Household Economic Vulenerability Form - #9A - Oromifa

You might also like

Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 14

TUULII QORANNAA SAAXILAMUMMAA DIINAGDEE MAATII

(Uunkaa # 9A)

Maqaa fi Koodii Kunuunsaa/ituu _________________________ Guyyaa _______________


Maqaa Aanaa_______________ Ganda_____________ Gooxii___________
Qabxii Qorannaa Saaxilamummaa _____________ Ramaddii Maatii______________
Maqaa Hojjetaa Wal’aansaa: ____________________ Mallattoo Hojjetaa
Wal’aansaa_____________
Maqaa Bakka BU’aa CCC _________________________________ Mallattoo ____________
Saaxilamummaa maatii qorachuun maatii kamiif furmaanni diinagdee cimsuu akkamii akka
barbaachisu murteessuudhaaf gulantaa jalqabaati. Qorannaan saaxilamummaa diinagdee
maatii kun, michoonni raawwii hojii, diinagdee cimsuuf tattaaffiin taasisan, maatii furmaaticha
hedduu barbaadaniirratti akka xiyyeeffatu gargaara. Qorannicha erga xumuraniin booda, hojiin
maatiiwwan akkaataa hammeenya rakkinichaatiin qooduu kan itti fufu yammuu ta’u, kuni
Garmalee kan saaxilaman (harka-qaleeyyii), haala olaanaan kan saaxilaman (waan yaadan
guutachuuf kan dhama’aa jiran), saaxilamoo giddu-galeessa yookan xiqqoo kan saaxilaman
(guddachuuf qophii kan ta’an)dha. Sadarkaan saaxilamummaa hundi akaakuu sagantaalee
diinagdee cimsuu mijaawaa ta’an kan maatiiwwan ittiin deeggaraman qabu. Tuuliin kun kan
fudhatame Qajeelfama Diinagdee Cimsuu Biyyoolessaa Ummata Saaxilamoof dhaabbanni
FHI360 qopheesse irraayi.

Qajeelfama qorannaan maatii ittiin adeemsisamu:


Duree maatiitti yookan kunuunsaa/ituutti of beeksisi. Mariin waa’ee maatiirratti adeemsisamu
bifa idileen alaan (informal) ta’uu qaba. Fedhii qabdu maatichaaf agarsiisuuf akka sitti tolu,
gaafatamaan oggasuma deebii akka kennu taasisi.
Duree maatichaa/kunuunsaa/ituu waa’ee kunuunsa daa’imman saaxilamoo yaadachiisiiti;
haala maatichaa maaliif gaafachuun akka barbaachise ibsiif
Maricha jalqabuun dura, raga-kennaan odeeffannoo kana kennuuf waliigaluu isaa akka
mirkaneessu taasisi. Raga’kennaan (informant) nama sirriitti maatii sana bakka’uu fi haala
diinagdee hawaasummaa maatichaa ibsuu danda’u ta’uu qaba

Odeeffannoo walitti qabi


Gulantaaleen Qorannaan saaxilamummaa diinagdee maatii ittii guutamu kanneen itti aanan
kana:

1. Duree maatii/yookan raga-kennaa biraa marii gabaabaa, waa’ee doomeenii tuulii


Qorannaan saaxilamummaa diinagdee maatii saglan ibsurratti hirmaachisi. Kunis
qu’annaa yookan gaafannoo (questionnier) idilee irratti hundaa’uun osoo hintaane, bifa
idileen alaan (informal) ta’een raawwatama.

2. Maricha gaaffilee waliigalaa fi deebii bal’aa kennisiisuu danda’aniin jalqabaa. Kunis


namni sun waa’ee maatichaa akka haasa’u jajjabeessa.

