Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 101

SIDDII FAYYAA

KITAABA FAYYAA (AFAAN


OROMOON)

BARATTOOTA MANA BARNOOTAA BULTII ADDAA WMON


KAN QOPHAA’E
2023-2024
WAA’EE KITAABA KANAA

KITAABNI KUN KITAABA ODEEFFANNOO SABA KEENYAAFI SABA


AFAAN KANA FAYYADAMU KAMIIFUU WAA’EE DHUKKUBOOTA
HUBANNOON CIMAAN IRRATTI KENNAMUU BARBAACHISUU GARUU

SABABOOTA GARAAGARAAN IRRATTI HIN KENNAMIIN HAAFANII


KAN HUBACHIISU,BARSIISUUFI IRRAA OF EGSISUUDHA.

Page 2
QAAMOOLEE GALATA ADDAA QABAN

QAAMOOLEE Gahee

BARSIISAA OOLAANI (MSc) Gulaaluu

Page 3
MAQAA BARATTOOTA KITAABA
KANA BARRESSUURRATTI
HIRMAATANII
1.KENNAA………………………………………………………….KUTAA 12

2.DAANI’EEL ……………………………………………..........KUTAA 12

3.NAAFYAAD……………………………………………………..KUTAA 12

4. FEENAAN SHUMATAA ……………………………….KUTAA 11

5. OLUMAA ABARRAA………………………… ….……….KUTAA 11

6. SALAAMAAWIIT MAKONNIN ………………….…..KUTAA 11

7.MEETII GARBAA……………………………….………..….KUTAA 11

QABIYYEE

SEENSA......................................................................................................................................... 1-8

Page 4
BOQONNAA 1 (SAMMUU) ............................................................................................
Dhukkuba Libaabee......................................................................................................................................11
Gaggabsoo(Ipilipsii).....................................................................................................................................11
Saalessa Sammuu(Ootizimii).......................................................................................................................12
Dhangala’uu Dhiigaa Sammuu Keessaa(Istirookii)........................................................................................11

BOQONNAA 2(ONNEE)………………………………………………………………………………………………
Dhibee Valvii Onnee.....................................................................................................................................11

BOQONNAA 3(GARAACHAAFI TIRUU)...........................................................................18


Dhukkuba Gaastiroo- Intestinaalii(GI)…………………………………………………………………………..………………………………….8

Dhibee Sukkaaraa.......................................................................................................................................19

BOQONNAA 4(Kalee)…………………..................................................................................................22
Infeekshinii Ujummoo Fincaanii...................................................................................................................23
Dhukkuba Dhagaa Kalee...............................................................................................................................24

Page 5
SEENSA KITAABAA
Uummanni Oromoo bara duriirraa kaasee aadaa, duudhaa, seenaafi seera mataa
isaa qopheeffatee, ittiin bulaa uummata guddaa har’a irraan gahedha. Uummanni
guddaan kunis egaa Sirna Dimokiraatawaa Gadaa jalatti erga buluu jalqabee
waggoota hedduu lakkoofsisee jira. Bulchiinsa isaa keessattis akkaataa
uummanni isaa fayyaan jiraatu karaalee aadaa ta’an hedduudhaan agarsiisee
dhalootaaf dabarsee jira. Kana keessattis wantoonni akka qoricha aadaatti
fudhataman gahee guddaa qabu. Qorichoota aadaa kan jennu biqiloota irraa qofa
kan argamu osoo hin taane wantoota uumamaan lafa kanarratti mul’atan kan akka
volkaanoo fik.k.f irraa ta’uu danda’a. Wantoonni kun egaa osoo saayinsiin bira hin
gahiin uummanni kun kan mirkaneessee uummatasaaf kennaa ture yemmuu ta’u
har’as saayinsiin bu’aa qabeessummaa isaanii kan mirkaneessedha. Kanarraa kan
hubachuu dandeenyu uummanni oromoo aadaafi seenaan qofa osoo hin taane
saayinsiidhaanillee uummata guddaa akka ta’edha. Nutis kana hubachuun
karaalee ammayyaan qofa osoo hin taane karaa aadaanillee wantoota muraasa
ilaaluudhaan namoota biroof kana irratti akka hojjetaniif kaka’umsa akka ta’uuf
qorichoota karaa aadaatiin argaman akkasumas waa’ee dhukkuboota beekamoo
ta’an hamma danda’amaa ta’e ilaaluuf ni yaalla.
HURKA(STEAM)
Akkuma beekamu addunyaarratti bishaan hoo’aafi danfaa lafa keessaa bahu
tajaajila fayyaaf oolfachuun uummata biratti baramaadha. Kunis dhukkuboota
garagaraa gogiinsa qaama waliin walqabataniif furmaata yoo ta’u, oromoonis bara
duriitii kaasee kan fayyadamaa tureefi ammas kan fayyadamaa jiruudha.
Hurki bishaanii kunis yeroo ittiin dhiqatan dhukkuboota narviin waqabatan, asmii,
dhukkuba qorraa, dhukkuba maashaalee waliin waqabataniif furmaata yoo ta’u
oromiyaanis bakkeewwan akkanaa kan hurki bishaanii lafa keessaa bahu hedduu
qabaachuudhaan beekkamtuudha. Akka fakkeenyaattis hurka bokkuufi soodaree
naannoo sulula qiinxamaa guddaa keessatti argaman fudhachuun ni danda’ama.
Karaa biraan shamarran oromoos hurka kana bareeduma isaaniin eeggachuuf kan
itti fayyadaman yemmuu ta’u keessattuu godinoota walloo, Gujiifi Booranatti
March 1, 2023

hedduu beekamaadha.
HARMA GUUSAA
Qorichoota Oromoon durii kaasee itti dhimma ba’aa ture keessaa tokko harma guusaa yoo ta’u,
kunis tajaajila garagaraaf kan ooluudha. Faayidaasaa muraasa keessaa inni duraa akkuma
maqaansaa ibsu daa’imni harma haadhaa hoodhuu akka dhiistu gochuuf harma haadhaa kan
diban yemmuu ta’u kun immoo dhibeewwan akka mastitis (dhibee haarma gubuufi yeroo
dheeraa haarma hoosisuurraa kan dhufu) haambisuuf gahee olaanaa qaba; inni kaan ammoo
bifa dhugaatii garaagaraan qophaa’uun akka dawaa dhibee sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaafi
kooleestiroolii ittisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

ADDAANUU
Addaanuun gosoota dhadhaa dibataaf oolan keessaa tokko yoo ta’u, kunis dhukkuboota
bowwoo mataafi gogiinsa buqqee mataa ittisuuf ummanni oromoo durii kaasee kan
fayyadamaa tureefi ammas kan fayyadamaa jiruudha.

Warra adiin addaanuun dibatoota keemikaalawoo kan bakka buusu yemmuu ta’u kun ammo
addaanuun wanta orgaanikii ta’uusaatiin warra faranjiin iyyuu akka filatamu isa godheera.

ILKEE KANNIISAA
Kanniisni akkuma beekamu ilbiisa dhala namaaf faayidaa olaanaa kennuun beekamtuudha.
Kunis nyaata/damma isheen qopheessitu irras darbee faayidaalee garagaraa dhimma
qorichaan walqabataniif ilkeen ishii ni oola.

Sabni oromoos kana hubachuun durii kaasee afoolasaa keessattis dabalatee


barbaachisummaa kanniisaan hiddamuu ni dubbatu. Daa’imman isaaniis nihiddisiisu. Kunis
qaamni namaa farra dhibeewwan vaayirasiinfi baakteeriyaan dhufanii akka qopheessuuf,
summiin isaanii akka unkaatti gargaara; kanamalees, ijoolleen xixxiqqoon akka dhukkubbiitti
ganamuumaan baran isaan gargaara.

LAPHEEN BU’UU
Baay’inaan rakkinni kun kan mudatu daa’imman irratti yoo ta’u, yaala ammayyaanis baqaqsanii
waldhaanuu yoo ta’e malee kan furmaata hin qabneedha. Haata’u malee, hawaasni keessaa
dhufne kun rakkina kanaafis furmaata mataasaa qaba; Kanaanis lubbuu ijoolleesaa hedduu
baraarrateera. Kunis namoota ogummaa kana qabaniin sabbata gara laphee jalatti hidhuun
kan raawwatu yoo ta’u; kanas namni ogummaasaa hin qabne gochuuf yaaluun akkaan
balaafamaadha.

Page 7
KINTAAROTA
Kintaarotni dhiitoo xixiqqoo yeroo baay’ee wanta garmale hoo’u yookaan qorru irra kan teenyu
yoo ta’e qaama keenyarratti kan ba’uu yoo ta’u; gama yaalaanis furmaanni yaalaa dhumaa isaa
isa kana kan jedhu amma har’aatti biyya keenya keessatti kan hojiirra hin oolleedha.Kanaafis
hawaasni keenya akka furmaataatti akka dhiigni achirraa hin facaane godhanii gubuun akka
furmaataatti fudhatama. Malli kunis dhibbantaa irra caalu bu’a qabeessa ta’uun uummanni
Oromoo ittiin baatuu qaamaa kana ofirraa ittisuuf itti gargaarama jira.

MANCARROO

Mancarroon tuqaawwan adii ta’an fuularratti mul’achuu yoo ta’u, kanaafis fangasiin akka
sababaatti eerama. Rakkoon kunis irra jireessaan daa’imman irratti kan baay’atu yoo ta’u
uummanni oromoos wantoota naannoo isaatti argatuun dursee rakkoo kanaaf furmaata
dhahateera. Kunis baala biqiltuu shokonotaafi kussaayee jedhamaniin kan qophaa’u yoo ta’u,
erga fuulatti rigataniin booda guyyoota muraasa gidduutti addeenya kana fuularraa kan
balleessuudha.
- Warreen armaan oliitti ilaalle dabalataan biqiloota karaalee aadaatiin uummata Oromoo
bal’inaan fayyadan, dhukkuba isaan ittisaniifi qaama biqilichaa itti fayyadamamu
akkaataa itti fayyadama isaanii waliin wal qabsiisnee haa ilaallu.

Maqaa Biqilootaa Dhibee ittisuuf Qaama Akkaataa itti

gargaaru biqilaa fayyadamnu

fayyadamnu

1. Burtukaana Garaachaafi Qola Fuunfachuufi

Madaa gogaatti dibachuu


March 1, 2023

2. Waddeessa Dhibee Gogaa Hidda Daakanii

dibachuu
3. Tamboo Summii Bofaaf Baala Aarsanii

ulachuun/fuunfachuu

4. Eebicha Raammoo Baala Bulbulanii

Mar’immaanii, dhuguudhaan/Ilkaani

Kaansarii in rigachuun

5. Heexoo Raammoo Minnii Firii Bulbulanii

dhuguudhaan

6. Xoosinyii Garaacha, Asmiif Baala Danfisanii

Qufaa dhuguudhaan

7. Hargisa Madaaf Dhiitoo Baala Dhangala’aa

baala keessa jiru

dammaan makanii

dhuguu/dibachuu

8. Dhumugaa Dhibee fincaan Baala Daakanii dhuguun

simbira halkaniin

dhufu

9. Bakkanniisa Kintaarotii Soloqqee/ Daakuusaa foon

qola waliin makuun

nyaachuu

10. Qobboo Raammoo Hidda ykn Daakanii

Page 9
Mar’immaanii sanyii bishaaniin makuun

dhuguu

11. Ulaagaa Dhiiga addaan Baala Sukkuumuudhaan


kutuuf bakka dhiigutti
cuunfuu
12. Hiddii Funuuna Baala Cuunfanii
funyaanitti cuunfuun
13. Qullubbii Adii Busaa Hunda Zinjibila waliin
walitti makuun
fayyadamuu
14. Paappayyaa Garaa kaasaa Firii Damma waliin
walitti makuun
fayyadamuu
15. Hagamsa Cophxoo, Hidda Farsoon walitti
dhukkubbii mataaf makuudhaan dhuguu
garaacha
16. Dabaaqula/Buqqee Cophxoofi Firiifi baala Ija isaa daakuun
dhibee garaachaa bishaaniin bulbuluu
17. Hancabbii/ Mata dhukkubbii Baala Sukkuumanii
Damaakasee fuunfachuu
18. Hanfaarree Dhukkubbi ija Baala Sukkuumanii itti
looniif cuunfuudhaan
19. Odaa Dhibee tiruu Soloqqee/ Gogaatti
qola sukkuumuun
20. Andoodee Saayinasiif - Baala - Baala isaa
dhibee tiruu - Ija tumuu
- Ija isaammoo
bishaaniin
bulbuluu
21. Buna Garaa kaasaa Firii Daakanii
dammaan walitti
makuu
22. Loomii Madaa Soloqqee/ Daakanii
qola bishaanitti bulbulanii
dhuguun
23. Cilaaddama Dhibee Baala Sukkuumanii
garaachaa dhuguun
March 1, 2023

24. Zinjibila Qufaa/ Jirma Qullubbii wajjin


Infuleenzaa waliin makuun
25. Asaangira Dhukkuba Baala Sukkuumanii
ilkaaniifi dhiitoo dhadhaa wajjin waliin
makuun
26. Ulmaa’ii Dhibee gogaa Baala Sukkuumanii
dibachuun
27. Baargamoo Adii Qufaa Baala Danfisanii
fuunfachuun
28. Abasuuda Gurraacha Mata dhukkubbii Firii Daakanii
bulbuluun
29. Laaftoo/Doddota Ucubaa Baala Daakanii
dibachuun
30. Adaamii Dhibee Qola Gogsanii
mar’immaaniifi daakuudhaan
cophxoo bishaan waliin
bulbuluun dhuguu
31. Baargamoo Olka’iinsa Baala Affeelanii
/Dhibbaa dhiigaaf dhuguufi
Hurka isaa
ulachuu

Page 11
BOQONNAA 1
SAMMUU
March 1, 2023
Sammuu

Dalagaan qaama keenyaa tokkoon tokkoon isaa qaama olaanaa ittiin hoogganamu niqaba.
Adeemsi hargansuu irraa kaasee hanga bullaa’insa soorataa, raabsi dhiigaa hanga sochii
qaamaa, dalagaaleen qaamolee miiraa, sirni usaansa, sirni walhormaataa, sirni narvii,
madiinummaan qaamaafi adeemsawwan qaama keenyaa tokko osoo hinhafiin qaama ijoo
‘Sammuutiin’ to’atamu. Sammuun keenyi ergaalee karaa narviitiin daddarbaniin qaamolee
biroo faana kan walquunnamu yeroo ta’u, ergaaleen kunis bifa elektrikaalaa akkasumas
kemikaalaan darrbuudhaan taateewwan qaama keessaafi alatti taasifamaniif qaamni keenyi
deebii akka kenninuuf nu gargaaru.

Page 13
Sammuun dhala namaa kunis sammuu bineeldota biroo irraa caasaa adda isa godhu hedduu
qaba. Adda addummaan caasaa kanaas amalli akkasumas deebiin namni naannoo isaaf
kennu akka garagara ta’u taasisee jira. Daa’imni tokko yeroo dhalatutti narvii umurii isaa
guutuu itti fayyadamu qabatee dhalata. Sababni seeliin narvii akka seelota biroo yeroo du’utti
haaromfamee bakka buufamuu hin danda’u. Garuu hammuma ijaarsiifi guddinni qaamaa
dabalaa deemuun seelonni narvii kun wal qabachuudhaan saayinaapsii (synapse- bakka
duwwaa seelota narvii garagaraa lama gidduutti argamu, kan seeliin narvii akka wal qabatan
akkasumas ergaa akka walii dabarsaniif karaa ta’uun gargaaru) hedduu akka uumamu taasisu.
Wal qabatiinsi narvootaa kunis sababoota garagaraan dhiibbaan kan irra gahu yeroo ta’u
adeemsi kunis ijaarsa sammuu keenyaa keessatti karaa gaariifi badaatiin dhiibbaa geessisuu
danda’a.

Sammuun dhala namaa akka bineeldota biroo caasaa qophaa’ee xumuramee hojii jalqabutti
kan uumame miti. Kanamannaa, deemsa yeroo keessa beekumsa argatuun of ijaaruudhaan
kan addunyaa faana wal baruun uumamedha. Deemsa kana keessattis sammuun keenyi
beekumsa argatuun muuxannoo kuufachuudhaan, taateewwan addunyaa keenyarratti ta’aniif
deebii kenna. Yeroo Muuxannoo kuufachaa deemu kanas, narvoonni qaama keenyaas wal
qabachaa deemuudhaan hamma yeroo bara ga’eessummaati deemsa kanaan itti fufu. Umurii
kana booda garuu jijjiiramni narvii ijoon mul’atu hedduun hin jiraatu. Yaada kana fakkeenyaan
deeggaruuf, Mee nama Oromoo ta’e tokko haa fudhannu. Nama kana gara bakka biraa kan
afaan, aadaafi duudhaa uummanni Oromoon hordofurraa adda ta’e qabutti osoo geessinee
yeroo turtii muraasaan booda afaan uummata sanaa akkuma afaan isaatti itti fayyadamuu ni
jalaqaba. Dhimma kana osoo gara bineeldota birootti fidnee daangaa ni qabaata. Bineeldonni
hedduun hamma jechuun danda’amutti afaan isaan baratan tokko hin jiraatu. Garuu,
bineeldonni tokko tokko kan sanyii ykn DNA namaa faana walfakkeenya qabaatan, hammi isaa
baay’ee daanga’aa ta’us jechoota muraasa barachuu danda’u. Karaa afaan baruutiin qofa osoo
hin taane haala qilleensaa haaraa keessattis sammuun namaa kan bineeldota biro faana yeroo
madaalamu haala salphaa ta’een itti baree keessa jiraachuu ni danda’a. Kun kan nutti mul’isu
sammuun namaa odeeffannoo arge kuusee itti fayyadamuu irratti jabaa akka ta’edha;
akkasumas, sammuun keenyi yeroo waan haaraa barutti narviiwwan keenya wal qunnamtii
narvoota biroo waliin qaban dabaluudhaan boca sammuu keenyaa nijijjiiru.
March 1, 2023
Sammuun namaa adeemsa tirannaa keessa darbee, boca amma irraa jirurra gahuu isaa
saayintistoonni ragaalee garagaraatiin ni ibsu. Adeemsa tirannaa (Evolution) namaa irraa akka
hubachuu dandeenyutti sammuufi a’amni(jaw) namaa hammaan guddachaa akka deemudha.
Kana hubachuuf guddina sammuufi a’ama(jaw) dhaloota kana dura jiruufi amma jiru
madaaluun salphaa ta’a. kana jechuunis sammuun namaa dhaloota irraa dhalootatti yeroo
darbu hammaan guddachaa kan deemu yeroo ta’u, a’aan keenyi immoo xiqqaachaa deema.
Kana haala qabatamaan ilaaluuf dhaloota sadan xumuraa(Akaakayyuu, Abbaafi ilma) ilaaluun
gahaadha. Adeemsi kun adeemsa idilee ta’een yoo daddarbe sammuun akaakayyuu reeshoo
boca fuulaafi a’ama isaa kan ilmaafi abbaa irra xiqqaa ta’a. guddinni a’ama isaa immoo
lamaan isaaniirrayyuu guddaa ta’a. Faallaa kanaan ilma bira yeroo gahu bocni sammuu
guddaa yeroo ta’u a’ama immoo xiqqaa qabaata jechuudha.

Saayintistoonni hedduun kana yeroo ibsan guddinni hamma sammuu kun dandeettii yaaduu
dhala namaa faana akka walqabatu kaasu. Kanaafis qarooma dhala namaa amma irra jirruufi
baroota hedduun dura ture akkasumas gara fuulduraatti ta’uu malu akka ragaatti fudhatu.
Akkuma hundumti keenyi maddoota seenaa garagaraa irraa hubachuu dandeenyutti dhalli
namaa qarooma yeroo ammaan wal bira qabamee yeroo ilaalamu qarooma booddeetti hafaa
keessa akka ture ni ilaalla. Kunis jireenya isaanii guyyuu gaggeessuuf karaa salphaa xiinxalanii
hubachuurra karaa dheeraafi dafqisiisaa keessa hubannaa malee baroota hedduu darbuu
isaanii akkasumas illee yaadota booddeetti hafootiin amananii akka bulaa turan ni ilaalla.
Dabalataan wantoota saayinsiifi teknooloojiin walqabatan irratti hubannoo hagana jedhamu
akka isaan hin qabneefi fayyadamaas akka hin ture waan ifa jirudha. Kuni garuu ammarratti
furamuurra darbee kalaqaafi yaadota ajab nama jechisiisan bira gahee jira. Akka fakkeenyaatti
wantoota naannoo keenyatti argaman kaneen akka kompiyuutaraa, konkolaataa(kan ofiisaatiin

Page 15
deemu)fi xiyyaara fudhachuu nidandeenya. Fakkeenyonni kun fakkeenyota kalaqa ilma namaa
sasalphoo kanneen naannoo keenyatti ilaaluu dandeenyudha. Kanarra darbees immoo
yaaliiwwan ammarratti adeemsifamaa jiran kanneen gara fuulduraatti qabatamaan ilaaluuf
carraa olaanaa qabnus deemsarra jiraachuu isaanii hubachuu ni dandeenya. Fakkeenyaaf
dhaabbilee saayinsii hedduun jireenya lafa kanarra darbanii pilaanetoota biro irra jiraachuuf
qophii isaanii gara xumuruurra jiru. Akkasumas immoo dhalli namaa wanti du’a jedhamu lafa
kanarraa baduu qaba jechuudhaan, qoricha du’aa argachuuf deemna jechuudhaan yaaliiwwan
du’a hambisuu danda’anirra jiru. Sababa kana bu’uura godhachuun saayintistoonni hedduun
guddinni sammuu dhala namaa dandeettii xiinxalanii yaaduu faana walqabata jechuudhaan
ragaa isaanii dhiyeeffatu.

