Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 144

KITAABA KANA HAALA GAARIIN QABACHUUN ITTI

GARGAARAMI

Kitaabni kun qabeenya mana barumsaa keetiidha. Kan keetis.


Kanaafuu, akka miidhaan irra hin geenye eegi.

1. Kitaabicha gaazexaa, yookaan waraqaadhaan uwwisi.


2. Kitaabicha yeroo hunda bakka jiidha hin qabneefi qulqulluu ta’e
kaa’i.
3. Kitaabicha yeroo hunda harka qulqulluutiin qabadhu.
4. Qola isaa yoo kaan keessa isaatti hoomayyuu hin barreessiin.
5. Bakka booda banachuu barbaaddu kaardii yoo kaan waraqaa
gabaabaa keessa kaa’uun mallattoo taasifadhu.
6. Fuula yoo kaan fakkiillee tarsaasuuf hin yaalin.
7. Fuulli tarsa’e yoo jiraate, haphee yookaan pilaasteraan deebisii
walqabsiisi.
8. Yeroo baattee deemtuu haala kitaabchi hin miidhaamneen
qabaadhu.
9. Kitaabicha yommuu namaa ergistu akka kunuunsuuf
akeekachisi.
10. Kitaaba haaraatti yeroo duraatiif yommuu gargaaramtu,
kitaabicha dugdaan ciibsi si’a tokko fuulota muraasa qofa galgalichi.
Suuta jedhii jidduu kitaabichaa harkaan gadi qabi. Haalli kunis qolli
kitaabichaa akka hin miidhamnee gargaara.

Sample output to test PDF Combine only


BARNOOTA SAAYINSII NAANNOO
KITAABA BARATAA

Qopheessitoonni

Baahiruu Hayilee

Tolasaa Yaadatee

Gulaaltonni

Abbayyaa Baayisaa

Amaanuheel Horaa

Baqqalaa Hayilee

Tafarii Qanaatee

Zalaalam Tamasgeen

Madaaltonni

Darajjee Alamuu

Nagaasaa Hundee

Yasuuf Mohaammad

BiirooBarnootaaOromiyaa (BBO)
2005

Finfinnee

Sample output to test PDF Combine only


© BiirooBarnoota Oromiyaa

Jalqababara, 2005 maxxanfame

Sample output to test PDF Combine only


Baafata

Qabiyyee Fuula

BOQONNAA TOKKO: QAAMA KEENYA……………………… 1

1.1. Qaama keenyaaf nyaanni ni barbaachisa……………….. 1

1.2. Marsaa Dhiigaa………………………………………….. 18

1.3. Sadarkaa saalfannoo irra gahuu…………………………. 27


1.4 . Karoora Maatii………………………………………………………….
29
BOQONNAA LAMA: UUMAMA NAANNOO KEENYAA……………………
32
2.1. Maatarii…………………………………………………………………….
32
2.2. Qabeenya Uumamaa……………………………………………………….
39
2.3. Marsaa Bishaanii…………………………………………………………..
50
2.4. Anniisaa……………………………………………………………………
52
BOQONNAA SADII: BIYYA KEENYA………………………………………
62
3.1. Maalummaa Biyyaa………………………………………………………
62
3.2. Sochiiwwan dinagdee gurguddoo Itoophiyaa……………………………..
91
BOQONNAA AFUR: NAANNOO HAWAASUMMAA KEENYA…………
113
4.1. Dabareewwan seenaa fi aadaa Itoophiyaa………………………………...
116
4.2. Walitti dhufeenya hawaasummaa fi sonawwan hawaasaa………………
133

Sample output to test PDF Combine only


BOQONNAA TOKKO
QAAMA KEENYA
1.1. Qaamaa Keenyaf Nyaanni Ni Barbaachisa
Gocha 1.1’n
Gaaffilee armaan gadiirratti mari’adhaa
1. Qaama keenyaaf nyaanni maaliif barbaachisa?
2. Nyaata naannoo keessanitti argamu tarreessuun faayidaa isaan kennanirratti
mari’adhaa.
Namni fayyaa qabaachuuf, guddachuu fi anniisaa argachuuf nyaata gara garaa
barbaada.Gosoonni nyaataa kanneen akka buddeena, daabboo, marqaa, burtukaana,
muuzii, dinnichafi aannan faadha.
Qaamni keenya nyaata nyaannurraa faayidaalee armaan gadii argata.

 Qaama keenyaaf anniisa kennuuf.

 Qaama keenya ijaaree guddisuuf.

 Dhukkuboota namarraa ittisuuf.

Dhangaalee Nyaataa

Dhangaalee nyaataa kan jedhaman wanta nyaata nyaanne keessaa qaamni keenya
filatee ofitti fudhatudha. Dhangaaleen nyaataa gahaa ta‟an nyaata keessaa argaman
kunniin faayidaa gara garaa qaama keenyaaf kennu. Nyaata gara garaa nyaannu
irraa dhangaalee nyaataa gosa jaha argachuu dandeenya. Isaanis:

A. Kaarboohaayidireetii D. Vaayitaaminoota
B. Pirootiinii E. Albuudoota fi
C. Coomaa fi zayita F. Bishaan

Sample output to test PDF Combine only


Maddaa fi Faayidaa Dhagaalee Nyaataa

Tokkoon tokkoon dhangaa nyaataa faayidaa fi madda mataa isaanii qabu.

A. Kaarboohaayidireetii
Sochii qaamaa fi dalagaa hojii humnaa hojjechuuf gosti dhangaa nyaataa nu
barbaachisu isa kami?
Maddi nyaata kaarboohaayidireetii garbuu, qamadii, boqqolloo,
shonkooraa, damma, dinnicha, dabaaqula, muuzii fa‟i.
Kaarboohaayidireetiin qaama keenyaaf anniisaa kenna. Anniisaan qaamni
keenya dalagaa adda addaa akka hojjetu gargaara.

(moose)
Fakkii 1.1: Gosoota nyaataa kaarboohaayidireetiin badhaadhan

Sample output to test PDF Combine only


B. Pirootiinii
Maddi nyaataa pirootiiniidhaan badhaadhan foon, killee, qurxummii,
ocholoonii, foon lukkuu, atara, shumburaa, baaqelaafi missira faadha.

Fakkii 1.2: Gosoota nayaataa pirootiiniidhaan badhaadhan

Faayidaan pirootiinii qaama keenya guddisuu fi ijaaru, seeloota tiishuu haaroomsuu


fi anniisaa kennuu dha.

Sample output to test PDF Combine only


Hanqinni dhangaa nyaata pirootiinii rakkoo maalii fida? Hanqinni nayaata
pirootiinii guddina daa‟immanii hanga waggaa lamaa jiranirratti miidhaa hedduu
fida. Daa‟imni pirootiinii gahaa hin arganne hirina dagaagina sammuu, barachuu
dadhabuu fi amala akka dhaban godha. Daa‟mni nyaata pirootiinii dhabe tokko
dhukkuba „kuwaashirkoor’ jedhamuun qabama. Hanqinni dhangaa
kaarboohaaydireetii fi pirootiinii dhukkuba maraasmas jedhamu fida.

C. Coomaa fi Zayita

Coomaa fi Zayitiin dhangaalee nyaataa keessaa isa tokko.Maddi nyaataa coomaa fi


zayitii:- nuugii, talbaa, suufii, dhadhaa, foon cooma fi zaayitii fa‟i. Cooma fi
zayitiin yoo hamma qaamni keenya barbaaduu oli fudhate nafa keenya keessatti
kuufama.Coomaa fi Zayitiin dhangaa nyaataa annisaa qaamaaf kennudha.

Fakkii 1.3: Gosoota nyaataa cooma fi zayitiin badhaadhan

Sample output to test PDF Combine only


D. Vaayitaaminoota
Vaayitaaminoonni dhangaalee nyaataa keessaa isa tokko.
Maddi vaayitaaminootaa nyaata akka fuduraa fi kuduraa kanneen akka
burtukaana, loomii, maangoo, paappayyaa, raafuu, karoota, salaaxaa,
timaatima fa‟i. Qaamni keenya vaayitaaminoota xiqqeenyan barbaada.
Faayidaan vaayitaaminootaa qaama keenya irra dhukkuba ittisuudha.
Akaakuun vaayitaaminoota beekamanii kanneen akka vaayitamina A, B, C,
D, E, fi K fa‟i.

Paappayyaa

Fakkii 1.4: Gosoota nyaataa vaayitaamina “A”- dhaan badhaadhan

Sample output to test PDF Combine only


Abraangoo (Qoosxaa)

Raafuu maraa

Fakkii 1.5: Gosoota nyaataa vaayitaamina “B”- dhaan badhaadhan

Sample output to test PDF Combine only


Anaanaasii

(qeexoo)

(Raafuu maraa)

Fakkii 1.6: Gosoota nyaata vaayitaamina “C” dhaan badhaadhan

Sample output to test PDF Combine only


Gabatee 1.1: Akaakuu vaayitaminootaa, faayidaa fi rakkoo hanqina isaaniitiin
dhufu

Akaakuu Madda Faayidaa Dhukkuba


vaayitaaminii hanqinaa isaatiin
dhufu
Aannan, foon, tiruu Dimimmisa Dimimmisa
killee, mixaaxisa, keessatti arguu keessatti arguu
A kaaroota, dhabuu
paappayyaa
Qurxxummii, foon, Qaamni keenya Hir‟ina dhiigaa,
aannan, garbuu, dhangaalee nyaataa dadhabina narvii
B qamadii, atara, killee, akka siirritti
tiruu, kalee, fi fayyadamu gargaara
kuduraalee
Fuduraalee fi Ribuu, ujummoo Iskarvii (dhiiguu
kuduraalee dhiigaa fi irga irgaa)
magariisaa kan akka ilkaanii jabeessa,
C loomii, burtukaana, gogaa nafa namaa
paappayyaa, fayyisa
maangoo, raafuu fi
timaatima fa‟i
Aannan, tiruu, killee, Lafee ijaaruun Rikeetii
D ifa aduu jabeessa (laafina lafee)
Kuduraalee, fi fayyaa ta‟uu fi maseenummaa
E fuduraalee fi zayita dagagina qaama
nuugii hormaataa
Kuduraalee, baala Dhiigni dhangala‟u Yoo qaamni
K magariisaa, tiruu, akka dafee ititee murame dhiigni
aannan dhaabbatu godha. dafee dhaabbachuu
dhiisuu

Sample output to test PDF Combine only


Fakkii 1.7: Hanqinni vaayitaaminii “D" lafee laaffisuun miila jajallisa

E. Albuudota

Qaamni keenya albuudota gara garaa xiqqeenyaan barbaada.Gosti albuudotaa


qaamni keenya barbaadu kaalsiyeemii, foosfarasii, ayiranii, ayoodiinii fi kkf.
Faayidaan albuudoota kanaas:-

Kaalsiyeemii fi foosfarasiin;- lafee fi ilkaan jabeessuuf gargaaru.Maddi isaanis


aannan, killee, foon kuduraalee fi fuduralee faadha.

Hanqinni kaalsiyemii fi foosfarasii lallaafina ilkaanii fi lafee fida.

Ayiraniin;- dhiiga diimaa qopheessuuf fayyada. Maddi isaas foon, tiruu, killee
(hanqaaquu), buddeena xaafii diimaa fi atara fa‟i. Hanqinni ayiranii dhibee dhiigaa
maraammartoo (Joonjii) jedhamu fida.

Ayoodiiniin xannacha taayirooyidii jedhamu morma keenya jala jiru haala gaariin
akka hojjetu taasisa.

Sample output to test PDF Combine only


Maddi Ayoodiinii qurxummii, biqiltoota, fi soogidda (ashaboo nyaataa) ayoodiinii
qabu irraa argama.

Hanqinni ayoodiinii xannachi taayirooyidii morma jalaa dhiita‟uun ucuba


(kuukkuu) namatti fida.

Fakkii 1.8: Dubartii dhukkuba ucubaan qabamtee

F. Bishaan
Faayidaa bishaan qaama keenyaaf kennu tarreessuun daree keessatti irratti
mari‟adhaa.
Qaamni keenya harki 60 – 75 gahu bishaani. Qaamni keenya bishaan, harka caalaa
kan argatu bishaan dhugnuu fi nyaata nyaannurrati.

Faayidaa Bishaanii

 Adeemsa bullaa‟insa nyaataa mijeessuun nyaanni bullaa‟e qaama keenya


keessa akka faca‟u gochuuf
 Ho‟a qaama keenyaa to‟achuuf
 Xurii qaama keenya keessaa dhabamsiisuuf

10

Sample output to test PDF Combine only


Nyaata Madaalamaa
Nyaanni gara garaa dhangaalee jahan irraa argannu nyaata madaalamaadha.
Dhangaalee jahan argachuuf gartuulee nyaataa afran irraa nyaata qopheessuu
qabna.

Qaamni keenya dhangaalee nyaataa hunda baayyinaan walqixa hin barbaadu.


Fakkeenyaaf kaarboohaayidireetii baayyee yoo barbaadu cooma xiqqoo barbaada.
Namni fayyaa ta‟ee jiraachuuf dhangaalee hunda hamma isa barbaachisu nyaata
irraa argachuu qaba. Nyaanni gartuwwan nyaataa hunda irraa kan qophaa‟e ta‟uu
qaba. Fakkii 1.9 ilaali.Nyaanni dhangaalee nyaataa jahan hamma nu barbaachisu
of keessatti qabate nyaata madalamaa jedhama. Fakkeenya daa‟imaa nyaata
madalamaa nyaateefi dhabe. Fakkii1.10 ilaali.

Killee Muuzii
i

Aannan

Timaatima
Marqa
Anaanaasii Daabbbo
a
o

Foon Lukkuu
Abraangoo (Kurumbaa)

1.9 Nyaanii madaalamaan gartuulee nyaataa arfan irraa qophaa’a

11

Sample output to test PDF Combine only


Fakkii 1.10: (a) Da‟ima nyaata (b) Da‟ima nyaata madaalamaa
madaalamaa argate dhabe

Gocha 1.2
Gaaffilee armaan gadiif deebii gabaabaa laadhu.
1. Gabatee 1.2 erga guuttee booda nyaanni guyyaa kaleessaa nyaatte
madaalamaa dhamoo miti? Ibsi.
2. Gabatee 1.2 fayyadamuun nyaata madaalamaa guyyaa tokkotti nyaattu
barreessuun guuti.
3. Gosa nyaata garaagaraa naannoo keessaitti argaman tarreessuun dhangaalee
nyaataa jahan jalatti ramadi.
4. Dhibeewwan hanqina dhangaalee nyaataa adda addaatiin dhufan tarreessi.
Hanqina dhangaa kamitu dhibee kam fida?

Gabatee 1.2: Karoora nyaata Guyyaa tokkoo

Sagantaa nyaataa Maqaa Gosa nyaata nyaattee

Ciree

Laaqana

Irbaata

12

Sample output to test PDF Combine only


Sirna Bullaa‟insa Nyaataa
Gaafilee armaan gadiirratti gareen mari‟achuun deebii laadhaa.
1. Nyaanni akkamitti bullaa‟a?
2. Caasaaleen ujummoolee nyaanni keessa darbuu maal fa‟i?
3. Nyaatni nyaatamu akkamitti gara qaama keenyatti fudhatama?
Nyaata keessaa dhangaalee nu barbaachisan argachuuf nyaanni bullaa‟uu
qaba. Bullaa‟uun nyaataa adeemsa wanti nyaatame akka qaama keenyatti
fudhatamuu danda‟uutti qophaa‟udha.Nyaanni afaan keenyaan nyaachuu
erga jalqabnee kaasee sadarkaa adda addatti caccabuu fi daakamuun
wantoota xixiqqaa qaamni keenyaa itti fayyadamuu danda‟utti gadi
bu‟a.Adeemsi kunis bullaa‟uu nyaataa jedhama.

Nyaanni qaamolee bullaa‟insa nyaataa keessatti bullaa‟a.Qaamoleen sirna


bullaa‟insa nyaataa daandii ujummoo nyaataa fi xannachoota garaagaraa of keessaa
qabu.
Daandii Ujummoo Soorataa
Ujummoon nyaataa afaan, liqimsituu (qoonqoo), garaacha, mar‟imaan qallaa,
mar‟imaan furdaa, buubbuu fi munnee of keessaa qaba (Fakkii 1.11).Ilaali

Xannachoonni qaamolee bullaa‟insa nyaataa, inzaayemoota adda addaa maddi


siisuun sooranni akka bullaa‟u taasisu.
Fknf :- Xannacha hancufaa
- Xannacha garaachaa
- Xannacha rajiijii
Nyaanni ujummoo nyaataa erga seenee kaasee sadarkaa sadarkaatti nibullaa‟a.
Bullaa‟insa nyaataa kana keessatti dhangaaleen gurguddoon inzaayimoota adda
addaatiin gara dhangaalee wantoota xixiqqoo qaamni keenya fudhachuu danda‟utti
jijjiiramu.

13

Sample output to test PDF Combine only


Ujummoo nyaataa keessatti bakki nyaanni itti bullaa‟u afaan, garaacha fi
mar‟imaan qallaa dha.

Fakkii 1.11: Daandii ujummoo soorataa

Bullaa‟insa Nyaataa Afaan Keessatti


Adeemsi bullaa‟uu nyaataa afaan keessatti jalqaba.Afaan keessatti nyaanni
ilkaaniin caccabuun, hancufaan jiidhuun daakama.Hancufni inzaayimii
kaarboohaayidireetii bulleessu of keessaa qaba.

Bullaa‟insa Nyaataa Garaacha Keessaatti


Nyaanni afaan keessaatti hanga tokko bullaa‟ee liqinfama garaacha keessatti yeroof
kuufama.Garaachi inzaayimootaa fi dhangala‟oo adda adda maddisiisuun nyaata
bulleessa.Garacha keessatti nyaanni pirootiinii, coomaa fi zayitiin bullaa‟uu
jalqabu.

14

Sample output to test PDF Combine only


Mar‟imaan Qallaa
Nyaanni garaacha keessatti dhangala‟oo fi inzaayimootaan walmakuun bullaa‟aa
ture xiqqoo xiqqoon gara mar‟imaan qallaatti darba.Mar‟imaan qallaa kana
keessattis dhangala‟oo fi inzaayimoonni gara garaa nyaataa bulleessaanitti
makamuun dhangaalee nyaataa hundi akka bullaa‟u godhu.
Dhangala‟oon mar‟imaan qallaatti yaa‟an:
 Hadhooftuun tiruu irra maddu - cooma (caccabsa)
 Dhangala‟oon rajiijii, rajiijiirraa maddu- nyaata pirootiinii, coomaa fi
kaarboohaaydireetii caccabsa.

 Dhangala‟oon mar‟imaan qallaa keessaa maddan-inzaayimoota


kaarboohaayidireeti, cooma fi pirootiinii bulleessan ofkeessaa qabu.

Bullaa‟uun nyaataa afaan keessatti jalqabuun mar‟imaan qallaa keessatti


xumurama. Kaarboohaaydireetiin afaan keessatti bullaa‟uu jalqabe mar‟imaan
qallaa keessatti xumurama. Coomaa fi Zayitiin, fi pirootiiniin garaacha keessatti
bullaa‟uu jalqaban, mari‟maan qallaa keessatti xumuramu.

Vaayitaaminoonni fi bishaan osoo hin jijjiiramin mar‟imaan qallaa keessatti


xuuxamuun gara dhiigaatti makamu.

Dhangaaleen kunniin erga wanta xixiqqaa qaamni keenya fudhachuu danda‟u itti
jijjiiramanii (bullaa‟anii) booda mar‟imaan qallaa keessatti xuuxamuun gara
dhiigaatti makamu.Kanaaf gaheen mar‟imaan qallaa inni biraa nyaata bullaa‟e
xuuxuun gara qaama keenyatti dabarsuu dha.

Gaaffilee armaan gadiirratti waliin mari’adhaa


1. Nyaanni xuuxame kun akkamitti qaama keenya hunda bira gaha?
2. Nyaanni osoo hin bullaa’iin hafu, kan qaamni keenya hin barbaanne maal
ta’a?

15

Sample output to test PDF Combine only


Mar‟imaan Furdaa
Nyaanni mari‟maan qallaa keessatti osoo hin bullaa‟iin hafe yeroo isaa eeggatee
gara mari‟maan furdaatti darba.
Faayidaaleen Mar‟imaan Fudaa
 Bishaan xuuxuu
 Xuraawaa bullaa‟insarraa hafe buubbuu keessatti kuusuu
Yeroo murtaa‟ee booda bobbaan karaa manneetiin dhiibamuun gara alaatti ba‟a.
Yoo bobbaan yeroodhaan ba‟uu baate qaama buubbuu keessaatti kuufamuun
bishaan garmalee xuuxee bobbaan ni goggoga. Kanaafuu miirri bobba‟uu yeroo
namatti dhaga‟amu mana fincaanii deemuun bobba‟uun barbaachisaadha.
Gocha 1.3
Gaaffilee armaan gadiirratti mari‟adha.
1. Moodeela yookaan fakkii daandii ujummoo nyaataa gareen qopheessuun
qaamolee sirna bullaa‟insa nyaataa keessatti argaman agarsiisaa.
2. Dalagaa qaamoolee adda addaa sirna bullaa‟insa nyaataa keessaa lama dareef
ibsi.

Gilgaala 1.1
A. Himoota armaan gadii sirrii yoo ta‟an “Dhugaa” yoo sirrii hintaane “Soba”
jechuun deebisi
1. Dhangaalee nyaataa jahan keessaa vaayitaaminiin baayyinaan qaama keenyaaf
barbaachisa.
2. Pirootiiniin dhangaa ijaarsaa fi haroomsa qaamaati.
3. Gosoota nyaataa kuduraa fi fuduralee irraa vaayitaamina arganna.
4. Dhukkubni iskarvii rakkoo hanqina vaayitaamina “A” dhaan dhufudha.
5. Dhukkubni hanqina albuuda ayiraniitiin dhufu maraammartoo jedhama.
6. Nyaanni dhangaalee nyaataa jahan hamma nama barbaachisu of keessatti
qabate nyaata madaalamaa jedhama.
7. Dhangaan nyaataa kaarboohaayidireetii afaan keessatti bullaa‟uu jalqaba.

16

Sample output to test PDF Combine only


8. Hanqinni albuuda ayoodinii dhibee ucuba jedhamu kan morma jala nama
dhiiteessu fida.
9. Gosti vaayitaaminii aduu keessa taa‟uun argannu vaayitaamina “C” jedhama.
10. Hadhooftuun tiruu irraa maddu coomaa fi zayita caccabsuuf fayyada.

B. Gaaffiilee armaan gadiitiif deebii sirri ta‟e filadhu


11. Nyaanni madaalamaan dhangaalee nyaataa:-
A. Jahan kan of keessatti qabate
B. Gosa sadii qofa kan qabudha.
C. Gosa lama qofa kan qabudha.
D. Coomaa fi zayita baayyinaan kan qabudha.
12. Gosti dhangaalee dhiibee ittistoota jedhaman
A. Kaarboohaayidireetii C. Vaayitaaminoota
B. Pirootiinii D. Coomaa fi zayita
13. Dhangaan qaama keenya ijaaruu fi haaromsuf tajaajilu kami?
A. cooma C. kaarboohaayidireetii
B. vaayitaaminoota D. pirootiinii
14. Dhangaaleen qaamni keenya xinneenyaan barbaadu:
A. vaayitaaminoota fi albuudota C. pirootiinii
B. kaarboohaayidireetii D. pirootiinii fi cooma
15. Hanqinni dhangaa__________ rakkoo lafee miila jallisu (riiketii) jedhamu fida.
A. vaayitaamina A C. vaayitaamina C
B. vaayitaamina B D. vaayitaamina D
16. Nafti namaa yoo haaduun murame dhiigni akka dafee ititee dhaabbatu godhu
kami ?
A. vaayitaamina C C. albuuda ayoodiinii
B. vaayitaamina K D. albuuda foosfarasii
17. Nyaanni foonii irra caalaa madda dhangaa kamiiti?
A. Vaayitaaminoota C. Pirootiinii
B. Coomaa fi Zayita D. Kaarboohaayidireetii
17

Sample output to test PDF Combine only


18. Bakka nyaanni itti bullaa‟ee xuuxamuun nafatti makamu
A. Mar‟imaan qallaa C. Goongiraa(liqimsituu)
B. Garaacha D. Afaan
19. Gosoonni nyaataa irra caalaa madda kaarboohaayidireetii ta‟an
A. Burtukaana, maangoo fi paappayyaa
B. Daabboo, marqaa fi muuzii
C. Foon lukkuu, zayitaa fi abukaadoo
D. Raafuu, loomii fi timaatima
20. Hanqinni dhangaa vaayitaamina “C” dhibee maalii fida?
A. Iskarvii C. Riikeetii
B. Maraammartoo D. Dimimmisa keessatti arguu dhabuu
C. Gaaffiwwan arman gadiitiif deebii gabaabaa kenni
21. Dhangaalee nyaataa jahan tarreessi.
22. Bu‟aan kaarboohaayidireetii maal akka ta‟e ibsi.
23. Nyaata madaalamaa jechuun maal jechuu dha?
24. Hanqinni vaayitaamina “A” rakkoo maalii fida?
25. Bullaa‟insa nyaataa jechuun maal jechuu akka ta‟e ibsi.

1.2 Marsaa Dhiigaa


A. Dhiiga
Haalluun dhiigaa maal fakkaata? Dhiiga bineeldotaa argitee beektaa?
Dhiigni dhangala‟oo qaama keenya keessatti argaman keessaa isa tokkodha. Dhiiga
keessa wantoota adda addaatu jira.Dhiigni bakka gurguddoo lamatti qoodaama.
Isaanis seeloota dhiigaa fi pilaazmaa dhiigaati.

