Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 13

SIRNA TUQAALEEFI

HENNAA
ABBALTII BARNOOTA AFAAN OROMOO
HOJII GAREE
MANA BARNOOTA BULTII ADDAA WMO DAMEE
ADAAMAA
KUTAA 11FFAAA GAREE 6FFAA
MISEENSOTA GAREE
1. Boonaa Abdiisaa ……………. 8
2. Gaateeppii Barakat ………… 18
3. Hawwinaan Dastaa …………. 22
4. Ibraahim Mohaammad………13
5. Roobsan Yoonaas …………… 33
6. Seenaa Gonfaa ………………. 37
7. Siifan Hayiluu ……………….. 38
Bitootessa 18,2016
BAAFATA
QABIYYEE FUULA
SEENSA ………………………………………………………….. I
BOQONNAA TOKKO: SIRNA TUQAALEE…………………. 1
1.1 Tuqaa……………………………………………………... 1
1.2 Mallattoo Gaaffii………………………………………..... 1
1.3 Mallattoo Raajeffannoo………………………………...... 2
1.4 Qoodduu…………………………………………………... 3
1.5 Buufata Xiqqaa………………………………………….... 3
1.6 Tuq-lamee…………………………………………………. 4
1.7 Mallattoo Waraabii………………………………………. 4
1.8 Mallattoo Tuttuqaa(Tuq-addee)……………………..….. 5
1.9 Sarara Xiqqaa…………………………………………….. 5
1.10 Sarara Dheeraa…………………………………………... 5
1.11 Hammattuu…………………………………………….….. 6
1.12 Muraa(Habalaka)……………………………………….… 6
1.13 Hudhaa………………………………………….…………. 6
1.14 Mallattoo Tuffii…………………………………………… 6
BOQONNAA LAMA: HENNAA……………………………..….. 7
2.1 Hennaa Ammaa……………………………………………. 7
2.2 Hennaa Darbaa…………………………………….………. 8
2.3 Hennaa Gulanaa………………………….……..………..... 8
Wabiiwwan……………………………………….…………….…. 10
Seensa

Sirni tuqaaleefi hennaan afaan kamiyyuu keessatti himoonni keenya seera isaanii
eeganii akka deemaniif, akkasumas yaadota keenyaafi jechoota keenya ibsachuuf
nu gargaaru.

Yaadni tokko dhaabachuu kan ibsu mallattoo tuqaa irraa kaasee, haga miira
keenya kan ittiin ibsannu mallattoo raajeffannootti; mallattoo gaaffii isa jiruu
guyyaa guyyaa keessatti barbaachisu irraa kaasee haga mallattoo qoodduu isa
yaa’insa yaadaa bareechutti barruun kun of-keessatti qabata.

Dabalataanis tooftaalee taatewwan dura raawwataman,amma raawwatamaa jiran,


akkasumas gara fuulduraatti raawwataman hennaa darbeennaa, ammeennaafi
hennaa gulanaa fayyadamnee akkaataa itti ibsuu dandeenyu fuulotni barruu kanaa
of-keessatti qabatanii argamu.

Walumaagalatti, barruun kun mata-dureewwan seer-luga Afaan Oromoo keessatti


lafee dugdaa ta’an lama sirna tuqaaleefi hennaa kan of-keessatti hammatudha.

I
1 SIRNA TUQAALEEFI HENNAA

BOQONNAA TOKKO
SIRNA TUQAALEE

1.1 Tuqaa (.)


Sirnoota tuqaalee jiran keessaa tuqaan bal’inaan kan itti fayyadamnudha. Faayidaawwan isaas:
 Xumuramuu yaadaa ibsuuf:
Fkn. Caaltuun barnoota xumurte.
Barnaaf boru dhufa.
 Mata duree xiqqaa isa guddaa irraa adda baasuuf:
Fkn. 1. Sirna tuqaalee
1.1 Tuqaa
 Kottoonfachiisuufi gabaajee agarsiisuuf:
Fkn. Lakkoofsa=Lakk.
Hubachiisa=Hub.
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa=B.E.F.O
Lakkoofsa Sanduqa Poostaa=L.S.P
 Herrega keessatti lakkoofsota guutuufi haftee agarsiisuf:
Fkn. 1.2
97.35

