Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 12

Ragaalee odiitii qindeessanii qabuu;

Kaayyoo Leenjichaa
 Odiitarichi adeemsa hojii odiitii irratti ragaalee odiitii akkamitti galmeessee
qabachuu akka qabu yaada tokko qabachiisuudhaaf.
 Qajeeltoowwan ragaalee odiitii guuttachuu (principles of Documentation)
A. Kan walfakkaatuu fi sadarkaa dhaabbataa duukaa kan bu’e akka ta’uu gochuu
(consistency and standard action).
B. Dhugaa fi yeroon ta’uu isaa,
C. Ifaa fi gabaabaa ta’uu isaa,
D. Guutuu ta’uu (completeness)
E. Waraqaan hojii odiitii eenyuun akka barreeffame gamaaggama isaa
F. Iccitii eeguu,
D.Waraqaan hojii odiitii kan hammatuu qabu;
 karoora odiitii keessaa qophaassaa qophaa’e,
 Odiitii raawwate,
 Gabaasa hojii odiitii dhiyaate,
 Hordoffii fi deggarsa taasifame,
 Galmeefamee qabachuu qabu
 Kuusaan waraqaa hojii odiitii bakka lamatti qoodamuu danda’a.
1. kuusaa dhaabbataa kan agarsiisu odiiticha wajjin kan
walqabatan ragaalee wal irraa hin cinne
2. kuusaa yerootti :-herrega bara baajata odiitii ta’aa jiru
ragaalee walqabate jiru kan agarsiisu dha.
 Qophii warqaa hojii odiitii
Qophii gabaasaaf waraqaa hojii odiitii murteessaan waraqaa hojii odiitii
qopheessuudha.
Sadarkaa raawwii kan ta’e 2330 sadarkaa odiitii , sadarkaa isaa kan eege
imaammataa fi qajeelfamoota fayyadamuu akka qabnu ni ibsa.
 Raawwii waraqaalee hojii odiitii keessatti teekinikiin hojii odiitii ykn
amalli isaa ibsamuu qaba.
 Tokkoon tokkoo qophiin waraqaa hojii odiitii :-
 Haala hojii hojjetamuu,
 kaayyoo isaa fi haalli qabinsa isaa,
 fakkii isaa adda adda yoo ta’e iyyuu kana irratti qabxii fi mala walfakaatu
kan qaban xiyyeeffannoon barbaachisu kennamuufii akka qabuu,
A. Tokkoon tokkoo waraqaa hojii odiitii ragaalee
barbaachisaa ta’an guutee qabaachuu qaba.
 Ragaaleen kunis:
 Maqaa waajjira odiitii ta’uu
 Mata duree ykn ibsa waraqaa hojii odiitii
 kaayyoo fi qabinsa waraqaa hojii odiitii
 Yeroo odiitichi fudhate
 Waraqaa hojii odiitii kan qopheessee fi odiitara irra deebii godhe, maqaa
isaatiif guyyaa itti qophaa’ee fi guyyaa itti irra deebii ta’e.
 Akkaataa taa’umsa lakkoofsa waraqaa hojii odiitii /koodii/eegee taa’uu
qaba.
 B. Tokkoon tokkoo waraqaa hojii odiitii nama qopheessee fi
gamaaggameetiin Mallatteeffamuu qaba.
C. Tokkoon tokkoo waraqaa hojii odiitii ,
 kaa’umsa kuusaa akka gargaaruu gama barbaachisuun lakkoofisii
kennamuu,
 Lakkoofsi heertuu guutamuu qaba.
 Lakkoofsi baafataa kan guutamu tokkoon tokkoo waraqaa hojii odiitii fuula
isa duraatti, yammuu ta’u haalli itti guutamus qubeewwan adda addaa,
Galatoomaa
Horataalee Qulqulluu
(5601)
Kaayyoo Barumsichaa
 Sirna qabiinsa herregaa keessatti hiika horataalee qulqulluuf kenname barsiisuuf;
 Madaalsisni Horataalee qulqulluu atamitti akka irra ga’amuu agarsiisuuf;
 Tooftaa odiitii madaalaa fi galmeeffama herregaa (substantive audit procedure) kan
sirruummaa baasii irraa hafiin Madaalsisa herregaa keessatti mul’atuu mirkaneessuuf
gargaaruu ibsuuf
Horataalee Qulqulluu:
 Horataalee waliigalaa irraa herregoota kaffalamawwan fi Letter of Kireediitiin yommuu
hir’ifamuu garaagarummaa argamuu dha.
 Horataalee = Mallaqaa callaa sanduqaa
+ Mallaqaa callaa baankii
+ Herrega walitti qabamu
 Horataale – (Idaawwan + Letter of Kireediitiin) = Horata Qulqulluu
 Horataalee Qulqulluun kan uumamuu/ kan tajaajilu yeroo murtaa’ee tokko (waggaa)
keessatti galii walitti qabame fi baasii raawwatame gidduu garaagarummaa jiru irraa
ta’a.
 Manneen hojii mootummaa yeroo murtaa’e tokko (waggaa) keessatti maallaqa walitti
qaban hundumaa baasii gochuu dhiisuu ni danda’a.