Seeloonni dhiigaa maalfaa of keessaa qabu? Gosoonni seeloota dhiigaa bakka


sadiitti qoodamu. Isaaniis seelii dhiiga diimaa, seelii dhiiga adii fi pilaatileetota.

18

Sample output to test PDF Combine only


Seelonnii dhiigaa diimaa oksijinii fi wantoota barbaachisoo ta‟an baachuun qaama
keenya keessa geejjibu. Akkasumas, wantoota xura‟aa qaama keenya keessaa gara
alaatti baasu.

Seelonni dhiigaa adiin qaama keenya keessaa farra qaama keenyaa mancaasu.

Seelonni dhiigaa pilaatileetonni dhiiga kantarsu (itichu).

Pilaazmaa: Kutaa dhangala‟oo dhiigaa keessaa pilaazmaan wantoota akka


bishaanii, dhangaalee pirootiinii, oksijinii, fi xuraawaa (yuuriyaa) baatee dhiigatti
makuun qaama xuraawaa dhabsiisanitti geejjibu.

Faayidaa Dhiigaa

1. Oksijinii fi dhangaaleen garagaraa gara qaama keenya keessaatti akka faca‟u


godha. Kanamalees wantoota xuraawaa fi karboondayooksayidii qaama keenya
irra gara qaama alaatti baasutti dabarsa.
2. Qaamni keenya meeshaa qaraqabaniin yoo murame, dhiigni dafee itituun akka
dhaabbatu godha.
3. Ho‟a bakka tokko gara biratti dabarsuun tempirechara qaama keenyaa to‟ata.
4. Qaama keenya irraa dhukkuba adda addaa ittisa.

Sirna Marsaa Dhiigaa


Dhiigni qaama nafa namaa keessa marsa.Yeroo kana dhangaalee barbaachisoo fi
oksijiinii seelii qaamolee nafa namaa hunda irraa gaha.Kana malees seeloota hunda
biraa xuraawaa fi kaarboondaayooksaayidii sassaabuun qaama xuraawaa
dhabamsiisutti dabarsa.
Marsaan dhiigaa kan raawwatu sababa dhahannaa onneetiin dhiiga ujummoota
dhiigaa keessa akka raabsu tasiisuufi. Kanaafuu onnee fi ujummooleen dhiigaa
walitti sirna marsaa dhiigaa uumu.

19

Sample output to test PDF Combine only


Ujummoolee Dhiigaa
Dhiigni onnee irraa qaama keenya keessa kan yaa‟u karaa ujummoolee dhiigaatiini.
Ujummooleeen dhiigaa akkaataa dalagaa isaaniitiin bakka sadi‟itti qoodamu.
Isaanis:

A. Dhiiga raabsituu
B. Dhiiga deebistuu fi
C. Kaappiilaarota

Ujummooleen dhiiga raabsan:- dhiiga qulqulluu oksijiiniidhaan badhaadhe onnee


irraa fudhachuun gara qaamolee nafa namaa gara garaatti raabsu.

Ujummoolee dhiiga deebisan;- kutaalee qaama nafa namaa adda addaa irraa dhiiga
xuraawaa gara onneetti deebisu.

Kaappiilaarota:- Ujummoolee qaqalloo dhiiga raabsituu fi dhiiga deebistuu


walqabsiisani dha. Kaappiilaarin ujummoo qaqalloo tiishuu qama keenya marsanii
jiranidha.

Fakkii 1.12: Kaappiilaarota

20

Sample output to test PDF Combine only


Gaaffilee mirkaneeffannoo

Gaaffiwwan armaan gadiirratti gareen mari‟achuun deebii laadhaa.

1. Seelonni dhiigaa bakka meeqaatti qoodaamu? Eenyu fa‟i?


2. Faayidaa seelota dhiigaa adda addaa tarreessi.
3. Sirni marsaa dhiigaa maal of keessatti hammata?

B. Onnee
Gocha 1.4
Gaaffiwwan armaan gadii gareen mari‟achuun deebii laadhaa.

1. Onneen maali? Dalagni isaa hoo?


2. Onnee re’ee yokaan hoolaa) argitanii beektuu?
3. Onneen namaa gola meeqa qaba?

Onneen kutaa qaama namaa keessaa isa tokko.Dalagaan isaas dhiiga qaama keenya
keessa facaasuudha. Onneen maashaan waan aguugameef kottoonfachuu fi
diriiruun gara ujummoo dhiigaatti dhiiga raabsa.

Fakkii 1.13: Onnee namaa

21

Sample output to test PDF Combine only


Yaalii 1
Dhikkisa Onnee Safaruu
Dhikkisa (dhahata) onnee keenyaa dhaggeeffachuun safaruu ni dandeenya.Tartiiba
yaalii armaan gadii hordofi.

 Harka bitaa kee gara fulduraatti dalga qabuun diriirisi.

 Harka kee isa mirgaatiin bakka hidhannaa sa‟aatii qubaan qabi. Qubni
guddaan jala yoo oolu qubni afran gubbaa haa olaan.

 Yeroo harka kee qubaan walitti qabdu maaltu sitti dhagahame?

 Dhahanni onnee sitti dhagahame yeroo sekondii 30 keessatti hammam


akka ta‟e lakkaa‟uun galmeessi.

 Mee daqiiqaa tokkoof asiif achii fiigi. Sanaa booda dhahanni onnee
keetii sekondii 30 keessatti sitti dhagahamu meeqa akka ta‟u lakkaa‟uun
galmeessi.

Lakkofsi dhikkisa onneekee ni dabalemoo ni hir‟ise? Yoo dabalee maaliif sitti


fakkaata? Barsiisaa/tuu wajjin irratti mari‟adhaa.

22

Sample output to test PDF Combine only


Hojii Pirojektii 1.1

1. Fakkii onnee kaasuun goloota adda addaa agarsiisuun faayidaa isaani irratti
gareen mari‟achuun dareedhaaf gabaasaa.

Fakkii 1.14: Dhikkisa Onnee lakka’uun safaruu

„HIV/AIDS‟-n Dhukkuba Dhiigaan Daddarbu Ta‟uu Isaa


Gocha 1.5
Gaaffilee armaan gadiirratti mari‟achuun deebii kennaa.
1. HIV/AIDS-n maalii?
2. HIV/AIDS-n karaalee kamfaa darbuu danda‟a?
3. Maloonni ittisa HIV/AIDS maalfaadha?
4. HIV/AIDS-n hawaasarratti rakkoo maalii fiduu danda‟a?

23

Sample output to test PDF Combine only


Akkaataa HIV/AIDS ittiin daddarbu hamma beektu tarreessuun hiriyaa kee waliin
irratti mari‟adhu.
Dhukkubni AIDS vayireesii HIV jedhamun nama qaba. Vaayireesiin HIV kan
daddarbu waltuqaatii dhiigaatiin. Vaayireesiin HIV dhiigaa fi dhangala‟oo qaama
namaa keessa jiraata.

Namni HIVn qabame osoo mallattoon dhukkubaa tokko irratti hin mul‟atiin
waggoota murtaa‟e turuu danda‟a. Kanaafuu mallattoon dhukkuba AIDS erga
namni tokko vaayirasii HIVn qabamee waggoota dheeraa booda mullachuu
danda‟a. Waan kana ta‟eef namni tokko dhukkuba HIV (AIDS) qabamuu fi
qabamuu dhabuun kan beekamu erga qorannoo dhiigaa taasiisee booda.

Vaayirasiin HIV dhiiga namaa keessa karaa adda addaatiin erga seenee booda seelii
dhiigaa adii dhukkuba nama irraa ittisu barbadeessa. Kana waan ta‟ef qaamni nama
vaayirasii kanaan qabamee dhukkuba biraa kamiyyuu ofirraa ittisuu dadhabuun
balaaf saaxila baha.
Karaalee dhukkubni AIDS ittiin daddarbu
 Dhiiga nama vaayirasii HIV dhaan qabamee irraa fudhachuun

 Wal qunnamittii saalaa daangaa hin qabne raawwachuun

 Wantoota qara qaban waliin fayyadamuun

 Haadha irra ilmootti

HIV/ AIDS maloota armaan gadiitiin ittisuun nidanda‟ama.

 Dhiiga namarraa fudhachuun erga qoratamee booda ta‟uu qaba

 Walqunnamtii saalaa of eeggannoo daangaa hinqabne irraa ofqusachuu

 Meeshaalee qara qaban waliin itti gargaaramuu dhiisuu

 Haadhooliin HIV qaban yoo ulfa‟an mana yaalaatti gargaaramuun


daa‟ima isaaniif of eeggannoo gochuu faadha.

24

Sample output to test PDF Combine only


Dhukkubni AIDS humna namaa oomishuu danda‟uu waan fixuuf ijoollee haadha fi
abbaa malee hambisa. Mangudootas gargarsa dhabsiisa.

Gocha 1.6
Gaaffiwwan armaan gadiirratti waliin mari‟achuun (gochichaa) raawadhaa.
1. Sochiiwwan farra AIDS irratti taasifaman keessatti hirmaachuun
gumiiwwan farra AIDS fi sochii haawaasni naannoo taasiisu keessatti
diraamaa, walaaloo fi ibsa hubannoo kennaa.
2. Ogummaa jireenyaa kan akka ofitti amanuu, qunnamtii gaarii namoota
waliin qabaachuun maloota AIDS-n itti ittifamu gahee taphachuun
agarsiisaa.

Gilgaala 1.2
A. Himoota armaan gadii sirrii yoo ta‟an “Dhugaa” yoo sirrii hintaane “Soba”
jechuun deebisi
1. Seelonni dhiigaa adiin jarmii qaama keenya seene kan mancaasuudha.
2. Oksijiinii qaama keenya keessa kan geejjiban seelota dhiigaa diimaa dha.
3. Ujummoon dhiiga deebistuun dhiiga oksijiinii qabu baata.
4. Dhiiga raabsituun onnee irraa gara nafa keenyatti dhiiga raabsa.
5. Gosoonni dhiigaa Pilaazimaa fi seelota dhiigaatti qoodamu.

B. Gaaffiiwwan armaan gadii bakka duwwaa guutun deebii kenni


6. Seelonni dhiigaa seelota dhiiga diimaa, ______________________ fi
_______________ of keessatti hammatu.
7. ____________ -n dhiiga kantaarsuu fi (itichuuf) gargaara.
8. Irra caalaan qabiyyee pilaazimaa dhiigaa ________________ dha.
9. Ujummooleen dhiigaa sadan __________, _________ fi kaappiilaroota.
10. Dhukkubni _____________ kan nama irraa namatti daddarbu waltuqaatii
dhiigaani.

25

Sample output to test PDF Combine only


C. Gaaffilee armaan gadiitiif deebii sirrii ta‟e filadhu
11. Faayidaa dhiigaa kan hintaane kami?
A. Qaama keenya irra dhukkuba adda adda eega.
B. Oksijinii qaama keenya keessatti raabsa.
C. Dhangaalee qaama keenyaaf geejjiba.
D. Deebiin hin kennamne.
12. Ujummoon dhiiga xuraawaa fi kaarboondaayooksayidii baatu isa kami?
A. Dhiiga raabsituu C. Goongiraa
B. Dhiiga deebistuu D. Garaacha
13. Seelonni dhiigaa dhukkuba adda addaa nama irraa dhoorkan kami?
A. dhiiga adii C. Pilaatileetota
B. dhiiga diimaa D. B fi C deebii dha.
14. Sirni marsaa dhiigaa maal faa ofkeessatti qabata?
A. Kalee, tiruu fi ujumoota dhiigaa
B. Kalee, dhiigaa fi ujummootaa dhiigaa
C. Dhiiga, onnee fi ujummoota dhiigaa
D. Dhiiga, ujummoo soorataa fi dhiiga raabsituu dha.
15. Dhukkubni waltuqaatii dhiigaatiin daddarbu _____________ dha.
A. HIV /AIDS C. Garaa kaasaa
B. Utaalloo (qufaa) D. Gifira
16. Kan armaan gadii keessaa HIV/ AIDS-n karaalee kamin daddarba?
A. Dhiiga nama HIV qabu fudhachuun
B. Walqunamtii saalaa daangaa hinqabne raawwachuun
C. Wantoota qara qaban waliin itti fayyadamuun
D. Hunduu sirrii dha.

26

Sample output to test PDF Combine only


17. Namni tokko HIV/AIDS-n qabamuu isaa akkamitti beekama?
A. Fuula isaa ilaaluun C. Qorannoo dhiigaa geggeessuun
B. Huqqina isaa ilaaluun D. Hunduu deebii dha.

18. Kan armaan gadii keessaa soba kan ta‟e kami?


A. HIV-n tuqaatii dhiigaatiin daddarba.
B. Dhukkubni AIDS qoricha hinqabu.
C. HIV-n waliin nyaachuu fi waliin taphachuun ni daddarba.
D. HIV-n haadharraa daa‟imatti ni dadarba.
19. Vaayiresiin dhibee AIDS nama qabsiisu __________ jedhama.
A. Ameebaa C. Baakteeriyaa
B. HIV D. Jaardiyaa
20. Onneen namaa kutaalee gurguddoo meeqa qaba?
A. Afur C. Lama
B. Sadii D. Shan

D. Gaaffiwwan armaan gaditiif deebii quubsaa kenni


21. Faayidaa dhiigaa ibsi.
22. Vaayiresiin HIV dhiiga namaa yoo seenan maal godhu ?
23. Dhibee AIDS irraa akkamitti of eeguun danda‟ama?
24. HIV-n akkamitti namatti daddarba?
25. Qaama keenya keessatti dalagaan onnee maal akka ta‟e ibsi.

1.3 Sadarkaa Salfannoo Irra Gahuu


Amaloota saal-lammeessoo dhiiraa fi dubara irratti mullatan irratti hiriyyaakee
waliin mari‟adhu.
Qaamni namaa dhalachuu irra jalqabee sadarkaalee guddina adda addaa keessa
darba. Isaanis: Sadrakaa ijoollummaa, dargaggummaa (dardarummaa),
ga‟eessummaa fi manguddummaadha. Sadarkaalee adda addaa kana keessatti
jijjiiramni qaamaa fi amalaa ni mul‟atu.

27

Sample output to test PDF Combine only


Amaloota saal-lammeessoo dhiiraa

 Areeda baasuu

 Sagaleen furdachuu

 Bobaa fi naannoo qaama saalaatti rifeensi marguu fa‟i.

Amaloota saal-lammeessoo dubaraa

 Harmi guntuutuu

 Rifeena qaama saalaa fi bobaa jalatti biqilchuu

 Laguu arguu fa‟i.

Jijjiiramni yeroo Amaloota saala lammeessoo dhiiraa fi dubartii jijjiirama guddinaa


namni keessa drabuu dha. Shamarran yeroo jalqabaatiif laguu yoo argan nahuu
danda‟u. Dubartiin laguu arguu jalqabde yoo heerumte ulfaa‟uu ni dandeessi.
Gocha 1.7
Gochoota armaan gadii irratti waliin mari‟achuun hojiitti hiikaa.
1. Barattoonni dhiiraa fi dubaraa sadarkaa saal lammeessootti (saalfannootti)
rakkoolee isaan quunnamuu danda‟an ibsi.
2. Dhiibbaa mana barumsaa fi mana barumsaan alatti barattoota shamarranii irra
gahu diraamaa hojjechuun agarsiisaa.

Gilgaala 1.3

Gaaffiwwan armaan gadiif deebi gabaabaa kenni


1. Saal- lammeessoo (Saalfannoo) jechuun maal jechuu dha?
2. Mallattooleen jijjiirama qaama namaa yeroo saalfannoo dhiiraa irratti mul‟atan
maal fa‟i?
3. Mallattooleen jijjirama qaama namaa yeroo saalfannoo dubaraa irratti mul‟atan
maal faadha?
4. Qaamni namaa erga dhalatee kaasee sadarkaalee guddina adda addaa inni
keessa darbu tarreessuun ibsi.
28

Sample output to test PDF Combine only


1.4 . Karoora Maatii
Gocha 1.8
Gaaffiwwan armaan gadiirratti sadi sadiitti qoodamuun irratti mari‟adhaa.
1. Karoora maatii jechuun maal jechuu dha?
2. Karoorri maatii akkamitti raawwatama?
3. Karoorri maatii maaliif barbaachise?
4. Kanneen gadii keessaa ulfa hin barbaachisnerraa of qusachuu kan qabu
irratti mari‟adhaa.

 Baratoota shammarranii

 Dubartii abba warraa hin qabne

 Dubartii abba warraa qabdu


Maatiin bu‟uura hawaasaati.Jireenyi maatii gaarii yoo ta‟e jireenyi hawaasaa gaarii
ta‟a. Haata‟u malee, maatiin ijoollee yoo baay‟ise, sirritti kunuunsee guddisuuf ni
rakkata. Kanaaf karoorri maatii barbaachisaadha.
Karoorri maatii abbaa warraa fi haati warraa walii galuun mala adda addaa
fayyadamanii baayyina ijoollee argachuu qabanii murteeffachuudha.

Karoorri maatii:

 Da‟umsa hinbarbachifne dhiisuu (to‟achuu)

 Yeroo barbaadanitti da‟uudha

Karoorri maatii kan armaan gadii irratti hundaa‟a.

 Manni jireenyaa maatii gahaa ta‟uu

 Hammi nyaataa gahaa ta‟uu

 Hammi anniisaa (bobaba‟aa) barbaachisuu jiraachuu

 Uffata gahaa argachuu fi

 Geejjiba maatiif barbaachisu guuttachuu fa‟i.


29

Sample output to test PDF Combine only


Ulfa Hinbarbaachifne
Maatiin karoora malee, fedhii malee, umrii malee fi osoo hin heeruumiin
walqunnamtii saalaa yoo raawwatan ulfi hin barbaachifne dhufuu danda‟a. Ulfi hin
barbaachifne kunis dubartii fi hawaasa irratti rakkoo hedduu fida. Kanaafuu of
eeggannoo gochuun barbaachisaadha.
Barattuun tokka osoo of hin eegiin, yoo ulfoofte rakkoo maaltuu irra gahuu
danda‟a? Gareen mari‟adhaa.
Rakkooleen sababa ulfa hin barbaachifneen dhufan

 Maatiin waliigaluu dhabuu

 Barumsa addaan kutuu

 Hojii dhabuu

 Daa‟ima guddifachuu dadhabuu

 Ulfa baasuufi dhukkuba adda addaaf saaxilamuu fa‟i.

Rakkoolee sababa ulfa hinbarbaachifeen dhufaniifi fuurmaata isaanii

 Waa‟ee saalaa fi ulfa hin barbaachifnee irratti barumsaa fi hubannoo


argachuu

 Ijoollee fi maatiin waa‟ee saalaa irratti waliin mari‟achuu

 Wal qunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabnee irra ofqusachuu

 Malleen karoora maatiitti fayyadamuu fa‟i.

30

Sample output to test PDF Combine only


Gilgaala 1.4
A. Himoota armaan gadii sirrii yoo ta‟an “Dhugaa” yoo sirrii hintaane “Soba”
jechuun deebisi
1. Karoora maatii jechuun mala baay‟ina ijoollee maatii tokko to‟achuu fi daangeessuun
ittiin danda‟amudha.
2. Abbaa warraa fi haati warraa galii gahaa hin qabne ijoollee baay‟ee horuu qabu.
3. Karoora maatii fayyadamuuf abbaa warraa fi haati warraa dura waliigaluu qabu.
4. Qabeenyi jiraachuu baatus “ijoolleen carraa isaaniitiin guddatu” yaanni jedhu sirriidha.
5. Ulfi hin barbaachifne akka hin dhufne itti gaafatamummaa kan qabu shamarran qofa.

B. Gaaffilee armaan gadiitiif deebii quubsaa kenni


6. Karoorri maati maaliif barbaachisa?
7. Karoora maatii keessatti ga‟ee kan qabu eenyudha?
8. Ulfa hinbarbaachifne jechuun maalii?
9. Barattuun barumsa hinxumurre tokko osoo of hin eegiin yoo ulfoofte rakkoo
maaltuu irra gaha?
10. Ulfa hin barbaachifne fi rakkoo booda dhufuu danda‟u irraa of baasuuf maal
gochuutu barbaachisa?

31

Sample output to test PDF Combine only


BOQONNAA LAMA
UUMAMA NAANNOO KEENYA

2.1 Maaterii
Gaaffiwwan armaan gadii gareen mari‟adhaa.
1. Wantoonni naannoo keessanitti argaman maal faadha?
2. Jijjiiramni irratti ni adeemsifamaa?
3. Daree barnootaa keessaa eegaluun erga galmeessitanii booda garaa
garummaa isaanii qofadhaa. Maaltuu adda isaan taasisa walfakkeenyi
isaanii maali?
4. Wantoota galmeessitan keessaa teessoo, boronqii, dhagaa, bishaan, muka,
sibiila ayiranii, waraqaa fi kkf ta‟uu danda‟u. Garaagarummaan wantoota
kanneenii maali?

Wanti hanga fi qabee qabatu hundi maaterii jedhama. Fakkeenyaaf wantoota


naannoo keenyatti argaman keessaa bishaan isa tokkodha. Bishaan hanga qaba.
Bishaan bakka ni qabata. Akaakuun maaterii kamiyyuu wanta jedhamuun beekama.

Fakkii 2.1: Wantoota adda addaa naannoo keenyaa


32

Sample output to test PDF Combine only


Amaloota Wantootaa
Addunyaan kun gosoota wantoota adda addaatiin kan guutamte dha. Wanti tokko
kan biroo irraa amala isaanii irratti hundaa‟uun adda baha. Amaloonni wantootaa
bakka gurguddoo lamatti qoodamu. Isaanis: Amaloota fiizikaalaa fi amaloota
keemikaala maaterii jedhamu.

Bishaan tempireechara adda addaa irratti faalkaalee, jajjaboo, dhangala‟oo fi


gaasiidhaan argama

Gaaffiiwan armaan gadii irratti hiriyaa keessan waliin mari‟adhaa.

 Daakuu cilee fi daaraa maaliin adda baastu?

 Bulbulaa ashaboo fi bulbula sukkaaraa maaliin adda baastu?

 Bishaanii fi Zayita maaliin adda baastu?

 Bishaan falkaalee kamfaa keessatti argamuu danda‟a?

Amaloota Fiizikaalaa
Amaloonni wantootaa qabiyyee fi maalummaa wanta sana osoo hin jijjiiriin
safaramuu fi mul‟achuu kan danda‟anidha. Wanta tokko fudhannee jajjaboo,
dhangala‟oo fi gaasiidha jechuun ilaallee himuu dandeenya. Kana malees wanti
kun salphaa yookaan ulfaataadha yoo jennu amala fiizikaalaa isaa ibsina. Kanaaf
bocni, haalluu, qabee, hanga fi faalkaaleen wantootaa amala fiizikaalaa wantootaa
ibsu.
Amaloota Keemikaalaa

Amaloota keemikaalaa jechuun maal jechuudha?Irratti mar‟adhaa?

Amaloonni keemikaalaa amala wanti tokko gara waanta haaraatti jijjiiramee booda
mullatudha. Fakkeenyaaf waraqaa tokko gubi. Erga gubatee booda wanti argame
cilee gurracha malee akka duraa waraqaa miti. Waraqaan gubate kun amma wanta
haaraa biraatti waan jijjiirameef bobeessuu hindandeessu. Amalli keemikaalaa
waraqaa gubate kanaa jijjiiramee jira jechuudha.
33

Sample output to test PDF Combine only


Jijjiirama Wantootaa
Gocha 2.1
Gaaffiiwan armaan gadii irratti gareen mari‟adhaa.

1. Yeroo bonaa lageen tokko tokko maaliif hir’atu?


2. Farsoon ture maaliif dhangagga’a?

Jijjiiramni wantootaa jijjiirama fiizikaalaa fi keemikaalaa jechuun adda baasna.

Jijjiirama Fiizikaalaa

Jijjiiramni fiizikaalaa maali? Jijjiirama fiizikaalaa hubachuuf cabbii haa


ho‟isnu.Cabbii kana yoo ho‟isne maal ta‟a? Cabbiin jajjaboon kun gara
dhangala‟ootti jijjiiramuun bishaan ta‟a. Bishaan yoo danfsne gara hurkaatti
jijjiiramuun gaasii ta‟a.Adeemsa kana keessatti faalkaan haa jijjiiramu malee,
bishanumman isaa hin jijjiiramne. Amalli faalkaan, qofti jijjiiramuun kun jijjiirama
fiizikaalaati.

Amoolee (ashaboo nyaata) fudhachuun ilaali.Ashaaboo kana daaki. Erga daakamee


booda ashaboodhamoo wanta biraati?

Ashaboon daakame kunis dhandhamni isaa ashaboodha malee wanta biraa miti.Haa
ta‟u malee, hangaan, bocaan, qabeedhaan gargari.Jijjiiramni bocaa, faalkaa, haalluu
fi qabee jijjiirama fiizikaalaa jedhama.

34

Sample output to test PDF Combine only


Fakkeenyi jijjiirama fiizikaalaa kan armaan gadiiti.

 Tarsa‟uu waraqaa  baquu Sibiilaa

 caccabuu Fuullee  dabuu Shiboo

 baquu Cabbii  muramuu mukaa

 danfuu Bishaanii  daakamuu ashaboo fa‟i

Jijjiiramni fiizikaalaa akka salphaatti duubatti deebi‟uu danda‟a. Fakkeenyaaf


cabbiin bishaanitti, bishaan hurkatti jijjiraamuu ni danda‟a. Karaa biraa hurki
bishaanitti bishaan immoo cabbiitti jijjiiramuu ni danda‟a.

ho’a ho’a

Cabbii Bishaan hurka

Qorra Qorra

Jijjiirama Keemikaalaa
Jijjiiramni maateeriin gara wanta haaraatti jijjiiramu jijjiirama keemikaalaa
jedhama.
Fakkeenyaaf

 aannan itituu

 waraqaa bobeessuu(gubuu)

 boba‟aa bobeessuu

 ayiraniin dandaa‟uu fa‟i

35

Sample output to test PDF Combine only


Jijjirama keemikaalaa hubachuuf yaalii armaan gadii geggeessi.

