Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 21

i|

Dursa/Ariirrata

Akka biyyaatti kenninsa tajaajila fayyaa bu’uuraa hawaasa hundaaf dhaqqabamaa gochuuf
hojiin bal’aan hojjetameera. Istaandaardii Buufanni Fayyaa tokko hawaasa 25,000f tajaajila
kenna jedhu irraa ka’uun akka Naannootti Buufataalee Fayyaa 1,393 ol ijaaruun tajaajila akka
Kennan gochuun danda’ameera. Haaluma wal-fakkaatuun gandoota baadiyyaa hunda keessatti
reeshoo keellaan fayyaa tokko giddu-galeessaan hawaasa 5,000 haala tajaajiluun ijaaruuf
yaadamee walumaa galatti Keellaawwan Fayyaa 6,531 ijaaruun tajaajila fayyaa kennaa jiru.
Yeroo dhiyootii asitti immoo hospitaala sadarkaa calqabaa hawaasa 100,000f tajaajila kennuu
danda’an 35 ijaarsa irra jiru. Hanqina gama dhiyeessii humna namaa gosa ogummaa hundaan
jiru hiikuufis ijaarsaa fi dandeettii irratti hojii bal’aa hojjetameen hiikaa kan jirru yommuu ta’u,
fuul-durattis cimee kan itti fufu ta’a.

Karoora guddinaa fi traansfomeeshin sektera fayyaa 2ffaa keessatti ajandaan kenniinsa tajaajila
fayyaa qulqulluu fi haqa-qabeessa ta’e dhaqqabamaa taasisuun kallattii xiyyeeffanoo
keenyaati. Uwwisni kenniinsa Tajaajila Fayaa Bu’uuraa 95% ol ta’us tajaajila fayyaa
qulqullina qabu hawaasaaf kennuu waliin wal-qabatee garuu hanqina bal’aa akka qabu ni
hubanna. Qulqullina tajaajila fayyaa fooyyessuuf immoo hirmaannaan fayyadamtootaa cimuu
qaba. Sagantaan Eksiteenshinii Fayyaa erga calqabee as hojii misooma fayyaa keessatti
hirmaannaan hawaasaa dabalaa kan dhufe ta’us fooyya’iinsa kenniinsa tajaaajila fayyaa irratti
hirmaannaan jiru garuu amma eegamu miti. Kanarraa ka’uudhaan tajaajiloota Dhaabbilee
Fayyaa Bu’uuraatiin kennaman hawaasni gamaaggamuun akka sadarkeessuuf qajeelfamni
maadaallii yaada hawaasaa qophaa’ee bara 2009 irraa calqabee aanaalee filataman keessatti
sadarkaa yaaliitiin hojiirra oolaa turee jira.

Aanaalee madaalliin yaada hawaasaa bifa yaaliitiin hojiirra oole keessatti bu’a-
qabeessummaan isaa waan itti amanameef gara aanaalee birootti babal’isuun calqabamee jira.
Waan kana ta’eef, madaallii yaada hawaasaa kana Dhaabbilee Fayyaa Bu’uuraa Godinaalee
hundaa keessatti hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’ee argameera. Sadarkaa Dhaabbilee Fayyaa
Bu’uuraatti muuxannoo gaggaarii argame qindeessuun gara birootti babal’isuunis nu irraa
eegama.

Dhumarrattis, ogeessotaa fi dhaabbilee deeggartootaa qophii qajeelfama hojiirra oolmaa


madaallii yaada hawaasaa kana keessatti qooda fudhattan hunda maqaa koo fi maqaa BEFO
tiin guddaa galatoomaa jechaa fuul-durattis hojiitti hiikamuu qajeelfamichaaf qaamni dhimmi
isin ilaalu hunduu hirmaannaa fi deeggarsi keessan cimee itti fufuu akka qabu isin hubachiisuun
barbaada.

Dr. Darajjee Dhugumaa


Hogganaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Fayyaa Oromiya
ii |
Baafata Fuula

I. Seensa ......................................................................................................................................... 1

II. Madaallii Yaada Hawaasaa fi Bulchiinsa Gaarii .................................................................... 2

III. Kaayyoo ...................................................................................................................................... 3

IV. Hojiirra Oolmaa ........................................................................................................................ 3

Gulantaa 1: Fedhii hawaasaa hubachuu fi Safartuulee ijoo qopheessuu ................................. 5

Gulantaa 2: Mana maree maamiltootaa hundeessuu ............................................................... 7

Gulantaa 3: Gamaaggama madaallii yaada Hawaasaa gaggeessuu ......................................... 7

Gulantaa 4: Daawwannaa fi duub-deebii dhaabbilee fayyaa ................................................... 8

Gulantaa 5: Hawaasa waliin wal-tajjii gaggeessuu .................................................................. 9

Gulantaa 6: Raawwii fi hordoffii ............................................................................................. 9

V. Adeemsa madaallii yaada hawaasaa ...................................................................................... 10

A. Yeroo Qophii (haal-dureewwan guutaman) ................................................................... 10

B. Marii yaada hawaasaa fudhachuuf taasifamu................................................................ 10

C. Qaaccessa qabxii ............................................................................................................ 14

D. Daawwannaa Dhaabbilee Fayyaa .................................................................................. 15

E. Hawaasa Walin Marii Gaggeessuu ................................................................................ 15

VI. Bulchiinsa bu’aa madaallii yaada hawaasaa......................................................................... 16

iii |
I. Seensa

Itoophiyaan waggoottan darban keessatti tajaajila fayyaa bu’uuraa cimsuuf qabeenya hedduu
ramaduun kutannoodhaan hojjechaa turteetti. Biyyi keenya Dhaabbilee kenniinsa Fayyaa
bu’uuraa saffisaan babal’isuudhaan baay’ina Buufataalee fayyaa gara 3,547 tti kan guddifte
yoo ta’u hojjettoota eksiteenshinii Fayyaa 38,000 ta’an leenjisuudhaan keellaawwan fayyaa
16,440 irratti bobba’anii tajaajila akka kennan taasisuun danda’ameera. Itoophiyaatti bara 1990
(G.C) as du’aatii daa’immanii waggaa shanii gadii 67% fi du’aatii haadholii 69% hir’isuun
danda’ameera. Tajaajila fayyaa bu’uuraa, Eegumsa fayyaa fi qulqullina naannoo babal’isuu fi
hawaasa biraan gahuu keessatti milkaa’ina argameef shoorri sagantaa eksiteeshinii fayyaa
daran ol-aanaa dha.

Jijjiirama tajaajila fayyaa bu’uuraan argaman itti fufiinsaan mirkaneessuuf tarsiimoon akka
Ministeerri eegumsa fayyaa federaalaatis ta’e akka Biiroo Eegumsa fayyaa naannoo keenyaatti
hojiirra oolchaa jirru keessaa abbummaa fi hirmaannaa hawaasaa guddisuun isa tokkoo dha.
Waan kana ta’eef, Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa hirmaannaa hawaasaa si’eessuu fi
sagantaa eksiteenshinii babal’isuuf ijaarsa raayyaa misooma fayyaa fi tokko-shanee hojiirra
oolcheera. Tokkoon tokkoo abbaa warraa fi hawaasa mara dhaqqabuudhaafis walumaa galatti
walitti hidhamiinsa garee misoomaa 156,067 fi tokko-shanee 803,890 hundaa’eera.
Dabalataanis, dhaabbileen fayyaa duub-deebii hawaasa bal’a irraa argachuuf konfiraansotaa fi
waltajjiiwwan adda addaa ni gaggeessu.