 Sababaa kanaan madaalliin galii fi baasii gara madaalsisa herregaatti (TB) yommuu
darban lamaanuu walqixa ta’uu dhiisuu ni danda’u.
Tooftaa odiitii (audit procedures)
 Akka herregoota biroo,horataalee qulqulluu odiitii gochuuf tooftaa odiitii gadifageenya
hordofuun barbaachisaa miti,
 Sababiin isaas madaallii uumame kana irra kan geessisan herregoonni biroo yommuu
odiitii ta’an waan mirkanaa’uuf.

Sirna Bulchiinsaa fi Too’annoo Maallaqa


Imaanaa Manneen Murtii Oromiyaa
Haala Waliigalaa
 Maallaqni imaanaa ajaja dhaddachaatiin ni qabama,
 Maallaqni imaanaa karaa:-
- Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaatiin, (DURSA)
- Qabduu Maallaqaatiin,
- Ofisara Seeratiin sassaabamuu ni danda’a;
(Dambii Bul/Of/See/Lak.04/2011 – 10(1)
 Koreen Bulchiinsaa;
 Hanga maallaqaa imaanaan qabamu,
 Haala baay’ina sochii hojii dhimmichaan
walqabatu;
 Baankiin H.G.O, M.M.tti dhiyeenyaan
jiraachuu fi dhabuu;
 Haalli amansiisaa biroo yoo jiraate.
 Maallaqni imaanaa qaama ykn kaffalaa tokko irraa yeroo tokkotti qabsiifamu qarshii 10,000.00
(kuma kudhan) ol yoo ta’e, karaa B.H.G.O.tiin qabsiifamuu qaba.
 Hojjataa maallaqa imaanaa sassaabu kamiyyuu wabii gahaa qabaachuu qaba,
 Maallaqni imaanaa ajaja dhaddachaatiin qofa kan deebi’u ta’a.
 M.I karaa Qabduu Maallaqaatiin qarshiidhaan ykn karaa BHGO cheekiidhaan deebi’uu ni
danda’a.
 Hanga qarshii 2,000.00 (kuma lamaa)tti saanduqa irraa kaffaluun ni danda’ama.
 Bakka/Magaalaa BHGO hin jirreetti, Baankii Daldalaa Itoophiyaatiin kan tajaajilamu ta’a.
 Baankiiwwan lamaanuu bakka hin jirreetti,
 Karaa mana murtichaatiin moodeela 85niin sassaabamee, Waajjirri M.W.D. akka kaffalu ni
taasifama.
Sirna Bulchiinsaa Fi To’annoo Moodeela 85
 Raawwataan Bittaa ykn hojjataa biroo moodeela 85 Biiroo/Waajjira M.W.D. irraa fidu;
 Moodeelichi hojii mana murtiitiif kan gargaaru ta’uu,
 Baay’ina paadii fi fuulli isaa guutuu ta’uu,
 Moodeela 22n baasii gochuu,
 Raawwataan mana kuusaas;
Baay’inaa fi guutummaa moodeelichaa moodeela 22 Biiroo/Waajjira M.W.D. irraa maqaa hojjataa
moodeelicha baasii godheen guutamee fi moodeela dhiyaate walbira qabuun sirrummaa isaa
mirkaneeffachuudhaan moodeela 19n galii gochuu qaba,
 Hojjataa maallaqicha sassaabuuf koree bulchiinsaatiin ramadame;
 Uunka gaafannoo meeshaa 20/21tiin gaafachuu,
 Hojjataa herreegaa dhimmicha hordofuun mirkaneessisuu,
 Hogganaa ykn nama bakka bu’ummaa kennameefiin ajajchisuu,
 Sirrummaa moodeelichaa mirkaneeffachuu,
Moodeela 22 irratti mallatteessee baasii gochuu.
 Maallaqa sassaabe hunda qabduu maallaqaatti ykn baankiitti erga galii godhe booda, paadii
moodeela 85 ittin hojjatee xumure, mana kuusaatti ykn kutaa harshammee mana murtichaatti
HE/MO 42n ykn Moodeela 19Btiin osoo galii hin godhiin kan biroo baasuun hin danda’amu.
 Raawwataan mana kuusaa, Moodeeloota 85 duraan Biiroo/Waajjira M.W.D. irraa dhufan hundi
ittiin hojjatamanii xumuramanii mana kuusaatti ykn kutaa harshammee mana murtichaatti osoo
galii hin ta’iin paadiin biroo akka dhufu gaaffii dhiyeessuu hin qabu.
Sirna Sassaabbii, Bulchiinsaa Fi Too’annoo Maallaqa Imaanaa
I. Maallaqichi karaa Baankii HGOtiin yeroo sassaabamu;
 Ofiisarri seeraa:-
 Ajaja dhaddachaan kenname sirritti dubbisee hubachuudhaan qaama maallaqicha akka qabsisu
ajajameef hanga maallaqaa qabsisuu qabu itti himuu,
 Maqaa fi lakkoofsa herreega baankii maqaa mana murtichaatiin Baankii H.G.O.tti baname
barreessee itti kennuu,
 Nagahee baankiidhaa kennamuuf fidatee dhufee qabduu maallaqaa mana murtichaatti akka itti
kennu taasisuu qaba.