1.2 Mallattoo Gaaffii (?)


Sirnoota tuqaalee jiran keessaa mallattoon gaaffii dhuma hima gaaffii irratti kan galudha.
Faayidaawwan isaas:
 Hima tokko akkuma jirutti gara gaaffitti jijjiiruuf:
Fkn. Caaltuun barnoota xumurtee?

1
2 SIRNA TUQAALEEFI HENNAA

Barnaaf boru dhufaa?


 Waan barreessinu tokko bara isaa kan shakkinu yoo ta’e:
Fkn. Dhaabasaan bara 1945 dhalatee bara 1999(?) du’e.
Magaalli kun bara 1919(?) hundoofte.
 Dham-jechoota: ree,moo,noo, laata itti gargaaramuun gaaffii gaafachuuf
gala:
Fkn. Caaltuun barnoota xumurte. Boonaanoo?
Caccabsaa moo cuukkoo jaalatta?
 Jechoota gaaffii keessatti itti gargaaramna:
Fkn. Qorri kun akkam sitti jira?
Walisoo hanga Adaamaatti kiiloomeetira meeqa?

1.3 Mallattoo raajeffannoo (!)


Faayidaawwan mallattoo raajeffannoo:
 Waa dinqisiifachuuf:
Fkn. Uggum! Yaa bara kana.
Akkam bareeddi!
Maal namni hamaan akkasii!
 Ajaja kennuuf:
Fkn. Ka’i bishaan qici!
Dafii ba’i!
 Akeekkachiisuf:
Fkn. Of-eegi!
Lammata barfattee beekkadhu!
Ilaa, na arrabsitee beekkadhu!
 Jajuuf:

2
3 SIRNA TUQAALEEFI HENNAA

Fkn. Ishoo intala koo!


Baga deemte!
Kormee ilmaa!

1.4 Qoodduu(,)
Faayidaawwan qoodduu:
 Hima keessatti jechoota wal-fakkaatan gargar qooduuf:
Fkn. Baacaa,Caalaa,Oliyaadfi Boonaan hiriyoota.
 Guyyaafi bara gargar qooduuf:
Fkn. Caamsaa 17,1997
 Magaalaa biyya ishiirraa adda baasa:
Fkn. Finfinnee, Oromiyaa
Raabaat, Moorookoo
 Ciroo hirkataafi of-danda’aa addaan baasa:
Fkn. Abdiin waan dhukkubsateef,daree hafe.

1.5 Buufata xiqqaa(;)


Buufatni xiqqaan himoota dheerinaan, caasaa himaatin, akkasumas yeroodhaan walmadaalan
gidduu yoo seene himoota sana hima trokko ni taasisa. Yoo buufatni xiqqaan haqamee tuqaan
bakka bu’e garuu, himoota adda addaa lama ta’uu ni danda’u.
Fkn. Barsiisaan ni barsiisa; barattootni ni baratu.
Badhaasaan kubbaa taphata; Boontuun raafuu funaanti.
Toltuun buna dhugaa jirtj; Tolasaan biddeen nyaachaa jira.

3
4 SIRNA TUQAALEEFI HENNAA

1.6 Tuq-lamee(:)
Faayidaawwan tuq-lamee:
 Hima keessatti wantoota tarreeffamanii dhufan dura gala:
Fkn. Dhalli namaa waa sadii jibba: Deega, du’aafi dulluma.
Ardiileen sadan filadhu: Ameerkaa kaabaa, Awurooppaa, fi Awustiraaliyaa dha.
 Yeroo barreessuu keessatti sa’aatiifi daqiiqaa addaan baasuuf:
Fkn. Boru sa’aa 2:30 irratti sin barbaada.
Atileetichi dorgommii qaxxaamura biyyaa 2:15:36 tti xumure.

