Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 12

Waajjira

Qonna fi
Qabeenya
Umamam
a
Oromiyaa
Godina Qabiyyee
o Seensa

Harargee o Kayyoo qophii kompostii


o Hiikkaa kompostii
o Haala qophii kompostii
Bahaa o Galteewwan kompostiif barbaachisan
o Fayidaa kompostii

Adeemsa
o Mala qophii kompostii
o Qophii kompostii keessatti xiyyeefana barbaachisan
o Bio slurry ( siicoo)

fooyya’ins o Rakkoolee fi Furmaata


o Varm kompostii
o Komposti raammoo

a Gabbina o Qorannoo komposti raammoo keessatti


o Teeknolojii komposti raammoo babal’isuu
o Teeknoloji komposti raammoo akka biyyatti raaawwi ,babal’isuu fi hanqina isaa.
Biyyee o Kallatti gara fuladuraa eeruu
Seensa
 Qabeenya uumamaaf Kunuunsi Cimaan ta’uufii qaba.
 Muuxannoo Gaarii fi beekumsa kunuunsaa fi misooma qabeenya uumamaaf qophaa’an qabatanii

Maanuwali
hojiitti galuun barbaachisaa dha.

 Kana ta’uu baannaan qabeenyi uumamaa kan dhumatuu fi qisaasamu dha.

i qophii
Kanaafuu kunuunsii misoomni qabeenya uumamaa hirmaachisummaa uummataa fi deeggarsa ogeessotaan cimee
hojiirra ooluu qaba.

komposti  Yeroo misooma Qonnaa itti fufinsa qabu yaadamu Eegumsi biyyee, kunuunsa qabeenya biyyee,
sagantaa fooyyessuu Gabbina Biyyeef xiyeeffannoo kennamuu qaba.
 Kanaafuu wantoota qabeenya biyyee haphisuu fi balleessuu danda’an;

iddilee fi
 Bosona ciruu,
 Dhiqaminsa biyyee,
 Baay’achuu haftee Industirii,
 Itti fayyadama galteewwan keemikaalaa,

verm  Humnaa ol dheechisuu,


 Lafa qannaaf hin oolle qotuu,
Mala qonnaa gaarii hintaane, kkf irratti of-eeggannaan gahaa raawwatamuu qaba.

kompostii  Biyyee jechuun caasaa dachee isa irraa ta’ee, kan biqiltuun irratti
guddatu dha.

wirtuu  Akkasumas walmaka albuudaa fi lubbuu qabeeyyii ta’ee kan akka


suphee, cirrachaa fi qaawwa /bakka duwwa/ qilleensaa fi bishaaniin kan guutamu qabu dha.
 Biyyeen kan irra hojetame %45 albuuda (cirracha ,suphee fi siiltii), %25 bishaan, %25 Qilleensaa fi %5

leenjii wantoota lubbuu qabeeyyii irrati.


 Biyyee akka amma arginu kanatti misoomsuuf waggoota biiliyeenaa ol fudhata.
 Biyyeen albuudota biqiltuuf barbaachisan kennuu qofa osoo hin ta’iin irradhaabbannaa biqiltootaati.

qonnaan
bulaatiif
 Biqiltuun biyyee irra dhaabbatuu fi albuuda barbaachisoo ta’an argatu malee guddatee firii gaarii agarsiisuu hin danda’u.
 Akkasumas hojiin misoomni biyyee haalaan cimee hojiirra oolu malee oomisha dachaan dabaluun haafee waaxiqqo dabaluun
dadhabamee kanuma amma jiru irraayyuu gadi xiqqaachuun mudachuu danda’a.
 Kanaafuu oomisha daballee, beela hambisnee, wabii nyaataa mirkanaa’e uumuuf kunuunsi Gabbina biyyee hojii misooma midhaanii
gadi ta’uu akka hin qabne itti amanamuu qaba.
 Akka Biyyaatti Gosa Biyyee gara 17 ta’antu jiru.
Isaan keessaa hedduuminaan warri argaman;
 Kaambii sool (cambisol),
 Niitoo sool (nitosol),
 Vertii sool (vertisol) dha.
Paakeejjiwwan Teeknolojii fooyya’insa gabbina biyye

 Teeknolojii biyyee asiidii

 Teeknolojii xaa’oo lubbu qabeeyyii

 Teekonlojii Kompostii ,varmi kompostii fi baayoo salarii (bio-slury)

 Qoarrannoo gabbina biyyee fi ittifayyadama xaa’oo haaraa.