 Maallaqni imaanaa akka qabamu ajaja dhaddacha irraa kenname xalayaa
gaggeessituudhaan deeggaramee galmee dhaddachaa waliin Qabduu Maallaqaa gahu
qaba;
 Qabduun maallaqaa:-
 Nagahee orijinaalaa baankii fudhachuu,
 Maallaqichi maqaa maallaqicha qabsiisuu qabuun qabamuu,
 Lakkoofsa herreega baankii ittiin galii ta’ee fi hamma maallaqaa galii ta’e qulqulleessuu,
Moodeela 85 qopheessuudhaan kaffalaaf kennuu
 Galmee dhaddachaa irratti iddoo Abbaan Seeraa itti barreessu osoo hin tuqin;
- Lakkoofsa moodeela 85,
- Maqaa nama maallaqichi ittiin qabame,
- Hanga maallaqaa qabsiifame,
- Guyyaa maallaqichi itti qabamee fi
- Maallaqichi karaa baankiitiin qabamuu isaa dabalatee ibsuudhaan
mallattoo isheetiin erga mirkaneeffatte booda galmicha deebisuu qabdi.
 Qabduun maallaqaa herreega galii guyyaa baankii hojjachisuu waan qabduuf, Guyyuma
moodeela 85 qopheessiteetti HE/MO 65 irratti tarreessitee fuula lammaffaa moodeela
85 waliin qabsisuudhaan kutaa herreegaatti dhiyeessuun Nagahee Galii Xumuraa,
HE/MO 64n herreega galii guyyaa baankii erga hojjachiifatte booda, Orijinaala HE/MO 64
fudhachuudhaan ragaadhaaf sirnaan of-bira kaa’uu qabdi.
Maallaqichi Qabduuu Maallaqaatiin Yeroo Sassaabamu
 Qabduun Maallaqaa;
- Ajajni dhaddacha xalayaa gaggeessituudhaan deeggaramee galmee dhaddachaa waliin
dhihaachufii qaba;
- Hanga maallaqaa ajajamee fi qaama maallaqicha qabsiisu of eeggannoodhaan adda baafachuu
qabdi;
- Odeeffannoowwan moodeelli 85 gaafatu sirnaan guutuudhaan hanga maallaqaa of
eeggannoodhaan lakkooftee erga fudhatte booda, moodeelicha irratti mallatteessitee orijinaala
isaa qaama kaffaleef kennuu qabdi;
- Galmee dhaddachichaa irratti iddoo Abbaan Seeraa itti barreessu osoo hin tuqin lakkoofsa
moodeela 85, maqaa nama maallaqichi ittiin qabamee fi hanga maallaqaa qabsiifame guyyaa
maallaqichi itti qabame dabalatee ibsuudhaan mallattoo isheetiin erga mirkaneeffatte booda
galmicha deebisuu qabdi.
Guyyuma sanatti, B.H.G.O.tti lakkoofsa herreega baankii mana murtichaatiin banamee socho’aa jirutti
galii gochuudhaan, maallaqa galii goteefis battalumatti baankicha irraa nagahee fudhachuu qabdi
- Maallaqa sassaabdeef herreega galii saanduqa guyyaa hojjachisuu waan qabduuf, HE/MO 65
fuula lammaffaa moodeela 85 waliin qabsistee kutaa herreegaatti dhiyeessuudhaan HE/MO 64
erga hojjachiifatte booda, Orijinaala HE/MO 64 fudhachuudhaan ragaadhaaf sirnaan of-bira
kaa’uu qabdi.
- Maallaqa baankiitti galii gooteefis herreega baasii saanduqa guyyaa hojjachiisuu waan qabduuf,
nagahee galii baankiirraa fudhatte ofiif koppii gootee qabachuudhaan orijinaala isaa kutaa
herreegaatti dhiyeessuun HE/MO 7/1n baasii ishee hojjachisuu qabdi.
 Maallaqichi Ofiisara Seeraatiin kan sassaabamu yoo ta’e (Dambii Bulchiinsa Ofiisara Seera Lakk.
4/2011 keewwata 10(1))
Ofiisarri Seeraa:-
 Ajaja dhaddachaan kenname irraa hanga maallaqaa akka qabamu ajajamee fi maqaa qaama
maallaqicha akka qabsiisu dhaddachi ajaje of eeggannoodhaan adda baafachuu qaba;
 Odeeffannoowwan moodeelli 85 gaafatu sirnaan guutuudhaan hanga maallaqaa of
eeggannoodhaan lakkaa’ee erga fudhate booda, moodeelicha irratti mallatteessee orijinaala isaa
qaama kaffaleef kennuu qaba;
 Tajaajilamaa ykn qaama tokko irraa maallaqni qabamu qarshii 10,000.00 ol yoo ta’e, maallaqichi
karaa B.H.G.O.tiin akka qabamu taasifama.