1.7 Mallattoo waraabbii(“ ”) ykn(‘ ’)


Gosoota mallattoo waraabbii:
 Mallattoo Waraabbii Dachaa/ “ ” /: Mallattoon kun barreeffamarraa ykn dubbii irraa
yaada nama biroo yoo fudhatame, waan xiyyoo barbaaduu, waan waa’een isaa
dubbatamaa jiruufi mata-dureewwan barruuleefi ogbarruuwwan adda addaa ittiin golgina.

 Mallattoo Waraabbii Qeenxee/ ‘ ’ /: Mallattoon waraabbii kun waraabbii waraabbii


keessaatiif ykn yaadota nama biroo kanneen fudhataman keessaa isa duraa, jechoota
ergisaafi yaada adda ta’ee xiyyeeffannaa barbaadu ittiin golgina.
Faayidaawwan mallattoo waraabbii:
 Haasaa nama tokkoo akkuma jirutti barreeffamaan gabaasuuf:
Fkn. “Fayyaan faaya” jedhe Dr. Seenaan.
“Barraaqan dhufa” jette Loomin.
 Hima keessatti waa’ee jechootaa dubbanna yoo ta’e jecha(jechoota)
waa’ee isaanii dubbatamu sana mallattoo waraabbii keessa galchina:
Fkn. Namoonni afaan oromoo hin dandeenye jecha ‘dhadhaa’ jedhu ‘dadaa’ jedhanii
sagaleessuu.
 Barreeffama tokko akkuma jirutti kitaaba irraa garagalchuuf ni gargaara:
Fkn. Dhaabaa Wayyeessaa (1992:1) namaafi kitaaba yoo waliin madaalu, “qolli kitaabaafi
matadureen isaa bifa namaa isa alaalatti mul’atutti yoo fakkeeffamu fuulli tokkoon tokkoon

4
5 SIRNA TUQAALEEFI HENNAA

dubbifamu immoo keessa namaa, eenyummaafi jireenya namaa yeroodhaa yerootti mul’atutti
fakkeeffama” jedha.

1.8 Mallattoo tuttuqaa(...)


Tuttuqaan itti fufa ykn hir’ina yaadaafi miirota gargar ciccitaa agarsiisuuf gala. Sirni tuqaa kun
jalqabaafi gidduu himaa irratti yoo gale sadii, dhuma himaa irratti yoo gale immoo tuqaa
dhuma himaa dabalatee afur ta’a jechuu dha.
Fkn. Lakkoofsi lakkaawwii 1, 2, 3, 4… dha.
Sirni tuqaalee gosa inni qabu keessaa: Tuqaa, fuftuu, tuq-lamee … faati.

1.9 Sarara xiqqaa(-)


Faayidaawwan sarara xiqqaa:
 Jechoota tishoo agarsiisuuf:
Fkn. Mata-duree
Tuq-lamee
 Hima yoo barreessinu jechi tokko osoo hin xumuramin bo’oo itti aanutti
ce’uu agarsiisuuf
Fkn. Namoonni addunyaa kanarra jiraatan biiliyoona jahaa olitti til-
maamamu.
Barsiisaan keenya barattoota birattiifi hawaasa mana barnoo-
taa biratti daran jaalatamu.

1.10 Sarara dheeraa( ___ )


Mallattoon sirna tuqaa kun yaada walitti fufiinsa qabu gidduu kan galudha. Callisni yaadota
gidduu jirus qoodduu oliifi tuqaa gadidha.

1.11 Hammattuu( )
Faayidaawwan hammattuu:

5
6 SIRNA TUQAALEEFI HENNAA

 Jecha ‘yookiin’ jedhu bakka bu’a:


Fkn. Makiinaan(konkolaataan) fayidaa guddaa qaba.
Boonaan qabxii (firii) gaarii argate.