Hirmaannaa hawaasaa fi miira abbummaa tajaajila fayyaa bu’uuraarratti qaban guddisuuf hojii
hojjetameen milkaa’insi adda addaa galmaa’eera. Haata’u malee rakkoo guddaan dhaabbileen
kenniinsa tajaajila fayyaa bu’uuraas ta’ani qaamni mootummaa sadarkaa sadarkaan jiru duub-
deebii, fedhii fi komii hawaasaa kana karaa salphaa fi mijataa ta’een deebii quubsaa kennuuf
qajeelfamni/meeshaan madaallii yaada hawaasaa jiraachuu dhabuu dha. Qajelfamni madaallii
yaada hawaasaa hirmaannaa fi yaada hawaasaa amma jiru madaaluu fi sagantaa raawwii
cimsuu ni dandeessisisa. Adeemsi madaallii yaada hawaasaa kun hirmaannaa hawaasaa
kallattiin kan raawwatamu ta’ee, dhaabbileen kenniinsa tajaajila fayyaa bu’uuraa fi qaamni
sadarkaa sadarkaan jiru fedhii hawasaaf deebii kennuu fi itti gaafatamummaa fayyadamummaa
guddisuuf akka meeshaa bulchiinsa gaariitti gargaara. Dursa qindeessa ministeera Mallaqaa fi
Dinagdeetiin sagantaan itti gaafatamummaa hawaasa Itoophiyaa (ESAP) hojii itti

1|
gaafatamummaa hawaasaa aanaalee 223 keessatti hojiirra oolchuun muuxannoo fi barumsi
hedduun argameera

Dursa sagantaan itti gaafatamummaa hawaasaa kun Aanaalee akka biyyatti jiran 223 keessatti
hojiirra oolchuun muuxannoo fi barumsi hedduun argamee jira. Walumaagalatti kaayyoon
sagantaa itti gaafatamummaa hawaasa Itoophiyaas ta’e Naannoo Oromiyaa lamii fi
mootummaan waliin akka hojjetanii fi mootummaan qulqullinaa fi dandeettii tajaajjila fayyaa
bu’uuraa cimsuuf dha. Kaayyoon sagantichaa lammiin hunduu qulqullina kenna tajaajila
barnootaa, fayyaa, bishaanii fi qulqullina, qonnaa fi daadii baadiyyaa irratti sagalee fi yaada
saanii akka kennaniif dha.

Sanadni kun sagantaa itti gaafatamummaa hawaasa Itoophiyaa fi biyyoota biroo irraa
(Ruwaandaa, Taanzaaniyaa, Maalaawwii fi Misira) irraa muuxannoo fi barumsa
fudhachuudhaan adeemsa madaallii yaada hawaasaa tajaajila fayyaa bu’uuraatiin calqabuu fi
kan dhaabbatichaa gochuuf ni gargaara.

II. Madaallii Yaada Hawaasaa fi Bulchiinsa Gaarii

Akka biyyaattis ta’e akka naanoo keenyaatti qajeelfamni bulchiinsa gaarii gama sektera
fayyaatiin jiru isa murteessa dha. Bulchiinsi gaariin akka jiraatuuf tattaaffii mootummaan
taasisu keessaa inni tokko yaada lammiileef bakka kennuun gaggeessitootni siyasaa fi sektera
fayyaa ittin murtee kennan ni saffisiisa jedhee amana.

Bulchiinsa gaarii fooyyesuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran keessaa: -iftoominnii fi iiti


gaafatamummaan akka jiraatuuf hojii ijaarsaa fi dandeettii gaggeessummaa, koree hoggansaa
dhaabbilee keessatti hirmaannaa bakka bu’oota hawaasaa, konfiraansotaa fi waltajiiwwan
hawaasaa idilee isaan gurguddoo dha. Dabalataanis, Ministeerri Eegumsa Fayyaa Federaalaa
hordoffii fi gamaaggama bulchiinsa gaarii sektera fayyaa irratti hirmaannaa hawaasaa
mirkaneessuuf mana maree maamiltootaa dhaabuuf karoorfamee jira. Manni maree
maamiltootaa kun yaada hawaasaa adeemsa madaalliin itti gaggeeffamu dabalatee hojiiwwan
itti gaafatamummaa hawaasaa hojjechuu irratti bakka guddaa qaba. Kenniinsa madaallii yaada
hawaasaa hojiirra oolchuun sektera fayyaa keesatti dhimmoota dursanii deebi’uu qaban adda
baasuuf, itti quufinsa maamilaa mirkaneessuu fi hojmaata itti gaafatamummaa cimsuuf
faayidaan inni qabu ol-aanaa dha.

2|
III. Kaayyoo

Kaayyoon qajeelfama kanaa madaallii yaada hawaasaa beeksisuu fi akka hojiirra oolu gochuun
dhaabbileen fayyaa bu’uuraa hojmaata itti gaafatamummaa fi bulchiinsa gaarii amma jiru irratti
hirmaannaa hawaasaa caalaatti cimsuu yoo ta’u;

 Kenniinsa Tajaajila Fayyaa Bu’uuraa irratti yaada hawaasaa fudhachuu, safaruu fi gara
karoora gochaatti jijjiiruu
 Qulqullina tajaajila fayyaa bu’uuraa hordofuu fi fedhii hawaasaa guutuuf hawaasni,
dhaabbileen tajaajila fayyaa bu’uuraa fi waajjirri eegumsa fayyaa aanaa hojmaata ittiin
waliin hojjetan uumuuf
 Hojjettootni Eksiteenshinii fayyaa miseensotni raayyaa misooma fayyaa dame
dubartootaa salphaadhumatti hubachuun fedhii fi yaada hawaasaa dabarsuuf/beeksisuuf
meeshaa fayyadaman kennuu fi
 Dhaabbileen kenniinsa tajaajila Fayyaa Bu’uuraa Fi Waajjiraaleen Eegumsa Fayyaa
Aanaa itti gaafatamummaa hawaasaaf qaban cimsuudhaaf dha.

