Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 39

Boqonnaa Tokko: Hiikaa Dhahaa Haala Waligalaan

Dhaha

Dhahi duudhaa hawaasaa jalatti hammatama. sirna lakkoofsa baraa beekumsa olaanaa gaafatu
kandhalli namaa addunyaa kanarratti Urjii, Ji‟afi Biiftuu irratti hundaa‟uun uummatee jiruufi
jireenya isaa ittiin too’ataafi gaggeeffataa tureefi jiruudha. Haaluma kanaan, toorri intarneetii
http://www.canadatop.com/article/Calender maalummaa kaalandarii yeroo ibsu, “A calender is a
system of organizing days, weeks, months and years. The name given to each day is known as a
date. Periods in a calender (such as years and months) are usually though not necessarily
correspond with the cycles of some astronomical phenomenon, such as the cycle of the sun, or
the moon,” Jedha.

Yaadrimeen waraabbii kanaas, dhahi mala guyyoonni, torbeen, ji‟iifi barri qindoominaan ittiin
ibsaman ta‟ee, haalli heddannaa isaas marsaa ji‟aa/addeessaa yookaan biiftuu irratti kan
hundaa‟u qabaata. Bu‟uurri hedannaa marsaa jireenyaa adda addummaa ijoo murni hawaasa
tokkoo beekumsaa natoo/indigineous knowledge fi haala jiruufi jireenyasaa ji‟aafi biiftuu irratti
hundaa‟u qabuun ummateedha. Dhaha haala kanaan uumamee yeroo gara yerootti beekumsa
baraa ida‟achuun guddataa dhufaniifi biyyoota addunyaa baay‟eef ka‟umsa ta‟anii tajaajila
biyyaalessaa kennaa jiran gurguddoo keessaa kan Hinduu, Maayaafi Chaayinaa niheeramu
Asmarom (1973:180).

Seenaa Dhaha Addunyaa

Biyyoonni addunyaa jiruufi jireenya isaanii gaggeessuu keessatti dhaha hingargaaramne


hinjiran.Biyyoonni tokko tokko kalaqanii gariin ammoo, kan biyyoonni biroo kalaqan
gargaaramu. Akka seenaan dhaha addunyaa himutti, dhahi bu‟aa yaalii worra dhaha
himanni/astronomers, abbootii amantiifi hayyoota herreegaati. seenaa dhahaa keessatti yaalii
dhaha dhooftonni, luboonniifi hayyoonni herreegaa biiftuufi ji‟a irratti hundaa‟anii dhaha
guyyaa hanga woggaatti walsimsiisuun himan salphaa miti.

dhaha dhooftonni kutaa hawaasaa keessaa kanneen akka dhaha dhooftuu/astronomers,


luboota/priest,fi hayyoota herreegaa/mathimaticians fa’i. Dabalataanis, dhaha dhooftonni
kunneen dhaha dhahuuf kanneen gargaaraman keessaa biiftuufi ji‟a bu‟uura taasifachuudha.
Seenaa dhaha addunyaa keessatti dhaha duudhawaafi beekumsa ammayaa malee yeroo bifa
ibsuu danda‟uun kalaqanii itti gargaaramaniifi tursan keessaa kan biyyoota muraasaa bal‟inaan
yoo kaafaman nidhaga‟ama.

Biyyoonni seenaan dhaha isaanii ka‟an kanniin keessaas: Chaayinaa, Hinduufi maayaan
niheeramu. Qorannoo yeroo gara yerootti finiinaa dhufeenis dhahi Oromoo, akka dhaha biyyoota
kanniinii dursee qoratamuu baatuyyuu akkuma dhaha biyyoota ibsamanii aslummaafi
sirrummaan isaa mirkanaa‟aa tureera. Haalli dhaha biyyoota ibsamanii kan Oromootiin gama
hedduun walfakkeenya kan qaban ta’uu heeruuf, dhaha Chaayinaa akka fakkeenyaatti ilaaluun
nidanda’ama.

Dhaha Chaayinaa

Akka ragaan toora interneetii, http://en.wikipedia.org/wiki/Chinese_calendarjedhu iraa argame


ibsutti, chaayinaan dhaha akaakuu lama gargaaramti:dhaha worra Girigooriyaanii, kan bulchiinsa
biyyaafi daldalaaf itti gargaaraman; dhaha duudhawaa Chaayinootaan biiftuu, ji‟aafi
urjii(Jupitar) irratti hundaan kalaqameefi tajaajila amantiifi qonnaaf itti gargaaramaa, hiree
gaariifi yaraa dhalachuu daa‟immaniifi du‟aa illee kan ittiin laalataafi jireenya qajeelfataa
jirtuudha. Haala kanaan, dhahi duudhawaan biyyattiin kalaqxes ji‟oota 12 kan qabuufi woggaan
giddugaleessaan guyyoota 355 kan qabuufi ji‟a sirreesituu guyyoota woggaa tokkoo, kan wolitti
ji‟a 13 taasistuufi dhaha biyya Hebruutiin walfakkaatu qabdi. Ji‟i 13ffaan, hanaga addeessa
haaraa woggaatti ji‟a 11ffaatii hanga ji‟a 11ffaa marsee dhufuutti mul‟attuu lakkaa„uudhaan yoo
si‟a 13 mul‟atte murtaa‟a. Akkaataa hedannaa bara isaanii kanaan, ji‟i jalqabaa guyyaa
ji‟i/addeessi mul‟atte jalqaba jechuudha.

Akkasumas, Akka hedannaa Chaayinaatti torbee guyyoota kudhan kudhaniin bakka saditti kurna
jalqabaan, Up Xun, kurna itti aanuun, Middle Xun fi kurna dhumaatiin Down Xun jechuun
moggaasanii akka ji‟i tokko Xun 3qabaatutti hedatu. Haaluma wolfakkaatuun, akka ragaan toora
interneetii ibsame kun argisiisutti, “Unlike most other calendars, the Chinese calendar does not
count years in an infinite sequence. Instead years have names that are repeated every 60 years,
corresponding to five repeats of the Chinese zodiac cycle of 12 animals (in sequence they are:
rat, ox, tiger, hare, dragon, snake, horse, sheep, monkey, rooster, dog, pig) jechuun maqaan
ji‟oottaniis kan bineensotaa irraa moggaafamuu ibsa.Kunis, ji‟oonni woggaa dhaha Chaayinaa
maqaa bineensotaa:Hantuuta, Qotiyyoo, Qeerransa, Illeettii, Dragon/kan akka Lootuu abidda
afuura baafatuufi kochoo qabu,Bofa, Farda, Hoolaa, Jaldeessa, Kormaa Handaaqqoo, Sareefi
Booyyeen jedhamuun akkaataa gabatee kanaan ibsamu.

Zi Chou Yin Mao Chen Si Wu Wei Shen You Xu Hai


1 2 3 4 5 6 7 8 9 10 11 12
rat ox tiger hare dragon snak horse sheep monkey fowl dog pig
e
Gabatee – maqaa bineeldotaa ji’oota Chaayinaaf Moggaafaman

Bifuma wolfakkaatuun waggaafi moggaasni hanga waggaa 60 tti kan kennamu ta’ee waggaa
jaatama jaatamaan kan irra deebi’an ta’uu ibsama. Gama biraanis, waktiin walqabatee, akka
dhaha duudhawaa isaanii kanaatti, waktiilee yoo ibsan ji’oottan boca ji‟aa irratti hundaa’uun
bineeldota, bu’aa beeyiladaa, bifa, kuduraafi muduraa, nama(korniyaan), adamoofi kkf ji‟aan
walitti dabaluun moggaasuu argisiisa.

Bu’uura Dhaha Addunyaa

Dhahi addunyaa ijoowwan hedannaa yeroo irratti bu‟uureffate qaba. Akka ragaan toora
interneetiihttp://en.wikipedia.org/wiki/Gregorian_calendar#Beginning_of_the_yearhttp://astro.n
msu.edu/~lhuber/leaphist.html jedhu irraa argame ibsutti, bu‟uurri hedannaa yeroo addunyaa
kunneen sa’atii, guyyaa, torbee, ji‟a, baraafi barkumeefaadha. Haala hedannaafi moggaasa
adeemsa hedannaa keessatti guyyoota, torbee, ji‟a, baraafi kkf kennaman gara garaas akka
hedannaa yeroo biyyoota hedannaan fakkeenyummaa qabanii nika‟a. Akkuma haalli hedannaa
Chaayinaa olii ibsu, haala hedannaa guyyoottan warra Hinduu kaasuun yaadrimee moggaasafi
maqaalee ji’aa ilaaluun barbaachisaadha. Kunis, haala moggaasaafi hariiroo maqaan guyyoota
Oromoo qaban caalatti hubachuuf gargaara.

Akka maddoonni tokko tokko jedhanitti, ka’umsi hedannaa yeroo sadarkaa xiqqaatti sekondiitii
hanga saa’atiitti jiru ta’ee, yoosadarkaan olguddatu ammoo, guyyoota, ji‟ootaafi woggoota akka
ta’an ibsa. Gama biroon ammoo, bu’uura hedannaa yeroo lakkoofsa guyyoottan ji’aa torbee
keessatti bakka afuritti qooduunkan hedatamu ta’uutu mul‟ata.
Akkaataa lakkoofsi guyyoota ji’aa torban keessatti guyyaa torba torbaan itti qoodaman kana
ilaalchisee, “In Christendom, as in Judaism and Islam, the seven-day cycle of days of the week
marks thebasic period of work, rest and communal worship. In the Bible, the Creation of the
worldtakes six days, and God rests on the seventh,” jedha.Yaanni kunis, akka hedannaa warra
Kiristendom amantii Judistootaafi Musliimotaatti, guyyoonni torbanii torban kan marsaniifi
guyyoonni jaha kan hojii, guyyaan dhumaa ammoo, akka guyyaa boqonnaatti kan fudhatamu
ta’uu ibsa. Kunis, Baabiloonota irraa kan fudhatame ta’ee, macaafa qulqulluu keessatti waaqayyo
uumama addunyaa uumuuf guyyoota jaha kan itti fudhateefi torbaffaatti kan aara galfate ta’uu
isaa addeessa.Haala kanaan, akkaataa guyyoonni torbanii maqaa itti argatanis ilaalchisee urjiilee,
addeessiifi biiftuun kan giddugaleeffataman ta’uutu ibsama.

Kanaan, walqabatee Toorri interneetii http://www.bdlrl.com/David (1998)wabeefchuun haala


moggaasa maqaalee yoo ibsu, “The planet which ruled the first hour of the day was taken to rule
the whole day, and this gave rise to a seven-day cycle. The Romans began to name each day
afterits ruling planet: Saturn’s day, the Sun’s day, the Moon’s day, Mars’s day, Mercury’s day,
Jupiter’s day, Venus’s day. In the Romance languages, the connection is still evident. In French,
for example, Monday to Friday become lundi, mardi, mercredi, jeudi, vendredi. In the Germanic
languages, the names of the Norse gods Tiu, Woden, Thor and Freya replaced Mars, Mercury,
Jupiter and Venus,” jedha.

Kunis guyyoonni torbanii pilaaleetii saa’atii guyyaa tokkoo dursu akka guyyata torbees dursu
ta’ee fudhatame. Haala kanaan, Roomaanonni pilaaneetti kanaan dursuun guyyaa Satarnii (Satn’s
day), Guyyaa Aduu(the Sun’s day), Guyyaa Ji’aa(the Moon’s day), Guyyaa Maarsii(the Mars’s
day), Guyyaa Meerkurii(the Merkury’s day). Guyyaa Juppiitaraa (the Jupitar’s day)fi Guyyaa
Veenuus(the Venus’s day) jedhanii moggaasa afaan isaaniin hidhata qabu kennaniif. Gama
biroonis, biyya Fansaayitti guyyoonni Wiixataa hanga Jimaataati jiran: Lundii, Mardii,
Merciredii, Je’udiifi Vendiredii akka jedhaman ibsa. Kanamalees, guyyoonni kan Roomaa
keessatti pilaaneettota: Maarsii, Meerkurii, Juppitariifi Veenusii jedhamuun ibsaman, afaan
Jarmaniitiin maqaalee waaqota „Norse‟jedhamanii beekkaman: Tiu, Woden, Thor fi Freya
jedhaman bakka bu’amanii akka waamaman addeessa. Kana irraas wanti hubatamu, guyyoonni
torbee pilaaneettota torban irratti hundaa’uun afaan gara garaan moggaasa kan argatan ta’uusaati.

Akaakuu Dhaha Addunyaa


Akaakuun dhahaa, seenaa hedannaa dhaha addunyaa keessatti kanneen biyyoonni adda addaa
irratti hundaa’uun yookiin qabata taasifachuun bara itti lakaa’an jechuudha. Haala kanaan, akka
ragaan toora interneetii, http://www.math.sfu.ca/histmath/calendars/gregorian.html irraa argame
ibsutti, akaakuun dhaha addunyaa gurguddoon afur: Ji‟a, Biiftuu, Ji‟aafi Biiftuu, Urjiilee.
Kanniini, fakkeenyaan deeggaruun tokko tokkoon gaditti dhiyaataniiru.

Ji’a (Lunar)

Akaakuu hedannaa dhaha addunyaa keessaa tokko dhaha ji‟a yookiin addeessa irratti
hundaa‟uunkan hedamuudha.Kunis, akka toorri interneetiihttp://www.bdlrl.com/ibsutti, dhahi
duudhawaan biyyoota baay‟ee bocaafi haala mul‟achuufi guddataa deemuu; akkasumas,
xiqqaachaafi dhabamaa deemuu ji‟aa irratti hundaa‟uun guyyaa lakkaawuu halkan irraa
eegalaniidha.Haaluma wolfakkaatuun, David (1998), haala boca ji‟aa irratti hundaa‟uun
hedamuu dhahaa yoo eeru, “The lunar month is measured by the phases of the Moon - New
Moon, First Quarter, Full Moon, Last Quarter, and New Moon again. It is 29.5305888531 days
long, but getting longer by a little less than a fiftieth of a second per century,”jedha.Yaada kana
irraas kan hubatamu, ji’i (month) kan hedamu boca ji‟aa(Moon) irratti hundaa‟uun ta‟ee, ji‟a
haaraa(kan reefu baatu), walakkeessa jalqaba ji‟aa, Goobana ji‟aafi walakkeessa dhuma ji‟aa
jechuun hedamee hanga marsaa duraa ji‟a haaraatti deebi‟uutti, giddugaleessaan guyyoota 29.5
kan fudhatu ta’uu addeessa. Kana irraas, ji’i tokko guyyoota 29.5 Kan qabaachuu danda’u ta’uufi
guyyoota kanniin heduuf haalli ji‟aa murteessaa ta’uutu hubatama.