Faallaa kanaan immoo yaada “Guddinni sammuu dandeettii xiinxalanii yaaduu faana
walqabata.” jedhu kana saayintistoonni mormanis muraasa miti. Isaanis yaadni kun
dogongora ta’uu isaa ragaalee mataa isaanii ni dhiyeeffattu. Ragaalee isaanii keessaa inni
tokko sammuu dhala namaa sammuu bineeldota biroo kan hammaan guddaa ta’e wal bira
qabuun ibsu. Kanaafis yaada isaanii yeroo cimsatan, bineeldonni hedduun kanneen akka
qurxummii weeliifi arbi guddinni sammuu isaanii kan ilma namaa waliin wal bira qabamee
yeroo ilaalamu baay’ee guddaadha. Garuu dandeettiin xiinxalanii yaaduu isaanii kan namaatiin
gadidha. Kanaaf gaaffiin isaan kaasan guddinni sammuu dandeettii yaaduu faana erga
walqabatee maaliif kan bineeldota kanaa xiqqaa ta’e kan jedhudha. Yaadni biraa
saayintistoonni kun kaasan immoo dandeettii xiinxaluu dhiiraafi dubaraa wal bira
qabuudhaanidha. Sammuun dhiiraa hammaan kan shamarraniirra dhibbantaa 11 (11%) ol
guddaa akka ta’edha. Haa ta’u malee shamarran murtee tokko xiinxalanii murteessuudhaan
dhiira faana kan wal bira qabaman miti. Dhimmoota garagaraa wal qabsiisanii xiinxaluu irratti
dandeettii dhiira irraa fooyya’aa ta’e qabu. Kana yeroo jennu shamarran hundi karaa kanaan
dhiirota hunda ni caaluu jechuu keenya miti. Dhiironni dandeettii xiinxaluutiin shamarran
caalan lakkoofsa hin qabani. Yaada ijoo ta’an lamaan kana qabachuudhaan saayintistoonni
kun yaada “Guddinni sammuu dandeettii xiinxaluu faana walqabata.” jedhu hedduu mormu.
Kan ta’e ta’ee dhimmi kun qorannaa deemsarra jiruufi hanga ammaatti hin xumuramnedha.

Jireenya guyyuu gaggeessinu keessatti qaamni keenyi jijjiirama hanga kana hin jedhamne
taasisa. Garuu jijjiirama kana namni hagas mara quba hin qabaatu. Jijjiiramoonni nuti taasisnu
kunneenis turtii yeroo sekondiiwwan muraasaatii hanga waggoota hedduutti gargar ta’uu
March 1, 2023

danda’a. Fakkeenyaaf namni tokko guyyaadhuma tokko keessatti ho’ina qaamaa garagaraa
qabaachuu ni danda’a. Dabalataanis sababa giraavitiidhaan dheerinni namaa kan isa sirrii
(real) ta’e irraa gabaabbatee argina. Akkasumas dheerinni namaa ganama yeroo hirribaa
ka’uufi waaree booda qabus wal fakkaataa miti. Ganama sababa ligaamentiiwwan qaama
keenyaa amala wal harkisuu waan qabaniif hammi isaa baay’ee xiqqoo taatus dheerina guyyaa
qabnurraa ni dheeranna. Dabalataanis marsaa ji’oota afurii keessatti seelonni dhiiga diimaa
keenyaa guutummaan guutuutti seelota dhiiga diimaa biraatiin bakka bu’aa adeemu. Seelonni
gogaa keenyaas torbeewwan muraasa keessatti seelota biraatiif bakka gadhiisaa darbu.
Adeemsa akka kanaa keessa darbee turtii yeroo waggaa torba (7) keessatti atoomonni qaama
keenyaa guutummaan guutuutti atoomota biroof carraa kennu. Kana jechuun qaamni kee har’a
irra jiruufi kan waggaa torba booda qabaattu qabiyyee wal fakkaataa tokkoyyuu hin qabu
jechuudha. Kanaafu dhalli namaa guyyaa guyyaatti jijjiiramaa deema jechuudha. Jijjiiramoonni
xixiqqoon kunis walitti dhufanii jijjiirama guutuu qaama keenyaaf sababa ta’u. Sababa
jijjiiramoota kanaanis hubannaan sammuun keenyaa yeroo yerootti garagara ta’uu ni danda’a.
Hubannaalee garagaraa kana keessaas kanneen sammuun keenyi uumu muraasa isaanii haa
ilaallu.

Inni jalqabaa fakkeessa dogoggoraa (illusion) nama Akiyoshi Kitaoka jedhamuun qophaa’edha.
Namni kunis piroofeesara xiinsammuu yemmuu ta’u, fakkaattii dogongoraa armaan gadii kan
sammuun keenyi uumu ibsee jira.

Page 17
Akkuma armaan oliitti ilaallu, fakkiin kun kan sochii geengoorra jiru fakkaata haata’u malee
fakkiin kun sochiirra kan jiru miti. Kana dabalataan mee fakkii armaan gadii ilaallee haa
xumurru.
March 1, 2023
Fakkii armaan olii yeroo ilaallu kan sochiirra jiru nutti fakkaachuu danda’a garuu Sochiin kun
kan sammuun kee mataa isaatti uumaa jiru malee kan dhugumaa sochiirra jiru ta’ee miti.

Fakkiilee armaan oliirraa akka hubannutti sammuun keenyi wanti kaasu/uumu hundi sirriidha
jechuun hin danda’amu. Sammuun keenyi addunyaa ala jiru faana kallattiin kan walquunname
waan hin taaneef ergaa karaa qaamolee garagaraan argata. Ergaan kun immoo kan jeeqame
ta’uu ni danda’a. haa ta’u malee qo’annaan sababa kanaa ammas deemsarra kan jirudha.
Kanaafis fakkaata saayinsiin narvii (neurology) xaxamaafi hanga ammaatti kan hin
xumuramnedha.

Walumaagalatti, sammuun keenyi qaama olaanaa abbummaan qaamolee biroo kan to’atuufi
ulaagaalee adda addaan kan bineeldota biro irraan adda ta’edha. Ajajaan qaama keenya maraa
kunis yeroo yeroon addunyaa ala jiru faana kan walbaru malee kan dalagaaf qophaa’ee
xumurame miti. Adeemsa amma jiruunis sammuun keenyi wantoota haaraaf caalaatti kan wal
baraa deemaa jiruudha. Kunis sammuun keenya darbaa kan dhufeefi ammas darbaa akka jiru
nutti mul’isa. Waa’ee sammuu hanga kana erga jennee gara dhukkuboota sammuu keenya
miidhan ijoon muraasni eenyu fa’a akka ta’an ni ilaalla.

Page 19
DHUKKUBA
-LIBAABEE
(IPPILIPSII)

Maalummaa dhukkuba ippilipsii


Dhukkubni ippilipsii garee dhukkuba hindaddarbineefi jeequmsa sirna narvii jalatti ramadaman
keessaa isa tokkodha.Dhukkubni ippilipsii kan sirna narvii jeequu danda'u sochii elektrikii
sammuu keenya keessa jiruu miidhuun akka ta'ee ni himama.Sochiin elektriikii kuun maali?

Sochiin elektriikii sammuu keessaa, odeeffannoon narviiwwaniin biifa elektriikiifi


keemikaalawaan narvii tokkorraa gara biraatti yeroo daddarbu taatee(sochii) ta’uu agarsiisa.

Dhukkubni kun amala qabu keessaa tokko mataa namaa naanneessuu (bowwuu) yoo ta'u
kunis turtii yeroo gabaabaaf yookaan dheeraaf turuu danda’a. Sababni guddaan akka
ippilipsiin uumamu godhu sochii jeequmsa niiwroonii (abnormal neuronal activity) kan
haguuggii alaa sammuu (cortex of the brain) keessatti argamanii akka ta'e ni himaama. Kunis
kan mirkaana'uu danda'e meeshaa elektrooinsiifaaloogiraafii(electroencephalography)
jedhamuunidha.Meeshaan kun,saayintiistii biyya Jarman Haansi Bargar jedhamuun kan
uumame yeroo tahu, meshaan kunis narviiwwan gidduutti waljjijjiirraa odeeffannoo
eleektiriikaalawaa yeroo geggeeffamu, si’a tokko odeeffanoon baayyeen darbuun;yeroo kaan
March 1, 2023

ammoo odeeffannoon darbuu qabu osoo hindarbiin haafuusaa shallaggiin agarsiisuun, sababa
ka’umsa libaabee qorattoota hedduu biratti hibboo tahee tureef, furmaata yeroo jalqabaafi
dhumaaf kan keenne ture.
Walumaagalatti, dhukkubni ippilipsii kan uumamu jeequmsa sirna narviin (disorder of the
nervous system) yommuu ta'u kunis namoonni akka ofwallaalanii kufan (unconscious) kan
godhudha..

Ka'umsa dhukkuba ippilipsii


Ka’umsi dhukkuba Ippilipsii gurguddoon jalqabbii dhibee kanaaf sabababa ta’uu dandaa’an
lamadha. Isaanis:

1. Sanyii(genetics)

Gosoonni ippilipsii tokko tokko sababa miidhamuu sanyii (gene) tokko qofaan uumamudanda'u.
Haata'umalee, carraan kun itti uumamu baay'ee xiqqoodha. Innis dhibbentaa (1-2%) akka ta’ee
ni tilmaaamama.

Page 21
Karaa inni biraan immoo, dhukkuba Libaabee lakkuu irratti mul’atudha.kunis lakkuuwwan
sunneen, walfakkaachuu isaaniifi dhiisuu isaanii irratti hundaa'a (identical and non-identical
twins).Yoo lakkuu walfakkaatan (identical twins/fakkii jalaqabaa ilaali/) ta’an carraan
qabamuu isaanii guddaadha. Kunis 50-60% ta’uu danda'a .Lakkuu walfakkaatan yoo hintaanee
(non identical twins/fakkii armaan olii isa lammaffaa ilaali/) garuu, carraan qabamuu isaanii
15% qofadha.Sababni isaa haaga yoonaatti ifa bahee kan hinjirre ta’us,beektoonni hedduun
kan irratti waliigalan, yeroo sanyiin dhiiraa tokko sanyii dhalaa tokko wajjin walqunnammu
niwukilasiin tishuu umamee bakka lamatti yoo qoodame, lakkuuwwan walfakkatantu
March 1, 2023

uumamu.Kana jechuun fakkeenyaaf,yoo sanyiin dhiiraafi sanyiin dhalaa dhibee kana qaban
walqunnaman, carraan lakkuuwwan uumaman lamaan dhukkuba kana qabaachuu isaani ni
dabala; sababni isaas lamaanuu sanyii dhalaafi dhiiraa tokkorraa waan uumamaniifi.Karaa
biraatiin yoo lakkuuwan wal hinfakkaannetu uumamame ta’ee garuu, sababa sanyii dhiraafi
dhalaa garaagaraarraa uumamaniif carraa lamaan isaanii si’a tokkootti qabamuu ni hir’ata.
2. Libaabeen qabamuun (Acquired Epilepsy)

Kunis kan muudatu yommuu namni fayyaan tokko sababoota armaan gadiin kan ka’e
dukkubichaan qabamudha. Sababoonni kunis kanneen akka :-

 Xannacha (tumor):- Tishuu walitti kuufamiinsa seelii sirrii hintaaneen (abnormal cell)

uumamudha. Kunis 30% dhukkuba Libaabeef nama saaxila.

 Dhiiga sammuu keessatti dhangala'e (stroke)…….....(2-4)%.

 Jeequmsa sammuu mataa (head trauma) fakkenyaaf: Mataatiin kufuudhaan.............(6-

20%).

 Infeekshinii Sammuufi Lafee Dugdaan (central nervous system)

dha……………………………………………………..(50%).

Mallattoo Ipilipsii (sign and symptoms)


 Mallattooleen dhukkuba kanaa baay'eetu jiru isaan keessa muraasni :-

 Dafanii dadhabuufi kufuu

(fainting and fatigue)

 Yaadachuu dadhabuu (memory

loss)

 Boowwoo mataa (headache)

 Dhiphina ykn mukaa'uu

(depression)

 Hirriiba humnaa olii (excess

sleepiness)

Page 23
 Humnaa ol kottoonfachuu

maashaa (muscle contraction

and muscle spasms)

 Fajajuu (staring spells)

 Sodaa (anxiety)

 Laamsha’uu (paralysis) fi k.k.f

dha.

Rakkoolee Ippilipsiin Geessisu


 Rakkoon ippilipsii ilmaan namaa irratti geessisuu danda’u hedduudha.Akka fakkenyaatti

rakkoolee armaan gadiitti tarreeffaman ilaaluu dandeenya;isaanis:

 Rakkoo balaa tasaa (accident).

 Rakkoo yeroo ulfaa fi da'umsaa (pregnancy).

 Rakkoo xiinsammuu (psychological difficuty).

 Sababa dafanii irraanfachuun kanka’e rakkoo barnoota seeraan hordoofuu

dhabuu.

 Rakkoowwan sirna hargansuu fi k.k.f dha.

Yaalii (diagnosis)
March 1, 2023

 Meeshaleen ipilipsii qo'achuuf (yaaluuf) nu gargaaran hedduutu jiru. Isaan keessaa

warri ijoon:
- Elektroo-inseefaaloogiraamii(electroencephalogram):-sochii dambalii (wave) sammuu
ilaaluuf.

- Maashinoota Niiwuronii ilaaluuf gargaaran (neuroimaging) tiin yaaliwwan garaagaraa


niraawwatamu.

Akaakuuwwan ippilipsii (types)


Akaakuuwwan ipilipsii gurguddoon afurtu jiru. Isaaniis:-

1. Fookaalii(focal)

2. Waltaawa (generalized)

3. Qindaa'inaa fookaalii fi waltaawa

4. Kan hin beekamne (unknown) jedhamuun qoodamu.

1. Fookaalii(focal epilepsy)

- Namoonni dhukkuba ipilipsii fookaliidhaan qabaman qaama sammuu isaanii tokko qofatu
miidhame jechuudha.

Mallattoo :- - Garaa isaanii keessa miira dhukkubbii ittii dhaga’amuu

- Gochaa tokko tokko osoo hin beekiin raawwachuu

- Gochaa raawwanne itti deddeebinee raawwachuu

2. Waaltawaa (generalized)
- Namnii dhukkuba ippilipsii waltaawa dhaan qabame tokko, nama qaamni sammuu isaa

bitaa fi mirgaa lamaanuu al-tokkotti miidhamedha.

Mallattoo:- - Dadhabbii qaamota ala nafaa

- Sochii maashaa ajajaa malee

- Deemsa keessa akka tasaa dhaabachuu.

- Ijaa daddafanii libsachuu fi k.k.fdha.

Page 25
3. Qindaa’ina fookaalii fi waltaawa

Goosti Libaabeen kun amala akaakuuwwan lamaan kana dura ilaallee qaba. Yeroo kana
kallattiidhaan, ogeessa Fayyaa mari'aachiisuun dirqama ta’a.

4. Kan hin beekamne (unknown epilepsy)

- Yoo ogeessonni fayyaa akaakuu/amala dhukkuba kanaa adda baasuu dadhaban 'Unknown
Epilepsy' jedhama.

Maloota ittisaa (prevention)


Dhukkuba ippilipsii irraa of eeguuf maloota armaan gadii fayyadamuun filatamaadha. Isaanis:

-Balaan sammuurra akka hin geenye gochuu.

- Of eegannoo cimaa yeroo da'umsaa gochuu.

- Maxxantoota naannoo kanneen akka'pork tapeworm'irraa of eeguu .

- Ameerikaa keessatti maxxantuu (parasite)'pork tapeworm' ajjeesuun qofa

dhukkuba ippilipsii (50)% hir'isuun danda'aameera .

- Namootaaf gargaarsa yaalii duraa (first aid) gochuu.

- Namni dhukkuba kanaan qabame kufee daq.5(5 min)f yoo of beeku dadhabe battalatti

buufata fayyaa geesuun nibarbaachisa.

Garaagarummaan Gaggabsoofi Libaabee maali?

Mallattoolee walfakkaatan qabaachurraan kan ka’e, yeroo baay’ee Gaggabsoofi Libaabeen nomoota
hedduu biratti akka tokko ta’aanitti ilaalamu; hata’umalee, yaadni kuun sirrii miti.Gaggabsoon dhibee
sababa hir’ina dhigaan dhufuufi ka’uumsa Libaabee ta’uu danda’udha.Gama biraatiin ammo
Libaaabeen dhukkuba jeequmsa sirna narviirraa madduudha.
March 1, 2023
GAGGABSO
O

Gaggabsoon maali?
Gaggabsoon jecha medikaalaa 'syncope' jedhamuun bakka bu'a. Gaggabsoon
yeeroodhaaf of wallaaluu (dammaqinsa dhabuu) ta'ee hanqina dhiiga gara sammuu
keenya yaa'u, irraa Kan maddudha. Yeroo baay’ee kan uumamu dhiibbaan dhiigaa gadi
bu’aa (hypotension) yoo jiraatedha. Kanaafuu onneen dhiiga gara sammuuttii
raabsuutiif nirakkata.
Gaggabuun mallattoo dhukkuboota adda addaa ta'uu nidanda'a. Gaggabuun dhibbentaa
3 dhirootaafi dhibeenttaa 3.5 immoo dubartoota miidha.
Gaggabsoon carraan uumamuunsaa umurii wajjiin dabalaa adeema.Garuu, namoota
umurii hunda Keessatti mul’achuu nidanda'a. Gaggabsoon dhabamuu dammaqinsaa
jedhamuunis nibeekama.

SABABOOTA (KA'UUMSA) GAGGABSOO


Gaggabsoon sababoota adda addaattiin umamuu ni danda'a.Isaan keessaas:
1. Dhuukkuba narvii(ribuu):- Sirni narvii tajaajiloota bu'uura ta'aan akka rukkuuttaa
onneefi sirna haargansa ni too'ata.Sirni kuun miidhame jechuun ammo,dhiigni gara
Sammutti yeroo deemuu, si’aayina akka dhabuuf, carraa guddaa banuun dhibee kanaaf
nu saaxila.
2. Dhiibee onnee fi ujummoo dhigaa:- Dhibeen onneefi dhibeen ujummoo dhiigaa, dhiiga
gara sammuu gejjiibamu dhorka. Kunis Dhibee Ariitiimiyaa (rukuttaa onnee sirrii

Page 27
hintaanee), Itituu-dhiigaa somba keessatti, dhiphachuu gola onnee dhiiga raabsituu
(aorta), yookiin rakkoolee caasaa onnee wajjiin wal qabatan geessisa.
3. Haalawwan si'aayina narvii irrattii rakkoo uuman:- Haalawwan kuuniinis kan akka:
gaggabsoo fincaan fincaa'uun booda uumamu (micturition syncope), gaggabsoo dhibee
narvii irraa ka'u (glassopharyngeal neuralgia), gaggabsoo qufaa jabaa irraa ka'u (cough
syncope)fi gaggabsoo dirirsii (stretch syncope)dha.
4. Humnaa ol qilleensa afarsuu:- Kana jechuun oksijinii danuu fudhachuufi
kaarboondaayoksaayidii baay’ee baasuudha.CO2n dhiiga keessatti beezummaa dhiigaa
hir’isuuf nu gargaara; yeroo qaama keessaa dhibu akka dhiigni summaa’u gochuun
dhigni gara sammuu demuu sammuu hojii akka dagatu goodha. Namni tokkoo
yaaddoofi sodaa guddaa keessa ta'ee saffisaan yoo hargane gaggabuu danda'a.
5. Bishaan dhabuu (dehydration):- Kun ammoo bishaan baay’inaan dhuguu dhiisuu
yookiin dhangala'oo baay’ee qaama keessaa baasuun, dhiibbaan dhiigaa akka gadi bu'u
godha. Haalli qilleensaa bakka garmalee ho'aa ta'eetti bishaan baay’ee dhuguun
gaggabuu irraa nu baraara.
6. Qabachuu afuura saayinootikii (cyanotic breath holding):- Jechi saayinootik jedhu,
naannaa gogaarratti haalluu cuquliisaa uumamu agarsiisa.Yeroo baay’ee daa'imman
waggaa jaha ta'anirratti mul'ata. Halluu isaaniis gara cuquliisatti jijjiiramuu danda'a.
Kana boodas daqiiqaaf gaggabuu nidanda'u. Haalli kun garuu kan isaan too'atan osoo
hin ta'iin gocha to'atamuu hin dandeenyedha.Oksijiniin sammuu keessatti seeloonni
sammuu akka anniisaa oomishan gargaara; dhibuun oksiijiniimmoo anniisaan sammuuf
barbaachisu hir’achuun, akka sammuun sirnaan hindalagne goodha.
7. Qabachuu afuuraa paliidii (pallid breath holding):- Kun ammoo baayinaan Kan mul'atu
ijoollee jajjabaatan irrattidha. Sodaa yookiin dhibeen akka tasaa umamuun,hojii onneen
dalagu sekoondii muraasaaf akka dhaabatu ni godha. Mucaan tokko sagalee tokko
malee afaan banee achumatti gaggabuu ni danda'a. Yeroo baay’ee kun kan uumamu
mucaan sun duraan kufee yookiin sababa adda addaatiin yoo midhame dha.
8. Xiiqaachuu sukkaaraa dhiigaa:- Jecha medikaalaa 'hypoglycemia' jedhamuudhaan
beekama. Kunis mallattoolee akka dadhabuu, joonjeessuu, ija dimimmisuufi k.k.f.kan
qabudha.
9. Dhiibee sukkaaraa (diabetes):- Sukkaarri dhiiga keessatti argamu ol aanaa yoo
ta'e,sirna narvii keenya miidhuu ni danda'a. Sukkaarri dhiiga keenya keessattii argamu
March 1, 2023

hangi Isaa yoo dabale dhiibbaan dhiigaa xiqqaachuu ni danda'a. Kunis namni tokko
akka gaggabu gochuu danda'a.
10. Dhaabbachuu:- Namni tokkoo bakka taa'erraa atattamaan yoo dhaabate gaggabuu
ni danda'a. Kunis gosa gaggabuu Keessaa isa 'postural orthostatic tachycardia
syndrome(POTS) jedhamudhaan Kan umamuu dha.
11. Dhukkuboota Onnee:- Onneen miidhameefi ujjummooleen dhiigaa cufaman dhiiga
qulqullaa'ee gara sammuu geejjibamu danquu danda’u . Kun immoo uumamuu
gaggabsoof sababa ni ta'a. Kunis 'cardiac syncope' jedhamuun beekama.
12. Qufa'uu garmalee:- Qufaan baay’ee cimaafi dhaabachuuf rakkisaa ta'e oksijinii
qaamni keenya argatu hir'isuudhaan namni tokko akka gaggabu ni taasisa.
13. Alkoolii fayadamuu:- Alkoolii,qoricha seermalee fudhataman,mariiwaanaafi k.k.f.
gaggabsoon akka uumamu shoora ol'aanaa taphatu.
14. Kolleettaan (mormeen) baayyee yoo jabaate:- Kun Dhiibbaa dhiiga raabsituu
karootidii(carotid artery) dhiiga gara sammuu deemu waan dhorkuuf, gaggagbsoo fiduu
danda'a.

