Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 8

Biiroo Paablik Sarvisii Misooma Qabeenya Namaa

Oromiyaatti

Daayirektoreetii Dhimmoota Kominikeeshinii

Karoora Gabaabaa Kabaja “Guyyaa


Tajaajiltummaa”(Qaammee 1/2015)

Hagayya 2015
Finfinnee
Seensa
Kallattii Mootummaa Federaalaa irraa gadi bu’een, Qaammeen guyyaa 1-6/2015 sirna
garagaraatiin akka kabajamee oolu ergaan darbee jira.
Mootummaan Federaalaa Itoophiyaa Qaammee 1 hanga 6 Bara 2015’tti wantoota kabajamanii
oolanuufi qaama kabaju Ministeera isa ilaallatu waliin beeksisee jira.
ተ. የሚከበረው በዓል የሚከበርበት ቀን የሚያከብረው ተቋም ተባባሪ የሚዲያ

ቁ. ተቋማት
1. የአገልግሎት ቀን ረቡዕ፣ ጳጉሜን 1 የሲቪል ሰርቪስ ኮሚሽን/ ዋልታ፣ ፕሬስ

ቀን 2015 የትራንስፖርት ሚር፣የጤና ሚር፣

የግብርና ሚር፣ የቱሪዝም ሚር፣

የሲቪል ሰርቪስ ዩኒቨርሲቲ


2. የመሥዋዕት ቀን ኀሙስ ጳጉሜን 2 መከላከያ፣ብሔራዊ ደኅንነት፣ ኢቢሲ

ቀን 2015 ፌዴራል ፖሊስ፣ ማረሚያ ቤት


3. የበጎነት ቀን ዓርብ፣ ጳጉሜን 3 የሰላም ሚር፣ የሲቪክ ማኅበራት ኦቢኤን፣ አሚኮ

ቀን 2015 ኤጀንሲ፣ ኮተቤ

ዩኒቨርሲቲ፣ሴቶችና ማኅበራዊ

ሚር
4. የአምራችነት ቀን ቅዳሜ፣ ጳጉሜና 4 የንግድና ቀጣናዊ ትሥሥር ሚር፣ ኢዜአ

ቀን 2015 የኢንዱስትሪ ሚር፣ የማዕድን

ሚር፣ የሥራና ክሂሎት ሚር፣

የገቢዎች ሚር
5. የትውልድ ቀን ጳጉሜን 5 ቀን የትምህርት ሚር፣ የሴቶችና ፋና
2015
ሕጻናት ጉዳይ ሚር፣ የፍትሕ ሚር
6. የአብሮነት ቀን ጳጉሜን 6 ቀን የኮሙኒኬሽን ሚር፣ የሚዲያ ኢቢኤስ፣ ኢቢሲ
2015
ባለሥልጣን፣ አዲስ አበባ

ዩኒቨርሲቲ፣ ባህልና ስፖርት ሚር

1
Haaluma kanaan Qaammeen 1/2015 “Guyyaa Tajaajiltummaa” jedhamee akka Naannoo
Oromiyaatti, manneen hojii mootummaa, naannoo godinaalee, bulchiinsa magaalotaafi
aanaaleetiin kabajamee ni oola.

Qaammee 1/2015 manneen hojii mootummaa sadarkaa naannoo hanga aanaa jiran Guyyaa
Tajaajiltummaa kana mana hojii isaaniitti argamuun maamila guyyaa kana gara mana hojii
isaanii dhufuuf simannaa ho’aa taasisuun kabajanii ni oolu.
Qaammee 1/2015 manneen hojii sadarkaa naannoo hanga aanaa jiranu sagantaa buna-shaayii
qopheessuun saatii 2:30-11:30’tti maamila mana hojii dhufu simatanii keessummeessaa oolu.
Kanaafuu, karoorri kun haaluma kallattii Mootummaa Federaalaa irraa darbeen akka manneen
hojii mootummaa sadarkaa naannoo, godinaa,Bulchiinsa magaalaafi aanaa Qaammeen 1/2015
“Guyyaa Tajaajiltummaa” jedhamee akka kabajamuuf kan qophaa’edha.
1. Kaayyoo Gooree
Kaayyoon gooreen kabaja “Guyyaa Tajaajiltummaa” kun kanneen armaan gadiiti:-
 Hawaasa naannoo fi manneen hojii mootummaa gidduutti hariiroo walitti dhufeenyaa
gaarii uumuuf;
 Tajaajilamtootaafi tajaajiltoota gidduutti miira wal kabajuu, wal deggeruufi wal amantaa
uumuuf;
 Hawaasni mana hojii mootummaa tokko irraa tajaajila sirrii,yeroo isaa eeggateefi
qulqulluu argachuuf mirga akka qabu, manni hojii mootummaa immoo hawaasa qixaan
tajaajiluun dirqama isaa akka ta’e akka hubatamuuf;
 Hawaasni keenya manni hojii mootummaa naannoo isaa jiru kamiyyuu isa tajaajiluuf
jecha akka uumame beekee miira abbummaatiin akka tumsuufdha.
2. Wantoota Xiyyeeffannoon Qaammee 1/2015 Raawwataman
A) Ergaawwan Guyyaa Tajaajiltummaa Qaammee 1/2015 darban
Waadaa Hojjetaan mootummaa galuu
1. Naamusa olaanaa, Kabaja lammii, miira tajaajiltummaa fi kutannoon ummata kiyya
waggaa guutuu tajaajiluuf waadaanan gala!

