Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 38

BAAFATA

Mata dure Fuula

GALATA.....................................................................................................................................3

GABAAJEE.............................................................................................................................4

SEENSA (BACK GROUND)..........................................................................................................5

BOQONNA TOKKO (1)...............................................................................................................7

1.1. KAAYYOO QO’ANNICHAA..........................................................................................7

1.1.1. Kaayyoo waliigalaa............................................................................................7

1.1.2. Kaayyoo gooree................................................................................................7

1.2. DAANGAA QO’ANNICHAA.........................................................................................7

1.3. TOOFTAA QO’ANNOON KUN ITTIIN GAGGEEFFAMEE...............................................7

1.4. ARGANNOOWWAN QO’ANNOO KANAAN IRRAA GAHAMEE (FINDINGS).................8

BOQONNAA LAMA(2).............................................................................................................10

2. YEROO BEELLAMA.......................................................................................................10

2.1. HIKKAA YEROO BEELLAMA..................................................................................10

2.2. KAAYYOO YEROO BEELLAMA..............................................................................11

2.3. YEROON BEELLAMA HAALA KAMIIN KEENNAMA................................................12

2.4. YEROON BEELLAMA YEROO HANGAMIF IRRAA DEDDEEBI'AME KENNAMA.......13

2.5. HOJIMAATA YEROO BEELLAMAAN WAL QABATEE MMAOB TI MUL’ATU...........15

BOQONNAA SADII (3).............................................................................................................18

3. RAKKOWWAN YEROO BEELLAMAAN WAL QABATANI MUL'ATAN.................................18

3.1. QORATAAN POOLISII SHAKKAMA YEROO BEELLAMA IRRA JIRU GAD DHIISU.........18

3.2. SHAKKAMA YEROON BEELLAMA IRRA CUFAMEE FI MIRGI WABII IRRA


DAANGEEFFAME HIMANNA MALEE YEROO DHEERAAF TO'ANNOO JALA TURSIISU...........22

BOQONNAA AFUR (4).............................................................................................................25

1
4. SABABA RAKKOOWWAN, GUDUUNFA FI YAADA FURMAATA........................................25

4.1. SABABA RAKKOOWWANI........................................................................................25

4.2. GUDUUNFAA...........................................................................................................26

4.3. YAADA FURMATAA.................................................................................................27

MADDAALEE WABII................................................................................................................28

MIILTOOWWAN......................................................................................................................28

2
GALATA

Duraan dursee galateeffachuu kanan barbaadu waaqayyo akka waliigalaatti fayyaa fi


nageya akkasumas obsaa fi humna ittiin sadarkaa kana dhaqqabu kan naa kennee fi
akka addaatti Qorannoo kana akkaan barreessee xumuruu kan na gargaree yoo ta’u,
itti aansuudhaan Institiyuutii leenjii fi Qo'annoo Seera Oromiyaa carraa kana naaf
kennuun akka hojjadhu haala naaf mijjessee ni galaateefadha.
Akkasumas maatii koo, kabajamtoota Abbootii Alangaa Waajjira Abbaa Alangaa
Aanaa Oddoo Shaakkisoo fi hiriyoota koo Qo'annoo kanaaf haalaan na gargaaran
galata guddaan qabaaf.

Dhuma irrattis hawaasa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Oddoo Shaakkisoo hunda
shaakala hojiin duraa kana hojjadhee Qo'annoo koo kana akkan haalaan barreessu
odeeffannoo barbaachisaa naaf kennuun kan na deeggaran galata guddaan qabaaf. .

3
GABAAJEE

ILQSO =Institiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seera Oromiyaa


HMFDRI =Heera Mootummaa Federaalawaa Dimookiraatawaa Rippaabiliika
Itoophiyaa
ICCPR = International Convention on Civil and Political Rights
S/D/F/Y - Seeraa Deemsaa Falmii Yakkaa
A/ Seera - Abbaa Seeraa
A/alaangaa - Abbaa Alaangaa
KEW - Keewwata
A/A= Abbaa /Abbootii Alangaa.

A/Seeraa= Abbaa/Abbootii Seeraa.

W/A/A/O/Shaakkisoo= Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Oddoo Shaakkisoo

A/O/Shaakkisoo = Aanaa Oddoo Shaakkisoo.

ACHPR = African Charter on Human and People’s Right.

FKN= Fakkeenyaaf.

JBAH=Jijjiirama Bu’uura Adeemsa Hojii

Ykn =yookaan

K.K.F=kan kana fakkaatan.

CHL= Chaartarii Lammiilee.

S/Y= Seeraa Yakkaa

KTAS= kenninsa Tajaajila Abbaa Seerummaa.

4
SEENSA (BACK GROUND)
Labsiin mirgoota Heera Mootummaa namoota yakka raawwataniiru jedhee
Mootummaan himatuuf eegumsa baay'ee taasiseeraaf. Mirgoota kanneen keessaa
mirgi dhagahaa ariifataa namoota yakkaan himatamanii isa tokkoodha. Himanna
yakkaa kamiiyyuu keessatti mirgi dhagahaa ariifataa namoota yakkaan himatamaniif
eegamuu akka qaban Heera Mootummaa,sanadoota mirgoota namooma idil-
addunyaa fi seerota biyyaalessaatiin beekamtii kan argateedha. Akka addunyaatti
mirgi kun si'a jalqabaaf mirga namoota yakkaan himatamaniiti jedhamee kan
labsame bara 1166 keessa yoo ta'u Mootiin Ingilaandi Heenrii 2ffaan seerota
bu'uuraa adeemsa yakkaa fi siivilii Assize of Clarendon jedhu baasee ture. Akka
tumaalee seera kanaa keessaa tumaan arfaffaan akka agarsiisutti himatamaan
hatattamaan mana murtiitti dhiyaatee dhimmi isaa ariitiidhaan akka ilaalamu yaada

5
bu'uuraa kan ofi keessaa qabuudha. Assize of Clarendon booda waggoota
shantam(50) booda bara 1215tti,tumaan 40ffaa Magna karta jedhamu qajeeltoo
haqni yakkaa harkifachuu hin qabu jedhu ibsee ture. Bara 1642tti, Sir Edward Coke
hammeenna yeroo dheeraaf dhagahaa dura hidhamuu irraa eeguuf Abbootii murtii
Ingilizii hidhamaa tokkoof haqa guutuu fi ariifataa kennuu akka qaban murteesseera.
Verjiiniyaan bara 1776tti walabummaa ishii Ingilaandirraa goonfachuun George
Mason wixinee baaseen Konvenshiiniin Verjiiniyaa labsii mirgootaa raggaasise
keessatti tumaa dhagahaa ariifataa hammachiiseera. Mirgi dhagahaa ariifataa
namoota yakkaan himatamaniif kan eegamuu jalqabe baroota dheeraa dura yoo ta'u
akka sanadoonni ykn Labsiileen mirgootaa adda addaa irraa hubatamutti gara jaarraa
sagaliitti kan siqeedha. Heerri Mootummaa United States fooyya'insa isaa jahaffaa
keessatti mirga dhagahaa ariifataa ilaalchisee tumaa wabii ta'u hammachiiseera. Akka
biyyaa fi Naannoo keennaattis mirgi dhagahaa ariifataa kun namoota yakkaan
himataman mirga dhagahaa ariifataa qabaachuu akka qaban tumaan Heera
Mootummaa Federaalawaa Dimookiraatawaa Rippaabiliika Itoophiyaa fi kan
Mootummaa Naannoo Oromiyaa akkasumas hanga tokko tumaalee Seera Deemsa
Falmii Yakkaa tokko tokko irraa hubachuun ni danda'ama. Galmi mirga dhagahaa
ariifataa dantaa namoota yakkaan himatamee qofa osoo hin taane dantaa hawaasa
baldhaa barreeffamoonni adda addaa ni dhagarsiisa.Kaayyooon mirga dhagahaa
ariifataa:- 1ffaan namni tokko osoo himatamee murtiin yakkaa itti hin kennamin
yeroo dheeraaf too'annoo jala akka hin turre ykn mana hidhaatti yeroo dheeraa akka
hin dabarsine eeguuf. 2ffaan yeroo himatamaan yaaddoo fi beeksisa dhagahaa
dhufuu dandamachuu qabu xiqqeessuuf. 3ffaan miiddhaa harkifannaan dhagahaa
dandeettii ittisa dhiyeeffachuu himatamaa irratti fidu xiqqeessuuf. Galmaa fi kaayyoo
kana milkeessuuf akka biyya keennaattis ta'ee akka Naannoo keennatti waliigalaan
mirgi ariitiidhaan haqa argachuu fi addatti mirgi dhagahaa ariifataa namoota yakkaan
himatamanii akka hin sarbamneef akkasumas dhimmi yakkaa tokko yoomirraa
jalqabee, haala akkamiitiinii fi hanga yoomiitti xumura argachuu akka qabu deebii itti
kennuuf Qajeelmani sirna Bulchiinsa dhangala'a dhimmaa (BDhDh)lakk.1/2010 Gumii

6
waliigalaatiin ragga'amee jira. Kenniinsa tajaajila haqaa si'ataa yoo hin taane akka
haqa dhoowwatameetti(justice delayed is justice denied) ilaalama. Kana jechuun
sababa haqni turuuf abbaan dhimmaa baasii hin malleef ni saaxilama, xiinsammuun
isaa ni dhiphata, yeroo dhimma biroof oolchuu qabu adeemsa falmii irratti fixuun
hanga jireenni isaa baduttis geessuu danda'a. Kana hambisuuf Qajeelmani sirna
Bulchiinsa dhangala'a dhimmaa diriiree hojiirra akka oolu taasifameera. Haa ta'uu
malee akka mana murtii aanaa Oddoo Shaakkisootti sirni Bulchiinsa dhangala'a
dhimmaa akkaataa kaayyeffameen hojiirra ooluu dadhabuun abbootiin dhimmaa
mirgoota Heeraa Mootummaa, sanadoota mirgoota namooma idil-addunyaa fi
seerota biyyaalessaatiin goonfatan argachuu dadhabuun bu'uura seeraa malee
too'annaa jala turuu, baasii hin malleef saaxilamuu, dhiphina xiinsammuu fi yeroo
dhimma biroof oolchuu qaban adeemsa falmii irratti fixuun hanga jireenni isaanii
rakkoo cimaaf saaxilamutti ga'aa jiru. Hojimaanni adeemsi isaa bu'uura seeraa fi
akkaataa seeraan murtaa'e hin hordofne kun hawaasni amantaa mana murtiirraa
akka dhabanii fi dhimmoota isaan mudate kamiiyyuu karaa biraatiin furmaata itti
barbaadachuuf hanga dhimmamanitti kan geessiseedha. Kanaaf, barreeffamni kun
mirga dhagahaa ariifataa namoota yakkaan himatamanii irratti seeraa fi hojiimaata

jiru akka Mana Murtii Aanaa Oddoo Shaakkisoo irratti kan


xiyyeeffatuudha. Kaayyoon qo’annoo kanaa mirga dhagahaa ariifataa
namoota yakkaan himatamanii irratti seeraa fi hojiimataa akka mana
murtii Aanaa Oddoo Shaakkisootti akkamiin akka hojiirra oolaa jiru,
garaagarummaa jiru, sababoota garaagarummaa kanaaf madda ta’an,
rakkoo hojimaata kanaan dhufan adda baasuun yaada furmaataa kennuu
ta’a.
Caaseffamni qorannoo kanaa akka waliigalaatti boqonnaa sadiin kan
qindaa’e yoo ta’u, Boqonnaan jalqabaa, rakkoolee ijoo,
barbaachisummaa, gaaffilee waliigalaa, ka’umsa ,
naamusa,daangaa ,tooftaa, hanqina,argannoo fi qindoomina qorannichaa
of keessaa qaba. Boqonnaa 2ffaan: mirga dhagahaa ariifataa namoota

