Cuunfaa Galatiyaa

You might also like

Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 2

Cuunfaa Galatiyaa 4-6

Boqonnaa 4
Phaawuloos warra Galaatiyaatti dubbachuu isaa itti fufeera, Kiristoositti amanuudhaan akka
ilmummaatti fi dhaaltotaatti guddifamu isaanii cimsee dubbata.

1,Ilmummaa fi Dhaala kiristoositti amanuun (Galaatiyaa 4:1-7)


Phaawuloos fakkeenya dhaaltuu eegdotaa fi bulchitoota jala jiru hanga yeroo abbaan kaa’etti
fayyadama. Yihudoonii,Giriikonnifi Roomaanonni ayyaana ittii ijoollonni,ijoollummaa isaanii keessaa
itti ba’uun beekamu qabu ture.
Jireenya kiristaanotaa fayyina duraa (ijoolummaa, garbicha)
gurguddoota hafuurota biyya lafaa kanaatiif hojjetoota turre(elemental spiritual forces of the
world)
So the law was our guardian until Christ came that we might be justified
by faith gal 3:24
Jireenya kiristaanotaa fayyina boodaa (dargaggummaa, ilmummaa)
Kanaaf akkuma abbaan ilma isaaf yeroo ayyaanaa itti ilmi isaa ijoollummaa keessaa ba’uu fi warra isa
eegan irraa bilisa ta’uu isaa mirkaneessuuf qopheessu ,Waaqayyoo abbaanis qambarrii seeraa jalaa nu
baasuuf ilmi isaa aarsaa haa ta’uuf erge v5

Mallattoon fayyina keenyaa/ilmaan isaa ta’uu keenyaa maali ? v6


Hojii ayyaanaa Hafuurri qulqulluun nu keessatti hojjatuun.
Abba(Aramaic term used by children to speak to theior father)
2,Yaaddoo Phaawuloos warra Galaatiyaa (Galaatiyaa 4:8-20):
Phaawuloos warra Galaatiyaa, warra seeraa fi aadaa Yihudootaa eeguutti duubatti deebi’aa jiraniif
yaaddoo isaa ibsa. Yeroo waaqa tolfamaa garboomfaman wallaalummaa isaanii duraanii yaadachiisee
gara wangeela dhugaa jalqaba argatanitti akka deebi’an isaaniif dhaamsa kaa’a.
Galma Fayyinaa maali ? v19
Kiristoof fakkaachuu(until Christ is formed in you)
3, Fakkeenya Aggaarii fi Saaraa (Galaatiyaa 4:21-31)
Phaawuloos seenaa Aggaarii fi Saaraa kakuu moofaa irraa akka fakkeenyaatti fayyadama. Aagaar
kakuu seeraa gaara Siinaa irratti kenname, garbummaatti kan geessu yoo ta’u, Saaraan immoo abdii
ayyaana karaa amantii Kiristoositti kenname, gara bilisummaatti kan geessu bakka bu’a. Phaawuloos
kakuu lamaan wal fakkeessee, amantoonni ijoollee abdii akka Yisihaaq malee ijoollee garbittii Agar
akka hin taane cimsee ibsa.
Ammas yaa obboloota ko, akkuma Yisihaq, isinis ijoollee abdii Waaqayyoo
ti v28
4, Xumuraa fi Gorsa (Galaatiyaa 4:31-5:1)
Ari’atama keessatti bilisummaatti jabaatanii akka dhaabbatan dhaama
Boqqonnaa 5
1, Bilisummaa Kiristoosiin (Galaatiyaa 5:1-6)
Garbummaatti deebi’anii waanjoo seeraa jalatti akka hin kufne akeekkachiisa, bilisummaa isaanii
keessatti akka jabaatan fi lammata ulaagaa seeraatiin akka hin ba’amne dhaama.
God’s standard is perfect righteousness=Jesus v3
Mallattoon amantii keenyaa maalii ?v6
Hojii jaalalaatiin (Waaqeffanna,abboomamuu,warra kaaniif aarsaa ta’uu)
2, Akeekkachiisa Seerummaa Irratti (Galaatiyaa 5:7-12)
Phaawuloos warra Galaatiyaa barsiisa sobaatiin raafamanii gara gocha seera qabeessa kan akka
dhaqna qabaatti deebi’uu isaaniitiin mormaa. Warri dhaqna qabaa leellisaa wangeela jallisan adaba
akka argatan isaan akeekkachiisa.

3, Hafuuraan deddeebi’uu (Galaatiyaa 5:13-26)


Phaawuloos warri Galaatiyaa fedhii cubbuutti bobba’uu irra, jaalalaan wal tajaajiluuf, Kiristoos
keessatti bilisummaa isaaniitti akka fayyadaman jajjabeessa. Hojii foonii fi firii hafuuraa wal bira
qabuun, amantoonni hafuuraan akka jiraataniifi fedhii foonii isaanii akka fannisan dhaama. Warri kan
Kiristoos ta’an foon fedhii fi hawwii isaa wajjin akka fannisan cimsee ibsuudhaan xumura.
14Guutummaan seeraa dubbii tokkicha isa, ?Nama akka ofii keetiitti
jaalladhu!? jedhuun in xumurama.
Boqonnaa 6
Ba’aa walii Baachuu (Galaatiyaa 6:1-5)
Phaawuloos amantoonni warra cubbuutti kufan suuta jedhanii akka deebisanii fi ba’aa walii akka
baatan jajjabeessa.
Akkamitti ?
Hafuuraan geggeeffamaaa
Garraamummaadhaan
Hojii ofii qorree laaluun v4
2Ba'aa walii baadhaa! Akkasittis seera Kristos in raawwattu.
Seerrii Kiristoos maali ? Gal 5:14
Tokkoon tokkoon namaa hojii mataa isaa haa qoru. Ergasiis utuu nama kaanitti of hin
madaalin of qofa jajuu ni dandaʼa(Hiikkaa ammayyaa) v4
Of qofa jajuu=hojii fayyinaa waaqayyo na keessatti raawwateen
Jaaju isa kam ?
Ani garuu fannoo gooftaa keenya Yesus Kristos isa ittiin biyyi lafaa ana irraa fannifame,
anis biyya lafaa jalaa fannifame sanaan malee, waan biraatiin of jajuun matumaa anaaf hin
ta'u*. gal 6:14
Amantoonn waan facaasan akka haammatan yaadachiisa. (Galaatiyaa 6:6-10)
7Waaqayyo kan itti ga'isan miti……
Kottaa waan gaarii hojjechuu hin dadhabnu; yoo abdii kutachuu baanne gaafa yeroon
isaa gaʼe midhaan isaa ni haammannaatii v9

You might also like