2
Ergaawwan gurguddoo Hojjetaa fi hooggansi guyyaa tajaajiltummaa kana tajaajilamaaf
dabarsu
1. Baga Nagaan dhuftan nuti isin kabajaan tajaajiluuf as jirra!
2. Galatoomaa waan dhuftanii tajaajila argattaniif!

 Ergaawwan barreeffamaan baanerrii irratti maxxanfamanii iddoo hojiitti darban


1. Tajaajila qulqulluu kennuun dirqama ummattummaa keenya; tajaajila argachuun immoo
mirga lammiileeti!
2. Nuti gadi jennee hojjannee aara galfii ummata keenyaa ni mirkaneessina!
3. Pabliik sarviisiin diina lama moo’achuuf hojjeta: tokko hiyyummaa; lama dhibaa’ummaa
fi al namusummaadha?

Hojiilee gurguddoo Guyyaa tajaajiltummaa hojjetaman


1. Wal harkaa fuudhiinsa karoora Mana hojii/Kutaa hojii/hojjetaa
a. Hooggansa mana hojii fi Daarektarootaa
b. Daarektara/Dursaa Garee fi hojjetaa gaggeessuu

B) Sagantaan bunaa-shaayii mana hojiitiin qophaa’ee saatii 2:30-11:30’tti maamilli


gara mana hojii dhufu simatamee keessummeeffamaa oola.

3
C) Koree qindeessituu Ayyaanichaa hundeessuu
Sadakaa Mana Hojii Qaama Koreen Irraa Ijaaramu Gahee
Koree Olaanaa Sadarkaa Hogganaa BPSMQNO W/Q
naannoo Waajjira PMNO I/A/W/Q
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Barreessaa
I/A/Hog fi I/G/Damee Siviil Sarvisii Miseensa
BPSMQNO
Koree Sadarkaa Manneen Hojii Hogganaa Mana Hojii Naannoo W/Q
Naannoo Daayirektara HQN mana hojii I/A/W/Q
Daayirektara Daay/Dhi/Kominik.Mana Barreessaa
Hojii
Daayirektaroota jiran keessaa nama lama Miseensa
Koree Sad. Godinaa Bulchaa Ykn I/A/Bulchaa Godinaa W/Q
Hogganaa Waaj/PSMQN I/A/W/Q
Waajjira Kominikeeshinii Barreessaa
Hoggantoota manneen hojii hunda Miseensa
Dur/Garee HQN Waaj/PSMQN Miseensa
Koree Sad.Bul/Mag Kantiibaa Magaalaa W/Q
Hogganaa Waaj/PSMQN I/A/W/Q
Waajjira Kominikeeshinii Barreessaa
Hoggantoota manneen hojii hunda Miseensa
Dur/Garee HQN Waaj/PSMQN Miseensa
Koree Sad.Aanaa Bulchaa Ykn I/A bulchaa aanaa W/Q
Hogganaa Waaj/PSMQN I/A/W/Q
Waajjira kominikeeshinii Barreessaa
Hoggantoota manneen hojii hunda Miseensa
Dur/Garee HQN Waaj/PSMQN Miseensa

D) Waltajjiin kabaja Guyyaa Tajaajiltummaa (Qaammee 1) sadarkaa naannootti uwwisa


miidiyaa biroodkaastiifi miidiyaa hawaasaa akka argatu gochuu; sadarkaa godinaa,
bulchiinsa magaalaafi aanaatti yoo danda’ame uwwisa miidiyaa biroodkaastii akka
argatu, yoo hin danda’amne uwwisa miidiyaa hawaasaa akka argatu gochuudha.

