Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 11

Sooressi addunyaa kanaa Jeef

Beezos NASA himachuuf


MADDA SUURAA,REUTERS
Dhaabbanni qorannoo hawaa Jeef Beezaas 'Origin' dhaabbata
qorannoo hawaa Ameerikaa kan ta'e NASA himachuuf jira jedhame.
Dhaabbanni hawaa Jeef Beezos 'Blue Origin' kan himachuuf jedhu
waldhabdee murtee kanfaltii doolaara biliyoona 2.9 akka teknolojii
'Lunar lander' jedhamu tolchaniif Elon Musk's SpaceX kennameen wal
qabata.

Hogganaan dhaabbata Amaazoon duraanii akka jedhanitti, waliigaltee


taasifame irratti ''rakkoolee cimaan jiraachun'' alattis haqa
qabeessayyu miti jechuun himan.

Naasaan dura hojiicha dhaabbilee lamaaf kennuuf karoorsee ture.


Haata'u malee Ebla darbe erga caalbaasii baaseen booda, sababii
hanqiina bajataatiin dhaabbata tokkoof kennuu hime ture.

Naasaan hanga ammaatti himmanicha irratti yaadni kennee jiraachu


baatus, dhaabbanni biyyaalessaa tokko ni deeggara jedhamee jira.

Dhaabbanni Blue Origin kan Jimaata darbe himannicha banes


teknolojicha ijaaruuf dhaabbileen lamaan ni barbaachisu amantaa
jedhu qabaachu galmicha irratti hima.
Teeknolojiin Naasaa hojjachuuf tures kan xiyyaara qorattoota hawaa
fudhachuun gara addeessaatti geessuuf tureedha jedhame.
Dhaabbanni qorannoo Hawaa Naasaan teknolojii kana 2024tti yaaluuf
karoorfateera.
Haata'u malee Blue Origin adeemsa caalbaasii keessatti ''gamagama
seeraan alaa taasiseera'' jechuun himata.
Naasaan eenyu akka caalbaasicha mo'ate wayita ifa taasisetti
dhaabbatichatti ittigaafatamaa abuura dhala namaa (human
exploration) kan ta'an Kaatii Ludars, Naasaan Kubbaaniyyoota lama
qacaruu irraa kan of qusate sababii hir'ina bajataatiin jedhanii turan.
Naasaan pirojakticha adeemsisuuf doolaara biiliyoona 3.3 mootummaa
gaafatullee kongirasiin kan hayyamuufii danda'ee miiliyoona 850 qofaa
ture.
Baatii darbe keessa Jeef Beezoos doolaara biiliyoona lama kan
Naasaa hanqate kanfaluun pirojakticha keessatti hammatamuu akka
barbaadu dubbatullee yaadni isaa fudhatama hinarganne.
Dhaabbanni Federaalaa Ameerikaa tokko garuu himannaa dhaabbata
Jeef akkaan qeeqeera. Naasaanis hanga baatii Onkololessatti deebii
kennu qaba.
Naasaan teknolojii haaraa kanaan deegaramuu erga eegalee bara 1972
booda yeroo jalqabaatiif gara addeessaatti deebi'uuf karoorfateera.
Mata dureewwan walitti dhiyaatan
Afgaanistaan: Facebook ergaawan
Taalibaan waliin walqabatan
dhorkuu beeksise
MADDA SUURAA,GETTY IMAGES
Facebook warra Taalibaan akka garee shororkeessaatti ilaaluun
ergaawwan garee kana waliin hidhta qaba akka dhorku beeksiseera.
Facebook ergaawwan qabiyyee warra Taalibaan leellisan, akkasumas
ergaawwan garee kanaa nan dhorka jedheera.
Kana ammoo akka to'ataniif jecha garee addaa ogeessota
Afgaanistaan tokko hundeesseera. Ogeessota kana gargaaramuun
ergaawwan qabbiyyee waa'ee Taalibaan dubbatan fuula Facebook
irraa battalumatti akka balleessaniif ajajni darbeera.
Taalibaan ergaawwan isaa guutummaa addunyaa qaqqabsiifachuuf
waggootaaf Facebook akka sabaa-himaa tokkootti itti gargaaramaa
tureera.
Taalibaan caasaa mootummaa to'achuu isaa hordofee waltajjiiwwan
miidiyaalee hawaasaa garee kana akkamiin keessummeessuu akka
qaban irratti irra deebiin akka qoratan isaan taasisaa jira.
"Akka seera Ameerikaatti Taalibaan garee shororkeessaadha. Seerri
kun ammoo nutis haaluma sanaan akka ilaalluuf kan nu taasisudha.
Kana waan ta'eef, ergaawwan Taalibaan waliin walqabatan kamiyyu
hin dhiyeessinu," jechuun BBCtti dubbate dubbi himaan Facebook.