Kaayyoo pakeejjichaa

• Q/bultoonni meeshaa naannoo isaan jirutti fayyadamudhan komposti akka qopheessani gochudhan baasii xaa’oodhaaf bahuu
xiqqeessudhan omisha guddisan wabii nyaata akka mirkaneefatani godhu.

I. Komposti
Kompostiin maaldha ?
 Komopstii jechuun haftee midhaan walitti qabame ,haala salphaa ta’een waantoota isaan tortorsiisuu danda’an; kan akka dikee,
biyyee sassaabame haala o’ina fi jidhina qabu keessatti wali nyaachisudhan kan hojetamu bifa biyyee gurachaa fi boca kan qabu
xaa’oo ummamati.
 Komposti seeran waantoota organiki ta’ee sassaaabnee akka tortoru gochudhan kan qopheesnuu ta’us

 Kompostiin=dikee ta’uu ni danda’a;

 Dikeen hundi ≠ komposti ta’uu hin danda’u

Faayidaa Kompostii
1.Kompostiin yeroo guddina midhaan hundaaf albuudoota barbaachisa ta’e hunda ni dhiyyeessu; (Increases soil fertility)
 organikin walnyaate gara bosbosatti yeroo jijjiramu albuudoota keessa jiran jijjirudhan midhaan akka ittifayyadamani waan godhuuf
haaluma salphadhan bishaanin bulbulame faayida irra oola.
dabaltanis;bosobosni humna biyyee asiidii akka fooyya’u ( neuterilize) godhu waan qabuuf midhaan haala gaaridhan guddata.
Kompostii caasaa (strucutre) biyyee ni fooyyeessa (Improves soil structure in clayey soils )
 Dandeetti bishaan qabachuu ni foyyeessa; kanaafu,bishaan fi qilleensi walmadaalu.
3. Dandeetti jidhina qabachuu biyyee ni dabala. (Improves water retention in sandy soils)
 Kompostiin sirritti qopha’ee bosobosa baay’ee waan ofi keessa qabuuf amala ispoonji qaba.
 Sabaaba kanaafi, bishaan fi albuudoota salphadhumatti qabata; bosobsni kg 1 bishaan hanga litira 6 qabachu danda’a.
 kunis bishaan waan biyyee keessa lixuuf lolaa ni hir’isaa,bishaan lafa jala ni dabala (burqaan hin gogguu).

Arama, ilbisoota fi dhibee gara oyirutti hin dabaluu. (Enhances plant disease, weed and Insect suppression)

 Araman qophii kompostitif yeroo oluu o’ina gudda umuun sanyiin arama afeelame du’a.
 bifuma walifakkaatun; haftee midhaan kompostidhaaf yomuu fayyadamnuu dhibee fi ilbsoonni keessa jiran ni du’u.
5. Biyyeen bishaani fi qilleensa akka hin dhiqamne ni eega
(Decrease soil erosion of water and wind )
 kompostiin dandeetii bishaan biyyee keessa gadi lixuu waan dabaluuf dhiqama ni xinneessa.
 Dabalatanis; bosobosni biyyee waan walit qabsiisuuf salphadhumatti akka qilleensa fi lolan hin fudhatamne dhorga.
Baasii xinneessa ( Decrease additional Cost )
Kompostiin humna q/bulaatin qofa waan hojetamuu danda’uuf baasin bittaa xaa’oof bahu ni hir’ata.
7. Kompostiin ummaman gabbina biyyee kan fooyyeessan maayikroorganizim ofikeessa qabu;kuni immoo ittifufinsaan gabbinni biyyee akka
fooyya’u godha. (Increases microbial activity)
8. Yeroo ammaa gabaa adunyaa irratti soorata organikaa waan baraabadamuuf q/bulaan komposti fayyadamuun omishee galii foyya’ee ni
argata. ( Source of additional Income )
Haala kompostii itti qopha’uu

Iddoo itti qophaa’u filachuu

 Hanga danda’ameen gaaddisa kan qabuu ,


 Bishaan kan hin galee ta’u qaba;
 Bishaan dhiyyeenyatti kan argamuu ta’u qaba;
 Gaggaragalchuuf iddoo kan qabuu;
 Naannoo oyiruu ykn maasii ta’uu qaba
Galteewwan kompostiif barbaachisan