Haaluma walfakkaatuun, toorri interneetii http://www.bdlrl.com/biyyoota ji’arratti hundaa’uun


dhaha dhahatan, “Lunar calendars were developed by the ancient China, Hebrews, Romans,
Celts and Germans. The Islamic calendar is the major lunar calendar in use today,” jechuun
tarreessa.Akkuma yaada kanarraa hubatamu, biyyoonni akka Chaayinaa durii, Hibruu, Roomaa,
Seeltisiifi Jarmaniifaa akka ji‟a irratti dhaha dhahachuu kan hundeeffataniifi itti gargaaramaa
jiran ta’uu addeessa.

Biiftuu (Solar)

Akaakuu hedannaa baraa /dhahaa addunyaa keessaa tokko kan biiftuu irratti hundaa‟u.
Biyyoonni addunyaa biiftuu irratti hundaa‟uun dhaha dhahatanis baay‟ee akka ta‟an ragaaleen
dhahaan walqabatan niaddeessu. Dhaha addunyaa sirna biiftuu gargaaraman keessaa tokko dhaha
Girigooriyaaniiti., dhahi Girigooriyaanii nama Pooppi Girigoorii 13ffaa bara 1502 hanaga 1585
ALAtti jiraateefi dursaa abbaa dhaha kanaa ta‟e Biiftuu irratti kan hundaa‟uufi bal‟inaan
biyyoota addunyaaf tajaajilaa jiru ta‟uutu hubatama. Haaluma wolfakkaatuun sirnoota dhahaa
Mayaa durii qabdu keessaa kan caalaattti itti maayii ba‟aniifi Haab, Tzlkin fi Long Count
jedhaman Biiftuu irratti kan hundaa‟an akka ta‟anitti beekkamu.

Toorri interneetii http://spaghettiboxkids.com/blog/mayan-numbers-for-kids/ jedhus yaada kana


akkataa armaan gadiin ibsa. “ Like many ancient societies, the Classic Maya charted time
according to cycles they observed in the world around them. However, instead of just one
calendar, the Maya had asmany as nine! Each calendar served a different, but critical, function in
Mayasociety. The most important of these were the Haab, the Tzolkin, and the “Long
Count”calendars. The Haab (pron. hob) was a 365 day solar calendar consisting of 18 “months”
madeup of20 days each (18 X 20 = 360), plus a “month” of five remaining days known as the
Wayebor “nameless days.”

Akka yaada waraabbii kanaatti, Maayaan akkuma hawaasa durii wantoota nannawa isaanitti
hubatan irratti hundaa’uun marsaa yeroo hedataa turan. Sirna dhahaa 9 kanneen tajaajiloota adda
addaaf oolan keessaa Haab, Zolkiin/Tzolkin,fi Lakkoofsa Dheeraa/Long Count jedhaman adda.
Dhaha sadan keessaas, dhahi Haab jedhamu Biiftuu irratti kan hundaa‟u ta‟ee, ji‟oota 18fi
guyyoota 20(18*20=360)fi dabalataan guyyoota maqaa hinqabne shan kanneen akka ji’aatti
ilaalamaniifi Wayeeb jedhaman qaba. Yaada kana irraa wanti guddaan hubatamu, dhahi Mayaa
akkuma biyyoota biro haala Biiftuu irratti hundaa’uun kan hedamu jiraachuudha.Haaluma
walfakkaatuun, dhahi warra Gibxiifi dhahi Itoophiyaa, kan Gibxirraa akka fudhametti ilaalamu
haala biiftuurratti hundaa’uun kan hedamudha.

Ji’aafi Biiftuu (Luni-Solar)

Akaakuun dhaha addunyaa kan biroo haala Ji’aafi Biiftuu walfaana ilaaluun kan dhaha
hedamuu/dhahamuudha. Biyyoonni addunyaa gariin dhaha adda addaa waan gargaaramaniif
akaakuun dhaha isaanii gariin tokko; gariin ammoo, lamaan ibsaman kanniin walfaana
gargaaramuun dhaha dhahatu.Haala kanaan ragaan toora interneetii,
http://en.wikipedia.org/wiki/Chinese_calendar akka hubachiisutti, “The Gregorian calendar is
used in the Peoples‟ Republic of China for administrative and commercial purposes but the
traditional Chinese calendar, which is a luni-solar calendar, is used for religious purposes and for
agriculture,” jedha. Kana irraas wanti hubatamu, Chaayinaatti dhahi lama:kan Girigooriyaaniifi
kan duudhawaatu tajaajila kenna.

Dhahi Girigooriyaanii dhimma bulchiinsaafi daldalaaf kan oolu yoo ta‟u, dhahi Duudhawaa
ammoo, dhimmaa amantiifi qonnaaf oola.Akaakuun dhahaan yoo ilaalaman garuu, dhahi duraa
Biiftuu irratti kan hundaa‟u yoo ta‟u, kan lammataa(Duudhawaan) Biiftuufi Ji‟a walbira ilaaluun
kan hedatamuudha. Kanaaf, dhahi Duudhawaa Chaayinaa Biiftuufi Ji‟a walbira ilaaluun
hedatamu waan ta‟eef, akaakuu dhahaa Biiftuufi Ji‟a giddugaleeffachuun hedamu jalatti
ramadama jechuudha. Haaluma walfakkaatuun, ragaan toora interneetii ibsame irraa argame
akka ibsutti, Giriikonni duriis akaakuu dhahaa kana kan gargaaraman ta‟uu akkaataa itti aanu
kanaan ibsa. “The fact that lunar calendars do not keep pace with the passage of the seasons has
beenregarded as a disadvantage. To overcome this many societies have a adopted a hybrid luni-
solar calendar. These are lunar calendars which use various devices to bridge the missing 11.25
days so that the calendar year ends up close in length to the tropical 40 year; the year of the
seasons. For example, the ancient Greeks used a lunar calendar of 354 days adding an extra 90
days every 8 years. This was calculated on the basis that11¼ x 8 = 90 days.”

Yaadni waraabbii kanaas, akaakuun dhahaa Ji‟a irratti hundaa‟u waktiin walbira qabamee yoo
ilaalamu lakkoosi guyyoota ji‟aa garaagarummaa waan uumaniif hangi guyyoota ji‟oota
waktiilee dhaabbataa/walfakkaataa miti. Hawaasni addunyaa adda addaas guyyootan 11.25
hir’attu kana sirreessuuf jecha haala Biiftuufi haala Ji‟a walitti makuun dhaha dhahatu. Kanaaf
dhahi Giriikonni durii Ji‟arratti hundaa‟uun guyyoota woggaa 354 jechuun jechuun guyyoota 90
waggaa 8titti dabaluun dhahatan fakkeenya ta’a jechuudha.

Buusaa/Sidereal

Akaakuu dhaha addunyaa keessaa kan biraa dhaha buusan irratti hundaa‟u.
Buusan/Siderealgaree urjiilee wayita samiin qulqullaa’u walitti rukkistee/baay‟attee mul‟atuuti.
Ummattoonni durii biyyoota adda addaas rukkee urjiilee kana ilaaluun dhaha hedataa kan
turaniifi hedataa jiran ta’uu ragaan toora interneetii irraa argame gadii ni‟ibsa. “Probably all
societies have devised constellations, patterns that help people make sense of the starry sky,
often reflecting their mythologies. Modern-day astronomy recognises 88 official constellations
that together tile the entire celestial sphere. Many of those in the northern part of the sky are
inherited from Babylonian, Greek and Arabic civilisations.As the Earth orbits the Sun, different
constellations of stars come to dominate the night sky at different times of the year. This must
have been noted by ancient people and indeed the ancient Egyptians, Greeks and Babylonians
constructed sidereal calendarsbased on the movement of the stars.”

Waraabbiin toora interneetii kunis, yaadrimee kutaan hawaasaa baay‟een boca rukkeen urjiilee
samii irratti uumtu ilaaluun hiika lakkoofsa yeroo itti kennu. Dhaha dhooftuun ammayyaa
har’aas, urjiileen 88 samii irratti roga uumuu isaanii ifatti himaa jiru.Haala kanaan, urjiileen
baay’een gama kaabaan samii irra jiran qaroomina Gibxootaa, Baabiloonotaa, Giriikiifi
Arabootaa irraa fudhataman. Akkuma lafti biiftuutti naannoftuun rukkeen urjiilee roga uumuun
waggoota baay’ee halkan samii irratti baay’attee mul’atti.

Dhahi biyyoota olitti ibsamaniis kana irratti hundaa‟uun kan uumame ta‟uu akka hinoolle
ibsa.Kana jechuun, dhahi roga urjiileen rukkattee samii irratti halkan mul‟attu irratti hundaa‟uun
biyyoonni addunyaa dhaha dhahachaa turuufi haalli Buusan ilaaluun dhaha dhahuu kun
saayinsiin illee kan deeggarame ta’uun hubatamuu qaba.

Seenaa Dhaha Oromoo

Dhahi Oromoo bu’aa beekumsaa, qaroominaafi falaasama Oromoo kan gareen hawaasa Oromoo
muraasni (ayyaantuun) haala teessuma urjiifi ji’aa irratti hundaa’uun marsaa jireenya baraa ittiin
lakkaa’uufi jiruufi jireenya oromoo ittiin gaggeessuuf qalaqan.Adeemsa hedannaa marsaa
oromoo keessatti kanneen hedaman guyyaa, ji‟aa,baraafi marsaa gadaafaa akka ta‟an
Jaatanii(2014:108), “Kalaandera jechuun sirna guyyaafi ji‟oota waggaa ittiin hedatan ykn
lakkaa‟an yoo ta‟u, akka aadaa Booranaatti sirni calaanderaa kun kan adeemsa aduu irratti
hundaa’uuniti”jechuun ibsa. Kana jechuun dhahi Oromoo kan namoonni beekumsa waaqaan
dhangi‟amanii hubannoofi muxannoo yeroo dheeraa keessa argataniin walitti fiduun
uumaniidha. Dhahi Oromoo wanna waaqaa bu‟e akka hintaaneefi qorannoo namoota hedduufi
beekumsa Oromoo bara dheeraa abboota Oromoo irraa madde.Haala kanaan, Dhahi Oromoo
argama abboota keenyaa bu‟aa muxannoofi hubannoo adeemsa keessaan argameeti.

Akaakuu Dhaha Oromoo


Dhahi addunyaa akaakuu dhahaa adda addaa kan hordofu ta‟uun beekamaadha.Akkuma dhaha
addunyaa jalatti ibsame akaakuun dhahaa: Biiftuu(Solar), Ji‟a(Lunar), Biiftuufi Ji‟a(Luni
Solar)fi Buusan(Sidereal) akka ta‟an ibasameera.Haata‟u malee, dhahi Oromoo ji‟a, urjiileefi
bakkalcha bu‟uureffata. Kanaaf, Dhaha Oromootiin walqabatee akka ragaan toorri interneetii,
Wikipedianavigation jedhurraa argame maalummaa dhaha Oromoo ibsutti,“Dhaha Oromoo
lakkaa'uun kan danda'amu akkaataa jiini/addeessi, urjiinifi bakkalchi itti bahuufi lixu irratti
hundaa'a. Karaa gama biraa dhaha lakkaa'uuf, bahuu, lixuu (seenuu), guddina ji'aa ilaaluun,
bakka teessumaafi mul'ina urjiilee, akkasumas, jijjiirama bakka teessuma isaaniifi bakka
teessuma bakkalchaa hordofuun isaan beekamoodha,”jedha.

Akkuma dhaha biyyoota addunyaa olitti ibsamanii dhahi Oromoons Ji‟a, urjiifi bakkalcha irratti
kan hundaa‟u ta‟uudha.Akka Boonsammoo (2009:163),“Dhaha yeroo dhahan hangafa dhaha
kan ta‟e “Hinnikkaa” barbaadu. Teessumni isaa urjii bakkalchaa, buusan, lamiifi ji‟atu toora
tokko irratti mul‟ata,” jedha.Yaada kana irraas, dhahi Oromoo haala taa‟umsa urjii bakkalchaa,
buusan, lamiifi ji‟aa ilaaluu irratti kan xiyyeeffatu tu‟uu hubanna.Bu‟uura kanaan, akaakuu
dhaha Oromoo akaakuuwwan dhaha addunyaa woliin yoo ilaallu Urjiileefi ji‟a irratti hundaa‟a
waan ta‟eef makaa Ji‟aafi Buusani(Luni-Sidereal) ta‟a jechuudha.

Bu’uura Moggaasa Dhaha Oromoo

Bu‟uurri moggaasa dhahaa qaama dhaha bu‟uuresse yookiin uume yookiin beeku kan
giddugaleeffateedha. Haala kanaan, bu‟uurri dhaha Oromoos qaalluu yookaan ayyaantuudha.
Akka Jamjam&Dhaddacha(2011:323),“The time reckining in the Gujii society is administered
byAyyaantuu(astronomer)who make up an organ in the Gada System,”jechuun ibsutti,
Ayyaantuun gahee hedannaa marsaa waggaa/Dhahaa qabaachuu ifoomsa.Haaluma
wolfakkaatuun, Asmarom (1973),” in the Gada system, „Ayyantu‟ were individuals who were
past master of time reckoning,” jechuun bu‟uurri dhaha Oromoo Ayyaantuu akka ta‟e
ifoomsa.Akkasumas, Daaniyaa (6400/2006), “Dhahadhooftuun waa beekaa ayyaana guyyaafi
ayyaana yeroo dubbisuu danda‟uudha. Hayyuun kun waan darbe nimil‟ata; waan ammaa
ni‟arga; waan egerees nimil‟ata. Hayyuummaa kanas Waaqa biraa argate”jechuun bu‟uurri
dhaha Oromoo waabeekaa agarsiisa.Akkaataa amantaa, hubannaafi dhageettaa Oromootti
ammoo, waabeekaan ayyaantuu/qaalluudha. Waabeekaanis hayyummaa waa hunda beekuu
waaqa kennameetiin jiruufi jireenya Oromoo yeroon akeekuun gaggeessuu Woyyuu Oromooti.
Kanaaf, yaadota ibsaman kanniin bu‟uura taasifachuun bu‟uurri dhaha Oromoo
ayyaantuu/qaalluudha jechuun nidanda‟ama.