Facebook afaanoota gurguddoo Afgaanistaan kan ta'an akka Daarii fi


Paashitoon warra dubbatan hojii kanaaf jecha qacaree hojjechiisaa
akka jirus himeera.
Kampaniin Facebook dhorkaa kana kan hojiirra oolchu
kampaaniiwwan obbolaa ta'an Instagram fi Whatsapp irratti dabalatee
akka ta'es himeera.
Warri Taalibaan waltajjii Whatapp ballinaan akka fayyadaman ni
himama.
Tarkaanfii Facebook hordofee miidiyaaleen hawaasaa dorgomtoota
ta'an dhiibbaa keessa galaniiru.
Dubbi himtoota Taalibaan yeroo magaalaa Kaabul to'atan ergaawwan
isaanii dabarfachuudhaaf miidiyaa hawaasaa isaan ittiin ergaa isaanii
dabarfatan tokko Tiwiitara.
Kana ilaalchisuudhaan gaaffii BBCn dubbi himaa Tiwiitariif
dhiyeesseen dhaabbanni isaa dhaabbileen jibbinsa,
shororkeessummaafi hokkara gaggeessan irratti ejjenoon qabu kan
sirriiqu miti jechuun dubbate.
Youtube dhimma Taalibaan irratti ejjennoo akkamii akka qabu
baruudhaaf BBCn irra deddeebiyee yaalus hin milkoofne.
Mata dureewwan walitti dhiyaatan
Hubannoo Nam-tolchee (AI):
Roobootiin abukaatummaa
dhaabbatee akka isinii falmu ni
hayyamtuu?
Abukaatoon keessan egeree tarii roobootii ta'uu danda'aa?
Waan ta'uu hin dandeenye fakkaachuu mala garuu sirnoonni moosaajii
'Artificial Intelligence' ykn hubannoo nam-tolchee fayyadaman,
sagantaaleen kompiyutaraa ofiin of haaromsanii fi ofiin yaaduu
danda'an hojii seeraa keessatti tajaajilarra oolfamaa jiru.

Jooshuwaa Biroowdar appii isaa 'DoNotPay' jedhamu "roobootii


abukaatoo addunyaa isa jalqabaa" ittiin jedheera.

Fayyadamtoonni xalayaa seeraa akka wixineessan gargaara. Rakkoon


keessan maal akka ta'e karaa 'chatbot' ykn ergaa gabaabaa itti
himattu. Jechoota seeraa akkamii fayyadamuu akka qabdan gorsa
isinii kenna. "Namoonni falmii karaa isaanii jechoota fedhaniin
barreessu, moosaajichi karaa seera qabeessa akkamiin jechuu akka
qaban itti hima," jedha.

Dargageessi ganna 24 kuni fi kaampanii isaa Kaalifoorniyaa Silikan


Vaalii keessa buufate. Kaampaniin kuni bara 2015 Landan keessatti
wayita Jooshuwaan ganna 18 ture hundaa'e.

"Hanga waggaa 20 guutuutti sirriitti konkolaachisuu hin danda'u ture,"


jedha. "Yeroo hedduu tikeettiin adabbii natti kennama - barataa
sadarkaa lammaffaa waanan tureef kaffaluu hin danda'u ture," jedha.
Yaalii fi qorannoo hedduu booda fala argate. "Waan jettu sirrii ta'e yoo
qabaatte, tikeettiin sitti hin kennamu, yeroo kees maallaqas qusachuu
dandeessa."
Yeroo hunda xalayaadhuma tokko irra deddeebi'uurra, osoo moosaajiin
hojjetamee jedhee yaade. Kanarraa ka'uun bara 2015 appii 'DoNotPay'
kana kalaqe.
Wayita ammaa appiin kun UK fi US keessatti fayyadamtoota horatee,
namoonni hedduun xalayaawwan seeraa dhimmoota adda addaa irratti
barreessuuf itti fayyadamu. Dhimma inshuraansii, iyyannoo viizaa, ol-
iyyannoo daldalaa fi aanga'otaaf barraa'uufi kaanis.