4
3. Haala Gabaasaa
 Sadarkaa godinaatti, manneen hojii Godinaa gabaasa isaanii Waajjiraalee PSMQN
Godinaaleetiif dabarsu;
 Sadarkaa Bulchiinsa Magaalaatti, manneen hojii Bul/Magaalaa gabaasa isaanii
Waajjiraalee PSMQN Bulchiinsa Magaalatiif dabarsu;
 Sadarkaa aanaatti, manneen hojii aanaa gabaasa isaanii Waajjiraalee PSMQN
aanaatiif dabarsu
 Waajjiraaleen PSMQN Bulchiinsa Magaalotaafi aanaalee gabaasa isaanii qindeessuun
Waajjira PSMQN Godinaatiif dabarsu
 Waajjiraaleen PSMQN Godinaalee gabaasa isaanii kan aanotaafi sekteroota godinaa
bakka tokkotti qindeessuun Biiroo PSMQN Oromiyaatiif dabarsu.
Qabxiiwwan Gabaasni Irratti Xiyyeeffatu
1. Manneen hojii Guyyaa Tajaajiltummaa kabajanii fi hin kabajne baay’inaan
2. Waltajjii kabaja Guyyaa Kenna Tajaajilaa Qaammee 1/2015 irratti maamila guyyaa
kana simatamee keessummeessame baay’ina (saalaan)
3. Dhaadannoo baaneriin qopheessuu ilaalchisee, baay’ina manneen hojii qopheessanii
4. Manneen hojii uwwisa Miidiyaa
 Uwwisa miidiyaa Biroodkaastiingii kan argatan
 Uwwisa miidiyaa hawaasaa kan argatan

5
Sagantaa Raawwii
T.L Hojiiwwan Raawwataman Yeroo Raawwii Qaama Raawwatu
1 Ergaan PSMQNO naannoo, godinaafi bul/magaalotaaf ni darba Hag.23/2015 BPSMQNO
2 Koree Qindeessituu ayyaanaa Guyyaa Kenna Tajaajilaa sadarkaa Hag.24/2015 Bulchiinsa Godinaa
godinaa/Bul/Magaalaafi aanaa Hundeessuu Bul/Magaalaa
3 Marii Koree Qindeessituu Ayyaanichaa sadarkaa godinaa/Bul/Magaalaa/aanaa fi Hag.25/2015 Koree Qindeessituu hundaa’e
karoora gabaabaa qopheessuu
4 Baanerii qopheessuu Hag.26-30/2015 Koree Qindeessituu hundaa’e
5 Manneen hojii hundi Guyyaa Tajaajiltummaa maamila tajaajiluun Kabajanii Qaammee 1/2015 Manneen hojii
ooluu
6 Manneen hojii naannoo gabaasa isaanii BPSMQNO tiif dabarsu Qaammee 2/2015 Biirolee
7 Manneen hojii Godinaa gabaasa isaanii Waajjiraalee PSMQN Godinaaleetiif Qaammee 2/2015 M/Hojii godinaalee
dabarsu
8 Manneen hojii Bul/Magaalaa gabaasa isaanii Waajjiraalee PSMQN Bulchiinsa
Magaalatiif dabarsu
9 Manneen hojii aanaa gabaasa isaanii Waajjiraalee PSMQN aanaatiif dabarsu Qaammee 2/2015 M/Hojii aanaalee
10 Waajjiraaleen PSMQN Bulchiinsa Magaalotaafi aanaalee gabaasa isaanii Qaammee 3/2015 Waaj/PSMQN
qindeessuun Waajjira PSMQN Godinaatiif dabarsu Bul/Magaalotaafi aanaalee

11 Waajjiraaleen PSMQN Godinaalee gabaasa isaanii kan aanotaafi sekteroota Qaammee 4/2015 Waaj/PSMQN Godinaalee
godinaa bakka tokkotti qindeessuun Biiroo PSMQN Oromiyaatiif dabarsu.

12 Biiroon PSMQN Oromiyaa gabaasa dhiyaate qindeessee Komishinii Siviil Qaammee 5-6/2016 BPSMQNO
Sarvisii Federaalaatiif dabarsa

6
7

You might also like