3. Tarii haanqina maatichi gama nyaataan, meeshaalee nyaata itti bilcheessaniin, mana
fincaaniin or iddoo ciisichaan qaban, dhuguma hangam cimaa akka ta’e ijaan arguu
dandeessa. Kanaaf, yeroo danda’ame, mana fincaanii, haala manaa fi iddoo nyaata itti
bilcheessanii akkasumas yeroo dhihoo keessa nyaata bilcheessuu isaanii mallattoo wayii
arguuf meeshaalee nyaata itti bilcheessan ilaali. Daawwannaan akkanaa kun waa’ee
maatichaa kan marii qofaan yookan daawwannaa qofaan hubatan caalaa, haala ifa
ta’eefi gadi fageenya qabuun hubachuuf gargaara. Odeeffannoo mariidhaan argame
mirkaneessuuf waan danda’amu hunda taasisi.

4. Deebi-kennitoonni miira gaarii qabaachuu isaanii fi hirmaannaan isaa fedhii isaaniirratti


qofa kan hundaa’u ta’uu akka beekan mirkaneessi. Yeroo barbaadan deebii kennuuf
diduu akka danda’anillee yaadachiisi. Deebi-kennitoonni qoramuu yookan qeeqamuu
hinqaban. Gargaarsaa fi fedhii ati maatii sanaaf qabdu qalbiin isaanii beekuu qaba.

5. Qabxii shalaguuf gaaffileen hundi guutamuu qabu. Gaaffii tokkollee ta’u osoo
hindeebisin hafuun ulaagaalee mirkanaa’anirratti hundaa’uun maatichaaf qabxii
kennuuf nirakkisaa.

1. DOOMEENIIWWAN QORANNAA SAAXILAMUMMAA


DIINAGDEE MAATII

DOOMEENII 1: WABII NYAATAA FI SIRNA NYAATAA

Qabxii
Deebii
# Gaaffii Filannoo Deebii (Tokkotti
mari)

1 Maatiin kun guyyaatta yeroo a) Tokko 1


meeqa nyaata? 2
b) Lama
3
c) Sadi yookan isaa ol
Qabxii
Deebii
# Gaaffii Filannoo Deebii (Tokkotti
mari)

Torbeewwan afran darban a) Arjooma (gargaarsa 1


keessa, maatii kanaaf maddi ariifachiisaa, firoota, hiriyoota,
nyaataa GUDDAAN maal ture? olloota)
2
b) Hojii humnaaf waan kenname

c) Oddoo keessatti kan bilchame 3


yookan gabaadhaa kan bitame

3 Torbeewwan afran darban a) Eeyyee, torbeewwan 4 darban 1


keessa, nyaanni waan keessa yeroo 5 ol
walhanqateef, miseensi maatii 2
b) Eeyyee, torbeewwan 4 darban
guyyaa guutuu guutuu hagabuu
keessa yeroo 1-4
ooleeraa? 3
c) Goonkuma hinjiru
DOOMEENII 2: DHIHEESSII BISHAAN MANAAF OOLU
Qabii
Deebii
# Gaaffii Filannoo Deebii (tokkotti mari)

4 Bishaan maatiin keessan a) Laga, burqaa, haroo, eela, 1


dhugaatiifi nyaata bilcheessuuf boolla dirree/hurufaa
mana keessa fayyadamu adiyyoo taa’u/dallaa 2
baay’inaan eessa argattu? hinqabne

b) Ujummoo ummataa, bishaan


3
roobaa, boolla
dirree/hurufaa dallaa qabu,
bishaan bo’oo keessa yaa’uu

c) Bishaan namni dhuunfaan


galfate (Bishaan ujummoo
iddoo dhiheessii
ummataarraa mana
dhuunfatti gale)

5 Bishaan dhugamu miidhaa akka a) Homaayyuu (Gonkuma 1


hinfidne yeroo hedduu maal hinqulqulleessinu) 2
gootu?
b) Tooftaalee aadaa (huccuun
calaluu, takka tursanii xuriin
akka jalatti galu gochuu, kkf)
yookan Tooftaa hammayyaa
(danfisuu, kiloorinii itti
naqauu, calatuu bishaan
3
kanneen akka seeraamikii,
ashawaa, ykn kompoozitii fi
kkf fayyadamuu

c) Bishaan ujummoo
dhugamuu danda’u ni qabna
Qabii
Deebii
# Gaaffii Filannoo Deebii (tokkotti mari)