'DoNotPay' wayita ammaa namoota kaffalanii fayyadaman 150,000


horateera. Namoonni gorsi seeraa appiin kun kennuu dogoggora qaba
jedhan jiraatanillee, bara darbe tajaajila seeraa dhaqqabamaa gochuun
badhaasa argateera.

MADDA SUURAA,GETTY IMAGES


Abukaatonni roobotonni hojii isaanii jalaa fudhachuutti waan mufatan
sitti fakkaachuu mala. Garuu inumaa gariin isaanii gammadoodha,
moosaajiin hojii baay'ee yeroo dheeraa fudhatu yeroo gabaabaatti
akka hojjetan isaan gargaara. Ogeeyyiin seeraa deeggarsaaf AI
fayyadaman yeroo gara yerootti dabalaa jiru.
Biyyoota 55 keessatti dhaabbileen seeraa 300 ol kan afaanota gara
garaa 80n hojjetan AI fayyadamu.

AI ogeeyyii seeraa dookumantiiwwan xiinxaluun deeggaruu qofa osoo


hin, dhimma isaanii sirnaan akka caaseffatan akkasumas adeemsa
seeraa sirrii hordofuu qaban agarsiisa. "Guduunfaa dhimma kee fi
himannaa kee itti galchita, dhimmicha keessaa eenyu eenyu akka
qooda qaban adda baasee, maaltu akka uumame taateewwan hunda
xiinxalee yeroo isaa waliin siif kenna."

Moosaajiin biraa TAX-I jedhamu ammoo murtiiwwan ol-iyyannoo


gibiraa irratti amma dura kennaman xiinxaluun, ol-iyyannaan kee bu'aa
akkamii fiduu akka danda'u hima.
Dhibbeentaa 70 bu'aan isaa sirrii ta'uu kanneen moosaajichatti
fayyadaman ni himu.
AI ykn hubannoon nam-tolchee xalayaa seeraa barreessuu, ragaalee
xiinxaluu fi hojilee kaaniin ogeeyyii seeraa deeggaruu bira darbanii
guutummaatti ogeeyyii seeraa bakka bu'uu danda'uu?

Kanaaf yoo sirnoonni AI bu'aa mana murtee (fakkeenyaaf dhibbeentaa


95) sirriin tilmaamuu danda'an, tilmaama kana akka murtiitti
fudhachuu itti yaaduu qabna jedhu.
Keessumaayyuu biyyoota kuufama galmee olaanaa qabaniif AI
furmaata gaarii ta'uu akka danda'u akeeku.
Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Kaansariin ulaa gadameessaa Maalii? (‘cervical cancer’): Qaama kaansariin kun hubu kan sarviksii

jedhamu irraa yoo jalqabnu, sarviksiin qaama gadameessaa keessaan isa gara qaama saalaatti gadi

aanee, qaama saalaafi gadameessa gidduutti argamuudha.


Kaansariin ulaa gadameessaa ykn sarviksii akkuma kaansariiwwan qaamota biroo kan uumamu,

baay’achuu (walhoruu) seelotaa to’annaa ala yoo ta’u, erga yeroo dheeraa turee booda gara

qaamota biroottillee babal’achuu kan danda’uudha.

Kaansariin ulaa gadameessaa kun yeroo dheeraadhaaf biyyoota guddatanitti kaansarii lubbuu

dubartootaa galaafachuudhaan sadarkaa 1fa irra ture yoo ta’u, sababa qorannaa (‘checkup’)fi

maloonni ittisa garagaraa, akkasumas dhukkubicha dafanii adda baasanii yaaluun babal’achaa

tureef kun isaaniif seenaa ta’ee hafeera.

Biyyoota qorannoon dhukkuba duraafi hubannoon hatattamaan gara mana yaalaa deemuu,

akkasumas argamni yaala dhukkuba kanaa gadi bu’aa ta’e akka biyya keenya keessatti garuu,

ammallee kaansariin kun lubbuu haadholiifi obboloota keenya dubaraa hedduu galaafachuu

ittifufeera. Qorannaan Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhukkuba kanarratti geggeesse akka

argisiisutti dubartoota kaansarii kanaan du’an keessaa %80 biyyoota guddataa jiran keessaati kan

lubbuun darbudha.

