinqabu yeroo hundumaa
Sammuu jedhu-mootii qaamaa
Ofii yaadee-of tilmaama.
Buufata armaan olii keessatti sagaleelee /y/, /a/, /e/, toora tokkoffaa keessatti; sagaleelee /y/fi /a/
toora tokkoffaafi shanaffaa keessatti xiinxali. Kana malees toora tokkoffaa jecha ‘yaa’ee”
jedhuuf toora lammaffa keessatti “jecha “laalee” jedhu yoo xiinxalte, birsaga /yaa/fi /laa/ irratti
sagaleen namaa yoo gadi bu’u, /’ee/fi /lee/ irratti ol ka’a. Toora tokko keessatti qofaa osoo
hinta’iin sagaleelen wal fakkaatan buufaticha keessatti bakka gara garaatti dhufanii dhikkisa
uumuu ni danda’u. yaa`umsa sagalee walaloo safaruun ni danda`ama. Safartuun isaas
safara(meter) jedhama.
. Safara(meter): Safarri toora walaloo tokko keessatti ol ka’uuf gadi bu’uu sagalee irratti
xiyyeeffata. Baay’inni caaseffama ol ka’uufi gadi bu’uu toora walaloo keessatti lakkaa’amuu
danda’a. Mee toora walaloo tokkoffaa rukuttaa jalatti dhufe ilaali. Yommuu ilaallu birsaga
birsagaan qoonnee ilaalla.
Yaa’ee yaa’ee- yaa’ee deema
Toora walaloo kana keessatti jalqaba birsagaa irratti sagaleen namaa gadi yeroo bu’u, birsaga
lammaffaa irratti garuu ol ka’a. Akkasitti toorri walaloo tokko safara meeqa meeqa akka qabu
lakkoofsaan agarsiisuun ni danda’ama. safarri walaloo kan irratti hundaa`u bay`ina birsagootaa
bo`oo walaloo tokkoo keessa jiraniin. Kunis tarkaanfii walaloo(poetic feet) jedhamuun beekama.
2. Walunata (Rukuttaa(rhyme)
83Rukuttaan xumura toorawwan walaloo lama yookaan isaa ol sagalee tokko ta’aniin ykn
walfakkaatanii yoo xumuraman sagalee uumamu. Amalli kun walaloon miidhaga addaa
akka qabaatu taasisa. Sagaleen muuziqaas akka uumamu godha. Kanaaf, walaloon humna
namoota ofitti harkisu qabaata. Fakkeenya armaan gadii keessatti sagaleele walfakkaataa
xumura toorawwaniirratti dhufan xiinxali.
Sammuu jedhu- qaama dhibee
Kan delleqxu- akka dibbee
Bilbiltuutu-maramee ciisa
Eeboo caala-of gidirsa
Xeeba caalaa-qaama harkisa
Of caccabsee-of rakkisa.
Gadi hintaa’u – ni barrisa
Yaada horee-yaada tumsa.
Yookaa faallaa-of bobbaasa
Mirgaafi bitaan- gad of yaasa
Akkuma buufata walaloo armaan oliirratti ilaauun danda’amu, sagaleeleen /b/fi /e/ toorawwan
tokkoofi lamarratti dhufaniiru. Sagaleen /b/ toora lammaffaatti jabacahuu malee garaagarummaa
tokkollee hinqabani.Sagaleeleen /k/, /i/, /s/fi /a/ illee toora sadii hanga afuriitti; /s/fi /a/n
toorawwan torbaa hanga kudhaniitti tokkuma.
Sagaleeleen haala kanaan yoo xumura walalootti dhufan rukuttaa uumani jenna.
Rukuttaan, egaa amala walaloo keessaa isa tokko.
Walunatni yookaan walfakkeenyi sagalee bifa adda addaan mul`achuu danda`u. Isaanis:
Walaloo buufanni tokkoon isaa bo`oo (toora) saddeet qabu ta`ee, toorri ja`an duraa sagalee
walfakkaatu qabu. Toorri lameen dhumarraa mataa isaanii buufaticha xumuru. Walaloon
akkanaa yeroo bay`ee walaloo goota faarsuuf ooluudha.
Walaloo tokkoo tokkoon isaa bo`oo sadi sadi qabuufi sagaleen dhuma bo`oo tokkoffaa kan
dhuma bo`oo sadaffaa; akkasumas sagaleen dhuma bo`oo lammaffaa kadhuma bo`oo tokkoffaa /
a-b-a/ b-c-b/c-d-c/d-e-d/
Fkn.