 Haftee midhaan fi qarmii


(midhan biila sa’aa 6-12 bishaanin osoo dhuubame ni filatama)
 Aramaa fi baala adda addaa
 Dikee,kobota,kusi fi finca’an kkf
 Finca’an horii kuusan fayyadamu
 Nyaata horiirra kan hafan hokaa,galaba ,ibiqii
 Biyyee bosona ykn gabbataa seetimeetre 10 gadii fageessan qotuu.
 Daaraa
 Bishaan
 Galteewwan kompostidhaaf barbaachisa ta’an

Haftee midhaan ykn wantoota walmakaa qabiyyee magarisa /jidhina/ fi margaa/goggaa/ qabani hanga harka 3 ( 75%)

 Dikee ,biyyee fi daaraa hanga harka 1`(25%)


Galteewwan komposti hanga naayitrojin qabani tilmaamani fi C:N
Lakk. Galteewwan Hanga naayitrojiin (%) C:N ratio
1 Finca’an 15-18 0.8:1
2 kusii 3-6 10:12.1
3 Sheep waste 3.8 Hin beekamu
4 Horse & donkey waste 3.8 25:1
5 Dikee 1.7 18:1
6 Dikee mooraa sasaabame 2.15 14:1
7 Haftee boqqolloo 0.7-0.8 55-70:1
8 Galaba qamadii 0.4-0.6 80-100:1
9 Hokaa /marga gudacha jiru 4 12:1
10 Margaa mumurame (goggoga 2.4 20:1

Kompostiin haala lamana hojjetama

yeroo turtii irratti hunda’uudhaan;


1. Aadaan( Traditional methods )
 ji’a 3-4 turu
2. saffisaan ( Rapid methods )
 torban 3-4 maayikiro organizimsii yoo itti dabalame
Mala Kompostiin itti qopha’uu

1. Lafa irratti
1. Qophii lafa oli
 Iddoo filachuu
 Dheerina madaba meetra 1-1.5 fi bal’inni gubbaa 1-1,5 meetra fi dheerinni gubbadhan 1-1.5 kan ta’e caaluu hin qabu.
 Iddoon filatame gad-fageenya s.meetra 20-25 ta’en qotamu qaba.
 Jala isaa biqiltuu goggaa sm 15-20 furdisan afuu .
 1 ffaa marga gogaa fi magarisa s.meetra 15 in walirra naquu.
 2 ffaa dikee horii sm. 2
 3 ffaa daaraa sm. 2
 4 ffaa biyyee bosona ykn gabbata sm. 2
• Sm 2 daaraa irra firfirsuu
• Sm 2 Biyyee bosonaa irra firfirsuu
• Sm 2 Dikee naquu
• Sm 15 marga gogaa fi magariisa afuu
• Sm 15-20 agadaa boqqoolloo ykn mishingaa jala afuu
• Sm 20-25 lafa qofaranii biyyee keessaa baasuu

• Bishaan irratti firfirsuu.
• Walidura duuban sadarkadhan (1-4) walirra tuulun hanga dheerinni isaa meetra 1-1.5 ta’u qaba.
• yeroo walirra naqinuu giddun furdifne olikaasuu fiixee dhan haphisnee naquu qabna.
• Mukaa walkaa isaa dhaabudhaan jidhina fi o’ina isaa hordofaa deemun barbaachisa.
• Uwwisa keessaa fi alaan godhu
• Marsaa 1ffaa Guyyaa 30-45 booda gaggaragalchuu
• Marsaa 2ffaa jalqaba erga gagga ragalee ji’aa booda
• Lolaan hin barbaachifne akka hin galee naanneessan boo’ii baasuu.

2. Boolla keessatti
1. Qophii lafa oli
 Iddoo filachuu
 Dheerina madaba meetra 1-1.5 fi bal’inni gubbaa 1-1,5 meetra fi dheerinni gubbadhan 1-1.5 kan ta’e caaluu hin qabu.
 Iddoon filatame gad-fageenya s.meetra 20-25 ta’en qotamu qaba.
 Jala isaa biqiltuu goggaa sm 15-20furdisan afuu .
 1 ffaa marga gogaa fi magarisa s.meetra 15 in walirra naquu.
 2 ffaa dikee horii sm. 2
 3 ffaa daaraa sm. 2
 4 ffaa biyyee bosona ykn gabbata sm. 2
 Bishaan irratti firfirsuu
 Walidura duuban sadarkadhan (1-4) walirra tuulun hanga dheerinni isaa meetra 1-1.5 ta’u qaba.

 yeroo walirra naqinuu giddun furdifne olikaasuu fiixee dhan haphisnee naquu qabna.