IV. Hojiirra Oolmaa

Akka hundeeffama caasaa sirna fayyaa Itoophiyaatti tajaajilli fayyaa bu’uuraa hospitaala
sadarkaa calqabaa fi dhaabbilee fayyaa bu’uuraa hammata. Dhaabbileen fayyaa bu’uuraa
buufata fayyaa tokkoo fi giddu-galeessaan keellaawwan fayyaa shan ni qabaata. Wajjirri
Eegumsa Fayyaa Aanaas dhaabbilee kenniinsa tajaajila fayyaa bu’uuraa qindeessuu, hordoffii
fi deeggarsa sagantaalee fi bulchinsaa kennuun irraa eeggama. Hospitaalli sadarkaa calqabaa
aanaalee hunda keessatti argamuu baatus buufata fayyaa irraa kan gara hospitaalaattii
guddatanii fi haarawa ijaaraman dabalatee baay’inni hospitaala sadarkaa calqabaa kun
baay’achaa jira.
Hojiirra oolmaan kenniinsa madaallii yaada hawaasaa yaadaa fi fedhii hawaasaa hubachuu fi
safaruun deebii kennuuf hirmaannaa qooda fudhattoota armaan olitti eeramanii gaafata.
Hojiirra oolmaan kenniinsa madaallii yaada hawaasaa gulantaawwan armaan gadii ni qabaata
Gulantaa 1: yaada hawaasaa hubachuu fi agarsiistota madaallii ijoo qopheessuu
Gulantaa 2: Mana maree maamiltootaa hundeessuu
Gulantaa 3: Gamaagama yaadni hawaasaa ittiin madaalamu adeemsisuu
Gulantaa 4: Daawwannaa dhaabbilee fayyaa fi duub-deebii
Gulantaa 5: Hawaasa waliin waltajjii waliinii gaggeessuu
Gulantaa 6: Raawwii fi hordoffii

3|
4|
Gulantaa 1: Fedhii hawaasaa hubachuu fi Safartuulee ijoo qopheessuu

Ministeerri Eegumsa Fayyaa Federaalaa adeemsa


Gahee hojii dhaabbilee sadarkaa
madaallii yaada hawaasaa keessatti hawaasichi na sadarkaan jiranii
ilaallata kan jedhuu fi yaadawwan irra deddeebiin ka’an
Hojjettoota Eksiteenshinii Fayyaa fi
akkasumas bu’aawwan eegaman safartuulee ijoo
Raayyaa Misooma Fayyaa: Yaada
calaqqisiisuu danda’an addaan ni baasa. Safartuuleen hawaasa haarawa Safartuulee
ijoo kun karoora guddina fi traansfoormeeshinii sektera fooyyessuuf gargaaran qindeessuu

fayyaa dursi itti kennamee hojjetamaa jiran ajandaalee Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa:
traansfoormeeshinii afran jechuunis traansfoormeeshinii Safartuulee xiinxaluu, haala
Aanaa, Warraqsa odeeffannoo, tajaajila fayyaa qabatama aanichaatiin waltajjii
irratti beeksisuu.
qulqulluu fi haqa-qabeessa ta’e hawaasa hundaaf
dhaqqabamaa taasisuu fi ogeessa fayyaa garaa laafu, Ministeera Eegumsa Fayyaa
Federaalaa fi Biiroo Eegumsa
kabaju fi dhukkubsataa kunuunsu uumuu waliin
Fayyaa: safartuulee ijoo hojiirra
kallattiin walitti hidhamiinsa qabanii dha. oolan qopheessuu fi caasaa gadiif
dabarsuu
Safartuuleen ijoo kun akka qabatama naannooleetti xiinxaluun akka barbaachisummaa isaatti
fooyyessuun ykn dabaluunis ni danda’ama. Safartuuleen kun hawaasichi haala salphaa ta’een
hubatee(afaan hojii naannichaan) bifa yaadaa fi qabxii madaalawaa itti kennuu danda’uun
lakkoofsaan 5-7 kan hin caalle ta’u. Safartuuleen kun akka sirna qabiinsa ragaa fayyaa (HMIS)
wal-xaxaa osoo hin ta’iin karaa salphaa ta’een yaada hawaasaa fudhachuun irratti xiyyeeffatta

Ulaagaan madaallii yaada hawaasaa fedhii hawaasaa wayitaawaa ta’e irratti xiyyeffatee kan
qophaa’uu dha. Filannoon safartuulee gurguddoo kallattii Ministeera Fayyaa Federaalaa Fi
Biiroo Eegumsa Fayyaan irratti hundaa’ee kan qophaa’u fedhii ummmataa irratti hundaa’uun
Waltajjiiwwan hawaasaa yeroo adda addaa gaggeeffamani irratti yaadotni haarawa calaqqisan
irrati hundaa’uun akka barbaachisummaa isaatti safartuulee kana dabaluu, hir’isuun fi
gabbisuun ni danda’ama.

Itoophiyaatti akka qorannoowwan garaa garaa eeranitti yaadni hawwasni kenniinsa tajaajila
fayyaa bu’uuraarratti qabu dhimmoota armaan gadii irratti kan xiyyeeffatee dha.
 Kenniinsa tajaajilaa garaa laafinaan, kunuunsuun fi kabajaan hojjetamu
 Tajaajila fayyaa argachuuf yeroo turtii
 Meshaalee qorannoo yaalaa fi qorichooti jiraachuu
 Tajaajila fayyaa haqa qabeessa akkasumas bu’uuraleen misoomaa guutamuu

5|
Adeemsi madaallii yaada hawaasaa kun caalaatti qo’annoo sagantaa itti gaafatamummaa
hawaasa Itoophiyaa jedhamu keessatti mirkanaa’eera.

Safartuuleen madaallii yaada hawaasaa kana irratti adeemsi kenniinsa qabxii fi hiikkaan isaanii
gabatee (matrix) armaan gadii keessati qindaa’eera.

Gabatee-1: Safartuu Madaallii Yaada Hawaasaa

Safartuulee Ulaagaa Madaallii Ulaagaa kenniinsa qabxii


madaallii 1=baay’ee badaa 2=Badaa 3= homaa hin 4=Gaarii 5=Baay’ee
hawaasaa jedhu gaarii
1. Tajaajila a. dhukkubsataa kan Ulaagaalee Ulaagaa tokko Ulaagaa lama Ulaagaalee Ulaagaalee
garaa kabaju madaallii hunda kan guute kan guute sadii kan hunda kan
laafinaan, b. garaa laafina kan kan hin guuutne guute guute
kunuunsuun fi agarsiisu
kabajaan c. dhukkubsattoota
kenname haala gaariin kan
simatu
d. kaka’umsa tajaajiluu
kan qabu
2. yeroo turtii a. yeroo gabaabaa Baay’ee kan turee Tajaajila Tajaajila Tajaajila Tajaajila
tajaajilaa keessatti dadhabbii fi dadhabbii kan harkifataa giddu- si’ataa baay’ee
fooyyessuu tajaajila argachuu qabu galeessaa si’ataa
b. tajaajila bu’a
qabeessa ta’e
kennuu
3. meeshaalee a. baay’inaan fi gosa Rakkoo dhiyeessii Baay’een isaa Walakkeessaa Dhiyeessii Dhiyeessii
n qorannoo gosaan guutamuu hammaataa yeroo kan hin n kan guutuu fi guutuu, gahaa
yaalaa fi b. yeroo baay’ee kan qabu guutamiin fi guutameef gahaa ta’e ta’e kan qabu
dhiyeessiin barbaachisuttii fi rakkoon kan qabu fi yeroo hunda
qorichaa gahaa yeroo hundaa dhiyeessii irra garuu kan argamu
ta’uu jiraachuu isaa deddeebiin ciccitaa
mul’atu kan ta’uu
qabu
4. Bu’uuraalee a. tajaajila bishaanii, Sadarkaa tajaajilli Tajaajila Bu’uuraalee Bu’uuraa Bu’uuraalee
Misoomaa ibsaa, gamoo, guyyoota hedduuf kennamu irratti Misoomaa Misomaa misoomaa
dhabbilee daandii guutamuu hanga addaan hanga tokko walakkeessaan gahaa ta’e guutummaa
tajaajila fayyaa b. yeroo barbaadametti citutti kan hin dhiibbaa kan qofa kan kan guutuutti kan
guutamuu ykn yeroo guutamneef geessisu guutameef guutameef guutameef
barbaachisutti
argamuu
5. Tajaajila, a. Fayyadama tajaajila Tajaajila kan hin Baay’inaan Fedhii Fedhii Fedhii
fayyadama fi Ambuulaansii kennine ykn fedhii hawaasa hawaasaa gar- hawaasaa hawaasaa
to’annaa b. itti quufinsa rakkoo hammaataa kan hin guutne tokkeen kan baay’ee guutummaa
Ambuulaansii bulchiinsa bulchiinsa guute isaa kan guutuutti kan
Ambuulaansii Ambuulaansii guute guute
waliin wal qabatu
jiraachuu
6. dhaabbilee a. bakkaa fi naannoo Rakkoo hammaataa Qulqulluu fi Walakeessaan Qulqullinaa Guutummaa
fayyaa tajaajilli fayyaa itti qulqullina, mijataa kan hin qulqulluu, fi guutuutti
qulqulluu, kennamu qulqulluu fi mijaa’inaa fi taane, nageenya mijaa’aa fi mijaa’inaa qulqulluu,
mijataa fi mijataa gochuu nageenya yaalamtoof kan nageenya gahaa fi mijaa’aa fi
hawwataa b. tajaajila fayyaa dhukkubsataa sodaachisu dhukkubsataa nageenya nageenya
gochuu dhukkubsataa irratti eegsisuu waliin kan eegsisuu dhukkubsat dhukkubsataa
rakkoo nageenyaa kan wal-qabatu kan dha. aaf kan hin kan eegsisuu
hin geessisne qabu sodaachifne dha.