Fuulleffata Moggaasa Dhaha Oromoo

Fuulleffannaan moggaasa dhaha Oromoo caaccuulee dhahaa Oromoon yeroo qoqqoodee jiruufi
jireenya oromoo ittiin qajeelchaa tureefi jiru. Haala kanaan akkaataa Oromoon/qaalluun Oromoo
yeroo: guyyaa, torbee, ji‟a, tibba, woggaa, gadaafi daacciitti qoqqooduun jiruuf jireenya oromoo
qajeelchuu qaba.

Guyyaa

Akka hedannaa dhaha Oromootti, guyyaan hedannaa dhahaa sa’aatiin oliiti, kan guyyootni ji‟aan
qoodamuun maqaan ibsaman. Guyyoonni ji‟a tokko keessatti argamanis bakkaa bakkatti maqaafi
lakkoofsaafi tartiibaan gargar ta’anii ibsamu. Buura adda addummaa dhaha Oromoo guyyootaa
kanniinis dhaha Gujii, dhaha Booranaa, dhaha Arsii, dhaha Ituufi kanneen biroo hayyootaan
barreeffaman akka fakkeenyaatti fudhachuun nidanda‟ama. tarreen maqaalee ayyaanota ji‟aafi
baay‟inni ayyaanota ji‟aa haala gabatee gadiin ibsameera.

Ayyanota/Guyyoota Dhaha Oromoo


T/L Gujii Boorana Arsii Ituu waaqeffannaa waaqeffannaa

1 Salbaana deettii Areerii-duraa Hinnikkaa Bitoo Innikkaa Ruuda/ Innikkaa


2 Karaa bicha Areerii-balloo sonsa Taalbojii Sorsa sorsa

3 gardaaduma Adula-duraa Algaajimaa Buusan Algaajimaa Algaajima


4 Busaawaa-qaraa Adula-balloo arba Gooba- Arba Arba
jireessaa
5 Busawaa-jidduu Garba-duraa Bolqa/holqa Algaajima Walla walla
6 Busawaa-eegee Garba-ballaa Basa’aa-duraa waahila Basaa Carraa
7 Gidaadaa Garba- Basa‟a Irfii Basaa 2ffaa Gardaaduma
dullachaa Maandhaa
8 Ruuda Bitaa-qaraa carrawaa Basaa-duraa Caraawaa Sonsa

9 Areerii-badhoo Bitaa-ballaa Dureettii Basaa- Dureettii Gidaada


boodaa
10 Areerii-garbittii Sorsa Dullattii Carritta Dullattii Rubruma
11 Adulaa-qaraa Algaajima Bidirsa Qara Salbaan Lumaasa
salbaanaa
12 Adulaa-eegee Arba Salbaana dureettii Salbaan deettii Hariirii duraa
Deettii
13 Harrattuu Walla Karaabticha Dullattii Sugii Hariirii balloo
14 Deettii Basaa-duraa Gardaaduma Qardaaduma Gardaaduma Magantii jaarraa
15 Garba Basaa-ballaa Sorsa Kurbicha Buusaa Magantii biriitii
16 Bitaa-qara Maganatti- Ruruma Sorsa Rurruma Basaa duraa
caarraa
17 Bitaa-jidduu Maganatti- Lumaasa Rurruma Lumaasa Basaa balloo
jaarraa
18 Bitaa-eegee Magaanatti- Gidaada Sonsa Gidaadaa Bitaa duraa
biriitii
19 Soorsa Salbaana- Ruuda Lumaasaa Bal‟oo Bitaa balloo
duraa
20 Algaajima Salbaana- Areerii -duraa Qadaadana Ruudaa Adulaa duraa
ballaa
21 Arba Salbaana - Areerii- Areerii- Areerii Adulaa balloo
dullachaa maandhaa duraa
22 Bolla gardaaduma Adulaa Duraa Areerii- Areerii 2ffaa Salbaana duraa
balloo
23 Basaa-qara sonsa Aduula- Adulaa Aduulaa Salbaana balloo
maandhaa kormaa
24 Basaa-eegee ruruma Garba-qaraa Aduula- Aduulaa 2ffaa Salbaana dullachaa
jabbii
25 Carrawa Lumaasa Garba-deettii Arba - Qaraa Garba duraa
goobaa
26 Dureettii Gidaada Garba- Garba- Garbaa deettii Garba balloo
maandhaa deettii
27 Dullattii Ruuda Bitaa Garba- Bitaa Garba dullachaa
dullattii
28 Shalbaanabidirsaa Naannaa

29 Gaddarbaa

Xawalwaallaa

Sawarwaarraa

Gabatee - Baay’inaa fi tarree maqaa guyyoota ji’aa dhaha Oromoo bakka adda addaatti
Torbee

Torbeen qoodama guyyoota ji‟aati. Akka ragaan suursagalee Hassan, toora interneetii
www.gadaa.com/oromocalender.htmibsu irraa argameetti, dhaha Ituu giddugaleeffachuun
Oromoon guyyoota 28 qabachuu addeessa. Guyyoota kanniinis bakka afuritti qooduun torbee
afur qabaachuu ibsa. “Torbeen arfanis maqaa adda addaa kan qaban yoo ta’u, akkaataan
qoqqooddiis: Dhaloota (Bitoo, Taalbojii, Buusan, Gooba, jireessa, Algaajima, Wahila, Irfii= 8),
Addeessa (Basa duraa, Basa Boodaa, Carritta, Qara salbaanaa, Dureettii, Dullattii = 6),Goobana
(Qardaaduma, Kurbicha, Sonsa, Rurruma, Sonsa, Lumaasaa, Qadaadana=7)fiDukkana (Qara
areerii, Areerii bal’oo, Adulaa kormaa, Adulaa jabbii, Arba goobaa,Garba deettii, Garba dullattii
=7)” Akkaataa ragaa kana irraa hubatamuun, haalli qoqqooddii guyyootaa dhaha Oromoo haala
qoqqooddii dhaha biyyoota biroon walbira qabamee yoo ilaalamu adda addummaa
qabaachuusaati.Fakkeenyaaf, dhaha Habashaa waliin yoo ilaalamu, akka kan Habashaa guyyoota
lakkoofsaan walqixa qabaachuu dhabuufi torbee kan Habashaa keessatti lakkoofsaan ibsaman
maqaa itti moggaasuun dhaha dhahachuun kan Oromoo adda taasisa.

Ji’a

Ji‟i dhaha guyyootaa olitti ibsamu. Akka hedannaa dhaha Oromootti, waggaan tokko ji‟a kudha
lama qaba. Moggaasaan walqabatees akkuma garaa garummaa afaaniitti moggaafamuun ji‟oota
waggaa keessatti argamanii nijiraata. Haala kanaan, akkaataa moggaasa ji‟oota waggaa Oromoo
Gujiifi Booranaa akka fakkeenyaatti fudhachuun Oromoon ji‟oota woggaa 12 kan haala Ji‟aa
irrtti hundaa‟u qaba. Kanas, ji‟oottan 12 dhaha Gujii duraa duubaan: Hageyya, Birraa,
Onkoleessa, Sadaasa, Arraasaa, Qaamuu, Badheessa, Bitdotteessa, Caansaa,
Ella,WocabajjiifiAdoolessa jechuun ibsaniiru.Haalua wolfakkaatuun, ji‟oottan woggaa dhaha
Booranaa duraaduubaan: Abraasaa, Ammajjii, Gurandhala, Bittoteessa, Caamsaa, Buufaa,
Wacabajjii, Oborraa-guddaa, Oborraa-diqqaa, Birraa, Ciqqaafi Sadaasa.

Kanaaf, fakkeenya dhaha Oromoo ji‟aan wolqabatee Gujiifi Booranatti hedamu kana
giddigaleeffachuun, dhaha Oromoo bu‟uura ji‟aa qabaachuun nihubatama. Haata‟umalee,
bu‟uurri wolfakkeenyaafi adda addummaa moggaasa maqaalee ji‟aa dhaha Oromoo akkuma kan
guyyootaa dhimma qorannoo barbaadu ta‟a.

Waktii/Tibba
Waktiin/Tibbi bu‟uura hedannaa dhaha Oromoo tuuta ji‟aa of keessatti qabate. Oromoon Dhaha
duudhawaa kana hordofuunis jiruufi jireenya isaa qonnaafi horsiisa loonii irratti hundaa‟e
qajeelchaafi hogganaa jiraata. Hedannaa yeroo keessattis ji‟oonni waggaa waktiilee afuritti
qoodamuun kan ibsamu ta‟uun beekkamaadha. Haata‟umalee, haalli ji‟oonni waggaa waktiilee
jalatti itti qoodamaniifi moggaafaman; akkasumas, hangi ji‟aa waktii tokkoo akka Oromiyaatti
yoo ilaalame adda addummaa qabaachuun isaa nimul‟ata.Kanas, akkaataa
Jamjam&Dhaddacha(2011:326) waktiilee hedannaa dhaha Gujii ibsetti, waktiin Gujii ji‟oottan
hammatu woliin: Hagaya(Hagayafi Birraa), Bona (Onkoleessa, Sadaasa, Arraasaafi Qaamuu),
Ganna (Badheessa,Bitdotteessa,CaansaafiElla), Adoolessa (Adoolessafi Wocabajjii)dha.
Haaluma kanaan, akkaataan ji‟oonni waktiilee akka naannoo Oromiyaatti jiran waktiin itti
qoodamanis akeeka bu‟uura dhaha Oromoo kan birooti.

Akkataa qooddii ji‟aafi waktii kanas tarreen: Birraa (Fulbaana, Onkololeessaafi Sadaasa),
Bona(Mudde, Amajjiifi Guraandhala). Arfaasaa (BitootessaEblaafiCaamsaa), Ganna
(Waxabajjii, Adoolessaafi Hagaya) jedhaman ni‟argisiisan. Bu‟uura kanaan, tartiibni waktiileefi
baayinni ji‟oota waktiilee jalatti ramadamanii garaagarummaa qabaachuusaa hubachuun
nidanda‟ama.Qabanni addaa addummaa uumamees adda addummaa haala qilleensaa akka ta‟e
nihubatama.

Gadaa

Dhahi/ hedannaan yeroo Sirna Gadaa keessatti bakka guddaa qaba.Umriifi sadarkaan dhala
oromoo dhalootaa hanga jaarsummaatti Sirna Gadaa keessatti waggaa saddet saddeetiin maraa
guddataafi geeddaramaa deemuun to‟atama, qajeelas.Bu‟uura kanaan, gadaan tokko marsaa
gadaa shan kan waggaa saddet qabuun yoo hedamu waggaa afurtama ta‟a.
Jamjam&Dhadach(2011:333)yaduma kana yoo cimsu, “For the Oromo, time is also divided into
periods of eight years or Gadaa. A new Gadaa period starts and ends when a new generation
class, luba, enters the Gadaa grade. As has been stated earlier, the five successive goggeessa
patrilines are required to complete forty-year Gadaa cycle divided into five Gadaa grades, each
covering eight years,”jedha.

ummanni Oromoo dhaha/ yeroo waggaa saddet saddetiin qooduun haalla itti lakkawu
qabaachuufi gadaan tokko gogeessa/marsaa gadaa shan akka qabuu ni‟ifoomsa. Bu‟uura kanaan,
gadaan tokko waggaa afurtamaan kan hedamuufi luba tokko jedhamuu ibsuun yeroon/dhahi
gadaan walitti dhufeenya cimaa qabaachuu ibsa. Bifuma walfakkaatuun, Asmarom(91973).“ In
short the Gada system and the Oromo calendar were inseparable”, jechuun gadaan dhaha
Oromoon gargar ba‟ee kan hin ilaalamne ta‟uu addeessa. Kanamalees, toorri interneetii,
http://machatulama.net/, Oromummaa as Oromo National Culture, Identity and Ideology jedhus,
“Time is a very important concept in Gadaa and in Oromo life.

Gadaa itself can be narrowly defined as a given set of time (period) which groups of individuals
perform specific duties in a society” jedha.Yaanni kunis, jireenya Oromoo keessatti ga‟een
namootaa Gadaan kan daanga‟e waan ta‟ee, Gadaa akka yerootti/dhahaatti kan ilaalamu ta‟uu
hima. Bifuma wolfakkaatuun, toorri interneetii http://www.gadaa.com/oromocalendar.html
“Without time counting or calendar system, it‟s impossible to implement Gadaa System. Hence,
Gadaa is a living evidence for the existence of Oromo calendar (Dhaha Oromoo),” jechuun
dhaha malee gadaan akka hinjiraanneefi Oromoon dhaha qabaachuu isaafuu ragaadha jechuun
wolitti dhufeenya cimaa qabaachuu ibsa. Akka dhaha Oromootti, gadaan lakkoofsa baraa
murteessa.Oromoonis bara gadaatiin hedata. Gadaan sirna bara dhahuu Oromoo akka ta‟e,
Daaniyaa(6400/2006: 448), “Akka lakkoofsa waaqeffannaatti barri ammaa kun, 20016ALA bara
6417(ALW) jechuudha.Gadaan Melbaa bara 1-8 (ALW) bulchaa ture.Yeroo sanaa eegalee
Gadaan Melbaa marsaa 80 bulcheera. bara 6396, hanga 6404(ALW) aangoo gadaan bulchaa kan
ture Melbaadha.