7
yakkaan himatamanii irratti seeraa fi hojiimaata jiru, hiikkaa
waliigalaa, seeraa fi hojiimaata mirga dhagahaa ariifataa, rakkoolee
garaagarummaa seeraa fi hojiimaataatiin dhufan ,sababoota rakkoo
kanaaf madda ta'an, mata dureewwan kana jalatti matadureewwaan
xixiqqaa hammatee of keessaa qaba. Boqonnaa 3ffaan yaada furmaataa,
goolaba, maddoolee wabii fi miiltoowwan of keessatti hammatee jira.

8
BOQONNA TOKKO (1)

Rakkoolee ijoo

Rakkoolee ijoon qorannoo kanaaf ka'umsa ta'an sababa mirga dhagahaa


ariifataa namoota yakkaan himatamanii irratti bu’uurri seeraa fi
hojimaanni jiru gargar ta’uun olaantummaan Heeraa fi Seeraa cabuun
mirgoonni bu'uuraa namoomaa lammiilee sarbamuun kenniinsi tajaajila
haqaa harkifachuun dhagayaan falmii yakkaa ciccituun qisaasama
qabeenya, yeroo fi humna mana murtii fi rakkoo bulchiinsa gaarii
fiduu danda'eedha. Akka labsii mirgootaa Heera Mootummootaa,
sanadoota mirgoota namooma idil-addunyaa fi seerota biyyaalessaa
baay'een agarsiisutti namni yakkaan himatame kamiiyyuu mirgoota
Heeraa fi Seeraan kabajameef baay'ee qabaachuun ni hubatama. Mirgoota
kanneen keessaa mirgi dhagahaa ariifataa namoota yakkaan himatamanii
isa tokkoodha. Akka biyyaa fi Naannoo keennaattis namoonni yakkaan
himataman mirga dhagahaa ariifataa argachuu akka qaban tumaa Heera
Mootummaa Federaalawaa Dimookiraatawaa Rippaabiliika Itoophiyaa fi
tumaalee Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itoophiyaa tokko tokko irraa
hubachuun ni danda'ama. Gumiin Bulchiinsa Waliigala mana murtii
Waliigala Oromiyaa kenniinsa tajaajila haqaa si'ataa,bu'a qabeessaa,
haqa, qabeessa, dhaqqabamaa fi qulqullinna qabu akka waliigalaatti
dhugoomsuuf; akka addaatti mirga dhagahaa ariifataa namoota yakkaan
himatamanii mirkaneessuuf Qajeelfama sirna Bulchiinsa dhangala'a
dhimmaa(BDHDH) lakk.1/2010 fi Chaartara Lammiilee diriirseera. Haa
ta'uu malee akka mana murtii aanaa Oddoo Shaakkisootti hojimaanni
jiru bu'uura seeraa fi qajeelfamoota kanarraa maquun olaantummaan
Heeraa fi Seeraa cabuun mirgoonni bu'uuraa namoomaa lammiilee

9
sarbamuun kenniinsi tajaajila haqaa harkifachuun kenniinsa tajaajila
si'ataa laamshessuun qabeenyi,yeroo fi humni mana murtii akka
qisaasamu taasiseera. Kanaaf qo'annoon kun kan irratti xiyyeeffate
garaagarummaa seeraa fi hojiimaanni mana murtii aanaa Oddoo
Shaakkisoo mirga dhagahaa ariifataa namoota yakkaan himatamanii
irratti fide,sababa garaagarummaa, miidhaa garaagarummaan dhufee fi
furmaanni maal ta'uu akka qabuudha.

kaayyoo qo'annichaa

kaayyoo Gooroo

Mirga dhagahaa ariifataa namoota yakkaan himatamanii ilaalchisee


seeraa fi hojimaata mana murtii aanaa Oddoo Shaakkisoo jiru qoradhee
qorannoo sadarkaa ILQSOttis ta'ee sadarkaa biyyaatti gaggeeffamuuf
akka galteetti kaa'uuf.

kaayyoo Gooree

 Mirga dhagahaa ariifataa namoota yakkaan himatamanii


ilalchisee garaagarummaa seeraa fi hojiimaataa jiru ibsuu.

 Wantoota garaagarummaa seeraa fi hojiimaataa mirga dhagahaa

ariifataa namoota yakkaan himatamaniif sababa ta’an ibsuu.

 Dhiibbaa garaagarummaa seeraa fi hojiimaataa mirga dhagahaa

ariifataa irratti j fidu gadi fageenyaan addeessuu.

 Mirga dhagahaa ariifataa ilaalchiisee garaagarummaa seeraa fi

hojiimaata jiddutti rakkoo ta’eef furmaanni maal ta'uu akka


qabu gumaachuu.

10
Barbachisummaa qorannichaa

Qorannoon kun adeemsifamuun bu’aa guddaa buusuu danda’a. Isaaniis:

Namoota mataa duree kanarratti qorannoo gaggeesuu barbaadaniif


akka ka’umsaa fi galteetti ni gargaara.

Mirga dhagahaa ariifataa namoota yakkaan himatamanii irratti


seeraa fi hojiimaata jidduu rakkoo jiru dhiphisuun hojiimanni
mana murtii bu'uura seeraatiin walsimuun olaantummaan Heeraa fi
Seeraa mirkanaa'uun mirga lammiilee akka kabajaman taasisuuf ni
gargaara.

Mirga daddaffiin haqa argachuu Heeraa Mootummaa fi


waliigaltee idil-Adunyaatiin mirkanaa'e dhugoomsuu.

Gaaffiilee Waliigalaa Qoranniichaa

Mirgi dhagahaa ariifataa namoota yakkaan himatamanii mana murti


aanaa Oddoo Shaakkisootti i haala kamiin hojiirra oolaa jira?

Mirga dhagahaa ariifataa ilaalchisee garaagarummaan


hojimaataa fi seera jidduu maali?

Mirga dhagahaa ariifataa irratti garaagarummaa hojiimaataa fi


seeraatiif sababni maali?

Mirga dhagahaa ariifataa irrratti garaagarummaa seeraa fi


hojiimaataa jidduu jiruun rakkoon dhufu maali?

Garaagarummaa hojiimaataa fi seeraa mirga dhagahaa ariifataa


irratti jiruun rakkoo dhufuuf furmaanni maali?

ka’umsa Qorannichaa

11
Qorannoo kana akka gaggeessuuf Kan na kakaase manneen murtii
keessatti mirga dhagahaa ariifataa namoota yakkaan himatamanii
ilaalchisee Qajeelfamni bifa ifa ta’een dheerinna yeroo dhimmi
yakkaa tokko guyyaa mana murtii dhiyaatee kaasee turtii hammamii
keessatti xumura argachuu qabu osoo taa'ee jiruu fi adeemsi
hojimaata mana murtiis seeraa fi Qajeelfacha hordofuu osoo qabuu
yeroo baay'ee sababa gahaa fi amansiisaa hin taaneen yeroo baay'ee
beellama baay'isuu fi dheeressuun jataajila haqaa harkifachiisaa
jiraachuu isaati. Kanuma irraa ka’uun Mana murtii Aanaa Oddoo
Shaakkisoo keessatti qorannoo kana gaggeessuuf sababa kan naaf ta’e
Mana Murtii Aanaa Oddoo Shaakkisoo keessatti hojimaataa fi seerri
mirga dhagahaa ariifataa irratti sababoota bu'uura seeraa fi
amansiisummaa hin qabneen beellama dhagahaa dhimma yakkaa baay'isuu
fi dheeressuun mirgi dhagahaa ariifataa namoota yakkaan himatamanii
sarbuun waan jiruuf.

Naamusa Qorannichaa

Qorannoo kana gaggeessuuf yeroo sochoo’aa turetti naamusa ogummaa


kiyyaa eeguun sa’aa hojii kiyyaas kabajaa yeroo boqonnaa fi hojii
idilee xumuretti hojjettoota deeggarsa, hoggansa mana murtii,
Abbootii seeraa fi Abbootii Alangaa irraa odeeffannoo fi ragaa fedhii
fi hirmaannaa isaanii irraa madde karaa naamusa qabeessa ta’een
sassaabuun qorannoo xumureera.

Daangaa qorannicha

Daangaan qorannoo kanaa kan irratti xiyyeeffate Mootummaa Naannoo


Oromiyaa Godina Gujii Mana Murtii Aanaa Oddoo Shaakkisootti mirga
dhagahaa ariifataa namoota yakkaan himatamanii irratti seeraa fi
hojiimaataa jiru irratti yoo ta’u, Maddii odeeffannoo kiyyaa irra
jireessaan taajjabbii dhimma dhagahaa falmii yakkaa mana murtii Aanaa

12
Oddoo Shaakkisootti dhihaatee murtaa’e godheenii fi kitaabolee adda
addaa ilaaluuniidha.

Qorannoo kana hojjadhee xumuruuf yeroon natti fudhate fudhate


Bitootessa 02 hanga Adoolessa 02 ji’oota afuriidha. Walumaagalatti
Sababaa galmeeleen(dhimmoonni) Waajjira Abbaa Alangaa fi mana murtii
aanaa Oddoo Shaakkisootti baay'ataniif yeroo dhimmichuma idilee
kanaan sammuun koo hidhamee baay'innaan odeeffannoo barbaachisu
wolitti qabachuuf yeroo gahaa dhabuun qorannoo kana hanga barbadame
sirritti hojjachuu akka hin dandeenne na taasiseera. Ta'us tattaaffii
taasiseen wantoota muraasaan alatti milkaa’uun danda’ameera.
Qorannoon kun Mana Murtii Aanaa Oddoo Shaakkisoo keessatti kan
daangeffameedha.