Mallatoolee gaggabuun dura mul'atan


• Dilallaa'uu .
• Dadhabuu.
• Dafqisiisuu.
• Locaa/lolloojjii/.
• Ciinqamuu/dhiphina.
• Dhukkubbi mataa.
• Manni keessa jiru sun naana'aa waan jiru itti fakkaachuu.
• Sagalee rukkuttaa gurra keessatti dhagaahaamuu.
• Dandeettii maashaa ofii to'achuu dhabuu.
• Haalluu jijjirrachuu gogaa.
• Fincaanifi boobbaa seraan dhabamsisuu dadhabuu.
• Afuura addaan kuutuu.
• Adooda quboota haarkaafi miilaa akkasumas hiidhi.

Erga gaggabuun mul’atee booda miirri:-


• Dhiphinaafi hoqiisiisuu itti dhagaa'amu danda'a.
• Dhukkubbii lapheefi haarganuu dadhabuu.
• Dubachuu dadhabuu.
• Dimimmisaa'uu googaa qaamaa.
• Dha'aannaa onnee suutaa dhagahamuu/mul’achuu danda’a.

AKAAKUU GAGGABDOO

Page 29
Gaggabsoo deebii battalaa(reflex syncope)
Akaakuun gaggabdoo kun irra jireessaan ykn baay’inaan kan beekamudha.Akaakuun
gaggabsoo kun kan uumamamu, qaamni keenya yeroo naannaa keenyaa, odeeffannoon
haaraa dhufu battalatti deebii kennudha. Gosti gaggabsoo kunis, dhahannaa onnee
keenyaafi dhiibbaa dhiigaa gadi bu'aa uumuu danda'u. Kunis immoo yaa'insa dhiigaa
gara sammuu xiqqeessuu danda'a. Akaakuun gaggabsoo kunis gosa sadii qaba.
Isaanis:

1. Vasoovaagaalii

2. Gagabdoo refleexii haalaa

3. Kaarootiid saynesii

1. Gaggabsoo vasoovaagaalii
Goosti gaggabsoo rifileeksii kan uumamu qaamni keenya si'eessituu addaa addaatiif
yeroo deebii kennudha.

2. Gaggabdoo refleexii haalaa


Kuni kan uumamu yeroo kofalnu, qufaanufi yeroo liqimsinuu dha.

3. Kaarootiid saaynesii
Gaggabsoon kun Kan uumamu dhiibbaan tokkoo dhiigaa raabsiituu karootidii irratti yoo
gahee dha.

Gaggabsoo onnee (carotid syncope)


Kan uumamu, dhibee onneen kan ka’edha. Onneen hojii irraa eegamu hojjachuu yoo
March 1, 2023

dadhabee, dhiigni sammuun keenya argatu ni hir'ata. Gaggabsoon dhibee onnee irraa
ka'u sababoota ka’umsa gaggabsoo keessaa dhiibbentaa 15 qabata. Carraa gaggabsoo
onneen qabamuu, sababoota dabalan keessaa: dabaluu umrii, dhiira ta'uu, dhibee onnee
qabaachuufi maatiin dhibee kana qabaachuun warra ijoodha.
Gaggabsoo Ortoo-istaatikii (Orthostatic syncope)

Gaggabsoon kun kan umamu xiqaachuu dhiibbaa dhiigaa irraan kan ka’ee dha.Sababoota uumamuu
gaggabsoo kanaa kan ta'aanis: bishaan dhabuu qaamaa,qorichoota kan dhiibbaa dhiigaa
ol'aanaa,qoricha sukkaaraa,alkoolii fayyadamuufi k.k.f.Gosti gaggabsoo kun akeekachisaa malee nama
mudachuu danda'a.

Gaggabsoo sababa hiddoota sammuu [ebrovascular


syncope)
Gaggabsoo kun Kan uumamu dhibee ujummoo dhiigaa irraan kan ka’e ta'ee, Sammuun
keenya dhiiga qulqullaa'e akka hin arganne dhorka. Sababoota kana fidan keessaas:
- Dhukkuboota Sammuufi kan isa waliin wal qabatan
- Dhukkuba hiddoota dhiigaaf ik.k.f
Mallattoolee gaggabsoo kanaan uumaman:

• Dhukkubbii mataa.
• Sochiiwwan hin qindeeffamne.
• Dhaggeeffachuuf rakkachuu.
• Joonja'uu.
- Wantoota haalli kun akka uumamu taasisan
 Dabaluu umrii
 Dhukkuboota Sammuu, Onnee fi hiddoota waliin wal qabatan.

Gaggabdoo bakkaa (postural syncope)


Gaggabsoon kun Kan umamu xiiqaachuu dhiibbaa dhiigaa akka tasaa
umamuudhaani.kunis kan umamuu danda'u jijjirama bakkaa akka tasaa
taasifamuudhaani.
Isaan keessaa irra jireessan sababbiin uumama gosa gaggabdoo kanaa, taa'aa olanii
akka tasaa ol ka'uu ykn Dhaabachaa oolanii akka tasaa taa’uufaadha.

Karaalee ittisa gaggabsoo


Gaggabsoo ittiisuudhaaf mala itti fayyadamnu keessaa:
- Iddoowwan baayyee hoo'aniirraa fagaachuufi sa'aati dheeraadhaaf dhaabbachuu
dhiisuu.

Page 31
- Mallattoolleen yoo irratti argaman gadi taa'uudhaan mataa gadi qabuu
- Miila ol kaasuu
- Dhangala'oo baayyee dhuguu
- Iddoo taa'aanirraa suuta ka'uu
- Soogidda soorata keessatti dabaluu
- Alkoolii garmalee dhuguu dhiisuu
- Sagantaa gara garaa irratti yoo mallattoon gaggabuu nuti dhagaa'amu ta'e
dhisani gadi taa'uu
- Iddoo tokkootti yeroo dheeraaf dhaabachu yoo barbaadne miila keenya
sochoosufi jilba waliiratti danqaruu dhiisuu
- Afuura si'a kudhaniif sirriitti fudhachuu
- Qoricha fudhachuu.Kessumaattu qorichoota dhibee suukkaaraa fuudhachuu.
- Yeroo dhiigaa keenninuu bishaan gahaa ta'e dhuuguufi nyaata gahaa nyaachuu
- Qilleensaa suutaan fudhachuu

Soorataawwan gorfaman
Dhangala'oo fudhachuu ilaalchiisee,bishaan baayyee dhuguun dhibee kana xiqqeesuu
danda'a. Akkasumas immoo alkoolii fayyadamuun nidhorkama.
• Callaa(midhaan)
• Itittuu
• Ocholoonii
• Baaqeelaa
• Kuduraafi muduraa
• Ruuzii
• Paastaa
• Daabboo

Soratawwan potaasiyeemiidhaan badhaadhan kan akka:


• Muuzii
• Avookaadoo
• Missira
March 1, 2023

• Qoosxaa

Sorataawwan vitaamiinii D dhaan badhaadhan akka:


• Qurxuummii
• Tiruufik.k.f dhibee gaggabsoo nurraa ittisuu danda'u.
SORATAWWAN DHORKAMAN
- Dhuugaatiiwwan alkoolii qaban.

- Dhuugaatiiwwan keemikaala kaafeenii qaban.

GARGAARSA DUURAA GAGGABSOODHAAF


GODHAMU
- Kallattii mataatiin siree gadi qabuu yookiin kallattii miilaan ol qabuu.

- Miila ol qabuudhaan dhiigni gara sammuu keenya akka deemu gochu ni dandeenya.

Qoricha dhibee gaggabsoo


Qoriichoonni dhibee kanaaf fayyadamnu
• Beta-blockers: Dadhabii Onneen, dhiiga gahaa qaama hunda gahuu haambisuuf.
• Disopyramide: Onneen dhiibaawwan garaa garaa akka dandamatu goochuuf.
• Fludrocortisone acetate: Dhiibbaa dhiigaa gadaanaa ta'e to'achuudhaaf tajaajila.

Page 33
SAALESS
A-
SAMMUU
(AUTISM)

Ootizimiin maali?
Ootizimiiin (maqaa guutuusaan Ootizim ispeektiram disorder jedhamuun dhukkubni beekamu)
dhukkuba waliin dhaha, sirna guddina sammuu namootaa kan ta’eefi hawaasa keessatti
jireenya namoota kan biroo waliin, adeemsisuuf amaloota nama tokorraa eegamaniifi ijoo
ta’aan kan akka;
 Afaaniin waliigaluu,

 Hojii ofii of danda’aanii rawwachuu fik.k.f dalaguu dhabuu nama tokkooti

Ootizimiin odeeffannoo sammuu keessatti kuufamu guutummaaan gutuutti haaquu


dhukkuba danda’udha. Kanas kan goodhu ammoo, akkaataa seeloonni narvii Sammuu
keessaa, bakka sinaapsiisii jedhamuutti odeeffannoo akka seeraan hin dabarsineefi
haarcaatiin akka uumamu goochuudhaani.
Dhukkubni kuun umrii namaa waggaa sadii irraa kaasee mullachuu danda’a.Ootizimiin
dhukkuboota sanyiin (gene) darban keessaa isa tokkodha. Haarki caaalaan namoota
March 1, 2023

dhukkuba kanaan qabamaniis, sanyiin warrarraa kan fuudhatani dha. Haalawwan


baayyee keessatti Ootizimiin wakiilawwan yeroo heedduu gannuu yeroo dhalootaa fidan
waliin hariiroo baayyee cimaa ta’e, akka qabu ni himama .Kana jechuun garuu,Ootizimiin
gadamessa keessatti qofaa, nama qaba jechuu osoo hin taane, haalawwan uumamaa
garaa garaatiinis uumamuu ni danda’a jechaa jirra.Isaan keessaas yoo haa caqasnu
jenne:

 Qoorichoota akka farra ilbisootaa,

 Qoorichoota akka farra haantuutaa,

 Talaallii yeroo ijoollummaafi,

 Sibilawwan ulfaatoo (kan akka liidii warshaaleerraa gad lakkifaman) ta’uu ni danda’a.

Kanneen keessaa haanga yoonaa kan ogeeyyiin baayyeen irratti walii hin galle,
waa’ee talaallii yeroo ijoolummaarratti dha.

Babal’iinsi Ootizimii akka addunyaa maraatti, waggaatti namoota 1000 keessaa nama 1-
2 haala yeroo irratti hundaa’uun qaba;akkasumas, si’aa afur dubartoota irra caalaa
dhirootarratti mul’ata.CDC(Dhaabanni To’annaa Dhiibeewwanii Ameerikaa) akka
gabaasetti biyyitti keessatti ijoolleen 1.5% (ijoollee 68 keessaa mucaan tokko)
Ootizimiin qabamaniiru .As biyya keenya Itoophiyaa keessattiis gara ijoolleen 500,000 ol
ta’aan Ootizimii waliin jiraachaa jiru.

SABABA (KA’UMSA) OOTIZIMII MAALI?


Sababni (ka’umsi) Ootizimiin inni sirrii haanga yoonaa hin beekamu .Garuu, yaaliwwan
hedduun akka agarsiisanitti, Ootizimiin wantoota hedduurraa uumamuu danda’a; kana
jechuun akka dhukkuba qufaa vaayirasiin ka’e; jennee murteessuu hin dandeenyu.
Haata’umalee, sababawwan ka’umsa Ootizimiif, bu’uura ta’aan akka armaan gadiitti
eeruu ni dandeenya.Isaanis:

 Warra Ootizimii qabanirraa dhalachuu.

 Jijjirama amaloota sanyii(gene) irrattii.

 Fraajaayil x siindiroom(FXS): dhukkuba sanyiin dadhabaa warrarraa gara daa’imaatti

yeroo darbu uumamu.

 Warra/Maatii umriin sokke irraa dhalachuu(>68 irraa dhalachuu).

Page 35
 Yeroo dhalootaa ulfaatina baay’ee tiqqoo qabaachuu.

 Meetaabolisimii hin madaalamne adeemsisuu qaamaa.

 Sibiiloota ulfaatoo kanneen akka arseenik(AS)Kaadmiyeem(CD),fikkf….tti

maqeessamuu.

 Qoorichoota ajjeesoo jedhaman kanneen akka vaalpooric acid (thalilomide)

fuudhachuu; kunniiiniis qoorichoota yeroo baayyee of tasgabbeessuuf fayyadamnu dha.

MALLATTOOLEEN OOTIZIMII MAALI?


Mallattooleen ASD(Ootizimii) irra jireessaan yeroo ijoollummatti mul’achuu
eegalu.Yeroon kaa’uuf, umrii baatii 24-waggaa 12 tti mul’achuu eegalu.Mallattooleen
ijoollummaatti mul’atan keessaa tokko: afaan hikkachuu dadhabuufi karaa walitti
dhufeenya hawaasummaa guddina agarsiisuu dadhabuu; dabalachuu danda’a.
Walumaagalatti, haayyoonni baay’een mallattoolee dhukkuba kanaa, bakka gurguddaa
lamatti qoodu isaanis:
 Rakkoolee karaa dubbii qooqaafi walitti dhufeenya hawaasummarratti

agarsiisuufi

 Dalagaawwan ykn amaloota irra deddeebiin agarsisuu ta’uu ni danda’a

Namni tokko Ootizimiin qabameera jechuuf, mallattoolee gurguddoo kana keessaa yoo
xiqqaate tokko agarsiisuu qaba.

 Rakkoolee karaa dubbii qooqaafi walitti dhufeenya hawaasummaa

Mallattooleen kunneen dhalootaa haanga waggaa shaniitti kan mul’atan yoo ta’an,
March 1, 2023

dhalootaa kaasee hanga baatii jaatamaatti mallattooleen kunniin akkamitti akka guudataa

deeman, gabatee armaan gadiirraa ilaaluun ni danda’ama.

UMRII MALLATTOO
 Dhalootaa –  Ija keessa nama ilaaluu dadhabuu.
Ganna 5

 Ganna 9  Maqaa ofii adda baasuu dadhabuu .


 Miirawwan kanneen akka; aarii, gammachuu, gaddaafik.k.f ibsachuuf
rakkachuu.

 Ganna 12  Taphoota ijoollee irratti hirmaachu dhabuu


 Harka facaasuu fi haarkaan nagaa gaafachuu dadhabuu

 Ganna 15  Waa’ee ofii ibsachuu dadhabuu (wanta jaallatan ykn jibban ibsuu
dadhabuu)
 Ganna 18  Qubaan akeekuu dadhabuu
 Ganna 24  Miira namoota biro hubachuu dadhabuu
 Ganna 30  Miira aarii to’annaa hinqabne agarsiisuu
 Ganna 60  Haala nama gaddisiisuun, namoonni Saalessa Sammuu waliin
jiraatan haanga umrii 38 tti yoo baayyateemmoo haanga 60
darbanii jiraachuu hin danda’aan. /Kunis yoo goosa Ootizimii
sadarkaa cimaarra ga’e qabaatani dha./

Akkuma ijoolleen Ootizimii qaban kun guddachaa adeemanis dubbachuuf, yeroo


baay’ee ni rakkatu. Haata’umalee, yeroo tokko tokko dubbachuu danda’u; garuu,
miirawwan yeroo dubbii agarsiisuu qaban waan adda baasanii hin beekneef, yeroo waan
gaddaa dubbatan koolfaafi seeqaa, yeroo waan gammachiisu dubbatan ammoo, bo’aa
dubbatu.

SADARKAALEE OOTIZIMII
Ootizimiiin sadarkaalee gurguddoo sadii qaba isaanis:
1. Sadarkaa gargaarsa xiqqoo,

2. Sadarkaa gargaarsa cimaafi

3. Sadarkaa gargaarsa baay’ee cimaa jedhamuun qoodamu.

Page 37
1. SADARKAA GARGAARSA XIQQOO

Sadarkaan kun sadarkaa gargaarsi xiqqoon itti barbaadamu yoo ta’u, ijoolleen sadarkaa
kana keessatti argaman ijoollee waliin walii galuu hin danda’an; maatiin isaaanii akka
barbaadanitti adabanii amala isaanii sirreessuu dadhabuu danda’u. Hojii qindaa’e
kanneen akka siree ofii ofiin aafuu dadhabu. Sadarkaa kana keessattis gargaarsi
xiqqoon akka isaatti ijoollee kana nii barbaachisa.

3.SADARKAA GARGAARSA CIIMAA


Sadarkaa kana keessa ijoolleen argaman, mallattoo dhukkuba Ootizimii isa amaloota
irra deddeebiin agarsiisuu dabalatu irratti mul’achuu danda’a. Sadarkaa kana keessatti
ijoolleen amalawwan wanta isaan miidhuu danda’u irra deddeebiin osoo wanta dura
isaan muudateerraa hinbaratin raawwachuu hoorachuu danda’u; fakkenyaaf: ibidda
haarkaan qabuu, bobbaa (uudaan) ofii nyaachuu, wantoota qara qaban irra deddeebin
xuquu dabalachuu danda’a. Sadarkaa kana keessattiis ijoolleen argaman balaa irra
eeguufiis gargaarsi ciimaa ta’e barabaachisaadha.

4.SADARKAA GARGAARSA BAAY’EE CIMAA


Ijoolleen sadarkaa kana keessatti argaman haawaasa keessatti namoota waliin
jiraachuun, baay’ee isaan rakkisa kunis yeroo baay’ee dubbachuu dhisuu, dhiphina
Sammuufi dhukkubbii mataa dabalachuu danda’a.
March 1, 2023
AKAAKUUN OOTIZIMII MEEQA?
Gosoota ykn akaakuuwwan ootizimii gurguddoo shanitu jiru isaanis ;
1. Aspeerijars siindiiramii

2. Reet siindiiramii

3. CDD(chaayild huud disintigireetiv disorder)

4. Kaaneeris siindiramii

5. PDD-NOS jedhamuun qoodamu

Page 39
1.ASPEERIJARS SIINDIRAMII

Maqaan gosa ootizimii kanaa bara 2013(A.L.A) kaasee hoojiirra oolaa hinjiru kanaafis
ogeyyii fayyaa biratti maqaa sadarkaa Ootizimii tokkoffaa jedhamuun beekama.Goosa
Ootizimii kana ijoolleen qaban yeroo baayyee IQ(mala madaallii sammuu )hiriyoota
saaniirraa caalu qabaachuun beekamu .Haata’umalee, yeroo baay’ee haawaasa
keessatti jiraachuuf ni rakkatu sababiin isaas namoota waliin haasa’uufi walitti
dhufeenya uumuu irratti rakkinni isaan muudata.
March 1, 2023
2.REET SINDIRAMII

Reet Sindiramiin haagas mara akka gosoota Ootizimii kaanii bal’inaan kan hin
mul’annedha. Akaakuun Ootizimii kunis irra caalaatti ijoollee durbaa (shamarran) irratti
mul’ata; kana jechuun garuu ijoollee dhiiraa irratti hin aargamu jechuu miti, ijoolleen
goosa Ootizimiin kuun irratti argame, akka nama kanbiraa jireenya guutuu (jechuuniis
waggaa >70 ool) jirachuu ni danda’uu kunis yoo eegumsi gahaadha jedhamu
taasifameefi dha.

Page 41
3.CHAAYILD HUUD DISINTIGIREETIV DISORDARII
(CDD)

Maqaan CDD kanbiraan heeleris siindiramii ykn disintigireetiv saayikoosiis


jedhama.Akaakuun Ootizimii kanaas guddina afaan hikkachuu ;akkasumas,walitti
dhufeenya hawaasummaa dadhabaa ta’ee ijoolleen akka qabaatan gochuu
danda’a.Ijoolleen gosa Ootizimii kanaa qaban haanga umurii 3 tti jireenya nagaa
jiraachuun ganna sadii booda garuu rakkoo guddaafi dhiiphina sammuu ciimaa keessa
darbuun umrii 10 ga’uu .Goosni Ootizimiin kunis irra caalaatti dhiiroota irratti
mul’ata .Ijoolleen goosa Ootizimii kana qaban:
 Dandeettii mana fiincaanitti fayyadamuu

 Dandeettii dalagaawwan sochii barbaadan kan akka fiiguu, ta’aani ka’uu fikkf dalaguu

dhabuu agarsiisuu danda’u.


March 1, 2023
4.KAANEERIS SIINDIRAMII

Kaaneeris siindiramiin ogeessa xiinsammuu siindiramii liyoo kaaneer jedhamuun


argame .Ijoolleen goosa siindiramii kana keessatti argaman biifa bareedu qabaachuu fi
akkataa yaada hiriyoota isaanii caala bilchaataa ta’ee qabaachuu danda’u.Garuu,
mi’awwan garaa garaa qabatanii turuu amaleefachuu danda’u .Akkasumas, yeroo
baayyee yaada ciimaa maddisisuu irratti of dhiphisuun beekamu .Namoonni akkasii
maqaa adda ta’eefi” Critical thinkers”jechuunis xiinxaltoota addaa maqaan jedhamu
isaanii ba’eera.Fakkenya yaadoota isaan irratti xiinxallii baay’isan keessaas kan akka
“Erga duunee booda maaltu ta’a “,”Uumaan jiramoo hin jiru “ kan jedhaman ni argamu .