Hariiroo Dhahaafi Duudhaalee Oromoo Biroo

Dhahi oromoo madda jiruufi jireenya Oromoo qajeelchuuti.Duudhaaleen Oromoo kanneen


siyaas-dinagdeefi hawaasummaa keessatti bakka guddaa qaban:Sirna Gadaa, Fuudhaaf
heerumaa, Jilawwan, sirna Dhaloota, Sirna awwaalchaafi Du‟aan walqabatu(Dhaala-Miiloo),
Maqbaasaafi kkf heeruun nidanda‟ama. Akka Asmarom (1973: 179) “The Oromo calendar is a
great invention and it is the sourse of Gada process.They schedule their lives, their rituals, their
ceremonies, their politicala and economic activitiesto a very high degree”jechuun ibsuttis, dhahi
argannoo addaafi madda sirna Gadaati.Dhahi sirna duudhaaleen jiruufi jireenya Oromoo ibsan
ittiin saganteeffamaniidha. Bu‟uuruma kanaan, Jaatanii (2014:108) “Kaleendarri Booranaa
guyyootaafi ji‟oota waggaa ibsuu bira darbee sirna akka gubbisaa, fuudhaaf heeruma, jiloota,
sirna gadaafaa isaan tolchan,” jedha. Yaanni kunis dhahi Oromoo hedannaa guyyaafi ji‟ootaa
ibsuun gamatti duudhaaleen Oromoo kan ittiin ibsaman ta‟uu cimsa.

Boqonnaa Lama: Dhaha Oromoo Booranaa


Dhahaan Booranaa akkataa ittiin ummanni Oromoo Booranaa guyyaa, ji'aa fi waggaa
lakkaawwudha.Dhahaan kun Dhaloota Kiristoos Dura bara 300tti ummame. Akka dhahaa
kanaatti ji'a keessa guyyaa29.5tu jira, waggaa tokko keessa ji'a kudha lamatu jiru, waggaa tokko
keessa guyyaa 354 ta'a. Dhahaankun torban kan hinqabne yoo ta'u guyyonni ji'aa tokko keessa
jiran hundi maqaa qabu. DhahaanBooranaa addeessaa fi urjiiwwan irratti
hundaa'a.SeenaaOromoon Booranaa dhahaa mataasaa nannoo bara 300 DhKD akka uummate
amanama.

Iddoo arkiyoo-astiroonoomii Namoraatungaa kan kaaba Keeniyaa keessatti argamutti, utubaan


dhagaa kan kallattii urjiiwwan Dhahaa Booranaa keessatti itti fayyadaman agarsiisu dhaabbame
argameera. NamoraatungaaII utubaa dhagaa baazaaltii 19 kan qabu yoo ta'u dhagoonni kunis
kallattii urjiiwwan torban DhahaaBooranaa keessatti fayyadanitti garagaree argama; urjiiwwan
kunis Lamii (Triangulum) , Busan (Pleiades), Algajima (Bellatrix) , Bakkalcha (Aldebaran) ,
Arba Gaddu (Central Orion) , Urji Walla (Saiph) fi Basa(Sirius) jedhamu.

Booranni dhahaa kana kalaquuf iddoo astironoomii itti daawwatan kanatti akka fayyadamaan
amanama.CaasaaDhahaan Booranaa dhahaa urjii fi addeessa irratti hundaa'u waan ta'eef,
addeessaa fi urjiiwwan torbawaliin daawwachuu barbaachisa. Maqaan ji'oota Dhahaa
Boornanaa Bitootessa (Triangulum), Caamsaa(Pleiades), Bufa (Aldebaran), Wacabajjii
(Bellatrix), Obora Guddaa (Central Orion-Saiph), Obora Diqqaa(Sirius), Birraa (addeessa
goobane), Cikawa (gibbous moon), Sadaasaa (quarter moon), Abrasa (baatiiguddaa), Ammajjii
(baatii giddugaleessa) fi Gurrandhala (baatii xiqqoo).Maqaan guyyoota ji'aa 27tu jira.

Kanaafis, maqaan jalqabaa lama ykn sadi'i ji'a tokko keessatti irradeddeebi'ama.

Ji'a tokko kaanirraa addaan baasanii beekuf, marsaa addeessi irra jirtu urjii dhahaa wajjin walitti
laaluun barama. Gareen urjootaa kun Lami (Triangulum), Busan (Pleiades), Bakkalcha
(Aldebaran), Algajima(Bellatrix), Arba Gaddu (central Orion), Urji Walla (Saiph) fi Basa
(Sirius) jedhamu.Ji'ootaa fi Sirna UrjootaaDhahaan Booranaa ji'oota 12 qaba. Dhahaan
addeessarratti hundaa'a.

Oromoon Booranaa dhahaa mataasaa nannoo bara 300 DhKD akka uummate amanama.

Maqaan guyyoota ji'aa 27tu jira. Kanaafis, maqaan jalqabaa lama ykn sadi'i ji'a tokko keessatti
irra deddeebi'ama.

Maqaa guyyoota ji'aa


1. Bitaa Qaraa 10. Gidaadaa 19. Adulaa Balloo

2. Bitaa Lama 11. Walla 20. Maganatti Jarra

3. Gardaaduma 12. Ruuda 21. Maganatti Biriitii

4. Sonsa 13. Basa Duraa 22. Garba Duraa

5. Sorsa 14. Basa Balloo 23. Garba Ballaa

6. Rurruma 15. Areeri Duraa 24. Garba Dullacha

7. Algaajima 16. Areerii Balloo 25. Salbaan Duraa

8. Lumaasa 17. Carra 26. Salbaan Ballaa

9. Arbaa 18. Adulaa Duraa 27. Salbaan Dullacha

Ji'ootaa fi Sirna Urjootaa


Dhahaan Booranaa ji'oota 12 qaba. Dhahaan addeessarratti waan hundaa'uf, ji'a tokko keessa
guyyoota 29.5 qabata. Kunis waggaa keessatti guyyaa 354 ta.a.

Maqaa Ji'aa Urjii Dhahaa Maqaa Ingiliffaa

1. Bitooteessa Lami Triangulum

2. Caamsaa Busan Pleiades


3. Buufaa Bakkalcha Aldebaran

4. Waccabajjii Algajima Belletrix

5. Oboraa
Arb Gaddu Central Orion
Guddaa

6. Oboraa Diqqaa Basa Sirius

7. Birraa addeessa goobana

8. Ciqqaa addeessa walakkaa caalu

9. Sadaasa addeessa nuusa

10. Abraasaa baatii guddaa

11. Ammajjii baatii giddu-galeessa

12. Guraandhala baatii xiqqoo

Kaalaandarri Oromoo guyyaa fi ji’a lakkaa’uun alatti seenaa uummamaa fi wal duraa duuba
uumama waaqaa of keessatti qabata. Dhahi qorannoo urjiilee of keessaa waan qabuufis qorannoo
saayinsii hawaa yookin astironoomii waliin hidhata guddaa qaba.Henni Booranaa waa’ee roobaa
fi bultii waggaa beekuu waan dandeessisuuf qorataan aadaa Obbo Jaatanii Diidaa “henni
Booranaa kaalaandara guyyaa qofa osoo hin taanee diizaayinii uumamaati” jedhu.Haalli
lakkaawwii isaas akka kalaandaroota biroo dhaloota Kiristoos yookin Hijiraa ka’umsa kan
godhate osoo hin taanee uumama waaqaa bu’ura godhata.

Henni Oromoo Booranaa aduu osoo hin taane baatii hordofa


Qabxiilee waa’ee Henna Booranaa irratti hubatamuu qaban;
Henni Booranaa ayyaanawwan 27 irratti hundaa’a. Duraa duuba uumama waaqaa keessattis
waaqni dursee ayyaanawwan 27 kana uume. Itti aansuunis baatii uume. Yeroo namni dhalatu
ayyaana fi baatii itti dhalate ka’umsa godhachuun umriinsaa lakkaa’ama. henni Booranaa
kalaandaroota biroo irraa adda kan itti ta’e keessaa tokko guyyaan dhimmi tokko itti ta’e yookin
uumame waggaa waggaan kan hin jijjiiramne ta’uu isaati. Sababni Booranni sadi yookin torbaan
jilatuuf lafti ayyaana fi baatitti aansitee sadaffaa irratti uumamuushee isheetini. Laftis ji’a
Abraasaa keessa gaafa ayyaana Areerii uumamte. Ji’i ammajii immoo ho’a aduutiin beekama.
Ji’a kana keessa ciminni ho’a aduu baay’ee nama yaaddessa. Boorannis “Amajii aduu yaadi”
jedha.Ji’oota henna Booranaa waggaa tokko keessa jiran 12 keessaa ji’ootni afur tokkon
tokkonsaanii guyyoota 31 kan qaban yemmuu ta’u ji’ootni saddet immoo tokkon tokkonsaanii
guyyoota 30 of keessatti qabatu. Jiini Caamsaa ayyaanawwan lama ayyaana Sorsa fi ayyaana
Algaajima jedhaman of keessatti qabata. Sorsi guyyaa fardi itti uumame kan lafti itti sochoote fi
waaqni dhakaa lafaratti itti jigsee sochii lafaa itti dhoowwe dha. Humni wanta tokko humna
fardaatin yookin ‘horse power” kan jedhamuun kan safaramus socho’uu lafaa fi uumama
fardaatin wal qabata.

Lafti sababa cubbuu dhala namaatiin ji’a Caamsaa keessa sochoote jedhama. Waaqnis lafa
socho’uu erga dhowwee booda lafti waaqaaf abboomamte. Namnis lafaaf abboomamee lafatti
irreeffatee lafatti dhibaafate. Yeroo kanas namni ulfaataan yookin kabajamaan qaalluun dhalate.
Kun ji’a Buufaa keessatti ta’e.Henna Booranaa keessatti jiini torbaffaan Waccabajjii jedhama.
Jiini kun kan namni waaqatti itti dhiyaate dha. Ji’a araaraa jedhamuunis beekkama. Gadamoojjiin
kallacha hidhatanii araara galanii waaqa dhiifama gaafatan. Waaqnis waan cufa eebbise.
Aadaanis ji’a kanarraa jalqaba jedhama. Guyyaan gumii Gaayyoo seera itti tuman fi kan aadaa
itti himanis ji’uma kana keessa.jiini Birraa ji’a waaqni itti dallane dha. Sabanisaas dhalli namaa
ji’oota Oboraa Guddaa fi Oboraa Xiqqaa keessatti waaqa mufachiise. Kanaafis wantootni nama
miidhan kan akka bofaa, jawwee, qoraattii fi kunneen biro ji’a Birraa keessa uumaman jedhu.
Kanaaf waaqa fi nama gidduutti sodaan uummame.“Namni araara hoolaa dide nama araara
waaqaa dide” jedhama. Henna Booranaa keessatti jiini 12ffaa fi inni dhumaa Sadaasni ji’a hoolaa
fi bunni itti uumamani dha. Jiini kun ji’a waaqni araara namaaf itti dhufe dha. Kana malees ji’a
kana keessa waaqni dhibeef qoricha akkasumas seera bulmaataa kennee namarraa fagaate
jedhama.
Dhaha jechuun guyyoottan baatii keessatti argaman jechuudha. Dhaha (Calendar) jechuun
faana buutuu Gadaa Oromoo jechuudha. Oromoon yoo bara lakkaayu akka biyyoota biroo
Aduu dhiitee bariitu qofa irratti hundaa’a osoo hin taane sochii Ji’aa(baatii) fi Urjii irratti illee
kan hundaa’e dha.kunis Dhaha Urjii ykn” Guided by Stars” jedhama.Akka Kalaandarii
Oromootti Ji’a tokko ykn Baatii Tokko kan jedhamu Guyyoota digdamii sagalii fi Walakkaa
(29.5) of keessaa qaba.”Guyyaan Walakkaa jedhamu eessaa ba’e?” jettanii gaafachuu dandeessu.
Oromoon cal’isee Aduu baatee seentuun Guyyaa tokko hin jedhu. warra aduu baatee galtuun
guyyaa tokko jedhan illee qorattoonni dhimma kana irratti qorannoo adeemsisan yeroo tokko
tokko Guyyaan dheeratee halkan waan gabaabbatuuf yeroo mara guyyaa fi halkan akka tokko
hin taane bira ga’uu dhaan dhimma kana fashaleessaniiru.

Oromoon garuu kana osoo qorattoonni kaleessa dhalatte hin dhalatin waan beekuuf Aduu dhiitee
bariituun Guyyaa tokko jedhee hin fudhatu.kanaaf Ji’a Ilaaluu dhaan guyyaa murteessa. Akka
Ayyaantonni Oromoo jedhanitti Ji’i gaafa baatu keessa isheetti sarara Geengoo ykn Marfata
qabdi jedhu.”Ayyaantota” jechuun warra Ji’a Ilaalanii guyyaa murteessan jechuu dha.Ji’a kan
Ilaalan meeshaa dhaan osoo hin taane kennaa Waaqni ganama kenneefitti dhimma ba’uu dhaan
qaroo ykn Ija isaanii qofaan Ilaalu. Ayyaantonni kun Sirna Gadaa keessattis ta’e uummata
Oromoo biratti kabajaa fi Iddoo guddaa qabu. Ji’i tokko baatee gaafa Goobantu dhuma irratti
Sararri Geengoo (marfati) ji’a kana keessaa mul’atu Guutuu 29 fi Walakkaa dha. Sararri
Geengoo ji’a kana keessaa mul’attu tokkoon ishee naannoftee gaafa wal quunnamtu Guyyaa
tokko jedhamti.Ji’i kun garuu jalqaba gaafa baatu walakkaa qofatu ba’a. kanaaf sararri dhuma
irratti Ji’a tokko keessaa mul’atu 29 fi walakkaa ta’a. kanaafuu ALOtti Ji’i tokko Guyyaa 29 fi
walakkaa qabdi jechuu dha.

Akka Kalaandarii Addunyaan kun itti bultutti Ji’i Onkololeessaa(February) jedhamtu kan
murtoofte miti. Fknf bara 2012 guyyaa 29’n dhumte. Bara (2013,2014,2015) immoo guyyaa 28’n
dhumti. Deebitee 2016 guyyaa 29’n dhumti. Ji’i February ykn Onkololeessa jedhamtu kun
Guyyaa 28’n haa beekamtu malee waggaa afuritti si’a tokko 29 taati. Habashoonnis kalaandarii
isaanii kan addunyaa waliin wal qixxeessuuf ji’a 13 ffaa Qaammee ykn Phaagumee kan jedhamtu
waggaa afuritti si’a tokko kan Guyyaa shan turte Ja’a taati. Kanaaf sababa yoo gaafattan
kalaandariin Addunyaas ta’e kan Habashaa deebii quubsaa ta’e isiniif hin laatu. kalaandariin
keessan kalaandariin Oromoo garuu kanaaf sababa quubsaa ta’e qaba. Akka kalaandarii
Oromootti ji’i tokko guyyaa 29 fi Walakkaa haa qabaatu malee waggaa afuritti si’a tokko Ji’i
Onkololeessaa guyyaa soddoma taati. Guyyaa kana akkuma Ji’aa, Urjiiwwan Oromoon guyyaa
murteessuuf itti dhimma ba’u kanneen (Lamii,Buusan,Bakkalcha,Algaajimaa,Arba,Gaadduu fi
Wallaa) kanneen jedhaman torban osoo sarara isaanii irra naanna’anii waggaa afuritti si’a tokko
sararri isaanii wal argee Guyyaa kana wal irra oolu.