Tooftaa Qorannichaa

Qorannoon kun maloota sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa irratti kan


hundaa’e yoo ta’u:

Mala sadarkaa 1ffaa keessatti kallattii hojii qabatamaa ykn


adeemsa hojiimaataa mana murtichaa irratti daawwannaa ykn
hordoffii dhagahaa galmee yakkaa irratti taasifamee fi
galmeelee xumura argatan keessa qorachuuniidha. Mala 2ffaa
irratti toora interneetii fi kitaabilee garaagaraa
dubbisuuniidha.

Hanqina Qorannichaa

Rakkoo gurguddoo qorannaa kana gaggeessuuf akka waliigalaatti na


qunname keessaa tokko yeroo qorannoo kana hojjadhutti
galmeeleen(dhimmoonni) idilee Waajjira Abbaa Alangaas ta'ee mana

13
murtii aanaa Oddoo Shaakkisootti waan baay'atuuf sammuun kiyya
dhimmootuma kana qofaan xaxamuun yeroo baldhaa odeeffannoo
barbaachisaa Qorannichaaf na barbaachisu haala gahaa ta'een argachuu
dhabuudha.

Argannoowwan irraa gahame

Rakkoowwan akka waliigalaatti qorannoo kanaan adda bahanii beekaman


akka armaan gadiitti tarraa'anii jiru. Isaanis:-

Mirga dhagahaa ariifataa namoota yakkaan himatamanii ilaalchisee


seeraa fi hojiimaata jidduu rakkoo jiraachuu.

Garaagarummaan seeraa fi hojimaataa mirga dhagahaa ariifataa


dhimmoota dhagahaa yakkaaf ka’umsa ta’an.

Dhibbaa ykn rakkoo garaagarummaan seeraa fi hojimaataa mirga


dhagahaa ariifataa namoota yakkaan himatamanii irratti fiduu
danda’u.

Qindoomina Qorannichaa

Qorannoo kun akka waliigalaatti:- baafataa fi Seensa dabalatee


boqonnaalee sadi of keessaa qaba. Isaanis:-

Boqonnaan tokkoffaan:- seensa, rakkoolee, kaayyoo,


barbaachisummaa, daangaa, tooftaa , hanqinna, gaaffilee
waliigalaa, ka’umsa, naamusa, argannoo fi qindoomina
qorannichaa of keessaa qaba.

Boqonnaa Lammaffaan:- mirga dhagahaa ariifataa namoota yakkaan


himatamanii irratti garaagarummaa seeraa fi hojimaataa,
sababoota garaagarummaa fi rakkoolee sababoota kanaan dhufan of
keessaatti hammatee jira.

14
Boqonnaa sadaffaa:- yadaa furmaataa, goolaba, maddoota wabii
fi miltoo ragaaf qorannoo kanaan walqabatan of keessaatti kan
hammateedha.

BOQONNAA LAMA(2)

1. MIRGA DHAGAHAA ARIIFATAA

1.1. HIKKAA MIRGA DHAGAHAA ARIIFATAA


Mirgi dhagahaa ariifataa mirgoota namoota yakkaan himatamanii keessaa isa tokko yoo ta'u,
namoonni yakkaan himataman mirga dhagahaa ariifataa qabaachuu akka qaban Heerota
Mootummaa, woliigalteewwan mirgoota namooma idil-addunyaa, labsiilee mirgootaa fi
seerota biyyaalessaa baay'ee irraa hubachuun danda'ameera. Sanadootaa fi labsiilee adda
addaarraa akka hubatamutti mirgi dhagahaa ariifataa mirga namoota yakkaan himatamanii
jedhamuu kan eegale yoo xiqqaate jaarraa 9(sagal) har'aa dura ta'uu beekamuu
danda'ameera. Haa ta'uu malee hiikkaan waliigalaa tokko mirga kanaaf kenname kan hin
jirreedha. Ta'us maddootii fi barreeffamoota adda addaa irraa beekuun ni danda'ama. Akka
Black ' Law Dictionary 2nd edition hiiketti;

Marriam Web's Legal Dictionary dhagahaa ariifataa yeroo hiiku:- a trial conducted according
to prevailing rules and procedures that takes place without unreasonable or undue delay or

15
within a statutory period jechuun hiika. Akka hiikkaa kanaatti dhagahaa ariifataa jechuun,"
dhagahaa akkaataa seerotaa fi qajeelfamoota baay'een sababa maleessa malee ykn
harkifannaa hin mallee ykn yeroo seeraan taa'e keessatti gaggeeffamuudha" jechuun
hiikeera . Oran's Dictionary of Law dhagahaa ariifataa yoo hiiku:- "Speedy trial is a trial free
from unreasonable delay. A trial conducted according to regular rules as to timing; not
necessarily a fast trial or a trial as soon as you want one" jechuun hiikkaa kenneera.
Dhagahaan ariifataa dhagahaa harkifannaa hin mallerraa bilisa ta'e. Dhagahaa akkaataa
seerota ykn Qajeelfamoota idileetiin gaggeeffamu kan yeroon isaa garmalee hin saffisnee
ykn akka namni fedheen kan hin taaneedha. Kanarraa akka hubatamutti dhagahaan dhimma
yakkaa akka abbootiin dhimmaa, Abbootii seeraa ykn Abbootii Alangaa fedhan osoo hin
taane akkaataa seerotaa fi qajeelfamoota taa'eetiin kan gaggeeffamuudha.The federal
government of U.S has a Speedy Trial Act (18 U.S.C. 3162 (1975)) to implement the Sixth
Amendment requirement in criminal cases. Many states have similar laws.

Seeraa fi Mirga dhagahaa ariifataa


Biyyoota olaantummaa seeraa cimaa qaban keessatti ulaagaan dhagahaa ariifataa
jedhu abbootiin Alangaa namoota yakka raawwachuun himataman irratti himannaa
yeroo sababaawaa ciminaa fi hammeenya dhimmichaatiin walsimuu danda'u
keessatti bifa madaalawaa ta'een akka hundeessan ni dirqisiisa. Mirgi kun yaada
hidhaa yeroo dheeraa akka idileetti haalawwan abbaan murtii ykn gareen murtii
shakkamaan tokko yakka raawwachuu isaa murteessan qofa irratti daangeffamuu
qaba jedhu irratti hundaa’a. Mirgi dhagahaa ariifataa sanadoota seeraa bu'uuraa,
labsiilee mirgootaa fi heera Mootummaa Federaalawaa Dimookiraatawaa
Rippaabiliika Itoophiyaa keessattis beekamtii kan argateera.Mirgi dhagahaa ariifataa
mirgoota namoota yakkaan himatamanii keessaa isa tokko ta'uu tumaalee waliigalteewwan
idil-addunyaa, Heerota Mootummaa fi labsiilee mirgootaa adda addaa irraa hubachuun ni
danda'ama.

WAADAA MIRGOOTA SIVIILII FI SIYAASAA IDIL-ADDUNYAA


(INTERNATIONAL CONVENANT ON CIVIL AND POLITICAL RIGHTS)

Waadaa mirgoota siivilii fi siyaasaa idil-addunyaa keewwata 9(1) jalatti akka ibsetti namni
kamiyyuu, walabummaafi nageenyi dhuunfaa isaa akka mirkanaa’uuf mirga qaba. Namni
kamiyyuu, seeraan ala hin qabamu; hin hidhamu. Namni kamiiyyuu sababaafi tartiiba
seeraan labsameen alatti walabummaa dhuunfaa isaa hin sarbamu. Tumaa kanarraa akka
hubatamutti namni kamiiyyuu adeemsaa fi tartiiba seerri ifaan kaa'een ala miroonni isaa
sarbamuu akka hin qabne agarsiisa. Kanuufuu, namni yakkaan himatame kamiiyyuu akka
tumaa kanaatti turtii seeran eeyyamameen alatti bilisummaa isaa dhabuu akka hin qabne

16
dubbata.
Sanaduma kana keewwata 14(3)( jalatti akka ibsetti himatamaan kamiyyuu, himanaan
yakkaa isarratti dhiyaate yammuu ilaalamu, yoo xiqqaate wabummaawwan kanatti aananii
argaman haala qixa ta’een argachuuf mirga qaba jechuun yoo dubbatu keewwatuma kana
muraa isaa xiqqaa(C) jalatti namni yakkaan himatame haala seeraan ala ta’een osoo hin
turfamin furmaata argachuu qaba jedheera. Kanarraa akka hubatamutti namni yakkaan
himatame kamiiyyuu bu'uuraa fi adeemsa seeraan hayyamameen ala osoo hin turfamin
furmaata Qajeelfama seeraa fi amansiisaa ta'e qofaan furmaata argachuu akka qabu ifa
godheera. Kanaaf namni yakkaan himatamee ykn shakkamee mana murtii aangoo
dhimmicha ilaaluu qabutti dhiyaate sababa,tartiibaa fi qajeelfamoota seeraan taa'e bifa
hordofeen furmaata malu argachuu akka qabu agarsiisa. Kun immoo namni yakkaan
himatame ykn shakkame mirga dhagahaa ariifataa argachuu akka qabu Waadaan mirgoota
siivilii fi siyaasaa idil-addunyaa bu'uura seeraa kaa'eera.

Konvenshiinii mirgoota namoomaa Awurooppaa

Seera Ingilizii keessatti mirgi dhagahaa ariifataa kan jalqabe yaa'ii Abbootii seeraa (Assize) of
Clarendon bara 1166tti yoo ta'u labsii guddicha(great charter) ykn Magna karta kan bara
1215tti labsame keewwata 40ffaa jalattis beekamtii argateera. Konvenshiinii mirgoota
namoomaa Awurooppaa keewwata 6ffaa jalatti akka ibsetti namni yakkaan himatame
kamiiyyuu yeroo sababaawaa keessatti murtii argachuu akka qabu ibseera.

Konvenshiinii mirgoota namoomaa Ameerikaa.

