Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 3

Waa'ee JANAABAA kana beeytuu?

----------------------

Hiikkaa fii Seerota Janaabaan walqabatee wantoota shari'aan dubbatu armaan gadii kana hedduun
keenya hin beeknu. Yookiin immoo irraanfatnee jirra taha. Kanaaf mee wal haa barsiifnuu ykn wal haa
yaadachiifnuu. Obsaan eega dubbiftanii booda Share gochuun obboleewwanii fii hiriyyoota keessaniifis
dabarsaa!

--------------------

Waa'ee janaabaa dubbachuun dura hiikkaa jechootaa haa ilaalluu.

1. MANIYYII (Dhangala'oo Sanyii, Ispermii):- Maniyyii jechuun dhangala'oo yeroo walqunnamtii saalaa
raawwatamu xumura irratti bifa ariitii qabuu qaama saalaa keessaa darbamee bahu dha. Dhangala'oon
kun Dhiiraaf furdaa fii halluun isaa adii tahee gara keellotti kan dabuu dha. Dubaraaf immoo dhangala'oo
qal'aa fii keelloo tahee dha. (Muslim:311) Hafuurri isaa gara lixii bukaayetti dhihaata. Mallattooleen
kunniin sababa garagaraatiin jijjiiramuu malu. Dhangala'oon kun eega qaama keessaa bahee booda
qaamni namaa qabbanaawuu fii of-gadi dhiisuutu dhufa. Dhangala'oon kun madaala ilaalcha ulamaa'ii
hedduu kaasuun xohaaraa malee najaasaa miti. Ragaaleen sahiiha tahan hedduun kana deeggaranii
bahaniiru. (Muslim:694), (Al Irwaa'i:1/197). Yeroo ofi-beekanitti tahee eebjuu keessatti dhangala'oon
kun yoo bahe qaama dhiqachuun namarratti dirqama dha.

---------------

2. Maziyyii:- Dhangala'oon kun dhangala'oo haallu-dhabeessa (akka bishaanii) kan wal-harkisu kan
yommuu walqunnamtiin barbaadamu ykn immoo sammuu keessatti yaadamu gara qaama saalaa irraan
dhufuu dha. Haalli dhufiinsa isaa miira gammachuu wajjiinii miti. Dhangala'oo darbamee bahu waan hin
taaneef bahuu isaatu beekuu dhabuu dandeenya. Dhangala'oon kuni najaasaa waan taheef qaama nu
xuqee jiru sana dhiqachuun barbaachisaa dha. Huccuu garuu iddoo nu xuqe sana bishaan irratti
firfirsuun qulqulleessuun gahaa dha. Iddoo qaamaa nu xuqe sana malee qaama guutuu dhiqachuun
dirqamaa miti. Wanti beekuu qabnu dhangala'oon kun wudu'a ni balleessa.

............

3. Wadiyyi:- Dhangala'oon kun dhangala'oo fincaaniin booda dhufu yommuu tahuu halluun isaa adii fii
kan foolii hin qabnee dha. Dhangala'oon kun amala walharkisuu fii walitti maxxanuu hin qabu. Seerri
dhangala'oo kana irratti jiru seeraa fincaani irratti baheen tokko dha. Garaagarummaa hin qabu.
----------------

4. Dhangala'aa qaama dubartii keessaa bahu:- Dhangala'oon kun dhangala'oo haphii gadaamessa
dubartii keessaa bahuu dha. Hammi isaa dubaraa dubaratti garagarummaa qaba. Bahuu isaatuu beekuu
dhabuu dandeessi. Qaamas tahee huccuu ishee yoo xuqe najaasaa hin qabu. Xohaaraa dha. Haatahuu
garuu wudu'a ishee ni balleessa. Maaliifuu wanti gara qaamolee xuraawaa baasaniin bahu waan wudu'a
balleessuuf. Haalli dhangala'oon kuni itti bahu itti fufiinsaan yoo tahe salaata hundaafuu waqtiin salaataa
yommuu aseenetti wudu'a gochuudhaan salaatuu qabdi. Wudu'a eega gootee booda osoo bahees iddoo
hin qabu.

--------------------------

Qaama Guutuu Dhiqachuun Yoomi Dirqama Taha?

-------------------------

1. Walqunnamtii saalaa eega raawwatamee booda Dhangala'oon sanyii (Maniyyiin) dhangala'es


dhangala'uu baates qaama guutuu dhiqachuun dirqama.

2. Walqunnamtii saalaa osoo hin raawwatin miira gammachuutiin maniyyiin (dhangala'oon sanyii) yoo
dhangala'e ammas qaama dhiqachuun dirqama.