Baatiin Urjiiwwan kunneen wal irra oolan baatii itti ji’i Onkololeessaa baatu dha.yeroo kanas
ji’i kanaan dura jalqaba walakkaa qofa taatee baatu Guutuu taatee jalqabdi. Kanaaf dhuma irratti
sararri Geengoo(marfati) ji’a kana keessaa mul’atu Guutuu soddama taati.Guyyaan Ji’a kana
keessa lakkaa’amus Soddoma ta’a.akka sirna Gadaatti guyyaan kun guyyaa itti Abbaan Gadaa
Aangoo qabatee jiru bara hojii isaa itti walakkeeffatu dha. Guyyaa kanas hojiin inni waggaa
afran darban keessatti raawwate sakatta’amee wantoonni sirrachuu qaban waggaa Afran dhufan
keessatti akka sirrataniif yeroo itti Gabaasni Abbaa Gadaatiif dhiyaatu jedhamee beekama.

Akka Kalaandarii Oromootti guyyaan barri haaraa itti wal jijjiiru yoomi? Akka Kalaandarii
Oromootti Guyyoonni Waggaa tokko keessa jiran 354 dha.Kalandariin Addunyaa immoo
Guyyoonni waggaa tokko keessa jiran 365 dha jedha.Kamtu sirrii akka ta’e mirkaneeffachuuf
dhufaatii Kalandarii Addunyaan kun ittiin bultu(Gregorian Calender) haa ilaallu. Kaalaandariin
Girigooriyaa Bara 1582 nama “Pop Gregory XIII” jedhamuun dalagame. Isa dura Addunyaan
kun Kaalendarii Roomaa “Julian Calender” jedhamuun fayyadamaa turte. Kalaandariin warra
Roomaa kun waggaa tokkotti sekoondii 10.3 boodatti hafaa ture jechuu dhaan sababa Pop
Gregory dhiyeesse irratti wal mormii guddaan uumamu illee Addunyaan kun kaalendarii haala
teessuma biyyoota Addunyaa hunda giddu galeeffate Kaalendarii Girigooriyaa fudhachuuf
dirqamte. Gaafa Gregorian calender hojii irra oole akka warra Julianitti oct/4/1582
ture.Kalaandariin Girigooriyaa garuu kanaan dura guyyaan boodatti hafe jira jedhee waan
amanuuf Oct/15/1582 jedhee jalqabe. Guyyaa 11tu itti dabalame jechuu dha.

Dhimma kana irrattis faransay,spain fi Portugal yeroodhaaf mormii dhiyeessani fudhachuu


baatanis kalaandarii mataa isaanii waan hin qabneef waggaa muraasa booda fudhataniiru. Warri
Roomaa garuu hanga har’aatti garaa garummaan guyyaa 11 waan gidduutti uumameef
Kalaandariin Girigooriyaa guyyaa 11 hateera jedhanii falmu. Fakkeenyaaf Turkii yoo fudhanne
kalaandariin Girigooriyaa kun guyyaa 11 seeraan ala itti dabaleera jettee osoo falmituu dhuma
irratti kalaandarii dhuunfaa ishee waan hin qabneef jan/01/1927 fudhachuu dandeesseetti.
Oromoonis hanga har’aatti Kalaandarii fi eenyummaan isaa hin ukkaaffamne osoo ta’ee akkuma
biyyoota kanaa Kalaandariin Girigooriyaa guyyaa 11 hateera jedhee warra dubbatu ture. Sababni
isaas kalaandariin Girigooriyaa waggaa keessa guyyaa 365’tu jira jechaa jira kan Oromoo garuu
354’tu jira jechaa jira. .kana gidduu garaa garummaa guyyaa 11tu jira

fakkeenya biroo yoo kaasne biyyoonni hedduu December/mudde 25 “chirismass day” jechuu
dhaan bara haaraa simatu. Akkasumas warri Almerian jedhaman “old chrismass” kan jedhamu
Jan/06 kabajuu dhaan bara haaraa simatu. Kana gidduus yoo ilaalle garaa garummaa guyyaa 11 tu
jira. walumaa gala yeroo kaleendariin Julian cufamee Gregorian banamu guyyaan 11 itti
dabalamte sun biyyoota baayyee biratti rakkoo uumtee jirti. kalaandarii Oromoos kan mudate
kanuma.malee kalaandariin Oromoo dhugaa irratti kan hundaa’e dha. Dhimmi Ijoo keenya inni
Lammaffaan “Oroomoon Guyyaa Kam Bara haaraa simata?” kan jedhu dha.Oromoon waa’ee
bara haaraa waan beektu hin qabdu.Oromoon kan beektu bara haaraa osoo hin taane Gadaa
Haaraa dha.Oromoo biratti bara haaraa ykn Gadaa Haaraa kan jedhamu gaafa Abbaan Gadaa
Aangoo irra jiru Abbaa Gadaa isa itti aanuuf Aangoo dabarsu dha.Guyyaa kana wanti
hundumtuu ni haareffama.kanaaf Gadaa Haaraa ykn Bara Haaraa jedhama. Fknf Intala ykn Ilma
Oromoo tokkon “bara kam dhalatte?” jettee hin gaafattu.”Gadaa kam dhalatte?” jettee gaafatta
malee.isheenis “Gadaa Ebeluun dhaladhe” jettee siif deebisti.malee Oromoo biratti wanti sirna
Gadaan ala ta’ee Bara Haaraa jedhamu hin jiru.bara Haaraa ykn Gadaa Haaraa kan jedhamu
gaafa Oromoon Aangoo waliif dabarsistu dha. Bara lakkaahuun yoo barbaachisèmmo oromoon
amma bara 6417 keessa kan jiru yoo ta’u bara haaraa kan simatu ji’a muddee fixee amajjii gara
jalqabaati.

Dhahi Oromoo (Booranaa) naannoo bara 300Dh.KD dura akka umamee qorannoon iddoo
arkiyoo-astiroonoomii Namoraatungaa kaaba Keenyaa keessatti argamuufi kallattii urjiiwwan
dhaha Booranaa torban argisiisuuf gargaaraman ni‟addeessa. Akka Dhahaa Booranaatti, waggaa
haaran ji'a Bitootessaatti gaafa guyyaa "Bitaa Qaraa" jalqaba. Kunis yeroo addeessi /baatiniifi
urjiin Lamii wajjin mul'atedha. Kana booda, dhahaan Booranaa maqaa guyyoota ji'aa calluma
jedhee hordofuudhaan amma ji'i kun dhumutti deema. Ji'i itti aanu yeroo addeessi /baatin fi urjii
Busan wajjin baatu jalqaba. Kunis erga ji'i Bitootessaa jalqabee guyyaa 29.5 booda kan
uummamudha.

Maqaan guyyoota ji'aa 27 qofa waan ta'eef, guyyoonni ji'a keessa jiran osoo hin dhumin maqaan
guyyaa dhuma. Kunis adeemsuma dhahichaati. Guyyoonni hafan maqaa jalqaba ji'arratti
fayyadaman irra deebi'uun dhuma ji'aatti fayyadamu. Kunis ji'oota hunduma keessatti tokko yoo
ta'u amma urjiin dhahaa fi addeessi waliin dhufanittii jalqaba ji'arratti guyyaa lamaa fi sadi'i
gidduutti darbuu danda'a. Ji'i inni sadaffaan yeroo addeessi baatin Bakkalcha wajjin baate
jalqaba. Adeemsi kun ji'oota ja'an jalqabaatif urjoota hafan wajjin ittuma fufuun kan deemu ta'a.
Urjiin dhahaa kun ji'a ja'an hafaniif Oromiyaa keessatti sirumayyuu hin ba'ani. Kanaafuu, jalqaba
ji'oota kanaa urjoota dhahaa osoo hin fayyadamin addeessuma qofa ilaalun murteeffama.
Boqonnaa Sadii

Ayyaantuufi Dhaha Oromoo

Kabajni Amantii Oromoo keessa jiran marti dhaha irratti hundaa’u. Sababa kanaaf, namoota
waa’ee dhahaa beekan (ayyaantuu) irratti hundaa’uun barbaachisaadha. Warri ayyaantuu
ayyaanni tokko wayitii akkamii akka kabajamuu qabu haalaan waan beekaniif, dhaha ilaaluun
namoota gorsu. Haala kanaan ayyaanni dhaha malee kabajamu ykn ayyaanni dhahaan hin beekne
hin jiru. Dhahaan Oromoo akkaataa addeessi, urjiileen dhahaa torban ykn saddeettaniifi
bakkalchi itti bahan, goobananiifi lixan irratti hundaa'a. Baatii tokko keessa guyyoota 29.5
jiruGuyyootni 29.5 kunneen guyyoota Waaqni uumama hunda uumuuf itti fudhateedha jedhama.
Waaqni waggoota kitila hedduun dura jalqaba bishaan Walaabuurraa ardiifi ruuda dhisee
isaanirratti ammoo lubbu dhabeeyyii fi lubbu qabeeyyii hunda uume.Akkasumas, Waaqni nama
jalqabaa Horoo jedhamu uume. Garuu jalqaba saalli Horoo dhiiras dhalaas hinturre. Waaqni
kana ilaalee Horoo bakka lamatti dhiiraa fi dhalaatti addaan hiree ishee dubartii Hortuu jedhee
moggaasee, isa dhiiraa Horoodhumaan raggaasise jedhama. Horoo fi Hortuunis wal-horanii
bu’uura uummata addunyaa kanaa buusan jedhama. Dhaha Oromoo keessatti, waggaan tokkoo
ji’oota 12 qaba. Akkuma armaan olitti ibsame, ji’a tokko keessa guyyootni 29.5 wanta jiraniif,
ji'oota kudha lamman waggaa keessa ammoo guyyoota 354 tu jiru. Lakkoofsi kun guyyoota jiini
ffaa ffaa
guutuu guutuutti dukkanooftu hindabalatu. Isaan ammoo dukkana 1 , 2 jechuun baatii
mul’aterratti ida’amu. Arki'ooloojistootni Liiyinch, Roobins fi Dooyil jedhaman bara 1978-86tti
utubaa umurii gara waggaa kuma sadii qabu kan Oromootni durii irra koranii ba'insaa fi lixiinsa
ji'aa to'achuun dhaha isaanii ilaallachuuf itti fayyadamaa turan kallacha, caaccuu, callee, ciicoo,
qanafaafi ulfoowwan amantii Oromoo kanneen biroo wajjin Kibba Itiyoophiyaafi Kaaba
Keeniyaatti lafa keessaa qotaanii baasaniiru. Aadaa itti fayyadama dhahaa kana wajjin wal-
qabsiisee aadaa ijaarsa dhagaas Dhaloota Kiristoosiin Booda (Dh. K. B.) naannoo bara 900
namicha Oromoo Waaqiliim jedhamu gara Zimbaabuweetti akka babaldhises
mirkanaa’eera.Baatuu, Leelloo, Waratii, Waratee, Leellisaa, Leellisee… jedhanii
moggaasu.Namni guyyaa kana dhalate boolla awwaalaa hinqotu, biyyee awwaalaa irra hin ejjetu
jedhama. Ayyaana Daaniyaas nijedhama.

Ayyaantuu fi Qaalluun tokko miti. Ayyaantuun waaqeffannaa durii bara ammaa dogongoraan
qaalluu jedhamaa jiru. Qaalluun fagu bara 1800 Shawaa lixaa naannoo warra Jijoo Gabataatti
eegalame. (Dirribii Damusee 2009:109)

Qaalluuun (qaraacoon) maqaa fi amala orma biraa gara uummata Oromootti (Waaqeffataatti)
dhufeedha malee waaqeffataan ani qaalluudha ofiin hin jedhu; garuu ani ayyaantuudha ofiin
jedha. Warri amma ayyaanatu natti dhalate jechaa fagan erga Oromoon Maccaa intala ambaa
fuudheeti booda. (Achuma)
Ayyaantuu warri jedhaman osoo hin Qaallomiin kennaa Waaqaan kan milkooman, waan
hojjetanii fi dubbatan kan fiixa bahuuf, kanneen akka: Maallimaa, Waataa, Eker-dubbiftuu,
Moora laaltuu, Dhaha dhooftuu fi akkasumas warra Deessiftuu fi Caba waldhaanan maqaa
dhahuun ni danda’ama

3.1. Hojiilee ayyaantuun hojjetan

 Ayyaantuun guyyaa Jimaataa alatti ibidda bobeessaa bulee waaqa kadhatee, urjii ilaalee
dhahaa qopheessa.

 Guyyaa tulluutti, malkaatti qalamu himu.

 Sagantaa Gadaan ittiiin hogganamu qopheessu.

 Akkaataa ittiin ayyaanni adda addaa ayyaaneffamuu fi bakka itti ayyaaneffamuu qabu
himu.

 Horiin ayyaanaaf qalamu guutuu ta’uu isaa hubatanii murteessu.

 Nama dogongoraan safuu cabsee gara cubbuutti seene, gorsanii karaa qajeelaa fi gaariitti
deebisu.

 Araddaa jilaatti, galmatti uummta (jila) eebbisu; gadaas ni eebbisu.

 Yeroo hammachiisaa ijoollee hammatanii maqaa baasaniifi gosaa fi lammiitti dabalu.

3.2. Wantoota Warri Ayyaantuu Eeggatan

Ayyaantuun wantoota hedduu lagatu. Isaan keessaas:

 Meeshaa waraanaa hin tuqan.

 Lubbuu hin baasan, hin loogan, hamaa hin dubbatan.

 Meeshaa Ormaatti hin dhugan.

 Hin mufatan; hin ifatan; hin machaa’an; suuta dubbatu.