Kaansarii ulaa gadameessaa (‘cervical cancer’), maaltuu adda taasisaa?


 Ka’umsisaa beekamaadha:

Waantoota kaansariiwwan hedduu namatti fidan adda baasanii beekuun hindanda’amu. Kaansariin

ulaa gadameessaa garuu vaayirasii ‘Human Vapilloma Virus’ jedhamuun namatti dhufa. Vaayirasiin

kun akaakuuwwan hedduu qabaatus, kanneen dhukkuba kana namatti fidu garuu akaakuuwwan

lama, “HPV 16 fi HPV 18”, kan jedhamaniidha. Vaayirasiin kun kan namaa namatti daddarbu karaa

walqunnamtii saalaati!

Vaayirasiin kun erga nama qabatee booda waggoota hedduu booda qaama ulaa gadameessaa gara

kaansariitti jijjiira. Kanneen vaayirasii kanaan qabaman hundi kaansariidhaan hinhubaman, gariin

akkasumaan vaayirasichi keessaa bada gariin ammoo turee gara dhukkuba kanaatti deema.

 Ittisuun ni danda’ama:

Inni jalqabaa qunnaamtii saalaa namoota hedduu waliin raawwachuurraa of eeguudha. Yoo kan

hindanda’amne immoo kondomii fayyadamuudha. Haata’u malee vaayirasiin ‘HPV’ jedhamu kun

qunnaamtii saalaa of eeggannaa hinqabne raawwachuu baatanillee argami (‘prevalence’) isaa

bay’ee olka’aa waan taheef dubartoota hedduu keessatti ni argama. Kanaafuu qunnaamtii

saalaarraa of eeggachuu qofti gahaa miti.


Inni lammaffaan qorannoo dhukkuba duraa (‘screening’) isa jedhamuudha. Qorannoon kun

dubartoonni wagga 25 haga 49 ta’aniif waggaa sadii sadi’iin qorannoo akka taasisan gorfama.

Dubartoonni wagga 50 haga waggaa 64tti jiran ammoo waggaa shan shaniin kan qoratamuu qaban

yoo ta’u, kanneen waggaa 65 olii ammoo yoo kan duraan akka tasaa hinqoratamne malee isaan

hinbarbaachisu.

Biyyoota guddatanitti qorannaan kun dubartoota hundaaf (‘screening’) yeroo yeroodhaan kennama.

Obboleettonniifi harmooliin keenya garuu carraa kana hinqaban. Kanaaf dhukkubni kaansarii ulaa

gadameessaa akka kaansariiwwan biroo biyyoota guddatan osoo hintaane kan hubu biyyoota

guddataa jiranidha.

Biyya keenyatti dubartootni tamboo xuuxuun baratamaa ta’uu baatus tamboo xuuxuun waantota

dhukkuba kanaaf sababa dabalataa ta’an jedhamanii yaadaman keessaa tokko. Kanaaf tamboo

xuuxuu irraas of qusachuun barbaachisaadha.

Karaan kan biroo ittiin ofirraa ittisan talaallii kaansarii kana ittisu fudhachuudhaani. Taalaalliin

kaansarii hagam dhukkubicha ittisuu danda’a gaaffii jedhuuf, akka qorannoowwan tokko tokko

ibsanitti talaalliin kun namoota talaallii kana fudhachuu isaaniin dura vaayiresii ‘HPV’ kanaan

hinqabamiin yoo fudhatan kaansarii kana haga 100% ittisuu danda’a.

Ta’us qorichoonni talaalliif oolan akkuma adda adda ta’an dandeettiin dhukkuba ittisuusaanii illee

walcaala. Umuriin itti dubartoonni talaallii kana fudhachuu qaban biyyootarraa biyyootatti xiqqoo

adda adda ta’us, baay’inaan waggaa 12 fi 13 gidduutti kan kennamu yoo ta’u, dubartoota osoo

hinfudhatiin isaan jala darbeef ammoo haga waggaa 18tti illee kennuun ni danda’ama.

Qorichoonni talaallii kanaaf oolan walumaagalatti, vaayirasii kaansarii kana nutti fidu ‘HPV’

akaakuuwwan garagaraa qaban ittisuudhaan dhukkuba kana irraa nama baraara.