An ofan fakkaadha
Yoo ati adii uffattu
Anoo gurraachuma
Yoo ati gurraachoftu
Hin addaanne anoo
Yeroo ati gurraachoftu
Anoo achuma kunoo
Kan akka gaararraa
Shan fakkaatu suma
Uunka:yeroo gara yerootti uunki walaloo jijjiiramaa akk deemu beektonni ni dubbatu.
Dabalataanis Walloon hololoo irraa uunka isaan adda ba`ee mul`ata. Haata`u malee, uunka
walaloo haala armaangadiitiin ilaaluu dandeenya.
Dhiyeenya Mul`inaa
Uunki kun haala barreessaan ofii isaatii uumu irratti hundaa`a. innis miidhagina walaloo sanatti
uumuufi fedhii dubbistootaa harkisuuf jecha tooftaalee barreessaan ittifayyadamuudha.
Tooftaaleen kunniinis dheerina bo`oowwanii irratti garaagarummaa uumuu, caasaa afaanichaa
tokko tokko jijjiiruufi kkf dha.
3. Filannoo jechootaa
Dubbiin qolaa haala dubbii keessatti dhamsa dabarsuu barbaanne tokkotti human horachiisuun
bifa iccitii qabuun yaada namaa hawachuun kan hojiirra ooludha.
Eeppikii
Liirikiifi d
Diraamaatikii dha.
Koomikiifi tiraajikiin ammoo akka gooroowwan og-walaloo diraamaatikiitti
fudhachuun qooda.
1. Og-walaloo seenessaa(narrative poetry)
Seenessamni gooroo walaloo ta`eek an oduu duriifi ta`iinsa tokko himuudha.Waan ta`iinsaafi
oduu durii irratti xiyyeeffatuuf fedhii namootaa hawwachuu danda`a. Akkasumas, gooroowwan
walaloo kan biroof angafa. Walaloon gosa kanaa muuxannoo namootaa waliin waan wal-
qabatuuf amala namoota barreessuufi dubbisuu hindandeenyee haala itti-fayyadamuu
danda`aniin dhi`aata.
Gooroon walaloo kun uunkuma walaloo seeneffamaa qabu qabaachuun kan dhi`aatu ta`ee,
xiyyeeffannoon isaa waa`ee jiruufi jireenya goota beekamoo yookaan seenaa jireenya hawaasa
tokkoorratti xiyyeeffata.
Walaloon kun gabaabbatee haala (Verse) ta`een barreeffamee akka faarfannaafi bifa adda
addaatiin aadaa garaa garaa keessatti kan dhiyaatuudha. Akka walaloo dhangala`aa haala
diraama ofkeessaa qaba. Dhageeffataan yeroo bay`ee cal`isaadha.(Robert Browing) kan jalqabe.
Og-walaloon liirikii gooroowwan walaloo keessaa tokko ta`ee, akka walaloo eppikiifi doo`ii
qooddattoota itti uumuun seenaa tokko kan himu osoo hintaane, waa`ee amala dhimma dhuunfaa
irratti kan xiyyeeffateedha. Barreessaan gosa walaloo kanaas waa`ee dhageetti fedhii, hubannoo
dhuunfaa, wanta tokkorratti qabuu karaa itti addeessuudha. Gama biroon immoo, gooroon
walaloo kun yaadrimee jaalalaa irratti kan xiyyeeffatuudha. Akkasumas, dhimma uumaafi
uumamaa, jaalalaafi jibbaa, argachuufi dhabuu fi kkf.
Faaruun loonii gooroowwan og-walaloo keessaa tokko ta`ee, waa`ee loonii irratti kan
xiyyeeffatuudha. Haalli dhiyeenya isaa haala oduu duriitiin haa beekamu malee, yaa`I
dhangala`aa sagalee isaa safara murtaa`ee tokko kan qabuudha. Innis gabaabbatee kan himamu
ykn barreeffamu yoo ta`u, bo`oon walitti aanus sagalee walfakkaatuun kan dhumuudha.
Gooroon walaloo kanaa amala addaa akka qabutti beekama. (hybrid genre). Inni kunis amala
hololoo(Prose) qabaachuun kan barreeffamu waanta`eef, akka asoosama gabaabaatti amala
filannoo jechootaa isaa keessaa immoo iddeessa(metaphore)tti fayyadamuun kan
barreeffamuudha.