3.3. Maallima

Maallima warri jedhaman gosa Oromoo keessaa tokko kan ta’an seenaa mataa ofii kan
qabanidha. Maallimni gosa angafummaa fi kennaa addaa Waaqa irraa argatan ni qaban. Kunis
yoo eebbisan dhageessifachuu fi yoo abaaran balleessuu kan danda’an warra arraba
gurraachaati.

Maallimni nama uumamaan kennaa bokkaa roobsuu ykn caamsuu danda’udha. Namoonni
kennaa akkanaa qaban waaqa kadhannaa, aarsaa fi amantaan erga qunnamanii booda roobsu ykn
caamsu.

Yeroo Arfaasaa fi Ganna keessa namni cidha jajjaboo qabu guyyaa sana akka bokkaan hin
roobne fedha. Kanaaf jecha gara warra Maallimaa dhaqa. Yeroo dhaqanis waan waan duudhaaf
barbaachisu kan hin himamne fuudhanii dhaqu. Erga wanti duudhaan guutamee booda
maallimni waaqaaf waan raawwatamu raawwata. Kana jechuun ni caamsa yoo ta’e ni caamsa,
ni roobsa yoo ta’es, ni roobsa. Erga wanti yaadame guutee boodammoo ni galateeffata.

Hojiin maallimaa rooba roobsuu qofa osoo hin taane, rooba caamsuus kan dabalatuudha. Yeroo
roobni baay’atu guyyaa tokkoof ykn guyyaa lamaaf caamsu. Yeroo dhabamummoo ni roobsan.
Yeroo baay’ee hojiin isaanii caamsuudha. Sababa kanaaf maqaan isaanii iddoo tokko tokkotti
“caamsituu” jedhamu; iddoo biraatti immoo “roobsituu” jedhamu. Hojiin isaanii garuu,
caamsuus, roobsuus kan of keessaa qabuudha. Hojii kanaaf galma qofaatti qophaa’e qabu. Achi
keessatti qulqullaa’anii waan gara waaqaatti isaan dhiheessu erga guuttatanii booda akka kennaa
qabanitti dalagan.

Warri ayyaana maallimaa qaban haalaa fi dhaha yeroo illee ni beekan. Kanas ruuda qorachuun,
haala mukkeenii, haala biqiltuu, horii fi raammoo qo’atanii waan ta’uuf jiru ni beekan. Ayyaana
isaaninis ta’e, ji’a ilaalanii waan ta’uf jiru ni raagan.

3.4. Eker-dubbiftuu

Eker-dubbistuun kanneen lubbuu warra du’ee afuuraan dubbisanii maatiifi qe’ee isaaniif
dhaamsa ykn gorsa kennan. Yeroo namni tokko maatii keessaa lubbuun dabarte osoo mijuu
dhibaayyuu hinbaasiin dura qe’ee warra eker-dubbiftuu kanaa dhaquun dhaamsa ekeraa dhagahu.
Eker-dubbiftuun aara gaayyaa ykn ixaana ilaaluun ekeraa dubbisuuf kennaa Waaqni qoodeef ni
qaban. Akkasiin ekeraan nama du’ee sun du’aa isaaf/isheef waan sababa ta’e, dhibaayyuu
akkamii, eenyu harkaa akka fudhatu, fuula dura maatiin sun maalirraa ofi eeggachuu akka qaban
dhaamtiif.

Eker-dubbiftuun lakkoofsaan baay’ee xiqqoodha. Namoonni kun beekumsa kana waaqarraa


argatan jaedhamu. Eker-dubbiftuun yeroo baay’ee dubartoota yoo ta’an illee, darbee darbees
dhiironni ekeraa dubbisan ni jiru.

Namoonni ekeraa dubbisan waan dhalli namaa osoo lubbuun jiruu dabsee, cabsee, jallisee darbe
qajeelchan. Firoonni nama du’ee yeroo gara eker dubbiftuu dhaqan midhaan quunnaa tokko ykn
gatii midhaan quunnaa tokkoo fi qumbii aarfamu qabatanii dhaqu. Eker-dubbiftuun sun iddoo
dhimma sanaaf qophaa’e teessi. Firoota namni jalaa du’efis iddoon taa’umsaa ni kennamaaf.
Yeroo ekeraan dubbifamtu namootni akka hin boonye ni dhorkamu; yoo booyan ekeraan sun
deebitee waan badduuf. Kanaaf “ ekraan booyicha hin jaallattu” jedhu.

Eker-dubbistuun midhaan fira nama du’ee sanaan dhufe keessaa qunxurtee (cabsitee) bittimsiti,
asii fi achi facaafti. Ekeraan yoo dhuftu dhufuushee warratti himti. Ekeraan sun kan fira isaanii
ta’us waan ittiin mirkaneessitu qabdi. Kunis yeroo lubbuun turetti horii turan, qabeenyaa fi
waan biroo wal fakkaataa maqaa fi bifaan tarreessitee himti. Ekerdubbistuun sunis dhimma kana
firoottanitti himti. Yeroo maatiin ekeraan sun kan fira isaanii ta’uu baran gara dhimma
dhufanitti seenan.

Waaqeffattootni akka amananitti eker dubbistuun ekeraa dhugaa dubbisuu qabdi. Kun immoo
kan dhugoomu iccitii gidduu isaanii jiru himuu fi himuu dhiisuu ta’a. ekeraan sun dhugaa ta’uuf,
fakkeenyaaf: dhirsa yoo ta’e haati manaa ekeraan sun kan abbaa manaashii ta’u kan amantee
fudhattu, iccitiin isaan lamaan beekan qofti yoo himame qofa.

Ekeraan sun ekeraa dhugaa ta’uun erga mirkanaa’ee booda ekeraa fi firri ekeraa sanaa karaa eker
dubiftuu walitti dubbachuu jalqabu. Dhimmi haasa’amu haasa’amee ekeraan nama sanaa waan
himtu mara ni dhaga’u. Wanti dabe yoo jiraatee fi wanti hiikamu qabu yoo jiraate ni haasa’ama.
Firoonni nama du’e sanaas waan ta’uu malu mara ni hubatu.

Eker-dubbistuu bira dhaquun mataasaatiin furmaata miti. Inimaayyuu dhibee jiru beekuuf malee,
mataa saatiin furmaata miti. Firri nama sanaa erga ekeraa dubbisee rakkinaa fi dhibee hiikamuu
malu beekee booda gara falannaatti darba. Eker dubbistuunis hiiktuu afaan ekeraati malee faltuu
dhibee namaa miti.

Ekeraan nama tokkoo kan dubbifamu, hanga namni nama du’e sana beeku qofaatti. Namni iccitii
nama du’e sanaa beeku jiru qofatti. Namni iccitii fi sagalee nama du’e sanaa beeku hin jiru
taanaan ekeraa dubbisuun hin danda’aamu. Guyyaan ekeraa dubbisanis Wiixata. Kanaaf,
Wiixanni ayyaana ekeraati.

3.5. Moora Laaltuu

Moora laaltuun namoota ogummaa moora ilaaluu qabaniidha; kennaa addaa kan namni biraa
ijaan arguu hindandeenye moora horii, barruu harkaa, sinii bunaa, aara gaayyaafi aara ixaanaa
laaluun waan namaaf hoodan niqaban. Namoonni kennaa kanaan dhalatan moora dubbisanii
hiika isaa namaaf himu. Waayyummaan moora ilaaluu kun, kana malees, muuxannoo fi
shaakalaan kan gabbatuudha. Kunis ta’e moora dubbisuun kun namoota hundaaf ifa ta’uu
dhiisuu mala. Kana jechuun moora ilaaluun dhalootaa fi kennaa waaqaan kan argamu jechuudha.

Akka amantii waaqeffannaatti namni tokko aarsaa erga kennee booda moora isaa of eeggannoon
irraa baasee gara waayyuu moora ilaaluu geessa; moora ilaaltuunis waan moora sanarra jiru
suuta jedhee erga dubbisee booda hiikkaa isaa abbichatti hima. Abbichis akka hiikkaa itti
himametti waan falachuu qabu ni falata; waan qajeelfachuu qabus ni qajeelfata.

Waaqeffattotni moora kan ilaalchifatan waan egeree isaan eeggatu dursanii beekuu fi of
eeggannoo malchiisu tolfachuuf; kunis hidda mooraa bitaa-mirgaa, akkasumas, akkaataa
walxaxa hidda moorichaarraa kan hiikamuudha. Hojiin moora ilaaltuu waan moora sanarra jiru
tolchanii dubbisuun hiikuu danda’uudha. Hiikkaa kanarratti hundaa’udhaanis, kan gorsamuu
qabu ni gorsama; kan akeekkachiisamus ni akeekkachiifama.

Ayyaanaa

Ayyaanniifi ayyaantuun dhaha oromoo ibsuus ta‟e jiruufi jireenya oromoo keessatti bakka
guddaa qabu. Ayyaanni yaadrimee lama:afuuraafi dhahajedhaniifi seenduubeen isaanii tokko
ta‟e qabaachuun bakka adda addaatti haala adda addaan ibsama. Ayyaantuun immoo, qaama
beekumsa olaanaa qabaachuun yaadrimee ayyaanaa lameen ibsamaniin jiruufi jireenya oromoo
qajeelchaniidha.Yaada kana caalatti ifa taasisuuf adda addatti ibsuun murteessaadha. Ayyaanni
kutaa oromiyaa adda addaa keessatti haala adda addaan beekama.Naannoo Shawaa,
Iluubbaaborifi kutaalee oromiyaa biroo keessatti yaadrimee “Afuura gaarii dhala namaaf
waaqayyo kenne” jedhuufi amantii waaqeffannaa walqabatu qaba.Kunis, humna afuuraa
qaallicha yookiin qaallitii irra dhufuun mana qaalluutti jamaaf tajaajila qaalluu kennuudha
Fiixaa(2008:02). Akkasumas, Gumii Waaqeffannaa Addunyaa(2018) ayyaanni hiikaa lama
qabaachuu ibse keessatti, “Ayyaanni kan ijaan hinmul‟anne, faroofi coraa namaan qofa kan
beekamu afuura waaqaati,” jechuun ayyaanni afuura ta‟uu addeessa.Bu‟uura kanaan,
yaadrimeen ayyaanaa afuura waaqaa qaalluuf kenname. Gama biroon, Journal of Oromo
Studies,Volume 12, Numbers 1&2 maalummaa ayyaanaa Dr Gammachuu (2005) wabeeffachuun
“Ayyaana represents knowledge. This knowledge is not only externalized, it is not only
knowledge about the object, but is also internalized, in that it also generates reflective thought
about the object”jechuun ibsa. Akka yaada kanaatti immoo, ayyaanni beekumsa bakka bu‟a.
Beekumsi kunimmoo, beekumsaa alaa, kan wantootaafi beekumsa keessoo waa‟ee wantootaa
beekuuti. Akka yaada kanaatti ammo ayyaani beekumsa yoo ta‟u, beekumsi kun immoo
afuuraan kan walhinqabanneefi hayyummaa namni qabuudha. Yaadrimeen ayyaanaa inni biraa,
guyyoota ulfoo waggaatti sirnoota adda addaan kabajamu.Akka barruun Gumii Waaqeffannaa
Addunyaa(2018) hiikaa ayyaanii afuura jedhuun alatti hiika biroo kenneen ibsutti, “Ayyaanni
guyyaa kabajamaa kan ayyaaneffatamu ykn ulfeeffatamu jechuudha.

Fakkeenyaaf, ji‟atti ykn woggaatti al tokko kan kabajamu,” jechuun ibsa. Daaniyaa(6400/2006)
ayyaana akaakuu sadi: Ayyaana Waaqaa, Ayyaana Namaafi Ayyaana Umamaa jechuun qoodee
ibsa.Haala kanaan, ayyaanni waaqaa kan waan walaabuu cufa si‟a tokkotti sochoosuufi
qajeelchu. Ayyaanni namaa, kan waaqni namoonni hundi gaafa dhalatanii kaasanii akka
qabaatan taasise, ayaana fulla‟aa diroo darbu. Akkasumas, ayyaanni namaa, kan waaqni
namoonni ayyaantuu akka ta’an muude.Ayyaanni uumamaa, kan waaqni uumama cufaaf akka
dhufaatii isaaniitti kenneefi ittiin qajeelchu.Kanaaf, ayyaanni humna addaa waaqaafi nama
walqunnamsiisuufi kan namoonni ulfinaafi kabaja waaqaaf yeroo adda addaatti haala adda
addaan ayyaneffatani. Gama biroon immoo, Oromoo Gujiifi Booranaa biratti, ayyaanni kaayoo
dansaa yookaan hamtuu guyyoonni qabani. Guyyootni ji’aa kunneenis ayyana qabaniin kan
hedataman waan ta‟aniif, Dhaha Oromoon kallattiin walqabatanii ibsamu.Kanarraa kan ka‟e,
Gujiifi Booranni jecha “dhaha” jedhu ayyaana jechuun itti gargaaramu.

Ayyaantuu

Ayyaantuun hawaasa Oromoo biratti, nama beekaa, kan haala uumamaa gadifageenyaan
hubatuufi xiinxalu, kan sirnoota jiruufi jireenya hawaasa qajeelchu, waaqaafi hawaasa kan walitti
dhiyeessuudha.Akkasumas, Ayyaantuun namoota ayyaana/hafuura tajaajiltummaa hawaasaa
baataniifi akka ergamtoota waaqaatti ilaalamani. Gama biroon immoo, qaalluun/ayyaantuun
qaama sirna bulchiinsa hawaasa Oromoo keessatti olaantummaa qabu, kan eebbisee qajeelchuufi
abaaree balleessu, gorsaafi qajeelchaa sirna gadaati. Warri ayyaantuu jedhaman osoo kennaa
Waaqaan kan milkooman, waan hojjetaniifi dubbatan kan fiixa bahuuf, kanneen akka maallimaa,
waataa, ekerdubbiftuu, moora laaltuu, dhaha dhooftuufi akkasumas deessiftuufi ogeessota caba
waldhaanan maqaa dhahuun nidanda’ama.

Gahee qaalluun hawaasa Oromoofi jiruufi jireenya hawaasa Oromoo keessatti qabu ibsuun kan
barbaachiseef keessaa tokko qaalluun/ayyaantuun dhaha Oromoo keessatti qooda akkamii akka
qabu balballoomsuudha.