Page 43
5. PDD-NOS
Goosa (akaakuu) Ootizimii isa rakkoo xiqqaa geessisu yoo ta’u baay’inaanis, ijoolleen
gosa Saalessa Sammuu kanaan qabaman, mallattoolee haagas mara ijoollee fayyaa
guutuu qaban irraa adda ta’e hin argisiisan. Haata’umalee, ijoolleen gosa Ootizimii
kanaan jiraatan, jireenya hawaasummaa gaggeessuuf baay’ee ni
rakkatu.kanamalees,hiriyoota isaanii waliin haasa’uuf baay’ee rakkatu.
March 1, 2023
MALOOTA TO’ANNAA GOSOOTA OOTIIZIMII
GARAA GARAA

Malootni to’annaa Ootizimiif fayyadamnu goosaafi ciimiina dhukkubiichaarratti


hundaa’a fakkenyaaf, Ootizimiin sadarkaa tokkoffaa karaa jijjirraafi sirreefama amalaa fi
leenjii walitti dhufeenya namootaa waliin ciimsuuf laachuudhaan to’atamuu
nidanda’a.Nyaata kan akka sukaaraa fi raacitii of keessaa qabu ijoollee dhoorkuunis
to’annaa Ootizimiif osoo hintaane dhukkuboota dabalataa kanneen akka dhiibeen
sukkaaraa fi gluutanii ijoollee kana akka hinmiine gargaaruuf malawwan warrii
fayyadamuu qaban keessaa isa tokkodha.

Dhukkubni kuun akka abaarsaatti osoo hintaane akka eebba dhokataatti ilaalmuu
qaba.Kanamalees, Warri dhukkubni kuun maalif maatii koorra gahee jedhanii, of
ceepa’aa olurra ijoolleen kuun naannoo mijataafi isaan hinmiine keessatti akka
guddatan gargaaruun, dandeettii isaani akka ibsataniif carraaquun baayyee
barbaachisaadha.

Page 45
M ee seenaa saayintiistii

beekamaa jalqabbii ilma namaafi haawaa keenyaa akka beeknu nu gargaare; Albeert
Ayinstaayin haa ilaallu.Albart bara 1879 magaala Ulm, Jarman keessatti haadha isaa
Ashkeenaazfi abbaa isaa Heermannirra kan dhalate yoota’u, ijoollummaarraa kaasee,
mucaan isaani adda akka ta’eefi akka ijoollee kaanii akka hintaane warra isaaf galee
ture.Kanaafiis mucaan isaani haanga umurii afur gahuutti dubbachuu dhabuusaa,
akkasumas ijoollee kaan waliin haasa’uu dhabuunsaa agarsiistu ture. Kuuniimmoo
baayyee isaan sodaachisee ture. Mana barnootaa galees barachuu danda’uu isaa,
baay’ee shakkaa turan.Kunis haanga mucaa kana akka abaarsaatti ilaalan isaan
goodhutti gahee ture.Haata’u malee, mucaan kuun goosa saalessa sammuu isa duraa
(ASPEERIJARS SIINDIIRAMII) qabaatee malee ,akka warrii isaa yaadan abaaramee
hinturre.Mucaan kuun amma saayintiistii akka addunyaa keenyaattii cimmina guddaafi
beekamtii haagana hinjedhamne goonfatan keessaa isa tokko yoo ta’u seenaan isaas
biyyee ool olkaafame haanga yoonaatti akka hin dagatamne ilaaluu dandeenya.
Ijoolleen Saalessa Sammuu qaban wanta hiriyyoonni isaani godhan akka hingoone
wanti isaan dhorku kan hinjirre ta’uufi dabalataan hiriyoota isaani illee caalani argamuu
akka danda’an seenaan kun nuutti agarsiisa.

Namoonni saalessa sammuu qaban baayyeen sababa maaliif fuulla walfakkaatuu qabaatan?

Akka saayinsiin jedhuutti fuulli namoonni saalessa sammuun qabaman qoofti qaban
ykn addaan itti ba’aan jedhamee mirkanaa’e hinjiru.Haata’umalee, sababa yeroo
March 1, 2023

gadameessa keessa turaniitii jalqabee sammuun biifa addaan guddatuufi sanyii


keessatti odeeffannoon waa’ee fulla walfakkaatu (symmetrical face) qabatee jiru
baduurraan kan ka’e fuulla nama kaanirraa adda tahee yeroo baayyee qabaatu; kana
jechuun garuu hunduu fuulla walfakkaatan qabu jechuu miti.
Page 47
Istirookii
(stroke)

Maalummaa Dhibee Istirookii


- Istrookiin dhibee addunyaa kanaratti namoota hedduu ajjeesuun beekamu yeroo ta`u;

dhibee sababa seelonni Sammuu keenya keessatti argaman hanqina dhiigaatiin yeroo

du`an uumamudha. Innis sababa hanqina dhiiga Sammuu bira ga`uuniifii dhiiguu

sammuu keessaan kan uumamudha.

- Sababoonni armaan olitti eeraman kunniin hojiilee Sammuun keenyi hojjetu kan jeeqan

yommuu ta`u suuta suuta sadarkaa lubbuu dabarsuutti geessisuu danda`u.

- Dhibeen kun waliigalaan waggaatti gara lubbuu namoota miiliyoona lamaa hanga

shaniitti kan dabarsu yommuu ta`u; namoota gara miiliyona kudha shanitti
March 1, 2023

tilmaamaman immoo dhibee kanaaf wagaatti ni saaxilamu. Dabalataanis namoonni

naannoo miiliyoona shanii ta`an qaama isaanii guutummaan guutuutti ajajuu

dadhabuun ykn paaraalaayisiin isaan muudata.


- Dhukkubni kun irra jireessaan namoota umuriin isaanii afurtama (40) ool ta`an irratti

mul’ata.

Ka`umsa
- Ka`umsii fi gosooni dhukkuba istirookii walitti dhufeenya waan qabaniif lachanuu

walumatti qabnee haa ilaallu.

- Ka`umsa dhibee kanaaf yeroo hedduu qooda kan fudhatan lamadha; isaanis:

A. Cufamuu ujummoo dhiiga geessituu (blocked artery) fi

B. Dhohuu ujummoolee dhiigaa Sammuu keessatti argamaniiti.

GOSOOTA ISTIROOKII
Istirookii Iskeemikii (Ischemic Stroke):
Jechi Iskeemiik (Ischemic) jedhu jecha giriikii lama “iskeeyiin” fi ”emia” jedhurraa kan
dhufe yoo ta`u, hiikni isaas: “Iskeeyiin” jechuun dhowwachuu jechuu yoo ta`u, ”Emia”
jechuun immoo dhiiga kan jedhu waliin wal fakkaata.Kanaafuu,gaalee ‘Istirookii
Iskeemiikii ’ jedhu kanaaf gaalee ‘Dhowwannaa Dhiigaa’ jedhuun bakka buusna.
Dhowwannaan dhiigaa kan uumamu, sababa dhiigni gahaa hin taane gara Sammuu
keenyaatti dhiibamuuf dha; kunis sababoota rakkoolee neetiin walqabataniin
akkasumas hiddoota keenyaratti maxxanuu kooleestiroolii fi sababoota garagaraan
hiddoonni keenya cufamuu. Sababoonni hiddoonni keenyi itti cufaman keessaa inni
tokko koleestirooliin hiddoota irratti maxxanuu jalqaba bay`achuun wantoota akka
geengoo ta`anii hiddoota keenya cufu; isaanis pilaakota (pilaques) jedhamu. Inni biraan
immoo dhiigni hidda keenya keessatti argamu bakka ta`etti yeroo ititu /kantaru dhiigni
isa duuba jiru akka seeraan hin yaaneef karaa cufa jechuudha.

Page 49
Istirookii heemoorheejikii (hemorrhagic):
Akkuma ‘Istirookii Iskeemikii’ jechi hemorrhagic jedhu kan dhufe jecha afaan giriikii lamarraa
yeroo ta`u isaanis “hama(dhiiga)” fi ”rhegnumia (battalatti dhuka`uu)” kan jedhurraati . Akkuma
maqaaan isaa ibsu gosti kun sababa dhowuu hiddta naannoo sammuutti argamaniin kan
uumamanidha . Nutis gosa kanaan istirookii dhukahuu hiddoota sammuu jennee ilaalla .

Sababni dhohuu hiddota kanaa keessaas dhiibbaan dhiigaa isa tokko ta`uu danda`a ; kana
yeroo jennu dhiibbaan dhiigaa olaanaan hiddoota xixiqqoosammuu keessatti argaman akka
dhohan gochuun dhibee istirookii gosa dhohuu hidda sammuuf nama saaxilu . Gama biraatiin
ciminni hiddoota keenyaa laafaa ta`uunis dhibee kana fiduu danda`a .
March 1, 2023
Mallattoolee dhukkuba istirookii
Deemuuf namatti ulfaachuu: yeroo dhibeen istirookii nama qabu dhigni hammaan
gahaa ta`e gara qaamolee sammuu keenyaatti hin qaqqabu kun immoo dalagaalee
sammuun keenyi hojjetu ni jeeqa. Qaamolee hanqinni dhiigaa isa qunnamuun
dalagaalee isaa hir`isan keessaa tokko sarabilamii (cerebellum) dha kunis dalagaalee
isaa keessaa tokko sosochii qaamaa to`achuu waan ta`eef yeroo qaamni kun miidhamu
sosochii qaamaaf illee gufuu ta`aa deemu.
Dubbachuudhaaf rakkachuu: kun immoo kan uumamuu yeroo qaamoleen sammuu
keenyaa hubaman maashaaleen keenya kan qaamolee biroorratti argaman to`achuu ni
dadhabna . kanaafis yeroo sammuun keenyi miidhamu dandeettiin maashaalee
naannoo afaan keenyaaatti argaman to`achuun nutti ulfaata , yeroo kana dubbannee
waliigaluudhaafillee rakkachuu dandeenya .
- Dabalataan mallattooleen akka:

o miira dadhabbii

o Hir`ina dandeettii wantoota ilaaluu

o Bowwoo mataa salphaa

o Wantoota hubachuuf rakkachuu

o Qaama ofii to`achuu dadhabuu fi kkfn adeemsa keessa immoo gara du`aatti

nama gessuu danda`a.

To`annaa Dhibee Istirookii


Malleen to`annoo istirookiidhaaf gargaaru jedhaman:

Page 51
A. Soorata fayyaan isaa eegame soorachuu: kana yeroo jennus sooratoota onnee fi
hiddoota dhiigaa keenyarratti dhiibbaa cimaa hin geessisne soorachuu jechuudha .
kana keessattis dhibee kana ofirraa ittisuuf goosoonni nyaataa quufo fita hin taane
(unsaturated) fayyadamuu qabna .sooranni quufo fita (saturated) ta`an hamma
koleestiroolii dhiiga keessaa ni dabalu sababii kanaaf soorata quufa fita
xiqqaa/gadaanaa kan akka hanqaaquu , kuduraalee fi zayita (olive oil) gara garaa
fayyadamuun ni gorsama.Gosoonni nyaataa fayyadamamuuf hun eeyyamane
immoo akkuma duraan ibsamanitti sooranni quufa fita olaanaa qaban kanneen akka
buskuutota adda addaa , foon warshaa keessatti qophaahan , piizzaa fi kkf daangaa
malee fudhachuun hammeenyaaf saaxila nama baasu.
B. Furdina qaamaa siirrii qabaachuu: Kana yeroo jennu immoo koleestiroolii qaama
keenyaa madaaluuf akkasumas dhukkuboota dhiibbaa kooleestirooliif nu saaxiluu
danda`an kan akka dhibee sukkaaraa irraa ittisuuf nu gargaara.
C. Sosochii qaamaa gochuu: kunis koleestiroolii baqsuudhaan carraa dhibee dhibee
istirookiif saaxilamuu keenya hir`isa dabalataan onnee fi qaamolee biro akka
fayyumaan turan gochuun yaa`insa dhiigaa sirrii akka qabaannu taasisa.

Dabalataanis: - Sigaaraa xuuxuu dhiisuu

- Alkoolii daangaa malee fayyadamuurraa of qusachuu

- Dhibee sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa olaanaa to`achuu fi kkfn ofirraa


ittisuu dandeenya.

Qoricha Dhibee Istirookii


Qorichooni nama dhukkuba istirookiin qabameef kennaman :
A, Alteplace :
qorichi kun oomiko inzaayimii pilaaswinii kan kantarsa hiddoota dhiiga keessa jiran
gara dhangala`aatti jijjiiruun akka dhiigni seeraan daddarbu godhan akka oomishaman
taasisuun istirookiif dawaa ta`uu ni danda`a.
March 1, 2023

B, Statin : Qorichi kun immoo kan inni hojjetu hamma coomaa ujummoo dhiiga
geessituu keessa jiran hir`isuu fi guddina(dagaagina) isaanii dhorkaa suuta suutaan
balleessuun akka qoricha istirookiitt nu fayyada .
BOQONNAA 2
ONNEE

Page 53
Sirna onneefi ujummoolee dhiigaa

Sirni onneefi ujummoolee dhiigaa (Cardiovascular system) qaama keenyaa sirna baay’ee wal xaxaa
ta’edha. Sirni kunis Onnee, hiddoota dhiigaafi dhiiga akka miseensota sirnichaa ijootti gargaarama.
March 1, 2023

Dalagaan isaa ijoos dhiiga, soorata, gaasotaafi hormoonota gara qaamolee geejjibuufi qaamolee irraas
deebisuudha.

Sirna kana fakkeenya qabatamaa ilaalluun hubachuuf fakkeenya armaan gadiin haa ilaallu. Jireenya
keenya keessatti sirna elektirikii ilaaluun hedduu keenyaaf wanta baratamaa ta’edha. Sirna qaama
keenyaa kanas sirna elektirikii kana faana wal qabsiisnee haa ilaallu. Onneen keenyi akka madda
elektirikittii haa fudhannu. Sababni isaas dhiiga wantoota barbaachisoo ta’an faana walitti qabatee
qaamolee biroof karaalee hedduun waan geejjibuuf akka madda elektirikiitti haa fudhannu. Itti
aansuudhaan hidduuta dhiigaa akka daandii elektirikii ykn shiboo elektirikiitti haa fudhannu. Sababni
isaas akkuma shiboon elektirikii chaarjiin akka keessa isaatti yaa’u daandii mijeessu hiddi dhiigaas
yaa’insa dhiigaaf haala mijeessa. Sadaffaarratti dhiiga keenya akka chaarjota shiboo elektirikii keessa
yaa’anitti fakkeessuudha. Haala kanaan sirna onneefi ujummoolee dhiigaa fakkeenya salphaan
hubachuu ni dandeenya.

Sirni kun walxaxaa ta’uurra darbee hiddoonni isaa kan daandii geejjibaa ta’uun tajaajilan baay’ee
dhedheeroodha. Hiddoonni kunneen qaama namaa keessatti dadacha’anii yemmuu taa’an hagas mara
dheeraa fakkaachuu haa baatan malee osoo dheerina walii galaa hidda keenyaa wal qabsiisnee safarra
osoo jennee waan ajaa’ibsiisaa argina. Gosoota Hiddoota dhiigaa sadan boodarra ilaallu kan nama
ga’eessa ta’ee walqabsiisnee osoo safarree, dheerina kiiloomeetira kuma dhibba tokkoo (100,000km) ni
arganna. Naannawaan pilaanetii dachee irra jiraannuu naannoo kiiloomeetira kuma afurtamaa
(40,000km)ta’a. kana jechuun osoo hiddoota dhiigaa nama ga’eessa tokkoo walqabsiisnee lafarra
naannessinee pilaanetii kana si’a lamaaf walakkaa ol naanna’uu ni danda’a! Eeyyeen si’a lamaaf
walakkaa!. Kan nama ajaa’ibu dheerina hanga kana gahu keessaa dheerina harka caalaa kan fudhatu –
hanga parsantii 80 (80%)- gosoota hiddaa keessaa kanneen baay’ee xixiqqoo ta’an kan
kaappilarii(capillary) jedhamanidha. Hiddoonni kaappilarii kunneen diyaameetirii rifeensaa irraa hanga
kudhan ni xiqqaatu. Kanarraa kaappilariin hangam xiqqaa akka ta’e hubachuu nidandeeya.

Sirni marsaa dhiigaa bineeldotaa baroota hedduun dura eegalee saayinsii qoratamaa turedha. Yeroo
durii yemmuu qaroominni Misir sadarkaa olaanaarra gahe waa’ee saayinsii sirna marsaa dhiigaa
qo’achaa turaniiru. Qo’annaan isaanii kunis kaan isaanii ragaaleetiin deeggaramanis hedduun isaanii
ragaa tokko malees himamaa turaniiru. Yaadiddamoota namoonni misir dhiyeessaa turan kan saayinsii
ammayyaatiin fudhatama hin arganne ni jiru. Fakkeenyaaf namoonni misir durii qilleensi namni gara
keessaatti fudhatu onneen fudhatamee raabsama jedhanii amanu ture amma garuu kuni saayinsii
ammayyaatiin dogongora ta’ee argamee jira. Faallaa kanaan immoo kanneen saayinsii ammayyaatiin
sirrii ta’uun isaanii kanneen mirkanaa’e nijiru. Fakkeenyaaf namoonni kun walitti dhufeenyi
hiriyyummaa ykn kan maatii yeroo addaan citu rakkoolee onneef ni saaxila jedhanii amanu ture. Yaanni
kun saayinsii ammayyaatiin sirrii ta’uun isaa mirkanaa’ee jira.

Qaamoleen keenyi marti dalagaa isaanii haala irraa eegamuun hojjechuuf oksijiniifi soorata gahaa ta’e
nibarbaadu. Oksijiniin nuti argannu kunis qilleensa naannoofi soorata nuti nyaannurraa kan
argannudha. Wantoonni dalagaa qaama keenyaaf barbaachisummaan isaanii olaanaa ta’e kun lamaan
akka fedheetti ykn carraadhaan kan qaamolee biroof raabsaman osoo hin taane hammi isaanii dalagaa

Page 55
isaanii waliin akka wal madaalutti qophaa’anii bakka barbaachisaa ta’etti kan raabsaanidha. Wantootni
barbaachisoon kun qaamolee biro bira gahuuf Onnee akka qaama ijootti fayyadamu. Onneen keenyis
oksijinii raabsu somba keenyarraa kan fudhatu yemmuu ta’u, soorata immoo tiruu irraa kan
fudhatudha. Raabsa kana keessattis akkuma elektrikiin daddarbuuf shiboo fayyadamu, oksijiniifi
sooratnis kutaa qaamolee keenyaan bira akka gahaniif ujummooleen dhiigaa keenya akka shiboo
elektirikiitti fayyadu. Raabsi kun raabsa karaa tokkoo ykn onnee irraa gara qaamolee birootti qofa osoo
hin taane, qaamolee biroo irraas gara onneetti kan deebi’anidha. Dabalataanis ujummooleen dhiigaa
lamaan kun jechuunis kanneen dhiiga onneerraa gara qaamolee birootti raabsaniifi qaamolee biroo iraa
immoo gara onneetti deebisan kun ujummoolee birootiin wal quunnamu.

Yaadota kanaafi fakkii armaan oliirraa akka hubachuu dandeenyutti qaamni keenyi ujummoolee dhiigaa
gosoota sadii kan qaban ta’uu isaati. Isaan keessaas tokko akkuma armaan dura jenne kanneen dhiiga
oksijiniin badhaadheefi soorata of keessaa qabu (dhiiga qulqulluu) onneerraa fuudhanii gara kutaa
qaamolee birootti geejjiban, kanneen ujummoo dhiiga raabsitoota (arteries) jedhamanidha.
Ujummooleen kun onneen keenyi yemmuu dhahatu qabiyyeewwan qaamoleen kanneen biroo
barbaadan qabatanii hamma wal madaalaa ta’een gara qaamolee hundaatti geejjibamu. Onneen keenyi
kan qaamolee biroo sooru kun dhahachuuf ykn dhiiga raabsuudhaaf ergaalee elektrikaalaa akkaataa
kottoonfannaafi diriirfannaa isaa to’atu ni barbaada. Ergaalee elektrikaalaa kanas qaamolee onnee
keessatti kan argaman kanneen saayinas noodii (sinus node) jedhaman irraa argata. Ergaaleen
elektirikaalaa kun yaa’insa ayoonii kaalsiyeemiirraa kan argamanidha. Ayoononni kun yaa’insa
taasisaniin onneen keenya akka rukutu taasisuun jireenyi keenyi akka itti fufuuf wabii nuuf ta’a.
akkuma armaan oliitti kaasne onneen keenyi soorataafi oksijinii qaamolee hundaaf geessisuuf dhiibbaa
ni barbaada. Oksijiniifi soorata kana dabarsuuf immoo ujummoolee dhiiga ittiin raabsuuf gargaaran
akka fayyadamu kaasnee jirra. Egaa ujummooleen kun onnee faana sababa wal qabataniif wantoota
qaamaaf barbaachisaa ta’an kana raabsuuf dhiibbaan onnee irraa ka’u isaanittis ni darba. Kanaafuu
akkuma onneen keenyi rukutuun isaanis waliin ni rukutu. Ujummooleen dhiigaa kunneen yeroo hedduu
gara naannoo gogaatti hin argaman. Jechuunis miidhama adda addaarraa eegamuuf jecha gogaatti
hedduu dhiyaatanii baay’inaan hin ergaman. Sababni isaas qaama keenyarratti miidhamni yoo
qaqqabeefi ujummoolee dhiiga raabsan kanneen irratti miidhaan yoo qaqqabe sababa
dhiibbaa(pressure) onneerraa ka’u waan qabaniif dhiiga hedduun akka dhangala’u taasisuu danda’u.
sababa kanaaf yeroo hedduu gara jalaatti argamu. Darbee darbee garuu ujummoolee kana naannoo
gogaa keenyaatti ilaaluu nidandeenya.

