Fulbaana

You might also like

Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 3

Yaadi naannoo Tigraay kan burjaajii uumuu fi walitti bu'iinsaaf karaa banudha jechuunis himate

naannoon Amaaraa.

''Kanarratti dabalataan guyyaa kaleessaa (Bitootessa 18, 2016) humni Tigraay bakka duraan turerraa
socho'uun gandoota Aanaa Raayyaa Allaamaaxaa qabachuun jiraattota ajjeesaa fi dararaa jira,'' jedha
ibsi kun.

Kaabineen Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay ibsa Wiixata darbe baase keessatti ''Naannoon Amaaraa
kaartaa (danaa) iddoowwan to'ate mul'isu kan kitaaba barataa keessa galche hin soroorsu taanaan
rakkoo mudatuuf kan itti gaafatamu ta'a,'' jechuun itti dhaadateera.

Iddoowwan ibsa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay keessatti eeraman ‘’Aanaalee waggoota 30 dura irraa
eegaluun gaaffiin eenyummaa, gaaffiin ofiin of bulchuu irratti ka’aa tureedha,’’ jechuun ibsa isaa Kanaan
yaadachiiseera naannoon Amaaraa.

Ibsa kana keessatti ‘’iddoowwan gaaffiin eenyummaa irratti ka’u,’’ jedhamuun tarreeffaman Walqaayit
Xagadee, Xallamtaa akkasumas Aanaalee akka Waflaa fi Allaamaaxaa fa’a ta’uun eerameera.

Bakkawwan kunneen hanga waraanni Kaaba Itoophiyaa banamutti yeroo sanatti mootummaa tureef
“gaaffileen eenyummaafi ofiin of bulchuu” dhiyeessaa akka turan ibsi kun yaadateera.

Ibsi kun itti dabaluun, gaaffiin “eenyummaafi ofiin of bulchuu” naannoowwan kanaa hanga waaraanni
kaabaa jalqabuutti deebii dhabuu eereera.

Yeroo waraanni Kaaba Itoophiyaa jalqabametti, “ummanni gaaffiiwwan eenyummaafi bulchiinsaa


waggootaaf jalaa ukkaamfamee ture” mootummaa giddu-galeessaa cinaa hiriiruun “gahee mataa isaa
gumaachuu isaa” ibsu kun dabalee ibseera.

Waliigaltee Piritooriyaatiin durarraa kaasee “Naannoon Amaaraa akkuma godinaalee biroofi bu’aawwan
misoomaa hunda ummata naannawaa sanaa gama barnnootaatiin fayyadamoo akka ta’an godheera,”
jechuun ibsa isaatiin mul’iseera.
Ibsi kun itti dabaluudhaan, “Naannawwan kanneen ilaalchisuun haalli ture, jiruufi jiraatu kanuma”
jechuun bakkawwan falmisoosaa ta’an kana ilaalchisuun naannoo Amaaraa ejjennoo isaa ibseera.

Daa’imman naannoo sanaa, “mirga barachuusaanii akka kabajamuuf” naannoo Amaaraa “dirqamasaa
bahachuu” naannichi ibsa baaseen eeruun, “Kana sababa godhachuun naannoo Amaaraa irratti haleellaa
raawwachuurraa akka hin deebine ta’uu isaa ibsa dubbii barbaaduu agarsiisudha,” jechuun naannoon
Amaaraa ibsa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay qeeqeera.

“Rakkoon kun karaa seeraatiin akka furamuuf” naannoo Amaaraa gahee isaa bahachaa jiraachuu kan
eere naannichi, “Bulchiifni Yeroo Naannoo Tigraaygochawwan biyyattiidhaaf madda rakkoo dhaabbataa
ta’erraa akka of qusatu,” akeekkachiisuun “… mariiwwan fedhii ummataa giddu-galeessa godhatan irratti
akka xiyyeeffatuuf,” akeekkachiiseera.

Bakkawwan naaf mala jechuun naannoleen lamaan gaaffii irratti kaasan waraana Kaaba Itoophiyaa dura
bulchiinsa naannoo Tigraay jala ture. Erga waraanichi jalqabee booda garuu naannoon Amaaraa
bakkeewwan kanneenbulchaa jira.

Bakkawwan kanneenitti ji’oota muraasa darban keessa muddamni, darbee darbee ammoo walitti
bu’iinsawwan mul’ataa jiru. Jalqaba torban kanaa walitti bu’iinsa aanaa Raayyaa Allaamaaxaatti
mudateen lubbuun milishoota aanichaa darbuu bulchaan aanichaa BBCf ibsaniiru.

Ibsa naannoo Amaaraa kanarrattis aanaa Raayyaa Alaamaaxaa keessa walitti bu’iinsi jiraachuu kan
agarsiisedha.

Bakkeewwan naannoleen lamaan irratti wal falmanitti murtee ummataa gaggeessuuf waliigalteerra
gahamuu mootummaan Federaalaa ibsee ture.

Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay garuu, “murtee ummtaa gaggeessuudhaaf waliigalteerra gahameera”
jedhamuu “dogoggora guddaadha” jechuun mormeera.
Kun osoo kanaan jiruu Sochiin Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) ibsaafi walitti bu’iinsa tibbana
dhaga’amerraa ka’uun ibsa baaseen, “TPLF waraana marsaa afraffaatiif qophaa’aa jira” jechuun
himachuun,” mootummaan Federaalaafi naannoo Amaaraa sochii jiru xiyyeeffannootiin akka hordofaniif
hubachiiseera.

You might also like