Haala kanaan, Jamjam&Dhaddacha(2011:323), “The time reckining in the Gujii society is


administered byAyyaantuu(astronomer) who make up an organ in the Gada System,”jechuun
Ayyaantuun gahee hedannaa marsaa waggaa/Dhahaa qabaachuufi olaantummaa
qaalluun/ayyaantuun kan too‟atamu ta‟uu ifoomsa.Akkasumas, TONLEUS & Cynthia Salvadori
(2006:36), “Ayyaantuu –ni: a person who knows, the ayyaana of the days, who is expert in
celestial observation and knows how to calculate a horoscope in terms of 47 ayyaana,” jechuun
ayyaantuun nama ayyaana guyyootaa beekuufi ogeeyyii urjiilee ilaaluun ayyaana/guyyaa hedan
ta’uu mirkaneessa.

Maqaalee Ayyaanota (Guyyoota) Ji’aa fi Hiika isaanii

1. Innikka /Karra Saaqii


Guyyaan kun gaafa Waaqayyo Waaqaa fi lafa (samiifi ardii) itti uume jedhama. Namni
gaafa/guyyaa kana dhalate horii nihora jedhu; areera, baaduu niqabaata . Maqaan nama gaaf kana
dhalatee Uummataa, Uummatee, Innikka, Duroo, Duree--- ta’uu danda’a.

2. Sorsa
Sorsi maqaa urjiiti.Ayyaana fardaati jedhama. Namni gaafa kana dhalate adamoof tola. Ilma
gaafa kana dhalate/tteef maqaa akka Baatii,.
3. Algaajima/Alkaajima – Maqaa urjiiti. Ayyaana dhakaa( kattaati ) jedhama. Akka jedhamutti,
jalqaba yommuu lafti uumamte lafti socho’aa turte jedhama. Sochii fi madaallii lafaa eeguuf
Waaqni gaafa guyyaa sadaffaa dhakaa uumee bakka adda addaa kaa’e jechuun ibsama. Namni
gaafa kana dhalatu akka dhakaatti umurii dheeraa jiraata; hin du’u. Nama guyyaa kana du’ e
lafa hin bulchan. Sa’atiidhuma du’etti awwaalama. Guyyaan kun guyyaa awwaalaatis jedhama.
Maqaan nama gaafa Alkaajimaa dhalateef moggaasan: Koorsaa, Koorsee, Nuursaa, Nuursee…
fa’i
4. Walqaa Warqee –Ayyaana jaarsaati.Mucaan gaafa kana dhalatu/ttu waan hojjetu/ttu suuta
hojjetti/ta. Hubannoo yookiin qalbii qabu. Maqaan : Raagaa, Raagee, Suutumaa, Suutumee,
Dullumaa ,Dullumee, Qalbisaa, Qalbisee/shee ---.
5. Arba
Namni guyyaa kana dhalate akka arbaa ijaajjuu jaallata. Gaafa kana arba adamsuu hin qabu. Yoo
diinni biyyatti dhufe , lafee arbaa walitti qabanii karaa itti cufu jedhu. Namni gaafas dhalate
muka yookiin rigaan afaanii hin dhabu jedhu. Maqaa: Waraatii, Waraatee, Addunyaa –
moggaasu.

6. Basaa Duraa
Basaan maqaa urjiiti. Ayyaana qabeenyaa, magariisaa fi badhaadhinaati. Ayyaana ofkaltiifi
jaalalaati. Namni guyyaa kana dhalate mukkeen biqiloota ciree fixuu hin qabu. Yoo mure illee
muka tokko dhiisuu qaba jedhu. Ijoollummaatti ni boo’a, garuu gara-laafessa. Maqaan
baafamuuf : Lammii, Seenoo, ---

7. Basaa Bal’oo
Basaan maqaa urjiiti. Ayyaana dubartii kan bareedinaati. Maqaan ba’uu qabu : Qananii, Saattaa,
fi kan kana fakkaatuun waamamu. Ayyaanni kun isa duraan tokkuma jedhama. Dhiira bareeduun
ayyaana dubartii dhalate jedhu.
8. Bacarraa ( Carawwa )
Ayyaana ji’aa yookiin baatiiti jedhamee beekama. Ayyaana jalqaba baatiin wal
qabsiifamuudha.Baatiin gaafa kana baatee hin beektu jedhu. Akka yaada jiruutti guyyaa kana
baatiin yoo baate biyyi lafaa ni dhumti jedhamee yaadama. Sababa kanaaf, Oromoon ba’uu fi
galuu baatii xiyyeeffannoo jabaa ta’een ilaala ( hordofa). Ayyaanni kun waraana waliin
hidhannoo qaba. Mucaan gaafa kana dhalate/tte gargaarsa hin argatu/ttu jedhama. Rakkoo kan
irraa hafuufis qophiin ta’ee mucaan dhalatu /ttu meeshaa qara qabuun harma haadhaa hooqee
akka dhiigu/madeessu taasisu. Akka kanaan ayyaanni kun irraa maqeera jedhama.
Dimshaashumatti, ayyaanni kun jalqabaa fi xumura biyya lafaa waliin wal qabata jechuudha.
9. Ayyaana Buttaa
Guyyaan kun guyyaa eebbaa , guyyaa nagaabuusuufi buttaa qaluuti. Maqaan : Bulchaa, Araarsoo
.
10. Dullattii
Ayyaana beekumsaati jedhama. Guyyaa fuudhaa fi heerumaati. Mucaan gaafa kana dhalate/tte
dubbiin isaa/ ishee irraa bareeda jedhama. Maqaa : Caalii , Caaltuu , Gamnaa ,---
11. Salbaana Duraa
Salbaana jechuun sodaachuu yookiin kabajuu jechuudha. Guyyaa fuudhaa fi heerumaa, guyyaa
waan gaarii , guyyaa Waaqitti kadhatanii fi wal eebbisaniidha. Guyyaa kana aarii, gadoo bahuun
hin jiru. Guyyaa kana Ayyaana Muudaatis jedhu. Warra Qaalluutu gaafa kana muuda jechuudha.
Maqaa : Dambal , Dambalee , Guutaa ,Guutee , Salbaana fa’iin moggaasu.
12. Salbaana Bal’aa
Guyyaa quufaafi soorumaati. Itti fuftuu Salbaana Duraati. Maqaa: Quufii, Bicaaqaa, Dureessaa,
Sooressaa, Sooromee jedhanii maqaa baasu.
13. Sugii
Ayyaana jabinaa yookiin ciminaati. Guyyaa kana mana ijaarratu, jireenya tolfatu, ayyaana
guutuudha jedhu. Maqaa : Barkii, Tolaa, Tolashee … moggaasu.
14. Gardaaduma
Jecha gardaaduma yookiin garmaama jedhu irraa argame jedhama. Ayyaana fardaatiOromoon
farda isaa nifaayessa, ittiin garmaamas. Horii amala gaarii qabu jedhee amana. Fardi firaafi
nama isa horsiise adda baaasee ni beeka jedhama. Namni gaafa kana dhalate goota ta’a, garuu
gowwaadha. Namni kun guyyaa kana fuudhuu hin qabu. Sababni isaas niitiin isaa meeshaalee
mana keessaa caccabsiti waan jedhamuuf. Maqaa : Jabaa , Golaa,--

15. Ruruma ( Rubruma )


Rubrumni maqaa biyyeeti. Ayyaana waraabessaati jedhama. Namni gaafa kana dhalate /tte
waraabessa adamsuu hin qabu. Haata’u malee, yoo inni mooraa isaa seene horii isaa /ishee
miidhe ni adamsa. Namni akkasii waan nyaatu hin dhabu jedhama. Dubartiin gaafa kana
heerumte, lafee nyaachuufi qorquu hin qabdu jedhama. Ilmaan baay’ ee horti jedhama.
16. Luumeessa (Luumee + Baasa )
Gateettii jabaa akka leencaa qabaaachuu jechuudha. Luumessi ayyaana leencaati. Jabina
leencaatti fakkeeffama. Ayyaanni kun gaafa ifti jalqabaa itti argame jedhamee
dubbatama.Guyyaa warra kaan dursuun akka isaan uumamaniif sababa ta’eedha jedhama. Nmni
gaafa kana dhalate leenca ajjeesuu hin qabu. Lafee ilkaaniin qorquu hin qabu .
20. Ruuda

Ayyana hoolaati. Ruuda jechi jedhu jecha ruufa jedhu irraa dhufe. Ruufa jechuun ammoo moora
yookiin oota mucaa gadameessa keessa maree jirudha. Hiikni isaa inni biroon ammoo huccuu
warri Qaalluu yookiin namni fuudhe mataatti maratuudha. Hiikni lamaan iyyuu ruufni mallattoo
nageenyaati. Akka aadaa Oromootti , hoolaan qalamtu cidha adda addaa nagaan ittiin bu’uudha.
Namni guyyaa kana dhalate eebba- qabeessa. Hoolaa qaluu hin qabu. Foonis nyaaachuu hinqabu.
Maqaan : Nagaasoo. Nagaasee, Eebbaa , Eebbisee , Eebbisaa,--- ta’uu ni danda’a.

Oromoon kadhata galgalaa irratti akkas jedhee kadhata :

Nagaan nu oolchitee nagaan nu bulchi;


Alaa mana nu tiksi ;
Kottee hamtuu nurraa qabi ;
Kophee hamtuu nurraa qabi ;
Ruufa keetiin mari

21. Areerii Duraa

Jechi areerii jedhu jecha areera jedhu irraa dhufe. Areerri ayyaana dachaadha. Areeriin duraa
ayyaana ilmaan kormaati; guyyaa maqaa baasan , warri gadamoojjii mataa itti buufatan
( haaddatan ) jedhama. Namni guyyaa kana dhalate yommuu mana ba’udha. Utuu areera ibidda
hin qabsiifatin dura areera dhuguu qaba. Ayyaanni kun guyyaa ogummaa jedhamuunis ni
beekama. Kanaafuu, namni ogummaa kana qabu , ogummaa harkaa: sibiila tumuu, gindoo uruu,
waanjoo tolchuu fi kanneen biroo hojjechuu danda’a.

Maqaa: Qalbisaa, Qalbisee, Qalbeessaa, Qalbeettii, Beekaa

22. Areerii Bal’oo

Guyyaa cagginooti jedhama. Guyyaa namoonni duraan dhibee adda addaa qaban dhibeen isaanii
sun ka’ee isaan dhukkubuudha. Keessumaa maanguddootni ni dhukkubsatu. Guyyaa kana
dhaqna isaan caccabsa, mataa bowwaafata , ayyaana kanaan midhaan/ aramaa hin araman.
Daa’ima dhaqna hin qaban. Maqaa : Lataa , Latii , Dagaagaa , ….

23. Aduula Duraa


Aduulli ayyaana cimdiidha. Aduulli ilmaan kormaati. Guyyaa warri Aduula haaraa uummataaf
itti ibsamaniidha. Warri Raabaa guyyaa kana mataa buufatu. Namni gaafa kana dhalate dubbii (
haasaa ) tola. Wanta inni dubbatu namoonni nidhaggeeffatu. Maqaa : Safuu , Qananii , …
24. Aduula Bal’oo
Aduula duraa wajjjin wal fakkaata. Maqaaa : Saaddoo , Gammadaa , Gammadee, ---

25. Garba 1ffaa/duraa


Garbi ayyaana guyyaa sadiin hedamuudha. Booranni Garbi duraaa ayyaana Goonaati jedha.
Qondaalota sadarkaa gad-aanaa Aduula jalaati jedhama. Ayyaana warra Qaalluu Oodituu ta’uun
beekama. Gosti Goonaa guyyaa kana wajjin Waaqa kadhatu. Guyyaa sooruma akka garbaa
( galaanaa ti . )
Maqaa : Herregaa , Nagaraa , Herregee , …n moggaasu .
26. Garba 2ffaa/jidduu
Guyyaa qabeenya irraa hafaa yookiin soorumaati. Maqaa : Galaanaa, Galaanee, Kuusaa ,---fa’i .

27. Garba 3ffaa/booda


Guyyaa nagaa biyyaati jedhama. Maqaa : Aagaa, Aagee, Qabbanaa, Qabbanee, …moggaasu.

Hubachiisa : Guyyaan ayyaana hedan ( lakkaawan ) 27 qofa. Garuu guyyootni hafanis hiika
adda addaa qabaachuu danda’u.

28. Ayyaana Re’ee

Ayyana jal’aadha jedhama. Mucaa gaafa kana dhalate / tte yoo abaaran eebba ta’aaf.
Eebbifnaan ammoo abaarsatti jijjiirama. Maqaa: Ciibsaa Dibaabaa, Dibaabee, Dhaabaa ,---- tu
moggaafama.

29. Guyyaa Daddarbaa (Gar-darbaa )

Guyyaa jalqaba baatiin haamtuu ji’aa ( baatii ) rukutee gara/ kara dabarsitee dhidhima galchitee
bira dabartudha. Kanaafuu , guyyaa gad-darbaa jedhamee beekama. Gaafa jalqaba baatii ji’aati.
Baatiin guyyaa kana baati jechuudha.

30. Guyyoota 30-31

Guyyootni kun guyyoota cagginoo jedhamu. Guyyoota xawalwalaa; guyyaa daana’oo fi


qiinqaniiti. Guyyoota kana fuudhaafi heerumni hin jiru.Hin kittaanan , utubaa manaa hin muran(
qiinqaniitu nyaata jedhama); midhaan hin araman. Sababni isaas daana’ootu nyaata jedhama.
Guyyaa kanatti namoota dhaqna nyaata, ni caccabsa. Geeshee murraan niquucara. Maqaan
moggaafamu : Obsaa, Itichaa , Obsee, Abdii ,---
Dhaha Dhooftuu

“A calender is a system of organizing days, weeks, months and years. The name given to each
day is known as a date. Periods in a calender (such as years and months) are usually though not
necessarily correspond with the cycles of some astronomical phenomenon, such as the cycle of
the sun, or the moon.

Dhaha dhooftuun hayyuu utubaa waaqeffannaati. Dhaha dhooftuun waa beekaa ayyaana guyyaa
fi ayyaana yeroo dubbisuu danda’uudha. Hayyuun kun waan darbe ni mil’ata; waan ammaa ni
arga; waan egerees ni mul’ata ykn ni raga. Hayyummaa kanas waaqa biraa argate.

