Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 5

DHIBEE SUKKAARAA

Dhibeen Sukkaaraa Maali?


Dhibeen Sukkaaraa Rakkoo Hormooniin Insulinii Jedhamuu Fi Sukkaara Dhiiga Keenya Keessa Jiru Too’atu Hanqna Qabaachuun,
Ykn Dalaguu Dadhabuun, Ykn Sababoota Lamaan Irraa Kan Ka’e Hangi Sukkaara Dhiiga Keenya Keessa Jiruu Hanga
Barbaadamuun Olitti Ol Ka’aa Tauu Isaati.

Sababoota Dhibee Sukkaaraa:


1. Hanqina Hormoonii Insuliinii( Bal’inaan Rajiijiin Hormoonicha Oomishuu Dadhabuun Dhufa)
2. Hojjechuu Dadhabuu( Non-Functional) Hormoonii Insuliinii ( Yeroo Baay’ee Cooma Kuufamaa Qabaachuu,…)
3. Lamaanuu Ta’uu Danda’a

Dhibeen Sukkaaraa Sanyiin Ni Darbaa?

- Dhibeen Sukkaaraa Maatiin Yoo Qabaate Carraan Ijoolleen Qabaachuu Sababa Walfakkeenya Hormooniin Ol’ka’aa Ta’us
Dhibeen Sukkaaraa Dhibeen Sanyiin Darbu Miti.

Mallattoolee Dhibee Sukkaaraa:


1. Mallattoolee Dhukkubsataan Ofirratti Argu:
- Dheebuu, Fedhii Nyaataa Olka’aa Fi Fincaan Baay’achuun Irra Deddeebiin Mul’achuu (Poly Symptoms),
- Ulfaatinni Qaamaa Hir’achuu
- Hoqqisiisuu, Afuura Kutuu
- Dadhabbii Fi Of-Wallaalchisuu
- Yoo Ture Qaamolee Biroo Akka Sammuu, Kalee, Ijaa , Adooduu Fi Madaa’uu Miilaa Fiduu Danda’a
2. Mallattoolee Qorannoorratti Mul’atan:
- Hammamtaan Sukkaara Dhiiga Keenya Keessa Jiru Irra Deddeebiin Ol’ka’ee Argamuu
- Qorannoo Fincaanii Irratti KETONE Yoo Argame Yaala Hatattamaa Barbaada.
Dhibeen Sukkaaraa Akkamiin Beekama?
- Dhibeen Sukkaaraa Mallattooleen Jiran Akkuma Jiranitti Ta’ee Qorannoo Laaboraatooriin Qofa Adda Baha

Dhibeen Sukkaaraa Yaala Qabaa?... EEYYEE


- Dhibeen Sukkaaraa Akkaatuma Gosa Isaan Qoricha Marfeen Kennamu( Insulin) YKN Kiniina Kennamuun Kan
Yaalamu Yoo Ta’u Of Eeggannoo Fi Hordoffii Cimaa Barbaada.

Dhibeen Sukkaaraa Ni Fayyaa?.... LAKKI


- Dhibeen Sukkaaraa Yaala Kennamu Sirnaan Hordofuun Hammeenya Isaa Salphisuun Ni Danda’ama. Ta’us Garuu
Fayyuu( Baduu Waan Hin Dandeenyeef Qoricha Adda Kutuun Rakkoof Nama Saaxila.

Namni Dhibee Sukkaaraa Qabu Of Eeggannoo Akkamii Gochuu Qaba?


A. Haala Nyaataa Sirreessuu:
1. Nyaata Ykn Dhugaatii Hin Eeyyamamne:
1.1. Sukkaara, Damma, Marmaraataa, Karamellaa
1.2. Keekii, Buskutii Mi’aawaa
1.3. Dhugaatii Lallaafaa (Kookaa, Mirindaa, Faantaa Fi Peepsii)
1.4. Dhugaatii Alkoolii ( Daadhii, Araqee, Biiraa, …)
2. Nyaata Gosa Garagaraa Waliin Nyaachuuf Kan Eeyyamaman:
2.1. Gosa Midhanii Kan Akka Buddeenaa, Daabboo, Qincee, Akaayii,
2.2. Atara, Baaqelaa, Missira,…
2.3. Muduraalee Gosa Kamiiyyuu
2.4. Makoronii, Paastaa, Ruuzii
3. Gosa Nyaataa Yeroo Kamiiyyuu Eeyyamaman:
3.1. Foon Diimaa, Qurxummii, Hanqaaquu, Aannan, Baaduu, Raafuu
3.2. Salaaxaa, Raafuu Maraa, Timaatima, Dabaaqula, Kaarotii
3.3. Shaayii, Buna, Cuunfaa Loomii ( Sukkaara Malee Ta’uu Qabu),
3.4. Shoorbaa ( Ajjaa, Garbuu), Qimamii, Barbaree, …
B. Hordoffii Wal irraa Hin Cinne Gochuu:

1. Miila Qullaa Deemuu Dhiisuu Fi Yeroo Hunda Miila Ofii Ilaaaluu, Madaa Yoo Qabaate Dafanii Yaalamuu
2. Akkaataa Nyaata Ofii Sirreessuu
3. Hordoffii Walirraa Mana Yaalaatti Gochuu Fi Gorsa Ogeessaa Hojiirra Oolchuu
4. Mallattoolee Yaala Hatattamaa Barbaachisan Adda Baasuu Beekuun Barumsa Fudhachuu; Kanaafis Waan
Hatattamaan Ta’uu Qabu Gochuu

SUKKAARRI GADI BU’UU ( HYPOGLYCEMIA)

Sukkaarri Dhiiga Keenya Keessa Jiru Hanga Barbaadamee Gadi Yommuu Bu’u ( Hypoglycemia) Mallattoolee akka:-
Dhukkubbii Mataa, Beela,Dhawannaan Onnee Dabaluu, Dafqisiisuu, Qaamni Laamsha’uu, Hoollachuu Qaamaa, Dubbachuuf
Rakkachuu,… Yoo Mul’ate Daddaffii Gara Mana Yaalaa Dhiyeenyatti Ilaalamuun Yaala Hatattamaa Argachuu Barbaachisa.
Manni Yaalaa Fageenyarra Kan Jiru Yoo Ta’e Karameeellaa yk Sukkaara ykn Dhugaatii Lallaafaa hanga Liitira Walakkaa
Fudhachuun Lubbuu Baraaruun Barbaachisaa dha.