3. Eebjuudhaan akka waan walqunnamtii saalaa raawwatetti ilaalee yoo maniyyiin dhangala'uu isaa arge
qaama dhiqachuun isa irratti dirqama.

4. Eebjuu keessatti yoo akka walqunnamtii saalaa raawwate argeetiin booda garuu yommuu hirribaa
ka'u maniyyii dhangalaasuu isaa arguu dhabe qaama dhiqachuun isa irratti dirqamaa miti. Sohaabiyyaan
Ummu Suleeymi jedhamtu (r.a) "Yaa Ergamaa Rabbii s.a.w! Dubartiin takka yoo ihtilaama taate (eebjuu
isheetiin akka waan walitti dhufeenya gootetti argite) dhiqachuun ishee irratti dirqama moo?" jettee
yommuu gaafattu Ergamaan Rabbii s.a.w "Yoo dhangala'oo ofirratti agarte, Eeyyan dhiqachuun
dirqama." jechuun deebisaniif. (Bukhaarii fii Muslim gabaasaniiru)

5. Namni tokko yoo eebjuun walqunnamtii raawwatu arguu dhabee ykn yaadachuu dhabe, garuu
yommuu hirribaa ka'u maniyyii ofirratti arge, ammas qaama dhiqachuun isarratti dirqama. Yoo
dhangala'oon arge sun maniyyii akka hin taane shakkii malee mirkaneesse garuu, qaama dhiqachuun isa
irratti dirqama miti. Kan isa xuqe sana garuu dhiqachuu qaba.

6. Eebjuun walqunnamtii raawwachuu isaa hin yaadatu ykn hin argine. Eega hirribaa ka'ee booda garuu
dhangala'oo ofirratti argee maniyyii tahuu fii tahuu dhabuu isaa adda baasuu yoo dadhabe, hafuuraan
adda baasuu haa yaalu. Shakkiin gara maniyyitti yoo dabe, qaama guutuu haa dhiqatuu. Yoo kan gara
maziyyitti dabu yoo tahe, iddoo isa xuqe sana haa dhiqatu. Qaama guutuu dhiqachuuf dirqama hin qabu.
Osoo dhiqatee of-eeggannoof gaarii dha. (Fatwaa IbnulUseymin: 11/161)

------------------

JANAABAA Akkamitti ofirraa dhiqanna?

-------------------

Dhiqannaan janaabaa bifa lama.

1. Jalqaba niyyaa gochuun barbaachisaa dha. Akka dhiqannaan sun bashanannaaf ykn kaayyoo birootiif
osoo hin taane kan janaabaa ofirraa buusuuf tahetti jechuu dha. Dirqama ofirraa buusuudhaaf qaama
guutuu bishaaniin walgeessuun barbaachisaa dha. Lulluuqachuu fii funyaan keessa bishaan aseensisuun
(Istinishaaq) dagatamuu hin qabu. Wanti beekuu qabnu eega dhiqannaa kana goonee booda wudu'a
osoo hin godhin saalatuun ni danda'ama. Tahus dhiqannaa kana jiddutti wantoota wudu'a balleessan
kamuu uumamuu hin qaban.

2. Dhiqannaan janaabaa inni biroo fii irra filataamaafii caalaan jalqaba harka keenya lameen dhiqachuu
dha. Eegasii Istiinjaa gochuu dha. Eegasii wudu'a gochuu dha. Eegasii mataa irraa jalqabee hanga gadiitti
qaama keenya kan biroo hafan guutumatti bishaaniin dhiqachuu dha. (Bukhaarii fii Muslim gabaasaniiru)

-----------

Yaadachiisa:- Dubartiin takka dhiqannaaf jecha rifeensa ishee walitti maramee jiru hiikuuf dirqama hin
qabdu. Nabiyyiin keenya s.a.w yommu Ummu Salaamaan r.a dhiqannaa janaabaatiif ykn heeydiitiif
"rifeensa koo hiikuu qabaa?" jettee yommuu gaafattu "Lakki. Kan sirraa eeggamu yeroo sadi qofa
rifeensa mataa kee gubbatti bishaan gadi jigsuu dha." Jedhaniiruun. (Muslim gabaaseera.)

----------------------

Barreeffama armaan olii kanaaf Fatwaa Ibnul Useeyminii, Fathul Alaam Fii diraasatii Ahaadiisii
Buluugilmaraami fii kan biroo fayyadameera. Yoon dogoggoree anaa fii sheeyxaana irraayi. Yoon dhugaa
dubbadhe Rasuula s.a.w fii Rabbiin irraayi. Eega dubbiftanii booda Obboleewwanii fii hiriyyoota
keessaniifis SHARE godhaa! JZKL

---------------

You might also like