6 Bishaan maatiin keessan a) Baay’ee deddeebi’ee- 1


dhuguufi nyaata ittiin bilcheessuf torbanitti yeroo tokkoo
barbaadu iddoo amma kaasee guyya guyyaan ta’uu 2
baay’inaan argachaa jirtanii mala
dhabamuu mala jettanii hangam b) Yeroo tokko tokko-torbee
irra deddeebitanii yaaddoftu? muraasaa keessatti yeroo 3
tokkoo kaasee ji’atti yeroo
tokko ni ta’a
c) Xiqqoo- ji’atti yeroo tokkoo
gadi

DOOMEENII 3: FAYYAA FI KUNUUNSA FAYYAA

Qabxii
Deebii
# Gaaffii Filannoo Deebii (Tokkotti
mari)

7 Maatiin keessan waa’ee fayyaa fi a) Lakkii/odeeffannoo fayyaa 1


kunuunsa fayyaa odeeffannoo argachuuf carraa murtaa’e
akkamitti argata? qofa qabna 2
3
b) Hojjetaa/tuu fayyaa
hawaasaa

c) Raadioo fi/ykn TV

8 Isiniis ta’ee miseesi maatii a) Sa’aatii 2 ol 1


keessanii dhaabbata fayyaa 2
b) Hanga sa’aatii 2
dhihoo, dhukkuba yookan 3
madaa hamaa ilaalee wal’aanuu c) Sa’aatii 1 gadi
danda’u dhaquuf hangam
deemsisa?
Qabxii
Deebii
# Gaaffii Filannoo Deebii (Tokkotti
mari)

9 Maatiin keessan baasii qorannaa a) Lakii 1


fi wal’aansaa sadarkaa kamiyyuu 2
b) Eeyyee, hanga tokko
kaffaluuf humna qabaa? 3
c) Eeyyee

DOOMEENII 4: QULQULLINA DHUUNFAA FI NAANNOO


# Gaaffii Filannoo Deebii Qabxii Deebii
(Tokkotti mari)

10 Maatiin keessan a) Mana fincaanii boolla qabu (kan 1


yeroo hedduu waliin itti fayyaman), dirree/bosona,
mana fincaanii qabee (baaldii maatii) yookan kan
akkamii fayyadam? biraa 2
b) Mana fincaanii boolla qabu (kan 3
dhuunfaan itti fayyadaman)
c) Mana fincaanii bishaan itti lolaafamu
(Kan dhuunfaa ykn waliinii)

11 Maatiin keessan a) Lakkii 1


saamunaa (gosa 2
b) Eeyyee, yeroo tokko tokko
kamiiyyuu) harka 3
dhiqachuuf oolu ni c) Eeyyee, yeroo hunda
dhiheessaa?
(fakkeenyaaf
nyaachuun
dura/erga
nyaatanii booda
yookan yeroo
mana fincaanti
deebi’an, harka
dhiqqachuuf kan
ta’u)
DOOMEENII 5: MANA JIREENYAA, DAARAA BAASUU (UFFACHUU) FI ANNISAA
(ENERGY)
Qabxii
# Gaaffii Filannoo Deebii Deebii
(Tokkotti
mari)

12 Manni keessan akaakuun isaa a) Yeroof kan ijaarame 1


maali (jechuun maaliin (dhoqqee, citaa fi tuggeefi
ijaarame)? iloo/maagara kkf.) 2
b) Gartokkeen yeroo dheeraaf
yaadamee kan ijaarame 3
(dhoqqee, sibiila, qorqoorroo
kkf.)
c) Dhaabbataaf yaadamee kan
ijaarame (bilookkeettii,
simintoo kkf.)
13 Maatiin keessan mana keessa a) Mana namaa keessa jiraanna 1
jiraatu ofii isaa qabaa? Moo ni b) Mana dhuunfaa yookan
kireeffatan? Yookan kaffaltii mana mootummaa/gandaa 2
malee as keessa jiraachaa jirtuu? kireeffannee jiraanna
c) Mana ofii keessa jiraanna 3
14 Manni keessan kutaalee a) Kutaa tokko 1
meeqa/hagamii qaba? b) Kutaalee lama 2
c) Kutaalee 3 yookan isaa ol 3