Mallattoowwan kaansarii ulaa gadameessaa maal fa’i?

Dhukkubni kun mallattoowwan gara garaa akkuma jabaachaadeemeen ni argisiisa. Namni

mallattoowwan kanneen qabudhukkuba kana qaba jechuu miti, dhukkuboonnisasalphoon mallattoo

sana fidan hedduun waan jiraniif. Bu’aan yaalii dhukkuba kanaa sadarkaa dhukkubichi irra jirurratti

waan hundaa’uuf kan dafee argame yaalame fayyadamaa ta’a. Mallattoowwan isaas:
 Walqunnamtii saalaa booda qaamni saalaa dhiiguu, dhukkubbii yeroo qunnamtii saalaa duraan
hinjirre namatti dhaga’amuu

 Marsaan laguu osoo hindhufiin (yeroo malee) gidduutti dhiiguu, marsaan laguu sababa umuriin erga
dhaabbatee booda qaamni saalaa deebi’ee dhiiguu,

 Dhukkubbiiwwan gara garaa gadii mallattoowwan armaan olii wajjin walqabatanii dhufu.

Yaala kaansarii ulaa gadameessaa

Biyya keenyatti yeroo hedduu mana yaalaa kan deemamu erga mallattoon ba’ee irratti mul’atee

booda. Kun ammoo yeroo baay’ee erga dhukkubni kun fagoo deemeefi yaaluunsaa rakkisaa ta’etti.

Yeroo mallattoo argisiisees tahu gara mana yaalaa dhufan sadarkaa dhukkubichi irra jirurratti

hundaa’ee yaaliiwwan gara garaa ni kennamu.

Qorichaan (‘chemotherapy’), xiyyaan (‘radiotherapy’), baqaqsanii muraniii baasuudhaan (‘surgery’),

ykn ammoo walitti qabanii (yaaliiwwan kanneen) kennuudhaan wal’aanama. Sun ga’ee ogeessa

fayyaa dhukkuba kana yaaluu yoo ta’u, dafnee deemuun immoo ga’ee keenya.

Doktar Gurmeessaa Hinkoosaa ogeessa fayyaa yoo ta’an,

Koolleejjii Medikaalaa Hospitaala Kiddus Phaawuloosiitti

baratan. Wayita ammaa Yuniivarsiitii Arsiitti barsiisaa jiru.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

“The Youth of today are the leaders of tomorrow.” N.Mandella “Dargaggeessi har’aa, geggeessaa

boriiti.”jechuudha.

Carraan geggeessummaa borii eenyu harka illee hinjiru. Garuu, harka dargaggeessa har’aa keessa

jira. Bor geggeessaa ta’uuf, har’a dargaggeessa sirrii ta’uun dirqama.

“Youth is the best time to be rich, and the best time to be poor.” Kana jechuun duroomuunis,

hiyyoomuunis baruma dargaggummaa hafa. Dargaggeessa borii isa ibsate ta’i malee, dargaggeessa

borii isaa har’a dukkaneessaa jiru hinta’iin.


Filannoon dogoggoraa bu’aan isaas dogoggora akka ta’u gonkumaa hinshakkamu. “True leaders

don’t create followers…they create more leaders.” J.Sakiya Sandifer.

Geggeessaa dhugaan hordoftoota oomisha osoo hintaane, geggeessaa akka isaa oomisha

jechuudha.

Geggeessummaan carraa osoo hintaane, itti gaafatamummaa fudhachuudha. Geggeessaa ta’uuf

hawwuun gaariidha. Yoo itti gaafatamummaa sirriitti hin hubanne garuu gatii nama baasisiisa.

Geggeessummaan saayinsii bara 1930’n booda akka gosa barnoota tokkootti of danda’ee

dhaabbateedha. Sana dura barnoota hoggaansaa (Management) jalatti waamama

ture.Geggeessummaan hiika dhiibbotaan lakka’amu akka qabu bira ga’eera. Geggeessummaan

saayinsii hiika ga’aa fi ifaa ta’e hin arganne jedhamee beekama. Hiika isaa sirriitti beekuun gocha

isaaf hawwiifi kaka’umsa guddaa nama keessatti uuma.

