Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 3

MEEKAANEE Tokko HATAANU !!

===================

Tokkuma sanyiin kuush

Hin beeku wal qooduu.

Walittis hin bu'uu

waliinis hin hooduu.

Dhiiga kuushtu tokkoo

Kan walii hadooduu.

Jaalalaan moo'ataa

kan jibbaaf gadooduu.

Inni sun Gujiidha

Inni sun jimmaadha

Sunimmoo wallagga

Kan achii sunBaalee

Akkas jechaa miti

Kan qabsootti gale.

Tokkummaadhan ka'ee

Kan diina waxale.

Kanatti gabrummaan

Hiddaan garagale.

Inni Sun musliima

Ati kiristaana.

Waaqeffataas ta'i
Nutuu waliif Aana.

Harka wal qabannee

Waliin tabba baana.

Dadhabdu na waamuu

Hirkoo walii taanaa.

Yoo addaan fagaanne

Alagaan nudhaanaa

Diinni nutti iyyaa.

Bakki rukutames

Dirri keetuu kiyyaa.

Yoo walii sukkuumne

madaan keenya fayyaa.

Anillee nan obsaa

Obsaa ilma Aayyaa.

Fageessi wal qooddaa

Tokkummaa nuuf wayyaa!!!

Tokkummaan jiraannaan

Kamuu nimilkaa'aa

Wolalookoo fixee

Asumattan dhaabaa
Dogoggora yooqabate

Dhiifama naaf godhaa

You might also like