Jechi draamaa jedhu kun jecha Giriikii “dran” jedhu irraa kan dhufe. Hiikni isaas Afaan
Ingiliffaan “todo” gochuu (raawwachuu) jechuudha.
Diraamaan bakka bu`aa gochaafi sagalee qooddattoota adeemsa raawwii tokkoo keessa jiraniiti.
Malakne Mangistuu(2006)
Diraamaan kan madde ykn kan eegale, jaarraa 15 ffaa dura yoo ta`u, haalli inni ittiin eegales, haala
ayyaaneffannaafi sagada karaa amantiin akka ta`e seenaan og-barruu ni mul`isa. Kunis yeroo
sana bifa weedduu, sirba adda addaa of keessatti qabatee kan calaqqisiifamaa tureedha.
Amaloota Diraamaa
Birkiilee(Caasaa) Diraamaa
Diraamaa qo`achuuf haala gaarii kan ta`e ruqoolee ykn amala isaarratti hundaa`uun yoo ta`e bu`a
qabeessa ta`a.
Isaanis:
Barreessaan diraamaa ergaa dabarsuu barbaaderratti hundaa`uun doo`ii bifa adda addaatiin
barreessuu danda`a.
Isaanis:
1. Gammachiisaa (Comedy)
Ni dammaqsa
Ni kofalchiisa
Ni gammachiisa
Ni mirqaansa
2. Suukaneessaa(Tragedy):haala nama gaddisiisuun kan xumuramuudha. Innis waldiddaa
dhala namaafi wantoota dhala namaatiin alatti humnaqabeeyyii ta`an(uumama) jidduu
jiru barreeffamaan qopheessuunfakkeessanii waltajjiirratti daawwattootatti
agarsiifamuudha. Hojii suukaneessaa kana dhumni isaa maalakka ta`e baruufis
namootni xiyyeeffannoo guddaafi miira dhiphuutiin waan hordofaniif qaawwa ta`iinsaa
gidduutti hafuura baafata.yookaan boqonnaafudhata. Hojiin suukaneessaa jedhaman
kunneenis:ajjeechaa, waraansa mana gubuufi kkf ofkeessattiqabata.haa ta`u malee
doo`ii keessatti haala ogummaan guutameen barreeffamaan qopphaa`ee akka dhugaa
addunyaa kana ibsuufibarumsi irraa argamuu danda`uun waltajjiirratti dhihaata.
Nama jibbisiisa
Nama gaddisiisa
Nama rifachiisa
Fakkeenyaaf: Namniyakka dalagu sun deebi`ee hojiisa ilaaluun gaabbiin akka itti
dhagahamu gochuudha. Ta`iinsi gocha suukaneessaa kunis jalqabaa hanga
dhumaa wal-qabatee kandeemu ta`ee, dhangala`aa yaada suukaneessaa (trajic
flow) sirriitti eeguun doo`attoota barsiisuu danda`uu qaba.
Tiraajeedii durii keessatti tatoomuummee (protagonist) goota tiraajeedii ( trajic hero) jedhama.
Gootni tiraajeedii nama sirrii fi kallattii hedduutiin dinqisiifamaa ta`uudha. Adeemsa kana
keessatti dogongora tiraajeedii xiqqoo/guddoo/ irraa kan ka`e, seenichi haala gaddisisiidhaan
xumurama. Haalli kunis sababa kabaja barbaachaa, hinaaffaa, morkii irraa kan ka`eedha.
3. Gammachiis-gaddisiisaa(Tragedic-comedy)
Gosoota diraamaa amala lamaan isaa qabaachuun mul`atuudha. Askeessatti nam-fakkiin qooda
olaanaa qaba. Yoo du`atti dhihaatellee, hindu`u. kun kandhihaatuuf muuxannoodhalli namaa
addunyaa kanaagadifageenyaan dhugaa jiru tokko wal-tajjiirratti jamaatiif gadi baasanii
agarsiisuudha. Kunis kan maddu yaada jiruufi jireenyi namaa xaxamaa, gaddaafi gammachuun
guutamuu isaa mul`isuurratti.
Og-barruu Afoolaa
Og-barruun afoolaa dame og-barruu ta`ee, akkuma maqaa isaa irraa hubatamutti
afaaniin ykn dubbiin kan daddarbuudha. Og-afaan: afoola, aartii, duudha, aadaa,
fookiloorii(qaroola) of keessatti qabachuun kan mul`atu.
Afoolli amaloota bu`uuraa ogbarruu barreeffamaarra adda isa taasisu qaba. Isaanis: