Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 3

TORBEE DHUFUN FANNIFAMA(Dinqii Gooftaa)

=================================

" Kiruseedii gurguddaa ardii Afrikaa keessatti gaggeessinuun namootni miliyoonaan lakkaawwan
gooftaatti amananu turan. Dabareedhaan biyya Koongoo wangeela lallabuufan deeme. Guyyaa tokko
obboleessi wayii akka mana hidhaa dhaqnee wangeela dhugaa baanuuf nu affeere. Innis kanaan dura
achi deemee waan tureef hidhamtoota keessaa kan amanan turan. Yeroo dhaqnetti namoota 50 kan
duuni itti murtaa'e, harkii fi miilli isaanii haala sukkanneessaan, finyoo(funcaa) sibilaan, hidhaman
argine. Taa'anii faarfatu. "Guyyaan gooftichi uume isa kana" jechuun walharkaa fuudhanii suuta
faarfatu" jedhan hojjetaan wangeelaa Reinhard Bonnke.

Girgiddaa manichaa keessa sibila tokkorra taa'ee osoon dhaggeeffadhuu Hafuurri Waaqayyoo natti
dubbate."Mucaa dura bu'ee faarfachiisaa jiru kanaan 'Mana hidhaa kanaas ni baata, wangeela koos ni
lallabda' jedhii itti himi" naan jedhe. Anis yaa gooftaa kun sagalee keetii jedheen irra deebiin gaafadhe.
Waaqayyoos deebisee "Eeyyee! kun Sagalee kooti !" jechuun natti dubbate. Namicha afaan naaf hiikuun
"muca dura bu'ee faarsaa hogganaa jiru naaf waamin" jedheen.

Dargaggeessichi yoo dhufu"Maqaan kee eenyu jennaan Richard" naan jedhe. Richard, Waaqayyo
gooftaan "mana hidhaa kanaas ni baata, wangeela koos ni lallabda" sin jedheera jedheen itti hime.

Fuulli mucaa kanaa ni geeddarame. Innis " Muka guddaa ala jiru sana agartaa ? " naan jedhe. "Eyyeen"
jedheen. "Ji'atti yeroo tokko magaalaa Kinshaashaa irraa namni tokko nu fannisuuf ergama. Nuyis
mukicha fuldura dhaabbannee fannifamuuf dabaree egganna. Funyoo morma(kokkeetti) hidhee fiixee
mukarraatti ol harkisee gadi yoo deebisu hidhamaan sun ni du'a. Kana dura dabareen yemmuu narra
ga'u yeroo sadiif nan dadhabe; ji'a dhuftutti jedhee na dhiisee deeme. Torbee dhufu garuu jalqaba
irratti anatu fannifama" jechuun naaf deebise. Anis "Egaa Waaqayyoo akkas jedheera jechuun
kadhadheefiin bira adeeme."