1.12 Muraa( / )
Sirni tuqaa kun gabaajeessuuf, guyyaa, ji’aafi bara gargar baasuufi jechoota tokko tokko
gabaabsuuf tajaajila.
Fkn. Abbaa muudaa ( A/muudaa)
Gaafa 12/7/2001 manni kun eebbifame.

1.13 Hudhaa( ’ )
Hudhaan maxxantoota adda addaa lakkoofsa digitaaliin barreeffameefi jechoota gabaajee irraa
adda daasuuf tajaajila. Akkasumas, akka sagaleettis ni tajaajila.
Fkn. Qarshii 100’n bite.
Dhaabbatichi WMO’f konkolaataa arjoome.
Sa’a

1.14 Mallattoo tuffii( ¡)


Mallattoon kun dhuma jecha ykn hima tuffii ittiin ibsachuun barbaadame irratti gala.
Fkn. Maal akkam bareeddi¡ (Shamara baay’ee fokkistuu taaten)

6
7 SIRNA TUQAALEEFI HENNAA

BOQONNAA LAMA
HENNAA

Hennaan seer-luga afaanii keessatti gosa tokko ta’ee kan yeroo gochi tokko itti raawwatame
agarsiisudha. Hennaan yeroo wajjin walqabata. Afaan Oromoo keessatti dham-jechoonni
hennaa agarsiisan xumuraratti mul’atu.

2.1 Hennaa Ammaa:


 Hennaa ammeennaa: Hennaan kun ammee baaqqedha. Innis gocha haqa/ dhugaa
waliigalaa ta’eef, gocha yeroo hundaa /har’aa boree/, irra deddeebi’amee kan
amaleeffameef, gocha gara fuulduraatti yeroon isaa beekameefi karoorfameef, gocha
haala amma keessa jirruuf kan tajaajiluu dha. Himootni hennaa kanaan barreeffaman
eeyyummaa ykn waawummaa mul’isuu nidanda’u. Himootni hennaa kanaan
barreeffaman gochima isaanii irraa latiilee akka –ti, -dha, hin-, ni-, -a, -u, fi k.k.f. ofirraa
qabu.
Fkn. Tolasaan nyaata ninyaata.
Toltuun mana baruumsaa nideemti.
Isaan adaadaa isaanii nigaafatu.
 Hennaa amsiqaa: Hennaan kun gocha yeroo dubbiitti raawwatamaa jiruufi gocha amma
jalqabamee itti fufaa jiru /hin xumuramne/ agarsiisa. Ammee fuftuus ni jedhamu.
Himootni hennaa kanaan barreeffaman gochima isaaniirraa latiilee akka –aa jira, -aara, -
aa jirti, -aarti, -aaru, -aa jiru jedhaman ofirraa qabu.
Fkn. Bokkaan roobaa jira.
Tolasaan deemaa jira.
 Hennaa raawwima ammeennaa: Hennaan kun gocha reefu raawwatamee jirudha.
Qaatee dhiyoo jedhamuunis kan beekamu yoo ta’u, innis gocha ammaan dura
raawwatamee dhiibbaan/bu’aan/ isaa amma jiru, gocha duraan eegalee hanga ammaatti
itti fufaa jiruufi gocha yeroon itti raawwatame hin beekkamne dha. Himootni hennaa
kanaan barreeffaman gochima isaaniirraa latiilee akka –ee jira, -ee jirti, -eera, -eerti, -
aniiru ofirraa qabu.
Fkn. Isheen dhuftee jirti.
Caalaan dhufeera.