Dhahaan wiirtuu amantii waaqeffannaati. Wanti hundinuu dhaha yeroorratti hirkatee dalagama.
Waaqeffannaan kan qajeelfamus akkuma seera uumaa uumamaatti yeroo dhahaa eegeeti. Kana
beekuuf ammoo ayyaana guyyaa fi yeroo akkasumas akkaataa naanna’inaa fi mul’ina waan
uumamaa beekuu feesisa. Dubbii kanas kan qoratee beeku, ayyaana Dhahaa: kan yeroo, kan
guyyaa, kan halkanii, kan ganamaa, kan galgalaa fi kan kana fakkaatan beekuudha.

Waaqeffannaa keessatti waanti cufti ayyaana qaba; ayyaanni kun hundi immoo milkii toluu hin
danda’u. kanaaf, guyyaan yeroon akkasumas halkan ni hedatama; dalagni hundi duudhaa
hedannaa kanaan qajeelfamuun gara dhaha dhooftuu dhaqu. Dhaha dhooftuunis yeroo guyyaa,
torbee, ji’a, waggaa, gadaa, jaarraa fi kkf keessatti qooddi. Akka kanaan waan darbe mil’atan;
waan ammaa argan; waan egerees raagan.

Hojii Waaqeffannaa keessatti dhaha ykn lakkoofsi yeroo Waaqeffannaa fi ayyaanaa wajjin
walqabataadha.

Akka ilaalcha Waaqeffannaatti jalqabni dhaha yeroo, uumama aduu fi mul`ata baatii quuqxee as
baate irraa eegalee yeroon akka yerootti beekamuufii lakkaawamuu jalqabe. Yeroo jechuun egaa
mul`ata baatii ganam-ganamee quuqxee as baatee fi aduu uumamtee ifaan lafatti qoma gatate
sana irraa eegalee dhahaan yeroo uumamee ardiilee kana irratti dhahamu jalqabe. Lakkoofsi
isaas ifa battala libsuu ijaa hin guunne sanarraa kaasee hanga saglii jaatamaatti duraa duubaan
yaasee yayyabuudhaan jaatama ennaa inni guutu Waaqni maree deemsisuudhaan walirraa cita
tokko malee fidee asiin gahe.

Beekumsi dhalli namaa Waaqa isa uume beekuuf kennaa uumamaan argate ta’uyyuu, maddi
beekumsaa kan ittiin Waaqeffannaa Waaqaa fi qaroominni jiruu fi jireenyaa lafa kana irratti
beekamuu kan eegale faana Abbootii Yaayyaa shanan boodaan mirkanaahe.

Abbootii Yaayyaa, Waaqayyo beekumsa muummee dhuma hin qabneen isaan badhaasee
qaamaan nama gidduu jiraachise. Abbootiin Yaayyaa shanan ayyaana beekumsaa kan Waaqayyo
isaan gonfachiisee erge kanaan wayyoomina jiruu fi jireenyaa lafa kana irratti sirnaa fi seeraan
yayyabuudhaan milkaawina uumama Waaqni uume hundaaf argamsiisan.
Egaa, haala kanaan finni dagaagina waan hallee kan dhalatu, kan biqiluu fi uumamu kun hundi
maddisaa Waaqaa tokkicha jenneetu waaqeffanna. Kanaafuu, maddi beekumsaa kan ittiin har`a
illee ummanni Oromoo dhaha yeroo beeku kun beekumsa Abbootiin Yaayyaa ganamaa
yayyabanii darbani irraa dhufee nu qaqqabe jenneetu amanna. Haala kanaan lakkoobsi ykn
beekumsi duris ta`e ammaa ittiin dhaha yeroo beeknu kun maddi isaa Abbootii Yaayyaa shanan
ennaa ta`an, mul`ati isaa ammoo warra ayyaantuun (dhaha dhooftuun) kennaa Waaqaan
sirnaahee hordofamee nuuf himama.

Innis:

1. Warri ayyaantuu galgala yeroo dhihee Urjiileen mul’attu dhaha, ejjee-bulaa ykn bakkalcha,
torbii, buusan urjiilee dhahaa, lummii leencaa fi kkf. ilaaludhaan ayyaana himu. Ayyaanni
kunis dheerina yeroo guyyaa tokkoo fudhata. Guyyaanis iyya-obbo-horoo irraa jalqabe
( iyya- obbo-horoo, barii, ganama, waaree, maaruu, galgala, waarii, halkan) jedhamee
beekama. Innis sa`aa sadi-sadiin gargar bahee dhaha yeroo keessatti sa`aa 24 xumuratee
ayyaana itti aanutti guyyaan kun of dabarsa.

2. Ayyaanni guyyaa torbaan mareetu torban tokko ta`eetu beekama. Isaanis wixata, Kibxata,
Roobii, Kamisa, Jimaata, Sanbataa fi Dilbata jedhaman. Torbanis torban duraa, torban
lammeessoo, torban sadachaa fi arfeessoo ta`uudhaan baatiin dukkan-girrisatti seenti.

3. Baatiin quuqxe, quuqxee gara goobanaatti guddatti (ayyaana kudha shan) itti fudhata.
Goobana irraa ammoo gara dukkanaatti deebi’uu eegalti. kun ammoo ayyaana kudha lama
itti fudhata. Deebitee quuquuf halkan sadii dukkan-girrisa ykn cagginoo keessa turti.
Akkanaan baatiin tokko ayyaanota digdamii torbaa fi dukkan-girrisa ykn cagginoo sadii
wajjin guyyaa aduun baatee galte soddoma dhaha yeroo keessatti lakkoobsisa.

4. Ayyaani digdamii torban kunis bakka sadiitti gargar bahu. Isaanis:


A. Ayyaana qeentee ykn tokko tokkee: Ayyaani kun lakkoobsaan kudha tokko

1. Ruuda ykn Innikka 7. Gardaaduma

2. Sorsa 8. Sonsa

3. Algaajima 9. Gidaada

4. Arba 10. Rubruma

5. Wala 11. Lumaasa


6. Carawa

B. Ayyaana cimdii ykn balloo: Ayyaani kun lakkoobsaan kudhan ta`an

1. Hariirii duraa 6. Basaa balloo

2. Hariirii balloo 7. Bitaa duraa

3. Magantii Jaarraa 8. Bitaa balloo

4. Magantii biriitii 9. Aduulaa duraa

5. Basaa duraa 10. Aduulaa balloo

C. Ayyaana sadacha ykn dullacha: Ayyaani kun lakkoobsaan jaha ta`an.

1. Salbaana duraa 4. Garba duraa

2. Salbaana balloo 5. Garba balloo

3. Salbaana dullacha 6. Garba dullacha

Haala kanaan baatiin tokko ayyaanota digdamii torba qabaachuudhaan, dukkan-girrisa (cagginoo) sadii
wajjin hedame ykn lakkaawame.

5. Baatiin kudha lama sadi-sadiin qoodamuun waqxiilee afur (Ganna, Birraa, Bonaa fi Arfaasaa) keessa
duraa boodaan dhufanii taruudhaan waggaa tokko lakkoofsisu. Baatiin kunis akka asiin gadiiti:
JI’OOTA WAQTIILEE

Waxabajjii Adoolessa Hagayya Ganna

Fulbaana Onkoloolessa Sadaasa Birraa

Mudde Amajjii Guraandhala Bona

Bitootessa Ebla Caamsaa Arfaasaa

5. Waggaanis duraa boodaan dhufee gaafa saddeet guutu Gadaa tokko lakkoobsisa.

6. Gadaan tokkos duraa boodaan dhufee shan gaafa guutu Marsaa tokko lakkoobsisa.

7. Marsaanis marsaa sagal duraa boodaan dhufee sagal ennaa ta`u Saglii ykn Jaatamaa tokko
lakkoobsisa.( kun egaa waggaa 360 ta`a).

Calendar

People needed to know and remember the times when the rains would begin and end as well as
the rise and fall of the water level. The responsibility of understanding these vital climatic cycles
fell on expertise. In due course, calendars were invented. In most cases, the length of the month
was based on the movement of the moon or the apparent movement of the sun. Otherwise, the
number of days in the week or in the year varied from region to region.

Calendars were developed and adopted among various peoples of Ethiopia and the Horn. Oromo
calendar has been based on astronomical observations of moon in conjunction with seven or
eight particular stars or group of stars called Urjii Dhahaa (guiding stars) and Bakkalcha
(morning star). There are 29.5 dates in a month and 354 days in 12 months of a year. Pillars
(dated 300 B.C.), which were discovered in northwestern Kenya from 1978-86 by
Archaeologists Lynch, Robbins and Doyl have suggested to represent site used to develop
Oromo calendar.

Time is a very important concept in Gadaa and therefore in Oromo life. Gadaa itself can be
narrowly defined as a given set of time (period) which groups of individuals perform specific
duties in a society. Gadaa could also mean age. The lives of individuals, rituals, ceremonies,
political and economic activities are scheduled rather precisely. For this purpose, the Oromo
have a calendar. The calendar is also used for weather forecasting and divination purposes.

The Oromo calendar is based on astronomical observations of the moon in conjunction with
seven or eight particular stars or star groups (Legesse, 1973 and Bassi, 1988) called Urji Dhaha
(guiding stars). According to this calendar system, there are approximately 30 days in a month
and 12 months in a year. The first day of a month is the day the new moon appears. A day (24
hours) starts and ends at sunrise.

In the Oromo calendar each day of the month and each month of the year has a name. Instead of
the expected 29 or 30 names for days of a month, there are only 27 names. These 27 days of the
month are permutated through the twelve months, in such a way that the beginning of each
month moves forward by 2 or 3 days. The loss per month is then the difference between the 27-
day month and the 30-day month, (Legesse, 1973). One interesting observation is that, as
illustrated in the computing of time like in the Oromo calendar, Oromos visualization of events is
cyclical just as many events in nature are cyclical.

Since each day (called ayyaana) of a month has a name, the Oromo traditionally had no use for
names of the days of a week. Perhaps it is because of this that today in different parts of Oromia
different names are in use for the days of a week.

Each of the 27 days (ayyaana) of the month have special meaning and connotation to the Oromo
time-keeping experts, called ayyaantu. Ayyaantu can tell the day, the month, the year and the
Gadaa period by keeping track of time astronomically. They are experts, in astronomy and
supplement their memory of things by examining the relative position of eight stars or star
groups, (Bassi, 1988) and the moon to determine the day (ayyaana) and the month. On the basis
of astronomical observations, they make an adjustment in the day name every two or three
months.

The pillars found a few years ago in north-western Kenya by Lynch and Robbins (1978) has
been suggested to represent a site used to develop the Oromo calendar system. According to
these researchers, it is the first archaeo-astronomical evidence in subSaharan Africa. Doyle
(1986) has suggested 300 B.C. as the approximate date of its invention.

According to Asmarom Legesse (1973), “The Oromo calendar is a great and unique invention
and has been recorded only in a very few cultures in history of mankind.” The only other known
cultures with this type of time-keeping are the Chinese, Mayans and Hindus. Legesse states that
the Oromo are unusual in that they seem to be the only people with a reasonably accurate
calendar which ignore the sun.
Gabatee II: Maqootii Guyyoota Ji'aa Dhaha Oromoo fi hiikkaa isaanii
Lakk. Sabbo-Goona Gujii Kaabaa Gujii Kibbaa Arsii Hiikkaa
1. Bitaa Bal’aa Bitaa Ameessoo Bitaa Lama Innika Ayyaana Uum
2. Sorsa Sorsa Sorsa Sorsa Ayyaana Daan
3. Algaajima/Ilkajima Algaajima Algaajima Algaajima Ayyaana Gaf
4. Arba Arba Arba Arba Ayyaana Jaar
5. Walla/Walqa Bolla Bolla Hulqa Ayyaana Jabi
6. Basaa Qaraa Basaa Basaa Walla Ayyaana Kad
7. Basaa Bal'oo Basaa Lama Basaa Lama Basaa Duraa Ayyaana Dub
8. Maganeettii Caraa Cara Cara Carawaa/Carraa Ayyaana Qeer
/Bacarra
9. Yaraa Durreetti Durreetti Durreetti Ayyaana eebb
10. Birrittii Dullattii Dullattii Dullattii Ayyaana Beek
11. Salbaan Duraa Bidiriisa Bidiriisa Bidiriisa Ayyaana Soor
12. Salbaan Bal’oo Deettii Jaarraa Salban Salbandeettii Ayyaana Gaa’
13. Dachaa/Suugii Karaab Karaabichaa Karaabichaa Ayyaana Gaar
14. Gardaaduma Gardaaduma Gardaaduma Gardaaduma Ayyaana Fard
15 Sonsa Ilkoole Buusaa Sonsa Ayyaana Bofa
16. Rurruma/Loomaas Lammeessoo Qaraa Idduu Rurruma Ayyaana War
17. Lumaasa Sadeessoo Eegee Lumaasa Ayyaana Leen
18. Gidaada Gidaada Gidaada Gidaada Ayyaana Sare
19. Ruuda Ruuda Ruuda Ruuda Ayyaana Hool
20. Areerii Duraa Areerii Areerii Garbitti Areerii Duraa Ayyaana Ogu
21. Areerii Bal’oo Areerii Lama Areerii Lama Ammallee Ayyaana Loon
Areerii
22. Aduulaa Duraa Aduula Aduulaa Duraa Adulaa Durattii Ayyaana Safu
23. Aduula Bal’oo Adulaa Lama Adulaa Lama Ammallee Ayyaana Safu
Aduulaa
24. Garbii Duraa Harfattuu Harfattuu Garba Qaraa Ayyaana Soor
25. Garbii Bal’oo Deettii Deettii Bitaa Deettii Ayyaana Qab
26. Dullacha Dullattii Bitaa Dullattii Nannaa Ayyaana Re’e
27. Bitaa Qaraa Bitaa Bitaa Duraa Bitaa Ayyaana Naga
28. Bitaa Bal’oo Bitaa Lama Bitaa Lama Amallee Bitaa Ayyaana Jagn
29 Gaddarba Gaddarba Gaddarba Gaddarba Ayyaana Cagg
29.5 Xawalwaallee/Sawarwaarre Xawalwaallee Xawalwaallee Xawalwaallee Ayyaana Cagg

You might also like