Godinaalee Lixa Oromiyaatti Argaman Keessaa Tokko Kan Taate Goddinni Iluu

You might also like

Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 2

Godinaalee lixa oromiyaatti argaman keessaa dachee magariituufi jiituu,

jiruufi jireenya dhala namaaf mijaattuu,burqaa dammaafi aannanii


jedhamuun maqaa gaarii kan gonfattedha dacheen oromoota maccaa
buufanni jireenya sabaafi sablammiiti goddinni iluu abbaa boor.
Godinatttin dur aanaalee 24’n har’a irraa ammoo aanaalee 13 fi
bulchiinsa magaalaa tokkoon hundooftee argamti. Kan baayyee nama
ajaa’ibu ammoo aanaalee godinchaa hundi waan ittiin beekaman hedduu
of keessatti hammatanii argamusaaniti. Kaan somba addunyaa kan ta’e
bosonaa uumamaan marfamanii kan argaman yemmuu tahu, kaan
ammoo, fiincaa’aawwanfi holqawwan faayamanii hawattummaa irraatti
hawwata dabalatanii argamu, iinni biraan ammoo hambawwaan seenaan
qabaniin turistoota ofitti harkiisuun beekamu.
Maarree, nutis qophii keenya guyyaa har;atiin ,dachee magariituufi
hawwattu gola iluu keessa yaadaan gara aanaa aallee magaalaa goree
imaluun hambaa seenaa magaalicha keessatti argamu tokko isin
dawwachiisna .
Magaalaan Goree, Naannoo Oromiyaatti Godinaalee gara lixa
Oromiyaatti argaman keessa godina iluu Abbaa Booraa keessatti
argamti. Magaalaan kun magaalaa gudditti aanaa Aalleeti. Aanaan Aalee
aanaalee godinicha keessatti argaman 13 keessaa ishee tokko yammuu
taatu,Magaalaa guddiitti G/I/A/Booraa Mattuu irraa gara dhihatti
fageenya km 18 irratti argamti.

Magaalli Goree, magaalaa seena – qabeessaa fi umurii dheera qaban


magaalota naannoo Oromiyaatti argaman keessa ishee tokko ta`uun
ishee ni beekama.

Akka ragaan garaagaraa addeessutti, Magaalaan Goree bara 1875 A.L.H


tti tarsimoo waraanaaf mijaa`aa ta`uu ishee irraan kan ka`e hundoofte
akka ta`e hubachuun danda`ameera.

Akka waliigalaatti maaltu magaalaa goree seenaa qabeessa taasise isaa


jedhuuf, Magaalaa Goree Seena – qabeessa kan ishee taasisan keessaa:-
◾Bakka taa`umsa Qontsilaa Ingiliizii taatee turuu ishee
◾Iddoo qubiinsa daldalaa ingilizii taatee turuu ishee
◾Bakka dhaabbata Lixaa Oromoo koonfeedereeshinii taatee turuu
isheefi
◾Magaalaa guddoo biyyattii tatee turuu isheedha.
Maarree, seenaadhumma kana irratti hundaa’uun, daawwii keenyaa
Har’aa qontsilaa warra biritishdha.
Qoontsilaan warra biritish kun magaalaa goree keessatti
argamuun ,magaalattii wantoota seena qabeessa taasisan keessaa tokko
tahee jira.
Qoontsilaan kun yoom hoojetame, eenyutu hojjete maaliif hojjetame kan
jedhu qophii keenya gola iluu kan keessatti kan ilaalu taha, ammas nu
waliin turaa.

Eegaan kabajamtoota dhageeffattoota keenyaa kan dhageeffachaa jirtan


qophii keenyaa aadaafi seenaatiin yaadaan kan daawwachaa jirtan gola
iluukeessaa hambaaa seenaa kan tahe qoontsilaa ingiliizii magaalaa
goreetti argamudha, tahuus garuu haalli qabiinsaafi kunuunsi hambaa
kanaa hanga tahe yaadamuus haala barbaadameen kunuunsi taasifamaafi
akka hin jirre hoddeeffanneera.
Maarree, kallattiinis tahe al kallattiin Qaamni dhimmi kun ilaallatu
kunuunsaafi eegumsaa hambaalee seenaa godinni iluu abbaa boor
qabduuf xiyyeefannoo kennuun haa hojjennuun dhaamsa qophii
keenyaatti,

You might also like