Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 3

Hojiilee Guyyaa Tajaajiltummaa (Qaammee 1/2015) Manni Hojii mootummaa

sadarkaan jiru Raawwatee oolu

1. Qaammee 1/2015 (Guyyaa Tajaajiltummaa) manni hojii sagantaa bunaa-shaayee


qopheessuun maamilli gara mana hojii dhufuufi hojjataan mana hojii guyyaa
guutuu akka fayyadamu ni godha.

2. Bakka bunaa-shaayeen qophaa’etti maamilaaf teessoon mijataan ni qophaa’a

3. Manni hojii koree simannaa maamilaa nama 3 qabu hundeessa. Koreen kunis
uffannaa aadaa uffatee maamila/abbaa dhimmaa gara mana hojii dhufu simatu
qopheessa

4. Koreen simannaa maamilaa kunis guyyaa kana maamila gara mana hojii dhufu
naamusa olaanaadhaan simatee hanga xumuraatti keessummeessa.

Qaaamolee Adda Addaa Irraa Waan Eegamu(Koree Simannaa Maamilaa,


Hoggansa Mana Hojii, Hojjataa)

I) Koree Simannaa Maamilaa Irraa Waan Eegamu

Koreen kun maamila/abbaa dhimmaa gara mana hojii dhufu fuula gaariifi afaan gaariitiin
simatee iddoo/kutaa adeemuun gaha.

Yommuu maamilli gara mana hojii dhufu (Entry) koreen kun jechoota armaan gadii
fayyadamee simatee Shaayee/buna akka affeeramu gochuun kutaa/bakka barbaadu
geessa:-

a) Baga nagaan gara mana hojii keenyaa dhuftan; nuti isin tajaajiluuf as jirra.

b) Maal isin gargaarru?/Dhimmi keessan maamli?

c) Kutaa kam/eenyuu barbaaddani?

Yommuu maamilli/abbaan dhimma dhimma isaa xumuratee bahu ammas jechoota


armaan gadii fayyadamee simatee keessummeessa( Sadarkaa kanatti maamila
shaayee/buna affeeraa guca guyyaa kanaaf qophaa’e guuchisa):-

a) Waan mana hojii keenya dhuftanii tajaajilamtaniif galatoomaa!

b) Kana dura mana hojii keenya dhuftanii beektuu? Eeyyee___Lakki___

c) Dhimma gara mana hojii keenya dhuftaniif raawwattaniittuu?


d) Tajaajila keenya irratti maaltu haa fooyya’u?
___________________________________________________________
_______________________________________________

e) Haala simannaa/keessummeessaa keenyatti gammaddanii jirtuu?

f) Xumura irratti koreen simannaa maamilaa Bara 2016’tti kenna tajaajilaa


mana hojichaafi yaada akka fooyya’uuf maamilli kenne fooyyesuuf
waadaa galee maamila geggeessa!

II) Hoggansa Mana Hojii Irraa Waan Eegamu

a) Guyyaa kana hoggansi ganama hojjataa dursee mana hojiitti argama; yoo
danda’ame uffannaa aadaa/suufii uffatee argama

b) Hojjataan yommuu gara mana hojii seenu hoggansi hojjataa isaa


galateeffatee simachuun hojiitti bobbaasa.

c) Yoo rakkoon humnaa olii isa mudate malee yookiin yoo dhimma
ariifachiisaadhaaf barbaadame malee hoggansi mana hojii isaatti hoggansa
kennaa oola.

Jechoota hoggansi yommuu hojjataa isaa simatu fayyadamu:-

a) Baga nagaan lammii keessan tajaajiluuf dhuftani!

b) Ummata keessan haqaan, qulqullummaan, miira aantummaa ummataa


gonfachuun waan tajaajiltanuuf galatoomaa!

c) Naamusa tajaajiltummaa olaanaa gonfachuun lammii keessan waan


tajaajiltanuuf isin galateeffanna!

III) Hojjattoota mana hojii irraa waan eegamu

a) Yeroodhaan mana hojiitti argamuun maamila tajaajilaa oola

b) Fuula ifaafi afaan gaariidhaan maamila isaa tajaajila

c) Hojjattootni dhiiraa uffannaa aadaa/suufii, hojjattootni dubartootaa immoo


uffannaa aadaa uffatanii argamu

d) Qaammee 1/2015 hojjataan eeyyama waggaa irra jiru illee mana hojiitti
deebi’ee maamila tajaajilaa oola.
e) Hojjataan naamusa iddoo hojii kabajee, miira tajaajiltummaa gonfatee oola

f) Xumura irratti hoggansiifi hojjataan walitti deebi’ee saatii muraasa


fudhatee oolmaa guyyaa ilaala.

g) Bara 2016’tti, hojjataan hanqinoota kana dura isa biratti mul’ataa turan
(hanqina raawwii gadi aanaa, hanqina naamusaa,…kkf) furuun tajaajilaa
qaxalee ta’uuf ofii isaafi mana hojii isaatiif waadaa galee sagantichi
xumurama.

You might also like