Yaalii 2.1
Kibriita bobeessuu

 Kibritaa boobeessi. Maal argite? Maal urgeeffatte?

 Kibriitiin erga boba‟ee dhumee booda maal ta‟e?

 Erga gubatee booda irra deebi‟uun saanduqa kibriititti riguun bobeessuu


dandeessaa?

Kibritiin gubate gara wanta haaraatti jijjiirama. Kanaafuu jijjiramni kun jijjiirama
keemikaalaati.

Yaalii 2.2:

Ayiranii dandaa‟u ilaaluu

 Sibiila yookaan mismaara haaraa fudhachuun huccuu bishaaniin jiidheen


marii kaa‟i.

 Guyyoota muraasa sadii booda maal argite? Mismaarri kun dandaa‟eeraa?


Dandaa‟uun sibiilaa ayiranii(mismaara) kanaa gara wanta biraatti
jijjiiramuu isaa agarsiisa.

Jijjiirama keemikaalaa haala salphaan duubatti deebisuun hindand‟amu.


Fakkeenyaaf. waraqaan gubate deebi‟ee waraqaa hinta‟u.

Gaaffii mirkaneeffannoo
1. Garaagarummaa jijjiirama fiizikaalaa fi keemikaalaa gidduu jiru ibsi.
2. Fakkeenya jijjiirama fiizikaalaa fi keemikaalaa kenni.

36

Sample output to test PDF Combine only


Gilgaala 2.1

A. Himoota armaan gadii sirrii yoo ta‟an “Dhugaa” yoo sirrii hintaane “Soba”
jechuun deebisi

1. Wanti hanga qabuu fi bakka qabatu hundi maaterii dha.


2. Cabbiin baquun yoo bishaan ta‟e jijjiirama fiizikaalaati.
3. Maateriin faalkaalee sadii qaba.
4. Mismaarri dandaa‟e jijjiirama keemikaalaati.
5. Jijjiiramni fiizikaalaa bakka duraan turetti deebi‟uu danda‟a.
6. Jijjiiramni keemikaalaa haala salphaan bakka turetti deebi‟uu danda‟a.
B. Gaaffilee armaan gadiitiif deebii sirrii ta‟e filadhu
7. Kan armaan gadii keessaa jijjiirama fiizikaalaa kan ta‟e kami?
A. Bosbosuu fi burkutaa‟uu mukaa C. boba‟aa
B. dandaa‟uu haaduu D. baquu sibiilaa
8. Kan armaan gadii keessaa adda kan ta‟e kami?
A. Cabbii C. Aannan
B. Bishaan D. Hurka
9. Jiijjiirama keemikaalaa kan ta‟e
A. Baquu cabbii C. Bosbosuu baalaa
B. Tarsa‟uu waraqaa D. Caccabuu shiboo

10. Asiidiin huccuu irratti tasa dhangala‟uun battalumasanatti burkuteesse.


Jijjiiramni huccuu kanaa jijjirama maaliiti?
A. keemikaalaa C. faalkaa
B. fiizikaalaa D. haalluu

37

Sample output to test PDF Combine only


C. Gaaffilee armaan gadiitiif deebii gababaa kenni
11. Amaloota fiizikaalaa maaterii tarreessi.
12. Amaloota keemikaala maaterii ibsi.
13. Faalkaalee maaterii sadeen barreessuun fakkeenya kenni.
14. Jijjiirama fiizikaalaa ibsi.
15. Jijjiirama keemikaala ibsi.
16. Boronqii adiin yoo daakame jijjiirama maaliituu mul‟ata?
17. Wantoota naannoo keetti argaman faalkaalee sadeen jalatii ramaduun gabatee
armaan gadii guuti
Faalkaalee maaterii sadan
Lakk Jajjaboo Dhangala‟oo Gaasii
1
2
3
4

18. Gabatee armaan gadii keessaatti jijjiirama maalii akka ta‟e “  “gochuun adda
baasi.
Lakk Jijjiirama Keemikaala Fiizikaala
1 baquu Cabbii 
2 dabuu Shiboo
3 Danfuu bishaanii
4 Gubamuu Waraqaa
5 Tortoruu
6 Boba‟uu Kibiriitii
7 itituu aannanii
8 gubamuu Mukaa
9 dandaa‟uu ayiranii
10 Daakamuu ashaboo
11 burkutaa‟uu Mukaa

38

Sample output to test PDF Combine only


2.2 Qabeenya Uumamaa
Gocha 2.2
Gaaffilee armaan gadii irratti waliin mari‟achuun barsiisa/tuu keessanitti himaa.
1. Qabeenya uumamaa jechuun maali?
2. Waa‟ee fedhiiwwan bu‟uuraa dhala namaa kutaa 1ffaa keessatti baratte
yaadattaa?
3. Qabeenya uumamaa akkamiin haaromfamuu danda‟a?

Wantoonni uumamaan argamanii fi fedhiiwwan bu‟uuraa dhala namaa guutuu


danda‟an hundinuu qabeenya uumamaa jedhamu.

1. Akaakuuwwan qabeenya uumamaa

Dandeettii haaromfamuu isaanii irratti hundaa‟uun qabeenyi uumamaa bakka


lamatti qoodamu.Isaaniis,

A. qabeenya uumamaa haaromfamuu danda‟anii fi


B. haaromfamuu hin dandeenyee dha.

A. Qabeenya uumamaa haaromfamuu danda‟an


Qabeenyi uumamaa haaromfamuu danda‟an uumamaan bakka buusuu danda‟u.

Fakkeenya qabeenya uumamaa haaromfamuu danda‟anii:

 Bishaan  Anniisaa aduu

 Biyyee  Bosona

 Qilleensa  Midhaan fa‟a.

 Bineeldota

39

Sample output to test PDF Combine only


Qabeenyi uumamaa haaromfamuu danda‟u kan akka bishaanii, biyyee, bineensotaa
fi bosonaa kuufamni isaanii saffisaan xiqqaachaa dhufeera. Dhimma ijoon
hubatamuu qabu, qabeenyi uumamaa akka bishaanii, bosonaa, biyyee fi bineeldotaa
haaromfamuu kan danda‟an saffisni itti fayyadama isaanii saffisa haaromfamuutii
gadi yoo ta‟e qofaadha. Kana waan ta‟eef, kuufamni qabeenya kanneenii osoo hin
jeeqamne itti fufiinsaan itti fayyadamuuf hawaasni hanga itti fayyadamuu caalaa
bakka buusuun kunuunsuu qaba.

B. Qabeenya uumamaa haaromfamuu hin dandeenye

Qabeenyi uumamaa haromfamuu hin dandeenye yeroo itti fayadamaa deemnu kan
dhumaa deemanidha. Qabeenyi uumamaa haromfamuu hin dandeenye uumamaan
bakka bu‟uu hin danda‟an.

Fakkeenyaaf qabeenya uumamaa haaromfamuu hin dandeenye:

 Zayita boba‟aa (petrooliyeemii)

 Albuudota (sibiilota, ashaboolee, warqee, dhagaa fi cilee fa‟i).

Gocha 2.3
Gaaffiwwan armaan gadii irratti mari’achuun dareef gabaasaa.
1. Boba’aa maaliif itti fayyadamna?
2. Albuudota sibiilotaa maaliif fayyadamna?
3. Qabeenyi kun lafa keessaa yoo dhume maal gochuu dandeenya?
Kuufamni qabeenya uumamaa haaromfamuu hin dandeenye lafa keessa jiru xiqqaa
waan ta‟eef, tooftaalee lama fayyadamnee kunuunsuun barbaachisaadha.
A. Bakka buusuu:- Qabeenya kuufamni isaanii xiqqaa ta‟e qabeenya kuufama
guddaa qabaniin bakka buusuudha. Fakkeenyaaf, bakka anniisaa boba‟aa,
anniisaa aduu, bubbee fi bishaaniin bakka buusuun fayyadamuudha.

40

Sample output to test PDF Combine only


B. Irra deddeebiifi sirnaan fayyadamuu:- Fakkeenyaaf, albuuda sibiilotaa
tajaajilani si‟a baay‟ee irra deddeebinee itti fayyadamuu ni dandeenya. Kanaaf,
sibiilota tajaajila kennan lafatti gatuun barbaachisaa miti.

Pirojektii
1. Barattootni daree garee lamatti qoodamuun dhimmoota armaan gadii irratti
falmii gaggeessaa.
Garee 1. Fedhii maallaqa horachuu osoo hin daangessiin qabeenya uumamaatti
fayyadamuu qabna.
Garee 2. Fedhii maallaqa horachuu daangessinee qabeenya uumamaa jiru
kunuunsuu qabna.

2. Haala Qilleensaa fi Qilleensa Baramaa


Gocha2.4
1. Garaagarummaan haala qilleensaa fi qilleensa baramaa gidduu jiru maali?
2. Taateewwan qilleensa baramaa maalfaadha?
3. Qilleensa baramaa maalfaa ofkeessatti qabata?
Qilleensi walmakaa gaasotaa, hurka bishaanii fi wantoota jajjabooti.Lubbu
qabeeyyiin hundi qilleensa malee daqiiqaa muraasa jiraachuu hin
danda‟an.Naannoon keessa jiraannuu fi qaamni bishaanii qilleensaan guutamaadha.
Haala qilleensaa: Jechuun qilleensa iddoo murta‟aa ta‟e tokkorratti amalli isaa
sa‟aatiin yookaan guyyaa tokkotti yeroodhaa gara yerootti jijjiiramudha. Namoonni
yeroo baay‟ee har‟a aduun cimaa dha, ni ho‟a, roobni har‟aa tiifuu dha yookiin
cimaadha, galagala bubbeen cimaa ture jechuun haala qilleensa iddoo sanaa ibsu.
Fakkeenyaaf, haalli qilleensa naannoo keetii ganama ganama ho‟aa moo qorraa
dha?Waaree booda hoo? Halkani hoo? Adeemsi kun haala qilleensaa guyyaa
guyyaan jijjiiramu agarsiisa.

41

Sample output to test PDF Combine only


Haala walfakkaatuun, haalli qilleensaa torbee, ji‟aa fi waggaan jijjiiramuu ni
danda‟a. Qilleensi Itoophiyaa waqtii gannaa jiidhaa yoo ta‟u, waqtii bonaa garuu
gogaadha.Adeemsi kunis haala qilleensaa waqtiin jijjiiramu agarsiisa.

Qilleensa baramaa jechuun amala qilleensaa giddugaleessaan osoo hin jijjiiramiin


yeroo dheeraaf naannoo tokkotti mul‟atudha. Haata‟u malee haalli qilleensaa fi
qilleensi baramaan hariiroo waliin qabu.Hariiroon isaanis kanneen armaan gadiiti.

Qabiyyee (Elemantootaa) haala qilleensaa fi qilleensa baramaa

Haalli amala qilleensaa ibsu hundinuu elemantoota (qabiyyee) haala qilleensaa


yookiin qilleensa baramaa jedhamu. Isaanis:

 Tempireechara

 Dhiibbaa qilleensaa

 Bubbee

 Ho‟a aduu

 Duumessaa fi

 Roobaa fa‟i.
Haallan Qilleensa Baramaa To‟atan
Mata dure haala qilleensaa jedhu jalatti, haalli qilleensaa yeroodha gara yerootti
jijjiiramaa ta‟uu isaa baratteetta. Haala qilleensaa maaltu jijjiira?
Haallan amalli qilleensaa akka jijjiiramu taasiisan to‟attoota qilleensa baramaa
jedhamu. To‟attoonni amalli qilleensaa akka jijjiiramu godhan:-

 Olka‟insa lafaa  Duumeessaafi

 Dagalee lafaa  Biqiltoota fa‟i.

 Fuula gaarrenii
To‟attoonni kunniinis faca‟insi qilleensa baramaa iddoon, akkasumas haalli
qilleensaa yeroon walfakkeenya akka hin qabaanne taasisu.

42

Sample output to test PDF Combine only


Dhiibbaa Qilleensa Baramaa
Qilleensi baramaan jireenya namaa irratti karaa adda addaa dhiibbaa qaba. Haalli
mana ijaarsaa, hojii qonnaa fi uffannaa keenyaa qilleensa baramaa naannoo sanaa
wajjiin kan deemu ta‟uu qaba. Naannoo qilleensi baramaan ho‟aa ta‟ettii fi jiidhaa
qorraa ta‟etti akaakuun uffata namaa tokko miti. Akaakuun midhaanii fi biqiltoota
biroo qilleensa baramaa naannoo wajjiin deema. Biqiltoonni rooba xiqqoon
guddataan naannoo qilleensa ho‟aatti irra caalaa ta‟u.Biqiltoonni rooba guddaa
barbaadan naannoo qilleensa baramaa jiidhaa ta‟e keessatti bal‟inaan
margu.Kanaafuu, qilleensi baramaan jireenya namaa irratti dhiibbaa guddaa akka
qabu hubachuu dandeenya.

Biqiltoota
Gocha 2.5
Gaaffiwwan armaan gadii gareen mari’achuun deebiisaa dareef gabaasaa.
1. Biqiltoonni naannoo keessanitti argaman maal fa’i?
2. Biqiltoota uumamaa jechuun maali ?
3. Faayidaan biqiltoota irraa argamu maal fa’i?

Faayidaa biqiltootaa
Biqiltoonni naannoo keenyatti argaman uumamaan kan biqilanii fi kan namaan
dhaabbatan jedhamuun bakka lamatti qoodamu. Biqiltoonni jiraachuun beeladootaa
fi ilma namaatiif murteessoodha. Faayidaawwan biqiltoota irraa argaman keessaa
fakkeenyaaf:

 ijaarsa manaa fi meeshaalee

 Madaala qilleensa naannoo eeguu

 Mana/dawoo bineensootaa

 madda nyaata namaa fi bineeldootaa

 qoraan/anniisaa
43

Sample output to test PDF Combine only


 harama biyyee fi lolaa xiqqeessuu

 kuufama bishaanii dabaluu

 uffata irraa hojechuuf

 madda qorichaa/dawaa

 waraqaa irraa oomishuuf

 miidhagina naannoo dabaluuf

 madda galii fakkeenya biqiltuu dhaabanii gurguruu, meeshaalee adda


addaa irraa tolchanii gurguruu fa‟i.

Akaakuu Biqiltootaa
Biqiltoota naannoo keenyatti argaman yoo ilaalle biqiltoota adda addaa baay‟ee
ta‟uu isaanii argina. Biqiltoonni mukeen gurguddoo, mukeen xixiqqoo fi marga
jedhamuun bakka saditti ramadamu. Biqiltoonni kunniin gargar haa ta‟an malee
hedduun isaanii waan ittiin wal fakkaatan qabu. Walfakkeenya isaan qaban bu‟uura
godhachuun biqiltoota akaakuu garagaraatti ramaduu nidadeenya. Isaanis:
A. Bakka itti argama isaaniitiin

 Kan lafa irra margan

 Kan bishaan keessatti marganii fi

 Kan mukarratti maxxananii biqilan fa‟i. Biqiltoonni mukarratti


maxananii jirataan kan muka biraatti qabachuun jiraatanidha.
B. Akkataa daraaraa isaaniitiin.

 Kan daraaraa qabani fi

 Kan daraaraa hin qabne (hin daraarre).


C. Wal hormaata isaaniitiin

 Kan sanyiin wal horanii fi

 Kan sanyii malee wal horan.

44

Sample output to test PDF Combine only


D. Jirma isaaniitii fi guddina isaaniitiin.

Qaamni biqiltuu tokkoo hidda, jirma, baala fi daraaraa qabachu danda‟u (fakkii 2.3)
Ilaali. Hiddi qaama biqiltuu lafa keessa oolu ta‟ee kan albuudotaa fi bishaan qaama
biqiltuutti fudhatu. Jirmi lafaa olitti kan argamu ta‟ee, qaama biqiltuu utubee kan
baatuu fi bishaanii fi albuudota kan gara qaama biqiltuu kaaniitti oldabarsudha.
Baalli biqilootaa halluu magariisa qaba.Baallii ifa aduutti fayyadamuun biqiloonni
nyaata

mataa isaanii akka qopheeffatan godha. Daraaraa keessatti immoo sanyiin


biqiltootaa ni uumama.

Fakkii 2.3: Qaama biqiltuu

45

Sample output to test PDF Combine only


Sababoota qabeenya bosonaa mancaasuu danda‟an.
1. Baay’inni uummataa dabaluu

 Fedhii lafa qonnaa

 Mana jireenyaa

 Muka qoranii

 Meeshaalee mukka irra hojjetaman fi kkf namoonni feedhiwwan kana


guuttachuuf bosona naannoo isaanii ciruu fi ibiddaan gubbuun mancaasu,
2. Baballachuu magaalotaa
3. Baballina daandii konkolaataa fi kanaafikan kana fakkaatan manca’insa
bosonaaf warra gahee guddaa gumaachaniidha.
Biqiltoota dhaabuu
Gocha 2.6
Gaaffilee armaan gadiirratti mari’achuun dareef gabaasaa
1. Biqiltoota maliif dhaabna?
2. Biqiltoota akkamitti dhaabna?
Biqiloonni faayidaa hedduu qabaachuu isaanii hubannee jirra.Kanaaf biqiltoota
naannoo keenyatti dhaabuun barbaachisaadha. Biqiltoota dhaabuun dura addmisa
isaa addaan baafachuun barbaachisaa dha. Adeemsi kunis :-
A. Biqitloota dhaabuuf karoorsuu: Kunis kan armaan gadii of keessatti
qabata.

 Eessa dhaabna?

 Maal dhaabna?

 Faayidaa maalitiif dhaabna?

 Biqiltoota sanyii walmakaa moo gosa tokko?

46

Sample output to test PDF Combine only


B. Faayidaa Biqiltoota dhaabuu hubachuu.

Fakkeenyaaf

 Eegumsa biyyeef

 Nyaataaf

 Lafa qullaa uwwisuuf

 Madda galiif

 Madaallii uumamaa eeguuf


C. Bakka Biqitloota dhaaban adda baasuu:
Fakkeenyaaf

 Oddoo keenya keessa

 Bakka duwwaa qotamuu hin dandeenye

 Mana barumsaa keessa

 Bakka hawaasni gandasanaa qopheesse fa‟i.

Kunuunsa Biqiltootaa
Biqiltoota namaa fi uumamaan guddatan akka armaan gadiitti kunuunsuun
barbaachisaadha.

 Horii irraa eeguu

 Aramaa keessaa baasuu

 Ibidda irraa eeguu

 Ilbisootaa fi dhukkuba irraa to‟achuu

 Kan bade bakka buusuun dhaabuu fa‟i.

47

Sample output to test PDF Combine only


Miidhaawwan manca‟insi bosonaa fidu:
 Biyyeen bubbee fi bishaaniin haramee qullaatti hafuu

 Hongeen babala‟achuu

 Maddaalliin uumama naannoo jeeqamuu

 Godaansa bineensota bosonaa.

 Akkasumas hanqina roobaa fi hiri‟na gabbina biyyeen oomishi midhaan


adda addaa xiqqaachaa deemuu fa‟i.
Fala Ittisa Manca‟insa Bosonaa

 Gumii kunuunsa naannoo akka mana barumsaatti hundeessuun biqiltuu


dhaabuu, guddisuu, fi eeguudha.

 Miidhaa manca‟insa biqiltootaa fidu hawaasa naannoo keenyaa barsiisuu.

 Namoota seeran ala bosona muranii cilee fi qoraan gurguran manguddootaa


fi bulchiinsa gandaa wajjiin ta‟uun namoonni kun madda galii biroo akka
argantan haala mijeessuu.

 Muka tokko yoo murre bakka isaa biqiltoota biroo dhaabuu.

 Bakkeewwan tajaajila qonnaaf ooluu hin dandeenye, fakkeenyaaf sulula


laggeen, tabba, gaarreen fi lafa oomisha kennuu hin dandeenye irraa
biqiltuu dhabuu fi kunuunsuudha.

 Hawaasni naannoo keenyaa geemmoo (sunsuma) qoraan qusatu akka


fayyadamu barsiisuu fi oomisha sunsumaa kanaa argachuuf dhaabbilee
mootummaa fi mitimootummaa waliin ta‟uun hojjechuudha.

48

Sample output to test PDF Combine only


Gaaffilee Piroojektii
Rakkoolee manca‟insa biqiltootaa naannoo keetii gadi fageenyaan hubachuu akka
dandeessu gaaffilee armaan gadii namoota umurii dheeraa qaban gaaffachuun
yaada furmaataa barattoota daree keetiif dhiheessi.
1. Faca‟insi biqiltoota naannoo keessaniikan durii fi kan ammaa
walfakkaataa? Kamtu caala?
2. Bineensonni yeroo durii naannoo keessan keessa jiran maalfa‟i? Yeroo
ammaa hoo jiruu? Maaliif ? Kana booda deebi‟anii dhufuu ni danda‟u?
3. Namoonni naannoo keetii biqiltoota naannoo isaanii maaliif ciru?
Gilgaala 2.2

A. Himoota armaan gadii sirrii yoo ta‟an “Dhugaa” yoo sirrii hintaane “Soba”
jechuun deebisi

1. Zayitiin boba‟aa lafa keessaa waan bahuuf qabeenya uumamaa haaromfamuu


danda‟udha.
2. Albuudni warqii qabeenya uumamaa haaromfamuu hin dandeenyedha.
3. Biqiltoonni qabeenya uumamaa haaromfamuu danda‟anidha.
4. Biqiltoonni baay‟een jiraachuun dhiqama biyyee ni ittisa.

5. Jirachuun bosonaa fi roobaa, hariiroo waliin hinqaban.


6. Biqiltoota irraa qorichaa fi waraqaa oomishuun ni danda‟ama.
B. Gaffiwwan arman gaditiif deebii quubsaa kenni

7. Qabeenya uumamaa haaromfamuu danda‟an tarreessi.


8. Qabeenyaa uumamaa haaromfamuu hin dandeenye maqaa dha‟i.
«
9. Ganama har‟aa qorri isaa cimaa ture» yoo jedhamu, yaanni kun haala
qilleensaa agarsiisamoo qillensa baramaa ibsa?
10. Haala qillensaa jechuun maal jechuudha?

11. Qilleensa baramaa jechuun maal jechuudha?


49

Sample output to test PDF Combine only


12. Biqiltoonni naannoo keeyaa jirma isaanii irratti hudaa‟uun bakka meeqatti
qoodamu. Ibsi.
13. Bosonna manca‟uusuu jechuun maal jechuudha?
14. Manca‟uun bosonaa dhiibbaa maalii fida?
15. Qillensi baramaan jireenya namaa irratti dhiibbaa maalii fida?

2.3. Marsaa Bishaanii


Gocha 2.3
Gaaffilee armaan gadii gareen mari’achuun dareef gabaasaa.
1. Marsaan bishaanii maali?
2. Faayidaan marsaa bishaanii maali?Irratti mari’adhaa.
3. Gaheen ho’a aduu marsaa bishaanii keessaa maali?
Bishaan anniisaa aduutiin biqiltoota, laggeen, haroowwan, galaanotaa garbawwanii
fi biyyee irraa ka‟uun gara samiitti ol baha. Adeemsa bishaan lafa irraa ka‟ee gara
qilleensa gubbaatti ol bahu kun hurka’uu jedhama.

Hurki qilleensa keessatti dilallaa‟uun gara duumessaatti jijjiirama.Duumessi immoo


hammaa fi qabeedhaan dabalaa adeemuun ho‟a ifa aduu irraa argachaa adeemuun
gara bishaaniitti jijjiirama. Bishaan kun bifa cabbii fi bokkaan gara lafaatti cophuu
jalqaba.

Rooba lafa gahee keessaa gar-tokkeen bifa lolaatiin lagaa fi harootti makama.
Laggeen lolaa fuudhanii gara galaanotaa geessu. Kanneen immoo biyyeetti gadi
seenuun biqiltootaan xuuxama. Adeemsi bishaan irra deddeebiin lafa irraa gara
samiittii fi samii irraa gara lafaatti gadi deebi‟u marsaa bishaanii jedhama.

50

Sample output to test PDF Combine only


Fakkii 2.13: Marsaa bishaanii

Gilgaala 2.4
Gaaffiwwan armaan gaditiif deebii qubsaa kenni
1. Bishaan bifa maaliitiin galaana irraa gara qilleenssatti olka‟a?
2. Bishaan qaamoolee kam irra hurkaa‟a?
3. Dumeessi samii irratti akkamitti uumama?
4. Roobni yoo lafa gahu bishaan isaa garam dhaqa?
5. Marsaa bishaanii fakkii kaasuun ibsi.
6. Faayidaa marsaa bishaanii ibsi.
7. Qaamoota hurki irraa ka‟u keessaa kan bishaan baayyee gumaachu kami?
8. Bishaan lafarra hurku kun osoo roobaan gadi deebi‟uu baate addunyaa kana
irratti maaltu ta‟a jetta?
9. Bishaan badhee keessa faca‟ee jiru hundinuu dhugaatiif mija‟aa dha?
10. Faayidaa bishaanii tarreessi.

51

Sample output to test PDF Combine only


2.4. Anniisaa

Gocha 2.7

Gaaffilee armaan gadii gareen mari’achuun deebii isaanii


barattoota dareef ibsaa.

1. Anniisaan maali?
2. Anniisaan gara garaa maal irraa madda?
3. Akaakuu anniisaa beektan tarreessuun irratti mari’adhaa.

