Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 1

duri-durii tana me Obsaan dubbisaa waan guddoo irraa barattanii!

======================================================================

durii akka jedhanitti Jaldeessa lamatti waliin jiraachaa ture jedhan. jaldeessi kun tokko ilmee dhalee
qaba. jennaan duuba laftii akka malee bonaa waan nyaatan dhabani baay'ee beelan. Jaldeessa ilmee
qabu kana ilmeen isaalleen guddoo beeloftee harkatti gabbachuu(du'uu) geette. adoo danqaraa(raasaa)
keessa yaawani wa suqunatanuu jaldeessi innii ilmee hin qabnee kaan dhaddacha dheeraa tokkotti ol
koree taaye. Jennaani kha ilmee qabu kaan abuyyoon maan arguuti jirta jedhe ka dhaddacha fiixee taa'u
kaan gaafate. jennaani hunda gaara suniitti midhaan Asheedaa ka amma muraa gaye arguutti jira
jedheen.

dhara moo dhugaa hin jennee kha ilmee qabu kaan fiigee dhaqe. Achiini bayee omaa dhabee deebi'e
abuyyoon ma akkana na goota jedhee gaafate. jennaan sobaaniti Kooti yo feete atuu oli korii ilaali
jedheen. innilleen oli koree ilaale omaa arguu dadhabe jennaan abuyyoon omaa natti hin mullatani
meeti jedheen. jennaan bittaa sitti oosisaaf beelofte arguu dadhabde malee hundaa dhakaacha suniiti
jedhen. Jaldeessi kuni garuu midhaan adoo hin taane Sareelee baay'ee gaaddisa dhakaa kanaa jala
boqotani argee ture malee midhaan Asheedatiiniti.

Jaldeessi ilmee qabu kaan garaan dhalaa teessisu dinnaan ammallee fiigee dhaqe. Yoo inni utaalee
achiin ba'e Sareelen taan itti baafattee marsitee jennaan ilmee dura buusee baqate. Gadii deebi'ee
abuyyoon maalif akkana na goota jedhee Jaldeessa kaan gaafate. Jennaan Jaldeessi kaan bittaa sitti
kalee nu warra kaanin wal dhamnaan dubbii naa qabachuu diddee tanaaf haaloo sirratti ba'ee jedheen.

Jennaani duuba jaldeessi kaan fuluma taa'utti Mukatti jibsate akkana jedhe jedhani "dhala dhalaani
beeki, dhaloota keetiini beeki, garaa dhalaa kha haatetitiin beeki, garaa beelaa kankeetiin beeki, beela
ilmaani ta ofi dhalteeni beeki, garaa aayyatti na nyaatee waaqa ati naaf beeki" jedhe imimmaani buuse
boo'e jedhan.

Adoo aguu hin turini Sareelen taani ilmee isaa nyaattee fixattee jennaan isallee faana dhoofte jaldeessa
kaan kha fiixee mukaa taa'u jalaan gadi yaate. jaldeessi ilmee irraa fudhatani kaan biraa baqate. jaldeessi
kaan kha fiixee mukaa taa'u nayee muka irraa ofi kaayee cabee Sareelen taan qabdee jennaan innilleen
akkana jedhe jedhan "hamaa garaa dhalaa hammeennatti na tolchee, hamtuu ani hojjadheef hardha
hamaan na koblee, garaa aayyaa milluu teeti na nyaatee beeni" jedhee boo'e jedhan.

asirraa akka waan guddoo barattani abdii qaba. aga jirtu Obboleessa ke waan hamtuun hin barbaadini.
hamuullee itti hin yaadini. waan ufii kankeeti yaaddu beetta malee waan Waaqi siif yaadu hin beettu
waan ta'eef!!

@Horaa Bulaa!

You might also like