 Tajaajilamaa maallaqicha baankitti qabsisuuf odeeffannoo guutuu kennuufii qaba,
 Nagahee orijinaalaa baankii dhiyaateef irraa; - Maallaqichi maqaa maallaqicha
qabsiisuu qabuun qabamuu,
 Lakkoofsa herreega baankii ittiin galii ta’ee fi hamma maallaqaa galii ta’e of-eeggannoodhaan
sirrummaa isaa mirkaneessuu,
 Moodeela 85 qopheessee kennuu,
 Galmicha irratti iddoo Abbaan Seeraa itti barreessu osoo hin tuqin lakkoofsa modeela 85, maqaa
nama maallaqichi ittiin qabamee fi hanga maallaqaa qabsiifame guyyaa maallaqichi itti qabame
dabalatee ibsuudhaan mallattoo isaatiin mirkaneessuu qaba. - Maallaqa imaanaa
sassaabe guyyuma sana HE/MO 65 irratti tarreessee mallattoo isaatiin mirkaneessuudhaan,
sirrummaa herreegichaatiif hojjataa herreegaatti dhiyeessuun HE/MO 64 erga hojjachiifte booda,
qarshicha qabduu maallaqaa mana murtichaatti galii gochuu qaba.
 Maallaqa galii taasiseefis orijinaala HE/MO 64 qabduu maallaqaan mallatteeffame fudhachuu qaba.
 Qabduun Maallaqaas, maallaqa imaanaa HE/MO 64n ofiisara seeraa irraa sassaabde guyyuma sanatti
herreega baankii maqaa Mana Murtichaatiin B.H.G.O.tti banametti galii gochuudhaan, Nagahee
baankicha irraa kennameefi kutaa herreegaatti dhiyeessuudhaan herreega baasii ishee HE/MO 7/1 n
hojjachiisuu qabdi.
 Dhaddachaalee Dhaabbii Manneen Murtii Waliigalaa Oromiyaa sadan biratti maallaqni imaanaa kan
sassaabamu Ofiisara Seeraa Mana Murtii Dhaddacha Dhaabbichaatiin ta’a.
 Dhaddachi Dhaabbii Mana Murtii Waliigalaa, Ofiisara Seeraa maallaqa imaanaa akka sassaabu
ramadeef yeroo xalayaa barreessuuf, Mana Murtii Ol’aanaa dhiyeenyatti argamuuf garagalchaan
beeksisuu qaba. (W/Bahaa, Sh/Bahaa, A/Lixaa),
 Ofiisarri Seeraa maallaqa imaanaa Dhaddacha Dhaabbichaa ittiin sassaabuuf moodeela 85 isa
barbaachisu, Mana Murtii Ol’aanaa irraa baasii godha.
Ofiisarri Seerichaas:-
 Ajaja dhaddachaa hubachuu,
 Moodeela 85 sirnaan guutuu,
 Maallaqa sirnaan lakkaa’ee fuudhuu,
 Qr. 10,000.00 ol herreega baankii M.M.Ol’aanichaatiin BHGOtti akka galii ta’u taasisuu,
 Nagahee baankicharraa dhiyaate qulqulleessee moodeela 85 qopheessuu,
 Maallaqa guyyaa guyyaadhaan sassaabe, guyyuma sanatti lakkoofsa herreega baankii maqaa mana
murtii Ol’aanichaatiin BHGOtti galii gochuu qaba.
Maallaqa baankitti galii godheef herreega isaa hojjachisifachuu waan qabuuf, hamma maallaqaa
sassaabe guyyuma sassaabeetti HE/MO 65 irratti tarreessee nagahee baankii fi fuula 2ffaa moodeela 85
waliin qabsisuun kutaa herreegaa Mana Murtii Ol’aanaatti dhiyeessuudhaan HE/MO 64 ni hojjachiisa
 Hojjataan herreegaas HE/MO 64 yeroo qopheessu, bakka maqaa fi mallattoo qabduu maallaqaa
jedhutti, qabduu mallaqaa mallatteessisuu osoo hin barbaachisin “Ragaa Waliin Qabateera” jedhee
irratti barreessuudhaan Orijinaala isaa Ofiisara Seerichaaf, Fuula 2ffaa ammoo, fuula 2ffaa moodeela
85, Nagahee Baankii fi HE/MO 65 waliin qabsiisuudhaan sanada godhee of-eeggannoodhaan sirnaan
kaa’uu qaba.
 Ofiisarri seerichaa moodeela 85 ittiin hojjatee xumure qarshii isaa hunda erga galii godhe booda
paadicha kutaa harshammee M.M.Ol’aanaatti deebisuu qaba.
 Manni Murii Ol’aanichaas akkuma sochii herreegaa mana murtii ofii hordofuu fi too’atutti kan
Dhaddacha Dhaabbii mana murtii waliigalaas hordofuu fi too’achuun irra jiraata.
Dhaddachaalee Dhaabbii Manneen Murtii Ol’aanaa biratti maallaqni imaanaa kan sassaabamu
Ofiisara Seeraa Mana Murtii Ol’aanaa Dhaddacha Dhaabbichaatiin ta’a.