15 Nyaata bilcheessuuf yeroo a) Baay’inaan qoraan (bitnee 1


hedduu maal bobeeffatu? yookan guurree), kaboota,
galabaa yookan kan biraa
b) Kasala, gaazii adii 2
(keeroosinii) buttaa gaazii
c) Elektirika 3
Qabxii
# Gaaffii Filannoo Deebii Deebii
(Tokkotti
mari)

16 Miseensonni maatii keessanii a) Uffata irraa fi jalaa tokko 1


uffata irraafi jalaa tokkoo ol qofa
qabuu? b) Uffata irraa fi jalaa lama 2
c) Uffata irraa fi jalaa sadii
yookan isaa ol 3

DOOMEENII 6: BARNOOTA

Qabxii
# Gaaffii Filannoo Deebii Deebii
(Tokkotti
mari)

17 Isin (yookan dureen maatii) a) Hinbaranne 1


sadarkaan barnootaa irra b) Dubbisuu/barreessuu, 2
geessan maali? sadarrkaa tokkoffaa ykn
sadarkaa lammaffaa 3
c) Sadarkaa sadaffaa (koollajjii
yookan isaa ol)

18 Ijoolleen maatii keessan keessa a) Lakkii 1


jiran yeroo ammaa mana b) Eeyyee, ijoolleen barnoota 2
barumsaa seenanii? hinseenin illee ni jiru
(Daa’imman umriin isaanii c) Eeyyee, hundi isaanii
waggaa 6-17) seenaniiru 3
Qabxii
# Gaaffii Filannoo Deebii Deebii
(Tokkotti
mari)

19 Maatiin keessan baasii mana a) Lakkii 1


barumsaa ijoollee fi meeshaalee b) Eeyyee, hanga tokko 2
barnootaaf oolu kaffaluu (jechuun maatiin baasiiwwan
danda’aa? xixiqqaa kanneen akka
meeshaalee irratti
barreessaniifi ittiin
barreessan. Wantoota akka
yuuniformii mana barumsaa
fi kaffaltii ji’a garuu 3
hindanda’u)
c) Eyyee

DOOMEENII 7: GALII/QABEENYA
Qaabxii Deebii
# Gaaffii Filannoo Deebii (Tokkotti mari)

20 MADDI galii maatii GUDDAAN a) Homaayyuu (gargaarsa 1


maali? (xiyyeeffannaan madda maatii/firaan jiraanna)
guddaa kan jedhu qofa) b) Hojii hunaa yeroof 2
hojjetamu, qonna xixiqqaa,
hojii harkaa yookan hojii
daldalaa kan gabaa keessatti
daldalamu yookan
daandirraa yookan mana 3
manarra naanna’uun
daldalamu
c) Daldala ofii heeyyama itti
baafatan yookan
mindeeffama/mindaa
yookan qabeenya omisharra
oolaa jiru qabu

21 Wantoota itti aanan kana keessa a) Irra caalaa nyaata 1


galii maatii hedduu kan fudhatu b) Fedhiiwwan bu’uuraa 2
kami? (nyaata, uffata fi mana
jireenyaa) 3
c) Fedhiiwwan Bu’uuraa
(nyaata, uffata fi mana
jireenyaa) akkasumas
wantoota biroo kanneen
akka mana barumsaa,
geejjibaa, baasii wal’aansaa
fi baasii bashannanaa

DOOMEENII 8:SAAXILAMUMMAA FI DANDAMANNAA BALAA-EEGUMSA


HAWAASUMMAA
Qabxii
# Gaaffii Filannoo Deebii Deebii
(Tokkotti
mari)

22 Isinii fi miseensonni maatii a) Lakkii, qusannaa idilee 1


keessanii garee qusannaa fi liqii hindanda’u yookan
kamiiyyuu keessatti carraa/odeeffannoo akkasii
hirmaattanii/hirmaatee hinarganne 2
beektuu/beekuu? b) Lakkii, hirmaachuu 3
hinbarbaadne
c) Eeyyee