6|
Gulantaa 2: Mana maree maamiltootaa hundeessuu

Hojiiwwan bulchiinsa gaarii fi itti


Gahee Waajjira Eegumsa Fayyaa aanaa
gaafatamummaa hawaasaa kan qindeessu; mana
Kaadhimamtoota mana maree
maree maamiltotaa hundeessuun barbaachisaa maamiltootaa dhiyeessuu, kaadhimamtoota
dha. Kanaafuu, manni maree Mammiltootaa waliin waltajjii gaggeessuu fi gahee mana
sadarkaa Gandoota hundaattuu ni dhaabbata. marichaarratti ibsa kennuu

Manni maree Maamiltootaas waldaa dargaggoo fi Ministeera Fayyaa Federaalaa fi Biiroo


eegumsa Fayyaa Naannoo
dubartootaa irraa akkasumas qaama hawaasa
adda addaa irraa kan ba’anii dha. Aanaalee Hundeeffama mana maree maamiltootaa
irratti waajjira eegumsa fayyaa aanaa fi
sagantaan itti gaafatamumma hawaasa Itoophiyaa dhaabbilee fayyaa bu’uuraa tiif kallattii
(ESAP) keessatti hojjechaa jiru keessatti akka kennuu
koreetti hundeeffamee kan ture akka mana maree maamiltootaa ta’ee ni

tajaajila. Gaheen mana maree kunis adeemsa madaallii yaada hawaasaa qindeessuu fi
gaggeessuu ta’a. Mana maree maamiltootaa wajjira eegumsa fayyaa aanaa waliin walta’uun
kurmaanaan yeroo tokko madaalliin yaada hawaasaa hojjettoota eksiteenshinii fayyaatiin akka
adeemsifamu karoorsuun raawwii isaaf haala ni mijeessa. Keellaa fayyaa tokko irratti
hojjettootni eksiteenshinii fayyaa kurmaanaan garee misoomaa tokko (1-30) dabaree
dabareetiin fayyadamuun madaallicha ni gaggeesu.

Gulantaa 3: Gamaaggama madaallii yaada Hawaasaa gaggeessuu

Sadarkaa kanatti safartuuleen madaallii yaada


Gahee hojjettoota Eksiteenshinii Fayya fi
hawaasaa madaalamuun qabxiin itti kennama. Garee misoomaa (1-30): Waltajjii Garee
Dhimma kana adda dureen kan qindeessu mana misoomaa (1-30), karoorsuu, qindeessuu

maree maamiltootaa ta’ee keellaan fayyaa Waajjira eegumsa Fayyaa Aanaa: karoora
baasuudhaan gareen misoomaa fi manni
tokkoo tokkoo isaa irraa hojjettootni
maree maamiltoota walitti dhiyeenyaan akka
eksiteenshinii fayyaa fi gaggeessitootni garee hojjetan qindeessuu akkasumas Bu’aa
misoomaa (1-30) raawwii isaaf qaamman madaallii dhaabbilee fi kan aanaa qindeessuu
fi cuunfuu
murteessoo ta’anii dha. Tokkoo tokkoon
Keellaan fayyaa kurmaanaan madaallii yaada hawasaa tokko garee misoomaa tokko irraa
marsaa marsaatiin akka raawwatamu eeggama.

7|
Sagantaan itti gaafatamummaa hawaasa Itoophiyaa aanaalee hojiirra oolaa jiru keessatti
adeemsa madaallii fi bu’aa yaada hawaasaa kana hojjettootni eksiteenshinii fayyaa koree itti
gaafatamummaa hawasaa waliin qindeessuu qabu.

Kenniinsa qabxiif kaardii madaallii safartuulee irratti agarsiifaman fayyadamuun


barbaachisaa dha.

(1=Baay’ee badaa, 2=Badaa, 3=homaa hin jedhu, 4=Gaarii, 5=Baay’ee gaarii) salphaamatti
hubachuuf tokko tokkoo isaaniif qalama garaa garaa fayyadamun gaarii dha. Maricha karaa
qabsiisuuf adeemsa madaallii yaada hawaasaa armaan gadii (Boqonnaa 5ffaa) ilaalaa.

Kenniinsi qabxii akkuma raawwateen hojjettootni eksiteenshinii fayyaa qabxii cuunfame mana
maree maamiltootaaf ni kennu. Manneen maree kunis dhaabbata fayyaa irratti ramadaniif
qabxii keellaawwan fayyaa irraa walitti qaban dhaabbilee tajaajila fayyaa fi Aanichaaf ni erga.
Waajjirri eegumsa fayyaa aanaas qabxiilee dhaabbilee kenniinsa tajaajila fayyaa bu’uuraa
hunda mana maree maamiltootaa irraa fudhachuun cuunfaa isaa Waajjira Fayyaa Godinaa fi
Biiroo Eegumsa naannoof ni erga. Godinaalee fi Naannon immoo sadarkaa adda addaatti bu’aa
cuunfame ni qabaatu. Haala qindeessa ragichaa bu’a qabeessaa fi salphaa taasisuuf
teknooloojiitiin deeggaramuu qabu.