 Ofiisarri Seerichaas:-
 Ajaja dhaddachaa hubachuu,
 Moodeela 85 sirnaan guutuu,
 Maallaqa sirnaan lakkaa’ee fuudhuu,
 Qr. 10,000.00 ol herreega baankii M.M.Aanichaatiin BHGOtti akka galii ta’u taasisuu,
 Nagahee baankicharraa dhiyaate qulqulleessee moodeela 85 qopheessuu,
 Maallaqa guyyaa guyyaadhaan sassaabe, guyyuma sanatti lakkoofsa herreega baankii maqaa mana
murtii Aanichaatiin BHGOtti galii gochuu qaba.
 Maallaqa baankitti galii godheef herreega isaa hojjachisifachuu waan qabuuf, hamma maallaqaa
sassaabe guyyuma sassaabeetti HE/MO 65 irratti tarreessee nagahee baankii fi fuula 2ffaa moodeela
85 waliin qabsisuun kutaa herreegaa Mana Murtii Aanaatti dhiyeessuudhaan HE/MO 64 ni
hojjachiisa.
 Ofiisarri seerichaa moodeela 85 ittiin hojjatee xumure qarshii isaa hunda erga galii godhe booda
paadicha kutaa harshammee M.M.Aanichaatti deebisuu qaba.
 Manni Murii Aanichaas akkuma sochii herreegaa mana murtii ofii hordofuu fi too’atutti kan
Dhaddacha Dhaabbii mana murtii waliigalaas hordofuu fi too’achuun irra jiraata.
 Sirna Kaffaltii Maallaqa Imaanaa
Maallaqni imaanaa:-
 Qaama maallaqicha qabsiseef, ykn
 Guutummaatti ykn hamma ta’e mootummaaf galii
akka ta’u dhaddachi ajajuu ni danda’a.
 Ajaja dhaddachi kenne xalayaa gaggeessituudhaan
deeggaramee Daay/Garee B.B.F.Q Mana Murtichaaf
gahuu qaba.
 Daayireektarri Ykn Dursaan Garee B.B.F.Q ajaja
dhaddacha irraa kenname erga sirnaan hubate
booda, kutaa/hojjataa herreegaatti qajeelchuu qaba.
 Hojjataan herreegaa:-
 Maallaqa deebi’uu qabu (Mootummaaf galii ta’u)
 Hamma maallaqaa deeb’uu qabu ykn mootummaaf galii ta’uu qabu,
 Maallaqichi abbaa deebi’uufii qabu erga qulqulleeffate booda, nagahee orijinaalaa
Moodeela 85 maallaqichi dura ittiin qabsiifamee jiruu fi koppii waraqaa eenyummaa
qaama maallaqichi deebi’uufii qabu irraa qulqulleessee fudhachuu qaba,
 Qaamni maallaqicha akka fudhatu ajajameef tarii Orijinaala moodeela 85 duraan
maallaqa ittiin qabsiisee ture sababa jalaa badeef dhiyeessuu kan hin dandeenye yoo
ta’e, abbaan dhimmichaa dhaddachatti akka iyyatu taasisuudhaan, dhaddachi haftee
moodeela 85 manuma murtii keessaa argamu irraa qulqulleeffamee akka deebi’uuf akka
ajajamuuf abbaa dhimmichaatti himuu qaba.
 Dhaddachi haftee moodeela 85 irraa qulqulleeffamee maallaqichi akka deebi’uuf yeroo
ajaju, ajajichi xalayaa gaggeessituudhaan Daa/Garee B.B.F.Q gahuu qaba.
 Hojjataan herreegaa, ragaalee barbaachisan hundi erga guutame booda, moodeela 86
qopheessuudhaan baasichi akka mirkanaa’u qaama baasicha ajajuuf aangoo qabu
(Pireez. Ykn nama bakka bu’ummaa qabuun) erga mallatteessise booda,
- Qarshii 2,000.00 fi sanaa gadi yoo ta’e, gara qabduu maallaqaatti,
- Qarshii 2,000.00 ol yoo ta’e cheekii qopheessuu,
 Jalqaba maallaqni imaanaa Baankii Dal.Itoop. Irraa gara Baankii HGOtti yeroo dhufu,
Gulantaa baankii (4103) ---- Deebiit
Herreega Kaffalamaa (5052/001) ---- Kireedit ta’ee Nagahee Galii (RV) irratti
galmeeffamuu qaba.
 Maallaqni imaanaa saanduqa irraa kaffaluuf, dursa;
 Hamma maallaqaa bifa ‘petty cash’ akka dhufu murtaa’eef;
 Qab/Maallaqaa gaaffii maallaqa ‘petty cash’ dhiyeessitee erga heyyamameef booda,
 Hoj.herreegaa HE/MO 7/1 fi cheekii maqaa Qab/Maallaqaatiin ni qopheessa.
4101 ------- xxxxx Deebiit
4103 -------- xxxxxx Kireedit
Galmeessuudhaan PV fi Cheekii hoggantoota dhimmicha ilaallatan ni mallatteessisa.
 Maqaa Qabduu maallaqaatiin hanga maallaqaa heyyamameef cheekii qopheesse PV
waliin qaama ilaallatu erga mallatteessise booda, PV fi Haftee Cheekii (Check stub) irratti
Qabduu maallaqaa mallatteessisee cheekicha ni kennaaf.