Beektonniifi bulchitoonni addunyaa kanaa geggeessummaa akkuma ilaalcha mataa isaaniitti hiika

ga’aa itti kennuuf yaalaniiru. Har’as hiika haaraa baay’ee argataa jira. Boris dabalataan hiika isa

har’aa irra fooya’ee ni argata. Haa ta’uu malee, hiikni muraasni kanneen armaan gadiiti.

1. Gaggeessummaan saayinsii hawaasaa ta’ee barnoota adeemsa giddu galeessa godhachuun


geggeessaan tokko dhiibbaa hordoftoota isaa irratti uumuun galma jedhameen ga’uudha. (Jechoota
ijoon-adeemsa-geggeessaan- dhiibbaa-hordoftoota-uumuu fi galma- ga’uudha).

 Geggeessummaan kallattii hordoftoota osoo isaan hin jaallatiin dhiibbaa qajeelummaan injifachuun
jijiirsiisuun bu’aa amansiisaa biraan ga’uudha. (h.truman-usa-president).

 Barachuu fi geggeessummaan obbolaa lakkuudha. J.F.Kennedy

 Geggeessummaan dandeetti mul’ata ittiin dhugoomsanidha. Warren Bennis

 Geggeessummaan abdii dhalootatti horuudha. Napoleon Bonaparte.

 Geggeessummaan dandeettii dhokataa nama keessaa baasee jireenya fooya’aa nama jiraachuudha.
Bill Bradley

 Geggeessaan hanga lafa dhaqu hin beeknetti geggeessaa hin jedhamu.

 Geggeessummaa dhugaan haala rakkisaa keessaan carraa guddinaa arga. Reed Markham

 Geggeessummaan ta’uudha malee taa’uu miti.

 Hordoftoota gaarii osoo hin ta’iin geggeessitoota gaarii ta’uun hin danda’amu. Aristotle

Dargaggeessa Jechuun?

Oromoon akkas jedha, “ Dargaggeessaa hangam geessaa” jedha. Deebiin keessan maal ta’aa

laataa?Anaaf, deebiin isaa Hanguma mul’ata kee geessa kan jedhu ta’a. Addunyaa kana irraa
baay’ina uummataan sadarkaa ol’aanaa qabatee kan jiru Dargaggeessa dha. Biyya keenya

Itiyoophiyaa keessattis 77% akka ta’an qorannoowwan ni agarsiisu.

Dargaggummaan:-

 Umrii wanti hundumtuu harka keenya keessa jiru fakkaata.

 Tulluu dhiibnee akka waan kuffifnuu fakkaata.

 Gabaa filannoo keessa jiraachuudha.

 Akkasumatti waan hafu nutti fakkaata.

 Guyyaan har’aa barabaraa fi guyyaan borii immoo gonkumaa kan hin dhufne nutti fakkaata.

Geggeessaan Eenyuudha?

Namni hundumtuu geggeessadha. Geggeessaa guddaan addunyaa kanaa geggeessaa of geggeessuu

danda’uudha. Osoo of hin geggeessiin waa’ee geggeessaa biyyaa fi jaarmiyaalee kamillee

dubbachuu hin dandeenyu. Yoo dubbannes ofumaati.

Hundi keenya of waan geggeessaa jirruuf geggeessaa akka taane hubachuun ogummaa guddaadha.

Ofii keenya tasgabbiifi ogummaan geggeessuun geggeessummaa olaanaaf balbala nuuf bana. Namni

ofii isaa akka geggeessaa jiru hubannoo gahaa hin qabne, geggeessummaa walxaxaa fi saayinsiin

guute kana beekuu fi hubachuun baay’ee itti ulfaata.

Ani geggeessaa ‘MATAA’ kootiiti. Namni jalqabatti na geggeessuuf addunyaa kana irratti dirqama

qabu ANUMA.

Ofii kee geggeessitee gaafa galma yaadde biraan geessu, dhaloota baay’eetu sirraa fayyadama.

Akkasumas immoo gaafa sirriitti osoo hin geggeessiin haftu dhaloota baay’eetti karaa cufta.

Kanaaf, of geggeessuun geggeessummaa isa jalqabaati. Yeroo hundumaa Geggeessaa dhaabbata

guddaa addunyaa kanaa akka taate hin dagatiin. Dhaabbatni kunis SII FI KAAYYOO keeti.

Gargaaraa Pirofesara Mihiratuu Shaanqoo

You might also like