Anniisaan dandeettii dalagaa dalaguu wanta tokkooti. Fakkeenyaaf Fiiguu, gaara


bahuu fi dalagaa dalaguuf anniisaa barbaachisa. Anniisaan qaamni namaa itti
fayyadamu nyaata irraa argama. Konkolaataan socho‟uuf boba‟aa barbaada.
Boba‟aan konkolaataa keessaa yoo gubatu anniisaa keemikaalaa boba‟aa keessa
jiru gara anniisaa ho‟aa fi mekaanikalaatti jijjiramuun akka deemu taasisa.

Madda anniisaa

Anniisaan madda gara garaa qaba. Maddoota anniisaa keessaa muraasni kan
armaan gadiiti. Isaanis:

 Aduu Nyaata

 Bubbee  Dhagaa baatirii

 Bishaan socha‟u  Dhagaa cilee

 Boba‟aa  Baayoogaasii fa‟i

52

Sample output to test PDF Combine only


Akaakuu anniisaa
Maddoota anniisaa adda addaa irra anniisaa akaakuu garagaaraa
arganna.Fakkeenyaaf aduu irraa anniisaa ifaa fi anniisaa ho‟aa arganna.Akkuma
maddi anniisaa hedduu ta‟e akaakuun anniisaas hedduu dha. Akaakuuwwan
anniisaa keessaa muraasni kan armaan gadiiti.

 Anniisaa ho‟aa  Anniisaa elektirikii


 Anniisaa ifaa  Anniisaa keemikaalaa fi
 Anniisaa sagalee  Anniisaa mekaanikaalaa fa‟a

Elektiriisitii

Gocha 2.8

Gaaffilee armaan gadii gareen wal mari’achuun


deebii isaanii dareef gabaasaa.

1. Elektirikiin maali?
2. Faayidaan elektirikii maali?
3. Elektrikiin maal irraa madda? Ibsa.

Anniisaan elektirikii akaakuu anniisaa keessaa isa tokko. Anniisaan elektirikii


jireenya ilma namaa keessatti faayidaa guddaa qaba. Mana keessatti ibsaan,
raadiyooniin, kompiyutarri, televizyinii fi meeshaaleen nyaata bilcheessan tokko
tokkoo anniisaa elektirikii fayyadamu. Industirii fi warshaaleenis anniisaa
elektirikiin hojjetu.

Anniisaan elektirikii madda garagaraa irra arganna.Fakkeenyaaf seelii elektrikii


(dhagaa baatirii) fi jeneretarri madda elektirikii bakka baayyeetti itti fayyadamnu
dha.Dhagaa baatirii, ibsaa fi radiyoodhaaf itti fayyadamna.Baatiriin konkoolataa
keemiikaalaa dhangala‟oo (asiidii) qabu madda elektriikiiti.

53

Sample output to test PDF Combine only


Karentii Elektirikii

Karentiin elektirikii elektiriisitii daandii elektirikii cufaa keessaa yaa‟uudha.


Karentii uumuuf waa sadi barbaachisa. Isaanis: madda elektrikii (baatirii), shiboo
walqunnaamisiisuu fi balbii dha. Balbiin anniisaa elektiriikii fayyadamuun gara
anniisaa ho‟aa fi ifaatti jijjiira. Baatiriin madda anniisaa elektirikiiti. Dhagaan
baatirii Bantoo pooseetiivii (+) fi negaatiivii (–) qaba.Bantoon lamaan yoo
shiboodhan walqunnamsiifaman karentiin yaa‟uu jalqaba. Yoo karentiin jiru balbiin
ni ifa. Kareentiin yoo hin jirree balbiin hin ifu.Balbiin meeshaa daandii elektirikii
keessatti anniisaa elektirikii fayyadamuun ifa kennuudha. Shiboon karentiin
elektirikii akka keessa yaa‟uun daddarbu gochuun daandii elektirikii uuma.

Yaalii 1:
Karentii elektirikii
Yaalii kana gareedhaan gurmaa‟uun raawwadhaa
Meeshaalee barbaachisan Dhagaa Baatirii, Shiboo balbii elektirikii.
Tartiiba Raawwii

 Dhagaa baatirii tokkoo fi balbii tokko shiboodhaan walqabsiisaa.


Fakkii 2.6 ilaali.

Ija baatirii

Fakkii 2.6: Karentiin elektirikii balbii ibsu

54

Sample output to test PDF Combine only


 Balbiin haala fakkii 2.6 tiin walqasiifamu ni ifa. Yommuu balbiin
kun ifu karentiin elektrikii dandii cufaa kana keessa yaa‟aa jira jenna.

 Dhagaa baatirii lama fayyadamuun ifti dabaluu isaa ilaalaa.


Yoommuu dhagaan baatirii lama ta‟u ifni dabaluun karentiin dhagaa
lamaan uumamu guddaa ta‟uu agarsiisa

Yaalii 2
Dabarsoo fi ittisoo addaan baasuu
Yaalii kana gareen gurmaa‟uun raawwadhaa
Meeshaalee barbaachisan:- Koopparii, Mismaara, Muka, Pilaastika, Balbii,
Shiboo, Dhagaa Baatirii . Tartiiba Raawwii ;-

 Daandii elektiriikii cite jiru ijaari.

 Wantoota adda addaa qabxii addaan citee jiru (bakka banaa) kana keessa
galchuun daandii cufaa uumaa (Fakkii 2.7).

 Bakka banana Shibboo kooppariin yoo walitti qabsiifamu maal ta‟a? Balbiin
ni ifaa?

 Mismaaraan yoo walitti qabsiifame hoo maal ta‟a?

 Muka gogaa ykn pilaastikaan yoo walitti qabsiifamu hoo maal ta‟a?

 Kamiif balbiin ife? Kamiif balbiin hin ifne?

 Qilleensi dabarsoo dha moo dabarsoo mit?

 Deebii keessan dabareedhaan barattoota daree keessaniif ibsaa.

Fakkii 2.7: Dabarsoo fi ittisoo addaan baasuu

55

Sample output to test PDF Combine only


Gaaffii: Wantoota garaagaraa fayyadamuun dabarsoo fi ittisoo addan baasuun
Gabatee 2.2 guuti.

Gabatee 2.3: Firii yaalii 2 irraa wantoota dabarsoo fi ittisoo elektiriikii ta‟an.

Dabarsoo Ittisoo
1
2
3
4
5

Maagneetii

Lilmoo lafatti dhangala‟e daftee lafaa guuruuf mala salphaa beektaa?Maaliin lafaa
guurta? Maagneetii yoo qabaatte, ittiin harkisuun akka salphaatti lafaa guuruu ni
dandeessa.

Fakkii 2.8: Maagneetiin bantoo lama qaba

56

Sample output to test PDF Combine only


Maagneetiin wantoota ayiranii irraa tolfaman offitti harkisa.Wantootni maagneetiin
harkifaman wantoota maagneetawaa jedhamu. Fakeenyaaf ayiranii fi hadiidni
maagneetiin ni harkifamu waan ta‟eef wantoota magneetawaa dha.

Wantootni maagneetiin hin harkifamne dhabeeyyii maagneetawaa


jedhamu.Fakkeenyaaf pilastikii, muka, koopperii fi meetiin maagneetiin hin
harkifaman waan ta‟eef wantoota dhabeeyyi maagneetawaati.

Yaalii 3
Maagneetii
Yaalii kana gareedhaan gurmaa‟uun raawwadhaa
Meeshaalee barbaachisan

 Wanttoota akka mismaaraa, pilaastikii, fuullee, lilmoo waraqaa, boronqii,


koopparii, meetii fi farankaa adda addaa qopheessi.
Raawwii

 Ulee maagneetii fayyadamuun wantoota kana keessaa kan maagneetiin


harkifaman kophaatti barreessi.

Fakkii 2.9: Maagneeetii lilmoo waraqaa harkisu

57

Sample output to test PDF Combine only


Yaalii 4
Bantoo maagneetii
Meeshaalee barbaachisan

 Ulee maagneetii lama qopheessi.

 Fiixee maagneetiiwwan irratti N fi S kan irratti barreeffame ta‟uu qabu.

Fakkii 2.10: Bantoon maagneetii walfakkatan wal-dhiibu


Tartiiba Raawwii

 Fiixee maagneetii bantoo N fi fiixee maagneetii biraa bantoo N walitti


qabi. Maal ta‟e?

 Fiixee maagneetii bantoo S fi fiixee maagneetii biraa bantoo S walitti


qabi. Maal ta‟e?

 Fiixee maagneetii bantoo N fi fiixee maagneetii biraa bantoo S walitti


qabi. Maal ta‟e?

58

Sample output to test PDF Combine only


Fiixeewwan maagneetii bakka humni maagneetii cimaan jiru kun bantoo maagneetii
jedhama. Maagneetiin tokko bantoo lama qaba, bantoo kaabaa (N) fi bantoo kibbaa
(S) qaba (Fakkii 2.10).Hubadhu: (N) = North (Kaabaa) (S) = South. (Kibba)

Bantoowwan maagneetii walfakkaataan wal dhiibu.Bantoowwan maagneetii wal


hinfakkaanne (faallaa walii) walharkisu.

Elektiroomaagneetii

Yaalii 5

Elektiroomaagneetii tolchuu
Meeshaalee barbaachisan

Mismaara, Shiboo fi Dhagaa Baatirii

Tartibaa Raawwii

 Shiboo koopparii pilaastikaan haguugaame meetira tokko (1m) dheeratu


mismaara irra mari.
 Fiixeewwan shiboo lamaan dhagaa baatirii tokkoon walqabsiisi.

Fakkii 2.11: Elektiroomaagneetii

59

Sample output to test PDF Combine only


 Elektiroomaagneetiin dhagaa baatirii tokko fayyadamuun tolchite kun
lilmoo waraqaa ni harkisaa? Lilmoo waraqaa meeqa harkisa?

 Dhagaa baatirii lama fayyadamuun elektromaagneetin kun hoo lilmoo


waraqaa meeqa harkisa (Fakkii 2.12)?

Fakkii 2.12: Elektiromaagneetii dhagaa baatirii lamaan tolfame

Gilgaala 2.3

A. Gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii sirrii filadhu


1. Kanneen armaan gadii keessaa dabarsoo elekitirikii kan ta‟e kami?
A. Muka gogaa C. Aluminiyemii
B. Dhagaa D. Piilaastikii
2. Maagneetiin kan harkifamu isa kami?
A. Cirracha C. Muka
B. Mismaara D. Waraqaa
3. Madda anniisaa elekitirikii kan ta‟e kami?
A. Dhagaa baatirii C. Jeneretara
B. Baatirii konkolaataa D. Hundinuu sirrii dha
4. Kan armaan gadii keessaa elektriikii kan hin dabarsine addaan baasi.
A. Pillaastikii C. Aluminiyemii
B. mismaara D. Koopparii

60

Sample output to test PDF Combine only


5. Kan armaan gadii keessaa dhugaa kan ta‟e kami?
A. Maagneetiin sibiilota gosa hundaa ni harkisa.
B. Karentiin elektiriikii maagneetummaa uuma.
C. Magneetiin lamaa yeroo hundumaa walharkisu.
D. Mukti gogaan dabarsoo elektiriikiiti.
A. Kanneen “A” jalatti kan tarreeffamani kanneen “B” jalatti tarreeffaman
walitti firoomsi

A B
_____ 1. Karentii elektiriikii A.
Shiboo koopperii
_____ 2. Anniisaa B.
Madda anniisaa elektirikii
_____ 3. Elektiroomaagneetii C.
Elektirikiidhaan hojjeta
_____ 4. Dhagaa baatirii D.
Sibiila ayirani kan akka lilmoo ofitti harkisa
_____5.Anniisaa elektirikii fayyadama E.
Ija baatirii (balbii)
____ 6. Aduu Anniisaa ifaa fi hoo‟aa kenna
F.
____ 7. Maagneetii G.
Anniisaa keemikaalaa
____ 8. Televizyinii H.
Magneetummaa karentii
____ 9. Dabarsoo elektirikii I.
Elektirisitii shiboo daandii cufaa
____ 10. Boba‟aa keessa yaa‟u
J. Danddeettii dalagaa raawwachuu
C. Gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii gababaa kenni
1. Maddoota anniisaa afur tarreessi.
2. Akaakuu anniisaa afur barreessi.
3. Namni dalagaa dalaguuf yookaan fiiguuf anniisaa barbaachisu eessaa
argata?
4. Anniisaan aduu irraa argannu akaakuu anniisaa kami?
5. Maddoota anniisaa elektiriikii lama barreessi.

61

Sample output to test PDF Combine only


BOQONNAA SADII
BIYYA KEENYA
Kanaan dura kutaa 1ffaa keessatti waa‟ee gandaa, kutaa 2ffaa keessatti waa‟ee aanaa
(bulchiinsa magaalaa) akkasumas, kutaa 3ffaa keessatti waa‟ee naannoo Oromiyaa
baratteejirta. Boqonnaa kana keessatti immoo waa‟ee biyya keenya Itoophiyaa ni
baratta.

3.1 MALUMMA BIYYAA

1. Hiika Biyyaa

Gaaffii marii: Biyya jechuun maal?


Ulaagaaleen qaama dachee tokko biyya jechisiisan maal fa’a?
Biyyi qaama dachee addunyaa taatee, kan:
 daangaa murtaa‟aa ta‟e qabdu,
 ummanni dhaabbataan irra jiraatu,
 saboota dinagdee hawaasummaa walii qooddatan,
 mootummaa fi alaabaa mataa ofii qabdu fi
 birmadummaa mataa ofii qabduudha.
Hanga ammaatti, ulaagaalee armaan olitti caqafame kanguutanii fi beekamtii qabana
biyyoota addunyaa193tu jiru.Kanneen keessaa tokko biyya keenya
Itoophiyaadha.Magaalaa guddoon Itoophiyaa Finfinnee jedhamti.Finfinneen teessoo
Mootummaa Feederaalaa Itoophiyaati.Dabalataanis, Finfinneen teessoo
Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Gamtaa Afrikaati.

62

Sample output to test PDF Combine only


2. Argama Itoophiyaa

Gocha 3.1,Kkaraalee argamni biyyaa itti ibsamuu gareen mari’adhaatii dareef


ibsaa.
Argama jechuun bakka wanti tokko itt argamuudha.Fakkeenyaaf, mana barumsaa
kee keessatti bakka kutaan ati itti barattu qabatee jiru, ganda kee keessatti bakka
manni barumsaa keessanii fi manneen jireenyaa keessan ittiargaman fa‟a.Haaluma
kanaan, argama Itoophiyaa kaartaa siyaasaa addunyaa yookiin Afrikaa irraa ibsuun
ni danda‟ama.

Argamni Itoophiyaa karaalee lamaan ibsama. Isaanis:

A. Argama bir-qabaa fi
B. Argama astiroonoomiiti.

A. Argama Bir-qaba Itoophiyaa

Argama bir-qabaa jechuun bakka yookiin biyyi tokko wanta dhiheenya isaa jiru
wajjin walbira qabuun ibsuudha.Kutaa 2ffaa keessatti kallattiinakkamitti akka
agarsiifamu baratteerta.Argama mana barumsa keetii mana jireenyaa kee wajjin
walbira qabuun hiriyoota keetitti agarsiisi.Haaluma kanaan, Itoophiyaa qaama
dachee ardii Afrikaa yookiin biyyoota ollaa ishee jiran wajjin walbira qabnee ibsuun
ni danda‟ama. Kunis, argama bir-qaba Itoophiyaa jedhama.

Fakkeenyaa 1ffaa: argama Itoophiyaa qaama dachee ardii Afrikaatiin walbira


qabnee yoo ibsinu, Itoophiyaan Baha yookiin Gaanfa ardii Afrikaatti argamti.
Kaartaa asiin gadii ilaali.

63

Sample output to test PDF Combine only


Fakkii 3.1 Kaartaa argama bir-qaba Itoophiyaa ardii Afrikaa wajjin agarsiisu

Fakkeenya 2ffaa: Argama bir-qaba Itoophiyaa biyyoota ollaa ishee daangessan


wajjin walbira qabnee ibsuuf wantootni nu barbaachisan:
Kallattiiwwan hangafoota/gurguddoo: Kaaba, Kibba, Bahaa fi Dhiha.
Kallattiiwwan xixiqqoo: Kaaba Dhihaa, Kaaba Bahaa, Kibba Dhihaa fi
Kibbaa Bahaa fa‟a.
Iddoo ka‟uumsaa: bakka irraa kaanee qaama biroo tokko ibsinuudha.
Kaartaa yookiin giloobidha.
Odeeffannoon argama bir-qabaa irraa argamu kan tilmaamaati.

64

Sample output to test PDF Combine only


Fakkii 3.2 Kallattiiwwan gurguddoo fi xixiqqoo Itoophiyaa

Argama Itoophiyaa biyyoota ollaa ishee daangessaniin walbira qabnee yoo ibsinu:

Itoophiyaa Bahaan Jibuutiitu daangessa.


Itoophiyaa Kibbaan Keeniyaatu daangessa.
Itoophiyaa Kibba Bahaatiin Somaaliyaatu daangessa.
Itoophiyaa Kaaba Dhihaatiin Sudantu daangessa.
Itoophiyaa Kibba Dhihaan Sudan Kibbaatu daangessa.
Biyyoota ollaa Itoophiyaa daangessan keessaa Itoophiyaan daangaa dheeraa biyya
Somaaliyaa wajjin qabdi.Daangaa gabaabaa immoo biyya Jibuutii waliin qabdi.

65

Sample output to test PDF Combine only


Fakkii 3.3 Argama bir-qaba Itoophiyaa biyyoota ollaa ishee daangessaniin

Biyyoota ollaa wajjin waliigaltee gaarii qabaachuu

Gocha 3.2. Hiriyoota kee wajjin waliigaltee gaarii qabaachuun maaliif


akka isin fayyadu fi Maatiin keessanis hawaasa ollaa wajjin
waliigaltee gaarii qabaachuun maaliif akka fayyadu gareen irratti
mari’adhatii qabxii marii keessani barreessati dareef dubbisa.
Itoophiyaan biyyoota ollaa ishee jiran wajjin waliigaltee gaarii qabaachuun
faayidaalee hedduu qaba. Fakkeenyaaf:
Waliin daldaluu- Itoophiyaan foonii fi midhaan nyaataa Sudanii fi Sudan
Kibbaatti gurguti. Isheen immoo biyyoota kanarraa boba‟aa bitti.
Nageenya mirkaneessuu- walitti bu‟insi daangaa karaa nagaatiin furama.Diinni
biyya tokkoo biyyaa biraa keessatti dawoo hin argatu.

66

Sample output to test PDF Combine only


Yeroo rakkinaa walgargaaruu-ummattootni Sudanii fi Somaaliyaa sababa lola
waliin walii fi beelatiin biyya isaanii dhiisanii Itoophiyaatti baqatan, Itoophiyaan
ummattoota biyyoota kanaa gargaraa turte.
Qabeenya uumamaatti waliin fayyadamuu- Itoophiyaan buufata doonii
hinqabdu. Wayita mi‟oota/meeshaalee gara alaa ergituu fi alaa gara keessatti
galchitu buufata doonii Jibuutiitti fayyadamti. Jibuutiin immoo oomisha
midhaan nyaataa fi laggeen hinqabdu. Midhaan nyaataa fi humna ibsaa kan
Itoophiyaa irraa fayyadamti.
Qunnamtii hawaasummaa cimsa- namoonni Itoophiyaa hojii barbaadan gara
biyyoota ollaa bilisaan socha‟anii hojjachaa jiru. Maallaqaa argatan gara
biyyaatti erguun maatii fi hawaasa isaanii gargaaru.

Gilgaala 3 1.
Gaaffilee armaan gadiitiif deebii sirrii kenni.
1. Itoophiyaa Kaabaan biyya kamitu daangessa?
2. Itoophiyaa Kibba Dhihaatiin biyya kamitu daangessa?
3. Itoophiyaa Kaaba Bahaan biyya kamitu daangessa?
4. Biyyootni ollaa Itoophiyaa daangessan meeqa?
5. Magaalota gurguddoo biyyoota ollaa Itoophiyaa daangessanii tarreessi.
6. Itoophiyaan daangaa gabaabaa biyya kam wajjin qabdi? Daangaa
dheeraa hoo?
7. Biyyoota ollaa wajjin waliigaltee gaarii qabaachuun maaliif faayida?

67

Sample output to test PDF Combine only


B. Argama Astiroonoomii Itoophiyaa

Argamni astiroonoomii sarara yaadaa dagalee fi gadeetiin fayyadamuun


agarsiifama.Sararri Dagalee iddoowwan mudhii lafaa irraa gara kaabaa yookiin
kibbaatti argaman agarsiisa. Kunis, iddoowwan sarara 00 (Mudhii Lafaa) irraa
kaasee hanga 900 kaabaa fi sarara 00 (Mudhii Lafaa) irraa kaasee hanga 900 kibbaa
jiran jechuudha. Sararri Dagalee 00 MudhiiLafaa yoo jedhamu 900 kaabaa fi kibbaa
immoo bantiilee lafaa jedhamu. Sararri Gadee immoo iddoowwan Piraayim
Meeridiyaanii irraa gara bahaa yookiin dhihaatti argaman agarsiisa.Kunis,
iddoowwan sarara 00 (Piraayim Meeridiyaanii) irraa kaasee hanga sarara 1800 bahaa
fi sarara 00 (Piraayim Meeridiyaanii) irraa kaasee hanga sarara 1800 dhihaa jiran
jechuudha. Sararri gadee 00 (Piraayim Meeridiyaanii) jedhama. Argama kana
giloobii fi kaartaa irratti ibsuuf sarara dagalee fi gadee nu barbaachisa. Sarara
dagalee fi gadeenis yuuniiti digirii, daqiiqaa yookiin sakondiin ibsama.

Argama astiroonoomitiin (absolute location) biyyi keenya qaama lafaa irratti 30Ka –
150Kafi 330Ba – 480Ba gidduutti argamti. Odeeffannoon argama kanaa argama
dhugaa (absolute) dha.

68

Sample output to test PDF Combine only


Fakkii 3.4 Argama astiroonoomii Itoophiyaa

Gilgaala 3.2
Gaaffilee armaan gadiitiif deebii sirrii kenni.
1. Argama astiroonoomii ibsuuf maaltu barbaachisa?
2. Yuniitiin argama astiroonoomii ittiin ibsamu maal jedhama?
3. Sararootni dagalee fi gadee maaliif sararoota yaadaa jedhaman?
4. Iddoon ka‟uumsa sararri dagalee shalagamuu eegalu eessa?
5. Fageenyi bantii kaabaa fi kibbaa gidduu jiru meeqa?
6. Iddoon ka‟uumsa sarara gadee shalagamuu eegalu eessa?

69

Sample output to test PDF Combine only


3. Teessuma Lafa Itoophiyaa

Gaaffii marii: Waa’ee teessuma lafa biyya tokkoo beekuun maaliif nu fayyada?
Gocha 3.3. Naannoo mana barumsa keessanii yookiin isin jiraattanii, teessuma lafa
akkamii akka jiru fakkii kaasuun daree keef dhiyeessi.

Teessumni lafa Itoophiyaa bakka gurguddoo saditti qoodama. Isaanis:

a. Lafa olka‟oo
b. Lafa dakee
c. Sulullaan

Lafa Olka‟oo

Lafa olka‟oo jechuun teessuma lafaa sirrii irra galaanaa irraa ol 1000m. ol kan
qabuudha. Qilleensi isaa hoo‟a jiddugaleessaa fi jiidhaadha. Qotiisa roobaatiin
beekama. Kanaafuu, hedduummina ummataa guddaa qaba.Lafti olka‟oo diriiraan
pilaatoo jedhama.

Lafa Dakee

Lafa dakeen teessuma lafaa sirrii irra galaanaa irraa ol 1000 m. gadi kan qabuudha.
Lafa dhooqaa diriiraan lafa dakee jedhama. Qilleensi lafa dakee baay‟ee hoo‟aa fi
gogaadha. Kanaafuu, hedduummina ummataa xiqqaa qaba. Akkasumas, qonna
jallisiitiin beekama. Lafti dakeen kaaba dhihaa, qarqara dhiha Itoophiyaatiin kaabaa
kaasee hanga kibbaatti fulla‟ee argama. Lafa dakeen kibba bahaa, lafa dakee kaaba
dhihaa caalaa qilleensa baay‟ee hoo‟aa fi gogaa, qaama lafaa baay‟ee bal‟aa qabuu
fi horsiisni horii bal‟inaan irratti gaggeeffamudha.

70

Sample output to test PDF Combine only


Sulula

Sululli Qiinxaama Itoophiyaa qaama Sulula Qiinxaamaa guddaa Baha Afrikaati.


Sulula Qiinxaamaa guddaan baha Afrikaa ardii Eeshiyaa biyya Siiriyaa jedhamtu
kaasee hanga ardii Afrikaa biyya Moozaambiki jedhamtutti fulla‟ee argama. Kunis
Itoophiyaa bakka lamatti (dhihaa fi bahatti) qoodee fulla‟a.Sululli Qiinxaamaa
humna babbaqaqinsa lafaatiin uumame. Jalqaba, teessumni lafa kaaba dhihaa fi
kibba bahaa wal-qixa turan. Sababa humna babbaqaqinsa kanaatiin lafti gidduu
kaaba dhihaa fi kibba bahaa ture gadi lixe. Teessumni lafa kaaba dhihaa fi kibba
bahaa bakkuma jiruitti yoo hafan, lafti gadi lixe Sulula Qiinxaama Guddaa ta‟e.