ACHR Article 8(1) specifies that “Every person has the right to a hearing, with due
guarantees and within a reasonable time, by a competent, independent, and impartial
tribunal, previously established by law, in the substantiation of any accusation of a criminal
nature made against him or for the determination of his rights and obligations of a civil,
labor, fiscal, or any other nature.” Namni kamiiyyuu

Yakkii tokkoo eega raawwatamee booda Eeruu poolisii gahuu irra ka'uun qorataan
poolisii qorannoo yakkaa raawwatamee jedhamee eegaluu qaba. Eeruun yakkaa
wantoota of keessaa qabachuu qabu keessa yakkii akkamii akkaa raawwatamee,
eessattii akka raawwatamee fi eenyumma nama yakkiicha raawwatee jedhamee

17
shakkamee isaan bu'uurati. Qorataan poolisiis akkatuma Eeruun isaa qaqqabeetiin
yakkichii raawwatamu eega addaan baafatee booda qorannoo yakkiichaa gad
fageenyan itti fufuuf akkaa isaa dandeesiisuu shakkama to'annoo jala olchuu qaba.
Shakkama to'annoo jala olchees sa'atii 48 keessaatii mana murtiitti dhiyeessuun yeroo
beellama itti gaafachuu qaba.1Kunis to'annoo jala ooluu shakkama seera qabeessa
godhuu fi qorannoo isaa karaa seera qabeesan adeemsiisuuf isaa gargaraa. Qorataan
poolisii yoo shakkama to'annoo jala olchuu malee qorannoo kan geggeessuu hin
dandeenyee ta'ee shakkama irraatti yeroo beellama gaafachuu qaba. Yeroon beellama
yoo hayyamameef qorataan poolisii shakkama haala seera qabeessan to'annoo jala
tursiisuun qorannoo hanga yeroo hayyamameefitti itti fufa.Kanaafuu yeroo beellama
jechuun gaaffii qorataan poolisii mana murtiif akka qorannoof mijaa’uuf shakkama
yeroo murtaa'eef to'annoo jala tursiisutii. Kunis kan qorataa poolisiin gaafatamuu fi
kan mana murtiitin hayyamamuu ykn dhorgatamu dha. Mannii murtii akkumaa yeroo
beellama hayyamu danda’u hin barbachisuu jedhe yoo amanee dhorgatuus ni danda'a.
Qorataan poolisii akkaata seeratiin yeroo beellama bultii 14 hin caallee shakkama
irraatti gaafachuu ni danda’a.2Mannii murtii shakkamaan itti dhiyaate filannoo lama
qaba. Kunis shakkama irraatti yeroo beellama bultii murtaa'ee hayyamuu ykn gaaffii
yeroo beellama dhiyaate kufaa gochuun shakkama wabii gahaan gad dhiisuu
dha.3Qorataan poolisii kan yeroo beellama gaafatuu fi hayyamamuuf qabuu yoo
qorannoo yakka eegalee hin xumurree qofa ta'uu qaba. Yeroon beellama haala
kamiinu hayyamamuu garuu bultii 14 caalu hin qabu.4
Akkaa waliigalaattii yeroo beellama jechuun gaaffii barreeffamaan qorataan poolisii
mana murtiif akkaa shakkama waajiraa poolisii bultii murtaa'eef tursisuun qorannoo
isaa xumuruuf gaaffii gaafatamuu dha. Mannii murtiis gaaffii fi barbachisumma isaa
xinxaaludhaan kan yeroo beellama hayyamuu ykn hin barbachisuu jechuun shakkama
wabiin gad dhisuu dha.

1
HMRFDI kewata 19/3
2
Seera deemsa falmii yakka Itoophiyaa labsii lakk.185/1965 kewata 59/3

3
Seera deemsa falmii yakka Itoophiyaa labsii lakk.185/1965 kewata 59/1
4
Seera deemsa falmii yakka Itoophiyaa labsii lakk.185/1965 kewata 59/3

18
1.2. KAAYYOO YEROO BEELLAMA
Yeroon beellama gaafatmeef qofa kan keennamuu miti. Yeroon beellama kan
hayyamamuu yoo barbachisaa ta'ee argamee qofa dha. Qorataan poolisii yeroo
hedduu akkaa hojmataan mul’atuttii dhimmaa yeroo beellama hin barbachifneef yoo
gaafatan ni mul’ata. Mannii murtiis qorataan poolisii yeroo beellama gaafateef qofaa
yoo hayyamuu ni mul’ata. Keessattuu qorataan poolisii namoota midhuuf ykn
dararuuf qofa dhimmaa yeroo beellama hin barbachifnee yoo gaafatan ni mul’atu.
Mannii murtiis gaafatameef qofaa waan hayyamuuf kaayyoo yeroo beellama
garmalee ittii fayyadamuuf kan balbalaa saaqudha.
Gochii akkana kun immo kaayyoo yeroo beellama seerrii ka'ee waliin waliitti bu'a.
Yeroo beellama kan gaafatamuu qabu yoo qorataan poolisii shakkama to'annoo jala
olchu malee qorannoo kan itti fufuu hin dandeenye ta’e qofa dha. Kaayyoon seerri
yeroo beellama ka'eef yeroon beellama gaafatameef qofa akkaa keennamuu osoo hin
taane kan xiinxalaa gudda barbaaduu dha.
Kanaafuu kaayyoon yeroon beellama hayyamamuuf inni guddaan to'annoo jala turuu
shakkama seera qabeesa godhuu fi yoo shakkamaan wabiin bahee qorataan poolisii
qorannoo geggeessuuf mijaata hin taanee ykn qorannoo guutuumman guutuuttii
gaggeessuu hin dandeenye ta’e shakkama to'annoo jala tursiisuun akkaa qorannoon
yakka eegalamee xumuramuufi dha.
Sababoonni kaayyoo seeraa kana waliin deemuu danda’u immoo sababa akka yoo
shakkaman wabiin bahee kan raga balleessuu ta’e, kan ofuma isaatiyuu yoo wabiin
bahee kan baduu yoo ta’e, kan yakkaa biraa raawwata jedhame shakkamuu yoo ta’e fi
yoo midhamaa dhuunfa kan doorsiisuu ta’e fa'a dha. Kana malees yoo yakkii
shakkamaan ittiin shakkamee kan mirgaa wabii hin keenniisifnee ta’e mannii murtii
yoo wabii hayyamuu ni mul’ata.

1.3. YEROON BEELLAMAHAALA KAMIIN KEENNAMA


Qorataan poolisii erga shakkama to'annoo jala olchee booda sa'atii 48 keessatti mana
murtii dhiyeenya qabutti dhiyeessu qaba.5 Yoo hin dhiyeeessin ta’e hidhaan sun seeran

5
HMRFDI kewata 19/3

19
ala waan ta’uuf shakkamaan mirgaa akka qaamni isaa bilisaa tahuu gaafachuu ni
qabaata.6 Kanaafuu qorataan poolisii shakkama mana murtiitti dhiyeessuun yeroo
beellama itti gaafachuuf ni dirqama. Qorataan poolisii yeroo beellama yeroo gaafatuu
akkaa hayyamamuuf sababa gahaa dhiyeessu qaba.Yoo hayyamameef hanga bultii
hayyamameef shakkama to'annoo jala tursiisaa jechuudha. Qorataan poolisii sababa
gahaa ykn amansiisa yoo hin dhiyeessiin mannii murtii yeroo beellama biraa darbuun
shakkama wabiin gad dhiisuu qaba.7Yeroon beellama hayyamamuu bultii 14 caaluu
hin qabu.8 Qorataan poolisii bultii 14 gaafateef qofa bultiin hundinuu ni hayyamamaf
jechuu miti. Kan hayyamamuuf qabu yeroo qorannoo hafeef guyyaa ykn bultii
barbachisu qofa.Kanaafuu akkaata barbachisumma isaati yeroon beellama bultii 1-14
hayyamamuu qaba.Mannii murtii yoo yeroo beellama hayyamuu yaada shakkama
irraa fuudhuu dagatuu hin qabu. Yeroo hedduu kan hojimataan mul’atuu mannii murtii
qorataa poolisii yaada gaafatee yeroo beellama hayyama. Kunis akka fakkeenyati
galmee yeroo beellama shakkamtu Iftuu Husseno lakk.galmee 22033 MMAOB ta’e
irraatti yakkaa ajjeechaatiin shakkamtee mannii murtii yaada shakkamtuu irraa osoo
hin fuudhin yeroo beellama hayyamee jira.9Kun immoo sirrii miti.Yeroon beellama
yoo kan barbachisu ta’e mannii murtii shakkamaas yaada gaafate sana booda kan
hayyamuu qaba.Kanaafuu mirgii shakkama akka hin sarbamne carraan shakkafis
keennamu qaba.Galmeen yeroo beellama kunis akka miltooti barreeffama qo'annoo
kana dhuma irraattii maxxanfame jira.
Sababoonni yeroo beellama hayyamuuf akka gahaattii fudhatamu danda’an yoo
shakkamaan to'annoo jala hin oollee qorataan poolisii kan qorannoo gaggeessuu ykn
xumuruu hin dandeenye yoo ta’e, shakkaman yoo wabiin bahee kan raga balleessuu
yoo ta’e, shakkaman yoo wabiin bahee kan baduu yoo ta’e, shakkaman yoo wabiin
bahee yakkaa biraa raawwata jedhamee kan shakkamuu yoo ta’e fi yoo midhaama
dhuunfa kan doorsiisuu ta’e fa'a dha. Sababoonii kunnin ifaan ifaatti seeran ta’uu

6
s/d/f/h/h kewata 177/1
7
Seera deemsa falmii yakka Itoophiyaa labsii lakk.185/1965 kewata 59/1
8
Seera deemsa falmii yakka Itoophiyaa labsii lakk.185/1965 kewata 59/3

9
galmee yeroo beellama shakkamtu Iftuu Husseno lakk.galmee 22033 MMAOB ta’e

20
baataniis hojimataan akkaa sababa gahaa yeroo beellama hayyamuuf mannii murtii
fudhatuu dha.
Dhimmii biraa kan yeroo beellama walin ka'uu qabu shakkamaan yeroo beellama
irraa jiru mirga abukaatoo waamachuu fi waliin mari’achuu isaa eegamuuf qaba.10
Shakkamaan yeroo beellama irraa jiru waan qorannoo irraa jiruuf yeroo kanaatti
immoo abukaatoo ofi isaatii barbaadee waammachuu fi walin mari’achuun yeroo
kamuu caala isaa barbachisa.Kunis akka mirgii isaa hin sarbamneef isaa gargaraa.
Keessattu yoo shakkamaan nama seera hin beekne ta’e barbachisumman isaa ol aanaa
dha. Biyyaa keenyattii seeran ka'amuus kan hin baratamnee fi hojii irraa kan hin
oollee dha. Hojimaatnii jiruu akka mul'isuutti biyyaa keenya keessatti abukaatoo miti
firrii keetuu akka si hin gaafanne yeroon dhorgamuu ni mul'ata. Sirna haqaa biyyatti
yoo fuuldurattii akkaa siquu barbadamee immoo hojimaatni akkana hafuu qaba.