 Mukaa walkaa isaa dhaabudhaan jidhina fi o’ina isaa hordofaa deemun barbaachisa.

 Uwwisa keessaa fi alaan godhu

 Marsaa 1ffaa Guyyaa 30-45 booda gaggaragalchuu

 Marsaa 2ffaa jalqaba erga garagalee ji’aa booda

 Lolaan hin barbaachifne akka hin galee naanneessan boo’ii baasuu.

Qophii komposti irratti dhimmoota xiyyeefannoo barbaadan.


Komposti qopheesuuf reeshoo (ratio) karbon fi naayitrojii beekun barbaachisa dha.
 baala kichuun haala salphadhan waan walnyaataniif naayitrojin baay’ee fi karbon xiqqaa ofi keessa qabu.
 biqltuu gogaan haala salphadhan waan hin nyaaneef karbon guddaa fi naayitrojin xiqqaa qabu.
 hafte lubbu qabeeyyi (biqiltu) naayitirojin baay’ee ofkeessa qabu waan ta’eef komoposti gaarii kennu,
 garuu qophii kompostii keessatti wantoonni irra qopha’an qabiyyen naayitrojini isaan karbon caaluu hin qabu.
C: N ratio 25-30:1
harkaa tokkoo baala jidhaa magarisa fi harka 2 baala goggaa itti dabaluu.
2. Bishaan itti fayyadamnu omoo, zayita fi boba’aa kan xuxuqe ta’u hin qabu.
 yeroo kompostii qopheessuf jala geenyu galtewwan ittifayyadamnu keemikaala farra ilbisoota kan itti biifamani ta’u hin qabu.
 Baalaa fi galteewwan adda addaa qophii kompostiif fayyadamnuu sirritti mumuru/kukutun itti naquu qabna. malli kuni
kompostiin akka walnyaatu godha.

4. Tuulan komposti bishaan akka itt hin xiqqanee fi hin baayane of-eegannoo gochu dha. bishaan yoo xinnatee wali hin nyaatu(ni
dhabata) yoo baay’ate immo albuuda midhaaniif barbaachisa ta’e gara amoinati jijjirun fooli hin taane ni fida.

 /jidhinni isaa yeroo hunduma dhibbeenta 50 ta’u qaba./

 Rakkinni bishaan yoo jiraate harka 1 fincaan ,harka 4 bishaan walit makuun itti naquu.

5. Walirra naquu Kompostiin lafa olitti yoo dhume boode dhoqeedhan maragun barbaachisadha.dabalatanis; kan maragame akka irra hin
dhiqamne dhorkuuf baala; warqee,buqee,muuzii uwwifachu qaba.

 Kompostiin lafa olis ta’ee boolla keessatti yeroon gaggaragaluu qaba.

7. Yeroon kompostiin itti gaggaragaluu galgala ykn ganama ta’u qaba.


kompostiin kan sirritti walnyaatu oC 60-70 yoo ta’u darbe darbe o’a oC 50-130 yoo ta’u of-eegachu barbaachisa (alarjiki
umuu waan danda’uuf funyaan fi afaan haguggachu).
Kompostiin walnyaachudhaf ji’a 3-4 kan barbaachisu waan ta’eef yeroo kan keessatti yoo xiqqate si’a lama garagalchun ni barbaachisa.
• marsaa duraa kompostiin kan garagaru guyya 30-45 yoo ta’u,marsan lamataa kan garagaru marsan dura garagree ji’a tokko booda
ta’a.walumagalati kompostiin bilchatuuf yeroon inni fudhatu meeshaa dheedhi ittifayyadamne fi agro-ecology dhan garagarumma
akka qabu hubachu qabna.
10. Kompostiin sirritti walnyaachu mirkaneefachuu kompostii sirritt qophaa’ee;
 hallun isaa gurracha ykn magaalaa gurrachaa
 foolin isaa lafa haaraa qotame qotame urga’aa(Earthy smell)
 harkan yoo xuqan salphadhumatti caccaba (Crumble texture).
11. Kompostii yeroo amma qophaa’u qulqull’inna kan eegate waan hin taanef facaasa sanyii osoo hin gahin ji’a tokko dursee biyyeen walit
makuu barbaachisa. (Qotiyyodhan)
Rakkoolee qophii fi ittifayyadama kompost irratti mul’atani