Sululli Qiinxaamaa teessuma lafaa jiran keessaa bal‟inaan 3ffaadha.Akkasumas,


danaa qaruuraa fakkaatu qaba.Naannoo Affaaritti baay‟ee bal‟aadha.Naannoo
Oromiyaatti giddugaleessa yoo ta‟u, naannoo Ummata Kibbaatti garuu baay‟ee
dhiphaadha.Sululli Qiinxaamaa teessuma lafa adda addaa qaba. Fakkeenyaaf:

lafa dhooqaa Danaakil- Daalool sirrii galaanarraa gadi 120 m. qabu


lafa diriiraa- magaalotaan qabame: Samaraa, Adaamaa, Hawaasaa fa‟a
lafa dhooqaa bishaaniin guutame- hara Laangannoo, Shaalaa, Abijaataa fa‟a
lafa bishaan danfaan keessaa ol burqu- Alootuu Laangaanoo, Soodaree fa‟a.

71

Sample output to test PDF Combine only


Gabtatee 3.1. (a) : Teessuma lafa Olka‟oo Itoophiyaa

Teessuma Lafaa Qoodama Naannoo Itti Argamu Gaareen Gurguddoo Dheerina Meetiraan
Naannoo Tigraay: Gaara Siidii 3,988 m.
Lafa olka‟oo Tigraay Gaara Ambalaagee 3,290 m.
Gaara Asiimbaa 3,248 m.

Kaaba Dhihaa Lafa Olka‟oo Naannoo Amaaraa:  Gaara Raas Dajan (Gondar) 4,620 m.
 Gaara Gunaa (Gondar) 4,231 m.
 Gaara Abuna Yooseef (Walloo) 4,190 m.
 GaaraAbuyee Meedaa ( Shawaa) 4000 m.
 Gaara Chooqee fa‟a. (Goojjam) 4,234 m
Kibba Dhihaa Lafa ol ka‟oo Naannoo Oromiyaa:  GaaraTulluu Walal 3,200 m.
(Wallaggaa)
 Gaara Guraagee (Shawaa) 3721 m.
 Gaara Maayi Guddoo 3,344 m.
(Iluu Abbaa Booraa fi Jimmaa)

72

Sample output to test PDF Combine only


Teessuma Lafaa Qoodama Naannoo Itti Argamu Gaareen Gurguddoo Dheerina Meetiraan
 Naannoo Ummata Kibbaa:  Gaara Gugee (Kafaa fi 4200m
Kibba Dhihaa Lafa ol ka‟oo Gamuu Goofaati)

Naannoo Oromiyaa:  Gaara Kaakkaa (Arsii) 4180m


 Gaara Cilaaloo (Arsii) 4136m
 Gaara Baddaa (Arsii) 1139m
Kibba Bahaa Lafa Olka‟oo 4371m
 Gaara Tulluu Diimtuu
(Baalee)

 Gaara Baatuu (Baalee) 4307m


 Gaara Mullataa (Harargee) 3381m
 Gaara Jabal xiixaa 3122m
(Harargee)
Kibba Lafa Olka‟oo Naannoo Uummata Kibbaa  Gaara Diiloo (Sidaamaa) 3600m
 Gaara Garambaa (Geda‟oo) 3400m

73

Sample output to test PDF Combine only


Gabtatee 3.1. (b) : Teessuma lafa Dakee fi Sulula Itoophiyaa
Teessuma Lafaa Qoodama Naannoo Itti Argamu Lafa Dakee
Kaaba Dhihaa Lafa Dakee Dhiha Naannoo Tigiraay  Lafa Dakee Takkazee
Yookaan Humaraa
Dhiha Naannoo Amaaraa  Lafa Dakee Abbayyaa
Kibba Dhihaa Lafa Dakee Dhiha Naannoo oromiyaa  Lafa Dakee Gibee
Dhiha Naannoo Gambellaa  Lafa Dakee Baaroo
Dhiha Naannoo Uummata Kibbaa  Lafa Dakee Oomoo
Kibba Baha fi Lafa Dakee Naannoo Oromiyaa  Lafa Dakee Gannaalee
Kibba (Booranaa)
Naannoo Somaalee  Lafa Dakee Waabee
Shabalee
Sulula Roga Sadee Affaar Naannoo Affaar (Baayyee Baladha)
Qinxaamaa Sulula Hawaas Naannoo Oromiyaa
Naannoo Harawwanii (Giddugaleessa)
Galaana Soogiddaa Naannoo Uummata Kibaa
(Dhiphaa)

74

Sample output to test PDF Combine only


Lafa Dakee
Kaaba Dhihaa

Lafa Dakee
Kibba Bahaa

Fakkii 3.5 Teessuma lafa Itoophiyaa

Fakkii 3.6 Argama gaarren gurduddoo Itoophiyaa

75

Sample output to test PDF Combine only


Gilgaala 3.3
Gaaffilee armaan gadiitiif deebii sirrii kenni.
1. Teessuma lafa gurguddoo Itoophiyaa sadeen ibsi.
2. Ulaagaan teessuma lafa olka‟oo fi dakee ittiin qoodamu maali?
3.Gaarren Itoophiyaa keessaa gaarri dheerinaan 1 ffaa ta‟e kami?
Naannoo kami keessatti argama? Gaarri dheerinaan 2 ffaa ta‟e hoo? Naannoo
kami keessatti argama?
4. Lafa olka‟oo diriiraan maal jedhama? Lafa ciisaa diriiraan hoo?
5. Gosoota teessuma lafa olka‟oo fi dakee naannoo isaanitti argaman wajjin
kaartaa Itoophiyaa fayyadamuun agarsiisi.
6. Faca‟insa gaarren gurguddoo Itoophiyaa kaartaa irraa agarsiisi.
7. Danaa Sulula Qiinxaamaa guddaa teessuma lafa isaa wajjin ibsi.

4. Qaamman Bishaana‟oo Itoophiyaa

Gaaffii marii: Qaamman bishaana’oo kan jedhaman maal fa’a?


Faayidaan qaamman bishaana’oo maali?

Qaamman bishaana‟oon teessuma lafaa laggeenii fi harawwaniin qabameedha.


Itoophiyaan qabeenya bishaanitiin Afrikaa keessaa Kongoo Kinshaasaatti aanteee
sadarkaa 2ffaa irratti argamti. Bishaan lafa olka‟oo Itoophiyaa irraa kallattii hundaan
biyyota ollaatti gadi yaa‟a.Kanaafis, Itoophiyaan muummee bishaanii Baha Afrikaa
jedhamti.

Qaamni bishaana‟oo Itoophiyaa bakka lamatti qoodama. Isaanis:


A. Laggeenii fi
B. Harawwan

76

Sample output to test PDF Combine only


A. Laaggeen Gurguddoo Itoophiyaa

Gaaffii marii: Maqaa laggeen naannoo kee keessa yaa’an tarreessi.Laggeen kun
gurguddoo moo xixiqqoodha? Maaliif isin fayyadu?Irratti
mari’adhu.
Sulullan laggeenii humna bishaaniitiin uumamu. Bishaan lafa diriiraagadi qotuun
sulula hallayyaa guddaa qabu uumuu ni danda‟a. Itoophiyaan laggeen gurguddoo
haala kanaan uumaman kanneen gara alaatti yaa‟anii fi biyya keessatti hafan
baay‟ee qabdi. Laggeen kun teessuma lafa olka‟oo keessaa madduun gara lafa
dakee yookiin Sulula Qiinxaamatti gadi yaa‟u. Kallattii isaan itti yaa‟an irratti
hundaa‟un laggeen gurguddoo Itoophiyaa bakka saditti qoodamu.
1. Laggeen kallattii kaaba dhihaa yaa’an: Takazee, Abbayyaa, Baaroo fi itti
yaatuuwwan isaaniti.Laggeen kallattii kaaba dhihaa yaa‟aan sirna yaa‟insa
kaaba dhihaa jedhamu. Laggeen kunbishaanii fi biyyee gabbataa Itoophiyaa
baay‟ee haranii gara alaatti geessu.
2. Laggeen kallattii kibba bahaa yaa’an: Waabee Shaballee, Gannaalee,
Daawwaa fi itti yaatuuwwan isaaniti. Laggeen kallattii kibba bahaa yaa‟aan
sirna yaa‟insa kibbba bahaa jedhamu. Bishaanii fi biyyee gabbataa laggeen
kun gara alaatti baasan kan laggeen kallatti dhihaa yaa‟aniigadiidha.
3. Laggeen Sulula Qiinxaamatti yaa’an: Hawaas, Gibee fi itti yaatuuwwan
isaaniti. Laggeen Sulula Qiinxaamatti yaa‟aan sirna yaa‟insa keessaa jedhamu.

Laggeen faayidaa humna ibsaa burqisiisuuf, tajaajila manaa keessaaf, jallisiif,


qurxummii horsiisuuf, geejjibaaf, bashannanaaf, tajaajila daangaa uumaamatiif fa‟a
ni oolu. Laggeen Itoophiyaa keessaa lagni jallisiin beekamu laga Hawaas dha.
Humna ibsaatiin kanneen beekaman immoo Gibee, Waabee, Takazee, Hawaas,
Abbayyaa fa‟a.

77

Sample output to test PDF Combine only


B. Harawwan Itoophiya

Harri bishaan kallattii hundaanuu qaama dacheen marfamee argamuudha. Maddi


guddaa bishaan harawwanii laggeeni. Kan bira hoo maal fa‟a? Itoophiyaan
harawwan baay‟ee qabdi. Argama isaanii irratti hundaa‟uun bakka lamatti
qoodamu.Isaanis:
a. harawwan lafa olka‟oo fi
b. harawwan Sulula Qiinxaamaa Guddaati.
A. Harawwan lafa olka’oo – Xaanaa, Wancii, Hayiq, Ashangeefa‟a.
B. Harawwan Sulula Qiinxaamaa– Laanganoo, Shaalaa, Abijaataa, Hawaasaa,
Caamoo, Abbayyaa, Dambal fa‟a.

Harawwan uumamaa caalaatti faayidaa oomisha qurxummiif, jallisiif, geejjibaa fi


bashannannaatiif oolu. Harawwan nam-tolchee kan akka Qooqaa, Gilgal Gibee,
Malkaa Waakkannaa fa‟a dabalataan tajaajila humna ibsaa burqisiisuuf oolaa jiru.

Gabatee 3.2: Akaakuu, bal‟ina,gadifageenyaa fi bakka argama harawwan Itoophiyaa


Akaakuu Maqaa Haraa Bal’ina (Km2) Gadi fageenya (m) Bakka argamaa
Xaanaa 3600 9

Olka‟oo
Ashangee 20 25
Lafa
Harawwan Uumamaa

Hayiq 35 23
Wancii - -
Dambal 434 4
Sulula Qiinxaamaa

Shaalaa 409 266


Laangaannoo 230 46
Abijaataa 205 14
Hawaasaa 129 10
Abbayaa 1150 13
Caamoo 551 10
Qooqaa 205 9
Harawwan

Laggeenii

Fincaa‟aa - -
tolchee

Dakee)
Sulula
Nam-

(Lafa

Gilgal Gibee - -
Malkaa - -
Waakkennaa

78

Sample output to test PDF Combine only


Fakkii 3.7Kaartaa laggeenii fi harawwan Itoophiyaa agarsiisu

79

Sample output to test PDF Combine only


Gilgaala 3.4
Gaaffilee armaan gadiitiif deebii sirrii kenni.
1. Laggeen keenya biyyee gabbataa haranii gara alaatti akka hin geessine
maal gochuu qabna?
2. Lagni hidhaan guddichi haaromsa Itoophiyaa irratti hidhame kami?
Hidhaan kunMootummaa Naannoo kamitti argama?
3. Faayidaalee laggeenii fi harawwanii tarreessi.
4. Humna ibsaa maalirraa argachuu dandeenya?Humna ibsaa Itoophiyaan
yeroo ammaa itti fayyadamtu maalirraa argatti?
5. Laggeen Itoophiyaa humna ibsaa maddisiisaa jiran tarreessi.
6. Harawwan Itoophiyaa keessaa baay‟ee bal‟aan kami? Harri gadi
fageenya guddaa qabu hoo?
7. Laggeen baay‟een naannoo teessuma lafa Itoophiyaa kam keessatti akka
argaman fakkii 3.7 irraa agarsiisi.

5. Bineeldota Itoophiyaa Keessatti Qofa Argaman

Gocha 3.4: Bineensonni Itoophiyaa keessatti qofa argaman maal fa’a akka
ta’an beektoota gaafachuun barreeffamaan qopheessitii daree keessatti
dubbisi.
Bineensota jechuun lubbu-qabeeyyii to‟annaa dhala namaatiin ala mukkeen irra,
bosona, boolla fi bishaan keessa jiraatanidha.Bineensonni diina of-irraa ittisuu fi
waliin ta‟anii adamoo gaggeessuuf gamtaan jiraatu.Itoophiyaan bineensota gosa
sanyii adda addaa baay‟ee qabdi.

80

Sample output to test PDF Combine only


Sanyiiwwan bineensotaa (hoosiftoota) Itoophiyaa keessatti qofa argaman torbatu
jiru.Isaaniis:

1. WaaliyaaAyibeeksii – Paarkii Gaarren Kaabaa keessatti argamu.


2. Niyaalaa/gadamsa – Arsii fi Paarkii Gaarren Baalee keessatti argamu.
3. Jeedala Diimtuu – Paarkii Gaarren Kaabaa fi Baalee keessatti argamu.
4. Jaldeessa Daabee –Shawaa fi Paarkii Gaarren Kaabaa keessatti argamu.
5. Qorkee – Paarkii Hawaas, Maagoo fi Oomoo fa‟a keessatti argamu.
6. Borofa– (Minilik’s Bush Buck) Shawaafi Paarkii Baaleetti argamu.
7. Hardiidoo – Walloo, Affaarii fi Sumaalee keessatti argamu.
Bineensotni kun teessuma laf garagaraa keessa jiraatu.
Waaliyaa Ayibeeksii, Jaldeessa Daabee (Chilada Baboon) fi Jeedala Diimtuun
gaarren qilleensa baramaa baddaa diilallaa‟aa qabu irra jiraatu.

Gadamsaa (Nyala) fi Borofa (Minilik’s Bush Buck) baaka teessuma lafa olka‟oo
qilleensa baramaa baddaa qabu irra jiraatu.Qorkeewwan lafa dakee qilleensa
baramaa amala badda daree qabu keessatti yoo argaman hardiidoowwan garuu lafa
dakee qilleensa baramaa amala gammoojjii qabu keessatti argamu.

Bineensonni kun akka hin badne faayidaa isaanii ummata barsiisuu, adamoo
seeraan alaa dhaabuu fi bakka jireenya isaanii tuttuqaa namaa fi horii irraa bilisa
gochuun kunuunsuun barbaachisaadha.

81

Sample output to test PDF Combine only


Borofa Miniliik

Fakkii 3.8 Bineensota Itoophiyaa qofa keessatti argaman

82

Sample output to test PDF Combine only


Bineensonni Itoophiyaa baay‟inaan paarkota keessa jiraatu. Paarkota Itoophiyaa
bineensonni keessatti eegaman yookiin kunuunsaman Paarkii Gaarren Kaabaa,
Hawaas (Shawaa Bahaa), Baalee, Maagoo, Oomoo, Gaambeellaa, Baabbillee
(Harar), Abijaataa-Shaalaa (Arsii Lixaa), Yaangudii Raasaa (Affaar), Maazee fa‟a.

Fakkii 3.9. Faca‟insa bineensotaa

Gilgaala 3.5
Gaaffilee armaan gadiitiif deebii sirrii kenni.
1. Yeeroo baay‟ee, bineesonni maaliif gamtaan jiraachuu filatu?
2. Rakkoolee gurguddoon badiinsa bineensota naannoo keenyaa maal
fa‟a?
3. Bineensonni biyya keenyaa yoo badan faayidaan nuti dhabnu maali?
4. Bineensota naannoo keenyatti argaman akkamitti kunuunsuu
dandeenya?

83

Sample output to test PDF Combine only


6. Ummata Itoophiyaa

Baay‟ina Ummataa

Gaaffii marii: Baay’ina ummataa jechuun maali?


Baay’ina ummata biyyaa beekuun maaliif fayyada?
Baay’inni ummataa bara baraan jiru walqixa ta’a jettee niyaaddaa?
Maaliif?Gareen irratti mari’adha.

Baay‟ina ummataa jechuun ummata yeroo murtaa’aadhaaf iddoo murtaa’aa


jiraatu tokko baay‟ina waligalaasaa kan ibsu jechuudha. Hiikkaan kunakka
agarsiisutti, baay‟inni ummataa yeroo fi iddoon walfakkaata miti. Baay‟ina ummata
biyyaa beekuun faayidaalee guddaa qaba. Fakkeenyaaf, mootummaan hojiiwwan
misooma hawaasaakan akka tajaajila bishaan dhugaatii, ibsaa, fayyaa, barnoota,
hojii haaraa uumuu fa‟a kan karoorsu beekumsa baay‟ina ummata biyyaairratti
hundaa‟eti. Kanaaf, mootummaan baasii guddaa baasee ummata hunda isaa waggaa
kudhan kudhanin ni lakkoofsisa.

Faca‟insa Ummata Itoophiyaa


Faca‟insi ummata Itoophiyaa, naannoo yookn sabaa fi sablammoota, magaalaa fi
baadiyyaa, amantii, saalaa fi umurii walfakkaataa miti. Ragaa lakkaawwii ummataa
bara 1999 gaggeeffame bu‟ureeffachuun garaagarummaa faca‟insa ummata
Itoophiyaa kana yaa ilaallu.Itoophiyaan sabaa fi sablammoota hedduu qabdi.
Baay‟inni sabaa fi sablammootaa kunneen garaagarummaa guddaa qaba.

84

Sample output to test PDF Combine only


Naannolee
.Fakkii 3.11Faca‟insa ummataa naannolee (1999)

85

Sample output to test PDF Combine only


Faca‟insi ummata Itoophiyaa bakka jireenyatiinis walfakkaata miti. Ummata
Itoophiyaa keessaa 84 % baadiyyaa keessa yoo jiraatu, 16 % immoo magaalaa
keessa jiraata.

Ummattoonni Itoophiyaa amantii garagaraa hordofu. Amantiiwwan gurguddoon


Itoophiyaa keessatti hordofaman: Ortodoksii, Islaama, Kaatolikii, Pirooteestaantii fi
Waaqeeffannaa fa‟a.

Faca‟insi ummata Itoophiyaa saalanis garaagarumma qaba. Ummata Itoophiyaa


keessaa 50.5 % dhiiraa yoo ta‟u, 49.5 % dubartiidha.

Faca‟insi ummata Itoophiyaa umriinis walfakkaataa miti.Piraamidii ummata


Itoophiyaa akka mul‟isutti, faca‟insi ummataa umriin garaagarummaa guddaa qaba.

Fakkii 3.12. Faca‟insa ummataa umurii fi saalaan

86

Sample output to test PDF Combine only


Garee umuriitiin, ummanni Itoophiyaa bakka gurguddoo saditti qoodama. Isaanis:
umurii 0 – 14 Daa‟imman, 15 – 64 Gaheessota fi 65 fi isaa ol manguddoot.

Fakkii 3.13 Faca‟insa ummata Itoophiyaa garee umuriitiin (1999)

Gilgaala 3.6
Gaaffilee armaan gadiitiif deebii sirrii kenni.
1. Piraamidiin ummata Itoophiyaa garee umurii agarsiisu jalatti
bal‟atee gubbaatti dhiphachuun maal agarsiisa?
2. Faayidaa ummata umuriin adda baasanii beekuu ibsi.
3. Lakkoofsi ijoollee maatii tokko baay‟achaa deemuun, dhiibbaa
maal fida?
4. Fakkii 3.13 faca‟insa garee umurii ilaali. Baay‟ina ijoollee,
gaheessotaa fi manguddootaa persantaan kenname lakkoofsatti
jijjiiri.

Dhiibbaa Baay‟inni Ummataa Guddina Biyyaa Irratti Qabu

Gocha 3.5. Lakkoofsi baay’ina ummata biyya tokko dabalaa yoo adeeme,
guddina dinagdee fi hawaasummaa irrati dhiibbaa inni uum
ogeessota ganda keetii gaaffachuun odeeffannoo argatte
87

Sample output to test PDF Combine only


barreefamaan qopheessi dareetti hiriyoota kee wajjin irratti
mari’adhu.

Baay‟inni ummataa dabaluun rakkooolee armaan gadii geessisa.

1. Jireenyaa Maatii Irratti – lakkoofsi daa‟immanii humna galii maatiin tokko


argatuu ol yoo ta‟e, jireenya maatii sanaa irratti dhiibbaa uuma. Maatiin ijoollee
isaanitiif nyaata, uffata, meeshaalee barnootaa fa‟aguutuu waan hin dandeenyeef
baay‟ee dhiphatu.
2. Guddina Dinagdee – piraamidiin ummata Itoophiyaa garee uumurii akka
mul‟isutti, baay‟inni ummata Itoophiyaa daa‟imman umuriin isaanii waggaa 15
gadiiti.Sadarkaa kanatti, daa‟imman kun barachuu fi hojii xixiqqoon maatii
isaanii gargaaruu malee hojiiwwan dinagdee biyyaa guddisan kan akka qonnaa,
warshaa, daldalaa fa‟a keessatti gahee hin qaban. Misooma dinagdee biyyaa kan
sochoosan gaheessota lakkoofsi isaanii muraasa ta‟eedha. Daa‟imman fi
manguddootni gaheessota irratti hirkatanii jiraatu. Haalli kun biyyattiin rakkoo
hiyyummaa walxaxaa keessa akka jiraattu godha.
3. Qabeenya Uumamaa – jalli piraamidii ummata Itoophiyaa bal‟aa ta‟uun,
baay‟inni ummata fuula duraa kan amma jiru caalaa guddaa ta‟uu agarsiisa. Kun
maaliif sitti fakkaata? Baay‟inni ummataa yeroo dabalu, fedhiin lafa qonnaa,
mana jireenyaa, uffataa, meeshaalee tajaajila manaa, ijaarsa daandii
konkolaataafa‟a ni dabala. Yeroo kana, fedhiin ummanniqabeenya uumamaatti
fayyadamuuf qabus ni dabala. Fakkeenyaaf, lafa qotiisaa babal‟isuuf jecha
bosonni nicirama,bineesonni ni badu, roobni ni xiqqaata, bishaan ni dhabama,
biyyeen ni harama. Haalli kunis, qabeenya uumamaa akka xiqqaatu taasisa.
4. Tajaajila hawaasummaa – baay‟inni ummata humna guddina dinagdee biyyaa
ol yoo ta‟e hanqinni eegumsa fayyaa, barnootaa, bishaan dhugaatii, humna ibsaa,
daandii konkolaataa, mana jireenyaa fa‟ani muudata.

88

Sample output to test PDF Combine only


Gilgaala 3.7
Gaaffilee armaan gadiitiif deebii sirrii kenni.
1. Maatii ijoollee baay‟ee qaban rakkoo maaltu isaan qunnama?
2. 2. Bosonni yoo cirame, gabbinni biyyee, bineensotni, hangi roobaa fa‟a
maal ta‟aa deema?
3. Ummanni yoo dabale, fedhiin tajaajila hawaasummaa, mana jireenyaa fi
lafa qotiisaa maal ta‟aa dhufa?

Gabatee 3.3 baay’ina uummattoota Itoophiyaa Naannoodhaan Bara 1987 fi 1999

1987 1999
Naannoo Baay’ina % Baay’ina %
Tigiraay 3,136,267 5.9 4,314,456 5.8
Affaar 1,060,573 2.0 1,411,092 1.9
Amaaraa 13,834,297 25.0 17,214,056 23.3
Oromiyaa 18,732,525 35.0 27,158,471 36.7
Sumaalee 3,198,514 6.0 4,439,147 6.0
Beneshaanguul 460,459 0.9 670,847 0.9
Gumuuz
Ummattoota 10,377,028 19.4 15,042,531 20.4
Kibbaa
Gaambeellaa 181,862 0.3 306,916 0.4
Hararii 131,139 0.2 83,344 0.2
Finfinnee 2,112,737 4.0 2,738,248 3.7
Dirreedawaa 251,864 0.5 342,827 0.5

Madda: Gabaasa Lakkoofsa manaa fi ummataa kan bara 1999

(Ejensii Giddugaleessa Istaastiksii, 2000)

89

Sample output to test PDF Combine only


Gilgaala 3.8

Gaaffilee armaan gadiitiif deebii sirrii kenni:-

1. Baay‟inni ummata Naannoo Gambellaa bara 1987 meeqa ture?


2. Garaagarummaan baay‟inni Ummata Naannoo Oromiyaa bara 1987 fi 1999
gidduu meeqa?
3. Naannoolee baay‟inni ummati isaanii bara 1999tti Miliyoonaa ol ta‟e
tarreessi.
4. Naannoon hunda caalaa ummata baay‟ee qabu kami?
5. Naannoon hunda gadi ummata xiqqaa qabu kami?

Gilgaala xumuraa
A. Himoota armaan gadii Dhugaa yookiin Soba jechuun deebisi.
1. Addunyaa irratti, biyyootni ulaagaalee biyyummaa guutan 200 tu jiru.
2. Argama bir-qabaa sarara dagalee fi gadeetiin ibsuu ni dandeenya.
3. Sararri Gadee 00Mudhii Lafaa jedhama.
4. Teessumni lafaa sirrii irra galaanaa irraa ol 1000 m ol qabu lafa dakee jedhama.
5. Teessumni lafa Kaaba Dhihaa bal‟inaan 1ffaa dha.
6. Sululli Qiinxaama Itoophiyaa naannoo Affaaritti dhiphaadha.
7. Itoophiyaan muummee bishaanii dhiha Afrikaa jedhamti.
8. Harri qooqaa hara nam-tolchee keessatti ramadama.
9. Hardiidoon naannoo qilleensa baramaa baddaa jiraachuu filata.
10. Garee umuriitiin yoo ilaalle, daa‟immanii fi mangudootni hirkattoota jedhamu.