Gosoonni ujummoolee dhiigaa isaan lammaffaan immoo kanneen dhiiga qulqulluu hin taane kanneen
xuraawoo garagaraa qaban gara onneetti deebisanidha. Ujummooleen kunniin ujummoolee dhiiga
March 1, 2023

deebisan(vein) jedhamu. Isaanis dalagaan isaanii dhiigni qulqulluu karaa ujummoo dhiiga raabsaniin
dhufanii qaamolee garagaraan faayidaarra oolan gara onneetti akka qulqullaa’aniif warra deebisanidha.
Ujummooleen kunniin akka ujummoolee dhiiga raabsitootaa dhiibbaa onneetiin kan geejjibaman miti.
Bakka hundas ta’uu baatu hiddoota baay’inaan naannoo harka keenyaatti argaman tuquun akka
hubachuu dandeenyutti ujummooleen dhiiga deebisan of keessaa dhiibbaa ittiin dhiiga deebisan hin
qaban. Akkkaataan geejjiba ujummoolee kanaa kan ujummoolee dhiiga raabsitoota irraa addadha.
Dhiigni ujummoolee kana keessa kan yaa’u valviiwwan (valves) fayyadamuudhaani. Valviiwwan
kunneen bifa quncee marfataa fakkaatu kan keessa hiddoota dhiigaatti argaman yeroo ta’u banamuufi
cufamuudhaan yaa’insa dhiigaa ujummoo dhiiga deebistoota keessaa niqajeelchu. Hiddoonni kunneen
dhiibbaa ittiin dhiiga onneetti geejjibu dhabuun dabalata humni harkisa lafaa gufuu biraa itti ta’a.
kanaafis dalagaa isaanii rakkoolee armaan olii dandamatanii hojjechuuf karaalee garagaraa
fayyadamu. Karaalee kanneen keessaas, Ujummooleen kunneen yeroo maashaaleen keenyi
kottoonfatu banamuudhaan dhiiga ofitti fudhatu. Kutaan dhiigni ofitti fudhate kun yerro guutus valviin
gara jalaatti argamu cufamuudhaan valviin olii ni banama. Barbaachisummaan cufamuu valvii kanaas
dhiigni asii ol bahee deemaa jiru duubatti akka hin deebineefidha. Yeroo valviin olii banamu dhiigni gara
kutaa itti aanutti darbuun valviin baname akka cufamu valviin isaa ol argamu immoo akka banamu
taasisuudhaan geejjiba dhiigaa ni adeemsisu.

Hiddoonni isaan sadaffaafi isaan dhumaa hiddoota kaappilarii (capillary) kanneen jedhamanidha. Isaan
kunneen hiddoota dhiigaa jiran keessaa kanneen baay’ee xixiqqoo ta’anidha. Hiddoonni kunis dhiiga
qulqulluu ujummooleen dhiiga raabsan fidan fudhachuun kan seelota keessa raabsanidha akkasumas
dhiiga xuraawoo ujummoolee dhiiga deebisaniif kan dabarsanidha. Akkuma armaan oliitti jennes
dheerina hiddi dhiigaa qabu keessaas dhibbantaa 80 kan ta’u isaantu gumaacha.

Hiddoonni armaan oliitti ibsine kunneen onnee keenya faana walqabatu. Onneen keenyi kun goloota
afur kan qabu yeroo ta’u isaanis:-

• Ventirikilii bitaa- dhiiga qulqulluu sombi calalee erge dhiibbaa guddaan gara qaamolee biraatti
kan geejjibanidha.

• Oriikilii mirgaa – dhiiga xuraawaa qaamoleen biroon itti fayyadaman hiddoota dhiigaa irraa
kanneen fudhatanidha.

• Ventirikilii mirgaa – hiddoota dhiigaa kanneen dhiiga qulqulluu hin taane orikilii mirgaa irraa
fuudhanii gara sombaatti kanneen geejjibanidha.

• Oriikilii bitaa – dhiiga oksijiniin badhaadhe (qulqulluu) ta’e somba irraa fuudhuun, ventirikillin
bitaan keenyi qaamolee biroof akka raabsuuf gara gola ventirikilii bitaatti dabarsanidha.

Walumaa galatti marsaan dhiigaa onnee, hiddoota dhiigaafi dhiiga akka of keessatti qabatu ilaallee
jirra. Itti aansuun dhibeewwan qaamolee kanniin miidhan muraasa haa ilaallu.

Page 57
DHIBEE VALVII
ONNEE
(VALVULAR
HEART DISEASE)

Dhalli namaa jiruuf jireenyi isaa keessatti sababoota danuurraan kan ka`e dhukkuboota
garagaraatiif ni saaxilama; dhibeewwan kanneen keessaas dhukkubni valvii onnee isa
tokkodha
Akka qorannoon USA keessatti gaggeeffame gabaasetti dhukkubni kun waggaatti yoo
xiqqaate namoota kuma diigdamii shan lubbuu galaafata.
Akkuma beekamu onneen sochii dhiigaa qaama keessaa to`achuun (dhiiga raabsuun)
dalagaaleen qaama keessaa akka itti fufu taasisa .
Kutaalee onnee keessaa valviin naannoo gajallaa ykn dhuma goloota onneetti kan
argamu yoo ta`u kunis karaa dhiigni goloota onnee keessaa bahuusaatiin dura
qaxxamuree darbudha .
Valviin dhiigni duubatti deebi`ee akka hin yaane taasisa.
Onneen namaa gosoota valvii afur of keessatti qabata. isaanis :
A,Valvii miitraalii: gosa valvii aatiriyemii (ooriikilii) bitaa fi veentiriikilii bitaa gargar
baasudha .
March 1, 2023

B, valvii tiraaykuspidii: gosa valvii oorikilii mirgaa fi ventiriikilii mirgaa gargar


baasudha .
C, valvii piluuminarii : gosa valvii veentiriikilii mirgaa fi aartarii piluuminarii gidduutti
argama .
D, valvii oortaaa : gosa valvii veentiriikilii bitaa fi oortaa gidduutti argama .
Dhukkubni valvii onnee sababa dhiphachuu ykn bal`achuu gosoota valvii armaan olitti
eeraman tokko fi isaa oliitiin kan muudatudha. Isaan keessaa rakkoon valvii oortaa fi
mitraalii jechuunis dhiphachuu fi bal`achuu isaanii kanneen jalqabaratti argamanidha .
1, Dhiphachuu valvii (valvular steniosis):
A, Dhiphachuu valvii oortaa : seraan banamuu dhiisuun valvii oortaa ventirikiliin bitaa
akka bal`atu taasisa .
B, Dhiphachuu valvii miitraalii : seeraan banamuu dhiisuun valvii miitraalii orikiliin
bitaa akka bal`atu taasisa .
2, Banamuu valvii (valvular regurgitation)
A, Banamuu valvii oortaa: seeraan cufamuu dhiisuun valvii oortaa dhiigni oortaarraa
gara veentiriikilii bitaatti akka deebi`ee yaa`u taasisa.
B,Banamuu valii miitraalii : seeraan cufamuu dhiisuun valve miitraalii dhiigni debi`ee
veentiriikilii bitaarraa gara oorikilii bitaatti akka yaa`u taasisa .

SABABOOTA KA`UMSA DHUKKUBA VALVII


ONNEE
Umurii (degenerative condition) : yeroo umuriin dabalu valviin onnee albuuda
kaalsiyemii dhiiga keessatti argamu kuusaa deemu . kunis nama onnee idilee qabuuf
rakkoon hin fidu garuu namoota valvii ooriikilii tuqaa lama qaban (bicuspid aortic valve)
namoota qaban irratti kuufamni kaalsiyemii valviin sun dhiphatu taasisuun rakkoo
dhipee valvii onneefnu saaxiluu danda`a .
Ho`a olaanaa : yeroo naannoon keenyi garmalee ho`u qaamni keenya teempireechara
qaama keessaa dhaabbataa umuuf garmalee hojjeta ; kunis hojii onnee , kale fi sobaa ni
bay`isa . kanaaf dhibeeonneetiif ni saaxila .
Akkasumas :

- Rakkina valvii onnee wajjin dhalachuu (congenital condition)

- Infeekshiniiwwan onnee miidhan

- Dhibee sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa olaanaan ka`umsa dhibee valvii onnee ta`uu ni
danda`a .

Page 59
MALLATTOOLEE DHUKKUBA VALVII
ONNEE
Hargansuun ciccituu : yeroo valvoonni keenya dhiphatan dhiigni oorikilii bitaa irraa gara
veentiriikilii bitaatti yaa`uu ni xiqqaata ; kanaaf qabiyyeen dhiiga oksiijinii sombarraa
fuudhee of keessa dabarsu ni xiqqaata kun immoo dadhabbii fi hargansuun ciccituuf
sababa ta`a.
Of wallaaluu : rakkoon valvii onnee keenya keessa yoo jiraate sammuu dabalatee
qaamni keenyi hedduun dhiiga oksiijinii qabu xiqqenyaan argata ; kunimmoo of
wallaaluuf sababa ta`uu danda`a.
Dabalataanis mallatoolee armaan gadii ilaaluu ni dandeenya. isaanis :
o Dabaluu ho`a qaamaa

o Dhukkuba laphee

o Dabaluu ulfaatina qaamaa

o Dhahannaa onnee sirrii hin taane

o Dadhabbii fi kkf n mul`achuu ni danda`u

OF EEGGANNOO DHUKKUBA KANAAF


TAASIFAMUU QABAN
Nyaata madaalaamaa nyaachuu: Sooranni dhibee valvii onneetif gorfaman kanneen
akka avookaadoo , qurxummii , baaqelaa , zayita qurxummii , ocholoonii , zayita (olive
oil) , goraa fi warreen kana fakkaatan soorata dhibee valvii onneef gorfamanidha.
Kanamalees sooranni dhibee valvii onneef hin gorfamne kanneen akka foon warshaa
March 1, 2023

keessaa , foon dheedhii , alkoolii , dhadhaa , soorata sukkaaraa , ashaboo fi cooma


olaanaa qaban hedduminaan fayyadamuu hin qabnu .
 Sochii qaamaa gahaa ta`e taasisuu

 Ulfaatina qaamaa to`achuu


 Yeroo yeroon buufata fayyaa deemuun qorannoo dhiigaa gochuu

 Qulqullina ofii eeguu

YAALII
Namoonni baay`een mallattoowwan tokko tokko dhibee kanaan wal qabate osuma
ofiirrtti arganii atattamaan yaalii fudhachuudhaaf yerootti hin taane ni argina ;
kunimmoo dhukkubichi akka cimu taasisuun balaawwan hamaa fi du`aaf nama saaxilu.
Kanaafuu yaalii gahaa argachuudhaaf filannoon jalqabaa kan ta`uu qabu buufata
fayyaa deemuun ogeessa fayyaa mariisiisuudha ; yeroo kanaa ogeessi fayyaa sun
rukkuttaa onnee fi mallattoowwan garaagaraarratti hundaa`un sadarkaa
fayyummmaan keenya irra jiru nuuf ibsa.
Gama yaaliitin sadarkaan dhibee kanarraa deebi`uu keenyaa kan murtaa`u uulfaatina
dhibee keenyaa irratti hundaa`uuni ; kana yoo jennuu valvonnii dadhaban deebi`anii
waliitti suphamuun ykn bakka bu`uun yaalii argachuun ni danda`ama.

Namoota dhibee kanaan qabaman irraa of eegannoon guddaa irraa eegamu dhiibbaa dhiigaa
isaanii to`achuudha.

Page 61
BOQONNAA 3
GARAACHAAFI
TIRUU
March 1, 2023
MAALUMMAA GARAACHAA (THE
NATURE OF THE STOMACH)

Garaachi kutaa qaama garaa keessaa, gara gadiitti kan argamuudha. Garaachii qaama
barbaachisaa adeemsa sirna bullaa’insa nyaataa keessatti hirmaatu yoo ta’u, inniis nyaataa
bulleesuuf ykn daakuuf kan fayyaduudha. Garaachii kiisha ykn boorsaa kan fakkaatu yommuu
ta’u dallaa maashaa(muscular wall) bal’achuufi xiqqaachuu danda’u qaba.

Page 63
Nyaata yommuu nyaannu afaan keenyarraa gad bu’ee gara garaachaa seena. Garaachaa keessaa
nyaanni kun asiidotaafi dhangala’aa bullaa’insa nyaataa(digestive juices) waliin kan makamu
yoo ta’u, kunis nyaata gara wantoota xixiqqootti akka caccabu gargaara. Kana malees garaachii
keenya baakteriyaa miidhaa geessisu kan nyaata nyaannu keessatti argamuu danda’uu
kamiyyuu ajjeesuuf kan gargaarufi nyaata caccabee gara garaacha xiqqaatti(small intestine)
socho’ee caalaatti akka bullaa’uufi soorata xuuxuu gargaara. Walumagalatti garaachii keenyaa
qaama baay’ee barbaachisa akka ta’ee hubanne , fayyina garaachaa keenyaaf wanta barbaachisu
guutuun dirqama akka ta’ee hubachuu qabna.

Page 64
Dhukkuba
gaastiroo-
intestinaalii(GI
)

MAALUMMAA DHIBEE GARAACHAA


(INTRODUCTION TO GASTROINTESTINAL
DISEASE (GI))
Dhukkubni garaachaa(gastrointestinal disease(GI)), dhukkuboota ciccimoofi beekamoo ta’aan
keessa tokkoo ta’e, sirna bullaa’insa nyaataa(digestive system )namaa miidhuudhaan kan
beekamuudha. Dhibeen kunis qaamolee sirna bullaa’insa nyaataa keessatti hirmaatan kanneen
akka: ujummoo nyaataa (esophagus), garaacha(stomach), garaachaa xiqqaa(small intestine),
garaacha guddaa(large intestine(colon)), tiruu(liver), ujummoo fincaanii(gall bladder),
xannacha sombaa(pancreas) fi k.k.f miidhuun beekamaa. Dhukkuni kun mallattoolee adda
addaa qaba. Mallattoolee isaa keessaas muraasni kanneen akka dhukkubbii - garaa(abdominal
pain), dhiiita’uu garaa(bloating), garaa kaasaa(diarrhea), gogiinsa garaa(constipation), ol nama
jechuu(nausea) fi jijjiirama fedhii nyaataafi ulfaatina qaama fi k.k.f akka ta’aan qo’annoon
yuunivarsitii Haarvaardii(Harvard Medical School)ttii ba’ee ni agarsiisaa. Dhukkubni kun yeroo
ammaa kanaa namoota miliyoona 2276.27(30.35%) irraatti kan mul’atee gaafa ta’uu, namoota
miliyoona 2.56(3.41%) immoo du’aaf saaxilee jira.

Page 65
SABABOOTA DHIBEE GARAACHAAF NAMA
SAAXILAN

Sababoonni dhukkuba kanaa haalota garagaraafi namoota garagaraa biratti addaddummaa ni


qabaata. Haalawwan giddu galeessa ta’an kan armaan gadiiti:

 Infeekshinii(Infections):- Dhukkuboonni garaachaa, yeroo tokko tokko infekshiniin


dhufuu danda’u. Infeekshiniin kan uumamu yeroo maaykiroo-orgaanizimoonni(lubbuu-
qabeeyyii xixxiiqqo) miidhaa geessisan kan akka baakteeriyaa, vaayirasii ykn paraasayitii
gara ujummoo garaachaa seenanii baay’achuu jalqabaniidha. Maayikiroo-orgaanizimoonni
kunniin dhiitoo ykn “inflammation”fi miidhaa sirna bullaa’insa nyaataa irratti fiduu danda’u,
kunis dhukkuboota garaachaa adda addaa fiduu danda’a.

Dhukkuboonni garaachaa akkamitti infekshinii irraa dhufuu akka danda'an mee bifa salphaa
ta’een haailaalluu:

1. Seensa Maayikiroo-Orgaanizimii (Microorganism entry): Maayikiroo-


orgaanizimoonni miidhaa geessisan nyaata faalame, bishaan ykn namoota dhukkuba kanaan
qabaman waliin wal qunnamuudhaan qaama keessa seenuu danda’u. Fakkeenyaaf, nyaata
ykn bishaan faalame nyaachuun ykn dhuguun baakteeriyaa akka “Salmonella” ykn
parasayitii akka “Giardia” sirna bullaa’insa nyaataa keessa galchuu danda’a.

2. Weeraruufi Maxxanuu (Invasion and attachment): Maaykiroo-


orgaanizimoonni erga ujummoo garaachaa keessa seenan booda, fo’aa qaamolee bullaa’insa
nyaataa weeraruun seelii irratti of maxxansuu danda’u. Walitti hidhamiinsi kun akka
jiraataniifi akka wal horaan isaan dandeessisa.

3. Deebii Inflaamatoorii (Inflammatory response): Maaykiroo-orgaanizimoonni


miidhaa geessisan kun jiraachuun isaanii, deebii ittisa qaamaa qaama keenyaa ni kakaasa.
Sirni ittisa qaamaa seelii addaa erguun keemikaalota gadhiisuun infekshinii kana ofirraa
ittisa. Deebiin ittisa qaamaa kun naannoo dhibee kanaan qabame keessatti dhiitoo ykn
“inflammation” fida.

4. Mallattoofi Dhukkuba garaachaa: Dhiitoon (Inflammation)fi miidhaa dhukkuba


kanaan dhufu mallattoolee dhukkuba garaachaa adda addaa fiduu danda’a. Mallattoowwan
kun dhukkubbii garaa(abdominal pain), garaa kaasaa(diarrhea), gogiinsa

Page 66
garaa(constipation), yeroo tokko tokko immoo dhiigni sagaraa keessatti argamu ta’uu
danda’a. Kun immoo dhukkubni garaachaa jiraachuu isaa seeraan kan mirkaneessudha.

Fakkeenyoota dhukkuboota garaachaa infekshiniin dhufan:

 -Dhukkubni garaachaa “Gastroenteritis” jedhamuu sababa infeekshinii vaayirasii


“norovirus” fi sababa infeekshinii baakteeriyaa “Salmonella (campylobacter)”
jedhamuun kan uumamuu yommuu ta’u dhukkubni garaachaa kun dhukkuba sababbii
infeekshiniin dhufedha.
Akkasumas, dhukkubni garaachaa “peptic ulcers” jedhamuu sababa infeekshinii
baakteriyaa “Helicobacter pylori” jedhamuun kan uumamuudha

 Infeekshinii Paraasayitii: Paraasayitoonni akka “Giardia” ykn


“Cryptosporidium” infekshinii garaachaa fiduu danda’u. Kunis mallattoolee akka
dhukkubbii garaa fiduu danda’a.

 Infeekshinii Nyaataatiin: Nyaata ykn bishaan faalame nyaachuun ykn dhuguun


infekshinii baakteeriyaa akka “Salmonella”, “E. coli”, ykn “Campylobacter” irraa
dhufu fiduu danda’a.

HUB: Infeekshinii garaachaa ittisuun qulqullina gaarii kan akka nyaata dura harka
dhiqachuufi nyaata sirnaan qabachuu of keessaa qaba. Nyaata nageenya qabuufi
sirnaan bilcheefame nyaachuufi bishaan qulqulluufi qulqullaa'e dhuguunis
barbaachisaadha.

Page 67
Namni tokko mallattoo infekshinii garaachaa yoo isa mudate, qorannoofi yaala sirrii
ta'ee barbaaduun barbaachisaadha. Ogeeyyiin eegumsa fayyaa qoricha, dhangala’aafi
kunuunsa deggersaa barbaachisaa ta’e kennuudhaan infekshinii kana to’achuufi
mallattoolee isaa salphisuu danda’u.

 Dhiitoo (inflammation):- Yeroo Sirni bullaa'insa nyaataa keenya(digestive system)


dhiita’uu ykn “inflamed” ta’uu, qaamota sirna buulla’insa nyaataa keenya irratti
hirmaatan kanneen akka garaa(stomach), ujummoo nyaataa(esophagus),
garaachaa(intestine) akka diima’uufi dhiita’uu godha. Haalli kunis dhiitoo ykn
“inflammation” jedhamuun beekama.
Fkn:

Page 68
 Dhukkubni “Inflammatory Bowel Disease” jedhamuu kan
dhiitoo(inflammation) garaachaa keenya irratti fidu yommuu ta’uu,
mallattoolee kanneen akka: dhukkubii garaa(stomach pain), garaa
kaasaa(diarrhea),fi dhiiguu(bleeding) kan agarsiisuudha. Dhukkubni kun
hordooffii yaala gaarii ta’efi nyaataa madaalamaa ta’ee kan barbaaduu waan
ta’eef ofeeggannoo cimaa ta’e gochuun barbaachisadha.
 Dhukkubni biraa “Gastritis” jedhamuu immoo kan yommuu haguuggiin
garaa(stomach lining) dhiita’uu(inflamed) ta’u kan uumamuu yommuu ta’u,
sababnii dhiita’uun haguuggii garaafi ka’uumsi dhukkuba kanaa yeroo baay’ee
Alkoolii(Alcohol), qorichoota adda addaa(some medications) fi k.k.f akka ta’ee
nihimaama. Dhukkubni “Gastritis” dhukkuba baay’ee cimaa ta’eefi yoo yaala
sirrii ta’eefi nyaataa madaalama ta’ee argachuu baanee gara kaansarii
garaachaa(stomach cancer)tti guudachuu akka danda’uu nihimaama.
 Dukkubni beekamaan kan biroo immoo “Gastroesophageal Reflux
Disease (GERD)” jedhamu yommuu ta’u, kunis kan uumamu sababa asiidiin
garaachaa ol deebi’ee yaa’uu isaatiin ujummoon nyaataa (tuubii, qoonqoo
garaacha waliin walqunnamsiisu) yeroo dhiita’uu(inflamed) ta’udha. Miira
dhukkubbii naannoo onnee, miira dhukkubbii naannoo lapheefi rakkina
liqimsuu fiduu danda'a. Dhiitoon(inflammation) kun yoo itti fufe, madaa
ujummoo nyaataa keessatti uumuufi carraa dhukkuba kaansarii duraa
qabaachuu dabaluu danda’a.
Kanaafuu, dhiitoon ykn “inflammation” sirna bullaa'insa nyaataa keenya keessatti
yeroo uumamu rakkoolee adda addaa kan akka IBD, gastritis, GERD, fi k.k.f fiduu
danda'a. Wal'aansa sirrii ta'e argachuufi fayyaa bullaa'insa nyaataa keenyaa
kunuunsuuf, maaltu dhiitoo “inflammation” kana akka fidu hubachuun
barbaachisaadha.