Gulantaa 4: Daawwannaa fi duub-deebii dhaabbilee fayyaa

Dhaabbileen Fayyaa madaallii yaada hawaasaa


Gahee dhaabbilee fayyaa bu’uuraa: bu’aa
manni maree maamiltootatiin qabxii kennameef madaallii yaada hawaasaa hojjettoota, koree
ilaaluun yaada kennuu fi duub-deebii hawasaaf manaajimantii dhaabbatichaa fi koree
akka kennuuf akka qophaa’an taasisu. Kunis kan hoggansaa waliin ta’uudhaaan yaadota
kennaman adda baasuu
raawwatu wayita manni maree kun dhaabbilee
Gahee waajjira eegumsa fayyaa aanaa:
fayyaa kana daawwatan ta’a. Yeroo
Bu’aan madaallii yaada hawaasaa hojjettoota,
daawwannaa dirree kanas manni marichaa qabxii manaajimantii fi koree hoggansaa
hawaasni kennee fi hojii qabatamaa wal-cinaa dhaabbatichaan ilaalamuu isaa mirkaneessuu

qabuun ni mirkaneessa. Bu’aan madaallii kun Gahee mana maree maamiltootaa: bu’aa
qabxii marii hojjettootaa, manaajimantii mana madaallii yaada hawaasaa dhiyeessuun
dhaabbilee waliin ta’uudhaan immoo
hojichaa fi koree hoggansaa ta’ee xiyyeeffannoo dhimmoota hammaataa ta’an yeroo
argachuu fi karoorri gochaa (action plan) qophaa’ee irratti hojjetamuu
daawwannaa dirreeisaa mirkaneessuuf
qorachuu fi
mirkaneessuu
hojjettootaaf, manaajimentii dhaabbatichaa fi koree hoggansaaf kennamuu qaba.

8|
Gulantaa 5: Hawaasa waliin wal-tajjii gaggeessuu

Wal-gahiin fi mariin hawaasaa bu’aa


Gahee hojjettoota eksiteenshinii fayyaa fi garee
madaallii yaada hawaasaa irratti misoomaa: hawaasani marii keessatti harcaatii
mari’achuuf baay’ee barbaachisoo dha. malee akka hirmaataniif sadarkaa dhuunfaa fi
maatiitti amansiisuun hirmaachisuu
Wal-gahiiwwan kunis dhaabbilee fayyaa
bu’uuraa fi waajjira eegumsa fayyaa aanaa Gahee dhaabbilee fayyaa bu’uuraa: hawwasni
yaadaa fi fedhii isaa akka ibsatu akkasumas
irraa namoota dhimmi isaan ilaalu hedduu
ogeessotni deeggarsa ogummaa kennan immoo
kan hirmaachisu yoo ta’u, yaadota hawaasni komii fi yaada deddeebi’ee hawaasni kaasu akka
kaase irratti marii gadi-fageenyaan hubataniif jecha marii hawaasaa waliinii adeemsisuu.

gaggeessuuf carraa kan uumu dha. Yaroo Gahee waajjira eegumsa fayyaa aanaa: komii fi
yaada hawwaasaa hubachuudhaan deebii kennuuf
wal-gahii kanas miseensonni mana maree
hojicha ni qindeessa, raawwii isaafis ogeessotaa fi
maamiltootaa, daayirekteeronni dhaabbilee hawwaasa waliin ni hojjeta.
fayyaa fi waajjirri eegumsa fayyaa aanaa
Gahee mana maree maamiltootaa: bu’aan madaallii
yaadota hawaasa irraa ka’an sirreessuuf yaada hawaasaa madaalawaa ta’uu mirkaneessu,
karooraa fi raawwii isaanii yeroo yerootti karoora duub-deebii irratti gorsuu fi qaama dhimmi
ilaalu itti gaafatamummaa akka fudhatu gochuu dha.
beeksisuuf kutannoo qaban himuun irraa
eegama.

Gulantaa 6: Raawwii fi hordoffii

Waajjirri eegumsa fayyaa aanaa mana maree


Gahee dhaabbilee fayyaa bu’uuraa: Safartuulee
maamiltootaa waliin ta’uudhaan dhaabbatni madaallii yaada hawaasaa irraati yaadota ka’aniif
fayyaa bu’uuraa yaada hawaasni kenne irratti deebii kennuuf hojjechuu

hundaa’uun karoora tarkaanfii baafatee Gahee waajjira eegumsa fayyaa aanaa: Bu’aan
hojjechaa jiraachuu isaa ni mirkaneessa. madaallii yaada hawaasaa hawaasichaaf akka
dhiyaatu, yaadota ka’aniif deebii kennuuf karoorri
Akkuma armaan olitti ibsamuuf yaalametti tarkaanfii akka qophaa’u fi hojii irra oolu
bu’aan madaallii yaada hawaasaa, karoorri akkasumas sadarkaa raawwii isaa hawaasaaf
tarkaanfii fi raawwiin isaa sadarkaa kam irra ibsamuu isaa mirkaneessuu

akka jiru wal-tajjii walii galaa irratti ni Gahee Biiroo Eegumsa Fayyaa: bu’aan madaallii
yaada hawaasaa kun sadarkaa dhaabbilee fayyaa
dhiyaata. Dabalataanis yaadota gamaaggama
bu’uuraa fi waajjira eegumsa fayyaa aanaatti akka
madaallii yaada hawaasaa keessatti ka’an safartuu hojii ijoo tokkootti ulaagaa madaalii ta’ee
karoora walii galaa keessatti hammatamanii galuu isaa ni mirkaneessa.

akka hojjetaman ni taasisa, hammatamuu isaaniis ni mirkaneessa.

9|
V. Adeemsa madaallii yaada hawaasaa

Adeeemsi madaallii yaada hawaasaa kun kutaalee shan qaba.

A. Osoo gara madaallii yaada hawaasaatti hin galiin dura haala dureewwan guutamuu
qaban kutaa eeru dha
B. Haalli madallii yaada hawaasaa kun akkamitti akka adeemsifamuu qabuu fi qabiinsa
ragaa irratti kan xiyyeeffatuu dha
C. Qabxii cuunfuu, sadarkaa adda addatti bu’aa madaallii safartuulee kan ibsuu dha.
D. Daawwannaa dhaabbilee, bu’aa hawwasichi kenne, duub-deebbii kennamee fi karoora
tarkaanfii qophaa’e qabatamaan bakka jirutti kan hordofamuu fi
E. Hawaasa waliin wal-tajjii waliinii gaggeessuu dha.

A. Yeroo Qophii (haal-dureewwan guutaman)

 Sandni kun haala qabatama naannoo keenyaa bu’uura godhachuudhaan sadarkaa Gandaatti
kutaa hawaasa garaa garaa irraa kan bobba’an itti gaafatamummaa hawaasaa irratti kan hojjetu
koree mana maree maamiltootaa hundeessuu
 Waa’ee madaallii yaada hawaasaa, gamaaggamaa fi adeemsa qabxiin itti kennamu mana maree
maamiltootaaf, waajjira eegumsa fayyaa aanaatiif, dhaabbilee tajaajila fayyaa bu’uuraa fi
hojjettoota eksiteenshinii fayyaa tiif ibsa gochuu
 Kurmaanaan goxii/garee misoomaa 1-30 irratti marii taasisan adda baasuu, sagantaa qopheesuu
yoo danda’ame immoo wal-tajjii idileeffame waliin walitti hidhatee akka gaggeeffamu gochuu
 Hojjettootni eksiteenshinii fayyaa madaallii yaada ummataa kana gageessuuf dhiyeessii
barbaachisan kanneen akka unka qabxiin irratti qindaa’u, barreessituu/peennaa fi shallagduu
herregaa/calculator qopheessuu
 Mariin yeroo adeemsifamutti bakka bu’oonni buufata fayyaa, waajjira eegumsa fayyaa aanaa
fi bulchaa gandaa jiraachuu hin qaban. Haata’u malee miseensonni mana maree maamiltootaa
argamuu ni danda’u. Hojjettootni eksiteenshinii fayyaa ykn miseensotni mana maree
maamiltootaa maricha qindeessuu ni danda’u.