1.4. YEROON BEELLAMA YEROO HANGAMIF IRRAA DEDDEEBI'AME


KENNAMA
Seerrii kan ka'ee qorataan poolisii yoo qorannoo hin xumurree ta’e yeroo beellama
bultii 14 ni hayyamama malee yeroo hangamiif akka irraa deddeebi'ame hayyamamuu
danda’u wantii kaayu hin jiru. Kanaafuu daangaan hanga hin jirreetii
barbachisuumman irraa deddeebi'amee yeroo beellama kennamuu kan madaalamuu
qabuu akkaata wal xaxxiinsa dhimmatiin ta’uu qaba. Yoo dhimmichi wal xaxa fi kan
yeroo dheeraa barbaduu ta’e akkaata barbachisumma isaatii yeroon beellama irraa
deddeebi'ame kennamuu danda’a. Yoo dhimmichi salpha fi kan yeroo gababaa
keessatti qulqula'uu danda’u ta’e al tokkoo ol hayyamuun hin barbachisu.As irraatti
mannii murtii yoo yeroo beellama dabalataa gaafatamuu hayyamuun dura qorataan
poolisii yeroo beellama duraan kennameef haalan ittii fayyadamu fi fayyadamuu
dhabuu isa addaan baase ilaalu qaba.Kanaaf immoo galme qorannoo poolisii ilaalun
barbachisa dha.Mannii murtii galmee qorannoo fichisiisuun maaltu akka hojjatame

10
Seera deemsa falmii yakka Itoophiyaa labsii lakk.185/1965 kewata 61

21
ykn maal irraa akka gahamee fi maaltuu akka hafee addaan baafachuu qaba. Kana
malees tattaaffi qorataan poolisii dhimma sana qulqulleessuuf godhe fi haala itti
fayyadama yeroo hunda xiyyeefannoo keessaa galchuun yeroo beellama dabalataa
hayyamuu qaba. Yoo qorataan poolisii dadhabaa fi kan yeroo duraan kennameef iyyuu
seeran itti hin fayyadamin ta’e yoo qorannoon hin xumuramnelee A/seera galmuuma
yeroo beellama irraatti shakkamaf wabii eguun gad dhisuu ni danda’a. Waa’ee
daangaa dhumaa yeroo beellama ilaalchisee abboottin Murtii tokkoo tokkoo hanga
dhimmii kun dhimma yakka ta’ettii daangaa yeroo beellama labsii shororkeessumma
kewata 20/3 irraa jiru fudhachuu ni dandeenya yaada jedhu kaasuu. Kunis yeroo
dabalataa hanga ji'a 4 guututtii irraa deddeebi'amee kennamuu ni danda’a. 11Yaada
kana yoo madaalluu yakka shororkeessummaf jini 4 yoo kennameef yakkoota idileef
kana gad ta’uu qaba malee kanaa ol ta’uu hin qabu. Sababni isaas yakkii
shororkeessummaa yakkoota idilee irraa wal xaxaa waan ta’efi dha. Garuu daangaan
kun kan guddatuu fakkatus daangaa malee bakka duwwaa dhisuu irraa madaallii
armaan olittii tuqamee waliin yoo waliitti dubbiifamee hanga tokkoo dhamaa
qabeessa fakkataa. Waluma galaattii akkaata wal xaxiinsa, ulfaatina dhimmaa, ittii
fayyadama yeroo qorataa poolisii fi mirga shakkama ilaalcha keessaa galchuun
yeroon beellama dabalataa kennamuu ni danda’a.

1.5. HOJIMAATA YEROO BEELLAMAAN WAL QABATEE MMAOB TI


MUL’ATU
Hojmaatni yeroo beellamaan wal qabatee MMAOB tii mul’atuu kan bifaa lama qabuu
dha. Sababnii isaas garagarumma hubannoo seera abbootii seera irraa kan ka'ee
hojmaatni lama akkaa umaamuu godhee jiraa. Kanaafuu dhaddaacha tokko irratti
gaaffiin yeroo beellama gaafatameef qofa kan hayyamamuu yoo ta'uu, kanbiraa
irraatti immoo yoo sababnii quubsaan hin dhiyaatin gaaffii yeroo beellama kufaa
gochuun shakkama wabiin gad dhiisuu ta’e argama. Kanaa malees hanga bultii

11
Labsii shororkeessumma federaala lakk.652/2009 kewwata 20/3

22
barbaachisuu hayyamamuu irraattiis garagaarumman kan mul’atuu dha.
Garagaarummaa armaan olitti tuqamee malee hojmaatnii gara biraatiin yeroo
beellamaatiin wal qabatee mul’atu kan wal fakkatuu fi kan armaan gadi kanaa
fakkaata.
Qorataan poolisii shakkama fiduun galme yeroo beellama kutaa ofisaroota seera
yakka ttii banachuun eegala.Qorataan poolisii yeroo hunda yeroo beellama bultii 14
gaafata. Galmeen erga dhaddachaf dhiyaate booda A/seera eenyumma shakkama
eegaa addaan baafatee booda yakkii inni ittii shakkamee ni ibsaaf kana booda qorataa
poolisii haalii qorannoo jiruu maal akka fakkatuu ni gaafata. Deebii qorataa poolisii
irraatti hundaa’uun A/seera yeroo beellama yoo itti amanee ni hayyama. Yoo hin
amaniin shakkamaaf mirga wabii eeguun gad dhiisa. Sababoota qorataan poolisii
yeroo hedduu dhiyeessu keessaa shakkamaan bakka jireenya dhabbataa hin qabu, yoo
wabiin bahee ni bada kanan duraas poolisii dirqiin qabee dhiyeessee jira, ragaa nuu
jala balleessaa kan jedhaman isaan beekamoo dha. As irraatti galmeen yeroo beellama
sababaa foormii duraan qophaa’e irraatti hojjatamuuf foormiichii immoo bakkaa
yaada shakkama itti guutan hin qabneef osoo yaada shakkama hin fuudhin yeroon
beellama hayyamama. Kanaa immoo foormii yeroo beellama dhuma barreeffama
qo'annoo kana irraatti akkaa miltootii maxxanfame irraa hubachuun ni danda’ama.
Ajajootnii yoo yeroon beellama hayyamamee darbaan ajaja bultiin meeqa akkaa
qorata poolisiif hayyamame, yeroo hayyamamee kana keessatti immoo ajaja akka
shakkamaan bakka nyaata fi dhugaatii gaha argatuu akkaa turu fi beellama gabaasnii
bu'a qorannoo itti gabaasamu dha. Kanaa booda warraantiin akkaa shakkama bultii
hayyamameef to'annoon waajiraa poolisii turuu ibsu qorataa poolisiif ni kennama.
Kunis shakkama to'annoo jala tursisuuf seera qabeesumma kan agarsiisuu fi ajaja
mana murtii tin ta’u ibsuuf fayyada.
Qorataan poolisii bu'a qorannoo gaggeessee beellama itti aanuutti dhiyaate mana
murtiif gabaasu qaba. Yeroo hedduu hojmaatan kan mul’atu qorataan poolisii
beellama kana irraatti hin dhiyaatan. Gabaasas hin godhan.Mannii murtiis yoo
qorataan poolisii gabaasa bu'a qorannoo hin dhiyeessin sababuma kana galme irraatti

23
ibsuun galme cufuun gara mana galmee deebisa. Hojimaatni kun jiraachuu isa akkaa
fakkeenyatii lakk.galmee 22090 MMAOB ta’e waajirri poolisii bulchiinsa magaala
baddeessaa shakkama Yusuuf Ahimad jedhamu yakka yaalii ajeechatiin shakkamee
yeroo beellama itti gaafate, mannii murtiis yeroo beellama bultii 10 eega hayyameef
booda guyyaa 5/8/2007ttii gabaasa bu'a qorannoo eeguuf beellame garuu guyyaa
beellamati qorataan poolisii gabaasa bu'a qorannoo waan hin dhiyeesineef mannii
murtii galmee yeroo beellama cufuun gara mana galmeetti deebisee jira. 12 Qorataan
poolisii yoo maaliif akkaa hin gabaasiin gaafataman qorannoo wan xumuraniif
shakkama bu'uura s/d/f/y kewata 28 tiin gad dhiisuu ibsuu. Dhimmii kunis akka
miltootii barreeffama qo'annoo kana dhuma irraatti maxxanfame jiraa.
Yeroo tokkoo tokkoo immoo qorannoo kan xumuran ta’uu ibsuun haga ragaan mana
yaala hospitaala irraa nuuf dhiyaatutii akkaa yeroo beellama dabalataa kennamuf
gaafatuu. Mannii murtii eega qorannoon xumurame ragaa mana yaala eeguuf yeroon
beellama kennamuu wan hin jirreef jechuun galmee yeroo beellama cufuun gara mana
galmeetii deebisa. Akka fakkeenyatii waajirrii poolisii Aanaa Odaa Bultum xalayaa
gaafa guyyaa 29/10/2007 barreessee dabalataa yeroo beellama shakkamtu Iftuu
Huseno irraatti gaafate irra hubachuun ni danda'ama. Yeroo akkaana mannii murtii
galmee yeroo beellama cufuu malee ajajnii mirga shakkama ilaalchisee dabarsuu hin
jiru. A/alaangaa eega galmeen qorannoo isaa qaqabee bultii 15 keessatti himanna banu
akkaa qabu seerri ni ka'a.13 Dabalataniis qajeelfama JBAH irraatti A/alaangaa galmeen
qorannoo qorataa poolisii irraa yeroo dhiyaateef galmee keessa qoratee guyyaa 6
keessattii himanna shakkama irraatti banu akkaa qabuu ka'ee jiraa. 14 Haa ta'uu malee
akkaa hojmaatnii agarsiisutii A/alaanga osoo himanna shakkama irraatti hin banin
yeroo seeran ta’ee ol yoo turan ni mul’ata.Yeroo akkana shakkaman yeroo beellama fi
himanna tokkoo malee yeroo dheeraaf to'annoon waajiraa poolisii yeroo turu ni
mul’ata.
Yeroo tokkoo tokkoo immoo keessattuu yakkiichi qulqullaa'ee Aangoo mana murtii ol

12
galmee yeroo beellama shakkama Yusuuf Ahimad lakk.galmee 22090 MMAOB ta’e
13
Seera deemsa falmii yakka Itoophiyaa labsii lakk.185/1965 kewata 109/1
14
Jijjiirama Bu’uura Adeemsa Hojii Qorannaa Yakkaa fi Murtii Haqaa Kennisiisuu Irra Deebiin Bara
2006 Fooyya’e Qophaa’e fuula 32

24
aanaa yoo ta’u galmeen qorannoo eega xumurame jedhamee waajiraa haqa godinaatif
ergamee turtii muraasa booda qorannoon kan hafu ta'uu ibsuun wantoota qulqullaa'uu
qabu akka qaajeelfamatii kennun gad deebisu. Yeroo akkanaas shakkamaan sababa
galmeen yeroo beellama jalqaba irra cufameef yeroo beellama fi himanna malee
yeroo dheeraaf yoo hidhaman ni mul’atu. Kana malees dhimmaa akkana irratti gaaffii
mirga wabii shakkama A/alaangaa wan mormuuf mirgi wabii shakkama
daangefamuun bira darbama. Dhimmooni akkana hojimataan jiraachu kan hubannu
dhimma shakkama obbo Riyaad Faa'iz jedhamu lakk.galmee 27461 MMAOB ta’e
dhuma barreeffama qo'annoo kana irraatti akka miltootii maxxanfame jira. 15 Dhimma
kana bal'inaan boqqonna sadii keessatti ni ilaala.