 Jeequmsa sirna madiinummaa qaamaa (autoimmune disorders):- Yeroo


tokko tokko, sirni ittisa qaamaa keenyaa burjaaja'ee seelii fayyaa sirna bullaa'insa nyaataa

keenya keessa jiru irratti duuluu jalqabuu danda'a. Kunis dhukkuboota tokko tokko fiduu

danda’a. Fakkeenyaaf, dhukkubni siliiyaakii (celiac disease)haala giluteenii (pirootiinii

qamadii, barbaree fi raayii keessatti argamu) nyaachuun sirni ittisa qaamaa sirna

Page 69
bullaa’insa nyaataa akka miidhu itti kakaasudha. Dhukkubni tiruu “autoimmune

hepatitis”jedhamuu dhukkuba biraa sirni ittisa qaamaa dogoggoraan kalee itti

haleeludha. Dhukkuboonni kun sirna bullaa'insa nyaataa irratti rakkoo uumuu waan

danda'aniif yaala fayyaa sirrii barbaadu.

 Sababaa Jeneetiksii (Genetic factors):- Yeroo tokko tokko dhukkuboonni


garaachaa warra irraa gara ijoollee isaaniitti karaa jiiniitiin(through gene) darbuu danda’u.
Kana jechuun rakkooleen tokko tokko sirna bullaa'insa nyaataa maatii keessatti fiiguu
danda'u. Fakkeenyaaf, haalli dhalootaan “hemochromatosis” jedhamu kan qaamni
ayirenii(Iron(Fe)) baay’ee xuuxu yoo ta’u, kunis dhimma garaachaa fiduu danda’a. Haalli
biraa maatii “adenomatous polyposis” jedhamu guddina “polyps” jedhamu garaacha
keessatti kan fidu yoo ta’u, kunis carraa dhukkuba garaachaatiin qabamuu dabaluu danda’a.
Namoonni seenaa maatii isaanii haalawwan kana qaban fayyaa isaanii eeguuf hakiima
waliin haasa'uu i qorannoo sirrii ta'e gochuun barbaachisaa dha.

HUB: Jeneetiksiin (Genetics) damee saayinsii ta’e, amalafi haalawwan fayyaa


tokko tokko warra irraa gara ijoollee isaaniitti akkamitti akka darban kan
qoratudha.

 Rakkoowwan nyaataa (Dietary factors):- Akkaataan nyaannu sirna bullaa'insa


nyaataa keenya irratti dhiibbaa uumuu danda'a. Nyaanni qulqullina hinqabaanne garaacha
keenya irratti rakkoo fiduu danda'a. Fakkeenyaaf, nyaata cooma ykn baay’ee mi’aawaa ta’e
nyaachuun haala dhukkuba “Gastroesophageal reflux disease (GERD)” jedhamu
hammeessuu danda’a. Kunis garaan gubachuufi miira gaarii dhabuu fiduu danda’a. Gama
biraatiin yoo “faayibara(fiber)” gahaa hin nyaanne dhimmoota akka garaan goguu ykn haala
“diverticulitis” jedhamu kan kiisha xixiqqoo(small pouches) garaacha keessa jiran itti
dhiita’oo(inflamed) ta'an fiduu danda'a. Kanaafuu, sirna bullaa'insa nyaataa keenya sirnan
eeguunfi rakkoolee kana irraa fagaachuuf nyaata fayya qabeessa ta'e waliin nyaata
madaalawaa nyaachuun barbaachisaadha.

 Sababoota Haala Jireenyaa (Lifestyle factors):- Akkaataan jireenya keenya itti


jiraannu sirna bullaa'insa nyaataa keenya irratti dhiibbaa uumuu danda'a. Amalli fayya-
dhabeessa kan akka tamboo xuuxuu, alkoolii baay’ee dhuguufi furdina garmalee
qabaachuun carraa dhukkuba garaachaan qabamuu dabaluu danda’a. Dhukkuboonni kun

Page 70
madaa garaachaa ykn garaacha keessatti dhukkubbii namatti fidu, dhukkuba kaleefi gosoota
kaansarii tokko tokko dabalatee ta’uu danda’u. Kanaafuu, amala kana irraa fagaachuufi
filannoo fayya qabeessa ta'e gochuun sirna bullaa'insa nyaataa keenya haala gaarii irra akka
turuuf yaaluun barbaachisaadha.

 Bishaan gahaa dhuguu dhabuudhaan:-Akkuma beekamu bishaan qaama keenyaaf


baay’ee barbaachisaadha. Sirna bullaa’insa nyaataa keessattimmoo qaamolee sirna
bullaa’insa nyaataa qulqulleessuu, bullaa’insa nyaataa saffisiisuu, dhangaaleen nyaataafi
albuudonni barbaachisoon gara qaamaaatti akka xuuxaman gochuun gahee olaanaa
taphata. Bishaan gahaa dhuguu dhabuun immoo faayidaawwan bishaanii armaan olii
hir’isuun dhibee garaachaatiif nama saaxila.

 Nyaata bu’aawwan aannanii baay’inaan nyaachuu : Bu’aawwan aannanii


pirootiniifi Lippiidiidhaan kan badhaadhanidha. Kanaafuu, sooratawwan akkanaa
baay’inaan soorachuun bullaa’insaaf rakkisaadha. Garaa nama afuufuu (bloating)fi
rakkoowwan biro qaqqabsiisuu danda’a.

 Dhiphina: Qaamoleen bullaa’insa nyaataafi sammuun walitti hidhamiinsa qabu. Kanaafis


qaamoleen bullaa’insa nyaataa ispaayinaal koordii caalaa niwuroonota baay’ee qabu.
Haaluma kanaan gaafa dhiphina baay’isnu sammuun keenya deebii dhiphina sanaan wal
qabateef deebii kennuuf jecha qaamolee bullaa’insa nyaataarra rakkoon gahuu mala.

MALLATTOOLEE DHIBEE GARAACHAA


(SYMPTOMS OF GI)
Mallattooleen dhibee garaachaa (gastrointestinal disease) kan jennu:-

 Dhukkubbii garaa (Abdominal pain or discomfort): Dhukkubbiin garaa ykn


mijataa ta’uu dhabuun naannoo garaafi qaama saalaa gidduu jiru kan yeroo baay’ee garaa
jedhamuun beekamutti miira dhukkubbii ykn tasgabbii dhabuu agarsiisa. Dhukkubbiin
kun cimina isaatiin garaagarummaa qabaachuu danda’a, salphaa irraa kaasee hanga
cimaatti. Akka dhiita’uu, dhukkubbii waraanaa qara qabu ykn dhukkubbii dull ta’ee itti
dhaga’amuu danda’a. Bakki dhukkubbiin kun itti mul’atus sababa bu’uuraa irratti

Page 71
hundaa’uun garaagarummaa qabaachuu danda’a. Dhukkubbiin garaa mallattoo
dhukkuboota garaachaa adda addaa ta’uu waan danda’uuf sababa fi yaala sirrii ta’e adda
baasuuf ogeessa eegumsa fayyaatiin madaalamuu qaba.

 Jijjiirama Boolii (Changes in bowel habits): Jijjiirama boolii(sagaraa) kan


muudatuu gaafa akkaataa sirni bullaa’insa nyaataafi akkaataa sagaraan ittiin darbuu
garaagarummaa gaafa qabattuudha. Kunis sagara laaftuu ykn bishaan ta’e kan qaama
namaa keessaa ba’uu ta’eefi irraa deddeebiidhaan mana fincaanii kan namaa geessuu yoo
ta’edha.

- Hir’ina ulfaatina qaamaa: kan uumamu sababa hir’achuu dandeettii ofitti


fudhannaa kaaloriifi nyaataan yoo ta’u, karaa biraan immoo dhukkubsataan sun fedhii
nyaataa dhabuun ulfaatinni isaa suuta suuta akka hir’atu taasisa.

- Ol jechisiisuu (vomiting): Yeroo golgaan Gaastiroo-intestinaalii miidhamu nyaata


seeraan daakee itti fayyadamuu dadhabuun deebi’ee gara alaatti akka bahu taasisa. Yeroo
hedduu mallattoon kun erga nyaata nyaannee booda kan mul’atudha.

- Fedhii nyaataa dhabuu:- Yeroo qaamonni sirna bullaa’insa soorataa miidhaman


dhukkubbiin ykn gubaatiin nutti dhagahamuu danda’a. kun immoo fedhii nyaata gara
keessaatti fudhachuu ni hir’isa.
- Itti dabaluun mallattooleen kan akka:
o Dadhabbii
o Gogiinsa garaa (constipation)
o Gubaa naannoo onneefi k.k.f mallattoolee dhibee kanaa ta’uu danda’u.

Hub: Dhibeen garaachaa (gastrointestinal disease(GI))dhibee tokko qofa osoo hin


taane dhibee hedduu of jalatti kan qabatudha.

KARAALEE ITTISA DHIBEE GARAACHAA(GI)

Karaaleen dhukkubni kun ittiin ittifaman haala jireenya keenyaa jijjiiruu waliin walqabata.

Page 72
- Soorata fayyaalessa ta’an soorachuun:- Soorata bullaa’insaaf gaarii ta’e soorachuun
dhibee kana ofirraa ittisuun ni danda’ama. Isaanis kanneen akka: fuduraaleef kuduraalee
garagaraati.
- Ulfaatina qaama keenyaa to’achuun:- Ulfaatinni qaamaa garmalee olka’uun ykn gad
bu’uun rakkoolee fayyaa hedduuf nama saaxila. Isaan keessaa tokko dhukkuba
garaachaadha. Kanaafuu ulfaatina qaama keenyaa to’achuun dhukkuba kana ittisuuf
shoora olaanaa qaba jechuudha.
- Bishaan gahaa dhuguun:- Akkuma armaan oliitti ibsame faayidaan bishaanii sirna
bullaa’insaa keessatti qabu guddaadha. Nyaanni qaamolee bullaa’insaa kana keessa akka
socho’aniifi mar’immaan akka inni salphaatti dadacha’u gochuufis gahee qaba. Bishaan
gahaa dhuguun dhukkuba GI of irraa ittisuun ni danda’ama.
- Hirriba gahaa rafuun:- Yeroo rafnu qaamoleen keenya niharoomu akkasumas
niboqatu. Kanaaf yoo hirriba gahaa rafne qaamoleen sirna bullaa’insa nyaataa keenyaa
sirriitti akka dalaganiif gargaara.
- Dhiphina hir’isuu: wantonni nama dhiphisan baay’een jiraatanis hamma danda’amaa
ta’etti hir’isuun sammuun keenya dalagaa sirna bullaa’insa nyaataa irratti qabu sirnaan
akka bahatuuf tajaajila.
- Harka Dhiqachuu: Infekshinii garaachaa ittisuuf qulqullinni harkaa sirrii ta’e
murteessaadha. Nyaata nyaachuu dura, mana fincaanii erga fayyadamtanii booda, nyaata
qalmaa (raw food) erga qabattanii booda harka keessan bishaaniifi saamunaadhaan
sirriitti dhiqadhaa.
- Qulqullina Nyaataa: Nyaata akka hin faalamneef haala qulqulla’aa ta’een qabachuufi
qopheessuun barbaachisadha. Hojimaata nageenya nyaataa gaarii kan akka kuduraafi
muduraa dhiquu, nyaata sirriitti bilcheessuu, nyaata qalamaafi bilcheefame gidduutti
faalama qaxxaamuraa irraa fagaachuu ( reducing cross contamination).
- Bishaan qulqullina Qabu Dhuguu: Bishaan dhugaatii qulqulluu madda amanamaa
irraa dhuguun barbaachisadha. Yoo qulqullina bishaanichaa mirkanaa'aa hintaane,
bishaan qaruuraa ykndanfee dhuguun gaariidha.
- Talaallii: Talaallii dhukkuboota kanneen akka “hepatitis A” (dhukkuba tiruu)fi
“rotavirus”tiif kennaman yeroo eegne fudhachuun dhibee garaachaa ittisuu keesatti gahee
guddaa taphata. Sababni isaas dhukkuboonni armaan oliitti ibsamaan infeekshinoota
dhibee garaachaa fidaan waan ta’aniifdha.

Page 73
- Qulqullina Dhuunfaa: Keessattuu qulqullina afaanii yeroo ilaallu qulqullina dhuunfaa
gaarii eeguu. Yoo xiqqaate guyyaatti al lama ilkaan keessan buruushiin dhiqadhaa, yeroo
hunda ilkaan keessan qulqulleessuun dhukkuba afaanii dhimma garaachaa fiduu danda’u
ittisuuf.

- Balfa Sirnaan Gatuu: Balfa namaafi beeyladaa dabalatee, balfa sirnaafi qulqullina
qabuun gatuun madda bishaanii akka hin faalamneefi infekshiniin akka hinbabal’anne
gochuu.
- Walqunnamtii Saalaa Nageenyafi Qulqullina Qabu Shaakaluu: Walqunnamtii
Saalaa nageenya qabu raawwachuun dhukkuboota walqunnamtii saalaatiin daddarban
(STIs) kanneen akka “human papillomavirus (HPV)”fi HIV, kanneen rakkoo garaachaa
fiduu danda’an ittisuuf gargaaruu danda’a.
- Fayyadama Antibaayootikii: Antibaayootikii yeroo ogeessi fayyaa ajaje qofa
fayyadamuufi akka qajeelfamaatti fudhachuun barbaachisadha. Antibaayootikii
dogoggoraan fayyadamuufi garmalee fayyadamuun baakteeriyaa antibaayootikii
dandamatu fiduu danda’a, kunis infekshinii garaachaa fiduu danda’a.

SOORATAWWAN GORFAMAN
1. Nyaata Faayibaraan Badhaadhe: Nyaata keessan keessatti fuduraalee, kuduraalee,
midhaan guutuu, baala mukaafi muuzaa baayinaan fayyadamuun barbaachisaadha.
Nyaatni kunneen faayibara baay’ee kan qaban yoo ta’u, kunis bullaa’insa nyaataa, fayya
qabeessa kan taasisuufi qufaan akka hinuumamne kan taasisudha. Fkn: birookili, firii
wayinii(berries), poomii(apple), oats, quinoa, lentilsfi almonds niargamu.
2. Qurxummii Cooma Qabu: Qurxummiin cooma qabu kan akka saalmoonii, mackerel,fi
sardines madda asiidota coomaa omeega-3 gaarii yoo ta’an, kunis amaloota farra
inflammatory kan qaban yoo ta’u, carraa dhiita’uu garaachaafi jeequmsa bullaa’insa
nyaataa tokko tokko hir’isuuf gargaaruu danda’a.

Page 74
3. Bishaan: Bishaan gahaa tahee dhuguun hojii bullaa’insa nyaataa gaarii ta’e akka
qabanuuf nugargaara. Bishaan gahaa dhuguun bullaa'insa nyaataa deeggaruufi gogiinsa
garaa ittiisuuf faayidaa qaba.
4. Midhaan: Midhaan kan akka ruuzii, bunaafi daabboo qamadii nyaachuu. Midhaan
faayibara, vitaaminiifi albuuda bullaa’insa nyaataa fayya qabeessa gochuuf deeggaran
nikenna, kanaaf midhaan nyaachuu baay’isuun barbaachisadha
5. Sooratawwan jinjibila qaban: jinjibbilli dhukkuboota garagaraa ittisuuf akka
gargaaru beekamaadha.
a. Kan garaa nama afuufu (bloating) fi rakkoowwan bullaa’insa nyaataa waliin wal
qabatan furuuf nioola. Kanaaf jinjibila gogsinee daakuudhaan soorata
qopheessinutti dabaluun ykn shaayii waliin dhuguun nigorfama.
6. Kuduraalee: kuduraaleen ‘fiber’ dhaan badhaadhoodha. Keessumattuu qolli isaanii
‘fiber’ hedduu of keessaa waan qabuuf kunimmoo bullaa’insa nyaataaf baay’ee
barbaachisaadha.
 Kuduraaleen qolli isaani ‘fiber’ dhaan badhaadhoo ta’an keessaa kanneen
akka dinnichaa, baaqelaa, shumburaa fi kkf dha.
7. Fuduraalee: isaanis akkuma kuduraalee ‘fiber’ dhaan badhaadhoodha. Kana malees
vaaytaaminiifi albuudota garagaraa kanneen bullaa’insa soorataaf barbaachisoo ta’an kan
akka vaayitaamin ‘C’ fi potaasiyemii of keessaa qabu.
Fkn : Aappilii, burtukaana, muuzii
8. Itittuu hamma murtaa’e: itittuun bu’aa aannanii keessaa tokko ta’ee hamma
murtaa’aan kan fudhatamuu qabuudha. Innis kan tajaajilu baakteeriyaafi ‘yeast’
bulla’insa soorataaf barbaachisan gumaachuudhaani.
9. Damma: ganama ganama damma hanga fal’aana lamaa nyaachuun humnaa ol wal
horuu baakteeriyaawwan rakko fidanii ittisuuf nigorfama.
-

SOORATAWWAN HIN GORFAMNE


Sooratawwan kun kanneen bulla’insa nyaataarratti rakkoo uumaniidha.

Page 75
1. Soorata asiidawoo:Sooratawwan asiidawoo kanneen akka timaatimiifi qaaraa,
fuduraalee sitirik asiidii of keessaa qaban kan akka loomiifi burtukaanaa soorachuun
namoota dhukkuba garaachaa qabaniif hingorfamu.
2. Soorata hinbilchaanne: Nyaatawwan osoo hinbilchaatiin nyaataman kanneen akka
foon dheedhii, coomaafi dhadhaan sooratawwan dhikkuba kanaaf hingorfamnedha.
3. Soorata summaa’anfi garmalee qorran:- Bu’aawwan aannaniifi sooratawwan
summaa’an ykn firiijii keessatti garmalee qorran dhukkuba qaamolee bullaa’insa nyaataa
fiduufi kanneen jiran hammeessuu danda’u.
4. Bu’aawwan aannanii hammaan hinmurtoofne:- Gareewwan nyaataa kanneen
bullaa’insaaf ulfaatan keessaa tokko bu’aawwan aannaniiti. Sababni guddaan kanaas
laaktik asiidii aannan keessaafi mi’aawwan aannanii fi bu’aawwan aannanii garagaraa
keessatti argamaniifidha.
-

DAWAALEE DHIBEE GARAACHAA ( GI)


1. Omeprazole (Prilosec): Omeprazole protonpump inhibitor (PPI) kan yeroo baay’ee
oomisha asiidii garaachaa hir’isuuf itti fayyadamnudha. Haalota akka dhukkuba
gastroesophageal reflux disease (GERD), madaa garaachaafi gastritis jedhamuuf
ajajama.

2. Ranitidine (Zantac): Ranitidine “H2 blocker” yoo ta'u oomisha asiidii garaachaa
hir'isuuf gargaara. Haalota akka GERD, madaa garaachaafi dhukkuba garaachaa
yaaluuf kan ooludha.

3. Metoclopramide (Reglan): Metoclopramide prokinetic agent kan sochii garaachaa


fooyyessuuf gargaarudha. Haalota akka gastroparesis (garaa duwwaa ta’uu harkifachuu)
fi gastroesophageal reflux jedhamuuf ajajama.

4. Loperamide (Imodium): Loperamide qoricha farra garaachaa yoo ta’u, dhukkuba


garaachaa cimaa yaaluuf gargaara.

Page 76
DHIBEE
SUKKAARA
A

MAALUMMAA DHIBEE SUKKAARAA

Dhibeen sukkaaraa (maqaa saayinsaawaa isaan Diabetes mellitus) jedhamu dhibee qaamolee
gubiinsa soorataa keessaa tokko ta’ee hamma sukkaaraa qaama keessaa kan olkaasudha.
Dhibee qaamolee gubiinsa soorataa yemmuu jennu dhibeewwan qaamolee gubiinsa soorataa
idilee kan soorata nuti nyaannu gara humnaatti jijjiiran jeeqanidha.

Haalota baratamaa ta’e keessatti hammi sukkaaraa dhiiga keenyaa haala baratameen olitti
yemmuu dabalu rajiijiin keenya hormonii insuliinii jedhamu oomisha. Insuliiniin hormonii
sukkaara (gulukoosii) dhiiga keenya keessaa gara gilaayikoojiniitti jijjiiruun akka tiruu keessatti
kuufamu kan taasisanidha. Gilaayikoojiniin gosa sukkaara kuufamaa kan bulbulamuu hin
dandeenyedha. Innis qaamni keenyi yeroo human barbaadu gara gulukoosiitti jijjiiramudha.
Garuu namoota dhibee sukkaaraan qabaman keessatti qaamni isaanii insuliinii gahaa
oomishuu dadhaba ykn immoo insuliinii oomishame sana seeraan itti fayyadamuu irratti
rakkoon isaan mudata. Hammi sukkaara dhiigaa olka’aa ta’e dafee yaala barbaachisaa hin
arganne taanaan narvii, ija, kaleefi qaamota biroo irraan miidhaa geessisuu danda’a.

Gosoota dhibee sukkaaraa


Gosoonni dhibee sukkaaraa gurguddoon lamadha. Garuu isaaniin dabalata gosni sukkaaraa
yeroo ulfaa qofa uumamus ni jira. Kanaaf gosoota dhibee sukkaaraa afuur ni ilaalla.