Torban sana manatti yoon kadhadhu"Yaa gooftaa! Dhimma Richard sana raawwadhuuf" jechuun
boo'ichaan kadhadhaaf. Haafurri Waaqayyoo guyyaa tokko "Atumti bulchitoota biyyaa bira dhaqii bakka
isaa dubbadhuuf " jedhe. Anis nan dhaqe. Bulchaan biyyaa mana hin turre. Haadha manaa isaatiin "har'a
dhimma tokkofan as dhufe"n jedheen. "Torbee darbe mana hidhaatti wangeela lallabeen ture.
Waaqayyoo dargaggeessi Richard jedhamu gadhiifamee wangeela koo haa lallabu waan jedheef dhimma
kana abba warraa keettii akka naaf himtu kabajaan si gaafadhan" jedheen. Isheenis "dhimmi kun waan
ta'u natti hin fakkaatu" jette. Xiqqoo turtees " yoo ijoollee keenya Ameerikaatti kaffaltee nuuf barsiisfte
garuu irra mari'anna" naan jette. Anis deebisee "Lakki ! Kana gochuuf ani qarshii hin qabun" jedheen.
Baay'ee natti aarte. Balbala natti cuftee deemuuf yoo isheen kaatu "Waaqayyoo Richard hiikaa; inni
hojjetaa wangeela kooti isiin jedheera" jedheen sokke.
Konfiraansii gaggeessee yoon deebi'u bilbilli natti bilbilamee "Richard hiikameera. Amma barumsa
wangeela barachuuf galmaa'eera" naan jedhe. Anis "Baasii mana barumsaa isa nan danda'an" jedheen.
Waggaa afuriin booda Kiruseedii magaalaa Kinshaashaatti qopheessinee turre. Dura bu'aan Kiruseedii
keenyaa har'a saatii laaqanaa nannoo hoteela kiyyaatti "surprise" n akka na qunnamu natti hime. Yeroo
geenyu dargaggeessi tokko fiigee dhufee natti marame. Ni boo'e, na boochise. Ani Richard jechuun natti
hime. Barumsa fixee hojjetaa wangeelaa ta'e. Dhugumaan“Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru"
( Luq. 1:37)

Dinqiidha hojiin Gooftaa keenyaa!! Fannifamuu nama oolchee lallabaa wangeelaa nama taasisa.

Afaan Oromootti kan hiike Duresa Guluma

#Sammuu_Kee: Qabeenya Kee Isa Guddaa

(Eebbisaa Baayisaa)

Gaafa dhalatte qabeenyi guddaan ati qabattee gara addunyaa kana dhufte tokkichi sammuu keeti. Yeroo
kee fi namoota kee itti dhalatte malee qabattee hin dhalanne. Uumaan kee gaafa addunyaa kana irratti
akka dhalattu si taasise kaayyoo inni siif kenne hunda galmaan ga'uu akka dandeessu dhibbaa fi dhibba
ni beeka ture. Akkamitti? Kennaa guddaa waan barbaade hunda raawwachuu danda'u tokko gurraa kee
lamaan gidduu siif kaa'eera. Kennaa guddaa kana qabattee wanti ati milkeessuu hin dandeenye akka hin
jirre waan beekuuf, dhalattee booda rakkoon hammamuu yoo si mudate sana akka injifattu shakkii hin
qabu.

Sammuun ati qabattee dhalatte meeshaa salphaa miti. Dhugaa dubbachuuf, wantota hawaa keessa jiran
hunda keessaa wal-xaxaa fi gad fagoon hamma sammuu keetii ga'u hin jiru. Kompiyuutaroota har'a
addunyaan kun itti fayyadamtu hunda kan caalu sammuun kee, haga ammaatti waa'een isaa beekumsa
namootaaf qoratamee hin dhumne. Niwuroonota biliyoona 100 tti tilmaamaman of keessaa qabda.
Seelonni kunniin yeroo walitti dabalaman kan uumaman saayinaapsota tiriiliyoona 100 qabda. Sammuun
kee ajaa'ibsiisaan odeeffannoowwan peentaa baayitii 2.5 kuusuu danda'a. Kana jechuun, daataa
2,500,000,000,000,000,000 ol kuusuu danda'a jechuudha. Dhugaa dubbanna yoo jenne, wantota
Uumaan uumes ta'e wantota nam-tolchee keessa uumamni hamma sammuu keetii ajaa'ibsiisaan
eessayyuu hin jiru!

Mataan ati qabattee dhalatte kun guyyaa tokkotti qofa yaadota adda addaa giddu galeessaan haga kuma
70 ta'an yaada jedhu qorattoonni saayikoloojii. Dandeettiin kun dandeettii salphaa miti. Nama guddaa
ta'uuf carraa guddaan ati qabdu dandeettii yaaduu keeti!

#Guddinni_Akkana_kitaaba_jedhu_irraa_kan_fudhatame!

#namabiyyaoromoo
#deemsiittifufa

You might also like