B. Himoota armaan gadiif qubee deebii sirrii qabu filadhu.


1. Finfinneen teessoo:
A. Mootummaa Naannoo Oromiyaati. B. Mootummaa Feederaalaati
C. Gamtaa Afrikaati D. Hundinuu sirriidha
2. Itoophiyaa Kaaba Bahaatiin biyya kamitu daangessa?
A. Ertiraa B. Jibuutii C. Somaaliyaa D. Sudaan
3. Fiixeen Itoophiyaa Baha digirii meeqa irratti argama?
A. 30 Ka B. 330 Ba C. 150 Ka D. 480 Ba

90

Sample output to test PDF Combine only


4. Argama bir-qaba biyya tokkoo ibsuuf kan hinbarbaachifne kami?
A. Sarara dagalee fi gadee B. Giloobii yookiin kaartaa
C. Iddoo ka‟uumsaa D. Kallattii
5. Teessumni lafa olka‟oo diriiraan maal jedhama?
A. Dakee B. Pilaatoo C.Sululla Qiinxaamaa D. Gaara
6. Gaarren armaan gadii keessaa tokko Naannoo Oromiyaatti hin argamu.
A. Gaara Tulluu Diimtuu B. Gaara Mul‟ataa
C. Gaara Kaakaa D. Gaara Gunaa

7. Laggeen armaan gadii keessaa tokko kallattii yaa‟insaatiin kanneen irraa adda.
A. Takazee B. Abbayyaa C. Gannaalee D. Baaroo
8. Harawwan armaan gadii keessaa tokko bakka argamaatiin kanneen irraa adda.
A. Xaanaa B. Laangaanoo C. Shaalaa D. Caamoo
9. Harawwan Itoophiyaa keessaa baay‟ee bal‟aa fi gadi-fagoon duraa duubaan:
A. Dambalii fi Abbayaa B. Hayqii fi Ashangee
C. Xaanaa fi Shaallaa D. Abijaataa fi Hawaasaa
10. Bineensota asiin gadii keessaa tokko Paarkii Gaarren Kaabaa qofatti argama.
A. Niyaalaa B. Jeedala Diimtuu C. Waaliyaa D. Jaldeessa Daabee
11. Baay‟ina ummataa beekuun tajaajila maalii kennuuf fayyada?
A. bishaan dhugaatii B.barnootaa C. eegumsa fayyaa D. hundinuu

3.2 Sochiiwwan Dinagdee Gurguddoo Itoophiyaa


Gaaffii marii: Waa’ee ummata Itoophiya baratteetta. Ummanni naannoo keetii
maal hojjatee jiraata? Gosti hojii naannoo kee keessatti ummanni
baay’inaan irratti bobba’ee argamu maal fa’a?

91

Sample output to test PDF Combine only


Sochiiwwan dinagdee jechuun tooftaalee dhalli namaa oomisha oomishu, tamsaasu,
waljijjiiruu fi itti fayyadamuudha. Dhalli namaa qabeenya adda addaa kan horatu
sochiiwwan dinagdee hojjatu irraati. Sochiiwwan dinagdee gurguddoo Itoophiyaa
haala armaan gadiitiin qoodnee ilaaluu ni dandeenya. Isaaniis: qonna, industirii,
turiizimii, daldalaa fi geejjiba fa‟a.

1. Qonna
Qonni gocha mala aadaa ykn ammayyaatiin lafa qotanii midhaan oomishuu fi horii
horsiisuti.Qonni faayidaalee hedduu qaba. Fakkeenyaaf:
Qonni ummata Itoophiyaa 84 % ta‟uuf carraa hojii uumeera.
Qonni madda galii biyyaati. Itoophiyaan sharafa alaa guddaa kan argattu
bu‟aa qonnaa kan ta‟an buna, saliixa, gogaa, kallee fi foon faa irratti.
Qonni madda mi‟a dheedhii warshaaleeti. Fakkeenyaaf, Jirbiin mi‟a dheedhii
warshaa huccuuti. Gogaa fi kalleen mi‟a dheedhii warshaa kopheeti.
Qonni madda oomisha midhaan nyaataati. Fakkeenyaaf, Xaafii, boqqoolloo,
garbuu, qamadii, aannan, foonfa‟a.

Gosoota Qonnaa

Gocha 3.6 : Ogeessa misoomaa ganda keessanii irraa waa’ee lafa qotiisaaf oluu,
lafa horsiisa horiitiif ooluu fi lafa qonna walmakaatiif oolu irratti
odeeffannoo gaafachuun horii horsiisuu ammo qotiisatu bu’aa caalaa
argamsiisuu akka danda’u gareen falmii gaggeessa.

92

Sample output to test PDF Combine only


Fakkii 3.14 Qootiisa aadaa fi ammayyaa

1. Qotiisa
Hojiin lafa qotanii sanyii adda addaa facaasuu fi biqiltuu garagaraa
dhaabuun oomisha argachuu qotiisaa jedhama. Midhaan facaafamuu fi
biqiltuu dhaabamu qilleensa baramaa wajjin deema. Gosni sanyii fi biqiltuu
qilleensa barama baddaatti tolu qilleensa baramaa gammoojjii keessatti hin
tolu. Midhaan akka garbuu, qamadii, matajaboo, talbaa, ataraa, baqelaa fi
misiraa lafa baddaa naannoolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti haalaan
margu.
Kanneen akka boqqolloo, mishingaa, daagujjaa xaafii, nuugii, saliixaa fi
shumburaa fa‟aa naannoowwan qilleensa baramaa baddaa – daree fi
gammoojjii qabanitti haalaan marga. Midhaan kunninis irra caalaatti kan
omishaaman naannoolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti. Isaanis midhaan
nyaataa, zayitaa fi midhaan dheedhiiti.
2. Horii horsiisuu – Itoophiyaan horsiisa horiitiin Afrikaa keessatti sadarkaa
1ffaa irratti argamti. Addunyaa keessatti immoo sadarkaa 10ffaa irratti
argamti. Gosti horii Itoophiyaa keessatti horsiisaman: loon, hoolota,
re‟ootaa, faradeen, harroota, gaangolii fi gaalota fa‟a. Baay‟inaa fi gosoota
horii horsiisamuutiin Oromiyaan sadarkaa 1ffaa irratti argamti. Kun maaliif
ta‟e sitti fakkaata? Oromiyaan lafa bal‟aa fi qilleensa baramaa adda addaa
waan qabduufidha.
93

Sample output to test PDF Combine only


Horii horsiisuun naannolee lafa dakee qilleensa baramaa hoo‟aa fi gogaa,
akkasumas naannolee lafa olka‟oo qilleensa baramaa diilallaa‟aa qabu keessatti
gaggeefama. Naannoleen kun hojii qotiisaatiif mijaa‟a miti.Gaalli lafa dakee
keessatti qofa yoo horsiisamu, fardi garuu lafa olka‟oo irratti horsiisama.
Itoophiyaan horii baay‟ee yaa qabaattu malee bu‟aa guddaa irraa argachaa hin
jirtu. Rakkoolee gurguddoon bu‟aa horsiisa horii xiqqeessan:
 Mala aadaatiin horsiisuu
 Horii sanyii filatamaa horisiisuu dhabuu
 Hanqinni soorataa fi bishaanii jiraachuu
 Eegumsi fayyaa horii xiyyeeffannaa dhabuu fa‟a.

Naannoo keetitti, meeshaalee tajaajila qotiisaa fi horii horsiisuuf oolan tarreessi.

Fakkii 3.15 Horii horsiifaman

94

Sample output to test PDF Combine only


3. Qonna walmakaa – gocha qotiisaa fi horsiisa horii walcinaatti adeemsisuuti.
Qonni walmakaa naannoo hedduummina ummataa guddaa qabutti gaggeeffama.
Naannoo kanatti, lafti qotiisaaf yookiin horsiisa horiif gahaa ta‟e hinjiru.Hojii
qotiisaa fi horsiisa horii walcinaatti adeemsisuun hawaasaaf bu‟aa guddaa
keenna. Oomishni qotiisaa yoo xiqqaate horii fi bu‟aalee horii gurgurchuun galii
isaanii guddisu. Karaa biraatiin, dikee horii akka xaa‟ootti itti fayyadamu.

Gosoota qonnaa sadeen keessaa, naannoo keetitti kan beekamu kami?

Fakkii 3.16 Qonnaa walmakaa


95

Sample output to test PDF Combine only


Fakkii 3.17 Faca‟insa gosoota Qonna Itoophiyaa

96

Sample output to test PDF Combine only


Meeshaalee Midhaan Oomishuuti horii horsiisuuf fayyadan

Meeshaalee naannoo keetti midhaan oomishuufi horii horsiisuuf tajaajilan maal


fa‟a? Mana barumsaa keessanitti hoo?

Fakkii 3.18 Meeshaalee hojii qonnaaf oolan

Fakkii 3.19 Meeshaalee bu‟aawwan aannanii fi aannaniif tajaajilan


97

Sample output to test PDF Combine only


Gocha 3.7
Meeshaalee beekamoo qotiisa qotuuf olaan fayyadamuun mooraa mana barumsa
keessatti sanyii midhaan gosa adda addaa facaasuun/dhaabuun kunuunsii guddisi.

Gilgaala 3.10
Gaaffilee armaan gadiitiif deebii sirrii kenni.
1. Meeshaalee lafa ittiin qotuuf oolan shan tarreesi.
2. Tooftaalee bu‟aa horii irraa argamu ittiin guddisuu dandeenyu ibsi.
3. Beeyiladni lafa olka‟oo irratti baay‟inaan horsiisamu kam fa‟a?
4. Beeyiladni lafa dakee irratti baay‟inaan horsiisamu kam fa‟a?
5. Faayidaan horii irraa argamu maal fa‟a?

Industirii

Gaaffii marii: Industirii jechuun maali?Faayidaan industirii maal fa’a?

Akaakuu/gosa industirii meeqatu jira?(Ogeessa misoomaa


gandaa gaaffachuun daree keessatti irratti mari’adha)
Faayidaa Industirii
Industiriin dhaabbata mi‟oota dheedhii adda addaa fayyadamuun gara
oomisha/mi‟a gatii fi qulqullinni isaa fooyya‟etti jijjiiree omishuudha.
Fakkeenyaaf, jirbiin oomisha qonnaati; Industirii huccuu keessa galee uffata ta‟ee
baha. Qamadiniin oomisha qonnaati; Industirii daakuu keessa galee daakuu ta‟ee
baha. Daakuun immoo industirii daabboo keessa galee daabboo ta‟ee baha.
Fakkeenya biro, oomisha qonnaa industirii keessa galee bahu daree keessatti irratti
mari‟adha.

98

Sample output to test PDF Combine only


Gatiin oomisha industirii keessa galee bahuu kan gatii oomisha qonnaa caalaa
guddaa/mi‟aadha. Sababni isaa, gatiin humna namaa, maashinaa fi geejjibaa waan
itti dabaluufidha. Kanaaf, gatiin daakuu kiiloogiraama tokkoo gatii qamadii
kiloogiraama tokkoo caalaa guddaadha. Fakkeenyaa biroo kennuu ni dandeessa?
Hiriyoota kee wajjin irratti mari‟adha.

Gosoota Industirii

Industiriin sadarkaa teeknooloojii fayyadamaniitiin industirii godoo fi industirii


ammayyaa jedhamuun bakka lamatti qoodamu.

A. Industirii Godoo

Industiriin godoo hojiiwwan ogummaa harkaa ganda ganda keessatti hojjataman


hunda of keessatti hammata. Fakkeenyaaf, suphee dhawuu, sibiila tumuu,
uffata/huccuu dhawuu, gogaa duuguu fi hojii mukaa fa‟a.

Haallawwan industirii godoo industirii ammayyaa irraa adda godhan hedduudha.


Fakkeenyaaf, industiriin godoo humna namaatiin socha‟a. Ogummaan hojii kanaa
baay‟een isaa maatii irraa yookiin hawaasa naannoo irraa baratama.

Hojii eegaluuf maallaqa xiqqaa barbaada. Gatiin oomisha kanaa salphaa waan
ta‟eef hawaasaa hunda biratti argama. Industiriin godoo bu‟uura industirii
ammayyaati. Haata‟u malee, hawaasni keenya kanaan dura namoota hojii
ogummaa harkaa hojjataniif ilaalcha gaarii hinqabu ture. Fakkeenyaaf, baroota
durii keessatti hawaasni fuudhaa fi heerumaan namoota kana wajjin walitti
firoomuu hinbarbaadu ture. Hojiin ogummaan harkaa hawaasa Itoophiyaa biratti
tuffatamuun isaa industiriin kun bu‟uura industirii ammayyaa akka hintaane gochaa
tureera.

99

Sample output to test PDF Combine only


Gocha 3.8 Ogummaa hojii harkaa naannoo keessan jiran daawwachuudhaan
akkaataa itti hojjetamu haala diraamatiin (weeshoon) dareef
dhiyeessa.

Fakkii 3.20 Akaakuu industirii godoo

100

Sample output to test PDF Combine only


Gilgaala 3.11
Gaaffilee armaan gadiitiif deebii sirrii kenni.
1. Hojiiwwan ogummaa harkaa industirii godoo jedhaman maal fa‟a?
2. Oomisha industirii godoo hawaasni naannoo keetii itti fayyadaman ibsi.
3. Naannoo keetti lakkoofsan industirii godoo moo industirii ammayyaatu
caala?

B. Industirii Ammayyaa

Itoophiyaan guddina industirii ammayyaatiin duubatti haftuudha. Maaliif sitti


fakkaata? Wantoota adda durummaan industirii ammayyaa duubatti hambisan
keessaa muraasni:

 Warshaan godoo bu‟uura warshaa ammayyaa ta‟uu dhabuu


 Bu‟aan qonnaa nyaata bira darbee industiriideeggaruudadhabuu
 Humna namaa teeknooloojiin leenji‟e (injinaroota) gahaan dhabamuu
 Industiriin ammayyaa kaappitaala (maallaqa) guddaa barbaaduu fa‟a.

Yeroo ammaa, humni namaa teeknooloojiin leenja‟aa jiru dabalaa dhufeera.


Xiyyeeffannaan imaammata mootummaa hojiin ogummaa harkaa ykn
intarpiraayizoota maayikiroo xixiqqaa gara industirii ammayyaatti akka guddatu
taasisaa jira. Kanaaf, biyyi keenya gara fuulduraa industirii ammayyaatiin
guddachuuf carraa guddaa qabdi.

Industiriin ammayyaa bakka lamatti qoodama.Isaaniis:industirii sasalphaa fi


industirii gurguddoodha.

a. Industirii sasalphaa –meeshaalee dhumataa oomisha. Fakkeenyaaf,


 Industirii nyaataa: warshaa daakuu, shukkaaraa, zayitaa, paastaa fa‟a.
 Industirii dhugaatii: warshaa biiraa, araqee/alkoolii, lallaafaa, fi warshaa
bishaanii fa‟a.

101

Sample output to test PDF Combine only


 Industirii huccuu: warshaa huccuu Aqaaqii, Dirre Daawaa, Baahir Daar,
Kombolchaa, Hawaasaa, Dabra Birhaan, Sabbataa fa‟a.
 Industirii gogaa, kophee fi industirii qorichaa fa‟a.

Industirii sasalphaan baay‟inaan oomisha qonnaa akka mi‟a dheedhiitti fayyadamu.


Lakkoofsaan industirii gurguddoo ni caalu.

b. Industirii gurguddoo – meeshaalee yeroo dheeraa tajaajilu danda‟an oomishu.


Fakkeenyaaf,
Industirii sibiilaa: Finfinnee- Aqaaqii: haamtuu, doomaa, akaafaa, gasoo,
dijinoo, ujummoo bishaanii, qorqoorroo, sibiila ijaarsaa, mismaaraa fa‟a
omishu.
Industirii qaama maashinootaa fi konkolaataa oomisshu: Adaamaa, Maqalee,
Mojoo, Finfinnee- Aqaaqii fa‟a keessatti argama. Industiriin kun motora
konkolaataa fi maashinoota biyya alaarraa galchuun qaama konkolaataa
ijaaru.
Industirii simmintoo: Mugar, Darbaa, Incinnii, Mojoo (Oromiyaa),
Mosooboo (Tigraayi), Dajan (Amaaraa), Dirre Daawaa fa‟a keessatti
argamu.

Fakkii 3.21Gosa industirii ammayyaa gurguddoo

102

Sample output to test PDF Combine only


Industirii gurguddoon baay‟inaan oomisha albuudaa akka mi‟a dheedhiitti
fayyadamu. Humna namaa sirriitti leenja‟ee fi kaappitaala guddaa barbaadu.

Fakkii 3.22 Faca‟insa Industirii ammayyaa

103

Sample output to test PDF Combine only


Gilgaala 3.12
Gaffilee armaan gadiif qubee deebii sirrii qabu filadhu.
1. Gsoti industirii bakkeewwan baay‟eetti argamuu danda‟u kami?
A. Industirii Godoo B. Industirii Sasalphaa C. Industirii Gurguddaa
2. Gosti industirii kaappitaala/maallaqa guddaan barbaadu kami?
A. Industirii Godoo B. Industirii Sasalphaa C. Industirii Gurguddaa
3. Gosti industirii daakuu oomishu kami?
A. Industirii Godoo B. Industirii Sasalphaa C. Industirii Gurguddaa
4. Gosti industirii ogummaan isaa maatii irraa baratamu kami?
A. Industirii Godoo B. Industirii Sasalphaa C. Industirii Gurguddaa

2. Turiizimii

Gaaffii marii: Turiizimiin maali? Wantoonni turiistoota hawwatan maal fa’a?


Faayidaan turiizimii maal fa’a?Turiizimiin akkamitti misooma
biyyaa guddisa? Ogeessa misooma ganda keessanii gaaffachuun
yaada argattan dareetti irratti mari’adha

Turiizimiin sochii bakka tokkoo bakka biraa deemuun wantoota nama haawwatan
daawwachuu fi bashannanuuti. Turizimiin Industirii aara hinqabne jedhama.
Sababni isaa, faalama naannoo hin fidu.

Itoophiyaan bakkeewwan uumamaa fi hambaalee seenaa turiistoota haawwatan


baay‟ee qabdi. Bakkeewwan beekamoo turiistoota/daawattoota hawwatan:

104

Sample output to test PDF Combine only


Kanneen Uumamaa – paarkota biyyoolessaa: Paarkii Gaarren Kaabaa, Paarkii
Gaarren Baalee, Paarkii Abijaataa-Shaalaa, Paarkii Hawaas, Paarkii Naci Saar,
Paarkii Oomoo-Maagoo, Paarkii Yaangudii Raasaa, Paarkii Harar (Baabbillee),
Paarkii Maazee fa‟a.
Paarkiiwwan kana keessa teessuma lafaa, bineensota, allaattiiwwan, bosona,
bishaan lafa jalaa ol danfu, fincaa‟aa, laggeenii fi harawwan garagaraatu jiru.
A. Kanneen Hambaalee Seenaa – Aksuum, Laalibalaa, Harar, Gondar,
Koonsoo, Sulula Hawaas gara gadii, Sulula Oomoo gara gadii fa‟a.

Gocha 3.9. Wantoota naannoo keessanitti dinqisiifamuu fi hawwataa ta‟e gareen


daawwachuun daree keessatti barreeffamaan gabaasa.

Faayidaalee Turiizimii

 Dawwattoota hawwachuudhaan dinagdeen biyyaa akka guddatu gochuu


 Namoota naannootiif carraa hojii uumuu
 Aadaa Itoophiyaa biyyoonni biroo akka beekan taasisa
 Hubannoo dogoggora namoonni waa‟ee Itoophiyaa irratti qaban fooyyeessuu
yookiin jijjiiruu fa‟a.
Turiizimiin madda galii biyyaa burqisiisuun misoomni dinagdee fi hawaasaa kan
akka eegumsa fayyaa, barnootaa, bishaan dhugaatii, ibsaa fa‟a akka guddatu godha.

Gilgaala 3.13
Gaaffilee armaan gadiitiif deebii sirrii kenni.
1. Hikkaan turiizimii maali?
2. Faayidaa turiizimiin guddina misooma Itoophiyaatiif qabu tarreessi.
3. Aadaan sabaa fi sablammootaa madda turiizimii akkamitti ta‟uu danda‟a?

105

Sample output to test PDF Combine only


3. Daldalaa fi Geejjiba
Daldala

Gaaffii marii: Daldalli maali? Faayidaan daldalaa hoo? Namoota naannoo keetii
hojii daldalaa irratti bobba’an gaaffadhu

Faayidaalee Daldalaa

Daldalli sochii mi‟oota waljijjiiruti. Adeemsa daldala keessatti meeshaa gurguruu


malee meeshaan oomishamu tokkollee hinjiru.Kaayyoon daldalaa tajaajila
kennuudha. Akka Itoophiyaatti, baay‟inni namoota daldala keessatti hirmaatanii
namoota qonnaa fi industirii keessatti hirmaatan caalaa xiqqaadha.

Daldalli adeemsa mi‟oota bakka baay‟inaan itti oomishaman irraa gara bakka
hanqinni isaanii jirutti geessuu fi itti fayyadamuuti. Daldalli Itoophiyaa daldala
biyya keessaa fi biyya alaa jedhamee bakka lamatti qoodama.

a. Daldala Biyya Keessaa

Gosti daldala kanaa baadiyyaa fi magaalota, magaalotaa fi magaalota, baadiyyaa fi


baadiyyaa jidduutti adeemsifama (fakkii 3.23 irratti bakkeewwan sararrixiyyaa
qaqalloon walqunnamsiise ilaali).Daldaltoonni baadiyyaadhaa oomisha qonnaa
bitanii gara magaalotaatti geessuun bu‟aa buufatanii gurguratu. Magaalotarraa
immoo oomisha industirii kan akka shaqaxaa, huccuu, ashaboo, shukkaara fa‟a
gara baadiyyaatti geessuun bu‟aa buufatanii gurguratu. Daldaltoonni galii mi‟oota
daldalaa irraa argataniin jireenya isaanii gaggeessu.

106

Sample output to test PDF Combine only


B.Daldala Biyya Alaa
Itoophiyaan oomisha qonnaa kan akka bunaa, salixa, abaaboo, huccuu, kophee,
foon, horii, warqii fa‟a gara biyyoota adda addaatti erguun sharafa biyya alaa
argatti. Galiin oomisha qonnaa irraa argamu xiqqaadha.Gama biraatiin, Itoophiyaan
mi‟oota industiriikan akka boba‟aa, konkolaataa, xiyyaara, qoricha, keemikaalota,
motorootaa fi maashinootaa garagaraa baasii/gatii guddaadhan biyyoota adda addaa
irraa bittaan galchiti.Sarara xiyyaa furdaan mi’oota Itoophiyaan alaa gara
keessatti bittaan galchitu yoo agarsiisu sarara xiyyaa giddugaleessi immoo
mi’ootaa Itoophiyaan gara alaatti ergitu agarsiisa.

Fakkii 3.23 Kaartaa gosoota daldala Itoophiyaa agarsiisu

Gilgaala 3.14
Gaaffilee armaan gadiitiif deebii sirrii kenni.
1. Gosti oomishaa baadiyyaadhaa magaalaatti daldalamu maali? Magaalaa
baadiyyaatti hoo?
2. Mi‟oota Itoophiyaan gara alaatti ergituu fi alaa keessatti galchitu ibsi.

107

Sample output to test PDF Combine only


Geejjiba

Gaaffii marii: Geejjiba jechuun maali? Akaakuuwwan geejjibaa meeqa?


Geejjibni misooma akkamitti guddisa?

Geejjibni tooftaa mi‟oota yookiin namoota bakka tokkoo bakka biraatti ittiin
geessaniidha. Naannoleen Itoophiyaa hundi oomisha haala walfakkaataan hin
oomishan. Kanaaf, geejjibni oomisha bakka baay‟inaan itti oomishamu irraa gara
fayyadamntootaa geessa.

Gahee Geejjibni Guddina Misoomaaf Qabu

 Oomishtootni oomisha isaanii irraa galii guddaa akka argatanii fi fuula duras
baay‟inaan akka oomishan isaan jajjabeessa,
 Fayyadamtootni oomisha/mi‟oota barbaadan baasii xiqqaan akka argatan
godha,
 Gabaan akka tasgabaa‟uu fi jireenyi akka fooyya‟u gargaara,
 Namoota baay‟eef carraa hojii ni uuma,
 Oomishtootaa fi daldaltoota irraa galii bifa gibiraatiin mootummaaf argamsiisa
 Tajaajilli hawaasaa kan akka daandii konkolaataa, eegumsa fayyaa, barnoota,
ibsaa, qunnamtii fa‟a akka babal‟atu godha

Teeknoolooj
Gocha 3.10
Garee gareetti qoodamuun yaada “Teeknooloojiin bu’aa isaamoo miidhaa isaatu
caala,” jedhurratti daree keessatti falmii gaggeessa.
Maalummaa Teeknooloojii
Teeknooloojiin dandeettii fi tooftaa/mala meeshaalee/maashinarii hojjachuu fi itti
fayyadamuutiin rakkoo furuu yookiin hojii ittiin fooyyessuu fi saffisiisuti. Hojiin
madda teeknooloojiiti. Qonni, industirii, daldalaa fi geejjibni burqaa qaroomaati.
Teeknooloojiin immoo bu‟aa guddina qaroomaati.
108

Sample output to test PDF Combine only


FaayidaaleeTeeknooloojii
Sadarkaa jireenya hawaasaa ni jijjiira
Humna, baasii fi yeroo waan tokko raawwachuuf oolu ni xiqqeessa
Dandeettii oomishtummaa namootaa ni dabala
Gudddina galii namoota dhuunfaa fi dinagdee biyyaa ni saffisiisa
Qisaasa‟insa oomishaa fi qabeenya uumamaa ni xiqqeessa
Qulqullina oomishaa ni fooyyessa
Dhalli namaa fi bineensonni naannoo uumamaa isaanitiin walitti madaqanii
akka jiraatan dandeessisa.
Dandeettii kalaqa sammuu fi itti fayyadama beekumsaa guddisuu fi k.k.f.