15
galmee yeroo beellama shakkama Riyaad Faa’iz 27461 MMAOB ta’e

25
BOQONNAA SADII (3)

3. RAKKOWWAN YEROO BEELLAMAAN WAL QABATANI

MUL'ATAN
3.1. QORATAAN POOLISII SHAKKAMA YEROO BEELLAMA IRRA JIRU
GAD DHIISU
qorataan poolisii yoo yeroon beellama gaafate hayyamamef ajaja mannii murtii
dabarsu keessa inni tokko qorataan poolisii gabaasa bu'a qorannoo maal irraa akka
gahe akka gabaasu eeguf galmee irraatti beellamni itti aanu yoom akka ta’e ibsuun
kan beellmamuu dha. Kanaafuu qorataan poolisii bu'a qorannoo yeroo
hayyamameefiti qoratee maal irraa akka gahe beellamatii dhiyaate mana murtiif
dhiyeessu qaba. Garuu hojimataan akkaa mul’atuttii qorataan poolisii yeroo hedduu
beellama kana irraatti kan hin dhiyaanne fi gabaasas kan hin goone dha. Kun kan ta’u
yeroo hunda osoo hin ta’iin yoo qorataan poolisii galmee qoratee xumuree dha. Yoo
qorannoo hin xumuriin ta’e garuu dhiyaate yeroo beellama dabalataa gaafata.Kun
immoo rakkoo hin qabu. Kan rakkoo qabu kan jalqaba irraatti. Kunis qorataan poolisii
yoo qorannoo xumurelee guyyaa beellamatti dhiyaate qorannoo maal irraa akka gahee
fi shakkamanis yoo mirga wabiitiin bahee kan mormu ykn hin mormine ta'u ibsu qaba
ture. Garuu yeroo kana godhan hin mul'atan. Kana irra shakkama bu'uura s/d/f/y
kewata 28 tiin aanguma isaanitiin gama waajiraa poolisiitiin gad dhiisu.
Waa’ee shakkama yeroo beellaman mannii murtii hidhe jiru qorataan poolisii aangoo
isaatiin bu'uura s/d/f/y kewata 28 tiin gad dhiisuu ni danda’a moo miti jedhu
ilaalchisee ijjeenno ykn yaada hojii lamatu jira.
Ijjeenno 1ffaan qorataan poolisii shakkama mannii murtii ajaja yeroo beellamatiin
hidhe jiru tokko qorataan poolisii yoo qorannoo xumure gad dhiisuu ni danda’a kan
jedhu dha. Deeggartoonni ijjeenno kana akka jedhanittii sababnii mannii murtii yeroo
qorataf hayyamuu akka qorannoo hafee xumuruuf malee kaayyoo bira hin

26
qabu.Kanaafuu qorataan poolisii yeroo beellama hayyamameef keessatti qorannoo
isaa xumuruu qaba. Yoo yeroo kennameef keessatti xumure immoo kaayyoon jalqaba
mannii murtii shakkama to'annoo jala akka turu hayyameef wan galma gaheef
qorataan poolisii osoo mana murtii hin beeksifne yoo shakkama bu'uura s/d/f/y
kewata 28 tiin aanguma isaatiin gad dhiise rakkoo hin qabu jedhu.
Ijjeenno 2ffaan immoo qorataan poolisii shakkama mannii murtii ajaja yeroo
beellamatiin hidhe jiru aangoo isa fayyadamuun bu'uura s/d/f/y kewata 28 tiin gad
dhiisuu hin danda’u kan jedhu dha. Qorataan poolisii aangoo shakkama mannii murtii
hidhe osoo mana murtii hin beeksifne ittiin gad dhiisuu hin qabu. Kanaa immo
garagarummaa s/d/f/y kewata 28 fi 59 jiddu jiruu irraa hubachuunidandeenya.
Kanaafuu qorataan poolisii aangoo hin qabne fayyadamutii jira jechuu dha. Yoo haala
qabatamaa illee ilaalle shakkama mannii murtii ajaja yeroo beellamatiin hidhe jiru
qorataan poolisii aangoo isaatiin osoo mana murtii hin beeksifne yoo kan gad dhiisuu
ta’e rakkoo guddaa fidu danda’a. Rakkoo dhufu danda’u keessa sarbamuu mirga
shakkama fi malaamaltummaan akka fakkeenyatti ka'u dandeenya. Kanaafuu qorataan
poolisii shakkama ajaja mana murtiitiin hidhame aangoo isaatiin gad dhiisuu hin
qabu, ittiis hojjamuu hin qabu, haafuurrii seeraas kana miti jedhu.
Ijjeennoowwan lamaan haala hojimaata jiru fi seera rogumma qabu waliin wal bira
qabnee yoo xinxaaluu ijjeennoon 2ffaan dhama qabeessa fi haafuura seera waliin kan
deemu fakkata. Sababnii isaas qorataan poolisii shakkama mannii murtii ajaja yeroo
beellamatiin hidhamee gad dhiisuuf bu'uurrii isaan fayyadaman s/d/f/y kewata 28 ti.
Qorataan poolisii immoo kewata kana fayyadame shakkama gad dhiisuf ulaagawwan
armaan gadi guutamu qaba. 1ffaa yakkii shakkaman ittiin shakkame kan adabii hidha
cimaa hin adabsiifne ta'u qaba. 2ffaa yakkii shakkaman raawwate jedhame shakkame
kan raawwachuun isaa qorataa poolisii shakkisiisu ta'uu qaba. 3ffaa raga gahaan
irraatti argamu kan hin dandeenye yoo ta’e, shakkama osoo mana murtii hin dhiyeesse
yeroo beellama ittii hin gaafatin aanguma isaatiin bu'uura s/d/f/y kewata 28 tiin wabii
ykn wabii malee shakkama akkaa gad dhiisuu danda’u ibsa. Kanaafuu qorataan
poolisii shakkamtoota kana guutan qofa bu'uura s/d/f/y kewata 28 tiin gad dhiisa

27
malee shakkamtoota bu'uura s/d/f/y keewata 59 tiin mannii murtii ajajan hidhe miti.
Shakkama mannii murtii ajaja yeroo beellamatiin hidhe jiru kan gad dhisuu qabu
manuma murtii ta’u qaba. Garagarummaan keewwatoota lamaan jiddu jiru irras
kanhubannu kanuma. Dabalataniis ijjeennoon 1ffaan yoo ittiin hojjatamee qorataa
poolisii aangoo hin qabnee kan gonfachisuu fi kan mirga shakkama sarbuufis balbala
saaquu fi malaammaltummaaf kan qaawwa qabu waan ta’eef ittiin hojjatamu hin
qabu.
Yoo dhimma qabatamaa rakkoo kana irraa hubachuu dandeenyu fi akka barmatileetii
MMAOB ittiin hojjatamuu beeknu yoo deebinu.Dhimma shakkama obbo Yusuuf
Ahmad lakk.galmee yeroo beellama 22090 MMAOB ta’e mannii murtii yeroo
beellama bultii 10 hayyameefi beellama guyyaa 2/8/2007 tii gabaasa bu'a qorannoo
eeguuf beellameef.Garuu guyyaan beellama ayyaana irraa waan bu’eef, guyyoonii
lamaan ittii aananis guyyoota hojiiwaan hin taaneef gaafa guyyaa 5/8/2007 tii
galmeen dhaddachaf dhiyaate, Qorataan poolisii beellamatii dhiyaate gabaasa bu'a
qorannoo waan hin dhiyeessiniif galmeen yeroo beellama cufameera. 16 Sababnii
shakkama beellamatii hin dhiyeesinii fi gabaasas hin gooneef waan shakkama bu'uura
s/d/f/y kewata 28 tiin gad dhiisaaniif ta’uu ibsaan. Silaa akka seerati qorannoo
xumuraniis ta’e waan bira shakkama beellamatii dhiyessun ajaja mana murtii eegu
qabu ture.Galmeen kunis dhumaa barreeffama qo'annoo kana irraatti akka miltootii
maxxanfame jira.
Walumaa galatti shakkama mannii murtii ajaja yeroo beellamatiin hidhe jiru qorataan
poolisii yoo qorannoo isaa xumurulee, xumuru baatullee bu'uura s/d/f/y kewata 28 tiin
Aangoo isaatiin gad dhiisuu hin qabu. Gad dhiisisuus hin qabu waan ta’ef rakkoo
hojimaatni kun fidu hanbisuuf qorataan poolisii mana murtiif gabaasa godhu qaba.
Kana booda mannii murtii tarkaanfii barbaachisa ta’e itti fudhatuu qaba. Kanaafuu
hojimaatni kun waan seeran walitti bu'uf kan foyya'uu qabu ta’e argame jira.
Dhimmuma kanan wal qabatee kan ka'uu qabu yoo gabaasni bu'a qorannoo poolisii
hin dhiyaatin mannii murtii akka haafuura seeratti galmee yeroo beellama gabaasni