 Iddoon kompostiin itti qopha’uu aduu, lolaa fi qilleensaaf kan saaxilame ta’u;
 Meeshaa dheedhii kompostiif ta’u yeroon sassaabamu dhabu;
 Walrraa naqinsii kompostii walduraa duubaan darabee isaa eege hojetamu dhabu;
 Kompostiin dhayicha nama dhofsiisa jechuu;
 Humna barbaachisa jechun ulfeessan ilaalu;
Boolla garagalchuuf kan garagaruu dabalataan boolla qopheessu dhabu

 Lakkoofsa irratti kan xiyyeefate ta’uu fi boolla balfa goggogaa hunda akka kompostiit lakkaa’u.
 Kompostii naannoo manaa qofati qopheessuu fi ittifayyadamuu filachu.
 Kompostiin yeroo walnyaatu hordofanii yeroodhan; bishaan irratti firfirsuu fi garagalchuu dhabu.
 Komposti gara oyiruu bahee bittina’e yeroon biyyee waliin maku dhabu.
 Kompostii fayyadamudhan omisha dabalee gosa midhaanitti qindeessan babal’isuu dhabu.
Yaada furmaata fi tooftaa ittin hojiirra olmaa isaa.

Leenjii kennuu
2. Ganna /yeroo balgi oyiruu keessa arama aramame gatamu akka ittifayyadaman deegarsa godhu.
3. Kompostiin galgalaa fi ganama akka gaggaragaruu hubachiisu.
4. Q /bulaan humna isaa qofatti fayyadame baasi tokko malee akka qopheesu fi itti fufinsan (waggootaaf) gabbina biyya dabaluudhan
omisha gaarii akka kennuu hubachisu.
5. Bu’aa kompostiidhan mul’ate adda baasan oyiruu filachun , ayyana q/bultoota qopheessun muuxannoo argame q/bultoota kan birootiif akka
dabru godhu.
6.Wiirtuu leenjii q/bulaa keessatti kompostii qulqull’innaa qabu qopheessun q/bulaan akka irra baratu godhu.
 Hanga kompostii barbaachisu bal’ina oyiruutiin beekuu
 Wantoota kompostiin irra qopha’uu ,haala qilleensa fi mala ittin qopha’u adda baasuu.
 Akkaata qophii kompostittin walrra naquu,yeroon gaggaragluu fi oyiruu irratti bittina’uu isaa ijaarsa garee misooma fi tokko –
shaneen hordofii godhu.
 Garee misooma fi ijaarsa tokko shane cimsuudhan geesiisu , q/bulaa raawwachuu danda’uu adda baasuun cimsu.
 Akkuma ijaarsa caasaa eksiteeshin jiruuttin gaggeestoota garee misooma fi tokko-shanee waliin ta’ani yeroo yeroodhan sochii hojii fi
rakkoolee hojiirratti mul’atani hiika deemuu.

 Dhaabileen qorannoo biyyee oggeessoota Aanaalee fi Gandoota walin ta’uun yeroon saamuda kompostii fudhachuun bu’aa isaa
hojetani naannoo, godinaa fi aanaaf gabaasa gochuu qabu.

II. Varmi Kompostii


1. Kompoostii Raammoo Jechuun ?
2. Raammoo Kompoostii Jechuun ?
3. Haala Mijataa Raammoo Kompoostii Baayisuu fi kompoostii omisuuf Barbaachisan.
4. Haala Qophii Kompoostii Raammoo
5. Sassaabbii Kompoostii Raammoo
6. Itti fayyadama Kompoostii Raammoo
7. Rakkoolee Hojii Kompoostii Babal’isuu keessatti mul’atan
• Akka adunyaatti gosa raammoo baa’een lafa gubbaa fi lafa keessaa jiraatan ni jiru.
• Akka qorrannoon adda addaa mul’isuttii gosni isaanii 3000 oli ta’u ni argamu. Haala jireenyaa isaanitiin raammoon
kompoostii iddo sad’itti addaan qoodamtti.
Anecic – out of the earth

Biyyee gubbaa jiru (mineral layers) irraa gara keessaa kan seenanii fi biyyee keessa kan jiraatan ta’anii yeroo dukkana ta’u
nyaata barbaacha gara olii (surface) dhufanii kan iddoo jireenya isaanitti deebi’anii dha.