B. Marii yaada hawaasaa fudhachuuf taasifamu

i. Wal-baruu qindeessitootaa fi hirmaattotaa (daqiiqaa 5):-qindeessan/tuun ofiisaanii gadi


fageenyaan erga of beeksisaniin booda hirmaattotnis haaluma wal-fakkaatuun of
beeksisanii galmeen ni raawwata.

10 |
ii. Kaayyoo madaallii yaada hawaasaa irratti ibsa kennuu (daqiiqaa 10):-qindeessitootni
adeemsa madaallii yaaada hawaasa ni dhiyeessu. Adeemsi madaallii yada hawaasaa
kun kan qophaa’e
 Yaada hawaasaa dhaabbilee tajaajila fayyaa irratti ka’u sirriitti safaruu fi gara
karoora gochaatti jijjiiruun danda’amuun qabachuu
 Fedhii hawaasaa guutuuf qulqullina kenniinsa tajaajilaa waliin hordofuuf
 Hojjettootni eksiteenshinii fayyaa fi gareen misoomaa fedhii hawaasichaa sirriitti
hubatanii qaama ilaallatuuf akka dabarsanii fi
 Dhaabbileen tajaajila Fayyaa bu’uuraa fi waajjirri eegumsa fayyaa itti
gaafatamummaa hawaasichaaf qaban cimsuuf dha.
iii. Adeemsa yaadnii fi qabxiin itti kennamu ibsuu (daqiiqaa 5):

Marichi akkamittiin fi duraa duuba hordofuu qabu ibsuu, gaaffileen ibsa barbaadan yoo jiratan
ibsuun hirmaattotnis dhaabbata madaalaniif kaayyoowwan armaan olitti tarreeffama giddu-
galeessa godhachuun bilisaan mari’atanii guutaa jiraachuu isaanii mrkaneessuu.

Itti fufuun hirmaattotaaf safartuulee shanan irratti safartuu 1-5(1- baay’ee badaa, 2- badaa, 3-
homaa hin jedhu, 4-gaarii fi 5-baay’ee gaarii) jechuudhaan dhaabbilee fayyaa bu’uuraatiif
(buufata fayyaa fi hospitaala sadarkaa calqabaaf) akka kennan ibsuu.

Dubbisuu warreen hin dandeenyeef immoo qabxii safartuulee tokkoo tokkoo isaatiif qalama
garaa garaa kennuun akka madaalan ni godhama (1-diimaa, 2-burtukaana, 3-keelloo, 4-
cuquliisa, 5-magariisa) nibsuu.

Gabatee-2: Koodii Qalama qabxii kennuu

1-Baay’ee badaa Diimaa


2-Badaa Burtukaana
3-Homaa hin jedhu Keelloo
4-Gaarii Cuquliisa
5-Baay’ee gaarii Magariisa

Safartuulee muraasa irratti qabxii kennuuf hirmaattotni muuxannoo ykn fedhii hin qabaatiin
akka nama sagalee hin kennineetti fudhatamanii lakkoofsa warra qabxii kenne keessa ala ta’u.
Safartuuwwan tokkoo tokkoo isaanii irratti mariin daqiiqaa shanii hanga kudhanii erga

11 |
taasifameen booda, dhaabbatichaaf safartuulee muraasa irrati madaallii gaggeefame irraa
giddu-galeessaan shallagamee ni kennamaaf.

iv. Safartuulee irratti ibsa kennuu fi haala qabxiin itti kennamu qindeessuu (daqiiqaa 60)

Safartuun madaallii yaada hawaasaa kana hirmaattotaaf tokko tokkoon kaasuun hubachuu
isaanii mirkaneessuun barbaachisaa dha. Safartuulee hunda irratti ibsa yoo taasifnu hiikoo
armaan gaditti kaa’aman fayyadamuun marii fi adeemsa qabxiin ittiin kennamu qindeessuun
barbaachisaa dha.

Fakkeenyaaf, mariisisaan/tuun safartuu 1 fudhatee/ttee daqiiqaa 5-10 irratti mari’achuun,


namoota mari’atan keessaa namoota meeqatu baay’ee badaa, badaa, homaa hin jedhu, gaarii fi
baay’ee gaarii akka jedhan gaafachu. Itti aansuudhaanis mariisisaan/tuun harka hangamiitu
akka ba’e lakkaa’uun fi bu’aa kennameen baay’isuun qabxii, bu’aan isaa
(15*2+10*5+5*3/30=3.1) ta’a jechuu dha. Kanaafuu, qabxiin walii galaa (sadarkaa 6-30)
argachuuf qabxii giddu-galeessa tokkoo tokkoon safartuulee ida’amee argamuu dha.

Gabatee-3: Haala kenniinsa qabxii madaallii yaada hawaasaa


Safartuu Hiikkaa Qabxii marii Adeemsa qabxiin itti
kennamu/bu’aa
Safartuu 1:  Rakkoo nama biroo akka mataa ofiitti Dhaabbata fayyaa keessatti Daqiiqaa 5-10 marii
Tajaajila garaa ilaaluun dhala namaaf kabaja ogeessotni kan kunuunsan, erga gaggeessaniin
laafinaan, barbaachisu kennuun tajaajila kabajan, garaa laafinaan booda, dhimmicha
kunuunsuun fi dhukkubsattoota giddu-galeessaa tajaajila kennuu isaanii irratti sagaleef dhiyeessuun
kabajaan godhate kennuu hirmaattotni akka mari’atan hirmaattotaan qabxii
kenname  yaalamtootaa fi dhukkubsattoota gidduu gochuu. kenname 1-5 adda
walii-galteen gaarii jiraachuu addaan galmeessuu
 yaalamtootaaf kabaja kennuu fi murtee
kenniinsa tajaajila fayyaa irratti
dhukkubsattootaa fi maatii
hirmaachisuu fi
 anaan kan na gammachiisu ogummaa
kiyyaan hawaasaa fi biyyakoo yoo
tajaajile dha jedhanii fudhachuu dha.
Safartuu 2:  Faayidaan yeroo turtii tajaajilaa kun Hirmaattotni dhaabbilee Daqiiqaa 5-10 marii
yeroo turtii fayyadamaan/yaalamaan yeroo buufata fayyaaa keessatti tajaajila erga gaggeessaniin
tajaajilaa fayyaa/hospitaala kaasee hanga tajaajila barbaadan argachuuf yeroo booda, dhimmicha
fooyyessuu barbaadu argatutti yeroo ture/eege turtii itti fudhate irratti yaada sagaleef dhiyeessuun
jechuu dha. akk kaasan hirmaattotaan qabxii
Barbaachisaa ta’ee yoo kenname 1-5 adda
argame immoo bakka addaan galmeessuu
tajaajila itti argatan keessaa
yeroo turtii dheeraaf ka’umsa
kan ta’e irratti addaan
mari’achuu
Safartuu 3:  Qorichoonnii fi meeshaalee qorannoo Hirmaattotni muuxannoo Daqiiqaa 5-10 marii
meeshaalee n yaalaa qophaa’oo ta’anii argamuu dha. duraanii, kan dhaga’anii fi erga gaggeessaniin
qorannoo argan irraa ka’uun dhiyeessii booda, dhimmicha