 Gaaffiin ‘Petty Cash’ kan dhiyaatu, garaagarummaa hanga maallaqaa kaffalameen ta’uu
qaba. (Replenish)
 Qabduun maallaqaa Galmee Saanduqaa (Cash Book) sirnaan fayyadamuu qabdi.
 Qabduun maallaqaas maallaqa imaanaa saanduqa irraa akka kaffalamu ajajameef,
ragaalee dhiyaatan hundi guutuu ta’uu erga qulqulleessite booda, moodeela 86 bakka
fudhataa maallaqaa jedhu irratti mallatteessistee hanga maallaqaa deebi’uufii qabu of-
eeggannoodhaan lakkooftee kaffaluu qabdi.
 Kaffalticha erga raawwatte boodas, fuula 2ffaa moodeela 86, ajaja dhaddachaa fi waraqaa
eenyummaa qaama maallaqicha fudhate irraa dhiyaate waliin herreegni baasii saanduqa
guyyaa akka hojjatamuuf hojjataa herreegaatti dhiyeessuu qabdi.
 Hojjataan herreegaas Nagahee Baasii HE/MO 7/1 irratti,
Herreega kaffalama Imaanaa (5052)Deebiit,
Herreega Saanduqaa (4101) Kireedit gochuudhaan,
- bakka ‘kan qopheesse’, ‘kan mirkaneesse’ erga mallatteessise booda, bakka fudhataan maallaqaa
itti mallatteessutti ‘ragaa waliin qabsiifameera’ jedhee barreesuudhaan, Orijinaala Nagahee Baasii,
HE/MO 7/1 irraa kutee ragaalee waliin walitti qabsiisuudhaan sanada herreegaa guutuu godhee,
Q/Maall. erga deebise booda, Q/Maall. HE/MO 42n gara kutaa herreegaatti (kutaa harshameetti),
Kutaan herreegaas herreegicha erga galmeeffate booda, HE/MO 42n kutaa harshammeetti kennuu
qaba. Bakka kutaan harshammee caaseeffamaan hin jirreetti ammoo kutaadhuma herreegaa
keessatti of-eeggannoodhaan sirnaan kaa’uu qaba.
 Maallaqa imaanaa deebi’uu qabu qarshii 2,000.00 ol yoo ta’e, kaffaltichi cheekiidhaan
raawwatamuu waan qabuuf,
 Manni Murtichaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaarraa cheekii hojichaaf gargaaru
bituudhaan (Baajata idilee irraa 6256) mana kuusaa mana murtichaatti moodeela 19n
galii ta’u qaba,
 Cheekii moodeela 19n galii ta’e, uunka 20/21n gaafatee qaama ilaallatuun
heyyamsisuudhaan moodeela 22n kan baasii godhu hojjataa herreegaa ta’uu qaba,
 Herreega baankii baname xalayaadhaan ykn cheekiidhaan sochosuuf hoggantoota ykn
hojjattoota sadiif koree bulchiinsaa mana murtichaatiin aangoon kennamuufii qaba.
 Hojjataan herreegaa moodeela 22n cheekii baasu, herreega baankii sochosuuf ykn
mallatteessuuf aangoo kennameef sadan keessaa ta’uu hin qabu.
 Namoota herreega baankichaa sochosuuf aangoon kennameef keessaa mallattoo
namoota lamaan herreegichi kan socho’u ykn kan mallattaa’u ta’a.
 Maqaa fi hanga maallaqaa kaffalamuu qabu dhaddachaan ajajameef cheekii fi HE/MO
7/1 of-eeggannoodhaan qopheessuu qaba,
 HE/MO 7/1 irrattis,
Herreega Kaffalamaa Imaanaa (5052/xx) Deebiit, Herreega Baankii (4103) Kireedit
gochuudhaan, qopheessee mallatteessuu fi hogganaa baasii ajajuun mallatteessisuu qaba.
 Cheekiis qopheessee mallatteessisuu qaba. (namoota lama)
 Qaama maallaqicha akka fudhatu heyyamameef dugda duuba haftee cheekii (Check
stub) irratti maqaa fi guyyaa barreessee akka mallatteessu, Akkasumas, Moodeela 86
irratti bakka mallattoo fudhataa maallaqaa jedhutti akka mallatteessu erga taasise
booda, cheekicha kutee kennuufii qaba.
 Qaama maallaqicha fudhatu HE/MO 7/1 irratti mallatteessuun hin barbaachisu. (Ragaa
Waliin Qabateera)
 Dhuma irrattis, Orijinaala HE/MO 7/1 ragaalee ajaja dhaddachaa, Orijinaala moodeela
85 fi 86 fi koppii waraqaa eenyummaa waliin walitti qabsiisuudhaan sanada herreegaa
guutuu godhee kutaa harshameetti HE/MO 42n mallatteessisee kennuu qaba.