. Endogeic – with in the earth


Gosti raammoo kanaa immoo biyyee keessaa sosocha’aa warra jiraatan yoo ta’an, yeroo baa’ee biyyee gara olii jirutti
dhiyyaachuun haftee biqiltootaa fi beeyladaa kan sooratanii biyyee keessa jiraataniidha. Garuu darbee darbee gara
biyyee gubbaatti kan dhufaniidha.
3. Epigeic – upon the earth
Biyyee gubbaatti dhiyyaachuun warra jiraatuu fi hafteewwan tortoraa adda addaa soorachuun jiraataniidha.

• Akka naannoo keenyaatti raammooleen kompoosttii hojjatan yeroo ammaa kan qonnaan bultootaaf
raabsamaa jiran gosa Eseniyaa andriyee fi Eseniyaa Fatiidaa dha. Kompoosttii qulqulluu fi baayinaan
omishuu kan dandeessuu gosa raammoo Eseniyaa fatiidaa dha.

 Raammoon kun guyyaa 220 turu kan danda’uu fi raammoo 300-400 bakka buusee du’a.
 Torbee sad’i booda raammoolee xixiqqaa hanqaaquu keessaa ni bahu.
 Raammooleen xixiqqaa yaa’an kun ji’a 3- 5 keessatti gara ga’eessasatti guddatu.
 Akka qorrannoon ibsutti raammoon ga’eessi tokko torbee keessatti hanga hanqaaquu 3 buusti.
 Hanqaaquu tokko keessaa ilmoolee raammoo 10-12 ta’u bahuu danda’a .
 Dheerinni raammoo kanaa sm 0.8- sm 10 ta’a.
 Bifti isaa yeroo baa’ee diimaa dha.
 Ji’a 2-3 keessatti baayinni isaanii dachaan dabala
 Raammoon gaheessa tokko graama 0.5 hanga 0.6 ulfaatti.

 Raammoo Kompoostii Baayisuu

( Vermi Culture )
Haala Mijataa Raammoo Kompoostii Baayisuuf Barbaachisan :
1. Hanga o’inaa to’achuu (temperature regulation)
 Giddu-galleessaan seentii graadii 10- 30 ta’a
 Naannoo dilalaayaa fi jidhiinsa qabu keessatti humna daandamachuu qabu.
 Qilleensa ( Oxygen)
 Raammooleen qilleensa oksijiinii (O2) waan fudhataniif iddoo qilleensi hin jirreetti jiraachuuf ni rakkatu.
 Yeroo raammoolee kanneen baayisnutti iddoo itti baayya’atanitti sochiin qilleensa oksijiinii jiraachuu isaa
mirkaneeffachuun barbaachisaadha.
 . Jidhiinsa ( moisture )
 Raammoolee kompoostii hojjatan yeroo baayisnu jidhiinsi gahaa ta’e jiraachuu qaba.
 Jidhiinsi isaa % 60 hanga %70 ta’uu qaba.
 Raammooleen qilleensa baasuu fi fudhachuuf kan gargaaraman gogaadhaan waan ta’eef afaan jala afnu sun % 50 gadi jidhiinsa
baachuu hin qabu.


Galteewwan Afaa jalatiif ta’an

Bishaan
Galtee afaaf ta’u Humna bishaan xuuxuu C:N Reeshoo (%)
baachuu

Fandoo Fardaa G/G*- Gaarii Gaarii 22-56

Haftee Boqqolloo G/G*- Gaarii G/G* 38-43

Dirqoosha Gad-Aaanaa G/G*- Gaarii 15-32

Galabaa Gad-Aanaa G/G* 48-150

Gazeexaa Gaarii G/G* 170

Sagaturaa Gaarii- G/G* Gaarii- G/G* 142-750

Baala gogaa gara garaa Gaarii- G/G* Gaarii – G/G* 40-80

Harrii dhagaa muraasaan tortoree Gaarii G/G* 58

Qola muka lalaafaa fi jajjabaa Gadi-aanaa Gaarii 116-1285

Muka caccabaa lalaafaa fi jajjabaa Gadi-aanaa Gaarii 212-1313

Haftee Minciree adda addaa Gadi-aanaa Gaarii 53

Dhandhama ( PH)
Jireenya raammoolee kompoostiif iddoo mijataa kan ta’e dhangaggummaa fi ashaboo kan hintaane ta’uu qaba.
Kanaafuu iddo jireenya isaanii dhandhama giddu- galleessa (neutral pH) ta’ee turuu qaba. Sadarkaa dhandhaminaa olii fi gadi
akka ta’an kan taasisu galteewwan nuti afaaf fayyadamnu ykn keemikaala raammoo keessa bahu ta’uu danda’a.