23 Maatiin keessan tajaajiloota a) Lakkii, odeeffannoo tokkoyyuu 1


maallaqaa yookan waa’ee hinqabu 2
isaanii odeeffannoo argatee b) Odeeffannoo qaba, garuu
beekaa? tajaajilicha hinargadhu 3
c) Eeyyee, tajaajilicha argachuu
danda’a
Qabxii
# Gaaffii Filannoo Deebii Deebii
(Tokkotti
mari)

24 Yeroo ammaa maatiin keessan a) Eeyyee, maatiin gargaarsa 1


tajaajila maallaqaa maallaqaan yookan akaakuun
mootummaa yeroo ariifachiisaa taasisamu kaayyoo isaaf ni
kennamu yookan sagantaa fayyadama (jechuun gargaarsa
gargaarsa akaakuun kennamu ariifachiisaa fedhiiwwan
ni fayyadamaa? bu’uuraa kanneen akka
nyaataa fi nyaatan alaa 2
guutuuf)
b) Eeyyee, fedhii bu’uuraa erga
guuttatee booda, maatiin
gargaarsa maallaqaa yookan
akaakuun argate qabeenya
jireenyaan bayyanachuuf isaan 3
gargaaru bituuf yookan hojii
daldalaaf fayyadamu
c) Lakkii, maatiichi gargaarsichaaf
ulaagaa hinguutu yookan
fayyadamuuf mootummaan
hingaafanne
DOOMEENII 9: WALQIXXUMMAA KOORNIYAA FI HAWAASUMMAA
Qabxii
# Gaaffii Filannoo Deebii Deebii
(Tokkotti
mari)

25 Miseensota maatii keessanii a) Eeyyee, warreen dhiiraa irra 1


dhiiraa fi dubartii ta’an gidduutti caalaa carraa tajaajila
gama barnootaa, tajaajila argachuu fi murtii diinagdee
hawaasummaa fi murtii keessatti dubartoota
diinagdeen garaagarummaan ni duursuu ni qabu 2
jiraa? b) Warreen dhiiraa irra caalaa
carraa tajaajila argachuu fi
murtii diinagdee keessatti
dubartoota waan duurasan
fakkaata. Haata’u malee, 3
gargaaraummaan jiru hagas
mara guddaa miti.
c) Tajaajila argachuuf murtii
diinagdee dabarsuu irratti
loogiin dhiiraa fi dubartii
gidduu hinjiru.

Tuulii qorannaa Saaxilamummaa Diinagdee Maatii Guutuu


Marii fi daawwannaa haala mana keessaa erga xumurteen booda, osoo maaticha biraa
hindeemin yookin akkuma manaa baateen, doomeenii saglanirratti hundaa’uun maaticha
madaali. Dhimmoota tokkoon tokkooniif qabxii 1-3 kenni. Dhimmoota hunda haala giddu-
galeessaa hawaasa yookan ganda keessan keessa jiruun walbira qabuun madaali. Kun gaaffilee
hundaaf dirqama. Qabxiilee shalaguuf gaaffileen hundi guutamuu qabu. Gaaffiin tokkollee osoo
hindeebi’in yoo hafe, akkaataa ulaagaaleen maatiif qabxii kennuun rakkisaadha.
Ibsa bu’aawwan qorannaa Saaxilamummaa Diinagdee Maatii
Gaaffileen 25 tuulii qorannaa Saaxilamummaa Diinagdee Maatii keessa jiran qabxii isa xiqqaa
25 (garmalee saaxilamoo) hanga qabxii guddaa 75 (xiqqoo kan saaxilaman) kennisiisu.
Daangaan qabxiin sadarkaa saaxilamummaa tokkoon tokkooniif kennaman ibsa isaanii waliin
kan itti aanu kana:
Sadarkaa Saaxilamummaa Daangaa Qabxii

Hiyyeessa 25–45

Kan qabsaa’aa/dhama’aa jiran 46–57

Guddinaaf kan qophaa’an 58–75

You might also like