Hub. Mallattooleen Sukkaarri Ol Ka’uu Fi Gadi Bu’uu Yeroo Baay’ee Walfakkeenya Waan Qabaniif
Hanga Danda’ametti Hatattamaan Gara Mana Yaalaa Deemuun Yaala Barbaachisaa Argachuun
Barbaachisaa dha.

DHIBEE DHIIBBAA DHIGAA (HYPERTENSION)


DHIIBBAAN DHHIGAA MAALI ?
- Dhibbaan Dhiigaa Ol Ka’uunsa Dhiibbaa Ujummoolee Dhiiga Raabsan( Aartarii) Keessa Jiran Kan Ibsuudha.
- Dhiibbaan Dhiigaa Fi Baay’achuun Dhiigaa Tokko Miti.

DHIIBBAA DHIIGAA EENYUTU ILAALAMUU QABA ?


Namni Kamiiyyuu Dhiibbaa Dhiigaan Miidhamuu Danda’a Waan Ta’eef Ilaalamuun Dhiibbaan Dhiigaa Yoo Ol Ka’e Irra Deebiin
Ilaalamuun Yaala Barbaachisu Gochuun Barbaachisaadha. Ta’us Garuu Caalatti Carraa Dhiibbaa Dhiigaan Miidhamuu Kan Qabanii
Fi Irra Deddeebiin Ilaalamuu Kan Qaban:

- Dhibee Onnee Kan Qaban


- Dhibee Sukkaaraa Kan Qaban
- Dhibee Kalee (CKD) Kan Qaban
- Qaama Furdaa (Borcii) Kan Qaban
- Tamboo Kan Aarsan
- Maatiin Dhibee Onnee Kan Qaban

YEROO DHIIBBAA DHIIGAA ILAALAMNUTTI HAALDUREEWWAN GUUTAMUU QABAN:

- Buna,/Kookaa Dhugneerraa Yoo Ta’e Yoo Xiqqaate Daqiiqaa Soddoma Booda Ilaalamuu
- Uffata Irree Keenya Qabu Baafachuu
- Sirrachuun Taa’uu( Miilli Lamaan Sirnaan Lafa Ga’uu; Dugdi Hirkachuu, Ciqileen Irree Ilaalamuu Gara Jalaan Waan
Utubu( FKf. Minjaala) Qabaachuu, Bitaa Fi Mirgatti Ykn Duraa Duubatti Jal’achuu Hin Qabnu.
- Miila Walirra Kaa’uu, Hiixachuu Dhiisuu
- Haasa’uu Fi Asii Fi Achi Socho’uu Dhiisuu
- Aarii Fi Yaaddoo Hir’suu, yoo Danda’ame Dhiisuu

Dhibeen Dhiibbaa Diigaa Akkamiin Yaaalama?


1. Yaala Qoricha Malee( Haala Jireenyaa Fooyyessuu):
A. Sirna Nyaataa Fayyaalessa Ta’e Hordofuu:
- Ashaboo Fi Buna Hir’isuu( Guuyyaatti fal’aana shaayee tokkoo gadi qofa fayyadamuu); Barbaree Ashaboo Waliin
Daakamee Fi Soogidda Walfaana Fayyadamuu Dhiisuu
- Kuduraa Fi Muduraa Fayyadamuu
- Nyaata Potaasiyamiin Badhaadhan Kan Akka Avokaadoo Fayyadamuu
- Foon Diimaa Baay’isuu Dhiisuu
- Dhugaatii Mi’aawaa Hir’isuu
- Nyaata Cooma Baay’ee Qaban Hir’isuu
- Bunaa Fi Shayee Hir’isuu
B. Tamboo Aarsuu Dhiisuu
C. Dhugaatii Alkoolii Hir’isuu
D. Sochii Ispoortii Sassalphaa Taasisuu
E. Boqonnaa Gahaa Gochuu

2. Yaala Qorichaa:
- Namni Dhibee Dhiibbaa Dhiigaa Qabu, Sadarkaa Yaala Hatattamaa Barbaadurra Jiru Ykn Yaala Qoricha Maleen
Fooyya’uu Hin Dandeenye Yaala Qorichaa Dabalataan Fudhachuu Qaba.

Dhibeen Dhiibbaa Dhiigaa Ni Fayyaa?


- Akkuma Dhibee Sukkaaraa Dhibeeen Dhiibbaa Dhiigaas Sirnaan Yoo Yaalame Rakkoowwan Hammaataa Dhufuu Malu
Hambisuun Ni Danda’ama. Ta’us Garuu Fayyuun Waan Hin Danada’amneef Qoricha Adda Kutuun Rakkoowwan
Hammaatoo Lubbuu Gaaga’uu Danda’aniif Nama Saaxiluu Waan Danda’uuf Yaala Qorichaa Sirnaan Fudhachuun,
Yaala Qoricha Malees Itti Dabaluun, Hordoffii Walirraa Hin Cinne Gochuun Barbaachisaadha.

You might also like