16
galmee yeroo beellama shakkama Yusuuf Ahimad lakk.galmee 22090 MMAOB ta’e

28
bu'a qorannoo akka hin dhiyaatin ibsuun cufuu qofaa moo mirga wabii shakkama
ilaalchisee gabaasni bu'a qorannoos ta’e shakkaman dhiyaatu baatus mirga shakkama
ilaalchisuun ajaja dabarsuu ni danda’a kan jedhu dha. Kanaan wal qabatee yaada hojii
lamatu jira.Yaadni hojii 1ffaan mannii murtii gabaasa bu'a qorannoo eeguuf
beellamame dhiyaachu dhabu ibsuun galmee yeroo beellama cufuu qofa qaba.Mirga
shakkama ilaalchisuun ajajni dabarsuu hin jiru jechuudha. Yaadni hojii kun MMAOB
keessatiis kan ittiin hojjatamu dha. Kanas lakk, galmee22090 armaan olitti ilaalle irraa
hubachuun ni danda’ama. Kunis ajajni kenname gabaasni bu'a qorannoo kan hin
dhiyaatin ta’u ibsuun galmee cufuu malee mirga shakkama ilaalchisee ajajni darbee
hin jiru.
Yaadni hojii 2ffaan immoo galmeen kan beellamameef gabaasa bu'a qorannoo
qorataa poolisii eeguuf yoo ta’e gabaasni bu'a qorannoo hin dhiyaatin ta’e mannii
murtii galmuuma yeroo beellama gubbatti shakkamaf mirga wabii eeguun galmee
cufuun gara mana galmee deebisu qaba kan jedhu dha. Kanaafuu mannii murtii
galmee cufuu qofa osoo hin ta’iin mirga shakkama ilaalchisuun ajaja ta’e dabarsuu
qaba. Garuu kan ta’u qabu yoo yakkii shakkamaan ittiin shakkame kan mirga wabii
hin dhorgachiifne qofa ta’u qaba.
Ijjeennowwan kannin yoo madaallu ijjeennoon 2ffaan kan dhama qabu fi haafuura
seera waliin kan deemu fakkataa. Sababnii isaas akkaata bu'uura s/d/f/y kewata 59(1)
tiin mannii murtii galmee yeroo beellama irraatti shakkamaaf mirga wabii eeguu ni
danda’a. Kun immoo akka mirgii shakkama hin sarbamneef kan gargaruu fi
hojimaataa gaarii dha. Garuu mannii murtii kan shakkamaaf mirga wabii eeguuf qabu
yoo yakkii shakkamaan ittiin shakkame kan mirga wabii hin dhorgachifnee ta’u
addaan baafatu qaba. Ijjeennoon 1ffaan garuu kan mirga shakkamaaf bakka kenne hin
fakkatuu wan ta’ef rakkoo hordofsiisu ni danda’a.
Dhuma irraatti akkaa walii galaatti rakkoowwan waraqaan barreeffama kun qabxii
kana jalatti agarsiisu barbaade 1ffaa shakkama mannii murtii ajaja yeroo
beellamaatiin hidhe qorataan poolisii aangoo isaatiin gad dhiisuun haafuura seera
waliin kan hin deemne fi rakkoo akka malaammaltummaaf kan balbala saaqu wan

29
ta’eef ittiin hojjatamu hin qabu. 2ffaa yoo galmeen yeroo beellama sababa gabaasni
bu'a qorannoo hin dhiyaanneef cufamu osoo mirga shakkama irraatti ajaja hin
dabarsiin caallisani bira darbuun kan haafuura seera hin qabnee fi mirga shakkama
kan midhuu wan ta’eef ittiin hojjatamu hin qabu.Kanaafuu MMAOB as irraatti
hojimaata isaa kana foyyeessuu fi qorattootni poolisiis akka hojimataa isaanii
sirreessaniif tarkaanfii barbachisaan fudhatamu qaba.

3.2. SHAKKAMA YEROON BEELLAMA IRRA CUFAMEE FI MIRGI


WABII IRRA DAANGEEFFAME HIMANNA MALEE YEROO
DHEERAAF TO'ANNOO JALA TURSIISU
Akka boqonnaa duraa keessatti ilaaluuf yaalleetti yoo sababni gahaan jiraate mannii
murtii yeroo beellama ni hayyama, yeroo hayyamame keessattiis qorannoon ni
xumurama jedhame yaadama, yoo xumuruun hin danda’amne ta’e akkaata
barbaachisumma isaatii yeroon beellama dabalataa ni hayyamama. Yoo hin
barbaachifne immoo mannii murtii shakkamaaf mirga wabii eegun gad dhiisu ni
danda’a. Kan rakkoo fidu kana osoo hin taane yoo yakkii shakkamaan itti shakkame
kan mirga wabii dhorgisiisu ta’e fi kan hin dhorgisiisne ta’elle yoo A/alaangaa bu'uura
s/d/f/y kewata 67 kan mirga wabii mormu yoo ta’e dha. Yeroo akkana shakkama irra
galmeen yeroo beellama cufame mirgi wabii isaas daangeefame yoo jedhe yoo
A/alaangaa himanna irraatti banuu baate shakkama to'annoo jala yeroo dheeraf ni tura.
A/alaangaa eega galmeen qorannoo isaa dhaqqabe bultii 15 keessatti himanna
shakkama irraatti banu qaba.17 Yeroo kana keessatti A/alaangaa yoo himanna hin
banin to'annoo jala turun shakkama seera qabeesa ta’u ni danda’a. Sababni isaas
seerrii jalqabumaa osoo shakkama irra yeroon beellama cufamu beeku bultii 15 yeroo
kenneef jira wan ta’eef. Rakkoon kan ummamu yoo A/alaangaa yeroon kennameef
dhumateen boodas himanna banu baate dha. To'annoon shakkama yeroo kana booda
jiru gaaffii keessa gala.Shakkamaan ajaja yeroo beellamaatiin to'annoo jala jira akka
hin jedhamne galmeen yeroo beellama hin barbaachisu jedhame shakkama irra
cufamee jira. Akka shakkamaan wabiin hin baane immoo mirgii wabii isaa

17
Seera deemsa falmii yakka Itoophiyaa labsii lakk.185/1965 kewata 109/1

30
daangeefame jira.Kanaafuu yoo A/alaangaa yeroo kennameef keessatti himanna hin
banin to'annoon shakkama irra jiru seeran ala ta’a. Yoo to'annoon shakkama irra jiru
seera ala ta’e immoo shakkamaan yoo nama seera beeku ta’e mirga akka qaamni isaa
bilisa ta’u gaafatu ni qaba.18
Dhimma qabatamaa yoo ilaaluu dhimma shakkama obbo Riyaad Faa'iz Ahimad
jedhamu lakk.galmee yeroo beellama 27461 MMAOB ta’e shakkamaan yakka
ajjeecha lubbuu namatiin shakkamee guyyaa 6/1/2009 irraa eegale waajirri pooolisii
Aanaa Odaa Bultum yeroo beellama hanga guyyaa 21/2/2009 itti gaafata kan turee fi
MMAOB's yeroo beellama irraa deddeebi'e yeroo 4f kennaafi tureera. 19Yeroo
beellama keennamefis shakkamaan walumaa galaatti ji'a 2 fi guyyaa 15 hidhame jira.
Yakkii shakkamaan ittiin shakkame wan mirga wabii hin kennisiifneef mirga wabii
shakkamaan yeroo lamaa gaafate lakk.galmee 27634 fi 27506 MMAOB ta’e irraatti
bira darbamee jira. Kana booda waajirri poolisii Aanaa Odaa Bultum xalayaa
lakk.21/2/2009 barreeffameen qorataan poolisii kan qorannoo xumuran ta'u fi reeffii
midhaamtu dhuunfa osoo hin qorataamin kan awwalamee wan ta’eef hanga reeffa
kana baafne qoraachifne qaama aangoo qabuuf erginuu jechuun yeroo beellama
dabalataa bultii 14 akka kennamuuf gaafataniru. Mannii murtiis dhaddacha guyyuma
armaan olitti ibsame ooleen namnii du'e jedhame akka reeffii hin qoratamne fi bu'aan
kana booda qorachuuf barbaachisu kan hin jirre fi yeroo beellama biraa kennun hikka
kan hin qabne ta'u hubanne jirra wan ta’eef jechuun gaaffii yeroo beellama dhiyaate
kufa godhun galmee yeroo beellama irra cufuun gara mana galmee deebiseera.
Dhiimma kanaan wal qabatee waajirri Poolisii Aanaa Oda Bultum lakk.galmee yeroo
beellama olitti ibsamee kanan hayyamameef keessatti qorannoo reeffa midhamtuu
dhuunfa Addee Faaxuma Aliyyii Hussen jedhamtu tana Qabrii ykn Awwalaa keessa
baafne qoraachifna yeroo jedhan firri midhaamtu tana ammaan duraa gaafa
midhaamtun tun duute reeffa qoraachisa namatu ajjeesse jennee waajira poolisii
Aanaa Oda Bultum kanattii reeffa dhiyeessine waajirri kun xalayaa qofa nuf barreesse
osoo poolisii nuuf hin godhiin, nuutis mallaqa ittiin qoraachifnu hin qabnu osoo

18
Seera deemsa falmii hariiroo hawaasa Itoophiyaa Dikrii 52/1965 keewwata 177/1
19
galmee yeroo beellama shakkama Riyaad Faa’iz 27461 MMAOB ta’e

31
jennuu wandiideef, amma immoo reeffa qabrii keessaa baasun hin danda’amu jedhanii
waajira poolisii kana dhorganii jiru. Waajirri poolisii Aanaa Odaa Bultum kunis
rakkoon duraan umee akkuma jiruttii ta’ee tarkaanfii barbaachisa ta’e firaa
midhaamtu tana irraatti fudhate reeffa nama du'e kana osoo qoraachisu qabuu dirqama
ofii cinattii dhisuu dhaan yeroo beellama hayyamameef kanattis osoo hin fayyadamin,
reeffa midhaamtu tanaas awwalaa keessaa baase osoo hin qoraachisiin galmee
qorannoo qaama aangoo qabuuf dabarse jira.
Qaamnii galmeen qorannoo ergameef kunis waajirri haqaa godina Harargee Lixaa
turtii guyyaa muraasa booda galmeen qorannoo ergameef kan wanti qulqullaa'u qabu
hundi hin qulqullaa'ini ta’uu ibsuun dhimmoota qulqullaa'u qaban akkaa
qajeelfamaatii eeruu dhaan galmee qorannoo waajira poolisii Aanaa Odaa Bultumiif
gad deebiseera. Kana booda shakkamaan kun mirga wabii yeroo sadaffaf gaafatee
gaafa guyya 29/7/2009 lakk.galmee 27720 MMAOB ta’een kabajameefi jira. 20
Shakkamaan kun qorannoo fi himanna tokko malee guyyaa 21/2/2009 irraa hanga
guyyaa 29/7/2009 tii, waluma galaatii ji'a 5 fi bultii 8 waajira poolisii akka turu
godhameera. Galmeen yeroo beellama fi galmeen mirga wabii shakkama dhuma
barreeffama qo'annoo kana irraatti akka miltooti maxxanfame jira.
Yoo dhimma kana ilaallu shakkamaan kun erga yeroon beellama irra cufame booda
ji'a shanii ol to'annoo seeran ala ta’en akka waajira poolisii turu godhameera.
Shakkamaan kun osoo mirga wabiin bahuu baate, yoo yakka kana dalaguun haala ifaa
fi amansiisa ta'een itti mirkanaa'ee kan adabamu ta’e yeroon inni hidhame kun itti
shallagamuuf danda’a ta'a. Garuu yoo itti mirkanaa'u baate ykn of irra ittisee bilisa
bahee haalli mirga isaa seeran ala sarbame kana ittiin beenyaan kaffalamuuf seerri
biyya keenya hin ka'initi gochii kun hangam takka lammiilee biyyaatti kan
sodaachisuu fi sirna haqaa biyyaatti kan gaaffii keessa galchu dha.
Akka walii galaatti qabxii kana jalatti rakkoon barreeffamni qo'annoo kun agarsisu
shakkama yeroon beellama irra cufame himanna malee yeroo dheeraaf to'annoo jala
tursiisuu isaatii. Yeroo rakkoon akkana umaamu furmaatni shakkamaan qabu yoo
nama seera beeku ta’e akka qaamni isaa bilisa bahu gaafachu dha. Yoo hin beekne ta’e
immoo filannoo tokko malee callisee ta'uu dha. Kun immoo akka rakkoon itti fufuu

20
Galmee mirga wabii shakkama Riyaad Faa’iz 27720 MMAOB ta’e
32
wan tasiisuuf qaamonni haqaa biyyaatti rakkoo akkana hiikuuf gad fageenyaan
ittiyaadu qabu.