7
8 SIRNA TUQAALEEFI HENNAA

2.2 Hennaa Darbaa:


 Hennaa darbeennaa: Hennaan kun gocha darbeefi yeroo beekamutti raawwatame
agarsiisa. Qaatee baaqqee jedhamuunis ni waamama. Yeroo darbeetti raawwatamuun
gocha kanaas yeroo ammaa wajjin hidhatni inni qabu hin jiru. Gochimootni hima kanaa
latiilee akka –e fi –an maxxanfatu.
Fkn. Roobsan deeme.
Isaan deeman.
 Hennaa tarsiqaa: Hennaan kun gocha dabraa fufaa ykn qaatee fuftuu agarsiisa. Innis
gocha yeroo darbe raawwatamaa/adeemsifamaa ture agarsiisa. Himootni hennaa kanaan
barreeffamanis gochima isaaniirratti latiilee akka –aa ture, -aa turte, -aa turan
maxxanfatu. Barreessitoonni tokko tokko henna tarsiqaa hennaa keessa tarsiqaa waliin
walfakkeessu.
Fkn. Boonaan fiigaa ture.
Siifan kitaaba dubbisaa turte.
 Hennaa raawwima darbeennaa: Hennaan kun gocha raawwatee ture yoo ta’u, innis
gochoota yeroo darbe keessa walduraa duuban raawwataman keessaa gocha isa duraa
agarsiisa. Kanaafis, qaatee duree/dabraa fagoo/ jedhamee waamamuu nidanda’a. Gochi
inni lammataa immoo hennaa tarsiqaan barreeffama. Himootni hennaa kana agarsiisan
gochima isaaniirraa latiilee akka –ee ture, -ee turte, -anii turan maxxanfata.
Fkn. Yommuu Ibraahim Adaamaa ga’u, Hawwinaan deemtee turte.
Magarsaan kaleessa dhufee ture.

2.3 Hennaa Gulanaa:


 Hennaa murannaa: Hennaan kun gocha gara fuulduraatti raawwatamuun isaa hin
oolleefi yeroon itti raawwatamu hin beekkamne agarsiisa. Si’achee baaqqeedha.
Himootni hennaa kanaan barreeffaman gochimooota isaaniirratti latiilee akka –uuf jira, -
uuf jirti, -uuf jiru jedhaman maxxanfatu.
Fkn. Sanyiin deemuuf jira.
Gaateeppiin buna dhuguuf jirti.
 Hennaa murannaalaa: Hennaan kun gocha gara fuulduraatti raawwatamuu malu
agarsiisa. Shakkii waan qabuuf raawwatamuu ykn raawwatamuu dhiisuu ni danda’a.
Hennaaleen gosa kanaa dhuma himaa irraa jecha ta’a jedhu qabu.

8
9 SIRNA TUQAALEEFI HENNAA

Fkn. Saamu’eel ni deema ta’a.


 Hennaa keessa murannaa: Hennaan kun gocha gara fuulduraatti raawwatamuuf
murtaa’e agarsiisa. Himootni hennaa kana qabanis gochima isaanii irratti latii –uuf jettu
maxxanfatu.
Fkn. deemuuf, bituuf
 Hennaa si’achee fuftuu: Hennaan kun gocha gara fuulduraatti yeroo murtaa’aa keessatti
raawwatamaa turu agarsiisa. Hennaan kunis latoolee akka –aa oolu, -aa oola, -aa oolti, -
aa oolla, -aa ooltu jedhaman ofirraa qaba.
Fkn. Isaan dubbisaa oolu.

9
10 SIRNA TUQAALEEFI HENNAA

WABIIWWAN
o Geetaachoo Rabbirraa. FURTUU(max.3ffaa). Finfinnee: Mana maxxansaa Kurraaz
Internaashinaal.
o RDFI’tti Ministeera Barnootaa. Barnoota Afaan Oromoo, Kitaaba Barataa,
Kutaalee 9ffaa, 10ffaafi 11fffaa , Kaampaalaa : Mana maxxansaa MK Publishers Ltd,
2012.
o Abdii Ismaa'il. HIRPHA: Yaadannoo Barumsa Afaan Oromoo Kutaalee 9 – 12.

10

You might also like