Nyaata ( Food )
 Raammooleen kompoostii hojjatan kun kan nyaatan keessaa %5-10 qaama ofiif kan fayyadaman yoo ta’u
kan hafe % 90-95 kompoostii ta’ee baha.
 Naannoo qilleensi fi haala mijataa ta’etti guyyaatti raammoon tokko ulfina qaama ishee wajiin wal-gitu
nyaachuu dandeessi.
 Raammoo kanaaf wanta organikii ta’e kan akka dikee, kobotaa, baala , haftee fuduraa fi
kan birootis nyaachisudhan kompoostii qopheessun ni danda’ama.

6. Mana ( Gaaddisa )

Raammooleen kompoostii hojjatan uumamaan aduu fi ifa humna ibsaa hin-jaalatan.


 Iddoon filatamaa jireenya isaanii iddoo biyyee bosonaa jidhiinsa qabu, biyyee qarqara lagaa fi dikee

jidhiinsa qabu fi kuusamee jiru keessa dha

Kompoostii Raammoo ( Vermi Compost

Faayidaa Kompoostii Raammoo

Kompoostiin raammoo ;
• albuudota,
hormoonota fi inzaayimoota guddinaa, omishtumaa fi fayyaa biqiltootaaf barbarchisan kan qabateedha

• Akka xaa’oo keemikaalaa (lubbu dhabaa) wagga waggaadhan biyyeetti naquu kan hinbarbarchifne ta’u; kompoostiin
kun altokko gahaan yoo biyyeetti dabalame waggaa sadeen ittifufuuf kanuma altokkoo saniin omisha kennuu
danda’uu isaa,
• Albuudoni ulfaatooni (heavy metals) akka biqiltoota hin gubne taasisuu isaa,
• Iitti fayyadama baasii xaa’oo keemikaala (lubbu dhabaa) yoo xiqaate harka walakkaatiin kan hiri’isu ta’u isaa,
• Balfama uumamaa (organic waste) magaalaa fi baadiyyaa irraa maddu gara faayida qabeesa ta’eetti jjiruudhaan
qulqullina naannoo eeguuf gahee olaanaa qabaachuu,
• Raammoowwan yeroo kompoostiin hojjatamu bayi’atan nyaata qurxummii fi lukkuf oolan ta’u,
• Raammoo horsiisuus ta’e kompoostii raammoo hojjachuun namoota hedduuf carraa hojii kan uumu ta’uu isaa





Qabiyyee albuuda varmii Komposti
Nitrogeen Foosferasii Potashiyeemii
N2 P K
Kg/tone Kg/tone Kg/tone

Dikee 7.5 6 12
Kompoostii Raammoo 27 17.5 17.5
• kompoostiin Raammoo ji’a tokko keessatti qopheessuun ni danda’ama . Fkf :- Meeshaa saanduqa bal’inni isaa
sm30xsm60xm1(DxWxL) keessatti raammmoo 6000( 3kg) naquun nyaata gosa adda addaa nyaachisuun torbee tokko keessatti
kompostii kg 25-50 omishuun ni danda’ama .

Kompoostii raammoo qopheessuuf wantoota barbaachisan

• Balfamoota (organic wastes) ykn nyaata


• Raammoolee,
• Bishaan,
• Iddoo itti qophaa’u ( Saanduqa) gadi-fageenyi ( depth) sanduqaa sm 60 caaluu hunqabu .
• Gaaddisa (Mana)
• O’ina ( OC 10-30 )
• Jidhiinsa ( % 60-70 )
• Dhandhama ( 6.5-8.5 )
• Qilleensa

Qophii Kompoostii Raammoo keessatti hojiwwan raawwachuu qaban

• Faltiin loonii yoo o’aa ta’e bishaaniin qalisuu, guyyaa 2-3 qofaa erga ture booda gara tartiiba kompoostii galchuu,
• Haftee garbuu, haftee cidii fi aramaa paartineemii qofa qofaa isaanii kukkutuu/mumuruu
• Guyyaa sadi sadditti bishaan gahaa obaasuun ni barbaachisa,
• Kompoostiin gaafa bilchaate (ji’oota 2-3 keessatti bilchaachu ni mala) guyyaa sadi’if bishaan obaasuu dhiisuu .