Hojiirra Oolmaa Teeknooloojii


Teeknooloojii Qonnaa– teeknooloojiin hojii qonnaatiif kan ooluu ta‟ee humna,
baasii fi yeroo xiqqaan oomisha guddaa kan argamsiisudha. Fakkeenyaaf
 Tiraaktara lafa qotuu  maashina boqqolloo qolooqqolu
 Maashina aannan sa‟aa elmuu  motora bishaan harkisu
 Gaagura ammayyaa  sumsuma qoraan qusatu

Fakkii 3.27 Teeknooloojii aannan elmuu

109

Sample output to test PDF Combine only


Fakkii 3.29 Teeknooloojii damma muruu

Fakkii 3.28 Teeknooloojii kanniisa horsiisuu

Fakkii 3.30 Teeknooloojii sunsuma qoraan qusatuu

110

Sample output to test PDF Combine only


Teeknooloojii Industirii – teeknooloojiin oomisha industirii saffisiisuun fedhii
fayyadamtootaa guutuu danda‟anidha. Isaanis:

* maashina zayita nyaataa dhimbiibu maashina jirbii maru


* maashina uffata hodhu  maashina suphee dhahu
* maashina gogaa duugu maashina sibiila bocu
* maashina daabboo tolchu

Fakkii 3.31 Teeknooloojii gogaa duuguu

Fakkii 3.32 Teeknooloojii suphee dhahuu

111

Sample output to test PDF Combine only


Fakkii 3.33 Teeknooloojii sibiila tumuu/bocuu

Fakkii 34 Teeknooloojii jirbii daamacuu fi foo‟uu

Fakkii 3.35 Teeknooloojii huccuu hodhuu

112

Sample output to test PDF Combine only


Teeknooloojii Odeeffannoo fi Qunnamtii – meeshaaleen elektirooniksii bu‟aa
teeknooloojii ta‟anii fi namoota baay‟ee iddoo bal‟aa irra jiraniif giddugaleessa
tokko irraa al-tokkotti odeeffannoo, ergaa yookiin barnoota tamsaasuu
danda‟anidha. Isaanis:

Raadiyoonii  Pilaazimaa  Mobaayilii


Televiyziinii  Intarneetii Poostaa
Teeknooloojii kana fayyadamnee odeeffannoo adda addaawaa‟ee gabaa, haala
qilleensaa, bakkeewwan hawwata turiizimii, oduu, kitaabilee garagaraa, barnoota
fagoo, mala eegumsa fayyaa fa‟a salphaatti dabarsuu fi firoottan keenya mana
keenya teenyee salphaatti argachuu yookiin hordofuu ni dandeenya.

Fakkii 3.36 Teeknooloojii odeeffannoo fi qunnamtii

113

Sample output to test PDF Combine only


Gocha 3.11

Moodeela teeknooloojii sasalphaa hojii ogummaa harkaa(jirbii maruu, huccuu


hodhuu, sibiila tumuu, gogaa duuguu, suphee dhawuu,hojii mukaa fi k.k.f) saffisiisu
wantoota naannootti argaman (waraqaa, muka, suphee, sibiila, gaanfa fa’a) irraa
hojjadha.Moodeelli keessan akkamitti akka hojjatu ibsa.

Gilgaala 3.3.15
Gaaffilee armaan gadiitiif deebii sirrii kenni.
1. Akaakuuwwan teeknooloojii meeqa? tarreessi.
2. Teeknooloojiin qonnaa caallaa qonnaa akkamitti guddisa?
3. Teeknooloojiin odeeffannoo fi qunnamtii guddina turiizimii akkamitti
saffisiisa?

Gilgaala Xumuraa

A. Himoota armaan gadii “Dhugaa” yookiin “Soba” jechuun deebisi.


1. Itoophiyaan horsiisa horiitiin addunyaa keessaatti sadarkaa 10ffaa irratti argamti.
2. Gaalli beeyiladda lafa gammoojjii keessatti horsiisamuudha.
3. Fardi beeyiladda lafa baddaa irratti horsiisamuudha.
4. Industiriin godoo akkumma industirii ammayyaa bakka muraasatti argamu.
5. Industirii sasalphaan oomisha albuudaa akka mi‟a dheedhiitti fayyadamu.
6. Dallaan Hararii dabaree uumamaa turiistoota haawwatuudha.
7. Daldalli sochii dinagdee gurguddoo Itoophiyaa keessaa isa tokkoodha.
8. Daldalli biyya keessaa maallaqa ittiin daldaalamu irratti garaagarummaa
hinqabu.
9. Itoophiyaan geejjiba bishaanii hinqabdu.
10. Teeknooloojiin naannoon uumama jireenya dhala namaatiif akka mijaa‟u
gargaara.

114

Sample output to test PDF Combine only


B. Himoota armaan gadiitiif qubee deebii sirrii qabu filadhu.
1. Ummanni Itoophiyaa 84% sochii dinagdee kam irratti bobba‟anii jiraatu?
A. Industirii B. Qonna C. Daldala D. Geejiba
2. Gosoota qonna Itoophiyaa keessaa kan naannoo qilleensa baramaa gogaa fi
hoo‟aa keessatti gaggeeffamu isa kami?
A. Qotiisa C. Qonna walmakaa
B. Horsiisa horii D. Hundinuu deebiidha
3. Kanneen asiin gadii keessaa tokko oomisha qotiisaa qilleensa baramaa ho‟aati.
A. Garbuu B. Qamadii C. Boqqoolloo D. Talbaa
4. Isa kamitu oomisha industirii guddaamiti?
A. Warshaa Simintoo C. Hojii Okkotee
B. Warshaa Huccuu D. Warshaa Lallaafaa
5. Faayidaa turiizimii kan ta‟e kami?
A. Maallaqa alaa fiduu B. Biyya sadarkaa addunyaatti beeksisuu
C. Carraa hojii uumuu D. Hundinuu sirriidha
6. Kanneen keessaa tokko oomisha Itoophiyaan gara alaatti ergituudha.
A. Konkolaataa B. Kophee C. Qoricha D. Maashinoota
7. Akaakuuwwan geejjiba armaan gadii keessaa kan aadaa kami?
A. Konkolaataa B. Baabura C. Doonii D. Farda
8. Mi‟ootni dafanii alaa‟uu danda‟an yeroo baay‟ee maaliin geejjibamu?
A. Baabura B. Doonii C. Konkolaataa D. Xiyyaara
9. Teeknooloojiin sadarkaa olaanaatti argamu isa kami?
A. Doomaan lafa qotuu B. Sangaan lafa qotuu
C. Tiraaktaraan lafa qotuu D. Fardaan lafa qotuu
10. Meeshaan odeeffannoo fi qunnamtii hawaasa baay‟ee biratti argamu isa kami?
A. Televizyiinii B. Raadiyoonii C. Intarneetii D. Pilaazmaa

115

Sample output to test PDF Combine only


BOQONNAA AFUR

NAANNOO HAWAASUMMAA KEENYAA


Boqonnaa sadii jalatti waa‟ee maalummaa, naannoo uumamaa, ummataa fi sochii
dinagdee gurguddoo Itoophiyaa baratteeta. Boqonnaa kana keessatti immoo waa‟ee
dabareewwan seenaa, aadaawwan, goototaa fi dhaabbilee hawaasummaa
Itoophiyaa ni baratta.

4.1 Dabareewwan Seenaa fi Aadaa Itoophiyaa


Gaaffii marii: Dabareen maali? Dabareen bu’aa maalii fa’aa ti? Dabareewwan
seenaa naannoo keessanitti beekaman erga tarreessitan booda
akkamitti akka kunuunfamuu qaban irrtti mari’adhaatii qaphxiilee
ijoo ta’an dareef dubbisaa.

Hambaawwan aadaa fi qaroomaa ummata tokkoo dhaloota itti aanuutti darbu marti
dabaree seenaa jedhamu. Afaan, amantii, miidhagina uumamaa, muziqaa, faaruu fi
meeshaaleen adda addaa fakkeenya dabareewwaniiti.

Gocha 4.1. Dabareewwan seenaa naannoo keessanitti beekaman erga tarreessitan


booda akkamitti akka kunuunfamuu qaban irrtti mari’adha.

Dabareewwan Seenaa Itoophiyaa Sadarkaa Addunyaatti Beekamanii fi


Bakka Argama Isaanii:
 Siidaawwan Aksuum- Naannoo Tigraayi magaala Aksumitti argamu.
 Bataskaanota Laallibalaa dhagaa siidaarraa bocamanii hojjataman - Naannoo
Amaaraa magaalaa Laalibalaatti.
 Masaroota Faasiil- Naannoo Amaaraa magaalaa Gondaritti.
 Gaarren Kaabaa- Naannoo Amaaraa Gondar Kaabaatti.
 Dallaa Harar/Jaagool – Naannoo Hararii magaalaa Hararitti.
116

Sample output to test PDF Combine only


 Teessuma Lafa Koonsoo- Naannoo Ummata Kibbaatti.
 Sulula Hawaas Gara Gadii – Naannoo Affaaritti.
 Sulula Oomoo Gara Gadii – Naannoo Ummata Kibbaatti.
 Dhagaa Xiyyaa- Naannoo Ummata Kibbaa, Guraageetti.
 Bosona Kafaa- Naannoo Ummata Kibbaa, Godina Kafaatti.
 Bosona Yaayyoo- Naannoo Oromiyaa, Iluu Abbaa Booraatti argamanidha.

Dabareewwan seenaa kunneen sadarkaa addunyaatti akka caalaatti beekamaniif


cimsanii kunuunsuu, odeeffannoo waa‟ee dabareewwan kanneenii ibsu dhaabbata
beekamtii kennuuf dhiyeessuu, teeknooloojii qunnamtii fayyadamuun hawaasa
addunyaa biratti beeksiisuu, nageenya naannoo mirkaneessuu, turiistoota biyya
keessaa fi alaatiin akka daawataman tajaajila hawaasummaa (daandii konkolaataa,
bishaan dhugaatii, ibsaa, hoteela, baankii) fa‟a baballisuu fi guutufii dha.

Teessuma Gaarrenii

Teessuma lafa koonsoo

Bataskaana Lallibalaa
Dallaa Harar

117

Sample output to test PDF Combine only


Fakkii 4.1 Dabareewwan seenaa Itoophiyaa sadarkaa addunyaatti beekaman

Dabareen seenaa tokko sadarkaa addunyaatti galmaa‟uuf/beekamuuf ulaagaalee


filannoo dabaree armaan gadii keessaa tokkoo guutuu qaba.

 Hojii ogummaa kalaqa sammuu dhala namaa ta‟uu qaba;


 Aadaa fi qaroomaa durii yookiin ammaa haala adda ta‟een mul‟isuu qaba.
 Gama teeknooloojii, ijaarsaa fi ogummaatiin sadarkaa seenaa dhala namaa
sirriitti kan mul‟isu ta‟uu fa‟a.

118

Sample output to test PDF Combine only


Dabareewwan Seenaa Itoophiyaa Sadarkaa Biyyaatti Beekamaniifi
bakka argama isaani
 Dirree Sheek-Huseen- Naannoo Oromiyaa Godina Baalee.
 Gaarren Baalee- Naannoo Oromiyaa Godina Baalee.
 Holqa Soof-Umar- Naannoo Oromiyaa Godina Baalee.
 Masaraa Abbaa Jifaar- Naannoo Oromiyaa Godina Jimmaa.
 Masgiida Najaashii- Naannoo Tigraay itti kan argamanidha.

Fincaa‟aawwan, Paarkotaa, Gaarreenii fi Haroowwan Sulula Qiinxaamaa keessatti


fi lafa olka‟oo irratti argamu.

Akkasumas uffannaa fi meeshaalee aadaa ummattoota Itoophiyaa garagaraa fa‟as


dabarewwan seenaati.

2. Barbaachisummaa Dabareewwan Seenaa


Dabareewwan seenaa faayidaa hedduu qabu.Fakkeenyaaf:
o Madda ragaawwan baroota durii ta‟uun ni tajaajilu
o Daawattoota biyyaa keessaa fi alaa ni hawwatu
o Madda galii ta‟uun dinagdee biyyaa ni guddisu
o Biyyi sadarkaa addunyaatti akka beekamtu ni taasisu

Gilgaala 4.1
Gaaffilee armaan gadiitiif deebii sirrii kenni.
1. Dabareewwan seenaa Itoophiyaa sadarkaa addunyaatti beekaman
tarreessi. Faayidaan dabareewwan seenaa kanaa maal fa‟a?
2. Dabareewwan seeanaa Itoophiyaa sadarkaa biyyaatti beekaman sadarkaa
addunyaatti akka beekamaniif maal gochuu qabna?

119

Sample output to test PDF Combine only


3. Dabarewwan Aadaa
Itoophiyaan biyya sabaa fi sablammootaa fi uummattootaa ta‟uu ishee baratteeta.
Saboonni kun hedduun isaanii bifaan walfakkaatu. Ulaagaaleen ummattoota kana
gargar ittiin adda baasnu maalfa‟a?

Ulaagaalee ummattoota kana garagr baasuu nu dandeessisann keessaa tokko


aadaadha. Aadaan maali? Aadaan muuxannoo, duudhaa, ogummaa, dandeettii fi
meeshaalee ummanni tokko adeemsa jireenya hawaasummaa keessatti yeroo
dheeraaf hojiin kuufateedha.Kuusaan aadaa kun ummata sanaaf mallattoo
eenyummaa isaa ta‟ee tajaajila. Dhalli namaa fedhii isaa guuttachuuf hojii hojjetu
keessatti aadaa uuma.Aadaan biyya tokkoo haala jireenya ummataa wajjin wal-
qabata.

Amaloota /ibsitoota/ Aadaa

Aadaan ibsitoota hedduu of keessaa qaba.Isaanis:


o Afaan  Sirna fuudhaa-heerumaa
o Barreeffamoota  Shubbisa
o Dhahaa (Calander)  Muuziqaa
o Sirana gaddaa fi gammachuu  Sirna uffannaa
o Haala qophii fi dhiheessa nyaataa  Amantii faadha.

4. Maatii Afaanotaa
Gaaffii marii: Faayidaan afaan ofiitiin dubbachuu fi barachuu maali? Nama
afaaniin waliigaluu hin dandeenye tokko wayita isin qunname
akkamitti keessummeessitan?Gareen irratti mari’adha.
Maatiin afaanotaa ummattoota Itoophiyaa horteewwan afur irraa maddan. Isaanis,
Kuushiitik, Oomootiik, Naayilootikii fi Seemeetikiidha.

120

Sample output to test PDF Combine only


A. Maatii Kuushiitik
Bara durii ummanni Kuush naannoowwan Kaaba Itoophiyaa fi Eriitiraa ammaa
keessa jiraachaa turan. Barreeffama seenaa durii keesstti ummattoonni naannoo
kana jiraachaa ture Kuush jedhamee waamama. Hayyoonn ammayyaas maqaa
kanatti fayyadamuun ummata kanaa fi afaan inni dubbatu Kuushiitik jedhanii
moggaasaniiru.
Wayita ammaa ummanni Kuushiitik naannoowwan adda addaatti faca‟ee
qubateera.Kaaba Itoophiyaatii jalqabee, Jiddu Galeessa, Dhiha, Kibbaa fi Baha
Itoophiyaatti bakka bal‟aa irratti faca‟ee mul‟ata.Ummanni Kuushiitik Sabootaa fi
Sablammoota hedduu qaba. Isaan keessaa Oromoo, Agawoo, Geede‟oo, Hadiyyaa,
Kambaataa, Sidaamaa, Burjii, Affaar, Koonsoo, Erbooree, Daassanach, Sumaalee
fi Baayisoo fa‟a. Saboota kana keessaa baay‟inaan guddaan saba Oromooti.

B. Maatii Oomootiik
Ummanni kun cinaa ummata Kuushiitik qubachuun bara dheeraaf Itoophiyaa
keessa jiraachaa ture. Wayita ammaa Kibba-Dhiha Itoophiyaa toora laga Oomoo
hordofuun qubatee argama. Hayyoonni ummata kana maqaa laga kanaatiin
Oomotiik jedhanii moggaasaniiru. Afaan ummannikun dubbatus Afaan Maatii
Oomootiik jedhama.
Ummanni Oomootiik sabootaa hedduu qaba. Isaan keessaa gurguddoon Arii,
Hamar, Maajii, Shakkichoo, Moochaa, Shinaashaa, Yem, Dawuroo, Walayittaa,
Giddichoo, Koriyaa, Gaamoo fi Goofaa fa‟a.

C. Maatii Niiyilootiik
Ummati Niilootiik ummattoota armaan olitti ilaalletti aanee ummata bara dheeraaf
Itoophiyaa keessa le‟aa (jiraachaa) tureedha. Ummanni kun daangaa Kaaba Dhihaa
Itoophiyaatii hanga Kibbaatti qubatee argama. Hedduun isaanii garuu naannoo laga
Naayil (Abbayyaa) jiraatu.

121

Sample output to test PDF Combine only


Maqaan saboota kanaa laga kanarraa moggaafame. Saboota ummata Niilootiik
keessaa gurguddoon Me‟eenii, Masangoo, Mursii, Zilmaamoo, Turkaan,
Mazyangar, Anyu‟aak, Nuweer, Kunaamaa, Gumuuzii fi Bummee fa‟a.

D. Maatii Seemeetiik
Horteen ummattoota Itoophiyaa kan biro ammo ummata Seemeetikiiti. Maddi
ummata kanaas biyya Arabaa akka ta‟e ni himama. Bara durii ummanni hortee
Seem kallattii kaabatiin gara Itoophiyaa galuun ummata Kuushiitik wajjin walitti
makamee jiraataa tureera. Hayyootiin afaan ummata kanaan dubbatamu Seemeetiik
jedhanii moggaasaniiru. Wayita ammaa ummanni Seemeetiik naannoowwan
kaabaa fi giddu galeessa Itoophiyaatti argama.
Ummanni Seemeetiik Sabootaa fi Sablammoota adda addaa qaba.Isaan keessaa
gurguddoon Amaaraa, Tigree, Argobbaa, Guraagee fi Hararii.

Haala faca‟insaa maatii afaanotaa ummattoota Itoophiyaa kaartaa Itoophiyaa


armaan gadii irraa ilaali.

Fakkii 4.2Faca‟insa maatii afaanota ummattoota Itoophiyaa

122

Sample output to test PDF Combine only


Gilgaala 4.2
Gaaffilee armaan gadiitiif deebii sirrii kenni.
1. Sabaa fi sablammoota afaan maatii Kuushiitiik dubbatan shan barreessi.
2. Sabaa fi sablammoota afaan maatii Oomootiik dubbatan afur tarreessi.
3. Sabaa fi sablammoota afaan maatii Niiylootiik dubbatan sadi barreessi.
4. Sabaa fi sablammoota afaan maatii Seemeetiik dubbatan afur tarreessi.
5.
6.
Barmatilee
Hawaasni dhimmoota jireenyaa isaanii keessatti isaan muudateef wayita furmaata
barbaadanitti tasa furmaata ni argatu. Furmaanni argame kunis booda hawaasa
maraa biratti ni baratama.

Gocha 4.2
Yaadota armaan gadii keessa tokko (A yookiin B) filattanii hiriyoota wajjin falmii
irratti gaggeessa.Falmii gaggeessuun dura qabxii falmii filachuu, miseensota
garee adda baafachuu fi yaada falmii kanaa ta’u qindeeffachuu fi seera falmii
hordofuun barbaachisaadha.Seera falmii yoo jennu yeroo falmii kenname kabajuu,
yaada namoota nuun falman dhaggeeffachuu, dabareen eeganii yaada ofii ibsuu
fa’a.

Yaadotaasiin gadii keessaa tokko filadhuutii hiriyyoota kee wajjin falmii


gaggeessi.

1. A. Ka‟uumsi aadaa hawaasa tokkoo nama dhuunfaa irraa burqa.


B. Ka‟uumsi aadaa nama dhuunfaa tokkoo aadaa hawaasaa irraa burqa.
2. A. Seerri (aadaa) ittiin bulmaata hawaasa tokkoo hawaasa sana qofaaf ta‟a.
B. Seerri (aadaa) ittiin bulmaata hawaasa tokkoo hawaasa biraatiifis ni ta‟a.

123

Sample output to test PDF Combine only


Barmaatilee hawaasa keessatti baratamekun kan faayidaa qabuyookiin miidhaa
geessisu ta‟uu danda‟a. Barteewwan aadaa faayidaa qabanii gochaalee hawaasa
hundaa faayyidaa fayyadu qabu. Barteewwan aadaa miidhaa qaban jireenya nama
dhuunfaa yookiin qaama hawaasaa muraasa irratti gochaaleehamaa gaassisuu ni
danda‟u.barmaatiileen miidhaa geessisan irra caalaatti daa‟immanii fi dubartoota
miidhu.barmaatiileen akkasii kana hambisuuf sadarka mana barumsaatti gumii
farra barmaatilee aadaa miidhaa gaassisanii hundeessuun daa‟immanii fi dubartoota
miidhaa irraa baraaruu ni danda‟ama.

Gabatee 4.1: Barmaatilee

Barmaatilee Faayidaa Qaban Barmaatilee Miidhaa Geessisan


Daa‟imman yeroo dhalatan harma haadhaa
Ijoollee dubara dhaqna qabuu (kittanuu)
akka hodhan taasisuu
Daa'immaniif nyaata madaalame kennuu fi
Gaayila umurii malee raawwachuu
watnoota dhibee fidan irraa eeguu
Qaam-miidhamtootaa fi manguddoota
Dubartii ulfaa heexoo obaasuu
gargaaruu
Dubartii deesse gaafachuu fi kunuunsuu Garaa dubartii ulfaa dhidhiibuu/sukkumuu
Meeshaa qulqullina dhabeen handhuuruu
Nama du'e awwaaluu akka hin dhiigneef dhadhaa, dhoqqee fi
biyyee dibuu
Hagafoota kabajuu Huuba qoonqoo muruu
Daa‟imman abbaa fi haadha hin qabne
Irgaga/irga tumuu
kunuunsuu
Imaltuu keessummeessuu Dhaqna /nafa/ guggubuu
Jigiin walgargaaraa hojjachuu Qoricha aadaa baay'isanii fudhachuu
Daa‟imman talaalchisuu fi yoo Tamboo xuuxuu, dhugaanii machaa‟uu fi
dhukkubsatan dafanii mana yaalaa geessuu jumaa qama‟uu fa‟i

124

Sample output to test PDF Combine only


Fakkii 4.3Barmaatilee miidhaa geessisanii

Gocha 4.3
1. Gaaffilee armaan gadii fayyadamuun barteewwan miidhaa geessisan maatii fi
manguddoota naannoo keetii irraa odeeffaannoo funaani. Odeeffaannoo
funaante qindeessuun barsiisaa/tuu keetiif gabaasi.
A. Barmaatilee miidhaa geessisan maal fa’a?
B. Barmaatilee kun irra caalaatti eenyu miidhu?
C. Miidhaan barmaatilee kun namoota irraan geessisaa jiran maali?
D. Tooftaalee miidhaa kana ittiin dhabamsiisuu maal?
2. Garee miseensota 3-5 qabu ijaara. Barmaatilee miidhaa geessisan maatii
yookiin manguddoota irraa argattan tokko filadha. Hawaasaa miidhaan kun
irra gahe bakka bu’uun/fakkaachuun gahee taphachuun agarsiisa.

125

Sample output to test PDF Combine only


6. Gootota Itoophiyaa
Gaaffii marii: Naannoo keessan keessa namoonni goota jedhaman jiruu?
Namni tokko goota kan jedhamu yoo maal hojjate?
Gootota kan jedhaman namoota ogummaa isaanitiin dameewwan hojiiadda addaa
keessatti hirmaachuun biyya isaanii, hawaasa addunyaa biratti
beeksisaniidha.Fakkeenya gootota Itoophiyaa muraasa hojii isaanii wajjin haa
ilaallu.

Muuziqaan
Gaafii marii: Naannoo keessanitti, namoota ogummaa muuziqaatiin beekaman
walitti hima. Namoonni himtan kun afaan kamiin sirban? (Waa’ee
namoota kanaa maatii kee yookiin manguddoota naannoo keetii
gaaffadhu)

Muuziqaan sagalee meeshaalee waliin qindaa‟ee dhihaatudha.Hayyootni


Itoophiyaa ogummaa muuziqaa aadaatii fi ammayyaatiin beekaman
hedduudha.Yaareed(501-571) ogeessa muuziqaa aadaati.Yeedaloo fi mallattoon
muuziqaa inni kalaqee qindeesse guddina ogummaa muuziqaa ammayyaa
Itoophiyaatiif bu‟uura ta‟eera.

Xilaahuun Gassasaa (1929-2001) ogeessa muuziqaa aadaa fi ammayyaati.


Xilaahuun sirba 500 ol Afaan adda addaatiin dhimmoota garaagaraarratti sirbeera.
Alii Birraa goota muuziqaa isa biraati. Aliin sirboota baay‟ee Afaan Oromootiin
waan sirbeef goota muuziqaa Oromoo jedhama. Dubartoota keessaa biroo immoo
Bizunash Baqqalaa fa‟a fakkeenya fudhachuun ni danda‟ama.

Fakkiin
Gocha 4.4. Naannoo keessanitti, namoota ogummaa fakkiitiin beekaman walitti
himuun. Waa’ee namoota kanaa fi fakkii isaan kaasanii barannoon
dura maatii kee yookiin manguddoota naannoo keetii gaaffadhutti
barreeffamaan dareef dhiheessi.