12 |
yaalaa fi qorichaa fi meeshaalee sagaleef dhiyeessuun
dhiyeessiin qorannoo yaala fayyaa irrratti hirmaattotaan qabxii
qorichaa gahaa fi kenniinsa tajaajila ayyaa kenname 1-5 adda
ta’uu irratti yaada ibsu addaan galmeessuu
Safartuu 4:  Dhaabbatichi bu’uuraalee misoomaa a Hirmaattotni muuxannoo Daqiiqaa 5-10 marii
Misoomni barbaachisoo kanneen akka gamoo, duraanii, waan hubatan fi erga gaggeessaniin
bu’uuraa ibsaa, bishaanii fi kkf kan qabu ta’uu fi argan irraa ka’uun bu’uuraa booda, dhimmicha
dhabbilee  Tajaajila/kunuunsa barbaachisu yeroo misooma jiraachuu fi sagaleef dhiyeessuun
tajaajila barbaachisu keessatti kennuuf bu’uurri hojjechuu oisaanii irratti hirmaattotaan qabxii
fayyaa misoomaa hojjechaa jiraachuu isaanii yaada qaban kaasan kenname 1-5 adda
guutamuu addaan galmeessuu
Safartuu 5:  yeroo hawaasni barbaadutti tajaajjilii Hirmaattotni tajaajila, Daqiiqaa 5-10 marii
Tajaajila, Ambuulaansii jira? bulchiinsaa fi to’annoo erga gaggeessaniin
fayyadamaafi  bulchiinsii fi to’annoon ambuulaansii ambuulaansii sirrii irratti booda, dhimmicha
ta’annaa jira? marii ni tasisu sagaleef dhiyeessuun
Ambuulaansii hirmaattotaan qabxii
kenname 1-5 adda
addaan galmeessuu
Safartuu 6:  Mooraan dhaabbatichaa qulqulluu, Hirmaattotni qulqullinaa fi Daqiiqaa 5-10 marii
dhaabbilee magariisaa fi nama harkisaa? nageenya dhaabbatichaa erga gaggeessaniin
fayyaa  kutaaleen tajaajilli itti kennaman irratti ni mari’atu. booda, dhimmicha
qulqulluu, kanneen akka kutaa deddeebi’anii sagaleef dhiyeessuun
mijataa fi yaalamuu, ciibsanii yaaluu, hirmaattotaan qabxii
hawwataa laaboraatoorii fi kkf faalamaa fi foolii kenname 1-5 adda
gochuu badaa irraa bilisa ta’uu addaan galmeessuu
 Sirni maksa kosii dhukkubsattootaa fi
hawaasa balaaf kan hin saaxillee dha.

v. Gudunfaa/cuunfaa marichaa (daqiiqaa 5)

Marisisaan/tuun tokkoo tokkoo safartuu ulaagaa fayyadamuun qabxii 1-5 kennuu fi qabxii
waliigalaa kenname immoo harka 30 keessaa (parsantii 30/%) kaa’uun gara dhibbeentaatti
jijjiiruun hawaasichaaf ifoomsuun maricha ni gudunfa/ti.

Gabatee 4: Cuunfaa qabxii kennamuu

Kaardii Safartuu raayyaa msoomaa fayyaa (1-30)


Safartuu 1. Baay’ee badaa
2. Badaa
3. Homaa hin jedhu
4. Gaarii
5. Baay’ee gaarii
Safartuu 1: Tajaajila garaa laafinaan, kunuunsuun fi kabajaan kenname
Safartuu 2: yeroo turtii tajaajilaa fooyyessuu
Safartuu 3: meeshaaleen qorannoo yaalaa fi dhiyeessiin qorichaa gahaa ta’uu
Safartuu 4: Misoomni bu’uuraa dhabbilee tajaajila fayyaa guutamuu
Safartuu 5: Tajaajila, fayyadamaa fi ta’annaa Ambuulaansii
Safartuu 6: Dhaabbilee fayyaa qulqulluu, mijataa fi hawwataa gochuu
Bu’aa harka 30 keessaa %dhaan

13 |
Dhaabbata fayyaa tokkoof qabxiin giddu galeessaa garee misooma fayyaa tokkoon (1-30)
bu’uura gulantaa ta’een akka armaan gadiitti ibsameera.

 Baay’ee gaarii =qabxii 25-30(81-100%)


 Gaarii=qabxii 20-24(65-80%)
 Homaa hin jedhu =qabxii 15-19(50-64%)
 Badaa =qabxii 10-14(30-50%)
 Baay’ee badaa=qabxii 6-9(<30%)

Garee waliin safartuuwwan jahan sirrii ta’uu, yaadota fooyya’uu qaban, haarawa dabalamuu
qaban irratti marii taasisuu

Garagalchi kaardii madaallii yaada hawaasaa gaggeessitoota garee misoomaa (1-30) fi


hojjettoota eksiteenshinii fayyaatiif kennuu

Sirni Maddaallii yaada hawwasaa kun bifuma wal-fakkaatuun kurmaanaan akka gaggeeffamu
hawaasichaaf (1-30 garee raayyaa misooma fayyaaf) beeksisuu

Hirmaattotaaf galata galchuu fi wal-gahicha goolabuu.

C. Qaaccessa qabxii

Gareen raayyaa misooma fayyaatiin adeemsi kenniinsa madaallii yaada hawaasaa erga
raawwatameen booda, qabxii keellaawwan fayyaa adda addaa gudunfuu ta’a. Gabaasni
gudunfaa madallii yaada hawaasaa dhaabbilee fayyaa fi mana maree maamiltootaaf ni
dhiyaata. Haaluma wal-fakkaatuun qabxiin cuunfame buufataalee fayyaa fi hospitaalotaafis
akka ga’u ni taasifama.

Safartuu keellaa 1 keellaa 2 Bu’aa giddu-


Bu’aa Bu’aa galeessaa(buufata
giddu- giddu- fayyaa/hospitaala sadarkaa
galeessaa galeessaa calqabaa)
Safartuu 1: Tajaajila garaa laafinaan,
kunuunsuun fi kabajaan kenname
Safartuu 2: yeroo turtii tajaajilaa fooyyessuu
Safartuu 3: meeshaaleen qorannoo yaalaa fi
dhiyeessiin qorichaa gahaa ta’uu
Safartuu 4: Misoomni bu’uuraa dhabbilee
tajaajila fayyaa guutamuu

14 |
Safartuu 5: Tajaajila, fayyadamaa fi ta’annaa
Ambuulaansii
Safartuu 6: Dhaabbilee fayyaa qulqulluu,
mijataa fi hawwataa gochuu
Bu’aa harka 30 keessaa %dhaan

Haala duraa duuba armaan gadiitiin bu’aan hiikame dhaabbata tajaajila fayyaa bu’uuraa fi
hospitaalota sadarkaa calqabaaf ni kennama.