 Maallaqni Imaanaa mootummaaf galii haa ta’u yeroo jedhamu;
Hojjataan herreegaa:-
 Ajaja dhaddachaan ajajame irratti bu’ureeffachuun dursa hamma maallaqaa fi qaama
maallaqicha qabsiisee ture haftee moodeela 85 waliin walbira qabee qulqulleessuu
qaba,
 Maallaqichi herreega baankii maqaa Mana Murtiitiin Baankii HGO keessatti jiraachuu
isaa qulqulleessuu qaba,
 Maallaqichi Baankii HGO irraa ba’ii ta’ee Biiroo/Waaj.M.W.Dtti karaa Qabduu Maallaqaatiin
cheekiin qophaa’ee raawwatamuu waan qabuuf, HE/MO 7/1n
 4101--- Deebiit
4103 ----------- Kireediit gochuun cheekii waliin qopheessuun qaama
ilaallatu erga mallatteessise booda, Cheekii fi PV irratti qabduu maallaqaa mallatteessisee
cheekicha kennuufii qaba.
Qabduun maallaqaa maallaqicha BHGO irraa baasuun gara herreega baankii Biiroo/Waaj.M.W.Dtti
(Baankii Dal/Itooph) erga galii goote booda, Nagahee baankichaarraa kennameef
Biiroo/Waaj.M.W.D.tti geessuun HE/MO 64 erga mursistee fudhatte kutaa herreegaatti dhiyeessuu
qabdi.
Kutaan herreegaasa baasii saanduqaa;
5052 ----- Deebiit
4101 ------------ Kireediit gochuudhaan hojjachuufii qaba.
(3) Raawwataan Herreegaas;
 Maqaa mallaqichi qabsiifamee tureen Moodeela 86 qopheessee qaama ilaallatu
mallatteessisuu qaba,
 Moodeela 86 irrattis bakka fudhataa maallaqaa jedhutti ‘Ragaa Baankii Waliin
Qabsiifameera’ jedhee barreessuu qaba.
 Dhuma irratti, Qabduun maallaqaa Ragaawwan ajaja dhaddachaa, koppii moodeela 85
maallaqichi duraan itti qabsiifamee ture, Nagahee HE/MO 64 Biiroo/Waajj. M.W.D. irraa
kenname, moodeela 86 orijinaalaa fi HE/MO 7/1 waliin qabsisuudhaan, sanada
herreegaa guutuu gootee kutaa herreegaatti HE/MO 42n mallatteessistee kennuu qabdi.
Kutaan herreegaas herreegicha erga galmeeffatee xumure booda, Sanadicha gara kutaa
harshammeetti/kutaa herreegaa keessatti of-eeggannoodhaan sirnaan kaa’uu qaba.
 Daay/Gareen B.B.F.Q. (Hojjataan herreegaa) sochii herreega baankii galii fi baasii ta’u
Kaardii leejara herreega baankii qopheessuudhaan ji’a ji’aan ragaa sochii maallaqaa ibsu
(bank statement) baankicha irraa fudhachaa, leejara baankii hojjataa herreegaatiin
galmeeffamaa ittiin hordofamaa jiru waliin madaalsisa (Araarsa) herreega baankii
hojjachaa sochii maallaqaa baankii keessa jiru too’achuu qaba.
 Dhaddachaaleen Dhaabbii Manneen Murtii Waliigalaa Oromiyaa sadanii fi
Dhaddachaaleen Dhaabbii Manneen Murtii Ol’aanaa maallaqa imaanaa kaffaluu hin
danda’anu.
Maallaqni imaanaa karaa Dhaddachaalee Dhaabbii M.M.W.O. sadaniin, akkasumas,
Dhaddachaalee Dhaabbii M.M.Ol.tiin qabamee ture akka deebi’u yeroo ajajamu,
Dhaddachaaleen Dhaabbii kun karaa Mana Murtii Ol’aanaa ykn Aanaa maallaqni
imaanaa duraan qabameetiin akka deebi’uuf ajaja ni dabarsu
 Manneen Murtii Ol’aanaa Godinaalee /Aanaalee/ sirna deebisiisa maallaqa imaanaa
akkaataa armaan olitti ibsame hordofuudhaan qaama ajajameef ni deebisu.
 Daay/Gareen B.B.F.Q manneen murtii sadarkaan jiran sochii maallaqa imaanaatiin
walqabatee gaheen isaanii kan armaan olitti ibsame bahuun akkuma jirutti ta’ee,
 Leejaroota, Moodeeloota adda addaa, 85, 86, 64, PV, RV, JV Biiroo/Waajjira M.W.D.rraa
gaafatamanii dhufan galii gochuurraa kaasee hanga ittiin hojjatamanii mana
kuusaatti/kutaa harshammeetti deebi’anitti akkaataa uunka 001 fi 002 galmeessaa
hordofuu qabu,
 Sochii maallaqa imaanaa moodeela 85niin sassaabamuu fi moodeela 86n karaa Qabduu
Mallaqaatiinis ta’e karaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaatiin Cheekiidhaan
/xalayaadhaan kaffalamu akkaataa uunka 003 fi 004tti galmeessaa hordofuu qabu,
 Sochii herreegaa maallaqa imaanaa baankicha keessatti socho’uuf ji’a ji’aan ragaa sochii
maallaqaa (bank statement) baankicha irraa gaafatanii fudhachuudhaan madaalsisa
herreegaa leejara baankii kutaa herreegaatiin galmaa’ee fi ‘bank statement’ irratti
ibsame walbira qabuun araarsa herreega baankii (Bank Reconciliation) hojjachuu qabu,
Sirna Too’annoo Fi Hordoffii Odiitii Keessaa
 Odiitiin Keessaa Manneen Murtii;
Moodeeloota 85 fi 86 Biiroo/Waajjira M.W.D. irraa gaafatamanii dhufan irraa kaasee
hanga ittiin hojjatamanii gara mana kuusaatti/kutaa harshammeetti deebi’anitti
hojimaata jiru, Akkasumas, Sassaabbii maallaqaa maallaqa imaanaa moodeela 85niin
raawwatamee hanga Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaatti galii ta’eetti,
Akkasumas, Kaffaltiiwwan maallaqa imaanaa qabduu maallaqaatinis ta’e Baankiitiin
raawwataman guyyaa guyyaadhaan ni hordofa, ni too’ata.