Haala Lamaan Qophaa’uu Danda’a


1. Lafaa ol yookiin lafa irratti


Saanduqa bilookeetii/mukaa irraa tolfame keessatti kompoostii hojjachuun baratamaa dhufeera

2. Lafa keessatti
qopheessuu( Boolla keessatti

• Kompoostii raammoo qopheessuuf gadi-fageenyi boollaa saantiimeetra 30 hinccaalle keessatti hojjatamuu qaba .

Raammoo Kompoostii Horsiisuu fi Kompoostii omishuu Keessatti Of-eegannoon Godhamu Qabu.

• Raamoolee kanneen irratti miidhaa kan gaggeessan ilbiisoota fi beeyladootni baay’ee ni jiru. Kanneen keessaa :
• Gondaa
• Hantuuta
• Sinbiroota
• Tuqaa
• Raammoo luka shantamaa fi dhibbaa fi kkf
• Mixii
• Tooftaa Diinoota raammoo kana irraa to’atamu
• Mana jireenya raammoolee qadaada isaa pilaastika qilleensa galchuu danda’uu fi meeshaa naannoo jiru irraa
hojjechatan uwwisuun ni-barbaachisa.
• Iddoo jireenyaa raammoolee kana jala isaa daaraa firfirsuu, boba’aa dhangalaasuu, baala bargamoo , niimii firfirsuu .


Galteewwan Nyaata raammoof hintaane
• Muka Bargamoo
• Muka Niimii
• Muduraalee Hadhaawa ta’an ( Loomii )
• Foon , Lafee, qola hanqaaquu , qaaraa
• Pilaastika adda addaa

Kompoostiin Raammoo Akkamitti sassaabama

Sasaabbii Kompoostii dura dhimmoota xiyyeefanna barbaadan

• Bift isaa magaala yookiin guaraacha-magaala yoo ta’e,


• Walitti kan hin ukkamamne (not compacted) fi wa litti hinqabane,
• Jidhiinsa gahaa kan of keessa qabu,
• Dhamdhama giddu galeessa ta’e kan qabu (neutral pH)
• Bishaani obaasuun erga dhaabbatee booda guyyaa arfaffaatti kompoostii bilchaate walittiqabu.
• Kompoostii walitti qabame gaaddisa jalatti gogsuu.
• Kompoostii goge battalumatti ittifayyadamu yookiin hanga hojii irra oolutti keeshaa keessi isaa pilaastika qabutti
naqaanii iddo qorraa teechisuu.
 Raammoon kompoostii qopheesitu ifa aduuf daqiiqaa 15f saaxilluun kompoostii harka sadii keessa harka lama
harkaan sasaabuu ,
 Dhuma irratti raammoo jalatti haafan sana gara saanduqa biraa qohaa’eetti sanatti naquudha.
Kooompstii raammoon qophaa’e yeroo sassaabu barbaannu nyaatni dhumuu isaa erga mirkaneefannee booda nyaata haaraa
gara tokkotti kennuun akka keessaa bahan gochuun kompoostii sassaabuun ni danda’ama.



Itti fayyadama Kompoostii raammoo
Itti fayyadamni kompoostii raammoo gabbina biyyee fi gosa midhaanii irratti kan hundaa’e ta’uu qaba.
 Midhaan biilaa fi agadadhaaf kun. 25 hanga 100 fi xaa’oo nam-tolchee gosa biyyee ajajameef keessa
harka walakka hektaaraaf fayyadamuun ni danda’ama.
 Midhaan dheedhiif kun. 30 hanga 50 kompoostii raammoo kanaan qophaa’e qofa fayyadamuun ni
danda’ama.
• Midhaan dheedhiidhaaf kompoostii raammoon kun. 20 hanga 25 xaa’oo nam-tolchee duukaa walitti makuun
fayyadamuu yoo danda’amu, kompoostii idilee taanan garu kun. 50 hanga 180 nu barbaachisa.
• Biyyee bishaan baatu kan akka biyyee kootichaa irratti fayyadamuun fayida guddaa qaba.
• Biyyee dhangaggaawaa fi ashaboo irrattii fayyadamuun dhangaggummaan biyyee akka hin daballe taasisa,

You might also like