33
BOQONNAA AFUR (4)

4. SABABA RAKKOOWWAN, GUDUUNFA FI YAADA FURMAATA

4.1. SABABA RAKKOOWWANI


Akkuma boqonnaa darbee keessatti ilaaluuf yaalameetti rakkoowwan akka shakkama
yeroo beellama irra jiru gad dhiisuu fi shakkama yeroon beellama irra cufame yeroo
dheeraaf himanna malee to'annoo jala tursiisuun hojimaata MMAOB keessatti
hojjatamuun kanumamaan ta’uu isaanii hubanneera.
Sababni umaamu rakkoowwaniif jalqaba irraatti ka'uu danda’u hubannoo seera gaha
dhabuu qaamolee rakkoo umaanitii. Osoo wanta seerri jedhu gad fageenyan hin
beekiin tarkaanfiin fudhatamu kamiiyyu rakkoo mataa isaa hordofsiisuu danda’a.
Kanaafuu tarkaanfii kamiiyyu dura wanta seerri jedhu dhimma sana irraatti beekun
barbaachisa dha.
Kana malees akka sababaattii dhiyaachu kan danda’u seerri mataan isaa qaawwa
qabachuu isaa ni hubatama. Haa ta'uu malee rakkoo dhufu danda’u kana hanga
danda’ameen dursanii hanbisuuf dhimma sana irraatti seera ifaa fi guutu ta’e baasu
dha. Yoo seerri wantoota mara hanga danda’amen karaa hin agarsiifne ta’e immoo
rakkoon umaamuun isaa wan nama ajaa'ibu miti.
Dhuma irraatti sababni ka'u danda’u kutannoo dhabu qaamolee seera
raawwachiiftutii.qaamonii kun qaama ykn nama akkaa seerri hojii irraa akka hin
oollee godhan tarkaanfii seera barbaachisa fi barsiisa irraatti fudhatuun rakkoon hanga
tokko hir'achu ni danda’a. Akka fakkeenyattii Waajirri poolisii Aanaa Oda Bultum
dhimma boqonnaa sadii keessatti ilaalle irraatti qorattoonni poolisii nama du’e
jedhamee kanaa hoospiitaalaa geessanii qorachisuun dirqamaa isaanii osoo ta’ee jiruu
ajaja qofa barreessuun fiira midhamtuuf kennun isaani sirrii miti. Kana malees
waajjirri poolisii kun fiira midhaamtu dhuunfa irraatti tarkaanfii barbaachisa ta'e
fudhate reeffa nama du’e jedhame kanaa qorachisuu osoo danda’u shakkama himanna

34
fi qorannoo tokkoo malee waajira poolisii tursiisuunis sirrii miti.
Walumaa galaatti seera qofa baasuun sirna haqaa biyyaatti ni foyyeessa jechuun waan
yaadamu miti. Rakkoowwan addaa addaa umaamuun isaanii hin oolaan.Rakkoowwan
umaamaan immoo hiikuuf sababa isaa balleessuun barbaachisa dha. Qaamota seera
raawwachisaan kan kutannoo qaban diriirsuunis wal qixa dhimma xiyyeefannoo
barbaadu dha. Kana irraa darbee qaama ykn nama heera fi seerri biyyaatti akka hojii
irraa hin oollee gufuu ta’an tarkaanfii barbaachisa fi barsiisaan irraatti fudhatamu
qaba.

4.2. GUDUUNFAA
Sirni haqaa biyyaa tokkoo yoo danda’amee akka yakkii hin raawwatamne dursee
ittisuun kaayyoo isaatii. Yoo yakkii kana bira darbee raawwatame yakkiicha
qulqulleessuun nama yakka raawwate irraatti adabbii barsiisa fudhachuun akka inni
yakka bira hin raawwane fi namoota biraafis barumsaa kennun yakka ittisuun ni
danda’ama. Yakkii tokkoo raawwatame eega jedhamee Eeruun waajira poolisii
dhaqqabe booda qorataan poolisii fi A/alaangaa dhimma sana qulqulleessuun seeraf
dhiyeessuun dirqamaa isaanitii. Nama yakka raawwate jedhame shakkame to'annoo
jala olchuun yeroo beellama itti gaafachuun to'annoo seera qabeesa godhuun
qorannoo itti fufuu qaba.
Yeroon beellama gaaffii qorataa poolisii irraatti hundaa’uun mannii murtii yoo
hayyame qorataan poolisii shakkama karaa seera qabeesan to'annoo jala tursiisuun
akka qorannoo gaggeessuuf isaa fayyada.Kaayyoon yeroo beellamaas
kanuma.Qorataan poolisii yoo sababa amansiisa dhiyeesse yeroo beellama hayyamu
qaba. Yoo yeroon beellama kennameef kan qorannoo hin xumuree ta’e hanga
xumuruuti yeroo beellama dabalataa gaafatu ni danda’a. Garuu mannii murtii yoo
yeroon beellama hin barbaachisu jedhe amane shakkamaaf mirga wabii eegun gad
dhiisu ni danda’a.
Yeroo beellamaan wal qabatee MMAOB tii rakkoowwan addaa addaa ni mul’ata.
Rakkoowwan mul’atan keessa inni dura shakkama ajaja yeroo beellamaatiin mannii
murtii hidhe qorataan poolisii Aangoo isaatiin gad dhiisu dha. Kun immoo haafura

35
seera kan hin qabne fi malaamaltummaaf balbala waan saaquuf hojimaata ittiin
hojjatamu hin qabne dha. Kana ilaalchisuun yaadni hojii lama kan jiru ta'uus kan
dhama qabeesa fi haafura seera qabu shakkama mannii murtii hidhe qorataan poolisii
Aangoo isaatiin gad dhiisu hin qabu kan jedhu dha. Dhimmooni haala qabatamaa
rakkoon kun jiraachuu ibsan barreeffama qo'annoo kana dhuma irraatti maxxanfame
jira.
Rakkoon inni dhuma shakkama galmeen yeroo beellama irra cufame fi mirga wabii
irra daangeefame himanna malee yeroo dheeraaf to'annoo jala tursiisuu.A/alaangaa
eega galmeen qorannoo isaa dhaqqabe booda bultii 15 keessatti shakkama irraatti
himanna banu qaba.Yoo A/alaangaa yeroo kana keessatti himanna banu baate
to'annoon yeroo kana booda jiru seeran ala ta’a.Kun immoo rakkoo dha. Yeroo
rakkoon akkana umaamu furmaatni shakkamaan qabu yoo nama seera beeku ta’e akka
qaamni isaa bilisa bahu gaafachuu dha. Yoo hin beekne ta’e callisan ta'u waan ta’ef
kun immoo sirna haqaa biyyaatti gaaffii keessa galcha waan ta’eef rakkoo akkana
furuuf itti yaadun barbaachisa dha. Walumaa galaatti rakkoowwan armaan olitti
tuqaman kun sababa hanqina hubannoo seera, seerri qaawwa qabachuu fi kutannoo
dhabuu qaamota seera hiikuu fi raawwachiftu irraa kan ka'e dha. Rakkoowwan kun
yoo akkanan itti fufaan ta’e, kan sirna haqaa biyyaa keenya balleessan waan ta’aniif
furmaata ka'uun barbaachisa dha.

4.3. YAADA FURMATAA


Erga rakkoowwan addaan bahanii beekamani booda tarkaanfii itti aanuu yaada
furmaata rakkoowwaniif ka'u dha.Barreeffama qo'annoo kanan rakkoowwan
gurguddoon lama addaan bahanii beekamani jiru. Sababni rakkoowwan kun akka
umamaaniif bu'uura ta'aniis hubannoo seera gaha dhabuu dha. Seerri yeroo
beellamaatiin wal qabatee jiru qaawwa qabachuu fi namoota akka seerri hojii irra hin
oollee godhan irraatti tarkaanfii fudhachuuf kutannoo dhabuu qaamolee seera hiiktuu
fi raawwachiiftu fa'a dha.
Kanaafuu yaadnii furmaata
 Hubannoo seera gaha ta’e qaamota akka qorataa poolisii, A/alaangaa fi

36
A/murtiitif akka horatan keennuuf.
 Seera yeroo beellamaatiin wal qabatee jiru foyyessuu.
 Qaamni dhimmi ilaaluu namoota akka heera fi seerri hojii irra hin oollee
godhan ykn gufu ta’an irraatti tarkaanfii seera barbaachisa fi barsiisa ta’e
irraatti fudhachuu.
 Walitti dhufeenya fi waliin hojjechuu qaamota akka waajira poolisii, waajira
haqaa fi mana murtii jiddu jiru daran cimsuu dha.

37
MADDAALEE WABII
A) DHIMMOOTA
1. Galmee yeroo beellama shakkama Riyaad Faa'iz lakk.galmee 27461 MMAOB
2. Galmee yeroo beellama shakkama Yusuuf Ahimad lakk. Galmee 22090 MMAOB
3. Galmee yeroo beellama shakkamtu Iftuu Hussen lakk.galmee 22033 MMAOB
4. Galmee mirga wabii shakkama Riyaad Faa'iz lakk.galmee 27506 MMAOB
B) XALAYOOTA
1. xalayoota waajiraa poolisii Aanaa odaa bultum irraa barreeffamee
2. xalayoota waajiraa poolisii bulchiinsaa magaala baddeessa irraa barreeffamee
C) SEEROOTA
1. Seera deemsa falmii yakka Itoophiyaa labsii lakk.185/1965
2. Seera deemsa falmii hariiroo hawaasa Itoophiyaa Dikrii 52/1965
3. Labsii shororkeessumma federaala lakk.652/2009
D) QAAJEELMA
1. Qajeelfama JBAH Qorannaa fi kennisiisa murtii haqaakan bara 2006 fooyya’ee
bahee fuula 32

MIILTOOWWAN
1. Foormii yeroon beellama mana murtii Aannaa Odaa Bultumitii irraatti hojjatamuu
2. Galmee yeroo beellama mana murtii Aanaa Oda Bultum 3 ta'an
3. Galmee mirga wabii mana murtii Aanaa Oda Bultum 1

38

You might also like