Attachment

You might also like

Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 2

Guyyaa 13/05/2016

Waajjira Lafaa Godina Shawaa Kibba Lixaatiif

Waliso

Dhimmi: Iyyata Dorgommii Jijjiiraa Ergisaa Galfachuu Ilaala.


Akkuma armaan olitti ibsamuuf yaalametti ani Obboo Alamaayyoo Rafeeraa
kanan jedhamu, ogeessa Waajjira Lafaa Aanaa Ammayyaa kanan ta'e, gitoota hojii
jijjiirraa ergisaatiif akka Waajjira keessaniitti bahe keessaa Waamamaa Gita hojii:
Ogeessa Hordoffii fi Too’annoo Waliigaltee Dabarsa Lafaa III, Koodii gita hojii:
----, Lakk./Eenyummaa Gita: hojii 21/GXX-32, fi Sadarkaa gita hojii: XII irratti
fedha kootiin dorgomuuf iyyachuu kiyyan kabajaan isin beeksisa.

Nagaa Wajjin.

Guyyaa 02/07/2016
Waajjiara Bulchiinsa Aanaa Walisootiif

Waliso

Dhimmi: Jijjiirraan Akka Na Fudhattanu Gaafachuu Ilaala.

Akkuma armaan olitti ibsamuuf yaalametti ani Alamaayyoo Rafeeraa kanan


jedhamu ogeessa Waajjira Lafaa Aanaa Ammayyaa kanan ta'e, sababa rakkoon
nageenyaa kanneen akka doorsisa ajjeechaa lubbuu, ugguraa fi gaaffii maallaqaa
fi kkf yeroon ani barumsaaf jedhee osoon hojii hoggansaa hojjedhuu deemetti,
maatii kiyya mudateef qaamoleen adda addaa deeggarsa naaf taasisuun haati
manaa kiyya Anaa kanatti barsiisummaadhaan jijjiiramtee akka hojjettu taatee
jirti. Haaluma kanaan anis yeroo ammaa kana barumsa kiyya xumuree Waajjira
Lafaa Aanaa Ammayyaatti gita hojii Adeemsa qophii lafaa fi deebisanii misoomsuu
irratti ramadamee mindaa gitichaaf eeyyamame irratti gulantaan tokko kan
barnootaa naaf hojjetame fayyadamaa teessoo kiyya Magaalaa Walisoo
godhadhee deddeebi'een hojjechaa jira. Haata'u malee ammas rakkoon
nageenyaa kun waan hin tasgabboofneef deddeebi'ee hojjechuun kun dhiibbaa
kanneen akka miidhama qaamaa fi lubbuu, qabeenyaa fi maatii irraa ugguramuu
narraan geessisuu waan danda'uuf gama keessaniin rakkkoo kiyya kana naaf
hubattanii deeggarsa barbaachisaa ta'e naaf gochuun jijjiirraadhaan akka na
fudhattanun kabajaan isin gaafadha.

Nagaa Wajjin!

You might also like