Page 77
Goosa dhibee sukkaaaraa isa jalqabaa
Goosni kuun yeroo baayyee ijoollee xixxiqqoo, dargaggootaafi namoota umurii xiqqoo irra
jirran irratti mullata.garuu umurii kamirrattuu uumamuu danda’a.goosni kuun kan uumamu
yeroo paankirasiin oomisha insuuliinii dhaabudha.kana jechuun dhukkuba kana qaban
insuuliinii bifa qoorichaan yeroo mara fuudhachuuqabu jechuudha.CDCiin(buufata too’annoo
dhukkubootaa ameericaa)akka gabaaseetti namoota dhukkuba kana qaban keessaa
dhiibaantaan shanii haanga kudhanii ta’aan goosa dhibee sukkaaraa kana qabu.

Goosa dhibee sukkaaraa isa lammataa


Gosni kun umrii kamirrattuu uumamuu danda’a,garuu umurii afuurtamaa ooliirratti irra
jireessaan argama.goosni kuun kan uumaamuu yeroo paankirasiin namaa insuuliinii gahaa
oomishuu rakkatudha.yookiin qaamni keenya insuuliinii jiru seeraan itti fayyadamuu yeroo
dhiisuudha.namoota dhibee sukkaaraa qaban keessaa dhibbantaan sagaltamaa haanga
sagaltamii shaniita’aan goosa kana qabu.

Dhibee sukkaaraa yeroo ulfaa(Gestational diabetes)


Yeroo ulfaa dubartoonni dhukkuba kana duraan hinqabne tokko tokkootu uummata.kuuniis
maqaa saayinsawasaatiin gestational diabetes jedhamuun beekama.yeroo baayyee erga
da’uumsaan booda bada,garuu goosa dhibee sukkaaraa kana qabaachuun carraa haadhaafii
mucaan dhibee kanaa ittifuufuu dabaluu danda’a.

Dursa dhibee sukkaaraa(prediabetes)


Akkuma maqaasaa irraa huubachuu dandeenyuutti duursi dhibee sukkaaraa carraa dhibee
sukkaaraa goosa lammataaf qabamuu keenya dabala.yeroo kana sukkaarrii dhiiga keessaa
nidabala garuu daballiin sukkaaraa kuun dhibee sukkaaraa gosa lammataa nama hinqabsiisu.

Page 78
KA’UUMSA DHIBEE SUKKAARAA

GOOSA KA’UUMSA
Goosa dhibee sukkaaaraa isa jalqabaa  Seeloonni qaamaa seeloota
insuuliinii(hoormoonii guluukoosii gara
gulukaagoonitti jjijiiruuf
gargaaaru)yeroo ajjeesan

 Dhukkuboota daddarboonis ka’uumsa


dhibee kanaa ta’uu danda’u

Goosa dhibee sukkaaraa isa lammataafi  Yeroo seeloonni insuuliinii fudhachuun


duursa dhibee sukkaaraa sukkaara gara gulukaagooniitti jijjiiruu
dadhabaniifi sukkaarrii baayyachaa
yeroo adeemu
Dhibee sukkaaraa yeroo ulfaa(Gestational  Yeroo ulfaa qaamni dubartii
diabetes) hoormoonoota insuuliinii dhowwan
uumuun sukkaarri garmalee akka
kuufamu goodhu

MALLATTOOLEE
Namni dhibee sukkaaraa qabu huundi mallattoo niarga jechuun nama rakkisa.kuun immoo
irraa caalaattii namoota dursa dhibee sukkaaraafi goosa dhibee sukkaara isa lammataa
qaban irratti irra caalaan mul’ata;sababni isaas mallatooleen dhibee sukkaaraa mul’achuuf
yeroo dheeraa itti fuudhata.Dubartoonni dhibee sukkaaraa yeroo ulfaa qaban yerootti
mallatoolee kamiyyuu itti hinargiines nijira.Karaa kanaan faallaa ta’een ammo dhibee
sukkaaraa gosa duraa warri qaban mallattoolee hedduufi cimaa ta’aan ni keessumeessu.

Mallattoolee irrajireessaan namoota dhibee sukkaaaraan qabaman irratti mul’atan kanneen


armaan gadiiti

 Dheebuu humnaa olii


 Fincaan yeroo haalkanii nama qabuu
 Dadhabbii
 Ulfaatina qaamaa dhabuu
 Iji haala duumeesa’aan arguu
 Madaan dafee fayyuu diduu
 Beeluu huumnaa olii

Page 79
 Adooda millaafi haarkaa
 Faallamnii qaaamaa dhukkubootaan haarka maleen dabaluu
 Gogaa baayyee googe
 Dhekkamsaa humnaa olii

Mallattooleen kan biroo kan dhibee sukkaaraa duraarratti mul’atan

 Locaa/Lolloojjii
 Miira dhukkubbii naannoo garaachaa
 Balaqqamuu
 Infeekshinii naannoo ujummoo ficaanii

WANTOOTA CARRAA DHIBEE SUKKAARAAN QABAMUU KEENYA


DABALAN
Haal-dureewwan tokko tokko carraa dhibee sukkaaraan qabamuu nama tokkoo dabaluu
nidanda’u.Isaaniis:

Dhibee sukkaaraa goosa duraaf


 Maatii dhibee kana qabu keessatti dhalachuu
 Dhibeewwan dhibee kana fidan kanneen akka dhukkuboota vaayirasiin dhufaniin
qabamuu
 Rakkoon rajiijii irratti uumamuu

Dhibee sukkaaraa goosa lammataaf


 Maatii dhibee kana qabu keessatti dhalachuu
 Furddina garmalee
 Jireenya sochii qaamaa irraa walaba ta’e jiraachu
 Dhibbaa dhiigaa ol’aanaa qabaachuu
 Umurii 45ol ta’uu
 Tamboo xuuxuu
Dhibee sukkaaraa yeroo ulfaaf
 Maatii dhibee kana qabu keessatti dhalachuu
 Furddina garmalee yeroo ulfaa dura
 Umurii 25ol ta’uu
HAALLI JIREENYAA KEENYA DHIBEE SUKKAARAARRAA OF ITTISUUF
Haala jireenyaa keenya jijjjiiruun guwulukoosiin qaama keenya keessatti akka haala
walfakkaataan raabsamu goodha.Kuunimmoo akka haal-dureewwan dhibee kanaaf nu
saaxilan hir’atu goodha.

Page 80
 Nyaata karoora qabu nyaachuu
 Soochii qaamaa yoo xiqaate daqiiqaa 30 kan ta’u guyyaa shaniif toorbeetti raawwachuu
 Ulfaatina qaamaa hir’isuu
 Hirriba gahaa ta’e argachuu
 Nyaata madaalamaa nyaachuu
 Tamboo xuuxuu dhaabuu
 Dhiphina hir’isuu
 Alkoolii dhuguu dhiisuu
 Dhibbaa dhigaa yeroo yerootti ilaalamuu
 Qoorichawwan keennamaan seeraan fuudhachuu
YAALII

Akkuma dhukkuba kaanii dhibeen sukkaaraas yaalii mataa isaa danda’e qaba.

YAALII DUURSA DHIBEE


SUKKAARAAF
Barbaahisummaan yaalii duursa dhibee sukkaaraan inni guddaan akka dhibichi gara goosa
lammattaatti hinguddeneefi dha.yaaliiwwaan kunneenis kan armaan gadiiti:

 Nyaata karoora qabu nyaachuu


 Soochii qaamaa yoo xiqaate daqiiqaa 30 kan ta’u guyyaa shaniif toorbeetti raawwachuu
 Ulfaatina qaamaa hir’isuu
 Hirriba gahaa ta’e argachuu
 Nyaata madaalamaa nyaachuu
 Tamboo xuuxuu dhaabuu
 Dhiphina hir’isuu
 Alkoolii dhuguu dhiisuu
 Dhibbaa dhigaa yeroo yerootti ilaalamuu
 Qoorichawwan keennamaan seeraan fuudhachuu

Page 81
Page 82
. BOOQONNAA 4
KALEE

Page 83
Kalee

Kaleen kutaalee qaama keenya keessaa kanneen hedduu barbaachisan keessatti kan
ramadamudha. Qaamni kunis qaama dalagaalee hedduu kan hojii qaamolee biroof haala
mijeessaniifi fayyummaa qaama keenyaaf illee qooda guddaa qaban dalagudha. Dalagaalee
isaa kanas haalaan dalaguuf dhiiga qulqulluu onneen raabsu keessaa hamma olaanaa ofitti
fudhatee fayyadama. Hammi dhiigaa kutaan qaamaa kun fayyadamus qaamolee biroo waliin
yemmuu madaallu Tiruutti aanuun sadarkaa lammaffaarra isa teesisa. Kaleen dalagaalee
heddu qaba; isaan keessa muraasni akka armaan gaditti ibsamani jiru isaanis:-

• Xuraawaafi dhangala’aa garagaraa qaama keessaa baasuu

• Madaala bishaanii, ashaboofi albuudota qaama keessaa eeguu

• Hormoonota faayidaa garagaraa qaban gadhiisuufi dalagaalee biroo hedduu kan


raawwatudha.

Page 84
Qaamni kun nuffii malee dhiiga hanga liitira 200 ol ta’u guyyaa tokko (sa’atii 24) keessatti
nicalala. Calallii kana keessaas dhiigaafi wantoota qaamaaf barbaachisoo ta’an biroo qaama
keessa akka turan gochuudhaan akkasumas wantoota xuraawoo kanneen qaamaaf hin
barbaachifne immoo gara alaatti bifa dhangala’aa (fincaaniin) akka bahan taasisudha.

Uumamaan namni tokko kalee lama kan qabudha. Haa ta’u malee sababoota garagaraan kalee
tokko qofa qabaachuu nidanda’a. sababoota kanneen keessaas:-

• Yeroo dhalootaa kalee tokko qofaan dhalachuu

• Miidhamaafi dhukkubarraa kan ka’e kale tokko qaama keessaa baasuu

• Kalee lama keessaa tokko nama biraaf dabarsanii kennuu

• Uumamaan kalee lama qabaannus, inni tokko qofti dalaguun sababoota isaan ijoodha.

Kalee tokko qofa qabatanii dhalachuun hedduu baratamaa ta’uu baatus darbee darbe
daa’imman kalee tokko qofaan dhalachuu nidanda’u. Taateen kunis "hanqina guddina kalee"
(Renal Agenesis) jedhamuun beekama. Taateen kun kan uumamu yeroo seelonni miciree gara
kaleetti guddachuu dadhaban yemmuu ta’u kunis kaleewwan lamaan ykn tokko qofa kan hubu
taa’uu danda’a. hanqinni guddina kalee kun kaleewwan lachuu irratti kan mul’atu yoo ta’e
daa’imni dhalatu sun sa’atiiwwan muraasa keessatti lubbuun isaa nidarbiti.

Karaa biraan daa’imni kalee tokko qofa qabatee dhalate cinatti miidhama biraa hin qabu
taanaan jireenya fayyaalessaa jiraachuu nidanda’a. sababoota hanqina guddina kalee (renal
agenesis) keessaa muraasa haa ilaallu. Sababoota isaa keessaa inni tokko rakkoolee obbaatii
(placenta) keessatti uumamanidha. Rakkoon kunis geejjiba soorataafi oksijinii haadharraa
gara daa’imaatti adeemsifamu jeequun guddina miciree huba. Kunis yeroo booda hanqina
guddinaaleef sababa ta’uu nidanda’a. kanaan dabalata sababoonnii kanneen biroo kanneen
akka rakkoo sanyii (genetics disorder), haati daa’imichaa dhibeewwan garagaraa kanneen akka
dhiibbaa dhiigaa qabaachuu akkasumas alkooliiwwaniifi wantoota biroo daa’ima gadameessa
keessaa miidhuu danda’an (tamboo ykn sigaaraa) kan fayyadamtu taanaan carraan daa’imaa
rakkoo kanaan qabamuu bal’achuu nidanda’a.

Page 85
Kaleen keenyi akkuma tajaajila hedduu nuuf kennu ofeeggannoofi kunuunsa guddaas nurraa
barbaada. Akkuma armaan oliirratti kaasne, namni tokko kalee tokko qofaan jireenya isaa
fayyaalessaa itti fufsiisuu nidanda’a haa ta’u malee yeroo kaanirra caalaa fayyummaa kalee
isaaf ofeeggachuu qaba.

Page 86
Infeekshini
i ujummoo
fincaanii /
IUF

Maalummaa dhukkuba IUF

Dhukkubni IUF yookiin Infeekshinii afuuffee fincaanii cimaan/acute cystisis/ jedhamuun kan
waamamu dhukkuba yeroo baay’ee baakteeriyaan kan dhufu ta’ee kan ujummoo fincaanii
keenya miidhudha. baakteeriyaan kun ujummoo fincaanii gara gadii yookiin jalaa yemmuu
miidhu, saayistaatis salphaa / infeekshinii afuuffee fincaanii / kan jedhamu yoo ta,u, yeroo
ujummoo fincaanii gara gubbaa yookiin olii miidhu immoo infeekshinii kalee / pyelonephritis/
jedhama.

Dhibeen IUF Infeekshinii qaama ujummoo fincaanii kamirrattiyyuu mul'achuu danda'udha.


Fakkeenyaaf:

 Kalee

 Yureetarii

Page 87
 Afuuffee fincaanii

 Yureetiraa fi k.k.fdha.

Yeroo hedduu IUF gara jalaa yureetiraafi afuuffee fincaanii kan hubu yemmuu ta’u, IUFn kan
gara olii immoo kaleefi yureetarii caalaatti huba. Kana dabalataan IUFn gara gubbaa yookiin
gara olii yeroo hedduu mul’achuu haa baatuyyuu malee, IUF gara jalaa yookiin gadii irraa
nicimaa yookiin ni rakkisa.

Dhukkubni kun nama umrii kamirrattiyyuu argamu miidhuu kan danda’uufi waggaatti namoota
miiliyoona 8-10 kan ta’u sababa dhibee kanaatiin mana yaalaa kan deeman ta’uu isaas
qorannoon tokko tokko ni ibsa. Waa’ee dhibee kanaa wanti nuti hubachuu qabnu
baakteeriyaan ujummoo fincaanii keessatti argamuun qofti dhibee IUFf saaxilamneerra jechuu
akka hin taanedha.

Sababoota dhibee IUF


Sababoota dhukkuba IUF keessa dhibbantaa 80-85 /80-85%/ kan dhufu sababa baakteeriyaa
E-kolay /E-coli or Escherichia coli/ jedhamuunidha. dabalataanis baakteeriyaawwan
garagaraa, akkasumas darbee darbee vaayirasiifi fangasootaan dhufuullee ni danda’a garuu
carraan mul’achuu isaa baay’ee xiqqaadha. Dabalataanis wantoota dhukkuba kanaaf nu
saaxiluu danda’an haa ilaallu.

a. Walqunnamtii saalaa: yeroo walqunnamtii saalaa baakteeriyaan dhukkuba IUF fiduu


danda’an gara qaama keenyaa keessaatti seenuun qaamolee ujummoo fincaanii
qabachuudhaan ujummoo fincaanii sana miidhuun dhibeen kun akka nurratti mul’atu gochuu
ni danda’a.

b. Saala: saala yemmuu jennu dhiiraa yookiin dubara jechuu yommuu ta'u, uumamaan immoo
shamarran dhiirota caalaa dhibee kanaaf carraa saaxilamuu olaanaa qabu. Sababni isaas
dheerinni yureetiraa kan shamarranii kan warra dhiirotaa wajjiin wal bira qabamee yeroo
ilaallamu gabaabaadha. Kun immoo baakteeriyaan dhukkuba IUF fidu afuuffee fincaanii bira
gahee isa miidhuuf karaa gabaabaafi mijataa uuma. Sababa kanaaf shamarran dhiirota caalaa
dhibee kanaaf saaxilamoodha.

Baakteeriyaawwan armaan oliitti eerre dhukkuba IUF hanga naannoo dhibbantaa 90 /90%/
fiduu keessatti kan qooda qaban yoo ta’u, dabalataanis baakteeriyaawwan kanneen akka:

Page 88
 Intirookokasii (enterococcus)

 Intiroobaakterii (enterobacter) baakteeriyaawwan jedhaman darbee darbee dhibee kana

fiduu ni danda’u.

Gosoota IUF
Qaamolee dhibeen infeekshinii ujummoon fincaanii miidhu (hubu) irratti hundoofnee dhukkuba
IUF bakka sadiitti(3) qoodnee ilaaluu ni dandeenya.

a. Infeekshinii afuuffee fincaanii(cystitis): gosti kun yeroo baay’ee jalqaba dhibee IUF

irratti kan mul’atu yeroo ta’u, akkuma maqaan isaa ibsus kan inni miidhu/hubus

afuuffee fincaanii keenyadha.

b. Infeekshinii kalee(pyelonephritis): Gosti kun immoo infeekshinii ujummoo fincaanii gara

olii keessatti kan mul’atu ta’ee, kalee keenya kan miidhudha.

c. Infeekshinii yureetiraa(urethritis): infeekshiniin kun immoo infeekshinii yureetiraa

keenya irratti miidhama kan geessisudha.

Gosoonni armaan oliitti argine kun qaama infeekshiniin ujummoo fincaanii miidhu irratti
hundaa’uun kan gabaabinaan waa’ee gosoota IUF kan ibsameedha.

Mallatoolee dhibee IUF


Akkuma ujummoon fincaanii gara gubbaa(olii)fi gara gadii(jalaa) jedhamuun qoodamu,
dhukkubni infeekshinii ujummoo fincaanii illee kan gara olii(gubbaa)/upper urinary tract
infection/ fi kan gara gadii(jalaa)/lower urinary tract infection/ jennee qooduudhaan ilaaluu ni
dandeenya.

Page 89
Mallattoolee infeekshinii ujummoo
fincaanii gara jalaa
 Mallattooleen infeekshinii ujummoo fincaanii gara jalaa,

qaama ujummoo fincaanii isa gadi aanurratti kan mul’atu

yemmuu ta’u, mallattoolee armaan gadii mul’achuu ni

danda’u.

 Yeroo fincoofnu miirri gubaatii dhagahamuu: Miirri gubaatii kan namatti

dhagahamu sababa baakteeriyaan dhukkuba kana fidu golgaan afuuffee akka

diimatuufi hubamu gochuudhaanidha. Kunis yeroo fincoofnu miirri gubaatii kun

akka nutti dhagahamu taasisa.

 Garmalee irra deddeebiin fincaa’uu: Yeroo afuuffeen fincaanii keenya miidhamu,

dandeettiin afuuffee fincaanii fincaan qabatee turuu isaa waan dadhabuuf irra

deddeebiin akka fincoofnu nu taasisa.

 Fincaan dhiigaan walmake: Kun kan inni uumamu yeroo dhukkubni IUF nu qabu

qaamoleen ujummoo fincaanii waan miidhamaniif dalagaalee isaanii seeraan hin

raawwatani. Kanaaf kalee keessa dhiigni calalamee gara ujummoo dhiigaatti kan

deebi’uu qabu sababa miidhama ujummoo fincaaniitiin fincaan waliin walmakee

gara alaatti baha.

 Fincaan duumessaa’aa fincaa’uu: Yemmuu qaamni alagaa ta’e gara qaama

keenyatti seenu seeliin dhiiga adii qaama alagaa sana balleessuudhaaf itti

gadhiifama. Yeroo baakteeriyaan dhukkuba IUF qaama keenya yemmuu lixus

Page 90
baakteeriyaa sana ajjeesuuf qaamni keenyaa seelii dhiiga adii hedduu gad

lakkisa. Yeroo kana seeliin dhiiga adiin tokko tokko fincaan waliin walnyaatanii

gara alaatti bahuudhaan fincaan keenya halluu gara duumessaa’aa akka qabaatu

taasisa.

 Dabalataanis dhukkubbiin naannoo qaama saalaatti illee dhagahamuu ni danda’a.

Mallattoolee infeekshinii ujummoo


fincaanii gara gubbaa
Dhukkubni IUF garri gubbaa kun qaamolee kan akka kalee fa’a irratti dhiibbaa geessisa.
Baakteeriyaan dhukkuba IUF fidu yeroo kaleen miidhame dhiiga calalu, dhiiga waliin wal
makuudhaan qaamolee biraatti geejjibamuu danda’a. Kun immoo nama dhukkuba Kanaan
qabame balaa hamaaf saaxiluu danda’a. Haalli kunis Yuurosepsis(Urosepsis) kan jedhamu yoo
ta’u, suuta suuta dhiibbaa dhiigaa xiqqeessuudhaan gara du’aatti geessisuullee ni danda’a.
Dabalataan,

 Locaa/lolloojjii(nausea): Sababa dhibee IUFf saaxilamuu keenyaan dhiibbaa dhiigaa

gadaanaan nu quunnamuu danda’a. Kun immoo locaaf(nausea)fi bowuu mataaf nu

saaxila.

 Dhukkubbiin naannoo qaama kaleetti dhagahamuu: Kun kan uumamuuf kaleen keenya

sababa baakteeriyaatiin waan miidhameef ta'uu danda'a.

Kana malees mallattooleen akka:

 Qorrisiisuu

 Gubaatii qaamaa (fever)

Page 91
 Ol jechisiisuu (haqqisa) (vomiting) illee dhukkubni IUFn qaama keenya keessa jiraachuu

isaa nutti mul’isuu danda’u.

Ittisa dhibee IUF


Maloota sasalphoo ta’an tokko tokko gargaaramuun dhibee IUF ofirraa ittisuun nidanda’ama.
Malootni kunis:

 Bishaan gahaa dhuguu: Bishaan gahaa ta’e yeroo dhugnu kalee dabalatee qaamoleen

ujummoo fincaanii ni qulqullaa’u. yeroo kana baakteeriyaan dhibee IUF fidu fincaan

/xurii/ waliin gara alaatti gadi baha.