 Baay’ee gaarii =qabxii 25-30(81-100%)


 Gaarii=qabxii 20-24(65-80%)
 Homaa hin jedhu =qabxii 15-19(50-64%)
 Badaa =qabxii 10-14(30-50%)
 Baay’ee badaa=qabxii 6-9(<30%)

Gabaasni Gudunfaa madaallii yaada hawaasaa kan buufata fayyaa waajjira eegumsa fayyaa
aanaa fi mana maree maamiltootaaf ergamuu qaba.

D. Daawwannaa Dhaabbilee Fayyaa

o Manni maree maamiltootaa koree manaajimantii buufata fayyaa waliin ta’uudhaan


sagantaa daawwannaa ni qopheessa
o Daawwannichi yaadota hawaasaa yeroo marii ka’an irratti hundaa’uun mooraa
dhaabbilee keessa naanna’uun kan raawwatamuu dha.
o Manni maree maamiltootaa duub-deebiitiif koree manaajimantii dhaabbilee waliin
marii ni taasisa, karoora gochaas koree manaajimentii buufatichaa waliin ni qopheessa
o Karoorri gochaa kunis duub-deebiin kurmaanaan hawaasaaf dhiyaatu osoo irratti hin
mar’atamiin irra deebi’amee ni ilalama

E. Hawaasa Walin Marii Gaggeessuu

 Manni maree maamiltootaa gamaaggama madaallii yaada hawaasaa fi bu’aa


daawwannaa dhaabbilee walgahii irratti ni dhiyeessa.
 Karoorri gochaa qophaa’es yaadota hawaasaa ka’an bifa deebisuiu danda’uun
qophaa’uu qaba
 Akka dhaabata fayyaatti tarkaanfii sirreeffamaa fudhataman itti-fufiinsaan hawaasaaf
dhiyaatanii gamaaggamamuu qabu

15 |
VI. Bulchiinsa bu’aa madaallii yaada hawaasaa

Kutaalee armaan olii keessatti akkuma eerame, hoggantootaa fi qaamni murteessoon sektera
fayyaa sadarkaa sadarkaan jiru hojimaata kaardii madaallii yaada hawaasaa abbummaan
hogganuu fi hubachuun qooda isaanii bu’uu qabu. Sirni kaardii madaallii yaada hawaasaa
fedhii hawaasichaaf sirrii fi si’ataa kennuuf gaggeessitootni siyaasaa sadarkaa sadarkaan jiran
akka meeshaa murteessaa bulchiinsa gaarii tokkootti fudhatanii fedhii hawasaaf deebii
hatattamaa kennuu qabu. Dabalataanis, bu’aan madaallii yaada hawaasaa gabaasota biroo
waliin qindeessuun sirna gabaasni ittiin ergamu keessa galee idileedhaan sirna galmeessaa fi
fayyadama ragaa fayyaa (HMIS) keessatti kurmaanaan gabaafamuu qaba.

Hojjettoota Eksiteenshinii Fayyaa: hojjettootni eksiteenshinii fayyaa gaggeessummaa mana


maree maamiltootaatiin marii raayyaa garee misooma fayyaa (1-30) fi dhaabbileen fayyaa
bu’uuraa waliin ni taasisu. Hojjettootni eksiteenshinii fayyaa adeemsa madaallii yaada hawaasa
kana wal-gahii idileeffamee jiru waliin qindeessanii raawwachuuf garee raayyaa misooma
fayyaa waliin walitti dhufeenya qabaachuu qabu. Dabalataanis, hojjettootni eksiteenshinii
fayyaa kun qabxii madaallii yaada hawaasaa qaaccessuu, bu’aa madaallichaa mana maree
maamniltootaaf kennuu fi dhimmota sirraa’uu qaban irratti bu’aa madaallii fayyadamuun
sadarkaa isaaniitti hiikamu hiikuuf itti gaafatamummaa qabu.

Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajila Fayyaa Sadarkaa Calqabaa (buufata fayyaa fi hospitaala


sadarkaa calqabaa):- dhaabbilee kenniinsa tajaajila fayyaa sadarkaa calqabaa kun bu’aa
madaallii hawaasaatiin safartuu qabxii gadi aanaa itti argatan adda baaasuun tarkaanfii
sirreeffamaa fudhachuu qabu. Akkasumas bu’aa argamee fi jijjiirama jiruu fi dhimmoota
furmaata argatan wal-gahii fi marii hawaasaa adda addaa irratti haala irra jiran ibsuun
barbaachisaa dha.

Mana Maree Maamiltootaa:- waajjira eegumsa fayyaa aanaa fi dhaabbilee tajaajila fayyaa
waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuu fi hojjettootni eksiteeenshinii fayyaa adeemsa madaallii
yaada hawaasaa karoorsuu fi gageessuu isanii mirkaneessuuf itti gaafatamummaa qaba.
Akkasumas, manni marichaa cuunfaa bu’aa madaallii yaada hawaasaa hojjettoota eksiteeshinii
irraa dhufe gara dhaabbilee tajaajila fayyaatiif ni dhiyeessa. Manni maree kun waajjirri fayyaa
aanaa fi dhaabbilee tajaajila fayyaa bu’uuraa hawaasaaf deebii si’aawaa fi itti gaafatamummaan
akka jiraatu gochuu keessatti gahee qaba.

16 |
Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa:-waajjirri eegumsa fayyaa aanaa fi bulchiinsi madaallii
yaada hawaasaa dhaabbilee fayyaa bu’uuraa tokkoo tokkoo isaaniif kenname ilaaluu, qabxii
akka aanaatti jiru cuunfuu fi Waajjira Fayyaa Godinaa fi Biiroo Eegumsa Fayyaa Naannoof
gabaasuu dha. Dabalataanis, dhaabbilee tajaajila fayyaa itti dhiyeenyaan hordofuu, deeggaruu
fi bu’aa madaallii yaada hawaasaa qabxii xiqqaa fi gad-aanaa ta’an irratti dhimmootni
sirreeffamuu qaban sirreeffamaa jiraachuu isaanii mirkaneessuu. Biiroo Eegumsa
Fayyaa/Waajjira Fayyaa Godinaa:-Naannoon/Godinni aanaalee jiran hunda irraa madaalliin
yaada hawaasaa akka cuunfamu gochuu, akkasumas aanaalee raawwii gadi aanaa qaban
deeggaruu, aanaalee raawwii ol-aanaa qaban irraa immoo muuxannoo gaggaarii babal’isuu fi
gabaasa aanaalee Ministeera Eegumsa Fayyaa Federaalaaf dhiyeessuu.

Ministeera Eegumsa Fayyaa Federaalaa:-Fooramoota hoggantoota ol-aanaa (JSC)


gaggeessuu. Carraa wal-irraa barachuu, gamaaggamuu fi madaallii yaada hawaasaa wal-
gahiiwwan waliinii irratti ilaaluu fi dhiyeessuu.

17 |
18 |

You might also like