 Yeroo odiitii gadi fageenyaa gaggeessutti argannoowwan battalatti sirreeffama argachuu
qaban Daay/Garee B.B.F.Q. waliin mari’achuudhaan akka sirreeffaman ni taasisa.
 Argannoowwan argaman Daay/Garee B.B.F.Q.tiin sirreeffamuu kan hin dandeenye yoo
ta’e, Battalumatti argannoowwan argaman yaada furmaataa waliin Pireezidaantii mana
murtichaaf barreeffamaan gabaasuu qaba,
 Odiitii gadi fageenyaa ji’a ji’aan bifa walirra hin cinneen gaggeessuu qaba,
 Gareen B.B.F.Q. fi Gareen Odiitii Keessaa Manneen Murtii Ol’aanaa fi Aanaalee sochiilee
hojii maallaqa imaanaa Dhaddachaalee Dhaabbii of-biratti argaman waliin kan hordofan
ta’a.
 Daayireektoreetii/Gareen KTAS
Sirna Gabaasaa
 Daayireektoreetiin Bittaa Fi Bulchiinsa Faayinaansii M.M.W.Oromiyaa uunka gabaasaa
003 fi 004 yeroo yeroodhaan galmeessaa sochii herreegaa isaa hordofuu qaba.
Gareen Bittaa,Bulchiinsa Faayinaansii Fi Qabeenyaa Mana Murtii Ol’aanaa akkaataa
uunka gabaasaa 003 fi 004tti, Kan Dhaddacha Dhaabbii Mana Murtii Waliigalaa
Oromiyaa fi kan Mana Murtii Ol’aanaa Godinichaa gar-gar baasee qindeessuudhaan
yeroo hunda guyyaa jimaata – jimaata Pireezidaantii Mana Murtii Ol’aanaaf gabaasuu
qaba;
 Gareen B.B.F.Q. Mana Murtii Aanaa uunka gabaasaa 003 fi 004tiin, Kan Dhaddacha
Dhaabbii Mana Murtii Ol’aanaa Godinichaa fi kan Mana Murtii Aanaa isaa gar-gar
baasee qindeessuudhaan yeroo hunda guyyaa jimaata – jimaata Pireezidaantii Mana
Murtii Aanichaaf gabaasuu qaba;
Odiitiin Keessaa manneen murtii Aanaalee, sochii hojii Dhaddacha Dhaabbii Mana Murtii
Ol’aanaa fi kan Aanaa isaanii irratti ji’a ji’aan odiitii gadi fageenyaa gaggeessuudhaan
gabaasa odiitii guutuu ta’e Pir.M.M.Af yeroo gabaasan, Garee OK MMO Godina
isaaniitiif garagalchaan beeksisuu qabu.
 Gareen Odiitii Keessaa Manneen Murtii Ol’aanaa Godinaalees, gabaasni hojii odiitii
aanaalee guyyaa isaan dhaqqabe irraa kaasee guyyoota kudhan keessatti gabaasicha
dubbisuudhaan mana murtii aanaa gabaasicha ergeef dub-deebii kennuu qabu.
 Gareen Odiitii Keessaa Manneen Murtii Ol’aanaa Godinaalee sochii maallaqa imaanaa
Mana Murtii isaanii fi Kan Dha.Dhaabbii ji’a ji’aan odiitii gadi fageenyaa
gaggeessuudhaan gabaasa odiitii guutuu Pireezidaantiif yeroo dhiyeessan, Daay.OKf
garagalchaan beeksisuu qabu.
 Daayireektoreetiin Odiitii Keessaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa gabaasa hojii odiitii
manneen murtii ol’aanaa guyyaa dhaqqabe irraa kaasee guyyoota kudha shan (15)
keessatti gabaasicha dubbisuudhaan Mana Murtii Ol’aanaa gabaasicha ergeef dub-
deebii kennuu qaba.
 Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa ji’a ji’aan odiitii gadi fageenyaa gosa faayinaansii
gaggeessu waliin gabaasa odiitii guutuu ta’e Waajjira Pireezidaantiif yeroo dhiyeessu,
garagalchaan Biiroo Maallaqaa Fi Walta’iinsa Diinagdee Oromiyaaf ni beeksisa.
Ulfina Argadhaa!

You might also like