 Maloota ittisa dahumsaa seeraan fayyadamuu: Kana yemmuu jennu malleen ittisa

da’umsaa kan ta’an kanneen akka diyaafragimii(diaphragm) (mi'oon gadameessa

seenee dubartiin akka hin ulfoofne ittusuuf waan akka laastikii haphii afaan

gadameessaa irratti qabsiifamu), kondomii fik.k.f yoo of eeggannoon hin fayyadamne

ta’e guddinaafi baay’ina baakteeriyaa kanaaf haala mijeessu. Kanaaf yeroo maloota

ittisa dahuumsaa fayyadamnu keessumaayyuu shamarran of eeggannoon ta’uu qaba.

 Uffata garmalee dhiphaa ta’e ykn kan nama qabu uffachuu dhiisuu fik.k.f fayyadamuun

dhibee IUF ofirraa ittisuun ni danda’ama.

Soorata dhibee kanaaf gorfamu


Sooratni tokko tokko dhibee infeekshinii ujummoo fincaanii ittisuu keessatti qooda guddaa
qabu. Waa’ee nyaaataawwan eyyamaman tokko tokko kanas gabaabsinee haa ilaallu.

Page 92
 Qullubbii adii(garlic): Qullubbii adiin farra baakteeriyaa uumamaan kan of keessaa

qabuufi dhibee hedduudhaaf akka qorichaatti kan fayyadudha. Qabiyyeen farra

baakteeriyaa isaa kunis ittisa dhibee IUF keessatti nu gargaara.

 Muuzii: Muuziin qabiyyee Pootaasiyemii(K) olaanaa kan qabu yeroo ta’u, sosochii

maashaalee garaa keessaa dabaluun fincaan gara alaatti akka bahu taasisa.

 Goraa(berry/strawberry): Isaan kun immoo qabiyyee bishaanii olaanaa of keessaa waan

qabaniif fincaan sirriitti akka fincoofnu nu taasisuudhaan dhibee IUF nurraa ittisu.

 Dabalataanis nyaatni akka:-

o Dinnicha

o Killee(hanqaaquu)

o Ocholoonii(nut) fik.k.f. hedduun ittisa dhibee IUFf nu gargaaruu danda’u.

Soorata dhibee kanaaf hin gorfamne


Sukkaara, soorata warshaalee keessaa bahan, kaarbohayidireetii qulqullaa’e (refined
carbohydrate) kanneen jennu infeekshinoota hedduu qaama keessatti argamuu danda’an IUF
dabalatee sooruudhaan guddina baakteeriyaa kanaaf haala mijataa uumuun dhibee kanaaf
caalatti nu saaxiluu danda’a. Mee waa’ee soorata armaan oliitti gabaabinaan ibsine haa ilaallu.

1. Sukkaara: sukkaarri yeroo infeekshiniin kamuu nu qabu soorata ofirraa fageessuu

qabnu keessaa isa tokkodha.

Hub: Yemmuu “sukkaara” jennu sukkaara warshaa keessatti qulqullaa’e (refined sugar) jechuu
keenya malee sukkaara uumamaan kuduraafi fuduraa keessatti argamu jechuu keenya miti.

Sukkaarri kunis baakteeriyaawwan qaama keenyarratti miidhaa geessisan sooruudhaan


dhibee kana nutti cimsa akkasumas dhibeen kun akka nurra turuufi qaama keenya keessatti
akka tamsa'u taasisa.

Page 93
Dabalataan sukkaarri dandeettii madiinummaa qaama keenyaa akka walii galaatti hir’isuu ni
danda’a. kunis kan ta’e akkaataa dalagaa seelii dhiiga adiirratti dhiibbaa geessisuudhaan
saaxilamummaa dhibee kanaaf qabnu ni dabala.

2. Kaarboohayidireetii qulqullaa’e(refined carbohydrate): kaarboohayidireetiin akkasii kun

kan inni qophaa’u warshaa keessa yoo ta’u:- Daakuu qamadii, Paastaa, mi'ooftuuwwan

garagaraa akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama. Isaan akkasii kunis

baakteeriyaa sana sooruudhaan baay’isuu waan danda’aniif fayyadamuu dhiisuun

filatamaadha.

3. Kuduraalee asiidummaa qaban: Fuduraaleen kan akka Loomiifi Burtukaanaa qabiyyee

vaayitaamin C heddumminaan qabaachuun isaanii ni beekama. Akkasumas ittisa

dhibee garagaraatiifillee nu gargaaru, garuu sababa qabiyyee asiidummaa olaanaa

qaban irraa kan ka’e naannoo afuuffee fincaanii keenya hubuudhaan dhibee kana nutti

hammeessuu ni danda’u.

Kana yemmuu jennu soorata ykn fuduraalee asiidummaa qaban guutummaatti dhaabuu otoo
hin taane hamma gahaa qaama keenya miidhuu hin dandeenyeen fayyadamuu jechuu
keenyadha.

Kana malees,

 Mi’eessitoota nama guban

 Juusii kuduraalee garagaraa

 Alkoolii

 Bunaafk.k.f. dhibee kana nutti hammeessuu waan danda’aniif hedduminnan osoo

fayyadamuu baannee filatamoodha. Yoo fayyadamne immoo hamma xiqqaa qaama

keenyarratti dhiibbaa geessisuu hin dandeenyeen yoo fayyadamne filatamaadha.

Page 94
DHUKKUBA
DHAGAA -
KALEE(KIDNE
Y STONE)

MAALUMMA DHIBEE
DHAGAA KALEE

Dhukkubni dhagaa kalee dhibeewwan biyya keenya keessatti adda durummaan mul'atan
keessaa isa tokkodha. Hiikkaa dhukkuba kanaa muraasa ilaaluuf, dhibeen kun kuufama

Page 95
albuudotaafi ashaboo garagaraa kalee keenya keessatti kuufamee hubaatii kalee keenyatti kan
fidudha.

Kattaaleen (dhagaan) kalee keessatti uumaman kunis gosoota garagaraa kan qabaniifi
elementoota garagaraa kan of keessatti qabatanii hammaan illee garagara kan ta'anidha.
Dhibeen kun moggaasa maqaa saayinsii fayyaa keessatti kennamu garagara kan qabu
yemmuu ta'u, isaanis:- reenaal kaalkulaay (renal calculi), neefrolitiyaasis(dhagaan kalee yeroo
kalee keessa kuufamu) akkasumas urolithiasis(dhagaan kalee yureetarii keessa yeroo
kuufamu) jedhamuun addunyaa fayyaa keessatti waamamu.

Kattaaleen dhibee dhagaa kalee fidan yeroo hedduu kaleefi yureetarii bakka kuufama ykn
qubannoo isaanii kan godhatan yeroo ta'u, miira dhukkubbii hamaa geessisuu kan danda'aniifi
darbees infeekshinii kaleef illee kan nama saaxiluu danda'anidha. Dhibeen kun lubbuu
namoota hedduu galaafachuu baatus, gara dhukkuboota lubbuu namootaa dabarsuu danda'an
garaagaratti guddachuudhaan lubbuu namoota hedduu akka darbu taasisee jira. Dhibeen kun
sababoota garagaraa hedduun kan dhufu yeroo ta'u, gara boodaatti bal'inaan kan ilaallu ta'a.

SABABOOTA DHIBEE DHAGAA KALEE UUMAN

Akkuma galumsa mataduree kalee jedhurratti bal'inaan dubbanne, kaleen keenya dadhabe
osoo hin jedhiin dalagaalee hedduu namni fayyaa ta'ee akka socho'uuf gahee guddaa taphata.
Dalagaalee isaa kana haala quubsaa ta'een dalaguufis wantoota barbaachisoo ta'an baay'ee
soorata nuti argannurraafi naannoo irraa ni barbaada. Akkuma namni yeroo barbaachisaa
ta'etti soorata hin arganne dalagaa isaa dalaguu akkuma dadhabu, kaleenis albuudotaafi
wantoota garagaraa dalagaaf isa barbaachisu hin arganne taanaan dalagaa isaa seeraan
hojjechuu hindanda'u. Kanaafuu kutaaleen qaama keenyaa marti dalagaa isaanii haala gaarii
ta'een dalaguuf wantoota garagaraa nurraa eega.

Dhukkubni dhagaa kalee sababoota hedduun nama hubuu danda'a. Soorataafi albuudota
gahaa kaleen keenya argachuu qabu osoo hin argatiin hafee miidhamuu ni danda'a.
Dabalatanis sababoota kanneen akka bishaan xiqqoo qofa dhuguu, sochii qaamaa
raawwachuu dhiisuufi qaamaaf boqonnaa gahaa kennuu dhabuudhaan kaleen keenyafi
qaamni keenya guutuun hamma jedhamuun danda'amutti wanta irraa eegu nuuf kennuu
dhiisuu danda'a. Mee sababoota ka'umsa dhibee kaleef qooda ijoo taphatan muraasa haa
ilaallu. Isa ilaaluu keenyaan dura garuu gaaffii "Akka walii galaatti dhagaan kalee akkamitti
uumamuu danda'a?" Kan jedhuuf deebii haa kenninu:

Page 96
DHAGAAN KALEE AKKAMITTI UUMAMUU DANDA’A?

Kattaan kalee kan uumamu yemmuu fincaan keenya elementoota ykn albuudota
kiristaalaa(crystal) uumuu danda'an (kanneen walnyaachuudhaan gara wantoota jajjabootti
jijjiiramuu danda'an) hedduufi dhangala'aa albuudota jajjaboo kan diiguu danda'an muraasa
qabaatu kan uumamudha. Elementoonniifi albuudonni walanyaachuudhaan akkasumas walitti
dhufuudhaan gara jajjabootti jijjiiramuu damda'an kunis kanneen akka elementii kaalsiyeemii,
okseeleetii (molakiyuulii uumamaan qaama namaa akkasumas biqiltoota keessatti argamu)fi
Yuurik asiidii (uric acid- bu'aa diigamuu pirootinii kanneen akka fooniifi bu'aalee foonii yeroo
ta'an kaleedhaan calalamanii bifa fincaaniin gara alaatti kan gadi lakkifamanidha) isaan
ijoodha. Waa'ee haala uumama kattaa kalee hanga kana erga jennee, itti aansinee sababoota
uumama kattaalee kanaaf qooda qaban ijoo haa ilaallu.

Bishaan hamma xiqqoo dhuguu: Bishaan dalagaalee qaama keenyaaf wantoota


barbaachisan keessaa adda durummaan kan eeramudha. Kutaan qaamolee keenyaa hundinuu
sadarkaa jechuun danda'amutti bishaan karaalee adda addaan nifayyadamu. Kaleenis dalagaa
isaa raawwachuudhaaf bishaan akka harka isaa mirgaatti fayyadama. Bishaan malee kaleen
keenya akka dalagaa isaa dalagu gochuun harka ofii abiddatti akka kaa'uuti. Kaleen keenya
bishaan yeroo dheeraaf yoo dhabe hanga hojii dhaabuutti saaxiluu waan danda'uuf bishaan
gahaa dhuguun dirqama filannoo hin qabnedha.

Uumamni Kattaa/Dhagaa kalee kallatiidhaan bishaan gahaa ta'e dhuguu dhiisuudhaan


walqabata. Kaleen keenyi bishaan isa barbaachisu seeraan kan argatu yoo ta'e, haala itti
kaleen keenya dhangala'aa hedduu calalu mijeessuudhaan xuraawaa garagaraa qaama
keessaa akka bahu godha, dabalataanis albuudota kattaa kalee uumuu danda'an dhagaan
kalee akka hin uumneef walnyaatinsa dhorkuudhaan kalee keenya dhibee kanarraa akka to'atu
taasisa. Kanaafuu bishaan hamma qaamaaf gahaa ta'e dhuguudhaan qaama keenya dhibee
kanarraa eeguun ni danda'ama. Bishaan hamma gahaa ta'e kan jennu kunis qorannoo dhiyoo
kana baheen dhiiraaf liitira 3-4, yeroo ta'u shamarraniif immoo liitira 2-3dha. Bishaan gahaa
dhuguun akkuma jirutti ta'ees yeroo garmalee baay'atus miidhaa qaba. Kanaaf bishaan
hamma gahaafi qulqulluu ta'e dhuguun qaamaaf barbaachisadha.

Sochii qaamaa baay'ee akkasumas muraasa:- sochii qaamaa xiqqoo qofa hojjechuun
dhukkuba dhagaa kaleef nama saaxila osoo jedhamee waan ajaa'ibsiisu ta'uu dhiisuu danda'a
garuu sochiin qaamaa baay'een dhibee kattaa kaleef nama saaxila osoo jedhamee akkamitti?
Gaaffii jedhu sammuu namaa keessatti deddeebisa. Saayintistoonni garuu dalagaan qaamaa
hedduu kattaa kaleef nama saaxiluu akka danda'u bira gahanii jiru. Kunis, sochii qaamaa
hedduu yeroo dheeraaf yemmuu hojjennu qaamni keenya bishaan bifa dafqaan gara alaatti
baasaa deema. Yeroo sochii kanas sababa calalliin kalee dhaabatuuf, oomishni fincaanis

Page 97
akkuma kana nixiqqaata. Haalli kun yeroo irra deddeebi'amu albuudota kattaa kalee ijaaran
akka wal nyaataniif haala mijeessuudhaan dhibee dhagaa kaleef karaa saaqa.

Karaa biraatiin sochii qaamaa hojjechuu dhiisuun kuufama elementii kaalsiyeemii kalee
keessaa si'eessa. Kun immoo elementiin okseeleetii (oxalate) faana wal nyaachuun carraa
dhagaa kalee uumuu bal'isa. Dabalataanis, sochii dalaguu dhiisuun furdina garmaleef
akkasumas heddummaachuu hamma ashaboo qaama keessaaf sababa ta'uudhaan akka
laayyootti dhibee dhagaa kaleef akka saaxilamnu godha.

Furdina garmalee (Obesity):- Furdinni garmalee rakkoo baay'achuu hamma coomaa


qaama keessaa kan dhibee garagaraaf nama saaxiluu danda'udha. Kunis rakkoolee kanneen
akka dhibee sukkaaraa, dhibee onnee , dhibee kalee akkasumas Kaansariif nama saaxila.
Akkasumas furdinni garmalee oomisha fincaanii hamma kaalsiyeemii, okseeleetiifi Yuurik
asiidii ol'aanaa qabuuf sababa ta'a. Kunis dhagaan kalee akka uumamuuf karaa saaqa.

Dabalataanis, ashaboo hedduu fayyadamuun oomisha kaalsiyeemii qaamaa


dabaluudhaan fincaan keenya keessatti carraan itti albuudni kun okseeleetii faana wal nyaatu
dabaluudhaan dhibee kanaaf nu saaxila.

MALLATTOOLEE DHIBEE DHAGAA KALEE

Dhibeen dhagaa kalee akkuma dhibeewwan biroo mallattoolee adda itti baafachuu
dandeenyu niqaba. Isaan keessaaa mallattoolee yeroo hedduu mul'atan ni ilaalla.

Miira dhukkubbii:- Miirri kun kan nutti dhagahamu lafee cinaachaatii gadi bu'ee naannoo
cinaafi duuba mudhii keenyaattidha. Miirri kunis kan uumamu yeroo dhagaan kalee ujummoo
yureetarii yemmuu cufudha. Ujummoon yureetarii yeroo cufamu yaa'insa fincaanii
dhorkuudhaan kaleen akkasumas yureetariin keenya akka dhiita'u taasisa. Kunis miira
dhukkubbiif sababa ta'a jechuudha.

Yeroo fincoofnu miirri gubaatii jiraachuu:- Miirri gubaatii kan uumamu yeroo dhagaan
kalee yureetariifi afuuffee fincaanii gidduu qubatee daandii yeroo cufudha. Kanaaf yeroo
fincoofnu miirri gubaatii nutti dhagahamuu nidanda'a.

Foolii hamaa qabaachuu fincaanii:- Fincaan nama dhibee dhagaa kalee qabuu kan nama
fayyaa waliin yeroo wal bira qabamee ilaalamu kan foolii hamaa qabu akkasumas halluu adda
ta'e kan qabudha. Fooliin hamaa kanaaf sababni baay'achuu jarmoota fincaan keessa
jiranidha. Namni dhibee kanaan qabame jarmoota hamma giddu galeessaa kalee keessa
argamaniin ol waan qabaatuuf foolii hamaa kan fidudha.

Page 98
Dabalataanis sababa yuuretariin keenya dhagaa kaleen cufamuu danda'uuf fincaan keenya
karaa bahumsaa dhabuun gara duubaatti deebi'uu danda'u yookaan immoo karaa hin malleen
deemuu danda'u. Kunis kaleen keenya akka faalamu taasisuun fincaan foolii badaa qabu
mul'isuu danda'a.

Kana malees mallattoolee kanneen akka:

- fincaan nama sarduu

- hammi fincaanii hir'achuu

- gubaatii qaamaa

- ol jechisiisuu (nausea)fi kanneen biroo mul'isuu danda'a. Yeroo mallattoolee


kana ofirratti arginu yeroo osoo hingubiin mana yaalaa deemuun fala barbaaduu qabna.
Akkasumas yoo xiqqaate waggaatti yeroo 1-2 kaleen keenya fayyaa ta'uu isaa qorachiisuu
qabna.

GOSOOTA DHAGAA KALEE

Dhagaan kalee bifa adda addaa qabaachuu kan danda'u yemmuu ta'u, isaan ijoo ta'an afur (4)
gabaabbinaan ni ilaalla. Gosa dhagaa kalee keessatti uumame adda baafachuun, sababa
dhibee kanaa akkasumas miidhama inni geessisu danda'u hubachuufi to'achuu dandeenya.

Dhagaa kaalsiteemii:- Gosoonni dhagaa kanaa yeroo hedduu kan mul'atan bifa kaalsiyeem
okseeleetii (Calcium Oxalate)dhaan.

Okseeleetii(oxalate)- albuuda guyyaa guyyaatti tiruun keenya oomishu ykn nyaata


argaturraa xuuxamee kan qophaa'uu danda'udha.

Haalli nyaataa, hammi vaayitaamin D ol'aanaa, yaaliiwwan baqaqsanii yaaluu adda addaafi
rakkooleen meetaabolizimii hamma kaalsiyeemiifi okseeleetii fincaan keessaa ni dabala, kunis
dhagaan kalee gosa kanaa kalee keessatti akka uumamuuf ka'umsa ta'a. Akkasumas dhagaan
kaalsiyeemii gosa okseeleetii dabalataan bifa foosfeetiidhaan mul'achuu danda'a. Kanaaf
immoo sababni rakkoolee meetaabolizimii akkasumas dawaalee dhibee garagaraa kan akka
dhukkuba mataa bowwuu hamaa (migraine), Gaggabsoo (Seizure) yaalanidha.

Dhagaa istiraavaayitii:- Gosni kun ammoo kan uumamu sababa infeekshinii afuuffee
fincaaniitiini. Amooniyaan akka xuraawaatti kalee keessa baakteeriyaadhaan ni oomishama.
Kunis fincaan keenya beezawaa akka ta'u taasisa. Kunis uumama dhagaa kalee gosa
istiraavaayitiif (stravite stone)f sababa ta'a. Qabiyyeen dhagaa kanaa adda durummaan

Page 99
eeraman Maagniziyeemii, Amooniyeemiifi Foosfeetiidha. Albuudonni kunis amala dafanii
hamma/guddina isaanii dabaluu waan qabaniif yeroo hedduu hammaan gurguddoodha.

Dhagaa Asiidii yuurikii (uric acid stone):- immoo sadaffaarratti ilaaluuf deemnu dhagaa yuurik
asiidii yeroo ta'u kunis bal'inaan haala soorata keenya faana wal qabata. As keessattis
sooranni pirootinii gahee guddaa kan taphatan yeroo ta'u, kunis pirootiniin yeroo hedduu
kompaawundii uumamaa piyuurinii (purine) jedhamu waan of keessatti qabataniifidha.
Kompaawumdoonni kun sababoota ijoo uumamuu dhagaa yuurik asiidiif adda durummaan
caqafamanidha.

Dhagaa saayistiin (cystine stone):-Gosti inni dhumaa kun yeroo hedduu kan hin mul'annedha.
Ka'umsi isaas rakkoo saayistiinuuriyaa (cystinuria) jedhamudha. Rakkoon kunis saayistiinii
(cystine) uumamaan qaama keenya keessa jiru gara kalee keenyaatti akka deemu
gochuudhaan dhagaan gosa akkanaa akka uumamu taasisa.

Saayistiinii(cystine)- pirootinii inzaayimoota bullaa'insa soorataa, seelota sirna madiinummaa,


tishuulee garagaraa akkasumas qaamolee keenya adda addaa keessatti kan argamudha.

Haala kanaan dhagaan kalee kan uumamuu danda'u yeroo ta'u, gosoota isaarratti hundoofnee
yaalii garagaraatiin dhibee kanarraa fayyuu dandeenya.

ITTISA DHIBEE DHAGAA KALEE

Dhibeen dhagaa kalee akkuma dhibeewwan hedduu karaalee of eeggannoo garagaraa


hordofuun kan ofirraa ittisuun akkasumas irraa fayyuun danda'amudha. Karaale Of eeggannoo
isaas hedduu waan kaasneef gabaabsineedhuma ilaallee bira darbina.

-,Bishaan gahaa dhuguu

- Boqonnaafi sochii qaamaa gahaa argachuu

- Sirna nyaataa keenya sirreessuu

- Nyaata kooleestiroolii hedduu qabu hir'isuu

- Cuunfaa loomii bishaan waliin dhuguu

- Furdina qaamaa to'achuu

- Dhugaatii alkoolii hir'isuu

- Muduraalee garagaraa kan akka loomii, poomii(apple) fayyadamuufi kanneen biroon


qaama keenyaaf barbaachisoo ta'uun dabalata dhibee kana ittisuuf nu gargaaru. Erga dhibeen

Page 100
kun nu qabatee boodas yoo ta'e, yaalii sirrii yeroo isaatti argannaan dawaalee muraasaan
miidhaa osoo hin geessisiin ofirraa qolachuu dandeenya.

Page 101

You might also like