126

Sample output to test PDF Combine only


Ogeessota fakkii kaasuun beekaman keessaa tokko Looreet Afawarqi Takleeti.
Looreet Afawarqi (1925-2004) ogummaa fakkiitiin maqaa kabajaa “Daraan
Baay‟ee Kabajamaa Looreetii Addunyaa Meetiran Artisti Afawarqi Taklee”
jedhamu argateera. Ogeessota fakkii kan biroo Lammaa Guuyyaa fa‟a kaasuun ni
danda‟ama.

Ispoortiin
Gocha 4.5 Naannoo keessanitti, namoota ogummaa ispoortitiin beekaman walitti
hima. Namoonni kun gosa Ispoortii kamiin beekamu?
Waa’ee namoota kanaa maatii kee yookiin manguddoota naannoo keetii
gaaffadhutii barreeffamaan dareef dubbisi.

Ispoortiin dorgommii sochii qaamati. Ispoortiin madda gammachuu, fayyaa fi


walitti dhufeenya aadaa hawaasummati. Ispoortiin gosa lama qaba. Isaanis ispoortii
ammayyaa fi ispoortii aadaati. Atileetiksiin, kubbaan miilaa fi harkaa, teensii fa‟a
ispoortii ammayyaati. Qillee, gugsii, wal‟aansoo fi saddeeqin immoo ispoortii
aadaati.
Itoophiyaan gootota ispoortii atileetiksii hedduu qabdi. Kanneen keessa tokko
Abbabaa Biqilaati. Bara 1952tti dorgommii fiigicha Maaraatoonii biyya
Xaaliyaanii magaalaa Room keessatti gaggeeffamee fibara 1958tti fiigicha
Maaraatoonii biyya Jaappaan magaalaa Tookiyoo keessatti gaggeeffame irratti
atileetota addunyaa isa wajjin fiigan mara moo‟atee maqaa Itoophiyaa waamsisee
jira. Akkasumas, atileetota isa booda dhufan kan akka Maammoo Waldee, Miruutsi
Yifxar, Mohaammad Kadiir, Isheetuu Turaa, Hayilee Gabra Sillaasee, Qananiisaa
Baqqalaa, Silashii Sihinfa‟aafi atileetoa yeroo ammaa fiigaa jiran hundaaf
fakkeenya ta‟ee jira.

Dubartoota keessaa immoo Daraartuu Tulluu, Faaxumaa Roobaa, Geexee Waamii,


Biraanee Adaree, Turunash Dibaabaa, Masarati Daffaarii fa‟aa atileetota beekamoo
Itoophiyaa addunyaa irratti beeksisaniidha.

127

Sample output to test PDF Combine only


Hog-Barruun
Gaafii marii: Naannoo keessanitti, namoota ogummaa hog-barruutiin beekaman
walitti hima. Namoonni kun gosa hog-barruu kamiin beekamu?
Waa’ee namoota kanaa maatii kee yookiin manguddoota naannoo
keetii gaafadhu
Hayyoota og-barruu jaarraa 19ffaa keessaa tokko Oniisiimos Nasiibi ture. Hog-
barruu Oniisiimos (Abba Gammachiis) ittiin beekamu keessaa tokko kitaaba
qulqulluu Afaan Oromootti jijjiiruudhani. Kanaanis, guddina og-barruu Afaan
Oromootiif gumaacha godheera.

Sheek Mahaammad Rashaad Abdullee immoo Quraana afaan Oromootti hiikee


barreessuun hog-barruun afaan Oromoo akka dagaagu taasisee jira. Sheek Bakrii
Saphaaloo immoo hayyuu qubee afaan Oromoo guddisuuf yaalii godhaninidha.

Haddiis Alamaayyoo kitaabilee Afaan Amaaraa baay‟ee kan barreessan yoo ta‟u,
isaan keessaa kan isaan sirriitti ittiin beekaman kitaaba “Fikir Iska Maqaabir”
jedhamanidha.

Looreeti Tsagaayee Gabra Madihiin ammo hayyuu og-barruu isaa biraati. Hayyuun
kun og- walaloodhaan dorgamaa kan hinqabne ture. Maammoo Wuddinee (1923-
2004)immoo kitaabilee baay‟ee afaan Amaaraatti hiikuun guddina hog-barruuf
gumaacha guddaa godhee jira.

Saayinsii fi Teeknooloojiin
Gaafii marii: Naannoo keessanitti namoota ogummaa qo’annoo fi qorannootiin
beekaman walitti hima. Namoonni kun gosa qo’annoo fi qorannoo
kamiin beekamu? (Waa’ee namoota kanaa maatii kee yookiin
manguddoota naannoo keetii gaaffadhu)

128

Sample output to test PDF Combine only


Dooktar Akliluu Lammaa saayintistii Itoophiyaa firii andoodee huccuu ittiin
miiccan qorichatti jijjiiredha. Doktar Akliluun Celelluu dhukkuba Bilihaarziyaa
namatti dabarsitu hoomacha andoodeetiin akka duutu qorannoo bara dheeraatiin
mirkaneesseen addunyaa irratti nama beekamtii argateedha.

Piroofeesar Gabbisaa Ejjataa immoo mishingaa gogiinsa damdamtee oomisha


guddaa kennu qoratee ummata Afrikaa yeroo baay‟ee gogiinsaa fi beelaan
miidhamaa tureef furmaatamidhaan nyaataa argamsiiseera.Kanaafis, saayintistii
addunyaa ta‟ee beekamtii argateera.

Kunuunsa Naannoon

Gocha 4.6. Namoota naannoo keessanitti, kunuunsa naannootiin beekaman


maatii keessan ykn maanguddoota gaafachuun barreeffamaan
dareef dubbisa.

Naannoon uumamaa yeroo ammaa bilisaan keessa jiraannuu haala yaaddessaa


ta‟een manca‟aa dhunfeera. Dhala namaa dabalatee, jireenyi lubbu qabeeyyii
gaaffii keessa galeera. Rakkoo manca‟insa naannoo dhaloota ammaa yaaddessu
kana xiqqeessuuf gootota kunuunsa naannoo baay‟eetu barbaachisa.

Itoophiyaan magariisa akka taatuu fi omishtummaan qonnaa akka dabalu kanneen


hojjachaa jiran keessaa tokko Pireezdaantii Itoophiyaa ammaa Girmaa Walda
Giyoorgisiidha.

Ittisa Biyyaan

Gaafii marii: Naannoo keessanitti, namoota hawaasa isaanii diina irraa ittisuun
beekaman walitti hima. (Waa’ee namoota kanaa maatii kee yookiin
manguddoota naannoo keetii gaaffadhu)

Gootonni Itoophiyaa ittisa biyyaa hedduudha.Leetanaal Janaraali Abdiisaa Aagaa,


Janaraal Taaddasaa Birruu, Baalchaa Abbaa Nabsoo, Waaqoo Guutuu, Balaay

129

Sample output to test PDF Combine only


Zallaqaa, Garasuu Dhukii fi Hayyeeloom Aara‟ayaa akka fakkeenyatti warra
wamamaniidha.

Namoonni gootota Itoophiyaa jedhaman kun sadarkaa kana irra gahuuf humnaa fi
yeroo isaanii jaalala ogummaa fi biyya isaaniif aarsaa godhaniiru.
Hojii isaanitiin hawaasa isaanii jaalala ogummaa barsiisaniiru.Aaadaa
hawaasummaa dagaagsaniiru.Teeknooloojii dinaagdee guddisu fa‟a uumaniiru.
Namoota baay‟een gootota kana fakkeenya gaarii godhachuun faana isaanii
hordafaniiru.

Gocha 4.7
Gara fuulduraa hojii ogummaa kamiin goota Itoophiyaa ta’uu akka barbaaddu,
maaliif ogummaa kana akka filatteefi kaayyoon kun gara fuul duraa akka siif
dhugoomu har’a maal gochuu akka qabdu barreessitii barsiisaa/tuu keetiif kenni.

Gilgaala xumuraa
A. Himoota armaan gadii “Dhugaa” yookiin “Soba” jechuun deebisi
1. Dabareewwan seenaa bu‟aa aadaa ummataati.
2. Aadaan kuufama muuxannoo dhala namaati.
3. Gochaaleen barmaatilee miidhaa geessisanii irra caalaatti warra dhiiraa miidhu.
4. Gootota namoonni jedhaman kanneen waraanaan birmadummaa biyya isaanii
kabachiisan qofaadha.
B. Himoota armaan gadiif qubee deebii sirrii qabu filadhuu deebisi.
1. Dabareewwan seenaa addunyaa armaan gadii keessaa tokko kan uumamaati.
A. Siidaa Aksum B. Gamoo Faasiil
C. Teessuma Lafa Koonsoo D. Dallaa Hararii
2. Barbaachisummaa dabareewwan seenaa kan ibsu kami?
A. Madda ragaa baroota durii agarsiisuu B. Daawwattoota harkisuu
C. Madda galii ta‟uu D. Hundinuu sirriidha.

130

Sample output to test PDF Combine only


3. Dabareen seenaa tokko sadarkaa addunyaatti galmaa‟uuf:
A. Aadaa fi qarooma durii yookiin ammaa mul‟isuu qaba
B. Bareedina qabaachuu qaba
C. Daawwattoota baay‟ee harkisuu qaba
D. Carraa hojii namoota baay‟eef uumuu qaba
4. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu ibsituu aadaati?
A. Amantii B. Afaan C. Muuziqaa D. Hundinuu
5. Maatiin afaanota ummattoota Itoophiyaa bakka bal‟aa faca‟ee jiru kami?
A. Kuushiitik B.Seemeetiik C. Niilootiik D. Oomootiik
6. Isa kamtu barmaatilee faayidaa qaban keessatti ramadama?
A. Handhuura daa‟immanii muruun dhoqee dibuu
B. Garaa dubartii ulfaa dhidhiibuu/sukkuumuu
C. Qaam-miidhamtootaa fi manguddoota gargaaruu
D. Ijoollee dubaraa dhaqna qabuu(Kittanuu)

C. Sabaa fi sablammoota “A” jalatti tarreeffaman Maatii Afaanii “B” jalatti


barreeffaman wajjin walitti firoomsi.
Warreen “B” jala jiran si tokkoo fi isa ol filuu dandeessu.
A B
1.Oromoo 6. Sidaamaa A. Maatii Kuushiitik
2.Amaaraa 7. Dorzee B. Maatii Oomootiik
3.Sumaalii 8. Masangoo C. Maatii Niilootiik
4.Tigree 9. Walaayittaa D. Maatii Seemeetiik
5.Adaree 10. Anyuwaak

131

Sample output to test PDF Combine only


D. Maqaa goototaa “A” jalatti tarreeffaman ogummaa isaan ittiin beekaman
“B” jalatti barreeffaman wajjin qofa walitti firoomsi.

A B
1. Looreet AfawarqiTaklee A. Hog-barruu
2. Hayilee G/Sillaasee B. Kunuunsa Naannoo
C. Muuziqaa
3. Looreet Tsaggaayee G.M.
D. Fakkii
4. Piresedaantii Girmaa E. Saayinsifi teeknooloojii
W/Giyoorgis F. Ittisa biyyaa
G. Ispoortii
5. Piro. Gabbisaa Ejjataa
6. Daraatuu Tulluu
7. Abdiisaa Aagaa
8. Dr.Akliluu Lammaa
9. Yaareed
10. Xilaahun Gassasaa

132

Sample output to test PDF Combine only


4.2 . Walitti Dhufeenya Hawaasummaa fi Sonaawwan
Hawaasa
Gaaffii marii: Hiriyoota kee wajjin moo kophaa kee jiraachuu filatta? Maaliif?
Qunnamtiin hawaasummaa hiriyoota kee wajjin qabdu kan adda
citu yoo maal ta’e?

Bineeldota mara keessaa dhala namaa adda kan taasisu godhu walitti dhufeenya
hawaasummaa uummatee jiraachuu isaati. Maaliif sitti fakkaata? Namni waan
hundaan of danda‟aa miti.Nama du‟e walii wajjin awwaala. Ayyaana waliin kabaja.
Sirna fuudhamaa fi heeruma waliin gaggeessa. Hojii humnaa walii wajjin hojjata.
Kanaaf, namni hawaasa naannoo isaa wajjin qunnamtii uumee jiraachuuf ni
dirqama. Hariiroon hawaasummaa irra caalaatti firummaa fi ollummaa biratti cimaa
ta‟a.

Hariiroo hawaasummaa beekamoo ta’an:


 Abbaa warraa fi haadha warraa  Maatii fi ijoollee
 Daa‟imaa fi hiriyaa isaa/ishee  Barsiisaa fi barataa
 Hangafootaa fi hawaasa naannoo  Hojjataa fi hojjachiisaa fa‟a.

Fakkii 4.4. Hariiroo Hawaasummaa hangafootaa

133

Sample output to test PDF Combine only


Fakkii 4.5. Hariiroo hawaasummaa, maatii fi ijoollee

Tokkoo tokkoon hariiroo hawaasummaa armaan olitti ibsaman walfakkeenyaa fi


garaagarummaa qabu. Walfakkeenyi isaanii hundinuu hariiroo hawaasummaa
qabachuudha. Garaagarummaan isaanii immoo hundinuu seera ittiin bulmaataa,
baay‟ina miseensaa fi kaayyoo hariiroo kan mataa ofii qabachuusaaniti. Seerri
hariiroo hawaasummaa maatii fi ijoollee maal ta‟u danda‟a? Kan barsiisaa fi
barattoota hoo?

Barattoonni ogummaa jireenya hawaasummaa shaakaluu kan eegalan maatii


isaanii, naannoo jireenyaa fi mana barumsa isaanii keessatti. Fakkeenyaaf, hojii
garee wajjin hojjachuu, daree fi mooraa mana barumsaa waliin qulqulleessuu, mana
barumsaa keessatti biqiltuu wajjin dhaabuu fi kunuunsuu, dhimmoota adda addaa
irratti walgargaaruu, waliigalteen hojjachuu, tapha waliin taphachuu
fa‟a.Barattoonni har‟a hiriyoota isaanii wajjin hariiroo hawaasaa gaarii horatan
borus hawaasa biraa wajjin walitti dhufeenya gaarii ni qabaatu.

Gocha 4.7

1. Garee miseensa jaha qabu ijaaraatii, barsiisaan/tuun keessan fakkeenyota


hariiroo hawaasummaa jahan addaan isiniif haa qoodu. Mata duree isin gahe
bifa hariiroo hawaasummaa gaarii fi gadhee agarsiisuun gahee taphadhaatii
agarsiisa.

134

Sample output to test PDF Combine only


2. Hariiroo hawaasummaa yaraa ta’an yookiin hawaasa keessatti fudhatama hin
qabne sababa fudhatama dhabaniif maatii yookiin manguddoota naannoo
keessanii gaaffachuun bifa barreeffamaatiin barsiisaaf/tuuf gabaasa.

Gilgaala 4.3
Gaaffilee armaan gadiitiif deebii sirrii kenni.
1. Hariiroo hawaasummaa kan ta‟an maalfaa? Fakkeenya afur tarreessi.
2. Wantoota hariiroo hawaasummaa tokko kan biraa irraa adda godhan
maalfaa?
3.Barattoonni jireenya hawaasummaa shaakaluu kan eegalan eessatti?
3. Barattoonni jireenya hawaasummaa shaakaluu kan eegalan eessatti?
4.

2. Sonawwan Hawaasummaa
Gaaffii marii: Sonawwanhawaasummaa jechuun maali?Faayidaan sonawwan
hawaasummaa maali?Namoonni hawaasa naannoo isaanii
wajjin jiraachuuf maal gochuu qabu?

Sonawwan hawaasummaa naamusa walitti dhufeenya hariiroo hawaasummaa


qajeelchudha.Sonawwan hawaasummaa hawaasa naannoo, mana barumsaa fi
jireenya dhuunfaa irraa baratamuu ni danda‟u. Sonawwan hawaasummaa hariiroo
namoota gidduu jiru ni cimsu.

Sonawwan hawaasummaa walitti dhufeenya hawaasaa cimsan:


Haqummaa – hojii seeraa fi dhugaa irratti hundaa‟e qofa hojjachuudha. Nama
tokko gammachiisuufi nama biraa immoo miidhuuf jecha seeraan ala hojjachuun
loogummaa uumuudha. Loogummaan walitti dhufeenya hawaasaa ni laaffisa.

135

Sample output to test PDF Combine only


Amanamummaa –namni dhugaan hojjatuu fi dhugaa dubbatu maatii fi hawaasa
isaa keessatti amanamaa fi kabajamaadha. Itti gaafatamummaa adda addaatiif nama
barbaadamuudha.
Heeraa fi Seeraan Buluu –ijoolleen ajaja maatii fi hangafoota isaanii kabajanii
jiraachuun, barattoonni danbii mana barumsaa eeganii socha‟uu fi namoonni
duudhaa haawaasaa fi tumaata mootummaa kabajanii jiraachuun fakkeenyota
seeraan buluuti.Seera ala ta‟uun, maatii fi hawaasa keessatti jibbamaafi seeraa
mootummaatiin adabamuu fida.Seeraan buluun hariiroo hawaasummaa ni cimsa.

Namummaa – namummaan walii yaaduu, walii gadduu, garaa walii laafuu fi


walkabajuu dhala namaa mul‟isa.Gochi namummaa madda gammachuu, nageenyaa
fi badhaadhina dhuunfaa fi hawaasati. Namoonni amala kana qaban hawaasa
keessatti baay‟ee jaalatamu.

Walqixxummaa – nama umurii, saala, gosa, qabeenyaa fi bifaan osoo adda hin
baasini nama waan ta‟eef qofa walqixa tajaajiluudha.

Biyya Ofii Jaalachuu –biyyi ofii bakka dhalootaa fi bakka jaalalaa fi kabajaan
keessa jiraatanidha. Biyya ofii jaalachuun barbaachisaadha. Namni biyya alagaa
jiru kabaja hin qabu. Kanaaf, biyyi ofii irraa baqachuu irra hojjatanii akka
misoomtu taasisuun kabaja guddaadha.

Nageenya –bakka nageenyi hinjirre hariiroo hawaasummaa gaariin hinjiru.Kanaaf,


wantoota nageenya mana barumsaa, hawaasa naannoo fi biyyaa jeeqan hunda
xiyyeeffannaan hordofuu fi sirreessuu barbaachisaadha.

Waldanda‟uun Waliin Jiraachuu – Namni waliin jiraatu akkuma bifa isaa amala
garagaraa qaba.Yaada namaa obsaan dhageeffachuu, garaagarummaa aadaa
kabajuu, yaada koo qofaatu sirriidha jechuu dhiisuu, yaada ofii sirritti ibsachuu,
waan haasa‟amuuf madda ragaa qabaachuu, nama hamachuu dhiisuu, waan
namoonni nutti himan hunda dhugaa fi dhara ta‟uu isaa dura addaan baasuun
wantoota namoota waliin jiraachuufnu barbaachisaaniidha.
136

Sample output to test PDF Combine only


Yeroo fi Hojii Kabajuu – dhalli namaa jiraachuuf hojii hojjechuun
barbaachisadha. Hojiin yeroo keessatti raawwatama.Yeroon al tokko yoo darbe
duubatti hin deebi‟u.Yeroo kabajanii hojjachuun hawaasummaa ni cimsa; biyyas ni
guddisa.

Dirqama Ofii Bahuu – Itti gaafatamummaa ofii amanamummaan raawwachudha.


Barataan tokko dirqama ofii bahe kan jennu yoo kanneen armaan gadii raawwate
dha.

- Barattoonni hojii manaa fi daree yoo hojjetan


- Yeroon mana barumsaatti argamanii yoo baratan
- Qulqullina daree fi qulqullina ofiiirraa yoo eeggatan
- Kitabilee mana barumsaa irraa ergifatan seeraan qabanii yoo itti
fayyadaman.
- Dhukkuboota daddarboo akka HIV-AIDS faa irra yoo of eegan
- Araada adda addaa irraa yoo of qusatan

- Yeroo isaanii sirnaan yoo itti fayyadaman faa.

- Barattoonni akkasii Barsiisaa/tuu, hiriyoota fi hawaasa isaanii biratti


baay‟ee jaalatamu.

3. Bulchiinsa Gaarii
Gocha 4.8. Maalummaa bulchiinsa gaarii fi haala inni ittiin mirkana’uu qaamolee
bulchiinsa ganda kee tokko gaafachuun dareef barreeffamaan dubbisi.
Bulchiinsa gaarii jechuun haala dimookiraatawaa ta‟een biyya fi dhaabbilee adda
addaa haqaan hogganuu fi fedhii maamiltoota dhaabbatichaa guutuu danda‟uudha.
Utubaawwan yookiin qajeelfamoota bu’uuraa bulchiinsa gaarii ibsan:
 hojiiwwan dhaabbileen hojjatan iftooma qabaachuu
 miira itti-gaafatamummaatiin hojjachuu
 olaantummaa seeraa kabajuu
 dhaabbata tajaajillu fi Biyyaaf amanamummaaqabaachuu

137

Sample output to test PDF Combine only


 aangoo seeraan itti fayyadamuu
 faayidaa ummataa dursuu
 iccitii biyyaa/dhaabbataa eeguu
 gocha gaarii hojjachuun namoota biraaf fakkeenya gaarii ta’uu fa’i.

keessatti Gabatee 4.2: Caasaalee dhaabbilee hawaasaa bulchiinsi gaarii


mirkanaa‟uu qabu.

Sadarkaa Feederaalaatti Sadarkaa Naannootti Sadarkaa Godinaa/Aanaatti


• Ministeera Barnootaa • Biiroo Barnootaa • Waajjira Barnootaa
•Ministeera Eegumsa Fayyaa • Biiroo Eegumsa Fayyaa • Waajjira Eegumsa Fayyaa
• Ministeera Qonnaa • Biiroo Qonnaa • Waajjira Qonnaa
• Ministeera Haqaa • Biiroo Haqaa • Waajjira Mana Murtii
• Ministeera Ittisa Biyyaa • Biiroo Aadaa fi Turiizimii • Waajjira Aadaa fi
• Ministeera Aadaa fi • Biiroo Dhimma Turiizimii
Turiizimii Dubartootaa fi • Waajjira Dhimma
• Ministeera Dhimma Daa'immaanii Dubartootaa fi
Dubartootaa fi Daa‟immanii • Komishiinii Fooliisii Daa'immanii
• Komishiinii Fooliisii Naannoo fa'a. • Waajjira Foolisii fa'a.
Feederaalaa fa'a.

Gocha 4.9
Daree barnootaa fi mana barumsaa keessan keessatti bulchiinsa gaariinjiraachuu
yookiin dhabamuu isaa mirkaneessuuf qabxiilee asiin gadii bu‟uureeffachuun
barreeffama qopheessii barsiisaaf kenni.
* haala filannoo hayyu-daree fi ramaddii daree qulqulleessuu, ilaalchise
* firiibarattootaa yeroon agarsiisuu fi sirreeffama kennuu ilaalchise
* Bulchiinsi mana barumsaa yaada dhimmamtootaa dhaggeeffachuun
keessumeessuu ilaalchise
* karooraa fi raawwii hojii mana barumsaa irratti iftoomina qabaachuu
ilaalchise
* misooma mana barumsaa keessatti hirmaachisuufa‟a akka yaada ka‟uumsatti
fudhachuu ni dandeessu.
138

Sample output to test PDF Combine only


Gilgaala 4.4

Gaaffilee armaan gadiitiif deebii sirrii kenni.


1. Bulchiinsa gaarii jechuun maali?
2. Utubaalee yookiin qajeelfama bulchiinsa gaarii shan tarreessi.
3. Dhaabbilee hawaasaa:
A. Sadarkaa Feederaalaatti argaman afur
B. Sadarkaa Naannootti argaman afur
C. Sadarkaa Aanaatti argaman afur barreessi.

Gilgaala Xumuraa

A. Himoota armaan gadii Dhugaa yookiin Soba jechuun deebisi.

1. Tokkoon tokkoo hariiroo hawaasummaa kaayyoo mataa ofii qabu.


2. Manni barumsaa fakkeenya hariiroo hawaasummaati.
3. Barattoonni hariiroo hawaasummaa kan horatan erga barnoota xumuranii
booda.
4. Dhaabbileen hawaasummaa sadarkaa aanaatti jiran baay‟inaan Biiroo jedhamu.
5. Gaheen hojii Ministeera Barnootaa hojii barnootaa karoorsuu, hordofuu fi
raawwaii isaa madaaludha.
6. Gaheen hojii Biiroo Qonnaa misooma fayyaa karoorsuu, hordofuu fi raawwii
isaa madaaludha.

139

Sample output to test PDF Combine only


B. Himoota armaan gadiif qubee deebii sirrii qabu filachuun deebisi.

1. Sonaawwan hawaasummaa eessaa baratama?


A. Hawaasa naannoorraa C. Jireenya dhuunfaarraa
B. Mana barumsaarraa D. Hundinuu deebiidha
2. Nama umurii, saalaa fi gosaan osoo adda hin baasiin tajaajiluun maal agarsiisa?
A. Haqummaa C. Amanamummaa
B. Walqixummaa D. Namummaa
3. Hojii manaa kenname yeroon hojjachuun maal agarsiisa?
A. Heeraa fi seeraan buluu C. Dirqama ofii bahuu
B. Yeroo fi hojii kabajuu D. Hunduu deebiidha.

4. Waliiyaaduu fi walkabajuun maal mul‟isa?


A. Nageenya C. Waldanda‟uu
B. Namummaa D. Hundinuu deebiidha
5. Karaalee bulchiinsa gaariin ittiin ibsamu kami?
A. Odeeffannoo walabaa kennuu B. Faayidaa dhuunfaa dursuu
C. Aangoo itti fayyadamuun fira gargaaruu D. Hojii iccitiin hojjachuu

140

Sample output to test PDF Combine only

You might also like